You are on page 1of 9

Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

Caqasa macaafa qulqullu waayee fayyina dhabuu.


❖ Baay’een gaaffilee fayyinni bara braa barsiisa macaafaaati?
Kristiyaanni fayyina isaa dhabuu danda’aa? Jedhanii gaafatu.
Deebiin gaaffilee kanaa amanaan dguhaan fayyina isaa dhabuu hin
danda’u dha. Wabii jireenya bara baraa qabu. Takka fayyinaan
yeroo hundaaf fayyani. Fayyina ni dhabu jedhanii barsiisuun
hamaadha; fkn barsiisa warra Kaatolik.
Rakkinni barsiisa akkasii fayyina
keenya eggachuuf osoo addaan hin
kutin hojjechuu qabna jedhee
barsiisa. Garuu macaafa qulqulluu
kessatti fayyini amanaa wabii
amansiisaa akka qabu ni barsiisa.
Garuu barsiisa kana warri gananis
heddudha.

➢ “Jireenya bara baraa hin dhabna taanaan jireenyi sun kan bara
baraa miti jechuudha.” Dr John MacArthur

➢ “Namni tokko Kristositti amanee yoo deebi’ee kufee ykn Kristosiin


fakkachuutti guddachuu yoo dadhabe, kun fayyina isaa akka
dhabee agarsiisa miti. Jalqabuma iyyuu akka inni hin jijjiramnee
mul’isa malee.” Paul Washer

JIT,JIMMA 1
Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

 Waa’ee kanaa yaadaa!! Fayyina bara baraa keenya ni dhabna erga ta’e,
maaliif fayyina bara baraa jedhamee waamama? Moo macaafichi
dogooggora?

1. 1 Yoh 5:13 isiin warri maqaa ilma waaqayyootti amantan, jireenya bara
baraa qabaachuu kessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.

2. Yoh 3:15-16 kunis ilma namaatti kan amanu hundi jireenya bara baraa haa
qabaatuf ta’a. “waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti
biyya lafaa jaallate. Kun immoo kan isatti amanu hundinuu jireenya bara
baraa haa qabaatuf malee, haa baduuf miti!

3. Yoh 5:24 “dhuguma dhuguman isinitti hima, dubbiikoo dhagahee isa na


ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a kesssaa jireenya bara
baraatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.”

 Akeeka Waaqayyoo dha. Waaqayyoo kakuu isaa haaluu in danda’a?


Dhuguma Waaqayyoo namni akka fayyuuf murteessee (yaadaan isa
qabee) deebi’ee akka inni baduu in godha? Matumaa,Waaqayyo si
filateera, isuma si’ega, hanga Kristosiin fakkachuu bira geessutti
jireenya kee keessatti hojjeta.

4. Rom 8:28-30 waaqayyo warra isa jaalatan karaa hundumaa gargaaree gara
gaariitti ni gessa; isaanoo warra akka akeeka isaatti waamamanii dha. Warra
duraan dursee beekumsa isaatiin fo’ate, fakkaatti ilma isaa isa obboloota
baay’eedhaaf angafa ta’uuf jiru, akka ta’aniif yaadaan isaan qabe. Warra
yaadaan isaan qabe immoo waamera; warra waame immoo qajeelota isaan
godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga’eera.

5. Efe 1:11-12 waaqayyo wanti hundinuu akka akeeka isaatii fi fedha isaatiitti
akka ta’u in godha; nus immoo akka inni yaadee qopheessee of duraa
qabutti, karaa Kristoos foo’amneerra. Nuyi warri duraan dursinee kristoosin
abdii godhanne, ulfina isaatif galata akka taanuf nu fo’ate.

6. Efe 1:4 inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa’an, warra isa
duratti mudaa hin qabne akka taanuuf, jaalalaan karaa Kristoos nu fo’ateera.
JIT,JIMMA 2
Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

 Maaltuu(Eenyutu) harka Gooftaa keessaa amanaa butachuu danda’a?


cubbuu keenya moo, Dogooggora keenya moo, Du’a ?matumaa, isa si
fayyisee, isa si Eega. Ofii keenyaan of eeguu hin dandeenyuu. Garuu
Waaqayyo inni jabaan nu’eeguu in danda’a. akka nu’eeguus kakuus
nugaleera nu’eegas.

7. Yoh 10:28-30 ani jireenya bara baraa isiniif nan kenna , isaan bara baraan
hin badan, namni tokko illee harkakoo kessaa isaan hin butatu. Abbaankoo
inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaadha.; homtinuus harka
abbaakoo kessaa isaan butachuu hin danda’u. Abbaanii fi ani tokko isaaniin
jedhe.

8. Yih 1:24-25 isin akka hin gufannetti waaqayyo isin eeguu, mudaa malee
gammachuudhaan ulfina isaa dura isin dhaabbachisuu danda’a. waaqayyo
fayisaa keenya isa tokkichaaf karaa gooftaa keenyaa Yesuus Kristoos
ulfinni, guddinni, aangoon, gooftummaanis lakkaa’amuu baraa fulduraa
jalqabee, ammas, bara baraanis haa ta’u. Amen.

9. Rom 8:37-39 Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee
mo'icha guddaa arganna. Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri
bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru,
wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala
Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol ka'ee jiru,
wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo
isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu
hin baasu.

10.Phex 1:4-5 Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin
adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka
fudhattan godheera. Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara
booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin
eegamtanii jirtaniif in ta'a

JIT,JIMMA 3
Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

 Yesuus sobaa jiraa? Waan soba ta’e barsiisaa turee?

11.Yoh 6:37-40 “bbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa
gara koo dhufus ani of iriaa hin ari'u; Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf
miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee.
Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani
balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du'aa akkan isaan kaasu fedha malee.
Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya
bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du'aa isa
nan kaasa’’.

 Fayyinni kenyi hafuura qulqulluun mallattefameera. Caqasi kun sobaa?

12.Efe 4:30 “Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin
mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!”

 Kanaaf Kristoositti amantee garuu akka seexanaatti jiraachuu


dandeessa jechaa jirtaa?

❖ Kana ture kan Phaawlosiin gaafatan. Lakki jedhee deebiseef. Amanaa


dhugaan cubbuutti qabamee jiraachuu hin danda’u. Kiristiyaanni uumama
haaraadha. Ofin of jijjiire osoo hin taane waaqayyotu isa jijjiire. Kanaaf
jireenya mormii (rebellion) jiraachuu hin barbaadu.

Isaan fedhaan Gooftaa duukaa bu’uu barbaadu. Osoon hin amaniin dura
jal’aan ture. Ergan amanee caqasawwaan nuyi fedhii keenyaan cuubbuu hin
hojjennu kan jedhu hin barre. Kan ani bare gara sanaatti akkan hin
debinedha.ayyaanni si jijjiira. Waan fayyituuf osoo hin taane waan fayyiteef
abboomamta.

13.Romans 6:1-2 “Egaa ayyaanni Waaqayyoo akka baay'atuuf, cubbuutti


jiraachuu itti fufna jennaa ree? Kun matumaa hin ta'u! Nuyi warri cubbuu
jalaa duune, si'achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?”

14.Romans 6:6 “Nuyi deebinee garba cubbuu akka hin taanetti, dhagni inni
cubbuu hojjetu akka badduu baafamuuf, namummaan keenya inni moofaan
isaa wajjin akka fannifame in beekna.”
JIT,JIMMA 4
Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

15.Ephesians 2:8-10 “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan;


inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti;
hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti. Nuyi hojii
harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa
akka deddebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.”

 Ayyaanni fi wabiin jireenya barabaraa eyyema cubbuu miti.


Dhugumatti yeroo namni tokko jal’inatti qabamee jiraachuuu itti fufu
akka ilma waaqayyoo hin taane mirkanessa. Kan nama gaddisiisu
immoo warri kun warra an Kristiyaana ofiin jedhaniidha.

16.Jude 1:4 “Warri Waaqayyo malee jiraatan, ayyaana Waaqayyo keenyaa


argachuun "Gad-dhiisatti jiraachuu dha" jedhanii yaada isaanii diddiiranii,
gooftaa keenya Yesus Kristosin isa kophaa isaa gooftummaa qabus gananii,
lo'anii nu gidduu galaniiru. Isaan kun wanta yakka isaanitti mursiisu kana
jalatti duraan dursanii caafamaniiru.”

17.Matthew 7:21-23 Yesus, "Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu
mootummaa waaqaatti gala malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan
jechuu duwwaadhaan itti gala miti. Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni
baay'een, 'Yaa gooftaa, yaagooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra,
maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin
baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti,
'Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa
badaa!' jedheen mul'inatti isaanitti hima" jedhe.

18.1John 3:8-10 Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan hojjeteef, namni


cubbuu hojjetu kan Seexanaa ti; ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa
diiguudhaaf mul'ate. Namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu, sanyii
Waaqayyoo waan ta'eef cubbuutti qabamee hin jiraatu; mucaa Waaqayyoo
waan ta'eefis cubbuutti qabamee jiraachuu hin danda'u. Namni waan
qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan
Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in
beekamu.

JIT,JIMMA 5
Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

 Hooloti Yesuus sagalee isaaa ni dhagahu.

19.John 10:26-27 “Isin garuu hoolota koo keessaa waan hin ta'iniif hin
amantan. Hoolonni koo sagalee koo in dhaga'u, ani isaan beeka, isaanis na
duukaa in bu'u.”

 Namooti baay’een “waayee warra gananii, kristiyaanummaa isaanii erga


labsanii amantii irraa garagalaniihoo?” ni jedhu.

❖ Duraan kristiyaana ture wanti jedhamu hin jiru. Namoonni baay’een miiraaf
amantaan guutamu malee hin fayyine. Namooti dhugaatti hin amanne yeroo
muraasaaf qofa ija hafuuraa mul’isu garuu takka turanii nii kufu sababni isaa
durumaayyu dhugaatti hin fayyine. Isaan nu kessaa bahan sababni isaa
durumaa dhugaatt kan keenya hin turre.

20.1 John 2:19 “Isaan nu keessaa ba'an malee kan keenya miti; utuu kan keenya
ta'anii, nuu wajjin itti in fufu turan. Garuu isaan hundinuu kan keenya akka
hin ta'in haa mul'atuuf nu keessaa ba'an.”

21.Matthew 13:20-21 Akkuma sanyiin lafa dhagaa keessatti facaafame ta'e,


akkasuma namni dubbicha dhaga'ee achumaan gammachuudhaan in fudhata.
Inni yeroodhaaf malee hundee hin qabu; sababii dubbichaatiif rakkinni
yookiis ari'atamuun yommuu ka'u achumaan in gufata.

 Ibrooti 6 akka fayyina keenya dhabuu dandeenyu barsiisaa?

❖ Lakki! Akkas taanaan fayyinakee ni dhabda garuu deebisee hin argattu


jechuudha. Gaarummaa dubbii waaqayyo dhamdhamte garuu hin fayyitu.
Caqasni kun waayee warra qalbii jijjiirrannaatti dhiyoo jiraniiti. Waan hunda
baranii itti walii galu garuu dhugumatti Kiristoosin ofitti hin fudhanne.

Dhugumatti qalbii hin jijjirranne. Garuu itti dhiyoodha. “burcuqqoo” bishaan


itti guutee dhangala’uu gaheeru yaadi. Garuu dhangala’uuf yeroo jedhu
namni tokko dhufee hundumasaa kessaa dhangalaasa.

JIT,JIMMA 6
Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

Ni kufan! Namooti baay’een caqasa kana arganii “wayyoo an fayyuu hindanda’u”


jedhu. Waan tokko sitti nan hima. Hin fayyitu osoo ta’ee waa’ee fayyuu hin
yaaddu, yaaduma kee kessayyu hin dhufu ture.

22.Ibroota 6:4-6 “Warri ga'an yoo garagalan immoo, attamitti isaan deebisuun
danda'ama ree? Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqa irraa
miyeeffataniiru; hafuura qulqulluuttii hirmaataniiru. Gaarummaan dubbii
Waaqayyoo fi humni bara isa dhufuuf jiruu isaanitti dhaga'ameera. Warri
akkasii kun amantii irraa garagallaan, deebi'anii yaada garaa isaanii
geddarachuudhaaf haareffamuu hin danda'an; isaan ofuma isaaniitii ilma
Waaqayyoo deebisanii fannisaniiru, mul'inattis isa tuffachiisaniiru”

 2 phex 2:20-21 amanaan akka fayyinasaa dhabu barsiisaa? Lakki!

❖ Gahaannam warra dubbicha beekaniif hamaadha. Warra sagalee waaqayyoof


wangeela irra deddebi’anii dhagahanii garuu dhugumatti qalbii hin
jijjiirrannef baay’ee hamaadha. Caqasni kun isaan gara karaa isaanii isa
duraatti deebi’an, durayyu dhugumatti hin fayyifamne jedha. Isaan
fakkesitoota lammata hin dhalannedha. Itti aansee waayee sarootaa
fakkeenya kenne. Sarroti gahannam deemu. Isaan akkuma sarootaa diddiiga
isaaniitti deebi’aniru.

23.2 Peter 2:20-21 “Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesus Kristosin


beekuudhaan xuraa'ummaa biyya lafaa duraa baqatanii erga ba'anii,
deebi'anii ittiin qabamanii yoo mo'aman, akki isaan itti jiran inni booddee isa
duraa irra in hammaata, Karaa qajeelummaa erga beekanii booddee,
abboommii qulqulluu isa isaaniif kenname irraa gara galuu irra, takkaa utuu
hin beekin hafaniiru utuu ta'ee, isaaniif in wayya ture,”

 Kristiyaanni duubatti deebi’uu danda’aa? Gaaaffi jedhuuf hoo?

❖ Deebinsaa eyyeedha garuu amanaan dhugaan dubatti deebi’ee hafuu hin


danda’u sababni isaa waaqqayyotu isa kessaan hojjeta. Dhugumatti taanaan
waaqayyo jaalalaan isaan deebisa. Gara qalbii jijjiirrannaatti nu dhufu.
Fayyina isaanii dhabaniiruu? Lakki! Kristiyaanni cubbuu wal’aansoo qabuu
danda’aa? Eyyee garuu wal’aansoo qabuuf kessa jiraachuun gargari. Nuyi
hundi keenyi yaadota, hawwii fi amaleeffannaa cubbuu wal’aansoo ni qabna.

JIT,JIMMA 7
Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaaOneesmoos

Kanaaf yeroo hunda qalbii jijjiirrachuu fi cubbuu dhiisuu kan qabnu. Jireenya
amanaa keessa guddinni jira. Amanaan caalaatti abbomamuu ni barbaada.
Qulqullummaatti guddachuun ni jira. Qalbii jijjiirrannaa kessatti ni guddanna.
“erga Kristoos gaarii ta’ee ani waanan barbaade…” hin jennu sababni isaa inni
hojii gaarii nu kessatti jalqabe ofii isaati fiixaan ni baasa. Ija godhachuuf jirra.
Qorii of ilaali!

24.Philippians 1:6 “Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma
guyyaa Kristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha.”

25.1 John 1:7-9 “Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine,
nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo
cubbuu hundumaattii nu qulleessa. Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in
sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru. Cubbuu keenya yoo isatti himanne,
inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina
keenya hundumaattiis nu qulleessa.”

 Bonus: hamma dhuma barichaatti isin cimsa. Bara baraaf Dhiiga


Yesuus Kiristoosin haguugamneerra.

1 Corinthians 1:8-9 “Guyyicha gooftaa keenya Yesus Kristos sanatti akka isin
warra yakka hin qabne taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti is in in cimsa.
Waaqayyo, inni gara tokkummaa ilma isaa Yesus Kristos gooftaa keenyaatti isin
waame, amanamaa dha.”

Qopheessaan: Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaa


Oneesmoos/SMO/

E - mail:
abditeferihope.ath@gmail.com
Lb. 0935076162
OMM,JIT,JIMMA

JIT,JIMMA 8

You might also like