You are on page 1of 10

UUMAMAA FI FURAMUU

1. Waaqayyoo fi Uumama
1.1. Sadan Tokkummaa

Beekaan Te’oloogii Afriikaa Kaabaa, Tertuuliyaan yeroo jalqabaatiif jecha sadan tokkummaa “Trinity”
jedhu argate. Kanas jecha Girikii “Triune” jedhu irraa argate. “Triune” jechuun sadii jechuu dha. Sadan
Tokkummaan kun hundee amantii isa angafa. Jechi Sadan Tokkummaa jedhu Macaafa Qulqulluu keessa
hin jiru. Garuu kutaa Macaafa Qulqulluu hedduu keessaa jecha Sadan Tokkummaa kana deggeran ni
arganna. Fakkeenyaaf: “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Waaqayyo Gooftaa Maccaa….” Isa jedhame.

Sadan Tokkummaan Dhoksaa dha. Beekaan te’oloogii beekaaman bara haara’umsaa tokko, maqaan isaa
‘Philip Melanchton’ kan jedhamu bara jireenya isaa waa’ee dhoksaa sadan tokkummaa kana hubachuuf
wallaansoo qabaa ture. Yeroo du’uuf jedhutti gaaffii gaafatamee, “Gara Waaqayyoo yeroo deemtu gaaffii
ati jalqaba gaafattu maali?” jedhamnaan akkas jedhe jedhama, “Waa’ee dhoksaa Sadan Tokkummaa akka
inni naaf ibsun gaafadha” jedhe jedhama.

1.1.1. Waaqayyo Abbaan Eenyu?


 Waaqayyo Guddaa – hamma namni hubachuu danda’uun oli.
Waaqayyo kan ittiin beekamu:

 Waaqayyo namati dhihoo dha, nama irraa fagoodhas,

 Waaqayyoo hin jijjiiramu, guddachaa hin adeemu, gadis hin deebi’u,

 Waaqayyo kan isa darbeeti, kan ammaati, kan isa dhufuutis.

 Waaqayyo jaalala.

 Waaqayyo aango qabeessa.

 Waaqayyo hubannaa namaatiin bira hin ga’amu; inni dhoksaa dha.

 Waaqayyo ni jaallata, ni jaallatamas.

 Waaqayyo bakka hundumaatti yeroo tokkicha argama.

 Waaqayyo qajeelaa dha.

 Waaqayyoo kan bara baraa ti.

 Waaqayyo hafuura.

 Waaqayyoo jireenya.

1
 Waaqayyoo hundumaa beeka.

 Waaqayyo Ogeessa.

 Waaqayyo gaarii dha.

 Waaqayyo qulqulluu dha.

Kakuu Moofaa keessatti maqootni Waaqayyo isa guddaa kanaaf kennaman:

- Elohiim- Macaafa Seera Uumamaa 1:1 irratti, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa
uume” jedha. Jechi Ibirootaa bakka kanatti barreeffame maqaa Waaqayyootiif, “Elohiim”

- Jechi ‘El” jedhu immoo yeroo tokko tokko qofaa isaatti, yeroo biraa immoo maqoota kan biraa
gara dhuma isaatti argama. Kanaaf El kun maqaa waaqayyoof kakuu moofaa keessatti kennamee
dha. Maqoota kakuu moofaa keessatti maqaa El kanaan kakuu moofaa keessatti Waaqayyoof
kennaman keessaa muraasi isaanii, El-Shaadaay, Elohiim, El-Elyon (Waaqayyo isa hundumaa
gararraa jiru).

- YHWH – Maqaa kakuu moofaa keessatti Waaqayoof kenname isa beekamaa dha. Kun Gooftaa
maccaa jechuu dha.

- Adonaay – Kakuu Moofaa keessatti maqaan kun Gooftaa guddaa jechuu dha.

1.2. Uumama
Akka Macaafa Qulqulluu irraa dubbifannutti Waaqayyo guyyoota ja’a keessatti uumama hundumaa
uume.

Waa’ee guyyoota kanaa Kristaanonni yaada adda addaa qabu. Warri kaan guyyaa ja’a isuma nuyi beeknu
kana keessatti uuamame jidhu. Warri kan biraan immoo akkas miti jedhu.

Jechi ‘Guyyaa”jedhu kun hiika adda addaa qabaata:

a) Sa’aatii 12 guyyaa keessaa

b) Sa’aatii 24 guyyaa keessaa

c) Yeroo hin murtoofne keessa,

d) Tarii immoo wanti tokko yeroo isaatti hojjetamee xumuramuu isaa agarsiisa.

1.3. Namni Eeyu?


- Namni uumama biraattii adda ta’ee kan harka Waaqayyootiin uumamee dha.
- Namni hubannaa wajjin uumame.

- Namni hawaasummaa uumuu uumama danda’uu dha,


2
- Namni walii galtee yookaan hariiroo (Waaqayyoo fi nama biraa wajjin) uumuu kan danda’uu dha.

- Namni diinagdee fi siyaasa uumee ittiin jiraachuu uumama danda’uu dha.

- Namni Bifaa fi Fakkeenya Waaqayyootti kan uumamee dha.

Bifaa fi Fakkeenya Waaqayyootti uumamuun kun akka adaatti yeroo hiikamu:

a) Beekumsa kan agarsiisuu dha.

b) Miira qabaachuu kan agarsiisuu dha.

c) Miira Waaqayyoo isa jalqabaa sana qabaachuu dha.

d) Uumama irratti olaantummaa qabaachuu dha (Awugastiin)

e. Dandeettii waa sababa isaatiin hubachuu (Hiika te’oloogii)

1.4. Hamaa
Abbaa Falaasamaa Warra Ingilizii kan ta’e namtichi maqaan isaa ‘David Hume’ jedhamu haamaa isa
jedhu kana bakka lamatti hira: Hamaa uumamaa fi Hamaa yaadaa ti.
1. Hamaa Uumamaa. Ireniyas hamaan uumamaa kun Kristiyaanonni akka isaan nama ga’eessummaatti
guddatan kan gargaaruu dha jedha. Hamaan kun ga’eessummaatti guddachuuf barbaachisaa dha jedha.
Waaqayyo mirga walabaa nuuf kenne. Luuter mirgi walabaa keenya kun murtaa’aa akka ta’e dubbate.
Mukichi Jannata keessatti hamaa hin turre. Filannoon isaaniis hamaa hin turre. Waaqayyoon dhiisuun
garuu hamaa dha.
2. Hamaa yaadaa /miiraa. Seexanni ilmaan namaa qorte. Isaan cubbuutti kufan. Isa booda hamaan
dhufe. Kufaatiin namaa kun firii qaba.

1.5. Ergamoota
Waa’ee ergamootaa barsiisuun ulfaataa dha, sababiin isaa barsiisi waa’ee isaanii Macaafa Qulqulluu
keenya keessa waan hin jirreef. Ta’us garuu yaada tokko tokko Macaafa Qulqulluu keessaa argannuun
waa’ee ergamootaa dubbachuu dandeenya.
Ergamoonni yeroo tokko tokko Gooftaa wajjin wal fakkaatu. Waaqayyo kan bara baraa fi baay’ee
ergamoota irra caala. Sabni Israa’el Waaqayyoon yeroo baay’ee maqaadhaan hin waaman, garuu Gooftaa
jedhu. Ergamaa Gooftaa jedhu. Israa’elonni Waaqayyo qulqulluu akka ta’e amanu. Amantoonni
Ortodoksii Ergamoota waaqessuutti amanu. Ergamoonni Waaqayyoof caalaatti isaaniin akka tajaajilanitti
amanu. Kunis sababii lamaaf:
1) Barsiisa Yihudotaa. Barsiisi Yihudotaa waraabbii kan warra Ortodoksii ti.
2) Waldaa Kristiyaanaa Ishee durii. Waldaa Kristiyaanaa ishee durii keessatti Ergamoonni iddoo
guddaa qabu turan (Ibr. 1:4). Ergamoonni akka isaan uumama Waaqayyoo ta’anii fi angafa warra
Waaqayyoon uumamanii akka ta’an amanna. Isaan hafuura akka ta’aniif Waaqayyoon uumama

3
dura kan uumaman akka ta’an amanna (Far. 148:1-). Yoom akka uumaman garuu sirriitti hin
beeknu. Isaan Waaqayyoon ulfeessuudhaaf uumaman.
 Ergamoonni bakkaa fi yeroodhaan hin murtaa’an. Yeroo Waaqayyo isaan barbaadutti
battalumatti argamanii ergaa isaa dhaqu.
 Kakuu Moofaa keessatti Ergamoonni hafuura ta’anii akka namaatti mul’achaa turan.
 Ergamoonni warra Waaqayyoof ergamanii dha malee warra namaaf ergaman miti.
 Ergamoota waaqessuun nuuf hin eyyamamne (Qol. 2:18, Mul. 19:10, 22:8-9).
 Ergamoonni lakkoobsi isaanii sirriitti hin beekamne. Isaan hedduu dha.
 Ergamoonni gaarii fi hamoo qabu.
 Ergamoota warra Gaarii. Warri gaariin warra karaa gaariitti Waaqayyoof ergamanii dha.
 Ergamoota hamoo (Yih.6). isaan kun immoo warra faallaa Waaqayyoo hojjetanii
namootas Waaqayyo irratti kakaasanii dha.

1.6. Cubbuu fi Kufaatii Namaa


Jannata Eden keessatti abboommii Waaqayyo isaaniif kenne cabsanii akeeka Waaqayyoo keessaa
ba’uun namoota jalqabaa cubbuu fide. Cubbuun kun immoo daddarbaa dha. Cubbuun daddarbaa dha,
ni dhaalamas.
a) Cubbuun Waaqayyoon beekuu dhiisuu dha (Efe. 4:18)
b) Cubbuun dogoggora hojjechuu dha (Bau. 34:6).
c) XIyyeeffannaa itti kennuudhaan dhaggeeffachuu dhiisuu dha (Rom. 5:19, Ibr. 2:2-3).
1.7. Amala Qabatamaa Cubbuu Akka Walii Galaatti:
 Cubbuun dubbiidhaan, yaadaan, fi gochaadhaan dalagama /hojjetama.
 Cubbuun waan sirrii hojjechuu dhiisuu dha.
 Cubbuun Waaqayyo irratti ka’uudhaa fi isaaf abboomamuu dhiisuu dha.
 Cubbuun seeraa fi qajeelfama Waaqayyoo cabsuu dha.
 Cubbuun Waaqayyoon biratti yookaan immoo Waaqayyoon dhiisanii kan biraa waaqessuu dha.
1.8. Firii Cubbuu
 Boqonnaa fi nagaa nama dhowwata (Isa. 57:20-21).
 Hammeenyaan guutamuu (Erm. 42:6; Amo. 6:3).
 Yakkamaa akka ta’anitti namatti dhaga’amuu (Mat. 5:21-22; Yaq. 2:10).
 Jeeqamaa ta’uu (Far. 5:5,6:8).
 Adaba namatti fida.
 Du’aa fi kkf.
2. Cubbuu Ilmaan Namaa
2.1. Cubbuu Dhaalaa – sababa Addaamfaan
2.2. Cubbuu Gochaa
2.3. Cubbuun Walcaalaawoo? Gaaffii kanaaf deebii eeyyee yookaan waawuu jedhutu
deebifama haala isaa ilaaluudhaan.

4
a. Yakka: akka namoota fuula Waaqayyoo dura jiraataniitti cubbuun kam iyyuu, isaan nuyi
xiqqootti ilaallu iyyuu yakkamoo nu godhu. Kanaaf adaba bara baraatti nu geessu. Addaamii fi
Hewaan Jannata eden keessatti waa’ee kanaa baran. Yeroo sana Waaqayyo guyyaa isa
abboomaman cabsanitti adaba du’aatiin akka adabaman itti hime (Uma. 2:17). Cubbuunn tokkichi
sun Addaamii fi Hewaaniin yakkamoo godhee waan ta’eef isaan bakka qulqullaa’aa sana fuula
Waaqayyoo dura dhaabbachuu deebi’anii hin dandeenye.

Namni kam iyyuu abboommii yookaan seera hundumaa eegee tokko yoo cabse akka waan
hundumaa cabseetti ilaalama. Akkuma “Hin ejjin” jedhe, “Hin Ajjeesin” jedhe. Namni tokko yoo
eejjuudhaa baate iyyuu garuu immoo yoo ajjeese inni yakkamaa dha, seeras cabseera (Yaq. 2:10-
11).

Kanaaf fuula Waaqayyoo duratti cubbuun hundinuu wal qixxeetti yakamaa nama godha.

b. Firii Inni Jireenyaa fi Walitti Dhufeenya Waaqayyoo Wajjinii Irraan Gahu

Karaa biraa immoo cubbuun tokko tokko firii inni nama irraan ga’uun isa kaan caalaatti hamoo
ta’uu ni danda’u.

Bakka tokko tokkotti Macaafa Qulqulluu keessaa kan nuyi dubbifannu cubbuun tokko isa kan
biraa akka caalutti dubbata. Fakkeenyaaf, Gooftaan Yesus Kristos yeroo Phoonxoos
Philaaxoositti dubbate, “kanaafis inni dabarsee sitti na kenne cubbuu caalaa qaba” ittiin jedhe
(Yoh. 19:11). Innis Yihudaa isa waggaa sadiif isaa wajjin turee amma garuu qarshii fudhatee
dabarsee isa kenne ilaallata.

Waaqayyo yeroo mul’ataan cubbuu mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti hojjetamaa jiru
Hizqeelitti agarsiise, wantoota baay’ee isatti agarsiisee isa booda akkas ittiin jedhe, “Ati garuu
si’achi iyyuu wanta ciiggaasisaa kana irra caalu arguuf jirta” jedhe (Hiz. 8:6). Itti fufees cubbuu
dhoksaa jaarsoliin Israa’el hojjetan itti agarsiisee, akkas ittiin jedhe, “ammas immoo anaan,
“Wanta ciiggaasisaa kana irra caalu isaan hojjechaa jiran arguuf jirta.” (Hiz. 8:13).

Isa booda dubartii waaqa tolfamaa Baabilooniif boossu tokko argisiisee, Waaqayyo, “Ati kana
argiteettaa? Yaa mucaa namaa! Ati si’achi iyyuu wanta ciiggaasisaa kana irra caalu arguuf jirta”
jedhe (Hiz. 8:15).

2.4. Kristaanni Yeroo Cubbuu hojjetu maaltu ta’a?


Kristaanni sababa cubbuu hojjeteef mucaa Waaqayyoo ta’uun isaa irraa hin ka’u. Fuula Waaqayyoo
duratti dhihaachuu fi dhaabbachuun isaa hin jijjiiramu. Waaqayyo amma iyyuu isa jaallata. Isattis
araarama.

Garuu yeroo cubbuu hojjennu hariiroon nuyi Waaqayyoo wajjin qabnu ni jeeqama. Jireenyi
Kristiyaanummaa keenyaa ni miidhama. Yeroo cubbuu hojjennu yoodhuma illee raawwatee nu

5
jibbuudhaa baate, inni nutti hin gammadu. Phaawulos yeroo cubbuu hojjetan akka Hafuurri Qulqulluun
gaddu dubbata (Efe. 4:30).

2.5. Cubbuu Dhiifama Hin Qabne


Kutaan Macaafa Qulqulluu hedduun waa’ee cubbuu dhiifama hin qabnee dubbatu. Yesus akkas jedha,
“Kanaafis ani isinittan hima, cubbuun kam illee arrabsoonis namootaaf in dhiifama; arrabsoon hafuura
qulqulluu irratti ka’u garuu hin dhiifamu. Eenyu illee ilma namaatiin mormee waa isa irratti yoo dubbate
dhiifama in argata; eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, bara kanatti
bara dhufuttis dhiifama hin argatu isaaniin jedhe.” (Mat.12:31-32). Kanuma kan fakkaatus Mar. 3:29;
Luq. 12:10).

Ibroota keessatti immoo, “Warri ga’an yoo garagalan immoo attamitti isaan deebisuun danda’ama ree?
Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqa irraa miyeeffataniiru; hafuura qulqulluuttii hirmaataniiru.
Gaarummaan dubbii Waaqayyoo fi humni bara isa dhufuuf jiruu isaanitti dhaga’ameera. Warri akkasii
kun amantii irraa garagallaan, deebi’anii yaada garaa isaanii geeddarachuudhaaf haareffamuu hin
danda’an;” jedha (Ibr. 6:4-6). Akkasumas, “Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee jaallannee
beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhihaatu si’achi hin jiru.” Jedha (Ibr. 10:26).

Waa’ee cubbuu dhiifama hin qabnee kana namoonni adda addaa yaada adda addaa kennu:

o Warri kaan cubbuun kun utuu Yesus Kristos biyya lafaa irra fooniin jiruu cubbuu hojjetamee dha
jedhu. Garuu cubbuun Yesus yeroo sana dubbate kan walii gala fi baroota keessatti ta’uu dha
malee kan bara sanaa qofa hin turre. Inni Ibiroota keessaas yeroo Yesus gara Waaqaatti ol ba’ee
booddee dha.

o Warri kaan immoo cubbuun kun isa namni utuu hin amaniin hojjetaa turee utuu qalbii hin
diddiirratin du’eedha jedhu.

o Warri kaan immoo cubbuun kun isa amantootni warri lammaffaa dhalatan qofti hafuura qulqulluu
arrabsanii dha jedhu.

o Warri kaan akka jedhanitti cubbuun kun isa namoonni hojii hfuura qulqulluun hojjetu hundumaa
akka seexanni hojjetetti amananii dha. Kunis akkuma bara kakuu haaraatti yeroo Yesus biyya
lafaa kana irratti hojjechaa ture namoonni hafuura Bi’eelzeebuliin kana godha jedhanii dubbatanii
dha (Mat. 12:24).

Wanti biraan immoo ergaa Yohannis keessatti barreeffamee jira. Akkas jedha, “Namni tokko obboleessi
isaa cubbuu du’a [bara baraatti] isa hin geessine utuu hojjetuu yoo arge haa kadhatuuf, Waaqayyo
jireenya isaaf in kenna. Kunis warra cubbuu du’a [bara baraatti] isaan hin geessine hojjetan duwwaadhaaf
ta’a; cubbuun du’a [bara baraatti’ nama geessu jira; namni isa akkasii kanaaf haa kadhatu jechuu koo
miti.” (1Yoh. 5:16). Cubbuun kun tarii barsiisa dogoggoraa waa’ee Kristos barsiisuu ta’uu danda’a.

6
2.6. Adaba Cubbuu – Waaqayyo Qajeelchuuf adaba.

3. Furamuu
3.1. Eenyummaa Kristos
3.1.1. Namummaa Kristos
 Durba irraa dhalate,
 Yesus Qaama namaa qaba
 Yesus Sammuu namaa qaba ture
 Yesus akkuma namaa lubbuu fi miira qaba
 Ta’us garuu Cubbuu malee ture Yesus
 Inni nama guutuu ture; kunis kan barbaachiseef:
Sababiiwwan torbatu jira Yesus nama guutuu ta’uun isaa kan barbaachiseef. Isaan kun torban maal fa’i?

a. Bakka Bu’ee Abboomamaa Ta’uuf

b. Bakka Bu’ee Aarsaa Ta’uuf

c. Waaqayyoo fi Namoota Gidduu Akka Dhaabbatuuf

d. Namootni Akeeka Uumama Hundumaa Bulchuu fi To’achuu isa Waaqayyo Jalqaba Irratti
Namootaaf Qabu Raawwachiisuuf

e. Fakkeenya Jireenyaa Isa Gaarii Nuuf Ta’uuf

f. Fakkeenya Qaama Keenya Isa Furamuu Ta’uuf

g. Hojiin Angafa Lubaa Maal Akka Ta’e Mul’isuuf

3.1.2. Waaqaummaa Kristos

Macaafa Qulqulluun Kallattiidhaan Kan Dubbatu;

 Maqaan Waaqayyo Jedhu Yesusiin ittiin Waamuuf Gargaaruu Isaa. Kutaaleen kun Yoh.
1:1, 18; 20:28; Rom. 9:5; Tit. 2:13; Ibr. 1:8 fi 2Phe.1:1.

 Gooftaa Kan Jedhu Yesusiin Ittiin Waamuuf Fayyada. Gooftaa jechi jedhu yeroo tokko tokko
kabajumaaf, akka nuyi obboofaa jennu gargaara (Mat. 13:27; 21:30; 27:63; Yoh. 4:11). Yeroo
tokko tokko immoo gooftaa garbootaa akka ta’e agarsiisa (Mat. 6:24; 21:40). Akka kakuu
moofaatti garuu Gooftaan Waaqayyo qofaaf gargaara ture. Namoonni Waaqayyo qofaan
“Gooftaa” jedhu. Kakuu Haaraa keessatti immoo Yesus Gooftaa akka ta’e dubbatama. “Har’a
mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera, inni immoo Kristos Goofticha.” Jedha (Luq.
2:11).

7
Ragoolee Waaqummaa Yesus Agarsiisan

a. Qilleensa Jabaa (Bubbee jabaa) gab godhe, “…yommusumas ka’ee qilleensichaa fi bishaanicha
ifate; gabiin guddaan isaas in ta’e. Kana irratti namoonni, na’anii dinqifachaa, “Kun nama attamii
ti? Qilleensii fi bishaanni iyyuu in abboomamuuf” jedhan” (Mat. 8:26-27).

b. Buddeenaa fi Qurxummii yartuu baay’ise, “Kana booddee Marguma sana irra akka taa’aniif tuuta
sana abboomee, buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee gara waaqaatti ol ilaalee
eebbisee cabsees buddeenan sana bartoota isaatti kekkenne. Bartoonni immoo tuuta sanaaf in
dhiheessan. Isaan hundumtinuu nyaatanii in qqufan. Ergasii bartoonni hurraa isaan irraa hafe
gundoo kudha lama guutuu fuudhan.” (Mat. 14:19-20).

c. Inni Bishaan Wayiniitti Geeddare (Yoh.2:1-11).

d. Inni bakka hundumaa fi yeroo hundumaatti warra kan isaa ta’anii wajjin ta’uu isaa. “Kunoo, ani
immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” isaaniinn jedhe (Mat.
28:20).

e. Waaqa lafa irraa fi Waaqa irratti illee waaqeffamuu isaa. “Kanaafis Waaqayyo waann hundumaa
irra caalchisee guddaa ol isa qabe. Maqaa isaa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis
warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif
jilbeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyo abbaatiif, Yesus Kristos
gooftaa akka ta’e beeksisuuf jiru” jedha (Filp. 2:9-11). Akkasumas ergamoonni akka isaaf
sagadaniif Waaqayyo isaan abboome, “Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara
biyya lafaatti yommuu erge immoo, “Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!”
jedhe (Ibr. 1:6).

3.2. Du’uu Kristos


 Adabichi Waaqayyo Abbaadhaab ta’e.

“Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee
cubbamaa isa godheera.” Jedha (2Qor. 5:21). Akkasumas, “Waaqayyo, “Isa ani dhiphise sana caccabsuun
jaalala koo in ta’e;; inni lubbuu isaa aarsaa sababii yakkaatiif dhi’aatu godhee yoo dhi’eesse, sanyii isaa
arguuf jira; jabanni isaas in dheerataaf; jaalalli koos karaa isaa in raawwatama;” jedhe (Isa. 53:10).

 Dhiphina bara baraa miti garuu kaffaltii guutuu dha.

 Du’uun Kristos akka bakka bu’iinsa adabaatti.

 Du’uun Yesus gatii cubbuu nu irraa baasuufi dha;

a. Aarsaa “Utuu akkas ta’uu dhaabaatee, inni uumamuu biyya lafaatii jalqabee irra deddeebi’ee
dhiphachuun isa irra in ga’a ture; amma garuu dhuma barichaatti, yeroo hundumaaf akka ta’utti al

8
tokkicha ofii isaa aarsaa dhiheessuu isaatiin cubbuu balleessuudhaaf mul’ateera.” Jedha (Ibr.
9:26).

b. Dheekkamsa Qabbaneessuu “Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne, inni garuu nu jaallate, ilma isaas
cubbuu keenyaaf furee haa ta’uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.” Jedha (1Yoh.4:10).

c. Araarsuu “Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta’e. Inni hojii
araarsuu isaa kanas namootatti akka nuyi dabarsinuuf nuuf kenne. Kunis Waaqayyo irra
daddarbaa namootaa itti lakkaa’uu dhiisee karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha.
Ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne.” Jedha (2Qor. 5:18-19).

d. Furuu “Warra du’a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala jiraatan hundumaa
birmaduu baase.” (Ibr. 2:15).

4. Hundeeffama Ibsa Amantii Ergamootaa

4.1. Kristos Si’olitti Gadi bu’eeraawoo?


Yeroo tokko waa’een gara Si’olitti gadii bu’uun Kristos namoota gidduuttii mormii kaasa. Jechi “Gara
Si’olitti Gadi Bu’e” jedhu Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru. Ibsi amantii ergamootaa garuu
“…..Si’olittis kan gai bu’e……” kan jedhu itti dabalee kaa’a. Kana jechuun erga fannoo irratti dhiphatee
du’ee booda ammas si’ol keessatti dabalee dhiphate jiechuu dhaa? Macaafa Qulqulluu keessaa yeroo
qorannu garuu inni raawwatee akkas akka hin goone argina.

4.2. Kristos Si’olitti Gadi bu’eera


Inni in awwaalame jedha malee si’olitti gadi bu’uun isaa Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru. Kun ibsa
amantii ergamootaa keessa qofa jira. Ibsi amantii ergamootaa immoo akka ibsa amantii kan biroo wal
ga’ii waldootaa yookaan immoo namootaan tokko tokkoon hin gulaalamne ture.

Warri kaan immoo du’ee awwaalamuun Kristos si’olitti gadi bu’uu isaa agarsiisa jedhu. Si’ol jechi jedhu
kun du’a keessa turuudhuma akka agrsiisutti yaada kennu.

4.3. Si’olitti Gadi Bu’uu Kristosiif Deggersa Macaafa Qulqulluu


Macaafa Qulqulluun bakka shanitti yaada Si’olitti gadi bu’uu Kristos kana deggera:

a. HoE. 2:27, “Lubbuu koo iddoo warra du’aniitti hin dhiiftu, dhuunfaa kees tortoratti dabarsitee hin
kennitu.”

b. Rom. 10:6-7, “Qajeelummaan amantii keessaa argamu garuu Kristosiin gadi fiduudhaaf eenyutu
gara waaqaatti ol ba’a? yookiis immoo Kristosiin warra du’an keessaa ol fiduudhaaf eenyutu
qileetti gadi bu’a? jettee garaa keetti hin yaadin jedhe”.

9
c. Efe. 4:8-9, “Kanaaf Caaffanni Qulqullaa’aan inni gara waaqaatti yeroo ol ba’e, boojuu booji’ee
dhaqee namootaafis kennaa kenne in jedha. Amma ol ba’e yommuu jedhu maal jechuu isaa ti?
Dura biyya lafaa kana keessaa gara iddoo gadiitti gadi bu’e jechuu dha.”

d. 1Phe. 3:18-20, “Kristos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee yeroo hundumaaf akka
ta’utti al tokkicha cubbuu namoota baay’eetiif dhiphateera. Inni qajeelaan foon uffatee qooda
warra jallootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera. Hafuuruma sanaanis dhaqee hafuurota
warra mana hidhaa keessa jiranitti lallabe. Isaan hafuurota namoota warra dura bara Nohitti yeroo
Markabni tolfame, yommuu Waaqayyo obsaan isaaniif eeggachaa turetti isaaf hin abboomamin
hafanii dha.”

e. 1Phe. 4:6, “Kanaaf warra du’aniif iyyuu wangeelli in lallabame. Warri du’an sun sababii nama
ta’aniif fooniin du’uun yoo itti faradame illee, hafuuraan jireenya Waaqayyo kennuufitti in
jiraatu.”

4.4. Si’olitti Gadi Bu’uu Kristosiif Mormii Macaafa Qulqulluu


Kakuu Haaraa keessaa kutaa Macaafa Qulqulluu hedduutuu jira kan si’olitti gadi bu’uu Kristos morman.

1. Luq. 23:43 - Jecha Yesus fannoo irra utuu jiruu namicha isa harka isaa mirgaatti fannifamee jirutti
dubbate, “Dhuguman sitti hima, har’a anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedheen.

2. Yoh. 19:30 – Jecha Kristos fannoo irratti dubbate, “Fiixaan ba’eera” jedhe.

3. Luq. 23:46 – Yeroo lubbuun isaa keessaa ba’uuf jedhetti iyya Yesus iyye, “Yaa abbaa ko, hafuura
koo harka keettan kennadha!” jedhe.

4.5. Du’aa Ka’uu Yesus


Macaafni kakuu haaraa hedduun du’aa ka’uu Kristosiif ragaalee hedduu dhiheessu (Mat. 28:1-20; Mar.
16:1-8; Luq. 24:1-53; Yoh. 20:1-21:25).

4.5.1. Barbaachisummaa Du’aa ka’uu

a. Du’aa Ka’uun Kristos Lammaffaa Dhalachuu Keenya Nuuf Mirkaneessa

b. Du’aa Ka’uun Kristos Qajeelummaa Keenya Nuuf Mirkaneessa

c. Du’aa Ka’uun Kristos Nus Qaama Du’aa Ka’uu Akka Qabaannu Nuuf Mirkaneessa

4.6. Gara Waaqatti Ol Ba’uu Kristos


Erga du’aa ka’ee booddee guyyaa afurtamaaf biyya lafaa kana irra ture (HoE.1:3). Isa booda gara
Waaqaatti ol ba’e; “Kana booddee Yesus mandaricha keessaa baasee, hamma Bitaaniyaatti isaan geese;
harka isaa lachuu ol fuudhees isaan eebbise. Utuma isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa gargar ba’ee, gara
waaqa keessaatti ol fudhatame.” (Luq. 24:50-51).
10

You might also like