You are on page 1of 7

FAARUU ADDAA

Dachaa Misir Keessaa

Kan nabaase humnikee gargaaree

Addanaan nagahee

har’ammoo nabraa dhibamaaree

Adaraa na gatiin nan dhiisiin waaqakoo

danda’eee hin adeemu kophaakoo

Abbaan ilmasaaf kan hin goone

Yaadasaa keessaas kan hin qabne

Naaf gooteettahoo wanta gaarii

Har’as adaraa nagargaari

Yoonan siqabaadhe hin dadhabu

Diinnikoos fiigee nan qaqqabu

Atis nadanda’i barakoo

Anis sin godhadha mootiikoo


1.As mitiim biiyyikoo fagoodha

Deemsi karaakootiis rakkoodha

Dadhabee akkan hafne karaatti

Naaf hidhi bilbila mantii

2.Tsiyoon amman galutti biyyakoo

Hin boqotu yaanni garaakoo

Yeroo hundaa garakeen ilaalaa

Biyya abdiikoon nagahi adaraa

3.Akka kaalebiif akka Iyyaasuu

Biyya aannaniif damma yaasuu

Anis isa kana hawwiinkoo

Maraanaataa koottu Yesuuskoo


UTUU AKKA YAADA NAMAATII…

Utuu akka yaada namaatiif

du’atuu natti murteeffama

Cubbuukoo hundumaa naaf dhiisee

nadhaabe kunoo tarree namaa

Gooftaankoo qubaa harka isaatiin

Gadi jedhee lafatti barreessee

Isa na’ariyachaa ture

Hadheessituukoo yellaasise

1.Jaalalleen kan akka Yesuuskoo


Barbaadee eessumatti argamaa
Cubbuudhaaf kan namaan ari’u
Olfuudhee baatee nama sima
Dadhabaa cubbuudhaan machaa’e
Uummanni du’aaf iyyaafatu
Balaa hamaa narraa qabbaneesse
Teessoon isaa ol jedhee haa mul’atu

2.Cubbuukeef du’uutu siif ta’a

jedhanii natti murteessani

Akka yaada isaaniitiifillee

Halaalaa hin galu naan jedhani

Waaqayyo taanaan gara namaa

Eenyutu aangessee namaabu’aa


Madaakoo waggaa kumaa caalaa

Jechisaa tokkittiin ni gahaa

3.Akkamiin faara natti tole

Yaannisaa eenyuunuu hin murtaa’uu

Gaarummaa anatti agarsiise

Garaankoo isa obsuu hin danda’u

Roorroo Alagaa narraa kutee

Ofitti qabee naguddisee

Maqaansaa ol naaf haa qabamu

Guddinasaan labsa guddisee

4.Fuulakoo dura deemaniitu

Waa’ee du’uukoo natti odeessu

Ijumasaaniitiin ilaalu

Gooftaankoo yommuunni barreessu

Waan jedhan isaan wallaalchise

Arraba narraa qabatanii

Gooftaakoo biraan nagahanii

Ofiisaanii booddeetti hafani


5. Durallee waa’ee baduukootii

Wal harkaa fuudhanii weeddisu

Waa’eekoof sagalee gammachuu

Gooftaan yommuu isaan dhageessisuu

Naasuu guddaan liqimfamanii

Dhaqnisaanii keessatti hadoode

Utuman dhaabadhuu badanii

Gooftaakoottan guddaa gammadee

Nan mana gooftaa ani akkan hin banne

Bineensicha hamaan akkan hin nyaatamne

Caakkaa guddaa keessa kophaakoo yoon deemu

Ati nawajjini garaankoo hin raafamu ….2

1.Gurguddoonniif beektonni waliin mariyatanii

Jiraat na awwaaluuf boolla naaf qotanii


Ati garuu yaa gooftaa eenyuttuu nan laattuu

Abbaa jaalalleekoo maqaan kee haa ulfaatuu

Maal Egaa Maal Jedhu?

4.Warri har’a beela’an bor hin quufu

Kanneen miidhamanis bor hin kolfu

Waaqayyo hin geeddarta bara hamtuu

Gadi qabdee tulloota of tuultuu

Aduu birmadummaa Finiinsitee

Gurmuu Cunqurfamaas ililchiiftee

Olol jedhu warri boquun cabe

Gooftaa si miti nama kan nu sobe…. Faaruu Addisuu isa haaraa


lakkoobsa 4ffaa irraati.

You might also like