You are on page 1of 23

YUUNIVARSIITII ODAA BULTUM

SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII DURAA

Sirna Gumaa Baasuu Haala Oromoo Harargeetiin

Abbaltii Garee

Haliimaa Ahimad Sa’iidoo …..……… 2634/13

Kolleejjii: Saayinsii Hawaasaafi Namoomaatti


Muummee: Afaan Oromoo, Ogumaafi Qunnamtii
Sagantaa: Afaan Oromoofi Ogumaa
Qajeelchaan: Rattaa
Gosa Koorsii: Seensa Fookiloorii

Bitootessa 2016

1
Baafata Qabiyyee
1. Sirna Gumaa Baasuu ............................................................................................................... 1
Adeemsa Gumaa Baasuu Haala Oromoo Harargeetiin ................................................................... 2
Gaaddisa Gumaan Ittiin Raawwatamu ........................................................................................ 4
1. Gaaddisa Duraa (Imimmoo): ............................................................................................... 4
2. Gaaddisa Lammaffaa (Imimmattii)...................................................................................... 7
3. Gaaddisa Sadaffaa (Gumaa Daalachaa): .............................................................................. 8
Gaaddisa Lafee Cabsaa ............................................................................................................... 9
Lallabbii Heeraa ............................................................................................................................ 14

2
1. Sirna Gumaa Baasuu
Jiruufi jireenya dhala namaa keessatti akkuma jaalalli jiru waldhabdeenis kan jiruudha.
Waldhabdeen uumamu kun ammoo sadarkaa salphaatii hanga lubbuu wal baasuutti deemuu
danda‟a. Ummata Oromoo birattis yeroo rakkoon akkasii uumamu akkaataadhuma sadarkaa
rakkoo sanaatiin akkaataa ittiin furatu qaba. Yeroo kanas jaarmiyaaleen sirna bulchiinsa
hawaasichaa keessatti dhaabbatan waldhabdeen kun gara caalutti osoo hin deemiin dura ni
araarsu. Wal-dhabdeen bifa akkanaatiin uumamu kun jabaatee gara qaama hir‟isuu ykn lubbuu
baasuutti kan cee‟u yoo ta‟e tooftaa araara jaarmiyaa gumaatiin furmaata kan argatu ta‟a.

Sirna araaraa ummanni Oromoo qabu keessaa sirni Gumaa Baasuu isa tokko. Gumaa ilaalchisee
hayyoonni tokko tokko yeroo hiika laatan, gumaan jaarmiyaalee araara Oromoo keessaa isa
tokko ta‟ee bakka lubbuu badeef kaffaltaa kaffalamu/ beenyaa bakka lubbuu kennamudha. Kun
egaa hiika bifa saayinsaawaatiin wal qabate fakkaata.

Gama biraatiin immoo, akka hayyootni tokko tokko jedhanitti, gumaan foon korma awwaalchaa
qalame keessaa dirra mirgaa fi tiruun bahee xixiqqaatee cicciramee kan gosti namni irraa du‟ee fi
gosti nama ajjeese harka waliirraa nyaatanii araaramani/ walitti fayyaniidha yaadni jedhus inuma
jira. Ykn immoo, gumaan sirna gareen lubbuu dabarsee fi warri lubbuun jalaa darbite kan ittiin
araaramaniidha jechuun yaada kaasu. Kun hundinuu hiika gumaa ta‟uu ni danda‟a.

Gumaan foon xixiqqaatee ciccirame yoo ta‟u, baasuu jechuun dhiiga kaffaluu jechuudha.
Kanaafuu, gumaa baasuu jechuun gareen/ qaamni lubbuu dabarse garee/ warra lubbuun jalaa
darbeef dhiiga kaffaluu jechuudha. Dhiiga kaffaluu yeroo jennu immoo dhiiga dhangala‟eef
dhiiga namaa dhangalaasuun osoo hin taane sossobbii Oromoon dur wal barsiise sanaan horii
lakkaawanii waliif kennuun, intala waliif kennanii walirraa fuudhanii wal fayyisuun gumaa
walirraa baasu.

Gumaa yoo jennu jireenya hawaasummaa saba Oromoo keesssatti qooda olaanaa kan qabu
jaarmiyaa araara hawaasaati (conflict resolution of social institution) jechuun ni danda‟ama.
Akkuma olitti ibsuuf yaalameetti namoota lama gidduuttis, maatii fi gareewwan adda addaa
gidduutti wal-dhabiinsa uumamuun kan ka‟e dhiigni dhangala‟ee lubbuun namaa yoo darbee
dhugaan qulqullaa‟e araarri bu‟ee nagaan mirkanaa‟e yaanni firoomaafi jaalalaa akka dagaaguu
kan gargaaruu tooftaa gadoof haaloo ittiin haqanii mala jireenyaa kan ittiin uumaniidha.
Ummanni Oromoo guuca hammatee bokkuufi caaccuu qabatee, waraana ciibsee, kan dogoggora

1
gorsa kan jallate soroorsee kan dhiiga namaa dhangalaase adabee, kan miidhame waldhaanee
ykn waldhaansisee araaraafi qabbana kan ittiin buusu firooma seera aadaafi mala jireenyaa
hawaasummaa kan ta‟e jaarmiyaa araaraati.

Gumaa jechuun yeroo booda guddate qabiyyee guddaa haa qabaatu malee ka‟umsi isaa foon
horii gosoota namni jalaa du‟eef warra ajjeeseef xixiqqaate guyyaa araaraa nyaataaf hiramu
jechuudha. Gumaan Sirna gareen lubbuu dabarseefi warri lubbuun jalaa darbite ittiin
araaramaniidha.

Gumaa kan baasu warra dhiblee ykn gosa warra nama ajjeesee yommuu ta‟u, kan baafatu immoo
warra haguuggattee/ warra namni irraa du‟ee fi gosa isaaniiti. Heera gumaa kan raawwachiisu
akka dura taa‟aa sirnichaatti ykn immoo walitti qabaa abbaa dhiigaa kan ta‟e abbaa Bokkuu yoo
ta‟u, qondaalli abbaa karraa (eegduu karraa fi to‟ataa gosaa kan ta‟e, gaafa rakkoon uumamte
gara abbaa bokkuutti kan iyyuu) fi qondaalli abbaa raadaa (kan dallaarra deddeemee karra banee
raada gumaaf kaffalamu fuudhu) akkasumas, gosti warra lubbuu dabarsanii fi warri lubbuun
duraa darbite miseensa sirnichaa ta‟uun raawwii sirnichaa keessatti iddoo olaanaa qabu.

Adeemsa Gumaa Baasuu Haala Oromoo Harargeetiin


Seerri Gadaa yoo duularratti ta‟e malee nama lubbuu namaa dabarse gumaa osoo hin baafne,
gaa‟ilaaf ykn cidhaaf akka hin filamneefi hawaasatti hin makamne ni dhoorka. Kanaaf, namni
beekaas ta‟ee osoo hin beekiin dogongoraan lubbuu namaa yoo dabarse, balleessaa ofii amanee
ykn fudhatee Sirna Gumaa gaggeessuun jireenya hawaasa Oromoo biratti dirqama. Gumaan
gosoota lama jidduutti taasifama. Innis gosa namni irraa du‟eefi ajjeese jidduutti raawwatama.
Kanaaf, damiinni gosa lamaanii walitti dhufuun gumaa raawwatu. Sababa kanaaf “Dhiigni kan
Gosaati” jedhama.

Gumaan kan raawwatamuuf haaloo hambisa, nama fayyisa, araara buusa, namoota diina walitti
ta‟an walitti firoomsa, dhiiga dhangala‟e qoorsa, imimmaan namarraa haqa, safuu cabe deebisa,
uumaafi uumama walitti araarsa, harka xuraaye qulqulleessa, balaa namaafi qabeenyarra gahu
ittisa, nama cubbuu hojjetee hawaasa keessaa bahe deebisee hawaasatti maka.

Akka Oromoota Harargetti gumaa baasuun adeemsa mataa isaa danda‟e qaba. Akka fakkeenyatti
namni tokko itti yaadee namaan wal dhabees ta‟ee osoo itti hin yaadiin tasa yoo lubbuu namaa
balleesse dura ambatti baqata. Gaarii ambaatti baqatee harka isaa tura yeroo durii jechuudha.

2
Gaafa lubbuun namaa badu gosti gama lachuu halkan sadii (3) hin rafan karaa irraa maqu. Gosti
kuffiises ta‟ee gosti namni irraa kufes hin rafu. Gosti kuffiise karaa irraa maqa. Gosa warra
namni irraa du‟eef dirree gadhiiseefii deema; akkasumas, malkaa fi gooroo gadhiisaniifii deemu.
Namni nama ajjeese harka gaarii ambaatti baqatus maatii fi firri isaa guyyuma sanarraa kaasee
tulluu shan (5) qaxxaamuree baqata. Yoo akka tasaa ta‟ee tulluun walitti siqu shan dhabame
tulluu tokkotti yeroo shan naanna‟ee achuma tura jedhama.

Kana booda, ambi dhiiga isaanii lafaa ol qabuuf magantaaf gara warra namni irraa du‟ee deema.
Akka maanguddoonni jedhanitti, heerri gumaa yeroo heeramu horii irratti hin heeramne; dhugaa
irratti heerame. Kanaafuu, ambi nama lubbuun isaa harkatti bade sana of harkatti qabatee/ mana
isaa dhoksee ofiisaa qe‟ee warra nama du‟ee deemee “namakee anatu si duraa ajjeesee ana
ajjeefadhu!” jedhan. Akka aadaa Oromootti, nama badii hojjetee harka kennate ajjeesuun
safuudha; waan hin danda‟amneef magantaa qabuufii qofa.

Ambi deemee sun al sadii (3) Ilteenya! jedhee, “dhiiga kee siifan kaasaa na kaasisi! nama du‟e
nan awwaalladhaatii na awwaallachiisi! Obboleessati narraa du‟ee ilma keenya kan ilmi abaluu
nurraa kuffiiseef boonyee nu boossisaa! gaddan taa‟aatii gadda na teessisi! waraanakee ol
deeffadhu! Buubaakee alaa naaf galchii manatti narraa qabadhuu onatti na deeffadhu taa‟een
dhiigan siif kaffalaatii gadi taa‟aatii dhiiga narraa fudhadhaa! Gooroo na bobbaafadhaa! Malkaa
na obaafadhaa!” jedha ambi deemee.

Aadaadha waan ta‟eef warri namni isaanii du‟es hin didan; isinif dhageenye jedhanii beellama
qabatu. Egaa akkuma warri nama ajjeese guyyaa sadii gooroo fi malkaa gadhiisanii baqatan
warri namni irraa du‟e immoo halkan sadii gadda taa‟u waan ta‟eef, maganfannoof beellamni
erga qabameen booda, waraana isaanii bobba‟e waammatanii ol deeffachuun amba ofii
waammatanii kophaatti gadi taa‟anii “kan har‟a guuzaa boru abbaa guuzaati; malkaan keenya
kan har‟a as bule boru achi buluu danda‟a; kanaafuu, yoo har‟a isaan didne boru ambi nu didaatii
magantaa ambaa kana gadi teenyee haa fudhannu; gadi teenyee dhiiga haa fudhannu,” jedhu.

Warri namni irraa du‟es dhimmicha irratti waliif galanii ambi warra dhiblee guyyaa sadiitti
magantaaf deebi‟ee gara warra haguuggattee deema. Haguuggatteenis “magantaa isin
argachiifnee gaafa guyyaa akkasii deebi‟aatii koottaa!” jedhanii beellama guyyaa sadii keessatti
qabuuf. Haa ta‟u malee, guyyaa sadii hankaaknaanis ta‟ee irra dabarraan waan biraati; tuffii

3
fakkaata waan ta‟eef dubbiin kallattii jijjiirrata jedhama. Guyyaan dabarraan magantaan yeroo
lammaffaaf hin jiru. Beellama isaanii kabajachuun guyyaa jedhame keessatti magantaaf
deemama jechuudha.

Erga isaan hayyamanii booda immoo beellama jalqaba guyyaa kudha shanii hanga diddamaa
jidduutti qabatanii addaan bahu. Beellamni akkuma gaheen daminni nama sagal qabatanii
dhaddacha beellamaatti loon jaha geessanii dhihaatu. Warri namni jalaa du‟es jaarsa ambaa
qopheeffatanii eegu. Jaarsoliin warra gama lachuu haasa‟a isaanii kadhaa waaqaatiin eegalanii
dubbiis haasa‟u. Horii jahaan keessa tokko qalamee nyaatama. Loon shanan hafan warra namni
jalaa du‟eef laatama. Kuniis „Imimmuu‟ jedhama. Imimmaan ittiin haqatan guyyaa kana namni
harka xuraayetti firri isaalleen achitti hin argaman. Guulli gosaa lamaan irraa adda ta‟e gatiin
gumaa loon meeqa akka ta‟e labsu. Guyyaa kana guulli dhaddachatti wal eebbisee, guyyaa
gumaafi iddoo itti raawwatamutti beellamatanii addaan bahu. Guyyaan beellama itti aanuu ji‟a
sadii fi isaa ol tahuu danda‟a. Kunis hanga raaddi walitti qabamtuti. Guyyaan imummuu
raawwatee eegalee namtichii nama ajjeese hanga fedhellee yoo qabaate torbaan sagaliif karaatti
bahee kadhachuu baannaan horii ofii abdateef nama ajjeese jedhamee amanama. Yoo kadhachuu
baatee warri gumaa gumaa fudhachuu diduu mirga qabu.

Gaaddisa Gumaan Ittiin Raawwatamu


Akkuma walii galaatti gumaan jalqabaa hanga xumuraatti gaaddisa sadii (3) qaba. Isaanis:

1. Gaaddisa duraa (Imimmoo)


2. Gaaddisa lammaffaa (Imimmattii)
3. Gaaddisa xumuraa (Gumaa daalachaa/ lafee cabsaa)

1. Gaaddisa Duraa (Imimmoo):


Imimmoo jechuun kaffaltii horiin imimmaan haguuggattee/ warra namni irraa du‟e qoorsuuf
kennamudha. Imimmoon horii warra irraa fuudhame boossisee warra namni irraa du‟e
fayyisudha. Sababni imimmoon warra nama ajjeese kan boossisudha jedhameefis: haati nama
harki isaa bade okoleeshee gogsitee, fannistee ameessa elemattu baastee kenniti. Abbaan nama
harki isaa bade, namni nama ajjeesee fi obboleessi isaa harqoota fannisanii qotiyyoo ittiin
qotatan baasanii kennu. Horiin guuramu mataa horii, kan iji ilaalu waan ta‟eef isaan boossisa.
warri dirree gosoota gaaddisa gumaa sadanuu taa‟uun duratti daassii/ daasa warri gumaa baasu,
baafatuu fi jaarsoliin ambaa jidduutii dubbii fixu ni ijaarama. Daasni ijaaramu kunis kallattii
4
bahaa fi dhihatti kan ijaaramu ta‟ee kan jaarsolii ambaa immoo gidduu kanatti ijaarama. Daassiin
kallattii lamaaniinuu ijaaramu kun kan warra ambaa irraa tarkaanfii 50 fagaatee ijaarama.
Sababiin isaas: warri dhiblees ta‟ee warri haguuggatteen waan jaarsoliin ambaa mariyatan
dhagahuu hin qaban waan ta‟eefi.

Daassii kallattii bahaatti ijaarame kana keessa warri dhibleen yoo keessa qubatan isa kallattii
dhihaatiin ijaarame keessa immoo warra haguuggatteeti qubata jedhama. Gaaddisni duraa yeroo
taa‟amu warri nama ajjeese horii imimmoo qabatee deema. Imimmoo kaffaluun dura warri
ambaa dubbii qoratee, dhugaan jiru maal akka ta‟e adda baafatee waliin mariyachuun gumaan
kaffalamuuf deemu gosoota gumaa sadeen keessaa isa kam akka ta‟e erga addaan baafateen
booda, warra dhiblee fi haguuggattee walitti fiduun imimmoon akka kaffalamu taasisa. Horiin
gumaa imimmootiif kaffalamu horii gaggaarii, kan ijatti tolu, kan bakka ba‟uu boossisee
imimmaan warra namni irraa du‟ee qoorsuu danda‟u ta‟uu qaba. Horiin imimmoof kaffalamu
manaa bahee manaaf kennama. Kana jechuun horiin imimmoo kan walitti qabamu aanaa warra
nama ajjeese sanarraati. Isaanis, obboleessa, obboleettii, haadhaafi abbaa gurbaa nama ajjeeseeti.
Horii gumaa imimmoof kaffalamu kan fudhatu obboleessa, obboleettii, haadhaa fi abbaa nama
du‟e sanaati.

Gaafa horiin imimmoo walitti guuramu haati gurbaa nama ajjeesee okolee fannisti; abbaan isaa
immoo harqoota fannisa. Sababiin isaas, haati gurbaa nama ajjeesee sa‟a dhaltii jabbii jala
buustee yoo kennitu, abbaan gurbaa immoo korma dallaatii baasee kenna waan ta‟eefi. Kun
immoo wanti inni ibsu, qe‟ee warra nama ajjeesee barbadeessanii qe‟ee warra namni irraa du‟ee
fayyisuudha jedhama. Haata‟u malee, qe‟ee warra nama ajjeesee barbadeessuu yeroo jedhamu
horii isaan qaban hunda guuranii kennuu jechuu otuu hin taane, salphina mucaan isaanii isaan
irraan geessise haa hubatan jedhameeti. Isheen ameessa elmachaa jirtu of harkaa baastee, inni
immoo kan ittiin qotaa jiru harqoota keessaa baasee kenne haa jedhamuuf, quullaa hafan haa
jedhamuuf, salphina gurbaan isaanii isaan irraan gahe kana isaan agarsiisuuf, adeemsuma isaati
akkanaaf malee, haati gurbaa kan elmattu kan biraa hin qabdu; abbaan gurbaas qotiyyoo biraa
hin qabu jechuu miti. Kaffaltii gumaa imimmoo keessatti horiin kennamu sangaa hin
hirmaachisu. Horiin kennamuu qabu korma goobaa, sa‟aa dhaltii fi dorrobaadha. Sababiin
kaffaltaa gumaa imimmoo keessatti sangaan dhorkameefis, akka hayyootni tokko tokko
jedhanitti sangaan gabbatee qarshii 80,000 bituu waan danda‟uuf, horii babbareedduu kottee 12

5
(horii giddu galeessaa 3) bituu waan danda‟uuf heerri gumaa dhorke jedhu. Horiin kaffaltii
gumaa imimmoof kennamu lakkoofsaan kudhan (10) dha. Isaan kana keessaa kormi gurguddaan
2, xiqqaa 1, walumaagalatti korma sadii (3), sa‟aa dhaltii 2 fi raada/ gorommii 5 dha. Kormii
imimmoof kennaman kana keessaa tokko korma gaaddisaati. Kormi gaaddisaa kan abbaa
bokkuuti isaaf kennama. Kormi inni hafe lammaffaan immoo kan abbaa nama du‟e sanaaf
kennamu yommuu ta‟u kormi xiqqaan hafe immoo hormaata manumatti hafa jedhama. Haaluma
wal fakkaatuun sa‟a dhaltii lamaan keessaa kan jabbiin jala buutee geeffamtu haadha mucaa
de‟ee sanaaf kennamti; isheen hafte immoo abbaan nama du‟ee sun dubartii lama qaba yoo ta‟e
kan dubartii ishee lammaffaa sanaati; isheef kennamti jechuudha. Kanneen hafan gorommiin
shanan immoo korma hormaataa dabalatee kanuma manaati; manaa hin bahan achumatti
hafu.Gorommiin mana warra namni du‟eetti hafan shanan sun shaan furrii jedhamu.

Namni tokko gaafa nama ajjeesu kan gooroo, malkaa fi ona isaa gadhiisee baqatu warra gurbaa
qofa otuu hin taane firri isaas ni baqata waan ta‟eef, gaafa gaaddisni duraa kun xumuramu dhuma
irratti aambi sirna gumaa raawwachiisu, warra namni irraa du‟een gaaffii “fira baqatee jirus
bakkatti naaf deebisi!” jedhu dhiyeessaaf. Kana booda, wal diduun hin jiru waan ta‟eef, warri
namni irraa du‟e sun isiniif dhageenye, bakkatti isiniif deebisnee bakkatti deebifadhaa! jedhu.
Kana jechuun isaanii immoo, isiniif dhiisne, walitti araaramuuf murteessinee jirra; wanta
araaraaf barbaachisu akka guuttatan yeroo akka heera Oromoo ganamaa keessatti tumame
eeggatanii araaraaf akka dhiyaatan kallattii kaa‟uudha.

Afoolli Oromoo araara keessattis ta‟ee dhimma waan hundaa hawaasichaa keessatti gaheen inni
taphatu olaanaadha. Akkuma mammaaksatti gargaaramee waan hundatti dhimma bahu, gaafa
wal loles ta‟ee gaafa lubbuu wal balleessuun gumaa waliif kaffalu waliif looguun akka hin
jiraanne, qaamni sirnicha raawwatu dhugaa waaqaa faajjii godhatee akka raawwatu mirrigaan
irbuutti seena/ irbuu kaayyata. Akkanas jechuun mirriga.

Waa sadii (3) natu dida sadii (3) rabbitu naaf dida ----------hayyee

Balaan yoo samii buutes sanas rabbitu naaf dida --------------hayyee Isaan kunneen sadeen,

Yoo dachiillee ol baate sanas rabbitu naaf dida --------------- hayyee 3‟n waaqni dududha.

Tokkittii biyya keessaa sheekni kiyya naaf dida ---------------hayyee

6
Itillee korma barroo natu irra taa‟uu dhida ------------ hayyee Isaan kuneen immoo sadeen,

Itillee adii caafaa situ naaf hafuu dida ----------------- hayyee 3‟n namni didudha.

Magaala caffee lagaa natu ilaallatuu dida -------------- hayyee

Itillee korma barroo natu irra taa‟uu dida yeroo jedhu dhaamsi inni dabarsuu barbaade cubbuutti
naaf seeni yoo jette itti hin seenu; irbuuti jira; dhugaatu jira waan ta‟eef dhugaa hin dabsu jechuu
barbaadeeti.

Itillee adii caafaa situ naaf hafuu dida yeroo jedhu immoo, atuu balleesse jettee balleessaakee
ifatti natti himuu dada, dhugaa jiru natti himuu diddee dhugaa dabsuuf yaalta jechuu barbaadeeti.
Magaala caffee lagaa natu ilaallatuu dida jechuun isaa immoo maallaqa ilaalee, maallaqaaf
jedhee gamakee hin goru, siif hin loogu, dhugaa irraa hin maqu natu sidida dhaamsa jedhu
dabarsuu barbaadeeti.

Walumaa galatti, yeroo turtii raawwii sirnichaa keessatti murtii yeroo kennan dhugaa jirurraa
akka hin gorre murtii dhugaa akka kennan haala kanaan erga irbuu kaawwataniin booda adeemsa
gaaddisa duraa xumuranii gara gaaddisa lammaffaatti cehu.

2. Gaaddisa Lammaffaa (Imimmattii)


Imimmattiin horii aantii warra nama ajjeesee irraa guuramee aantii warra namni irraa du‟eef
kennamudha. Horiin gosa gumaa akkasii kanaaf guuramu horii aantii warra nama ajjeese
laalessee aantii warra namni irraa du‟ee fayyisuu danda‟udha jedhama. Aantiin kun warra
dhalootaan maatii mana sanaa ta‟anii jireenyi isaanii ala ta‟e (adaadaa, eessuma, eessumee/
indooyyee) dha. Adaadaan obboleettii abbaa gurbaa yoo taatu, eessumeen/ indooyeen immoo
obboleettii haadha gurbaati jechuudha. Isaan kun dhalootaan maatii ta‟anii jireenyi isaanii
immoo mana namaa/ amba bira jiran jechuudha. Jerreen kun otuu horiin imimmattii gara warra
namni irraa du‟ee hin dhufiin dursanii mana warra namni irraa du‟ee sanatti wal gayu. Horiin
imimmoo aantiin warra nama ajjeesee qabatee gara warra namni irraa du‟eetti dhiyaatu
lakkoofsaan kudhan (10) ta‟ee gara qarshiitti yeroo shallagamu: gatiin horii tokkoo inni olaanaan
qarshii 12,000, inni gadi aanaan immoo qarshii 8,000 baasuu kan danda‟udha. Haata‟u malee,
horiin imimmoos ta‟ee imimmattiin qarshiitti shallagamuun isaanii tilmaamni isaanii akka
beekamuufi malee qarshiin hin kaffalamu, horiiti kaffalama jechuudha. Horiin imimmattiif aantii

7
warra nama ajjeesee irraa dhufu kun mana warra namni irraa du‟eef tokko otuu hin hafiin darbee
aantii jaraaf kennama. Gaafa sirni kaffaltii imimmattii raawwatamu akka heera Oromoon ganama
heeretti warri dhiblee fi haguuggatteen walitti makamanii waliin nyaachuun ni danda‟ama 40
jedhama.

Horiin gaaddisa lammaffaa keessatti kaffaltii gumaaf dhiyaatan immoo qaamaanis ta‟ee bifaan
akka kan warra gaaddisa tokkoffaa keessatti dhiyaataniitti qaamaanis, bifaanis guutummaan
guutuutti amansiisoo miti. Sababiin isaas: horiin kaffaltii gumaa imimmoof dhiyaatu kan walitti
qabamu mana warra badii ajjeechaa raawwateetii ta‟ee kan kennamuuf mana warra namni duraa
du‟eef waan ta‟eef, bakka ba‟uu miidhee bakka dhaqu kan gammachiisu waan ta‟eefi. Faallaa
kanaa immoo, horiin kaffaltii gumaa imimmattii aantee warra nama yakka ajjeechaa raawwate
irraa guuramee aantee warra namni duraa du‟eef kennama waan ta‟eef, xiyyeeffannoon hedduu
itti kennuun dhiifame.

3. Gaaddisa Sadaffaa (Gumaa Daalachaa):


Gumaan daalachaa adeemsa sirna gumaa baasuu keessatti horiin imimmoo fi imimmattii
kaffalamee, warri dhiblee fi haguuggatteen waliin nyaachuu jalqabanii turtii yeroo muraasaan
booda dubbiin ni qabbanaa‟a. Kanaafuu, gaaddisni sadaffaan gumaa daalachaa jedhamu kun
karaa biraatiin gumaa qabbanaa jedhamuun beekama. Adeemsi hundinuu araaraaf kallattii
qabatee waan jiruuf, jarri lachuu wal ta‟insarra/ walii galteerra gahanii waan jiraniif, gumaa
daalachaa kanaan gumaa qabbanaa jedhamuun danda‟ame jedhama. Horiin gumaa daalachaaf
kaffalamu kan guuramu lammiirraa/ gosa warra nama ajjeese irraati. Horii gumaa akkasii kanaaf
kaffalamu kan fudhatu gosa warra namni irraa du‟eeti malee, aanaa fi aanteen warra namni irraa
du‟ee sun keessaa hin qaban. Sababiin isaas, gumaan daalachaa kan aanaa fi kan aantee otuu hin
taane kan gosaati. Horiin gumaa daalachaaf kaffalamu akka heera Oromoo ganamaatti yoo
qajeelaa ta‟e loon 81, erga heera fooyyeffatanii asitti immoo loon 20 dha. Kaffaltii gumaa
daalachaa keessatti akka heera Oromoo ganamaatti loon 81, akka yeroo ammaa kanatti immoo
loon 20ti kaffalama yeroo jedhamu yeroo sirnichi raawwatamu jalqaba irraa kaasee hanga
dhumaatti wanti achitti dhiyaatu nyaataa fi dhugaatiin hundi jimaa dabalatee gara qarshiitti
shallagamee kaffaltaa gumaa sana keessa oola malee horii qofti hin kaffalamu. Gaafa horiin 20
gumaa daalachaaf kaffalame adeemsi kaffaltii gumaa ni raawwatama. Erga sirni kaffaltii horii
raawwatameen booda, faajjiin gama warra nama ajjeesee ka‟ee dhaabbatee yeroo sadii (3)

8
“yoom illee ani homaa sirraa hin qabu.” jedhee gadi taa‟a. Kana jechuun dubbiin xumurame,
raawwatameera jechuudha. Erga kana jedhaniin booda gara lafe cabsaatti deebi‟u.

Gaaddisa Lafee Cabsaa


Erga sirni wal harkaa fuudhinsaa/ gumaa baasuun xumurameen booda, lafee cabsuuf gaaddisa
biroo qabatu. Haata‟u malee gaaddisni isaan lafee cabsuuf qabatan kun gosoota gaaddisa sirna
gumaa sadeen keessaa addatti isa afraffaa (4ffaa) ta‟a otuu hin taane gaaddisuma sadeen jiran
keessaa gaaddisa 3ffaa jalatti kan raawwatamu ta‟ee, adeemsa isaa hordofuuf kophaatti taa‟ame
jechuudha. Sirni lafe cabsaa yeroo raawwatamu jalqaba kormi qalmaa dhufee dhaabbata. Warri
nama ajjeeses, warri namni irraa du‟es walumaan gaaddisa qabatanii korma dhufe sana ilaalanii
haguuggatteen korma sana warra dhiblee irraa fuudhee hidha. Erga wal harkaa fuudhinsi korma
qalmaa kun raawwatameen booda gara galgalaa/biiftuu lixuuf geesse warri harki badee fi warri
namni irraa du‟e wal qabatanii gara mana warra namni irraa du‟eetti korma qalamu qabatanii
deemu.

Haati gurbaa nama ajjeesee immoo qorii qabattee isaan waliin deemti. Yeroo deemanii mana bira
gahan warra nama ajjeeserraa nama jaha (6), warra namni irraa du‟e irraas nama 6 filanii kormi
akka qalamu ni taasifama. Yeroo kormi qalamu jaarsi ambaa isaan gidduu dhaabbatee kormi
qalamu bakka lamatti akka addaan fuudhamu gochuu caalaa, wanti korma qalame keessaa
fuudhamu waan jiruuf, wanta keessaa fuudhamu sana gosa gosa isaan addatti akka baafamu ni
taasisa. Wanti korma qalame sana keessaa fuudhamus: dirra gama mirgaa, tiruu, harka mirgaa
gogaa waliin, dugugguruu dugdaa fi mataan korma qalamee fuudhamee kaa‟ama. Erga korma
qalame kana keessaa isaan amma maqaan olitti tuqame kun keessaa fuudhameen booda, foon
kormaa kun qalamee yeroo xumuramu bitaa fi mirgatti bakka lamatti addaan fuudhamee warri
namni irraa du‟e gama mirgaa, warri harki bade immoo gama bitaa fudhachuun foon qalame
akka bilchaatu ta‟a.

Haata‟u malee, meeshaa foon itti bilchaatuu fi kan itti nyaatamu hunda kan dhaleessu warra
dhibleeti. Warri nama ajjeesan kun meeshaa foon qalame itti nyaatamu qopheessanii korma
qalamee bakka lamatti addaan fuudhame kopha kophaatti bilcheessanii manatti ol galchuun kan
warra namni irraa du‟ee karaa mirgaa kan warra nama ajjeesee immoo karaa bitaatiin kaa‟ama.
Erga foon qalamee bilchaatee ol galeen booda, warri haguuggatteen dursanii ol seenuun karaa

9
mirgaa qabatanii tattaa‟u; warri dhibleen immoo boodarraan ol seenanii karaa bitaa qabatanii
taa‟u.

Sababiin warri nama ajjeese kun hanga ammaatti bitaa qabatanii naanna‟aniif kunis, harki isaanii
dhiigaan xuraa‟e hanga ammaatti waan hin qulqullaa‟iin jiruuf akkasumas, yeroo isaan “bitaatti
kufnee jirraa mirgaatti nu deeffadhaa”! jedhan waan hin ga‟iin jiruufidha. Nyaata qophaa‟e
hunda gama lachuufuu kan dhaleessu warra nama ajjeese sanaadha. Jidduu lamaan gosa lachuu
bitaa fi mirga qabatanii nyaataaf tattaa‟anii banaa hambisuun jaarsoliin ambaa dubbii jidduu fixu
irra deddeebi‟ee jimaas ta‟ee wanta achitti barbaachisu hunda bitaa fi mirgatti raabsa. Nyaata
qophaa‟e hundatti qorii haati gurbaa nama ajjeesee sun qabattee deemte dabalatee dursee kan
harka itti kaa‟u warra karaa mirgaa qabatee taa‟u/ warra namni irraa du‟eedha. Erga isaan
nyaataaf harka qoriitti harka kaa‟aniin booda, warri nama ajjeese nyaataaf harka qoriitti kaa‟u.
Galgala guyyaa sanaa nyaachaa, jimaas qama‟aa fi mirriga mirriguutti bulu.

Mirrigni mirrigamu mirriga araaraa qofa malee mirrigni aarii garaa namaa kaasuu danda‟u, kan
ciigoo of keessaa qabu hin mirrigamu. Akkuma beekamu egaa, Oromoon afoola isaatti
gargaaramuun garaa wal laaffifata; isa miidhame jajjabeessa; gocha badaa raawwate sanatti
gaabbee ofumaan of ceepha‟a. Wanti naannoo Oromoo Harargees kanuman wal fakkaata. Kan
isaan mirrigan isuma kana ta‟ee kan jabeessu yoo ta‟u, halkan guyyaa sanaa guutuu kan mirrigu
mirrigaa bulee, jaarsoliin ambaa ganama barraaqa ka‟anii daassii fuula gara baha biiftuutti
naannessanii ijaarsisu; boolla lafeen cabe keessatti gatamu/ awwaalamus bakka daasni ijaaramu
irraa fageessanii qochisiisu. Sana booda warra nama ajjeese fidanii daassii bira erga kaa‟aniin
booda, nama harki isaa xuraa‟e sana buqqee hadhaa duudaa morma isaatti fannisanii miila qullaa
akka gaddetti haguuggatee dhufee bakka daassii taa‟a. Yeroo taa‟us mataa ol hin qabatu; mataan
gadi jedhee yeroo inni dhufee warra namni irraa du‟e bira taa‟u irree harka mirgaa qotiyyoo
qalamee irraa gogaa baasanii gama lamaan uranii harka isaa isa mirgaa fi kan obboleessa namni
irraa du‟ee sana harka isaa bitaatti kaa‟u. Yeroo kanas heera lallabamuti jira.

“Hariirtii hin maqsun jedhaa heeraa muri!


Jifuu hin jallisun jedha heeraa muri!
Yoo jifuu jalliste jallinaan galin jedhaa heera muri!
Ardiin kan gadii qabrii adiin galan jedha heeraa muri!
Gosa keessa hin deemun jedha heeraa muri!
Waldhabbiin irbuu dubbatee galee warratti hin bulun jedha heeraa muri!

10
Ilma hangafaa fi haadha warraa duraan qeerrummaan fuudheen dura galan jedhaa heeraa
muri!
Irbuun sun achitti dura galtin jedhaa heeraa muri!
Faana walitti dhaaben jedhaa heeraa muri!
Faana waliirraa hin maqiinaan jedhaa heeraa muri!
Walirraa hin jallatiinaan jedhaa heeraa muri!
Yoo jallatte jallinaan galin jedhaa heeraa muri!
Ibuun 7 fuula olii 7 fuula gadii siballeessaan jedhaa heeraa muri”
Jedhee lallabee gadi taa‟a ambi gidduu jiru. Gogaan uramee harka jara lamaaniitti kaa‟amu sun
meedhicha jedhama.

Namni lubbuun namaa isa harkatti bade gaafa harki isa xuraa‟erraa kaasee yaaddoo keessa gala.
Akka heera Oromootti mataa ol qabatee fuula namaa hin ilaalu; hanga kubli irraa ba‟utti ol
jedhee namaan namaan qixxaatee hin taa‟u. Suuraa olii kanarraa akkuma mul‟atutti, namtichi
yakka ajjeechaa raawwate inni obboleessa miidhamaa waliin meedhichaan harki walitti hidhame
namoota hunda keessaa boquun gadi cabee yeroo taa‟u arguutti jirra. Teessumti isaas kallattii
bitaatiin, hanga dhiigni namaa irraa qulqullaa‟utti bitaa qabatee deema.

Gaafa lafe cabsaa/ harka gataa, yeroo boolli lafe gataa qotamu akka heera Oromoo ganamaatti
namni nama ajjeese kun keessa seenee walakkaa sa‟aatiif keessa tura. Boolla sana kan qotus
isuma yoo ta‟u boolli qotamu akka heera Oromoon ganama heerrate sanatti hanga hojjaa namaa
gadi seesisuu danda‟utti qotama jedhama. Sababiin nama nama ajjeese sana boolla keessa
dhaabaniifis, akka hayyootni tokko tokko jedhanitti “nama ajjeestee boolla akkasii keessa
galchitee atillee booda seeni!” ergaa jedhu of keessaa qaba. Erga daasni ijaarameen booda
haguuggattee irraa nama 7 fidanii daassii ijaarame keessa karaa mirgaatiin, warra dhiblee irraas
nama 7 boodaan fidanii daassuma ijaarame sana keessa karaa bitaa tarreen kaa‟u. Bakka
haguuggattee fi dhibleen taa‟an gidduu karaan banaa ta‟ee hafa. Bakka duwwaa hafe sana
barcuma tokko fidanii kaa‟u. Barcuma sanarra obboleettii nama harki bade sanati dhufee irra
taa‟a. Erga jarri lachuu daassiitti ol seenan kunneen bitaa fi mirgaa qabatanii taa‟aniin booda,
wantootni duraan korma qalame keessaa fuudhamee kophaatti adda ba‟ee kaa‟ame (harka
mirgaa, mataa, dudugguruu dugdaa, tiruu fi dirri) bakka daassii ijaarame sanatti ni dhalaaya.
Haaluma wal fakkaatuun, dammi, dhadhaa fi aannan bakka sanatti dhiyaatee, gama warra nama
ajjeeseetiin durbi lama kan hamartiin ishee hin tuqamiin ykn kan dhiirri kofa ishee hin saaqiin ni
dhufu. Durba dhufan sana keessaa harka ishee tokkoorra damma kaa‟u; harka ishee tokkootti

11
immoo aannan kennu. Haati gurbaa nama ajjeesee immoo dhadhaa dammaan waliin laaqxee
qabattee dhiyaatti. Akka carraa ta‟ee gurbaan nama ajjeese sun yoo haadha hin qabu ta‟e namatu
bakka bu‟ee dhiyaata jechuudha. Haati gurbaa dhadhaa dammaan laaqame qabattee dhiyaatte sun
gama warra namni irraa du‟e, obboleessa gurbaa du‟ees ta‟ee,ilma isaas ta‟uu danda‟a, abbaa
isaas yoo ta‟e isa jalqaba mataa fi garaa isaa muuddee “nama keeti sirraa du‟ee onneen si haa
qabbanooftu, sammuun si haa qabbanooftu!” jettee erga muuddeen booda tartiibumaan hanga
naannoftee warra harki bade waliin geessutti muuddi. Yeroo daassii ijaarame keessa taa‟an
obboleessi nama du‟ee gurbaa ajjeese waliin fuula walitti naannessuun kallattii tokkorra taa‟u.
Akkasumas, kan adeeraa fi kan eessumaa, kan haboo fi kan adaadaa fuula walitti galagalchuun
gamaa gamanaan tattaa‟u. Qondaalotni gama lachuullee akkasumaan taa‟u. Erga sirni muudaa
raawwatameen booda, dubara lamaan keessaa isheen damma harkatti qabatte sun nama dura
muudame sana irraa jalqabdee kallattii mirgaa irraa gara bitaatti damma harkatti qabatte sana
harka harka isaaniirra kekkeessi.

Suura kanarraa wanti hubatamu, gosti nama miidhee fi kan namni irraa miidhame yeroo walitti
araaraman afaan isaanii akka walitti miyaa‟uuf damma harka waliirraa arraabsisu. Goolii
dhiisanii akka walitti fayyaniif/ walitti qabbanaa‟aniif qodaa tokko keessaa aannan dheengu.
Dammas harka walirraa kan arraabsisu, aannanis qodaa tokko keessaa kan dheengisiisu
obboleettii gurbaa nama ajjeesee, ishee gumaan bilisaa irratti xumuramu ta‟uu nu agarsiisa.

Dammi harka nama hundaarra kaa‟amee yeroo waliin gahamu inni nama ajjeese obboleessa isa
du‟eetti, obboleessi nama du‟ees nama obboleessa isaa ajjeesetti harka isaa isa damma qabatee
jiru hiixatee damma harka waliirraa wal arraabsisu. Hundinuu akkaatuma fuula isaanii walitti
nanaanneffatanii taa‟aniin damma harka irraa wal arraabsisu. Itti aansee intalti isheen aannan
qabattee dhaabbattu dhuftee obboleessuma nama du‟ee sanarraa jalqabdee aannan unachisiisaa
naannessitee erga waliin geesseen booda of duuba deebiti. Qodaan/ meeshaan intalti ittiin aannan
dheengitu/ unachiistu sun afaan isaa ballaa yoo ta‟e obboleessi nama du‟ee fi inni nama ajjeese
sun walfaana yeruma tokko qodaa aannaniitti jedhanii aannan qodaa tokko keessaa dhugu.
Dhuma irratti tiruu fi dirri mirgaa korma qalamee sun cicciramee waliin makamee dhalaayuun
gurbaama duraa irraa jalqabanii foon ciccirame sana harka harkarra kaayanii waliin gahu.Tiruu fi
foon dirraa cicciramee harka namaarra kakkaa‟ame sun gumaa jedhama. Gaaffii “hiikni gumaa
maali?” jedhuufis inni kun deebii kenna jechuudha. Foon cicciramee harka namaatti kekkenname

12
sana abbaan ofiin nyaata otuu hin taane akkaatuma damma harka waliirraa wal nyaachisaa turan
sanatti ammas harka harka waliirraa nyaatu. Kun hundi erga raawwatameen booda, sirni eebbaa
itti fufa. Kan eebbisu amba gidduutii dubbii fixudha. Yeroo eebbisus akkana jedhee eebbisa.

Shaffee ta‟i ……………………. Leel!

Bonaa fi ganna margi ………….. Leel!

Qilxuu ta‟i ……………………… Leel!

Aannan roobi ………………….... leel!

Gufuu ta‟i ………………………. Leel!

Diina muri ………………………. Leel!

Doobbii ta‟i ……………………… Leel!

Diina gubi ………………………... Leel!

Calalaqaa ta‟i ……………………... Leel!

Kan tokko irra hin dhaabbanne …. Leel!

Qoree gaddaa ……………………… Leel!

Kan tokko itti hin hirkanne ………... Leel!

Siidaa Dandee ta‟i …………………. Leel!

Kan balaan tokko hin dandeenye ..…. Leel!

Waraana ta‟i ……………………….. Leel!

Dirii fullaasi ……………………… Leel!

Kan dhalatti qara dhufu ……….….. Leel!

Abaabuu saayyaa …………………. Leel!

Mirgii aannanii …………………… Leel!

13
Madda xaliil ……………………… Leel!

Burqaa Finfinnee keessaa madde ... Leel!

Tullaayaa! …………………………Leel!

Tulluu Inxooxxoo …………………Leel!

Rabbi isin haa godhu …………….. Leel! Erga jedhan eebbisanii xumuraniin booda, hundi
dabareetiin ol ka‟ee harka wal fuudhuun harka walii dhungata. Kun immoo namni/ warri harki
badee fi warri namni irraa du‟e walitti fayyuu, qulqullaa‟anii walitti araaramuu isaanii agarsiisa.
Yeroo harka wal fuudhan wal dhungatanis jecha “araara fayyaa! araara dhugaa!” jedhu
dhageessisaa aannan walitti biifaa dhiirri warra dhiblee dhiira warra haguuggattee waliin,
dubartootni warra dhiblees dubartoota warra haguuggattee waliin harka wal dhungatanii gadi
tattaa‟u. Kana booda, gara sagantaa lallabbii heeraatti tarkaanfatu.

Lallabbii Heeraa
Heera lallabuu jechuun as keessatti, wal dhabdeen warra dhiblee fi haguuggattee gidduu ture
hiikamee amma walitti dhufanii foon tokko ta‟uu isaanii, haaloo garaatti qabatanii kana booda
akka karaatti wal eeggatanii lubbuu wal hin balleessine, waliif hiikamuu isaanii waadaa kaa‟uu fi
dhaamsa isaaniif dabarsuu jechuudha.

Heera kan lallabu amba gidduu warra dhiblee fi haguuggattee jiru yoo ta‟u, heerri lallabamu
immoo heera waadaa/ heera kakuu ta‟ee sirni araaraa erga raawwatameen booda namni haaloo
qabatee karaa dhaabbatee nama horii lagatti bobbaasu, nama horii gala oofuu fi wantoota kana
fafakkaatan irratti gocha ajjeechaa akka hin raawwanneef irbuu gidduu isaanii kaa‟uudha.
Heerris kan lallabamu akkaataa armaan gadii kanaani.

 Aannan tokko wajjiin dhuganii, aanaa ta‟anin jedhaa heeraa muri!


 Namni aanaa tokko miti jarri kun jedhe irbuu Oromoo 7 fuula olii, 7 fuula gadiitiin
addunyaa kanarraa bada; abaarsa waaqaa fi namaati isa qaqqaban jedhaa heeraa muri!
 Damma wajjiin nyaatanii heeraa muri!
 Arrabni isaanii walitti mi‟aayeeran jedhaa heeraa muri!
 Namni waa garaatti ambifatee arrabni isaa bushaa‟e immoo arraba isaatiin qabaman
jedhaa heeraa muri!
 Tiruu tokko nyaatanii, dhiiga tokko ta‟anin jedhaa heeraa muri!

14
 Namni dhiiga tokko miti jedhe dhiignisaa lammii Oromoo keessaa ni badan jedhaa heeraa
muri!
 Dirra tokko wajjiin nyaatanii, dirreen isaanii tokkon jedhaa heeraa muri!
 Namni dirreen isaanii tokko miti jedhe irbuu kan 7 fuula olii 7 fuula gadiitiin, maqaa
waaqa lafaa fi samii uumeetiin dirree Oromoorraa badan jedha heeraa muri! jedha.
Ambi dhiblee fi haguuggattee jidduutii dubbii fixee heera waadaa, kakuu irbuu erga lallabeen
booda lallabbii heeraa hin xumuru, ammas heerri lallabamuun iituma fufa. Heerri kana booda
lallabamus heeruma waadaa/ kakuu ta‟ee waa‟ee firummaa cimsuurratti kan xiyyeeffatu ta‟a.
Heerri firummaa cimsu kunis akkaataa kanaan lallabama.

 Fayyaa dhaban wal gaafatanan jedhaa heeraa muri!


 Namni immoo fayyaa dhabu hin gaafanne irbuu walakkaa jiran jedha heeraa muri!
 Dhaban tola waliif oolanin jedha heeraa muri!
 Namni tola hin oolle immoo waaqni tola itti hin oolun jedhaa heeraa muri!
 Abaarsa waaqaa fi namaati itti bu‟an jedha heeraa muri!
 Irbuu Oromoo 7 fuula olii 7 fuula gadiitiin addunyaa kanarraa badan jedhaa heeraa muri
jedheeti itti lallaba.
Ambi erga heera lallabee xumureen booda, “na ofkolchi! Bitaattin kufee mirgaatti na deeffadhu!
Buqqee hadhooftuu narraa cabsi! malkaa na obaasi; tulluu na bobbaasi; waraanakee narraa
galchi; alan jiraa alaa manatti nagalchi; dhaabbachaan jira gadi na teessisi; taa’aatan jiraa na
raffisi; obboleessa na godhu! siin jedha bokkuun gosa ebeluu,” jedhee maqaa gosa warra nama
ajjeesee sana tuqee bokkuu gosa warra namni irraa du‟eetti lallabatee xumura araaraaf jidduu
taa‟u.

Bokkuun warra haguuggattee lafaa ol ka‟ee “ambatti sidabale, malkaa nagaa si obaase dhugii
booressi; gooroo nagaa si bobbaasee dheedii dikeessi, gooroo qotii maasessi, cirii baafadhu,
buqqee duudduu sirraa cabse, bitaarraa mirgatti si deebise; nagaa siif dhaame, dhugaa rabbii;
dhugaa birkiidhaa; dhugaa Oromummaadhaa, magantaa kanaan wayyamaa, horaa bulaa, naaf
ulfaadhaa” jedhee otuu inni gadi hin taa‟iin obboleessi nama du‟ee ol ka‟ee buqqee hadhooftuu
duudaa morma nama harki xuraa‟ee sanarraa baasee lafa kaa‟a.

Kun erga xumurameen booda lafee dugugguruu dugdaa duraan bakka daassiitti dhalaaye sana
fidanii jidduu kaa‟uun “gosummaa waliin hin qabnu Oromummaa waliin qabna malee, diinni
ajjeesnaan baalli adii, duunaan lafee adiidha; dhaddacha siif hin dhaqu; gadi taa‟ees hin himatu;
diina jedhee boru birmaduudhaa miti; birmaduun irree miti diina jedhee diinatti heere. Kanaafuu,

15
namni har‟aan booda waan biraan garaatti ambifadha jedhe dhukkubni fayyina hin qabne garaatti
isa haa hafu! Namni har‟a dubbii garaatti ambifate akka dugugguruu lafee fi buqqee hadhooftuu
kana cabsinetti cabuu malee hin cabsiin! Du‟uu malee hin ajjeesiin!” jechuun warra wal ajjeese
mataa dugugguruu lafee gamaa gamanaa qabsiisanii buqqee hadhooftuu sana wajjiin cabsu.

Buqqee duudaa morma irraa baasanii irraa cabsuun kan mul‟isu, duraan namni nama ajjeese sun
waan lubbuu namaa balleesseef, harki waan isa xuraa‟ee tureef namaanis waaqaanis jibbamee
namni isa hadheeffachuu isaa ibsuuf buqqee hadhooftuu kan itti fannifamee ture sana irraa
baasanii cabsuun amma hadhooftuu sirraa cabsinee, hadhaan sirraa bahee jira51 yaada jedhu
ibsuuf wanti kun hundi raawwatama. Kan lafee cabsu amba jidduu jiruudha. Erga lafeen cabeen
booda gurbaan lubbuu namaa balleesse sun lafee cabe sana fuudhee bakka boolla qotame geessee
boollatti gadi darbata. Lafee cabe geessee boollatti gatee yeroo gara daassiitti deebi‟ee ol seenu
ambi jidduu dubbii fixxu akkana jedha.

“Namni dhiiga namaa balleesse mataan hin bulu; gudeedaan hin horu; mataa kormaa kanas
geessii boollatti gadi darbi!” jedhee, gurbaan lubbuu namaa balleesse mataa korma qalamee
awwaalchaaf qophaa‟e gara boollaatti geessuuf yeroo lafaa ol kaasu ambichi ammallee “mataan
buli! gudeedaan hori! horteen fulla‟i!” jedhee eebbisee mataan akka boollatti gatamu ajaja.
Gurbaan harki bade mataa awwaalchaa sana bakka boollaa geessee gatuuf/ awwaaluuf yeroo
lafaa ol kaasu, „bita muluq‟ jedhee boollatti geessee gadi darbata. Qaamni korma qalame keessaa
ba‟e kanneen awwaalamuuf qophaa‟an hundinuu tartiibuma eeggatee raawwatama waan ta‟eef,
harka mirgaa duraan korma qalamerraa ba‟e sana geessee gurbaan sun ammas boollatti gatee
awwaalee biraa deema.

Sababiin harki mirgaa qotiyyoo duraan qalame sanarraa baafamee awwaalamuufis, namni nama
ajjeese sun harka mirgaatiin rukkutee, waraanee ajjeese waan ta‟eef harki sun harka gumaati;
namni du‟e akkuma awwaalame harki nama ajjeese sunis haa awwaalamu jedhameeti jedhama.
Adeemsi harka gataa/ awwaalchi harka irbuu erga xumurameen booda, namootni torba torba
daassii ijaarame keessa gama lachuutiin taa‟aa turan hundi daassii gadi lakkisanii bahu. Kan
daassii keessatti hafu nama nama ajjeese sana qofa. Amma yeroon yeroo nama dhiiga namaa
jikse/ dhangalaase itti qulqulleessan waan ta‟eef, dhiiga namaa isa xureesse irraa dhiquuf bishaan
ni dhalaayaaf. Haata‟u malee, namni lubbuun namaa isa harkatti bade sun gaafa harki isa xuraa‟e
irraa kaasee nama waliin hin galu; nyaatni isaa kophaatti, qodaan inni itti nyaatuu fi itti dhugu

16
hundi seelkoodha; rifeensa qaama isaarra jiru hunda hin haaddatu; uffata guyyaa sana uffatee
nama ajjeese hin jijjiirratu; qeensa isaas hin qoratu; qaama isaas hin dhiqatu. Kanaafuu, kubla
irraa baasuuf bishaan inni ittiin qaama dhiqatu, wanti inni ittiin rifeensa qaama isaarra jiru ittiin
haaddatuu fi qeensa isaa ittiin qoratu, uffata haarawa dabalatee bakka daassii sanatti ni
dhaleessaniif. Kana booda, hundi biraa deemee ambii fi obboleessi gurbaa harki badee biratti
hafuun, obboleessi isaa ol itti seenee huccuu inni uffatee jiru irraa baasee, rifeensa qaama isaa
bakka sadii (mataa, areedaa fi qaama hormaataa) isaa irraa haadee, qeensa quba harkaa fi miila
isaarra jiru irraa qoree, qaama irraa dhiqee wanti hundi erga irraa qulqullaa‟een booda uffata
haarawa itti uffisee goojjoo/ daassii keessaa gadi baasa. Akkuma gurbaan harki xuraa‟ee ture kan
amma qulqullaa‟ee daassii keessaa bahetti ambi warra dhiblee “daassiin kun haa gubattuutii
gubi!” jedha. Uffatni gurbaan uffatee ittiin nama ajjeese kan irraa baafame, rifeensi qaama
isaarraa haadamee fi qeensi harkaa fi miila isaarraa qorame hundii daassii keessatti abidda itti
qabsiisuun daassicha waliin gubuun daaraa isaa haranii walitti qabanii boolla harki gataa itti
awwaalametti gatanii awwaalu.

Sababiin kana gochuun barbaachiseefis, namni nama ajjeese gaafa lubbuun isa harkatti bade irraa
kaasee harki isaa xuraa‟eera; dhiiga namaatiin laaqamee jira; lubbuu waaqni uume kan waaqni
qofti balleessuu/ ajjeesuu qabu hojii waaqaa keessa seenee lubbuu balleesse waan ta‟eef, abaarsa
waaqaa fi namaatiin rukkutamee irbuu walakkaa jira jedhamee amanama. Namni kun erga harki
isaa dhiiga namaatiin tuqame irraa kaasee nyaatnii fi dhugaatiin isaa qophaatti ta‟ee, qodaan inni
itti nyaatus ta‟ee kan inni itti dhugu cabaa/ seelkoo, bakki oolmaa fi bultii isaa kophaa, maatiirraa
addaan bahee mana cufaa hin qabne kan gubbaan dhimmisu keessa galaa waan tureef, maatiitti
isa dabaluuf, yeroo maatiitti dabalamu irbuun akka isa waliin hin galleef wanti hundi irraa
qulqullaa‟a. Namni nama ajjeese sun akkuma qulqullaa‟ee uffata haaraa uffatee gadi ba‟een
Hoolaan qopheessanii fuula ishee gara bahaatti naannessee gorra‟ee “kubla dheessi Oromoo!”
jedhee irraa baqata. Hoolaanis qalamtee achumatti nyaatamti; daassiinis ni gubata.

Akkuma beekamu, akkuma suura olii kanarraa mul‟atutti, namticha dhiigni namaa harka isaatti
bade wayyaa uffatee nama ajjeese otuu hin jijjiirratiin waan tureef, rifeensa qaama isaarra jiru
hunda ofirraa otuu hin haadiin, qeensa harkaa fi miila isaarra jiru hunda otuu ofirraa hin qoratiin,
qaama isaa guutuu otuu ofirraa hin dhiqiin, walumaa galatti gaafa lubbuu balleesse irraa kaasee

17
gaddaa waan tureef, guyysaa xumuraa daassii suurri isaa mul‟atu kana keessatti hunda irraa
qulqulleessanii kubla irraa baasanii kubli irraa ba‟e sun daassii kana waliin gubachuu isaa agarra.

Wanti kun hundi erga raawwatameen booda, gosti warra namni irraa du‟ees, kan warra nama
ajjeesees wal qabatanii qe‟ee mana warra dhibleetti galu.

Namni lubbuun namaa isa harkatti bade kun guutummaan guutuutti kubli irraa bahuuf/ dhiigni
namaa irraa qulqullaa‟uuf ammallee wanti isa hafu ni jira. Gosti warra dhiblee fi kan warra
haguuggattee wal qabatanii yeroo qe‟ee warra mana nama ajjeesee gahan warri gurbaa nama
ajjeesee sun hoolaa qopheessanii isa eegu. Yeroo mana bira gahan gurbaan nama ajjeese sun
hoolaa hidhaarraa hiikee bitaatti kuffiisee morma muree irra tarkaanfatee mana seenuun maatiitti
dabalama. Hoolaa bitaatti kuffiisuun kan agarsiisu “dhiiga namaa dhangalaaseen ture; harkati na
xuraa‟ee ture; gochi hamaa ani raawwadhe hundi bita narraa haa galu! Ani bitaarraa mirgatti
deebi‟een jira” yaada jedhu of keessaa qaba jedhama.

Gosti lachuu wal qabatanii yeroo qe‟ee mana warra nama ajjeesee gahan haati nama harki badee
sun marqaa aannaniin/ shuuroo aannanii qopheessitee waan isaan eegduuf, akkuma mana
seenaniin qoriin ni dhiyaataaf. Qoriin dhiyaatu sun qorii waadaati jedhama. Nyaata qophaa‟e
kana walitti makamanii taa‟anii nyaatu malee, akka isa yeroo daassii keessa qubatan sanaatti
bitaa fi mirgaa qabatanii taa‟uun amma ni hafa. Nyaata bakka tokkotti qophaa‟e nyaachuuf yeroo
harka itti kaa‟an ambi jidduu jiru ammas heera lallabu qaba. Heerri lallabamus heera “harka
hiixatte ofiif hin dachaafatiin” jedhu yoo ta‟u, akkanaan heerama. “Harka hin cabsatiinii
nyaadhun jedhaa heeraa muri,” jedha. Kana jechuun qorii dhiyaatetti harka keessee kaastee ofii
nyaachuuf harka hin dachaafatiinii akkuma kaasteen isa si fuullee jiru afaan kaa‟i jechuudha.

Adeemsa sirnichaa keessatti hanga sadarkaa kanarra gahamutti yeroo nyaatni nyaatamu nama
lubbuun isa harkatti badeti obboleessa namni irraa du‟e sana dursee afaan kaa‟a ture. Isa
xumuraa kanarratti garuu, obboleessa nama du‟eeti isa nama ajjeese sana dursee afaan kaa‟a.
Qoriin qophaa‟e qorii waadaati kan jedhameefis kanumaafi. Namni obboleessi isaa du‟e nama
obboleessa isaa ajjeese dursee nyaata afaan kaa‟uun kan agarsiisu isaaf fayyuu isaa, qulqullaa‟ee
isatti araaramuu isaa, dubbii garaatti qabachuu dhiisuu isaa agarsiisa. Kanaafi nyaatni isaaniif
qophaa‟e sun qorii waadaa jedhamuu kan danda‟eefis.

18
Sirni nyaataa erga xumurameen booda, namni nama ajjeese sun raada obbolummaa jedheeti
goromsa sa‟aa bareedduu kan iji ilaalu, kan isaan walitti fayyisuu dandeessu tokko fidee
obboleessa namni irraa du‟e sanaaf kenna. Inni raada sa‟aa kenneefis inni fudhates gosa gosa
isaanii qabatanii qe‟ee warra namni irraa du‟eetti deemu. Haati nama du‟ee sun shuuroo/ marqaa
aannaniin qopheessitee isaan eegdi. Yeroo jarri wal qabatanii qe‟ee warra namni irraa du‟eetti
deeman haati gurbaa nama ajjeesees qorii qopheeffattee qabattee isaanuma waliin deemtee mana
seenti. Yeroo manatti ol seenan dubartootni warra dhiblee fi haguuggattee dhiirarraa kophaatti
adda bahanii walitti makamuun qorii dhiyaate sana waliin nyaatu. Warri dhiiraas akkuma duraan
walitti makamanii waliin nyaachaa turan ammas walumaan qorii dhiyaate sana nyaatu.

Yeroo kanas heerri ni lallabama. Heerri lallabamu tokko harka qoriitti keesse otuu ofiikee hin
nyaatiin isa si cinaa taa‟u afaan kaa‟i kan jedhu yoo ta‟u akkanaan heera jaarsi ambaa; “harka hin
dabsatiinii nyaadhun jedhaa heeraa muri!” jedha. Heerri lallabamu inni biraa immoo
dubartootaafi.

“Yeroo karaa deeman yoo jechaan wal tuqan irbuudhan jedhaa heeraa muri; yeroo karaatti walitti
dhufan dubbii ciigoo qabuun yoo walitti dubbatan irbuun torba fuula olii torba fuula gadii biraa
hin hafun jedhaa heeraa muri;” jechuun dubartoota sana gidduu waadaa/ kakuu kaa‟u.

Erga qoriin qophaa‟e nyaatamee xumurameen booda, warri namni irraa du‟es raada tokko
kennaniifii warri nama ajjeese goromsa sa‟aa fudhatanii galu. Raadni warri namni irraa du‟ee
kan kennamuuf gurbaa nama ajjeese sanaaf osoo hin taane obboleettii isaaf kennamti. Sababni
isaas: akka heera Oromoon ganama tumetti namni yoo wal ajjeese obboleettii gurbaa nama
ajjeesee obboleessa nama du‟e sanaaf kennu. Obboleessi namni irraa du‟e sun yoo fedhe
guyyuma sirni gumaa baasuu xumuramu sana intala sana fudhatee galuu danda‟a. Yoo barbaade
immoo beellamsiifatee fuudhuus inuma danda‟a. Kanaafuu, gaafa gosti wal ajjeese lachuu qe‟ee
warra nama ajjeeseetii ka‟anii gara mana warra nama du‟eetti yeroo deeman, obboleettiin nama
lubbuu namaa balleessees isaanuma wajjiin waan deemtuuf, haati nama du‟ee raada kennamtu
sana handhuurraa jettee obboleettii gurbaa nama ishee ajjeesee sanaaf goromsa iji ilaalu
kenniteefii geggeessiti.

Kaayyoon obboleettii gurbaa obboleessa nama du‟ee sanaaf kennuun akka hayyootni tokko
tokko jedhanitti dhaltee nama bakka isa du‟ee sana haa buustuuf, intalli kennamtu sun goota

19
garaa dhibbaatis ni jedhamti. Kana jechuun goota tokkoti du‟e goota/ dhiira dhaltee dhiiga gara
lachuu tokko akka taasistuuf, warra namni irraa du‟e sanaaf handhuura akka taatuuf, soddoomuuf
jedhameeti handhuurraa kennuufi. Akka aadaa Oromootti immoo namni yoo soddoome wal hin
ajjeesu waan ta‟eef, wal ajjeechaan akka dhaabbatuufi. Yeroo handhuurraan gama warra nama
du‟eetii obboleettii nama lubbuu namaa balleesseef kennamu haati intalaa dhaamsa “intalakoo
heera mana baalootiin narraa fuuta; jabeessii naaf guddisi!” jedhu dhaammatti. Heerri mana
baaloo heera adeemsa fuudhaa fi heerumaa eeggate, guduunfaa qabatanii gara warra intalaa
deemuun seera guutanii naqatanii/ ilaallatanii fuudhuudha. Kanaafuu, haati intalaa mucaakoo
heera guuttanii naqattanii fuudhuu qabdu jechuuf heera mana baalootiin narraa fuudhuu qabdu
jetti. Kanaafuu, akkuma gurbaa nama ajjeeserraa buqqee hadhooftuu cabsaniin obboleettii isaa
fidan dhaabanii irree intalaa qabanii heera lallabu. Heerri lallabamus “obboleessa sirraa ajjeesee
dhiira siif haa dhaltu!” jechuun obboleessa namni irraa du‟e sanatti kennu.

Akkuma walii galaatti, gumaan bilisa irratti xumurama. Gumaan bilisaa immoo horii/ sa‟aa irratti
osoo hin taane intala/ obboleettii gurbaa nama ajjeesee kan obboleessa nama du‟eef kennamtu
irratti xumurama jechuudha.

Akkuma mammaaksaan dubbii fidee dubbii fixu, Oromoon Harargee gosa afoolaa keessaa
mirrigatti gargaaramuun guduunfaa dubbii hiika; rakkoo fura; nama wal lolee lubbuu wal
balleessees walitti araarsee araaramuu isaa mirkaneeffata. Kanaafuu, gaafa xumura araaraa
Oromoo kun namoota/ gosa walitti bu‟ee lubbuu wal balleessee walitti araarame kana dubbii
garaatti akka hin hambifanne, gochi isaan duraan walirratti raawwatan sun hamaa ta‟uu isaa fi
sana yaadatanii lammaffaa hammeenya akka walitti hin yaadne, garaa akka waliif laafaniif, yoo
dhaban akka wal gargaaraniif, yoo dhukkubsatan immoo akka wal gaafataniif mirrigaan ergaa
waliif dabarsu. Mirrigni mirrigamus mirriga araaramuu isaanii ibsu qofa. Akkaataa armaan gadii
kanaan warri wal dhabe walitti araaramuu isaanii mirrigaan ibsatu.

 Birbirsa goobeeti jige dameen qaamatti hin hafne


Qeerransati Dhaddee qabee qoreen qaamatti hin hafne
Leencaati karkarroo qabee buukiin qaamatti hin hafne
Lammii keenyaati wal ta‟ee Oromoon waliif galee
Har‟a waa gammachuun nutti hin hafnee. ……………… hayyee
 Bari‟us haa bari‟u bariin maa hin taraaramne
Akka feetu siif ta‟ee yaboo lammiin maa hin araaramnee …….. hayyee
 Bobbaan Gaalaa wal bade gaalli garaan gununa

20
Bobbaan sa‟aa wal lolee korma garaan gununa
Bobbaan jaldoo wal lolee dhonga garaan gununa
Lammii waliif gaachanaati wal dhabe lammii Oromoo garaan gununa
Bobbaasee waliif galche lammiin waliin barbaade
Alaa galee walitti galee gununummaa baafate.
Lammiin waliin barbaade yaboo gununummaan raawwate. …….. hayyee
Egaa mirrigni olii kun kan ibsu ilma namaa qofa otuu hin taane beeyladootnii fi bineensotnillee
gaafa wal dhaban/ wal lolan haariin garaa isaanii keessa akka buluu fi haaloo akka walitti
qabatan ibsuu barbaadeeti.

Alaa galee walitti galee gununummaa baafate yeroo jedhu immoo, mirrigni kun ilma namaaf kan
mirrigame ta‟ee wal ta‟uu, walitti araaramuu, foon tokko waliin nyaatee damma waliin arraabee,
foon tokko ta‟ee walitti mi‟aayee aarii garaa keessaa waliif baafachuu hawaasichaa ibsuu
barbaadeeti. Ittuma fufee mirriga.

 Haroon Carcar guutamtee faradoon eessa dheeddi


Otuu lammiin waliif galee faradduun eessa seenti.
Hariiraan gala deemti gowwaan maaf karaarra dhaabbata
Wanti abbaan lakkise yaa Oromoo eenyuti nama gaafata
Yaaboo waatu nu jalaa bade
Sirni abbaa gadaa galuudhaaf tattaafata
Akka karaarraa hin maqneef yaaboo eenyuti nu wajjiin iyyaafata …… hayyee
 Gaara Dabbaal yaa gaara seenaa qabu
Kan har‟aan nu gaye rabbiin hamtuu nuuf hin qabu
Kan harmaan nu gaye yaaboo rabbiin hamtuu nuuf hin qabu
Hayyoota keenya hedduu
Warra lubbuun hin jirre yaaboo rabbiin jannatatti nuuf haa qabu
Warra lubbuun jiranis umurii isaanii dheeressee
Yaaboo rabbiin aangoorra nuuf haa qabu
Waaqni kufaa ol qabu yaaboo rabbiin quduraa nurraa haa qabu …………. Hayyee

21

You might also like