You are on page 1of 8

WANGEELA

LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Dadammqiinsa Ganamaa (Toorbee 4ffaa)

LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Lama yookaan Sadiin Ta’uun Wangeela Lallabuu

Dubbisa Caaffata Qulqulluu: Luq. 10:1; Yoh. 15:16; 13:34-35


Guyyaa
I. Bu’aan dhagnaa (kutaan) Nafichaa hundumtuu namoota gara Gooftaatti fiduuf
1
tajaajila, hojiifi itti-gaafatamummaa qabu―1 Qor. 9:16-17; Mat. 28:19-20.
Guyyaa
II. Lamas sadiis taanee wangeela akkamitti lallabuu akka qabnuufi namoonni akka
2
fayyaniif gargaaruu barachuu qabna:
A. Cubbamootaaf jaalala dhugaa kan qabnuufi isaanifis kan yaadnu, yeroo hunda
lubbuu namootaaf ba’aa kan baannu ta’uu qabna.
B. Wangeelli hojii osoo hin taane jireenya keenya ta’uu qaba; wangeelaaf jiraachuu
qabna; yaa’ii gaariifi guddina muraasa qabaachuu qofaan quufuu hin qabnu―Fil.
1:20-21a; 2:15.
Guyyaa C. Wangeela lallabuun dhugumaan dhimma amantiiti; ilaaluudhaan, wanta
3 argamuun, miira yookaan haala kamiinuu osoo hin taane amantiidhaan
deddeebi’uufi amantiidhaan hojjechuu barachuu qabna―2 Qor. 5:7.
D. Yommuu lallabuuf deemnu, waa’ee Kiristoos, waa’ee isa jiraataa sana waa
dubbachuu barachuu qabna; barsiisaa (dooktiriinii) tajaajiluu osoo hin taane
Kiristoos isa jiraataa namootatti tajaajiluu barachuu qabna.
Guyyaa E. Wangeela kophummaadhaan lallabuu hin qabnu; lamas sadiis dabalatee
4 tokkummaafi qindoominaan waa hunda Naficha keessatti gamtaadhaan hojjechuu
qabna―Luq. 10:1; Acts 13:2:
1. Hubannaa kanaan ofumaa keenyaan hojjenna osoo hin taane, qindoominaan
kanneen biroon nu waliin akka hojjetaniif gaafanna; kara kanaan wangeelli
2. humna-qabeessaafi mo’ataa ni ta’a―Lal. 4:9-12.
3. Kiristoosiin lallabaa walii walii keenyaan tokkummaa hin godhannu taanaan,
wal hin jaallannu taanaan, firiin keenya baay’isee daangefama―Yoh. 15:12,
16-17; 13:34-35.
Guyyaa
III. Tokkummaa waliin qabaachuufi wal kunuunsuudhaan lamas sadiis taanee
5
walitti hidhamuuf sadarkaalee jiran erga dabarreen booda, dabaluu Nafa
Kiristoosiif namoota quunnamuuf adeemuu qabna―12:16:
A. Kana booda, hidhata keenya waliin taanee cubbamoota yookaan kiristaanota
quunnamuuf ba’aa fudhannee tarkanfii fudhachuu qabna―1 Phex. 2:5, 9; Dan.
11:32.
B. Gooftaan akka nu eebbisuuf cimsinee kadhachaa hidhata keenya waliin
tokkummaa godhachuu qabna―HoE. 1:14.
WANGEELA
LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

C. Waggaatti firii tokko argachuuf murannoo jabaadhaan galma murtaa’aa ta’e tokko
kaa’uu qabna―Yoh. 15:16; Erm. 17:8b; Mul. 22:2.
Guyyaa D.Namoota beeknu yaadannee tarreessuu qabna; sana booda eenyuun dursinee
6 quunnamuu akka qabnu geggeessaa Gooftaa barbaaduu qabna―Rom. 1:9
E. Obboloota hidhata keenya ta’an waliin torbanitti altokko walgeenyee namoota
tarreefaman kanaaf kadhachuu, tokkummaa godhachuu, akkasumas haala warra
isaaniif ba’aa qabnuu qorachuu qabna―Qol. 1:3.
F. Firii ariifachiisaa eeguu hin qabnu; garuu obsa hin dhumneefi kadhannaa walittii
hin cinneen itti fufuu qabna―1 Qor. 15:58; Qol. 1:9-10, 28-29.

Xiyyeeffannoo:Waliin tokkummaa godhachuudhaan, waliif kadhachuufi wal kunuunsuudhaan


lamas sadiiss taane erga walitti hidhamneen booda, akka kutaa jireenya keenya wangeelaatti
namoota biroo jallachuufi wangeelaa isaanitti lallabuuf gantaadhaan tajaajilaafi itti-
gaafatamummaa keenya raawwachuu qabna.
Faarsaa: 1294, 1295, 921
WANGEELA
LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Guyyaa 1
Soorata ganamaa

Keessaan Gooftaan jireenya keenya akka ta'e beekuu qabna; ifa Sagalee Waaqayyoo akka ta'utti
qabaachuun nu barbaachisa; waldaa keessa ta'uu qabna; akkasumas akka bu’aa dhagnaa jiraataa
tokkotti waldaa keessatti tajaajiluu qabna. Karaa kanaan nuti diina to’annee Lubbuu gad
dhiisisuuf dhagna jiraatoo yeroo hundumaa gamtoomanii fi qindooman taana. Lubbuu gad
dhiisisuun galma tajaajila keenya isa dhumaati. Kun salphaadhumatti hojii lallabaa miti; galma
jireenya kiristaanummaa keenyaa isa baay’ee barbaachisaa fi xumuraati.
Yeroo kamittuu qajaeelfamni akkasii wangeela lallabuuf yoo jiraate hafuurri qulqullootaa deebii
deebisa. Hafuurri Qulqulluun hafuura qulqullootaa keessa jiru kana ni kabaja. Sababiin isaa, kun
lafa irratti kaayyoo Waaqayyoo bara kanaa waan ta'eef. Haata'u malee, Waldaan dhimma kana
arguu dhiifteetti. Kanaaf amma nuti kana deebisuu qabna. Asitti maal akka gochaa jirru
hubachuu qabna. Nuti asitti yaa'ii gaarii qabaachuu ykn yaa'ii ergaa dinqii ta'e guyyaa Gooftaa
ganamaa qabaachuu fi yaa'ii maaddii Gooftaa galgala qofaa qabaachuu dha? Nuti kan as jirru
guyyaa roobii yaa'ii kadhataa dinqisiisaa, guyyaa jimaataa immoo yaa'ii qo'annaa qabaachuufi?
Kanas immoo torbee dhufu, ji'a dhufus ykn waggaa dhufus akkasuma gochuu qofaadha?
waggaan Shan darbuun barbaachisaa miti; yoo isin namoota biraa hin fiddan ta'ellee, oolee bulus
namoonni muraasni, walitti qabamuun nu hin barbaachisu jedhu. Mufannaan nu gidduutti ta'a.
WANGEELA
LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Guyyaa 2
Soorata ganamaa

Wangeela Lallabuun Jireenya Keenya Ta'uu Qaba

Akka jireenya waldaatti lallaba sirrii ta'e nu barbaachisa. Kun hojii osoo hin ta'iin jireenya dha.
Kanumaaf as jirra. Kanumaaf as jiraachaa jirra. Altokko yeroo hundaaf osoo hin taane yeroo
hundumaa gochuu qabna.
Ammaa jalqabnee wangeela lallabuun jireenya keenya akka ta'e hundi keenya beekuu qabna.
Kaayyoo kanaaf as jiraataa jirra. Namoota irratti dhama'uu qabna. Akka barataa tokkootti
barattoota daree kee fi ijoollee doormii kee irratti hojjechuu qabda. Akka nama hojjetaa tokkootti
waahiillan kee irratti hojjechuu qabda. Olloota kee irratti hojjechuu qabda. Firoota kee fi
namoota beektu irratti hojjechuu qabda. Kun jireenya keenya. Yeroo hundumaa kanaaf jiraachuu
qabna.
Lallabni mo'ataan kun jireenya, dhugaa, waldaa fi tajaajila irrratti hundaa'a. Yoo qabxiiwwan
afran kanneen qabaatte, dhaabbii cimaa fi lallaba mo’ataa qabda. Lallabni keenya yeroo darbe
qofa ture jettee hin yaadiin. Sun jalqabbii keenya qofa ture. Ammaa kaasee lallaba akka jireenya
keenyatti fudhachuu qabna. Torbee dhaa torbeetti, ji'aa ji'atti kanaaf as jiraann; innis: biyya lafaa
kiristoosiif mo'uu fi lubbuu Kiristoosiif boji'uufiidha. Kana gochuuf Kiristoosiin guutamuu ifa
qabaachuu, waldaa keessa ta'uu fi bu'aa qaamaa tajaajilu ta'uu qabna. Yoos lallaba keenya
keessattii mo'icha qabaanna.
WANGEELA
LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Guyyaa 3
Soorata ganamaa
Yoh. 15:1"Ani muka wayinii dhugaati; kan dhaabes Abbaa kiyya. 2Inni damee kiyya kan
firiir hin naqanne cufa muree gata; damee firii gaarii naqatu ammoo akka caalaatti naqatuuf
irraa qora s. 3Isinis dubbii ani isinitti dubbadheen ammayyuu qulqullooftaniirtu. 4Na keessa
jiraadhaa; anis isin keessan nan jiraadhaa; akkuma dameen tokko yoo muka wayiniitti
jiraattu malee ofuma isiitiin firii naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan
malee firii naqachuu hin dandeettan. 5"Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni
tokko yoo na keessa jiraate, anis yoo isa keessa jiraadhe inni firii baay'ee naqata; isin narraa
gargari baatanii womaa gochuu hin dandeettaniitii.
34Akka isin wal -jaalattaniif ani ajajad haaraya isiniif kenna; akkuma ani isin jaaladhetti
isinis akkasuma wal -jaaladhaa. 35Yoo isin wal -Jaalattan namoonni martinuu akka isin
barattoota kiyya taatan wal -jaalachuu keessaniin beeku

Lallabni Wangeelaa Inni Dhugaan Tokkummaa Ta’usaa.


Luqqisiiwwan kanneen keessaa wantoonni isin shaakaluu qabdan baay’een kan an isiniif hiruuf
ba'aa itti qabaadhe jiru. Dursa wangeela lallabuun dhimma dhuunfaa akka hin taane baruu qabdu.
Dhimma Nafichaati. Luqqisii shanaffaa keessattii Phaawuloos jecha tokkummaa (keessaa
waanqabaattaniif) jedhu fayyadameera. Kan inni dubbatu hamma har'aatti hojii wangeelaa
keessaa waan qabaattaniif kan jedhuudha. Osoo dhimma dhuunfaa ta'eera ta'e tokkummaan hin
barbaachisu ture. Sochiin lallaba wangeelaa dirqama tokkummaa ta'uu qaba. Sababiin isaa
dhimma dhagnaa waan ta'eef. Yohannis 15 dameewan hundumtuu ija godhachuu akka qabu
nutti hima.(vv.1-5). Mukni tokko damee tokko qofa hin qabu; dameewan baay'ee qaba;
dameewan hundumtuu tokkummaadhaan ija godhatu. Waan kana ta'eef boqonnaa kana keessaatti
Gooftaan wal jaallachuu akka qabnu dubbateera (lak.12-17). Yoo walii keenya jaallanne
namoonni biyya lafaa akka Nuti duuka buutuu Isaa taane beeku (13:34-35).Yoo Kiristoosiin
laallabna jennee tokkummafi jaalala hin qabnu taane, iji keenya baay'ee murtaa'aa ta'a; baay'ee
ija guuteessa hin taanu. Ija qabeessa ta'uuf walii keenya jaallachuu qabna. Kun warra biyya lafaaf
dhuga-ba'umsa cimaa dha.
Yeroo wangeela lallabnu mo'attootaa fi ija qabeessota ta'uuf qalbii keenya guutuu jireenya Nafaa
irra kaa'uu qabna. Yeroo nuti caalaatti jireenya Nafaa jiraannuu fi dhugooma jireenya dhagnaa
qabaannu caalaatti ija qabeessa taana. Jireenyi akkasii firoottan keenyaa fi hiriyoota mana
barumsaa fi olloota keenyaaf dhuga-ba'umsa cimaa ta'a….
WANGEELA
LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Guyyaa 4
Soorata ganamaa
Flip. 1:15Namoonni tokko tokko dhugumaan hinaaffaa fi morkiidhaan Kiristoos lallabu;
warri kaan garuu yaada gaariin lallabu.

Yeroo namoonni kun hundi obboloota kiristaanaa waliin jaalala nuti qabnu argan ni tuqamu;
akkasumas dhiibbaan irrratti ta'a. Kun Hafuurri qulqulluun Onnee isaanii keessatti akka hojjetuuf
karaa qulleessa akkasuma balbala jireenya Nafichaa isa dhugaa qabaachuun mo'attoota akka
taanuuf nu gargaara. Phaawuloos Fil. 1:5 irrratti jecha tokkummaa jedhu fayyadamuun isaa
sababa kanaafi jedheen amana. Dameewwan hundi waliin ija godhachuu qabu,; inni tokko isa
kaanii wajjiin. Damee tokkotu dhuunfaa isaatti ija godhata miti. Wangeela lallabuu keessatti
jireenya Nafichaa barachuu qabna. Lallaba kana keessatti caalatti walitti ijaaramaa deemna.
Ollaa keenyaaf ba'aa yoo qabaanne, obbolootatti himnee nu gargaaranii gara Gooftaatti akka
isaan fidan gochuu qabna. Hiriyoota daree keenyaaf ba'aa yoo qabaanne namoonni biroon nu
gargaaranii gara Gooftaatti akka finnuuf itti himuu qabna. Ofii keenyaan hojjenna miti garuu
obboloota waamnee

hirmaachisuun gamtoominaan hojjechuu qabna. Ammas nan jedha: yoo haafura jireenya Nafaa
qabaanne, namoonni nurraa miireffatu; jaalalaa fi jireenyi kunis sababa jabaa warri hin amanne,
ollootni fi hiriyootni keenya amananii hafuura isaanii Gooftaaf akka banan kan taasisudha.
Jireenya Nafaa in barbaanna, karaa filatamaan walitti ijaaramuuf ta'u tokkummaa (hirmaannaa)
wangeelaa qabaachuu dha.
WANGEELA
LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Guyyaa 5
Soorata ganamaa

Firoota Keenya tokko tokko gara Gooftaatti fiduun in ulfaata ta'a; garuu mana keenyatti afeerree
gaafuma sana immoo obbolotaaa fi obboleettota sadii ykn afur mana keenyatti afeeruu
dandeenya. Ergasii walii wajjin fira keenya kana irratti hojjechuu dandeenya. Haata'u malee kun
wanta alaan ta'u qofa miti. Yoo jaalala walii keenyaaf hin qabnu ta'e dhugooma jireenya dhagnaa
hin qabaanne, obboloonnii fi obboleettonnii dhufan diilallaa'ina duwwaa fidu. Dadamaqina ykn
ho'ina hin fidan; kanaaf dhugoomni Nafichaa hin jiru. Yoo jireenya Nafaa keessa jirra taaneef,
homtinuu dhugooma kana dhoksuu hin danda'u. Yommuu obboloonnii fi obboleettonni sadii ykn
afur mana keenya dhufan, dhiibbaatu godhama; wanta namoota ho'su ykn dadamaqsutu jira.
Namoonni, kiristaanota akkasii gidduu wanti addaa, wanti baay'ee nama harkisu akka jiru ni
hubatu. Jaalala akkasii qabaachuu qabna.
WANGEELA
LAMA YOOKAAN SADIIN TA’UU SHAAKALUU

Guyyaa 6
Soorata ganamaa

Hammuma Wangeela lallabuuf deemnu, caaladhumatti walitti ijaaramaa deemna; wal qabannee
walitti hodhamna. Kun namootaa fi warra bantii waaqaa seerratanii fi aboo qaban hundumaaf
dhuga-ba'umsa jabaa dha. Kun isaaniif salphina. Jireenya Nafichaa keessatti, wangeela
babal’iisuuf tokkummaan (hirmaannaa) qabaachuudhaan attamitti akka lallabnu barachuu qabna.
Wanti kunis kiristaanummaa har'aa biratti maal na dhibdee ta'eera. Kiristaanonni baay'een har'a
wangeela lallabuun akka waan kan nama dhuunfaa ta'eetti ilaalu. Nami tokko sababan Gooftaa
jaalladhuuf wangeelan lallaba jechuu danda'a. Kun gaariidha; hamma tokko mo'ee itti fufuu
danda'a; garuu Karaa baay'ee mo'icha qabeessaa fi bu'a-qabeessi wangeela keessatti ittiin
hojjennu tokkummaa wangeela qabaachuu, jireenya Nafichaa keessa taanee wangeela lallabuu
dha.

Hojii Keenya Keessatti Barbaachisummaa Namootatti Qindoomuu.

Galmee namoota Gooftaa fudhachuuf fedha qabanii fi kanumaan durayyuu fudhachuuf


murteessanii qabaachuu qabna. Kunnen wantoota nuti irratti hojjechuu qabnuu dha. Kun carraa

You might also like