You are on page 1of 6

Lakk WPTF/15/2016

Guyyaa 21/03/2016

Qajeelcha Poolisii Too’ataa Fincila Reejimeentii 5ffaatti

Bobbii Humnaa 2ffaa hoojjatamee reejimeemtii 5ffaatiif

Jimmaa

Dhimmi:- Karooraa Fi Gabasaa Humna 2ffaan Hojjatamee Erguu Ilaala

Akkuma Armaan Oliitti Ibsamuuf Yaalamettui Gabaasaa Fi Karoora Humna 2ffaa


Hojjatame Akkaataa Gucoota Armaan Gatti Qindeessinee Waraqaa
Fuula_____________ Qabu Xalayaa Walqunnamsiistuu Kana Waliin
Walqabsiifnee Isnii Erguu Keenya Isin Beeksifna.

Nagaa Wajjin !!!


Seensa ( introduction )
Hojii poolisii keessa inni duraa yakki osoo him raawwatamiin ittisuu yoo ta'u ,kanarra darbee
yoo raawwatamee argamee qorachuun olaantummaa seera mirkaneessuudha.hojii nageenya
amansiisa fi itti fufiinsa qabu mirkaaneessuuf ergaa humni Kun bifa haaradhaan ijaaramee
kaasee Godinaalee hedduu keessatti jechuunis iddoowwan reejimeentiin keenya Akka hojii
oppireeshinii gaggeessuu fi hojii nageenya ummataa Akka mirkaaneessuu itti gaafatamummaan
itti kenname hunda keessatti miseensi keenya haala yeroo irratti hundaa'un Yakka raawwatamuuf
yaadame ittisuuf qindoominna qaamolee nageenya biroo fi eeru hawaasa keessa fudhachuun
Yakka yaadame fashaaleessuu fi ittisuun haala mijaata naannoo keessa jiraatutti hawaasni
yaaddoo fi sodaa nageenya tokko malee hojilee misoomaa irratti karaa itti fufiinsa qabuun Akka
bobba'u taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.akkasumas hojiiwwan humni Kun ergaa bifa
haaradhaan ijaaramee as hojjatame hojii boonsaadha.keessumaayyuu hojii finxaaleeyyiin
daangaa oromoo cabsanii seenuuf karoorfattee fashaaleessuufi qolachuun hojii boonsaafi
uummanni oromoo humna kanatti Akka amnuu fi abdatuu kan godheedha.kana malees karoora
hojii bara kana kurmaana 2ffaa kana milkeessuuf raawwii hojii bara kana kurmaana 1ffaa
keessatti hojjatame, irratti hanqinoota fi ciminoota raawwii hojii amansiisa Akka ta'uuf
olaantummaa seera mirkaaneessuuf kutannoo fi murannoo cimaadhaan oromiyaa dirree
misoomaa gochuuf bara 2016 kurmaana 1ffa caalaa kurmaana 2ffaa kana keessatti
xiyyeeffatamee kan hojjatamu ta'

Ergama (mission)
Humna poolisii gahuumsa qabu fi akkasumas aantummaa fi gartummaa ummataa qabuun
naamusa gaariin ummata hirmaachisee fi seera fi Heera biyyatti kabajjee kabachiisuun nageenya
itti fufiinsa qabu Akka mirkaana'uu taasisuu dha.

Mul'ata (Vision)
Bara 2016tti loltuu naamusa loltummaa isaa eeggatee gama hundaan ummata hirmaachisuudhaan
nageenya biyya keenya eege hojii misoomaaf gahee irraa eeggamuu bahu uumudha.

Duudhaalee
 Itti Gaafatamummaa.
 Iftoominna
 Olaantummaa heera fi seera kabajjee kabachiisuu
 Iccitii eeguu
 Kutannoon hojjachuu fi
 Hirmaachisummaa
Kaayyoo ( objective )
Hojiiwwan karoora bara 2016 kurmaana 1ffaa keessatti qabamanii osoo hin raawwatin hafaniif
hanqinoota mul'atan kurmaana 2ffaa kana keessatti raawwachuu dha.

Galma (Goal)
Hojiiwwan nageenya naannoo keenya keenya mirkaaneessuuf akkasumas naamusa miseensotaa
irratti hojiiwwan ijaarsaa miseensaatiif barbaachisan karaa itti fufiinsa qabuun hojjachuudhaan
humna keenya cimsuun bu'aawwan gama nageenya mirkaaneessuutiin nurraa eeggaman
qabatamaa dhaan argamsisuudhaan ummata bu'aa nageenya fi misoomaa irra fayyadamaa Akka
ta'u taasisuu dha.

Hojiiwwan kurmaana kanatti hojjatamuuf karoorfame

 Qajeelfama qaama olaanaan kennamu kutannoon fudhannee akkaata barbaachisun


hojiirra olchuu
 Carraa argameetti fayyadamnee diina hambisuu fi tarkanfii irratti fudhachuun.
 Hoggansa fi miseensa badii naamusa raawwatan hordofuun tarkanfii naamusa
madaalawaa ta'e fudhachuu fi ijaarsaa gochuuf
 Qindoominni hoggantoota jiddu jiru Isa duraa caalaatti daraan Akka cimuuf
tokkumma isaani irratti hojjachuu
 Hoggansa fi miseensa tokko tokko biratti badii naamusa mul'ataa ture,galtee
godhachuun irratti hojjachuu
 Caasaalee odeeffannoo akkaata bu'a qabeessummaa qabuun ijaaranne irratti hojjachuu
 Icciitii hojii keenya, akkasumas mana keenya eeguu irratti haala sirri ta'efi
barbaadamuun hojjachuu ykn eeggachuu
 Hordoffii fi hubannoo meeshaa waraanaa irratti yeroo yeroon kennu fi xiyyeeffannoo
kennufi
 Istaatiksii humna nama fi meeshaa waraanaa bifa sirri ta'en qabachuu fi yeroo
barbaadameetti Akka argannuuf haala sirri ta'en kuufachuu ykn riikoord gochuu
 Miseensa rakkoo hawaasummaa Wal qabatee giddu galeessa Akka hin kutneef gad
fageenyaan irratti hojjachuu fi rakkoo miseensa hatatamaan furufi akkasumas
miseensota Sababa dhibeen mana yaala jiran hordofuu fi deeggaruu

 Gulantaa miseensa fi irkanii miseensa fi guddinna miseensa ykn caasaa bifa


sirrita'enhojjachuu
 Ijaarsaa miseensa yeroo yeroon gochuu fi irrattis hojjachuu
 Madaalli miseensa fi raawwii hojii walii galaa hoggansa fi miseensaa sadarkeessuu
 Miseensa gootomsuu irratti gad fageenyaan hojjachuu
 Hojiiwwan oppireeshinii irratti hojjatamuu irratti ciminnii jiraatuus harcaati xixiqqoo
mul'atan dugugnee bifa nama gammachiisuufi bu'a qabeessummaa qabuun irratti
hojjachuu
 Hojii olaantummaa seera kabachiisuu Isa duraa caalaatti daraan cimsinee irratti
hojjachuu
 Seelii diinaa fi loojistikii diina irratti haala sirri ta'en hojjachuu fi adamsanii seeratti
dhiyeessu irratti kan duraa caalaatti irratti hojjachuu.
 Hoggansi kutannoodhaan lolee miseensa isas lolchisee injinnoo boonsa Akka
galmeessuuf irratti hojjachuu
 Sochii diina fi xinxallii diina beekuuf.jechuunis aanaa kam keessa Akka socho'u fi
meeshaa akkami hidhatee Akka socho'u baayinna isaani fi k k f irratti qaamolee
nageenya wajjiin qindoominnan hojjachuu
 Walirratti qabsa'uufi qabsoo gitaan Wal sirreessuu irratti hojjachuu
 Gabaasa yeroo isaa eeggatee fi qulqulluu ta'e gabaasuu fi dhiyeessu irratti gad
fageenyaan hojjachuu
 Hanqinoota Akka humnatti tanaan dura mul'ataa Turan cabsuu fi sirreessuuf irratti
hojjachuu
 Haala mijaata keessa jiraachuu baannus leenjii meeshaa garee miseensotaaf dabaree
dabareedhaan kennu fi gahoomsuu irratti hojjachuu
 Miseensa keenya miseensa Aantummaa fi gartummaa ummataa fi Heera
mootummaaf amanamaa ta'e Akka ta'uuf oolmaa Isa hordofuuf akkasumas hubannoo
adda addaa yeroo yerootti kennu
 Miseensa keenya haala naamusa poolisummaa eeggateen fakkeenyummaa qabuun
haala uffata seera ,rifeensa isaani akkaata danbiin isaanif hayyameetti Akka
sirreeffataniif irratti hojjachuu
 Miseensa keenya qaamolee hidhatanii oromiyaa keessa socho'anii fi akkasumas
cabsanii gara naannoo keenyatti seenuuf yaalan ofirraa qolachuufi tarkanfii
barbaachisaa ta'e irratti fudhachuu irratti kutannoo fi murannoo akka qabataniifi gad
fageenyaan irratti hojjachuu.
 Haala hojii walii galaa keessatti too'annoo fi hordoffii sirri yeroo yerootti taasisuu.
 Garaagarummaa saala ykn koorniyaa dhabamsiisu.
 Aadaa haroomsa miseensa barsiisuu.
 Jaalalaa biyyaa fi miilitarummaa miseensonni Akka qabataniifi barreeffamoota adda
addaa qopheessuun mariisisu.
 Miseensa badii ofirraa baratuu horachuu.
 Dandeetti ofitti miseensi Akka amanu taasisuu.
 Poolonii ykn lakkoofsa miseensa guyyaatti yeroo lama jechuunis ganama sa'a 2:30 tti
waree booda immoo sa'a 10:00 irratti taasisuu.
 Gantummaa hambisuuf kutannoodhaan irratti hojjachuu.
 Jajjabina qaaman kan Wal qabatu sochii qaama torbanitti guyyaa sadii (3) ganama
ganama gochuu.
Qabxii ijoo (mean points)
Qaamota hidhatanii ummataa keessa socho'anii fi miidhaa ummata irratti qaqqabsisaanif
nageenya ummataa booreessaniif ummata sodaa nageenya keessa galchan irratti tarkanfii
madaalawaa ta'e fudhachuu fi caasaa isaani diiguu fi seeratti dhiyeessuun olaantummaa seera
mirkaaneessuun nageenya naannoo oromiyaa amansiisa taasisuu.

Haala walii gala karoora hojiichaa


Karoora bara kana haala raawwii hojii Isa darbee keessatti hanqinnaa fi ciminna jiran addaan
baasun gara fuula duraatti hojii hojjatamuuf Isa duraa galtee godhachuun Isa itti fufuu qabu itti
fufsiisuudhaan kan sirreeffachaa deemun barbaachisaa dha.

Ciminoota Jiran
 Hojiiwwan olaantummaa seera mirkaaneessuuf hojiiwwan hojjataman gaariidha.
 Hojiiwwan oppireeshinii keessatti hoggansi dadhabe osoo jenne lolee miseensa
lolchisuu irratti haalli jiru gaariidha.
 Sakatta'iinsa adda addaa keessatti hojiiwwan hojjataman gaariidha.
 Hoggansi fi miseensi kutannoo tokko ta'en hojii hojjataman bu'aan argamee
boonsadha.
 Finxaaleeyii Amaara Daanga oromoo cabsuufi yaalamiifi kaayyoo isaanii Akka galma
hin geenye gochuuf hojiin hojjatame baay'ee kan nama gammachiisuudha.
 Dadhabbii fi nuffii tokko malee halkaniif guyyaa biyyaaf waardiyyaa dhaabbachuu fi
akkasumas aarsa barbaachisu kamiifuu of qopheessuutratti haalli jiru gaariidha.
 Hojiin daangaa kabachiisuu boonsaan hojjatama jiraachuusa.
 Ummataaf kabajaa guddaaf,ummanni Akka itti amanutti kutannoodhaan daangaasa
tiksuu fi diinaa haala barbaachisuun qolachuufi abdii kutaachiisu.
 Miseensota tokko tokko biratti gantummaan jiraatuus miseensi baay'een
kutannoodhaan biyyaaf aarsaa barbaachisuu kaafaluuf qophaa'a ta'u.
 Jajjabina qaamaa torbanitti guyyoota afur(4) ganamaa sa’aatii 11:00 – 12:30 fi
galgalaa sa’aatii 10:00 – 11:00 hojjatamaa jiraachuu isaa .
 Sakkata’iinsa meeshaaleen( hiikuu fi hidhii) walqabatee torbanitti guyyoota afur (4)
hojjatamaa jiraacghuu .
 Rasaasa laakikka’uu torbanitti guyyaa tokko(1).
 Qulqullina walii galaa torbanitti guyyoota lama(2) guyyaa roobii fi qidaamee
gaggeeffamaa jiraachuu.
 Polonii ganama sa’aatii 2:00 tti turban guutuu fi galgala sa’aatii 10:00 hordofamaa
jiraachuu .
 Oolmaan ilaalamaa jiraachuu isaa.
 Oolmaan Gaantaa torbanitti lama (2) akkasumas oolmaa humnaa torbanitti al
tokko(1).
Hanqinoota Ijoo Akka Walii Galaaatti Turan
 Miseensa tokko tokko biratti kaayyoo baheef dagatee gantummaan baay'achuu.
 Meeshaa waraanaa irratti hanqinni hubannoo jiraachuu isaa.
 Ijaarsaa miseensa irratti hanqinni xixiqqaan jiraachuu isaa.
 Wal irratti qabsa'uu irratti hanqinni ni mul'ataa.
 Miseensa fi hoggansa tokko tokko biratti rakkoon naamusa xixiqqaan ni mul'ataa.

0Meeshaa waraanaa irratti too'annoo fi hordoffii gochuu irratti hanqinni ni mul'ataa.


 Diina rukunnee hambisuu irratti hanqinni ni mul'ataa.
 Qajeelfama kennamu fudhannee akkaata barbaachisun hojiirra olchuu irratti hanqinni ni
mul'ataa.
 Xinxallaa diinaa gaggeessuu irratti hanqinni ni mul'ataa.
 Itti fayyadamaa reeshina goggogaa irratti hanqinni ni mul'ataa.
 Qulqullinna moora keessa jiraannu irratti hanqinni ni mul'ataa.
 Gabaasa yeroo isaa eeggatee qaama dhimmi ilaalatuuf gabaasuu irratti hanqinni ni
mul'ataa.walumaa galatti qabxiiwwan armaan olitti ibsamaniif hanqinoonni osoo hin ibsamne
hafanis Isa duraa galtee godhachuun fuula duraatti sirreessuun gara ciminaatti jijjiiruuf
karoora kurmaana kana keessatti qabannee jirra.
Yaada xumuraa
Biyyi keenya sochii daldalaas ta'e sochii misoomaaf haala barbaachisun itti fufsiisuudhaaf
nageenyi eleemeentii ijoodha.kana keessatti gaheen too'annoo fincilaa adda duree dha.kanaaf
hanqinoota raawwii hojii tanaan dura keessatti nu muudate sirreessuun ciminoota immoo haala
sirri ta'en itti fufsiisa gara fuula duraatti hojii keenya bu'aan isaa kan nama gammachiisu fi
boonsuu gochuu dirqama hunda keenyatti

Karoora keenya Akka galma ga'uuf hoggansa hanga miseensatti qindoominni fi kutannoon nu
keessa jiru barbaachisaa dha.

Dabalataanis karoora kana galma ga'uuf yaadoonni fi dubdeebin qaama olaanarraa raawwii hojii
keenya dura irratti hundaa'e nuuf kennamee fi yaadoonni Amma boodas nuuf kaafaman baay'ee

barbaachisaa dha.

Sadaasa 2016/2023

You might also like