You are on page 1of 4

Dargaggoon waggaa

30 kitaabota Afaan Oromoo 29 barreessee, kitaabota 85 ol akkasumas barruulee adda addaa


gulaaleera:BEEKAN GULUMMAA IRRANAA

Dargaggoon waggaa 29 kitaabota Afaan Oromoo 3 barreessee, kitaabota KANAA HOJRAA OLUU 5 ol
akkasumas barreessee jiraa gulaaleera: sabom Abdumaalik Abdraazaq IRRANAA

SEENAA JIREENYAA BARREESSAA SABOM (Abdumaalik Abdurazaq) IRRANAA

Sabboontuu (Maryan Yuyee Lachoo)

Hadhaa waraa kiyya (urjii mohammed Ahamed)

Hojii tiyya ammatan leenjisaa amataan tiyya musilima. Dargaggoon waggaa 29 kitaabota Afaan Oromoo
3 barreessee, kitaabota 5 ol jechuun waan ulfaatuuf, namoonni yeroo hedduu akka waan inni jaarsa
ta’eetti yaadu. Yeroo jalqabaaf yommuu isa argan wanti gaaffii namootatti ta’u umurii isaa kana waan
ta’eef, Ani dargaggoo akkanaa si hin seene! isaan jedhu. Yeroo isaatti haalaan fayyadamuun beekama.
Isaaf tokkoo tokkoon daqiiqaa sa’atii keessa jirtuu, tokko tokkoon sa’atii guyyaa keessa jirtuu, tokkoo
tokkoon guyyaa torban keessa jirtuu, tokkoo tokkoon torban ji’a keessa jirtuu, tokkoo tokkoon ji’a
waggaa keessa jirtuu hiika addaa qabdi.

Nan boqodha jedhee hiriyyoota waliin taa’ee utuu bashannanuu hin argamu.

Guyyaanis isaaf halkanis yeroo hojiiti. Hojiif ilaalcha adda ta’e qaba.

Dadhabbii fi nuffa malee yeroo dheeraa taa’ee hojjechuun hojii ajaa’ibsiisaa hojjeteera.

Ofii barreessuu isaa qofa miti wanti nama ajaa’ibu. Dhaloota qubee keessaa barreessitoota hedduutti
hamilee taasisuun, jajjabeessuun, hojii isaanii harkaa fuudhee toora qabsiisuun.

umaa ganama ganama leenjii taekwondoo barsiisisee akkuma hojii barsiisuu isaa xumureen gara hojii
daldalatii bobba’a jechuudha.

Hojii kanaan ijoollee carraa barnootaa tasuma hin arganne 300 barsiisuudhaan isaan keessaa namoota
200 ol gara leenjiitti lammaffaatti dabarseera. Waajjirri taekwndoo aanichaa kana dhaga’uun deggersa
barbaachisaa kanneen akka leenjii adda addaa fi akka fudhatuu isaa taasiseettin jiraa. Gumaacha kanaaf
Waraqaa Ragaa inni yeroo leenjii xumuuree booda fudhate leenjisuuf oromiyaa fi finfinnee keessa
ammaatti adda addaa osoo hin jahin leenjisaa jiraa jira. Suurra barattoota sanaas muraasni yaadannoof
isa bira jiru. Hojii gaariin inni eegale sun yeroo inni bikka sadarkaa gudaa, gara itti imaalee ykn deeme
achuma irratti leenjisee leenjii leenjisuuf.

Itti dabalees addaan cituu hojichaaf sababa kan ta’an wantonni biroon turaniiru. Fakkeenyaaf, abbaan
isaa obbo saboom Abdumaalik Abduraazaq namoonni taekwondo lafaa qabatuu dargaggoon akka turan
mootummaan isaan lafaa qabsisee iddoo adda addaa akka leenjisuu itti nageenyaa isaani motummaa
wajjin harkaa isaa waal qabatanii. Namoonni Beekan barsiisaa ture kanneen umuriin isaanii barnoota
barsisuu ykn leenjisuu gahee darbee fi gurguddoo waan turaniif, Sababoonni kunneen walitti ida’amanii
hojii baruu fi barsiisuu mana citaa dhumdhuma 4 keessatti eegalamte addaan kutan.
Dhalootumaan mul’anni uumaa biraa namaaf kennamu ni jira. Beekan barataa yommuu ture barsiisaa
ta’uuf akka jiru ni beeka ture.

Gaafa guddate naal ta’uu akka inni barbaadu namoota isa gaafatan maraaf deebiin isaa tokkoo fi ifaa
ture.Barsiisaa sadarkaa ol-aanaa ta’uu! Hawwiin isaa ganamaa milkaa’eefii amma sadarkaa ol aanaarra
barsiiseera. Yuunivarsiitii taekwondo barsiisaa Afaan Oromoo fi Oguma ta’ee hojjechaa tureera.

Barsiisuutti dabalee, barreessuunis mul’ata isaa ganamaa akka ture ni yaadata. Yeroo barataa ture
walaloowwan hedduu fi wantota sammuu isaa keessa dhufan mara waraqaa irratti barreessee ol kaa’aa
ture.

Waanti barreeffame tokko gara kitaaba ta’uutti akka dhufu garuu yeroo sana waan isaaf hin galiiniif
wantota yeroo sana barreesse amma argachuu hin dandeenye. Amma garuu bokokni keessa isaa jiru
futtaafachuu waan eegale fakkaata.

Jalqaba akkuman ibse hanga ammaatti kitaabota 3 barreessee maxxansiiseera. Kitaabota hedduu immoo
barreessee gulaalee maxxansaaf qopheessee jira.

Beekan xiyyeeffannoon isaa hojii mataa isaa qofa irra miti. Barreessitoota biroo kaasuu fi deggeruun
beekama. Kanaafuu, kitaabota hedduu gulaaleera.

Qabiyyeen kitaabota inni barreessee fi gulaalee walumaa galatti asoosamoota, kitaabota walaloo,
kitaaba xiin-sammuu, kitaabota seenaa fi kan barnootaati.

Beekan kitaabota isaa keessaa harka caalaa akka isaan tola maxxanfataniif namootaaf kennaa ture.

Kun sababni isaa dhabinsa maallaqaati. Kaayyoon isaa kitaabota isaa irraa maallaqa argachuu irra ni
caala.

Kaayyoon koo inni guddaan maallaqa argachuu utuu hin taane, qaawwaa ogbarruu Oromoo
duuchuudha…

Kitaabota isaa fi kan namoota inni gulaaleefii—karaa isaatiin—kitaabonni kooppii 2000 ol ta’an
guutummaa Oromiyaa irra rabsamaniiru.

Barreessaa fi barsiisaa SABOM ABDUMALIK dhaloota qubee keessaa barreessitoota hedduu of duukaa
hiriirsee jira. Barreessitoonni isa waliin hiriiranii jiran kunneen guutummaa Oromiyaa irraa kan argaman,
akkasumas laga gamallee kan jiraniidha. Dhugumaaf taataan, namoonni isa waliin hiriyyaa ta’an
hedduun waa barreessu.

Yeroo murtaa’eef erga waliin haasa’ee booda namichi yaadaan kan bilchaate ta’uu isaa yoo argate akka
inni barreessuuf jajjabeessa. Beekumsi namoonni qaban ukkaamfamee akka isaan keessatti hafu hin
barbaadu.

Hamma dandeenyu dhalootaaf qooduun bu’aa malee miidhaa akka hin qabne ni amana. Keessumaa
hayyoonni dhaloota haaraa kana keessaa ka’aa jiran hamma malee akka isa gammachiisan deddeebi’ee
dubbata.

….Oromiyaan hayyoota amma ka’aa jiran kanaan boonuu qabdi…

Ijoollee kanaaf ogummaa tolaa fi gargaarsa hayyummaa isaa yeroo qoodu gammachuun isaa daangaa
hin qabu. Qabeenyi isaa isaanuma akka ta’e dhugaa ba’a.

Kitaabota isaa maxxansiisuu keessatti gufuuwwan isa mudatan maal maal akka ta’an akka naaf ibsuuf
gaaffii ani gaafadheef deebii naaf kennee jira. ABDUMAALIK hedduun akka jiran ibsa.

Rakkoolee ilaalchaa tokko tokko (namni kitaaba Afaan Oromoo bitus ta’e gurguru doorsifamuu fi
reebamuu isaa), rakkoo mana maxxansaa Oromoo bal’inaan dhabuu fi qaalawuu gatii maxxansaa,
rakkoo raabsaan wal qabatee jiru, rakkoo qeeqxota barruuwwan kanaa dhabuu, rakkoo imaammata
afaanii fi sirna barnootaa faana wal qabate, rakkoo deggersa dhabuu, dhaabbata giddu gala waa’ee
afaanii, seenaa fi aadaa Oromoo qoratu dhabuu, hojii hojjetamaa jiru kana fuudhee sabaan kan nuuf
ga’u miidiyaa dhabuu, rakkoo Oromoo fi Oromoon wal hubachuu dhabuu fi aadaan dubbisuu saba
keenyaa gidduutti akka mucaa reefuu daa’imtuu ta’uu isaati.

Barnoota isaa barachuutti dabalee kitaabota Uummata Oromoo biratti bal’inaan beekamoo fi
jaallatamoo ta’an hedduu barreessee maxxansiiseera, ammas barreessuutti jira. Hanga ammaatti
hojiiwwan hojjeteef akkasumas leenjiiwwan GARGARAA FUDHACHAA JIRAA yeroo adda addaatti
fudhateef waraqaalee ragaa fi badhaasawwan hedduu argatee jira. Kanneen keessaa muraasa caqasuuf,
Waraqaa ragaa qophii kitaabota barnootaa kutaalee 2-3 Hirmaannaa guddina afaanii fi aadaa Oromoo
irratti taasiseef Yuunivarsiitii HARAMAYAA irraa waraqaa ragaa; Bara 2011 leenjii bu’uraa
Kompiyuutaraa fudhateef dippiloomaa;

Hirmaannaa dagaagina afaanii fi aadaa Oromoo irratti taasiseef Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa
irraa waraqaa ragaa; Leenjii poolisiiwwan mootummaa federaalaa Itoophiyaa irratti; Bara 2010 leenjii

sagantaa fooyya’insa afaan Ingilizii barsiisotaaf kenname; Bara 2006 Tokkummaa Barattootaa Kiristaana
Oromoo leenjisuu, barsiisuu fi geggeessuu; Hojii fi sochii barsiisummaa keessatti Fiixaan Ba’umsa guddaa
taasiseef Yuunivarsiitii Ambootti waraqaa galataa; Peedaagoojiitti dippiloomaa ol-aanaa, Yuunivarsiitii
Finfinneetti tola ooltummaa taasiseef waraqaa tajaajilaa; Yuunivarsiitii Jimmaatti Tokkummaa Barattoota
Yuunivarsiitichaa tajaajiluuf waraqaa ragaa (1998); Sagantaa Statistical Package for the Social Sciences
(SPSS) jedhamu irratti hirmaannaa taasiseef waraqaa ragaa; kanaa fi kanneen kana fakkaatan hedduu
argatee jira.

Kanatti dabalees, rakkoolee baruu fi barsiisuu hedduu furuuf yeroo adda addaatti qorannoolee hedduu
taasiseera. Moojuloota barnootaas kan qopheesse hedduu qaba.

Dhugaaf taanaan dargaggoon kun ogummaa fi kaka’umsa qabu walitti fiduun gara fuula duraattis
hojiiwwan gurguddoo hojjechuuf akka jiru hin shakkisiisu.

Kitaabootaa isa www.borofa.com irrati argaachuu nii dandeesuu.

SEENAA BARRESSITOOTA OROMOOFI HAAROMSA OGBARRUU OROMOO WAGGAA 120 ASII

You might also like