You are on page 1of 97

Tajaajila Kunuunsa Tiksummaa fi Gorsaa

Seensa

Akka biyya keenyaatti yommuu ilaalluu tajaajilli kunuusa tiksummaa fi gorsaa kun yeroo
baayyee kan inni kennamu namoota beekumsaa fi muuxannoo /leenjii / gad fagoo ta’e qabaniin
miti. Namoonni akkasii osoo argamanii jibbamee otoo hin taanee siluma ga’umsaa fi
ogummaa /dandeettii / kanaa qabaachuu irratti hanqinni jira jechuu dha.

Haata’u iyyuutti malee waldaa keessaa namoonni hojii akkasii irratti bobba’anii jiran namoota
Waaqayyoon jaallatan, ba’aan hojii kanaa kan itti dhaga’amuu fi waamicha kanaas kan qaban
akka ta’e baayyinaan kan shakkisiisu miti. Barnoota kana keessatti tajaajilli tiksummaa fi
kunuunsi gorsaa karaa firi-qabeessaa fi faayida-qabeessa ta’een qaama ilaalu /tajaajilamu / bira
ga’uu akka danda’u gochuuf akka kanaatti dhiyaatee jira. Innitajaajilus yoo ta’e tajaajila kanatti
yeroo bobba’u ogummaa barbaachisaa ta’een hidhatee tajaajila caalaa firi-qabeessa ta’e kennuu
akka danda’uuf dha.

Kanaafuu barnoonni kun waa’ee tajaajila tiksummaa har’a waldaa kiristaanaa keessatti argamuuf
tajaajiltootaaf hubannoo waliigalaa kan kennuu fi Macaafa Qulqulluu illee kan bu’uureffate ta’uu
isaa ti. Eggaa barnoota kana keessatti hiika kunuunsa tiksummaa fi gorsaa, maalummaa tajaajila
tiksummaa fi kunuusa goraa, xiyyeeffanaa isaa, eenyu fa’iif kunuunsi tiksummaa kun kennamuu
akka qabu, eenyufaa immoo tajaajila tiksummaa fi kunuunsa gorsaa kana akka kennanii fi
meeshaalee fi tooftaalee tajaajila kunuunsa goraa kan ta’an kanatti fufnee ilaalla.

1
Kutaa Tokko

Boqonnaa 1

Hiika Kunuunsa Tiksummaa fi Gorsaa

Akka sagalee Waaqayyootti yommuu ilaalluu tiksummaan isaa guutuu kanta’ee fi fakkeenya
gaarii nuuf ta’u kan danda’uu fi karaa hundumaana hoolota isaa adda adda baasee kan beeku
Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos dha /Yoh.21:15-17/. Kana irraa qabnee yommuu yaadnu nuti
tanaajiltoonnii attamittiin waldaa Waaqayyoo tajaajiluu akka qabnu, Tajaajilli kiristaanaa immoo
wangeela dhala namaa geessisuu, amantootaa hojii Waaqayyoof qopheessuu fi eegumsa
amantootaaf kunuunsa gochuu of keessatti kan qabatu akka ta’e hubanna. Kunuunsi tiksummaa
kan inni irratti xiyyeeffatu wangeela namootaan ga’uu irratti osoo hin taanee, wangeela
dhaga’anii amananii tokkummaa waldaa kiristaanaatti amantoota qabamaniif dha.

Tajaajilli tiksummaa maal akka ta’e hubachuudhaaf hiika “tiksummaa” jedhuu fi


“tiksituu”1jedhuu akka hiika Macaafa Qulqulluutti ibsuunii fi beekuun barbaachisaa dha.
Tiksummaa jechi jedhu jecha tiksituu jedhurraa kan dhufe yommuu ta’u hojii tiksituun tokko
raawwachuu qabu of keessatti kan qabate dha.Soortuu /tiksituu jechuun namoota Waaqayyoo
kana jechuunis waldaa kiristaanaa nama geggeessuu fi kan kunuunsu jechuu dha /Yoh. 21:15-17,
H.Er. 20:28-29, 1Phex. 5:1-4/.(አዲስ የመጽሐፍ ቅዱስ መዝገበ ቃላት /2003፣ Glob Publishing
Service, p.93)

Bara duriitti biyyoota giddu-gala Bahaatti hojii tiksummaarratti bobba’uun baayyee hojii ulfaataa
fi rakkisaa ture. Tiksituun hoolotaa dura dura deema. Hoolonni immoo duukaa ni bu’u. tikseen
sun dura dura kan inni deemuufis hoolotaaf kan barbaachisu margii fi bishaan gaariin bakka
argamutti geggeessuu fi akkasumas hoolota sana miidhuu kan danda’u bineensi bosonaa jiraa fi
hin jiruu isaa mirkaneeffachuufidha.

Ogummaa tiksummaa biyya keenya keessa jiru yommuu ilaallu tikseen hoolota yeroo eegutti
hoolota dura otuu hin taanee hoolota booda goruutiin hoofa. Amalli tiksummaa nuti barre kan
giddu-gala Bahaa irraa adda dha. Tiksitoota warra giddu-galeessa Bahaaf haalli hoolota booda
bu’anii hoofuu kun hoolota sanaaf gara-laafina dhabuu fi gar-jabinaan tiksuu kan agarsiisu

1
አዲስ የመጽሐፍ ቅዱስ መዝገበ ቃላት /2003/፣ Glob Publishing Service, p.93
2
fakkaachuu danda’a. Akka barsiifata/bartee tiksummaa biyya keenyatti immoo tiksituun hoolota
booda bu’ee hoofuun isaa hoolota sanaaf gar-laafina dhubuu fi hoolotaaf kunuunsa gochuu
dhiisuu isaa hin agarsiisu. Tikseen dura deeemes booda deemus wanti murteessaan isa osoo hin
taane hoolotaaf gara- laafinaa fi kunuunsa barbaachisu gochuurratti dha.

Macaafa Qulqulluu keessatti maalummaa tiksee ibsuudhaaf fakkeenyi fudhatame tiksituu hoolaa
ture. Namoonni tokko tokko tika hoolotaa soortuu amantootaa wajjiin walitti firoomsanii
amantoota akka hoolotaatti lakkaa’uun gaarii miti jedhu. Namoonni bara durii yeroo Macaafni
Qulqulluun caafamu turan hoolotaaf eddoon isaan qaban baayyee guddaa dha. Hoolonni madda
jireenya isaanii isa bu’uura turan. Hoolonni tuffatamoo hin turre. Hoolonni tiksee barbaadu.
Sababni isaas tiksee hin qaban yoo ta’e wabii hin qaban waan ta’eefidha. Hoolonni garraamotaa
fi kan abboomamanidha. Murtoo isaaniitti kan cimanidha. Kanaafuu akka biyya keenyaatti jechi
beekamaan jiru akkas kan jedhu dha: hoolaan yoo fiigde, gowwaan immoo yoo kadhatedeebii
hin qabu jedhama.Kanaafuu hoolonni karaa heedduutiin fakkeenya amantootaa ta’uu ni danda’u.
Egaa akka kanaatti tajaajila tiksummaa keessatti hoolota kan nuti jennu akka fakkeenya
Waaqayyootti kan uumamanii fi ba’aan kan isaanitti ulfaate dhala namaatiindha.

Hojii tiksummaas yoo ta’e hojii tuffatamu miti. Tikseen takka takka fayyummaa hoolota isaa
eeguuf jecha bineensa wajjiin wallaansoo wal qabuunii fi gaaddidduu du’aa jala isa mudata.
Hojiin tiksummaa wallaansoo kan qabuu fi waltajjii jabinni nam tokkoo ittiin sakatta’amu waan
ta’eef hojii tiksummaa akka gaariitti raawwachuun baa’isee kan nama boonsu ture /1Sam. 17:34-
37/.

Hojiin tiksummaa nama qofaan akka kan hojjetamu akka hin taanes Macaafni Qulqulluu
keessatti ibsameera. Waaqayyo mataan isaa tiksee saba isaa akka ta’ee fi hojiin tiksummaa kan
beekamu akka ta’e dubbatameera /Far. 81: 1/. Utuu mootii hinta’iin dura tiksituu hoolaa inni ture
Daawwit tiksummaan Waaqayyoo maal akka fakkaatu muuxannoo tiksummaa duraan qabu
wajjiin wal qabsiisee ibseera /Far.23/. Egaa yaadni ‘Tiksummaa’ jedhu amala hoolotaa beekuu,
hoolotaan eeguu fi nyaachisuu hojii of keessatti qabatu dha.

Tajaajila jechuun afaan Ingiliffaa isaatiin ‘ministry’ kan jedhu yommuu ta’u, Giriikiitiin immoo
‘Diyakonia’ jedhama. Jecha jechaan yommuu hiikamu kana jechuun keessummoota nyaachisuu
ykn keessummeessu jechuu dha. Macaafa Qulqulluu keessaa immoo yaadni isaa /Luq.8:3, 10:40,

3
17:8, H.Er. 6:2/ irratti argama. Akka waliigalaatti yommuu ilaalamu immoo yaadni ‘Tajaajila’
jedhu kennaawwan ayyaanaa Waaqayyo irraa fudhatan hojii irra hoolchuu /1Qor. 12:5,
1phex.4:10/, kennaa arjummaa kennuu, 2Qor. 8:19-20, akkasumas immoo warra mana hidhaa
jiran /Filmona 13 / fi kutaalee waldootaa keessa jiran gargaaruu kan agarsiisu dha /1Qor.16:15/.
Gama biraan immoo ‘Tajaajila’ yaadni jecdhu gad of deebisuu fi of kennuudhaan warra kaan
tajaajiluu dha malee warra kaan irratti gooftaa fi bitaa ta’uu miti /Mar.10:45, Mat.20:25-28/.

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos ‘Tajaajila’ jechuun maal akka ta’e ibsuuf gad of deebisuu fi
of salphisuutiin warra kaan fayyaduu akka ta’es ibsuuf miila bartoota isaa dhiquutiin duwwaa of
godhee hanga du’a fannootti ga’e /Fil.2:7-8 /.

Karaawwan inni ittiin tajaajila isaa raawwachaa ture keessaas tokko karaa tiksummaa isaa ti.
Maqaalee Gooftaan ittiin of ibsee keessaas tokko ‘Tiksee gaarii’ kan jedhuun ture. Yaada kana
yommuu ilaallu Gooftaan warra isatti amanataniif kunuunsa jabaa akka isaaniif godhu agarsiisa.
Inni sabni hedduun geggeessaa malee akka hoolota tiksee hin qabneetti osoo jooranii, gatamanii
fi dhiphachaa jiraachuu isaanii yeroo argetti ni gaddeef /Mt.9:35/. Barsiisa isaa keessattis
fakkeenyi inni ittiin barsiise keessaa tokko waa’ee tikseen gaariin hoolota warra haala gaarii
keessa jiran dhiisee ishee keessaa badde barbaaduu akka dhaqu dubbachuutiin barbaachisummaa
tajaajila tiksummaa/ soortuu/ jechaa fi gochaa agarsiiseera /Mat.18:12-14 /. Gooftaan ofii isaa
iyyuu du’aa ka’uu isaa booda amaantoota muraasa sana akka isaan tajaajila tiksummaa kana
isarraa fudhataniif isaan qopheessaa ture. Itti gaafatamummaa kanaas utuu inni isaanitti kennuu
argina /Yoh.21:15-19/.

Amantoonni waldaa ishee jalqabaa keessa turan ulfina mataa isaanii utuu hin barbaadiin
fakkeenya Gooftaa duukaa bu’uutiin ayyaana Hafuurri Qulqulluun isaaniif kenneen wal walii
isaaniif eegumsaa fi kunuunsa ni godhu turan. Hundumti isaanii iyyuu luboota ta’uun isaanii
waan isaaniif galeef hojii lubummaa isaanii kana immoo waliin raawwatu.

Egaa tajaajila tiksummaa jechuun karra hoolota Waaqayyoo /amantootaan / eeguu fi nyaachisuuf
itti gaafatamummaa fi ga’umsa kan qabanii miseensa karra sanaa keessaa tokkotti kan kennamu
hojii kunuunsuu ti. Tajaajilli tiksummaa waldaa kiristaanaa keessa jiru damee garaa garaa kan of
keessatti qabatudha. Fakkeenyaaf: Lallabuu, Barsiisuu, Waaqeffannaa geggeessuu, Kunuunsa
Tiksummaa, gorsa tiksummaa fi kan biros ni qabata.

4
Tajaajila karra hoolota Waaqayyoo bobbaasuu ilaalchisee hojiin bal’aan yoo jiraate iyyuu
tajaajila tiksummaa keessatti hammatamuu kan qaban keessaa walakkaan isaan:

1. Tokko tokkoo amantootaa fi yaaduu fi of eeggannaa gochuu- kun tokkoo tokkoo isaanii
maqaatiin illee beekuu fi keessaa tokko yoo badeef barbaadee gara tokkummaa
amantootaatti deebisuufidha /Yoh. 10:3, 27/.
2. Jabinaa fi dadhabina tokko tokkoo amantootaa beekuutiin akka barbaachaa fi dandeettii
isaaniitti tajaajiluu fi bobbaasuu dha.
3. Tajaajila amantootaaf kan barbaachisu /kan foonii fi hafuuraa/ mara qopheessuu.
4. Amantoonni dhibee adda addaa keessatti yommuu kufan jajjabeessuu fi hirkisuutiin gara
jireenya hafuuraa isaanii isa jalqabaatti akka deebi’aniif gargaaruu dha.
5. Amantootaan geggeessuu fi bulchuu.
6. Amantoota barsiisuu, leenjisuu fi ifachuu.
7. Amantoonni akka dhuunfaattis ta’e akka gareetti jaalala Waaqayyoo beekuu fi
raawwachuu akka danda’aniif kakaachisuu fi wanta barbaachisuun isaan gargaaruu.
8. Amantoonni otuu beekaniis ta’e wallaalanii yeeyyota butataniin akka hin nyaatamne
eegu.
9. Amantoonni Waaqa Uumaa isaanii wajjiinis ta’e walii isaanii wajjiin walitti dhufeenya
fayya-buleessa ta’e akka qabaatan gochuu /Yoh. 10:14, 15/.

Tajaajila tiksummaa har’a waldaa kiristaanaa keessa jiru isa sagalee Waaqayyoo keessa jiru,
akkaataan walitti dhufeenya hoolotaa fi tiksichaa isa Caafamee jiru wajjiin wal bira qabnee yeroo
ilaallu, inni har’aa /bara keenyaa /karaa kan gad dhiise fakkaata.Soortuun sunis tiksee gaarii
ta’uu dhiisuun isaa fi amantoonnis /hoolonnis /immoo garraamummaan duukaa bu’uun isaanii
baayyinaan argamaa waan hin jireef namoonni tokko tokko fakkeenyi tiksummaa inni Macaafa
Qulqulluu keessaa har’a bara keenyatti hin hojjetu jedhu. Dhugumayyuu hojiin tiksummaa bara
kana waldaa keessa jiru isa bara durii biyyoota giddu-galeessa bahaa keessa ture sana waliin
walitti dhufeenya hin qabu. Kanaafuu fakeenya gaarii ta’uu kan danda’u angafa tiksitootaa,
michuu amantootaa, geggeessaa fi tajaajilaa isaanii kan ta’e Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos
dha. Gooftaan Yesuus waldaa kiristaanaa keessatti hojii akka tikaatti hojjetamuuf malu ofii isaa
bara tajaajila isaatti hojjetee agarsiiseera.

5
Egaa akka waliigalaatti hanga ammaatti kan ilaalle tajaajilli tiksummaa amantootaan akka yaada
Waaqayyootti bobbaasuudhaaf kunuunsa kennamuu qabu dha.tajaajila kana keessatti
dameewwan tajaajilaa caalanii mullatan lama jiru. Isaanis: kunuunsa tiksummaa fi gorsa
tiksummaa dha. Kutaawan tajaajilaa kana lamaan immoo boqonnaawaan itti aanan keessatti kan
ilaallu ta’a.

6
Boqonnaa 2

Kunuunsi Tiksummaa Maal dha (What is pastoral caring)?

Tajaajilli kunuunsa tiksummaa jedhamu baayyee bali’aa kan ta’ee fi yaadni isaa tajaajila waldaa
kiristaanaa keessa jiru irra guddeessaan of keessatti kan qabate dha. Kunis baayyinaan amantoota
geggeessuu, jajjabeessuu fi Waaqayyoo fi wal walii isaanii wajjiin tajaajila walitti araarsuu kan
hammatu dha. Takka takka kunuunsi tiksummaa kun amantoota eeguu / bobbaasuu jedhamee
waamama. Yaadni kunis Gooftaan Yesuus du’aa ka’uu booda abboommii inni Pheexiroositti
kennerraa kan dhufe dha.Wangeela Yohaannis keessatti /Yoh. 21:15-17/ Gooftaan Yesuus
Pheexiroosiin “Simoon ilma Yohaannis, isa warri kun najaallatan caalaa ana jaallattaa ree? jedhe.

Inni immoo, “Eyyee Gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu in beekta” jedheen. Yesuus deebisee
“Ilmoolee koo tiksi!” jedhe. Si’a lammafaas Yesuus, “Simoon ilma Yohaannis, ana jaallattaa
ree?” jedheen. Yommusis inni, “Eyyee Gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu ni beekta” jedhee
deebiseef. Yesuus immoo, “Hoolota koo eegi!” jedheen. Si’a sadaffaas Yesuus, “Simoon ilma
Yohaannis, ana jaallattaa ree?” jedheen. Pheexiroos immoo waan inni si’a sadaffaa “Ana
jaallattaa ree?” ittiin jedheef in gadde. Deebisee immoo, “Gooftaa, ati waan hundumaa in beekta;
akkan si jaalladhus atuu in hubatta” jedheen. Yesuus immoo, “Hoolota koo tiksi!” jedhe.

Ergamaa Gooftaa Yesuus kan ture Phaawuloosis hojjetoota waldaa kiristaanaatiin, “ Of


eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra akka eegdaniif Hafuurri Qulqulluun isin dhaabeefis,
eeggadhaa! Waldaa kiristaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha Ilma isaatiin kan isaa godhate
eegaa” /Ho. E. 28:28/ jedhee yommuu gorsu tajaajila kunuunsa tiksummaa kan agarsiisu dha.

Egaa kunuunsi tiksummaa amantootaan/ warra ilmoolee, hoolota jehdaman sana bobbaasuu fi
eeguu inni jedhamu sun akka bara keenyaatti immoo: Barsiisuu, lallabuu, ifachuu, dhoksaawwan
qulqullaa’oo raawwachuufii, kadhachuufii, guddisuu, bartuu gochuu fi yeroo rakkinaatti
gargaaruu agarsiisa.

Kunuunsuujechuun immoo baayyee ulfaataa kan hin taane walitti dhufeenya godhamuu danda’u
kan agarsiisu dha. Fakkeenyaaf: amana dhukkubsate/tte deemanii gaafachuun, ammeenyaa fi
sirna awwaalaa isaanii irratti argamanii nyaata hafuuraa isa ta’e sagalee Waaqayyoo barsiisuun

7
fakkenawwan tajaajila kunuunsa tiksummaa ti. Tajaajila kunuunsa tiksummaa keessatti tikseen/
soortuun sun amantoota hundumaa wajjiin walqunnamtii/tokkummaa qabaachuu qaba.

Kunuunsi tiksummaa daangaa hin qabu. Kana yommuu jennus tikseenii fi amanaan bakka
hundumaatti, yeroo hundumaa, fi haala abba fedhe keessatti wal qunnamu ni danda’u jechuu dha.
Lamaan isaanii iyyuu cubbuu irraa kan hafe walqunnamtii gaarii ta’e abbaa fedhe qabaachuu ni
danda’u. Tikseenii fi amanaan wajjiin nyaachuu, hojii faayidaa waliinii argamsiisu waliin
hojjechuu, maatii maatii isaanii wal barsiisuu fi walitti firoomuun hin dhorkamu. Tiksichi yeroo
barbaadetti amantoota isaa qunnamuu fi kunuunsa tiksummaa isaa kennuu ni danda’a. kunuunsi
tiksummaa tiksichii gara amantoota isaa deemuutiin hojii eegalamu dha. Tiksichi amma
amanaan sun dhufutti eeguun itti hin jiru. Eggaa kunuusa tiksummaa keessatti sagaleen
Waaqayyoo kan hin hayyamnee fi qulqulloota warra kaaniin hanga hin gufachiifnetti tikseen
tokko qunnamtiin isaa daangaa hin qabu.Qunnamtiin tiksichaa kan inni daangaa hin qabne
kunuunsa tiksummaa keessatti qofa dha malee gara boodaatti kan ilaallu barnoota kana keessatti
garuu qunnamtiin isaa daangaatiin ta’a.

Tajaajilli kunuunsa tiksummaa dhibee amanaa /amantoota mudate tokkof akka ilaalcha Macaafa
Qulqulluutti furmaata kennamuu qabu gargaaranii kennuu dha. Tajaajilli kunuunsa tiksummaa
kun amanaa haala isa mudate kam keessattiyyuu taanaan Waaqayyo akka isa wajjiin jiru kan
amanatuuf kennama.Qunnamtii tiksee sanaa fi amanaa gidduutti sirriitti ifa ta’ee argamuu qaba.
Soortuun tajaajila kunuunsa tiksummaa kennu deemsa tajaajila isaa keessatti Macaafa Qulqulluu
fayyadamuu qaba. Tiksichi dhibee amanaa sanaa osoo hin dhaggeeffatiin duras ta’e erga
dhaggeeffatee booda sagalee Waaqayyoo hiruu ni danda’a. Tiksichi haala amanaa sanaa dursee
beeka yoo ta’e, sagalee Waaqayyoo hiree /dubbisee dhimmicha jalqabuu danda’a. Haala amanaa
sanaa hin beeku yoo ta’e garuu amanaa sana erga dhaggeeffatee booda sagalee Waaqayyoo osoo
hiree caalaa gaarii ta’a.

Kunuunsa tiksummaa keessatti qunnamtiin soortuu fi amanaa yeroo murtaa’eef ta’a. Baayyee
barbaachisaa ta’ee yoo argameen ala qunnamtiin si’a tokkotti kan xumuramu ta’a. Haalli amanaa
sanaa yoo isa gaddisiise tiksichi amanaa sana wajjiin kadhachuudhaa fi sagalee Waaqayyoo
hiruufiif beellama qabachuu ni danda’a. Dhimmichi baayyee gad fageenya yoo qabaate immoo
tiksichi amanaa sanaaf gorsa tiksummaaf haala mijeessuu isa gaafata. Kunuunsa tiksummaa
keessattiyyuu dhimmichi barbaachisaa ta’ee yommuu argamu kunuunsa walitti fufinsa qabu

8
kennuuniif barbaachisummaa qaba. Dhibeen amantoota tokko tokkoo gorsaan iyyuu kan hin
hiikamne yommuu ta’u yeroon dheeraan itti kennamee kunuunfamuun barbaachisaa dha.
Fakkeenyaaf: amantoota /namoota dhukkuba qoricha hin qabneen qabamanii fi warra guyyaa
gara Gooftaatti sassaabama isaanii eeggatan walitti fufinsaan isaan gargaaruunii fi kunuunsuun
baayyee barbaachisaa dha.

Kunuunsi tiksummaa tajaajila Yaadachuu ti. Yaadachuu jechuun qaama hirraanfatame gara
yaadatamuutti fiduu, akkasumas qaama qaama irraa adda ba’e deebisanii gar bakka isaa
jalqabaatti deebisuu dha. Tajaajila yaadachuu kana kan kenne Waaqa isa Ilmaan namaa yaadatu
dha. Waaqayyo amma illee osoo nuti cubbamoota taanee jirruu nu yaadatee tokkicha Ilma isaa
inni ta’e Gooftaan Yesuus Kiristoos dhufee fannoo irratti du’ee jal’ina irraa akka nu furuuf gara
biyya lafaatti erge. Eggaa namoonni Waaqayyoon yaadataman kun obboloota yaadatamuu qaban
yaadachuun isaan irra jira. Waaqayyo Waaqa yaadatu akkuma inni ta’e namoota haala adda
addaa keessa jiran yaadachuun isaaniif ta’a. Amantoonni warra kunuunsa barbaachisu yommuu
kunuunsan Waaqayyo kunuunsa inni karaa Kiristoos isaaniif godhe ibsu. Kana irraa kaanee
yommuu ilaallu hundeessaan tajaajila kunuunsa tiksummaa fi amantootaanis tajaajila kunuunsa
tiksummaa kanaaf kan kakaachisu Waaqayyoo akka ta’e ni hubanna.

Kunuunsi tiksummaa hojiiwwan gurguddoo afur qaba. Isaanis:

1. Tajaajila Fayyisuu: amana rakkina keessatti kufe tokko rakkina inni keessatti kufe
keessaa haala inni ittiin ba’uu mimmijeessuutiin fayyiina hunda-galeessa /kan foonii fi
lubbuu, hafuuraa / akka inni argatu gochuu dha. Kun namni tokko rakkina keessatti
kufe keessaa ba’ee gara bakka isaa jalqabaatti /fooyya’aatti karaa inni ittiin ba’u
agarsiisuu dha. Tajaajilli fayyisuu kunuunsatiksummaa keessatti kennamu tajaajila isa
cabe wal’aanuu ti. Tajaajilli akkasii namoota waldaa kiristaanaa keessatti hojii warra
caba yaadaa, kan hafuuraa, qaamaa fi hawaasummaa kan qaban wal’aanuu ti.Akkuma
ogeessi lafee iddoo dhaa ka’ate beekumsaa fi muuxannoo isaatti fayyadamee iddoo isaa
jalqabaatti deebisu, amantoota bakka isaanii durii irraa ka’atan gara tokkummaa isaanii
jalqabaatti deebisuun barbaachisaa dha /Ya’I 5:16/.
2. Tajaajila Geggeessuu: kun namni tokko biyya lafaarra amma jiraatutti filannoowwan
isaaf dhiyaatan karaa sagalee Waaqayyoo hin morminee fi isaaf immoo bu’aa fi
faayidaa dhaabbataa ilaalee filannoo sirrii godhachuu akka danda’u gargaaruu dha.

9
Kanatti dabalees namni tokko balaa tasaa keessa yommuu bu’u haala sana keessaa
karaawwan inni ba’uu danda’u filachuu akka danda’u gargaaruu dha Faar.23:3,
Isa.58:11/.
3. Tajaajila Tursiisuu: kun immoo namni tokko rakkina keessa galee, garuu immoo
yeroo gabaabaatti haalli inni ittiin rakkunicha keessaa ba’uu danda’u kan hin
danda’amne yoo ta’e rakkinichuma keessa otuu jiruu gargaara yeroofii / ማስታገሻ /
otuma godhaniifii tursiisuu /jiraachisuu dha /Far. 23:4, Rut 2:13, Isa. 49:13, 2Qor. 1:3-
7, 1Tasa. 2:12/.
4. Tajaajila Araarsuu: inni kunis Waaqayyoo fi nama, ykn namaa fi nama gidduutti
walitti dhufeenyi yarate yoo jiraate tajaajila walitti dhufeenya bade sana deebisanii
haaressuu ti /2Qor. 5:18, Fil. 4:2-3/.
Gooftaan keenya Yesuus yeroo biyya lafaa kana irra deddeebi’aa turetti kunuunsa
tiksummaa kana attamittiin kennuun akka nu irra jiru karaa qabatamaa ta’ee fi barsiisa
isaatiin fakkeenya gaarii nuuf ta’eera. Kunuunsi tiksummaa firi-qabeessa kan inni ta’u
tajaajilli isaa jaalalaa fi gad of deebisuutiin yommuu ta’u dha. Yesuus tajaajila kunuunsa
tiksummaa kana namootatti kan inni kenne akka abbaa aangoo ta’ee osoo hin taanee akka
hojjetaa/tajaajilaa, garbichaa ta’ee ti /Mat. 20:28/.Kunuunsi tiksummaa tajaajiltoota
amala gad of deebisuu fi garbummaa/ hojjetaa qabanitti kan kennamu dha.
Waldaan kiristaanaa erga hundeeffamtee qabdee kunuunsa tiksummaaf xiyyeeffannaa
guddaa otuu taasiftuu argamti. Tajaajilli kun waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti
illee bal’inaan kan beekamu dha /Ho. Er. 2:42-47/. Waldatti ishee durii sana keessatti
tajaajilli barsiisuu, geggeessuu, tokkummaatti irbaata Gooftaa nyaachuu, kan waliin
kadhachuu fi wal yaadachuu ture. Bara sanatti xiyyeeffannaan kunuunsa tiksummaa
tokkoo tokko amanaa fi amantii warra amananii mara cimsuu ture. Amantii Gooftaa irraa
fudhatan sana jabeessanii qabatanii warra kaaniif dabarsuu akka danda’aniif gargaaruu
ture. Xiyyeeffanaan kunuunsa tiksummaa inni bar asana ture inni biroon immoo hawaasa
Waaqayyoon hin waaqessine keessa yeroo jiraatan aadaa fi bartee badaa /yaraa / gidduu
isaanii jiruun akka wal hin makneef eeggacuudha.
Bara ariyatamni waldaa kiristaanaa irratti ka’ee ture immoo xiyyeeffannaan kunuunsa
tiksummaa fauuyymmaa hawaasa kiristaanaa eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e
fudhachuu, qunnamtiin amantoonni warra hin amaniin wajjiin qaban hanga kamitti ta’uu

10
akka qabu barsiisuu fi akka seeraa fi dambii waldaa kiristaanaatti kan hin deddeebine
immoo ifachuu fi tarkaanfii tokkummaa amantootaa irraa dhorkuu ture. Kanatti fufees
amantoonni rakkina isaan irra ga’u damdamachuu akka danda’aniif jajjabeessuu fi hanga
du’aatti illee amantii isaanii jabeessanii qabachuu akka danda’aniif jajjabeessuu dha.
Barri ariyatamaa erga darbee booda immoo xiyyeeffannaan kunuunsa tiksummaa jireenya
hafuura amanaa gara sirreessuutti deebi’e.
Namni tokko yoo cubbuu hojjete akkamitti qalbii isaa jijjiirratee gara tokkummaa
amantootaatti deebi’uu danda’a? gaaffiin jedhu bal’inaan ka’aa dhufe. Geggeessitoonni
waldaan kiristaanaas namni cubbuu hojjete tokko dursa geggeessitoota waldaa
kiristaanaatti qalbii isaa haa jijjiirrachuu qaba; kana booda immoo geggeessitoonni
waldaa kiristaanaa yakka raawwatame sana amantootatti himanii amanaa cubbuu godhe
sana immoo tokkummaa amantootaa irraa dhorkutti ka’an. Kunis kan inni ta’u inni
cubbuu hojjete qaana’ee mihiirri yakkamtummaa itti dhaga’amee gara Waaqayyootti
akka deebi’u gochuuf dha. Kunuunsi tiksummaa bara sana ture namoonnii uummata
duratti of qaanessanii gara tokkummaa amantootaatti akka deebi’an gochuutiin yommuu
ta’u, kunis jireenyi hafuura namootaa gara iddoo isaa duriitti akka deebi’uuf yaadamee
godhama ture.Amanaadhugaa irraa kufe tokko gara bakka isaa duriitti deebisuun
kunuunsa tiksummaa ti. Kunuunsa kana kan godhan immoo geggeessitoota waldaa
kiristaanaa qofa dha.
Kunuunsi tiksummaa bara haara’ummaa waldaa kiristaanaatti ture immoo xiyyeeffannaan
isaa amantoota rakkina garaa garaaf keessatti kufan waan isaan barbaachisun gargaaruu
hirkisuu irratti ture. Amantoonni hundumtuu luboota dha yaada jedhu irraa ka’amee
tajaajilli kunuunsa tiksummaa kun amantoota hundumaan malee geggeessitoota waldaa
kiristaanaa qofaan ta’uu akka hin qabne amanuun eegalame. Amantoonni amanaan akka
isaanii tokko rakkina keessatti yommuu kufu yeroo kamii fi bakka kamittillee taanaan
gargaaruun akka isaan irra jiru akka ergaatti wal yaadachiisu turan.
Gara biyya keenyaatti deebinee yommuu ilaallu seenaa kunuunsi tiksummaakana bifa
seera qabeessa ta’een kaa’uun isaa rakkisaa dha. Sababiin isaas qixa olitti ilaalaa turre
kanaan kan quwatame hin jiru waanta’eefi dha.

11
Boqonnaa Sadii
Xiyyeeffannaawwan Kunuunsa Tiksummaa Maal Fa’i?
Kutaan kun tajaajilli kunuunsa tiksummaa kun maal maal irratti akka xiyyeeffatu kan
ibsu dha. Kunuunsi tiksummaa gurguddoo kan ta’an qabxiilee sadii irratti xiyyeeffannaa
godha. Isaanis:
1. Ergaa Isaa Irratti

Yeroo kunuunsa tiksummaatti tajaajilamtootaaf kennamuu kan qabu keessaa tokko Ergaa
dha. Ergaa inni nuti jennu kun raajii /mullata qofa osoo hin taanee Waaqayyo isa
tajaajilamu sanaan jan inni jedhu hunda jechuu dha. Kunuunsa tiksummaa keessatti
ergaan isa tajaajilamuuf kennamu kan inni argamu Macaafa Qulqulluu keessatti dha.
Kana jechuun tajaajilaan sun haala amanaa sanaa erga hubatee booda “Sagaleen
Waaqayyoo nama kanaan maal jedha?” jedhee yaada inni kennu dha. Haala amanaan sun
keessa jiru sanaaf sagaleen Waaqayyoo ergaa maalii qabaa? Jedhanii sagalee Waaqayyoo
keessaa barbaadanii karaa jireenya isaaf hiika qabuun dhiyeessuu danda’uu dha. Egaa
akka yaada kanaatti ergaa inni jedhame kun raajii osoo hintaane isa Macaafa Qulqulluu
keessatti caafame keessaa ergaa yeroo kan tajaajilamaa sanaaf ta’u qopheessanii
dhiyeessuu dha. Deemsi akkana kun haalli tajaajilamaa kanaa akka sagalee Waaqayyootti
yommuu ilaalamu maal fakkaata gaaffii jedhuuf illee deeddii ta’a.

Tajaajilamtootaaf ergaan akka barbaachisu yoo amanameyyuu ergaan isaaniif ta’u


attamitti argama gaaffii jedhuuf garuu deebbii wal fakkaatu hin argannu. Tokko tokko
haala tajaajilamaa sanaa erga hubatamee dhimmichi akka sagalee Waaqayyoo wajjiin
deemutti ergaan dubbii Waaqayyoo hiramuufii qaba jedhu. Warri kaan innoo Hafuuura
Qulqulluu irratti hirkachuutiin yaada inni jedhu dabarsuufii qabna jedhu. Waaqayyo
karaawwan kan lamaan iyyuu hojjechuu ni danda’a. Karaan baayyee filatamaanii fi
gaariin haala amanaan sun keessa jiru sirriitti hubatanii ergaa sagalee Waaqayyoof
jireenya tajaajilamaa sanaa waliin deemu dhiyeessuu dha.Tajaajilaan sun karaa
mataasaatii amma isaaf danda’ametti qoophii barbaachisaa godhee geggeessa Hafuura
Qulqulluuf immoo garaa /yaada / isaa banaa yoo qabaate Hafuurri Qulqulluun karaa
tajaajilaan sun hin eegiin ergaa fayyisu akka inni dubbatu gochuuf carraa isaaf kenna.
Wanti hirraanfatamuu hin qabne tokko immoo tajaajilaan sun tajaajilamaa kantti maal
12
dubbachuun qaba jedhee osoo kadhatuu fi buusee baasee yaaduu Hafuurri Qulqulluun
akka isa geggeessu akka danda’u dha. Kanaafuu yeroo hundumaa tajaajilamaan sun
yaada hafuuraa keessa ta’uutiin ergaa yeroo jireenya isaaf ta’u argachuu ni danda’a.

Ergaan yeroo kunuunsa tiksummaa kennamu akkauma haala kunuunfamaa sanaatti addaa adda
dha. Fakkeenyaaf: amanaan tokko yoo dhukkubsate tiksichi kunuunsa kennuyeroo dhukkubsataa
sana tuwatu ergaawwan kanatti fufanii jiran kennuu ni danda’a. Isaanis:

 Waaqayyoo dhukkuba kana keessatti waan si barsiisuu barbaade qaba.


 Dhukkubni kun hamaaf otuu hin taanee gaariidhaaf dha.
 Waaqayyo waanta hamaa gara gaariitti jijjiiruu ni danda’a.
 Waaqayyo warra kaan ittiin barsiisuu barbaadee kana gochuu danda’a.
 Waaqayyoo kanaan karaa hamaa irraa akka ati deebitu gochuuf ta’a.
 Waaqayyo fayyummaa keettiin akka ati of hin jajinee fi isatti hirkachuu akka bartuuf
kana gochuuf kana godhe ta’a.
 Waaqayyo si fayyisa.
 Dhukkubni kun maaliif akka sitti dhufe hin beektu yoo ta’es Waaqayyo garuu kan
godheef qaba.
 Dhukkubni kun karaa ati ittiin gara Waaqayyoo deemtudha.
 Amantii osoo qabaattee ni fayyita.
 Cubbuu kee irraa osoo qalbii jijjiirrattee ni fayyita.
 Namoonni kennaa fayyisuu qaban yoo siif kadhatan ni fayyita.

Jechoonni gorsaa kanaa olitti caqafaman kun akka fakkeenyaatti kan dhiyaatanidha malee kan
biroon baayyeen jiraachuu danda’u. Isaan kana keessaa kamti sirrii dha? Ksmti sirrii miti?
Gaaffii jedhuu deebisuuf tiksichi kunuunsa kennu sun ergaa dhukkubsataa sanatti dubbate eessaa
argatee? Attamitti argatee? Ergichi haala amanaa sanaa waliin kan deemudhaa? Ergichi sirrii
ta’uu isaa Hafuurri Qulqulluun dhukkubsataa kunuunfamaa jiru sanaaf dhugaa ni ba’aa?
Gaaffiiwwan jedhan kun deebbii argachuu qabu.

Akka walii galaatti tajaajiltoonni amantoota tuwataniif /kunuunsaniif ergaa Waaqayyorraa akka
argatan dubbatu. Namoonni baayyeen akka jedhanitti:

13
1. Waaqayyo ergaa yeroo amanaa sanaaf ta’u karaa Hafuura Qulqulluu Macaafa Qulqulluu
keessaa, kitaabota kana dura dubbisan keessaa, seenaa dhaga’anii qaban keessaa / barnoota
baratan keessaan kallattii isaan agarsiisa jedhu.
2. Tokko tokko immoo gara amanaa tuwachuuf deemuuf jiranii osoo hin deemiin waa’ee
amanaa sanaa itti yaadanii osoo kadhatanii Hafuurri Qulqulluun ergaa ta’e gara yaada garaa
isaanii fida. Erggaa fudhatan kana qabatanii deemanii hiru jedhama.
3. Warri kaan immoo yeroo dhuunfaa isaaniitti Waaqayyoon dhaggeeffatanii ergaa isaanitti
mul’ate hiru jedhama.
4. Ammas tokko tokko immoo hooma iyyuu ergaa osoo hin qabatiin gara mana amanaa sanaa
deemanii amanaa sana wajjiin otuma mariyatanii ergaan amanaa sanaaf ta’u garaa isaanii
keessatti dhangala’uu jalqaba jedhu.
5. Warri kaan immoo abjuudhaan ergaa amana sanaaf ta’u akka fudhatan dubbatu jedhama.

Egaa tokkoon tokkoo tajaajilaa ergaa amantoota kunuunsaa jiruuf ta’u karaa adda addaatiin
Waaqayyorraa fudhata. Maaliif karaa garaa garaa ta’e hin jedhamu. Sababiin isaas Waaqayyo
ergaa isaa karaa garaagaraatiin kennuu ni danda’a. itti dabalees tokkoon tokkoo tajaajilaa ergaa
Waaqayyo biraa gara isaa dhufe kana hubachuudhaaf bilchinaa fi muuxannoo mataa isaa waan
qabuufidha. Ergichi Waaqayyo biraa haa dhufu malee karaa adda addaatiin ta’uun isaa rakkoo
hin qabu. Kan inni rakkina uumu ergichii fi haalli isa ergaan dhufeefii wal simee furmaata
barbaachisu fiduu yoo dhabe dha. Tajaajiltoonni baayyeen ergaan isaan fudhatanii dabarsanii
kennan akka inni amanaa kunuunfamaa ture sana fayyade dubbatu. Kunis kan inni beekamu
/dhuga- ba’umsa/duub- deebii amanaa /the believer feed back/ sanaa dhaga’anii fi jijjiirama jiru
arganii ti.Sirrii yoo ta’es /ta’uu baatus amanaan sun dhaga-ba’umsa inni mihiira wajjiin waliin
makee akkuma ergaa sana fudhateen kennu amanuun rakkisaa dha.Dhuga-ba’umsi amanaan sun
yeroo booda kennu garuu karaa ittiin ergaa sana madaallu isa ba’eessa ta’a.

Amantoonni tokko tokko immoo tikseen isaanii ergaa erga inni isaaniif kennee booda “Sagalee
Waaqayyootiin na reebe”, “Sagaleedhaan na cabse”, “Kan garaa isaa natty diddigee dhaqe” otuu
jedhanii ni dhaga’ama. Warri kunuunsa tiksummaa fudhatan kun waa’ee warra kunuunsa
tiksummaa kennanii kana fayyuma akkas dubbatu osoo hin taane dhugaa qabaachuu ni danda’u.
Dhugaawwan isaan qaban keessas walakkaan isaanii:

14
1. Ergaan tiksichaa Waaqayyo biraa osoo hin ta’iin tiksichuma mataa isaa biraa kan madde
waan ta’eef waanti garaa amanaa sanaa xuqu hin jiru. Kanaafuu ergichi haala amanaa
sanaa wajjiin waan hin deemneef akkas dubbachuu danda’u.
2. Ergichi kallattidhumaan Waaqayyo biraa kan dhufe ta’ee otuu jiru fi haala amanaa sanaa
wajjiinis kan deemu ta’ee otuu jiruu akkaataan dhiyeessuu ergichaa jaalalli kan itti
hir’ateyoo ta’e amanaan sun ittiin wal’aanamuu caalaa mihiirri / hafuurri isaa ittiin
miidhamuu danda’a. Ergichi dhugaa yoo ta’e iyyuu “Dhugaa jaalalaan” /Efe. 4:15/
qabatanii dubbachuun barbaachisaa dha. Akkaataan dhiyeenya tiksichaa jaalala of
keessaa hin qabu yoo ta’e garaan tiksee eessa jira? Gaaffii jedhu nama keessaa kaasa.
Amanaan sun haala abbaa fedhe keessatti yoo argame iyyuu akkaataan dhiyeenya
tiksichaa gaarii ta’uu qaba.Tajaajilli jaalala malee ta’u kam iyyuu gatii hin qabu
/akkasumaani/ (1Qor. 13:1-3). Haalli amanaa sanaa ifannaan kan isaaf malu yoo ta’e
iyyuu hafuura jaalalaatiin ifachuun firii gaarii qaba. Xiyyeeffannaan tajajila kanaa
tiksichi mihiira isatti dhaga’ame ibsuu osoo hin taanee amanaa sana gara jireenya gaariitti
deebisuuf ta’uu qaba. Dunni tiksichaa jaalala kan of keessaa hin qabne yoo ta’e amanaan
sun qajeelummaa Waaqayyoo akka hubatu hin godhu /Ya’i. 1:20/.
3. Ergichis Waaqayyo biraa ta’ee fi akkaataan dhiyeenya tiksichaas gaarii ta’ee otuma jiruu
iyyuu amanaan sun ergaa isaaf dhufe kana tole jedhee hin fudhachuuf / simachuuf gatii
baasisa. Tarii ergaan dhufe sun amala gadhee amanaan sun shaakalee bartee isaa godhate
irraa kan gargar isa baasu yoo ta’e fincilaa fi abboomamuu diduu isaa kana isa
kunuunsu /tiksicha irratti hadheessaa gad dhiisuu danda’a. kun karaa amantoonni ittiin
balleessaa isaanii dhokfachuuf yaalii godhan keessaa isa tokkoo fi waa’ee hin baafne dha.
4. Amanaan sun ergaa Waaqayyo biraa dhufeef fudhatee akka jireenyi hafuura isaa bakka
isaa jalqabaatti hin deebineef hamaan sammuu amanaa sanaa dukkaneessuu danda’a.
dugda duuba jal’ina amantootaa hamminni seexanaa akka jiru dagatamuu hin qabu. Ergaa
gaarii gara hamminaatti akka inni hiikamu kan godhu maqaa Gooftaatiin mormuutiin
sammuu amanaa sanaa booji’uun ni danda’ama /2Qor. 10:3-5/. Kana gargar baasuuf
immoo obsaa fi kennaa gargar baasuu barbaachisa.
Sagalee Waaqayyoo keessaa akka arginutti yeroo Waaqayyo namootaaf ergaa kennu
deebbiin namoonni deebisan garaagara ture. Namoota Macaafa Qulqulluu keessatti

15
caqafaman keessaa yeroo Waaqayyo karaa tajaajiltoota isaa ergaa isaaniif ergu akkaataan
isaan itti simataan adda adda dha. Kanatti fufnee deebbi namoota muraasaa haa ilaallu.
A. Qaayen- obboleessa isaa yeroo inni ajjeesetti wanti inni godhe kun gaarii waan hin
taaneef akka inni yaada isaa geddaratuuf Waaqayyo carraa kenneefii ture. Qaayen
yeroo sanatti deebisee Waaqayyoon “Adabamuun kooisa ani baachuu danda’u
gararraa ta’e. Kunoo! Ati har’a lafa maasiikoo irraa ana ariiteetta, fuula kee duraas
dhokachuun ana irra jira; ani lafa irratti nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes nan
ta’a; namni ana arge hundinuus ana in ajjeesa” jedhe /Uuma. 4:13-14/.Qaayen kan
inni kana dubbate ergicha waan shakkeef osoo hin taane ergaa Waaqayyoof
abboomamuu diduutiin nama xiiqii waan tureefdha.
B. Abrahaam- ergaan Waaqayyo biraa isaaf dhufe gatii kan isa baasisu yoo ta’e iyyuu
abboomamuuf murteesse.Ergichi “Ba’i” kan jedhu ture. Abrahhamis gara Waaqayyo
ba’i ittiin jedhetti ba’e /Uuma. 12:1,4/.
C. Muse- ergaan Waaqayyoo yeroo isaaf dhufetti ergichi Waaqayyo biraa ta’uun isaa
karaa hin mamsiifneen yoo hubate illee ergicha fudhachuudhaaf hayyamamaa hin
turre. Sababiin Museen ergaa Waaqayyo fudhachuu dide, gara Gibxitti deebi’uuf soda
keessa isaa jiruu fi kaayyoo Waaqayyoo sana raawwachuuf ga’umsa akka hin qabne
waan isatti dhaga’ameef ta’uu danda’a. kanas ta’e sanas deebbiin Museen ergaa
Waaqayyoof deebise Waaqayyoon yoo duchiisee iyyuu obsi Waaqayyoo baayyee
waan ta’eef suuta suutaan Museetiin gara kaayyoo isaatti geggeesse /Ba’uu 3:4/.
D. Fari’oon- Waaqayyo mootii Gibxi kanaaf ergaa ergee ture. Ergichis “Sabni koo anaaf
haa hojjetuu gad dhiisi!” kan jedhu ture. Fari’oon ergichi Waaqayyo biraa akka inni
dhufe yoo beeke iyyuu hafuura tuffii keessa ta’ee “Waaqayyo inni ani sagalee isaa
dhaga’ee namoota Isiraa’el gad dhiisu kun eenyu inni? Ani Waaqayyoon hin beeku,
namoota Isiraa’elis immoo gad hin dhiisu” jedhee dubbate. Deebbiin akkasii gara-
jabina irraa kan madde dha. Garaan isaanii kan jabaatee fi namooni Waaqayyoof eddo
hin kennine ergaa Waaqayyo biraa dhufeef deebbiin isaan kennan ‘Waaqayyo eenyu
dha? Kan jedhu jecha of tuulummaa deebisu /Ba’uu 5:2/.
E. Gedewoon- namoonni warri akka Gedewoon immoo ergaa Waaqayyo biraa dhufe ni
shakku. Gedewoon ergaan inni hin eegiin yeroo inni hin eegiinii fi bakkaa fi haala
inni hin eegiin keessatti yeroo inni dhufeefitti ergichi Waaqayyo biraa ta’uu isaa

16
fudhachuuf isa rakkisee ture. Kanaafuu Gedewoon ergichi Waaqayyo boraa ta’uu isaa
mirkaneeffachuuf “Ani si duratti faara argadheera yoon ta’e, inni anatti dubbachaa
jiru dhuguma si’i ta’uu isaa kanan ittiin beeku milikkiita na argisiisi!” jedhee
Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos irra deddeebi’ee ergichi isa biraa ta’uu isaa
milikkiitaan itti agarsiise. Gedewoon ergichi Waaqayyo biraa akka ta’e erga hubatee
booda shakkii tokko malee abboomame /Abboota. 6 /. Yeroo tokko tokko ergaan
dhufee fi haalli isa ergaa fudhatuu kan wal faallessu yoo ta’u ergichi Waaqayyo biraa
akka ta’e fudhachuun nama rakkisa. Namoonni haala keessa jiran keessaa ba’anii
ergaa Waaqayyoo fudhachuun isaanitti ulfaata. Waaqayyo haala koo otuma beekuu
attamittiin ergaa akkasii gara kootti erga jedhanii dubbatu. Kun hamaaf miti yoo ta’e
iyyuu ergichi sirrii ta’uu isaa hubachuudhaaf geggeessa Waaqayyoo kan wal irraa hin
cinne barbaaduun barbaachisaa dha.
F. Eelii- Waaqayyoon tajaajiluu dhaan yeroo dheeraa kan lakkoofsise yoo ta’e iyyuu
ergaan Waaqayyoo yommuu inni gara isaa dhufetti garuu deebbiin inni kenne kan
nama ajaayibu ture. Ergichi Eeliin Waaqayyoon caalaa ijoollee isaa waan kabajeef
kun immoo gaarii akka hin taane itti agarsiisuuf tarkaanfii sirreeffamaa akka inni
fudhatuuf kan gaafatu ture. Eeliin ergaa kanaaf hin abboomamne. Kana boodas
dheekkamsi Waaqayyoo akka itti dhufu karaa nama biraa Waaqayyo isatti dubbate.
Deebbiin Eeliis, “Inni Waaqayyo dha waan ta’eef waan isatti tole haa godhu!” kan
jedhu ture. Eeliin dheekkamsa Waaqayyoo yoo fudhate iyyuu haalli isaa akka
jijjiiramuuf dhamaatii barbaachisaa osoo taasisuu hin argamne. Eeliin nama araara
Waaqayyoo beeku waan ta’eef harka araara isaatti kufuu wayya jedhee tarkaanfii
qalbii jijjiirrannaa fudhachuun itti ture /1Sam. 2:3/. Namoonni tokko tokko warra
kaan qalbii jijjiirrachiisaa turanii gaafa mataa isaanii irra ga’u immoo qalbii
jijjiirratanii dheekkamsi Waaqayyoo akka hafu taasisuurra “Waaqayyo kan jaallate
haagodhu!” jechuutiin waan ofii isaanii sirreessuu qaban osoo hin sirreessiin
hafu.ergichi jireenya isaanii keessatti akka inni hojii irra hin oolle ga’ee mataa isaanii
hin raawwatan.
G. Saa’ol- Erga inni mootii ta’ee booda Waaqayyo ergaa isaaf kenne. Saa’olis gar-
tokkee ergichaa abboomame. Saamu’eel raajichi ergicha maaliif gutummaatti hojii
irra hin oolchine? Jedhe yeroo isa gaafatetti, mootichi balleessaa godhe kana gara

17
uummatichaatti qabate. Saa’ol ergicha waan dideef Waaqayyo ammas ergaa biro kan
gaddisiisuu fi “Waaqayyo akka ati mootii hin taaneef si tuffateera” kan jedhu itti erge.
Saa’ol kanas fudhachuu hin barbaanne. Kanatti dabalees Saa’ol Saamu’eeliin
dhiifama gaafatee yaadni ergichaas hafee, yaadni mootichaa immoo akka
mirkanaa’uuf yeroo dirqisiisetti Saamu’eel immoo abbaan ergichaa Waaqayyo malee
isa akka hin taane itti agarsiisee biraa deeme /1Sam. 15/.
Namoonni ergaa fudhatan tokko tokko ergicha fudhatanii deebbii gaarii kennuu
caalaa inni ergaa dabarsu sun yaadaa fi gocha gadhee isaan qaban sana akka isaaniif
mirkaneessu barbaadu. Yoo tajaajilaan sun dide immoo maqaa tajaajilaa sanaa
balleessuuf ni yaalu. Fedhiin isaanii inni guddaan ergichatti fayyadamanii jireenya
isaanii sirreeffachuu osoo hin taanee, maqaa tajaajilaa sanaa balleessanii faayidaa
argachuu malanii fi maqaan isaanii akka hin xuroofne eeggatanii jiraachuu dha.
Deemsi akkasii immoo Waaqayyo duratti baay’ee jibbisiisaa dha.
H. Daawwit- mootichi kun yeroo inni cubbuu irratti cubbuu dabaletti Waaqayyo immoo
karaa raajicha Naataaniin ergaa isaaf erge.Naataan akkaataan ergaa dhiyeessuu isaa
baay’ee gaarii ture. Daawwitis dhiyeenya sirrii kanaan yeroo of ilaaletti ergaa sana
dhaga’ee Waaqa isaa duratti yakki inni godhe isatti dhaga’amee murtii Waaqayyoo
jalaa ooluu fi isa gaddisiisuu isaafis qalbii isaa jijjiirratee “Ani Waaqayyoon
yakkeera” deebbii jedhu kenne. Daawwit cubbuu akka raawwatee fi isaan immoo
Waaqayyoon akka yakke dubbate. Cubbuu isaatti gaabbee qalbii isaas jijjiirrate,
Waaqayyos isaaf dhiise / 2Sam. 121-15, Far. 51/. Namoonni tokko tokko yeroo
Waaqayyo karaa ergaa isaatiin haala jireenya isaanii itti agarsiisu ergaa sana faana
bu’anii jireenya isaanii sirreeffatu. Qunnamtii Waaqayyo waliin qabaniif durmaata
kennu. Garaa ergaa Waaqayyoo fudhatus qabu. Ergaan Waaqayyoo qunnamtii namni
Waaqa isaa waliin qabu haaressuuf kan afeeru akka ta’es ni hubatu.
I. Ooziyaa –mootich kun mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti hojii isa hin
ilaallanne hojjechuuf yeroo inni ka’e keessatti luboonni seera Musee keessaa ergaa
itti himan. Ooziyaan mootichi oftuulummaatiin of bokoksee waan jiruuf ergaa karaa
lubootaa isaaf dhufe sanaaf tole hin jenne ture. Luboonni sunis ergaa isaaniif galee fi
kan beekan qofa dabarsuufii irraa kan hafe waan godhan waan hin qabneef ni dhiidan.
Baay’ee osoo hin turiin ergichaaf abboomamuu waan dideef Ooziyaan dha’ichaan

18
/lamxiidhaan / rukkutame /2Sen. 26:16-23/. Ergaa Waaqayyoo tuffachuun Waaqayyo
wajjiin walitti nama buusa. Ergaan isaa hin fudhatamne yoo ta’e Waaqayyo ofii isaa
dhimmicha gidduu gala. Ga’een warra ergaa dabarsanii ergaa isaanitti kenname sana
dabarsuu fi warra ergaa fudhatan akka isaan hojii irra oolchan jajjabeessuu dha.Egaa
namoonni ergaa Waaqayyoo akka hin fudhanneef gufuu kan ta’an keessaa tokko of
tuulummaa dha.
2. Tajaajilaa Sana Irratti

Xiyyeeffannaan kunuunsa tiksummaa isa tajaajila kennu sana irratti dha. Jireenya
tajaajilaa sana ilaalchisee gaaffiiwwan kanatti fufanii jiran deebisuun barbaachisaa dha.
Isaanis: -

A. Tajaajilaan sun attamittiin mataa isaa tajaajilaa jiraa?Tajaajilaan tokko haalli


inni itti warra kaan tajaajilu haala inni ittiin of tajaajilu wajjiin kan walitti hidhame
dha. Haalli tajaajilaan itti of kunuunsu haala inni itti warra kaan kunuunssu waliin wal
qabata.Tokkummaa gaarii Waaqayyo wajjiin qabaachuun ofiifis ta’e warra kaaniif
tajaajila barbaachisaa ta’e kennuutiin mullata. Waaqayyoon jaallachuu, achumaanis
mataa kee fi warra kaan sadarkaa wal qixa ta’een jaallachuunii fi tajaajiluun bu’uura
tajaajila madaalamaa ta’e tokkoo ti. Yaadni kun namni ofiif beeku warra kaaniifis
beekuu danda’a yaada jedhu ibsa.
Namni tokko hundumaa dura Waaqayyoon jaallachuu akka qabu abboomameera
/ Mat. 22:37/. Waaqayyotti aansee immoo hiriyyaa isaa akka ofii isaatti jaallachuu
akka qabu abboomameera /Mat. 22:39/. Abboommiin “Hiriyyaa kee akka mataa
keetti jaalladhu” jedhu namni tokko nama biroo jaallachuu dura mataa isaa simachuu
akka qabu agarsiisa. Yaadni ‘Mataa isaa simachuu’ jedhu ‘of kan jaallatu’ jechuu
osoo hin taane uumaa Waaqayyoo ta’uu isaa, akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti
gatii kan qabuu fi Waaqayyo karaa Kiristoosiin dhiifama kan isaaf godhe ta’uu isaa
hubachuu jechuu dha.Egaa namni madaalii Waaqayyo ittiin isa ilaaluun of ilaaluu
beeku warra kaanis ija Waaqayyo ittiin isaan ilaaluun ilaalee tajaajiluu ni danda’a.
B. Tajaajilaan sun Eenyu dha?
Tajaajilli tiksummaa ‘Ta’uu fi Gochuu’ of keessatti qabata.Tajaajilaan waa’ee mataa
isaa fi tajaajila isaa beekuun kan itti jiru waan tokko tokko beekuu qaba.

19
Waldaa kiristaanaa keessatti tiksee ta’ee namni tajaajilu tokko mallattoo mataa isaa
qabaachuu akka qabu irratti waliif ni galama. Garuu immoo mallattoon isaan maal
fa’i jedhamanii yeroo gaafataman immoo waldoonni garaagaraa madaallii mataa
isaanii akka qaban dubbatu. Fakkeenyaaf: waldaa tokko keessatti madaalliin nama
tiksee ta’uu qabu tokkoo ‘Beekumsa sagalee Waaqayyoo kan qabuu fi hafuura
tasgabbii qabuun amantoota barsiisuu kan danda’u’ kan jedhu yommuu ta’u waldoota
biraa keessatti immoo ‘Lallaba isaatiin mihiira amantootaa akka dha’a galaanaa
raasuu kan danda’u’ kan jedhu ta’a.
Mallattoon tiksummaa kan ittiin beekamu karaawwan garaagaraa jiru. Mallattooleen
kunis jireenya dhuunfaa isaa fi tajaajila isaa wajjiin kan wal qabatanidha.
Jalqabatti karaan nuti mallattoo nama tiksummaa qabu tokko ittiin gargar baafannee
beekuu dandeenyu, eenyummaa uumama tiksichaa quwachuutiin dha. / የመጋቢዉን
ስብዕና በማጥናት / tajaajilaan sun uumamaan namootaaf dhimmuu isaa, namoota
jaallachuu isaa, dandeettii namoota wajjiin walii galuu isaa fi kkf ilaaluudhaan namni
sun eenyummaa dhaabbataa akka qabuu fi hin qabne beekuun barbaachisaa
dha.Tajaajilaan amaloota olitti caqafaman kana yoo qabaate uumamumaan amala
tiksummaa qaba jechuu dha. Eenyummaan isaa kanaan ga’aa miti yoo ta’e immoo
ulaagaa tiksummaa isa jalqabaa kufeera jechuu dha. Tiksichi amantootaaf gar-laafina
hinqabu yoo ta’e, fayyina namootaa caalaa seeraa fi qajeelfama waldaa qofaaf
durmaata kana kennu yoo ta’e, namoonni dogoggoran waldaa keessaa ari’uun amala
isaa too ta’ee fi jalalaan osoo hin taanee gar-jabinaan kan beekamu yoo ta’e namni
akkasii tajaajila tiksummaaf ga’aa miti.
Lammaffaa irratti amaloonni eenyummaa tiksichaa kun tajaajila/jereenyaa isaa kana
duraa keessatti akkamittiin calaqqisaa akka ture sakatta’anii ilaaluun barbaachisa
dha.Eenyummaan tajaajilaa sanaa karaa kamiin hojii irratti mul’atee? Tajaajila
tiksummaa kanaaf ga’aa kan isa taasisu hojiin jireenya isaa keessatti hojjetame jiraa?
Akka maatiittis ta’e akka hawwaasichaatti tajaajila tiksummaa kanaaf ga’aa kan isa
godhu maal hojjete? Gaaffiiwwan jedhan kun deebbii argachuun isaaniif ta’a.
muuxannoon hojii tajaajilaa sanaa tajaajila tiksummaa kanaaf ga’aa akka isa gochuu
danda’uu fi dhiisuu isaa sakatta’uu dha. Fakkeenyaaf: namni waggaa 20 ol loltummaa

20
keessa ture muuxannoo tajaajila tiksummaaf ga’aa isa godhu kan kuufate fakkaataa?
(kan loltummaa malee kan tiksummaa mitjechuu dha).
Saa’ol mootummaa osoo hin waamamiin dura harroota badan barbaadaa ture. Kan
badan barbaadee gara mana abbaa isaaniitti nama deebisu ture /1Sam. 9:6/.
Daawwitis “Tiksee” saba Waaqayyoo osoo hin ta’iin dura hoolota abbaa isaatii eega
ture. Hoolota abbaa isaa kanaaf waan of eeggatuuf bineensi hamaan dhufee akka
isaan hin nyaanneef tiksee isaan oolcha ture /1Sam.16:11, 17:34-35/.Namni gad of
deebisuu fi obsa akkasumas jaalalaa fi daangaa faayidaa dhuunfaa isaatii ala ba’uu
hin shaakaliin tajaajila tiksummaaf ga’aa hin ta’u. Namni muuxannoo humnaa fi
aangootiin bulchuu shaakale gara waldaa kiristaanaa dhufe tiksee yoo ta’e sabaaf
garaa ni laafa jedhanii yaaduun ni ulfaata. Kanaafuu namoonni waamicha tajaajila
tiksummaa qabna jedhan, jireenyi hafuuraa isaan dabarsan tajaajila tiksummaaf
attamittiin akka isaan qopheesse sakatta’anii beekuun waan bu’uura ta’e tokko dha.
Sadaffaa irratti, mallattoon nama waamicha tajaajila tiksummaa qabu ittiin beekan
tajaajila tiksummaatiif fedhii /aggaammii qabaachuu isaatiin dha. Tajaajilaan
sun hojii kanaaf fedhii uumamaa hin qabu yoo ta’e rakkisaa ta’a. Tajaajilaan tajaajila
tiksummaa tokko tokko yeroo tajaajilu gammachhuu fi garaa guutuudhaan kan
tajaajilu yoo ta’e sammuu isaa keessatti immoo “Mufiin” hin jiru yoo ta’e itti fufinsi
tajaajila isaa mul’ataa adeema. Yeroo tajaajilu gagammaduu qofa osoo hin taanee
waamicha waamicha Waaqayyo argachuun baay’ee barbaachisaa dha. Hojiin
tiksummaa dhimma waamichaa ti malee ulaagaa qicirrii guutuu qofa miti. Kanaafuu
mallattoon nama waamicha tiksummaa qabuu inni ol aanaan waamicha Waaqayyoo
qabaachuu isaa ti. Tikseen saba Waaqayyoo eeguu fi nyaachisuuf waamicha qabu
saba sanaaf garaa laafa, mataa isaa kennaa, gara guutummaa Kiristoositti akka
guddatan godha, “Tikseen inni bitamaan” garuu ‘Tiksummaa hojiitti / profession /
waan ilaaluuf xiyyeeffannaan isaa faayidaa hojicha irraa argatu irratti dha malee
kunuunsa sabaa irratti miti.
Amaloota Tiksee Gaarii Isa Waamicha Waaqayyoo Qabuu
 Saba Waaqayyoo geggeessa / Far. 80:1, 23:1/.
 Fedhii fi mirga amantootaa kabaja /Yoh. 10:4/.

21
 Amantoonni jireenya isaaniitti guddachuu isaanii fi fooyya’uu isaanii ni
hawwa, fiixaan ba’umsa kanaatiifis kan isaaf danda’ame mara ni godha
/Yoh. 10:10/.
 Saba sanaaf aarsaa barbaachisaa ta’e baasuuf kan qophaa’e dha /Yoh. 10:11/.
 Sabni sun kan isaa akka ta’e waan beekuuf isaaniif of eeggata. Saba sana
“Garaa” isaatti qabatee deddeebi’a /Yoh. 10:14/.
 Namoota hin amniiniif illee gar-laafina qaba, tiksummaan isaa namoota
hundumaaf akka ta’e ni hubata /Yoh. 10:16/.
Amaloota Tiksee “Bitamaa”
 Amantoota bulcha, amantoota isaaf immoo mul’ata hin qabu
/Isa. 56:10/.
 Fedhii fi mirga amantootaa hin eegu /Yoh. 10:1, Isa. 56:9/.
 Amantoonnis akka tiksee isaaniitti isa fudhachuuf isaan rakkisa
/Yoh. 10:5/.
 Yaada amantootaa micciiruutiin fedhii isaa argachuuf dhama’a /Isa.
56:11/. Gargar ba’uu uumuutiin amantoota bittimmeessa, saba sana
karaa seera-qabeessaa waan hin soorreef jireenyi hafuura isaani du’aa
ta’a /Yoh.10:10/.
 Faayidaa saba isaaf jedhee faayidaa mataa isaa gad hin dhiisu ( kana
jechuun aarsaa hin kaffaluuf jechuu dha). /Yoh.10:12-13/.
 Saba isaatiif mihiirri abbummaa itti hin dhaga’amu. Saba isaa galmee
irratti malee bifaa fi amala isaaniitiin isaan hin beeku.
 Namoota hin amaniiniif ba’aa hin qabu.

Kanatti dabalees amaloonni tiksee gaarii fi yaraa Hisq. 34. , Far. 23 keessatti bal’inaan
ibsameera.

Afuraffaa irratti, namni waamicha tajaajila tiksummaa qabu kan ittiin beekamu Ilaalcha
tiksummaa akka inni qabu hordofuutiin dha. Ilaalchi tajaajilaan sun ttajaajila tiksummaa irratti
qabu fiixaan ba’umsa tajaajila isaaf murteessaa dha. Kana jechuun “Garaa” tiksummaa qaba
jechuu dha. Namni tokko garaa tiksummaa qaba jechuu kan nu dandeessisu Macaafa Qulqulluu
keessatti kan caqafaman fakkeenyummaa tiksee gaariitiini dha. Fakkeenyi tiksee gaarii inni

22
Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame ‘Tikseen tokko tokkoo miseensa saba isaaniif kan eeggatu
yommuu ta’u keessumatti immoo sababa adda addaatiin warra tokkummaa sabaa irraa gargar
ba’aniif xiyyeeffannoo kenna.

Inn Shanaffaan, tiksummaan ittiin beekamu dandeettii tiksummaa qabaachuu isaa


madaaluutiini dha. Tajaajiltoonni tokko tokko garaa tiksummaa qabu, garuu immoo dandeettii
tiksummaa hin qaban. Ilaalcha gaarii qofa qabaachuun dandeettii tiksummaa malee tajaajila
tiksummaa firi-qabeessa godhee fiixaan hin argamsiisu.Tiksichi saba sanaaf kan garaa laafu ta’ee
garuu immoo barnoota barbaachisoo nyaachisuu hun danda’u yoo ta’e sabichi ni beela’a.Tiksichi
amanaa rakkona keessatti kufee jiru akkamittiin akka gargaaru hin beeku yoo ta’e tuwwachuun
isaa qofti ga’aa miti.Tikseen warra kaan kan dhaggeeffatu, kan hubatu, dubbii gargar kan
baafatu, akkasummas haalota ilaalee hubatee murteessuu kan danda’u ta’uu ti irraa eegama.
Tiksichi dandeettii akkasii kana kan inni argatu Waaqayyo irraa, kennaa Hafuura Qulqulluu
tajaajila keessatti isaaf kenname irraa fi muuxannoo fi dhamaatii mataa isaatiin barnoota inni
baratu irraa argata.

Inni Ja’affaan, tiksummaan ittiin beekamu gooftummaa jala ta’ee tajaajiluu akka inni barate
sakatta’uutiin dha.Tajaajilaan tajaajila isaa fi aangoo tajaajiluu ishee isaaf kennite waldaa
Kiristaanaa irraa addaba’ee qofaa isaatti tajaajila tiksummaa kennuu hin danda’u. Tajaajilli
tiksummaa tajaajila waldaa kiristaanaa ti malee tajaajila dhuunfaa miti. Tajaajilli tiksummaa kun
Waaqayyo irraa bakka bu’insa waldaa kiristaanaatiin tajaajiltootaaf kan kennamu dha malee
tajaajila muuxannootiin/ barnootaanii akka hintaane agarsiisuu dha. Tajaajilaan tajaajila
tiksummaa kana irratti akka inni ramadamu kan godhe ofii isaatii osoo hin taanee waldaa
kiristaanaa bakka sana waan isa keesseefidha. Qaama birootiin muudamanii tajaajila irratti
hiriiruun immoo aangoo qaama isa muudee sana jala ta’uu agarsiisa. Aango jala ta’anii
tajaajiluun immoo ittigaafatamummaa qabaachuu agarsiisa. Tajaajilaan tiksummaa
Waaqayyoof /H.Er. 20:28/, amantoota hundaaf, warra wajjiin tajaajiluu fi mataa isaaf
ittigaafatamummaa qaba /Rome 12:8/.

Inn Toorbaffaan mallattoon tiksummaa, aadaa fi seera waldaa kiristaanaa beekuu isaa fi
akkasummas ulaagaa madaallii tiksee waldaa kiristaanaa guutuu isaa qorachuu dha. Ulaagaaleen
kun immoo bakkaa bakkatti, yeroodhaa yerootti addaa adda ta’uu danda’u.

23
Mallattoolee Addummaa Tiksee

Egaa akka waliigalaatti yoommuu ilaallu mallattooleen addummaa tikseen tokko qabaachuu
qabu kanatti fufanii kan jiranidha. Mallattooleen addummaa kunis kan isaan fudhataman
1Xim.3:1-7 irraa ti. Isaanis:

Kan hin tuffatamne: tikseen amantoota tajaajilii fu hawwaasa keessa jiraatu keessatti
akkamittiin akka ilaalamu sirriitti quwachuun irra jira. Kunis jireenyi dhuunfaa tiksee sanaa fi
tajaajilli isaa gargar ba’ee ilaalamuu akka hin qabne agarsiisa. Kun tiksitoonni hundi jireenyaa fi
gocha walfakkaatu raawwachuu akka qaban hin agarsiisu. Kun kan inni agarsiisu tikseen tokko
jireenya dhuunfaa isaatiin amantootaa fi hawwaasa keessa jiraatu duratti kan hin tuffatamne ta’u
akka qabu dha.

Amanaa haaraa kan hintaane: waa’ee waan itti amanu sanaa odeeffannoo / beekumsa sirri /
ga’aa kan qabu ta’uu qaba. Kana jechuunis isa itti amanu sana sirriitti kan beekuu fi tajaajilaa
waa’ee amantiif dhimma kan hin qabne kan hin taane jechuu dha. Kunis seenaa dhufaatii waldaa
keessaa tajaajilaa jiru sanaa, seeraa fi aadaa ishee, keeyyata amantaa ishee fi seera bultoo ishee
akka gaariitti beekuu ilaallata. Kanatti dabalees beekumsa qofa osoo hin taanee jireenya amantii
isaatti muuxannoo kan qabu ta’uun isaa baay’ee barbaachisaa dha.

Abbaa manaa hadha manaa tokkoo: haalli gaa’elli tiksichaa tajaajila isaa irratti dhiibbaa uumuu
danda’a. Namni hin fuudhiin ykn namni murattee ta’ee jiraachuudhaaf murteeffate tajaajilaa
/tiksee ta’uu ni danda’a. kan fuudhe yoo ta’e immoo haadha manaa isaa wajjiin nama jireenya
kiristaanummaa sirrii jiraatu ta’uu qaba. Jireenya gaa’elaa keessatti tikseen nama haadha manaa
tokkoo ta’uun isaaf mala. Kana jechuun nama dubartoota lama qabu tiksee godhanii muuduun
hin danda’amu jechuu dha. Tiksichi jireenyi haafuura isaa fi kan qaama isaa karaa madaallii isaa
eegeen akka jiraatuuf nama haadha manaa tokkoo ta’uu qaba. Tikseen /tajaajilaan qormaata
karaa dubartii biraa bira ga’uutiin yoo qabame /kufe / tajaajila itti fufuu danda’aa? gaaffiin jedhu
wal kan nama falmisiisu dha.Manneetii amantaa tokko tokko keessatti amanaan tokko hiriyyaan
gaa’ela isaa ejjatti yoo kuftee fi inni immoo dhimmicha callisee yoo waliin jiraate waldaa sanaaf
tajaajilaa yeroo guutuu ta’uu akka hin dandeenye dubbatu.

Hiikkaa ilaalchisee akka haala biyya Itiyoophiyaatti namni heeke baayyinaan tajaajilaa yeroo
guutuu / tiksee / ta’uu akka hin dandeenye amanama. Hiikkaan karaa baayyee waan uumamuuf

24
hiikkaa isa kamti tajaajilaa yeroo guutuu / tiksee / akka hin taane akka nama dhorku murteessuun
rakkisaa dha. Waldaan kiristaanaa sababawwan hiikkaan kun ta’u yoo beektee fi tajaajilaan/
amanaan gaa’ela lammaffaa kana hundeeffate tajaajilli isaa itti fufuu danda’aa? Kan jedhu gaaffii
mataa isaa danda’ee fi kan nama dhibu dha.Sababiin isaas sagaleen Waaqayyoo gaa’ela dubbii
isaa giddu-galeessa hin godhanne waan mormuuf gaa’elli lammaffaan hin hayyamamu

/1xim. 3:2/.

Geggeesummaa Maatii: geggeessummaa maatii jechuun maatii ofii akka sagalee Waaqayyootti
sirreessanii bulchuu dha. Muuxannoon bulchiinsaa mana keessaa eegala. Walqunnamtiin tiksichi
maatii isaa waliin qabu rakkinaa fi dhibee maatii kan biro keessatti argamuuf furmaata kennuuf
murteessaa dha.

Sammuu Madaalii isaa Eege: tikseen tajaajilaa dhimmoota amantootaa karaa madaalawaa ta’een
ilaaluutiin deebii itti kennuuf dandeetti qabu ta’uun isa irra jira. Sababiin isaas mihiiraan
hoofamee murtii hundee hin qabne yoo kenne mataa isaas ta’e warra tajaajilu miidhamaaf
saaxiluu waan danda’uufdha.

Dandeetii Barsiisuu Kan Qabu: kun faayida-qabeessummaa barnoota kiristaanummaa beekuutiin


warra kaaniif hiruudhaaf hayyamamaa ta’uu fi warra kaaniif dabarsuuf ga’umsa inni qabu
agarsiisa.Tikseen dandeettii barsiisuu qabu kun sagalee Waaqayyoo irratti amantii cimaa
qabaachuutiin yaadota garaa garaa, mormiiwaan jiranii fi dubbiiwwan jiran keessummeessuu
dhaaf garaa bal’aa qabachuu isaa hubachiisa.Barsiisuu jechuun amantoonni barnoota
kiristaanummaa gaaffii tokko malee akka fudhatan gochuu miti. Garuu immoo amantoonni
dhugaa Waaqayyoo baranii filannoo mataa isaaniitiin dhugaa baranii fi hubatan sana akka
jiraataniif gargaaruu dha.

C. Tajaajilaan Sun Warra Kaan Waliin Qunnamtii Attamii Qabaachuu Qabaa?

Tajaajilaan tokko waa’ee mataa isaa fi tajaajila isaa caalaatti barachuu kan inni danda’u
tajaajiltoota kunuunsa tiksummaatti hiriiranii jiran warra kaan wajjiin qaunnamtii gaarii yoo
qabaate dha. Tikseen warra isa dura tajaajila kunuunsa tiksummaa kanatti hiriiran kana waliin
yommuu ramadamu mataa isaa fi tajaajila isaa madaaluuf carraa argata.

25
Sagalee Waaqayyoo keessatti “Sibiilli sibiila biratti, namnis nama biratti ni qarama” / Fak.
27:17/ waan jedhuuf tikseen warra wajjiin tajaajilutti dhiyeenya qabachuu qaba. Tajaajilaan
tokkoo kallattiidhumaan dursa Waaqayyoon dhaga’uunii fi itti aansee immoo yaada ijaarsaa
warri hidhata tajaajilaa isaaf ta’an dhiyeessan dhaga’uu qaba. Warri hidhata tajaajila tiksichaa
ta’an kun ilaaltuu tikseen sun ittiin of ilaalu dha.

3. Haalaa fi Naannoo Tajaajilli Kun Itti Kennamu


/ አገልግሎቱ የሚሰጥበት አዉድ (አከባቢና ሁኔታ)/
Kunuunsi tiksummaa kan inni kennamu naannoo waldaa kiristaanaatti dha. Waldaa
kiristaanaa jechuun immoo tokkummaa/qaamaamantoota Kiristoosiin waamamanii
ba’anii kan ta’an jechuu dha.
Qaamni jedhamu kun tajaajilaa sanaa fi amantoota tokkummaatti kan of keessatti
qabate dha. Tokkoon tokkoo qaama kanaa mataa waldaa kiristaanaa isa ta’e Kiristoos
wajjiin qunnamtii waan qabuuf inni tokko isa kaan ittiin tajaajiluuf kennaa ayyaanaa
qaba. Sabni Waaqayyo kunuunse warra kunuunsi isaan barbaachisu kan kunuunsu
dha. Kanaafuu kunuunsi tiksummaa itti gaafatamummaa waldaa kiristaanaa /
amantoota hundumaa ti.
Amantoonni luboota Waaqayyoo ti waan ta’aniif ayyaana Waaqayyo isaaniif kenneen
wal walii isaanii eeguu fi kunuunsuu qabu.Tajaajila amantoota of keessatti qabate
akkasii kana keessatti ga’een tiksichaa tajaajilaa tajaajiltootaa ta’uu isaa ti.Akka
kanaatti amantoonni marti tajaajiltoota yoo ta’an tiksichi tajaajilaa fi kunuunsaa
tajaajiltootaa ta’a jechuu dha.As keessatti shoorri tiksichaa warra kaan hidhachiisuu
dha. Akka yaada waliigalaatti kunuunsi tiksummaa itti gaafatamummaa amantoota
hundumaa yoo ta’e iyyuu amantoonni tajaajila kana keessatti hirmaattuu ta’an
namoota “Hafuuraa” ta’uu qabu/ Gal. 6:1/. Kana jechuun amantoonni warri warra
kaan tajaajiluu keessatti hirmaatan kun Hafuura Qulqulluutiin kan guutamanii fi
hafuuraan kan kan geggeeffaman , akka seera hafuuraatti kan deddeebi’an, jireenya
isaaniitti qulqullummaatti kan deddeebi’anii, amanaa cubbuu keessatti kufe gargaaruu
fi gara qalbii jijjiirrannaatti akka deebi’u gochuuf dandeettii kan qaban, ilaalchi
isaniimadaalii isaa kan eege kan ta’anii fi shaakala kiristaanummaa dhugaa kan qaban
ta’uu qabu jechuu dha.

26
Boqonnaa Afur (4)
Kunuunsi Tiksummaa Warra Kamiif Kennamaa?
Kunuunsi tiksummaa saba Waaqayyoo hundumaaf, kana jechuunis warra ilmooleef,
giddugaleessaa fi hoolotaaf tajaajila kennamu dha/ Yoh. 21:15-17/. Kunis:
1. Ijoollotaaf

Waldaa kiristaanaa keessatti baayyinni ijoollotaa baayyee ol ka’aa dha. Garuu immoo
akka baayyina isaaniitti yoo ilaalle xiyyeeffannaan kan itti kenname hin
fakkaatu.Akka aadaa baramee jiruutti ijoollotaaf iddoonii fi kunuunsi gaariin akkuma
hin kennamne waldaa kiristaanaa keessattis haalli isaa wal fakkaataa dha. Kunuunsa
tiksummaa ijoollotaaf kennamu bifa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Inni jalqabaa,
kallattiidhumaan kunuunsa ijoollotaaf kennamu yommuu ta’u, inni lammaffaan
immoo tajaajila warra ijoolleetiif kennamu dha. Mee dursinee kunuunsa karaa ijoollee
warra isaaniif kennamu akka kanatti fufee jirutti haa ilaallu.

Waldaan cuuphaan ijoollotaa itti raawwatamu sirnaa cuuphaa ijoollotaa gochuutiin


waldaan kiristaanaa ijoollee fi warra isaaniif yaaduu ishee agarsiisa. Waldaa
cuuphaan kun keessatti hin raawwatamne immoo sirni ijoollota adaraa Gooftaatti
kennuu ni jiraata. Sirna cuuphaatiinis ta’e sirna daa’imman gooftaatti kennuu kana
keessatti waldaan kiristaanaa gargaarsaa fi jajjabina gochuu ishee ti jechuu dha. Warri
ijoollee amma danda’ametti ijoollota Gooftaa irraa fudhatan kanaaf kan isaan
barbaachisu dhiyeessuufiif amantiidhaan kakuu galu. Warri ijoollee dhala isaanii
jaalala Kiristoosiin akka guddisaniif ni gorfamu. Warra ijoollee qofa osoo hin taanee
amantoonni warri guyyaa sirni sun raawwatu jiran illee ijoolleen gidduu isaanii jiran
wanta barbaachisu hundumaan warra isaanii kunuunsuun akka isaan irra jiru ni
hubatu.

Tiksichi sirna cuuphaa fi ijoolota adaraa Gooftaatti kennuu osoo hin raawwatiin dura
warra ijoollee mana isaaniitti osoo tuwatee gaarii dha. Cuuphaan ijoollee ykn
Gooftaatti adaraa isaan kennuun maal akka ta’e warra ijoollee waliin dudubbachuun
barbaachisaa dha. Sirni kun erga raawwatamee booda illee tuwannoo maatii
gochuuniif barbaachisaa dha. Sirna kana booda warra ijoollee sanatti maaltu akka

27
isaanitti dhaga’ame fi itti gaafatamummaa warra ijoollee ilaalchisee sagalee
Waaqayyoo keessaa isaaniif hireefii irratti isaan mariisisuuf carraa gaarii argata.

Dhalti yeroo dhufu abbaa manaa fi haadha manaaf karaa garaa garaatiin gammachuun
ykn gaddi isaan mudachuu danda’a. Haalota kana lamaan keessati iyyuu kunuunsa
amantootaa barbaachisa. Tiksichas ta’e amantoonni abbaan manaa fi haati manaa
tokko dhala yommuu argatan deemanii “Baga gammaddan jechuun gaarii dha”.

Takka takka yommuu ilaalamu abbaan manaa fi haati manaa dhala dhalatutti hin
gammadan. Sababiin isaas:

1. Saalli barbaadame hin argamiin yommuu hafu. Walumatti aansanii ijoollee durbaa
da’anii mucaa “Ilmaa” eegaa osoo jiranii ammas durbi yoo dhalatte gamaachuun
isaanii hir’achuu ni danda’a.
2. Karoora malee da’umsi/ dhalti yommuu dhufus hin gammachiisu.warri ijoollee
danda’anii guddisuu kan isaan danda’an osoo jiruu akka tasaa kan itti hin
yaadamiin dhalti yoo dhalate baga gammadan jechuun akka baga sababa gaddaa
argattan akka jechuu ti waan ta’eef gadduu danda’u.
3. Takka takka immoo wanti hin yaadamiin warra ijoollee mudachuu ni
danda’a.Kunis mucaan dhalatte dhaga’uu ykn arguu kan hin dandeenye yoo ta’e
warri ni gaddu. Kanaafuu warri waa’ee mucaa akkas ta’ee kanaaf itti
gaafatamuummaan itti dhaga’amee akka waan ofii isaanii akkas godhaniitti
yaadni isaanii isaan ceepha’uu eegala. Mucaa sanatti saalfachuu isaanii irraa kan
ka’e kan kooti jechuu illee hin barbaadan.Kunuunsi tiksummaa yeroo akkasiitti
kennamu dubbachuutiin osoo hin taanee warra dhalaa sana dhaggeeffachuutiin
dha. Warri ijoollee sun walii isaanii irrattis ta’e Waaqayyo irratti komees ta’e
dunna qaban akka isaan mul’fataniif carraa kennuufiin gaarii dha. Kana booda
waan isaan mudaatee beekuu fi muuxannoo qabuun tiksichi walii isaaniittis ta’e
Waaqayyotti akka isaan araaraman gochuu dha.

Gama biraatiin immoo tajaajila ijoollotaaf godhamu keessatti kallattiidhumaan warra


ijoollee gorsuu qofa osoo hin taanee kallattidhaan ijoollotaafis qixa isaan ilaallatuun
gochuu dha.Kunuunsa tiksummaa ijoollotaaf kennamu keessatti gochaalee garaagaraa

28
fi seenaa tokko tokko fayyadamuun barbaachisaa dha. Walitti dhufeenyi tiksichi
ijoollee waliin qabu jireenya isaanii keessatti dhiibbaa gaarii fiduu danda’a.
Fakkeenyaaf:

1. Maqaa isaanii yaadatti qabatee waamee nagaa gaafachuutiin


2. Dandeettii isaanii hubachuutiin itti dhiyaachuu dha. Wantoonni tiksichi dubbatu
ijoollonni akka hubachuu danda’anitti ta’uu qaba jechuu dha.
3. Kennaawwan tokko tokko isaaniif kennuutiin. Kennaa kana kennineefii
Waaqayyo Kiristoosiin akka nuuf kenne yoo itti himne ni hubatu.
4. Waggaa keessatti guyyoota waaqeffannaa murtaa’an ijoollotaaf
dhaabuutiinijoollonni yommuu faarfatanii fi sagalee Waaqayyoo dubbatan
dhaga’uun baay’ee namatti tola. Galanni afaan ijoollotaatii ba’u fakkarsuu diinaa
gab godha /Far. 8:2/. Kanaafuu ijoollota hirmaachisuuf qofa osoo hin taanee
ergaa Waaqayyo karaa ijoollotaa qabus akka hin dhabneef takka takka ijoollotaaf
sagantaa waaqeffannaa kennuun barbaachisaa dha.
5. Ijoollonni warra isaanii wajjiin waldaa kiristaanaa keessatti tokkummaa akka
godhatan gochuu. Fakkeenyaaf: wajjiin nyaachuu, dhuguu, fi kkf .
6. Guyyaa dhaloota ijoollee yaadachuutiin yoo danda’ame qaamaan, yokkiin immoo
bilbilaan “Baga gammadde” jechuutiin tokkummaa ijoollota waliinii cimsuun
gaarii dha.

Karaan waldaan kiristaanaa ittiin ijoollotaaf kunuunsa kennitu inni biroon immoo
mirga ijoollotaaf dhaabachuu dha. Ijoollonni balaa jalaa mataa isaanii oolchuu kan
hin dandeenye kennaa gati-jabeessa warra beekanitti /warra isaaniitti / kennamanidha.

Kennaawaan gati-jabeeyyii akkasii kana immoo warri ijoollees ta’e


guddiftoonni mirgi isaanii yeroo sarbamu isaaniif abukaatoo /abbaa falmaa/
isaniif ta’uun barbaachisaa dha. Mirgi ijoollotaa karaa garaa garaatiin
sarbamuu ni danda’a. Fakkeenyaaf:
a. Nyaannii fi uffanni utuma jiruu ijoollotaaf karaa barbaachisaa ta’een kennuu
dhiisuu.
b. Ijoollee mana barumsaatti erguun utuu danda’amuu erguu dhiisuu
c. Miidhaa qaamaa kam iyyuu ijoollota irratti gochuu

29
d. Akka mihiira isaanii miidhuu danda’utti jechaa hin taane itti dubbachuu fi
arrabsuu.
e. Umurii malee ijoollota walgunnamtii saalaaf fayyadamuu
f. Hubannoo sirrii hin taane sammuu ijoollotaa irratti dhangalaasuu
g. Jaalala ijoollee tuffachuu
h. Ijoollotaaf yeroo, qabeenyaa fi xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu

Egaa akkuma Gooftaan Yesuus godhe waldaan har’aas ijoollotaaf bakka


kennuunii fi xiyyeeffanno keessa galfachuun tajaajiluun barbaachisaa dha.

2. Dargaggootaaf

Yeroon dargaggummaa yeroo itti isaan gara nama ga’aa ta’uutti ce’aa jiran waan
ta’eef yeroo itti rakkooleen garaa garaa isaan mudatani dha. Yeroon kun yeroo itti
dargaggaoonni warra isaanii fi waldaa kiristaanaa jalaa iyyuu adda of baasan waan
ta’eef kunuunsi tiksummaa barbaachisaa ta’e hin kennamuuf yoo ta’e waldaa
kiristiyaanaa jireenya dhugaa isheen qabdu keessaa baasuu ni danda’u. Kanaafuu
tikseen waldaa tokko dargaggootaaf kunuunsa tiksummaa barbaachisaa ta’e gochuuf
kan isa irraa eegaman gochaaleen tokko tokko ni jiru. Isanis: Dursa- gama jabinaa fi
dadhabina mataa isaa beekuu fi gama dadhabinaa qabu sana sirreessuu dha.
Lammaffaa- haala jireenya hawaasummaa, aadaa fi qabeenya amantoota
sanaasirriitti hubachuu qaba. Tiksichi kana erga godhee booda gara akaakuu tajaajilaa
raawwachuutti seenuu ni danda’a.

Sirnaalee garaa garaa waldattiin qabduu fi seenaa dhufaatii / argama ishee


dargaggootaan beeksisuun dargaggoonni waldattii akka jirutti akka fudhatan taasisuuf
qofa otoo hin taanee sana erga beekanii booda dhimmichi jireenya isaanii keessatti
attamittin akka inni ilaalamuu fi sirnichi akka bara isaaniitti attamittiin isaan
fayyaduu akka inni danda’u beekuuf isaan gargaara.

Waldaan kiristaanaa dargaggoonni ishee amaloota babbadoo ta’an kanneen akka


dhugduu, xuuxxuu, fi dhukkuboota balaafamoo ta’an akka Eedsii fi kkf tti kan ta’uu
isaaniin dura barnootaa fi leenjii of eeggannoo dhaabbataa ta’e isaaniif qabaachuu
qabdi. Akka tasaa kanneen olitti caqafaman keessaa tokkotti yoo isaan miidhaman

30
immoo kunuunsi barbaachisaanii fi ga’aan ta’uufii qaba malee irraa gargar bu’uunii fi
qooddaan hin taane isaan irratti ta’uu hin qabu.

Tikseen waldaa kiristaanaa tokko karaa baay’ee dargaggoota waldaa keessa jiraniif
kunuunsa gochuu danda’a. Isaanis:

- Hala dargaggootaa wajjiin kan adeemuu barnoota qopheessee barsiisuutiin.


- Dargaggoonni sagantaa mataa isaanii akka isaan qabaatan dadammaqsuu fi
tajaajiltoota amantii fi tajaajila fayya-buleessa qabaniin akka isaan tajaajilaman
haala mijeessuu.
- Waaqeffannaa waldattii irratti akka waliigalaatti yeroo murtaa’eef sagantaa
baasuufii.
- Dargaggoonni adumsa jireenya hafuuraa isaanii keessatti kan isaan mudate
gaariis, kufaatii isaaniis, wanta jireenya isaaniitti gufuu ta’us baasanii akka
dubbataniif carraa banuufii.
- Tokko tokoo dargaggootaa beekuu fi gochi gaariin isaan qaban yoo jiraate immoo
galateeffachuu dha. Fkn mana barumsaatti dargaggoon tokko qabxii gaarii fidee
waraqaan dhuga-ba’umsaa kennameeraaf taanaan, waldaan kiristaanaas kanatti
gammaduu ishee dhageessisuu qabdi.
- Dargaggoota rakkoo addaa qaban xiyyeeffannaa adda ta’e itti kennuutiin
kunuunsa addaa gochuufii dha.
- Gaaffiiwwan dargaggoonni kaasaniif immoo deebbii ifa ta’ee fi madaalamaa ta’e
kennuutiin isaan tajaajiluu dha. Tikseen ogeessi gaaffii isaan kaasan kana irra
dhaabbachuutiin yaada isaan qaban xiinxaluu fi hubachuu ni danda’a. Walitti
dhufeenyi akkasii dargaggoonni sunii fi tiksichi sirriitti akka wal baran gochuu
caalaayyuu ammam akka tiksichi dargaggoota sanaaf iftoomina qabuu fi dhoksaa
isaanii eeguuf amanamaa ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama.
3. Namoota Warra Umurii Ijoollummaa Keessa Jiraniif
Namoota warra umurii ijoollummaa keessa jiran warri jedhaman xiqqoo
dargaggummaa irraa gara nama guddummaatti ce’aa kan jiranii fi umuriin isaanii
immoo 20-35 gidduu kan jiru dha. Namoota umurii kana keessatti argaman
kunuunsuuf xiyyeeffannoo barbaachisu beekuun faayidaa qaba. Isaan keessaas:

31
- Dhimma gaa’elaa- fuudhu moo dhiisu? Eenyuun fuudhu? Gaafiiwwan kanaaf kan
kana fakkaataniif gargaarsa gaafatu.
- Haalota garaa garaatiin qabamanii waldaa keessa qofaa isaanii kan jiraatan /
hiriyyaa gaa’elaa kan hin qabne / kunuunsuu dha.
- Sababa hojiitiin bakka itti baran tokkoo gara bakka haaraatti warra dhufan rakkoo
isaan mudachuu danda’u itti yaaduutiin kunuunsuu dha.
4. Gurguddoota Umurii Giddu Galeessaarra Jiran Kunuunsuu

Gurguddoota umurii giddu galeessaa warri jedhaman warra umurii 35- 60 gidduu
ta’an dha. Akka namichi Iriksen jedhamu tokko dubbatetti sadarkaa guddina dhala
namaa keessatti namoonni umurii giddu galeessaa isa jedhamu kana keessa yommuu
galan hojii dhaloota itti aanuuf fayyadu yeroo isaan itti hojjetani dha jedheera.
Fakkeenyaaf: ijoollee guddisanii firii tokko irraan ga’uu, dhaloota dhufuuf wanta
seena qabeessa ta’e tokko hojjechuu, hawwaasichaaf hojii gaarii gochuu fi kkf. Egaa
akka kanaatti kunuunsi tiksummaa kan inni kennamu namoonni kun godhamuuf haala
barbaachisaa ta’etti gargaaruuf dha.

Ta’uyyuu namoonni umurii giddu-galeessaarra jiran hundi hojii olitti caqafame kana
raawwachuutiin firi- qabeeyyii hin ta’an. Kunis diriqama abbummaa isaanii ba’an
dhaloota itti aanuuf nuti kana hojjenneerra jedhanii namoonni dubbachuu hin
dandeenye namoota kufaatiin hafuuraa isaanitti dhaga’amu waan ta’aniifidha. Yeroo
akkasiitti namoonni kunuunsa tiksummaa adda ta’e barbaadan kanatti aananii kan
jiranidha.

- Ijoolleen isaanii guddatanii amantaa abboota isaanii kan dhiisan: ijoolleen


tuwannaa warra isaanii jala yommuu turan amantiitti qabamanii jiraachaa turanii
booda erga guddatanii immoo amanticharraa yoo fagaatan mihiirri warraa ni
miidhama. Warri ijoolleen isaanii amantiirraa kufuun isaanii akka rakkoo mataa
isaanii /kan warraa / ta’etti yaaduutiin ni gaddu. Mihiirri ittigaafatamummaas
waan itti dhaga’amuuf gargaarsi isaan barbaachisa. Egaa tiksichi namoota
muuxannoo akkasii keessa darban akka gareetti ijaaree akka isaan wal gargaaran
gochuu ni danda’a.

32
- Warri ijoolleen isaanii haala adda addaatiin mana dhiisanii kan deeman kunuunsa
tiksummaa isaan barbaachisa. Ijoolleen barumsaanis ta’e haala adda addaatiin
mana warra isaanii dhiisanii deemu. Akkuma simbirroon yeroodhaaf cuucota
ishee of jalatti kunuunsaa turtee booda immoo of danda’anii gara barbaadan
deeman sanaa, warri ijoollees takka maatii hedduu waliin jiraachaa turanii sababa
adda addaatiin gaafa qofaa manatti hafan mihiirri qofummaa itti dhaga’am.
Knaafuu yeroo akkasiitti kunuunsi tiksummaa barbaachisaa ta’e karaa waldaa
kiristaanaa isaan akkasiif godhamuu qaba.
- Abbaa manaa fi haadha manaa rakkina gaa’elaa qabaniif:balaa umurii giddu-
galeessaa inni jedhamu kan inni mana mudatus yeroo kana dha. Kanafuu yeroo
akkasiitti kunuunsi tiksummaa warra umurii akkasii keessa jiraniif taasifamuu
qaba. Dubartoonni daraan ji’a ji’aan dhufu sun gar-malee yeroo itti dheeratu
/dhaabbachuu didu rakkinni isaan mudachuu ni danda’a. kunis gaa’ela isaanii
irratti gaaffi uumuu ni danda’a.
- Haala Hojii: haala hojii waliin wal qabsiisee namoonni kunuunsi tiksummaa
barbaachisuuf warra attamii tii?
1. Namoota sababa adda addaatiin hojiirraa ariyaman-kun tarii qaamni
hojjechiisu sun hojjetoota hir’isuu yommuu barbaadu ta’uu danda’a. tarii
immoo hojjettoonni sun hojii sanaaf barnoota ga’aa waan hin qabneef ta’uu ni
danda’a.
2. Hayyama ofii isaaniitiin hojjetoonni hojii gaarii irra osoo jiranii dhiisanii
mana barumsaa yommuu galan.
3. Hojiin isaan hojjechaa jiran sun jaalala Waaqayyootii fi mitii isaa hubachuuf
yommuu ka’an hojicha gad dhiisuu fi itti fufanii hojjechuu gidduutti bita isaan
galuu ni danda’a.
4. Hojii Waaqayyootiif waamicha qabaatanii hojii hojjechaa jiran sana gad-
dhiisuu dadhabuutiin wallaansoo keessa kan jiran.
5. Waamicha Waaqayyoo sababeeffachuutiin gosa hojii hojjechuu hin barbaanne
gad-dhiisuu kan barbaadan.
6. Haala dirqisiisaatiin hojii isaanii kan gad-dhiisan. Fakkeenyaaf dhukkubaan.

33
 Dhukkubaan kan rakkatan: gara xumura umurii namootaa kanatti rakkinni
dhufu hirkattummaa fi qofummaa namatti fiduu irra iyyuu darbee
dhugumaan yeroo itti duuti qabatamaan namatti dhiyaatte waan ta’eef
xiyyeeffannoo guddaa gaafata.
5. Warra Jaarsomaniif /Dulloomaniif

Namoonni kun warra umurii dhumaa irratti argamani dha. Isaan warra hojiirraa
dhorkaman, kana jechuunis warra soorama ba’anii fi ba’aa jirani dha. Ilaalcha
isaaniitiin amala ijoollummaa agarsiisu. Kana jechuunis dubbii hunda iyyuu akka
yaada isaanii qofatti ilaaluu baayyisu. Ilaalchi sirriin kan maataa isaanii qofa akka
ta’etti yaadu. Kanarraan kan ka’e namoota wajjiin walitti bu’u.

Namoonni umurii akkasiirra jiran kun mallattoon isaan agarsiisaninni biroon immoo
qaamnii I sammuun isaanii dadhabaa dhufuu isaa ti, akka garaa isaanii socho’uu
dadhabaa dhufu, dandeettiin dhaga’uu fi arguu idaaniis hir’ataa dhufa, dandeettiin
dubbii tokko yaadachuu isaaniis ni hir’ata, keesumaayyuu wanta dhiyootti ta’e
yaadachuu ni dadhabu. Seenaawwan baayyee turan garuu ni yaadatu. Isumayyuu
immoo maddi odeeffannoo isaanii kan waliin dha’ame ta’uu ni danda’a. Waan tokko
salphaatti yaadachuuf yeroo dheeraa fi dhamaatii cimaa gaafata.

Waantoota warri dullooman itti dhiphatan keessaa inni jalqabaa waa’ee du’a dha.
Duuti warra dullomanitti dhiyoo akka ta’etti yaadama. Dhuguma iyyuu immoo itti
dhiyoo dha. Kanatti dabalees immoo namoonni umuriin isaanii waggaa 60 ol ta’an
kun yeroo isaan itti bara dabarsan madaalanii ilaalanidha. Fakkeenyaaf, yeroon isaan
dabarsan yeroo gaarii fi mijataa yoo ta’e ni gammadu, du’a illee hin sodaatan.
Yerooon isaan dabarsan gaarii miti yoo ta’e immoo ni gadduu, du’as ni sodaatu.

Egaa warra dullooman kanaaf kunuunsi tiksummaa godhamuu qabu du’a qophaa’anii
akka eeggataniif jajjabeessuu dha.

34
Boqonnaa Shan (5)

Tajaajilli Gorsa Tiksummaa Maali dha?

Gorsi tiksummaa tajaajila kunuunsa tiksummaa keessaa tokko yommuu ta’u


xiyyeeffannaan isaa immoo amantoonnii akka dhuunfaa isaaniitti, akka maatii
isaaniitti fi akka gareetti illee rakkina isaan mudatu akka haalota isaaniitti gargaaranii
akka isaan rakko isaaniirraa gad-dhiifatanii jireenya hunda galeessa fiixaan ba’umsa
qabu akka jiraataniif gargaaruu dha. Tajaajilli gorsa tiksummaa karaawwanii fi
tooftaawwan garaagaraa fayyadamuutiin amantoonnni dhibee qabanirraa akka
hiikaman gochuu dha. Tajaajila gorsa tiksummaa keessatti haala sirriitiin fiixaan
ba’umsa argachuuf tajaajilaan gorsa kennu sun akka meeshaatti kan inni itti
fayyadamu seera/ aadaa waldaa, amantii fi sirnoota ishee ti.

Gorsi tiksummaa baayyinaan kan inni irratti xiyyeeffatu amantoonni dhibbee akkasii
qabna jedhanii waan isaan ibsatan irratti dha. Tajaajilli isaas kan qindaa’e dha. Jechi
gorsa jedhu mataan isaa illee gorsa barbaacha amanaan dhufe akka jiru fi isagorsu
sana gidduu yeroonii fi bakki qindaa’aan akka jiru kan agarsiisu dha. Yaadnii gorsaa
yommuu ka’u amanaan rakkoo adda ta’eef furmaata barbaacha akka dhufe ibsa.
Takka takka amantoonni rakkina akka qaban ni beeku, garuu immoo rakkinni isaanii
maal akka ta’e beekuu dhabuu ni danda’u.

Kunuunsa tiksummaa keessatti qunnamtiin kan eegalu tiksichi gara amanaa


deemuutiin yommuu ta’u tajaajila gorsaa keessatti immoo amantoonni gara tiksichaa
dhufuutiin qaunnamtiin eegala. Yeroo baayyee tiksichi dhimmicha hin eegalu. Gorsi
tiksummaa qabiyyee hafuuraa yoo qabaateyyuu kan inni irratti xiyyeeffatu tajaajila
hafuuraa hunda isaa irratti osoo hin taanee rakkina/dhibee uumame sana qofa irraatti
dha. Hawaasa amantootaa keessaa inni tokko rakkoo hafuuraa, yaadaa, hawaasaa
yokaan immoo kan birootti kufee gargaarsaaf tiksicha yommuu barbaadu gorsi
eegala.

Tajaajilli tiksummaa ayyaana Waaqayyootiin gargaaramanii amantoota dhibaman


Waaqayyoo akka abdii sagalee isaatiitti isaan wajjiin akka jiru beekuutiin amantoonni

35
jireenya isaanii akka ta’utti karaa fiixaan ba’umsa qabuun of geggeessuu akka
danda’an karaa qindaa’een yeroo muraasaaf kan kennamu tajaajila jajjabinaa ti. Kana
jechuunis yaadni hundee tajaajilli gorsaa amantoonni rakkatan madaa isaanii, mormii
isaanii fi dhiphina isaanii gara Waaqayyoo fidatanii fayyina akka argataniif tajaajila
gargaaru dha. Kun tajaajila tikseen tokko gochuu qabu keessaa isa angafa dha.
Tikseen amantoota rakkatan wajjiin ta’uutiin jecha isaatiin jajjabeessuutiin amanaa
sana fayyisuuf, tursiisuuf, geggeessuuf, araarsuu fi guddisuuf gara Waaqayyootti akka
dhiyaatuf isa gargaara.

Tajaajilli gorsaa gaaffii amanaatiin eegalee kaayyoon itti jalqabameef yommuu


fiixaan ba’u raawwatama. Kunuunsi tiksummaa garuu kan inni raawwatu amanaan
sun du’aan addunyaa kana irraa yommuu inni addaan ba’u/ hawaasa amantootaa sana
dhiisee gara bakka biro yoo inni deeme qofa dha.

Tajaajila kunuunsa gorsaa keessatti rakkina dhuunfaa amanaan tokko qabu otoo hin
bariin sagalee Waaqayyoo barsiisuu/lallabuutiin eegaluu hin qabu.Rakkina amanaa
tokkoo erga sirriitti hubatee booda immoo tikseen sun dubbii Waaqayyoo keessaa
dubbisuutiinis ta’e kadhachuutiin tajaajila gorsa isaa itti fufuu ni danda’a. gorsi
tiksummaa qunnamtii yeroo tokkootti qofa kan ga’u osoo hin taanee akka haala
rakkina amanaa sanaa fi akka hayyamamaa ta’uu tiksichaatti yeroo dheeraadhaaf
tajaajila itti fufee turu ta’uu ni danda’a.

Tajaajila gorsa tiksummaa keessatti daangaan ni jira. Tiksichi akkuma gorfamaa


sanaa amanaa gorsu sana waliin walitti dhufeenya qabu karaa madaalamaa ta’ee fi
safuu isaa eegeen gochuun itti jira. Kaayyoowwan gorsa tiksummaa galmaan
geessisuuf daangaa mataa isaa danda’ee fi sarara qunnamtii barbaachisa.

Gorsi tiksummaa tiksichi amanaa rakkina keessatti kufe wajjiin ta’uudhaan deemsa
inni furmaata itti barbaadu dha. Tiksichi amanaa sana wajjiin ta’uun isaa amanaa
sanaaf hiika mataa isaa qaba. Kunis tikseen tokko amanaa sana wajjiin yeroo ta’u
muuxannoo fi ogummaa gorsaa qabuun amanaa sana gargaara jechuu dha. Kanaafuu
tajaajilli gorsa tiksummaa kun seera kan hin qabne osoo hin taane karaa seera
qabeessea ta’ee fi yeroodhaa fi bakkaan qindaa’ee kan kennamu dha. Tiksichii fi

36
amanaan sun beellamaan yeoo fi bakka mijataa itti kennanii wal arguu qabu. Eggaa
kanarraa akka hubannutti tajaajilli gorsa tiksummaa kun waaqeffaannaa dura /booda
amantoota wajjiin mariyachuu, yokaan immoo karaa irratti amanaa tokko argatanii
waliin dudubbachuutiin kan raawwatamu miti.

37
Boqonnaa Jaha (6)

Kaayyoowwan Tajaajila Gorsa Tiksummaa

Tajaajilli kam iyyuu firi-qabeessa akka inni ta’uuf yoo barbaachise kaayyoo
qabaachuun irra jira. Gorsi tiksummaa kaayyoo ifaa ta’e hin qabu yoo ta’e hojii firii
hin qabne ta’a. gorsi tiksummaa kaayyoo gorsaa warra kaanirrraa adda ta’uu qaba.
Tikseen tokkoo yeroo tajaajila gorsaa kennu keessatti kaayyoo isaa godhachuu kan
inni qabu keessaa warri ol aanoon kanatti fufanii kan jiran ta’u.

1. Haalota Guddina Hafuuraatiif Barbaachisan Mijeessuu dha.


Kana jechuun amantoonni rakkinoota isaanii waliti-dhufeenya Waaqayyoo isaanii
wajjiin qaban wajjiin walqabsiisanii akka hubatan gargaaruu dha. Rakkinni
jireenya hafuura isaanii keessatti isaan qaban maddaa rakkinoota kan biros ta’uu
akka danda’u ibsuufii dha.
Dhalli nammaa Waaqa Waaqeffatu wajjiin qunnamtii hafuuraa gochuu akka
danda’utti uumama uumame dha. Dhalli namaa qunnamtii gochuuf dandeettii
waan qabuuf mataa isaa waliin, hawaasaa fi Waaqa isaa waliin qunnamtii gochuu
ni taasisa. Egaa rakkinni dhala namaa kunis kanneen inni waliin qunnamtii godhu
kana waliin kana wal qabate malee dhuunfaa/ qofaa isaatti adda ba’ee rakkinni
mullatu akka hinjirre beekamaa dha. Kanaafuu rakkinni amantootaa kan hafuuraa,
kan yaadaa, kan haawaasaa / naannoo ta’uu ni danda’a.
Akka sadarkaa yaada gorsa tiksummaatti rakkinni hafuuraa madda rakkinoota
heedduu ti yaadni jedhu jira. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle Addaamii fi Hewaan
jalqabatti Waaqayyoo irraa otoo addaan hin ba’iin dura Waaqayyo wajjiin, maataa
isaanii wajjiin, walii isaanii fi naannoo isaanii wajjiin qunnamtii gaarii qabu turan.
Garuu immoo qunnamtiin isaan Waaqayyo waliin qaban gaafa jalaa yaratu, isa
jalqabaa mataa isaanii wajjiin waan wal lolaniif of simachuu dadhaban. Kana
jechuunis akka afaan bara kanaatti rakkinni yaadaa isaan mudate jechuu dha Uma.
3:7 /They faced psychological problem it means/. Mataa isaanii simachuu
yommuu dadhaban immoo walii isaanii waliin qunnamtiin isaan qabaachaa turan
jalaa yarachaa dhufe. Inni tokko isa kaan himachuu eegale. Inni tokko

38
badii/rakkina mataa isaa simachuurra badii ofiisaa akka kan namaatti itti
qabachuutti ka’e. qunnamtiin hawaasummaa isaaniis akkasuma yarachaa dhufe
/Uma. 3:12-13/. Rakkinni yaadaa fi hawaasummaa erga dhufee booda immoo
rakkinni naannoos ni uumame. Qunnamtiin isaan dachee waliin qabanis akka
duraanii gaarii ta’uun isaa ni hafe. Kanatti dabalees immoo Addaamii fi Hewaan
lafa turan sanaa buqqa’uun isaaniis ni ta’e. Isaan godaantota warra jalqabaa ta’a.
jireenya jannataa keessaa gara bakka isa qoraattii fi baalaan waraantee biqilchuutti
galan / Uma. 3:17-23/.
Egaa asirratti hubachuun kan nuuf ta’u rakkinni hafuuraa madda rakkinoota
hedduu/kan biro akka inni ta’e dha. Gama biraatiin immoo rakkinoota nama
mudatan kam iyyuu dhimma hafuuraa wajjiin wal qabsiisuun bala qaba. Gara
tokkoo tokkoo rakkina namootaa yommuu dhufnu kan isaan tokkoo maddi isaa
jireenya hafuura isaanii yommuu ta’u kan walakkaa isaanii immoo hafuura miti.
Fakeenyaaf, namni kam iyyuu kan inni dhukkubsatu waan cubbuu/yakka
raawwateef iti. Garuu immoo dhukkubni sun firii cubbuu ta’uu ni danda’a. Egaa
gorsi tiksummaa dhugaa kana hubachuutiin amantoonni rakkinoota isaanii akka
hiikkatan gargaaruutiin namoonni Waaqayyo wajjiin qunnamtii qaban akka
gaariitti hubachuu akka danda’aniif haalota mimmijeessuu qaba. Rakkinni
hafuuraa ifaa ta’e kan hin mul’anne yoo ta’e immoo sababawwan kanbiroo
barbaaduu eegaluu dha.
Tiksichi rakkina amanaa tokkoo ilaalee madda isaa gara hafuuraatti yeroo deebisu
of eeggachuu qaba. Rakkinoonni sun rafuura wajjiin kan wal qabatan akka ta’anii
fi kan wal hin qabatiin ta’uu isaanii adda baasanii beekuuf kennaa waa gargar
baasanii beekuu qabaachuun barbaachisaa dha. Tiksichi rakkina amanaa sanaaf
madda ta’a jedhee kan hubate sana amanaa sana walii dudubbatee lamaan isaanii
iyyuu geggeessa Hafuura Qulqulluu dhimmicharratti barbaaduun barbaachisaa
dha. Rakkinoonni sun jireenya hafuuraa waliin akka wal qabatan sirriitti
hubachiisuu kan danda’u Waaqayyo dha. Kanatti dabalees ragaalee jiran karaa
sirrii ta’een itti fayyadamuutiinis ta’e sagalee Waaqayyoo giddu-galeessa
godhachuutiin haalli amanaa sanaa akka ilaalcha hafuuraatti maal akka fakkaatu
hubachuun ni danda’ama.

39
Egaa tajaajilli ogummaa tiksichaa inni ol aanaan jireenya hafuura amantootaa
ijaaruu waan ta’eef gorsa tiksummaa keessatti kaayyoon ol aanaan sammuu
tiksichaa keessa jiraachuu qabu jireenya hafuuraa amanaa gorfamu sanaa haala
inni keessa jiru sana keessaa fuudhee gara sadarkaa fooyya’aa ta’eetti ceesisuu
dha. Kallattidhaanis ta’e al kallattidhaan karaan ittiin amanaan sun rkkoo isaatiif
furmaata argatu sun qunnamtii hafuuraa inni Waaqayyo wajjiin qabu kan ijaaru
ta’uu qaba. Gorsa tiksummaa keessatti guddinaa fi fayy-buleesssummaa jireenya
hafuuraa argamsiisuun eddoon guddaan itti kennamuu qaba.
2. Amantoonni Rakkina Qabanirraa Bilisa Ba’anii Barumsaa fi Jireenya Haaraa
Argachuutiin Guddina Waliigalaa akka Argataniif Gargaaruu dha.
Tajaajilli gorsa tiksummaa guutummaa guutuutti haala jireenya amanaa gorfamu
sanaa hin jijjiiru. Kana jechuun isa gorfamu sana kan sodaachisu fi maddoonni
rakkinichaa otuma jiranii tajaajilli gorsaa kun gorfamaan kun ayyaana
Waaqayyootiin gara shaakala haaraatti haala inni ittiin seenu mimmijeessa.
Kanaafuu tajaajilli gorsa tiksummaa haala qabatamaa gorfamaa sanaa jijjiiruu
dhiisuu danda’a. garuu immoo haalota rakkisoo keessa jiru sanaaf haala inni ittiin
mormii barbaachisaa gochuu dand’u ni mijeessaaf.mormichis halota rakkisoo
sana jijjiiruuf osoo hin taanee haalonni sun otuma isaan jiranii gorfamaan sun
karaa inni ittiin milkaa’uu danda’ uummuu dha.
3. Dhukkubaanis ta’ee Bu’aa ba’iiwwan Jireenyaa warra kaaniin tokkummaa
amantootaarraa namoota adda ba’an gara hawaasa amantootaatti deebisuu dha.
Tiksichi amantoota warra jooranii fi warra haala nagaa keessa hin jirreef
kunuunsa tiksummaa barbaachisaa ta’e kennuutiin amantoota rakkinoota
garaagaraatiin qabamanii jiran karaan ittiin barbaadan karaan filatamaan karaa
tajaajila gorsa tiksummaa kana akka ta’e beekuu qaba. Kun fakkeenya tiksicha
isa gaarri ti. Inni Sagaltamii salgan warra tulluurraa achumatti dhiisee ishee
keessaa badde tokkitti barbaacha dhaqe /Mat.18:12-13/.
Amantoota haala gaarii keessatti argamaniif tajaajila kunuunsa tiksummaa
barbaachisaa ta’e otuma kennuufii amantoota warra badanis barbaaduun hojii
tiksichaa isa biroo dha.

40
Tajaajilli gorsa tiksummaa baay’eetti kan inni barbaachisu amantoonni haalota
tokko tokko keessatti madaa’anii jireenya kennuu kan danda’uu tokkummaa
obbolootaarraa yoo citanii fi shaakala mataa isaanii miidhu keessa yoo seenani
dha Far. 133:3/. Amantoonni akkasii kun maawwan isaaniirraa kan isaan fayyan,
kan isaan shaakala badaa baran sanarraa deebi’anii gara tokkummaa
qulqullootaatti kan isaan dabalamanii fi jireenya fayya-buleessa ta’e jiraachuu kan
isaan danda’an tajaajila gorsa tiksummaa barbaachisaa ta’e yoo argatani dha.

41
Boqonnaa Toorba (7)

Tajaajilli Gorsa Tiksummaa Eessatti Kennamuu Qaba?

Tajaajilli gorsa tiksummaa waldaa keessatti kennama.Sababni isaas tajaajilli gorsaa tajaajila
waldaa kiristaanaa waan ta’eefi dha. Tajaajilli gorsa tiksummaa caalaatti fiixaan ba’umsa kan
inni godhatu akkaataa itti waldaan nama gorsitutti yoo ta’e dha. Gorsi akka waldaatti ta’u kun
caalaatti akka fudhatamu kan isa taasise maalummaa waldaa kiristaanaa fi hojii ishee namoonni
dursanii waan beekaniif tajaajilli gorsa tiksummaa achitti kennamu haaraa isaanitti hin
ta’u.Ttiksicha gorsa tiksummaatiin tajaajilu sana duraaniyyuu tajaajila gorsaa warra kaan
keessatti sirriitti waan beekaniif innii fi ilaalchi inni qabu maal akka ta’e adda baafachuuf yeroo
hin fudhatu. Gama biraatiin immoo waldaan kiristaanaa bakka callisaa, wabii qabuu fi bakka
namoonni itti Waaqayyo waliin wal qunnaman waan ta’eef gorsaaf iddoo kam irra iyyuu bakka
mijataa ni ta’a.

Waldaan kiristaanaa bakka mijataa ta’uu qofa iyyuu otoo hin taanee bakka walga’ii qulqullootaas
immoo waan ta’eef tajaajilli gorsa tiksummaa achitti kennamu haala qindaa’aa ta’ee fi inni tokko
isa kaan amanuu, akkasumas hawaasa kunuunsi gaariin keessa jiru waan ta’eef dha. Kun immoo
gorsa tiksummaaf gumaacha guddaa kenna. Amanaan rakkina keessatti kufe tokko qofaa isaa hin
ta’u jechuu dha. Tiksicha tajaajila gorsaa kennu sanatti dabalamaniiyyuu hawaasni amantootaa
marti gorfamaa sana waliini dha. Miidhamni amanaa tokkoo miidhama warra kaaniitis. “Funyaan
dhoofnaan iji boo’a akkuma jedhamu qaama Kiristoos keessatti qaamni tokko yoo miidhamu
qaamoonni biroonis nagaatiin akka hin boqonne waan godhuufi dha /1Qor. 12:26/.

Kanaafuu qaama rakkate gargaaranii, hirkisanii fi kunuunsa barbaachisaa godhaniifii gara haala
fayyummaatti deebisuun ittigaafatamummaa tokkummaa amantootaa ti. Amanaan rakkina
keessatti kufe sunis gara haala gaariitti yommuu deebi’u hawaasa amantootaa kan gammachiisuu
fi tokkummaa isaaniis kan jabeessu ta’a. Egaa kunuunsi tiksummaa haala kana fakkaatuun kan
kennamu yommuu ta’u tajaajila tiksichi kennurratti dabalees gargaarsi tokkummaa amantootaas
isa dhibame sana waliin akka ta’e dha. Kanaafuu tiksichii kana hubatee amantoonni rakkina wal
faakkaatu qaban waa’ee rakkina isaanii waliin akka mariyatan taasisuu ni danda’a. Kun immoo
walirraa akka baratanii fi mihiirri qofummaas akka isaanitti hin dhaga’amneef isaan gargaara.

42
Gorsi tiksummaa waldaa keessatti kennamuun isaa kan inni fayyadu keessaa inni tokko immoo
rakkina amanaa dafanii hubatanii gargaaruuufi dha. Tikseen sunii fi amanaan haala baayyeetiin
wal qunnamu waan ta’eef tiksichi amanaa isaa akka gaariitti wan beekuuf tokkoon tokkoo
amanaa rakkina maalii fi haala maalii keessa akka hiraatu beekuuf carraa qaba jechuu dha. Kin
immoo rakkina amantootaa dafanii akkuma baraniin furmaata itti kennuuf isa gargaara. Tajaajila
gorsaa waldaatii alatti ta’u keessatti inni gorsu rakkina warra gorsa barbaadanii dursee karaa
ittiin beeku hin qabu. Gorsi tiksummaa garuu tokkummaa qulqullootaa /waldaa kiristaanaa/
keessatti kan kennamu waan ta’eef rakkinni jiru dafee ni dhaga’ama.

Kana yommuu jennus rakkinni jiru yeroo mara dafamee qaqqabama jechuu miti. Fakkeenyaaf,
tikseen amantoota 800 tajaajilu tokko rakkina tokkoo tokkoo amanaa sanaa beeka jechuun
rakkisaa dha. Lakkoofsi amantootaa osoo xiqqaatee, tiksichis rakkina hunda isaanii yoo beeke
amantoonni dhibee isaanii ni mul’ifatu jechuus miti. Akka tasaarakkin itti hin yaadamiin maatii
hafuuraa /waldaa/ keessatti uumamee yeroo nama ajaayibsiisu ille ni jira. Akkuma fedhe illee
yoo ta’e tikseen gorsa tiksummaa rakkina amanaa sanaarra dafee ga’a. kana keessatti tiksicha
kan gargaaru rakkina amanaa tokkoo yommu argu irratti lafa dha’ee /gidduu seenuu danda’uu
isaa ti. Kunuunsi tiksummaa gorsa tiksummaaf balbala kan banu dha. Amantoonni gorsa tikseen
walii galtee fi simannaa gaariitiin karaa karaa ofii isaa kaaachisu hin morman.

Tajaajilli gorsa tiksummaa ofii isaa hojii ogummaa mataasaa danda’e osoo hin taanee
tajaajiltoonnii ogummaa isaanii tajaajila godhatan tajaajila isaan hawaasa amantootaaf kennani
dha.

‘Tiksee tajaajila gorsaa’ jedhamuun mataan isaa iyyuu karaawwanii fi tooftaawwan tiksichi itti
fayyadamee gorsa kennu kan agarsiisu osoo hin taanee waa’ee eenyummaa fi ittigaafatamummaa
tajaajilichaa waan ibsu qaba. Kunis tajaajila gorsaa sana kan kennu tiksicha ta’uu isaa agarsiisa.

Akkuma waliigalaatti yommuu ilaalamu tajaajilli gorsaa waldaa kiristaanaa keessatti ta’uun isaa
faayidaa hedduu qaba. Isaan keessaas walakkaan isaanii kan itti aananii jirani dha.

1. Waldaa kiristaanaa keessatti namoonni hundi wal beeku. Tajaajila gorsaatii alattis
haaluma ta’e tokkoon tiksicha waliin qunnamtiin ni jira. Kin immo faayidaan isaa tiksichi
amantoota umurii kam irra iyyuu jiran gargaaruuf isa dandeessisa.

43
2. Amantoonni tajaajila gorsaaf gara tiksichaa yommuu dhufan wal baranii dhimma isaanii
ibasachuuf baayyee hin rakkisu. Tajaajilaan gorsa tiksummaa sunii fi warri gorsa
barbaadan sun dursanii wal beeku yoo ta’e yeroon tajaajilli gorsaa sun fudhatu muraasa
ta’a. kana jechuunis gorsichi dafee dhumuu danda’a jechuu dha. Kanaafuu tajaajilaan
gorsa tiksummaa kennu tokko nama gorsu sana dursee kunuunsa tiksummaa keessatti
beekuun isaa namichi gorfamu sun dhibee maalii akka qabus salphaatti beekuu ni
danda’a.
3. Tajaajilaan gorsa tiksummaa /tiksichi / hawaasa amantootaa tajaajilu tokko tokkoo isaanii
akka akka maatiitti illee adda baasee waan beekuuf amantoota kana keessaa eenyu
rakkina maalii akka qabu ni beeka. Takka takka tiksichi tajaajila waldaa kiristaanaa
keessaa kutaa tokkorra tureera yoo ta’e /hojii waldaa keessa tureera yoo ta’e/ akkaataa
dhufaatii dhaloota amantoota kanaa, haala maatii isaanii, haala gaa’ela isaanii bilchina
hafuura isaanii fi ilaalcha isaanii illee baayyinaan ni beeka. Kun immoo rakkinni uumame
tokko sadarkaa miidhaa cimaarra osoo hin ga’iin dafanii furmaata itti barbaaduuf carraa
tiksichaaf kenna. Egaa tiksichi amantoota isaa beekuunii fi itti dhiyeenyaan isaan biratti
argamuun isaa dafee rakkina isaanii gidduu galee furuuf gargaara.
4. Waliif yaaduun naanoo waldaa kiristaanaa jiru namoota qofummaan isaanitti
dhaga’amuuf gargaarsa dha. Tikseen tajaajila gorsaa kennu karaa adda addaatiin
namoonni qofaatti dhiifaman gargaarsa hawaasa amantootaa fi kunuunsa akka maatiittii
akka argataniif haala kan mijeessu dha. Keessumatti iyyuu amantoonni baayyeen maatii
fi firoottan isaaniirraa adda ba’anii magaalaa waan jiraataniif kunuunsi maatii hafuuraa
isaan barbaachisa. Itti dabalees tikseen gorsaa tokko amantoonni akka waliif yaadanii fi
wal gargaaran barsiisuutiin gareewwan kunuunsaa garaagaraa hundeessuutiin amantoonni
ba’aa walii wal gargaaruutiin tokkummaa foolii gaarii qabu akka godhatan taasisuu dha.
Gama biraatiin immoo yommuu ilaallu tajaajilli gorsaa naannoo waldaa kiristaanaatti
kennamuu fi gorsi tiksichaan ta’uun isaa kun bu’a-qabeessa akkuma ta’e gama miidhaas
immoo ni qabaata. Fakkeenyaaf, tiksichi amantii waldaa kiristaanaa fi hawaasa
amantootaa bakka bu’a waan ta’eef inni gorfamuuf dhufe sun tiksicha yommuu argu
dhimma irratti gorfamuu qabu isa ifaa ta’e /namni beeku qofa haasa’ee kaan immoo
dhokfata. Haalli akkasii kun yommuu isa mudatu tiksichi dhimmoota isaan dhokfatan
sana gaarii akka hin taane hubachiisuu dhaan gara furmaataatti akka isaan dhufan

44
gargaaruun barbaachisaa dha. Egaa akkasitti namoota kana rakkoo isaanii isa
mul’ataarraas ta’e isa dhokataarraa furuun kan danda’amu tiksichi tajaajila gorsaa kennu
sun namicha sodaatee dhibee isaa gar-tokko dhokfate sana osoo hin ceepha’iin garaatti
simatee gad bu’ee yoo gorse dha.
Namoonni tokko tokko immoo mihiirri gaabbii waan isaanitti dhaga’amuuf gorsa
fudhachuuf gara tiksicha gorsa kennuu deemuu hin barbaadan.Sababni isaas tajaajilaan
gorsaa sun jireenya gaarii waan qabuuf yoo isatti of mul’isan dogoggora isaanii yoo baree
gaabbiin caalaatti kan isaanitti dhaga’amu waan se’anii fi tiksichis kana yoo dhaga’e
mutti murteessa jedhanii waan yaadaniif dha. Takka takka immoo sababa olitti caqafame
kanarraa kan ka’e namoonni rakkoon akkasii isaan mudate kun hawaasa amantootaa fi
tisichaarra baqachuutiin gorsituu haaraa bira / gara namoota dhimma isaanii keessa hin
beeknee osoo deemanii argamu. Kunis kan inni ta’u tiksichi isaanitti duta yoo ta’e
dhoksaa isaanii itti himachuun waan isaan saalfachiisuuf gara nama biraa deemuu filatu.
Tajaajilli gorsaa yeroo attamii fi bakka kamitti kennamuu qaba gaaffii jedhuuf tiksicha
gorsa tiksummaa kennu sanaa fi isa gorsa barbbdu sanaaf bakkaa fi yeroo mijataa ta’e
kamitti iyyuu taanaan gorsi kennamuu ni danda’a. haalaa tajaajila gorsaa kana yommuu
ilaallu takka takka osoo beellama dheeraa hin qabatiin gorsi ta’ee firii gaarii argamsiisa.
Kana jechuun immoo tajaajilli gorsa tiksummaa kun karaa qindaa’een ta’uun isaa bu’aa
hin qabu jechuu osoo hin taanee gorfamaan gorsa atattamaa barbaadu yommuu nu
mudatu amma yeroo isaa miti, iddoo isaa miti jechuutiin namoonni balaa caaluuf akka
hin saaxilamne jechuu dha.

45
Boqonnaa Saddeet

Eenyummaa Tajaajilaa Gorsa Tiksummaa, Leenjii isaa fi


Ga’ee Amantaa isaa

8.1 Gorsaan Tajaajila Tiksummaa Eenyu Dha?

Tajaajilaan gorsa tiksummaa waldaa keessatti kan tajaajilu geggeessaa hafuuraa ti.
Gorsaan tiksummaa kun beekumsa amantaa kan qabu, taajila waldaa kiristaanaa
kanaafis Waaqayyon kan waamame, itti waamamni waamicha isaatii waldaa
kiristaanaa kan ta’e fi amantootaan kabajuutiin kan tajaajilu dha. Tajaajila gorsa
tiksummaa kana waldaa kirstaanaa keessatti tajaajila garaa garaatti fkn.
Waaqeffannaa geggeessuutiin, lallabuutiin barsiisuutiin, bulchuutiin amanaan
dhama’ee fi dammaqee hojjetu tajaajila gorsa tiksummaa kennuu ni /tajaajilaa gorsa
tiksummaa ta’uu/ danda’a.

Tikseen tokko akka tajaajilaa gorsa tiksummaatti amaloonni in qabaachuu qabu


hedduun ni jiru. Isaan keessaas walakkaan isaanii kan itti aanani dha.

1. Iftoomina Qabaachuu.
Jalqabumarratti tajaajilaan gora tiksummaa eenyummaa fi amaloota tajaajilaa
gorsa tiksummaaf barbaachisan qabaachuu qaba. Amaloota kana keessaas tokko
iftoomina isa jedhame kana dha. Yaadni iftoomina jedhu kun ‘kan ta’an ta’anii
argamuu dha’. Eenyummaan tajaajilaa gorsa tiksummaa inni keessaa fi inni diidaa
wal fakkaachuu qaba. Jireenyi iftoomina hin qabne jireenya oftuulummaan
guutame waan ta’eef tajaajila gorsa tiksummaaf ga’aa hin ta’u. Tajaajiltoonni
eenyummaa isaanii isa keessaa yeroo dheeraadhaaf dhoksanii turan karaa hin
argamneen kan barbaadan qabu. Eenyummaan namaa inni keessaa yeroo
dheereaadhaaf ukkaamfamee ture kun immoo gaafa gad dhiifatu /dho’u/ haala
fokkisaa ta’ee of mul’isuutti ka’a. Kanaafuu namni gorsituu gorsa tiksummaa
ta’uu danda’u eenyummaa keessa isaa kan beeke, mihiira isaa ibsuu kandanda’u
fu eenyummaa isaa isa keessaa fi isa diidaa gidduutti haalli faallaan kan hin

46
argamne ta’uu qaba. Hoolaa osoo hin ta’iin gogaa hoolaa uffatee tajaajilaan
jiraatu gorsaa tiksummaa ta’uu hin danda’u /Mat. 7:15/. Warri akkasii yeroo
murtaa’eef gogaa hoolaatiin erga turanii amantoota waliin erga wal fakkaatanii
booda amalli isaanii inni akka yeeyyii itti dhufa. Ergasii immoo amantoota
eeguurra isaan butuu eegalu.
2. Namootaan Kabajuu fi Kunuunsuu
Tajajilaan gorsa tiksummaa amalli inni qabaachuu qabu inni biroon immoo amala
namootaan haal duree tokko malee kabajuu fi kunuunsuu qabaachuu isaa ti.
Namootaan haal duree tokko malee / karaa firoomaa fi faayidaarraa ala ta’een/
simachuu fi gargaaruutiin isaanis mataa isaanii akka isimatan gochuun yoo
tajaajile tajaajilaan gorsa tiksummaa tajaajila isaatti ni milkaa’a.Kun immoo
jaalala Waaqayyo nu agarsiise warra kaanitti agarsiisuu dha / Yoh.3:16, 13:34,
15:12, Roome 5:8/.
3. Mataa of Haala Warra Kaanii Keessa Galchuu
Mataa ofii haala warra kaanii keessa galchuutiin haala isaanii hubachuuf yaalii
gochuunii fi mihiira isaanitti dhaga’amu hirmaachuun barbaachisaa dha Roome
12:15, 1Qor. 12:26/. Kun deemsa addunyaa warra kaanii isa keessaatti deemsisu
dha. Karaan gara eenyummaa namootaa isa keessaatti ittiin galan
xiyyeeffannoodhaan isaan dhaggeeffachuutiinidha. Tajaajilaan of kennee nama
dhaggeeffachuu danda’u nama akkasii ti. Tajaajiltoonni warri of jaallatoon of
kennanii dhimma namaa xiyyeeffannootiin dhaggeeffachuu waan hin
dandeenyeef tajaajila gorsa tiksummaa akkasiirratti hiriiruun isaan rakkisa.
Gammachuu namootaatti gammaduunii fi gadda isaaniittis isaan waliin gadduun
tajaajilaa gorsa tiksummaaf afeerraa gaarii fi ittigaafatamummaa cimaa dha.
Tajaajilaa gorsa tiksummaa miriira warra gorsuu gargaaruu barbaachisaa yoo ta’e
iyyuu maddaallii isaa bifa eeggateen ta’uu qaba. Mihiira gorfamaa waliin
hirmaachuu wajjiin kan deemu yaadni biroon yoo jiraate rakkinnii fi mihiirri isa
gorfamu sanaa jireenya isa gorsuu sana keessa seenee, inni gorsu sun mihiira sana
fudhatee gara mana isaatti deemuu isaa ti. Dhibee gorfamaa sanaa mihiira keessa
seenee fudhatee galuun isaa jireenya tiksichaa balaarra kan buusu dha. Kanaafuu
inni gorsu mihiirri isaa yeroo mara kan itite ta’uu qaba malee ariifataa yoo ta’e

47
gama kamiin illee gaarii hin ta’u. kanatti dabalees tiksichi guutumaa guutuutti
Waaqayyo irratti kan hirkate ta’uu qaba.Egaa tikseen gorsa tiksummaa tajaajila
isaa keessatti mihiira gorfamaa gargaaruun gaarii yoo ta’es dursa immoo mihiirri
mataa isaa haala kamiin iyyuu kan hin fudhatamnee fi madaallii isaa kan eeggate
ta’uu isaa mirkaneeffachuu qaba. Yoo kana ta’uu dhaabaate isa gorsuufis ta’e isa
gorsa fudhatuuf gaarummaa hin qabu.
4. Eenyummaa Mataa isaa Sirriitti Beekuu
Tajaajilaan gorsa tiksummaa Waaqayyoo akka isa simatee fi gatii akka qabu
hubachuutiin mataa isaa sirriitti kan simate ta’uu qaba /Mat.22:39/.Tajaajilaan
gorsa tiksummaa nama eenyummaa mataa isaa sirriitti hin beekne yoo ta’e
wantoota hojjetu hundumaatti of qoruutti ka’a. Namni akkasii ejjennootiin
tajaajiluu waan hin dandeenyeef hin milkaa’u. Gooftaan yesuus eenyummaa
mataa isaa sirriitti beeka waan tureef tajaajilli isaa haala gaariitiin milkoomeeraaf.
Warri kaan garuu eenyummaa mataa isaanii sirriitti waan hin beekneef nama
waa’ee isaanii isaaniif dhugaa ba’uu barbaadu. Kanaafuu dhugaa baatota isaanii
kana duratti gaarii ta’anii mul’achuu barbaadu / Yoh. 14:18/.
5. Beekumsaa fi Shaakala Jireenya Hafuuraa Madaalamaa Ta’e Qabaachuu
Tajaajila gorsa tiksummaa keessatti tajaajilaan gorsa tiksummaa waan hin
fudhatiin kennuu hin danda’u. Kanaafuu tiksichi beekumsa sagalee
Waaqayyootiin kan guutamee fi isa beeke sanatti kan jiraatu akkasumas
Waaqayyo waliin tokkummaa hafuuraa gaarii kan qabu ta’uun itti jira. Namichi
gorsa tiksummaa kana kennu ‘Qodaa gaarii ayyaannii fi eebbi Waaqayyoo ittiin
gara gorfamaatti darbu ta’uu qaba.

Kana malees waa’ee eenyummaa tiksee tajaajila gorsaa kana ilaalchisee Tiksee Ittafaa
Olaanii akka muujula ‘Tajaajila kunuunsa Tiksumaa fi gorsaa jedhu keessatti akka kanatti fufee
jirutti ibsaniiru. “Tikseen tokko Gooftaa isaa gammachiisee jiraachuuf waantota armaan gadii
raawwachuu qaba. Isaanis akka filannootti osoo hin taanee dirqama guyyaa guyyaatti
raawwachuu kan qabu dha.Isaanis:

1. Yeroo isaatti sirriitti fayyadamuu


2. Aadaa dubbisuu qabaachuu

48
3. Yeroo dhuunfaa isaatti Waaqayyo wajjiin dudubbatu qabaachuu
4. Jireenya kadhataa qabaachuu
5. Maatii isaa sirriitti kan bulfatu ta’uu
6. Namoota isaan kaan waliin walitti dhufeenya qabaachuudhas” jedhaniiru. (Barnoota
Tiksummaa fi Tajaajila Gorsaa ,2002/kan hin maxxanfamii/ Fuula 6)

Egaa tajaajilaan kunuunsa tiksummaa fi gorsaa tokko akka yaada olitti ilaallee kanatti
tajaajilaa firi-qabeessa ta’uuf dursaa mataa isaan of danda’uu qaba. Sababiin isaas yoo of
danda’uu dadhabe warra kaan gorsuun ykn jajjabeessun barbaachisaa dha.

8.2 Leenjii Tajaajilaa Gorsa Tiksummaa


Tajaajilli gorsa tiksummaa kun tiksee waldaatiin ykn immoo tajaajilaa yeroo
guutuutiin leenjii tokko illee osoo hin qabaatiin tajaajila kennamaa ture dha.
Tajaajilli gorsa tiksummaa amanaa abba fedheen iyyuu kennamuun akka
danda’amu iyyuu ni yaadama. Kanaafis ragaan caqafamu / Gala. 6:2/ dha.
Sagalichis amanaan /tajaajilaan/ jireenya hafuura isaatti bilchina qabuu fi fayya-
buleessa ta’e ba’aa warra kaanii gargaaree baachuu akka qabu hubachiisa.
Tajaajila gorsa tiksummaa firi-qabeessa ta’e kennuuf tiksichi leenjii barnoota
sirna Waaqummaa /Theology / fi xiin sammuutiin / Psychology / beekumsa ga’aa
nama qabu ta’uun itti jira. Barnoonni kun lamaan isaaniiyyuu dhibee warra
gorfamanii hiikuuf kan gargaaranidha. Barnoonni sirna Waaqaummaa tiksichi
ilaalcha hafuuraatiin ilaalee rakko amantootaa furuuf isa gargaara. Amanaan kun
jireenya hafuura adumsa amantii isaatti Waaqayyo wajjiij qunnamtiin inni amma
kana qabu attam akka ta’e fi kanarraa kan ka’e immoo jireenya hafuura isaa
keessatti haala isa mudate, rakkoo amalaa, walitti bu’insa amantaa isaa irra ga’e,
jireenya hafuuraatti qullaa ta’uu fi hiika kan hin qabne ta’uu fi soda mallii akka
inni qabu beekuuf gargaara. Barumsa sirna Waaqummaa fi xiin sammuu
qabaachuun baay’eetti barbaachisaa dha. Sababni isaas namoota rakkinoota adda
addaa qaban gorsuuf gargaara.
Macaafni Qulqulluun rakkinoota dhala namaa maraaf furmaata waan qabuuf
Macaafa Qulqulluu baruu fi barsiisuurraa kan hafe barumsa xiin sammuu
/Psychology/ barachuun tajaajilaaf hin barbaachisu jedhanii tajaajiltoonni yaadan

49
ni jiru. Macaafni qulqulluun dhugaa Waaqayyo dhala namaatti mul’ise kan qabate
dha malee kitaaba waa’ee barnoota /beekumsa / kan dubbatu miti. Kanaafuu
barumsi xiin sammuu /Pyschology/ kun amma inni dhugaa macaafa qulqulluu isa
mul’ataa sana hin morminetti itti fayyadamuu dandeenya. Barumsi xiin sammuu
waa’ee eenyummaa namaa, guddinaa fi kana waliin amaloota wal qabatanii
deemanii illee waan barsiisuuf sana beekanii ittiin namoota gargaaruu dha.
Tikseen /tajaajilaan tokko leenjii waa’ee leenjii tajaajila gorsa tiksummaa hin
qabu jechuun tasuma iyyuu tajaajila gorsaa kennuu hin danda’u jechuu miti.
Tajaajilaan gorsa tiksummaa tokko gaaffii amanaan dhiyeessuuf deebbii filannoo
garaa garaa of keessa qabu yoo kennes ta’e kennuu dhaa yoo baates isa gorfamu
sana wajjiin ta’ee mataa isaa bakka nama gorfamu sanaa kaa’ee dhibee isaarraa
yommuu hirmaatu tajaajila raawwateera. Tajaajila gorsa tiksummaa keessatti
yeroo muraasaaf illee tiksichi gorsa kennuu fi inni gorfamu sun wal qunnamuun
mataan isaayyuu hiika mataa isaa danda’e waan qabuuf gaarummaa qaba.
Tiksitoonni tajaajila gorsa tiksummaarratti leenjii ga’aa hin qabne kan danda’an
erga godhanii booda gara nama leenjii ga’aa qabuutti erguu ni danda’u. tajaajila
isaanii kanatti fiixaan ba’msaa argachuu yoo barbaadan garuu isaanumtuu leenjii
ga’aa argachuun barbaachisaa dha. Asitti wanti beekamuu qabu tokko immoo
tiksitoonnii /tajaajiltoonni ‘nuti leenjii hin qabnu waan ta’ee f isin gorsuu hin
dandeenyu jedhanii’ namoota gara isaanii dhufaniif kunuunda barbaachisaa osoo
hin taasisiiniif jalaa callisuu akka hin qabne dha. Tiksichi hubachuun kan isaaf
ta’u tajaajiluun fayyina argamsiisuu /rakkina gorfamaa hiikuu wajjiin kan wal hin
qabane ta’uu isaa ti. Garuu immoo warra rakkatanii wajjiin ta’uutiin isa fayyisuu
danda’u sana /Waaqayyoon/ afeeruunii fi gorfamtoota sana gargaaruun mataan
isaa iyyuu tajaajila dha.
8.3 Ga’ee Gorsaa Tiksummaa
Gorsa tiksummaa keessatti tikseen tokko akka gorsituutti ga’eewwan garaagaraa
qabaachuun isaaf malu jiru. Isaan keessaas akka fakkeenyaatti kanneen itti aananii
jiran haa ilaallu.

50
1. Abbaa Taayitaa Gorfamaa Tajaajilu
Tikseen gooftummaa hafuuraa qaba. Tikseen nama qarmattii osoo hin tanee
‘abbaa taayitaa ti’. Maddi taayitaa kanaa immoo waamicha Waaqayyoo irraa,
barnootaa irraa, tajaajilaa fi shaakala amantii irraa ta’uu danda’a. Taayitaan
kun tiksichi warra kaaniin hirkisuuf, jajjabeessuu fi qulleessuuf kan isa
dandeessisu malee taayitaa inni warra kaan ittiin jilbeenfachiisu miti.
Tajaajiltoonni tiksummaa tokko tokko taayitaa tiksummaa isaanii kana osoo
gar-malee itti fayyadamanii argamu. Waan godhanii fi kan dubbataniif kan
isaan gaafatu akka hin jirretti yaadu. Isaan faayidaa warra tajaajilamaniif
taayitaa isaanii kanatti kan fayyadaman fakkaatanii garuu immoo meeshaa
fedhii isaanii ittiin galma geessifatan godhatu. Yeroo biraa immoo taayitaa
jaalala of keessaa hin qabnetti fayyadamuutiin tajaajilamtoota miidhu.
Ammam akka isaan miidhanis tasuma iyyuu isaanitti hin dhaga’amu.
Gorsaan tiksummaa abbaa taayitaa haal duree tokkorratti otuu hin hundaa’iin
gorfamtoota hunda simatu dha. Tajaajilaan gorsa tiksummaa jireenya warra
gorfamuu keessatti yaada, ilaalchaa fi gocha dogoggoraa osoo argee illee
akka sagalee Waaqayyoo fi akka nama yaadu tokkootti wanta sirrii hin taane
sana akka sirreeffataniif abbaa taayitaa jaalalaan ifatu dha. Ga’een tajaajilaa
gorsa tiksummaa inni guddaan ifatti cubbuu mormuu dha. Tikseen kun
cubbuu ifatti yoo morme iyyuu kaayyoon isaa immoo isa cubbamaa gara
Waaqayyoo fi tokkummaa amantootaatti deebisuu dha waan ta’eef akkaataan
itti dhiyeenya isaa jaalalaan ta’uu qaba. Deemsi jaalalaan ta’u warra badan
deebisuuf karaa filatamaa dha.
2. Luba isa Gorfamuuf Kadhatu
Tajaajila gorsa tiksummaa keessatti gorsaan tiksummaa sun ofii isaa fi isa
gorfamu gidduutti Waaqayyo akka argamuuf kan afeeru dha.Tikseen
ilaalchawaan hafuuraatiin waan hunda kan ilaalu dha. Amantoonni gara
tiksee kanaa yeroo dhufan kan isaanitti dhaga’amuu fi gara gorsitoota warra
kaanii yeroo deeman kan isaanitti daga’amu garaagara dha. Amantoonni
tikseen Waaqayyoon bakka bu’ee waan hojjetuuf rakkinoota keenyaaf isarraa
furmaata ni arganna nu gargaaruus ni danda’a jedhanii abdatu.Egaa tiksichi

51
hubannoo hafuuraa itti agarsiisuutiin amantoonni gara madda gargaarsaa fi
danda’aa waan hundaa isa ta’e gara Waaqayyootti dhiyeessa. Gorfamaa
sanatti argamuun Waaqayyoo yoo dhaga’ame immoo utuma rakkinni isaa
jiruuyyuu haala keessa jiru sana akka duraaniitti ilaaluun hafaa deema.
Egaa akka kanaatti deemsa gorsa tiksummaa keessatti hirmaattoonni
qaamni sadii ni jiru. Isaanis Waaqayyo, tiksichaa fi gorfamaa sana dha.
Waaqayyoo lamaan isaaniiyyuu gara kallattii sirriitti isaan geggeessuu ni
danda’a. Tiksicha waliin ta’eeyyuu rakkina gorfamaa sanaa hirmaata. Kana
jechuun tiksichi amma dandeettii isaa amanaa sana isa gargaaraa jiru hir’isuu
akka qabu hin agarsiisu.
Tajaajilaan gorsa tiksummaa Waaqayyoon bakka bu’ee akka hojjetutti
yaadamuun isaa gaarummaa akkuma qabu gama miidhaas immoo ni qabaata.
Amantoonni tokko tokko Waaqayyo tajaajila gorsa tiksummaa wajjiin waan
jiruuf isa bira yoo deemne dhibee keenya maraaf furmaata ni arganna jedhanii
gara isaa dhufuu ni danda’u.Garuu immoo tajaajilaa gorsa tiksummaa sana
irraa waan abdatanii dhaqan sana hin argatiin yoo hafan Waaqayyo isaa
wajjiin hin jiru jechaa biraa deebi’u. Kana booda ammas gara warra
‘Ayyaana addaa’ qabu jedhamanii barbaacha deemu. Rakkinoonni isaani
mariidhaan /gorsaan / osoo hin taanee Waaqayyo tajaajilaa ayyaana addaa
qabu sana faana ta’ee dinqiitiin waan akka furmaata argatutti yaadu. Kun
hanqina / hubannaa dhabuuti / ilaalchaati malee Waaqayyo tajaajilaa/ nama
hafuura isaa qabu kam wajjiin jira. Gama biraatiin immoo tajaajiltoonni marti
kennaan /muuxannoon/ isaanii wal qixa jechuu miti. Ga’umsa tajaajila
gorsaaf tajaajilaa filachuun sirrii yoo ta’es Waaqayyo tajaajiltoota ‘dibaman’
qofaatiin rakkina keenya akka dinqiitti hiika jedhanii yaaduun immoo
dogoggora dha. Waaqayyo tajaajiltoota isaa warra waame mara waliin ta’ee
hojii isaa hojjeta. Waaqayyos kan inni hojjetu amantii isa tajaajilamuu
irrattisidha malee amantii tajaajilaa sanaa qofa irratti akka hin taane
beekamuu qaba. Waldaa kiristaanaa keessatti tajaajilaan gorsa tiksummaa
jireena fakkeenyummaa gaarii qabu kan amantoonni duukaa bu’anii
shaakalan agarsiisuu qaba. Warra gorsu sana waliinis qunnamtii yeroo

52
taasisutti ilaalcha isaan waa’ee jireenyaa fi amantii isaanii irratti qaban akka
isaan keessa deddeebi’anii haasa’an carraa ni kennaaf. Egaa tajaajilli
tiksummaa tajaajila jireenyaa Waaqayyo waldaa isaaf kennerraa adda ba’ee
hin ilaalamu.
3. Isa gorfamu sana akka ta’utti dhaggeeffachuu

Tajaajilaan amantoota rakkinarratti kufanii gorsaaf dhufan akka ta’utti


dhaggeeffachuutiin Waaqayyorratti amantii horatanii dhibee isaanii akka mo’atan
kan godhu dha. Waa’ee dhaggeeffachuu ilaalchisee Gooftaan Yesuus “Kanaafis
akka itti dhageessan akeekkadhaa”/Luq. 8’18/ jedheera. Kana jechuun isaas
dhaggeeffataan sun mihiira isaa guutuu kennuudhaan waan itti dubbatamaa jiru
sana dhaggeeffachuu akka qabu agaarsiisa.

4. Isa gorfamu sana wajjiin ta’uu

Deemsa gorsaa keessatti tajaajilaan gorsa tiksummaa gorfamaa sanaaf furmaata


kennituu miti. Kanaaf shoora hunde-qabeesakan ta’u gorfamaa sana wajjiin ta’uu
isaa ti. Gorsaan tiksummaa shoora gorsa kennuu, leenjisuu, fi shoora yaalaa
tokkoo kan taphatu miti. Sababni kun ta’eef inni ol aanaanis gorfamaan sun
mataa isaa kan danda’uu fi rakkinoota jireenya isaa mudatan nama wallaansoo
qabee mo’achuu danda’u akka ta’e agarsiisuufidha. Akka kanaatti yommuu
ilaalamu gorsaan tiksummaa gormaan sun yommuu deemuu tiksichi furmaata
qophaa’aa kennamuuf hin qabu.Garuuimmoo gorsaan tiksummaa sun haalduree
tokko malee simatee hirkisa. Tiksichi gorfamaa sanaaf yaaduu isaa fi garaa
laafuu isaa kan inni ittin agarsiisu gorfamaa sana wajjiin yeroo dabarsuutiinidha.

5. Gorfamaadhaaf haalota mimmijeessuu

Gorsaan tiksummaa gormaaan karaa gaarii inni ittiin rakkina isaaf furmaata
argachuu danda’u haalota ni mimmijeessaaf. Kun immoo deggersa ogummaa
gochuufii wajjiin kan wal qabatu dha.

6. Gorfamaa leenjisuu

53
Gorsaan tiksummaa gorfamaan sun gama dadhabinaa fi ciminaa inni qabu
ilaalchisees ta’e akkasumas dandeettii dhokataa /ukkaamamaa/ Waaqayyo keessa
isaa kaa’e jireenya isaatti firoomsee akka itti fayyadamuuf mataa isaa waliin
wallaansoo akka wal qabu leenjisa. Leenjiin kun kan inni kennamu wayitii
gorsaatti qofa osoo hin taanee gorfamaan sun kallattii gorsaan sun kenne
bu’uureffachuutiin rakkina isaa hiikkachuuf deemsa inni taasisu keessattis dha.
Gorfamaa sanaaf hojiiwwan manaa kennuun tooftaawwan leenjisuuf gargaaran
keessaa isa tokko dha. Yeroon leenjichaa yommuu xumuramu akkaataa leenji’etti
jiraachuun ittigaafatamummaa gorfamaa sanaa ta’a.

7. Gorfamaa sana barsiisuu

Gorsaan tiksummaa gorfamaan waan hin beekiin/ hin hubatiin akka beeku/hubatu
taasisa. Rakkinni gorfamaa takka takka sababa rakkinichaa wallaaluu ta’a.
Gorsaan sun ragaalee sababoota rakkinichaa ta’an kennuutiin gorfamaan sun isa
hubate sanatti fayyadamee rakkina isaa akka hiikkatu gargaara.Barumsi baratan
tokko iyyuu kan inni firii irra oolu wantii sammuutti qabatan yoo hojiitti hiikame
waan ta’eef akkuma kanaa gorfamaan sun isa barate/ hubate sanatti fayyadamuu
isaa hordofuun barbaachisaa dha.

8. Gorfamaa sana geggeessuu

Gorsaan tiksummaa gorfamaan gara wanta kanaan dura muuxannoo/shaakala isaa


godhatee hin beekneetti deemuu akka danda’uuf ni geggeessa. Gorsaan kallattii
jireenyaa gorfamaan hin argiin arguutiin gorfamaan sun fedhaa fi tarkaanfii
mataa isaatiin akka itti deemu geggeessaa gargaaru dha.

9. Gorfamaa sanaaf fakkeenya ta’uu

Tajaajilli gorsa tiksummaa eenyummaa isa gorsuu sanarraa kan adda ba’e miti.
Kanaafuu gorsaan tiksummaa jireenya isaatiinis ta’e qunnamtii gorsa keessatti
godhuun gorfamaa sanaaf fakkeenya gaarii ta’uu qaba. Gorsaan tiksummaa kun
nama Waaqayyoo isa gaarii ta’uutiin tajaajilaa jechi isaa fi hojiin isaa wal

54
fudhatu yoo ta’e gorfamaan sun caalaatti gargaaramu akka inni danda’u nu
hubachiisa.

10. Gorfamaa araarsuu

Kun gorfamaan kun bakka qaunnamtiin isaa itti jalaa yarate kam iyyuu
sirreeffachuu akka danda’uuf gargaaruu dha. Gorsaan tiksummaa gorfamaan kun
mataa isaa wajjiin, warra kaan wajjiin, hawaasichaa fi Waaqayyo wajjiin
qunnamtii qabu keessatti akka sagalee Waaqayyootti ilaaluutiin sirreeffachuu
akka danda’uuf shoora guddaa taphata. Yaadni araarsuu jedhu walitti bu’insa
balleessuu fi michummaa uumuu wajjiin kan deemu dha. Gorsaan tiksummaa
shoora jaarsummaa fi araarsuu qaba jechuu dha.

11. Gorfamaa wajjiin adeemuu

Gorsaan tiksummaa gorfamaa wajjiin kan deemu dha. Gooftaan Yesuus Kiristoos
namoota abdii isaanii kutatanii gara Emaahusitti adeeman wajjiin adeemeera.
Inni isaan waliin osoo deemuu mihiira keessa isaanii jiru hubachuu kan danda’e.
mihiira isaanii hubatee qof dhiise osoo hin taanee furmaata abdii kutannaa isaan
keessa jiran sanaaf ta’us agarsiiseera. Kanaanis garaan isaanii rukkutame.
Xumura deemsichaarrattis isaan wajjiin deemuutiin hiibboo isaanii akka isaaniif
hike hubatan, abdiin isaaniis deebi’eef /Luq. 24:13-35/.

Har’as akkuma Gooftaan Yesuus godhe kana rakkina gorfamaa hirmaachuutiin


hanga inni furmaata argatutti obsaan wajjiin turuun barbaachisaa dha. Gorfamaan
tokko boolla gad fagoo keessa qofaa isaa yeroo deemu nama isa waliin adeemu
isa barbaachisa. Waaqayyo isa wajjiin jira.

8.4 Falaasama jireenyaa gorsaan tiksummaa itti amanu /Philosophy of


pastoral counseling/

8.4.1 Waa’ee uumama namaa

Ilaalchi gorsaan tiksummaa tokko waa’ee uumama namaa irratti qabu tajaajila
gorsa tiksummaa inni kennu kan murteessu dha. Falaasamni inni waa’ee dhufaatii

55
namaa fi xumura namaa inni qabu tajaajilli gorsaa eessaa akka eegalu, attamitti
akka taasifamuu fi galmi isaas maal akka ta’e murteessa.

Gorsaan tiksummaa tokko Macaafni Qulqulluun waa’ee uumama namaa


barnoota inni barsiisu fudhachuun irra jira. Gorsaan sun Macaafa Qulqulluu
quwachiitiinis ta’e barnoota waldaan kiristaanaa waa’ee uumama namaa kennitu
hordofuutiin hubannoo mataa isaa argachuu ni danda’a.

Namoonni tokko tokko namni hafuura, lubbuu fi foonidha jedhanii amanu.


Kanaafis waraabbiin isaan dhiyeeffatan /1Tasa. 5:23/ dha. Namni isaan kana
sadan irraa kan dhufe dha yoo jedhames foon, lubbuu fi hafuura gidduu garaa
garummaan jira moo hin jiru gaaffiin jedhu immoo kan nama wal mormisiisu
dha. Goon lubbuu fi hafuura gidduutti garaa garummaa uumuutiin goon hamaa
dha, hafuurri immoo gaarii dha kan jedhu gara barumsa sobaatti nu fudhata. Kun
immoo jireenya amanaa sanaarratti dhiibbaa fida.Barreessaan barreeffama kanaa
obbo Kabbadaa Bakaree barreeffama isaa “Gorsa tiksummaa aadaa akka hawaasa
Itiyoophiyaatti” jedhu keessatti akka jedhanitti amantoonni Itiyoophiyaa waa’ee
hirmama foonii fi hafuuraa akka ilaalcha isaaniitti akkas jedhee ibseera. Innis:

Akka ilaalcha hawaasa kiristaanota Itiyoophiyaatti hafuurri gaarii fi qulqulluu,


foon garuu hamaa dha kan jedhu yaada warra barsiisota sobaa ‘Noostiksii’ kan
fudhatanidha. Foon wanta Waaqayyo hin barbaanne akka ta’etti lakkaa’u.
amantoonni baay’een kallattiidhumaan “Foon hamaadhaa fi diina Waaqayyoo ti”
jedhu. Foon yeroo hundaa waan Waaqayyo hin jaallanne barbaada, kanaafuu
foon Waaqayyoof akka inni bitamu gochuuf karaa adda addaatiin gad isa qabuun
barbaachisaa dha jedhu. Fakkeenyaaf soomuutiin, qulqullummaa qaamaa
eeggachuu dhiisuutiin, miilla qullaa deemuutiin, biyya lafaarraa adda ba’uu fi
biyya lafaa kana irratti jireenya mijawaa hin taane jiraachuutiin adabamuu qaba
jedhanii amanu.

Barreessaan barreeffama kanaa obbo Kabbadaan gama biraatiin immoo miidhaa


ilaalchi akkasii kun waldaarratti fide akka kanatti fufee jirutti ibsanii jiur. Innis:

56
Lallabni, barsiifnii fi bulchiinsi waldaa kiristaanaa uumamni namaa cubbuudhaan
kan guute dha gara hubannoo jedhuutti ishee fide. Walumaa galatti tajaajilli
waldaa kiristaanaa cubbamaa ta’uu namaa kan calaqqisiisu dha. Nama uumama
hamaa akkasii ta’e kana irraa bilisa of gochuufis of qoruu baayyisuu dha, kunis
gara of dhiphisuutti kan geessu dha. Namoonni uumamaan hamoota waan ta’aniif
Waaqayyorraa fagoo akka ta’an isaanitti dhaga’ama. Kana irraa kan ka’ee fuul
dura Waaqayyootti mihiirri bilisummaa isaanitti hin dhaga’amu. Tarii tajaajilli
waldaa kiristaanaa kun kallattiidhuma tokkoon ilaaluurraan kan ka’e uumama
namaa isa gaarii fi Waaqayyo immoo Waaqa jaalalaa ta’uu isaa arguu
dadhabaniiru.

Yaadni akkasii kun nama foonii fi nama hafuuraa jechuutiin jireenya amantoota
lamatti hiruutiin isa jalqabaa yaraa/ kan lafarraa/, isa lammataa immoo qulqulluu,
kana waaqarraa, qulqulluu fi cubbamaa godhanii ilaalu. Uumama namaa
ilaalchisee hubannoo sirrii kan ta’ee fi yaada Macaafa Qulqulluu kan ta’e
qabxiiwwan ni fayyadu jedhaman kanatti fufanii kan jiranidha. Isaanis:

A. Namoonni akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti uumama uumamani


dha.
Namoonni akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti uumaman jechuun dheerina
hojjaa, bifaa fi boca alaan mullatuun Waaqayyo wajjiin wal fakkaatu jechuu
mit. Kana jechuun namoonni mataa isaaniitii alatti hubannoo kan qaban,
dandeettii fi beekumsa kan qaban, hamaa fi gaarii adda baasanii beekuuf
dandeettii kan qaban namoota warra kaan waliin waliigaluu fi amala wajjiin
jiraachuu kan qabuu fi dandeetti waa kalaquu kan qabu jechuu dha.
Gama biraan immoo namni akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti waan
uumameef uumama kan biro waliin, mataa isaa waliin, namootaa fi
Waaqayyo waliin qunnamtii gochuuf uumama dandeetti qabu akka inni ta’es
kan agarsiisu dha. Kanatti dabalees immoo dhalli namaa akka bifaa fi
fakkaattii Waaqayyootti waan uumameef amalaan, barnootaan, jireenya
hawaasummaatiin, lammiidhaan, qomoodhaan, amantaatiin, afaanii fi
saalaan illee taanaan adda adda yoo ta’an ulfinaa fi mirga wal-qixa kan

57
qaban ta’uu isaanii nu hubachiisa. Kanaafuu gorsaan tiksummaa tokko kana
beekuutiin namoota hundumaaf ulfina kennuutiin haal duree tokko malee
simachuun isaaf ni mala.
B. Waaqayyoo tokkoo tokkoo namaa adda adda godhee uume.
Namoonni amala wal fakkaatu yoo qabaatan illee gidduu isaaniitti dheerina
hojjaa isaaniitiin, namummaa isaaniitiin, dandeettii fi fedhii isaaniitiin adda
adda dha. Waaqayyo nama kan inni beeku jalqabatti dhuunfaatti, akka
waliiniittis ta’e tokko tokkoo namaas maqaadhaan ni beeka. Waaqayyo
waldaa kiristaanaa keessattis tokko tokkoo qaamaa wal keessatti ni beeka.
Garuu immoo wanti beekamu qabu tokko qaamoleen kun adda adda yoo
ta’anis hojii garaa garaa kan qabanii fi wal qixa barbaachisummaa kan
qabani dha.
Kanafuu tajaajila gorsa tiksummaa keessatti haalli amanaa tokkoo kan isa
kaaniirraa adda adda ta’uu akka danda’u beekee akka haala inni keessa
jiruutti kunuunsa barbaachisaa ta’e kennuufii qaba.inni gorafamu sunis
tajaajilli gorsa tiksummaa inni warra kaaniif godhame dirqama akka isaaf
godhamuuf tiksee isa tajaajilu dirqisiisuu hin qabu. Sababni isaas haalli warri
kaan itti tajaajilamanii fi isaanitti mijatu isatti immoo mijachuu dhiisuu ni
danda’a waan ta’eefidha. Kanaafuu gorsaan tiksummaa tokkoamanaa tikko
tajaajiluuf tooftaa isa fayyadu filachuu qaba. Tooftaan inni amanaa tokko
ittiin gorse milkaa’ee ture amanaa kan biroofis isimatti mala yoo jedhee
yaade milkaa’uu dhiisuu waan danda’uuf akka akka haala jireenya amanaa
sanaa ilaalee gochuu qaba. Amantoonni rakkina wal fakkaataa qaban
tajaajilaaf gara gorsaa tiksummaa yoo dhufan rakkinni isaanii waan wal
fakkaatuuf tooftaa isa tokko ittiin gargaareen isa kaanis nan gargaara yoo
jedhe ta’uu dhiisuu danda’a. Kanaafis sababni ol aanaan haala maatii isaanii,
guddisa isaanii, dandeettii isaanii, ilaalcha isaanii, namummaa isaanii,
bilchina hafuuraa fi deemsi amantii maatii namoota kana lamaanii adda adda
waan ta’eeidha.
Goraan tiksummaa tokko dhimmoonni wal-fakkaatan yeroo isa mudatan
ani rakkina hiikuu nan danda’a, kana dura iyyuu wanti kana fakkaatu

58
namudatee amanaa kan biro gargaareera jedhee yaaduurra amanaa rakkina
qabatee dhufe kana haalaa fi karaa kamiin deebbii kennuufii akka qabu akka
itti agarsiisuuf Waaqayyo irratti amanachuun irra jiraata.
Wanti biroon yaada kana waliin deemu tokko immoo namoonni hundi adda
adda waan ta’aniif hundumtuu amala fi ilaalcha tokko hin qaban.
Amantoonni tokko tokko haala amantoota guutummaa waliin jiraachuu fi
waliigaluun isaan rakkisuu danda’a. Kanaafuu tiksichi isaan kana
simachuudhaaf garaa bal’aa qabaachuun isaaf mala. “Atis akkuma warra
kaanii ta’uu qabdaa?” osoo hin jedhiin garaagarummaan isaan warra kaanii
wajjiin qaban akka jirutti ta’ee karaa isaan ittiin warra kaanwaliin
tokkummaatti waliigalanii jiraatan akka mijeessuu dhaaf tajaajilaa danda’aa
fi garaa nama simatu qabu ta’uu qaba.Kana jechuu otuu isaan cubbuu
raawwatanii callisee dhaggeeffata jechuu.miti. Otuma cubbuutti kufanii illee
tajaajilaan sun akkamitti akka kufan, maalti akka isaanitti dhaga’amee fi
akkamittiin gara yaada garaa geddarannaati akka isaan fidu illee kan
dhama’u ta’uu qaba.
Hawwaasa biyya Itiyoophiyaa keeeessatti ‘adda’ ta’uun akka waan gaariitti
hin ilakka’amu. Hawwaasichi tokkummaatti ni amana. Fakkeenyyaf, ‘tokko
hin boba’u’, ‘tokko hin faradu’ jechoonni jedhaman kun gargaarsa nama kan
biro malee namni tokko qofaa isaatti firii barbbchisaa fidu hin danda’u ergaa
jedhu qabau. Tokkummaan gaarii yoo ta’e iyyuu garaagarummaa fi kennaa
tokkoo tokkoo namaa keessa jiru kan ukkaamsu yoo ta’e faayidaa isaa caalaa
miidhaa inni qabuti caala. Aadaadhumaan kan dhufe tokkummaa eeguuf
jedhanii fedhii fi mirga namaa dhiibuun kan barame dha. Kanarraa kan ka’e
garaagarummaan otuu jiruu waa’een tokkummaa, fedhii fi mirgaa ni
dubbatama.
Namni tokko ilaalcha fi yaada koree itti hirmaachaa jiruutti kan hin amanne
yoo ta’e iyyuu akka aadaatti gama uummata baay’ee goruun kan barame
waan ta’eef otuuma hin jaallatiin dirqama yaada koree/ garee sanaa duukaa
bua. Namich warra baay’ee sana duukaa bu’uun isaa gaarummaatti
lakkaa’ama. “Baddiin biyya wajjiinii amma margii ti” jechi jedhu firii gaarii

59
qabaachuu dhaabaatus namoota wajjiin waliigaluunii fi waliin jiraachuun
akkasumas wajjiin baduun gaarii ta’uu isaa agarsiisa.Kanarraan kan ka’e
hawwaasa keessatti waan hin amaleeffatamiin tokko yaaduun hawwaasicha
biratti qofa-galeessa nama taasisa. Hawwaasichis nama waan hin
amaleeffatamiin maddisiisuu jaalatu kana hin jajjabeessu.
Wanti nama ajaayibsiisu inni biroon immoo namoonni kennaa adda addaa
qaban haala addaatiin yaaduu fi hojii addaa kalaquutti yeroo eegalan dhimmi
sun fiixaan akka hin baaneef karaa isaaniirratti jirma guru/ karaa itti cufu/.
Kun immoo “Akka inni nu hin caalle” yaada jedhu fi ilaalcha gadhee
akkasiitiin ta’a.Namoonni yaada jal’aa akkasii kana qaban gar- malee of
jaallachuu fi guddissa isaanii keessatti warra isaanii fi hawwasichaa irraa kan
baratan yaada dhiphummaa irraa kan madde dha. Egaa addummaa kabajuu
dhiisuunii fi aadaa fi jireenya hawaasichaa qofaa fi amanamaa ta’uun tokko
tokkoo hawwaasichaafis ta’e fiixaan ba’umsa nama dhuunfaaf kun miidhaa
qaba.
Addummaatiin tokkummaatti jiraachuun ni danda’ama. Addummaan tokko
tokkoo namaa kabajameefii haaala inni ittiin hawwasicha waliin immoo
tokkummaatti jiraachuu danda’u yoo mijateef namoonni akkasii dandeettii
isaaniitti fayyadamanii waan adda ta’ee fi haaraawaa ta’e fiduu ni danda’u.

C. Waaqayyo nama yommuu uumu dandeetti kan qabu garuu immoo


murtaa’aa godhee ti /Far. 8:4-6/. Kana jechuun namni dandeettiin isaa,
beekumsi isaa fihumni isaa murtaa’aa ta’uu isaa ibsa. Kanafuu namni waanta
barbaade gochuuf kan isa dandeessisu dandeettii uumamaa hin qabu.
Waaqayyo dandeettii isaa murteessee uume. Tokkoon tokkoo namaa
dandeettii isaaf kenname sana darbuu hin danda’u.
Gooftaan keenya Yesuus illee akka nama guutuutti murtaa’aa ture. Wanti
dhala namaa irra ga’u hundi isa irra ga’eera. Cubbuu irraa kan hafe karaa
dhalli namaa irra darburra darbeera /Ib. 2:17/. Ta’uu iyyuu bu’aa ba’ii biyya
lafaa kana hunda darbee xumurarratti waan ta’uu qabu sana ta’ee dabarseera.

60
Amantoonnis fakkeenyummaa Kiristoos duukaa bu’uudhaaf waamamneerra.
Fakkeenya Kiristoos duukaa kan nuti ittiin buunu rakkinaa fi gidirfamuutiin
qofa osoo hin taanee akkuma Gooftaan nama ta’ee osoo jiruu waan keessa
darbuun isaaf ta’u sana keessa darbe nutis nama taanee otuma jirruu waan
keessa darbuu nuuf ta’u keessa darbinee nama ta’uu qabnu ta’uutiin
fakkeenyummaa isaa duukaa bu’uu qabna.
Gorsaan tiksummaa tokko kana irraa kan inni baratu amantoonni kennaa fi
dandeettii Waaqayyo isaaniif kenne akka qaban beekuutiin dandeettii isaaniif
kennameen hanga dhumaatti Waaqayyoon ulfeessuu akka isaan danda’aniif
isaan jajjabeessuu akka qabu dha. Akka ta’uu qaban ta’uu dhabuu isaaniitiin
immoo abdii kutannaa keessatti kufaniin immoo jireenya isaanii keessatti
rakkoo isaan mudate beekuutiin karaawwan isaan ittiin kana keessaa ba’uu
danda’an filannoo adda addaa kan qaban isaanitti agarsiisuu fi ayyaana
Waaqayyootti hirkachuutiin gara fuul duraatti haala isaan ittiin deemuu
danda’an isaaniif mijeessa. Kanatti dabalees akka dhuunfaa isaaniitti illee
taanaan amantoonni yaada Gooftaan isaaniif qabu hubachuu kan dadhaban
yoo jiraatan karaa isaan ittiin yaada Waaqayyo isaaniif qabu hubachuu bira
ga’an isaaniif mijeessuutiin gara yaada Waaqayyoo sana raawwachuutti akka
isaan dhufaniif isaan gargaara.
Akkuma waliigalaatti amantoonni biyya lafaa kana irratti waan ta’uu qaban
ta’anii fi godhanii akka jiraatan gochuuf tajaajilli gorsa tiksummaa kun
shoora ol aanaa qaba. Jireenya hafuuraa isaaniitti illee ulfina irraa gara
ulfinaatti jirjjiiramaa akka adeemaniif gara guutummaa Kiristoositti
guddachuu fi Isa fakkaachuutti akka dhufaniif isaan gargaara.
Uumamaan murtaa’oo ta’uun namootaa murtaa’oo akka ta’an simachuu
dhiiduu isaaniitiin isa isaan yaadaa fi jaalala Waaqayyoo irratti of tuulan
sirreessuudhaaf bu’uura gaarii ta’a. Namni akka namaa malee akka namni
ta’uu ol ta’uu hin danda’u. Kan namni bakka ilaale/karoorfate ga’uu danda’u
ayyaana Waaqayyootiin yoo ta’e qofa dha.Fiixaan ba’umsa / milkaa’insa kan
keennu Waaqayyo ta’uun isaa fi waantota gaarii hojjeteef immoo Waaqayyo
galata argachuu akka qabu hubachuun gaarii dha.

61
8.4.2 Waa’ee Maatii isaa
Gorsaan tiksummaa waa’ee hawwaasa warra tajaajiluu kana yommuu yaad
akka gaarummaatti moo akka hammina isaan qabanitti ilaala? Hawaasichi
kan jijjiiramuu danda’u dha jedhee amana moo miti?Namoonni tokko tokko
akka yaadanitti biyya lafaa isa hamaa kana keessatti waan dhalatuuf
hammina isa irraa barata malee dhalli namaa uumamaan amala cubbuu hin
qabu jedhu. Garuu immoo Macaafni Qulqulluun namni uumamaan
daddarbaa kan dhufe hiddi /sanyiin / cubbuun akka jiru malee hawaasichi
xuraa’aa /cubbamaa akka hin taane barsiisa /Uma. 8:21, Faar. 51:5, Efe. 2:3/.
Kanaafuu namni kan mataa isaa kan ta’e qajeelummaa ittiin fuula
Waaqayyoo dura dhaabachuu danda’u hin qabu /Isa. 64:4, Rom.3:23, 1Yoh.
1:8/. Egaa akka kanaatti maddi /burqaan cubbuu biyya lafaa ishee hamminni
keessa guute kana osoo hin taanekufaatii dhala namaatii eegalee daddarbaa
kan dhufe raacatiin cubbu nama keessa jiraachuu isaa ti /Rom. 5:12/.Maddi
cubbuu hawwaasicha keessatti argamuu haxxummaa fi hammina garaa
namaa keessatti argamuu ti. Hundeen cubbuu raawwatamuu immoo duraan
dursanii yaada cubbuu qabaachuu dha /Mar. 7:21-23/.
Hawwaasicha akka madda cubbuu ti lakkaa’uun immoo barumsa namni
jireenya qajeelummaa jiraachuuf hawwaasicha irraa adda ba’ee akka jiraatu
jajjabeessu dha. Wangeelli keenya immoo hawwasicha irraa adda baanee
akka jiraannu nu hin jajjabeessu. Gooftaan keenya Yesuus waa’ee warra
isatti amananii fi amanuuf jiranii kadhata kadhate keessatti “Hamaa irraa
akka isaan eegdu malee biyya lafaa keessaa akka isaan baaftu si hin
kadhadhu” jedhee kadhachuun isaa namoota naannoo isaanii jiraatan wajjiin
akka isaan jiraatan malee irraa adda ba’uun gaarii akka hin taane agarsiisa.
Amantoonni hawwaasicha waliin jiraachuu qabu yommuu jennu yaadni
nama rakkisu tokkoo hanga kamitti hawwaasicha waliin tokkummaa uumnee
jiraanna? Kan jedhu deebbii barbaachisaa argachuu qaba. Kiristaanni
hawwasa waliin jiraachuu qaba maqaa jedhu qofa qabannee hawwaasicha
keessaa maamila warra hattuu, sobduu fi kkf ta’uu qaba jechuu miti.
Hawwasichi cubbamoota waan baay’atuuf keessaa ba’uu qabna, ariiroo isaan

62
waliin qabnu kam iyyuu kutuu qabna jechuus osoo hin taanee
kiristaanummaa /soogiddummaa / keenya qabannee hawwaasicha osoo akka
xura’aatti hin tuffatiin gara ifa kiristaanummaa dhugaatti fiduu dha.
Fakkeenyaaf tikseen gorsa tiksummaa tokko hawwaasicha akka xura’aatti
fudhata yoo ta’e gorfamaan tokko Gooftaa Yesuusiin fayyisaa dhuunfaa isaa
godhee waan fudhateef maatiin isaa immoo amantii kee dhiisi, waan nuti si
abboomnu hunda godhi jechuu danda’u. Wanta warri /maatiin isa ajajan
keessaa tokko halkan hoteela kkenya keessaa dhugaatii gurguri kan jedhu
ta’a. Gorfamaan kun yaada kanatti dhiphatee gara tiksee gorsa tiksummaa
yoo dhufe tiksichi gorsa akkamiitiin gorfamaa kana gargaaruu danda’a?
Tikseen hawwaasicha akka xura’aatti hin fudhanne: hoomaa hin ta’uu itti
makamii jiraadhu, namoota hunda waliin waliigallee jiraachuu qabnaa gorsa
jedhu kennuufii danda’a.
Tiksichi hawwaasicha akka xura’aatti kan ilaalu yoo ta’e immoo
gorfamtoonni isaa hawwaasicha irra adda ba’anii akka jiraataniif kan isaan
jajjabeessu ta’a. Haa ta’u malee dhimmi ol aanaan hubatamuu qabu yoo
jiraate tiksichi hawwaasicha akka xura’aatti lakkaa’uu fi dhisuu isaa osoo hin
taanee gorsi inni namicha olitti caqafame kanaaf kennuu qabu ‘namoota
garaa isaanii guutuu Waaqayyo duukaa hin buune irraa adda ba’i’ qajeelfama
jedhu duukaa bu’uu dha. Kanaafuu tajaajilaan gorsa tiksummaa tokko
hawwasicha ilaalchisee yaada madalaamaa ta’e gorfamtoota isaaf kennuu
qaba. Gorfamtoonni hawwaasa keessa jiran waliin walii galanii yoo jiraatan
hawwaasichis kan isaan irraa baratu ni qabaata isaanis immoo hawwaasicha
irraa kan baratan qabaachuu ni danda’u. Egaa namni haala gaariitiin jireenyi
dhuunfaa isaa yoo jijjiirame hawwaasa keessa jiraatu sanaaf “Ifaa fi
Soogidda” ta’ee jiraachuu ni danda’a. Haala kanaatiin namoota nutti
dhiyaatan /hawwaasa keessa jirru jijjiiruu ni dandeenya.
8.4.3 Waa’ee Waldaa Kiristaanaa
Gorsaan tiksummaa ilaalchi inni waa’ee waldaa kiristaanaatiif qabu tajaajila
gorsaa waldaa keessatti kennamu irratti miidhaa cimaa ni qabaata. Gorsaan
tiksummaa waldaan kiristaanaa amanamtuu akka taate ni hubataa? Waldaa

63
kiristaanaa akkuma dhaabbataatti ilaala moo Kiristoos kan irratti mo’e/abbaa
taayitaa ta’e/ walga’ii amantootaa akka taatetti ilaalaa?Waldaan kirisataanaa
Waaqayyoon waamamtee biyya lafaa keessaa kan ba’an walga’ii namootaa
waan taateef abbaan taaytaa ishee inni ol aanaan ishee Waaqayyo mataa isaa
ti. Haala kanaatiin yommuu ilaallu waldaan kiristaanaa bifa dhaabbataa ni
qabaatti. Kanaafuu itti waamamni tajaajilaa gorsa tiksummaa Waaqayyoo fi
waldaa kiristaanaatiifidha. Kun kana ta’ee otuu jiruu warri waldaa
kiristaanaa geggeessan namoota haafuuraa miti yoo ta’e tajaajilaa gorsa
tiksummaa fi tajaajila gorsa tiksummaa irratti rakkoo fiduu ni danda’a.
Geggeessitoonni namoota hafuuraa hin taane gara geggeessummaatti akka
hin dhufneef immoo amantoonni geggeessitoota hafuuraa kan ta’an akka
filataniif waa’ee geggeessummaa hafuuraa irratti gad-fageenyaan leenjii
isaaniif kennuu dha. Gama birootiin immoo geggeessitoonni amantoota
keessaa waan filatamaniif waldaan kiristaanaa amantootaan bartuu gochuu
irraatti xiyyeeffannoo gochuu qabdi.
Egaa akka kanaatti tajaajilaan gorsa tiksummaa Waaqayyoo fi waldaan
kiristaanaa bakka bu’e kan hojjetu waan ta’eef laman isaaniif iyyuu bitamuu/
abboomamuu qaba.
Tajaajilaan gorsa tiksummaa kan inni beekuu qabu keessaa inni biraan
immoo waldaan dhimma tajaajila gorsaa irratti nama hundummaa wal-qixa
keessummeessuuf banaa akka taate dha. Akka biyya keenyaatti waldaa
gurraachaa fi adii jechuun nama gargar hin qooddu. Haata’u malee immoo
lammiidhaan kan qoqqoodamte akka taate arguun ni danda’ama. Bakka
tokko tokkotti amantoonni lammii garaa garaa keessaa dhufan tokkummaatti
waliin waaqeffachuu hin danda’an. Waldaan kiristaanaa lammii murtaa’eef
malee warra kaaniif bana miti jechuu dha. Takka takka immoo beeksisa ifaa
ta’e hin maxxansine yoo ta’es jiruu fi jireenya isheetiin waldaan yeroo itti
warri qabeenyaa fi barnoota hin qabne akka isaan biratti hin barbaachifne itti
ibsan ni argama. Warri yaadaan dhiibaman kunis simatamuu dhabuu isaanii
yeroo of irratti argan garaa dhiphatanii bakka biroo deemuutti
ka’u.Tajaajilaan gorsa tiksummaa tokko kun tasuma iyyuu ta’uu akka hin

64
qabne beekuu qaba. Nuti warri Kiristoosiin beeknu nama kam iyyuu haal
duree tokko malee hin simannu yoo ta’e Waaqayyotti amanuun keenya
akkasumaan dha. Kanaafuu nuti tajaajiltoonni waldaan kiristaanaa amana
abbaa fedhe dhimma inni ittiif dhufe kam iyyuu isaaf ilaaluuf banamtu akka
isheen taatuuf gochuu qabna.
Egaa gorsaan tajaajila tiksummaa tokko waldaan kiristaanaa akka sagalee
Waaqayyootti balballi ishee nama hundumaaf banaa, nama kam iyyuu haal
duree tokko malee kan simattu, warra dhibaman kan tajaajiltu, warra badan
kan barbaadu, kan beela’an kan nyaachiftu, kan dheebotan kan obaaftu, kan
daaranitti kan uffiftu, kan dhukkubsatan kan gaafattuu fi gara isa fayyina
guutuu krnnuu danda’uu gara Kiristoositti kan fidduu fi madda furmaataa
akka isheen taate beekuun barbaachisaa dha.
8.4.4 Waa’ee Tajaajila Gorsa Tiksummaa
Gorsaan tiksummaa tokko waa’ee tajaajila gorsa tiksummaa irratti
kaayyoonii fi ilaalchi inni qabu dhiibaa gaarii kan fidu ta’uu danda’a.
Tajaajilaan kana beeku tajaajila gorsaa kana kan inni hojjetu hojii isa kaan
erga xumuree booda /yoo yeroo qabaate qofa osoo hin taanee tajaajilli gorsa
tiksummaa kunis hojiiwwan ijoo waldaan hojjechuu qabdu keessaa tokko
ta’uu isaa beekuu qaba. Yoo kana beeke humnii fi yeroon dheeraan inni
namootaan gargaaruuf aarsaa godhu isaafis ta’e isa tajaajilamu sanaaf gatii
guddaa akka inni qabutti lakkaawwata.

65
Boqonnaa Sagal (9)
Meeshaalee Gorsa Tiksummaa
9.1 Duudhaalee fi Sirnoota Waldaa Kiristaanaa
Waldaa/manni amantaa kam iyyuu duudhaa fii sirna garaa garaa mataa isaatii qaba.
Duudhaaleenii fi sirnoonni kun miseensonni waldaa sanaa yeroo gaddaatti, jireenyi
isaanii waan tokko tokko keessa seenee yeroo jalaa hiika dhabuu fi amaloonni hin
barbaachiifne yeroo isaan mudatu maal gochuu akka qaban barsiisu. Duudhaaleenii fi
sirnoonni amantaa akka barbaachisummaa isaatti itti fayyadamuuf isaaniin akka
meeshaatti itti fayyadamuu danda’uu qaba.

9.2 Dhoksaawwan Qulqulluu


Dhoksaawwan qulqullaa’oon kun akka mallattootti kan argisiisan qabu. Dhoksaan
qulqullaa’oon kun jireenya amantootaa keessatti hiika adda addaa qabu. Fakkeenyaaf
irbaata Gooftaa fudhannee yoo ilaalle walakkaan amantootaa ni mihiira soda fi
dhiphinaan guuteen yommuu itti dhiyaatan garri kaan immoo jireenya Waaqayyoon
sodaatu qabaachuus otuu hin dhiisiin dhokataa kan ta’e eebba Waaqayyoos immoo akka
inni of keessaa qabu beekuutiin kan itti dhiyatan ni jiru.
Gara dhugaa dubbii isaatti yeroo dhufnu irbaanni Gooftaa amantootaan kan sodaachisu
osoo hin taanee sirna waanta gaarii agarsiisu dha. Irbaanni Gooftaa jireenya
hawwaasummaa kan agarsiisuu fi amanaan tokko immoo attamittiin hawwaasa sana
keessatti jireenya sirrii ta’e agarsiisuutiin miseensummaa hawwaasa tanaa ta’uu isaa itti
fufinsaan godhachuu qabu fuulcha kenna.
9.3 Kadhata
Kadhan meeshaa gorsaan tiksummaa itti fayyadamuu qabu isa ol aanaa dha. Kadhanni
Waaqayyo wajjiin dudubbachuu dha waan ta’eef tajaajilaan gorsa tiksummaa jireenya
hafuuraa warra gorfamanii hundeessee kan dhaabu ta’uu isaa beekanii sirrtti itti
gargaaramuu qabu. Gorsaan tiksummaa amanaa gorsu sanaaf kadhachuu ni danda’a.
Gorsaan tiksummaa sun amanaan attamittiin kadhatatti fayyadamee fayyina dhugaa ofii
isaatiin argachuu akka inni danda’u illee ni barsiisa. Tajaajila gorsa tiksummaa keessatti
shoora gaarii taphachuu kan danda’an akaakuun kadhataa kanatti fufanii kan jiranidha.

66
A. Bakka namaa bu’anii kadhachuu: gorsaan tiksummaa sun mataa isaa bakka
gorfamaa sanaa kaa’uutiin jireenya gorfamaa sana keessatti jijjiiramni dhufuu ni
danda’a. Egaa yeroo inni isaaf kadhatu keessatti gorfamaa sanatti beeksisuun isaa
caalaatti akka inni gara Uumaa isaatti dhiyaatuu fi haala gaariitiin gorsa tiksummaa
sana akka itti fufu isa taasisa.
B. Kadhata galataa: Kun kadhata namoonni rakkina cimaa keessatti kufanii garuu
immoo Waaqayyo kan isaan eeganii olitti erga isaan gargaaree kadhatanidha.
Kanaafuu gorfamtoonni waata gaarii isaaniif ta’eef galateeffachuu yoo baran rakkinaa
isaaniif furmaata argachuuf tarkaanfii isaaniif ta’a.
C. Kadhata yeroo rakkinaa: kadhannaan akkasii beekamaadha. Sababni isaas
namoonni jireenya isaanii keessatti wanti abdii isaan kutachiisu yeroo isaan mudatu
muddamanii kan kadhatan dha. Kadhanni haalotaan jijjiiruu yoo danda’e iyyuu yeroo
baayyee namoonni haaloota isaanii waliin ilaalcha jijjiiramaa qabaachuutiin akka
jiraatan isaan dandeessisa. Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu yoo Waaqayyorratti
of gatuutiin kadhatan kadhannaan humna yaaddo/muddama fageessu qaba /Filph. 4:6-
7, 1Phex. 5:7/. Tajajila gorsa tiksummaa keessatti gorsaan tiksummaa geggeessa
Waaqummaa qabaachuuf cimsee kadhachuu qaba. Gorfamtoota isaa gargaaruuf kan
isa dandeessissu dandeettii, ogummaa fi geggeessa kan isaaf kennu Waaqayyo waan
ta’eef sirriitti kadhachuu qaba. Kadhannaa isaa keessattis warra gorsaaf gara isaa
dhufan yaadachaa kadhachuu qaba.
D. Kadhata yaadaa: kun kadhata Waaqayyo waliin qunnamtii jabaataa godhachuudhaaf
kadhatanidha.Kadhata kana keessatti gorfamaan sanaa fi Waaqa isaa gidduutti
qunnamtii jabaataatu ta’a. Qunnamtii sana keessaan immoo gorfamaan sun haala isa
mudate sana keessatti qofaa isaa akka hin taane hubata.
Namni Dag Heward-Mills jedhamu tikko akka jedhetti “Tikseen kam iyyuutajaajila
tiksummaa isaatti firi-qabeessa ta’ee itti guddachuudhaaf bu’uurri isaa kadhata dha.
Mills, Dag HewardSababoonni tiksichi kadhatatti cimuu qabu qabxiileen 10 ni jiru”
jedheera. Isaanis:
1. Kadhanni mallattoo amantii guddaa qabaachuu ti: namni yeroo gara Waaqayyootti
kadhataan dhiyaatu ofii isaatii hirree fooniitiin waan tokko iyyuu gochuu akka hin
dandeenye ibsaa jira. Ati yeroo kadhattu tajaajila kee keessatti gidduu galuun Waaqayyoo

67
barbaachisaa ta’uu isaa ibsuu kee ti. Kun immoo Waaqayyotti amanachuu dha. Gooftaan
Yesuus bartoonni isaa kadhatatti cimuu akka qaban yeroo isaan barsiisetti fakkeenya
dubartii abba falmaa tokko wajjiin garaa bal’attee itti farachiifattee dubbateera. Kun
cimina amantii ishee agarsiisa. Ib. 11:6 irratti immoo amantii malee Waaqayyon
gammachiisuun hin danda’amu jedhameera. Kunis warri cimanii kadhatan Waaqayyoon
illee kan gammachiisan ta’uu isaanii agarsiisa.
2. Kadhannaan Humna qaba: Gooftaan Yesuus yeroo barsiisaa turetti akka warra
Fariisotaa fi beektota Macaafaa warra kaaniitti otoo hin taanee akka nama aboo
/humn/aangoo qabuutti ture. /Mat. 7:28-29/ Humni kun maddi isaa Waaqayyo mataa isaa
ti. Gooftaan keenya tajaajila isaa osoo hin eegalii dura guyyaa 40 fi halkan 40 gara lafa
onaa deemee kadhateera /Luq. 4/. Kanaafuu kadhannaan madda humna tajaajiltootaati
waan ta’eef kadhachuun barbaachisaa dha.
3. Dibata fida:Museenis saba Isiraa’eliin geggeessaa yeroo turetti gara tulluutti ol ba’ee
kachaa turee yeroo deeb’utti kadhannaa dheeraa irraan kan ka’e fuulli isaa ayyaana
Waaqayyootiin calaqqisee namoonni fuula isaa ilaaluu hanga dadhabanitti ga’an
/Ba’u.24:17-18 /. Museen argamuu Waaqayyoo keessa yeroo dheeraa waan tureef fuulli
isaa calaqqisuu danda’e.
4. Hojii seexanaa tajaajila keeya mormu ni hidha.
Hafuurri hamaan hojiin Waaqayyoo akka galma hin geenyeef yeroo hunda qabsoon
hadha’aan inni taasisu salphaa miti. Kanaafuu akkuma Gooftaan keenya dubbate “Namni
tokko mana nama jabaataa ta’e tokkoo saamuu kan inni danda’u dursee isa jabaataa sana
hidhuu yoo danda’e dha” waan jedheeruuf har’as mormii hamaan tajaajila keenyarrtti
kaasuuf yaalu garanumaan hubannee isa hidhuuf kadhachuu qabna.
5. Kadhanni abboommii Ergamummaa dha.
Phaawuloos ergamaan Ximootewoosiif ergaa barreesse keessatti akka qajeelfama
tajaajilaa isa ol aanuutti kan inni isatti dubbate kadhannaa ture/ 1Xim. 2:1-3/.
6. Tajaajila keessatti kallattii haaraa uumaa /agarsiisa/.
Phaawuloos ofii isaa nama kadhataa ture. Kanaafuu deemsa tajaajila misiyoonummaa
isaa adda addaa keessattis ta’a jireenya amantoota isaa keessatti kan inni
kallatti/geggeessa haaraa argachaa ture kadhannaatti cimuutiin dha. Amantoota warra
Galaatiyyaaf yeroo barreessetti “Hamma Kiristoos isin keessatti mul’atutti akka dubartii

68
deessuutti ciniinsuun na qabateera” jedha/ Gala.4:19/. Ciniinsuun kun fooniin qofa osaa
hin taanee jireenya kanataatiinis ture jechuu dha.

7. Ergamoonni hojii baayi’ee fi itti gaafatamummaa bulchiinsaa keessatti illee


kadhataniiru.
Ergamoonni tajaajilli isaanii ammam kan isaanitti ulfaatuu fi kan isaan ko’oomsu /busy/
ta’u illee “…Nuti garuu kadhataa fi dubbicha lallabuutti ni qabamna” jedhan malee
kadhataaf yeroo hin qabnu hin jenne/H.Er. 6:2-4/.
8. Kadhanni tajaajila Kiristoos keessatti bakka guddaa qaba.
Luq. 22:39-45, Ib. 7:25, Rom.8:34/ kutaawwan kana keessatti gooftaan Yesuus osoo
fooniin lafa kana irra jiruus ta’e erga gara Abbaa isaatti ol ba’ee dhimmi kadhataa
jireenya isaa keessatti bakka guddaa akka inni qabu dubbateera.
9. Kadhanni boojuu deebisa.
Luq. 4:18 irratti gooftaan Yesuus akka ibsetti warri inni akka hurrii baasuuf itti waamame
sun boojuu humna hafuurota hamootaa jala warra turan sana dha.
10. Kadhannaan waan guddaa hojjeta.
Yaaq. 5:16 irratti yommuu ilaallu Yaaqoob kadhannaan nama tolaa waan guddaa hojjeta
jedheeta.

9.4 Sagalee Waaqayyoo


Sagaleen Waaqayyoo madda rakkina dhala namaaf sabaaba kan ta’e cubbuu akka ta’ee fi
furmaanni isaas Waaqayyotti araaramuu akka ta’e jabeessee barsiisa. Inni namoota
rakkinoota adda addaa keessatti kufan jajjabeessuuf humna guddaa qaba.
Gorfamaan gorsaaf gara tajaajilaa gorsa tiksummaa yeroo inni dhufu gara mana isaatti
deebi’ee kan inni ofii isaatii dubbifatu waraabbii Macaafa Qulqulluu kennuuniif
barbaachisaa. Gorfamaan sun waraabbii isaaf kenname sana dubbisee maal akka irraa
hubate immoo tajaajilaan gorsa tiksummaa sun yeroo itti aanuttigaafachuu qaba. Innis
dubbii dubbise sanaan jajjabaachuu isaa gorsaa isaa sanaaf gabaasa.
9.5 Qajeelfama fayyadama meeshaalee kanaa
Takka takka tajaajiltoonni gorsa tiksummaa qajeelfama/tooftaa meeshaalee gorsa
tiksummaa kana ittiin gara hojiitti hiikan waan hin beekneef gar-malee sagalee
Waaqayyoo fi kadhattatti illee otoo fayyadamanii argina. Kanaafuu tajaajilaan gorsa

69
tiksummaa tokko qajeelfamoota ittifayyadama meshaalee tajaajila gorsa tiksummaa
kanatti fufanii jiran beekuunii fi ittiin namoota gargaaruun barbaachisaa dha. Isaanis:
1. Gorfamaan sun waa’ee meeshaalee hafuuraa kana irratti hubannoo inni qabu
beekuun faayidaa qaba. Sababiin isaas tarii gorfamtoonni tokko tokko sana dura
waldaa deemanii tajaajiltoota kadhachiifatanii, gorfamaas kan turan yoo ta’e yommuu
gorsaa tiksummaa kana bira dhufan meeshaalee gorsa hafuuraa sana akka
fayyadamaniif qajeelfamanii garuu immoo gochuun kan isaan nuffisiise ta’uu ni
danda’u. Kanaafuu tajaajilaan gorsa tiksummaa gorfamtoota isaa walii
dudubbachiitiin meeshaaleen gorsa tiksummaa hafuuraa kun gara Waaqayyootti akka
isaan butanii fi yoo itti fayyadaman akka gaariitti jireenya isaaniif hiika akka kennan
beekuu qabu.
2. Tajaajilaan gorsa tiksummaa tokko meeshaalee hafuuraa kana osoo hin fayyadamiin
dura rakkoo gorfamtoota isaa sirriitti beekuu qaba. Kun maddi rakkoo gorfamaa sanaa
maal akka ta’e beekuufis ta’e deebbii barbaachisaa kennuuf gargaara. Rakkoo
gorfamaan qabu akka gaariitti osoo hin hubatiin callisaniitumaa gara sagalee
Waaqayyoo fi gara kadhataatti fiiguun gorsaan sun dhimmicha akka inni sirriitti hin
hubatiin agarsiisa.
3. Meeshaaleen hafuuraa kun rakkina gorfamaa sanaaf furmaata kan fidan malee ittiin
gorfamaa sana irratti aboo/taayitaa keenya karaa ittiin agarsiifnu yoo ta’e firii gaarii
hin qabaatu. Gorsaan tokko waraabbii qubaan xuquu fi kadhataan gorfamaa
ceepha’uun hin ta’u. Kana malees gorsaan garfamaa isaa waliin dudubbatee
amansiisuu yoo dadhabe gara meeshaalee hafuuraa kanatti ce’ee gorfamaa sana ittiin
doorsisuuf kan fayyadamu yoo ta’e deemsi tajaajila gorsa tiksummaa sun hin
milkaa’u.
4. Meeshaalee hafuuraa/fkn kadhata/ kaka’umsa garaa gorfamaa sanaa karaa hin
hir’fneen fayyadamuu qaba. Kanaafuuu gorfamaan tokko kadhan Waaqayyo
dhimmicha keessa akka seenu kan godhu ta’uu isaa beekee ga’ee ofii isaatii
taphachuu qabus otoo hin dagatiin gochuu qaba.
5. Meeshaalee hafuuraa kana mihiira gadhee gorfamaan sun qabu ukkaamsuuf itti
fayyadamuun barbaachisaa miti. Deemsa gorsa tiksummaa keessatti gorfamaan tokko
mihiira isatti dhaga’ame kam iyyuu taanaan ibsachuuf mirga mataa isaa qaba. Tarii

70
akka hawwaasa amantootaatti kun bichina hafuuraa dhabuutti fudhatamuu danda’a.
Amanaan garaa isaatti otuu gubatuu, rakkinaa fi daraarama garaagaaraa keessa osoo
jiruu garuu immoo galanni Waaqayyoof haata’u, dhibee hin qabu jechuu ni danda’a.
Wanti akkasii soba ta’uu isaa caalaa iyyuu Waaqayyoof amanamoo ta’uu dhabuu
isaanii agarsiisa.
6. Gorfamaan sun mihiira isatti dhaga’ame, kan yaadee fi kan hubate akka dubbatuuf
carraa kennuufiiniif faayidaa qaba.

71
Boqonnaa Kudhan (10)

Tooftaalee Gorsa Tiksummaa

Macaafni Qulqulluun “Ba’aa walii keessanii baadhaa” jedhee dubbateera/Gala.6:2/. Garuu


immoo tooftaa ittiin ba’aa walii baatan hin ibsine. Kutaalee Macaafa Qulqulluu garaagaraa
yeroo ilaalluu fi hiiknu immoo tajaajila gorsa tiksummaa keessatti tooftaaleen ittiin gajaajilan
garaagaraa ni jiru. Isaan keesaas:

10.1 Dhaggeeffachuu
Dhaggeeffachuun gocha nuti nama isa kaan/isa dubbatu hubachuudhaaf goonu dha.
Dhaggeeffachuun wanta dubbatamu sana hubachuu bira darbee mataa ofii bakka isa
dubbatuu sana kaa’anii mihiira inni ittiin dubbatu sana hubachuu bira ga’uu dha.
Deemsa tajaajila gorsaa keessatti dhaggeeffachuun furtuu dha. Sababni isaas gorfamaa
sana osoo hin hubatiin kallatti gorsaa filannoo garaagaraa of keessaa qaban kennuufiin
hin danda’amu.
Gorsaan tiksummaa seenaa gorfamaa dhaggeeffachuun barbaachisaa dha. Gorfamtoonni
hedduun nama isaan dhaggeeffatu barbaadu. Gorsaa sana biraatti seenaan isaanii
beekamuun isaa gorsaa sana biratti fudhatama argachuu isaanii fi rakkoon isaanii sirriitti
dhaga’amuu isaa isaan hubachiisa.
Aadaa keenyatti immoo tajaajiltoota baayi’ee dubbatan malee kan baayi’ee
dhaggeeffatan dhibuun isaanii rakkoo tokko dha.
Gara Macaafa Qulqulluu keenyaattis yommuu debinu “Namni dubbii utuu hin
dhaggeeffatiin deebbii kennu gowwummaa isaa fi yelloo isaa mul’isa” jedha /Fak.
18:13/. Yaaqoob 1:19 irratti immoo, “Namni adduma addaan dhaga’uutti ariifataa,
dubbachuutti suuta jedhaa, ta’uun akka isa irra jiru ta’uu isaa beekaa” jedheera.
Gorsaan sun isa dhaggeeffate sana deebisee yeroo inni gorfamaa isaaf ibsu gorfamaan
sun yaadni isaa sirriitti dhaggeeffatamuu isaa mirkaneeffata.
Gorsaan tiksummaa tokko akka inni sirriitti gorfamaa isaa hin dhaggeeffanneef gufuu
kan itti ta’an ni jiru. Isaan keessaas:
 Gorsaan sun wanta xiqqoo ishee qofa dhaga’ee ishuma irratti hundaa’ee
deebbii bilchina hin qabne yommuu deebisuuf yaalu.

72
 Gorfamaan sun mihiira dhiphinaa cimaa keessa galee tajaajilaan gorsaa
sun immoo yaada isaa argachuuf yeroo rakkatu.
 Gosaan sun rakkoo kan gorfamaa sanaa waliin wal fakkaatu qaba yoo ta’e
gorfamaa sana dhaggeeffachuu gidduutti kutee yaadaan gara kan mataa
isaa herreguuttiyommuu ddeebi’u.
 Dhaggeeffachuutiin furmaata kennuu akka furmaataatti hin lakkaa’u yoo
ta’e.
 Aadaa sana keessatti dhaggeeffachuun dubbaachuu caalaa bakka gad
aaanaa qaba yoo ta’e tajaajiltoonni dhaggeeffachuu caalaa dubbachuu
irratti yoommuu xiyyeeffatan.
10.2 Yaadota filannoo furmaataa dhiyeessuu
Gorfamaan tokko tajaajila gorsaa argachuuf yeroo inni dhufu rakkinni isaa gochaan kan
hiikamu yoo ta’e shoorri gorsaa tiksummaa taphachuu qabu gorfamaan sun maal maal
yoo godh rakkina isaa sana keessaa akka ba’u karaawwan baa’umsaa garaagaraa fi
filannoo garaagaaraa qaban agarsiisuu dha. Gorsaan tiksummaa yaadota filanno
furmaataa ta’u jedhee kan yaadu sana baasee osoo gorfamaa sanatti hin ibsiin
inni/gorfamaan/ sun ofii isaatii karaa ta’a jedhee kan yaadu yoo qabaateef yaada isaa
dhaggeeffachuutiin karaan inni qabatee jiru sun miidhama inni qabuu fi faayidaa isaa
wal bira qabe argisiisee, yoo kan deemsisu ta’e itti fufsiisee yoo kan hin deemsifne ta’e
immoo hubachiisuu dha.
Yaadni furmaataa karaa gorsaa tiksummaa dhiyaatus bifa abboommiitiin/ajajaatiin
“Akkas godh! Akkas ta’i!” osoo hin taanee “Akkas yoo goote maal sitti fakkaata?”
jechuutiin yoo ta’e filatamaa dha.

10.3 Beekumsaa fi hubannoo sirrii gorfamaa sana qabachiisuu

Gorfamaan tokko beekumsaa fi hubannoo sirrii ta’e yoo qabachiisan ofuma isaatii
rakkina isaatiif furmaata fiduu akka inni danda’u gooftaan Yesuus Yoha. 8:32, 4:29
irratti arguu ni dandeenya. Kutaa kana keessatti gooftaan Yesuus namoota Waaqayyotti
amanan kanaan, “Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe. Kana
yoo ilaalle namoonni hubannoo sirrii dhauu isaaniirraan kan ba’e miidhama garaa
garaatti kufu.

73
Dubartittiin Samaariyaa gaafa Gooftaan boolla bishaanii Yaaqaoob biratti arge rakkinni
isheen qabdu hundee isaa kan gad fageeffate ture. Gooftaan Yesuus suutuma suuta akka
isheen of argitu akka inni ishee gargaare ilaalla. Isaayaas raajichis otuu Waaqayyo
eenymmaa isaa isatti hin mul’isiin dura tajaajilaa of hin argiin ture. Garuu immoo, erga
Gooftaan of isa argisiisee sirriitti Waaqa isaaf addaan ba’ee tajaajile.

10.4 Waan gorfamaan gochuu qabu itti agarsiisuu.


Gorfamaan waan gochuun isaaf ta’u raawwachuutiin furmaata rakkina isaa bira ga’uu
akka inni danda’u kutaalee Macaafa Qulqulluu keessatti argachuu ni dandeenya. Yaadni
kun gorfamaan erga barumsa barbaachisu argateen booda akka hubanoo barnooticharraa
argatetti yoo hojjete furmaata rakkina isaa bira ga’uu ni danda’a. Yoo akka barnoota
isaa kanatti hojjechuu dhaabaate hubannoo/beekumsa qabaachuun qofti hin gargaaru.
Gooftaan keenya Yesuus dargaggeessicha sooressa sana waliin yeroo wal qunnametti
dargaggoon/gorfamaan sun rakkina isaa itti himatee ture. Rakkinni dargaggoo sanaa
karaa ittiin jireenya barabaraa argatan wallaaluu ture. Rakkoo dargaggoo kana hiikuuf
wanti raawwatamuu qabu tokko jura ture. Innis deemee waan qabu hunda gurguree
warra dhabaniif kennee Gooftaa duukaa bu’uu ture /Mat. 19:21/. Bakka biraati immoo
Gooftaan Yesuus beekaa seeraa tokko walii osoo haasa’uu rakkina namicha kanaa erga
hubatee booda “Atis dhaqii akkasuma godhi!” ittiin jedhe/ Luq. 10:37/. Kanatti dabalees
immoo namoonni lamxii qaban kurnan/10/ fayyuuf yeroo isaan gara Gooftaa dhufanitti
karaan fayyinaa isaan isaanitti himame “Deemaa lubatti of agarsiisaa!” kan jedhu
ture/Luq. 17:14-15/.
Egaa gorsaan tiksummaa nama gorsa barbaacha gara isaa dhufe akaakuu rakkoo sanaa fi
haala rakkinichi itti uumame erga hubatee booda tooftaa gorsaa barbaachisaa ta’e
fayyadamuutiin rakkina namichaa furuun gargaaruu ni danda’a.

74
Boqonnaa kudha Tokko /11/
Namuusa Gorsa Tiksummaa
11.1 Namuusa
Tajaajilli kunuunsaa ilaalcha namuusa irraa bilisa ta’e hin jiru.Gorsi
tiksummaa namuusa waliin walitti kan hidhame waan ta’eef naannoo waldaa
kiristaanaatti akka inni ta’u beekamaa dha. Gorsaan tiksummaa waldaa itti
tajaajilli gorsaa kennamu sana bakka bu’ee kan jiraatu dha. Wakdaan
kiristaanaa immoo walga’ii qulqullootaa waan taateef gorsaan sun
namuusaan amantoota sana tajaajiluuf imaanaa fuudheera.
Kanaafuu tokkoo tokkoo amantoota sanaatti/gorfamtoota isaatti namuusa
barbaachisaa ta’e agarsiisuun isaan tajaajiluu qaba. Iddoo kanatti gorsaa
tiksummaa kana gargaaruu kan danda’u yaadni jalqabaa hamilee dhaabbataa
sirrii ta’e itti himuun dura amanaan sun jireenya isaa keessatti namuusa
akkamii akka inni shaakalaa jiruu fi shaakalli isaa kun immoo naanoo maatii
isaa fi warra kaaniitti miidhaa inni geessise akka hubatu gochuu dha.
Gorfamaan sun ofii isaa gara namuusa sirriitti akka inni dhufu gochuun
gorsaa tiksummaa sana barsiisaa namuusaa gochuu irraa ni baraara.
Gorsaan tiksummaa gorfamaa waliin qunnamtii yeroo eegalu
icciitii/dhoksaa gorfamaa sanaa eeguu akka qabu waadaa seeneera taanaan
yoo hayyamsiise malee dhimmicha baasuun itti hin jiru. Gorfamaan sun
cubbuu hojjete qabaatee tiksee waldaatti himatee qalbii isaa jijjiirrateera
taanaan tiksichi geggeessitota waldaatti himee tarkaanfii irratti fudhachuun
irraa hin eegamu. Wanti gochuun ta’u gorfamaan sun ofii isaa cubbuu isaa
geggeessitootatti akka himatu gargaaruu fi jajjabeessuun irra jira. Cubbuun
raawwatame sun eenyummaa waldattii balaa irra kan buusu yoo ta’e immoo
tajaajilaan gorsa tiksummaa sun gorfamaa sanatti icciitii/dhoksaa sana akka
baasu itti himee baasuu ni danda’a. garuu immoo icciitii gorfamaa tokkoo
haala namuusaa ala ta’een akka hin taane itti yaadamuu qaba.

75
11.2 Icciitii eeguu
Icciitii eeguun namuusa tiksummaa ti. Akkuma beekamu icciitii eeguu
jechuun namni tokko odeeffannoo nama biro irraa dhaga’e qaama sadaffaaf
dabarsuu dhiisuu dha. Odeeffannoon sun qaama lama gidduutti dhokatee
akka turu gochuu dha. Tajaajila gorsa tiksummaa soda fi yaaddoo irraa
bilisa gochuutiin amanaan gorfamu sun bilisummaatiin akka inni dubbatuuf
carraa kennuufii dha. Gorsaan tiksummaa icciitii gorfamaa eeguuf
ittigaafatamummaa qaba. Icciitii eeguu dadhabuun tajaajila gorsa tiksummaa
irratti miidhaa qaba. Waa’ee icciitii eeguu fi eeguu dhiisuu osoo hin kaasiin
dura hawwasa keenya duratti icciitii eeguun attamitti ilaalama kan jedhu yaa
ilaallu.
Hawaasni keenya uummata waliin jiraatu waan ta’eef icciitii gad-
fageenyaan dhokfatu qabaachii dhiisuu sans’a. Namoonni konkolaataa
keessa taa’anii dhibee isaanii nama cinaa isaanii jirutti ni haasa’u. Kana
jechuun immoo icciitiin dhoksaatti eegamu hin jiru jechuu miti. Tokkoon
tokkoo namootaa, maatiinii fi gareen illee icciitii dhuunfaa isaanii qabu.
Namoonni kun immoo icciitii isaanii kana nama amananii fi itti dhiyaatan
qofatti himatu. Icciitiin waltajjiitti ba’ee nama abbaa fedhetti hin himamu.
Keessumatti iyyuu namoonni icciitii isaanii geggeessitoota amantaatti
himachuu jaallatu.
Tikseen waldaa tokko odeeffannoo gorfamtoota isaa fi amantoota biroo irraa
argate irratti hundaa’ee lallaba qopheessee laallabuu hin qabu. Dubbiin
akkasii kun kallattiidhaaanis ta’e al kallattiidhaan icciitii gorfamtoota isaa
bakkee baassu jechuu dha. Tiksitoonni waldaa hedduun icciitii namni
isaanitti odeeffate fakkeenya godhatanii ittiin lallaba isaanii bareechatu.
Icciitii eeguun namuusa tajaajilaa gorsa tiksummaa isa ol aanaa dha.
11.3 Taayitaa tajaajilaa gar-malee fayyadamuu
Tajaajilaan gorsa tiksummaa taayitaa tajaajilaaf isaaf kenname gar-malee itti
fayyadamuu danda’a. kana gochuun garuu barbaachisaa miti. Tajaajila gorsa
tiksummaa keessatti gorfamaan gorsaa isaatiin geggeefamuu waan
barbaaduuf gara amala hin taaneetti geessuu danda’a. Gorfamaan yeroo

76
dhufu gargaarsa barbaadee waan dhufuuf taayitaa gar-malee fayyadaamuu
irraa of qusachuun barbaachisaa dha.
Yeroo baayi’ee wanti akkasii kan inni ta’u gorfamaan sun gorsaa isaa sana
akka gorsitoota warra kana dura waliin tureetti ilaaluu yeroo eegalu dha.
Yeroo sanatti muuxannoo gorsaa isaa durii sanaanyaadachuutiin ija/yaada
akkasiitiin ilaaluu eegala. Kana booda deemsa gorsaa dhiisee muuxannoo
bare sana gorsaa isaa waliin gochuuf yaalii eegala. Yeroo akkas ta’u gorsaan
sun akka waan gorfamaan sun isa tuffateetti fudhatee taayitaatti fayyadamuu
/dutuu, aaruu kkf/ waan danda’uuf of eegaachuu dha.

77
Boqonnaa kudha Lama/12/
Gufuu Gorsa Tiksummaa
Tajaajilli gorsa tiksummaa ball’inaan akka hin kennamneef gufuu kan ta’an waantoonni
baayi’een ni jiru. Isaan keessaas:

12.1Hanqina Yeroo

Tiksitoonni baayyeen hawwaasa amantootaa keessaa warra rakkoo qaban bira ga’anii
tuwachuuf yeroo hin qaban. Tajaajilli tiksummaa biroon akka tiksichi tajaajila gorsaa
irratti hin xiyyeeffanne isa taasisa. Kana irraan kan ka’e amantoonni inni osoo gorse
deebisuu danda’u gaaga’insa /rakkina jereenyaa keessa seenu. Tajaajila gorsa tiksummaa
kanaaf yeroo barbaachisaa ta’e qooduu/kennuu dhabuu irraan kan ka’e kan tikseen
amantoota rakkinni mudate bira ga’u erga rakkinni isaanii hidda gad fageeffatee booda
dha. Sababni tikseen yeroo barbaachisaatti rakkoo amantootaa bira ga’uu itti dadhabu
keessaa inni tokko baayyinni amaantoota kutaa waldaa tokko jala jiran sirriitti hedduu
yommuu ta’an baayyinni tajaajiltootaa isaan qaban immoo xiqqaachuu isaa ti. Takka
takka amantoota 800 fi isaa ol tajaajiluun ni jira. Amantoota kana dhuunfaatti beekuunii
fi tajaajiluu danda’uun ni ulfaata.

12.2 Leenjii Dhabuu

Tiksitoonni baayyeen barumsa Xiin Sammuu kan argatan miti. Akkuma biyya Itiyoophiyaatti
iyyuu barumsa xiin sammuu osoo hin taanee barumsa sirna Waaqummaa iyyuu argatee
tajaajilatti kan bobba’e namoota qubaan lakkaa’mani dha. Amma erga manni barumsaa sirna
Waaqummaa biyya keessatti babal’achaa dhufee immoo tajaajiltoonni warri duraan leenjii malee
tajaajilatti bobba’an Macaafa Qulqulluu irratti qofa xiyyeeffachuun barachaa jiru. Yaata’u malee
xiyyeeffannaan barumsa argachuu kitaaba qulqulluu qofa irratti osoo hin taanee beekumsa
waliigalaa irrattis/xiin sammuu irraattis/ osoo ta’e baayi’ee filatama. Tiksitoonni leenjii Macaafa
Qulqulluutii ala leenjii xiin saammuu waan hin qabneef tajaajila gorsa tiksummaa irratti akka
isaan irraa eegamutti raawwataniitu jechuuf ija nama hin jabeessau. Kanaafuu tiksitoonni
tajaajila gorsa tiksummaaf akka ga’aa ta’aniif leenjii garaa garaatiin hidhachiifamuu qabu.

78
12.3 Rakkina Daangaa

Tajaajilli gorsa tiksummaa kan inni kennamu hawwaasa amantootaaf waan ta’eef gorfamaanii fi
tiksichi haalota garaa garaan wal ni qunnamu. Qunnamtiin haalota hedduu of keessaa
qabu/bakkaa fi haalaan hin daangeffamiin/ kun gorfamaa fi tiksicha gidduutti daangaa kan hin
qabne ta’a. Tiksichi takkaa akka gorsaatti gorfamaa waliin turee yeroo biraa immoo
barsiisaa/lallabaa/bulchaa/geggeesaa ta’ee dhiyaata. Akka gorsitoota warra kaaniitti tikseen
gorfamtoota waliin dudubbachuu dha ala qunnamtii isaa daangessuu hin danda’u. Kun immoo
walitti bu’insaaf sababa ta’uun alatti iyyuu deemsi gorsaa sun yeroo dheeraaf kan turu yoo ta’e
milkaa’insa hin ta’u.

12.4 Haala Ilaalchaa

Yeroo baayyee tajaajiltootatti tajaajila fakkaatee kan isaanitti mul’atu namoota baayyee leenjisuu
fi wangeela itti lallabuu dha. Amanaa tokko waliin itti fufinsaan yeroo fudhachuu akka yeroo
qisaasessuutti tajaajiltoonni ilaalan jiraachuu danda’u. Bara ariyatamaatti dur waldaan
kiristaanaanama tokkoof yeroo ishee kennite tajaajiltee bartuu gochaa turte. Amma garuu namni
hundi gara waldaatti waan lola’eef tajaajiltoonnis tajaajila waltajjii muuxannoo waan
godhataniif/baraniif dhuunfaa isaaniitti amantoota tuwachuuniif tajaajiluun datamaa jira.
Amanaan sun rakkatee gara isaanii/waldaa dhufee yoo itti himate yeroo xiqqoof dhaggeeffatanii
sana booda immoo furmaata jedhanii kan yaadan itti darbatanii kadhataniifii geggeessu. Kana
booda immoo yoo rakkinni sun hin fooyyofne ta’e akka waan gorfamaan sun gorsa isaanii hin
fudhanneetti/amantii hin qabneetti ilaalama. Ilaalchi akkasii kun waa’ee tajaajila gorsaa
hubannoo ga’aa dhabuu ykn immoo rakkoo dhuunfaa amantootaa baachuuf fedha dhabuu irraa
madduu danda.

Ilaalchi amantoonni dhimma tajaajila gorsaa irratti waa’ee tikseef qaban deemsa gorsaa irratti
dhiibaa qaba. Ilaalchawwan kana keessaas walakkaan isaanii:

1. Tikseen hin dutu, mihiira gadhee hin agarsiisu.


2. Tikseen yaada fooniitiin hin qoramu.
3. Tikseen seera jabeessa.
4. Tikseen wallaalaa dha. Wanti inni dubbatus qabatamaa miti.

79
5. Tikseen dhimma horii fi daldalaa irratti hubannoon isaa xiqqaa dha.
6. Tikseen yeroo mara warra kaan jijjiiruuf dhama’a.
7. Tikseen yeroo mara horii nama irraa barbaada.
8. Tikseen ijoollee isaa sirriitti hin guddisu.
9. Tikseen dhimma haafuuraaf baayyee amanamaa miti.
10. Tikseen dhiira ta’uu qaba kan jedhuu fi kkf.

Ilaalchonni sirrii hin taane akkasii kun tajaajila tiksee sanaa miidhii danda’u. Tiksichis akka
itti namoonni waa’ee isaa yaadan yoo hubate mataa isaa sirreessuu fi namoonni kun illee
waa’ee tiksee ilaalcha dogoggoraa akka hin qabaanneef jechaa fi gochaan mul’isuu qaba.

12.5 Kaffaltiin tajaajilaa dhibuu

Yeroo baayyee gorsi tiksummaa akka ga’ee tiksichaatti waan ilaalamuuf isumaan amantootaaf
kennama. Kun warra gara qaama biro deemanii gorfamuuf hindandeenyeef gaarii dha. Garuu
immoo tajaajilli gorsa tiksummaa kun gatii malee ta’uun isaa deemsa gorsichaa irratti miidhama
fidu qaba. Isaan keessas:

A. Gorfaman sun deemsa gorsichaa keessatti mihiirri abbummaa fi itti gaafatamummaa itti
hin dhaga’amu. Sababnii isaas horii kennanii yoo gorfaman yaada furmaataa isaaniif
kenname sirriitti kabajaan fudhatu waan ta’eef dha. Gorfamtoonni tiksichaaf illee osoo
hin taanee waldaaf tajaajila gors atiksummaa sana hirkisuuf otuu kaffaltiin giddu-galeesa
ta’e jiraatee gaarii ta’a.
B. Gama biraan immoo namoota gama kamiin iyyuu waldaa inni keessaa tajaajilu
gargaaranii hin beekne kaffalchiisuun gaarummaa qaba.

Yaadota olitti caqafaman kana attamitti ilaaltu?

80
Kutaa Lama

Namoota Rakkinoota Adda Addaa Qaban Gorsuu

Boqonnaa Kudha Sadii (13)

Gorfamtoota /Namoota Mihiirri Badii Gochuu/Yakkamummaa Itti


Dhaga’amu Gorsuu

13.1 Mihiirri Yakkamummaa Maal Dha?

Yakki qaama tokko irratti, kana jechuunis: waldaa kiristaanaa, hawwaasa, fi kkf irratti gocha
namuusaa ala ta’ee fi seeraan dhorkame raawwachuu dha. Mihiirri yakkamtummaa immoo waan
balleesse/yakke sanaaf mihiira inni yakkaa godhe sun argsiisu dha. Mihiira yakkamtummaa
jechuun namni tokko cubbuu/yakka yommuu raawwatu mihiira itti dhaga’amu dha.Keessumatti
iyyuu namichi cubbuu godhe sun waan dalage sanaaf jireenya gaabbii keessa erga galee booda
“Ani waan akkasii gochuu kootti hamaa hojjedheera” jedhee haala inni itti mataa isaa ceepha’u
dha. Mihiirri yakkamtummaa kan inni itti dhaga’amu waan gochuun isaaf hin taane raawwatee
isa raawwate sanaaf immoo gaabbee waan dalage sana deebisuu yeroo dadhabu dha.

Mihiirri yakkamtummaa kun ka’umsi isaa karaa adda addaa namatti dhufuu ni danda’a. Namni
tokko akka aadaa itti guddateetti/barsiisa kutaa amantii keessa jiraatuu gocha ta’uuf hin malle
yommuu godhu kan itti dhaga’amuu danda’a.Namni aadaa naannoo keessa jiraatuu irraa wanti
inni baratu hedduun mihiira yakkamtummaa namatti dhagessisuuf dandeetti qaba. Kana irraa
kaanee yommuu ilaallu mihiirri yakkamtummaa kun hawwaasa kam keeessa iyyuu kan jiruu fi
garuu immoo sababni isaa garaa garaa akka inni ta’e ni hubanna. Fkn. Walakkaan hogganaa isaaf
abboomamuudiduutiin, inni kaan immoogaarii gochuu dhabuu isaatiin mihiirri yakkamtummaa
itti dhaga’ama. Kanatti dabalees namni waan sirrii hin taane tokko sadarkaa yaadaatti illee erga
yaadee booda dhimmichi sirrii akka hin taane erga hubatee gocha sana osoo hin raawwanne ta’ee
iyyuu mihiirri yakkamtummaa itti ni dhaga’ama.

13.2 Macaafni Qulqulluun waa’ee mihira yakkamtummaa maal jedha?


Yakki namoonni mataa isaanii waliin, warra kaanii fi Waaqayyo waliin walii galuu dadhabuutiin
abaarsa dhufe akka ta’e Macaafni Qulqulluun barsiisa. Cubbuunis mihiira yakkamtummaa kana
akka inni fides ni dubbata. Namni yakkamaa kan isa jechisiisu seera Waaqayyoo irra yeroo
daddarbu dha. Mihiirri yakkamtummaa fi cubbamaa ta’uu isaanitti dhaga’amee namoonni yeroo

81
isaan gara isaanii dhufan tajaajiltoonni dirqisiisanii yaada isaanii qofa akka fudhataniif dhiibuun
hin ta’u.

13.3 Barnoonni Xiin Sammuu Dhimma Mihiira Yakkamtummaa kana irratti maal jedh?

Akka namni Sigimaand Firud jedhamu jedhetti mihiirri yakkamtummaa namatti dhaga’amuu kan
inni eegalu ijoollummaatti waggaa afurii fi shan irraa kaasee ti. Umurii kana irratti ijoollonni
hawwaasicha irraa waan sirrii ta’ee fi hin taane adda adda baasanii beekuu ni danda’u. Akkasitti
hamaa fi gaarii erga addaan baasanii ijoollummaa irraa gara guddina itti aanuutti waan dhufaniif
abboommii warra isaanii raawwachuu dhabuu irraan kan ka’e dhiphina yaadaa keessa seenu.
Fedhii isaanii fi yaada isaanii isa madaalli dubbii eegu/ ህሊና/ gidduutti dhiphinni yaadaa dhufa.

Fedhii uumaa guuttachuuf kaachuun amala bineensummaa yommuu ta’u madaalliin yaada
garaa /ህሊና/ immoo “Maal naan jedhu/maal jedhuu/sodaatee fedhii uumamaa sana dhorka.
Yaadota wal faallessan kana lamaan walitti araarsuun yoo ulfaate of jibbuun, mihiirri gad-
aantummaa itti dhaaga’amuunii fi of balleessuun/ajjeesuun, jireenyaaf isaaniif yaaduu dhabuun
akkasumas rakkinoota araada adda addaatiin qabamuun ni dhufa.

Akka namni Erik Eriksen jedhamu tokko jedhetti immoo ijoollonni waggaa 3-5 gidduutti yaadni
garaa isaanii hojjechuu eegala jedha. Ummurii kana irraa eegalanii hamaa fi gaarii baru. Waanti
tokko akka inni sirrii hin taane kan isaan ittiin beekan yoo waanti sun kan nama adabsiisu ta’e
dha jedheera. Gama giraatiin immoo waan tokko badhaasa kan nama argachiisu yoo ta’e
waantichi sirri dha jedhu. Sammuun ijoollotaa hojii erga eegalee soda diidaa caalaa sagalee
keessa isaanii akka dhaggeeffatan isaan godha.Yeroo kanatti waanti mihiira ijoollee gaddisiisu
kun mihiira yakkamtummaa isaanitti fida. Kana malees jechoonni hojiin kee sirrii miti, gaafiin
kee hiika hin qabu, taphni /haasaan kee hin ta’u kkf yeroo ijoollotatti himamutti mihiirri
yakkamtummaa akka isaanitti dhaga’amu godha.

Firuud namni jedhamu tokko immoo mihiirri yakkamtummaa kun gaarii akka inni ta’e dubbata.
Mihiirri yakkamtummaa isa badii dalage sana miidha malee namni mihiirri kun itti dhaga’ame
warra kaan irratti hamaa/dabaa akka hin hojjenne isa godha. Waa’e gocha isa darbee yaaduutiin
gara fuula duraatti gocha sana fakkaatu akka hin raawwanne isa taasisa jedheera.

13.4 Mihiira Yakkamtummaa isa sirrii/fayya-buleessa ta’e

Mihiirri yakkamtummaa inni sirri/fayya-buleessa ta’e kan inni namatti dhaga’amu yoo namni
tokko safuu hawwaasaa, barnoota Macaafa Qulqulluu ykn sammuu isaa keessatti kan caafame
seera uumamaarra yeroo inni darbu kan itti dhaga’amu dha. Yakki raawwatamee fi hangi gaabbii
isa yakkerra ga’uu kan wal maadaalu yoo ta’e mihiirri yakkamtummaa sun sirrii/fayya-buleessa
jedhama.

Macaafni Qulqulluun mihiirri yakkamtummaa fayya-buleessa ta’e akka inni jiru raga ni ba’a.
phaawuloos waa’e kanaa yommuu dubbatu “Akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun,

82
yaada garaa geddarachuu fida; inni immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabbisiisu;
akka biyya lafaatti fudhatamutti gadduun garuu du’a fidajedheera /2Qoro. 7:10). Gaabbiin sirriin/
fayya-buleessi waa’ee dubbii darbee keessa deddeebi’anii akka yaadan kan godhu qofa osoo hin
taanee gara fuula duraatti illee yakki kana fakkaatu akka irra hin deebi’amneef yeroo isaan itti
waadaa seenan isaaniif ta’a. waan dogoggoraniif baay’isanii kan gad caban osoo hin taane akka
barbbaachisummaa isaatti qofa yaada isaanii erga jijjiiratanii booda deemsa gara fuula duraatiif
akka ta’utti isa darbeerraa kan baratu dha.

Pheexiroos bartuu Gooftaa ta’ee osoo jiruu Gooftaa isaatiin illee haala kam keessatti illee
taanaan ani si hingamu jedhee waadaa seenee ture. Haatu’u iyyuuti malee yeroon qormaataa inni
sirriin yommuu inni dhufetti Gooftaa waliin ta’uun isaa hafee si’a sadii deddeebi’ee ganeera
/Mat. 26:75/.

13.5 Tooftaalee namoota mihiirri yakkamtummaa inni sirriin itti dhaga’amu ittiin gorsan

Firiin mihiira yakkamtummaa gaarii ta’uu ni danda’a. Gaarummaan isaa kunis haala sirrii fi
deemsa gorsaan qabamee gara firii gaariitti deemuu dhaa yoo baate gara firii hamaa ta’eetti
geessuu ni danda’a. Namoota mihiirri yakkamtummaa inni sirriin itti dhaga’amu akkasii kana
gorsuuf karaan filatamaan waa’ee yakka raawwatanii sanaaf qalbii isaanii akka jijjiirrataniif
haala mijeessuu dha. Amantoonni tokko tokko yakka keessa erga seenanii kallattidhaan qalbii
jijjiirrannaa keessa seenuun utuu isaaaniif ta’uu garuu immoo waan godhan isaanitti bitaacha’ee
of ceepha’uu/kasasuu qofaan jiraatu. Namoota akkasiitiif karaan isaan ittiin fayyan qalbii
jijjiirrachuutiin dha.

Gorsaan tiksummaa sun qalbii jijjiirrannaa amanaa sanaa dhaggeeffachuutiin hojii lubummaa
isaa raawwachuu qaba. Amanaan yakka keessa seenes sunis qalbii erga jijjiirratee Waaqa isaa
duratti waanti hin sirraa’iin yoo jiraate sirreeffatee Waaqayyos yakka isaa akka isaaf dhiise
hubachiisuu dha.

Yeroo tokko tokko qalbii jijjiirrachuunii fi Waaqayyo irraa dhiifama argachuun qofti ga’aa
yeroon inni itti hin taane ni jira. Inni yakke waan yeroo darbe balleesseef waan kaffaluu qabu
qaba. Innis warra waliin hojjetu/jiraatu gaddisiisee yoo jiraate fi sababa kanaatiin immoo walitti
dhufeenyi isaanii kan yarate yoo ta’e deemsa tajaajila gorsaatiin dhimmicha sirreessuun dhiifama
sana caalaatti qabatamaa taasisa. Karaa kanaatiin namni mihiira akkasiitiin qabame bilisoomuu
ni danda’a.

Mihiirri yakkamtummaa ittifame jechuun immoo xalaan yakki sun hojjete salphaatti badeera
jechuu miti. Xalaan sun jiraachuun immoo takka takka mihiira yakkamtummaa sana keessa nama
seensuu danda’a. kanaafuu gorfamtoonni Waaqayyo irraas ta’e namoota irraa dhiifama argatan
jechuun rakkinota isaanii maraaf furmaata argatan jechuu osoo hin taanee rakkuna isaanii isa
tokkoof furmaanni argameera jechuudha malee guutmmaa guutuutti kana mo’achuuf ayyaana
Waaqayyoo akka barbaachisu beekuu dha.

83
13.6 Mhiira Yakkamtummaa sirrii hin taane

Kana bakka lamatti qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Isaanis:

Inn jalqabaa namoota dogoggora xiqqaa raawwatanii garuu immoo mihiirri yakkamtummaa
cimaan itti dhaga’amu dha. Iaan kun beekanii osoo hin taanee otuu hin beekiin waanta namoota
kan biro miidhu utuu hin raawwatiin mihiirri kun itti dhaga’ama. Sammuun isaanii baayyee
haphiiwaan ta’eefdogoggorri xiqqoon isaanitti dhaga’ama. Ijoollumaa isaaniitii eegalee adabaa fi
ceephoo saodaachuun waan guddataniif mihiirri kun keessa isaaniitii dhaga’ama.

Gaabbiin sirrii hin taane firiin isaa hamaa fida. Phaawuloos gaabbiin sirrii hin taane gadda isa
kan biyya lafaa ti jedheera. Gaddi biyya lafaa kun immoo du’a fidda/ 2Qoro. 7:10/. Yihudaa
Asqorottuun kanaaf fakkenya gaarii ta’a. Inni ifaa ifatti dabarsee Gooftaa kennuu isaatiin yakka
dalageef ni gaabbe. Gaabbuu isaas immoo “Ani dhiiga qulqullaa’aa dabarsee kennuu kootiin
yakkeera” jechuutiin ibseera /Mat. 27:4/. Xiyyeeffannoon Yihudaa badii dalage irratti dha
mihiirri yakkamtummaa kun baayinaan itti dhaga’ameera waan ta’eef baachuu dadhabuutiin inni
fuula duraa isatti mul’achuu hin dandeenye. Yeroo sanatti Yihudadhaaf karaan ittiin mihiira
akkasii kana jalaa miliqan of ajjeesuu waan itti fakkaateef deemee of rarraase.

Inni lammataa namoota waan baay’ee hamaa ta’e raawwatanii garuu immoo mihiirri
yakkamtummaa tokko illee itti hin dhaga’amne dha. Fakkeenyaaf nama qajeelaa ajjeesanii
namoota gaabbiin tokko illee itti hin dhaga’amne jechuu dha. Isaan kun namoota rakkoo
namummaa qabani dha.

Namoonni mihiirri yakkamtummaa itti hin dhaga’amne kun amalli isaan agarsiisan kanatti fufee
jira. Isaanis:

1. Baay’isanii mataa isaanii jaallachuurraan kan ka’e faayidaa isaaniif jecha warra kaan
irratti hamaa/miidhaa geessisu. Mirga warra kaanii dhiibuunii fi sarbuun irraa mul’ata.
Haala kam keessatti illee taanaan faayidaa ofii isaanii kan dursisiisani dha. “Hiriyyaa kee
akka mataa keetti jaalladhu” inni jedhu isaan biratti hin hojjetu.
2. Waa’ee mataa isaanii tilmaama ol ka’aa/ol aanaa qabu. Jiraachuun isaanii jiraachuu warra
kaaniif murteessaa akka ta’etti yaadu. Fakkeenyaaf tajaajiltoota wangeelaa/
geggeessitoota waldaa yoo ta’an tajaajillii fi jiraachhuun waldaa isaanii alatti akka hin
danda’amnetti yaadu.Yaada isaanii kana immoo warra kaanitti haasa’u /odeessu.
3. Amala yaada namootaa micciiruu qabu. Isaan kun kaayyoo isaanii galma geessifachuuf
yaada namootaa micciiruu ni danda’u. keessumatti iyyuu isaan akkasii kun namoota
hafuuraa fakkaatanii waldaa kiristaanaatti dhiyaachuutiin jechoota hafuuraatti
fayyadamanii,gad of deebisuu sobaatii fi kan kana fakkaatuun qabatanii akka namoonni
yaada isaanii “Ameen” jedhanii fudhataniif barbaadu.
4. Amalli namaaf gaduu isaan irratti hin mul’atu. Hiriyyoonni isaaniis ta’e firri isaanitti
dhiyoon rakkina keessa seenee yommuu argan akka waan ofii isaaniittii rakkataniitti
bakka isaanii of kaa’anii mihiira isaanii hin hirmaatan. Qooda nama rakkateef gadduu fi

84
garaa laafuu madda rakkina namichaa qorachuutiin yakkamaa ta’uu isaa irratti
mirkaneessuu fi irratti murteessuuf yaalii taasisu.
5. Miidhamni namaa isaan gammachiisa. Mireenyi warra kaanii milkaa’uun isaan hin
gammachiisu. Namni isaan beekan/hiriyyaan isaanii gaa’elli isaa osoo diigamuu, qoramsa
keessatti osoo inni kufuu arguun, hojii irraa osoo ariyamee, osoo dhukkubsatee fi osoo
du’ee illee isaan gammachiisa. Isaan kun tarii diidaan warra kaan duratti kan gaddan yoo
fakkaatan illee keessi isaanii miidhama warra kaaniitti gammachuu argata.

13.7 Namoota mihiirri yakkamtummaa tasuma iyyuu itti hin dhaga’amne

Warri akkasii kun duudhaalee /safeeffii waldaafis ta’e kan hawwasichaaf dhimma hin qaban.
Waan hawwasichi sirriidha, dogoggora jedhu kamiif iyyuu eddo hin qaban. Namoonni akkasii
kun yakka hin raawwatan. Takka takka immo yeroo isaan itti yakka keessa galanii miliqan
jira.Garuu immoo baay’inaan dhimmota yakka hin taane keessa seenanii otuu isaan rakkoo
uumanii argamu. Fakkeenyaaf, bakka hojiitti rakkoo /jeequmsa uumuu, hojjetaa yoo ta’an
hogganaa isaaniif hin ajajaman, ofii isaanii hogganaa yoo ta’an immoo abbaa hirree /autocratic
leader/ykn mure-guuraa isa jedhamu sana ta’anii dhaabbaticha geggeessu. Namnii fi yaadni
faallaa yadda isaanii ta’e hundi isaan biratti fudhatama hin qabu. Hojjetaa dhaabbatichaa akka
“Garbaatti” lakkaa’uun irraa mul’ata, nama taayitaa isaaniif shakkan kam iyyuu sababni ga’aan
osoo hin jiraatiin hojii irraa ari’u.kana hunda yeroo raawwatan xiqqoo ishee illee sammuu
isaaniitti hin dhaga’amu.

Jireenya namoota akkasii keessa hafuurri ejjummaas ni jira.Dursanii utuu itti hin karoorsiin waan
tokko raawwatu, gocha isaanii kanaaf immoo boodaan waan isaan irra ga’u hin beekan, waan
godhan kam iyyuu mihiiraa fi haala yerootiin hoofamanii godhu malee karoorfatanii miti.

Namoota akkasii kana boodatti deebinee akkaataa guddisa ijoollee isaanii yoo hubanne warri
isaanii jaalala, gar-laafinaa fi kunuunsa namummaa malee waan guddisaniif jeeqamoo akkasii
ta’u.

Yeroo baay’ee namoonni akkasii kun sammuun isaanii illee dammaqaa hin ta’u. jireenyi
isaanii /hafuura isaaniitti/ hadoodaa dha. Sammuu isaanii keessa gaaffiin deebii hin argatiin waan
jiruuf, gaaffii deebii hin argatiin kanarraa kan ka’e immoo jireenyi isaanii hadooduu /qaajja’uu/
kanatti seenu. Namni Sandford jedhamu tokko akka jedhetti, namoonni rakkina samuu /dhibee
keessa jireenya hafuuraa dhuunfaa isaanii hadoochuu kana qaban waantota sagal irratti akka
isaan hadoodan dubbata. Isaanis:

1. Waaqeffachuurratti- Yoh. 4:23-24 yoo ilaalle dubartiin Samaariyaa sun jireenyi hafuura
ishee hidhaa aadaa fi jireenya moofaatiin qabamtee Gooftaa sagadamuufiin isaaf malu
wajjiin gaaffii fi deebii dheeraa booda amantee dhugaa ba’uuf deemte. Gooftaan garuu
jireenyi hafuuraashee hbannaa akka hin qabne waan argeef “Yeroon itti warri dhuguma
sagadan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaadhaaf sagadan garuuin dhufa; innis
ammumayyuu ga’eera….”jedhe. warri hafuurri isaanii dammaqaa garuu yeroo kam iyyuu

85
taanaan jireenyi isaanii waaqeffannaaatti ni dammaqu, hafuurri Waaqayyoo isaan xuqa,
ni gammaduu, jireenyi haaraan isaan irraa ni mul’ata.
2. Qunnamtii dhuunfaa Waaqayyo waliin qabani irratti /private devotion/-namoonni
jireenya hafuura isaaniitti dammaqoo ta’an yeroo qunnamtii dhuunfaa Waaqayyo waliin
godhatanitti gammadanii akka allaatti osoo baallee baasanii argamu /Isa. 40:31/ (ni
sagadu, ni dubbisuu, ni dhaggeeffatu,…) argamuu Waaqayyoo keessa seenu, ni dubbisu
yoo ta’e sammuun isaanii banamaa dha, ni hubatu, Macaafn Qulqulluun isaan dubbisan
jireenya isaaniif ergaa qaba isaan jiirsas, ni gammadu,… eebbifamanii ka’u. Warrii
dammaqoo hin taane immoo ‘ani yeroo qunnamtii dhuunfaa gochachuuf yaaleen ture,
garuu jireenyi koo gogaadhuma, yoon dubbises naaf hin galu jedhu.
3. Waaqayyoon dhaga’uu irratti/hearing God/ - namoonni jireenya hafuura isaaniitti
dammaqoo ta’an Waaqayyo kallattiidhaan isaanitti dubbata, Hafuura Qulqulluutiin
guutamu, abjuu fi mul’ata argu,…akkuma Lakkofsa 12:6-8 irra jiru sanatti Waaqa isaanii
harka qabatanii kan deeman fakkaatu. Garuu immoo warii jireenyi hafuura isaanii
dadhabaa/hadoodaa ta’e kun Waaqayyo namatti nidubbata garuu anatti miti, ani
abjuu/mul’ata hin qabu,…jedhu.
4. Mul’ata /yaada/ haaraa qabaachuurratti/Inispiration/- namoonni dammaqoon jireenya
isaanii keessatti dafanii sammuu isaanii keessa yaada barbaadu. Waa kalaquuf dandeettii
qabu. Warri hadoodoon immoo mul’ata haaraa namaaf hiran hin qaban, ….
5. Jireenya Hafuuraa keessa galuu irratti/ Transcend/- warri dammaqoon jireenyi hafuura
isaanii gad fageessee ni yaada/ isa darbes ta’e isa fuul duraa / , kan daarbe sanarra
dhaabbatee booriifis abdii qaba, warri hadoodoon garuu kana hunda naanneffatanii hin
yaadan.
6. Tokkummaa fi qunnamtii gochuurratti/ on commune with and communicate with others/-
namoonni jireenya hafuura isaaniitti dammaqoo ta’an karaa hafuuraatiin wal qunnamu.
Hafuuraan maaltu isa tokkotti akka dhaga’amu ni beeku, dafanii namatti /warra kaan
waliin firoomuu, ekkf… Warri hadoodoon garuu dafanii kan hin godhan.
7. Gaa’elaa fi qunamtii isaa kabajuurratti/ on the glory of marital sexual union/- akkuma
warri jireenya hafuura isaaniitti dammaqoo ta’an kabaja tokkumaa gaa’elaa beekan
akkasuma inni Gooftaa wajjiin walitti maxxane immoo isaa wajjiin tokko in ta’a
/1Qor.16:17/. Garuu immo warri dammaqoo hin taane kana hin godhan.
8. Yaada namaa hirkisuurratti/to protect us from disease/ - yaadni warra dammaqoo yeroo
maraa warra yaadni isaanii isa yaadni isaa cabe kan jajjabeessu dha /Fak. 18:14/, garaan
jajjabinaan gammade immoo fayyaa namaaf kenna. Warri yaada dammaqaa hin qabne
nama hin jajjabeessan.
9. Dammaqummaa sammuurratti/on a good conscience/ - warri dammaqummaa sammuu
kana qaban waan hunda iyyuu dursanii irratti yaadu. Fkn, deemsa gara cubbuutti
geessurraa dursanii of eeguu, waan dhuuf jiruuf dursanii qophaa’auu yommuu ta’u warri
kaan garuu akkas miti.
(Sandford, John&Paula, Healing the Wounded Spirit, Victory House,Inc. Tulsa, Ok,
1985. Pp. 109-121).
86
13.8 Tooftaalee namoota mihiirri yakkamtummaa isa sirrii hin taaneen qabaman ittiin
gorsan

Namoonni yakka raawwatan kan amanan ta’ee yakki isaan raawwatan sun immoo isaanii fi
warra kaan irraatti miidhaa inni fidu kan hirmaachuu hin barbaanne yoo ta’e gorsaan tiksummaa
warra akkasii kana gorsuu qaba. Kana jechuun badii godhan sana amananii akka isaan
fudhataniif raawwii isaan taasisan kanaan immoo warri kaan akka itti miidhaman akka hubataniif
dhiibbaa gaarii gochuu qaba jechuu dha. Yeroo tokko tokko namoonni yakka erga raawwatanii
booda kan godhan sana amananii fudhachuu dhiisanii amma illee akka nama hin yakkineetti
waan godhan sanaaf sababa garaagaraa kaafachuu waan barbaadu. Bifa kamiim iyyu taanaan
badii ta’e sana kan raawwate isaan amma ta’etti kan raawwatan sanaaf gafatamuu fi firii isaa
illee argachuu akka qaban qabu.

Nama akkasii kana amansiisuuf yeroo ka’utti gorsaan tiksummaa sun karaa jaalalafi kunuunsa
tiksummaa giddu galeessa godhateen hin ta’u taanaan gorfamaan sun mormuu fi of irraa ittisuu
baay’isuu isaa caalaa iyyuu lola uumuu waan danda’aniif akeekkachuun barbachiisaa dha.
Kanaafuu, gorsaan sun jaalalaan dhugaa itti agarsiisuu qaba. Kaayyoon gorsaa kanaas gorfamaa
kana gargaaruuf malee akka adabamuuf miti.

Boqonaa Kudha Afur (14)


Namoota Mihiira Gad Aantummaa Qaban Gorsuu
87
14.1 Mihiirri Gad Aantummaa Maali Dhaa?

Namoonni tokko tokko warra kaaniin yommuu ceepha’aman baay’isanii gaddu. Keessa
isaaniittis akka waan gatii hin qabneetti isaanitti dhaga’ama. Addunyyaa kana irratti illee karoora
malee akka uumaman, dandeettii fi hojii isaaniitiin akka hundumaan gad akka ta’anitti of
tilmaamu. Akka waliigalaatti waa’ee mataa isaanii ilaalcha sirrii hin qaban.

Amantoonni tokko tokko “Ani dhala Mootii ti”ofiin jedhu. Warri kaan immoo “Ani hin fayyadu”
ofiin jedhu. Kun oftuulummaa dha moo mihiira gad aantummaa ti?Waanti namoonni hubachuu
qaban yoo jiraate garaagarummaa oftuulummaa fi ofittti amanuu gidduu jiruu hubachuu dha.
Ofitti amanuu jechuun eddo Waaqayyo nu kaa’etti nuti namoota gatii qabnu akka taanee fi
dandeettii inni nuuf kenneen immo waa gochuudhaaf ga’umsa kan qabnu uumama Waaqayyoo
akka taane ibsa. Kana keessatti mataa ofii warra kaan wajjiin wal bira qabanii “Ani nama hin
taane dha!” ofiin jechuun hin jiru.

Of tuulummaan garuu namoota warra kaan wajjiin wal biratti of dorgomsiisanii waan Waaqayyo
isaaniif kenne akka kan mataa isaaniitti ittiin of jajuu dha. Namni Abbaa kennichaa irratti otuu
hin ta’iin kennichaan of jajuun of tuulummaa dha. Inni akkasii ofitti amantummaa osoo hin
taanee ofiin of geggeessuu ykn ani Waaqayyo malee ga’umsan qaba jedhanii amanuu dha.

14.2 Madda Mihiira Gad Aantummaa

Namoonni yommuu dubbatan mihiira gad aantummaa kanaaaf ka’umsa ta’a kan jedhan kanatti
fufanii kan jirani dha.

1. Haala Itti Guddatan


Mihiirri gad aantummaa kan inni eegalu umurii ijoollummaatti dha. Akka namni Erik
Eriksen jedhamu tokko ibsetti ijoolleen waa’e mataa isaanii gaariis ta’e hamaa yaaduu
/xiinxaluu kan eegalan umurii 6-9 gidduutti dha. Ijoollonni kaka’umsa mataa isaaniitiin
waan tokko hojjechuuf fedhii yeroo godhatanitti barsiisonnii fi warri isaanii kan
jajjabeessan yoo ta’e hafuurri/mihiirri ofitti amantommaa /their confidence/ isaanii
dabalaa deema. Warri waanti ijoolleen isaanii hojjetan kun gama kamiin iyyuu akka waan
gatii hin qabneetti kan ilaalan yoo ta’e guddinni ofitti amantee isaanii ni hir’ata.
2. Barnoota Macaafa Qulqulluu akka ta’utti hiikkachuu fi hubachuu dhabuu
Macaafni Qulqulluun namoonni cubbamoota akka ta’anii fi qajeelummaa mataa isaanii
kan ittiin Waaqayyo duratti dhiyaatan akka hin qabne dubbata. Kana qofa irratti
xiyyeeffachuu irraan kan ka’e amantoonni tokko tokko yeroo hundumaa gama
cubbamummaa isaanii malee gama Ayyaana Waaqayyoo isa karaa Kiristoos mul’atee hin
argan. Kun immoo Macaaficha akka ta’utti hubachuu dhabuu dha malee osoo
hubatameera ta’ee Macaafichi akkuma dadhabbii namaa mul’isu namni Waaqayyo duratti
gati-qabeessaa fi faayid-qabeessa akka inni ta’es ni hubata ture.
Waaqayyo Ilma isaa gara biyya lafaatti yeroo ergu iyyuu namoonni gati-qabeeyyii akka
ta’an ibsuuf dha /Gala. 3:28, Rom. 5:8/.

88
3. Amantoonni Madaallii biyya lafaatiin of tilmaamuu
Phaawuloos Roomaa 12:2 irratti “Fakkeenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu’iinaa !
jaalalli Waaqayyoo isa kam akka gargar baasuudhaaf yaada garaa keessanii
haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e, waan isa
duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan basus hubachuu dha yommuu jedhu
ilaalchi amantoonni yaada biyya lafaa kanaaf qaban adda ta’uu akka qabu
hubachiisuufidha.
4. Yaada namootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuutiin jireenya jiraachaa jiran
tuffachuu
Namoonni tokko tokko hojii isaaniitti, jireenya isaanii fi tajaajila isaaniitti
xiyyeeffannootiin hordoffii godhu. Kanaafuu haalli jireenya isaanii sun akka yaada diidaa
isaaniif kennamee sanaa gad ta’ee yoeroo argan qoleen isaa kan gad cabee fi namoonni
kan isa hin jaallannee fi isaan birattis fudhatama akka hin qabnetti of ilaala.
Kun yaada namni waa’ee keenyaaf dhiyeessu karaa madaallii isaa eegeen fudhachuu
osoo hin taanee gaariis ta’e gadhee osoo gargar hin baasiin ittiin of ceepha’uu dha.
Goofraan Yesuus iyyuu yaada namoonni waa’ee isaaf qaban /jedhan erga hubatee gara
ilaalcha isa sirriitti karaa ittiin namoonni isa hubatanitti isaan fide malee ittiin qabatee
abdii kutanna keessa hin seenne /Mat.16:13/.

Boqonnaa Kudha Shan (15)


Namoota Gaddan Gorsuu
15.1 Gaddi Maal dha?

89
Gaddi sababa adda addaatiin kan nama mudatuu fi bakka garaa garaatti hiika mataa isaa
kan qabu yoo ta’es gabaabaadhumatti namni tokko nama jaallatu tokko sababa du’aatiin
yeroo dhabu kan itti dhaga’amu mihiira gaddaa ti. Gaddi waan/nama/ jireenya ofii
keessatti bakka ol aanaatti ilaalan tokko haala lammata deebi’anii argachuu hin
dandeenye keessa yeroo nama jalaa seenu mihiira ittiin ibsamu dha. Gaddi qaamaan,
mihiiraan, beekumsaan,waantota hawwaasummaa fi hafuuraan mataa isaa ibsuu ni
danda’a.
15.2 Macaafni Qulqulluun waa’ee Gaddaa Maal jedhaa?
Macafni Qulqulluun waa’ee du’aa fi gaddaa baay’ee dubbata. Akka barnoota Macaafa
Qulqulluutti duuti sadarkaa guddinaa isa tokko irraa gara isa kaaniitti nooraa ittiin ce’an
waan ta’eef namoonni amananii fi kan nuti jaallanu du’aan yoo nu irraa adda ba’an haala
hin taane keessa gallee gadduun sirrii akka hin taane barsiisa. Keessumatti iyyuu
namoonni Gooftaatti amananii obbaafatan gara jireenya isa caaluutti waan deemaniif
baay’ee gadduurra dubbii kanaan jajjabaachuun barbaachisaa dha /1Tasa. 4:18/.
Kanaa jechuun garuu amantoonni jaalalleen isaanii yommuu irraa gargar ba’u tasuma
iyyuu gadduu hin qaban jechuu miti. Gooftaan mataan isaa iyyuu yeroo Alaazaar du’e
gaddee ture/ Yoh.11:35/.
15.3 Sababoota Gaddaa
Sadarkaan isaa fi haalli isaa adda adda yoo ta’e iyyuu gaddi sababootaa garaagaraa qaba.
Isaanis:
1. Waan qabatamaa duraan qaban yeroo dhaban
Dubartiin tokko saa’atii jaajalleen ishee yaadannoodhaaf isheef kenne yoo jalaa bade
nigadditi. Bakka saa’atii bade sanaa kan biraa osoo bitattee illee saa’atichi isa duraa
sana miti waan ta’eef yaadni garaa ishee ni gadda/hin boqotu. Akkuma kanaa
xixiqqaas ta’e gurguddaa waanti duraan qaban tokko yeroo nama harkaa dhibu
mihiirri gaddaa kun nama mudata.
2. Qunnamtii duraan ture yeroo dhaban
Kun immoo nama waliin wal jaallannu, kan waliin haasofnuu fi kan waliin jiraanne
yommuu nu irraa adda ba’u gadda nutty dhaga’amu dha.
Qunnamtii firoomaa hundaa’e kana karaan nuti ittiin dhabuu dandeeny keessaa inni
jalqabaa du’a dha. Duuti qunnamtii hiriyyummaa guutummaa guutuutti ni kuta. Sana
booda isaan qaabaan osoo hin taanee yaadaan qofa taatee durii yaaduutiin rakkachuu
dha.
3. Xiin Sammuu dhabuu
Xiin sammuu dhabuu jechuun waan ta’uu barbaadan osoo hin ta’iin hafuu, karoora
qaban gara fuul duraatti dabarsuu fi mul’anni nama jalaa dadhabaa fi badaa
adeemmuutiin gadda namatti dhaga’amu dha. Fakkeenyaaf, Tasfaayeen akkuma
barnoota isaa kolleejjiitii xumureen Waaqayyoon tajaajiluuf waamichan qaba jedhee
hojii wangeelaatiif mataa isaa kenne. Oso tajaajilaaf hin ba’iin garuu Waaqayyoon
tajaajiluun akka inni bu’aa qabutti ni yaada ture. Yaata’u iyyuutti malee tajaajila isaa
akkuma eegaleen baay’eee osoo hin turiin geggeessitoota waldaa waaliin walitti bu’e.
90
kanaafuu tajaajila isaa waan tuffataniif waan isaarra gahe kanaaf baay’ee
gaddee,abdiis kutate. Tajaajila isaa osoo hin dhiisiin yoo itti fufe iyyuu mul’anni inni
tajaajila isaaf qabu jalaa badeera. Waan hawwe sana dabuu isaaf yeroo hunda gadduu
isaa kanas nama tokkotti iyyuu hin ibsu. Kanaafuu xiin sammuu dhabuu jechuun
waan eeggatan sana haala eeggataniin argachuu dhabuu jechuu dha.
4. Dandeettii Namummaa / Qaamaa dhabuu
Namni tokko dullumaanis ta’e balaa ta’een dandeetti qaamaa ykn sammuu duraan
qabu yeroo dhabu gadda jabaataa keessa seena. Namni duraan fagootti argu amma
arguu yommuu dhabu, inni dur sirriitti dhaga’u amma dhageettii yeroo dhabu, inni
dur qaama guutuu qabu har’a yeroo qaama hir’uu ta’u gaddi ammamii akka itti
dhaga’amu tilmaamuun ni danda’ama
5. Itti gaafatamummaa ykn Shoora dhabuu
Namni tokko itti gaafatamummaa hawwaasa keessatti qaba ture yommuu dhabu gaddi
itti dhaga’ama. Namoota tokko tokkoof itti gaafatamummaa qaban dhabuun gadda
guddaa isaanitti fida. Namoonni tokko tokko soorama erga ba’anii booda shoora/itti
gaafatamummaa duraan qaban waan dhabaniif ni gaddu.
Umurii giddu-galeessaatti namni hojii itti gaafatamummaa isaa dhiisee gar mana
barumsaa deemu itti gaafatamummaa isaa sana dhabuu isaatiin ni gadda.
6. Miseensummaa garee dhabuu
Kun rakkoo dhuunfaa osoo hin taanee rakkoo kan gaaree ti. Namni tokko garee
keessatti miseensa ta’e keessaa sababoota adda addaatiin gad djiisee gara garee
birootti yoo deeme gaddi garee sanatti dhufu ni jira. Waajjira tokko keessatti namni
keessummaa simataa ta’ee fi akka haadhaatti kan nama gorsuu fi tajaajilu achii hojii
gad dhiisee waajjira biro yoo gale warri duraan waliin turan marti illee ni gaddu.

15.4. Akaakuu Gaddaa

15.4.1 Waan ta’uuf jiru yaadanii gadduu

Yeroo tokko tokko rakkina dhufuuf jiru yaaduutiin gaddi namatti dhufu ni jira. Fakkeenyaaf,
miseensi waldaa tokko dhukkuba hin fayyamneen /Eedsiin/ qabamee guyyaa du’a isaa
dhiyaachaa yeroo deemuu gadda itti dhaga’amu dha. Gaddi akkasii kun waan gara fuul duraatti
itti deemu waan baakaniif dursanii gadduu dha.

Hayyoonni xiin saammuu tokko tokko akka ibsanitti namoonni deebbiin isaan du’aaf kennan
sadarkkaa garaa garaa akka inni qabu dha. Sadarkaaleen kunis namni dhukkuba qoricha hin
qabneen yeroo qaabamuu fi yeroon du’a isaa dhiyaachaa yeroo deemuu sadarkaawwan inni
keessa darbu dha. Isaanis:

1. Ganuu: kun namni yeroon du’a isaa dhiyaatee osoo jiruu yeroo itti inni “Anoo hin du’u”
jedhee dubbatu dha. Namoonni itti dhiyeenyaan ilaalan namichi kun amantii waan qabuuf
hin du’u jedhu. Garuu immoo kan namichaa kun amantii osoo hin taanee ganuu dha.

91
2. Dunna: “Kun maaliif na irra gahe?” yookaan immoo “Ani maaliifan waan
akkasii/xuwwaa/ kanaaf filatamee?” jechuutiin dutuu eegala. Gaafii ‘maaliif?’ jedhu
kanaaf deebbii sirrii kennuu caalaa maddi rakkinichaa warra mana yaalaa, miseensa
maatii,fi kkf jechuutiin ibsa.
3. Jaarsummaa: sadarkaa kana irratti immoo namichi akka du’u hubateera, garuu immoo
dafee du’uu hin barbaadu. Kanaafuu karaawwan ittiin jireenyatti turu barbaada. Isaan
keessaas tokko Waaqayyo wajjiin jaarsummaa taa’uu dha. Namichi samuu isaa keessatti
‘eyyee’ nan du’a garuu …’ jechuutiin osoo itti fufee jiraatee caalaatti Waaqayyoon akka
gammachiisu yaadee kadhata. /Isa. 38:1-3/.
4. Fajajuu: yeroo kanatti namichi kadhannaan isaa du’a irraa akka isaa hin oolchine ni
hubata. Tarkaanfiin inni du’a jalaa ooluuf fudhate hundi isa miliqsuu akka hin dandeenye
beekee abdii kutata. Yeroo akkasiitti dhukkubsataan sun dubbachuurra callisuu filata,
namni akka isa ilaalu hin jaallatu, yeroo isaa baay’inaan gaddaa fi boo’ichaan dabarsa.
5. Du’a Simachuu: dhukkubsataan sun sadarkaa kana irraatti xumurri jireenya isaa waan
gaheef mataa isaa wajjiin nagaa uummuu eegala. Du’a simachuuf qophaa’uu isaa irraan
kan ka’e jiraachuudhaaf yaalii tokko iyyuu hin taasisu. Waa’ee du’aa ilaalchi inni qabu
gaarii dha. Waaqayyo irraa waan gaarii yeroo argatan akkuma gammadan, yeroo
dhiphina, rakkinaa, dhukkubaa fi du’aatti illee guungummii baay’ee malee akka simatan
mul’isu /Iyyob 1:21-22, 2:10/.

15.4.2 Gadda Tasaa

Gaddi tasaa kun haal duree akeekkachiisaa tokko malee kan ta’u dha. Madda gadda akkasii kan
ta’uu danda’anis du’a, hiikkaa, amma libsuu ijaatti waan tokko dhabuu dha. Duuti akkasii kunis
kan inni ta’uu danda’u balaa konkolaataatiin, of ajjeechaatiin, dhukkuba onneetiin, dhiibbaa
dhiigaatiin kkfn ta’a. namni gaddi tasaa kun isa mudate yeroo jalqabaatti waan tokko iyyuu akka
hin ta’iinitti yaada. Gaddi cimaan kan inni itti dhaga’amu yeroo dheeraa booda dha.

15.4.3 Gadda itti Caalu

Gaddi akkasii yeroo dheeraa kan turu dha. Maddi gaddichaa namicha waliin waan jiraatuuf gaaf
tokko kan jajjabaatu yoo fakkaate iyyuu garuu immoo yeroo biro baayyee gadda. Maatiin
ijoollee qaam hir’uu ykn rakkoo sammuu qaban waliin jiraatan, hiriyyaa gaa’elaa rakkoo
sammuu qabdu waliin kan jiraatan, miseensa maatii keessaa hidhaan umurii guutuu yoo itti
murteeffamee fi kkf gaddi isaa itti caalaa kan deemu dha. Sababni isaas namoonni waan akkasii
keessa jiran “Rakkina kana keessaa yooman ba’a? Yooman kana obbaafadha? Osoo jedhanii
dhaga’amu.

15.4.4 Xiqqoof Malee Du’een Ture Gadda Jedhu

Gaddi kun namni haalli inni itti du’a jalaa miliquu hin dandeenye keessa erga seenee booda haala
dunqisiisaatiin yeroo miliqu kan nama mudatu dha. Warri kaan biraa dua’anii inni immoo yeroo

92
hafuu sababni warra du’an birraa isa hambise maal akka ta’e barbaaduutti ka’a. yeroo biraa
immoo ani du’uuf xiqqoottan hafeem! Jedhee gadda.

15.4.5 Gadda sirrii hintaanee

Gadda jaalallee ofii dhabuutiin uumamee tuwannoodhaa ol ta’e kanaan qabamanii nyaata
lagachuu, guyyaa guyyaatti gara bakka awwaalchaa deemuu, Waaqayyo du’a sana keessaa akka
isa kaasu abdachuu, du’a sanaaf Waaqayyoon komachuu, humnaa ol dallanuu, isa du’e sana
qaamaan arguuf karaa barbaaduu fi of balleessuuf karaa barbaaduu dha.

Akaakuwwan gaddaa kana beekuun tokkoon tokkoo namaa gadda isarra gahe keessatti ammam
akka miidhamee fi maaltu akka itti dhaga’ame hubatanii namicha gargaaruuf gargaara.

15.5 Sadarkaalee Gaddaa

Akka ilaalcha xiin sammuutti gaddi sadarkaa qaba. Isaanis:

1. Maatiin/jaalalleen yeroo isaan itti mihiira naasuu, ganuu fi fajajuu agarsiisan dha. Yeroo
akkasiitti inni gaddu sun osoo wal irraa hin kutiin boo’a. mihiirri tasgabbiis irraa hin
argamu. Haalli akkasii kun namichi du’ee hanga guyyaa sadiitti illee namarra turuu ni
danda’a.
2. Inni gaddu sun haala gaddisiisaadhaan isa du’e yeroo inni barbaadu dha. Inni gaddu sun
waa’ee namicha du’e sanaa fi suura isaa illee yeroo inni itti barbaadu dha. Jajjabaachuu
dhabuun akkasii kun waggaa tokkoof itti fufuu kan danda’u dha.
3. Sadarkaa murtaa’e booda garuu Waaqayyoo maaliif jaalallee isaa akka jalaa ajjeesee
gaafachuu caalaa sadarkaa inni ayyaanaa fi humna ittiin jajjabaatee sana keessaa ba’uu
danda’u akka isaaf kennu gaafachuutti ce’a.

15.6 Tooftaalee Warra Gaddan Jajjabeessuuf Gargaaran

Tokkoon tokkoo namaa waa’ee du’aaf ilaalchi inni qabu adda adda waan ta’eef jaalalleen isaa
yeroo du’utti deebbii adda addaa itti kennu. Namoonni tokko tokko ijoolleen isaanii ykn haati
warraa isaanii duunaan iyyuu guyyaa awwaalchaa sanatti kan Wangeela lallaban ni jiru.
Kanaafuu warri jajjabeessuuf deeman yeroon isaan itti gorfamanii galan ni jira. Warri kaan
immoo firri fagoon jalaa duunaan iyyuu jajjabaachuu dadhabanii yeroo isaan itti rakkatanii fi
namas rakkisan jira. Kanaafuu namoota garaa garaa kanaaf akaakuu tooftaa gorsaa tokko qofa
irraatti hundaa’uutiin nama hundumaa gorsuun hin danda’amu.

Akkuma biyyaatti iyyuu namni tokko firri ykn miseensa maatii keessaa tokko yoo jalaa du’e
gorsa barbaacha warra gorsan barbaaduun hin amaleeffatamne. Darbee darbee kan dhaga’amu
namoonni tokko tokko erga yeroon boo’ichaa darbee booda sababa ittiin jaalalleen isaanii
du’e/duute dhaga’uuf gara warra ‘beekaa’ (sojoo, namoota warra du’an waaman) jedhamanii
deemu. Gara beekaa/sojoo warra jedhamanii kana deemuutiinis jaalalleen isaanii sun yeroo

93
sanatti haala maalii irra akka jiruu fi maal akka inni/isheen barbaaddu baruu barabaadu.Kun
namoonni gadda keessa jiran/isaan mudate sanaaf furmaata irraa ka’ataa fi isa Waaqayyo hin
jaallanne dha. Inni akkasii namoonni gadda isaaniif jajjabina barbaaduuf karaa qabatamaatii ala
qunnamtii hafuurota waliin taasisani dha. Namoonni akkasii kun waan akka kanaa gochuurra
karaa qabatamaa ta’een karaa ittiin gadda isaaniirraa jajjabaatan osoo barbaadanii jijjiiramni
jireenya isaanii irratti dhufuu ni danda’a.

Yeroo baayyee gaddarratti kan nama jajjabeessan maatii, firoota, hiriyyoota, warra miseensota
afoolchaa /iddirii/, jaarsolii naannoo fi geggeessitoota amantaa ti. Namoonni naannoo baadiyyaa
jiraatan lammii/firoomaan kan walitti dhiyaatan waan ta’eef kunuunsi maatii isa du’eetiif ta’u
jabaataa dha. Kunuunsi kunis akka haalichaatti yeroo dheeraadhaaf turuu kan danda’u dha.
Haata’u iyyuu malee akka naannoo magaalaatti yoo ilaalle namni tokko yeroo inni du’u maatii
warra gaddaa sana jajjabeessuuf miseensota iddirii maraaf dabareen qophaa’ee akka jajjabeessan
taasifama. Warri miseensa iddiriis gareetiin hanga guyyaa sadiitti maatii isa du’ee sana
jajjabeessu. Guyyaa sadii booda dabaree /dirqama isaanii xumuraniiru waan ta’eef dunkaana
isaanii buqqifatanii deemu. Kunuunsi itti fufinsaan maatii isa du’ee sanaaf godhamu hin jiru.
Garuu immoo namoota maatiin isaanii haala akkasii kana keessa jiraniif tajaajilli gorsaa
baayyeeti barbaachisaa dha.

Namni gadda keessa jiru tajaajila gorsaa barbaadee yeroo inni gara gorsituu dhufu, wayitii gorsaa
isa jalqabatti inni gorsu sun gorfamaa sana gargaaruuf qophaa’aa akka ta’e ibsuufii qaba. Kanatti
fufee immoo gorfamaan sun haala du’a firasaa akka dubbatu/haasa’u gaafachuun barbaachisaa
dha. Kanatti dabalee immoo yeroo gorfamaan sun haala guyyaa du’a jaalallee isaa sana kan turee
fi kan ta’e isa inni odeesse sana kan hubate dubachuu qaba. Kunis gorfamaan kun haala firasaa
isa du’e sanaa hubannaa sirrii akka inni qabuu fi hin qabne beekuu fi waa’ee du’a sanaa akka
inni dubbachuu danda’uu fi hin dandeenye baruuf gargaara. Yeroo kanatti mihiira gorfamaa
sanaa keessa maaltuu akka jiru/dunna, sodaa, amanuu dhabuu, ganuu/ beekuuf gargaara.

Kanatti aansuudhaan immoo gorfamaan sun walitti dhufeenya inni isa du’e sana waliin
qabaachaa ture quwachuun barbaachisaa dha. Gorfamaan sun walitti dhufeenya inni sana waliin
qabaachaa ture keessatti abdiin, mufiin, hirkattummaan, yeroo gaarii fi gadhee dabarsan akkam
akka turan quwachuutiin firasaa du’e sana dhabuu isaatiin ammam akka inni miidhame
tilmaamuuf gargaara.

Kana erga raawwatee booda gorsaan sun inni du’e sun erga girri isaa sun du’ee maal keessa akka
inni jiru quwachuu qaba. Gargaarsa gorsaa maatiirraa, hiriyyaa irraa fi hawwaasa naannoorraa
isaaf kennameen ammam akka inni jajjabaate, hojii isaa guyyaa guyyaa ammam akka inni
raawwatachuu danda’e fi gadda isaa ibsachuuf haalota gufuu isatti ta’an quwachuutiin haala inni
inni ittiin kunuunsa gorsaa barbaachisaa ta’e argatu mimmijeessuu dha. Kanatti aansuutiin
immoo waan namoonni warri kaan ittiin jedhan, jechoota isa gammachiisanii fi isa gaddisiisan

94
akka dubbatuuf karaa isaaf banuun gaarii dha. Fakkeenyaaf, nama ilmi jalaa du’e tokkoon
“Waaqayyo ilma kan biraa isiniif ni kennaatii hin gaddiinaa!” jechuun gorsa nama miidhu waan
ta’eef maatii sana jajjabeessuu caalaa kan madeessu ta’a.

Gorsaan tiksummaa sun akka gorsaa tiksummaa isaatti/akka tajaajilaati/ warra gaddabiif
hordoffii barbaachisaa ta’e gochuu qaba. Guyyoota ayyaanaa beekamootti namni jaalallee isaa of
biraa dhabe tokko gaddi cimaan waan isatti dhaga’amuuf hordofii jaabaataa barbaaada.
Keessumatti iyyuu inni du’e sun balaa tasaatiin/kan of ajjeese yoo ta’e gaddi isaa baay’ee hamaa
ta’a. Kanaafuu tuwannoon /bilbilli yeroo yerootti yoo godhameef isa gaddarra jiru sana baay’ee
gargaara. Gorsaan tiksummaa tokko kanneen olitti caqafne kana sirriitti kan raawwatu miti yoo
ta’e tajaajiltoonni warri biroon tooftaa kanaan akka tajaajilan qajeelchuu qaba.

Gudunfaa /Summary/
Egaa jalqabaa hanga ammaatti kan ilaalle tiksitoonni /Pastors/, tajaajiltoonni wangeelaa,
barsiisonni wangeelaa fi akkasumas gahee adda addaatiin bara kana Waaqayyoon tajaajiluuf
waldaa isaa keessa kan deddeebinuuf saba isaa dura kan ijaajinu/dhaabbannu saba isaa akka
tiksinuu fi gorsinuuf imaanaan guddaan nu irra jira. Imaanaa Gooftaan keenya nutii kenne kana
galma geessifachuuf immoo haala sabni sun keessa jiru dursinee beeku danda’uuniif haala isaanii
sanaaf immoo furmaata ta’uu kan danda’us maal akka ta’e beeknee qixa sirrii ta’een tajaajila
kunuunsa tiksummaa figorsa tiksummaa barbaachisaa ta’e gochuuf nu gargaara.

Tajaajila tiksummaa fi goraa kana keessatti karaa Waaqayyo barbaaduun saba isaatiksuu fi
kunuunsuun gatii kan nama baasisu yoo ta’e iyyuu abbaan hojii kanaa immoo nu wajjiin waan
jiruuf jabaannee hojjennee gaafa Angafni Tiksitootaa sun mul’atu gonfoo irraa akka fudhannu
Waaqayyo nu haagargaaru! Amen!

Kitaabota Wabee (Bibiliography)

አዲስየመጽሐፍቅዱስመዝገበቃላት (2003፣ Glob Publishing Service)


95
Ittafaa Olaanii Tajaajila Kunuunsa Tiksummaa fi Gorsaa, (2002) Kan hin maxxanfamiin

Kabbadaa Bakaree, Kunuunsa Tiksummaa fi Tajaajila Gorsaa, (2003) Addis Ababa

Mills, Dag Heward የመጋቢነት አገልግሎትህን ወደ ላቄ ደረጃ አሳድግ (1954)

Sandford, John&Paula, Healing the Wounded Spirit, Victory House, Inc. Tulsa, Ok, 1985.

Barnoota Tajaajila Kunuunsa Tiksummaa fi Gorsaa


Sagantaa Digirii /Degree Programme/

96
Qopheessaan B/saa Alamuu Tarrafaa (BA)

Gulaalaan:
Tiksee Ittafaa Olaanii (MA)

Kolleejjii Masarata Kiristoos Wallaggaa

Naqamte
Eebila 2010

97

You might also like