You are on page 1of 25

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu

Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Barsiisa Afuura Qulqulluu (Pneumatology)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Barsiisa Hafuura Qulqullun (Pneumatology)

Seensa (Introduction)

GooftaaYesuus Wangeela Yohaannis 14:26 irratti akkas jedhee barsiisaa ture, “Inni isiniif
dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in
barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.” As iratti wanti hubannu tokko
“inni” bamaqa jedhu dha. Akka gareen amantaa tokko tokko jedhanitti hafuurri qulqulluun
eenyummaa mataa isaa kan hin qabne humna ta’e qofa miti, eenyummaa ofii isaa akka
qabudha Macaafni Qulqulluun Afaan Ingiliziin barreeffames “he” jechuun kaa’a malee “it”
hin jedhu. Bakka kanatti (Yoh 14:26) sadan tokkummaa waaqaas waan nu hubachiisu jira.
Waan hufuurri qulqulluun yeroo dhufu raawwatus Yesuus ibseera. Isiniif dubbata,in
barsiisa, in yaadachiisa. Akkuma beekamu Macafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraan
barreeffame (2 xim. 3i 16).Kan hubachuun dundaa’amus hafuurichumaan. Kanaaf hafuurri
qulqulluun dhugaa dubbii macaafa Qulqulluu illee in barsiisa jechuudha.

Hafuurri qulqulluun jireenya namootaa illee jijjirun gara Kiristoos fakkessuutti guddisa.
Namoota hedduu hojii hamaa hojjechaa turanii booda immoo kiristaanoota immoo ta’an
inargina. Nutis jireenya keenya kanaan duraa fi ammaa yoo ilallee garaagarummaa argina.
Kan nu jijjiire hafuura qulqulluudha. (2 Qor. 3: 18, Efe 3:20)

Keessattuu Macaafa Hojii Ergamootaa yoo sirriitti dubbifne hojii hafuurri qulqulluun
jireenya bartoota Yesuusiif kanneen biroo kessatti hojjete sirritti hubanna. Wangeelonni
arfan akkuma hojii Yesuus hojjetee fi barsiisa isaa ibsan macaafni hojii ergamootaa kan
hafuura qulqulluun xiyyeeffannaan ibsa. Luqaas wangeela barresse keessatti yeroo kudha
lama yoo ibsu macaafa hojii ergamootaa keessatti immoo yeroo afurtamii lama ibsa waa’ee
hafuura qulqulluu.

Waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa macaafa hojii ergamootaa keessatti yoo hubannu hojii

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 2
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

guddaan hojjetame hafuura qulqulluun. Hafuurri qulqulluun nama dhuunfaas tahe waldaa
kiristaana akkamitti akka cimsee gargaaraa jiru ammaan kanas hubachuun nama hin dhibu.
Akka macaafni qulqulluun barsisutti hafurri qulqulluun warra hin amanne illee akka tuqu
dha. (Yoh. 16:8) “Inni yemmuu dhufu waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummna, waa’ee firdiis,
biyya lafaa in hubachiisa”. Caafata kanarraa wanti Hubannu hafuurri qulqullunn waa’ee
cubbuu biyya lafaa irra jiru agarsiisuun gara Yesuusitti akka dhufan kan godhu ta’uudha.
Hafuurri qulqulluun biyya lafaa kana iddoo hundumaatti yeroo tokkoon waan argamuuf
eenyullee jalaa dhokachuu hin danda’u (Far139: 7 -10) egaan qabxiiwwan armaan gadiin
qo’annoo keenya itti,

A. Akkamiin akka hafuuri qulqulluun eenyummaa mataa isaa akka qabu hubannna

B. Akkamittis hafuuri qulqulluun Waaqa akka ta’e beekna

C. Hafuurri qulqulluun Yesuusii fi Waaqa Abbaa irraa qaamaan addaa ta’uusaa ni hubanna

D. Mallattoolee hafuura qulqulluun ittin mul’ate

E. Hafuura qulqulluu warra hin amaniin biratti

F. Hafuura qulqulluu warra amanan biratti

G. Kaayyoo Waaqayyoo kiristaanota hundaaf qabu

H. Hafuurri qulqulluun akkamiin akka gara kiristoos fakkachuutti amantoota jijjiiru

I. Akka gareetti waan hafuurri qulqulluun amantootaaf godhu

J. Hafuura qulqulluun guutamuu jechuun maal jechuu dha

A. Hafuurri qulqulluun eenyummaa mataasaa qaba (The Holy Spirit is a


person)

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 3
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Namoonni baay’een hafuurri qulqulluun humna akka elekitirikaa ta’e tokko qofa akka
ta’etti hubatu malee eenyummaa ofii isaa akka qabutti miti. Barsiisonni sobaa baay’eenis
akkanatti fudhatu. Garuu Macaafni qulqulluun kan barsiisu eenyummaa mataa isaa akka
qabu dha. Fakkeenyaaf Yoh 16:13 “Hafuurri dhugaa sun yemmuu dhufu, gara dhugaa
hundumaa keessatti isin geessa, inni waan dhagahu dubbata …” inni yemmuu jedhu
bamaqa namaaf (he) kaa’uun eenyummaa ofii akka qabuu nu hubachiisa. Inni in dubbata,
in raawwata, in gadda (Hoe, 13:2, Efe 4:30) Egaan eenyummaa ofii isaa qaba jechuun foonii
fi dhiiga ykn qaama mul’atu jechuu miti. Fakkeenyaaf Waaqayyo hafuura; eenyummaa ofii
isaa qaba. Ni dubbata geggeessa, in gaddas.

Kutaawwaan macaafa qulqulluu eenyummaa hafuura qulqulluu waliin

 Inni in gadda (Isa 63:10 – 14, efe 4:30)


 Inni nuuf kadhata, nu gargaara (Rome 8: 26 – 27)
 Yaada Waaqayyoo qoree bira gaha (1 Qov. 2:10 – 13)
 Inni in arrabsama (mat 12:31)
 Inni in dubbata (Hoe 13: 2, 1xim 4:1)
 Inni geggeessa (Mat 4:1)
 Inni in barsiisa (Yoh 14:26)
 Inni in dhorka (Hoe 16:6)

B. Hafuurri qulqulluun waaqa

Phexros yemmus,“Anaaniyaas,akkaati hafuura qulqulluu sobdhuuf, horii araddaa kee itti


gurgurte keessas …” (Hoe 5:3) hafuuri qulqulluun amaloota Waaqayyo qofaaf ta’an qaba.

i. Bakka hundaatti yeroo tokkon argama (omnipresent) (Far, 139: 7 – 10)

ii. Waan hundaa beeka (omniscient) (1 Qor 2:10, 11)

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 4
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

iii. Waan hundaa danda’a (omnipotent) (Luq 1:35)

Hafuurri qulqulluun macaafa qulqulluu keessatti walqixa Waaqa Abbaa fi Ilma waliin
dhiyateera (Mat 28:19) “Egaa dhaqaa,maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluutiin
isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!” Qaamole sadii, maqaa sadii
waaqa tokkicha. Kana malees Phaawulos akkas jedha (Qor 3:17) “egaan inni gooftaa
jedhamu hafuura qulqulluu dha.”

Kakuu moofaa keessatti ammoo hafuura Waaqayyoo jedha meera (Isa 61:1, 1sam 10:10)

C. Qaama ofii isaa danda’een Waaqa Abbaa fi Yesuus irra addatti jira

Namoonni tokko tokko hafuuri qulqulluun maqaa waaqayyoo isa biraa dha jedhu. Macaafni
qulqulluun akkas jedha, Yoh 1: 32 – 33

“Yohannis dhugaa baheef, hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa isa irra bu’ee hafuu
isaa argeera. Ani ofii kootii iyyuu isa in beekne; garuu inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na
erge sun, hafuurri qulqulluun isa irra bu’ee hafuu isaa kan argitu, isa inni hafuura
qulqulluudhaan cuuphu” jedhee anati hime.

Bakka kanatti Yesuus, hafuura qulqulluu, akkasumas Waaqni Abbaan yeroo dubbatu
hubanna kana malees Yesuus akkas jedha (Yoh 16:7) “Yoo ani deeme isiniif wayya ani yoon
dhaqe garuu isa isiinifan erga” Yesuus irraa qaamaan adda jechuu dha.

D. Hafuurri qulqulluun mallattoolee adda addaatiin mul’ate

 Bifa gugeen (mat 3 : 16, Luq 3 : 22)


 Bishaaniin (Yoh 7 : 38 – 39) (fakkeeffame)
 Mallattoon (chaappaan) – (Efe 1:13; 2Qor 1 : 22)
 Dibata (Luq 4 : 18, Hoe 10 : 38)

Hafuurri qulqulluun humna nama jijjiiruu qaba. Kunis amala namaa, eenyumma namaa

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 5
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

gara Kiristoos fakkachuuti jijjiira (2 Qor 3 : 18, Efe 3 : 20) .Waageellonni arfan waa’ee
Yesuus irratti yemmuu xiyyeeffatan macaafni hojii ergammota ammo hojii hafuura
qulqulluu karaa amantoota waldaa kiristaanaa ishee jalqabaan raawwatamee ibsuu irratti
xiyyeeffata. Macaafa hojii ergamootaa kana keessaa kutaa muraasa yoo fudhanne:

 Hojii erga 2:4 “Yemmus hundumtii isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka
hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachun jalqaban.”
Kutaan kun waan sadii nuhubachiisa.

1) Hafuura qulqulluun guutamuu

2) Kennaa afaan garaa garaa

3) Afaan kennameen dubbachun

 Hoe 5 - Seenaa Anaaniyaasii fi Saphiira argina. Bakka Kanatti Phexroos kennaa


beekumsa hafuuraan fayyadamee, akka isaan hafuura qulqulluu soban addaati
baase. Kunis sodaan Waaqaa waldatti keessatti akka buufatu godheera. Waaqayyo
waaqa sobamu osoo hin taane, waaqa hundaa beekudha; wanti jalaa miliqu hinjiru.
 Hoe 8 - irratti adeemsa itti Filiphoos geggeessaa hafuura qulqulluun lallaba
wangeelaf bahe argina. Innis mardera Samaariyaa keessatti wanta hafuurri
qulqulluun raawwate dha. Akkasumas walii dubbii Filiphoos namicha Itoophiyaa
waliin godhes kutaa kana keessatti argama.
 Hoe 10 - kan arginu mul’ata fudhachuu Phexros, Haalli kun haala itti namni tokko
sagalee waaqa biraa itti fudhatudha. Waaqayyo dirqama sagalee qofa miti kan
dubbatu ;mul’ata fi abjuu keessas yaada isaa beeksisa. Boqonnaa kana keessatti
namoonni Qorneelewos hafuura qulqulluu akka fudhatanii afaan haaraa akka
dubbatanis kan dubbifnu (10: 44 – 47).

E. Waan hafuurri qulqulluun warri hin amanin biratti hojjetu

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 6
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

1. Hojii hamaa daangeessa (dhorka)

Osoo hafuurri qulqulluun biyya lafaa irra hin jiraannee jiraachuun hin yaadamu ture,
sababa hojii hamaatiif. Shalagamee kan bira kin gahamne hojiin seexanaa,fi namnis hojii
badaa daangaa hin qabne akka hin raawwaneef hafuurri qulqulluun daangessa (2 Tes 2:7)

Guutummaa guutuutti hojii hamaan akka hin raawwatamne garuu hin dhorku; biyyi lafaa
waan badaa ta’een guuttee jirti. Hafuurri qulqulluun karaa garaagaraa akka wanti badaa
ta’e to’atamu godha. Fakkeenyaaf karaa mootummaa (Rom 13: 3 -4), karaa kadhata
amantootaa (Hoe 12 : 3 – 8), irraa caalaa immoo laphee namootaa tuquun hamaa fi gaarii
akka beekaniif ceepha’amanii godha. (Yoh 16: 8)

Waa’ee cubbuuf namoota ceepha’uun gara Kiristoositti akka deebi’an godha

Kunis dhorka hojii hamaa keessaa tokko ta’ee, namootni gara Yesuusitti akka deebi’an
godha. Waan badaa hojjetaniif laphee namootaa keessatti mamii uumuun akka qalbii
diddiirannaatti dhufan godha (Yoh16: 8 –13). Hojii hafuura qulqulluu malee cubbamtoonni
gara Yesuus dhufuun rakkisaa dha (Yoh 6:44, Rome 8:9). Garuu namoonni hundinuu
filannoo qabu. Garrin you hafuura qulqulluu dhagahanii deebi ‘an kaan immoo boquu kan
jabaatan jiru. (Ib 3: 15, 6:6, 1Tim 4: 2) .Warri Fareesotaa fi dura buutonni Yihundotaa
carraa Yesuusitti amanuu yeroo argatanitti akkuma didaniin turan (Hoe 7:1-58). Har’as
namni osooma dhaga’uu boquu jabaachaa waan hamaa hojjechaa jira; karaa Waaqayyoo
irra deemuu dhiisee.

F. Wanta Hafuurri Qulqulluun warra Amantootaaf Godhu

Namni tokko mootummaa Waaqayyotti galuuf hafuurri qulqulluun karaa baay’ee gargaara.
Kunis jalqaba gara araara Waaqayyootti karaa Yesuusitti amanuun kaasee, hanga
hafuurichaan qulqullaa’uutti (Tit 3: 5). Erga amannee fayyinee boodaas hafuurri qulqulluun
wanta nuuf godhu hedduutu jiru. Yesuusitti amanuun ijoollee Waaqayyoo taaneera (Yoh 1 :

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 7
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

12) kana jechuun bittaa hojii dukkanaa jalaa (Efe 2: 2) gara mootummaa Waaqayyootti
seeneerra jechuudha karaa Yesuus (Qol. 1 : 13)

1. Hafuurri qulqulluun guyyaadhaa guyyaatti jireenya keenya gara kiristoos fakkaachuutti


jijjiira.

Kanas kan godhu keessa keenya buufachuun (Yoh. 14 : 16 -17). Amala keenya hundaa
illee gara isa waaqayyo jallatuuti jijjiira. Karaa biraatiin ammo mallatoo itti gochuun
(Efe.1:13–14) chaappaa hin mul’anneen mallatteeffamuun abdii garafuuldurattis qabnuus
hubachiisa.

2. Hafuurri qulqulluun amantoota in jajjabeessa (Yoh 14:16, Efe 3: 16), in gargaaras,

kakuu moofaa keessatti hafuurri waaqayyoo Saamsoonii fi Daawitiif jajjabina


kenneeraaf Kakuu Haaraa keessatti immoo kiristaanoota hundaaf kenna (Abo 14: 5 – 6,
1Sam 17 : 36 – 37, efe 3: 16, 209, Qol. 1 : 29).

3. Hafuuuri qulqulluun amantootaaf kadhata; akka kadhatan gargaaras. Yeroo tokko tokko
maal akka kadhannu yoo wal’aalu hafuurri qulqulluun nuuf kadhata (Rom 8:26 –27, 1Qor
14: 14 – 15)

4. Humna kennuun akka dhugaa bahan godha. Hafuurri qulqulluun kiristaannoon akka
tajaajilaanif kakaasa (Fil 2: 13; Hoe 1: 8, Qol. 1: 29) Phaawulos waa’ee humna Waaqaa
yeroo dubbatu tajaajila isaa keessatti (Qol. 4: 3, efe 6 : 19 – 20) .

5. In geggeessa, hafuurri qulqulluun jireenya guyyaa guyyaa keessatti kiristaanota in


geggeessa

(Rom 8: 14) yeroo Phaawuloosii fi Silaasi lallabaaf bahan (Hoe 16 : 6 – 7)

6. Lola hafuuraa mo’achuuf

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 8
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hafuurri qulqulluun kiristaanoota akka cimanii lola hafuura keessa darban gargaara
(mat 26: 40 – 41, 1Yoh 4: 4; 5: 18, 2Tes 3: 3)

7. Tokkummaa kiristaanootaaf :Hafuurri qulqulluun tookummmaan hafuuraa kiristaanota


gidduutti akka cimu godha. (Ef 4: 3 – 4). Tokkummaa cimaan amantoota gidduutti ta’u
jaalala waaqayyooti (Gal. 5:16, Qol.3:12-14)

G. kayyoo Waaqayyoo Amantootaaf qabu

Kaayyoo Waaqayyoo inni jalqabaa kiristaanotaaf akka isaan jijjjiirama amalaa agarsiisuun
Kiristoos fakkaachuutti dhufan gochuu dha(Rome 8:29). Macaafni Qulqulluun akkas jedha,
” …nuyi ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf,akka goofiticha isa
hafuura sana biraa nuuf dhufeetti in diddiiramna” ( 2Qor3:18).

Ergamaan Phexroos fakkeenya cimaa nuuf ta’a jijjiirama hafuuraa keessatti.Inni nama
beekamaa osoo Mandara Galiilaa keessatti qurxummii qabuun nama jiraatu ture.Erga
Yesuusitti amanees kan dafee aaruu, obsa kan hin qabne jarjaraa ture (Mat.16:22,
Yoh.21:7). Yesuus wajjin ta’uuf kaka’umsa guddaa qaba ture garuu yeroo inni fannifametti
ganee ture. Erga Yesuus du’aa ka’ee booda , phexrosis hafuura qulqulluun guutame booda
garuu jijjirama hangas hin jedhamnettu keessassaatti mul’ate.Wangeela lallabuuf ija jabina
argate. Namoota kuma sadii ta’an yeroo tokkotti Kiristoosiif booji’uu danda’eera (Hoe.2:14-
41). Boodarras tiksee waldaa isa jabaa ta’uus danda’eera. Amantaa Kaatolikii Roomaatti
“pope” isa jalqabaa jedhu amma iyyuu Pheexiroosin.Kana irraa kan ka’e Waldaa Guddaa
Warra Kaatoliki Roomaa keessaatti maqaa Pheexiroosiin ijaaramee jira.

Hafuurri qulqulluun jireenya nama kanaa qurxummii qabuu irraa kaasee gara amantaatti
erga dhufees kan gane , gara lallaabaa fi tiksee cimaa ta’uu tti fideera.Namoota baay’ees
hafuurri qulqulluun jireenya badaa keessaa baasuun amantoota gochuu irra darbee,
jireenya isaanii guyyaadhaa guyyaatti jijjiiruun namoota addaa gochaa jira.Kanaaf kaayyoo
Waaqayyo amantootaaf qabu guddaa dha. Kunis hafuura qulqulluun jijjiiramuun guyyaa

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 9
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

dha guyyaatti akka guddatanii fi bilchina hafuuraa fidani dha.

H. Hafuura Qulqulluun akkamitti Gara kiristoos Fakkaachuutti


Amantoota Geessu

Macaafni Qulqulluun akka jedhutti hafuurri qulqulluun akka amantoota wajjin, keessas
jiraatu dha.” Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaati; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa
hin beekneefis, isa fudhachuu hin dand’u. Isin garuu , inni isinii wajjin waan turuuf ,isin
keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu.”(Yoh 14:16-17). Egaan hafuurri qulqulluun haala
kanaan gara Kiristoosi fakkaachuutti amantoota geessa.Akkasumas jabina hafuuraa illee
dabaluudhaan kanneen guddina hafuuraa irratti dhiibbaa uuman mo’achuu akka danda’an
godha. (Gal 5:17,Fil 2:13).

Kana ta’ees osoo jiruu namani martinuu filannoo walaba ta’ee qaba.Kanaaf namni akka
hafuurri qulqulluun jireenya isaa jijjiiru barbaadu fedha isaa hafuurichaf kennuu qaba
;dhiisuus danda’a.Amantoonni baay’een fedha isaanii hafuura qulqulluuf hin kennani
guutummaa guututti jechuu dha. Kanaaf jijjiirama arguu hin dandaa’an.Macaafni
Qulqulluun akkas jedha,” Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee , fedha foonii hin
raawwatinaa!” ( Gal. 5:16).Hafuuraan geggeeffamuuf filannoo/ fedha qabnu isaaf dhiisuu
nu barbaachisa.Yeroo kana egaa gara Kiristoos fakkaachuutti kan dhufamu.

Karaa biraatiin immoo yemmuu amantoonni hafuura qulqulluuf ajajamuun fedha isaanii
kennaniif,inni immoo jijjiirama daangaa hin qabne jireenya isaanii keessatti fiduun gara
Kiristoos fakkaachuutti geessa. Yeroo namni tokko Waaqayyoof ajajamuuf murteessu,
hafuurri qulqulluun in gargaara. Yeroo kana egaa warra biroof ifa ta’uun kan dandaa’amu
(Mat 5:16).

Amantoonni xuraa’ummaa biyya lafaa irraa qullaa’aniiru. Phaawuloos yemmuu barreessu,


” Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan,

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
0
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

dhugichattis amanuudhaan akkafayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin


fo’ateef.” (2Tes. 2:13-14)

Hojii kana gochuu kan danda’u Waaqayyo qofa. Cubbamoota gara qulqullootaatti fiduun
saba Waaqayyoo kan godhu saayinsii yookiinis Falaasamni kamiyyuu hin jiru. Egaan
cubbamoota gara Kiristoos fakkeessuutti qulleessuu keessatti hafuurri qulqulluun waan
baay’ee amantoota keessatti hojjeta. Fakkeenaaf:

1. Mallattoo ( Chaappaa) /Sealing/ gochuun : hafuurri qulqulluun laphee amantootaa


keessa buufata, mallattoo ta’uun saba Waaqayyoo akka ta’an mirkaneessaaf ( 2Qor
1:21-22, Efe 1:13-14). Yeroo kana eegumsa amansiisaa ta’e amantootaaf
godha.Abdii guyyaa isa dhumaa ykn du’aa ka’uu boodaa illee itti ibsa (Efe 4:30).
2. In cimsa;in jajjabeessas: hafuurri qulqulluun amantoota in jajjabeessa (Yoh 14:16,
Efe 3:16) . Kakuu Moofaa keessatti hafuurri qulqulluun Siimsooniif humna
ta’eera(Abo 14:5-6) irratti argina. Kakuu haaraa keessattis jajjabina hafuura
amantootaa akka kennu ( Efe 3:16,20) irratti argina.Inumaayyuu hafuurri ququlluun
hafuura humnaa ti ( 2Xim 1:7).
3. Akka Kadhannaa kadhataniif gargaara; ( Rome 8:26-27,1Qor 14:14-15).
4. Akka tajaajilaniiff dhugaa bahaniif kakaaasa; Hafuurri qulqulluun amantoota akka
tajaajilanii fi Kiristoosiin dhugaa akka bahaniif kakaasa (Fil. 2:13).Kana malees akka
dhuga baatota tahaniif humna kennaaf (Hoe 1:8). Ergamaan phaawuloos dubbii
kana sirriitti hubatee , amantoonni akka isaaf kadhatan gaafata (Qol.4:3, Efe.6:19-
20). Amantoonnis tajaajilafis ta’e dhuga bahuuf osoo hin bobba’I dura kadhata akka
barbaachisu hubanna.
5. Firii Hafuuraa akka qabaatan godha. Akka amantoonni firii hafuuraa qabaatan kan
godhu hafuura qulqulluu dha . Ija hojii hafuuraa kan jedhamaniis jaalala,
gammachuu, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa, of
dhowwuudhas. (Gal 5:22-23).

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
1
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

6. Hafuurri qulqulluun amantoonni akka qorumsa hafuuraa mo’atan gargaara (Mat


26:40-41, 1Yoh 4:4, 5:18, 2Tes 3:3). Kana malees kennaawwan adda addaa
amantootaaf kennuun akka wal tajaajilan godha (1Phex 4:10-11).
7. Namni hubate tokko Macaafa qulqulluu akka hubatuuf gargaara (Efe.3:16,
1Phex.2:2).
I. Akka Gareetti wanta Hafuurri Qulqulluun Waldaa Kiristaanaaf
Godhu
Hojiin hafuura qulqulluu erga waldaan kiristaanaa isheen jalqabaa hojii fi dhufuu
isaatiin jalqabamtee ( Hoe 2:1-4) kaasee ammas itti fufee jira malee hin dhaabne
hojjechuu .Kaayyoo Waldaan Kiristaanaa dhaabbaatteef fiixaan baasuuf hojii
tajaajilaa keessatti hafuurri qulqulluun karaa garaagaraa garagaaraa jira.
Fakkeenyaaf:
1. Waaqeffannoon akka jabaatuu fi namoota keessatti kaka’umasa uuma;
Waldaan Kiristaanaa tokko guddachuuf inni jalqabaa Waaqayyoon sirriitti
waaqessuu dha.Waaqayyo Saba Israa’eliif karaa Musee ajaja inni kenneefii ture
keessaa inni jalqabaa akka waaqessanii dha (Bau 20:1-6). Bittaa warra Gibxii
jalaas kan baase akka waaqessaniif. Har’as hafuurri qulqulluun waldaan
kiristaanaa guutummaa guutuutti of kennuun (Rom 12:1) Waaqayyoof bitamuun
(Yaaq.4:7) qalbii guutuun akka waaqesitu godha. Faarsaanii fi tokkummaan
akka waaqessan godha ( Efe 5:18-20). Ergamaan Phaawuloos nuti hafuuraan
Waaqayyoon waaqesina jedha. (Fil 3:3 ) .Yeroo waldaan Kiristaanaa hafuuraan
waaqesitu , Waaqayyo immoo fayyisuufi eebbisuuf ka’a ( Far 50 :23). Kana waan
ta’eef kennaawwan hafuuraa kennuun kan dhukkubsatan fayyisa, kan gaddan
jajjabeessa (1 Qor 14 :26).
2. Waldaan Kiristaanaa dhuga baatuu akka taatuuf kakaasa ; Gooftaan Yesuus
yeroo Waldaan Kiristaanaa isheen jalqabaa hundeeffamtetti kan inni bartoota
isaatti hime (Hoe 1:8) akka hafuurri qulqulluun dhufuu fi hojii isaan gochuu

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
2
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

qaban itti beeksisee ture. Kunis kan hubachiisu hafuurri qulqulluun hafuura
humnaa waan ta’eef ija jabina dabaluun dhuga baatota akka isaan godhu itti
beeksise Yesuus. Isaanis humna hafuura qulqulluu erga argatanii booda dhuga
bahumsa waa’ee Yesuus raawwatan soda tokko malee. Har’as hojii Walgeelaa
hojjechuuf kan barbaachisu humna hafuura qulqulluu ti. Humni hafuurichaa
jiraannaan kaka’umsi babal’ina wakgeelas in jiraata.
3. Tiksee Waldaa Kiristaanaaf ta’an in muuda, in diba, waldaas in geggeessa.
Hojii wangeelaa akka adaraatti waldaan kiristaanaa fudhatte, toora sirrii irra
akka adeemsifamuuf hafuurri qulqulluun geggeesitoota muuda (Hoe
20:17,20).Amantoonni hundinuu hojii Waaqayyoo hojjechuuf yoo waamaman
iyyuu ( 1Phex 2:9) ol aantummaan kan geggeessan tiksoonni in barbaachisu ( Efe
4:11, 1Xim 5:17, Tit 1:7).Muudamni Jaarsolii Waldaa guddina waldatiif iddoo
guddaa qaba.Bartoonni yeroo waladaa ishee jalqabaa keessatti Jaarsolii fo’anitti
warra amananii fayyani keessa filan turan. Adeemsa tajaajila wangeelaa
keessatti , miseensonni waldaa dabalaa waan dhufeef jaarreen kun hojii
garaagaraa akka hojjetaniif ( 1Xim 3:1-7, Tit 1:5-9). Kutaawwaan macaafa
qulqulluu kan biro keessattis tajaajilli jaarsolii waldaa fi tiksee akka itti fufe
argina. Kana gochuuf hafuurri qulqulluun gahee guddaa qaba. Tikseenii fi
Jaarsoliin Waldaa Kiristaanaa kan geggeessaan dibataa fi muudama hafuura
qulqulluutiin (2Qor1:21, 1Tes 1:5, 1Qor 2:4). Waldaan Kiristaanaa isheen
jalqabaa hafuura qulqulluu waliin waliti dhufeenya jabaa qabdi waan turteef,
innis hojii geggeesummaa keessaatti daran gargaareera ( Hoe 6:1-6).
J. Hafuura Qulqulluun guutamuu
Namoonni baay’een akka dhugaa bahanitti to’annaa hafuuraa jala tahuun akka
jiru dha. Yeroo namni tokko to’annaa hafuuraa jala ta’u amalli isaa hundi in
jijjiirama. Jabina adda ta’e yeroo itti qabaatu illee jira. Akkasumas afaan hin
beekamneen dubbachuus danda’a.Itti dabaluusnis raajii illee raajuu danda’a.

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
3
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hafuurri hamaan seexana biraa dhufu akkas gochuu danda’a.


Macaafni qulqulluun haala namni tokko itti to’annaa hafuura qulqulluu jala ta’u
yoo ibsu” hafuuraan guutamuu” jecha jedhu kaa’a.Fakkeenyaaf “ …Elsaabeex
yemmuus hafuura qulqulluudhaan in guutamte.” ( Luq.1:41). Hafuura qulqulluun
guutamuu fi hafuura hamaan guutamuu gidduu garaa garummaa guddaatu
jira.Namni hafuura hamaan guutame tokko hojii seexanaaf guutummaa guutuutti
of kenna.Seexanaafis abboomama. Namni hafuura qulqulluun guutame tokko
immoo Waaqayyoof abbaaomamuun hojii isaatti of kenna. Maqaa Yesuusiifis
ulfina kenna(1Qor 12:3). Kana malees namni hafuura hamaadhaan guutame
tokko nama biraa miidhuus danda’a. Kan hafuura qulqulluun guutame garuu
akkas miti. Gochaa isaan agarsiisan irraa iyyuu adda baasuun in dandaa’ama
jechuu dha.Kana biraatiin immoo namni hafuura hamaan guutame nagaa guutuu
hin qabu.
Yeroo namni tokko hafuura qulqulluun guutamu amalli isaa guutummaa
guutuutti in jijjiirama. Namni homaa hin beekne ykn hin baranne tokko hafuura
qulqulluudhaan guutamuun nama barumsa guddaa qabuuf Yesuusiin dhugaa
bahuu danda’a sodaa fi yeelloo tokko malee.Fakkeenyaaf, Phexroosii fi
Yohaannis qurxummii qabuun kan jiraatan turan; erga amananiis soda keessa
turan. Hafuura qulqulluun erga guutamanii booda garuu soda tokko malee dura
buutota Yihuudotaatiif wangeela lallabanii turan( Hoe 4:13).Namoonni tokko
tokko hafuura qulqulluun yeroo guutaman jabina qaamaa illee kan argatanii
turan Macaafa Qulqulluu keessa jiru; Siimsoon(Abo 15:14-15) , kaan immoo
raajii kan dubbatan (Luq 1:41-43). Guutamuun hafuura qulqulluu eebba,
gammachuu, nageenya guutuu ,humna, fi jaalala gara namaa fida;keessa namaas
guuta. Waaqayyoofis ulfina kenna.
Guutamuu hafuura qulqulluun kan walqabate ilaalcha(View) garaa garaatu
jira.Haa ta’u malee waan Macaafni qulqulluun lafa kaa’u hubachuun

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
4
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

barbaachisaa dha.Kakuu Moofaa Keessatti “ …Bazaali’el ..ani Waaqayyoo hafuura


kootiin … guutera” (Bau31:2-3), “ Hafuurri Waaqayyoo waan isa irra
buufateef,Giidewon fiingee lolaa in afuufe” ( Abo 6:34) , “ Battalumma sanatti
hafuurri Waaqayyoo Siimsonniif dhufnaan, innis homaa osoo of harkaa hin
qabaatin akkuma ilmoo reettiitti leencicha in kukkute”(Abo 14:6) Kanneen olitti
caqasaman egaan Waaqayyootu ofii isaatii fo’atee hafuura isaatiin geggeessaa,
hojii gurguddaas ittiin hojjechaa ture.Kana malees hafuurri qulqulluun namoota
Waaqayyoo hedduu hojii addaa addaa hojjechiiseera.
Kakuu Haaraa keessatti immoo yoo ilaallu Ergaman Gabri’eel dhalachuu
yohaannis cuuphaa Zakkaariyaasitti yemmuu himu, Yohaannis garaa haadha isaa
keessatti hafuura qulqulluun akka guutamu dha (Luq1:15). Yeroo Yohaannis
dhalates Zakkariyaas hafuura qulqulluun guutamee raajii dubbate(Luq 1:67).
Kana malees bartoota Yesuus dabalatee namoonni dhibbaa fi digdama ta’an
gaafa guuyya shantamaffaa hafuura qulqulluun guutamaniiru(Hoe 2:4).
Fakkeenyootni kunniin maal nu hubachiisu yoo jenne guutamuun hafuura
qulqulluu akka jiru dha.Dandeettii fi humni hojiin Waaqayyoo ittiin raawwatamu
guutamuu hafuuraan (Hoe 1:8).Dhugaan dubbii isaas ifatti bahee akka
hubatamuuf Hafuurri Waaqayyoo hojii guddaa hojjeta.Yeroo tokko tokko immoo
dinqii harka namaa fi beekumsa namaan hin dandaa’amne raawwachuun hojii fi
humna Waaqayyoo mul’isa.
1. Amantoonni akkamitti hafuura qulqulluun guutamu?

Wanti hubachuu qabnu amantoonni hundi hafuura qulqulluun guutamuu akka qaban
Macaafni qulqulluun ibsuu isaati “Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis
of hin balleesinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa”
(Efe.5:18)

Kun egaa yaadaa fi fedha Waaqayyoo ti. Hojii Mana Waaqaa keessatti akka ulaagaatti kan

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
5
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

ture keessaa tokko , waldaa kiristaanaa ishee jalqabaatiif hafuura qulqulluudhaan


guutamuu dha(Hoe6:3).Fakkeenyaaf Isxifaanoos isaan keessaa tokko yoo ta’u “ hafuurri
qulqulluun kan keessa guute.” (Ho.6:5). Hafuura qulqulluun guutamuun fedha Waaqayyoo
ti amantoota hundaaf.

Bakka tokko tokkotti immoo Waaqayyoo ofii isaatiii filatee yeroo isaatti hafuura qulqulluun
kannnen inni guute jiru. Fakkeenyaaf Bazaali’el (Bau 31:2-3), Yohaannis cuuphaa
(Luq.1:15) .

Kakuu Haaraa keessatti hafuura qulqulluuf akka kadhannu Yesuus cimsee barsiiseera.
Kunis yoo kadhanne Waaqayyo humna hafuurichaa akka nu hin dhorkanne dha . “ Egaa isin
hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii,
abbaan keessan inni waaqa irraa immoo , hammam isin caalaa warra isa kadhataniif
hafuura qulqulluu kenna!” (Luq 11:13) . Kanaaf nuti amantootaaf wanti wabii ta’u erga
jiraatee dheebuu hafuurichaa qabachuu qabna.Hafuurri qulqulluun erga Yesuusitti
amannee kaasee nu wajjin jira. Nu wajjin jiraachuu qofa osoo hin taane akka ittiin
guutamnuuf to’annaa isaa jala guutummaa guutuutti taanu fedha.Waaqayyoos akka inni
fedhetti osoo kadhannee nuuf raawwata(1Yoh 5:14-15).

2. Hafuura Qulqulluun guutamu irratti ilaalchawwan jiran

Isa kana ilaalchisee amantoota tokko tokko gidduutti ilaalcha garaa garaatu jira. Gareen
tokko namni hafuura qulqulluun guutame dirqama afaan haaraan dubbachuu qaba jedhu
yoo ta’u ilaalcha Phenxeqosixaal yookiin immoo akkaataa ittii aannuun wanti lafa taa’e jira.

Speaking in tongues, also known as glossolalia, is seen as proof of the baptism with the Holy
Spirit. This is one of the differences between Pentecostal and Charismatic theology. See The
Doctrine of Tongues (This experience of Spirit baptism and its initial evidence in tongue speaking
must be earnestly sought by believers. It doesn't just happen; conditions must be met. Consciously,
fervently, actively the seeker has to do these things

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
6
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

(www.bible.org.com/pneumatology)

Jarreen kunis ka’umsa kan godhatan yeroo namoonni dhibbaa fi digdama ta’an hafuura
qulqulluun guutamuun afaan haaraa duubatan ( Hoe 2:4.) Afaan haaraan dubbachuun
mallattoo hafuura qulqulluun guutamuu ta’uu danda’a karaa tokko. Karaa biraatiin immoo
hafuura qulqulluun guutamanii afaan hin beekamneen , duratti kan hin beekneen,
dubbachuun mallaatto qofa osoo hin taane kennaa dinqii fi guddaa dha(Hoe 11:15-17, 1Qor
1:22).Haa ta’u malee hafuura qulqulluun geggeeffamanii hojii dinqii hojjechaa kan afaan
haaraa hin dubbanne jiru. Fakkeenyaf bara si’anaa hojjetaa wangeelaa beekamaa kan ture
Doktor Biilii Giraam, namoota kumaatamaan lakkaa’aman kara Kiristoositti nama deebise
dha . Garuu afaan haaraa hin dubbatu.Kanaa fi kanneen kana fakkaatan irraa ka’uun garee
biro dirqama afaan haaraa dubbachuu hin qabu jedhu. Barreeffani itti aannu akkas itti
kaa’a.

Charismatics believe in the doctrine of Tongues, they do not place as much of an emphasis on
this doctrine as Pentecostals do. In other words, it is possible to receive the baptism and not
speak in tongue. (www.bible.org.com/pneumatology )

Gareen kun egaan afaan haaraan dubbachuun dirqama miti jedha garuu hafuuraa
qulqulluun guutamuun barbaachisaa akka ta’e in fudhata.

Namni akka Biilii Giraam hin beekamne tokko immoo akkamiin hafuura qulqulluudhaan
guutamuu isaa mirkaneeffanna gaaffiin jedhu ka’uu danda’a.Hafuura qulqulluun guutamuu
nama tokkoo jijiirama inni fiduun madaaluun in dandaa’ama. Kana malee firii hafuuraa
jaala dhugaa, argama Waaqayyoo hojii hafuurraa inni hojjetu keessatti , akkasumas dhuga
bahumsa waa’ee Yesuus firootaa fi hiriyyootaaf inni godhu kan duraa irraa haala adda
taheen , maalif yoo jennu Yesuusiin dhugaa bahuun humna hafuura qulqulluun waan ta’u
dha malee muuxannoonii mit ( Hoe 1:8)

Waaqayyo namoonni amanan hundi waldaa Kiristaanaa keessatti humna hafuura qulqulluu

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
7
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

akka qabaatan barabaada. Kana irra darbee geggeessaa hafuurichaan gara bilchinaatti akka
dhufan fedhas.Humna hafuuraa kan qabaatamu yeroo tokkicha hafuura qulqulluun
cuuphamuun/guutamuun kan raawwatu osoo hin taanee yeroodhaa yerootti hafuurichaan
guutamuu barbaachisa.Phaawouloosi hubannaa fi humna hafuurichaa akka qabaataniif
warra Efesooniif kadhata “Waa’ee namummaa keessan isa keessaaf immoo, abbaan akka
badhaadhummaa ulfina isaattiitti karaa hafuura isaatiin humnaan guutamuu akka isiniif
kennuuf nan kadhadha.” ( Efe.3:16).

Kana malees bartoonni gooftaa hafuura qulqulluu yeroo tajaajila isaanii keessatti
daddabalanii akka guutaman Macaafa Hojii ergamootaa keessatti hubachuu dandeenya.
Kanaaf guutamuun hafuuraa yeroo tokkook kan dhaabatu miti.

3. Namani hafuura qulqulluun guutame tokko cubbuu irraa guutummaa


guutuutti walaba ta’ee jiraataa?

Gareen tokko tokko akka barsiisanitti namni hafuura qulqulluudhaan guutame tokko
cubbuu irraa walaba ta’ee jiraata jedhu. Garuu akka Macaafni qulqulluun jedhutti sirrii miti
barsiis isaanii. Yohaannis akkas jedha ,” Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in
sossobna;dhugaanis nu keessa hin jiru” (1Yoh 1:8). Iddoo cubbuu hin qabnu jennuu ,”
cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya
nuuf dhiisa.” ( 1yoh 1:9).Kanaaf amantoonni yeroo tokko hafuura qulqulluun guutaman
yeroo itti dogoggoran jira. Kutaan kunis waa’ee cubbuu amantootaa dubbata tasumaa
warra gara Yesuus hin dhufneef miti.

Dhalli namaa uumamaan cubbuu qaba ( Rome 7:14-18) .Garuu wal’aansoo wal qabuun jira
qulqullummaa wajjin.Wal’aansoo kana immoo kan gargaaruu hafuura
qulqulluudha.Wal’aansoo yoo jedhu fedhi foonii hafuuraan morma; hafuurris fooniin
morma jechuu dha. Kunis keessa namootaa tti wanta ta’u dha.

Waluumaagalatti nuti amantoonni hafuura qulqulluun guutamuu in barbaannaa? Deebiin

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
8
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

keenya eeyyee kan jedhu dha. Tokkoo tokkoon miseensa waldaa kiristaanaa osoo hafuura
qulqulluun guutamee, waldaan keenya salphaatti hojii wangeelaa hojjetti.

 Gaaffiilee armaan gadii yaalii


1. Hojii Ergamootaa 8:17-24 dubbis. Mee humna hafuura qulqulluu ilaalcha
biyya keenya keessatti hafuurota hamaa irratti jiru waliin wal bira
qabi.Humna hafuurri hamaan qabuu fi kan hafuura qulqulluu wal bira qabuun
ibsi. Cubbuun Simoon maal ture?
2. Hafuura qulqulluun guutamteettaa?/Cuuphamteettaa? Yoo deebiin eeyye
tahe, jijiirama akkamii ofi irraatti argite? Maaltu sitti dhagaahame yeroo
jalqabaaf yeroo guutamte?

Kennaawwan Hafuura Qulqulluu (Kennaa Hafuuraa)


Erga gara warra Qorontos Isa duraa Boqonnaa 12 irratti waa’ee kennaa garaa garaa
hafuurri qulqulluun kennu Phaawuloos sirrii godhee ibseera.” Yaa obboloota ko! Waa’ee
kennaa garaa garaa hafuurri qulqulluun kennuu, akka hubattan nan barbaada.” (1Qor 12:1).
Phaawuloos wanti inni warra Qorontoositti dubbii kana beeksisuu barbaadeef odeeffannoo
odeeffaannoo kana osoo hin qabaatin akka hin hafneef. Akkasumas Waaqayyoo waldaan
Kiristaanaa yeroo ammaa jirtu kana akka beektu in barbaada.1Qor 12:3 irratti Phaawuloos
akka itti hafuurri qulqulluun Yesuusiin mul’isuuf gargaaru ibsa.Eenyu illee hafuura
qulqulluun geggeeffamee Yesuus abaaramaa dha akka hin jennee fi hafuura qulqulluun
geggeeffame malee “ Yesuus gooftaa dha” jechuu akka hin dandeenye hubachiisa. “Yesuus
gooftaa dha “ jedhanii ibsuuf akka Pheexroos eenyummaa Yesuus dubbatetti jechuu dha
,”Ati, Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti” (Matt 16:16). Hafuurri hamaan yeroo tokko
tokko namoota akka dhugaa dubbatan in godha . Fakkeenyaaf, “ Xomboreen hafuura hoodaa
dubbachiisu of keessaa qabdu tokko nutti…namoonni kun hojjetoota Waaqayyoo abbaati
karaa fayyinaa isinitti himu ‘jette”.(Hoe 16:16-17) . Dhugaa haa dubbattu malee geggeessaa

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 1
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
9
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

hafuura qulqulluutiin hin turre kanaaf yeroo biraa Yesuus gooftaa dha jettee dhugaa
bahuun Waaqayyoof ulfina kennuu hin dandeessu.

Phaawuloos akka jedhee barreessa kannaawwan hafuuraa:

1) Kennaa hafuuraa gosa garaa garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma (1Qor 12:4)
2) Ergaa garaa garaatu jira , gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma (1Qor 12:5).
3) Hojii garaa garaatu jira , Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada
namaa keessa kaa’u garuu tokkicha. (1Qor 12:6)

Kennaawwaan hafuuraa garaa garaa akka jiranii fi gooftaan garuu tokkicha akka ta’e
akkumas hojiin hafuuraa karaa adda addaatiin kennaawwan kanaan akka raawwataman nu
hubachiisa.Kutaa Macaafa kanaa keessatti Phaawulos kennaawwan hafuuraa sagal ibsee
argina.Kennaawwan kunniinis
 Ogummaadhaan dubbachuu
amantoota waldaa kiristaanaa keessa
 Beekemsaan barsiisuu
jiraniif hiramee akka hafuura qulqulluun
 Amantii
kennamuufi dha. Nama tokko qofatu
 Kennaa warra dhukkubsatan fayyisuu
hunda isaanii qabaata jechuu
 Dinqii hojjechuu miti.Kennawwan hafuuraa Kutaa 1Qor
 Raajii dubbachuu 12:8-10 Keessatti caqasaman yoo illaale
 Hafuurota gargar baasee beekuu kanneen armaangadiiti
 Afaan hin beekamneen dubbachuu
1Qor 12:8-10 irratti
 Afaan hin beekamne sana hiikuu

1 Qor 12: 29-30

Ergamoota (Apostles)
Barsiisaa

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 2
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
0
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Rome 12:6-8 irratti immoo akkas jedha ,” Akka ayyaana Waaqayyo isa nuuf
kennameetti kennaa garaa garaa qabna” kennaawwan kanneen armaan gadii kutaa kana
keessatti arganna.

Efesoon 4:11” isumatu namootaaf

Rome12:6-8 Kennaa kenne;kennaan isaas kaan

 Raajii dubbachuu  Ergamoota/apostles


 Hojiin nama  Waan Waaqayyo isaanitti
gargaaruu/jajjabeessuu mul’ise warra himan
 Geggeessuu ykn dura (raajota)
bu’ummaa  Warra wangeela Lallaban
 Namaa oo’uu /showing  Eegdota( Tiksee)
mercy  Barsiisota akka ta’aniif

 Barsiisuu ture.”

 Gorsuu
 Arjoomuu /kennuu

Sababa dandeettii fi humni namoonni uumamaan qaban ykn horatan hojii Waaqayyoo
hojjechuuf gahaa hin taaneef, akkasumas jireenya foonii ykn biyya lafaa jijjiiruu hin

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 2
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
1
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

dandeenyeef kennaawwaan hafuuraa Waaqa biraa kennamuun barbaachisaa


ta’e.Amantoota Waaqayyoof hafuurri qulqulluun kennaawwaan garaa garaa kenna.
Namoota garaa garaatiif jechuu dha, nama tokko miti kennaawwaan hundumaa kan
qabaatu.Kennaa adda addaatu namoota adda addaatiif hafuurri qulqulluun hojii
Waaqayyoo hojjechuuf gahoo akka tahaniif kenna. Kennaawwaan kun faayidaa nama
kennameef sanaaf (nama dhuunfaa) osoo hin taane , waldaa kiristaanaaf.Macaafa qulqulluu
keessatti bakka garaagaraatti argiona( Rome 12:6-8, 1Qor 12:7-11, 28-31, 13:1-3, Efe 4:7-
12).

Guddina Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti kennaawwaan hafuura qulqulluu


hedduu barbaachiisaa akka ture Macaafni Qulqulluun in ibsa.Guddina hojii wangeelaas
ariifachiisaniiru. Fakkeenyaaf dinqiiiwwaan garaagaraa hojjetamaniin namootni baay’een
hidhaa irraa hiikamanii , gooftaa Yesuusitti amananiiru.Haa ta’u malee kennaawwan
kunniin akka seenaan waldaa kiristaanaa ibsutti yeroo ta’e tokkotti dagatamanii akka
turanii dha. Garuu yeroo ammaa kanaa amantii kiristaanaa amantii biro irraa adda kan
godhu tokko kennaa hafuura qulqulluuti. Waldaa kiristaanaafis hedduu barbaachisa
waldaan kiristaanaaf hubannaa horachuu kennaawwaan hafuuraa kanneen hojii
Waaqayyoo hojjechaa jirti. Hanga Waldaan Kiristaanaa jirtuutti kennaawwan kunniin
barbaachisoo dha. Irra caalaan kennaawwan hafuura qulqulluun kunniin 1Qor 12:8-10
irratti caqafamanii jiru.

 Kennaawwaan Hafuuraa 1Qor 12:8-10 irratti caqafaman tokko tokkoon yoo


ilaalluu akka itti aanutti ta’a.
1. Ogummaadhaan dubbachuu:

dandeettii fi hubannaa addaa namoota Waaqayyoof kennamuun rakkoo akka hiikaniif


gargaara. Kallattiin Hafuurri Qulqulluu biraa kan dhufu dha malee muuxannoo waggaa
dheeraan miti ( Luq.21:13-15).

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 2
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
2
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Wanti kun geggeessaa saba waaqayyoof ta’uu danda’a (Hoe 6:2-4 ;15:13-21). Hojii
Waaqayyoo hojjechuuf yk namantii ofii guddifachuuf ogummaa namaatti hirkachuu hin
barbaachisu ; namni ogummaan itti hir’ate Waaqayyoon kadhachuu qaba( Yaaq 1:5).

2. Beekemsaan barsiisuu:

Beekumsa addaa hafuura qulqulluun kan dhufu . Phawuloos akkas jedha ”…kennaa isa
Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne
malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne” ( 1Qor 1:12). Kana malees kennaa phexros
ittiin Anaaniyaasii fi Safiiraa akka hafuura qulqulluu soban ifatti baase kennaa beekumsa
hafuura qulqulluutiin.

3. Amantii:

fayyinaaf kan amanan miti. Amantii adda ta’e tokko dha; wanta hin baratamne keessaatti .
Fakkeenyaaf Ibroota 11 iraatti akka caqafame, 1mot 18:33-40 .

4. Kennaa warra dhukkubsatan fayyisuu:

Kennaan kunis akka kennaawwan biro kan kennamu nama dhukkubsateef malee namicha
kennaa kun kennameef miti. (Hoe 3:6), “ Phexroos’ ani meetii fi warqee hin qabu , waanan
qabu garuu siifan kenna ; maqaa Yesuus Kiristoos nama naazireetiin ka’ii , adeemi! ‘’ yeroo
jedhutti wanti inni qabu tokko kennaa kana ture. Kunis kan nu hubachiisu kennaan warra
dhukkubsatan fayyisuu warraa dhukkubsataniif malee nama dhuunfaatu akka qabeenyaa
tti ittiin boona miti. Yookiin galii ittiin argata miti.Hafuuri qulqulluun warri dhukkubsatan
akka amantii qabaatan isaan garaagara. Namni kennaa kana qabus amantii, obsaa fi jaalala
namootaaf qabaachuu akka danda’u godha.

5. Dinqii hojjechuu:

kennaan kun humna Waaqayyoo kan mul’isu dha; kan namni yaadeen olitti wanta

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 2
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
3
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

raawwatu dha. Waaqayyoof ulfina kan kennu, seexana kan yeellasiisu, nama Waaqayyoo
hidhaattii kan hiikuu dha. ( Hoe 12:6-19, Mat.14:13-21)

6. Raajii dubbachuu:

Raajii dubbachuu jjechuun waaqayyoof dubbachuu dha(Kesde 18:18-19).Kunis wantoota


sadii of keessatti qabata akka 1Qor 14:3-4, “ namni waan waaqayyo isatti mul’ise himu
immoo, cimsuudhaaf , gorsuudhaaf, jajjabeessuudhaaf namootatti dubbata 3. …inni waan
Waaqayyo isatti mul’ise himu immoo waldaa kiristaanaa in cimsa.4”

Kanaaf wantoonni sadan kunniin cimsuudhaaf, gorsuudhaaf, jajjabeessuudhaaf.

Raajiin dubbatame sagalee Waaqayyoon ilaalamuu fi qoramuu qaba ;tuffatamuus


dhiifamuus hin qabu. (1Qor 14:29, 1Tes.5:19-22, Kes18:21-22) .Kana malees gara
Waaqayyootti deebisuu isaa (Kesdeb 13:1-3)

7. Hafuurota gargar baasee beekuu:

Kun karaa adda addaa kennamuu danda’a; fakkeenyaaf aboo hafuuraan hafuura yeroo
sanatti namni tokko ittiin geggeeffamee tajaajilaa jiru adda baasuun , humna hafuura
qulqulluun ta’a kun.Hafuurri adda bahu kun akka inni 1) hafuura qulqulluu ta’e, 2) hafuura
foonii fi dhiigaa ykn fedha nama/yaada namaa ta’e, 3) hafuura seexanaa ta’e akka adda
baasuu dha.Fakkeenyaaf yeroo namni tokko lallabu ykn barsiisu, raaju,kennaan hafuurota
adda baasuu kun nama kennameef sana akka adda baasu godha.Fakkeenyaaf Macaafa Hojii
ergamootaa Boqonnaa 16 keessatti akkaataa itti Phaawuloosii raawwate.

8. Afaan hin beekamneen dubbachuu fi Afaan hin beekamne sana hiikuu

Inni kun kennaa addaati malee akka yeroo namni hafuura qulqulluun guutame tokko
milikkita ta’uuf dubbatan miti fakkeenyaaf ( 1Qor.14:22). Kennaan akkasii kun akka
raajiitti kan dhufu dha. Waaqayyo saba isaatiif yaada qabu kennaa kana warra qabaniin kan

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 2
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
4
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

inni dabarsu dha. Kunis akkuma raajii dubbachuutti garuu namichi dubbatee yoo kennaa
hiikuus qabaate itti aansee hiikuu qaba afaan namoonni achi jiraan hubatanitti. Yoo inni
kennaa hiikuu hin qabaanne namni kennaa kanaa qabu yoo walgahicha keessa jiraate
hiikee dabarsa.Yeroo afaan haaraa hiika jedhamu dirqama jecha jechaan hiika jechuu miti.
Inni afaan haaraan dubbate jechoota baay’ee dubbatee kan hiiku immoo yaada gabaabaa
namootaaf kaa’uu danda’a. Yookin immoo inni afaan haaraan dubbatu jechoota muraasa
dubbatee kan hiikuu immoo yaada dheeraa dabarsuu danda’a.Yoo kan hiiku hin jirre garuu
Waldaa keessatti afaan haaraan dubbachuun ergaa yoo dabarsee illee gatii hin qabu. (1Qor
14:22-24;26-29) .

Gudufaa (Conclusion)

Eliel:- “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!” 2
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/942-471858
5

You might also like