You are on page 1of 8

Skip to content

Thu. Apr 6th, 2023 10:51:39 AM

Beresa Online Learning Platform for Learners

AFAAN OROMOO
Hima,Gaaleefi Ciroon maali?
AUG 22, 2022

HIMA
Kutaalee Himaa:
1.Gulummoo
2.Xumurtuu
Tajaajila Kennu irratti hundaa’uun immoo:
1.Hima Addeessaa
2. Hima Gaaffii
3. Hima Ajajaa
4. Hima Raajeffannoo
Seer-luga Afaan Oromoo irratti hundaa’uun immoo:
1. Hima Salphaa
2. Hima Dachaa
3. Hima Xaxamaa
4. Hima Dachaa Xaxamaa
HIMA
Hima jechuun jechootni walitti dhufuudhaan yaada guutuu fudhatama qabuu fi
qindaa’aa ta’ee ergaa guutuu kan dabarsuu danda’u yoo ta’ee fi dhumarratti sirna
tuqaaleetiin kan xumuramu yoo ta’eedha.
Himni yoo xiqqate Gulummoo(maqaa) fi xumurtuu kan ofkeessaa qabuu fi sirna
tuqaaleetiin kan xumuramu yoo ta’eedha.
Fkn
Gammadaan kaleessa.
➖hin xumuramne.
(Himaa miti)
Ani boru dhufeera.
➖fudhatama hin qabu.
(Himaa miti)
Kitaaba keessa irra.
➖Qindoomina hin qabu.
(Himaa miti)
Waraabessi yuuse.
✅Hima
Caaltuun Barsiiftuu cimtuudha.
✅Hima
Himoota armaan olii keesaatti:
Hima:
Waraabessi yuuse. Jedhu keessatti
Warabessi👉Gulummoo
yuuse👉xumura
(.) 👉mallattoo tuqaa(sirna tuqaaleeti)
Hima
Tolaan arba ajjeese. Jedhu keesaattti:
Tolaa 👉Gulummoo ykn maqaa
-n 👉dhamjecha maqatti maxxananii mathima agarsiisaniidha.
ajjeese👉xumura ta’a.
Hima
Hima tokko keessa yoo xiqqate Gulummoo ykn mathimni fi Xumurtuu jiraachuu akka qabu
beekamaadha.
Fkn: Tolaan leenca ajjeese.
Maqaan hima tokko keessatti Mathima tahee yommuu galu, Dhamjecha mathima ta’uusaa
agarsiisu ni maxxanfata.
Dhamjechootni Maqaatti maxxanuun mathima agarsiisan hedduudha.
Fkn: -ni, -n, -ti, -i
fa’a.
Hima armaan olii keessatti dhamjechi -n jedhu Maqaa Tolaa jedhutti Maxxanuun Jechi
Tolaan jedhu mathima akka ta’u taasiseera.
Kanaafuuf Tolaan Gulummoo ykn Mathima ta’a.
Kana ajjeese kan jedhu Xumurtuu ta’a jedhuudha.
Garuu Maqaalee sagalee dubbifamaa ‘n’ dhaan xumuraman hima keessatti mathima
ta’anii yommuu galan jijjiirama hin agarsiisan.
Fkn: Ilkaan ishee adiidha.
Ilkaan = gulummoo
adii = xumurtuudha.
Akksumas himoota tokko tokko keessatti Gulummoon ykn mathimni ifatti hin mul’atu.
Fkn: Fide.
Fide kan jedhu kun hima. As keessatti mathima beekuudhaaf gaafii ‘eenyu’ jedhu of
gaafachuu qabna.
Kanaafuu mathimni hima kanaa: ‘Inni’ kan jedhu ta’a.
Gosoota Himaa
Afaan Oromoo keessatti himni akkaataa tajaajila fi caasaa seerlugaa irratti
hundoofnee iddoo 2 tti hiruu dandeenya.
1. Tajaajila irratti hundaa’uun:
A) hima addeessaa
B) hima gaafii
C) hima ajajaa
D) hima raajifannoo
Jennee gargar baasuu dandeenya.
2. Akkaataa Caasaa Seerlugaatiin immo:
A) hima Salphaa
B) hima dachaa
C) hima xaxamaa
D) hima Dachaa Xaxamaa
Jennee ramaduu dandeenya.
Gosoota himaa ilaalla…
Tajaajila irratti hundaa’uun:
1. Hima Addeessaa ykn himaamsaa jedhamuun beekkama.
Innis ta’iinsa ykn jijjiirama wanta tokkoo ibsuuf kan nu fayyaduudha.
Fkn: Caaltuun barsiiftuu taate.
Barattootni daree jiru.
2. Hima Ajajaa: innis bifa ajajaatiin ergaa dabarsuuf gargaara.
Fkn: ka’ii mana cufi.
Yeroo barnootaa kabaji.
3. Hima Gaaffii(?): hima bifa gaaffiitiin waa’ee gulummoo ykn xumurtuu hima sana
keessa jiruu kan ibsuudha.
Fkn: Margaan yoom dhufe?
Ati yoom dhalatte?
4. Hima Raajefannoo(!)
Kunis hima waan tokko raajjeffachuuf ykn dinqisiifachuuf itti fayyadamnuu dha.
Fkn: Nan bade!
Yaa rabbi nu baasi!
AKKAATAA CAASAA SEER-LUGAATIIN IMMOO:
1. Hima Salphaa: Xumurtuu tokko qofa qabaatee, ergaa guutuu dabarsuu kan danda’u.
Fkn: Caalaan dhufe.
Tolaan gara mana barumsaa deeme.
2. Hima Dachaa:
Xumurtuu lamaa fi isaa ol qabaatee yaada lamaa fi isaa oli dabarsuu kan danda’uudha
.
Fkn: -Abdiisaan daree seenee bahe.
– Caalaan Oromiyaa jira, Caaltuun garuu Ameerikaa jirti.
3. Hima Xaxamaa: Ciroo dhaabbataa fi ciroo ofdanda’aa tokko tokko kan ofkeessaa
qabuudha.
Fkn: -yoo dhufuu baattellee, xalayaa naaf barreessi.
-Yoo Finfinnee demteef, meeshaa naa bitta.
4. Hima Dachaa Xaxamaa:
Innis ciroo of danda’aa tokkoo fi isaa ol of keessaa kan qabuudha.
Fkn: -yeroo deemtuu fi yeroo deebitus na dubbisii darbi.

GAALEE FI CIROO
Gaalee fi Cirooo
Gaalee: Garee jechootaa walitti Aanee dhufuun hojii tokko kan hojjatu yoo ta’u
XUMURA mataasaa kan hin qabneedha.
Ulaagaalee Gaaleen Guutuu qaban:
1. Miseensotni gaalee tokko ijaaran qaaama tokko ta’anii kan waliin socho’an ta’uu
qabu.
Fkn: Caalaan harree gurraatti bite..
As keessatti ‘harree gurraattii’ kan jedhu Akka seer-luga Afaan Oromootti wajjin
kan deemuu danda’uudha.
2. Miseensotni gaalee sana ijaaran bakka bu’aa tokkoon bakka bu’amuu danda’uu qabu.
Fkn: Caaltuun Xaafii adii bitte.
Caaltuu isuma bitte. Jechi ‘isuma’ jedhu xaafii adii bakka bu’e.
3. Miseensota Gaalee gidduu jechi biraa Galuu hin danda’u.
Fkn: Tolaan mana citaa ijaare isa jedhu keeasatti ‘mana citaa’ gidduu jechibiraa
galuu hin danda’u.
GOSOOTA Gaalee:
Galee Maqaa
Gaalee Xumuraa
Gaalee Maqibsii
Gaalee Xumibsii
Gaalee Durduubee….
Gosoota Gaalee, Gosoota Ciroo…
Kanatti Aansuun immoo..
GAREEWWAN JECHOOTAA
-MAQAA
-IBSA MAQAA
-IBSA XUMURAA
-XUMURA FI
– DURDUUBEE
Gosoota Gaalee:
1.Gaalee Maqaa
Gaalee tokko keessatti maqaan mataa ta’ee yoo galeedha.
Fkn: Gammachuun mana ijaara. Hima kana keessatti ‘mana ijaare’ kan jedhu Gaaleedha.
‘mana’ kan jedhu maqaa waan ta’eef Gaalee ‘mana ijaare’ jedhu keessatti jechi mana
jedhu maqaa waan ta’eef gaaleen kun Gaalee Maqaati.
2. Gaalee Xumuraa:
Gaalee sana keessatti jechi mataa ta’ee gale XUMURA yoo ta’e, gaaleen akkasii sun
Gaalee Xumuraa jennaani.
Fkn: Caalaan daabboo nyaate.
Himni kun iddoo lamatti adda bahuu danda’a. Gaalee Maqaa fi gaalee xumuraatti.
‘Caalaan’ kan jedhu gaalee Maqaati. ‘daabboo nyaate’ kan jedhu Gaalee xumuraati.
Gosoota Gaalee:
1.Gaalee Maqaa
Gaalee tokko keessatti maqaan mataa ta’ee yoo galeedha.
Fkn: Gammachuun mana ijaara. Hima kana keessatti ‘mana ijaare’ kan jedhu Gaaleedha.
‘mana’ kan jedhu maqaa waan ta’eef Gaalee ‘mana ijaare’ jedhu keessatti jechi mana
jedhu maqaa waan ta’eef gaaleen kun Gaalee Maqaati.
2. Gaalee Xumuraa:
Gaalee sana keessatti jechi mataa ta’ee gale XUMURA yoo ta’e, gaaleen akkasii sun
Gaalee Xumuraa jennaani.
Fkn: Caalaan daabboo nyaate.
Himni kun iddoo lamatti adda bahuu danda’a. Gaalee Maqaa fi gaalee xumuraatti.
‘Caalaan’ kan jedhu gaalee Maqaati. ‘daabboo nyaate’ kan jedhu Gaalee xumuraati. 3.
Gaalee Ibsa Maqaa ykn Maqibsii:
Gaaleen kun gaalee mataan gaalee sanaa maqibsa ta’eedha.
Fkn: Caalaan akkuma abbaa cimaadha.
‘akkuma abbaa cimaa’ kan jedhu gaalee maqibsiiti.
As keessatti ‘cimaa’ kan jedhu maqibsa. Akkuma abbaa kan jedhu sun immoo cimina
caalaa maal akka fakkaatu ibsuuf kan galeedha.
Kanaafuu: himni asii olii kana keessatti ‘akkuma abbaa cimaa’ kan jedhu gaalee
maqibsaati.
4. Gaalee Ibsa Xumuraa ykn xumibsi:
As keessatti ibsi xumuraa mataa gaalee sanaa ta’ee yoo argame.
Fkn: Caalaan har’a dhufe.
Hima kana keessatti ‘har’a’ inni jedhu xumibsa agarsiisa.
Kanaafuu, ‘har’a dhufe’ kan jedhu Gaalee xumuraa ta’ee mul’ata jechuudha.
5. Gaalee Durduubee
Hub: durduubee jechuun Maxxantuu maqaa tokko dura ykn booda galuun galumsa jecha
tokkoof haala mijeessaniidha.
Gaalee durduubee kan jennu: mataan gaalee sanaa durduubee yoo ta’eedha.
Fkn:Caalaan hatattamaan dhufe.
‘hatattamaan dhufe’ kan jedhu gaalee durduubeeti.
As keessatti ‘hatattamaan’ kan jedhu kan
hatattama +an addaan baha, ‘an’ kan jettu kun maxxantuudha. Kanaaf gaalee durduubee
gooti.
Ciroo….
Ciroon tuuta jechootaa irraa kan ijaaraman ta’ee ergaa guutuu dabarsuu kan danda’u
ykn hin dandeenyeedha.
Ciroon Mathimaa fi xumura mataasaa ni qaba.
Gosoota Ciroo:
1. Ciroo of danda’aa
2. Ciroo hirkataa.
Ciroo of danda’aa kan jennuun akka hima tokkootti Mathimaa fi xumura mataasaa
qabaachuun Yaada ykn ergaa guutuu ta’e kan qabuudha.
Fkn: Ibsaan ife.
Caalaan barataa cimaadha.
Kanaafuu ciroon of danda’aan hima ta’uu ni danda’a.
Ciroo Hirkataa: kunis kan of danda’ee hin dhaabanne yoo ta’u hiika ykn ergaa guutuu
ta’e dabarsuu hin danda’u.
Fkn: 1. yoo dheebotte,
2. Barumsi waan itti cimuuf,
3. Osoo akka garaa kootii,
Fi kkf
Ciroo
Ciroon tuuta jechootaa irraa ijaarama.
Ergaa guutuu dabarsuu ykn dhiisuu danda’a.
Mathima fi Xumura mataasaa ni qaba.
Ciroon ergaa guutuu dabarsuu danda’u Ciroo of danda’aa yoo ta’u
Kan ergaa guutuu hin dabarsine immoo Ciroo hirkataa jedhama.
Fkn: Fiigichaan dhufe.
Himni kun ergaa guutuu dabarsa. Gaafii eenyu jedhuuf ‘Inni/an’ kan jedhu ta’a.
Kanaafuu Ciroo of danda’aa ta’a.
Fkn biraa:
Barataa waan ta’eef, …
Himni kun hin xumuramne.
Gaafii eenyu jedhuuf ‘inni/an’ jechuu dandeenya. Garuu Maal ta’e kan jedhuu deebii
laachuu hin dandeenyu, hima rarra’ee hafeedha.
Kanaafuu ciroo Hirkataa jennaan.
Share this:
Click to share on Twitter (Opens in new window)Click to share on Facebook (Opens in
new window)Click to share on LinkedIn (Opens in new window)Click to share on
Pinterest (Opens in new window)Click to share on Telegram (Opens in new
window)Click to share on WhatsApp (Opens in new window)Click to share on Skype
(Opens in new window)

Like this:
Related
Sirna tuqaallee
Sirna Tuqaalee Sirni tuqaalee mallaattoolee garagaraa jechoota, himootaafi
gaaleewwan gidduutti fayyadamnudha. Isaanis Tuqaa (.) Qoodduu (,) Mallaattoo
gaaffii (?) Mallaattoo raajeffannoo (!) fi k.k.f Barreeffama keessatti sirna
tuqaalee kanneen bakka sirrii ta’etti fayyadamuun barbaachisaadha. Sirna tuqaa
sirriitti fayyadamuu dhiisuun hiika jijjiiruu ni danda’a waan ta’eef sirriitti itti
fayyadamuu qabna. Fayyidaa…

June 5, 2022
In "Afaan Oromoo"

Hima – Sentences
June 5, 2022
In "Others"

Qubee Afaan Oromoo


November 2, 2021
In "Afaan Oromoo"

Post navigation
Eebba Oromoo
Moggaasa maqaa Oromoo durii hanga ammaa

By Firaol Abdena

KANNEEN BIROOS
AFAAN OROMOO
Best Afaan Oromoo android application for students
JAN 13, 2023
AFAAN OROMOO
Afaan oromoo Phrases used in the classroom – Instruction and Comprehension
JAN 4, 2023
AFAAN OROMOO
Afaan Oromoo Phrases used in classroom student registering
JAN 4, 2023

Leave a Reply
Your email address will not be published. Required fields are marked *

Comment *

Name *

Email *
Website

Save my name, email, and website in this browser for the next time I comment.

MAXXANSA DHIHEENYA
As long as the road is right, you are not afraid of the long road
Wanti hundi ni darba
New job vacancy
Ancient names of Azania/Africa
Most interesting and usefull computer shortcuts
KUUSAAWWAN
March 2023
February 2023
January 2023
December 2022
September 2022
August 2022
July 2022
June 2022
May 2022
April 2022
November 2021
October 2021
GOSA GOSAA
Afaan Oromoo
Amanamummaa
Android
Baacoo
Bara haaraa
Bareedina
Beekumsa
Dogoggora
Fayyummaa
Gara-jabeessa
Gorsa
Hariiroo
Hiriyummaa
Ilaalcha
Jaalala
Jechoota dhugaa
Others
Scholarship
Seenaa
Technology
Walaloo
Xiinsammuu
Yeroo
GOSOOTA
Afaan Oromoo Android Barumsaa Beekumsa Gadaa Gorsa Haadha Harmee Hirriyaa Jaalala
Jireenya Miichuu Xiinsammuu
As long as the road is right, you are not afraid of the long road
Wanti hundi ni darba
New job vacancy
Ancient names of Azania/Africa
Most interesting and usefull computer shortcuts
MEE ILAALI
GORSA
As long as the road is right, you are not afraid of the long road
MAR 20, 2023
OTHERS
Wanti hundi ni darba
MAR 17, 2023
OTHERS
New job vacancy
FEB 22, 2023
BEEKUMSA
Ancient names of Azania/Africa
FEB 17, 2023
CATEGORIES
Afaan Oromoo
Amanamummaa
Android
Baacoo
Bara haaraa
Bareedina
Beekumsa
Dogoggora
Fayyummaa
Gara-jabeessa
Gorsa
Hariiroo
Hiriyummaa
Ilaalcha
Jaalala
Jechoota dhugaa
Others
Scholarship
Seenaa
Technology
Walaloo
Xiinsammuu
Yeroo
RECENT
As long as the road is right, you are not afraid of the long road March 20, 2023
Wanti hundi ni darba March 17, 2023
New job vacancy February 22, 2023
Ancient names of Azania/Africa February 17, 2023
Most interesting and usefull computer shortcuts February 14, 2023
Wish you happiness February 13, 2023
Cold Heart – Best Music January 30, 2023
Visit Western Oromia Nekemte January 27, 2023
Walaloo Jaalalaa hedduu argachuuf January 25, 2023
Nanjing Medical University Full scholarship application January 20, 2023
SouthEast University Scholarship Application January 17, 2023
Best Afaan Oromoo android application for students January 13, 2023
Oromoo Poems Android Application Never miss it January 13, 2023
Facebook Page
Youtube Channel
Love Letter
Oromoo Ortodooksii
Barumsa Oromoo Ortodooksii
Learn AFaan Oromoo
Kuusaa Walaloo
Android App Store

Galatoomaa!
Beresa Online Learning Platform for Learners

Proudly powered by Yoosaad | Theme designed: by Beresa Abebe.

Home

Xiinsammuu

Fayyummaa

Gorsa

Jaalala

Beekumsa

You might also like