You are on page 1of 72

1.1.

Yaadrimee Xinloogaa
 Saayinsiin Afaan hawaasaa qo‟atu xiinqooqa
hawaasumma (Sociolinguistics) jedhama.
 Qorannoo isaafis bu‟ura (ka‟umsa) kan ta‟an,
garaagarummaa dubbii afaanii jiraattoota
hawaasa tokkoo ykn naannoolee addaa addaa
afaan tokko dubbatan yoo ta‟u,
garaagarummaan sun garuu, waliigaltee
hawaasichaa kan danquu miti.
 Dubbattoonni afaan tokkoo yoo gadi
fageenyaan ilaalamee tokko tokkoon
isaaniiyyuu haala adda addaatiin afaanitti
gargaaramu.
Yaadrimee…
 Akkaataan dubbii garaa garaa namoonni
hedduun garee hawaasa tokko keessatti itti
gargaaraman looga (dialects) jedhamu.
 Loogni kunis saayinsiin ittiin qoratamu
xinlooga (dialectology) jedhama.
 Jechi looga (dialect) jedhu kun jalqaba kan
argames jecha laatinii „dialectus’ jedhu irraa
bara 1577 ture.
 Kaaafuu, Xiinlooga jechuun damee
xiinqooqa hawaasummaa ta‟ee
garaagarummaa afaan tokko keessatti
argamu kan qo‟atudha.
1.2.Maloota Adda Addummaan
Afaanii Ittin Qo’atamu.
 Maloonni kunneen hayyonni xinqooqa kan ittin
gargaaramaniifi akka qajeelfamaatti warra
fudhatamaniidha. Isaanis:
1.Maladhahuu (hyphotesis)
 yaadrimee xiinqooqaa ibsuu malee akka dirree
murtee dabarsaatti ilaaluu akka hin qabne kaasa.
 Hayyoonni afaanii kan taasisu qaban ykn
kaayyoon isaanii dubbii keessatti, akkaataa itti
gargaarama afaanii hawaasa naannoo tokkoo
addeessuu malee, murtee sirritti gargaaramuufi
dhiisuu isaanii dabarsuu miti (linguistics is a
descriptive rather than a prescriptive discipline).
Maloota…
2. Sadarkaalee afaanii ykn loogaa gara
garaatti gargaaramuu
o Sadarkaaleen kunneenis sadarkaa jechaa,
sagaleefi seerlugaatti ta‟uu malu.
o Namoonni waa‟ee saayinsii loogaa
hinbeekneefi hinbaranne garuu
garaagarummaa loogaa sadarkaalee adda
addaatti mul‟atu kana akka duubatti
hafootti, dadhabinaatti ykn dhibahumatti
fudhachuu nidanda‟u.
Maloota…
3. Mala afaanii hubachuufi ibsuurratti
xiyyeeffachuu
 xiyyeeffannoo dursaa barreessuu caalaa
dubbii afaaniif kennuudha.
 Sababni isaas, afaan barreeffame tokko
odeeffannoo qo‟annoo afaaniif bu‟a cimaa
qaban kan akka sagaleessuu
(pronounciation) waan hambisuuf akka
kan afaan dubbii hinmul‟isu waan ta‟eef.
Maloota…
4. Garaagarummaan loogaa dubbattoota
gidduu jiraachuu
 Kana jechuun hanga fedhe namoonni
afaan tokko akka qabaniitti ilaalamanillee
haalonni garaagarummaan akka jiraatu
dhiiban nijiru.
 Isaanis: garaagarummaa naannoofi garee
hawaasaati.
1.3.Hiika Afaaniifi loogaa
 Afaan maalii? Looga afaanii jechuun hoo?
 Ulaagaa maal maal gargaaramtee „x‟n
afaani; „y‟n ammoo looga afaaniiti jettee
murteessita?
 Garaagarummaan afaaniifi loogaa maal
jettee ibsita?
Afaaniifi Looga

 Afaaniifi looga adda baasanii ibsuun


walxaxaa akka ta‟e hayyoonni gara garaa
ibsaa turaniiru.
 Kanarraa ka‟uudhaan, ‟‟Afaaniifi looga
caalmatti akka addaan baasuun isaanitti cimu
kan taasise afaan looga, aadaafi bulchiinsa
garagaraa gidduu galeeffatee dubbatamuu
isaati.‟‟ (Haugen,1986:25)
 Haata‟u malee , haalota gadii sadaniin adda
baasanii ilaaluun akka danda‟amu kaa‟era.
Afaaniifi Looga

Isaanis:
1.Afaan yaada xiinqooqa tokkoofi isaa olii
kan ibsu yoo ta‟u, loogni garuu, yaada tokko
qofa kan ibsuudha.
2.Haalota hawaasummaafi siyaasa keessatti
lamaan isaaniiyyu afaan keessatti haala
walqixa ta‟een gargaaru isaaniitiin.
3. Seenduubee hawaassummaa afaaniifi
loogaa qo‟achuu.
Afaaniifi Looga
Fakkeenya afaanota addunyaa garagaraa
fudhannee yoo ilaalle:
 Hindiifi Hurduu Indiyaa keessatti
 sarbiyaafi koorishiyaa yugosilaaviyaa
keesatti
 Faantiifi tiwii lixa Afrikaa keessatti
 kachiwafi Ayimara Peeruu keeatti fi kkf ta‟u.
Isaan kanneen keessatti, kamtu afaan ykn looga
akka ta‟e adda baasuun baay‟ee ulfaataadha.
Afaaniifi Looga
 Gama birootiinis, hayyoonni Xinloogaa
hedduun hiika loogaa fudhatamaa ta‟e lafa
kaahuuf baay‟ee rakkachaa turan.
Sababni isaas, namoonni hedduun looga yoo
ibsan:
 Kan hin waaltofne
 Sadarkaa gadaanaa kan qabu
 Kan qotee bulaa
Afaaniifi Looga
 Kan dafqaan bulaafi
 Kan namoota kabajamoo hin taanee akka
ta‟etti ilaalu.(Chambers and Trudgill,
2004)
Walumaagalatti, afaan yaadrimee xinqooqaa
bal’aa kan of keessaa qabu yoo ta’u, loogni
ammoo, garaagarummaa afaan tokko
keessatti sababa haala teessuma lafaafi
hawaasummaan sadarkaa dhamsagaa hanga
seerlugaatti mul‟atuudha.
Looga
A) Looga sadarkaa dhamsagaa: akkaataa
dubbii garee hawaasa tokkoo irratti kan
xiyyeeffateedha.
 Fkn A/O, Keessa- looga Arsii
Keecha- looga Tuulamaa
Keeysa- looga Ittuufi Humbaanaa
Ottee- looga Arsii
Okkotee- looga Maccaa
Oytee Oromoo- looga Ittuufi
Humbaanaa
Looga
B) Looga Sadarkaa Jechaa:
garaagarummaa jechoota afaan tokko
keessatti hawaasa afaan tokko dubbatuun
mul‟atu, kan yaadrimee tokko bakka
bu‟uudha.
Fkn A/O
 Bukkee- maddii – qarqara
 Buuphaa, hanqaaquu, okokkaa, killee
 Baroo, mishaa, dansaa, gaarii
Looga
C) Looga Sadarkaa Seerlugaa/himaatti:
loogni sadarkaa seerlugaattis uumamuu danda’a.
 Haata’uu malee, Afaan Oromoo keessatti
garaagarummaan sadarkaa kanatti ifatti
mul’atuu baatus, fakkeenyota kutaalee
Oromiyaa gara garaa fudhannee ilaaluu ni
dandeenya.
Fkn, Baha Oromiyaatti maxxantuun ni-
eeyentaa, hin- ammoo hindheentaa
agarsiisti.
 Ni deema------- hin deemu.
Looga
 Giddu gala Oromiyaatti ammoo hin-
tajaajila lachuu agarsiisa.
Fkn. hin deema----- hin deemu
 Gama biraatiinis, xumura ta‟uumsaa ‘dha’
ilaalchisuunis garaagarummaan seerlugaa
yoo uumamu ni mul‟ata.
Fkn. Inni nama. (G/g/Oromiyaa)
Inni namadha. (Lixa Oromiyaa)
1.4. Ulaagaa Loogummaa

 Garaagarummaan afaaniifi looga jidduu


jiru salphatti ifa ta‟e kan mul‟atu miti.
 Haata‟uu malee, murteessuuf rakkisaa
ta‟us, yoo xiqqaate haalota sadan yeroo
baay‟ee wal morman gadiirratti
hundaa‟uun waa‟ee loogaa hubachuun
nidanda‟ama.
 Isaanis:
A. Walhubachuu danda’uu
dubbattoota lamaanii
 Kunis, dubbattoonni lamaan unka afaanii
lamaan dubbatan ykn afaan tokko akkaataa
gara garaan dubbatan walhubachuu ni
danda‟uu?
 Yoo wal hubachuu hindanda‟an ta‟e, yoo
xiqqaate akka yaada hayyoota afaaniitti
afaanota garaagaraa lama jedhamu.
Ulaagaa…
Fkn. Afaanota addunyaa keessaa Afaan
Jarman, Hoolaand (Dachii) fi Ingilizii, Afaan
Oromoo, Amaaraa,Tigireefi kanbiroo ta‟uu
nimaalu.
 afaanota kanneen keessa dubbattoonni lama
osoo walitti dubbatanii walhubachuu dhiisuu
malu.
 Yoo garaagarummaan afaanota lamaanii
rakkoo walii galtee salphaa qofa kan uumu
ta‟e, afaanota kanneen akka loogatti
fudhachuun nidanda‟ama.
Ulaagaa…
 Kanaaf, akka fakkeenyaatti fudhachuun
kan danda‟amu Afaan Ingilizii biyyoota
garaagaraa Biriiteen, Awustiraaliyaa,
Ameerikaa English fi Indiyaa(English of
India) hundi isaanii loogaalee Afaan
Ingiliziiti.
 Kan loogota A/O‟s akkasuma.
B. Yaada dubbattootaa
Inni kun yaada dubbattootni afaan dubbatan
sanaaf qaban jechuudha.
 Hawaasni afaan tokko dubbatu afaanicha kan
ilaalan akka waaltwaatti moo
hinwaaltofneetti ykn akka lachuu
(hinwaaltofnettis waaltawaattis)?
 Fkn, afaan Ingilizii naannoo(biyyoota)
adda adda Ameerikaa yoo ilaalle
dubbattoonni gara kibba Ameerikaa isa
hinwaaltofne akka gargaaramanitti amananii
yaadu.
Ulaagaa…
 Gama biraatiinis, afaanonni (loogni) afaan
tokkoo dubbattoonni sirritti ittin waliif
galuu osooma danda‟anii fedhii siyaasa
guutuuf qofa, yeroon akka afaan
garaagaraatti fudhatamuu danda‟an nijira.
Fkn. Afaan warra saboota serbiyaafi
kirooshiyaa biyya yugoslaaviyaa durii
fudhachuun nidanda‟ama.
C. Sadarkaa Afaanichi Siyaasa
Biyyichaa Keessatti Qabu
 As keessatti gaaffii „abbaan aangoo
biyyichaa looga afaan tokkoo akka afaan
tokkotti moo afaan garagaraatti ilaaluu
barbaada?‟jedhutu ka‟a.
 Haala bu‟aa siyaasaa irratti hundaa‟uun,
afaanonni walitti dhufeenya homaa
hinqabne akka loogaatti, loogaaleen afaan
tokkoo immoo akka afaan garagaraatti
akka hubataman yeroon itti taasifaman ni
jira.
Ulaagaa…
Fkn, yeroo mootummaa Raashiyaa duriitti
afaanonni warra Yuukireeniifi Raashiyaa akka
loogaatti fudhatamanii, dubbattoonni Raashiyaa
immoo Raashiyaa guddoo ta‟uun beekamu.
 Loogaaleen lama kan ittin dubbattoonni lama
wal hubachuu danda‟aniifi sadarkaa
ogbarruu walgitanirra jiran looga afaan
tokkoo jenna.
 Loogaaleen dubbattoonni ittin wal hubachuu
hindandeenye garuu, looga osoo hinta‟in
afaanota garaagaraa lama jedhamu.
1.5.Bifoota Loogaa

A). Looga Naannoo(Regional Dialects)


 Afaan tokko naannoo bal‟aa garagaraatti
dubbatamuufi naannoo sanneenitti yeroo
dheeraaf dubbatamaa kanture ta‟uun isaa,
garaagarummaan looga akka uumamu
taasisa.
 Garaa garummaan loogaalee kanaas kan
mul‟atan, gama caasaalee afaanichaa
kanneen akka sagaleessuu(pronounciation),
filannoofi unkalee jechootaafi himaatiin.
Looga naannoo
 Hawaasuma afaan tokkoon dubbatu keessatti,
naannoodhaa naannootti akkuma deemteen looga
garaa garaa afaan tokko keessa jiru argaa deemta.
 Garaagarummaan loogaa(afaanii ) haala kanaan
argamu looga naannoo (regional dialect) jedhama.
 Loogaalee kanneen gosaan ykn teesuma lafaan
adda baasuun kaa‟uun nidanda‟ama.
 Looga teesumaa jechuunis, faca‟insa looga afaan
tokkoo ta‟ee, kanneen walfakkaatan haala teesuma
lafasaa kaartaan bakka tokkotti mul‟isu danda‟uu
jechuudha.
Looga naannoo
Fkn, hayyuuleen teessuma lafaa (geographers)
yaada kanaaf deebii kennuuf haala mijeessuuf
yaalaniiru.
 Kunis, Afaan Ingilizii kessatti loogaalee
argaman haala teessumaan qooduuf yaalaniiru.
 Loogaalee afaan tokko kessa jiran daangaan
isaan keessatti dubbataman, teessumaan addaan
baasuuf sarara loogaa (Isoglosses) gargaaramu.
 Bakki nuti ittiin loogaalee afaan tokkoo
teessumaan daangaa taasifnee itti fudhannu
daangaa loogaa (dialect boundary) jedhamuun
beekama.
Looga naannoo
 Haata‟u malee, hayyootaaf haala kanaan
loogaalee afaan tokko keessa jiran isa tokko
isa biroo irraa teessumaan addaan baasuun
daangeessuun salphaamatti kan rawwatamu
miti.
 Sababni isaas, loogaafi haala dubbii (accent)
addaan baasuun ulfaataa waan ta‟eefidha.
 Kunis, haalli dubbii looguma naannoo tokko
keessatti adda adda ta‟ee argamuu nidanda‟a
waan ta‟eef.
B.Looga Hawaasaa
(Social Dialects)
 Looga gareewwan ykn kutaalee hawaasa tokkoo
giddutti mul‟atuudha.
 Garee hawaasaa kan jennus, hawaasaa hojiidhaan
(ogummaan), bakka jireenyaan, sadarkaa
barumsaan, haaraa ykn moofaa ta‟uun, galiin,
umriin, gosaafi aadaan, amantiifi kanbiroon adda
qoodame ta‟uu danda‟a.
 Isaan kanneen keessaa loogaaleen bal‟inaan
mul‟atan kan looga kutaalee hawaasaa,
amantiifi sabaa ta‟anii, akkuma loogni naannoo
teessuma lafaarratti hundaa‟u, kan hawaasummaa
kunis gareewwan hawaasaafi kutaalee olii irratti
kan hundaa‟u dha.
1.6. Waliigaltee gamlamee
(Mutual Intelligibility)
 Yeroo baay‟ee loogaafi afaan addaan baasuun
ulfaataa ta‟ee mul‟ata.
 Kan ulfaatuufis ulaagaan ifa ta‟e kan afaaniifi
looga adda baasuun murteessuu rakkisaa
ta‟uusaati.
 Loogni tuuta xiqqaa afaanii (sub parts of a
language) ta‟ee, kan ittiin afaan tokko afaan kan
biroo irraa adda ba‟uudha.
 Haata‟u malee, haala kanaan adda baasuunis
quubsaa hinta‟u.
 Sababnisaas, afaanonni garagaraa dubbattoota
gamlachuun hubatamu danda‟an jiraachuu
isaaniiti.
Waliigaltee…
 Rakkoon ulaagaa waliigaltee gamlamee
immoo dubbattoonni afaanuma tokko
dubbatan loogaan adda waan ta‟aniif
gamlamaanii wal hubachuu dadhabuudha.
 Fkn,looga Afaan Oromoo yoo ilaalle
dubbataan naannoo shawaa ykn wallaggaa
tokko looga booranaa (Gujii) hedduu isaa
hubachuu dhabuu danda‟a.
Waliigaltee…
 Waliigalteen gamlamee gama dubbattoota
lamaan walqixa ta‟uu dhiisuu nidanda‟a.
 Kanas kan jedhamu danda‟u gareen tokko
garee kan biraa caalaatti hubachuu nidanda‟a
jedhameeti.
 Fakkeenyaaf, biyya keenya keessatti
ummanni Oromoo hanga ummanni Amaaraa
Afaan Oromoo hubachuu danda‟u caalaatti
baay‟inaan Afaan Amaara hubachuu
nidanda‟a.
Waliigaltee…
 Ummata Tigireefi Amaaraa walbira
qabnee yoo ilaaluuf yaalle garuu, akka
walii galaatti ummata Tigiree caalaa warra
Amaaraatu caalaatti Afaan Oromoo
hubachuu danda‟a.
 Kunis ta‟uu kan danda‟eef, carraa
Afaanicha shaakaluu argachuudhabuufi
walitti dhiyeenya teessuma lafaatiin kan
ka‟eedha.
Waliigaltee…
Gama biraatiinis, gamlamaan wal
hubaachuun kan argamuu danda‟u:
 carraa dhageeffattoonni afaan biroof
qaban (Listeners degree of exposure to the
other language)
 sadarkaa barumsaa (degree of education)fi
 baruuf fedhii qabaachuun (their
willingness to understand)isaan ijoodha.
Waliigaltee…
 Akka qorannoon Afrikaa keessatti
geggeeffame tokko mul‟isuutti, yoo sabni
„A‟ tokko afaan saba biroo „B‟ baruuf
gaaffi dhiyeessu, sabni „B‟n immoo afaan
saba „A‟ baruu akka hinbarbaanne mul‟isa.
 Kunis kan ta‟uu dandaa‟eef, sabni „A‟
garee bal‟aafi humna qabu waan ta‟eef,
gareen (sabni Bn) immoo faallaa isaa
waan ta‟eef garee „A‟ kanaan liqimfamuu
jibuudhaan mormii dhiyeessa jechuudha.
1.7. Afaan,Loogaa fi Loqoda
 Jecha afaan jedhu kanaaf hiikni kennamuuf
tooftaadhaan malee hiika tokko citee
kaawwameef sababoota garaa garaatiin kan
ka‟e kennuun rakkisaadha.
 Afaan, jechoota garagaraa yaadota gara
garaan waamamani of keessatti kan
hammatuufi tuuta loogotaati.
 Loqodaafi looga of keessaa qaba.
Fkn.Afaan: Afaan Oromoo, A/Amaaraa,
A/sidaamaafi A/Gede‟oo.
Afaan,Loogaa fi Loqoda

 Looga: jechuun immoo garaagarummaa afaan


tokko keessatti sababa haala teessuma lafaafi
hawaasummaan sadarkaa dhamjechaa, jechaafi
seerlugaatti mul‟atuudha.
Fkn, looga Afaan Oromoo: Looga maccaa, tuulamaa,
Ituu, fi kkf.
 Loqoda: akkaataa sagaleessuu (Pronounciation)
afaanii sadarkaa dhuunfaa ykn sadarkaa gareetti
mul‟atuudha.
Fkn, sagalee olkaasuu, gadi buusuu , qal‟isuu,
furdisuu, wacuu, asaasuu, dheeressuufi gabaabsuu
dubbataa .
Afaan,Loogaa fi Loqoda
Loqodaafi loogni adda addummaas tokkummaas
niqabaatu.
 Lamaan isaaniiyyuu afaan tokko keessattis afaan
garaagaraa keessattis niargamu.
 Amala afaan kamuu keessatti nimul‟atu.
Garaa garummaan isaanii :
 Sadarkaa caasaa afaanii ittin mul‟ataniif baay‟ina
dubbataa hammataniin.
 Kunis loqodni sadarkaa sagaleessuu
(pronounciation) ta‟ee, sagalee olkaasuufi gadi
buusuun yommuu ta‟u, kunis kan mul‟atu
sadarkaa dubbataa dhuunfaatti ykn gareettidha.
Afaan,Loogaa fi Loqoda
 Loogni garuu, sadarkaa sagaleessuu
kaasee hamma himaatti kan hammattu
ta‟e, yeroo kamuu garee dubbattoota
hawaasaan kan mul‟atudha.
 Afaan, loogaafi loqodas wanti
walfakkeessu isaan hunduu hawaasaaf
tajaajila qixa ta‟e kennuu isaaniiti.
1.8. Gosoota Looga Afaan Oromoo
 Afaan Oromoo afaanota gurguddoo Itoophiyaa,
Afrikaa biyyoota kanneen akka keeniyaafi
Somaliyaa keessatti dubbataman keessaa isa
tokkodha.
 Haata‟uu malee, loogota Afaan Oromoo irratti
qorannoon ifa ta‟e loogni Afaan Oromoo hangana
jedhamee kaa‟ame hin jiru.
 Hojiin jalqabaa looga Afaan Oromoo irratti
hojjatame bara 1956 kitaaba, “The Non-Bantu
Languages of North-Eastern Africa”jedhu kan
hayyoota Tucker and Bryan Yunivarsiitii Oxford
keessatti maxxansiifameedha.
Gosoota…
 Akka hayyoota kanneeniitti loogni A/O
bakka shanitti qoodama. Isaanis:
A) Macca- Lixa Itoophiyaa, lixa laga Gibee
irraa hanga daangaa Suudaan
B) Tuulama- baha laga Gibee hanga Shawaa
C) Ituufi Arsii- lafa baddaa carcariifi laga
Awaashii gidduu jiru, sulula Laga Waabee
Shebeleefi teessuma laga Gannaalee olaanuu
D) Boorana- Kibba haroowwan Itoophiyaafi
kaaba bulchiinsa Keeniyaa uwwisa.
Gosoota…
E) Waardii- kaaba Keeniyaa hanga daangaa
Itoophiyaatti kan siquudha.
Akkka hayyoota kanaatti loogni A/O:
 Looga Maccaa-Wallagga, Jimmaa,
Iluubaaboor
 Looga Tuulamaa- Shawaa, Walloo
 Looga Ituufi Arsii- Harar, Arsii, Baale
 Looga Booranaa- Boorana
 Looga Waardii- Keeniyaa
Gosoota…
Qoqqooddiin biraa Beender, Mulugeetaafi
Stiinsan kan qoqqodaniidha. Kunis:
 Looga Maccaa
 Looga Tuulamaa
 Looga Walloo
 Looga Raayyaa
 Looga Arsii
 Looga Harar
 Looga Gujiifi
 Looga Booranaa jechuun qoodanii kaa‟u.
Gosoota…
 Qoodiinsi inni biroonis, Gragg (1982 : 12-13)
kan qoode yoo tahu, akka qoodiinsa kanaatti afaan
oromoo Toophiyaa keessatti dubbatamu naannoo
loogotaa Afurti qoodama. Isaanis:
1. Looga dhihaa (Wallaggaa, Jimmaa, Iluu‟baaboor)
2. Looga Jiddu galeessaa(Shawaa),
3. Looga Bahaa(Harargee) fi
4. Looga Kibbaa (Arsii Baalee, Gujii fi Boorana)
 Qoodiinsa kana keessatti Walloofi Raayya keessaa
hafanii jiru.
Gosoota…
 Afaan Oromoo Keeniyaa keessatti
dubbatamu immoo hayyuun Heine
(1981:15) naannoo loogota lamaatti akka
qoodamu ibsee jira. Isaanis:
1ffaa Afaan Oromoo jiddu galeessatiifi
2ffaa Afaan Oromoo Xaanaa akka tahan
addeessa.
Gosoota…
 Hayyuun biraa Lioret jedhamu immoo
bal‟isee qooduun Looga A/O bakka
lamatti kaa‟a.
Looga Bahaa- Harar, Arsii, Booranaa,
Gabraa, Ormaafi Waata
Looga Lixaa- Raayyaa, Baatee, Maccaafi
Tuulama
Gosoota…
 Gama biraatiinis, Kabbadaan (2005)
loogonni Afaan Oromoo shan akka tahan
yaada dhiheessa.
1) Gabraa, Ormaa, Arsii, Booranaa(keeniyaafi
Toophiyaa Keessatti Kan dubbatamu)
2) Tuulamaafi Macca
3) Raayya
4) Harargee Fi
5) Baatee dha.
Gosoota…
 Bantii (2008) immoo afaan oromoo Toophiyaa
keessatti dubbatamu naannoo loogotaa 6tti qoodee
jira. Isaanis
1. Afaan oromoo kaabaa (Baateefi Raayyaa)
2. Afaan Oromoo Dhihaa (Macca)
3. Afaan Oromoo Baddaa Shawaa(Tuulama)
4. Afaaan Oromoo Bahaa (Harargee)
5. Afaan Oromoo Jiddu galeessaa(Arsii, Gujii) fi
6. Afaan Oromoo Kibbaa(Boorana)
 Gosootni looga A/O hamma ammaatti
tarreeffaman haala teessuma lafaa irratti kan
hundaa‟aniidha.
1.9. Loogaafi Kutaa Hawaasaa
 Kutaalee hawaasaa keessatti gareewwan adda
addaa keessaa dhiiraafi dhalaa , dargaggeessa
ga‟eessa irraa addaan baasuun salphaa yommuu
ta‟u, hawaasdiinagdee gareewwan kanneenii
afaaniin addaan baasuun beekuun garuu hanga
tokko rakkisaadha.
 Kun yeroo baayyee akka hayyoonni xiinqooqa
hawaasummaa gargaaramanitti kan danda‟amu
kanneen akka hojii , sadarkaa barnootaa, galii,
mana jireenyaa, haala jireenya isaanii (life styles)
fi kkf isaanuma gaafachuun kan beekamu ta‟uu
isaati.
Kutaalee…
 Gareewwan hawaasdiinagdee kaa‟uudhaaf
hojjettoota olii ( upper working class )
jennee haala deebii isaan kennaniin
ramaduun kaa‟uu nidandeenya.
 Yeroo baayyee haala kanaan sadarkaa
kennuudhaaf sadarkaa hojii isaaniitiif
bakka guddatu kennamaaf.
 Akkasumas yeroo tokko tokko galiinis
hanga tokko ni ilaalama.
Kutaalee…
 Haala sadarkaa hawaasaa Afaan Oromoo
keessatti bal‟inaan mul‟atan keessaa
fakkeenyaaf, jecha poolisii jedhu yoo
fudhanne namoonni baratan poolisii jechuun
sagaleessuu danda‟u.
 Namoonni hinbaratiin yookiin baadiyyaa
jiraatan immoo “ foolisii “ jechuu nidanda‟u.
 Haala sagaleessuu isaanii kanarraa ka‟uun
garee hawaasa kamitti qooduu (ramaduu)
akka qabnu hubachuun nama hinrakkisu.
Loogaafi Sabummaa
 Gareen dubbataan tokko keessaa dhufe afaan
inni gargaaramu irratti dhiibbaa qaba.
 Kana jechuun, looga namni tokko dubbatu
irraa ka‟uun garee ykn saba kam keessaa
akka dhufe addaan baasuun ni danda‟ama.
 Haala kanaaf, qorannoo hayyoonni
adduunyaa xiinqooqa hawaasummaa walitti
dhufeenya afaanota Afaan Ingiliizii
Afrikaanota Amerikaafi Afaan Ingilizii warra
Awurooppaa Amarikaanotaa gidduu jiru
taasisan ragaadha.
Loogaafi Sabummaa
 Biyya keenya keessatti akkaataa
fayyadama afaan Amaaraa saboota gara
garaa ilaaluun ni danda‟ama.
 Akkaataa saboonni gara garaa Afaan
Oromoo itti dubbatan.
 Fkn, jecha dhuge jedhu
Warri Amaaraa- duge
Warri Kambaataa- xuge jechuun
waamu
Loogaafi Umrii
 Garaagarummaan afaanii umriin uumamu
namni tokko umriin dabaluun, jijjiiramuufi
guddina mul‟isuun ta‟uu danda‟a.
 Akka hayyootni xinhawaasaa jedhanitti
hawaasni umriin hundaa‟ame ijoollee,
dargaggeeyyiifi ga‟eessota jedhamuun
qoodama.
 Ijoolleen jechoota dargaggeeyyiifi
ga‟eessonni fayyadaman tokko tokko quba
hin qaban.
…umrii
 Ijoolleen akkaatuma guddataa deemaniin
jechoota duraanii dagachaa kanneen biroo
barachaa deemu.
 Dargaggeeyyiin jechoota jaalalaafi
saalqunnamtiin walqabatan yoo
fayyadaman, ga‟eessotni ammoo waa‟ee
biyyaa, maatii, diinagdeefi nageenyaan
walqabatan fayyadamu.
Loogaafi Saala
 Saala irratti hundaa‟uun haalli fayyadama afaanii
garaagarummaa uuma.
 Akka hayyootni xinloogaa jedhanitti dhiirri yeroo
dubbatu baay‟ee afaan addaan waan hin banneef
dubbachiiftuu gidduu bay‟inaan fayyadama.
 Dubartoonni ammoo yeroo haasa‟an baay‟ee
afaan addaan banu waan ta‟eef dubbachiistota
oleefi gadee bal‟inaan fayyadamu.
 Warri dhiiraa haasawa alidilee yoo fayyadamu,
dubartoonni ammoo haasawa idilee irratti cichuu
baay‟isu.
Sababa Saalaatiin Afaan Keessatti
Garaagarummaan Maaliif Umama?
a) hirmaannaan hawaasaa hedduun warra
dhiiraan waan walqabatuuf dubbiin hedduun
warra dhiiraa bakka bu‟a.
b) dubartoonni carraa ala bahanii taphachuu
heddu waan hin arganneef dhiibbaan
hiriyyootaa akka kan warra dhiiraa miti.
 Kanaaf, dubartoonni akkaataa idilee
fayyadamuu baay‟isu.
c) dubartoonni jechoota qaanii, safuufi arrabsoo
akka warra dhiiraatti hin fayyadaman.

d) hawaasa keessatti warri dhiiraa jajjaboo,
seeraan kan hin bulle, rakkisoo akka ta‟an
yommuu barbaadamu, warri dubartii
ajajamtuu, laaftuu, kan akka warri jedhetti
kan bultu akka taatutu eeggama.
1.10. Afaan Nam-uumee
(Man-made Language)
 Wantoota ilmaan namootaa addunyaa ofii
isaanii itti ijaaruuf itti fayyadaman keessa
tokko afaani.
 Kana jechuun ammoo, afaan mataan isaa
nam-tolcheedha.
 Haata‟u malee, namoonni dubartootaaf
falman (feminists) afaan ilaalcha isaanii akka
bakka bu‟uuf itti fufee akka jiraatu gochuufi
afaan faayidaa dhiirotaaf jecha dhiirotaan
uumame jedhu.
 Kanaaf, addunyaa kana keessatti dubartoonni
akka hir‟uufi dadhabaatti ibsamu jedhu.

 Fakkeenyaaf, walitti dhufeenya dhiiraafi dubartii
keessatti dhiira akka dubartiitti ibsuun namni sun
dadhabaa jedhama; jibbamaa akka ta‟etti ilaalama.
 Dubartii akka dhiiraatti ibsuun immoo akka
jabinaafi ciminaatti ilaalama.
 Jechootni walitti hidhaman kanneen akka
“haadhaa “ fi “ abbaa “ hiika adda addaa qabu.
 Yoo “haadhummaan” kunuunsuu waliin
walqabatu “abbummaan” immoo ga‟ee baayolojii
abbaan mucaa akka dhalatu godhe waliin
walqabatee jira.

 Biyyoota hedduu keessatti daa‟imni tokko maqaa
abbaatiin malee kan haadhaatiin hinbeekamtu.
 Dubartootas ta‟ee dhiironni maqaa abbaa isaanii
dhaalu.
 Kana malees, biyyoota tokko tokkotti dubartiin
heerumte maqaa abbaa manaa isheetiin waamamti.
 Kun ammoo dhiirri maqaa dhaabbataa akka qabaatu
yommuu taasisu dubartiin hamma heerumtuutti maqaa
abbaatiin erga heerumtee booda ammoo abba
manaatiin akka waamamtu taasisa.
 Haalonni kunneen, afaan haala itti fayyadama
dhiirotaaf qofa mijaa‟ee kan uumamefi dhiirotaan kan
uumame akka ta‟e nutti mul‟isu.
1.11. Afaan, Looga, Hawaasaafi
Jireenya Hawaasummaa
 Afaaniifi hawaasa jidduu walitti
dhufeenya jirurratti yaadota garaagaraatu
jiru.
1. Inni tokkoffaa, caasaan hawaasichaa haala
yookiin caasaa afaanichaa murteessuu isaati.
Fkn, raawwilee umrii irratti hundaa‟an
kanneen ijoolleen, dargaggoota
xixiqqoorraa, dargaggoota gurguddoorraafi
namoota gurguddoorraa (adults) afaaniifi
raawwii addaa kan gargaaramu.

2. Walitti dhufeenyi hawaasaafi afaanii inni
lammaffaan, walitti dhufeenya caasaan
xiinqooqaafi amalli isaa yommuu caasaa
hawaasichaa murteessu ykn dhiibbaa irran ga‟u
jechuudha.
3. Walitti dhufeenyi inni sadaffaan,
gamlachiinuu dhiibbaan jiraachuu
(bidirectional influence).
 Yaada kanaaf, fakkeenya tokko ta‟uu kan
danda‟u tokko dhiibbaa isaan karaa loogaan (
dialectical ) wal irratti qaban ta‟uus
….
 Walitti dhufeenyi afaaniifi hawaasaa nuti
hubannu sababa (casuaal) dhaabbataa
waliif ta‟uu dhiisuu nidanda‟u jechuudha.
4. Walitti dhufeenyi isaanii inni afraffaan
caasaa afaaniitii.
 Caasaan hawaasaafi caasaan afaanii
walitti dhufeenya homaa hinqaban;
lamaan isaaniiyyu kan ofdanda‟aniidha
kan jedhudha.
1.15. Afaan Pijiniifi Kiriyoolii
(Pidgins & Creols)
 Afaanoota addunyaa kanarratti
dubbataman keessaa kanneen bal‟inaan
hin beekamneefi yeroo muraasa
tuttuqamaniifi lammiiwwan addunyaa
gara garaa ittiin waliigalan Afaan Piijiniifi
kiriyoolii jedhamu.
 Afaanonni kun akkuma afaanota
addunyaa kan biroo durii calqabanii kan
jiran yoo ta‟ellee waa‟een isaanii
bal‟inaan kan beekame miti.
…Kiroolii
 Kan isaan qoratamu calqabanis yeroo
dhihoo keessadha. Sababni isaa, akka
afaan bu‟aa hinqabneefi saba xiqqaatti
waan fudhatamaniifidha.
 Kana malees, akka afaanota biroo haala
xiinqooqaan qoratamuuf mija‟ina ta‟e
akka hinqabnetti fudhatamaa turan.
…Kiroolii
 Afaanonni kunneen kan dagataman ilaalcha
dubbattoonni isaanii ofiifi afaanota isaaniif qaban
irrraa kan maddedha.
 Afaanonni kunneen amma fedhe namoota
miliyoonaan lakkaawwaman waliif kan galchu yoo
ta‟eyyuu sanyii ykn seenduubee isaaniitti waan
hingammadneef ilaalcha gaarii hinqabaniif ture.
 Haata‟u malee, baroota dhihoo keessa ilaalchonni olii
kun jijjiiramanii xiyyeeffannoon kennameefii
hayyoonni xiinqooqa afaanota kana qorachuuf fedhii
horataniiru.
 Akkuma afaanota guutuu kan biroo dirree xiinqooqa
hawaasummaa jalatti qorachuun eegalame.
…kiroolii
 Afaan pijiniifi kiriyoolii kan uumaman fedhii
namoonni afaan garaa garaa dubbatan tooftaa
ittiin walii galtee uumuuf jedhanii kan
uumaniidha.
 Tooftaan akkanaa kun immoo „Afaan Makoo‟
„Lingua Franca‘ jedhama.
 Maxxansi dhimma barnoota afaanii irratti Paaris
kessatti bara 1953 „UNESCO‟oon maxxanfame
(War.1992 50) irratti akka jedhutti , “ Linguaa
Firaankaa jechuun afaan dubbattoonni hedduun
ittin walii galuuf amaleeffatan afaan dhaloota
isaanii gara garaa ta‟anidha “ jedha.
…kiroolii
Samarin‟ (1968:661, War 1992; 56) keessatti
afaanonni kun afur kan ta‟anti jiru jedha. Isaanis:
A) Afaan daldalaa (Fkn, Afaan hawusaa Lixa
Afirikaafi Kiswaahilii Baha Afirikaa keessatti)
B) Afaan walqunnamtii ( a contact languuage ) Fkn.
Kooyine, Giriik bara durii
C) Afaan addunyaa – Fkn, Afaan Ingilizii addunyaa
guutuu keessatti akka afaan jalqabaa, lammaffaafi
alaatti addunyaa irrratti kan baratamudha.
D) Afaan bu‟aa addaa (auxiliary language) Afaan
ingilizii bu‟uraa (basic English for special purpose)
ykn ta‟uu danda‟u.
…kiroolii
 Afaan pijinii jechuun afaan dubbataa dhalataa
hinqabne ykn afaan walii galtee garuu, afaan
tokkoffaa dubbataa kamiille kan hintaane
jechuudha.
 Afaan pijinii kun bu‟aa afheddummmaan
babal‟ate keessatti namoonni afaan garaa garaa
irraa dhufan afaan ittiin waliif galuu danda‟an
filachuun yookiin qopheeffachuun ittiin walii
galuu jechuudha.
 Afaan kun yommuu qophaa‟utti jijjiiramni
salphaan seerluga, jechootaafi dhamjechoota
garaa garaa irratti ni taasifamu.
 Akkasumas jechoonni nannoo (local words) garaa
garaa itti ni dabalamu.
…kiroolii
 Adeemsa afaan Pijinii kana qopheessuuf yoo
xiqqaate afaanonni sadi keessatti hirmaachuu
qabu.
 Sadan keessa tokko kan baay‟inaan huwwisu
(dominant) ta‟a.
 Kana ta‟uu yoo baate afaanota lama qofa yoo
ta‟e wal‟aansoon ol‟aantummaaf taasifamu
ifaafi cimaa ta‟uu danda‟a. Fakkeenyaaf ,
akka afaanonni addunyaa gurguddoon lama
afaan Ingiliziifi Faransaayii naannoo baroota
1966 A. L.A keessa turan jedhama.
…kiroolii
 Faallaa pijiniitiin afaan kiriyoolii afaan
dubbattoota dhalootaa haaraa jechuudha.
 Akka Wardhaugh (1986:59) hiiketti , “ In
contrast to a pidgin, a creole often defined as
a pidgin that has become the first language in
almost every sense. A creole has a native
speakers. “
 Yaada kanarraa kan hubatamu afaan
kiriyoolii jechuun afaanuma pijinii sadarkaa
afaan dhalootaatti guddate yookiin afaan
dubbattoota afaan ittiin hiikkatan qabu
ta‟eedha.

You might also like