You are on page 1of 54

BOQONNAA TOKKO: JECHAAFI GAALEE

1. JECHAAFI GAALEE

1.1. Jecha

1.1.1 Maalummaa Jechaa

Beektonni jecha haala addaatiin hiikanii jiru. Kanneen keessaa hiika Addunyaa (2010:105) irratti
kennamee jiru kan armaan gadii ta’a.

“Jechi qindeeffama dhamsagootaa, birsagootaafi dhamjechootaa kan unkaalee hiika tokkoofi isaa
ol qabaniin dhiyaachuu danda’uufi afaan tokko keessatti of danda’ee dhaabbatudha.” jedha.

Beektonni biroo ammoo “Jechi sagalee dubbii seeraan qindaa’ee hiika qabudha” jechuun hiikanii
jiru. Unatuu (2009).

Haasaanis ta’e barreeffamni sagaleeleedhaan ijaarama. Sagaleeleen qofaasaaniitti hiika hin


qabaatan. Jechuunis ofdanda’anii ergaa hindabarsan. Kanaaf hiika akka qabaataniif seeraan
qindeeffamuu qabu. Seeraan qindeeffamuun kunis seera afaanichaa kan hordofe ta’uu qaba.

Kanatti dabaluun maalummaa jechaa ilaalchisee hiika Mitikkuufaadhaan (1992) kenname yoo
ilaalle: Jecha jechuun:

 Walitti dhufeenya sagaleedhaan kan uumamu,


 Hiika tokkoofi isaa ol qabaachuu kan danda’u,
 Unkaan isaa unkaawwan xixiqqaa hiika qabanitti mummuramuu kan danda’u,
 Hiika qabaachuuf unka yookaan qaama biraatti kan hinmaxxanne yookaan kan hinhirkanne
ta’uufi
 Garee jechootaatti kan ramadamuu danda’udha. Jechuun ibsanii jiru.

1.1.2. Amaloota Jechaa.

Wantoonni biyya lafaa kanarra jiran amala mataasaanii akkuma qaban jechis amala mataasaa ni
qabaata. Amaloota kanneen keessaa muraasa fudhannee haala armaan gadiitiin haa ilaallu.

1
(A) Jechi bakka bu’aadha.

Jechi bakka bu’aa waan tokkoodha. Waa’ee dhimma kanaa ilaalchisee Unatuu (2009) haala
kanaan gadiitiin ibsee jira. “Jechi bakka bu’aa wantoota sammuu keenyaa ala jiraniidha.”

Fakkeenyaaf Namni Afaan Oromoo beeku tokko jecha “Farda” jedhu wayita dhaga’u horii manaa,
horii kottee, Oromoo biratti baay’ee jaallatamaa kan ta’eefi akka “taankii” ammaatti gara dirree
waraanaa dhaquuf itti fayyadamaa turantu itti mul’ata. Oromoon horii kana jecha”Farda” jedhuun
bakka buufatee jira. Fardi/horiin sun/ sammuu keenyaa ala yoo jiraatu jechi”farda” jedhu ammoo
sammuu keenya keessa jira.

Jechi waan sammuu namaatii alaa waan ijaan arginu waan harkaan tuquu dandeenyu qofaa osoo
hin ta’in kan hinmul’anne, kan yaada qofaan beeknus bakka bu’uu danda’a.

Jechi bakka bu’aadha wayita jennu bakka bu’aa yaadaa yookaan waan tokkoo ta’uusaafi jechi sun
kan mataasaa kan hinta’in waan biraa bakka bu’uun kan tajaajilu ta’uusaati.

Fakkeenya Jecha “Gabatee gurraacha” jedhu fudhannee yoo ilaalle, kan roga afur qabu, manneen
barnootaa keessatti teessoo barataa fuula duratti fannifamee kan argamu, kan barsiisaan yaadannoo
barbaachisaa barataaf irratti boronqiidhaan barreessu, kanneen jedhan ibsuuf kan bakka bu’u
ilaallata. Jechi “Gabatee gurraacha” jedhu ofiisaatiin (jechuunis akka jechaatti) ibsa armaan olii
hinmul’isu. Kanaaf jechi kun bakka bu’aa jedhama. Haaluma kanaan jechi kun bakkaafi yeroo
meeshaan sun hinjirretti bakka bu’ee ibsuuf tajaajila. Kana jechuun waa’ee meeshaa kanaa
dubbachuudhaaf dirqama meeshaan sun qaamaan argamuu hinqabaatu. Adeemsa kana keessatti
wanti hubatamu bakka bu’aafi bakka buufataa gidduu hariiroo firoomaa osoo hin taane bakka
walii bu’uu qofa akka ta’e hubatamuu qaba. Sababnisaas amalli isaan wal- Fakkeessu hinjiru.
Haalli bakka buusuu kunis kan dhufe haa ta’u jedhamee walii galteedhaan kan uumame ta’uusaas
dagatamuu hinqabaatu.

(B) Hiikni jechaa sammuu namaa keessa

Hiika jechaa wayita ibsinu qindoomina sagaleelee dubbii kan hiika qaban, garuu hiika isaanii
baatanii kan hindeemne akka ta’e ibsamee jira. Jechi tokko hawaasa afaan sana dubbatu keessatti

2
malee hawaasa sanaa ala, jechuunnis namoota afaan sana hindubbanne biratti hiika kan
hinqabaanne yookaan hiika biroo qabaachuu danda’a.

Fakkeenya Jechi “mana” jedhu nama Afaan Oromoo hinbeekne biratti hiika nama afaan Oromoo
beekuuf qabu hinqabaatu. Namni afaan biroo dubbatu jecha” mana” jedhu yoo dhaga’e isaaf hiika
hinqabaatu. Isaaf “manni” jecha “House” jedhuun bakka bu’eera. Kanaafuu, jechi “mana” jedhu
hiikasaa fudhatee hindeemne jechuun nidanda’ama. Kunimmoo, kan inni nutti agarsiisu hiikni
jechaa sammuu namaa keessa malee jecha keessa hinjiru jechuudha.

3
1.1.3. Filannoo Jechootaa
1.1.3.1. Maalummaa filannoo jechootaa
Filannoo jechootaa jechuun ergaa yookaan yaada ofii jechoota sirriifi dhimmicha mul’isuu
yookaan ibsuu danda’an filatanii bakka sirrii ta’etti fayyadamuu jechuudha. Waa’ee kanaa
ilaalchisee beekaan J. Suuwiifti jedhamu haala armaan gadiin ibsee jira. “Ogummaan barreessuu
jechoota sirrii bakka sirriitti galchuudha” jedhee jira. Yaadni kun jechoota sirrii bakka sirriitti
galchuun ogummaa barreessuu keessatti bakka olaanaa qabaachuusaa nuhubachiisa. Kana
raawwachuuf ammoo jechoota baay’ee jiran keessaa jechoota sirrii filachuudhaan itti
fayyadamuun dirqama ta’a.

Jechoonni yaada sammuu barreessaa keessa jiru. Waan barreessaan yaadee barreesse sana
sammuu dubbisaa keessatti akka dhaga’amuun yookaan akkuma armaan olitti ibsameen bakka
bu’aasaanii haala sirrii ta’een akka mul’isan kan taasisan waan ta’eefidha. Kana jechuun jechoonni
sirrii yoo filataman yaada sammuu barreessaafi yaada sammuu dubbisaa daangaa tokko malee
wal-argisiisu jechudha.

Jechoonni baay’een hiika walfakkaatu qabaataniyyuu waan hundumaarratti ergaa walfakkaataa


ta’e hindabarsan. Jechoota hiika walfakkaatu qaban keessaa barreessaan yaada sammuu isaa
keessaa qabu sana ykn dhimma sana sirriitti jechoota dabarsuufii danda’an filachuun itti
fayyadamuun barbaachisaadha.

1.1.3.2. Jechoota filachuuf wantoota beekamuu qaban

Jechoota filatanii barreessuun hojii barreessaan sirriitti itti yaaduu qabu keessaa isa bakka olaanaa
qabaatudha. Jechoota attamii akka filachuun itti jiru dhimmoonni murteessan baay’eedha.

Haaluma kanaan, barreeffamni ati barreessaa jirtu yoo barreeffama idilee kan akka gabaasaa,
kitaabolee barumsaafi barreeffama qo’annoo ta’e, jechoota idileetti fayyadamuun dirqama
ta’a. Haata’u malee, barreeffamichi yoo barreeffama hojii kalaqaa ta’e, jechoota mit- idileetti
fayyadamuun nidanda’ama. Kana gochuuf wayita waa barreessinu kaayyoon kee akka galma siif
gahuuf haalota lamaan kana keessatti jechoota sirrii filachuun barbaachisaadha. Barbaachisaa
qofas osoo hin taane, dirqamas.

4
Sababnisaas, jechoota barreeffama kee keessatti fayyadamtu yaada sammuu kee sirriitti siif ibsan
filachuuf qabxiileen armaan gadii faayidaa guddaa qabaatu.

Dhimma irratti barreeffamu gadi fageenyaan beekuu.

Jecha sirrii kan nuti filachuu dandeenyu yoo ergaa dabarsuu barbaanne sana gadi fageenyaan
beekne qofaadha. Kanaafuu qabxiin kun sirriitti hubatamuu qaba.

(1) Eenyummaa dubbisaa beekuu.

Wayita barreeffama tokko barreessuuf yaadnu dhimma irratti barreessinu yaaduu qofaa osoo
hintaane dhimmi biroo itti yaadamuu qabu dubbisaan keenya eenyu akka ta’e yaaduun
barbaachisaa ta’a. Waa’ee dubbisaa beekuu jechuun Fakkeenyaaf: dandeettii afaanii, sadarkaa
barnootaa, aadaafi dudhaa, fedhii isaaniifi kkf beekuuf yaaluu jechuudha.

(2) Yeroofi bakka

Qabxiilee armaan olitti eeraman cinaatti barreeffama tokko barreessuuf wayita yaadnu yeroofi
bakka itti barreessinu hubachuun filannoo jechootaaf baay’ee barbaachisaadha. Sababnisaas,
jechoonni namoota afaan tokko dubbatan keessatti hiika qofaa osoo hin taane baraafi bakkas ibsuu
waan danda’aniifidha.

Namni aadaafi duudhaan hawaasa naannoo tokkoo bakka birootti akka beekamuu barbaade
wayita barreessu jechoota sirrii bakkaafi yeroo sana mul’isanitti fayyadamuun dirqama ta’a.
Fakkeenyaaf barreessaan waa’ee dhimma dubartii ilaallaturratti barreessu jecha “gennuu” jedhutti
yoo fayyadame bakki inni itti barreessaa jiru Jimmaafi naannoo sana akka ta’e tilmaamuun nama
hinrakkisu. Sababnisaas, jecha akkanatti hawaasni fayyadamu namoota naannoo kana jiraatanidha.

Gama birootiin, jechoonni filataman bakka mul’isuu qofa osoo hintaane, yeroos wayita ibsan ni
argama.

5
1.1.3.3. Jechoota filachuun faayidaa maalii qaba?

(A) Jechi Sirriitti filatame dubbistoota hawwachuuf fayyada.

Adeemsa wal-quunnamtii keessatti jechuunis barreeffamas ta’ee dubbii afaanii keessatti jechoota
filachuun baay’ee barbaachisaa akka ta’e kan walnama falmsiisu miti. Akkuma beekamu
jechoonni namoota adda addaaf hiika adda addaa waan qabaniif of eeggannoodhaan filatamuu
akka qaban hubachuun gaarii ta’a. Jechoonni sirriitti filataman ergaa ifaafi sirrii ta’e dabarsuurra
darbanii safuu eeguuf, qabeenyaafi yeroo qusachuufi dubbisaa hawwachuufi gammachiisuu akka
danda’an Unatuun (2009) ni addeessa. Yaada armaan olirraa wanti nuti hubannu namni amala
barreeffamaa beeku dubbistoota isaa ni beeka. Jechuunis waan isaan dubbisuu barbaadan yookaan
jechoota isaan mufachiisuu danda’an adda baasanii beekuun dirqama ta’a. Kun yoo ta’e dubbisaan
keenya barreeffama keenya jaallatee dubbisee itti fayyadama.

(B) Qusannoo Jechootaaf nifayyada.

Barreessaan tokko kan inni ittin madaalamu keessaa tokko qusannoo jechootaadha. Kana
jechuunis waa’ee waan tokkoo osoo jechootaa muraasaan ibsuun danda’amu jechoota danuutti
fayyadamuun akka hinbarbaachisne hubachiisuufidha. Kana gochuun immoo yeroo ofiillee
qusaachuurra darbee nama dubbisu sanallee hawwachuu dhiisuu danda’a.

(C). Safuufi aadaa uummataa eeguuf tajaajila

Barreessaan kamiyyuu wayita barreessu aadaa uummatichaa eeguun dirqama ta’a. Sababnisaas
dhimmichi kan inni barreeffamu uummatichaaf waan ta’eefidha. Jechuunis kan safuufi aadaasaa
waliin hindeemne yoo ta’e barreeffama kee dubbisuun haa hafuu siin walitti bu’uuyyuu danda’a.
Afaan Oromoo kutaa Oromiyaa adda addaa keessatti looga adda addaa waan qabuuf darbee darbee
jechoonni safuu/saalfii/ ta’uu danda’an waan jiraniif of eeggannoodhaan itti fayyadamuun
barbaachisaa ta’a. Dimshaashatti, jechoota filatanii barreeffama keessatti fayyadamuun dubbisaa
biratti fudhatama argachuurra darbee yeroofi qabeenya qusachuurratti shoora olaanaa waan
qabaatuuf kana hubannee haalaan itti fayyadamuun ga’ee nama barreeffama gaari barreessuu ta’a.

6
1.1.4. Gosoota Jechaa

Xiinhimni akkaataa galmaafi uunkaarratti hundaa’uun jechoota Afaan Oromoo keessa jiran
gareewwan shanitti hira. Isaanis: maqaa, maqibsii, gochima, xumibsiifi durduubeedha.

1.1.4.1. Maqaa

Maqaan garee jechootaa ta’ee, kan moggaasa wantootaaf kennameedha. Akkaataan namoonni
itti hiikan gargar ta’us maqaan jecha nama, bakka, yaada, wantotaafi kkf adda baafnee ittiin
waamuuf moggaafamudha.

Maqaan garee jechootaa dhamjechoota danummaa kanneen akka ‘–oota,’ ‘-een,’’-lee,’fi kkf
maxxanfatanii uunka jijjiirrachuudhaan mul’atanidha. Gama biraatiin maqaan moggaasa
wantootaaf kenname jechuu nidandeenya.
Fkn. Saree- saroota
Jabbii- jabbilee
Kana malees jechoonni dhamjechoota danummaa hinmaxxanfanne (ulaagaa uunkaa
hinguunne) ulaagaa bakka galmaatiin maqaa jalatti ramadamanis jiru. Isaanis: aduu, ibsaa,
duumessa, bishaan, aannan, kkf.
Maqaan hima keessatti bakka hedduutti galee tajaajila.
Fkn. Fardi geejjibaaf oola
Tolaan farda bite.
Tolaan fardaaf marga bite.

Maqaan yoomiyyuu hima keessatti bakka isaaf qabame niqaba.

 Jalqaba himaarratti – akka matimaatti


 Matimatti aanee ykn gidduu himaatti -akka aantimaatti galuu danda’a.

1.1.4.1.1. Gosoota Maqaa

Afaan Oromoo keessatti maqaalee hedduun waan jiraniif haala walfakkaataniin gosoota
gurguddoo shanitti qoodamu. Isaanis:-

7
 Maqaa Dhuunfaa (Proper noun)
 Maqaa Gamtaa/waliinii (common noun)
 Maqaa Garee (Collective noun)
 Maqaa wantootaa (Material noun)
 Maqaa killayyaa/Gagsaa (abstract noun)

1. Maqaa Dhuunfaa (Proper noun)

Maqaawwan namoonni bakkeen ykn wantoonni dhuunfaan ykn mataan ittiin beekaman maqaa
dhuunfaa jedhama.
Fakkeenyota maqaa dhuunfaa
 Maqaa Namaa: Tulluu, Abboomaa, Gaaddisee

 Maqaa Biyyaa: Oromiyaa, Taanzaaniyaa, Jarman


 Maqaa Haroo: Wancii, Laanganoo, Danbal,
 Maqaa Mukaa: Arooressa, Garbii, Ittacha, Ejersa
 Maqaa Magaalotaa: Jimma, Finfinnee, Amboo, Gimbii, Ciroo, Yaa’aaballoo

2. Maqaa Gamtaa (common noun)

Gosti maqaa kun namoota ykn wantoota gosaafi sadarkaan tokko ta’aniif kan kennamedha.
Fkn:- Horii, Saree, Muka, Laga, Afaan, Ijoollee
3. Maqaa Garee ykn duuchaa (Collective noun)
Maqaa namoonni ykn wantoonni bakka tokkotti qarqabamaniif ykn tokkummaan ittiin
waamamaniif kan moggaafamudha. Gosni maqaa kanaa yaada baay’inaa kan agarsiisu ta’ee
qeenxeen kan ibsamuu danda’udha.
Fkn: Uummata, Raayyaa, Saba, Waldaa
4. Maqaa wantootaa (Material noun)
Gosti maqaa kun moggaasa wantoota meeshaalee mana keessaafi alaaf kennamudha.
Fkn: Huubboo, Saanduqa, Siree, Minjaala, Qabee

5. Maqaa killayaa ykn Gagsaa (abstract noun)

8
Gosti maqaa kun kan bakka bu’u maqaalee hinmul’anne, hinqabamne ykn hinqaqqabatamne
dha. Gama biraatiin beektonni maqaa yaadaa jechuun yaamu. Sababiinsaas maqaalee sadarkaa
yaadaatti dhihaatan malee qabatamaan kan hin mul’anne ta’uu isaaniiti.
Fkn: Bilisummaa, Gowwummaa, Gamnummaa, Raatummaa, Jaalala

1.1.4.1.2. Uumama ykn Ijaarsa Maqaa Afaan Oromoo

I. Fufachuun

Afaan Oromoo keessatti maqaan maqibsii, gochimaafi Maqaarraa ijaaramuu danda’a. Maqaaleen
kunis dhamjechoota adda addaa maxxanfachuun ijaaramu.

A. Maqaa maqaarraa uumamu

Ijaarsa maqaa gosa kanaa keessatti maqaa gamtaa irraa maqaan mul’atutu tolfama. Fkn:

Maqaa Dhamjecha Maqaa ijaarame


Mootii - ummaa Mootummaa
Abbaa - ummaa Abbummaa
Dargageessa - ummaa Dargagummaa

B. Maqaa maqibsiirraa
Maqibsoota irratí dhamjechoota maxxansuun maqaa haaraa uumuudha.

Fkn: maqibsii Dhamjecha Maqaa tolfame

Qulqulluu - ina Qulqullina

Bal’aa - ina Bal’ina


C. Maqaa Gochimarraa
Latilee adda addaa gochimootarratti fufuun maqaa haaraa uumuudha.

Fkn: Gochima latii Maqaa haaraa

Dhuge - aatii dhugaatii

Kufe - aatii kufaatii

Ijaare - sa Ijaarsa

9
II. Diigalaan (Compounding)
Maqaawwan haala kanaan uumaman jechoota gosa adda addaa ykn jechoota gosa tokkoo ta’an
lamaafi lamaa ol wal simsiisuuni.

A. Maqaafi Maqaarraa

Maqaa Maqaa Maqaa ijaarame


Saree Diida Sardiidaa
Abbaa Garaa Abbaagaraa

Saba Lammii Sablammii

Oguma Barruu Ogbarruu


Haadha Warra Haadhawarraa

B. Maqaafi ibsa maqaarraa

Maqaa Ibsamaqaa Maqaa tolfame

Sanbata Xiqqaa sanbata xiqqaa

C. Xumuraafi Maqaarra

Maqaalee tooftaa diigalaan uumaman keessaa tokko xumuraafi maqaa walitti fiduun.

Maqaa Xumura Maqaa haaraa tolfame

Qonna bule Qonnaanbulaa


Dafqa Bule Dafqaanbulaa

10
D. Durduubeefi maqaarraa Fkn:

Durduubee Maqaa Maqaa haaraa


tolfame
Jala Bultii Jalbultii
Dura Bu’aa Dura bu’aa

E. Durduubeefi xumurarraa Fkn:

Durduubee xumura Maqaa haaraa


tolfame
Duuba Gale Duubaan gala

III. Makoo/kuatanii walitti fufuu (Blending)


Makoon adeemsa jechoonni garagaraa lama (jecha isa jalqarraa caasaalee gara jalqabaa jiran,
jecha isa lammaffarraa caasaalee gara dhumaa jiran) kunnee walitti fiduun maqaa hiika
yaadrimee jechoota lamaanii qabu uumuuf gargaaru dha.

Fkn:-
Jecha 1 Jecha 2 Maqaa tolfame

Mataa Hima Matima

Gocha Hima Gochima

1.1.4.1.3. Tajaajila Maqaa


Ijaarsa hima Afaan Oromoo keessatti maqaan akka matimaafi antimaatti tajaajila.Yaada
kana hubachuuf fakkeenya armaan gadii ilaali.

A. Tajaajila maqaa akka matimaatti

11
Matimni hima keesatti qaama xumurri waa’ee isaa haasa’u /dubbatudha. Maqaan ammoo
tajaajila akkasii kennuun beekama.

Fkn: 1. Tulluun muka soofa.

2. Biyyi keenya Oromiyaadha.

3. Daaluun kaleessa dhufe.

4. Konkolaataan garagale.

5. Daraartuun barattuu cimtuudha.

B. Tajaajila maqaa akka aantimaatti


Maqaan hima tokko keessatti akka antimaatti yeroo galu aantima kallattii ykn aantima al-
kallattii (duubaa) ta’uu danda’a.
 Akka aantima kallattiitti

Fkn:- 1. Jaarraan kitaaba bitate.

2. Lammiin biishaan waraabe.

3. Jaalanneen bultuu waamte.


 Akka aantima al-kallattiitti

Fkn:- 1. Raamatoon Biqilaaf kitaaba bite.

2. Cimdiin Badhasaaf hoolaa qale.

3. Inni sangootaaf hokaa haame.

1.1.4.2. Gochima

Gochima jechuun kan raawwii wantootaa agarsiisuudha. Jechooni dhamjecha ennaa darbe
mul’isan maxxanfachuudhaan ennaa darbe agarsiisuu danda’aniifi kanneen yoo dhamjecha
ennaa darbe mul’isan maxxanfachuu hindandeenyes akkaataan galumsa isaanii dhuma
himaarratti ta’e gochima (gochima) jedhamuu nidanda’u.

12
Fkn. - deeme, gale, dhufe, ta’e/taate, dha, ti, fi kkf.

 Xumurtoota kana hima keessatti haa ilaallu:


A/ Caalaan mana barumsaa deeme.
B/ Inni biyya gale.
C / Isheen barsiiftuu taate.
D/ Barnoonni gaariidha.
E/ Kitaabni kun kan isheeti.

Himoota ‘D’ fi ‘E’ keessatti xumurtoonni ‘dha’ fi ‘ti’ jedhan dhamjecha ennaa darbe agarsiisan
maxxanfachuu hindanda’in malee ulaagaa bakka galumsaatiin dhumarra dhufanii himoota kana
guduunfuu waan danda’aniif gochimoota jedhamu.

Gochimoonni iddoo lamatti qooddamu. Isanis: gochimoota ijoo(main/action verb)fi gochimoota


tajaajilaa(gargaartuu)(helping verb) jedhamuun qooddaman.

1. Gochimoota tajaajilaa (helping verb)

Gochimoota tajaajilaa kanneen jennuun isaannan uunkaan mul’atan malee hiikaan kan hin
mul’anneedha.

Fkn. Kitaabni kun keeti.


Kitaabni kun kiyya.
2. Gochimoota ijoo (action verb)

Gochimoota ijoo kanneen jennuun immoo isaannan uunkaafi hiikaan mul’ataniidha.


Gochimoonni ijoo ofii isaaniitii kophaa dhaabbachuun hiika kanneen qabaniifi osoo jechoota
birootti hin hirkatin kanneen ergaa dabarsuu danda’aniidha. Gochimoonni ijoon iddoo lamatti
qooddamu. Isaanis:

A. Gochima ce’aa (transitive verb)


B. Gochima miti ce’aa (intransitive verb)
A. Gochima ce’aa (transitive verb)

13
Gochima ce’aa jechuun gochi raawwatame sun raawwataa irraa gara qaama gochi irratti
raawwatuutti kan darbuudha. Karaa biraatiin, kan gochi itti raawwatame keessatti
calaqqisuudha.

Fkn. Cabse, dhuge, diige, murefi kkf

B. Gochima miti ce’aa (intransitive verb)

Gochimni miti ce’aan akka gochima ce’aa gochichi raawwataa irraa gara qaama irratti
raawwatamuutti kan ce’u osoo hin taane qaamuma gocha raawwwatu irratti kan hafuudha.

Fkn. Deeme, utaale, cabe, du’e,

Walumaagalatti, gochimni gocha xumura keessatti raawwatame haala wayii tokko waliin kan
walitti firoomsudha.

1.1.4.3. Ibsaa gochimaa

Yeroo, bakka, akkaataa gochi tokko itti raawwatame, sadarkaa, meeshaa gochi tokko ittiin raawwata
mee fi k.k.f agarsisuu dandaa’a.

- Tolaan baay’ee gabaabaadha.

- Inni fardaan deema.

- Caalaan Finfinaee deeme.

- Inni daddafee barreessa.


Jechoonni bakka jechoota gurraacha’an kanaa galuu danda’an xumibsiidha. Asirratti wanti
hubatamuu qabu garuu, tajaajilli xumibsaa baay’ee haata’u malee gareen jechaa enyummaa
isaatiin xumibsa ta’ee ramadamuu danda’u baay’ee xiqqaa dha.

1.1.4.4. Ibsaa maqaa

Garee jechootaa yeroo baay’ee irra deddeebiin danummaa agarsiisan, dhamjechoota saala ykn
koorniyaa agarsiisan maxxanfachuu danda’anii fi maqaa tokko ifa nuuf taasisanidha.
Fkn. bareedaa, diimaa, gurraacha

Heddummina yeroo agarsiisan: babbareedaa, diddiimaa, gugurraacha

14
Saala yeroo agarsiisan jecoonni bareedaa- bareedduu; diimaa- diimtuu; gurraacha-gurraattii

Hundeen isaanii: bareed-, diim-, gurraat- kan jedhan si’a ta’an dhamjechoonni –aa, -uu,-a, fi -tii
jedhan saala dhiiraafi dhalaa kan gargar baasanidha.

Kana keessatti maqibsoonni saala hinfoones jiraachuun isaanii osoo hindagatamini. Fakkeenya:
adii, magariisa, haaraa, moofaa, kkf

Walumaagalatti, ulaagaa kanaan iddoo isaaf kenname dirqama akka maqaafi xumuraa
dhaabbataa qabaachuu baatullee, tajaajilli isaa maqaa ibsuu waan ta’eef, yeroo baay’ee maqaa
ibsu sanatti aanee gala (dhufa).

Fakkeenyaaf:

 Mucaa baradaa deesse


 Saangaa gurraacha bite
 Mana bal’aa ijaare
Jechoonni bakka jechoota jala sararaman kanaa seenuu danda’an garee maqibsii jalatti
ramadamu.

1.1.4.5. Durduubee

Jechoonni ulaagaalee kanaa gadii guutan durduubee jalatti ramadamu.

A. Maqaa dura yookiin booda galuudhaan tajaajila xumibsii kan akka iddoo, sababa, haala ibsuu
kan danda’an.
Fkn. mana keessa, qilleensa irra, akka namaa, muka jala; gara manaa; akka garaa
B. Dhamjechoota caasluga agarsiisan kan akka lakkoofsa, ramaddii, saalafi kkf maxxanfachuu
kan hindandeenyefi
C. Adeemsa jechoota haaraa uumuu keessatti hundee (root) yookiin bu’uurumhortee (base)
ta’uu kan hindandeenyedha.

Ulaagaalee armaan olii guuttachuudhaan kanneen durduubee jalatti ramadaman: akka, waan,
irra, itti, erga, waliin, waayee, gubbaa, cinaa, keessa, kkf.

15
D. Hariiroo maqaan wanta biraa waliin qabu ibsuuf fayyadu. Akkasumas, hidhata kutaan himaa
tokko kambiroo waliin qaban ifa baasuudha (tajaajila walitti firoomsuu qabu).
 Inni mana keessa jira
 Inni gara manaa deeme.
 Inni dhagaarra taa’a.
 Tolaan gammadaa wajjiin deema.
 Waa’ee barnootaa dubbata.
 Jimmatti mana ijaare.
 Akka fardaa fiiga.

1.2. Gaalee /Phrase/

Maalummaa jechaa ibsuuf kanaan dura gaaleen jechoota lama yookaan lamaa ol akka qaama
tokkootti kan walitti qindaa’an akka ta’etti hubachaa turreerra. Haata’u malee, beektonni
xiinqooqaa hiika kanatti walii hingalan. Kunis haala armaan gadiitiin ibsama.

16
Kanas ibsa Addunyaa (2010:157) ka’umsa godhachuudhaan haala armaan gadiitiin haa ilaallu.

Afaan Oromoo keessatti jechi tokko hima, himni tokkos keeyyata ta’uu akka danda’u, Jechi
tokkos gaalee yeroo ta’u akka jirraatu ibsee jira. Kanas Fakkeenya armaan gadii fudhachuun
addeesseera.

a) Inni Sangaa bite.


b) Inni sangaa diimaa bite.
c) Inni sangaa diimaa guddaa bite.
d) Inni sangaa diimaa guddaa kaleessa argine sana bite.

Caasaaleen mallattoo keessatti argaman hunduu kan gaalee tokkodha. Ijaarsi caasichaas
jecha tokkorraa eegalee hanga ciroo of keessatti hammachuutti ga’ee jira. Caasaan (a) hanga
(d) tti jiru hunduu mata tokko qofaa qabu- innis “sangaa” isa jedhudha. Kanneen hafan
miiltoodha.

1.2.1. Ulaagaalee Gaalee

Qindoominni jechootaa lamaafi isaa oliin uumame hunduu gaalee ta’uu hin danda’u. kanaafuu,
gaalee ta’uuf dhiisuu addaan baafachuuf ulaagaalee armaan gadii giddu galeessa godhachuun
barbaachisaadha Isaanis: ulaagaa socho’insaa, ulaagaa bakka bu’iinsaafi ulaagaa
walhidhiinsaati.

A. Ulaagaa Socho’insaa
Miseensonni walhammachuun gaalee tokko ijaaran hima keessatti kallattii adda addaan
socho’uu danda’u. Kana jechuun bakka waljijjiiruu danda’u jechuudha.

Fkn. Bishaan [fayyaa namaatiif] gaariidha.

[Fayyaa namaatiif] bishaan[…] gaariidha.

B. Ulaagaa Bakka Bu’iinsaa


Gaalee jedhamuuf jechoonni akka qaama tokkootti socho’an wanta tokkoon bakka buufamuu
danda’u. Bakka bu’aa kana keessaa tokko bamaqaaleedha.

Fkn. [Dargaggeeyyiin seexaan guutuu] utubaa hawaasa tokkooti.

[Isaan] utubaa hawaasa tokkooti.

17
Taliileen meeshaa taphaa daa’ima isheef bitte.

Kumeeni[s].

Kumeeni[sakkasuma].

Kumeeni[s sanuma] bitte.

C. Ulaagaa Walhidhiinsaa

Akka ulaagaa kanaatti jechoota gaalee tokko ijaaruuf walhammatan gidduu miseensi ykn
qaamni biraan hinseenu. Kun walhidhinsi miseensa gaalee tokko ijaaranii cimaa ta’uu isaa
agarsiisa.

Fkn. [Mana nyaataa]

[Mana nyaataa guddaa]

[Mana nyaataa guddaa sana]

Akka armaan gadii kana jechuu hindandeenyu. Sababni isaa hidhanni jara gidduu jiri laafaa
waanta ta’eef.

[Mana gara nyaataa guddaa]

[Mana nyaataa qaba guddaa]

[Mana qaba nyaataa guddaa] Maalummaa gaalee

1.2.2. Miseensota gaalee

Gaaleen tokko qaamolee adda addaa irraa ijaarama. Isaanis, mataa, miiltoo fi
murteessituu/akeektuu jedhamu.

1.2.2.1. Mataa (Head): Mataan gaalee tokko keessatti jecha ergaa/hiika gaalichaa akka
handhuuraatti qabatedha. Kunis ergaan dabarfamuu barbaadame jecha mataa ta’e kanaan kan
qabamee jiru waan ta’eef inni keessaa hafuun ergicha kan hanqisu ta’a. Kana jechun, mataan

18
kan caasicha hoogganuufi waa’een isaa dubbatamudha. Gaalee tokko keessaas jecha mataa
ta’e adda baasuuf:

A. Isa baay’ee barbaachisaafi keessaa hafuu hindandeenye ta’uu isaa adda baafachuu.

B. Walta’insa miseensotaa murteessuu isaa adda baafachuu.

Fkn. Sangoonni kaleessa badan argaman.

Sangaan kaleessa bade argame.

Gabaabumatti mataan gaalee tokkoo:

 Qaama caasichaa keessaa hafuu kan hindandeenye


 Kan waa’een isaa dubbatamu
 Manii/akaakuu gaalichaa kan murteessu
 Ofdanda’ee ykn hirkatee hoogganuu kan danda’u
 Gaalee tokkorratti lama ta’ee argamuu kan hindandeenye/ hinhoogganne
 Walta’insa miseensota hoogganu sanaa kan to’atudha.

Fakkeenyaaf, gaalee gochimaa ‘sangaa guddaa bite’ jedhu keessatti

-‘sangaa guddaa’ kan jedhu gaalee maqaati. Mataan gaalee kanaas jecha‘sangaa’ jedhudha.
Kanaafuu jecha mataa ta’e kana keessaa hambifnee gaalee gochimaa jalqaba ture sana ‘guddaa
bite’, yoo jenne ergaan sila sirritti ifa ture amma hir’achuusaa agarsiisa, garuu jecha ‘guddaa’
jedhu keessaa dhiifnee ‘sangaa bite’ yoo jenne waan hanqisu hinqabu.

1.2.2.2. Miiltoo (Constituent/Modifier): Miiltoon jecha ykn jechoota gaalee tokko keessatti
jecha mataa ta’ee gale sana faana tuuta uumanii jiraniifi waa’ee matichaa dubbatanidha.

Fakkeenyaaf gaalee gochimaa ‘sangaa guddaa bite’ jedhu keessatti mataan ‘bite’ kan jedhu
si’a ta’u gaaleen maqaa ‘sangaa guddaa’ jedhu immoo miiltoo isaati. Waa’ee wanta bitamee
dubbata.

Akkasuma gaalee ‘obboleessa isaa waliin dhufe’ jedhu keessatti ‘obboleessa isaa waliin’ kan
jedhu gaalee durduubeeti. Gaalee kana keessatti ‘waliin’ kan jedhu mataadha, ‘obboleessa
isaa’ kan jedhu immoo miiltoo isaati.

Miiltoowwan hidhata isaan mataa waliin qaban irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodna.
Isaanis, miiltoo sadarkaa tokkoffaafi (Mils1) miltoo sadarkaa lammaffaa (Mils2)

Miiltoo sadarkaa tokkoffaan (Mils1) mataa waliin hidhata cimaa kanneen qabanidha.
Kanarraan kan ka’e mataatti aananii galu. Miiltoon kun gaalee xiqqaarraa yoo ba’u, gosoota
gaalee irratti hundaa’ee gara gara ta’a.

19
Miiltoo sadarkaa lammaffaan (Mils2) mataa gaalee waliin firoommii qabuun amma (Mils1)
hinga’u. kanarraa kan ka’e gaalicha keessatti (Mils1) booda gala. Akaakuun gaalee kanaa kan
ba’u gaalee isa guddaa irraati. Fkn sangaa foonii diimaa kaleessaa.

1.2.2.3. Murteessituu/akeektuu/eertuu (Determiner)

Fakkeenya:

1. Namtichi sun kaleessa as ture.


2. Mucaan aannan qaruuraa lama dhuge.
3. Mana keenya gurgurre.

Himoota kanaa olii keessatti isaan gurraacheffaman irraa murteessituun maal akka ta’an
hubattee?

Maqaa booda galuun maqicha lakkoofsaan, beekkamtummaafi qabeenyummaan ibsu.


Kanarraa ka’uun murteessituuwwan bakka garaa garaatti qooduu dandeenya. Bu’uurri qooddii
kanaas dhaabbii, bakkaafi tajaajiladha.

A. Dhaabbiin: dhaabbii isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodna. Isaanis, ofdanda’oofi
hirkatoodha.
1. Murteessituu ofdanda’oo: unka ofdanda’aa tokko warra qaban hammata. Isaanis, kun,
kana, koo, tokko, hunda, muraasa, si’a tokko, hundee lamaafi kkf.
2. Murteessituu hirkatoo: unka ofdanda’aa hinqaban. Mataa gaalee ykn caasaalee gaalicha
uumaniin gama mirgaatti fufamuun argamu. Tajaajilli isaan kennan hedduu ta’us isaan
keessaa tokko beekamtii agarsiisuudha.

Fkn. a. [namichicha] agarre.

b. [intalittii] fuudhe.

c. [jarri lamaanuu/-aan] hinargamne.

{nam-} yaada bu’uuraa kan qabate

{-i-} matim mul’istuu/ saagduu

{-ch-} tokkeessituu

{-ch-} murteessituu

{-a} aantima kallattii mul’isuuf

{-intal-} hundee

{-a-} aantima mul’istuu

20
{-ttii} tokkeessituufi murteessituu

Kan fakkeenya c irra jiru warra duraa irraa adda. Kunis, mataa gaalee sanaa irratti maxxanuun
kan argaman osoo hintaane jecha ‘lama’ jedhurra jira. Jechi ‘lama’ jedhu immoo ofuma isaa
mataan sun meeqa akka ta’e ibsa. Kunis, namni lama ta’uu isaanii addeessa. Kanaafuu,
murteessitoonni hirkatoon warra ofdanda’oottis fufamuun argamuu danda’u. yeroo waliin
dhufanis tajaajila gara garaaf oolu.

Fkn. a. [Sangoota lama] fidi.

b. [Sangoota lamaanuu] fidi.

Inni jalqabaa sangoota lama ta’uu isaanii malee meeqa keessaa kan jedhu wanta nutti himu
hinqabu. Kan lammataa garuu, lama ta’uu isaanii qofa osoo hintaane, waa’ee isaanii
odeeffannoon wayii duraan kan jiru ta’uu hubachiisa. Garaagarummaa kanas unka {-nuu}
jettutu fide. Walumaa galatti dhamjechoonni hirkatoon {-ch-}, {-ttii}fi {-nuu} jedhaman gaalee
tokko beekamtiin murteessuu danda’u. Isaan kanaan qartuu murtaa’aa jechuus dandeenya.
Sababni isaa, murteessitoonni kunneen odeeffannoo dubbataan ykn dhaggeeffataan duraan qabu
yaadachiisuun haala yeroo sanaa irratti akka xiyyeeffatu waan taasisaniif.

B. Murteessituu (Bakkaan): murteessitoota bakkaan yeroo ilaallu tokkoon mataa gaalee


irraa ka’uun si’a ta’u kaaniin ammoo murteessitoota waliin hiriira isaan qabaniini. Mataa
gaalee ka’umsa kan taasifatu duraafi duuba gaalee sanaatti argama. Qooddiin waliin
argama murteessitootaa bu’uureffatu immoo, mataatti aanee kan argamu duree; dhumarra
dhufuun immoo duubee; lamaan isaanii gidduutti argamuun immoo giddugaleessa
jedhamu.

Fkn.1. Sangoota [keenya lamaan sana] fidi.

dura gidduu duuba

2. Kitaabicha keenya sana fiddee?

Hima 2ffaa keessatti {-ch-} duree [keenya] giddee, [sana] kan jedhu ammo duubeedha.

C. Murteessituu tajaajilaan: tajaajilli kun haala yeroofi bakkaatiin kanneen biroorraa addaan
fo’ee agarsiisa. Yeroo kanas kan eenyuu akka ta’e, ammamii wanta tokkoofi wantoota
keessaa fo’uun caasaalee gaalee tokkoo agarsiisu. Isaanis:
A. Murteessituu abbummaa: abbaan qabeenyaa tokko eenyu akka ta’e agarsiisuuf
kanneen oolan. Isaanis, koo, keenya, keessan kan isaa, kan ishee ….
B. Murteessituu akeektuu: wanta tokko kaan keessaa adda baasee akka
xiyyeeffatamu gochuuf. Isaanis. Kun, kunneen, sun, sunneen, sana, sanneen….

21
C. Murteessituu ammamii: murteessitoota amma wanta tokkoo murteessuun kanneen
agarsiisan ykn amma wanta tokkoo utuu hinmurteessiin dimshaashumatti kanneen
agarsiisan. Isaanis,
lama, muraasa, baay’ee, si’a tokko….

Fkn. [sangoota keenya lamaan sana] fidi. Kan jedhu caasaa armaan gadiin ilaaluu
dandeenya. Gaaleen kun miiltoo gaalee gochimaa ta’uun argame. Miiltoo haata’u
malee ofiin garuu gaalee maqaadha. Gaalee maqaa guddaa jechuudha.

GM2

GM2 Murteessituu keenya


(abbummaa)

GM2 Murteessituu lama


(hammummaa)

GM2 Murteessituu -an


(beekamtii)

GM1 Murteessituu sana (akeektuu)

Akkuma waliigalaatti dhimmoota kaasaa turre caatoo asiin gadiitti ilaalla.

Gaalee

Mataa Miiltoo Murteessituu

Mils1 Mils2 tajaajila dhaabbii bakka

Abbummaa akeektuu ammamii

22
ofdanda’oo hirkatoo

duree giddee duubee

1.2. 3. Akaakuuwwan Gaalee

Akaakuun gaaleewwanii bakka shanitti qoodamanii jiru.

Isaanis: A/ Gaalee maqaa,

B/ Gaalee addeessaa,

C/ Gaalee Xumuraa,

D/ Gaalee xumibsiifi

23
E/ Gaalee dur-duubee jedhamu.

Tokkoon tokkoo isaan akkaataa kanaa gadiitiin haa ilaallu.

(A) Gaalee maqaa


Gosti gaalee kanaa maqaafi jechoota maqicha ibsuuf caaseffamaniirraa kan ijaaramedha.
Mataan gaalee kanaas maqaadha. Gaaleen maqaa gareewwan jechootaa biroo irraa uumamuu
danda’u. Kanas haala kanaa gadiitiin haa ilaallu.
(1) Maqaafi Maqaarraa kan tolchame

Fakkeenya:

 mana qorqorroo
 Farda kooraa
 Hoolaa haadhoo
 Sa’a aannanii
 Farsoo garbuu
 mana ciitaa
 Intala kaleessaa
 mana saree.

Fakkeenya armaan olitti kennaman keessaa tokko kan ta’e “Mana qorqorroo” isa jedhu
fudhannee yoo ilaalle,Gaaleen kunis kan inni agarsiisu gosa mana tokkoo kan qorqorroorraa
ijaarame ta’uusaati. Qindoomminni kunis gaalee ta’uusaa mirkaneessuuf, osoo addaan
qoodinee waan biroo gidduu galchinee hiika ga’aa ta’e hinkennu. Kanas mee fakkeenya
fudhannee haa xiinxallu.

(a) Baacaan mana qorqorroo ijaarrate.


(b) Baacaan mana barana qorqorroo ijaarrate.

Fakkeenya armaan oliirraa kan “B” jalatti eerame hiika hinqabaatu. Sababnisaas caasaa adda
bahuu hindandeenye gidduu waan biroo galuusaarraa kan ka’e. Kanarraa wanta nuti hubannu
gaalee kana gidduu waan biroo galuu akka hindandeenyedha.

(2) Gaalee maqaafi maqibsiirraa tolchame

24
Gosti gaalee kanaammoo maqaafi kanneen maqaa kana ibsanirraa kan ijaaramedha.

Fakkeenya

Tolaan kophee gurraacha bitate.

Fakkeenya Kana keessatti kan jala sararame gaalee maqaa ta’ee, kan uumames maqaa kan ta’e
“Kophee” kan jedhuufi gosa kophee kanaa ibsuuf kan dabalame” gurracha” kan jedhurraadha.
Kunis maqibsiidha. Kana keessatti mataan gaalee kanaa ‘Kophee” isa jedhudha. Kanas
mirkaneeffachuudhaaf hima kanaan gadii gargar qoonnee haa ilaallu.

a) Tolaan kophe bitate


b) Tolaan gurraacha bitate.

Himoota kanneen keessaa hiika guutuu kan qabu isa “a” jalatti ibsamedha. Ta’us akka hima isa
duraan ibsame hiika ifa ta’e hinqabaatu. Gama birootiin inni “b” jalatti ibsamee jiru tasumaa
hiika dabarsu hinqabu. Gaaleewwan gosa kanaa dabalataan siif dhiyaateera.

A) Mucaa xiqqoo
B) Saree gurraattii
C) Nama dheeraa
D) Hoolaa adii
E) Farda diimaa

B) Gaalee Addeessaa

Gaaleen kun addeessaafi addeessarraa kan uumamedha. Kunis ibsa maqaafi ibsa maqaarraa
yookaan jechoota biroorraa ijaarama. Dhimma kana Fakkeenya fudhannee haa ilaallu.

a) diimaa gabaabaa
b)gurraacha furdaa
c)magaala gabaabaa
d) diimtuu dheertuu

Haaluma walfakkaatuun gaaleen addeessaa ibsa maqaafi jechoota biroorraa kan uumaman jiru.
Kunis ibsa maqaafi eertuu ta’uu danda’a.

25
Fakkeenya:

a) Gabaabduu diimtuu sana

b) Gurraacha guddaa durii

c) Diimaa dheeraa sana

(C) Gaalee xumuraa

Gaaleen kun kan argamu xumura hima afaan Oromoo keessattidha. Gaaleen kun wantoota
(jechoota) biroo dabalachuun tajaajila. Caaseffama kana keessatti mataan gaalee kanaa
xumuradha. Fakkeenya. Dhimma kanaa akkaataa kanaa gadiitti haa ilaallu.

A) har’a du’e
B) dafee rafe
C) iyyaa jiru
D) ariifattee dhufte
e) galee rafe

(D) Gaalee durduubee

Gaaleen durduubee miseensota adda addaa ofitti fudhachuudhaan gaaleesaa ijaarrata. Ijaarsa
kanaafimmoo mataan durduubeedha. Haata’u malee, akka maqaafi maqibsaa mataa kana
qofaan gaalee ijaarrachuu hindanda’u. Sababnisaas, gaaleen durduubee tajaajila caaslugaa
agarsiisuu malee, qabiyyee mataasaa kan hinqabaanne ta’uusaati. Kun ammoo, caasaa
gaalichaa keessatti argamnii guutuun dirqama ta’uu mul’isa. Mataan gaalee kanaa haala
kanaan argamus of danda’oo yookaan hirkatoo ta’uu danda’u. Durduubeewwan of danda’oon
kanneen akka: gara, keessa, jalaafi kkf wayita ta’an, jecha waliin galan sana dura yookaan
booda (duuba) ta’uu danda’u. Jechuunis warreen jecha dura galan durgaa (preposition),
Warreen jecha duuba galanimmoo dubgaa(post position) jedhamuun beekamu. Dhimma kana
ibsuuf fakkeenya armaan gadii fudhannee haa ilaallu.

A) muka jala B) mana bira C) bishaan keessa D) muka duuba.

26
Fakkeenya kana keessatti mataan gaalee durduubeedha. Kanas dhugoomsuuf akkaataa armaan
gaditiin fakkeenyaan haa ilaallu.

A) caalaan muka jala jira.

B) Loon mana bira dheedu.

C) Qurxummiin bishaan keessa jirti.

Himoota kanneen keessaa tokko fudhannee yoo ilaalle.

Caalaan muka jala jira.

Isa kana bakka lamatti qoonnee yoo ilaalle, kan kanaa gadii ta’a.

(1) Caalaan jala jira. (2) Caalaan muka jira.

Himoota kanneen wayita ilaallu: hima isa lammaffaa jala jiru namni afaan Oromoo beeku
gonkumaa akkaataa kanaan hinfayyadamu. Inni jalqabaa garuu hiika guutuu ifa ta’e haadhabu
malee akka isa lammaffaa wanti jedhamuu barbaadame dhokataa miti. Hanga tokko ni
hubatama. Kana jechuun isa lammaffaa keessaa sababa mataan dhibeef hiika dhabeessa ta’e
jechuudha.

1.3. Malleen Dubbii/Dubbii Qolaa/Haalawaa/Sadoommii (Figurative Speech)


1.3.1. Maalummaa Dubbii Qolaa (Definition of Figurative Speech)
Moggaasa isaa irraa yemmuu kaanu barreessitootni garagaraa kitaaba adda addaa irratti maqaa
hedduufi adda adda tahe fayyadamuun kan ibsan yoo ta’u; tokko tokkoon isaanii dubbii
haalawaa, kuuwwan dubbii qolaa, kuuwwan malleen dubbii kuuwwan immoo sadoommii
jedhanii katabu.

Dubbiin qolaa jechoonni hiika dhaanquu akka qabaatan gochuun ogbarruun akka kalaqaamu
godha. Jechoota kana duubas hiika dhokataa ruuquun hubannoo dubbistootaa hawwata.

27
Xiyyeefannoodhaanis hiika jeechooni kallaattiin qaban irraa maqee yeroo tajaajilu dubbiilee
qolaan ibsaama. Jechoonni haala kanaan faayyadan dubbii qolaa jedhamu. (Fedhaasaa,2013:96)

Dubbiin qolaa kun gosoota afoolaa keessaa isa tokko ta’ee barreeffamni tokko yookiin haasofni
tokko sammuu dhala namaa keessatti fakkii kaasuun yeroo dheeraaf osoo hindagatamin akka
turuuf kan gargaarudha.

Yaaduma kana deeggaruun Yaadannoo (2014:83) waa’ee dubbii qolaa akkaataa kanaan ibsa.
Dubbiiwwan qolaa kun sadoommii yookin malleen dubbii jedhamuun beekkamu.
Maanguddoonni Oromoo durii afaanin yookin barreessitoonni ammayyaa hojiiwwan
barreeffamoota akka asoosamaa, diraamaa, walaloo, hololoo, waliin dubbii, adda addaa keessatti
ijoo dubbii sanii haala mi’awaafi miira namaa harkisuun yaadan fakkii sammuu keenya keessatti
uumanii kan barbaadan xiqqeessuun, kan tuffachuu barbaadan jajuun kan abaaruun fedhan
eebbisuun salphaatti dagatamuu akka dagatamu hindaandeenyen hubachiisuuf kan itti
fayyadaman dubbii qolaa yookin sadoommii jedhama jechuun ibseera.

Dubbiin qolaa haasawaafi barreeffama keessatti akka itti fayyadamnu kan ibsuudha. Kana
jechuun maanguddoonni haasawa taasisan keessatti dubbii qolaatti akka gargaaramaniifi wanti
dubbatan sun sammuu namaa keessatti osoo hindagatamin akka turuuf akka tajaajilu hubachuun
nidanda’ama. Kana biraan, immoo barreeffama ammayyaa keessattis malleen dubbii yaadni
barreeffama sanaa dubbistoota biratti akka fudhatamummaafi beekkamtii argataniif akka
tajaajiluu hubachuun kan danda’amuudha. Kanaafuu, akka waliigalaatti dubbii qolaa
barreeffamaafi dubbii keessatti bakka olaanaa akka qabuudha.
Wasanee Bashaa, (2008:142) akka ibsetti ''Dubbii qolaa jechuun mallattoo dubbii haala miira
dhaggeeffattootaa yookiin dubbisaa qirqirsuu, kofalichisuu, gammaachisuufi bashannaansiisuu
dandaa'uun fakkiiwwaan miidhaaksee akka salphaatti namaaf galuu danda'utti akkaasumas, akka
hindagatamneetti kan dhiyyeesuudha.'' Hiika kana irraa wanti hubatamu, dubbiiwwan qolaa itti
fayyadama afaanii idilee irraa bifa adda ta'een amala, haala, gocha, haalawwan tokko ergaasaa
cimsee kan dabarsu ta'uu isaati. Akkaasumas, amala afaanii fayyadamuun karaa
galmeessinuudha. Dubbiin qolaa jechoota hiika jechoonni duraan qaban garmalee olkaasuun,
jijjjiiruun yookiin fooyyessuun dhiyeessanidha.

28
Dubbiin qolaa dhimma tokko kan ibsu haala galumsaafi hiika jechootaa yookin gaaleewwanii
kan barataman irraa bifa adda ta'een yookin yaada addaafi filatamaa ta’een cimsee kan ibsuudha.
Sadoommiin kan uumamu amala, miira, gochaafi haala wajjin walfakkeessuun amala isa tokkoo
kan biroof kennuun yookin jijjiiruufi bakka buusuudhaani jechuun addeesse.

Yaada kanarraa wanti hubatamu dubbiin qolaa haala adda addaa keessaatti kan itti
gargaaramnuufi faayidaa akka qabu hubachuun nidanda’ama. Kunis hiika jechootaa barreeffama
keessattis ta’ee dubbii keessatti haala duraan beeknu sanarraa bifa adda ta’een kan itti
gargaaramnu waan ta’eef hiikni jechootaa achi keessatti argamanii hiika kallattii osoo hintaane
akkaataa dubbiin qolaa sun hiika itti argachuu qabaniin kan hiikamu waan ta’eef, dubbiin qolaa
faayidaa adda addaa akka qabu hubachuun nidanda’ama.
Yaaduma kana deeggaruun, Addunyaa (2014:208) haala armaan gadiin ibsa. Dubbiin Qolaa
fayyadama afaanii kan haala salphaa ta'een ergaa tokko nama hubachiisaniidha. Kana jechuun
karaa ittiin waan guddaa tokko kineessanii, kinoo immoo arbeessanii, binoo nameessanii, namoo
binensanii, wal-cinaas qabanii, cinaachaan himaniifi wkf taasisuun hubannoof haala mijeessan
jechuun barreesseera.

1.3.2. Gosoota Dubbii Qolaa (Types of Figurative Speech)


A. Akkasaa/Akkee
Akkasaan mala ittiin wantoota lama wal-cinaa qabuun isa tokko isa biraatiin ilaalanidha. Kunis
jechoota ‘akka, fakkaata, gaha’ jedhanitti dhimma baha.

Addunyaafi kaawwan (2005:82) yemmuu ibsan, “Akkasaan mala ittiin wantoota lama walcinaa
qabuun isa tokko isa biraatiin ilaalanidha. Kunis jechoota akka, fakkaata, gaha jedhanitti
dhimma baha” jechuun ibsa. Akkasumas akkasaan dhimmoota lama kanneen uumamaan tokko
hinta’in bifa yookin amala isaaniitiin walbira qabuun waliin madaalee kan agarsiisudha.

29
Maalummaa akkasaa Fedhsaa (2013:97) yoo ibsu, “Akkasaan waldorgomsiisa wantoota lamaati.
Kana jechuun jechoota akka, fakkaata, caala, amma, jedhan gargaaramuun waldorgomsiisa.
Garuu, akkasaan walfakkeenya tokko karaa dhokataa ta’een ibsa’’ jedha.
Fkn. Akka garaa harki surree hinmuru.
Tolaan akkaabbaa isaa cimaadha.
Gurraachinarraan kan ka’e cilee fakkaate.
B. Iddeesaa
Iddeessi kan wanta tokko bakka isa biroo buusee waanuma sana taasiisudha. Jechoota akka,
amma, fakkataa, caalaa, jedhan hinfayadamu, malee wal-dorgomsiisuma wantoota lamaati.
Fakeenya: ''Mudhiin ishee Migira'' hima jedhuu keessaatti Mudhiin Migira ta'eera. Iddeessi
akkasaa caalaa hubannoo gadifagoon xiinxaaluu kan barbaadudha. Sabaabinsaa jechoota
murta'aniin hinmallatteeffamu, baay'ee dhokataafi bira ga'uuf kan nama rakkisuudha.

Fakkeenya ''Fuula guurte'' hima jedhu keessaatti iddeessi akka jiru hin hubatamu. Hiikni isaa isa
tole jedhu lakkii jechuu ishee jecha fuula jedhuufi guuruu waldorgomsiisee ibsa. Walumagalatti,
iddeessi waan tokko waan biroo taasiisuun kan ibsuu waan ta'eef gadi fageenyaan xiinxaaluu
barbaada. Bakka buusni/Iddeessuun wantoota amalaan walfakkeessanii ibsuun amala waan
tokkoo isa birootiin bakka buusanii ibsuudha. Malli dubbii iddeessaa jedhu gaalee, ‘iddoo isaa’
jedhurraa ijaaramee waan tokko guutumaan guututti amala waan biraa gonfachiisuun kan
dhiheessuudha.

Walumaagalatti akaakuun mala dubbii kanaa tokkummaa wantoota lamaa fudhachuun isa tokko
iddoo isa biraa buusuun keessootti waldorgomsiisuudha.
Fkn. Oromoon kanniisa.
Mudhiin ishee sonsa.
Ilkaan ishee baddeessaadha.
C. Nameessaa
Akkuma maqaa isaa irraa hubatamu nameessaan lubbu-maleeyyii yookaan lubbbu-qabeeyyii
biroo amala namaa gonfachiisuudha. Haala kanaan akka namaatti beela’anii akka quufan,
deemanii akka galan, ijaaranii akka diigan, dhiyaatanii akka hiiqaniifi wkf akka dalagan kan
taasisu fayyadama afaaniti. Yaada kanarraa kan hubatamu, ogummaafi dandeettii dhala namaa

30
akkaataafi yeroo addaa addaa keessatti wantoota garaagaraaf kennuun malleen dubbii keessaa
nameessuu akka ta’e hubachuun nidanda’ama.
Fkn. “Kangaraa keenyaa malee kan maqaa keenyaa yoom nu dhibe,” jedhan waraabeyyiin.
“Isa haati kee si gorsite, haati koos na gorsiteetti” jettee, ilmoon hantuutaa ilmoo adurreetiin.
Dukkanni ija baasee nu liqimsuuf.
D. Eemitii/Mitihee
Eemitiin wantoota walii faallaa ta’an lamaan yaada keenya ibsuu yoo barbaanne mala nugargaarudha.
Mitiheen yaada fallaa fakkaatee yeroo itti siqamu dhugaa ta'ee argaamudha. Hiknisaa isa mul'atuun
garasitti dhugooma. Kanaafis miti jedhaama. Wanti jedhaamu fuggisoo waan fuulduraan jiruuti.
Fakkeenya, ''Guddaa salphaa Farda Goondaa dheessu.'' himni jedhu Mitiheedha. Sabaabnisaa isa
ari'amuu qabutu ari'e. Yeroo dhugaan ilaalluus goondaan farda hanga kana ga'u yeroo ariitu agarra.
Kanaafuu yaada dhugaafi sobaatu walmakee keessa jira. Karaa tokkon eeyyee, gama birootiin lakkii
nama jechisiisa. Mitiheen hubaachuuf yaada himichaa duuba jiru gadi faggeenyaan xinxaaluu
barbaada. Bifti ittiin ijaaramu kan jechoonni faallaa walii ta'an lama walitti anaanii dhufan qara
doomaa jedhama. Jechoonni kunneen qorraa ykn hoo'aa, abshaala yookaan gowwaa, gammadaa
yookaan gaddaa jedhamaniin walitti dhufuun kan ijaaramaniidha.
Fkn. Inni qotaa deega.
Tufaan kolfaa boo’a.
Osoo nyaatuu beelawa

E. Habalaka/Agiboo
Habalakni dubbii qolaa adduummaa wanta fakkaatuuf dhugaan ta'ee gidduutti mul'atudha.
Askeessaatti wanti jeedhaamuuf ka'e isa jedhame miti. Hiikasaa hubachuun kan danda'amu kan
dubbataan ykn barreessan jechaa jiru siirriitti yoo hubatanidha. Wanti jedhamu faallaa isa
jedhamuuti. Fakkeenyaaf daa'imni yeroo balleessitu “Ishoo! Baga balleessite'' yeroo jeedhaniin
agarra. Haata'u malee balleessaatti jajjaabeessuu osoo hintaane ittiin dheekkamuu ykn loluudha.
Kanaafuu, dubbiin qolaa kun dhaamsa tokko faallaa isaatiin dabarsuuf kan gargaarudha. Kana
jechuun dhaamsa osoo ifatti hinbaasiin karaa dhoksaa ta’een dabarsuuf kan gargaaru jechuudha.

31
Habalakni yookin agiboon kan jechoonni hiika kallattii achi keessa jiran hiika faallaa wanta
yaadamee sanaa ta’ee argamuudha. Habalakni mala yaada duraan dhugaan jiru tokko faallessinee
agarsiisnudha.
Fkn. Miidhaginni isaa laphee nama hata (namicha godeessaan waan jedhamu fakkaata).
Si jaalladhee du’uufan (yoo kan jibbu ta’e).
Gurbaa faranjii kanatu dide (gurbichi gurraacha).
F. Arbeessa/Gurra guddisuu
Malli dubbii kun amala wanti tokko qabu garmalee ol kaasuun yookin garmalee gadi buusuun
ibsuuf kan gargaaruudha. Kana jechuun yaada tokko arbeessuufi xiqqeessuun ibsuuf kan
tajaajiluudha. Addunyaafi kaawwan (2005:83), “Malli dubbii kun waan tokko garmalee arbeessuun
ykn kineessuun dhiyeessuu ilaallata” jedhu. Arbeessuun dhugaa jiru tokko irratti garmalee
dabaluudha. Malli dubbiii kun olkaasanii mul’isuuf yookin miira dinqisiifannaa nama keessatti
uumuuf fayyada.
Fkn.1. Bareedinni fuula ishee aduu golgoleessa.
2. Namicha hanga kormaa lukkuu gahu tokko dandii gubbaatti arge.
Akkuma himoota armaan oliirraa hubachuun danda’amutti amala wanti yookin namni tokko qabu
humnaa ol guddisuufi gadi buusuun nimul’ata. Hima tokkoffaa keessatti, ‘Bareedinni fuula ishee
aduu golgoleessa’ kan jedhutu jira. Kana jechuun dhalli namaa tokko hammuma fedhe kan
miidhagdu osoo taatee ifti yookin miidhaginni qaama ishee aduu guyyaa dukkaneessuu hindanda‟u.
Kana jechuun namni sun bareedina haaqabaattu malee hamma kana humnaa ol guddisuun kan
muldhatuudha.
Hima isa lammaffaa kanarratti ‘Namicha hamma kormaa lukkuu dheeratu tokotu natti dhufe’ kan
jedhutu jira. Egaa akkuma beekkamu dhalli namaa dhaabbiisaatiin gabaabaa yookin dheeraa ta’uu
danda’a. Haata’u malee hima kana keessatti namni sun gabaabaa ta’uusaa agarsiisuuf jecha
gabaabbina isaa kana garmalee gabaabsuun kan mul’ateedha. Kana jechuun namni kun gabaabbatus
hamma lukkuu gabaabbachuu waan hindandeenyeef, amala wanti yookin dhalli namaa qabu tokko
ol guddisuufi kineessuun kun arbeessuu/ ukukkubsuu jedhama. Kanumarraa ka’uun arbeessuun
himoota armaan olii kana keessatti bal’inaan mul’achuu isaatu hubatama.
Fkn. Gurbaa dheeraa waaqa ga’u tokkon arge.
Mucayyoo qalloo hanxaxii tokko qaba.
G. Atee

32
Ateen waan nu bira hinjirre tokko akka waan nu bira jiruutti dhiheessuun kan itti gargaaramnuudha.
Ateen waan nu bira hinjirre tokko namas ta’ee namaan ala kanneen ta’an akka waan nu bira jiranii
nu dhaggeeffataa jiraniifi deebii nuuf kennuu danda’anitti fudhachuun, gaaffii gaafachuun, marii
wajjin taasisuun, haasofsiisuu, qaaqsuu, gaddisiisuun yookin kofalchiisuu irratti hundaa’ee mala
dubbii uumamuudha.
Malli dubbii kun dhala namaas ta’ee lubbu qabeeyyiifi lubbudhabeeyyii kamiiyyuu kan nutti
dhihoo hinjirre tokko akka waan nu bira jiruutti itti dubbachuufi haasa’uun kan danda’amu akka
ta’eefi wanti namatti dhihoo hintaane tokko akka deebii namaaf kennuu danda’uufi dhagahuu
danda’anitti kan dhiheessuudha.
Fkn. Si beeka yaa Rabbii
Rabbi yaa gumgumaa
Yaa dhirsa hundumaa ( Maddi afoola uummataati)
Walaloo olii kana keessatti yemmuu dhalli namaa uuman akka waan isa bira jiruufi dubbiisaa
dhaggeeffachuu danda’uutti waa’ee Waaqaa yemmuu Waaqatti himu hubachuun ni danda’ama.
Kana jechuun namni Waaqa ijaan argee beeku jiraachuu baatullee rabbi jiraachuusaa wantootni
lafarra jiran kun ragaadha. Haata’u malee, namichi kun dubbiin isaa kun rabbi akka isa dhagahuuf
kan dubbateedha. Kanaafuu, waan namatti dhihoo hintaane tokkoofi hiixuu ta’anitti dubbachuufi
haasa’uun atee jedhama.
H. Tuqsee
Moggaasni isaa xuqxuu seenaa irraa kan dhufe yoo ta’u, gosoota dubbii qolaa keessa isa
tokkoodha. Waan tokko bakka wayii maqaa dhahuun akkasumas namas ta’ee waan biroo maqaa
dhahuun akkaataa seenaatiin dhiheessuuf kan gargaarudha. Yaada kana deeggaruun Fedhasaa
(2013:8) tuqxu-seenaan hojii ogbarruu keessatti waa’ee iddoo, namootaafi gochaa karaa mul’atuun
yookin alkallattiin wabii godhatee xuquun hojii biroo keessatti kan agarsiisudha” jechuun ibseera.
Fkn:
Inxooxxoo gubbaa dhaabbatanii, Caffee ilaaluun nihafee
Finfinnee loon geessanii, Hora obaasuun nihafee
Kora Dhagaa Araaratti, Yaa’iin Gullallee nihafee
Hurufa Boombitti, Jabbiilee yaasuun nihafe
Gafarsatti darbanii, Qoraan cabsuun nihafee
Bara jarri dhufanii, Loon keenyas nidhumanii

33
Bara Mashashaan dhufe, Birmadummaanis hafee. (Maddi uummata)
Walaloo armaan olii kana keessatti dhimmoota seenaa waliin walqabatan hedduutu jira. Kana
keessaa bara durii mootonni Nafxanyaa aangoo osoo hinqabatin dura uummanni Oromoo
Tuulamaa teessuma magaalaa Finfinnee kanarra jiraachaa kan turan ta’uutu hubatama. Haata’u
malee mootiin kun erga aangoo qabatee booda gara naannoo Tuulamni qubatee jiru kana dhufuun
uummatarratti waraana banee uummata Oromoo dachee handhuurri isaa keesatti awwaalamerraa
humnaan buqqisuu danda’eera.

Kanumarraa ka’uu, uummanni kunis looniifi dachee gadhiisee yemmuu godaanu akka Hora
geessee loon hora obaasuu hindandeenyeefi hurufa Boombitti jabbii yaasuu akka hindandeenye
walaloo kana keessatti bifa seenaa qabuun karaa afoolaatiin rakkoo yeroo sana isaanirra gahaa ture
ibsataniiru. Akkasumas yaa’iin kan taa’muufi murtiileen adda addaa kan dabarfamu iddoo
Gullallee jedhamutti akka tureefi erga mootiin habashaa kun biyya isaanirraa humnaan isaan ari’ee
booda achis walgahuun akka hindanda’amne niibsa. Rakkooleen akkanaa kun erga isaan
muudateen booda loon isaanii akka dhumaniifi ajejaan waraanaa yeroo sanatti uummata keenya
waraanaa tures erga biyya qabatanii booda birmadummaa Oromoon lafa isaarratti qabu guutumaan
guututti akka bade ibsuuf walaloo kana uummatichi afoolan ibsateera. Kanaafuu, walaloo kana
keessatti dhimmoonni seenaa waliin hidhata guddaa qaban achi keessatti waan ibsamaniif malleen
dubbii keessaa tuqseen irra-jireessan kan jiruudha.

I. Fakkee
Fakkeen akaakuu dubbii qolaa keesssa isa tokko ta’ee wantootni caasaafi hiikaan walgitan
yemmuu irra deddeebi’anii galan kan itti gargaaramnudha. Maalummaa fakkee ilaalchisee
Yaadannoo (2014:89) yoo ibsu, Fakkeen yemmuu gaalee hiikaafi caasaan walfakkaatu irra
deebi’uudha. Malli dubbii kunis walaloo Hibruu, Hindootaafi Ameerikaa keessatti bal’inaan kan
mul’atuudha” jechuun ibseera.
Fkn. maal carraa hamaan gurbaa, irree irree nyaataa
moo, irreen irree baataa, irree miiloo taayitaa?
hoolaan hoolaa tiksaa? , moo hoolaa cumaa jigsaa?
Fakkeenya asiin olii kana keessatti jechoonni yeroo lamaafi isaa ol irra deddeebi’an nijiru. Isaanis
kanneen akka irreefi hoolaa fa’i. As keessatti wanti hubatamuu qabu jechoonni kun walaloo kana
keessatti miidhaginaa addaafi xiyyeeffannoo itti kennuuf kan gargaaraniidha. Kanaafuu, walaloo

34
kana keessatti dhimma kanatti gargaaramuun cimina barreessaa kanaati. Kunis dubbii qolaa kana
keesssatti fakkoon jiraachuu isaa salphaatti hubachuun kan danda’amuudha. Hawaasni Oromoos
af-walaloo gosa kanaa hedduu qaba.

J. Mallattoo
Dubbiin qolaa Mallattoo kun wanta ijaan hinmul’anne yookin waan tokko waan mul’atuun bakka
buusanii mul’isuun kan ibsamuudha. Yaaduma kana deeggaruun Yaadannoo (2014:90) ibsutti,
“Dubbii qolaa kana keessatti wanti tokko waan biraa bakka bu’ee mallatteessuun agarsiisuudha”
jechuun hiika. Yaada kanarra hubachuun akka danda’amutti dhimmoota adda addaa keessatti waan
tokkoof bakka bu’aa isaa kaasuun akka mul’atutti kaa’un gosoota dubbii qolaa keessaa
mallatteessuu ta’a jechuudha. Fakkeenyaf, namni tokko osoo galma wayii fakkii isaa kaasee kan
namatti agarsiisu ta’ee waan tokko bakka bu’ee isaa qaama biraatti agarsiisuuf kan tajaajiluudha.
Fkn. ‘Erbee ciccitaa ofirra buusee natti haasa’e.’ hima jedhu kana keessatti ergaa himichaa kan
ilaallu yoo ta’e akka Oromoon beekutti erbee ciccitaan mallattoo hiyyummaati.

BOQONNAA LAMA: HIMA

2. Hima

2.1. Maalummaa himaa

Kutaalee darban keessatti sagaleeleen seeraan qindaa’anii jecha akka uuman, bifa wal-
fakkaatuun jechoonni ammo seeraan qindaa’anii gaalee ijaaru Haaluma wal-fakkaatuun
jechoonni ammo seera afaanichaa hordofanii caasaa isaanii ol ta’e hima uumu. Afaan seera
mataa isaa qaba. Jechuunis, waa’een afaanii hanga fedhe yoo wal-xaxaa ta’eyyuu akka fedhetti

35
kan dubbatamu yookiin barreeffamu miti jechuudha. Seera qabeessummaan afaanii kun immoo
of keessaitti kan inni qabate waa’ee dhamjecha, haala galumsaafi hiika isaa kan of keessatti
hammatudha. Fakkeenyaaf, haala galumsaa yoo fudhanne, afaan Oromoo keessatti ibsi maqaa
maqaa booda, ibsi xumuraa immoo xumura dura osoo dhufuu argina. Haala kanaan “Tolaan
sangaa gurraacha bite” jenna malee, “Tolaan gurraacha sangaa bite” hin jennu. Haaluma wal
fakkaatuun “Badhaasaan kaleessa dhufe” jenna malee “Badhaasaan dhufe kaleessa” hin jennu.
Yaaduma wal fakkaatu kana osoo afaan Ingiliziitti jijjirree immoo osoo inni seera afaan
Ingilizii hordofuu agarra. Afaan Ingiliizii keessatti immoo ibsi maqaa maqaa dura, ibsi xumuraa
immoo xumura booda osoo inni dhufuu argina. Kana malees ibsi xumuraa haala garaa garaa
keessatti jalqaba himaafi dhuma himaarratti dhufuu ni danda’a.

Kutaa kana keessatti waa’ee himaa kaasnee ilaalla. Kanaafuu, kanatti fufee ibsa siif
kennamurraa waa’ee himaa hubannoo ga’aa ni argatta jennee amanna.

Unkaalee xixiqqaan xiinqooqaa waliin ta’uun caasaa isaanirra guddaa ta’e tokko uumu.
Haaluma kanaan guddachaa guddachaa adeemuun caasaan hundumaarra guddaa ta’e kan ergaa
guutuu tokko dabarsu ni uumama. Innis hima jedhama. Jechuunis himni caasaanis ta’e
hiikaatiin kanneen biroorra ni caala jechuudha. Akkaatuma kanaan gama caasaatiin yoo ilaalle
miiltoon hima Galee Maqaafi Gaalee Guuchisaati. Kana jechuun himni tokko yoo xiqqate
gaaleewwan utubabaa(handhuura) ta’an kana lamaanirraa ijaarama jechuudha.

Maalummaa himaa ilaalchisee hayyoonni caaslugaa adda addaa bifa garaa garaatiin ibsanii
argamu. Kanneen keessaa muraasa fudhannee haa ilaallu.

Himni tuuta jechootaa kan matimaafi (subject) guuttuu (complement) qabu ta’ee ergaa guutuu
(complete thought) tokko kan dabarsu akka ta’etti kanneen hiikan jiru. Kaan ammo matimaafi
kutima(Predicate) kan of keessaa qabu caasaa olaanaa akka ta’etti ibsu. Ibsa armaan oliirraa
matima, guuttuu, ergaa guutuufi kutima agarra. Kanatti dabalees wanti hin oolle sirna
tuqaaleedha. Dimshaashatti himni tokko matima, xumura sirna tuqaalee kan qabaatuufi ergaa
guutuu kan qabaatu ta’uusaati.

Fakkeenya: Caaliin sangaa guddaa bite.

Hima kana keessatti dhimmoonni armaan olitti ibsaman hunduu ni argamu. Isaanis

36
“Caaliin” hima kanaa matimadha. Jechi “bite” jedhu ammo xumuradha. Kana malees, dhuma
hima kanaarratti sirna tuqaalee keessaa tokko kan ta’e tuqaan (.) ni argama. Himni kun ergaa
guutuu dabarsuus ni danda’a. Walumaa galatti himni idilee tokko matima, raawwatamaafi
xumura qaba. Kanatti fufee ammo qaamolee hima ilaalla.

2.2. Qaamolee hima

Himmi tokko qindaa’ina qaamolee adda addaa akka ta’e kutaa darbee keessatti ibsinee jirra.
Haaluma kanaan qaamolee kanneen bakka gurguddoo lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.
Isaanis Galee Maqaafi Gaalee xumuraa/Gaalee Guuchisaati.

Gaaleewwan kunneen handhuura hima tokkoot. Akkasumas, Galee Maqaa akka matimaatti,
Gaalee xumuraa ammo, akka kutimaatti tajaajiluu danda’u. Qaamolee kanneenis akkaataa
armaan gadiittin ilaaluu ni dandeenya:

2.2.1. Matima

Matimni qaama himaa kan gocha tokko raawwate yookaan kan waa’eenisaa dubbatamu yoo
ta’u, yeroo baay’ee tajaajila kanaaf kan oolan maqaa yookaan bamaqaadha. Himoota afaan
Oromoo keessatti matimni jalqabarra taa’uudhaan kanneen biroo of duuba hiriirsa.
Qabatamummaa yaada kanaatiif, matima himoota kanaan gadii ilaaluun ni danda’ama.

Fakkeenya

A) Sangaan xaafii fixe.


B) Barri darbuu dide.
C) Galataan dallaa ijaare.
Fakkenya olii kana keessatti warren jala sararaman matimoota. Kanaaf ammo, jalqaba
caasichaarra dhufanii jiru. Haaluma kanaan fakkenya (A) yoo fudhanne ilaalle, hima kana
keessatti; Sangaan- matima (kan raawwii xaafii nyaachuu dalage, Xaafii antima (kan gochi
irratti raawwate, fixe- xumura (gosa dalagaa raawwatamee). Haalli caaseffama (tarreeffama

37
isaaniis, matima, antima, Xumura (M-A-X) akka ta’e hubachuun nama hinrakkisu. Kunis kan
nutti mul’isu haalli caasaa hima afaan Oromoo kan kana hordofe ta’uu akka qabaatuufi tartiiba
kana yoo hin eegne caaseffama hiika hinqabneefi yeroo tokko tokko dubbii afaanii keessatti
kan hojiirra oolu ta’uu danda’a.

2.2.2. Antima

Hima afaan Oromoo keessatti caasaan inni biroo antimadha. Innis wanta matimni raawwate
eenyurratti akka raawwatame kan mul’isu taha. Karaa birootiin kan dalagaan irratti raawwate
jechuun ni danda’ama.

Fakkenya: Mucaan burucuqoo cabse.

Hima armaan olitti kanname keessatti burcuqqoo inni jedhu kan gochi irratti raawwatamedha.
Jechuunnis aantima hima kanaati jechuudha.

2.2.3. Xumura

Kutaan kun caasaa afaan Oromoo keessatti utubaa olaanaa ta’ee fudhatama. Sababnisaas,
qaamoleen himaa kanneen biroo yeroo hafuu danda’anitti qaamni kun gonkumaa hafuu hin
danda’u. Sababnisaas, himni xumura hinqabne jiraachuu waan hin dandeenyeefidha. Kutaan
kun maaltu tahe? yookaan raawwate? Kan jedhuuf deebii kenna.

Fakkeenya: Lataan muka mure.

Hima kana keessatti jechi mure jedhu xumuradha.

1.1. Gosoota Himaa(Tajaajilaan)


Himoonni faayidaa kennanu giddu-galeessa gochuun, akka armaan gadiitti addaan ba’u.
A. Hima Himamsaa
Himoonni kun waan dhugaa ta’ee tokko ibsuuf gargaaru. Kun karaa lamaan ilaalamuu
danda’u. Inni jalqabaa eeyyentaa yammuu ta’u, inni lammaaffaa ammoo hi’eentaadha.

38
Fkn
 Lammeessaan laga bu’e.
 Garasuun jabbii bite.
 Magartuun fira hinqabdu.
 Shaantameen torbaan kana dhufti.
 Lalisaan qonnaan bulaa cimaadha.
Himoota armaan olii keessaa kamtu eeyyentaa agarsiisa? Kamtu hi’eentaa agarsiisa?
B. Hima Ajajaa
Gosni himaa kun akka namni tokko waa hojjetuuf ajaja dabarsa.
Fkn
 Karra bani.
 Laga bu’i.
 Bishaan waraabi.
Hima ajajaa haala lamaan ilaaluu dandeenya. Gareen tokko gorsa kennu.
Fkn. Qoricha kana liqimsi.
Warri kaan ammoo yaada dirqama hojiirra oolu agarsiisa. Himoota armaan gadii
haaluma kanaan addaan baasi.
 Utuu kitaaba hinfidin akka hindhufne.
 Bishaan dhugi.
 Gonkumayyuu sana hinyaadin.
 Sanatti akka itti hinbuune.
 Ogeessa fayyaa haasofsiisi.

C. Hima Iyyaaffannoo/Gaafii
Gosni himaa kun gaafii gaaffachuun deebii barbaachisaa ta’e argachuuf gargaara.
Fkn
 Maaliif dhufte?
 Kitaaba sana bittee?

39
 Obboleessi kee eessa jira?
D. Hima Raajeffannoo
Himni akkasii dinqisiiffannaa yookiin raajeeffannaa arginee, dhageenye yookiin nu
qaqqabe ittiin ibsinuudha.
Fkn
 Kun raajiidha!
 Maal wanti akkasii!
 Ani badeera!
2.3. Gosoota himaa caasaa bu’uureffate
Gosa hima tokkoo adda baasuuf kanneen nu dandeessisan keessaa caasaan hima sanaafi
baay’inni ergaa hima sana keessa jiruu murteessaa dha. Haaluma kanaan gosoola himootaa
bakka afuritti qoodanii kaa’uun ni danda’ama. Isaanis:
 Hima leexima/ salphaa (Simple sentence),
 Hima xaximaa (complex sentence),
 Hima dachaa (compound sentence) fi
 Hima dacha makaa (Compound complex) jedhamu.
Himoota kanneen tokko tokkoon haala armaan gadiitiin haa ilaallu.
1) Leexima/salphaa
Akaakuun himaa kun gochima tokko qofaa qabaata. Kana jechuunis, ciroo hirkataa of keessaa
hinqabaatu jechuudha. Hima leexaa kan jedhameefis kanumaafidha.
Fakkeenya: Gabbisaan muka mure.
1. Lafti bari’e.
2. Caalaan mana guddaa bareedaa ijaare.
3. Lalisee, Caalaafi Boontuun hojii garee hojjetan.
4. Dhaabaan kaleessa ganama gara Finfinnee deeme.
5. Hattoonni sadan dheengaddaa hadha ganama qabaman.

2) Xaxima (complex sentence)

Gosa hima kanaa maqaadhumasarraa kaasnee yoo ilaallee wanti xaxaa taasise akka jiru
hubachuun nama hinrakkisu. Haaluma kanaan xaximni caasaa xaxamaa ta’e kan of keessaa
qabudha. Kunis baay’ina ciroowwan of danda’oofi hirkataa of keessaa qabuun xaximaa fi

40
dacha xaximaa (Complex and compound complex) jedhama. Kun immoo, xaxima of keessaa
qabaachuu akka danda’u nu hubachiisa.

Haalli gurmaa’ina hima xaximaa (makaa) wantoonni wal hinfakkaanne walitti dhufanii
qindaa’uu isaanii ilaallata.

Himni xaxamaan, hima ciroo dhaabbataa/ ofdanda’aa/ tokkoofi ciroo hirkataa tokko ykn
tokkoo ol irraa ijaaramu dha.

Fakkeenya: Yoo Gimbii deemte buna naa biti.


1. Yemmuu mana barumsaa deemtu, na dubbisi.
2. Osoo ganamaan kaatee, yeroon barumsaa sitti hin darbu.
3. Yemmuu mana barumsaa deemtuu fi deebitu, natti gori.
4. Akka nama maraatee, ofiin dubbata.
5. Yoo nama taate, hangafa kee kabaji.

Hima kana keessatti ciroo hirkataafi ciroo of danda’aa tokkotu jira. Kunis kan inni
agarsiisu wantoonni wal-hinfakkaanne lama wal-makanii hima tokko ijaaruu isaanii
hubanna. Haaluma kanaan, hima kana bakka lamatti qoonnee yoo ilaalle: Yoo Gimbii
deemte isa jedhuufi buna naa biti kan jedhan arganna. Kana keessatti ciroon inni duraa-of
hindanda’u. Kanaafuu kutaa isa lammaffaan jiraachuun dirqamadha. Gama birootiin,
kutaan inni lammaffaan of danda’ee dhabbachuu danda’a. Kanarraa wanti hubatamuu
danda’u qaama of danda’u tokkoofi qaama hirkataa tokkotu walitti dhufe jechuudha.

3) Hima dacha (compound sentence)

Inni kun gosoota hima beekaman keessaa isa tokkodha. Innis kan inni of keessatti qabatu
ciroowwan adda addaa wal-qabsiistotaan walitti hidhaman kan agarrsiisudha. Ciroowwan
kunneen adda bahanii of danda’anii dhaabbachuu danda’u. Himni dachaan kan hima salphaa
lamaafi lamaa olirraa kan ijaaramuudha. Karaa bairaatiin himni ergaa gara garaa lamafi lamaa
oli qabu walitti dacha’uun kan ijaaramuudha. Asirratti himni kun ciroo dhaabbataa lamaafi
lamaa oli irraa ijaaramuu kan danda’uudha.

Fakkeenya: Caaltuun mana bittee gurgurte.

1. Boontuun gabaa deemte garuu, womaa hin binne.


2. Barattoonni hedduun dhufanii deebi’an.
3. Inni ganamaan ka’ee ispoortii hojjeta.

41
4. Hangafa kee kabaji yookaan ni abaaramta.
Boontuun buna danfisti; obboleessi mana haxaa’a; haati isaanii immoo bultee
tolchiti

Himni kun raawwii lama baatee jira. Isaanis: Caaltuun mana bitte isa jedhuufi Caaltuun mana
gurgurte isajedhu of keessatti qabatee argama.

4) Hima dacha makaa (compound complex sentence)

Himni kun ciroo hirkataa tokko yookaan isaa oliifii hima dachaa tokko kan of keessaa
qabudha. Himni dachaa xaxamaan, hima ciroo dhaabataa lamaaf lamaa oliifi ciroo hirkataa
tokkoofi tokkoo olirraa ijaaramu dha. Ibsa kana keessatti ciroo dhaabbataan wanti lama
ta’eef, gubbaa irratti hima dacha yoo ilaallu ciroo ofi danda’aa lamatu dacha ta’e waan
ta’eef, asirrattis dacha xaxamaan ciroo lamaa sababa kanaan ofi keessatti qabata jechuudha.

Gammadaan akkuma gabaadha galeen erbaata nyaatee rafe.


1. Yemmuu ijoollummaan jirtuufi giidoo qaban, hari’anu ni qaban, baqatanus
jalaa bahan.
2. Yemmuu mana barumsaa deemtu, kottuu nadubbisi.
3. Yoo subii kaate, ispoortii hojjettee mana barumsaa deemta.
4. Cimanii yoo hojjetan, namnis nama jaallata, ofiifis nama ta’u.

Hima kana keessatti ciroo inni jalqabaa “Gammadaan akkuma gabadhaa galeen” isa
jedhudha.

Innis ciroo hirkataadha. Jechuunis, hiika qabaachuuf qaama biroorratti hirkata jechuudha.
Kanaaf, ciroon rarra’ee jira jennee kaasuu dandeenya. Hiika barreessaan hima kana keessatti
dabarsuu barbaade walqabsiistuu “akkuma” jedhutti tajaajilamee yaadolee walitti hidheera.
Caasaa inni lammaffaan:

“Gammadaan erbaata nyaatee rafe” kan jedhu yommuu ta’u ciroon kun ofiisaa of danda’ee
hiika guutuu dabarsuu ni danda’a. kutaa inni duraa kana keessatti deebii argata.

42
Ciroo kanaaf matimni “Gammadaa” isa jedhudha. Innis xumura lama of keessaa qabaata.
Isaanis, ‘Nyaateefi rafe’ kanneen jedhamanidha. Kanaafuu, Ciroon kun hima dacha ta’uu
danda’eera.

2.5. Hennaa (tense)


Hennaa jechuun tajaajila caaslugaa kan yeroo raawwii gochaa agarsiisudha. Hennaan tajajila
caaslugaa yeroo danaa gochimaan ibsamu fayyadamuun agarsiisa. Gochimni immoo gocha ykn
ta’ii yeroo murtaahe tokko keessatti raawwatamuudha. Gocha wanti tahe kamuu yeroodhaan
raawwatama. Gochi tokko kan kanaan dura raawwatame ykn amma raawwatamaa jiru ykn gara
fuulduraa raawwatamu ta’uu danda’a. Gochi tokko yoo kan kanaan dura raawwatamee darbe
ta’e, henna darbe, amma kan raawwatamaa jiru hoggaa ta’u hennaa ammeefi gara fuulduraa kan
raawwatamu hoggaa ta’ummoo hennaa duranaa jedhama. Gosoota hennaa kanneen yeroo
raawwii gochootaa irratti hundaa’un akka armaan gadiitti qoqqoodamu.
2.5.1. Hennaa Ammee (Present Tense)
2.5.1.1. Hennaa Ammennaa (Simple Present Tense)
Henna ammeennaan gocha amma raawwatamaa jiru yookiin yeroo maraa dhugaa ta’e
(universal truth) yookiin yeroo maraa raawwatamu, yookiin gara fuulduraa raawwatamuuf
jedhu mul’isa.
Fkn. (a) Tulluun ni sirba
(b) Ibdiddi niguba
(c) Abbaan kiyyaa baadiyyaa jiraata
(d) Biiftuun ganamaan gara mana barumsaa deemti.
Himoota a, c fi d keessatti wixinee gochimaarratti latii (-a) fufuudhaan gocha amma
raawwatamaa jiru yookiin gara fuulduraaf raawwatamuu jedhu mul’isa. Himni b immoo waan
yeroo maraa dhugaa ta’e agarsiisa. Hennaa ammeennaan gochoota yeroowwan armaan gadii kees
satti raawwatamaniin ibsama
A. Gochoota irra deeddeebi’amuun amaleeffaman.
Fkn. Daraartuun yeroo hunda ganama ganama shaayii dhugdi.
B. Haala amma jiru ibsuuf.
Fkn. Ishiin gammadduudha.
C. Wanta akka waliigalaatti dhugaa ta’e ibsuuf.

43
Fkn. Bineensi niyuusa.
Kaarboonmoonooksaayidiin gaazii summaa’aadha.
D. Yeroo gara fuulduraa ibsuuf.
Fkn. Qormaanni boru sa’aa 2tti eegala.
2.5.1.2. Hennaa Amsiiqaa (Present Continuous Tense)
Hennaan amsiiqaa gosa henna ammaa yoo ta’u, gocha amma/yeroo dubbiin raawwatamaa jiru sana
wanta ta’aa jiru agarsiisa. Gochi hennaa amsiiqaatiin ibsamu ammaan tana ittifufaa wanta jiruuf
kan xumuramee miti. Dabalataanis Amsiqaan gocha hinraawwatamne yookiin yeroo gabaabaafis
ta’e yeroo dheeraadhaaf raawwatamaa jiru mul’isa.
Fkn. 1. (a) Dhiyana kiyya nyaachaan jira.
(b) Ani barachaan jira.
(c) Magartuun sirbaa jirti.
Himoota a, b fi c keessatti latiin / -aa/ wixinee gochima muummeerratti fufamee akkasumattis
himoota afi b keessatti latiin / -a/ wixina tumsiirratti fufame amsiqaa mul’isa.
Fkn. 2. Fardi garbuu nyaachaa jira.
Yeroo himni kun dubbatamu fardi gocha garbuu nyaachuu raawwachaa jira, malee hinxumurre ykn
garbuu fixee ykn quufee nyaachuu hindhabne.

2.5.1.3. Hennaa Raawwima Ammeennaa (Present Perfect Tense)

Hennaan Raawwima ammeennaa gocha duraan eegalee hanga ammaatti itti fufaa jiru ykn gocha
yeroo darbe keessaa raawwatee xumurame garuu bu’aan isaa amma argamu/mullatu ykn gocha
yeroo darbe keessa raawwatame kan yeroo raawwiin isaa hinyaadatamne/ hinbeekamne ibsuuf
tajaajila. Hennaa raawwima ammeennaa akka henna tokkootti tajaajila inni kennu tokko
tokkoon fakkenyan deeggaruun gaditti ilaali.
A. Gocha duraan eegalee hanga ammaatti itti fufaa jiru ibsuuf.
Fkn: Tolaan waggoota saglan darbe Finfinnee keessa jiraateera.
B. Gocha yeroo darbe keessa raawwatee xumurame, kan garuu, bu’aan isaa amma argamu/
mul’atu agarsiisuuf.
Fkn. Jimaan mana ijaarrate.
Koorsaan halbeedhaan harka of mure.

44
Hub. Hima 1ffaa keessatti manni ijaaramee xumurame. Kanaafuu gochi ijaarsaa amma hinjiru. Kan
mul’atu bu’aa gochichaa kan ta’e mana.
Hima 2ffaa keessattis gochi harka of muruu raawwatamee darbe. Kan amma mul’atu bu’aa isaa fknf
dhiiga ykn madaa ta’uu mala.
C. Gocha yeroo darbe keessa raawwatame kan yeroon raawwiin isaa hinyaadatamne ykn
hinbeekkamne ibsuuf.
Fkf. Ani Asoossama dheeraa “Godaannisa” jedhu dubbiseera.
Himni armaan olii, kun yeroo darbe keessa asoosama “Godaannisa” jedhamu dubbisuu koo, garuu
kanan yeroon dubbise hinyaddanne ta’uu ibsa. Asirratti bu’aan dubbisa kiyyaa, jechuunis beekumsi
ykn ergaan asoossamichaa sammuu kiyya keessa jiraachuu ibsa.

2.5.2. Hennaa Darbe (Past Tense)


2.5.2.1. Hennaa Darbeennaa (Simple Past Tense)
Hennaa Darbeennaan gosa henna darbee ta’ee kan gocha yeroo darbe keessa raawwate ykn
gocha yeroo darbe keessa irra deddeebi’amuun raawwate ykn gocha yeroo darbe keessa
walduraa duuban raawwatamaa ture ibsuudha. Gabaabumatti hennaa darbeennaan tajaajiloota ar
maan gadii qaba.
A. Gocha yeroo darbe keessa raawwate ibsuuf.
Fkn. 1. Ijoolleen rafan.
2. Jaalanneen gabaa baate.
B. Gocha yeroo darbe keessa waldura duuban raawwate ibsuuf.
Fkn. 1. Tolaan mana barumsaa gahee, kitaaba isaa baafatee dubbisaa ture.
2. Magaalaa yeroon deemnee waan hunda binnee gara manaa deebinee galle.
C. Gocha yeroo darbe keessa irra deddeebi’uun raawwatamaa ture ibsuuf.
Fkn: 1. Torbee kana keessa kitaaba Afaan Oromoo dubbisaan ture.
3. Ganna daarbe waa’ee sirna Gadaa mari’achaa turre.

2.5.2.2. Hennaa Keessa Tarsiiqaa (Past Continuous Tense)

Hennaa Keessa Tarsiiqaa gocha yeroo darbe keessa raawwatamaa ture tokko kan agarsiisu ykn
mul’isuudha.

45
Fkn. Ani taphachaan ture.
Inni fiigaa ture.
Isaan dhufaa turan.
Nuti deemaa turre.
Isin gala turtan.
2.5.2.3. Hennaa Raawwima Darbeennaa (Past Perfect Tense)
Hennaan Raawwima darbeennaa gosa hennaa darbee ta’ee gochoota yeroo darbe raawwataman
keessaa gocha dursee raawwatame kan agarsiisudha.
Fkn. Yeroon ani mana ga’uu, harmeen koo mana cuftee deemteetti.
Himni kun gochawwan darban lama of kessaatti qaba. Inni jalqabaa ‘ani mana ga’uu koo’ kan
ibsu yoo ta’u, inni lammaffaa immo ‘harmeen koo mana cuftee deemuu ishee’ kan agarsiisuudh.
Gochawwan kana lamaan keessaa kan dura raawwatame ‘harmeen koo mana cuftee deemteetti’
isa jedhudha. Hima kanarratti hundaa’un henna raawwima darbannee gochi ta’u isa duursee
raawwatame ‘harmeen koo mana cuftee deemteetti’ isa jedhu kanaadha.

Hub. Hima tokko keessatti gochoonni Hennaa Tarsiiqaa (henna gocha darbe ibsu) fi
Raawwiimaa Darbeennaa waliin dhufuu danda’u. kanaafuu himoota dubbannu ykn barreessinu
keessatti waa’ee gochoota lamaan darbanii yoo ibsinu, gocha yeroo dhihoo ta’e ykn as aanu,
tarsiiqaan yoo ibsinu, isa achi aanu ammoo raawwimaa darbeennaan ibsina. Kanaafuu
hennaawwan kuni lachuu yeroo darbe agarsiisu jechuudha. Fkn: Yeroon ani dhufu, ishiin
deemtetti. Hima kana keessatti, yeroon ani dhufu, kan jedhu Tarsiiqa yoo ta’u, ishiin
deemteetti kan jedhu ammoo Raawwiimaa darbeennaati.

2.5.3. Hennaa Duranaa (Future Tense)


2.5.3.1. Hennaa Murannaa (Simple Future Tense)
Hennaan murannaa, gocha gara fuul-duraa raawwatamuun isaa hinoolle, garuu yeroo gochichi
itti raawwatamu adda bahee kan hinbeekkamiin, agarsiisa ykn ibsa.
Fkn: 1. Inni deemuufi.
Ishiin galuufi.
Jarri dhufuufi.
Himoota armaan olii keessatti gochaawwan “deem-”, “gal-” fi “dhuf ” jedhan irratti dhamjechi
“-uf” jedhu maxxannuun gochawwan fulduratti raawwatamuuf murtaa’an agarsiisa.

46
Fkn. 2. Tolashiin heerumuuf jirti.
Ani kitaaba barreessuufan jira.
Qananiisaa Baqqalaa Landanirratti fiiguuf jira.
2.5.3.2. Hennaan Murannaala (Indefinite Future Tense)
Hennaan murannaalaa gosa hennaa gocha ykn dhimma gara fuul-duraa raawwatamuu malu
agarsiisuf oolaniin ibsama. Gochi muraannalaan ibsamu kun gara-fuulduraa raawwatamuu ykn
raawwatamuu dhabuus nidanda’a.
Fkn: 1. Ani nan deema ta’a.
2. Inni xalayaa hiri’yaa isaaf nibarreessa ta’a.
Hub.
Hennaa Murannaafi Murannaalaa kana hubachuuf walbira qabnee haa ilaallu.
A. Murannaan, gocha gara fuul-duraa raawwatamuun isaa hinoolle, garuu yeroon itti
raawwatamu kan adda bahee hinbeekkamiin, ibsa.
Fkn. 1. Bokkaan roobuuf jira.
2. Barsiisaan Afaan Oromoo qormaata nuuf laachuuf jira.
3. Tarfaasaan daldala eegaluuf jira
B. Hennaan murannaalaa garuu, gocha gara fuul-duraa raawwatamuu malu ibsa. Gochi
muraannalaan ibsamu kun gara-fuulduraa raawwatamuu ykn raawwatamuu dhabuus
nidanda’a.
Fkn: 1. Bokkaan nirooba ta’a.
2. Barsiisaan Afaan Oromoo qormaata nuuf laata ta’a.
3. Tarfaasaan daldala nieegala ta’a.

BOQONNAA SADI: QUBEESSUU, SIRNA TUQAALEE, WALQABSIISTOTAAFI


FAAYIDAA QUB-GUDDEESSA

47
3. Qubeessuu, Sirna Tuqaalee, Walqabsiistotaafi Faayidaa Qub-Guddeessa

3.1. Sirna tuqaalee

Sirni tuqaalee barreeffamaa tokko barreeffama guutuu taasisu ykn hima tokko hima guutu
taasisuuf faayidaa guddaa qabu. Sirni tuqaalee kunniin barreeffama keessatti osoo jiraachuu
baatanii wantoota namoonni barreessan hubachuu hindandeenyu. Fakkeenyaaf, maqaa namoota
walgahiirratti argamanii barreessuuf, Tolaa, Beekaa, Caaltuufi Hawwiin walgahiirratti
argamaniiru jechuuf yoo mallattoon sirna tuqaa hin jiraatin ergaa dabarsuu barbaannu hin
dabarsinu. Kutaa kana jalatti mallattoolee fi faayidaalee sirni tuqaalee kun kennan tokko tokkoon
ibsamu.

1. Mallattoo Tuqaa: mallattoon kun barreeffama keessatti yaada xumuruuf, mata duree
guddaafi xiqqaa adda baasuufi tajaajiloota biroofis oola. Tajaajila isaas gaditti tokko tokkoon
ilaalali.
A. Yaadni (himni) tokko xumuramuu agarsiisuuf.

 Hirribni naqabe.
 Kitaaba natti kenni.
B. Kottooffannaa jechaa agarsiisuuf.
 Bilbila = bil.
 Lakkoofsa = lakk.
C. Gabaajee aarsiisuuf.
 tartiiba lakkoosaa ---T.L.
 Yuunivarsiitii Madda Walaabuu----- Y.M.W
D. Herrega keessatti lakkofsa guutuufi haftee adda baasuuf.
 20.5
 9.12
2. Buufata xiqqaa (;) Buufanni xiqqaan tajaajiloota armaan gadii qaba.
A. Yaadota guutuu lama gidduu boqonnaan jiraachuu agarsiisuuf.
Fkn. Barana bokkaan birraa roobe; omishni gaariin ni’argama.
Gowwaan nibaata; gamni ninyaata.

48
B. Hima keessaa qoodduufi walqabsiiftuu hambisuuf oola
Fkn. Olii gadi fiiga, ta’us eessayyuu hin geenye
Olii gadi fiiga; eessayyuu hin geenye.

3. Qoodduu (,): Qoodduun barreeffama keessatti faayidaalee armaan gadii qabdi.


A. Jecha, gaalee fi ciroo walitti fufiinsa qaban addaan kuta akkasumas yeroodhaaf hara
nama galfachiisa.
Fkn. Caaltuun gabaa buna, sogidda, sukkara, barbaree fi ruuza bittee galte
B. Ciroowwan gaggabaaboo ofdanda’oo ta’anii yaada faallaa agarsiisan addaan baasa.
Fkn. Suuta deema, garuu yeroon gala.
C. Jechi walfakkaataan tokko yeroo walitti aanee barraa’u addaan baasa
Fkn. Yeroo inni deeme, deeme jedhii natti himi.
D. Guyyaa fi bara addaan baasuuf
Fkn. Fulbaana 8, 2020
E. Ciroo ofdanda’aafi hirkataa addaan baasuuf tajaajila.
Fkn. Osoon bararuu danda’ee, Awaash ceeheen Finfinnee bula.

4. Tuqlamee (:) Tuqlameen barreeffama keessatti faayidaalee armaan gadii qabdi.


A. Waan ibsi bal’aan itti kennamu ykn yaada tokko kaasnee ibsuufi tarreessuuf
Fkn. fedhiin ishee waa sadi: mana, konkolaataafi heeruma.

B. Sa’aatiifi daqiiqaa addaan baasuuf.


Fkn. sa’aa lamaafi daqiiqaa soddoma jechuuf 2:30
C. Qooda ykn gahee qabeenya nama tokkoo agarsiisuuf.
Fkn. harka torba keessaa sadi jechuuf 3:7
D. Iskeelii safaraa barreessuuf
Fkn. kartarratti sentimeetirri tokko lafarratti sentimeetira miiliyoona tokko bakka
bu’e yoo tahe 1: 1000000
E. Yaada kitaabarraa arganne tokkoo baraafi fuula kitaabichaa agarsiisuuf ykn ibsuuf
Fkn. kitaaba Addunyaan bara 2012 barreesse fuula 34 jechuuf…. Addunyaa (2012:34)

5. Mallattoo Gaaffii (?): yaadota gaaffii qaban ittiin gaafachuuf gargaara.


A. Dhuma hima gaaffii ta’erratti galuun fayyada.

49
Fkn. Asoosama jechuun maal jechuudha?
B. Gaaffii gara laafina ykn ulfina agarsiisu gaafatuu waliin gala.
Fkn. Maal hin teessanii?
Maaloo harka nan qabduu?
C. Hima ykn yaada tokko irratti shakkiin yoo jiraate gala.
Fkn. Onesmoos Nasiib bara (1981?) boqate.

6. Mallattoo Raajeffannoo(!): barreeffama keessatti himni mallattoon raajeffannoo (!)


kun dura jiru yaada dinqisiiffannaa yookiin rajeeffannoo dhimma tokkoof nu qabnu
agarsiisa. Mallattoon raajeeffannoo, aarii, dinqisiiffannoo, gammachuufi kkf agarsiisuuf
fayyadamna.
Fakkeenya dabalataa haa’ilaalu: 1. Wayyoo miila koo! 2. Maal kun!
3. Kun korma! 4. Ani bade!
7. Sarara Xiiqqaa (-) Sararri xiqqaan barreeffama keessatti faayidaalee armaan gadii qaba.
A. Jechoota lama ykn lamaa ol akka qaama tokkootti dhaabbachuun maqaa ibsan
walitti hidhuuf.
Fkn. • lubbu-qabeeyyii • mata-duree wal-gahii

B. Yeroo barreessinu, dhuma sararaarratti jecha tokko adda hiruuf. Jechi tokko kan
adda bahuu/hiramuu qabu birsagarratti.
Fkf jechi ‘tokko’ jedhu birsaga lama (tok-fi ko).
C. Lakkoofsa qubeen barreeffame kan jecha tokkoo ol qabu adda baasuuf. Fkn.
Shantamii-lama, torbaatamii-torba
8. Sarara dheeraa (_) Sararri dheeraan callisa qoodduurra dheeratu, garuu tuqaarra
gabaabbatu bakka bu’a. Yaada walitti fufiinsa qabu keessaa yaada biraa yoo galchinu,
yaadicha addaa san adda baasuuf fayyada.
Fkn: Namoonni tokko tokko- maqaa isaanii dhahuu hinbarbaadu- ilaalchi isaan
walqixxummaa saalaarratti qaban rakkina qaba.
Obboleessi Burqaa, Sanbatoon _amma lubbuun hinjiru_ goota beekkamaa ture.

9. Hammattuu ( ): mallattoon kun barreeffama keessatti yaanni hammattuu keessa


kaa’ame yaada isa dura ibsame waliin tokko jechuudha ,yoo gabaabatee barreeffame

50
illee. Karaa biraatiin, hima sana akka armaan gadiitti irra deebinee barreessuu
dandeenya.
Fkn. IDX (Intarpiraayizii Daldala Xixiqqaa) faayidaa adda addaa qaba.
Fakkeenya kana keessatti yaadni hammattuu keessa jiru akka ibsa dabalataatti
fudhatama. Kana jechuun namoonni himicha dubbisan waan gabaajeen ( jechi gabaabaa
IDX) bakka bu’u beeku yookiin yoo hin beeknes waan hammattuu keessa jiru
dubbisanii hubannaa argachuu danda’u. Karaa biraatiin hammattuun hiikaa yookiin
jedhu agarsiisa.
10. Tutuqaa (…) Tuttuqaan, jalqaba himaarratti, hima gidduutti ykn dhuma himaarratti
yaadni hafuu agarsiisa.
Fkn. “Kunoo hari’a Rabbi ….” Yaadni hafe dhuma himaarratti yoo ta’e, tuqaan afur
ta’a. Inni dhumaa tuqaa dhuma himaa agarsiisu.
11. Mallattoo Waraabbii Dachaa (“ ”)fi Mallattoo Waraabbii Qeenxee (‘ ’)
A. Mallattoo waraabbii dachaa (“ ”) Mallaattoon waraabbii dachaa faayidoota armaan gadii qaba.
1. Waan namni tokko kallattumaan dubbate, akkuma jirutti waraabuuf.
Fkn, “Har’a qorumsa Afaan Oromoon qaba.” jedhe Olyaad.
2. Mata dureewwan kitaabaa, asoosama gabaabaa, walaloo, diraamaa, barruufi kkf agarsiisa.
Fkn: a. Diraamaa “Sakallaa” jedhu ilaaltee?
b) “Eelaan” filmii haala gaariin qophaa’e.
c) Kitaabni, “Seenaa Uummata Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaatti,” jedhu
Afaan sadiin qophaa’e.
3. Jechi waa’een isaa dubbatamaa jiru, mallattoo warabbii dachaa keessa gala.
Fkn: Barsiisaan Lammummaafi Amala Gaarii waa’ee “Malaammaltummaa” nubarsiise.
4. Yaada itti hinamanne, mallattoo kana keessa galchina.
Fkn. Namoonni tokko tokko, “Araqeen dhibee garaachaa namarraa ittisa” jedhanii amanu

B. Mallattoon Waraabbii Qeenxee (‘ ’) Mallattoon waraabbii qeenxee faayidaalee armaan gadii qaba.
1. Barreeffama keessatti jechi afaan ittiin barreeffamaa jiruun ala ta’e, mallattoo
waraabbii qeenxee keessa gala.
Fkn. Barsiisaan Baayooloojii ‘baakteeriyaan’faayidaas miidhaas qabaachuu nubarsiise.

2. Waraabbiin waraabbii keessaa, mallattoo waraabbii qeenxee keessa gala.

51
Fkn.1 “Waa’ee uummata Oromoo sirritti yoo beekuu barbadde, kitaaba ‘Seenaa
uummata Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaatti’ jedhu dubbisi,” jedhe barsiisaan.

2. “Fiilmiin ani baayyee dinqisiifadhu ‘Eelaa’ dha.” jette Dammituun.

3.2. Faayidaa Qubguddeessaa


Qubeen Afaan Oromoo bakka lamatti qoodama: Qubee guddaafi xiqqaadha. Isaan kun
lamaan yeroo barreeffamaan akkasumas walmakanii odoo hin ta’iin seera barreeffamaa
eeganiiti, Qubee guddaafi xiqqaa seera malee walkeessa makuun sirrii miti. Jechaa yookiin
hima, akkasumas yaada tokko yeroo barreessinu, seera barreeffamaa eegnee quboota gosa
lamaanuutti fayyadamna. Faayidaalee quboota guguddaa Kanneen armaan gadii faayidaalee
gurguddaa qubguddeessati.
1. Maaqa dhuunfaa’ Fkn. Boontuu, Araarsoo
2. Biiroo, manneen hojii mootummaa, waldootaa fi kkf. Fkn. Waldaa Qaxxaamura
Diimaa Yuunivarsitii Haroomaayaa
3. Maqaalee biyyootaa, kutaalee biyyootaa magaalaawwan, ardiilee, laggeen,
tulluuwwan, haroowwanfi kkf
Fkn. Godina Baalee, Jimmaa, Madda Walaabuu, Finfinnee,
Ardii Afrikaa, Eshiyaa, Awrooppaa
Hara Xaanaa, Shaallaa, Laangaanoo
4. Maqaa afaan tokkoof kenname Fkn. Afaan oromoo Afaan Ingiliffa Afaan Amaraa
Afaan Sumaalee
5. Qubee jalqabaa hima haarayaa Fkf. Ilmaan Hundee keessaa shamarran ciccimoodha.
6. Guyyoota torbanii, ji’oota waggaafi ayyaanota beekamoo
Fkn. Wixataa hanga Jimaatatti ni dalaga.
Fulbaana, Amajjii, Muddee ……………
7. Jecha jalqaba mallattoo waraabbii keessa jiru. Akka Sooqoraxisiitti, “Dhalli namaa
bineeleda hawaasummaan gurmaawedha” jedha.

3.3. Walqabsiiftota

52
Waliingonni hima keessaatii qaama adda addaa kan akka maqaa, gaalee, ciroo fi kutaa
himaa adda addaa waliingahuudhaan akka hiikni hima sanaa walirraa hin cinne ga'ee
guddaa jechoota qabani dha.

Walqabsiiftonni gosa hojii isaaniitiin bakka lamatti qoodanii ilaaluu nidandahama.


Isaanis: Kabeengoota/coordinating conjunction/
Hirkaangoota. /subordinating conjunction/
2.4.1 Kaabeengoota
Waliingonni kun maqaawwan, gaaleewwanii fi ibsoota adda addaa hima keessatti gita
wal fakkaatuun tarreeffaman addaan baasuuf hojiirraa oolu.
Fakkenyaaf:
a) Tolaa fi Gaaddisaan Adaamaa deeman.
b) Gaadise yookiin Beektuun har'a dhufu.
c) Sa'a magariisa fi farda boora argitee beektaa?
d) Lammiin amala gaarii qaba. Haa ta'u malee, hojii gaarii hinhojjetu.
Akkuma himoota kanaa olii keessaatti mul'atanitti qaamoleen himaa gita ta'an hima
tokkoffaa keessati maqaalee: Tolaafi Gaadisaa jedhan yoo ta'u, hima lammaataa keessaatti:
Gaaddisee fi Beektuu. Hima sadaffaarratti gaalee maqaa sa'a magariisa jedhuu fi farda boora
jedhutu walgita kana lamaantu walqabatee mul'ata. Hima afraffaa keessaati ammoo
Ciroowwan of danda'aa lamatu wal-qabateera.

2.4.2 Hirkangoota
Gosti waliingota kanaa yeroo baay'ee gaalee xumuraa faana galuu yookiin xumura tumsu.
Kana gochuudhaan qaama hima tokko isa biroorratti akka hirkatu taasisuun, akka
walqabatanii hima tokko ta'an taasisu. Jecha biraatiin walqabsiiftonni kun qaama wal-
hinginne walitti hidhu jechuu dha. Fakkeenyaaf:
1. Yoo Jimma deemte Masaraa Abbaa Jifaar argita.
2. Garbaan erga mana diigee hiyyoome.
Hima tokkoffaa kana keessa ciroo lamatu jiru. Inni "Yoo Jimma deemte" jedhu hiika kan
argatu isa lammaffaa kana keessatti dha. Kunis walqabsiiftuu "yoo" jedhutu hiika isaa
adeemsa Jimmaa walitti hidhe hima tokko taasise.

53
Hirkaangonni gosa kanaa fakkeenyaaf:
Iyyuu, illee
Malee, yoo
Waan, akka
Erga, eega
Hamma, yeroo
Otoo, Akkuma,
Utuu, yennaa
Yemmuu, yommuu
Booddeee, booda
Hanga… -tti
Yoo…malee -illee
Waan…-f/i/, akka…tti fi kana kana fakkaatan dha.

54

You might also like