You are on page 1of 11

“WAAQAYYOON DHUGAA FI AFUURAAN WAAQEFFACHUU”

(YOHAANNIS 4:23-24)

Yommuu mata duree Waaqeffannaa kaafnee ilaallu ilmi namaa hundumtuu erga uumamee kaasee
waan addaa addaa karaa addaatiin Waaqeffachaa akka turee fi ammuma iyyuu Waaqeffachaa akka jiru
Beekkamaa dha.

WAAQEFFANNAAN MAALI ?

1.Waaqeffannaa keessatti waan Waaqeffachuuf Raawwannu Quachuun Wanti Nu barbaachisf Amma


Addunyaan Keessa Jirru fi Waldotii dabalalee Waan kana Irratti waan baayyeen bitaa itti galee waan
Jiruuf Sagalle Waaqayyoo Quachuun Barbaachisaa ta’ee argameera.

2.Bara kana Waaqettannaan soba ta’an sammuu namaa keessa kan Burgan waan Baballchaa Jiraniifi
Sagalee dubbii Waaqayyo yeroo Qu’annu

*Waaqayyo Waaqetannaa/Aarsaa/Qayeniin kan inni irraa fuudhuu dideef Waaqeffannaa/Aarsaa/


sirrii hin taane waan ta’eefi. (seera uumameaa 4:5)

*Israa,elooni namni kumni sadii guyyaa tokkotti kan Ajjefamaniif Warqee (daaba) irraa Jabbii
Aaroon waan tolchee Fakkeenya Waaqa tolfamaa(Jabbii) kana waan Waaqeffalaniifii Waaqffannaa
Dogoggoraa. (seera ba’uu 32)

*Mootummaan Israa’el kan gargar Hirameef Israa’eloonni sababa Waaqeffannaa dogoggoraa


Waaqeffataniifi. (Mootota 1ffaa 11:31-32)

*Kufaatiin Iyyeruusaalem inni guddaan sababa sabni sun Waaqeffannaa dogoggoraa


Waaqeffataniifi. (Ermiyaas 1:16,16:11,22:9)

Kakuu mootaa keessatti Waaqeffa dogoggoraa Baayyachuun saba Israa’el Waaqaa wajjin akka Wal
lolan isaan godhe saba sanas kutaatii fi gidiraa irraan ga’eera

Phaauloos Waan kana iaalchisee , waa`ee yaka sanyii namaa yeroo dubbatu

“Dheekkamsi Waaqayyo malee jiraachuu fi Jall`ina namoota unduma irratti waaqa irraa in mullata,
isaanoo Jallina isaaniitiin dhugaa gadi in uukkaamsu” Jedha.

( Roomaa 1:18)

Itti dabalee Ammas akkas Jedhe

“isaan dhugaa waa`ee Waaqayyo sobatti diddiiraniiiru Waaqayyoon isa hundumaa Uume dhiisanii
Uumamaaf Sagadanii,hojjetaniif, Waaqayyo garuu bara baraan galateeffamaadha Ameen” jedhee
dubbate.

(Roomaa 1:25)
Seexaanni Waaqa irraa kan gadi darbameef Uumaa isaatiif bitamuu dhiisee ofii isaatiif akka sagadaniif
waan barbaadeefi, harras Seexaanni warra isaaf sagadan barbaadaa jira.

(Maatewoos 4:9)

3. Sababni itti Waa`ee Waaqeffannaa dhugaa quachuun barbaachiseef sagadni (Waaqeffannaan)


waaqayyoof haalaan barbaachisaa waan ta`eefi, Wangeelli Yohaannis Boqonnaan Afurii fi Barumsi isa
fakkaatan Barumsa gooftaa Iyyesuusiin Kennamanii dha.

Yohaannis 4:23 akkas Jedha.

“Yeroon iiti warri dhugma sagadan ,Hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa innis
ammuma iyyuu ga`eera ,abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada” jedha.

Waaqayyo warra isa Waaqeffatan dhiiraa fi dubartoota barbaada.Garuu isa akka itti Waaqeffatan kan
inni barbaadu Waaqeffatoonni kun “ Dhugaa fi Afuuraan” akka ta`uudha.

Waaqayyoon Waaqeffataa ta`anii argamuun barbaachisaa dha. Haa ta`u malee Waaqeffataa duwwaa
ta`uun ga`aa miti sababni isaa Waaqayyo Waaqeffatoota dhugaa jechuunis dhugaa fi afuuraan warra
Waaqeffatu barbaada.

Waaqayyo kan inni itti gammaduu fi Waaqeffannaa inni itti Ulfina argatu beekuu ykn argachuu kan
dandeenyu Sagalee dubbii Waaqayyo Macaafa Qulqulluu irraa arganna.sababni isaas Kristiyaanonni bara
durii akkaataa itti Waaqeffatan achi irratti nuuf Caafamee jira,isa dubbifne akkasitti Waaqeffachuuf akka
nuu toluuf Caafame.

Kanaafuu maaliif Waa`ee Waaqeffannaa ykn Sagadaa qu`achuun barbaachise ? gaaffii jedhuuf
Deebisaan isaa Waaqeffannaan ykn Sagadni Waaqayyoof barbaachisaa waan ta`eef kana malees
Waaqeffannaan dogoggoraa gara badiitti waan nu geessuuf qu`achuu waan qabnuuf.

Egaa Waaqayyoon gammachiisuu fi Baroota kunya keersatti kan argaman Barsiisota sobaa fi Muuxannoo
hin taana Bara dheeraa irraa of eesuu yoo Barbaanne gara Waaqqyyootti Derbinee dubbii sagalee isaatii
Qu’achuu fi sakkatta’uun Hojii keenya isa duraa qoofa osoo hin taane Dirqama keenyas.

HAALA WAAQEFANNAA DHUGAA

WAAQEFFANNAAN HAALA ITTIIN IBSAME


Waaqeffannaa fi Waaqeffatamaa ibsuudhaaf luggistoota keessa kan Hojii irra oolan Baayyee techoota
Ibraayisxii fi Griikotaa arganna.

Waaqeffannaa Dhugaa kan ibsan sagalee(Jechoota) Gimdii sadii arganna.

1.Safuu/Humility/
Kakuu mootaa fi kakuu Haaraa keessatti irra Debbeebi’amee jecha ibsameyeroo ta’u yaadni isaas
Guguutuu ,gadi jechuu ykn sagaduu yaada jedhuu ibsuu danda’a.

Loqodaa sagalee Ibraayisxiitti “shaha” kan jedhamu yeroo ta’u sagalee Griikiitti immoo “PROSKUNNEO”
kan jedhu dha. Sagaleen lameen iyyuu kan ibsan haala wal fakkaateen ulfinaaf soda dhaan gadi
godhachuu ,sagaduuf ykn bitamuuf of dabarsanii kennuu jechuu dha.

Egaa kun waan qaama ofiitiin gadi godhachuuf sagaduu mullisuun ulfina kennuu keessa ofii jiru ibsa
jechuu dha. Jechi kun yeroo tokko tokko namni tokko nama biraaf kabajaa inni qabu mullisuufis in
fayyada.Waaqeffannaa wajjin wal qabatee waaqeffannaan dhugaan Waaqummaa Waaqayyoo fi
dadhabummaa ilma namaa ykn Uumamaa ,ykn Hirrina qabaachuu namaa kan agarsiisuu ta`uu qaba.

2. SODAA /REVERENCE/

Sodaachuu jecha jedhu Ibsuuf sagalee Cimdii arganna. Afaan Ibraayisxii jecha “YAARE”/yare/ Kan jedhu
yeroo ta`u afaan Kriikiitti immoo “SEEBOMA”/SEBOMA/ kan jedhuu dha.

Lameenuu Ibraayisxiis ta`e Griikiin yadni isaan ibsan Haala wal fakkaatuun Waa`ee Waaqayyoon
sodaachuu ibsu.

Jechi sodaachuu jedhu kun jeeqamuu ykn shororkaa`uu ykn Rifachiisa, Naasuu haala jedhuu wajjin
walfakkaatee nama Oollachiisu miti.Garuu Uumaa ta`uu isaa ,simboo isaa sodaatamuu fi Waaqa
sagaduun ta`uuf ta`uu beekuu dha.

3.TAJAAJILUU/SERVICE/

Saddaffaan Waaqeffachuu ibsu macaafa qulqulluu keessatti akkuma ibsame jecha Cimdii Tajaajilaati,
akka sagalee Afaan Ibryaayisxiitti “ABAD” Kan jedhamuu fi Akka Griikiitti “LATIRIO” (LATERO) kan
jedhaman lachuun isaanii iyyuu kan ibsan yaada Tajaajiluu, Ojjechuuti. Kakuu moofaatti tajaajilli kun irra
guddina yeroo baayyee lubootaaf ture.

Kakuu Haaraa keessatti immooo akkuma Pheexroos Ergaa isaa 1ffaa Pheexroos 2:5-9 irratti ibsu nuti
Kristiyaanonni hundi Luboota akka taane nuttu himameera. Kana waan ta`eef Tajaajilli kun namoota
hanga murtaaniif duwwaaf kan kenname miti. Garuu Kristiyaanonni amananii Wangeelaaf
abboomamannii miseensa Waldaa Kristoos ta`an hundaaf tajajilli kun kan kennameefiidha.

Dabalataanis Tajaajila kakuu moofaa fi waaqeffannaan yeroo baayyee walqabatanii argina,kunis waan
dinqisiisaa miti, Seexaanni gooftaa keenya Iyyesuus Kristoosiin yeroo qore Iyyesuusiin kan gaafate, fuula
isaa duratti akka gugguufu,akka gadi jedhuuf ykn akka sagaduuf miti garuu akka isa Waaqeffatu akka is a
tajaajilu ,akka inni dabarsee of Kennuufi.

“ gooftaa Waaqa keetiif sagadi,isa duwwaa Waaqessi jedhamee Caafameera” jedhee gooftaan Iyyesuus
deebiseef,(Luuqaas 4:7-8)

Wanti amma haasaa`aa jirru Waa`ee Waaqeffannaa dhugaa erga ta`eeti Waaqeffannaa fi Tajaajilli
warra wajjin deemanii dha malee addaa baafamanii kan ilaalaman miti.

Ammas Waa`ee Waaqeffannaa yaadolii Dabalataa ilaalla.

Yaada kana Caalaatti ibsuu dhaaf karaa sirriitiin hubachuu dhaaf sadan armaa olitti ilaalle:-

Safuu,Sodaa Waaqayyoo fi Tajaajiluu, kan jedhaman kan ibsan irratti dabalata waan afur ilaalla.isaanis

1. Deebisaa (Response)
2. Ulfina , Jajuu( Adoration)
3. Aarsaa (sacrifice)
4. .Labsuu (proclamation) kan jedhamanii dha.

Deebisaa kennuu.(Response)

Kana jechuun Waaqeffachuu jechuun ilmi namaa Deebisaa inni Waaqeffannaa dhaan kennu jechuu
dha.Garuu Deebisaa ilmi namaa Waaqeffannnaadhaan Waaqayyoof deebisu akka sagalee dubbii isaatti
ta`uu qaba, Waaqeffannaa jechuun waan nuti godhuu barbaannee akka feenetti goonu oyuu hin taane
duraan dursee Waaqayyo ofii fedhee waan nutty mulliseefi kana jechuunis Waa`ee jaalalaa akka
sagaleen nu barsiisee sanatti jechuu dha.

“ Inni duraan dursee waan nu jaallateef nuyis kottaa isa in Jaallannaa” 1 ffaa Yohaannis 4:19

Dura dursoo Jaalala kan jalqabe Waaqayyoodha malee nama miti jaalala qabnu deebisaa nuti
Waaqayyoof kenninuu dha. Kana jechuun Jaalala Waaqayyo nutti argisiiseef deebisaa
kennuudha.Waaqayyoonis haaluma kana fakkaatuuudha.

Nuti Waaqayyoon in Waaqeffanna sababni isaa, Waaqayyo ofii isaa nutti Mulliseera. Nuti
Waaqayyoon in Waaqeffanna sababni isaa akka Waaqeffannu nu ajajeera.

Roomaa 11:36 akkas jedha.

“ Wanta Hundumaa Waaqayyotu Uume ,wanti hundumtuu isaan in jiraata,wanti hundumtuu isaaf in
jiraata bara baraan isaaf galanni haa ta`u Ameen” jedha.

Kun egaa Sirriitti waa`ee Waaqeffannaa ibsa, Cubbuutti kan kufe ilmi namaa hundi Haalli inni itti
Waaqa qulqulluu fi Qajeelaa kanatti ittiin dhihaatu hin turre.kanaafuu Waaqayyo mucaa isaa Iyyesuus
Kristoosiin gara biyya lafaatti erguudhaan inni akka Cubbuu ilmaan namaa hundaaf fannoo irratti
fannifamee du`uu isaatiin dhiiga isaatiin Cubbuun keenya dhiqamee nutis kennaa ayyaana
Waaqayyootiin qajeelotaa fi qulqulloota akka taanu Waaqayyo nuuf godhe.
Kan nu keessa jiru afuurri qulqulluunis Waaqayyoon akka Waaqeffannu nu gargaara, nu Dandeessisas.(
Fil.3:3).

Waaqeffannaan kan ta`u Waaqayyo abbaadhaafi.( Yoha. 4:23).

Waaqeffannaan Waaqayyo irraaati, Waaqayyooni, Waaqayyoofis, Waaqayyo Waa`ee Eenyummaa


isaatii fi akkamitti akka Waaqeffatan kan inni ibsee ala Ilmi namaa akka ofii isaa Gammachiisuu fi akka
itti toletti Waaqeffachuun Sirrii miti, barumsa kakuu haaraas miti. Waaqeffannaa keessatti kan
gammachiisuun ta`uuf ykn maluuf Waaqayyo duwwaa dha.

2. JAJUU /ADORATION/

Waaqeffannaa jechuun Deebisaa Waaqayyoof kenninu erga ta`ee Uumamaan haalli deebisaa kanaa
maali?

Waaqayyoo uumama isaa irraa kan inni barbaadu ykn kan inni irraa eegu Galataa fi ulifina Jaju,
kabajaa… dha.

Filiph. 3:9-11 akkas jedha.

“Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra Caalchisee guddaa ol isa qabe, maqaa isa kam irra iyyuu
Caalu kenneeraaf. Kanaafis warri bantii warri bantii Waaqaa keessa jiran, warri lafa irra jiran, warri lafa
jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Iyyesuusiif jilgeenfatanii akka sagadan godhe, Arrabni hundinuus
ulfina Waaqayyo abbaatiif Iyyesuus Kristoos Gooftaa akka ta`e beeksisuuf jiru” jedha.

Kakuu Moofaa keessatti Daawwit iddoo baayyeetti:- “Ulfinni Waaqayyoof haa ta`u” jedha.

22:3 irrattis “ kana keessaa immoo ati qulqulluu dha,teessoo ke irra jirta, galanni Israa`el
faarfanaadhaan siif dhiheessus teessoo ke jala jira” jedha.

Maccafni faarfannaa Daawwit Waaqayyoon galateeffachuu, ulfina kennuu, jajachuudhaan macaafota


hunda irra Caalaatti kan mullisuu dha.

3. AARSAA / SACRIFICE/

. Ilmaan Israa`el keessatti wanti iddoo guddaan kennamuuf mana qulqullinaa fi Dunkaana keessatti
Aarsaa dhieessuu dha.

. Seera Keessa deebii 26:10 irratti Midhaan lafa irraa oomishanii argatan irra isa jalqabaa
dhiheessuudhaan Waaqeffannaan dhihaachaa ture.
. Dhalachuu Iyyesuus irratti ogeeyyonni kennaa (Aarsaa) fidanii dhufaniiru.

Macaafa Seenaa bara baraa 1ffaa 21:24 irratti Daawwit saba Israae`eliin Lakkaa`uu isaatiif Cubbuu
ojjeteef akka dheekkamsi irra hin geenyeef Aarsaa akka dhiheessu ajajamee, Daawwit lafa irratti Aarsaa
dhiheessu kana horii mataa isaatiitiin akka bituun isa duwwaaf ta`u, tola fudhachuu akka hin qabne
dubbateera.

Kakuu Haaraa keessatti Aarsaa godhuun baayyee barbaachisaa dha, garuu akka yeroo kakuu moofaa
osoo hin taane mataa ofii tajaajila Waaqayyootiif dabarsanii of kennuu dha.

Phaauloos akkas jedha:-

“ Ammas yaa obboloota ko araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan Qulqullaa`aa dhaa fi
Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta`uutti Aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhiheessitan isin nan gorsa
akkasittis Waaqayyoof in sagaddu” jedha.

Roomaa 12:1.

Barreessaan Macaafa Ibrootaas akkas Jedha

“egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin aarsaa galataa Waaqayyoof wanta in dhiheessinaa
aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenyaa keessaa ba`uu dha” jedha.

Ibroota 13:15

Barreessaan macaafa kanaa dubbiin afaan keenya keessaa ba`u illee Aarsaa akka ta`e nutti hima.

Ibroota 13:16, “ Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin ga`uus hin dagatinaa, Waaqayyo
Aarsaa akkasiitti in gammadaa” jedha.

Egaa dubbiin afaan keenyaa, waan qabnu qooduun hundi Aarsaa ta`uu isaa nutti hima.

4.LABSUU/ PROCLAMATION/

Ilmaan Israa`el Waaqayyoon kan Waaqeffachaa turan Icciitiidhaan hin turre. Ormoota keessatti,
Ormoota gidduutti ibsaa ta`uutu isaan irraa eeggama ture, garuu Hojii kana irratti argamuu hin
dandeenye, fedhii Waaqa isaaniis Raawwachuu hin dandeenye. Waaqa isaan fure akkasitti
Waaqeffachuutu isaan irra ture garuu itti gaafatama kana ba`uu hin dandeenye.

Abrahaam Yeroo Waaqayyoon Waaqeffate Aarsaa Dhiheessuudhaan “Waaqayyo” jedhee Waameera.

Seera Uumamaa 12:8, 21:33.

Nutis iddoo Jirrutti Haala keessa jirru keessattis AFAAN KEENYAANIS Aarsaa gaarii dhieessuu dhaan
Waaqayy akka Caaffata irra jiruttis Waaqeffachuudhaan Tajaajiluudhaan of Kenninee Aarsaa
baasuudhaan Baroota keenya hafan isaaf jiraachuu qabna.
Wangeela labsuu qabna ,wanti hundinuu Wangeela qulqulluu labsuu keessa akka jiru beekuu qabna.

Kakuu Haaraa keessatti Waldaan Kristiyaanaa (Waldaan Kristoos) akka akeeka Waaqayyoo taate
Beekneerra. Egaa Waldaa Kristoos Keessatti Dhugaa fi afuuraan Waaqeffachuun maal akka ta`e ilaaluu
yaalleerra. Innis Afuuraa fi Dhugaadhaan Waaqeffachuu dha, Affuraa fi Dhugaa jechuun maal
jechhuudha ?

Afuuraan Jechuun:- Waaqayyoon Laphee irraa, garaa irraa, Sammuu irraa, guutummaa Eenyummaa
keenyaa irraa kan ka`een Waaqeffachuu jechuudha.

Dhugaa Jechuun:- Waaqayyoon dhugaadhaan Waaqeffachuu Jechuudha,, innis otuu soba itti hin
dabalin,otuu yaada sammuu namaa itti hin dabalin akka Caaffatni qulqulluun jedhutti, Akka
Kristiyaanonni durii sun, akka Waldaan Kristiyaanaa Jarraa 1ffaa sun Waaqeffatanitti Waaqeffachuu
jechuu dha.

WAAQEFFANNAA WALDAA KRISTIYAANAA

WALDAA KRISTOOS

Waldaan Kristoos Torban irraa guyyaa isa duraa Sanbata guddaa walitti qabamnee gooftaa keenya
Waaqeffanna.(Hojii Ergamootaa 20:7)

Guyyaa kanatti:-

1.faarfachuudhaan Waaqeffanna.

2. Kadhataan Waaqeffanna.

3.Sagalee Waaqayyoo dhaga`uu barachuudhaan Waaqeffanna.

4.Irbaata qulqulluu fudhachuudhaan Waaqeffanna.

5. Waan Waaqayyo nuu kenne irraa kennaa Mana Waaqayyoof kennuudhaan Waaqeffanna.

Waaqeffannaa Shanan kana keessaa ammaa WAaa`ee faarfannaa Waaqeffannaa kakuu haaraa isa ta`e
isa keessatti akkaataa iiti faarfatamu qabuu fi isa Caafame darbees Kristiyaanonni durii sun akkamittiin
akka Waaqeffataa turan sagalee Waaqayyo macaafa qulqulluu irraa waliin ilaaluu yaalla.

Sababni isaas bara kana maqaa Waldaa Kristiyaanaatiin Waaqeffannaa bifa addaa adddaa qabutu biyya
lafaa irratti mallataa jira waan ta`eef.haalli faarfannaa biyyi lafaa ittiin faarfataan dhaloota kan
gowwoomsan waan ta`aniif macaafni waa`ee faarfannaa maal jedha ? isa jedhu beekuun dogoggora
irraa nu deebisuu dandaa`a waan ta`eef. Kristiyaanonni qajeelfamni keenya macaafa qulqulluu dha
malee Sammuu namootaa keessaa yaada burqaniin miti.

KAKUU HAARAA KEESSATTI FAARFANNAAN AKKAM TURE ?

Duraan dursa “Kakuu haaraa” jechuun isa haarome, isa boodaa, isa lammataa, isa barbaachise, isa
fo`ame, isa filatame… jechuu dha .kakuu Haraan maaliif barbaachise ?

Kana kakuu inni duraa hirrina akka qabuu fi Waaqayyos kakuu haaraa akka kennuuf jiru Macaafa Raajii
Ermiyaas keessatti boqonnaa 31:31-33 irratti dubbateera.akkasumas macaafa Ibrootaa guutummaatti
kan ibsu yeroo ta`u, ibroota 8:6-9 yoo dubbifne nuuf ifa.

Egaa kakuu Haaraan kun of dandeessuu waan taateef qajeelfama isheetiin barumsa isheetiin, Shaakala
Kristiyaanonni kakuu haaraa duraa godhan irratti kan hundoofu taati.

Mee egaa Kakuu haaraa keessatti waa`ee faarfannaa sagaleen barreeffamanii dubbifaman waan
jedhan ilaalla.

Gooftaa Iyyesuusii fi Bartoonni isaa walii wajjin faarfannaadhaan Waaqeffataniiru:-

“faarfannaa galataa erga faarfatanii immoo gara gaara Ejersaatti ol ba`an” jedha. ( Maatewoos 26:30,
Maarqoos 14:26)

Phaauloosii fi Sillaasis Faarfannnaadhaan waaqeffataniiru.

“ gara halkan Walakkaatti Phaauloosii fi Silaas Waaqayyoon kadhataanii faarfatan ,warri hidhaman
immoo isaan in dhaggeeffatu turan” ( Hojii Erga. 16:25)

Egaa Waaqeffannnaa kana keessatti dubbifne irratti meeshaa muuziqaatiin Waaqeffachuu isaanii hin
arginu, Meeshaa Muuziqaatu yeroo sana hin jiru akka hin jenneef kakuu moofaa keessa iyyuu kan
tureedha.

Phaauloos kan nutti himu

“ Qooqa garaa garaatiin faarfannaa galataatiin, Weedduu afuuraatiinis wal arkaa fuudhaa garaa keessan
keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa “ jedha.

(Efeesoon 5:19)

“…Ani afuuraan nan faarfadha, qalbii kootinis na faarfadha…” 1 ffaa qorontoos 14:15.

“ Dubbiin Kristoosn akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu, ogummaa hundumaan wal
barsiisaa ,wal gorsaa garaatiin faarfannaa galataatiinis weedduu hafuuraatiinis glata garaa keessanii
Waaqayyoof faarfadha. ( Qol 3:16).
Faarfannaan;-

1. Qalbii fi Afuuraani…… 1ffaa Qoroontoos 14:15


2. Weedduu afuuraa wal arkaa fuudhuudhaan….. Efeesoon 5:19
3. Ogummaadhaan…………………………………………. Qol 3:16

Namoonni Baayyeen Meeshaa Muuziqaatiin hin Waaqeffatinaa, jedhamee hin Caafamne kanaafuu
hin dhowwamne waan ta`eef ittiin Waaqeffachuun rakkoo maal qaba ? jedhu.

As irratti nuti waan godhaa jedhamee Caafame godhuu dha malee, waan hin caafamin rakoo hin
qabu jennee godhuu hin dandeenyu, akka nutti tolutti akka nuuf mijaa`etti geeddarannee godhuuf
aboo hin qabnu,

Erga Waaqayyo waan godhuu qabnu geggeessaa afuura qulqulluutiin nuuf Caafsisee, waan hin
Caafamin godhuu dhaaf nuti eenyu ?

Waaqayyo seera Uumamaa 6;14 irratti Nohiin Markaba tolchi jedhee muka inni irraa tolchuu qabu,
dhherinaa fi ballina isaa hunda itti himee ajajee ture, Nohis akkuma Waaqayyo isa ajajetti hojjetee
xumure, Seera UUmamaa 6:22.

Waaqayyos Hojii Nohi kana sirrii ta`uu isaa argee akeeka markaba kana barbaadeef irra Oolche.

Akkasuma Waaqayyo Seera Leewwotaa 10:1-2, 16;12 irratti Abiddaa Aarsaaf ta`u eessaa akka
fidan himee ajajee ture garuu, Naadaabii fi Abiyuud abiddi abidduma jedhanii abidda biraa iddoo
ajajamanii osoo hintaane iddoo ofii yaadanii fidan, garuu kana gochuu isaaniitiif du`aan adabaman.

Iyyesuus irbaata qulqulluu Biddeenaa fakkii foon isaa fi Xoofoo fakkii dhiiga isaa sana maal irraa
akka tolfamuu qabu himuun isaa kanaa ala kan biraa irraa Godhuun hint a`u jechuu isaati, kanaafuu
biddeena raacitii qabu, buskuta suuqii dhaa bitan, Xoofoodhaaf immoo kokaa viintoo kana kana
fayyadamuun Sirrii akka hin taane beekuun barbaachisaa dha.

Warroonni Meeshaa muuziqaa Waaqeffannaa irratti fayyadaman Kakuu haaraa moofaa keessatti
waan fayyadamaniif ,Nutis kakuu haaraa keessatti fayyadamuu dandeenya jechuudhaa fi Kakuu
haaraa keessatti dhowwameera kan jedhu hin jiru jechuudhaan Luqqistoota, kakuu moofaa kan akka
macaafa Seenaa bara baraa 29:25-28, kan akka Macaafa faarfannaa 150… Dhiheessuu yaalu.

Garuu kakuu moofaa keessatti waan godhamaa turan kan kakuu moofaa keessatti godhuun nurra
hin jirre baayyeetu jiru, Dhiiga horii Aarsaa dhaaf dhiheessuun, dhiifama Cubbuu argachuu ykn
dhiquudhaaf waggaa waggaa eeggatanii wanti godhaman baayyeetu jiru, akkasuma meeshaa
muuziqaas kakuu moofaa keessatti fayyadamaa turanis kakuu Haaraa keessatti Kristiyaanonni duraa
sun maaliif dhiisan nuti ho maaliif fayyadamna ? yeroo jennee gaafannu deebisaa hin qabnu.

Kana malees yeroo Seenaa Waldaa Kristiyaanaa duraa sana qu`annu yeroo Dhufaatii meeshaa
muuziqaatiin fayyadamuun yoom akka dhufe qu`annu,yeroo duraatiif meeshaa Muuziqaatiin kan
Waaqeffachuu eegalte Waldaa Kaatooliik yeroo taatu innis bara 645 kaasee amma 670 itti
fayyadamuun isaanii beekkamaa dha, kana Jechuun erga waldaan Kristiyaanaa Hundooftee waggaa
600 booda jechuudha.inni iyyuu bara 670 booda mormii fi balaaleffannaan guddaa irratti labsamee
amma waggaa 200 darbaniitti dhorkamee hafee ture,Garuu waggaa 200 darbanii asitti Deebisanii
suuta suutaan dhaabboliin amantaa tokko tokko waldoolii isaanii seensisuudhaan baballachaa
dhufee amma biyya fudhatee jira.

Meeshaa Muuziqaatiin Waaqeffachuun barsiisa Waldaa Kristiyaanaa dur ykn barsiisa Kristoos ykn
barsiisa bartoota Kristoos Otuu hin taane Waggoolii 600 booda hundeeffama waldaa kristiyaanaa
booda yaada namootaatiin kan Eegalamee giddduutti dhaabbatee waggoolii 200 darbanii asitti
deebisee kan jalqabe yaada Namootaatiin kan dhufe barumsa keessummaa ta`eedha, kunis fedhii
namootaa guutuuf, namootni akka itti gammadaniif kan ta`eedha malee Waaqayyo akka itti
gammaduuf miti. Warroonni Meeshaa Muuziqaatiin Waaqeffatan hundi wanti isaan gowwoomsaa
jiru, yeroo meeshaa muuziqaatiin Ho`isanii Shubbisanii utaalanii jedhan gammachuu isaan itti
dhagaa`amu keessa isaaniitti mallattoo waan hiikamuu fakkaatu itti dhagaa`amuudha, isa kanaan
isaan afuura qulqulluutu nu guute, ykn afuura qulqulluutu dhufe gadi bu`e jedhanii akka yaadan
isaan godhe, garuu kun Afuura qulqulluu osoo hin taane, Uumamumaan Meeshaa muuziqatiin
Faarfannas ta`e wallee ykn Sirba dhaggeeffachuun sagalee meeshaa muuziqaa sana jala deemanii
Sochii Qaamaa gochuun nama mitii Horii illee hin jijjiira, kana waan ta`eef Ogeeyyooni sammuu,
warra sammuun dhukkube, warra dhiphina keessa jiran warra rakkinni cinqamuudhaa isaan
mudateef gorsa isaan kennan keessaa inni tokko Muuziqaa dhaggeeffachuu Sagalee muuziqaa sanaa
wajjin sochii qaamaa akka godhanii dha, ilmi namaa yeroo waan kana godhu waan keessa ture sana
in irraanfata, qaamni isaas yeroo sanaaf in hiikama, gammachuun tokkos itti dhagaa`ama, yeroo
amma kana yeroo dhukkuba sodaachisaa koroonaa jedhamu kana mataa isaa namoota dhukkuba
kanaan qabanis ta`ee shakkamanii guyyaa 15 mana tursiisaa jiraniif gorsi kennamu isa kanaa dha,
gorsa duwwaa osoo hin taane meeshaaleen kun walleen kun isaaniif dhihaachaa ture jiras, kanaaf
Keessa namootaatti human meeshaa muuziqaa kanaan kan dhagaa`amu sun Afuura qulqulluudha
jechuu hin dandeenyu. Dhugumatti wanti kun Biyya lafaa irratti fayyaduu dandaa`a, fooniif lubbuu
wayyeessuuf faayidaa kennuu ni mala, garuu wanti amma Haasa`aa jirru kun Waa`ee jireenya biyya
lafaa waa`ee ogummaa biyya lafaa osoo hin taane Waa`ee fedhii Waaqayyoo fi Waa`ee
Waaqeffannaa dhugaa fi afuuraa ta`ee Mootummaa Waaqayyootti nama geessu dubbachaa jirra
waan ta`eef, Waa`ee isa bantii Waaqaa yaaduu qabna.

Waaqeffannaan Meeshaa Muuziqaatiin Waaqeffachuun Barsiisa Kakuu haaraa miti, barsiisa


Kristoosis miti, Barsiisa Bartoota Gooftaas miti, kuni Barumsa ykn barsiisa keessummaa ta`eedha,
Egaa mee Aarsaa Waaqayyoo Abboome ykn Aarsaa Waaqayyo jaallateen Alatti godhamee garuu
kanaafis gatii kaffalame kakuu moofaa keessatti waan ta`e ilaalla.

1.Waaqeffannaa Dogoggoraatiin namni 3000 ajjeefamuu…(seera ba`uu 32)

2.Waaqeffannaa dogoggoraatiif sabni Israa`el qoqqoodamuu…(1ffaa Moototaa 11:31-32)

3.Aarsaa ykn Waaqeffannaa dogoggoraatiif Qaayen fudhatamaa dhabuu…(seera Uum.4:5)


4. Waaqeffannaa dogoggoraatiif Iyyeruusaaleem kufuu…(Erm.1:16,16:11,22:9)

Egaa waan hin Caafamin irratti dabaluunis ta`e irraa hirrisuun abaarsa inni qabu macaafa mullata
Yohaannis 22:18-19, irratti nuuf barreeffameera, Darbees Hojjetaan Waaqayyo Phaauloos isa nuti
barsiifnee, isa nuti lallabneen ala kan lallabu kan abaarame haa ta`u, jedhee irra deddeebi`ee
dubbata. Galaatiyaa 1:6-10.

Kanaaf egaa Dhugaa jirtu, wangeela qulqulluu dhalootaan ga`uudhaaf Waldaan Kristoos yeroo
hundumaa in Labsiti.

“Waldooliin Kristoos nagaa Isiniif Dhaamu” (Roomaa 16:16)

Waldaa Kristoos Dirree Dawaa

Waxabajjii 2012/2020

B.K.A

You might also like