You are on page 1of 3

POIM

HUNDUU ISUMAAN TA’E. yoh 1:3

Lafarras yoo ilaalte kan samii gubbaan olii

Har’as kan jiraachisu kan dhufuuf isa borii


Alaazaar du’ee ture gooftaasaa argee ka’e
Du’aa kan kaasus isaam hunduu isumaan ta’e.
Kan ijjisaa hin agarre bakkuma inni jiru
Dukkanaa gara ifaa inni namaaf jijjiiru
Jaamaaf ija kan laatu akka pheerxeemiyoosii
Gaabbiidhaan kan deebisu qulqulluu pheexiroosii
Hunduu isumaan ta’e lallabni phaawuloosii
Katabee kan barreesse ergaalee qoronxoosii
Hunduu isumaan ta’e kan kakuu duriif haaraa
Dhukkuba baraaf cubbuu dhiifamasaatiin maaraa
Addaamirraa eegalee hanga abiraamitti
Abiraamirraa kaasee hanga seera museetti
Seera museetii kaasee hanga yohaannisitti
Kakuu haaraaa keessattis bara wangeelaawwiiti
Hundumtuu isaan ta’ee kan isaan alaa hin jiru
Halkan guyyaan dabarsee baroota kan jijjiiru.
Hundaa kan jiraachisu qurxummii bishaan keessaa
Mixii kan isaan sooru bineensa akka jaldeessaa
Koochoon kan balali’an joobiraaf harraagessa
Hunduu uumama isaati duumessi samii keessa
Hunduu isumaan ta’e homaallee hin yaadda’iin
Karaa dhugaa argachuuf calliftee hin naanna’iin
Isa siif fannifame lal qaraani’oorratti
Fannoo issaa baadhuutii lapheekee gubbaarratti
Duubakee hin ilaaliin deemi fuuldurakeetti
Inni siif fannifame sin dagatu bakkeetti
akka hoolaa qalamuuf fannoora kan nuuf oole gologootaa bakkeetti
Hunduu isumaan ta’ee bilisa baanee jirra qaraani’oo gubbaatti

1|Page
POIM

Kan pheexiroos barreesse biyya filisxeemitti


Wangeela kan barsiise hanga qiisaariyaatti
Osoo homaa hin sodaatiin philiipoos fannifamee
Toomaas kan fannifame gogaansaa luqqifamee
Mormi isaa kan cite qulqulluun maatiyoosii
Dhakaadhaan reebamuudhaan warri akka isxifaanosii.
Bara raajicha musee bara abboota durii
Seexanni nu dhidhiitee kan nutti darbe furii
Missiraachoo lallabus raajichi eermiyaasii
Dubreen dubrummaan da’uu raajichi isaayyaasii
Raajichi sefaaniyaa,imbaaqoomiif milkiyaas
Macafni obaadiyaa,haagee fi zakaariyaas
Macaafni saamu’eeliif macaafni abboota firdii
Addaam bilisa hin baafne abboonniif raajonni hundi
Inni hundaa danda’u hunduus kan isaan ta’e
Bara baraan geeddaree gaafa yeroonsaa ga’e
Zeweredee jechuudhaan teessoosaa aariyaamiirraa
Dhalate nu fayyisuuf dubree maariyaamiirraa
Qiddisti qulqulleettii gooftaa waaqa jaalalaa
Kan namaarraatii addaa qulqullummaa amalaa
Mana sagadaa kankee holqa hattuu taasifne
Lubbuu keenya irraanfannee kan foonkeenyaa caalchifne
Gooftaa nut sitti boonyaa koottuu nu qulqulleessi
Dhakaacha laphee keenyaa jaalalaan burkuteessi
Qurxummii lamaaf buddeena shan kuma hedduu nyaachifta
Matsaaguu fayyisuudhaan siree isaa baachifta
Dhibeenkeenyas baay’eedha kan matsaaguu kan caale
Jibba hammeenyaan qabee kan xaxee nu sakaale
Arraba keenya hamaa kan lafee namaa cabsu
Soba basaasuu baree dhugaa karaarraa maqsu
Harka keenya isa jallaa summii namaaf qopheessu
Miilla keenya isa hamaa gara cubbuutti geessu

2|Page
POIM

Cubbuurraa nu deebisii amantaadhaan nu cimsii


Bineensi akka nun nyaanne manakeetti nu tiksii
Hundumtuu sumaatiin ta.e hundaas kan uume sidha
Gaafa sirraa adda baane nut kan daabiloosidha
Eessatti miliqneetu eessattis si dhokannaa
Eessa dhaquus barbaanneet eessattis si baqannaa
Atoo bakka dhoksaattis wanta hundaa argitaa
Hunduuwoo sumaan ta’ee eentu si’iin morkata
Osoo nut hin dubbatiin isa garaatti baannu
Jibbinsa hamaa sana isa sammuutti yaannu
Nuti kan dhoksaadhaan goonu si duratti muldhataa
Atoo hundasaa beektaa maaltu si’iin dhokataa
Hunduu isumaan ta’e homaallee hin yaadda’iin
Karaa dhugaa argachuuf calliftee hin naanna’iin
Isa siif fannifame laali qaraani’oorratti
Fannoo isaa baattadhu lapheekee gubbaarratti
Duubakee hin ilaaliin deemi fuuldurakeeti
Inni siif fannifame sin dagatu bakkeetti
Hunduu isumaan ta’ee isaa nuuf fannifameen qaraani’oo gubbaatti
Gaafan jooree jaawwaru na naanna’ee sammuunkoo
Gaafan boqonnaa dhabee taa’ee boo’u qofaakoo
Gaafa firoonni kankoo na gatee na baqatu
Gaafa hiriyaan kan koo hasaasee na hamatu
Hundumtuu si’iin ta’ee si qofaat nan dagatu
Anoo humna hin qabuu homaas of harkaa hin qabuu
Iddoon kufee dursitee sidha ol kan na qabu
Kaleessakoo yoon laalu qabsoo jireenyaa sana
Dursee kan na qaqqabe sidha gooftaa gaafsana
Nama irraanfatame yaadatamaa taasiftaa
Kan qurxummiin liqimse guyyaaf halkan saditti baqaqsiteet baasiftaa.
Hunduu si’umaan ta’ee kan du’es jiraachiftaa
Sabnikee hin beela’u maannaa gadi harcaaftee kuma hedduu nyaachiftaa.

3|Page

You might also like