You are on page 1of 8

SINOODOOSII KIBBA ITIYOOPHIYAA SABAKAA HAROO SAAKKEE WALDAA WARRA

WANGEELA MAKAANA YESUUS MAGAALA DAARSAA SAAKKEE

Dargaggoota mana sagadaa magaalas daarsaa saakkeetiif Yaaqoob Tasfaayee


Muudaatiin Bara 2013tti kan qophaye

Maqaa……………………………………………………………………………………………..
Lakk. Bilbilaa……………………………………………………………………………………..
Maqaa ……………………………………………………………….
SEENSA
Tajaajila jechuun yaadi walii galaa “Waaqaa fi Nama tajaajiluu” kan jedhu of keessaa qaba.
Karaa biraatiin garbicha jechuulle ni dande’ana. Hiikka hafuuraa keessatti hujiin fedhiin waaqa
keessa jirtu marti tajaajila.
Tajaajilli imaanaa bifa wal-harkaa fuudhiisaatiin baraa gara baraatti dhalootarraa dhalootatti
akka darbu waaqarraa namaaf kennameedha. Waldaa Amantootaa keessatti xiyyeeffannoon
guddaan kan itti kennamuu qabu tajaajila ta’uu qaba. Sababille; waa’ee tajaajilaa kitaaba
woyyicha keessatti yommuu ilaalluu “--- Fuula isaa dura akka dhaabbatan, akka tajaajiltanuuf,
tajaajiltoota isaas akka teetan waaqi isin fooyateera hin dhaasina” (2Seenaa.29:11), “Tajaajila
keennaan haa jabaannuuti” Roome 12:7, “Tajaajila keeti muumessi” 2Xim. 4:5, “Tokkoon
tokkoon keessan akkuma kennaa badhaadhaa fudhattanittuu badhaadha saniin wol-tajaajila
---kan tajaajilulle humna waaqi naaf kenneen jedhee tajaajiluuti” (1 phex.4:10-11)
Kanaafuu Waldaan Amantootaa; Amantoonni magannee tajaajilaa kan isaanitti kenname irratti
dhaasuu fi dagachuu akka hin qabne barsiisuu,gorsuu fi jajjabeessuu qabdi. Bu’uuruma kanaan
waldaan Amantootaa Wangeelaa Makkaanee Yesuus Mana Sagadaa Magaala Daarsa saakkee
dargaggooti hundi leenjii kana akka fudhatanuuf namootni leenjicha kennaniif fudhatanis akka
Daawit mootichaa bara isaaniitti yaada waaqa tajaajilanii eebbaan akka boqatan hawwit.
(H.Er.13:22)

Kaayyoon barnootichaa
Namni tokko tajaajiluun dura maalummaa tajaajilaatiif eennummaa ifii sirritti akka beeku
gargaaruuf. Akkasumas kana adoo hin beekni namoonni gara tajaajilaa seenanis akka ifi
qorqoraniif waan tajaajilaa fi jireenya ifii keessa sirreessuuf malan akka sirreefatan yaadameeti.

Kutaa 1ffaa

(service and servant)


(አገልጋይ ና አገልግሎት)

 Duraan dursinee jecha tajaajila(አገልግሎት) jechuu beekuun nuuf mala,

Asuma irraa ka’uudhaan jechi tajaajila jedhu jecha afaan griikii DIAKONIA yoo afaan oromootiin
barreessine diyaakooniyaa jedhu irra dhufe yoo ta’u hiikkaan isaa;
 Waaqaaf ifi kennuu
 Yaadaafi fedhii waaqaa lafa kanarratti raawwachuu
 Waaqaaf kabaja kennuu jechuudhaan hiikama.

Karaa biraatiin tajaajilli karaa 3’n ibsamuu dande’a;

1) Tajaajila nami tokko namaaf kennuu


2) Tajaajila namni seexanaaf kennuu
3) Tajaajila namni gooftaa isaa isaa dadeef kennu

Asuma irraa ka’uudhaan tajaajila jechuun guutuumma jireenna ifii waaqaaf kennuu jechu’u(Rom 12:1-3).
Eeguma tajaajila jechuun guutuumma jireenna ifii waaqaaf kennuu te’e, guutummaa jireenna ifii akka
armaan gadiitti waaqaaf kennuu nurra jira jechu’u;

 Namummaan keenna waaqa akka gammachiisu aarsaa gochu’uun,


 Mataa keenna akka aarsaa jiraata’aa goonee dhi’eessu’uun,
 Haaromsa lapheetiin jijjiiramu’uun,
 Biyyaa lafaa fakkachuu dhiisu’uun

Bu’uurri tajaajila maaniidha?

 Fedhii waaqaa kam akka ta’e gargar baafachuu( Room 12:2)

Kana gaafa jedhu fedhii waaqi,

 biyya lafaa irratti qabu


 dadama hunda irratti qabu
 mana sagadaa irratti qabu
 nama dhunfaa irratti qabu
o Namni tokko adoo yaada yookiin fedhii waaqaa maan akka teete adoo hin beekin yaada isaa
galmaa ykn fiixaan baasuuf bacaa itti ulfaata, galmaan akkasumas fiixaan baasuu hin danda’u.
o Fedhiin waaqa:-
 Waan dansaa te’e
 Waan isa duratti fudhatama qabu
 Waan akeeka isaa fiixaan baasu
 Jireenna jijjiirama (ergaa gara warra 1xim 1:13-16 guutuu isaa dubbisa)
 (filimoonaa 1:4)

Isa kan karaa lamaan laaluu dandeenna:-

 Kiristoos akka fayyisaa mataa keennaa goonee fudhachuun dhugeeffachuu,


 Waan tolchinu tokko akka waan arganeetti laalu’uu, garaa guutuudhaan
Dhugeeffanna dhugeeffachuu (ibroota 11:1)
 Dubbii waaqaa dhaga’uuf hujiirra oolchuu
 Mat 7: 24-24
 1xim 3:16-17
Tajaajilli dubbi waaqaa bu’uura hin godhamme tajaajila qajeelaa ta’uu hin dande’u.qajeelfama sirrii,
kaayoofi ergama tajaajila keennaa kan argannu qooqqoo waaqaa keessaa waan ta’eef karaa biraatiin,
Tajaajila jechuun dubbii waaqaa hujii irra oolchuu jechuudha.

 Jaalaala

Jaalalli tajaajaila kessatti bakka guddaa kan kennamuuf qabuudha. Isa kana ammo karaa sadiin haa
ilaalluu,

i. Abba tajaajila kan te’e jaalala waaqaatiin tuqamuu

Keessa deebii 6:5(waaqa gooftaa kee garaa guutu’uun, human kee guutulle’een jaaladhu)

ii. Jaalala kolbaa tajaajiluutiin tuqamuu


1qor 13:11
Fil 1:4
iii. Tajaajila gooftaa harkatti fudhannee jaalachuu
Nah 6:1-3

Wanni kamuu jalqabaan dura bu’uura(base) akka qabu nama kamiifuu ifa. Akuma kana waaqa
tajaajiliisaan dura waan

Tajaajilli eessa jalqaba?


Yero baayyee namoonni tajaajilli eessa akka jalqabu adoo hin beekin tajaajila irratti argaman. Garuu
tajaajila tajaajiliisaan dura eessa akka inni jalqabu beekuun waan baayyee fudhatama qabuudha.

Tajaajilli kan jalqabu;

 Tajaajilli jireenna ifiirraa jalqaba. Kana jechuun


 Mataa ifii waaqaaf kennu’uun;
 Dhuga’aafi hafuuraan isa waaqeffachu’uun;
 Gula deentuu kiristoosii ta’uun;
 Mataa ifii irraa jalqaba;
 Mandara ifii irraa jalqaba;
 Waldaa keessatti waaqeffatan irraa jalqaba;
 Olla ifii irraa jalqaba;
 Mana ifii keessatti jalqaba

Hiikkaa Tajaajila’a (meaning of servant) (አገልጋይ)


Jecha tajaajilaa jechuufi tajaajila jedhuu akka inni wal isin harkaa hin dhoonne ibsuuf yaala.
Jechichi yoo hubanna’aan yoo hin laalin tokkoma jennee dhiisuu dandeenna. Garuu inni
garagara. Akkasumas hiikka garaagaraa qaballe’e. Yoo qube’een lallee garaagarummaan isaanii
dheerachuu qubee debbachiiftuti. Kana jechuun kiyya dura qofatti malee tokkuma. Kana
jechuun tajaajilaa fi tajaajila. Karaa biraatiin laa fi la dha.
Hiikkaa jecha tajaajilaa jedhuu hiikkaa bacaa argachuu dandeenna. Hiikni jechoota kitaaba qulqulluu
akka hiikutti, Tajaajila jechuu:-

o Garbicha
o Ajajamaa
o Afaan waaqaa
o Bakka bu’aa, jechu’uun nuuf hiika.

Yaada kutaa kanaa waliin waliif galuuf bifa tajaajilummaa sirri’ii kan agarsiisu jecha “Garbicha” jedhu
yoo ta’u, jechi kun kitaaba qulqulluu keessatti bakka baca’atti barreeffameera. Kanuma irraa ka’uudhaan
karaa biraatiin tajaajilaa jechuu,

o Bakka kiristoosuu bu’ee kan sagalee fayyinnaa dubbatu;


o Nama yaada waaqaa lafarratti tolchu;
o Goofta’aaf kan ergame jechuu.

Mallattoo tajaajilaa dhuga’aa


Bara ammaa kanaa keessatti tajaajiltoonni bacatanii argamuu. Haa te’uu malee mallattoon isaanirratti
argamuu garuu mallattoo sirrii hin taane muldhisaa oolan.

Mallattoon tajaajila dhugaa(real servant) ammo;

o Waaqa qofa hordofa. Yoh 12:26


o Fannoo ifii ba’achuu danda’a, kana jechuun rakkoo,dhiphinna,ko’uu jechuudha.
o Ifiifi waan ifiitiin ulfinna waaqaaf kenna. Gal 2:20
o Haga biyya lafaa kana irra jirutti rakkinni waan jiruuf obese jiraata. Yoh 16:33
o Isa hardhaa adoo hin te’in ulfina boruu beeka
o Yesuus jaalata. Mat 10:37
o Mataa ifii caalaa namaaf yaadaa. Fil 2:20
o Yeroo hundumaa abdi’iin kan guutame. Rom 5:5 kana jechuun;
 Yoo hardha dhabee boru akka argatu beeka,
 Yoo hardha jibbame boru akka jaallatamu beeka,
 Yoo hardha beela’e boru akka quufu beeka,
 Yoo hardha salphate boru akka ulfaatu beeka,
 Yoo hardha dadhabe boru akka jabaatu beeka,
o Eentu akka isa yaamee beeka. Ba’uu 3:14

Tajaajiltoota baca’aaf rakkoo guddaa kan te’e eentu akka isaan yaamee adoo hin beekin dirree
tajaajilaatti ba’uudhaan yeroo muraasaaf eega tajaajilaniin duuba, muudannoo diqqoo isaan
muudateen tajaajila dhiisanii keessa bahu.
Tajaajilaan eentu akka isa yaame beeku garu,

i. Isa isa yaamee waan addatuuf hin sodaatu


ii. Gatiin isaa nama ykn waldaa harka adoo hin te’in isa isa yaame waaqa eegata
iii. Dubbii dubbatu sodaafi shakkii malee dubbata
iv. Inni isa yaame akka gargaaru waan beekuuf isumatti hirkata
Waan tajaajilaa waaqaatiif barbaachisu
Wantoonni tajaajila waaqaatiif barbaachisu isaan armaan gadiiti,

A. Kennaa hafuuraa fudhachuu

Tajaajilaan kenna hafuura hin qabne yeroo tajaajila isaa irratti hafuura qulqulluu waan hin qabneef
kolbaa tajaajilisaaf gaafa lafaa ka’u, kolbaan akka waan ibiddatti bisaan itti naqanii caldhi jettee
teetti. Sababiin isaa namichi ykn namittiin hafuura qulquulluu waan hin qabneef. Adoo inni guutama
hafuura qabatee, kolbaan ifumaan akka nama macha’ee te’an turaneeyyu. Amma garuu kolbaan yoo
inni asi na qabi, achi na qabi, jedhaa asiif achi fiigu, teettee qofa laalti. Dhugaa isaaniiti kana
gochuun. Maaniif namichattuu akeeka irraa gore. Adoo qabanee tesisaneeyyuu hantu’uu moti. Eega
wanni kun marti akkana te’ee, hafuura qulqulluu akkamitti arganna?

 Maatii waaqaa keessatti lammaffaa dhalachu’uun


B. Yeroo yero’oon human hafuura qulqulluun guutamuu (efesoo 5:18)
C. Yeroo mara hafuura qulqulluun gaggeeffamuu(Yoh 16:13. Hafuurri qulqulluun yennaa dhufe,
inni gara dhuga’aa mara isin hin geessa. Inni ifirra fuudhee hin dubbatu, ammo waan dhage’eefi
waan dhufu’uu jiru jiru dubbata).

WAAN GUFUU TAJAAJILA’AATIIF SABABA TE’AN


Jireenna tajaajila keessatti wonni guufuu ta’uu danda’an baca’aattu jira. Isaan keessaa,

a) Yaamicha adoo addaan hin baafatin gara tajaajilaatti galuu


b) Tajaajiltoota waliin oolii baceessuu dhabuu
c) Hafuratti irkachuu dhabuu
d) Kijibuu:-kijibuun waan gufuu namatti fiduu qofa adoo hin te’in waan waaqi jibbu.
 Lew 26:19
 Farf 10:2
 1xim 6:17
 Dan 3:37
 Izra 7:22

e) Hinaaffaa
f) Jibba
g) Jaalala birri’ii
Kutaa 2ffaa

Bara gondooroo dullattii yommuu ilaallu hafuurri Waaqaa tajaajila keessatti gahee guddaa akka
inni qabu dhaggina.
“hafuura kiyyaan malee humnaa fi jabeennaanii moti”.(Zek.4:6)
Bara abbootii firdi’ii isiraa’eloota cunqursaa diinotaa jalaa bilisa baasuuf hafuurri Waaqaa
human guddoo dhaan Saamson guutee itti fayyadamee gocha dandeettii namummaatii ol
ta’an(supernatural) akka hojjatu gargaare.(M.A.Fir.13:24-25,15:14-20)
 Boqoo harreetiin Filisxeemota 1000 leesse.(15:15)
 Jeedalloota 300 lama lamaan wolta qabee ibidda eegeetti hidhee fichaa filisxeemotaa
guggube.(15:4)
 Leenca qandaa gargar maaqee ijjeese.(14:5)
 Dhumarratti addee hidhametti utubaa manaa lama qabee darbuudhaan namoota dur-leesse
caalaa moototaa fi gumii hedduu fixe.(16:30)

Tajaajilli Gondooroo haaraa keessaas hafuura woyyichaan wol-qabata.


hafuurri woyyichi maali?
Hafuurri woyyichi duruu kan jiru,ammas kan jiruu fi kan jiraatu; sadiin tokkummaa Waaqaa
keessaa tokko kan ta’ee dha. Aangoon, ulfnnaan, beekkumsaan,Abbaa fi Ilma woliin wol qixa
kan Waaqeffamuu dha.(Mat.28:18-20,Yoh.14:16-17,15:26,2:23)
8.1.1 maqoota hafuurri woyyichi kitaaba woyyicha keessatti ittiin beekkamu:-
A. Hafuura dhuga’aat. (Yoh.15:16) B. Hafuura waaqaati.(Rom.8:9-14)
C. Hafuura kiristoosiiti.(Rom.8:9, 2Qor.3:17) D. Hafuura woyyicha.(Efe.4:30)
Amalaa fi hojii hafuura woyyichaa:-
a) Jireenna kan kennu.(Uum.6:3,Iyyo.33:4,Yoh.6:63)
b) Jajjabeessaa dha.(Yoh.14:17-26,15:26)
c) Barsiisaa dha.(Yoh.14:26,Neh.9:20)
d) Gara dhuga’aa qajeelcha.(Yoh.16:13)
e) Yesuus ulfeessa.Yoh.16:14)
f) Waaqa waan cufa dande’u.Zek.4:6,Yoh.4:24)
g) Hunda beeka.(1Qor.2:11)
h) Iddoo hundatti argama.(Faar.139:7)
i) Balchumma’aaf hinaafa.(Yay.4:5)
j) Ni woyyoomsa.(1phex.1:2)

Ga’ee hafuurri qulqulluun jireenna tajaajila’aatii fi tajaajila keessatti qabu.


 Hafuurri woyyichi akka nami araara galuu fi ilaalcha jijjiiratu tolcha.
 Keessa bula.(Rom.8:9,1Qor.6:19-20,Tit.3:5-7)
 Akka tajaajilaan fedha foonii mo’atu gargaara.
 Akka daadimatus ni utuba.(Rom.8:13,26,Efe.6:18)
 Muudansa tajaajila’aa dara.(1Qor.1:21)
 Tajaajila’aaf human kenna.(H.Er.1:8,2Xim.1:7)
 Tajaajila’aaf qajeelfama kenna.(H.Er.13:2,16:6-10)
 Jireenna tajaajila’aa keessa jiraatee gochoota gahumsaa fi human namumma’aatiin hin
danda’amne tolcha.
 Kennoota badhaadhaa gara garaa amantootaaf qooda.(1Qor.12:4-11)
 jireenna Amantoota dhuga’aan Waaqonfatanii guuta.(Yoh.4:24,Efe.5:18-19)

You might also like