You are on page 1of 4

Guyyaa 21/2/2016

Mana Murtii Ol’anaa Godinan Harargee Lixaatiif


Ciroo
Ol’iyyataan:- Obbo Abraahim Aadam Cifraa
Teessoon:- yeroof Mana Amala Sirreessaa Godina Harargee Lixaa
Deebii Kennaan:-Abbaa Alanggaa Godina Harargee Lixaa
Komiin kun Bu’ura Seera Dambbii Falmii Yakkaa Keewwata 189 jalatti tumameen
Murtiin Manni Murtii Aanaa Mi’eessoo dhaddacha gaafa 16/02/2016 ooleen murteesse
dogongora waan qabuuf akka naaf diigmu gaafachuuf komii dhihaateedha.
 Murtiin kan kenname Mana Murtii Aanaa Mi’eessootti
 Guyyaan Murtiin kenname gaafa 16/2/2016 ti
 Lakk.galmee Mana Murtii jalaa 14191
 Gaaragalchi galmee mana murtii jalaa fuulli 23 komii kanaan walqabatee jira
Falmii Mana Murtii jalaa gabaabinaan
Falmii kanaaf ka’uumsa kan tahe himannoon Abbaan Alanggaa Aanaa Mi’eessoo Galmeee
Abbaa Alanggaa Lakk.03977 taheen narratti dhiheesse yammuu tahu himannoon narratti
dhihaate gabaabumaan kan jadhu himatamaa mana murtii jalaa 2ffaa waliin tahuudhaan Seera
Yakkaa Keewwata 32(1) (A) fi 494(1) jalatti tumame bira darbuudhaan iddoo, guyyaa fi sa’atii
himata keesatti ibsametti kuusa qarss qabeenyummaan isaa kan miidhamttuu dhuunfaa Adde
Faaxumaa Yuusuf Mahaammad tahe tahe jadhee ittiyaaduudhaan ibidda ittiqabsiisee waan
gubeef qabeenya tilmaama 27,700 (kuma diigdamii torbaa fi dhibba torba ) baaasu waan gubee
barbadeessff yakka tumsaan qabeenya namaa irratti miidhaa qaqabsiisuutiin nahimatee ture.
Kanaan booda Manni murtii jalaatis himata dhihaate dhaddacha irratti erga naaf dubbiseen booda
yaada amantaa fi waakkii kiyya nagaafatee anis yakka kanan hin raawwatinn tahuu jacha
waakkii kiyya kennee kanaan booda manni Murtii jalaa raga Abbaa Alanggaa nama sadi
dhagahuudhaan keewwatuma jalatti himatamtte jalatti balleessa qabda jachuudhaan akkan of
irraa ittisu ajajee anis raga ittisaa nama sadi dhiheefachuudhaan nama lama ergan dhageesifadhe
booda Murtii balleessummaa fi adabbii narratti kennee ture. Haaluma kanaan Adabbii hidhaa
cimaa waggaa 1(tokko) fi ji’a 4(afur) tiin akkan adabamuuf murtii kennee jira. Anis murtiin
mana murtii jalaatiin kenname kun dogongora waan qabuuf komachuudhaan akka armaan gaditti
ol’iyyannoo kiyya dhiheefadheetan jira.
Qabxiiwwan Komii Kiyyaa akka naaf sirreeffaman gaafadhu
1. Himannoon yakkaa tokko raga Abbaa Alanggaatiin mirkanaawe kan jadhamuu fi
himatamaan balleessaa qaba jadhamuuf firiiwwan yakkaa keewwata himannoon jalatti
dhihaate jalatti tumaman fi firiiwwan gochaa himannoo keessatti raawwataman jadhamanii
dhihaatan tokko tokkoon isaanii ragaa Abbaa Alangaatiin mirkanaahuu akka qabu seeraan
ifatti tumamee jira. Haata’uu garuu galmee kana keesatti himannoon Abbaa Alanggaa narratti
dhihaate kan jadhu qaaraa bishingaa tilmaamni isaa himata keesatti ibsame kuusa lama ani
qarraadhaan ibbidda itti qabsiisee gubuu kiyyaa fi midhinggaan mataa baasee jiru kan kuusa
qaraa lamaan himata keesatti ibsame moggaa jiruu fi tilmaamaan kuntaala sadi (3) tahu
kuusa qaraatii wajjiin gubatee jiraachuu ragaan Abbaa Alanggaa mirkaneesee hin jiru.
Ragoota Abbaa Alanggaa Mana Murtii jalatti narratti dhihaataan keessaa ragaan 1ffaan nama
miidhamttuu dhuunfaa qaraan jalaa gubate jadhame yammuu taatu ragaan tun jacha mana
murtii jalatti kennite keesatti ol’iyyataa (himatamaa jalaa) anaa qarraa kishaa baafadhee
kuusa lamaanu gubu akka agartee fi erga ani ibiddaan gube booda daanddii irratti baatee
iyyitee konkolaataa karaa deemu dhaabsiftee ana qabsiiftee ture jacha raga yoo kennitu,
ragaan Abbaa Alanggaa 2ffaan ammoo guyyaa kam, iddoo kamitti akka tahe illee osoo hin
ibsin, qaraa kuusa tokko guyyaa tokko, qaraa kuusa tokko ammoo guyyaa biro akkan gube
dubbatee jira, ragaan abbaa Alanggaa 1ffaan jacha kennite keesatti raga Abbaa Alanggaa
2ffaatu anaa wajjiin jira yoo jattu ragaan kun ammoo ani guyyaa jadhametti qaraa kuusa
lachuu gubuu kiyyaa fi ragaan 1ffaan iyyitee daanddii irratti baatee konkolaataa
dhaabsisuudhaan ana qabsiisuu wanti dubbate hin jiru, inumaatuu ragaan A/A 2ffaan kun
qaraa kuusa tookko guyyaa tokko, qaraa kuusa tokko guyyaa biro gube jachuudhaan jachi
kenne kan raga A/A 1ffaatiin akka malee waallaa waliiti. Ragaan A/A manni kiyyaa fi lafti
miidhamttuu dhuunfaa walbira waan taheefan arge yammuu jadhu ragaan A/A 3ffaan ammoo
lafti miidhamttuu dhuunfaa fi manni nama biro akka waldaangesanii fi mana kana guban
jannee akka mana san eegaa turanitti jachi raga kenname faallaa waliiti. Kanamales ragoonni
A/A 2ffaa fii 3ffaan miidhamttuun yookaan ragaan A/A 1ffaan daanddii irratti baatee
konkolaataa karaa deemu iyyitee dhabsisuudhaan ana qabsiisuu ishee wanti dubbatan
tokkolleen hin jiru. Midhaan midhinggaan bara kanaa kan mataa baasee fi tilmaamaan kuusa
sadi tahu kuusa qaraa gubate jadhame cinaa jiru gubatuu isaatis ragoonni A/A wanti
mirkaneessan hin jiru. Keesumattuu kuusa qaraa bara darbee bishingaa bara kanaa kan
dheeratee mataa baase jidduu dhaabbatu anaa gubu akkamitti akka arganis ragaan hin
mirkanoofne. Akkuma beekkamu namni tokko qabeenyi isaa osoo inni achi jiruu nama
birotiin guyyaa osoo namni ijaan arguu kan jalaa gubu yoo tahe callisee nilaala jadhamee hin
tilmaamau. Miidhamttuu fi raggooni A/A lamaan anaa qaraa ishee gubu silaa ijaan arganii
jiraatanii battalumatti iyyanii nama dirmachiisanii ana qabsiisan ture. Kun ammoo hin taane.
Kanaafuu ragaan Abbaa Alanggaa sadeenuu kan sobaa qofa soo hin taane jachi isaanii kan
akka malee walitti bu’u waan taheef murtiin kana irratti hundaahee kenname akka kufaa
narraa tahun gaafadha.
2. Murtii balleessummaa ilaalchisee ragoota Abbaa Alanggaa Mana Murtii jalatti dhagahaman
nama sadi (3) keessaa ragaan 1ffaan Miidhamttuu dhuunfaa mataa ishee yammuu taatu jacha
raga ishee kenniteen qaraa kuusa lama (2) najalaa gube yammuu jattu ragaan ishee 2ffaan
ammoo qaraa kuusa tokko guyyaa tokko qaraa kuusa 2ffaa ammoo guyyaa biro gube
jachuudhaan jacha sobaa fi walitti bu’u kennanii jiran. Akasumas ragaan 1ffaan yeroo
ol’iyyataan qaraa gubu raga Abbaa Alanggaa 2ffaatu anaa wajjiin jira yammuu jattu ragaan
Abbaa Alanggaa 3ffaan ammoo bifa jacha raga 1ffaa kanaan walitti bu’uun akkuma bakka
san jirutti jachi raga kenne kan sobaa tahuu agarsiisa. Kana qofa osoo hin taane ragaan Abbaa
Alanggaa 2ffaa Mana Kiyyaa fi ooyiruu miidhamttuutu wal bira jira waan taheef isaa qaraa
gubu ija kiyyaan arge yammuu jadhu ragaan abbaa Alanggaa 3ffaan ammoo Mana nama
birootu bakka san jira waan taheef akka mana san hin gubneef achitti irraa eegaa turre
jachuudhaan jachi raga kenne hagam ragaan Abbaa Alanggaa sadeen jachi isaanii kan walitti
bu’u fi kan sobaa tahu agarsiisa. Kanaafuu galmeen galmee yakkaa waan taheefi sadarkaan
mirkaneessa falmii yakkaa shakkii sababaawaa ol mirkanaahuu waan qabuuf manni murtii
jalaa jacha raga sobaa fi ofii isaatiif walitti bu’u kana irratti hundaahee murtiin
balleessummaa narratti kenne sirrii miti.
3. Raga ittisaa kiyya ilaalchisee ragoonni ittisaa kiyya lamaanuu bifa walfakkaatuun guyyaa fi
sa’atii yakki itti raawatame jadhan kanatti ani isaanii fi maangguddoo ganddaa wajjiin
jaarsummaa obbolleessa kiyya du’ee akka gaaddisa turree fi erga maanggudddoon deeman
boodas meeshaalee maangguddoon araaraa cayaa itti seesee turrte akka waliin galchaa turre
kan mirkaneesanii fi iddoon qaraan miidhamttuu itti gubate jadhamee fi iddoon
maangguddummaan itti ta’ame jadhame wal irraa kan fagaatu tahuun mirkanaahee osoo
jiruu manni murtii jalaa jacha ragoota ittisaa kiyya himata dhihaatee fi jacha raga Abbaa
Alanggaa mana murtii jalatti dhagahaman faana sirritti osoo hin madaalin ragoonni ittisaa
sa’atii 9:00 duratti ol’iyyataan eeyisa akka ture hin beekan jachuudhaan raga ittisaa kiyya
kufaa taasisuun sirrii miti. Keesumattu sa’ati 8:00 yeroo yakki itti raawwatame jadhame san
keesatti akka jacha raga Abbaa Alanggaa 1ffaan jadhutti anaa qarraadhaan kuusa qaraa
miidhamttuu yookaan Ragaa A/Alanggaa gubu isheen ana argitee daanddii konkolaataa irratti
bahuudhaan iyyitee ana qabsiiftee kan jirtu yoo taate ani sa’atii 9:00 fi sanaan booda haala
kamiin maangguddoo araaraa wajjiin turuu akkan itti dandahe wanti mirkanaahe hin jiru.
Samni sa’atii 8 irratti isaa yakka raawwatu miidhamaan dhuunfaa argee daanddii konkolaataa
irratti bahee iyyuudhaan qabsiise tokko guyyuma san yeroo sa’atii tokko hin caalle keesatti
bakka namoonni hedduun itti walitti qabaman cayaa maangguddoo irratti argamuu hin
dandahu. Kanaafuu murtiin mana murtii jalaa madaallii raga guddaa kan qabuudha.
4. Adabbii ilaalchisee manni murtii jalaa ka’uumsa adabbii sadarkaa gadi aanaa waggaa 1 haga
waggaa 3 fi ji’a sadi adabsiisu qabachuudhaan adabbii ka’uumsaa garuu waggaa lama 92)
qabachuun isaa sirrii miti. Ani kanaan dura yakkaan himatamee kanan hin beeknee fi amala
gaarii qabaachuun kiyya kan tilmaamamu yoo tahe mannni murtii jalaa adabbii ka’uumsaa
isa gadi aanaa waggaa tokko qabachuudhaan sanaan boda adabbii narraa salphisuu qaba ture.
Kana qofa osoo hin taane abukaatoon itttisaa kiyya ani kanaan dura yakkaan himatamee
kanan hin beeknee fi qoteebulaa hin baratin hubannoo seeraa hin qabne, maatii guddaa kanan
bulchu tahuudhaan adabbiin akka narraa daanggeffamu gaafii naaf dhiheese manni murtii
jalaa sababa tokko malee kufaa taasisuudhaan hidhaa natti murteessuun siri miti.
Seerummaan gaafadhu
1. Manni Murtii kun komii kiyya kana seera roguma qabu faana naaf madaalee murtii mana
murtii jalaa kufaa narraa taasisee bilisaan akka nagaggeessun gaafadha.
2. Seerummaan lakkoofsa 1ffaa jalatti gaafadhe kan naaf hin murtoofne yoo tahe manni
murtii kun adabbii narraa salphisee murtiis narraa daanggessuudhaan dhaangaadhaan
akkan bahuuf akka naaf murteessun gaafadha.

You might also like