You are on page 1of 48

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Hooggansa Macaafa Qulqulluu

(Bilblical Leadership)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.
1 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)


I. Seensa …………………………………………………………..…………………… 3
1. Boqonnaa tokko: Yaadannoo waliigalaa ……………………………….……………….. 4
1.1 Hiikaa Hoogganaa…………………………………………………………………
1.2 Rakkoolee Hoogganaa quunnamaa
1.3 Hoogganaa fi bulchaa
1.4 Hooggansa kanneen hin taane
2. Boqqonnaa Lama: Hoogganaa fi hojii isaa ………………………………………..…… 9
2.1. Hoogganaa gahee isaa
2.2. Waamicha hoogganaa
2.3. Hooggansaa fi walitti dhufeenya
2.4. Hooggansaa fi dhiibbaa uumuu
3. Boqonnaa sadii: Hoogganaa hafuuraa Kakuu Moofaa keessatti ………………….. 11
3.1. Hooggansa Abbootii (Addaam, Abiraaham,Yaaqoobii fi Yooseef)
3.2. Musee fi Iyyaasuu
Boqonnaa Afuur
4. Rakkoo hooggansaa fi haaromsa Kakuu Moofaa keessatti……………………………. 21
4.1. Bara aboota firdiitti
4.2. Xiyyeeffannoon kan itti kenname
4.3. Saamu’elii fi bara ce’umsaa
5. Boqonnaa Shan: Hooggansa Gaarii kakuu moofaa keessatti …………………....... 24
5.1. Kan Waaqayyoo itti gammade, mooticha Daawit
5.2. Ogummaan kan guute mooticha Solomoon
5.3. Bara Haaromsaa, Nahiimiyaa
6. Boqonnaa Jahaa: Hoogganaa kakuu haaraa keessatti ……………...………………. 28
6.1. Fakkeenyummaa Kiristoos
6.2. Fakkeenyummaa Barsiisa Kiristoos
6.3. Bakka dhaloota bu’u qoqpheessuu
6.4. Macaafa hojii ergamootaa keessatti
7. Boqonnaa Torba: Hooggansa akka tajaajilaatti kakuu haaraa keessatti ……………. 34
7.1. Barsiisa Kiristoos keessatti
7.2. Barsiisa Phaawuloos keessatti (Ergawwan keessatti
8. Boqonnaa Saddeet: Bakka Hooggansi Gaariin gahu ……………………………………… 36
8.1. Kennaa Hooggansa ofii beekuu
8.2. Mala Hooggansaa

2 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
9. Boqonnaa Sagal : Itti Fayyadama Aboo fi Humnaa ………………………………..………. 38
9.1. Haala itti hoogganaan Hafuuraa Tokko Aboo fayyadamuu qabu
9.2. Hooggansa Hafuuraa Madaaluu
9.3. Jireenya Dhuunfaa Madaaluu
9.4. Aboo garmalee itti fayyadamm
10. Boqonnaa Kudhan : Malaan Hoogganuu ………………………………..………………… 42
10.1. Hooggansaa fi karoora ogummaa
102. Hooggansaa fi itti fayyadama yeroo
10.3. Yeroo murtee godhanitt yeroo fayyadamuu
10.4. Fayyadama yeroo
10.5.Yaada Ijoo irratti xiyyeeffachuu
11. Boqonnaa Kudha Tokko : Hoogganaa fi Abbaa Adaraa …………………………………. 44
11.1. Hoogganaa fi Galfata
11.2. Qabiinsa Herregaa
12. Boqonnaa Kudha Lama : Rakkoo obsuun Tajaajiluu………………………………………….. 45
12.1. Of eeggannoo hoogganaan gochuu qabu
12.2. Kanneen biro wajjin walitti dhufeenya cimsuu
12.3. Ka’umsa wantoota Abdii kutachiisanAdda baasanii beekuu
12.4. Jireenya ofiin Abdii kutachuu
12.5. Ceephoo Obsuu
12.6. Hojii fi bulchiinsa maatiin fiixaan ba’iinsa argachuu
13. Goolaba (Conclusion) …………………………………………………………………… 48

3 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Seensaa (Kaayyoo) Barumsichaa

Barumsi kun irra guddeessaan kan xijyyeeffatu Hooggansi Kiristaanummaa Macaafni


Qulqulluun maal jedha? Waa’ee hooggansa Kiristaanaa hoo eessaa arganna?Hoogganis
Kiristaanaa kanneen biro irraa maaliin addaa baha? Kanneen jedhan Macaafa Qulqulluu keessaa
caqasuun deebii kennuu yaala Barumsi kun galma ijoo lama qaba .Inni jalqabaa baraattoonnii fi
barsiisonni hooggaansa haala Macaafni qulqulluun ibsuun hubatanii akka beekumsa gahaa
argatan gochuu dha. Inni Lammataa ammoo sababa gara garaatiin barumsa amantii akkasii
barachuu kan hin dandeenye, tajaajitoota Waldaa Kiristaanaaf haala mijeetaa fi beekumsa gahaa
kennuu dha.

Akkuma beekamu Waldaan Kiristaanaa Baadiyaa fi Magaalaa baay’inaan dhaabatee jira. Mana
Waaqayyoo keessattis tajaajiluuf ba’aa kan qaban namoota baay’een lolleejjii Macaafa
Qulqulluu seenuun barumsa argachaa jiru. Baay’een garuu fedhii barachuu osoo qabanii carraa
isaa hin argannee ;kaayyoo barumsa kanaa rakkoo akkaanaa keessa wara jiran gargaaruu dha.

Ibsa Koorsichaa

Koorsiin kun hooggansa akkaataa Macaafa Qulqulluutti sakkata’a kana gochuun. Amala
hooggansa Kiristaana Kiristaanaa lafa kaa’a .Kana keessatti Kakuu Moofaa fi Haaraa walitti
fiduun dhugaa jiru kaa’a.

Akkaataa galumsa isaatti kakuu moofaa fi kakuu Haaraa keessatti hiikaa hoggansaa ibsa
keessattuu kakuu haaraa yoo jedhe geggeesummaa Kiristoos irratti xiyyeeffata tajaajilaan tokko
akkamitti akka hooganuu qabu illee ibsa kaa’a.

Barsiis kun boqonnaawwan kudha lama keessatti walitti qabama seensaa fi goolaba dabalatee
dhuma tokkoo tokkoo boqonnaa irratti gaaffileen yaadannoo kennamaniiru . Isaan kun ammo
barataaf wantoota lama kennu inni jalqabaa waan baratan akka keessa deebi’an yoo ta’u inni
lammataa ammo qormaataaf akka qophaa’an godha.

4 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Qoqonnaa Tokkoo

Yaadannoo waliigalaa Hooggansa irratti

1.1. Hiikaa hooggansaa Hooggansi barreesitoota adda addaatiin hiikaa adda addaa
qaba. Akka Barsiisa koorsii kanaatti garuu hooggansa kutaa gurguddoo sadiitti hirree
ilaaluu yaalla.
A. Hooggaansa jechuun hoogganaan tokko dandeettii isaa fayyadamee namoota hogganu gara
galma tokkoon gahuu dha. (Marshal Moonit argoomar) Hiikaa kana keessatti ta’uu fi
raawwachuu gidduu garaa garummaa jiru ilaaluun in dandaa’ama. Kunis karaa sadiin :
 Fedhii isaaniin namoota faana bu’an
 Warra isaa duukaa bu’an gara galma tokkootti geessuuf ogunmmaa fi dandeetti
hoojjannaa
 Of amanummaa cimaa uumuuf eenyummaa hooggannaa
B. Hoogganaan wantoota baay’ee kan of keessatti qabatu yoo ta’u, hoogganaan hafuuraa kennaa
Waaqayyoo keessa isaa kaa’een garee hoogganu irratti jijjiiramu kan fidu dha. Yaada kana
keessaa ammo wantoota Afurtu baha (Roobert Kiliinton)
1. Hooggansi adeemsota baay’ee of keessatti qabata (haala yeroo, eenyummaa nama
dhuufaa, dandeettii hoogganaa)
2. Kennaan hooggansaa barbaachisaa dha
3. Xiyyeeffannoon Hoogganaa adda bahee beekamuu qabu.
4. Galma Hooggansaa hoogganaan tokko saba hoogganu eessaan gahuu akka qabu beekuu
qaba.
C. Hiikaa Sadaffaa
Hooggansi warraa faana bu’aa kaayyoo waliigalaa sochoosuu (Gaarii wiiliis) Hiika kana
keessatti fakkeenyummaa Kiristoos Afur ilaaluun in dandaa’aama.
 Hoogganaan warra isaa duukaa jiran sochoosa (Mat.14 :13-21)
 Hooggannaan xiyyeeffannoo qaba. (Yoh. 20:21)
 Hooggannaan namoota irratti xiyyeeffata (namootaa wajjiin hojjeta) . (Mat. 4:18-
22, Mar. 1:16-20.

5 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Hoogganaan namoota fedhiin hordofan qaba (Yoh . 6:66-69)
1.2. Rakkoolee Hoogganaa Quunnaman Hoogganaan keessaattuu hoogganaa hafuuraa
rakkoo baay’e keessa darba. Yeroo nuti keessa jirru jaarraa 21ffaa kun hoogganaa
hafuuraa tokkoof yeroo rakkisaa dha; keessattuu waldaan biyyoota guddataa jiran
keessatti argamtu rakkoolee alaa fi keessa itti dhufan irraa kan ka’e hoogganuuf rakkisaa
ta’ee argama. Kanaafuu akka hoogganaa fi barsiisaa tokkootti barumsa gama garaa
jaraatiin argachuun barbaachisaa dha. Hoogganaan hafuuraa tokko kennaa Waaqayyoo
keessa isaa kaa’e qaba;dandeettii Waaqayyoo kenneef kana haala gaariin of keennee
(Commitment), ofitti amanamummaa cimaan tajaajiluutu irraa eegama kana malees
barumsaan, Waaqayyotti irkatee guddachuutu isa irra jira.
Yaadolee armaan gadii xiyyeeffannoon ilaal
A. Rakkoolee hooggantoota hunda quunnaman
 Yaada Macaafa Qulqulluun waldhiitu keessaa fi alaan quunnamni
 Saba guddina hammayyaa jalatti kufe hoogganuu
 Tajaajila Gooftaa Yesuusiin giddu galeessa hin godhanne
 Qaroomina ariitiin guddachaa jiru akka faayidaa kennuufitti itti fayyadamuu
dhabuu.
 Malaan hoogganuu dadhabuu, haala yeroo waliin deemuuf qoramuu
 Yeroo hundaa barachuuf of guddisuuf kakana’umsa dhabuu.
B. Rakkoolee gara garaa gaariitti jijjiiruu (Roobert Kilintoon) kana jechuun:-
 Kanneen biroo gara hoogganumaatti guddisuu.
 Hojii baay’eef hooggantoota ta’an leenjisuu.
 Hooggantoota akka dandeettii isaanii guddisanitti leenjisuu.
 Hooggantoota yaada Macaafa Qulqulluu faana bu’an leenjisuu
 Raakkoo yeroo kan wal’aansoo qaban leenjisuu
 Tajaajilatti hooggantoota cimoo ta’aa leenjisuu
 Jireenya mataa isaanii jijjiiruuf kaka’umsa hooggantoota qaban leenjisuu
 Karoora jireenyaa fi galma kan qaban leenjisuu

6 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
1.3. Hoogganaa fi Bulchaa
Hooggantoota hedduu rakkoo hooggansaa fi bulchiinsa gidduutti garaa garumaa uumutu
quunnama. Baay’eenis kan adda baasanii hin beekan. Lamaanuu yaada waliin hirmaatan
qabaatan illee garaa garummaa qabu.
Hiikaa “Manager” jedhuuf Afaan Girikii (Manius) yoo ta’u “harka’ jechuu dha. Afaan
Faransaayiin ammo “Manage” jechuun farada gulufaaf leenjisuu jechuu dha.
Hoogganaa jechi jedhu Angiloo Saakisoon” lead” irraa kan dhuge, hiikni isaa karaa jechuu
dha.
Garaa garummaa isaan Akka Armaan gadiitti hubanne

Hooggannaa (Hooggansa ) Bulchaa (Bulchiinsa )


1 Waan sirrii raawwachuu (effective) Wantoota haala sirriin raawwachuu
(efficiency)
2 Namoota irratti xiyyeeffachuu Adeemsa irratti xiyyeefata
3 Ofitti amanamummaa ijaaruu To’annoo irratti xiyyeeffata
4 Waan gara fuulduraa irratti xiyyeefachuu Haala yeroo irratti xiyyeeffata
5 Jijjiirama irratti xiyyeeffachuu Waan qabu cimsa
6 Mul’ata irratti xiyyeeffachuu Seera fi heera irratti xiyyeeffata
7 Ejjennoo ofii irra dhaabbata Yaada walii galaan irra dhaabata
8 Maalii fi maal irratti xiyyeefata Akkamitti fi yoom irratti xiyyee fata
9 Adeemsa salphaa hordofa Waan wal xaxaa hordofa
10 Wantoota haaraa yaala Waanuma ture hordofa
Yaadolee kanneen lamaan walbira qabuun itti fayyadamuun tajaajila Nahiimiyaa irraa waan
fudhachuu qabnu nu hubachiisa kunis.

 Nahiimiyaan akka Bulchaatti


1. Qindeessaa ture (3:1-32)
2. Galmaa fi kaayyoo irratti kan xiyyeeffate ture 5:16,6:-3)
3. Dursee yaaduu fi Raroorsuu irratti xiyyeeffate (2)

7 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
4. Kanneen biro bakka buusuutti amana ture (Nah3)
5. Waan jajjabeessu kennuutti amana ture (Nah5)
6. Hirmaachisuutti amana ture (team leadership)
 Nahiima akka Hoogganaatti
1. Saba hoogganu haala yeroo yaadaa (1:1-3)
2. Amala Waaqayoo jireenya isaa keessatti ibsu (1:4-2:12)
3. Madaalli (2:4-6,4:9)
4. Dursee ilaaluu fi karoorsuu (2:11,7:1-4
5. Walitti bu’iinsa furuu (5:1-19
6. Mortoota gidduu jabaatee dhaabbachuu (6:1-19
7. Guutummaa (5:10, 14-19)
8. Jabina Haafuuraa (7:6, 4:13)
9. Of kan kenne (5:10)
10. Jireenya qulqulluu (13:15)
1.4. Hooggansa kan fakkaatan Garuu kan hin taane
 Hooggansi bituu miti
 Hooggansi Bulchuu miti
 Hooggansi Ministirii miti
 Hooggansi barumsa Digirii qabaachuu miti
 Hooggansi jabinaa amalaa miti
 Hooggansa dandeettii sammuu miti
 Hooggansi kennaa uumamaa qofa miti Hooggansi saayinsii miti, garuu ogummaa
dha.

Boqonnaa kana yemmuun goolabuu hoogganaan hiika sirrii tokko akka hin qabne
ilaalleera.Kanaan alatti hooggansi wantoota baay’ee kana of keessatti qabatu ta’uu hubachuu
barbaachisa hooggannaan hafuuraa tokkos hoogganaa biro irraa adda akka ta’e hubachuu
yaalleera. Hooggansa kan hin taanes tarree galchuun keenyeera.

8 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Boqonnaa Lama

Hooggansaa fi Hojii isaa

2.1. Hooggansa Gahee isaa

 Nama jijjiiraa fidu ta’uu


 Qajeelfama kennuu
 Yaada ifatti dabarsuu
 Murtoo kennuu
 Namoota akka dandeetti isaaniitti bakka sirriitti ramaduu
 Kanneen biro hojiif kakaasuu
 Kanneen biro guddisuu
 Fakkeenya ta’uu

2.2. Waamicha Hoogganaa

Tajaajila hafuuraaf waamicha Waaqayyoo wanti bakka buusu hin jiru.Hooggansa hafuuraaf
namoota Waaqayyoo hin waamne yoo hoogganaa illee hojii balleessu. Kanaafuu namoonni
Waaqayyoo, saba Waaqayyoo hoogganuuf waamicha waaqayyoon biraa argachuu qabu.
Waamicha addaa tajaajilaan Waaqayyoon biraa hin arganne jireenya isaas ta’e , hojii isaa yaada
mataa isaan geggeessa jechuu dha. Waan ofii isaatii barbaadu hanga guuttatutti saba
Waaqayyoof illee dhimma hin qabaatu. Faayidaa qofa illee barbaaduu danda’a kanaaf
hoogganaan Waaqayyoo irraa waamicha isaa mirkaneeffachuu qaba.

Adeemsa Armaan gadii Macaafa Qulqulluu keessaa ilaali

 Amantiin ajajamuu (Ibi 11:8) – Fakkeenyaf: Abrahaam


 Jiree milataa ofii dhiisuu (Ib.12:24) Fakkeenyaaf: Musee
 Waaqayyoof galata galchuu Yoh. 17:4) Fakkeenyaaf: Kiristoos
 Kaka’umsa Waaqayyoo biraa ta’een kaka’uu (2Qor. 5:14) Fakkenyaaf: Phaawabs

9 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
2.3. Hooggansaa fi Walitti Dhufeena

Hoogganis sadarkaa jalqabaa irratti walitti dhufeenya. Hoogganaan saba hoogganuu wajjiin
walitti dhufeenya gaarii ta’e qabaachuu qaba .Walitti dhufeenya gaariis uumuuf sagalee
Waaqayyoo sirriitti dubbisuu fi kadhachuu qaba. Mee yaadolee armaan gadii hubadhu!

 Kanneen biroo bartoota Gooftaa gochuu hojii isaa jalqabaa akka ta’e.
 Kanneen biroo guddisuuf karoora yeroo dheeraa qabaachuu.
 Namoota garaa garaa waliin wal quunnamuuf mala adda addaa fayyadamuu
 Kanneen biroof fakkeenya ta’uu fi akka gargaarsa argachuu danda’an itti agarsiisuu.
2.4. Hooggansaa fi dhiibbaa Uumuu

Hooggansa hafuuraa keessaa tokko hiikaa inni qabu jecha dha; dhiibbaa gaarii uummu namni
jaalalan akka waan tokko raawwatu gochuu dha. Mee kanneen armaan gadii hubadhu!

 Hojii gaarii namootni hojjetaniif galatu kennuufii


 Hojii dhuunfaan hojjennu caalaatti kan gareen hojjennu bu’a qabeessa akka ta’e hubachu
 Wantoonni namoota tokko tokkoo kakaasan kanneen biroof akka hin taane hubachuu
 Namoonni fiixaan ba’insa gaarii argachuu hin dandeenye maalif akka ta’e beekuuf yaalii
gochuu.
 Itti gaafatamummaan namootatti akka dhagahaamu gochuu.
 Akka hoogganaatti beekamuu irra beekuuf carraaquu
 Of tasgabeessuun hojii hojjechuu
 Fiixaan ba’iinsa gaariif galma ifaa ta’e lafa kaa’uu
 Akka hoogganaa hafuuraa tokkootti haala hooggansaa caalaatti amala irratti
xiyyeeffadhu.

Gudunfaa:-Hooggantoonni namoota kaayyoo ta’uu qabu. Kaayyoo isaanii galma geessisuuf


ammo walitti dhufeenya cimaa uumuu qabu. Kunis saba hoogganuu irratti dhiibbaa gaarii
uumuun galma isaanii tokkummaan akka fiixaan baasaa gargaara.

10 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Boqonnaa Sadii

Hoggansa Hafuuraa Kakuu Moofaa keessatti

3.1. Hooggansa Abbootii Kakuu Moofaa keessatti

(Addaam, Abiraaham Yaaqoobii fi Yooseef)

3.1.1. Hooggansa geggeessaa hafuuraatiin (Addaam) (Uum. 1-4)

 Namni fakkeenyaa fi bifa Waaqayyoon uumamuun Kaayyoo hooggansaaf (Uum. 1:26) .


 Abboomii Waaqayyoo Addaamii fi Hewwaaniif jalqaba kenne uumama akka
hooggananiif ture (Uum. 1:27)
 Namni hundinu ayyaana Waaqayyoo biraa kennameefiin hojii hooggansa isaa
raawwachuu qaba. (Uum. 1:29-30)
 Namni tokkoo tokkoon isaa ayyaana kennameefiitiin kanneen biro tajaajiluu qaba ( Uum.
1:31)
 Hoogganaan hafuuraa tokko itti gaafatamummaa isaa dursee Waaqaayyoo irraa hubachuu
qaba (Uum. 2.16-17)
 Addaam garuu itti gaafatamummaa kana bahuu hin dandeenye (uum 3:6-10)

3.1.2. Hoogganaa dursaa Kakuu Moofaa keessatti Abirahaam (Uum. 12-22)

 Fakkeenyummaan Abiraahaa karaa lamaan ilaaluu dandeenya.


A. Hooggansa Mul’ataanii
 Waaqayyoo irraa waan arguuf dursa kennuu (Uum. 12:1-2)
 Eenyummaa isaa waliin walitti firoomsuu (Uum. 15:2-4)
 Kanneen biroof furmaata kennuu (Uum. 12:2-4)
 Eenyummaa fi fedhii isaa ol mul’ata ta’e argachuu (Uum. 17:1-7
 Waan keessa isaa jiruu wajjin walsimuu (Uum. 18:9-12)
 Mul’ata isaa fi qabatamaa ta’e fudhachuu (Uum. 15:5)
 Gatii bara bara qabatee gocho’uu (Uum. 17:19-20)

11 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
B. Hoogganaa Waaqayyoon qoramee darbe
Qoormaanni hoogganaa tokkoo kan isaa biro irraa adda tahuu danda’a. Haa ta’uu malee
geggeesitoonni hojii hafuuraa keessatti hirmaatan qormaata wal fakkaatu yeroo itti isaan irra
gahus jira (Uum. 22)
 Sadarkaa guddinaa kamiyyuu keessatti qoramee darbuu
 Qormaata quunnaman obsaan keessa darbuu
 Qoramuun yeroo hundaa ulfina akka dursu hubachuu
 Namoota biroon muudamuun ulfina Waaqayyoo namaaf kennu akka bakka hin buune
hubachuu
 Ulfinni dhugaan aarsaa akka gaafatu hunbachuu

Qorumsii Abiraaham irra gahe hoogganaa hafuuraa tokkoof barsiisa guddaa dha. Qoramuun isaa
kun mul’ina Gooftaa yesuusii wajjiin kan wal qabate waan ta’eef, gadfageenya hafuuraa qaba
(Uum.22:12-17)

3.1.3. Hoogganaan hafuuraa cabee kan wal’aaname ta’uu qaba.

 Yaaqoob hooggansaaf Waaqayyoon yaadamee kan dhalate dha (Uum. 26-32)


 Yaaqoob Hoogganaa dhiibbaa uumuu danda’u ture.
 Kana gochuuf eenyummaa isaa nama sirriitti hubate ture
 Yaaqob walii galtee uumuuf obboleessa isaaf kennaa qopheesseef.
 Yaaqoob waan barbaadu argachuuf illee karaa dogongoraa deemeera.
 Waan barbaade argatu illee adeemsi isaa Obboleessa isaa waliin walitti isa buuse.
 Kana malees eebba inni argate boqonnaa kennuufii hin dandaeenye turan. Gatii gudddaas
baaseera.
Yaaqoob gara eebba isaa dhugaatti dhufuuf jijjiiraa amalaa agarsiisuutu irra ture. Eebbi
dhugaan harka Waaqayyoon hojjetamuunii fi eenyummaa dhugaa qabaachuu irraa dhufa
(Uum. 32:24-32)
 Yaaqoob qofaa isaatti Waaqayyoo wajjin ture
 Yaaqoob jireenya isaa keessatti waaqayyoon dheeboteera
 Yaaqoob Waaqayyoon duratti sassatin foon isaa cabe

12 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Eenyummaa isaa isa dhugaa argate
 Yaaqoob Waaqayyoof eenyummaa isaa kenne

3.1.4. Hoogganaa fiixaan ba’iinsa qabu adeemsa isaa (Yoosef: Uum. 37-50)

Waaqayyoo jireenya hooggantootaa keessaan kaayyoo isaa fiixaan baasa kana ammo
hubachuuf .Hooggantoonni baay’een qorumsa keessa seenu sababni isaa hooggansi adeemsa
guddinaa malee yeroo muraasa keessatti jijjiirama dhufu miti. Beekumsi ogummaa fi
hubannaan kan dhufu adeemsa keessa.
Yooseef rakkoo karaa obboloota isaa itti dufe irraa kan ka’e wantoota baay’ee keessa darbee
gara bilchinaattis dhufe.
Jireenya Yooseef keessaa wantoota nuti hubannu kanneen armaan gadiiti
 Yooseef Waaqayyo jireenya isaa keessatti kaayyoo akka qabu huteera. (Uum. 37: 5-6)
 Yooseef Waaqayyoo wajjin walitti gaarii qaba ture (Uum. 39:2)
 Yoosef haala rakkisaa keessa darbuun amala gaariis ijaarachuu danda’eera (Uum.39:7-8)

3.2. Hooggansa kakuu Moofaaf bu’uura kan Buusaa Muusee fi Iyyaasuu

Museen waamichaa Waaqayyoo godheefiif ajajamaa fi garaa laafina nama qabu ture .
Macaafonni seeraa Arfan (seera Ba’uu, Leewwotaa, Lakkoofsaa fi keessa deebii) irra caalaatti
kan xiyyeeffatan sabni Israa’el birmaduu erga bahanii booda geggeessaa Waqayyootiin dura
bu’ummaa

Museen lafa onaa keessaa akka darbaniidha. Hoogganis Museen kan Kiristoos waliin illee
hedduu wal fakkaata kutaalee itti aanaa keessatti yaadota jiran hubanna.

1. Jireenyi fi guddinni Musee Hooggansaa fi Faayidaa inni qaba ture


 Yeroo Museen dhalatetti sabni israa’el gidiraa cimaa keessa ture Ba’u 1:8-22
 Mootiin Gibxii Lakkoofsi uummata Israa’el akka hin dabaleef dhiibbaa cimaa irraan
gahaa ture
 Erga Museen dhalatee booda akka hin ajjeefamne Waaqayyoo eegumsa godheef.

13 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Guddina Musee ajaa ibsiisaa wanti godhu akka guddisee tti kan guddifte haahduma
isaa ta’u dha, mana mootii keessatti.
 Waaqayyoo geggeesitoota haala rakkisaa keessa akkamitti akka dabarsu hubachuuf
guddini fi adeemsa Museen keessa darbe barumsa guddaadha.
2. Haala itti Musee Waamamee fi of qopheesse (Bau 2:11-4-20)
 Waaqayyoo namoota hojii isaatiif yemmuu waamu keessa isaanii innaafa mana isaa fi
kaka’umsa kaa’uun (Bau 2:11-15)
 Waamicha Waaqayyoo kanneen biro irraa dhagahuun karaa itti mirkaneeffannu
keessaa tokko (Bau 4: 18-19)
 Kaka’umsa namootni godhaniif Waaqayyoo gatii kenna
 Waaqayyoo hooggantoonni mul’ata argatan irratti akka xiyyeeffannoo godhan
barbaada.
 Gama dadhabina hooggantoota kanneen dhaabbatan Waaqayyoo naannoo isaaniitii
kaasa (fakkeenya Aaroon Iyyaasuu)
3. Museen itti gaafatummaa fudhachuu diduuf sababoota inni dhi’eesee ture (Bau
 Akkuma hooggantoota hedduu Museenis waamicha kana diduuf Waaqayyoon
mormee ture, kanneen keessaa

A. Ani eenyu jechuun (Bau 3L11)

 Rakkoon Musee ofii isaa fudhachuu dhabuudha


 Rakkoon Musee Waaqayyoo irratti osoo hin taane ofirratti hirkachuu dha.
 Rakkoon Musee fedhii Waaqayyoo hubachuu dhabuu dha.
 Deebiin Waaqayyoo garuu eenyummaa kee irratti miti, Ani sii wajjinan jira jedha
(Bau 3: 12)
B. Ati eenyu? Bau 3:13)
 Gaaffiin kun hanga tokko fudhatame kan qabu yoo ta’e illee rakkoos qaba.
 Museen Waaqayyoon waan sirriitti hubate hin fakkaatu.
 Amantii keessa isaas ta’e walitti dhufeenya qabu irraatti shakkii keessa seeneera.
 Haa ta’u malee waaqayyoo dubbii ifaa fi gad fageenya qabu kenneef (Bau 3:14)

14 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
C. Isaan yoo ana hin dhageenye hoo (Bau 4:1)
 Waaqa isa isa erge caalaa waa’een namootaa isa yaadachiseera
 Ergaa fudhate caalaa namoota ergaa sana simataniif dhiphate
 Kuniis tarii rakkoo dursee isa quunname irratti kan hundaa’e ta’a (Bau 2:13)
 Waaqayyoo garuu waanan siin hojjedhu yheroo isaatti in fudhatu jedheen (Bau 4:2-9)
D. Yaada nama simatu, dubbii amansiisu dubbachuu hin danda’u (Bau 4:10)
 Akka hooggantoota aay’eetti dubbiin akka iddoo qabu Museen in b eeka ture.
 Ofii isaa garuu dandeettiin kun akka itti hir’atu in beeka.
 Waaqayyo garuu ani Afaan godhee obboleessa keesiif kenneera jedheen (Bau 4:11-12)
E. Ana irra kan caalaan jiru (Bau 4:15)
 Kunis rakkoo hooggantoota baay’eeti
 Ofii isaanii hooggantoonni tuffatan Waaqayyoonis gad deebisanii ilaalu.
 Kun ammoo gara dogongora birootti isaan geessa. Innis ofii isaanii kanneen biroon
wal dorgomsiisuudha.
 Hooggantoota akkanaa miira gad aantummaatu isaan miidha.
 Waaqayyoo garuu rakkoo hundaaf furmaata caalu qaba (Bau 4:14)
F. Hoogganaan ajajamuuf ofii isaa kennuu qaba (Bau 3:1-4 )
 Hooggantoonni baay’een sadarkaa hooggansaa kamillee keessa darbuuf waan aboo fi
birmaduu qaban itti fakkaata. Kan fagaate dha.
 Hoogganis hafuuraa aarsaa fi gatii kaffalchiisa
 Hoogganaan hafuuraa tokkoo sadarkaan akkuma olguddatee gatii guddaa kaffalaa
deema .
4. Hooggannaa fi Waaqayyoo (Bau 2:14-15)
 Museen bakkee onaa Miidiyaam keessatti waggaa 4of Waaqayyoo waliin dabarse.
 Kun ammo sagalee Waaqayyoo ada baasee dhagahuuf waan murteessaa ture (Bau
3:3-5)
5. Hoogganaan Waaqayyoof ifaa fi amanamaa ta’uu qaba (Bau 3:3-10)
 Yemmuu Waaqayyoo ibidda keessaan Museetti Mul’atetti, Museen gad of qabuu
Waaqayyoon dhageeffate.

15 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Waaqayyoo namoota garaammii fi dadhabootti fayya damuu akka danda’uuf kun
fakkeenya gaarii dha.
6. Hoogganaan Waaqayyoon beela’uu fi dheebochuu qaba (Bau 3:13-14)
 Hooggantootni baay’een dheebuu adda addaa qabu.
 Waa’ee Waaqayyoo dheebuu isaan qabans dhimma garaa garaaf ta’uu danda’a.
 Museen Waaqayyoon tajaajiluufis ta’e beekuuf dheebuu keessaa qaba ture.
 Beelli kee fi koo maal haa ta’u haafa har’a ?
7. Hoogganaan mul’ata Waaqayyoo keessa darbuuf itti gaafatamumnmaa fudhachuuf
qophaa’uu (Bau 3:14-4:13)
 Waaqayyoo Musee dirqisiisuun gara ofii isaatti hin fidne
 Museetti haala dinqii ta’een Mul’ate
 Museen Waaqayyoon hanga inni barbaade Waaqayyes isa waame (Bau 3:4)
 Mul’achuun Waaqayyoo kun eenyummaa Musee jijjiire
8. Hoogganaan haalta rakkisoo keessatti yeroo hundumaa amanamaa ta’uutu irraa
eegama (Bau 14:1-18)
 Museen haalota rakkisoo keessatti amantii akka qabaatu kan godhan.
 Raafamuu irra tasgabaa’uu (Bau 14:13)
 Sodaa irra ofitti amanuu (Bau 14:13)
 Bitaa galuu irra ifatti bahuu (Bau 14:15) Dadhabiinsa irraa gara jabinaatti (Bau 14:21)
9. Hoogganaan ergama isaatiif mul’ata kakaasuu qabaachuutu irra jira (Bau 6 :2-4)
Museen Mul’ata arge
 Eenyummaa isaa wajjin wal simsiise
 Haala keessa jiru waliin wal simsiise
 Ayyaana qabu waliin wal simsiise
 Innaafaa keessa isaa jiru wajjin wal simsiise
 Mul’ata arge waliin turuuf murteesse.
 Mul’atchi eenyummaa isaa akka to’atu eyyameef
 Bu’aa Mul’atichaa hubateera.
 Bu’aa mul’atichi fiduuf jiru gammachuun simate

16 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
10. Hoogganaan gama dadhabina isaa hubachuu qaba. Musee gorsa Abbiyyuu
isaafudhachuun
 Nama kadhannaa ta’uu danda’eera (Bau 18:19)
 Hooggansa sirriif of kenne (Bau 18:20)
 Mul’ata isaa namootaaf hire (Bau 18:20)
 Mala sirrii ta’e diriirse (Bau 18:20)
 Hooggantoota fo’achuun hojii hireef
 Ofii isaa wantoota muraasa irratti xiyyeeffate
11. Hooggansi jireenya fakkeenyummaa fi (Bau 33:7-11) kunis
 Of beekuu
 Waaqayyoon sirriitti b arbaaduu
 Sagalee Waaqayyoo adda baasee beekuu
 Waaqayyoo wajjiin kakuun jiraachuu (Bau 10:11)
12. Hooggansaa namoota adda bahan mallattoo isaanii .
 Kennaa ykn ayyaana : hooggansaaf waan isaan geessisu Waaqayyoo irraa argatu.
 Amala :- Amala Waaqayyoo tokko tokkoo mul’isu.
 Daadeettii :- kan irraa eegamu caalaatti bu’a qabeessa ta’u
 Amantii :- kan hin sochoone ykn hin raafamne qabaatu.
13. Hoogganaan maal, yoomii fi akkamitti murteessuu akka danda’u beekuu murtee sirrii
yeroo sirriitti murteessuu (Lakk. 26:3-39)
14. Karoorsuu fi Qindeessuu (Lakk . 2:1-34)
Hooggansa Musee keessaa wanti barannu tokko karoorsuu fi qindeessuu dha.
Museen bakkee onaa keessa saba Israa’eliin yemmuu geggeessu, akka mitti akka qindeese.
1. Kaayyoo ijoo adda baasuu fakkii isa guddaa kaasuu
2. Haalota dursee qo’achuu
3. Duraa duubban kaa’uu yaada ijoo dura kaa’uu.
4. Gaaffii sirrii ta’e gaafachuu . Galma kee, hooggansa gaarii raawwachuu, madda galii,
madaallii adda baasanii beekuu
5. Galma ijoo ijoo ta’an adda baasuu.

17 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
6. Karoora hundaaf baajeta gahu ramaduu .
7. Bu’aa argame madaaluu .
15. Hoogganaan walitti bu’insa haala gaariin furuu qaba kana gochuuf ammo.
 Gara Laafessa ta’uu qaba.
 Kadhachuu qaba.
16. Hooggantoota Bakka buusuu fi guddisuu (Lak.27:18-23)
Hoojiin hooggannaa inni jalqabaa kanneen biro guddisuu dha. Isa kana irratti macaafni
Qulqulluun barumsa bal’aa kenna.
Hooggansa Musee irraa waan hubannuu qabna Museen Iyyaasuu bakka buuseera.
Museen Iyyaasuu Yemmuu muudutti
 Harka isaa irra kaa’e
 Hooggansa isaa cimseef
 Harka nama irra kaa’uun itti ammanuu fi waliigaluu dha.
Iyyaasuuf carraa kenneera.
 Walitti dhufeenyi Musee fi Iyyaasuu gidduu ture waliin dubbii irra kan darbe
dha.
 Iyyaasuun yeroo Museen hoogganu muuxannoo ilaaluu irraa darbe argateera.
 Dhuma irratti Museen Iyyaasuutti itti gaafatamummaa kennuun hoogganaa
godhe.
Museen hooggansa Iyyaasuu Cimseeraaf (Lak. 27:23)
 Musee fi Iyyaasuun waa’ee hooggansaa irratti
 Saba duratti harka irra ka’uun cimseef
Hoogganaa bakka buusuu irratti garee Afurtu gooda fudhata isaanis
1. Waaqayyoo: Waaqayyoo gahee isaa jalaqabaa fudhata
 Hoogganaa bakka bu’u guddisuu
 Hoogganaa bakka bu’u waamuu
 Hoogganaa bakka bu’uuf Mul’ata kennuu
 Ayyaanaa fi kennaan guddisa

18 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
2. Hoogganaa Bakka bu’u: Waaqayyootti iddo guddaa fudhata.
 Waaqayyoo irraa dhagahuu
 Ajajamuun deebii kennuu
 Fedhii tajaajiluu
 Ayyaana isaa addaa baasuu
 Barachuuf fedhii qabaachuu
 Tajaajilaaf kadhachuu
3. Hoogganaa Nama Guddisu
 Gahee maatii qabu
 Galma ifaa ta’e qabaachuu
 Gahee guddisuu raawwachuu
 Walitti dhufeenya gaarii uumuu
 Jajabeessuutu irraa eegama
4. Saba tajaajilli godhamuuf : maala akka irraa eegamu.
 Yaada qajeelaa qabaachuu
 Tajaajilaa himachuu
 Namicha tajaajilu gargaaruu
 Namicha tajaajiluuf godhachuu
Museen Iyyaasuu bakka buusuuf eejjennoo inni fudhate
 Sabni hoogganaa isaa haaraa akka simataniif qopheesse (Kes. 31:1-2)
 Waaqayyoo waadaa galee akka raawwatu (kes de 31:3)
 Karaa hoogganaa isaa haaraa mo’icha argamuuf jiru mirkaneesseef (31:3-5)
 Hoogganaa isaa haaraaf uummata gidduutti ergama ifa ta’e kenneef (31:7-8).
 Hoogganaa haaraan ofii isaa sagalee Waaqayyoon akka guddisu ajajae (kes. Deb.
31:9-13)
17. Hooggansaa fi of bituu (Lakk. 33:1-49)
 Hooggansi jireenya of bituutti. Sabni Israa’el lafa kakuutti galuun dura waggaa 40
lafa onaa keessa sababa isaan deemaniif sabichi of bituun Waaqayyoof ajajamuu
akka baruuf

19 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Jireenyi walumaagalatti waan alaa fi keessaan mulj’atu walitti kan qabatudha.
Galma yaadan bira gahuuf of bituun barbaachisaa dha.
Hooggansa Musee fi Iyyaasuu gidduu garaa garummaa turan
Musee Iyyaasuu
1. Waggaa 40 lafa onaa keessatti hooggane - Waggaa 30 lafa kakuu keessatti
2. Hoogganaa siyyaasaa fi hawaasummaa - Hoogganaa Waraanaa
3. Rakkoolee obsaan dabarse - Sadaan quunnameera
4. Bishaan kattaa keessaa obaase - Sabni ofii isaa akka boolla qotu godhe
5. Akka tikseetti saba hooggane - Hoogganaa waraanaaf kan leenji’e

Hooggansa Iyyaasuu fakkeenyummaa (Iya 6:1-20)

Iyyaasuun saba isaa lafa onaa keessa Yemmuu hoogganaa turetti ajajaa fi qajeelfama
Waaqayyoo irraa fudhateeti Adeemsa inni hordofes kanneen itti aanaanii dha.

 Ajaja jalqabaaf jalaqaba kennuu.


 Sabni akka barbaade akka ta’eef gad dhiisuu miti
 Haala yeroo osoo hin taane, yaada Waaqayyoof bawkka kennuu
 Ejjenoo murteesso ta’aan fudhachuuf jabaatee dhaabbachuu.
 Kabaja isaa caalaa ulfina Waaqayyoof dhaabbachuu
 Dhugaa fudhatee cimsee qabu

Dandeetti Hoogganaa

 Hooggansa Iyyaasuu irraa mala hooggansa cimaa baranna (Iyy. 11:16-23)


 Iyyaasuun dhaloota lama gidduutti nama hooggane dha.
 Waaqayyoo lafa onaasiinaa akka kana’aanitti akka geggeesuuf waameera.
 Iyyaasuun ilaalcha addaa kanneen qaban keessa tokko ture.
 Israa’eliin hoogganuuf caraa addaa kan argate ture Iyyaasuun

20 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Kanaafuu Adeemsa hooggansa Iyyaasuu irraa kanneen armaan gadii barachuu
dandeenya.
1. Lolli hafuuraa akka barbaachisu )Bau 17:9-11)
2. Sagalee amantii fi Abdii (Bau 17:14)
3. Hafuura tajaajilaa (Bau 24:13)
4. Miilla hoogganaa biro jalatti leenji’uu (Bau 32:17)
5. Shaakala hafuuraaf kaka’umsa barbaachisa (Lakk. 11:29)
6. Jijjiruuf hooganuu (Lakk. 13:16)

Boqonnaa Afur

Rakkoo Hooggansaa fi Haaromsa Kakuu moofaa keessatti

4.1. Bara Abboota firdiitti (AbFir. 1-21) Barri abboota firdii seenaa ilmaan Israa’el keessatti
yeroo diinqisiisaa fi rakkisaa ture. Waqqoota 400 ol kan fudhate kufaatii fi ka’umsi kan
darabeen wal jijjiiran turan. Naanno namoota 13 tu geggeessaa ture. Dogongora hedduus
kan itti keessumeessan ture.
Adeemsota walii galaa
1. Kaayyoo dhaabbataa hooggantootni hin qabne galma dhaabbataa hin qabaatan.
2. Mootummaa Waaqayyoo keessatti jijjiiramaaf hooggantoonni hojjetan ejjennoo gaarii
qabaachuu qabu.
3. Hooggantoonni kennaa qabaniin cimanii hojjechuu qabu.
4. Mul’ataa fi karooraan hooggantoonni geggeeffaman aboo fi humnaan kanneen deeman
caalaa dhiibbaa uumuu.
5. Kanneen biro geggeessuun dura ofii isaanii hoogganuu qaba.
6. Haala hooggansa isaa fudhachuun dura hoogganicha simachuu qabn uummatin.
7. Waaqayyoon namootni hin eegne yeroo baay’ee dogongaruun waan baay’ee balleessu.
4.2. Xiyyeeffannoon kan itti kennamuu qabu
1. Dibooraa fi kanneen biroof hooggantota dursa kennan (Abb. 4.1-16)
 Dibooraan eenyummaa namoota biro fi ayyyaana isaan qaban kan simatu turte.

21 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Kibooraan ofii ishee osoo hin tuffatin nama bakka ta’uufii malutti teesse dha.
 Dibooraan hordoftoonni ishee kan irraa eeggan caalaatti dursitee argamti ture
 Dirbooraan fiixaan ba’umsa mataa ishee irraa kaatee kan nama biroof carraaqaa turte.
2. Geediyoon kanneen biro of hordofsiisaa ture (Hbb. 6:11-8:35)

Hordoftoonni hooggannaa hafuuraa jireenyaa isaa ilaaluu kan qaban:

1. Waamicha Hafuuraa : Waaqayyoo irraa waamicha addaa qabaachuu.


2. Mul’ata:- Waaqayyoo hoogganaaf mul’ata in kenna
3. Kennaa:- hordoftoonni kennaa keessa isaa jiru hoogganaa kakaaasee hojjetu fedhu.
4. Kennaa V umamaa )talent) : Geedihon nama qaama jaba qabu ture.
5. Dandeettii:- Namoonnii hoogganaa dandeettii qabu hordofuu barbaadu.
6. Dandeettii dubii :- waamichaa fi kennaa qabaatees dandeettii dubbachuu yoohin
qabaanne namootu hoogganaa kana faana bu’uu hin fedhan.
7. Amala:- Amalli hoogannaa dandeettii isaa caalaatti dhiibbaa uuma.
Fedhii barachuu hooggantoota hin qabne
 Jabina mataa isaanii irratti hikatu.
 Dogongora darbe irraa hin baratan.
 Dursanii ilaaluu irra rakkoo yeroof furmaata kennuu irratti xiyyeeffata.
 Rakkoolee xixiqqoon qabamu, in kufus.

Gama dadhabina isaanii kana ijaaruuf ejjennoo hoogganaan fudhachuu qabu

1. Sagalee Waaqayyoo qo’achuu fi barachuu.


2. Sagalicha guyyaa guyyaan jireenya mataa isaan wal simsiisuu
3. Of ibsuu.
4. Dhugaaf jiraachuu fi ajajamuu.
5. Kaayyoo jiraatuu fi du’uuf adda baasee beekuu.
6. Jijjiiraa dhuunfaaf gomaahca namoota godhan waliin walitti dhufeenya uumuu.
7. Rakkootti qabamee kufuun dura ejjennoo gaarii qabaachuu.

22 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
4.3. Saamu’elii fi Bara Ce’umsaa
4.3.1. Bara saamu’elitti Ce’umsa ta’e (saamuet 3:16)

Saamu’el gara hooggansaatti kan dhufe sabne Israa’el jireenya hafuuraa fi hawwaasummaan
yeroo kufee turetti dha. Jireenyi lubicha Eelii haala wal-xaxaa keessa ture. Mana Qulqullummaa
keessatti of eeggannoo baraachisaa ta’e gochuu waan dhiiseef ijoolleen isaa laman cubbuu
hamaa hojjechaa turan mana Waanyyoo keessatti

 Tajaajilli Eelii kun karaa sirrii hin taaneen waan ta’eef, gara dhaloota itti aanuutti
ce’uu irra adabbiin raawwate.
 Dogongora bu’uuraa Eelii (1sam.2-3)
 Madaallii dhabuu. Tajaajila alaa fi maatii isaaf xiyyeeffannoo wal qixa
kennuu dhabuu.
 Tilmaama dogongoraa inni waan Luba ta’e qofaaf ijoolleen isaas luba waan
ta’an itti fakkaatee ture.
 Fakkeenya gaarii ta’uu dhabuu.

Jalaqaba tajaajila Saamu’el (1sam. 3:1-21)

Saanu’el mul’ata addaan dhalatee tajaajila mana waaq ayyoof kan kenname dha. (1sam.
1:1-28) . Saamu’el tajaajila isaa kan eeggale bara lubicha Eeliiti Jireenyi Saamu’el hundi mana
qulqullummaa keessatti darbe. Saamu’el tajaajila kan jalqabe sagalee waaqayyoo Israa’el
keessatti waan addatti barbaadamu yeroo turetti dha yeroon kun yeroo itti mul’atin mana
Waaqayyootii bade ture dha. Inni garuu Waaqayyoo irraa dhagahuuf gahaa fiqophaa’aa ta’ee
ture. Tajaajila isaas kan jalqabe waaqayyoon dhuunfaa isaatti beekuun (3:21)

Jireenya Saamu’el irraa wanta barannu.

 Hooggansi hafuuraa eegumsa ta’uu. Kana keessa walitti dhuufeenyatu jira (Relation ship)
(far. 23,Yon. 10:11)
 Hooggansi adaraa dha. Kun ammoo itti gaafatamummaa of keessatti qabata (1Sam. 7:1-17)
Saamu’el namoota isa hordofan irratti akkaataa inni itti dhiibbaa fide karaa sadiin:

23 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
1. Danadeettin (Competance)
2. Amalaan (Character)
3. Walitti dhufeenyaa (Connection)network Competance +Character+Connection:
Influence

Haasaa Saamu’el itti Fayyame

1. Ergaan isaa ifa ture


2. Eenyummaa warra dhaggeeffatuu kan giddu guleefate
3. Dhugaa ifatti baasuu irratti kan xiyyeefate
4. Dhageefatoota irraa deebii ergaa fidu ture.

Boqonnaa Shan

Hooggansa gaarii kakuu moofaa keessatti

5.1. Kan Waaqayyoo itti gammade, mooticha Daawit (1Sam. 16.1)


Karaa’itti Daawit Bara hooggansaatti dhufe kakuu moofaa keessatti seenaa addaa ti sabni
Israa’el yeroo fi fedhii Waaqayyoo malee ofii isaanitii yeroo itti mootii muuda chuuf
ka;an ture Bu’aan isaas Israa’el irratti gaarii hin turre. Waaq ayyoo garuu yeroo
isaatti mooticha Daawit muudeef.Dibamuu Daawiit akka foormulaa namaatti hin
turre.
Nama akka garuu koo, Ic/ma Iseen” (Hoe 13:22) kana irraa wanti barannu.
 Mana isaatii fi saba isaaf hoogganaa kan kennu Waaqayyoo ta’uu. Hoogganaan fedhii
Waaqayyoon, Waaqayyoof Waaqayyoon muudama .
 Waaqayyoo hoogganaa kan kaasu kaayyoo waanqabuuf
 Hooggannaanis kan jiraatu Waaqayyoof yoo ta’u, kan tajaajiluus fedha isaati

24 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Hoggaansaa fi jireenya Daawitii fi Saa’o

Saa’ol Daawit
1. Ofisaa irratti kan xiyyeefate Waaqayyoon kan amanaate
2. Fedhii mataa isaa kan hordofu Ofisaaf kan hin hawwane
3. Waaqayyoof hin ajajamne Waaqayyoof kan ajajajamu
4. Cubbuu isaa dhoksuu yaale Qalbii kan jijjiratu
5. Aboo qabuun hin ajajamne Kan of bite
6. Lapheen isaa maquun ol ka’e Ulfina Waaqayyoof kan dhama’u

Gareen hoogganaa Jabina Isaaf maal gochuu akka qabnu

1. Karooraan jalqabuu
2. Mul’ata isaa sirriiti kan beeku hooggnaa
3. Fedhii namoota biroof dursa kennuu
4. Itti gaafatamummaa hiruu
5. Amanamummaa Cimsuu
5.2. Ogummaan kanguute Mooticha Solomoon

Yemmuu haala hooggansa abbaa isaa Daawitii Wajjin wal bira qabamu, kan Solomoon kan tasga
baa’e dha. Kanaaf ammo gumaacha kan godhan.

1. Fedhii fi yeroo Waaqayyootti hooggansaaf muudamuu


2. Abbaan isaa kan isa muude ce’umsa ifaa ta’e dha.
3. Solomoon jalqaba irratti geggeessaa Waaqayyoo hordofe
4. Ogummaa fi dandeettii addaa Solomoon
5. Naannoo Solomoon kan turan namoota Ciccimoo

Solomoon dhiibbaa Uumeera.

 Hooggansi Solomoon karaa baay’een hoggantoota kakuu moofaa irraa adda adha.
Solmoon fiixaan ba’iinsa gaarii kan argate ture. Karaa itti hooggansi isaa mul’ate.
1. Hooggansa kan jalqabe abbaan isaa kan kenneef irraa kaaseti

25 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
2. Waaqayyoo irraa ogummaa fudhachuuf garaamii ta’ee argame
3. Jalqabuma irratti mala ogummaa inni hordofe dhuma isaa bareecheef
4. Naannoo isaa kan turan namoota ogummaa qaban
Malli hooggansa isaa ammoo haala gaariin akka itti fufuuf Solomoon:
1. Caasaa baasee akka itti fufu godhe
2. Sochiin hoogganuu irraa sochii isaa to’achuuf ejjennoo fudhate
3. Yeroo hundaa hooggansaaf kaka’umsa qaba ture.

Haala hooggansa Solomoonii fi humna fayyadamuun isaa rakkoo inni fide

Olitti akkauma ilaalle maqaan mooticha Solomoon ol ka’ee ture. Ogummaa hooggansa isaa,
haala caasaa bulchiinsa isaa Siyaasaa fi amantii hunda kan of keessatti qabate ture.

Kana malees Mana Qulqulluummaa keessatti argamuu Waaqayyoo Solomooniif ulfina guddaa
ture.Hoogganaan hafuuraa itti fayyadama aboo irratti rakkoon isaa quunnamuu danda’a.

 Humna raawwii : Sadaa irraa kan ka’e adabbii akka filannootti kan fayyadamu. Gama
dadhabina isaa fedhii irratti kan hundaa’e nama isaa faana bu’u horachuu hin danda’a
 Humna walitti dhufeenya irratti hundaa’e eenyummaa nama tokkoo irratti kan
dhaabbate osoo hin taane, walitti dhufeenya namoota hedduu irratti kan xiyyeeffatudha
Gama dadhabina isaa . Humna Siyaasaa ta’a.
 Amala irratti kan ijaarame: eenyummaa nama dhuunfaa tokko irratti kan hundaa’e
gama dadhabiina isaa dandeentiin qaban gaarii yoo ta’e illee, kan nu hordofaa yoo hin
guddifne itti fufiinsa hin qabaatu
 Humna kennaa irratti hundaa’e kennaa hafuuraa nama dhuunfaa irratti mul’atu dha
Gama dadhabina isaa namootni waan hin feene akka jaallataniifi waan fedhan akka
jibban godha.

Gama jabinaa irratti xiyyeeffachuu (1Mot. 10:1-9)

Hooggantootni gurguddoonni yeroo baay’ee gama dadhabina isaanii irratti yeroo gubuu irra
gama jabina isaanii cimsuu irratti yeroo dabarsu. Hooggantootni kunniin dandeetti qaban

26 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
cimsuun ofii isaanii guddisu.Solomoon mootii adeemsa kana hojii irraa odche dha.Waaqayyoos
dandeettii fi ogummaa gad fageenya qabu kenneeraaf (1Mot. 3:12-13). Kana irraa kana ka’e
baay’een mootota lafa irraa isaa irraa baruuf kaka’umsa qabaachaa kan turan. Joohon Maksiwaal
adeemsa kana 70-25-5 jedha. Kana jechuun:-

 Yeroo isaatti %7 gama jabinaa irratti xiyyeeffachuu


 %25 waan fooyyeessuu qabu irratti xiyyeeffachuu
 5% ammo gama dadhabinaa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjechuu
5.3. Bara Haaromsaa, Nahiimiyaa (Nah. 1:4)

Jireenyi hooggansaa jalqaba irratti jireenya kadhanaa ti Hooggansi hafuuraa dadhannaa irraa
adda bahee hin ilaalamu.Hoogganaaf kadhaanaan wal quunnamtii jalqabaati kana jechuun toora
itti hoogganaan Waaqayyoo wal quunnamu kadhannaa qofa Nahiimiyaan masaraa yerusaalem
gubachuu fi sabni Israa’el rakkoo cimaa keessa jraachuu yemmuu dhagahetti fuula Waaqayyootti
kadhannaan kufe.Ergasii booda caasaa qopheesse.Namoota hojii isaa gargaaran addaa baasuun
karoorse.

 Hojichi yeroo hagamii akka itti fudhatu beeka ture (2:6)


 Bakka yaade akkamitti akka gahu beeka ture (2:7)
 Hojii isaa raawwatee fiixban ba’iinsa argamsiisuuf waan barbaachisu beeka ture (2:8) .
 Fiixaan ba’iinsa hojii isaaf harki waaqayyoo akka isaa wajjin jiru beeka ture (2:8)
 Namootni Mul’ata qaban
 Maal akka barbaadan sirriitti beeku
 Gara hojiitti ofii isaanii galchu
 Itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf of qopheessu
 Dogongora hojii keessatti mul’achuuf jiru hin sodaatan

27 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Boqonnaa Jahaa

Hoogganaa Kakuu Haaraa keessatti

6.1. Fakkeenyummaa Kiristoos

Hoggansi waldaa kakuu haaraa kan bu’uurefame barsiisaa fi jireenya Gooftaa Yesuus irratti.
Yesuus Kiristoos ijoolummaa isaatii kaasee yaada Kakuu Moofaa irratti bu’uurefamee fi tajaajila
kennamaa ture qajeelchuuf ejjennoo cimaa fudhateera. Kana yemmuu raawwachaa turetti ammo
jireenya isaa fakkeenya godhee dhi’eessuun ture. Booda gara bartoota isaatti dabarse Barsiisa
Gooftaa Yesuus keessatti bu’uura kan ta’an wangeelota keessaa kutaa tokko tokkoo fudhannee
ilaaluu yaalla.

6.1.1. Hooggantoota adeemsa itti guddisan (Mat. 4:8-19,10:2-4 Mar. 1:16-20, Luq. 5:2-11,
Yoh. 1:35-42)

Gooftaan Yesuus tajaajila isaa kan jalqabe wangeela lallabuun yoo ta’u qofaa Lallabuun akka
gahaa hin taane beekeera. Kunis geggeessaa hafuuraa ta’uu hubateera.Itti gaafatummaan
Jalqabaa, hooggannaan tokko kanneen biro guddisuu dha. Kanaaf gooftaan Yesuus jalqabaa
kaasee adeemsotaa kana kan raawwate.

Hojii isaa yemmuu raawwatetti kanneen armaan gadii yaada keessa galcheera.

 Hooggansaaf kan adda baase tajaajila ililee isaa keessatti kanneen argatu (Mat. 4:18) turan.
 Kanneen qalbiin isaa jallaatte warra kan keessaa adda baase (Mat. 4:19)
 Kanneen hojii hooggansaaf waame (mat. 4:19)
 Karaa isaan hubachuu danda’aniin isaan waame
 Isaa wajjiin hojiitti akka qabaman godhee isaan waame (Mat. 4:23-25)

28 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Adeemsa kana bakka lamatti hirree ilaaluu dandeenya (Mat. 5:1-48)

Hooggansaaf yeroo Waamamuu Hooggansaaf yeroo qophii


1. Waamicha hooggansaaf sanyii facaasuu 2. Qormaata yeroo qophii
3. Adeemsi hooggansaa isaa jalaqabaa 4. Hooggansa raawwachuu

Adeemsota kanneen keessatti hoogganaan tokko gama ciminaa fi dadhabina isaa adda baasa.
Kanneen bakka bu’uuf jiranis yeroo kana waan baay’ee baratu yeroo kana gidduutti wantoonni
baay’een ka’uu danda’u :- (Mat. 5:1-7:29)

1. Hafuuraan hiyyoomuu fi quufuu


2. Gaddaa fi boo’icha
3. Garaamummaa fi gad of qabuu
4. Beela’uu fi dheebochuu
5. Qulqullummaa fi Amanamummaa
6. Ari’atamaa fi gidiraa
6.1.2. Hojiin Hoogganaa inni duraa galma ofii adda baasuu dha (Mat. 6:1-7)
1. Hojiin sirrii kaka’umsa sirriin hojjechuu (6:1-8)
2. Dhimmaa Waaqayyoo dursuu (6:9-13)
3. Walitti dhufeenya gaariif xiyyeeffannoo kennuu (6:15-16)
4. Fedhii yeroo caalaatti jireenya barabaraa irratti xiyyeefachuu
5. Mootummaa waaqayyoo dursuu (Mat. 6:32-33)
6.1.3. Kanneen bakka bu’uuf jiraniif beekamtii kennuu
1. Dhuunfaan beekuu fi carraa kennuufii (10:1-4)
2. Galma ifa ta’e kennuuf (10:5)
3. Kaayyoo giddu galeessaa ibsuufii (Mat. 10:5-6)
4. Ergaa ifaa ta’e kennuufii (Mat. 10:7)
5. Beelamtii hojii irraa oole argamsiisuu (Mat. 10:8)
6. Ofitti amanamumaa kennuufii (Mati. 10:9-10)

29 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
6.1.4. Itti gaafatamummaa biro hoogganaa hojiif wanta kakaasu qabaateeargamuu dha
(Mat. 11:28-30)

Gooftaan Yesuus Yemmuu bartoota isaa qopheessaa turetti itti gaafatamummaa guddaa
fudhateeti waldaan Kiristaanaa gara fuuldura isaatti cimtee kan dhaabate barsiisa bartoota
isaatiin Laphee bartoota isaa cimsuuf kan xiyyeeffatee adeemsota armaan gadii hordofuun

1. Boqonnaa: Boqonnaan kun qaamaan boqochuu caalaa hafuuraan boqochuu kan of


keessatti qabatu dha. Kun ammo dhiibbaa adda addaa irraa walaba ta’uu dha.
2. Fannoo: Fannoo Kiristoos baachuun jijjiiraa bu’uuraa gochuu dha. Kana jechuun jireenya
rakkisaas ta’e, tajaajila fedhiin fudhachuudha.
3. Garaamummaa fi gad of deebisuu : hoogganaan tokko yaada kanneen qabaateeti rakkoo
namootaa hubachuu kan danda’u.
4. Ba’aa madaalamee Adeemsi hoogganuu fi hojiin hoogganaa tokkoo kan dandeettii isaan
walmadaalu ta’uu qaba.
6.1.5. Mula’ta guddisuu (Mat.13:3-58)
Adeemsota Bu’uuraa:-
 Ergaa ifaa fi salphaa ta’e dabarsuu (13:3)
 Eenyu ergicha akka fudhatu sirriitti beekuu (13:1)
 Haalicha Madaaluu fi sochii jiru madaaluu (13:2)
 Dhugaa agarsiisuu (13:54
 Deebii isaa eeguu (13:51)
6.1.6. Garaamummaa Hoogganaa (Fakkeenyummaa Kiristoos (Mat. 28:16-28)

Hoogganaan fakkeenyummaa Kiristoos hordofu tokko waan gaarii hojjetee darbuutu irraa
eegama.Kana raawwachuuf ammo adeemsota armaan gadii hordofuu qaba.

1. Mirga hoogganaa keessaa kan akka dhiisuu qabu beekuu. Kana gochuuf gatii kaffalchiisuu
danda’a. Haa ta’u malee faayida warra biroof jecha waan dhiisu in qabaata.
2. Adeemsicha jalqabuuf ejjennoo fudhachuu
3. Galma namootni hundi beekuu qaban adda baasuu.

30 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
4. Itti gaafatamummaa nama biraatti dabarsuuf qophaa’uu (Yoh. 21:1-20)
5. Fakkeenyummaa Gooftaa Yesuus hordofuu. Isaanis
 Hooggansaaf dandeettii kan qaban adda baasuu (Mar. 3:13-19)
 Yeroo baay’ee hooggantoota ta’uuf warra jiran waliin yeroo dabarsuu (Mar. 3:14)
 Ba’aan akka itti dhagaahamus gochuu (Mar. 6:7-13)
 Hojii keessatti hirmaachisuu (Mar. 8:1-9)
 Yeroo dura bu’aan isaanii guddatu ilaalanii guddachuuf akka hawwan gochuu (Mar.
16:15)
 Deeggersa barbaachisaa ta’e gochuuf (Mar. 16:-17)
 Waliin hirmaachuu (Mar. 16:19-20)

Hooggantoota bakka bu’an guddisuu (Yoh. 10:21-22)

Hooggansa Kiristoos keessaa tokko hooggantoota bakka bu’uuf jiran filuun qopheessuu ture.
Wangeelli Yohaanni 20:21-22 tajaajila isaa isa dhumaa yemmuu agarsiisu, duuka buutota isaa
galma isaanii yemmuu itti agarsiisu argina. Kutaa kana keessatti ergaa murteessaa ta’e sadii
dabarseera. Isaanii kan nagaa, humnaa fudhachuufi human ergamaa ti nagaan isiniif haa ta’u,
Hafuura Qulqulluu fudhaa, Abbaan akkuma na erge anis isinan erga. Kanneen hoogganaa bakka
bu’uuf jiruuf iddoo guddaa qabu.Hooggantoota bakka bu’uuf jiran qopheessuufi warra ga’an
gochuuf sadarkaalee armaan gadii hordofuu barbaachisa.

1. Mul’ataa fi jijjiiraaf Kadhachuu


2. Kaayyoo kanaaf namoota ta’an adda baasuu
3. Galmaan warra gahan yeroo dheeraa kennuufiin waliin dabarsuu
4. Mul’ata qabachiisuu
5. Of kennuu isaanii jajjabeesuu
6. Mul’ata isaanii galmaan geessisuuf baasii barbaachisu qopheessuu
7. Waliin Kadhachuu
8. Yeroo itti waliin ta’an karoorsuu fi qindeesuu
9. Waliin barachuu fi waan baratan yeroo isaatti raawwachuu

31 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
6.2. Fakkeenyummaa Barsiisa Kiristoos
Biyya lafaa kana irratti hooggansa fi dandeettiin kan dhiibbaa uume kan Yesuus Kiristoos
hin argamne . Halli hooggansa isaa akka armaan gadiitti.
1. Hoogganaa hafuura fi tajaajolaa ta’uun (Mat. 20:25-28,Mar. 8:35)
2. Hooggansa hafuuraaf kaayyoo jalqabaa kennuu (Mat. 6:33,Luq.19:10)
3. Hooggananuun dura jiraatee agarsiisuu (Luq. 7:22, Yoh. 14:11)
4. Dhiibbaa gaarii uumuun kan dandaa’amu walitti dhufeenya keessatti (Luq. 9:6, Yoh.
4:5-30
5. Hoogganaa bakka kanneen biro buusu (Mar. 1:35-38,6:301)
6. Hooggantoota gurguddo akka of kennaniif waama (Mat.10:17)
7. Rakkoolee hiikun keessatti abdii kenne (Mar. 11:27-33)
8. Rakkoolee tokko tokko ofii isaafii akkatanii ofitti amana mummaa akka horataa
godhe
9. Hooggantoonni namoota hogganaan k eessaa filatanii guddisuu akka qaban (Mar.
3:14)
10. Bakka buutota malee fiixaan ba’iinsi hin jiru (Mar. 28:20)

Hooggansi fiixaan ba’iinsa qabu hundeen isaa (Luq. 12:1-59)

 Murteessuu
 Tajaajiluu
 Kaayyoo jabaatanii dhabbachuu
 Aarsaa of gochuu
 Qophii
 Hojii
 Kennaa hooggansaa
 Haala gaariin raawwachuu
6.3. Fakkeenyummaa Hoogganaa Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti Macaafni
Hojii ergamootaa hojii hafuura qulqulluu fi dhaabbachuu waldaa Kiristaanaan
alatti, waa’ee hooggansaa ibsu Hoe 6:1-7 kan jiru dha.

32 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
6.3.1. Amala hoggansaa kan Pheexiroos kutaa kana keessatti argannu irraa wantoota Afur
barachuu dandeenya. Isaanis
1. Saba tajaajilu irraa gaaffii ka’uuf deebii kennuu (Hoe.6:1)
2. Gaaffii ka’eef duraa duubaan deebii kennuufii (Hoe 6:2-3)
3. Itti gaafatamummaa namoota biroof hiruu (Hoe. 6:3,5)
4. Kanneen hooggansatti hirmaa taniif galma ifa gochuufii (Hoe 6:5)
6.3.2. Guddisuu, fakkeenyummaa Isixifaanos (Hoe. 7:2-60)
Jireenya Isxifaanoos keessa akkaniin of kennuun akkasii jireenya achuu danda’e?
Adeemsota armaan gadii hubachuu dandeenya:-
1. Argamuu Waaqayyoo keessa isaatti shaakalaa ture (Hoe. 6:8)
2. Hundeen isaa sagalee Waaqayyoo ture (Hoe. 7:2-38)
3. Dursa ilaalcha ture hubachuu danda’ee ture (Hoe. 7:39-91)
4. Aadaa amantii keessatti dhaabbateera (Hoe. 7:60)
5. Ilaalcha isaa hunda Yesuus irra godhatee ture (Hoe. 7:55)
6. Dhugaa hubata qabatee dhaabbachuuf kan kutate.
6.3.3. Tajaajila Waldaa Kiristaanaa Fedhii isaaniin tajaaji hin warra barbaadaniin
ijaaruu (Hoe. 15:32-35)
Tajaajilli waldaa Kiristaanaa yeroo baay’ee kan qabamu kanneen hojii isaanii hojjechaa
tajaajilaniin. Haa ta’u malee akka addunyaatti qorannoo godhameen cimanii kan
hirmaatan 20% Miseensa jiran keessaa kan hin caaledha. Tilmaamaan 80% tajaajjilli
waldaa Kiristaanaa kan raawwatamu 20% miseensota ta’aniin jechuudha. Kanneen hafan
maalif iftoominaan akka itti hin hirmaanne yemmuu gaafataman deebii armaan gadii
kennaniiru.
1. Eenyu illee na gaafates ta’e na afeeree hin beeku
2. Itti gaafatamummaa fudhachuu nan sodaadha
3. Muuxannoo qabuun kan na jajjabeessu hin jiru.
4. Hooggantootni hojii hiruuf fedhii hin qaban
5. Waa’ee tajaajilaa beekumsa gahaa hin qabu fi k.k.f.

33 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
6.3.4. Namoota fedhiin tajaajiluu barbaadan kakaasuuf.
1. Warra hin tajaajillee wajjin yeroo dabarsuu
2. Leenjii barbaachisaa ta’e kennuu
3. Carraa tajaajiluu kennaa hafuuraan wal qabsiisuu
4. Akka carraa tajaajiluu jiru irraa deddebi’uun beeksisu
5. Tajaajila irratti hirmachuun ulaagaa fi mirga miseensaa ta’uu beeksisuu
6. Haaraa warra ta’aniif karaa banuufii
7. Tajaajila akka kakuu Haaraatti ibsuufii fi k.k.f.

Boqonnaa Torba

Hooggansa akka tajaajilaatti kakuu Haaraa keessatti

7.1. Barsiisa Kiristoos keessatti (Mat. 20:25-28) kakuu Haaraan hooggansa dura tajaajila
iorratti xiyyeeffata ta’uus kan qabu hoogganaan hafuuraa tokko jalqabairratti tajaajilaa
ta’uudha. Kanneen biyya lafaa garuu kana irraa adda fakkiilee armaan gadii mee ilaal!

Fedhii fi Mirga Ofii dhiisuu

Fakkiin kun hoogganaa hafuuraa tokko agarsiisa, akka inni fedhii fi mirga isaa dhiisee sadarkaan
ol ka’u As keessatti fedhii fi xiyyeeffannoo hooggannaa saba isaa tajaajiluudha . Kan itti aanee
jiru ammo ilaali

Itti gaafatamummaa fi aboo

34 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Karaa biraan ammo tajaajilaan hafuuraa tokko hoogganuu carraa hanguma argateen itti
gaafatamumaa fudhachaa deema. Tajaajilaa hooggana akka ilaalcha Maarqositti (Mar. 9:33-
10:16)

1. Tajaajilaa guddaan, hoogganaa guddaa dha. (9:35)


2. Tajaajilaa hoogganaan nama hirmaachisa (9:38-40)
3. Gatii isaa harka Waaqayyootti argata (9:41)
4. Akka ijoollee garraamii ta’uu qaba (10:13-16)

Hooggansa Biyya Lafaa fi Hafuura

Yaada Ijoo Kan biyya lafaa Kan Hafuuraa


Dhiibbaa Uumuu Aboo qabaachuu Nama jaallachuu Fil.2:3-11
Ofitti amanaamummaa Dorgommii Waaqayyotti amanuu 2Q.3:4-6
Aboo Qabaachuuf Mirgaafi aboo Tajaajiluu )Mat. 20:20-28
Caasaa Dhaabbataa Nama irratti dhiibba Nama guddisuu Hoe. 9:8-20
Kaka’umsa Faayidaa yeroo Kan barabaraa 1Qor. 4:1-4
Galma JIreenyaa Mo’ee argamuu Waaqayyoof ajajamuu
Kaka’umsa Hooggana Aboo Abbummaa

Tajaajilaan Kiristoosiin fakkaatee hoogganu (Yoh. 13:1-17)

1. Kanneen biro tajaajiluuf jaalala keessaa kan qabu (13:1-2)


2. Kanneen biro tajaajiluuf kan kaka’u
3. Kanneen biro tajaajiluu gammachuun kan simatu
4. Eebba kanneen biro tajaajiluun argamu hubachuu
5. Rakkoo warra kaanii hubachuun furmaata fidu.
7.2. Barsiisa Phaawulos keessatti (Ergaawwan keessatti)
 Fedhii fi mirga ofii dhiisuun tajaajilaa ta’uu (Rom. 15:1-6)
 Fedhii ofii dhiisuun kanneen biro guddisuu (rom. 15:1)
 Kanneen biro guddisuu irratti xiyyeeffachuu (Rom. 15:2)
 Garaa dhiifamaa qabaachuu (Rom 15:3)
35 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Laphee Kiristoos qabaachuu (Rom. 15:3)
 Yeroo hundaa barataa ta’uu (Rom. 15:4)

Boqonnaa Saddeet

Bakka Hooggansi Gaariin gahu

Haalli uumama namaa uumamaa biro irraa adda.Adda kanneen godhan keessaa namni bifaa fi
fakkaattii Waaqayyoon uumamuu dha. (Uum. 1:16-28) Waaqayyoos tokkoo takkoo jireenya
namaa keessatti kaayyoo addaa qaba.Namnis walii isaaf fayyadaa adda addaa kenna Beekumsaa
fi dandeettii gara garaa waan qabuuf inni tokko isa kaaniif barbaachisaa dha.

8.1. Galme Hooggansaa Daangessuu


8.2. Fedhiibn Waaqayyoo geggeessaa tokkoof jireenya Waaqayyoo tokkoo tokkoo
hoogganaaf fedhii qaba. Hoogganaanis fedhii Waaqayyoo beekee tajaajiluu qaba. (Mat.
6:10,Far. 19:21,Yoh. 3:8)

8.1.2. Kaayyoon Waaqayyoo hoogganaaf jireenya (Far 40:8,Efe. 1:9)

8.1.3. Waamichi Waaqayyoo hoogganaaf jireenya (1Phex. 1:15,Rom. 1:1)

13.1.. Kennaa Hooggansa ofii beekuu


Hooggantoota Waaqayyoof kennaawwan garaa garaatu kennama Hooggantootnis kennaa
Waaqayyoo kenneefiin tajaajiluu fi Aboo kan qabaatan (Rom. 12:3-8, Efe 4:7-16)
13.1.1. Waaqayyoo hoogganaaf Mul’ata kennaaf.
13.1.2. Waaqayyoo jireenya hoogganaaf galma kennaaf
8.3. Kennaawwan Hafuuraa Guddisuu
Hooggantoonni kennawwan ofii isaanii fi kanneen biro beekuun ofii kaka’uun kanneen
biro kakaasutu irraa eegama. Sababni isaa
 Guddina Waldaa Kiristaanaaf murteessaa waanta’eef (Efe. 4:11-12)
 Kennaawwan itti gaafata mummaa bahuuf murteesso dha (1qor. 3:10-15)
 Tajaajila gammachuun guute kennuuf (1Phex. 4:10-11)
 Itti gaafatamummaan tajaajiluuf (1Phex. 4:7-11)
36 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Kabajaa Waaqayyoof kennuuf (1qor. 10:30-31)
8.4. Mala Hooggansaa
Malli hooggansaa gosa tokkichaa miti.Malli hooggansaa addaa adda. Haalli tajaajilaas
garaa gara Maloota jiran keessa Muraasni kanneen armaan gadiiti
1. Hoogganaa mul’ataa (Visionary Leader)
2. Hoogganaa kallattii agarsiisu (The Directional Leader)
3. Malaan Hoogganaa (Strategic Leader)
4. Bulchaa kan hoogganu (Managerial Leader)
5. Hoogganaa kakaasu (Motivationnal Leader)
6. Hoogganaa sooru (Shepherding Leader)
7. Gareen kan hoogganu (Team Leader)
8. Yaada hoogganaa burqisiisu (Enterpreneurial Leader)
9. Hoogganaa jijjiiramaaf hojjete (Re-engineering Leader)
10. Hoogganaa walitti qabaa (Organizer Leader)
8.5. Ifumaa hoogganaa (The authenticity of Leader) sadarkaa iftoominaan yoo ilaalame
hooggantoota bira walgalteen hin jiru. Baay’een kan itti amanan hoogganaan
sabahoogganu irraa fagaatee bulchuu qaba kan jedhutti kana jechuun saba hoogganatti
ofii isaa ifa gochuu hin qabu dha. Ifummaan in barbaachisa yoo jedhame illee hangam
kan jedhu irratti waliigalteen hin jiru. Keessattuu biyyaa Afiriikaa kana keessatti
hoogganaan ofii isaa ifa godhee bulchuun hin hojjetu. Aboo isaa ulfinaa fi fagootti
eeggachuu qaba jedhama. Haa ta’u malee hooggantoonni hafuuraa hangam ofii isaa saba
hooggananitti ifa godhanii dhi’eessuu qabu? Jabina isaanii qofa osoo hin dadhabina
isaanis
8.5.1. Ifumaan adeemsa Macaafa Qulqulluu waan ta’eef hooggantoonni hordofuu qabu.
Fakkeenyaaf Musee, Daawwit, Saamu’el, Ermiyaas, Gooftaa Yesuus fi ergamaa
phaawuloosiin fudhachuu dandeenya.
8.5.2. Hoogganaan akkuma namoota biro innis rakkoolee adda addaa qabaachuu danda’a.
jireenya dhuunfaa fimaatii qaba. Rakkoo karaa kanaan jiran beeksisuu qabu.
8.5.3. Amanamummaa fi fudhatama qabaachuuf ifa ta’uutu irraa eegama.

37 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
8.5.4. Ifummaan hoogganaa sabni ifa ta’ee akka isatti dhi’aatuuf gargaara. Namootni osoo hin
dhiphatin yaada isaaniin bilisaan akka ibsaniifif inni dursa ifa ta’uutu irraa eegama.
Guduufaa
Hoogganaan ofii isaa fi saba hoogganu irratti dhiibbaa gaarii uumutu irraa eegama.
Hoogganaan akkasii ammo dandeettiin isaanii olaanaa ta’a.kanaan namich Afirikaa
beekamaan ammo Niilsel Maandelaa ture. Namichi kun dunka buutota hedduu qaba
ture. Haalli Hooggansa akkasii bu’a qabeessa taasisa.Macaafa Qulqulluu keessatti
Gooftaan yesuus dhiibbaa gaarii kanfidaa ture dha.Ammas ammo hojiin isaa addaan hin
cifne.Karaa namootaa raawwachaa jira.Hooggantoonni hafuuraa eegaan fakkeenya isaa
hordofuutu irraa eegama.
Boqonnaa Sagal
Itti Fayyadama Aboo fi Humnaa
Qabxii yaada Ijoo Mat. 20:25-28 kutaa darbe keessatti aboo fi hoogganaa hafuura
ilaalluuf yaalleera. Kutaa kana keessatti ammo aboo hafuuraa akkamiin akka itti
fayyadamuu qabnu ilaalluuf yaalla .Amantoonni hoogganaa ta’an wanta isaan
dogongoran keessaa aboo karaa hafuuraa argatan haala sirrii hin taaneen itti
fayyadamuudha.Kana ammo Gooftaan Yesuus Wangeela Maatewoos keessatti “Isin
biratti akkas miti” jedhee yaada ceephoon kaa’eera. Kanneen biro irratti aboo qabaachuuf
osoo hin taane tajaajiluuf kan muudamtan hafuuraan jedha.
9.1. Haala itti hoogganaan Hafuuraa Tokko Aboo fayyadamuu qabu
Aboon hafuuraa madaallii jireenya hafuuraa eeggateen deemuu qaba Hooggantoonni
yeroo hundaa aboo hafuuraa kan fayyadanman kanneen biro fayyaduuf ta’uu qaba. Kanaa
alatti faayidaa isaa caalaa miidhaa isaatu miijana.Yeroo har’aa kanaa aboon namoota
hafuuraa gaaffii namatti uumaa jira. Maalif yoo jedhame, isaan kan hoogganan of
beeksisuuf, jaalala qarshiif ykn faayidaa addaa argachuuf malee saba Waaqayyoo
dhugaumaan tajaajiluuf miti. Kana malees dhiibbaa saba Waaqayyoo irraan haala malee
yemmuu geesisan argamu. Waldaa Kiristaanaa Itoophiyaa keessatti haalli bittaa Rob’am
in mul’ata (Mot. 12:14) Hooggansa hafuuraa karaa dogongoraa ta’een warri itti
fayyadamaa amallii isaanii kanneen armaan gadiitti

38 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
1. Yaadni isaanii yaada saba isaaniin yeroo baay’ee wal hin simu
2. Yaadni isaan hin barbaanne yoo ka’e hin fudhatan
3. Dubbii sagalee Waaqayyoos akka fedhanitti hiikkatu
4. Hooggantoota biro akka isaan isaaniin deeggeran godhu
5. Gooftaan natti dubbateera jechuun ba’aa humnaa olii namatti fe’u
6. Waan barbaadan karoorsuun hojjechuu fedhu
7. Yaada isaaniin tajaajiltoota walii hin galle fuulla sabaa jalaa miliqsu
9.2. Hooggansa Hafuuraa Madaaluu

Waldaa Kiristaanaa keessatti hooggansi yaada ijoo dha. Hoogganaa malee ergamni waldaa
Kiristaanaa fiixaan ba’iinsa hin qabaatu saba. Jireenya hafuuraa isaanii guddisuuf tajaajilaaf
qopheessuuf hooggansi wanta barbaachisaa dha. Dandeettiin hooggansaa qofa qabaachuun gahaa
miti hooggantoonni waldaa Kiristaanaa Jireenya hafuuraaf dursa kennuu qabu Hooggantootnni fi
leenjii kan fudhatan, hooggansa hafuuraa madaaluuf yaada armaan gadii akka hubatan
jajjabeeffamu.

1. Tajaajila keenya keessatti eenyutu ulfina argachaa jira? Waaqayyoo moo namicha
tajaajilu? Luq. 11:43, Hoe. 14:11-5
2. Burqaan aboo eenyu? Hooggantoonni aboo Gooftaa Yesuus Jalatti ta’aniitti kan
hoogganuu qaban. Isa waan ta’eef Yoh. 6:38.
3. Firiin isaa maal? Tajaajilli hafuurraa tokko kan beekamuu firii isaatiin 1Xim 3:1-7 Tit.
1:5-9 1phex. 3:16.
4. Namoota hoogganaa keessatti firiin Mul’atu maal? Tajaajilaaf kaka’uu, tajaajila
keessatti qabamuuf fedhu? Tajaajilaa fi jireenya hafuuraatti guddachuu?
5. Haalota rakkisoo keessatti tajaajilaaf kaka’uun irraa mul’ataa?kanaaf fakkeenya kan
nuuf ta’u Gooftaa yesuus dha. (Yoh. 13:4-8)
6. Haalli itti tajaajila kennan maal fakkaata?
9.3. Jireenya Dhuunfaa Madaaluu

Dhaabbata tokko keessatti galii fi baasiin jiru yeroo beekamuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun
hoogganaan jireenya mataa isaa illee madaaluu qaba .fakkaatuun hoogganaan jireenya mataa isaa

39 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
illee madaaluu qaba. Firiid Simiizikan jedhamu hoogganaan hafuuraa tokko jireenyaa fi tajaajila
isaa madaaluuf gaaffilee kudha lama qopheesseera. Nutis gaaffilee kanneen xiyyeeffannoon
ilaalatuu nurraa eegama.

1. Ta’uu kanan barbaadu eenyummaan ana keessa jiraa? Hojii hojjechaa jiru caalaatti
eenyummaan keenya murteessaa dha.
2. Nama hafuuraa fakkaachuu caalatti amantii cimaan keessaa keenya jiraa? Fariisota akka hin
taane.
3. Akka hoogganaa hafuuraatti na ilaaluu ? Maatii caalaatti waa’ee jireenya hafuuraa sirriitti
dhi’eenyaan beekuu kan danda’u hin jiru.
4. Jireenyaa koo keessaa kan burqu kanneen biro ijaaraa jiraa? Eebba keessa keenyaa bahu
warra kaani dhangalaasuu Yoh. 7:38.
5. Jireenya tasgabaa’aa fi nageenya keessaa qabaa? Kennaa Waaqayyoo keessaa tokko nagaa
dha.
6. Kanneen biro irraa adda kan na godhu kennaan tajaajila koo maal? Waan baay’ee
raawwachuu yoon danda’es adda wanta na godhu beekuun qaba.
7. Jireenyi kadhannaa koo guddina agarsiisaa jiraa? Hoogganaan nama kadhannaa ta’uu qaba.
Yaada Kiristoos qabu qabaachutu barbaachisa.
8. Gudduummaa Waaqayyoo kan galateeffatu jireenya qabaa? Hoogganaan Waaqayyoon
waa’ee guddummaa isaaf galateeffachuu qaba.
9. Garraamummaa dhugaa qabaa?
10. Ofii koo nyaata hafuuraa sirriin sooraan jiraa? Yeroo ammaa barsiisa hafuuraa sirrii hin
taanen naannoon keenya guuteera. Hoogganaan egaan barsiisu sirrii adda baasee erga of
sooree booda kanneen biro sooruu qaba
11. Wantoota xixiqqootti illee yaada Waaqayyoon galateeffatu qabaa? Ajajamuun wantoota
xixiffoon eegala.
12. Gammachuu qabaa Gammachuun jireenyaa gooftaa biratti wanta hundaa dursudha.
9.4. Aboo garmalee itti fayyadamm
Aboo garmalee fayyadamuun kufaatii dhala namaa booda kan dhufe dha. Kunis biyya
lafaa keessatti kan beekame dha malee Itoophiyaa ykn Afirikaa keessatti qofa mit
40 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
biyyotni guddatanis rakoo kana irraa walaba miti rakkoon aboo garmalee fayyadamuu
Afiriikaa keessatti bal’inaan akka jiru beekamaa dha. Dursee aboo kan qabatee faayidaa
mataa isaaf faayydaa fira isaaf ykn namoota beekamtii qabaniif akka oolchu
beekamaadha Haalli kun ammo waldaa Kiristaanaa keessattis in mul’ata, Afiriikaa
keessatti hoogansa irra warri jiran kennaa hafuuraa waaqayyoo saba isaaf adaraa itti
kenne dagalchuun faayidaa mataa isaanif oolchu. Kun ammoo wanta nama gaddisiisu
dha.
Maqaa kennaa hafuura qulqulluutiin kan raawwatu garuu aboo naamusa malee
ta’ee waldaa Kiristaanaa keessatti mul’ata waldaan Kiristaanaa dhiigaa Yesuusiin kan
argamte dha. Haa ta’uu malee haalli hooggansaa jiru faayidaa addaaf oollaa
jira.Gudunfaa kaayyoon hoogganaa hafuuraa kanneen biro tajaajiluuf isaaniin tajaajilaaf
geesisuudha. Akkasumas hojii waldaa Kiristaana babal’isuu dha Aboon hafuuraa
kaayyoo mataa ofii fiixaan baafachuuf kan itti fayyadaman osoo hin taane mana
Waaqayyoof jechuudha. Egaan aboo hafuuraa garmalee fayyadamuufd kan seexila malan
mala armaan gadiitiin miliquu danda’u.
1. Sabni isaan hoogganan sagalee Waaqayyoo ofiin dubbifatanii akka jabaatan gochuu
2. Saba irratti garmalee dhiibbaa uumuu dhiisuu
3. Ofii isaanii fannoo Kiristoos jala galchuu
4. Kaka’umsa ittiin gara geggeessaa hafuuratti dhufaa sakkata’uu
5. Aboo ittiin tajaajilanitti hirkachuu dhiisuu. Ofii isaanii to’annoo hafuura qulqulluu
jala galchuu kennaa Waaqayyoo hojii mana isaaf oolchuu qaba.

41 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Boqonnaa Kudhan

Malaan Hoogganuu

Hooggansi fiixaan baa’insa gaarii kan qabaatu galmi isaa ifatti bahee yoo

beekame dha. Kallatti namoota hoogganitti mul’atu sabattis beeksisuu dha

10.1. Hooggansaa fi karoora ogummaa


Tajaajilli kaniillee fiixaan ba’insa kan qabaatu karoora malaan yoo geggeeffame dha.
Karooraan geggeeffamuuf ammo adeemsota armaan gadii hordofuu barbaachisa.
 Murla’ta tajaajilaa :- bara waan ta’uuf jiran dursa adda baasanii beekuu
 Ergana tajaajilaa:- waan jiraannuuf adda b aasuun isaa irratti xiyyeeffachuu
 Galma tajaajilaa :-waan bu’aa isaa ibsuu danda’u
 Mala tajaajilaa :- Galma keenya raawwachuu
 Xiyyeeffannoo tajaajilaa “- waantota isaa irratti xiyyeefachuu
 Ejjennoo tajaajilaa :- hojiitti hiikuu
 Bu’aa eegamu. Dhuma irratti waan arguu eegnu
10.2. Hooggansaa fi itti fayyadama yeroo
Hoggansa keessaa gam jabinaa itti fayyadama yeroo sirriitti beekuun hojii

irra oolchuudha. Hooggansi bu’a qabeessa ta’us yeroo isaa kan sirriitti

fayyadamedha.

 Waaqayyoo wajjin dhuunfaatti yeroo fudhachuu, Bau. 16:23


 Wantoota isaa irratti yeroo dheeraa dabarsuu uum. 1:12-17
 Terii boqonnaa gahaa qabaachuu Bau. 31:12-17
 Wantootni bu’aa hin qabne akka yeroo hin gubne gochuu Lakk. 28:1-2
 Wantoota dhaabatoo irratti yeroo dabarsuu Far. 39:5-6
 Humna guutuu qabnuun fayyadamuu.

42 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
10.3. Yeroo murtee godhanitt yeroo fayyadamuu
Hooggansi jireenya waan tokko murteessuuti jireenya guyyaa guyyaa keessatt.Maatii
isaanii keessatti fi waldaa Kiristaanaa keessatti yaadole ka’an irratti murtee kennuun hojii
hoggantootaati kunis ammo murtee bu’a qabeessa ta’e murteessuuf adeemsa
hooggantootni godhanii dha.Murtee sirriis murteessuutu irraa eegama murteessuu
hoogganaan hin dandeenye, inumaayyuu hoogganaa ta’uu hin danda’u murtee
murteessuun ammo filannoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa hoogganaa tokkooti
hoogganaan tokko murtee sirrii murteessuuf odeeffannoo gahaa ta’e qabaachuu
qaba.Yeroo kana egaanodeeffannoon amana mummaa hin qabne hoogganaa tokkoof
qormaata.Kanaaf burqaa odeeffannoos sirriitti akka ta’uutu irraa eegama.Itti dabalees
qaamni dhimmii isaa ilaalatu akka itti hirmaatan afeeruu dha. Kana waan ta’eef
hooggantoonni
 Kadhannaan Waaqayyoo irra geggeessaa argachuu qabu
 Amaleeffannaa keessa isaanii dhaggeeffachuu cimsachuu qabu
10.4. Fayyadama yeroo
Yaada keessaa ofii gabbifachuuf yeroo fudhatanii of dhaggeeffachuu barbaachisa kanaaf
hooggansaa kan leenji’an ykn tajaajiltoonni itti gaafatamummaa fudhataniif keessa
isaanii kakaasuufi madaaluuf yaada armaan gadii qorachuuf guddisuu qabu. Isaaniis
 Itti gaafatamummaa fudhataniif kaka’uu
 Kan koot yaada jedha cimsachuu
 Yeroo kamituu fiixaan ba’iinsa malee kufaatii yaaduu hin qabu
 Aarsaa baay’ee kafaluuf qophaa’uu
 Itti gaafatamummaa fudhate gammachuun raawwachuu
10.5. Yaada Ijoo irratti xiyyeeffachuu
Hoojjii hojjetamuu hin qabne hojjechuun sirrii miti Hooggansa jehcuun hundaaf ta’uu fi
waan hundumaa hojjechuu jechuu miti.Hoogganaan ofii isaa fi dandeettii isaa beekuu
qaba.Hoogganaan hojii sirrii ta’e kennuu qaba.Gooftaan Yesuus isaa kanaaf fakkeenya
gaarii dha. (Yoh. 3:27-30,7:3-8,11:5-7) Hooggantoonni yeroo baay’ee
 Wantoota baay’ee ariifachiisaa ta’e

43 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Dhimma namootaaf dursa kennuu
 Barbaachisoo fi dhimmoota ijoo dursuu
 Wantoota bebeetamoo irratti yeroo dabarsuu

Hoogganaan yaadolee armaan gadii hubachuun waan murteessuu fi itti fayyadama yeroo
irratti ogummaa argata

 Walitti dhufeenya namootaa wajjiin qabu guddisuu


 Qophii gahaa gochuu
 Haala fooyya’aan karoorsuu
 Of eeggannoo cimaa gochuu
 Carraa haaraa argamanitti fayyadamuu
 Of guddisuu fi k.k. f.

Gudunfaa :-Nuti hooggantoonni wantoota dagganu qabna yeroo baay’ee sababni isaas kanneen
wantoota ariifachiisoo waan hin taaneef. Haa ta’u malee jireenya keenya keessatti kanneen
murteessoo ta’an dha kan nuti daggannu. Yeroo gahaa itti laatnee kanneen yoo hin qindeesine
gara boodatti nu harkisu.

Boqonnaa Kudha Tokko

Hoogganaa fi Abbaa Adaraa

Hoogganaaf itti gaafatamummaa isaa keessaa tokko abbaa adaraa ta’uu dha.Hoogganaan
hafuuraa tokko kanneen isaa jala jiran hoogganuu adanaa Waaqayyoo irraa fudhate dha. Saba
tajaajilaa adaraa Kiristoos irraa kan fudhate dha. (Hoe. 20:20-31, 1Phex. 5:2-5) kana qofas
miti jireenya isaani fi maatii isaanii illee hoogganuun adaraa itti kenname dha.

11.1 Hoogganaa fi Galfata

Kutaa macaaf Qulqulluu itti aanaanii jiran hubadhu

1. Waaqayyoo abbaa waan hundaati (Uum. 1:1, 1zena. 29:14,Luq. 14:33)


2. Waaqayyoo uumama akka kunuursuf namatti kenne ( Uum. 1:26-27)
44 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
3. Adaraa nutti kenneef Waaqayyoo nu gaafata (Luq. 19:12-28, Rom. 14:12)
4. Waaqayyoo kaayyoo nuuf kenneera (Mat. 20:8, Luq. 16:2-3,Gal.4:2)
5. Adaraa nutti kenneef nu gaafata (Mat. 25:14-15)
6. Guutummaa guutuuti aboo isaa jala ta’uu (Far. 104)
11.2 Qabiinsa Herregaa

Abbaa adaraan itti kenname keessaa tokko qabeenya ykn horii dha. Hoogganaa hafuuraa tokkoof
qorumsa kan ta’an keessaa waa’ee qarshii ti isaa kana ilaalchise Macaafni Qulqulluun barsiisa
cimaa kenna. Kanneen keessaa mee Macaafa fakkeenyaa irratti kan caqasame haa ilaalu.

1. Galii argatu keessaa qooda waaqayyoo baasuu Fak. 3:6-11


2. Arjamummaa fi abbaan adaraa madaallii eeggachuu qaba Fak 6:1-5
3. Qarshii caalaatti Waaqayyootti amanuu (11:28)
4. Dafeen durooma jechuu dhiisuu Fak. 13:7-8
5. Qabeenyi jireenyaaf wabii hin ta’u Fat. 18:11

Boqonnaa Kudha Lama

Rakkoo obsuun Tajaajiluu

Namootni baay’een hooggansa akka hojii mijataati lakkaa U. Akkasumas jireenya hooggansaa
yeroo hundaa gammachuu fi badhadhinaan kan guute godhanii fudhatu. Hoogganaan wanta
fedhe hunda kan raawwatn waan aboon harka isaa jiru qofaaf nuti ilaalchi akkanaa kanneen
hoogganaa hafuuraa hin ta’in biratti ta’uu danda’a, isa ta’us walabaan waan fedhe raawwata
jechuu miti yoo raawwate illee yeroo gabaabaaf. Hoogganaan hafuuraa garuu karaa baay’ee
madaalama. Karaa keessaa fi alan madaalama. Akka nama hafuuraa tokkotis qormaatin itti
dhufan hedduu dha. Kanneen kana hunda obese hojii isaa raawwata amanamummaan hojii isaa
raawwachuun irraa waan eegamuuf soda Waaqayyoo keessa ta’uu tu irraa eegama.

12.1. Of eeggannoo hoogganaan gochuu qabu


 Qulqullummaa mataa isaa eegachuu
 Boqonnaa fi yeroo maatii isaa wajjin dabarsu
 Boqonnaa waggaa fudhachuu

45 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Boqonnaa qaamaa, hafuuraa fi sammuu gochuu qaba
 Sochii qaamaa gahaa gochuu qaba
12.2. Kanneen biro wajjin walitti dhufeenya cimsuu
Hooggantoonni namoota baay’ee gidduu osoo jiraatanii qofaa ta’uun kan
miidhamanii dha. Yaada garaa isaanii illee namoota hiranii dhiheenyatti hin
qaban.Hoogganaan namoota muraas waliin walitti dhufeenya cimaa uumuu qaba.
Kanaaf hooggantoonni namoota akka garaa isaanii fo’achuuf adeemsota armaan
gadii hordofuu qabu:-
 Namoota tajaajilan keessaa muraasaa ofitti dhi’eessu
 Namootni hiriyoota siif ta’uuf jiran kan isa boqochiisan
 Namoota wajjin yeroo dabarsi
12.3. Ka’umsa wantoota Abdii kutachiisanAdda baasanii beekuu
Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti wanta abdii isaa kutachiisu hin dhabu.
Hooggantoonni ammo sababoota baay’ee irraa kan ka’e abdii kutachuu danda’u. Kun
ammo wanta inni ta’uuf namoota hedduu dura bu’uun murtee adda addaa waan
dabarsaniif kanaaf hooggannaa yemmuu abdii kutachuu isa quunnamutti sababoota
kanneen sakkata’ee adda baafachuu qaba. Wantoonni abdii nama kutachiisan bakka
gurguddoo lamatti hiramuu danda’u. Kan keessaafi alaa jedhamuun.
1. Sababoota keessaa hoogganichuma keessatti kan uumamanii dha.
2. Sababoota alaa isaa alatti dhiibbaa alaa itti dhufan ta’an danda’a.
12.4. Jireenya ofiin Abdii kutachuu
Jireenya amanaa tokko keessatti wantoonni quunnaman akka jaalala Waaqayyootti
kan yaadamanii dha malee akka tasaa kan ta’an miti.
Fiixaan ba’insii fi guddinni kan dhufu akka tasaa osoo hin taane rakkoolee garaa
garaa keessa darbuun Gidiraan gara bilchinaa fi guddinaatti nu fiduu danda’u (2Qor.
4:7)

46 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
12.5. Ceephoo Obsuu
Hooggantoota qormaata quunnaman keessaa tokko ceephoo dha.Baay’ates xiqqaates
tokko tokko hoogganaa ceephoon in quunnama.Rakkoon jiru garuu ceephoon jiraachuu
osoo hin taane akka itti ceephoo hubannu dha ceephoon bifa lama qaba badaa (Negative
Critism) fi gaarii (positive critism) dha.Egaan kanneen lamaan adda baasuun, waan
fooyya’uu qabu foyyeessuuf of qopheessuu barbaachisa.Kana malees hooggantoonni
ceephoo haala gaariin qabuu qabu.Maaliif hooggantoota irratti ceephoon ka’a?
 Hooggantootni mul’ataa fi jijjiiramaa fi sababa waan ta’aniif
 Ilaalchi isaaanii kanneen biro irraa adda waan ta’eef
 Aboo garmalee fayyadamu- kun namoota baay’ee kakaasa
 Namootni tokko tokkoo uumamaan waan gaarii waan hin yaaneef
 Bakka sana namootni tokko tokkoo waan barbaadanif Ergamaa Phaawulos irratti
karaa adda addaa irratti ka’aa ture (Efe. 3:8 1Qor. 15:9-10)
 Haala itti hooggantoonni ceephoo qabuu danda’an.
1. Yerooma sanati deebii kennuu dhiisuu
2. Garaamummaan qabuu
3. Humna isaanii qusachuu
4. Akka dhuunfaatti fudhachuu dhiisuu
5. Yoo barbaachisaa ta’ee argame itti gaafatamummaa of irraa buusuu .
12.6. Hojii fi bulchiinsa maatiin fiixaan ba’iinsa argachuu
Haalii jireenya namaa madaallii isaa kan eeggate ta’uu qaba. Madaalli isaa kan hin
eegganne kallattii xiyyeeffannoo dhaba. Hooggantoonni baay’ee madaallii tajaajila
isaanii fi maatii isaanii hin eegan. Hooggantoonni madaalii karaa lamaanuu eegaa yoo
deeman, karaa lamaanuu fiixaan ba’iinsa argachuu danda’u
MC Ginni namichi barreessan tokko yaadolee armaan gadii barreeffama isaa
keessatti kaa’eera.Namootni hooggansaaf leenji’an hordofuu qabu.
1. Of kennuu (Commitment):- tajaajila fi hooggansa maatii haala madaalli isaa eegeen
of kennuu
2. Naamusa (Discipline) :- jireenya is

47 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
3. Walgargaaruu (Collaboration):- ofii isaatiin guutuu fi namni of danda’e hin jiru.
Waan yaadne fiixaan baasuuf gargaarsa namoota biro nu barbaachisa Nutis namoota
gargaaruu qabna.
4. Jijjiirama fudhachuu (Adaptability) :- hooggantoonni jijjiraaf qophaa’oo ta’uu qabu.
Jijjiiramaaf qophaa’ee karaa jijjiiramaa irra hoogganaan deemu fiixaan ba’iinsa gaarii
qabaata.

Gudunfaa (Conclusion)

Kaayyoon, barumsa kanaa Macaafa qulqulluu dubbisuun jireenya isaanii akkasumas Waldaa
Kiristaanaa naamusa gaarii fi amanamummaan akka hooggananiif Qorannoon kun itti dabalee
qorannoo kakuu Moofaa fi Haaraa kan of keessatti qabate dha. Kunis fakkeenya qabatamoo ta’an
fudhachuun kutaa lamaan keessaa, barsiisa nuuf dabarsa kana malees hooggansa haala yeroo fi
saayinsaawwaa walitti qabsiisee nu barsiisuuf qophaa’eera. Kanaaf qabxiilee ka’an maqa
barataan tokko tokkoon yoo dubbisee xiinxale jireenya ofii isaa maatii isaa fi waldaa isaa sirriitti
qabuuf dandeettii isaa gabbifata.

48 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like