Professional Documents
Culture Documents
RAAWWANNA?”
Adaamaa
Baafata
1. Hiika Ergaa Guddichaa........................................................................................................................ 1
4.3 Biyyi lafaa cubbuu hamaa keessa waan jirtuuf badiisa jala oolchuuf ......................................... 8
Ergaan guddaan kun egaa fayyisaa ta‟uu Yesuus isa qaamarratti (physically) mul‟atu caalaa,
fayyisaa lubbuu, balleessaa cubbuu, araarsaa, jireenyaa, karaa fi dhugaa gara mootummaa
Waaqayyootti geessu ta‟uu isaa dhaloota hundumatti himuun karaa isa sirrii kana namootatti
agarsiisuu ilaallata jechuu dha. Kutaan Macaafa qulqulluu olitti dubbifanne isa kana cimsee
abbooma. Kuticha irraa akka hubannutti Yesuus dirqama kana namoota isa hordofaa jiran mara
ajaje. Ergichis kan dhalootaa gara dhalootaatti darbaa itti fufuudha malee ergaa dhalootni
dirqama koo miti jedhee dagatu miti. Sababni isaas dubbiin Waaqayyoo dubbii jiraataa, kan hin
jijjiiramne waan ta‟eef.
Geengoo qabiyyee ergaa guddichaa agarsiisu kana irraa kan hubannu, hojii isa Yesuusiin
jalqabame, gaafa inni hojii lafa kanaa xumuree gara waaqaatti ol bahe eegalee immoo
bartootaan itti fufee dhaloonnis wal harka fuudhee hojjechaa jiru kun hamma gaafa Yesuus
deebi‟ee dhufuuttis kan itti fufu ta‟uusaa nu agarsiisa.
2.1 Booji’uu: -
Booji‟uu jechuun sagalee misiraachoo kanaan namoota injifatanii gara wangeela fiduu
jechuudha. Booji‟uun qaphxiilee xiyyeeffannoo addaa barbaadan lama of keessaa qaba. Isaanis
dhaquu fi barsiisuu dha. Mee gabaabaatti haa ilaallu.
a) Dhaquu: -
Dhaquun gara ergamichi ajajutti deemanii hojii ergamaniif raawwachuuf deemsa barbaachisa.
Yesuusis ergama kana yeroo bartoota isaatti kenne „dhaqaa!‟ jedhee ajaje. Duuka buutonni isaa
eessaa ka‟anii eessa akka dhaqaniif isaan ajaje yoo jedhame Yerusaalem lafa itti humna argitanii
eegalanii hamma andaara lafaatti deemanii hojii itti kenname kana hojjetan. Deemsi kun deemsa
kallattii hudaan hamma ergama itti kenname raawwatanitti kan deemamuudha. Kunis taa‟anii
nama dhufu eeguu caalaa bahanii dhaloota barbaaduu irratti xiyyeeffaaata.
Mee akka fakkeenyaatti deemsa hojii wangeelaaf bartoonni Gooftaa warri jalqabaa taasisan haa
ilaallu.
Namoota dhugaa itti baanutti wangeelaan ala waan biraa kamiinuu lallabuun hin barbaachisu.
Wangeela mootummaa Waaqayyoo isa sirrii lallabuu yeroo jennu kan hubatamu qabu: -
Kan lallabamu Yesuus qofa,
Ijoon lallaba keenyaa immoo fayyina barabaraa isa karaa Yesuus argamudha
malee waan biyya lafaa kanaa isa amansiisaa hin taane miti.
Bara namni ofiisaa, qabeenya isaa, beekumsa isaa fi kkf ol-kaasee dubbatu keessa
yeroo jiraannu kanatti daangaa fi ilaalcha ofii keessaa bahanii, waan himatan
kamiinuu caalaattii Kiristoosiin namootatti agarsiisuu irratti xiyyeeffata.
Waan abboomaman ykn Kiristoos irraa baratan hundumaa barsiisuun namoota gara sirriitti
guddisuudha. Yesuus yeroo bartoota isaatti galfata guddaa kana kennate “dhaqaa namoota
hundumaa cuuphuudhaan duuka buutota koo godhaa; waanan isain abboome immoo eeguu
isaan barsiisaa!” jedheen. Namootni lallaba keenyaan booji‟aman kun akka itti guddataniif,
dhugaa kanatti qabamanii akka jiraataniif nyaata fi dhugaatii isaaniif malu argachuun ni malaaf.
Barbaachisummaan leenjisuu ykn barsiisuu namootni ergama waamicha isaanii ta‟e akka
galmaan gahaniif gahoomsuu irratti xiyyeeffata. Barbaachisummaan isaas bartuu isa sirrii
taasisuufidha.
Wangeela lallabuu fi wangeela barsiisuun tokko moo garagara? Lamaanuu akkamitti? Ani
akkan hubadhutti lamaanuu garagara jedheen amana. Wangeela lallabuu fi wangeela barsiisuu
gidduu garagarummaa jiru yeroo ilaallu: -
LALLABA BARSIISA
Ergamaa fi abboommii nama amane
Hojii kennaa ayyaanaan hojjetamuu
hundaaf kenname waan ta‟eef dirqama
dha. (1 Qor 12:8)
nama amane ykn fayye hundaati.
Beekumsaa, dandeettii fi gahumsa
Kanaaf, namni „ani lallabuu hin
waan gaafatuuf dirqama nama kennaa
danda‟u‟ jechuuf mirga qabu hin jiru
isaa qabuuti.
(1 Qor 9:16 – 18)
Kaayyoon isaa namootni fayyan
Hojii duuka buutuu Yesuus isa guddaa
fayyina keessatti akka hafan ykn
dha (Ergama guddicha jechuudha).
kaayyoo fayyaniif akka jiraatan
Kaayyoon isaa Yesuus karaa, dhugaa,
taasisuuf fi kaayyoo Waaqayyoo
jireenyas ta‟uu isaa namatti himuun
irratti eeguu (tiksuu, nyaachisuu,
gara fayyinaatti waamuu ykn ergama
qajeelchuu, hubachiisuu)
guddicha raawwachuu dha.
Gooftaan keenya Yesuus ergama abbaa isaa irraa fudhatee raawwachuuf gara biyya lafaa dhufee
gatiiii eenyuyyuu kaffaluuf humna fi fedha isaa hin qabne baasee dhiiga isaatiin dhaloota
Waaqayyotti araarsuun jireenya barabaraa akka argitan taasise. Hojii ergamee dhufeef hunda
isaa mudaa malee hojjetee erga xumuree booda immoo gara abbaa isaatti deebbi‟uuf yeroo
jedhu hojii inni jalqabe kana akka itti fufaniif ergamoota (duuka buutota) isaa warra biyya lafaa
keessaa waame kanatti kenne; akka barbaachisutti ergaa isaa kana akka raawwataniifis Abbaa
18
isaa kadhateef. Qabiyyee kadhata Yesuus kana W/Yoh 17:1-26 dubbisaa! Lakk. “Akka ati
biyya lafaatti na ergite, anis akkasuma biyya lafaatti isaan ergeera.” Ijoo guddaan kadhata
Yesuus namoota biyya lafaa ishee hamtuu isaafiyyuu hin tolle kana keessatti, lafa inni
qaamaaan bira hin jirretti ergamanii hojii isaa hojjetan kana jajjabeessuu dha. Har‟as namoota
karaa kamiinuu carraa fayyina kana argatan Yesuusiif Deebisanii erguun ergama isaa galmaan
gahuun dirqama keenya jechuudha.
2. Dhaloota mul’ata ergama ittiin galmaan gahan hin qabnetu iddoo qabatee jira.
Namoota giddu-galeessi tajaajila isaanii qabeenya tuullachuu ta‟etu iddoo
murteessaa qabatee jira. Warri ergama isaanii dagatan kun har‟a dhaloota karaa
wallaalee joonja‟aa jiru barbaadee qooda karaa itti agarsiisuu waltajjii irratti wal
dhiibbata. Kanumaan utuu waltajjii argachuuf qofa waldaa keessatti wal-qoccolluu,
walitti hinaafnuu, walirratti kaanuu ergaan Yesuus nu ergate nurkaa dagatamaa jira.
Mul‟ata hojii kanaa dhabuu fi ergama keenya dagachuu irraa kan ka‟e jireenyi
hafuuraa keenya jira fakkaata malee shakkii keessa jira. Kunis akkamitti yoo
jedhame, wal-dhiibbachuu fi walirratti ka‟uun, wal-jibbuun, wal-qoccoluun fi kkf
ija hojii hafuuraa waan hin taaneef; akkasumas mootummaan Waaqayyoo
mootummaa nagaa fi jaalalaa malee kan jeequmsaa fi jibbaa waan hin taaneefi.
Hamma hafuurri qulqulluun na hubachiise, ofitti dabalee dhaloota har‟aa kanniiniif dhaamsi
koo, “Maasiin hojii bal‟aa dha; hojjetoonni immoo muraasa waan ta‟aniif dhaloota akka
hoolaa tiksee hin qabnetti abdii dhabee rakkina hamaa keessa jiru oolchuudhaaf ba‟aatii
sanyii wangeelaa kana facaasaa!” W/Maat. 9:35-38, W/Luq. 10:1-4, W/Yoh. 4:31-36 kan
jedhudha.
Kunis sababa isaas Macaafni qulqulluun garuu, "Warra kaan abidda keessaa butaatii
oolchaa!” (Yihudaa 23) waan jedhuuf.
hundumaatti lallabaa, isaan cuuphuudhaan duuka buutota (bartoota) koo godhaa; waanan
isin abboome eeguu barsiisaa!” jedhudha. Hojiin kun namoota Yesuus fayyisaa lubbuu kooti
jedhan hundaan kan ilaallatuudha malee kan garee muraasaa qofa miti. Kunis dirqama fi
abboommii raawwachuu akka qabnu akka ta‟e mul‟isa.
Fakkeenyaf, obbo Tolasaan ijoollee shan qaba haa jennu. Akka tasaa mana isaa yoo balaan
abiddaa qabate namni kun ijoollee isaa keessaa meeqa oolfachuu barbaada jettee yaadda? Yoo
afuran isaanii oolfatee tokko keessatti gubate kan gammadu sitti fakkaataa? Mee ati iddoo obbo
Tolasaa of buusi; utuu balaan akkasii sirra ga‟e ta‟ee ijoollee kee keessaa meeqa oolfachuutti
gammadda? Hunda isaaniiti mitii? Eeyyeen. Egaa nuti namoonni ijoollee keenyaaf garaa akkasii
erga qabaannee, Waaqayyo hoo? Ijoollee isaa hunda oolchuu hin barbaaduuree? "Egaa isin
hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii,
abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo hammam isin caalaa warra isa kadhataniif waan
gaggaarii kenna!" (W.Maatewos 7: 11). Inni Abbaa keenya! Hundumti keenya akka oolluuf
barbaada. Sababni isaa isa nuti ijoollee keenya jaallannu caalchisee Waaqayyo baay‟ee waan nu
jaallatuuf.
Akka qorannoon namoota gara garaatiin adeemsifame agarsiisutti wangeelli biyya keenya
keessatti laabamuu erga eegalee waggoota dhibba tokkoo ol lakkoofsiseera. Hata‟u malee
ammayyuu lubbuun bira hin ga‟amin hedduu akka ta‟e qabatamaan ni mul‟ata. Fakkeenyaaf
ragaa lakkoofsa baay‟ina uummataa kan bara 2007 CSA (Centeral Statistical Agency)‟n
adeemsifame irratti hundaa‟uun yeroo ilaallu, baay‟inni uummata magaalaa Adaamaa 220,212
yoo ta‟u lakkoofsa uummata bara 1994 adeemsifame irraa 72.25% akka dabale agarsiisa.
Baay‟ina lakkoofsa uummataa kana keessaa baay‟inni hordoftoota amantaa Orthodox 63.62%,
Islaamni 24.7% fi Protestaantiin 10.57%. Dhugaa kana immoo hawaasuma gidduu jiraannu
illee akka fakkeenyaatti yoo fudhanne salphaatti kana dhugoomsuuf nun rakkisu.
Egaa anii fi ati namni ambaasaaddara Kiristoos taane utuu jirruu lubbuun kun baduu hin qabu.
Kanaafuu warra kufanii jran wangeelaan lafaa kaasuuf sodaa malee ija jabinaan wangeela
mootummaa Waaqayyoo itti lallabuuf ka‟i ni kaanaa! Yeroo ammaa kana caalaa yeroo sirriin
waan hin jirreef ariitiidhaan murteessii bahi waaqarratti gatiin qabdaa!
4.3 Biyyi lafaa cubbuu hamaa keessa waan jirtuuf badiisa jalaa oolchuuf
Nuyi warri fayyina mootummaa seexanaa diiguun mootummaa Waaqayyoo babal‟isuuf
namootas mootummaa Waaqayyoof booji‟uuf gatii Kiristoos fannoo irratti kaffaleen warra luba
baanedha malee dhamaatii ofii keenyaatiin carraan arganne hin jiru.
Namni karaa irraa bade ykn immoo Waaqayyoon hordofaa hin jirre du‟i akka isa eeggatu
Kitaabni Ququlluun nutti hima. Akka Efe. 2:1 fi Rom. 6:23 tti du‟i kun isa hafuuraa fi lubbuuti
malee isa foonii miti. Waaqayyo qulqulluu dha. Cubbuu wajjin tasumaa walii hin galu. Cubbuu
ni adaba.
Ergaan Yesuus nu ergate warra garbummaa cubbuu jala jiranitti karaa akka
agarsiisnuuf ta‟uu isaa dagachuu hin qabnu.
Warra akka tasaa du‟an keessaa harki caalu warra Gooftaa hin qabne dha [sababni isaa
namoonni garri caalu amantoota waan hin taaneef]. Namoonni kun akka isaan hin duune
gochuu hin dandeenyu. Garuu Gooftaatti amananii du‟a bara baraa akka oolan gochuu ni
dandeenya. Kanas gochuu kan dandeenyu dhugaa bahuudhaani! Mee, ati nama dhugaa bahuufiif
yaaddee otuu “har‟a, bor” jettuu du‟e hin qabdu? Namoota itti himtee otuu hin turin du‟anoo?
Yohaannis yeroo barreessu, “Yesuus gooftaa akka ta‟e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo
du‟aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante, fayyina barabaraa in argatta. Namni
garaa isaatti amanee qajeelaa ta‟a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya,” (W/Yoh 10:9-10)
jedha.
Argitee fira koo hojii kanaaf yoo ati of laatte Yesuus waa‟ee keetiif akka siif dubbatu.
Jabaadhu egaa!
Yeroo dhugaa-bahumsaaf baanu tarii namni nu quunnamu nama hojii nuyi hin jaallanne keessa
jiru, nama itti kaloofnee dubbisuuf hin mijannee fi kkf ta‟uu danda‟a. Yeroo kana waan tokko
yaaduutu nuuf ta‟a. Innis iddoo nama sanaa of buusnee, iddoo keenya immoo Yesuusiin
buusnee jaalala Yesuus ittiin nu jaallate xiinxaluudha. Yeroo kana eenyummaa keenya isa sirrii
arguun jaalala Yesuus nu jaallateef jaalala agarsiisuun nutti hin ulfaatu.
Namaa wajjin yeroo haasofnu arraba jaalalaan mo‟ameen, garaa jaalalaan guuteen ta‟uu
qaba. Jaalalli nuyi ittiin nama kanatti siqnee wajjin dubbannu kun booji‟uuf humna cimaa qaba
waan ta‟eef. Jaalala ati nama kanatti agarsiiste keessaan jaalalli Kiristoos isa/ishee jaallate ifee
mul‟achuu qaba. Kana irraa kan hubatamu, dhuga-bahumsi milkaa‟aan (caalaatti humna
qabeessi) yeroo dhugaa baatutti jaalalli Waaqayyoo si keessaan akka dhangala‟u gochuu dha.
Namoonni yeroo dhugaa baanuufitti, hammam akka isaaniif dhimminee dubbataa jirru ni beeku.
Dabalees, dhuga-bahumsi keenya caalaatti kan inni firi-qabeessa ta‟u yoo garaa nama itti
dubbataa jirruu arganne dha. Kanaafuu namicha dhaggeeffachuun waan fedhu akka
dubbatuuf eeyyamuufiin (yeroo kennuufiin) gaarii ta‟a. Sababni isaas yeroo baay‟ee jechoonni
isaa garaa isaa mul‟isa waan ta‟eef. Dubbii isaa addaan hin kutin. Miidhama inni qabu irraa
dhaggeeffadhu. Garaa isaa dhaggeeffadhuutii isa inni jedheef akka sitti dhaga‟amu godhi.
Akka dhimmituufii fi kanumaafis gara isaa akka dhaqxe (daandiirra akka jirtuu), akka itti
dubbataa jirtus itti himi. Ammaa booda, egaa, onnee keetiin onnee isaatti dubbatta.
Kanaaf hafuuraa qulqulluun geggeeffamuun jaallannee waan goonu, jibbinee immoo kan
dhiisnu dhimma filannoo osoo hin taane dirqama.
“Yeroodhuma sanatti maal jechuun akka isiniif ta'u, hafuurri qulqulluun isin in
barsiisa" jedhe. (Luqaas 12:12)
“Yommuu dabarsanii isin kennan immoo akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan
hin yaadda'inaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniifin kennama.”
(Maatewos 10: 19)
Yeroo dhugaa baatutti yoo garaa kee bante, Hafuurri Qulqulluun si gegeessa; si keessaanis ni
dubbata. Inni waan ati namichatti dubbattu siif kenna. HoE 8:26 - Filiphoos namicha
Itiyoophiyaatti yommuu dhugaa bahe Hafuurri Qulqulluun isa geggeesse, inni immoo akka
gaariitti namiicha gara Gooftaatti geesse. Kanaaf akka Hafuura Qulqulluu si geggeessutti
kadhadhu.
Filiphoos, Macaafi namichi xu‟aashiin kun dubbisaa ture waa‟ee eenyuu akka inni dubbatu erga
itti himee booda, namichi gara Yesuusitti amanuu dhufe. Atis egaa jireenya Filiphoos irraa
baruudhaan:
Geggeessaa Hafuura Qulqulluutiif kadhadhu (lak.26, 29)
Dhugaa bahi (lak.30-31)
Gaaffii gaafadhu (lak.31)
Dubbii Waaqayyootti dhimma bahi (lak.35)
Waan gochuun sirra jiru godhi, Kadhadhuuf! Waa‟ee jireenya haaraa itti himi!
Dhugaa bahuu keenyatti gammadoo fi ija jabeeyyii ta‟uu qabna malee biyya lafaa isa jal‟ataa
dhaan jal‟achuun nurra hin jiraatu. Dhugaa bahuun kee keessa keetii ka‟uu qaba. Namoonni isa
ilaalu waan ta‟eef, namni dhugaa ba‟uuf of kenne tokko fakkeenya ta‟uu qaba.
c) Yesuus karaa tokkicha ittiin fayyanii dha – HoE 4:12, Yoh 14:6
Karaan, dhugaan, jireenyi akkasumas maqaan ittiin fayyuuf dhala namaaf kenname
tokkicha maqaa Yesuus qofa.
Ergamichi Phaawuloos waa‟ee fayyina karaa Yesuus argannee yeroo dubbatu,
5
“Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du‟oo taanee utuma jirruu,
inni warra Kiristoosii wajjin jiraatan nu godhe; isin ayyaana Waaqayyootiin
fayyifamtan. 6Karaa Kiristoos Yesuus isumaa wajjin du‟aa nu kaase, isumaa
wajjin bantii waaqaa keessa iddoo nuuf kennee, nu teessises. 7Inni arjummaa
karaa Kiristoos Yesuus nuuf godhe sanaan, bara dhufu hunumaattuu baay‟ina
ayyaana Isaatii isa hammas hin jedhamne argisiisuudhaaf kana godhe. 8Isin
ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa
Waaqayyooti malee, gochaa ofii keessanii miti.” (Efe. 2:5-8). Kanaafuu hojii
inni fannoo irratti nuuf hojjeteen Waaqayyo duratti dhiyaachuuf ija-jabina qabna
(Efe.3:12) malee karaa ykn sababa biraa tokko illee hin qabnu.
Harka laachuun filannoo kee isa dhumaati jennee hubachiisuun gaarii ta‟a.
Jireenyaa koo, amala koo, hojii koo irratti jijjiiramni mul‟ate maali?
Jijjiirama kana hubachuuf yeroo hagamii natti fudhatee?
An maaliifan karaa adda ta‟een jijjiirame?
Dhuga-bahumsa dhuunfaatiif fakkeenya gaarii kan nuuf ta‟u seenaa Ergamaa Phaawuloos haa
ilaallu. HoE 21:37-40, 22:1-21, 26:1-23, kutaalee kanniin irratti namni Waaqayyoo ergamaa
Phaawuloos waa‟ee fayyina isaa yeroo dhugaa bahu: -
Utuu hin amanin dura nama akkamii akka ture, maal hojjetaa akka ture ibseera.
Akkamitti akka amane (Gooftaa Yesuusiin fayyisaa lubbuu isaa godhate) dubbateera
Erga amanee booda maaliif akka dhugaa bahuu isa barbaachise,
Amanuu isaa irraa kan ka‟e jijjiirama ofirratti arge dubbateera.
Tarii mucummaa keetti Gooftaa fudhatte yoo taate ykn Amantii keessatti dhalatte yoo
taate immoo jijjiirama kan Kiristoos ta‟uu keetiin siif ta‟e irratti xiyyeeffadhuutii
dubbadhu! Jireenya Gooftaa wajjin qabda turte, erga Gooftaa (tajaajila dhiistee) kan si
mudatee fi garaagarummaa ture kaasuun waan barsiisuu danda‟u irratti xiyyeeffadhuu
dubbadhu!
Nama dhugaa itti bahuu barbaaddu maqaa isaa galmeeffadhu, yeroo hundaan Waaqayyo
garaa isaa akka argatuuf Kadhadhuuf, yeroo hunda gaarummaa (amala mucaa Yesuus
ta‟uukee agarsiisu qabaadhu, qajeelummaadhaan booji‟i – jireenyaan dhugaa bahiif, erga
yaadaa fi miira isaa boojitee laphee isaa argattee booda dhuma irratti waa‟ee fayyina argatte
kanaa sodaa malee ofirraa bu‟ii (yaada hiikamaadhaan) itti himi!
Yeroo dhugaa baanu (wangeela namatti himnu) namoota amala adda addaa nu quunnamuu
danda‟an baay‟ee keessaa muraasaa fi ijoo ta‟an akka armaan gadi haa ilaallu!
a) Nama dheebote: - Nama waa‟ee Kiristoos ilaalchaa fi yaada gaarii qabu ta‟ee
wantoota muraasa irratti nama karaa isa sirrii kana itti agarsiisu nama
barbaaduudha.
b) Nama bittaa itti gale: - gareen kun utuu fayyee kan barbaadu garuu haalota
garagaraa isa mudatan irraa ka‟uun murteessuuf kan rakkataniidha. Akka
sababaatti kan isaan fudhatan wantoota armaan gadii kana ta‟uu danda‟u: -
Amantii gahaa dhabuu isaanii
Amanuuf yaalanii garuu akka hin dandeenye
Yeroo hundumaa amananii akka jiran
Waa‟ee amantiif miira (fedha) akka hin qabne
Cubbuu guddaa dhiifamuu hin dandeenya akka dalage
Warra filataman keessa ta‟uu fi ta‟uu dhabuu isaa shakkuu
Haalota isa mudachuu danda‟an sodaachuu
Fayyuu koo wantin ittiin beeku hin jiru jedhanii yaaduu
Yeroon fayyina kootii darbeera abdii hn qabu jechuu
d) Kiristaana abdii kutate: - Milk 3:16-17, Gal 6:1-4 warri kun garee dhugaa
jal‟isaniidha. Dhugaa baruu (dubbachuus ta‟e dhaga‟uu) hin barbaadan. Namoota
akkasii wajjin haasa‟uuf of-eeggannoo cimaa taasisuun dirqama ta‟a.
Hojiin keenya sanyii facaasuu waan ta‟eef jaalala fi garraamummaadhaan bifa yaada isaa
booji‟uun itti dubbachuu kunis sanyiin keenya lafa gaariirra akka bu‟uuf
Nuti yeroo namootaaf dhugaa bahuuf kaanu, Kiristoosiin kaayyoo godhannee deemuutu nurra
jira. Yeroo baay‟ee namoonni dubbii jireenyaa nuti itti himnu dhiisanii waa‟ee waldaa keenyaa,
waa‟ee dhaaba amantii; waa‟ee namootaa, amantootaa ykn tajaajiltootaa nutti kaasuudhaan akka
nuti waan dubbachuuf kaanetti qaanofnu ykn immoo afaan qabannu gochuu barbaadu.
Kanaafuu, yeroo dhuga-bahumsaaf kaanu, Kiristoosi fi dubbii isaa malee isa kaanitti
xiyyeeffannoo kennuun nurra hin jiru. Yeroo isaan waa‟ee waldaa keenyaa hamaas ta‟ee garii
dubbatan mallatoo gaddaa/gammachuu baay‟ee adda ba‟e agarsiisuun nurra hin jiru. Waanta
isaan dubbatanittis qabamuu hin qabnu. Yeroo akkasii deebiin keenya kan ta‟uu qabu:
Namni siif hin dune, nama ilaaluutu si fayyisa miti, Kiristoosi fi dubbii isaatti
amanuutu malee, ykn
Dhaaba amantiitu fayyisa miti , Kiristoosi fi dubbii isaatti amanuutu qofa malee
Namni hundumtuu waan godheef deebii kennuuf jira; garuu yoo qalbii diddiirratee
gara Kiristoositti deebi‟e araara argachuu ni danda‟a.
Ani kanan as jiru Kiristoos isa fayyisu, isa waa‟ee keef du‟e malee nama ykn waldaa
sitti lallabuuf miti. Kan jedhuu fi kanniin ilaalchaa fi yaada nama sanaa jijjiiran ta‟uu
qabu.
Gooftaan Ayyaana ergaa sirka jiru raawwachuuf si gargaaru siif ha kennu! Jabaadhu!!!