You are on page 1of 7

“Achumaan abdii keenya isa

eebbifamaa fi ulfina isa


deebi'ee mul'atu sanaa in
eegganna. Inni mul'achuuf
jiru sunis Yesus Kristos; inni
Waaqayyo keenya isa
guddicha, fayyisaa
keenyas.”— Tit. 2:13

Abdii Keenya
Isa Eebbifamaa!
(Our Blessed
Hope)

Miilkiyaas Immiruu Abdiisaatiin


1

FOCUS KOMBOSHAAF
“Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa
kennu!” - Gal. 1:3

1Qor 1:23 “Nuyi garuu, Kristoos isa fannifame in lallabna.........”

Abdii Keenya Isa Eebbifamaa (Our Blessed Hope)

“Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna.
Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa
keenyas.” - Tit. 2:13

Namoonni baay’een jecha abdii jedhuuf hiikkoo adda addaa kennuu malu. Garuu hiikkaawwan
baay’ee sana keessaa isa yaada ani dubbachuuf jedhu waliin kan adeemu isiniif qooduun jaalladha.

Innis isa akkas jedhudha; Abdii jechuun wanti tokko akka ta’u amanuudhaan

eeggachuu jechuudha. Himni kuni hiikkaa amantii wajjin kan hedduu walitti dhiyaatuudha.

Garuu lamaanuu guutummaatti tokko kan ta’an miti. Dabalataani hariiroo guddaa qabu- abdiin

Waaqayyoo kan inni raawwatamu amantiidhani. Hiikkaa abdii Afaan ingiliffaan isa akkasitti

hiikame irraatiin fudhadhe. ‘hope is to expect with confident: trust’. Madda:


‘Merriam-Webster Dictionary 2020’.

Abdiin akkuma armaan olitti hiika kennine, wanta tokko amantii guutuudhaan fuula dura ni ta’a
jedhanii qalbii guutuudhaan eeggachuu jechuudha.

Tue,June 9, 2020 1
2

Namoonni tokko tokko namootaaf abdii kennanii osoo akka abdii kennan sanaatti hin guutiin hafu.
Kanaafuu, namoonni abdii namni isaaniif gale ija shakkiin ilaalan hin dhibamani (ni jiru)
jechuudha. Wanti bakka kanatti ani kaasuu barbaadu miira namoota akkasii tuquuf akka hin taane

haa hubatamu. Abdiin ani dubbachuu barbaadu abdii isa abdachiisaan isaa Waaqayyo

ta’edha. Egaa abdiin namicha abdatu qofaa irratti kan hundaa’u osoo hin taane qaama abdachiise

irrattis kan hundaa’udha. Abdiin Waaqayyo namaaf kennu abdii isa kan namaarraa hamma malee
gargaridha. Waaqayyo abdii yommuu nuuf kennu nuyiin ilaalee osoo hin taane, ofiisaa irraa

amanamummaa qabuun abdii nuuf kenna. Abdiin inni Waaqayyo nuuf kennu immoo akkuma

Waaqayyoo amanamaa ta’e, abdichis amanamaadha. Anis kan ani dubbachuu barbaadu
abdii isa Waaqayyo namaaf kennudha malee abdii isa namni namaaf kennu miti. Yeroo tokko
tokko namoonni bakka kadhataa adda addatti sagalee raajummaa waan fakkaatuun namoota raajii
jedhaman irraa sagalee abdii dhaga’anii galu. Garuummoo ala tokko tokko abdiin suni yeroo isaatti
raawwatamuu yommuu dhiisu namoonni Waaqayyo irratti gumgumu. Kana sababan kaaseef nan
qaba, innis muudannoo jireenya koo fi jireenya namootaa irraa ka’uudhaanidha. Wanti akkasii isin
mudatee beekaa laata? Garuu dhugaan guddina kristaanummaa koo keessatti naaf gale tokko jira.
Innis wanti akkasii yommuu nu mudatu jalqabbiin abdii Sanaa namadha malee, Waaqayyo akka
hin taane beekuun barbaachisaadha. Kanaaf abdii namni namatti dubbate immoo yommuu
raawwachuu dhiisu Waaqayyo irratti gumgumuuf sababa tokko iyyuu hin qabnu. Waaqayyo
yommuu dubbatu ofii isaa irratti hundaa’uudhaan dubbata, abdiin isaas fiixa ba’a. Abdiin
Waaqayyoo nama abdachiisu osoo hin raawwatamiin hin hafu. Kanaaf Macaafni Qulqulluun
Waaqayyo amanamaa akka ta’efi abdiin Waaqayyoos amanamaa akka ta’e dubbata.

1Qor. 1:9 “Waaqayyo, inni gara tokkummaa ilma isaa Yesus Kristos gooftaa keenyaatti isin
waame, amanamaa dha.”

1Tas. 5:24 “Inni isin waame amanamaa waan ta'eef, kana in godha.”

Ibr. 10:23 “Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti
jabaannee in qabamnaa!” Caqasawwan dabalataaf :1Qor 10:13, 2Tas 3:3.

Tue,June 9, 2020 2
3

Erga hamma kana waa’ee abdii fi abdiin Waaqayyo namaaf kennu amanamaa fi dhugaa akka ta’e
ilaalee, amma immoo itti fufuudhaan akkuma mata duree isaa irratti arginu abdii Waaqayyoo isa

amanamaa ta’e keessaa tokkoo akkas jechuun waliin haa ilaallu – Abdii keenya isa eebbifamaa.

Tit. 2:13 “Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in
eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha,
fayyisaa keenyas.”

Akkuma caqasa olii irraa arginu abdiin keenyi inni eebbifamaan nuti eeggannu Yesuus Kristoos-
Waaqayyoo keenya isa guddichaafi fayyisaa keenya isa nu fayyisedha.
Adduunyaa keessa jiraannu kana yommuu ilaallu ala tokko tokko wantoonni nuti arginu wanta
akka addunyaan kuni guutuu ta’eetti namoota muraasatti yommuu mul’atudha. Garuu
kristiyaanonni darbanis ta’e, amma jirru addunyaan kuni guutuu akka ishiin hin taane namuu ni
beeka. Bakki buufata keenyaa inni dhugaan akka namoota warra kanii biyya lafaa kana miti, biyyi
lafa kuni fedhiin ishii dangaa kan hin qabnefi gaaf tokko iyyuu ani gutuudha, na ga’a jettees kan
hin beekne, fuula duras kan hin jennedhas. Kanaafu, nuti akka namoota warra kaanii biyya lafaa
ishii hir’uu kana keessatti gaaf tokko iyyuu of gaatnee jiraachuu hin qabnu. Wanti nuti eegannu
abdiin tokko nuuf jira.

Abdiin eebbifamaan keenyi kunis mul’achuu gooftaa fi fayyisaa keenyaa Yesuus Kristoosidha.
Abdiin eebbifamaan keenya yeroo hundumaa handhuura yookiis diinagdee jireenya keenyaa nuuf
ta’uutu irra jiraata. Dhoksaan kuni garuu namoota keenya harka baay’ee isaanii jalaa dhugumaan
waan dhokate fakkata. Kanas sababan jedhuufan qaba; innis kristiyaanonni hedduun hubannoo
sirri dhabuudhaan dursa Yesuusiin baruu dhiisanii wanta Yesuus irraa argamu argachuuf fiigu,
karaa biraan ibsuuf hundee isa ta’e Yesuusiin dhamdhanii minyeeffachuu dhiisanii bu’aa hundee
sanarraa(Yesuus) irraa argamu argachuuf fiigichatti jiru. Kuni immoo wanta amma gaarii
fakkaatu garuu akka hundee sirrii hin qabneeti. Hiriyaankoo tokko yeroo baay’ee akkas naan
jedha, “Anamoo, wanta ana irraa argamu fudhachuuf(barbaacha) ana bira dhufte” jedhee
anatti dubbata, yommuu akkas jedhee anatti dubbatu deebiinkoos kan akkasii ture, “Siin
barbaacha, itti fufees immoo firii sirraa argamus nan argadhan” jedhaan, yeroo wal agarru
baay’ee irra deddeebi’ee wanta kana dubbata. Kuni ergaa guddaa kristaanota bara keenyaaf
ta’udha. Garuu namoonni keenyi hedduun faallaa kanaa waan jiraatan fakkata.

Tue,June 9, 2020 3
4

Hundee barbaaduu irra bu’aa Yesuus irraa argamu barbaachaaf imalatti waan jiran fakkaata
namnoonni baay’een, kunimmoo imala dogogora xiqqoo qabudha.

Ergaan guddaan jalqaba kana irratti kaasuu barbaadu, yommuu lafa kana irra jiraannu abdii
eebbifamaa keenya kana ilaalaa, isa yaadaa, isa jaallachaa akka jiraanudha. Caqasa gadii kanaan
guddina keenya of haa ilaallu. Namoonni abdii isanii yeroo hundumaa eeggatan akkasiin dhugaa
isaaniif ba’ameera:

1Phe. 1:8 “Isin isa mul'achuuf jiru sana hin argine yoo ta'e iyyuu, isa in jaallattu; amma yoo
isa arguu dhaabaattan iyyuu, isatti in amantu akkasumas gammachuu akkas jedhamee hin
dubbatamnee fi gammachuu ulfina guddaa qabuun in gammaddu.”

Waa’ee mata duree olii sirriitti dubbachuuf akkas jechuudhaan jalqabuun jaalladha. Yesuus
kristoof mul’inatti dafee ni dhufa. Dhugumaan fayyisaan keenya dafee nuuf in dhufa. Nuti
namoota abdii hin qabne akka warra kaanii miti. Addunyaa kana irra yommuu jiraannu nuuf
guutus, nuuf guutuu baatus bakki buufata keenyaa inni dhugaan as miti. Yesuus Kristoos deebi’ee
nu fudhachuudhaaf in dhufa. Nuti yaadni keenya yeroo hundumaa gara isa deebi’ee dhufu sanaa
ta’uu qaba. Yeroo ammaa kana keessatti haalli addunyaan kuni keessa jirtu rakkisaafi gara dhabaa
yoo ta’e iyyuu, abdiin eebbifamaan keenyi dhiyootti deebi’ee ni dhufa. Nuti yoo jiraannes yoo
duunes kan gooftichaati (Roomaa 14:8); dhugumaan Yesuus dhiyootti deebi’ee ni dhufa!

Obbolootakoo, biyya lafaa kana keessatti ofii keessan akka nama sibiilaan lafatti
qabatee(hordamee) of hin godhinaa, Yesuus mul’inatti deebi’ee ni dhufaatii. Kana qofaa miti,
Macaafni Qulqulluun akkuma dubbatu abdiin keenyi yommuu mul’atu nuyis isa wajjin
ulfinaan mul’achuuf jirra. Waaqayyo inni nu jaallate bara baraan haa galateeffamu.

Qol. 3:4 “Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan
mul'achuuf jirtu.”
1Tas. 4¹³ Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa'ee warra
obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna. ¹⁴ Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee
akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu
in amanna.

Kutaa kana irraa akkuma arginu nuyi Yesuus krisoos wajjin ulfinaan mul’achuuf jirra. Haleluyaa!

Tue,June 9, 2020 4
5

Egaa abdiin Waaqayyoo abdii namootarraa hamma malee kan fagaatuufi akkuma Waaqayyo
amanamaa ta’e abdiin isaas amanamaa akka ta’e ilaaleerra.

Mee amma immoo abdiin Waaqayyoo maliin adda akka ba’u tuqaalee dabalataa muraasa haa walii
wajjin haa ilaallu.

1. Abdiin Waaqayyo kennu kan raawwatamudha. Nuyis akka raawwatamu beekuu, amanuun
nuuf ta’a.
Luq. 1:45 “Abdiin gooftaan kenne akka raawwatamu beektee, kan amante, attam kan
ayyaanomtee dha!" jette.”
2. Abdiin Waaqayyo nuuf kenne haalota kam keessatti illee nama hin yeellaasisu.

Rom. 5:5 “Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname,
garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu.”

3. Abdiin Waaqayyo nuuf kenne ija jabina nuuf kan ta’edha.


2Qor. 3:12 “Abdii akkasii erga qabaannee nuyi guddaa ija in jabaanna.”
4. Abdiin Waaqayyo nuuf kenne abdii eeggatamudha.
Fil. 3:20 “Nuyi garuu nama biyya Waaqa irraati; Gooftaan keenya fayyisaan keenya
Yesuus Kristoos achii nuuf dhufa jennee eegganna. Dabalataan Hoe 26:7.

Egaaa hamma kana waa’ee abdii Waaqayyo nama abdachiisu erga waliin ilaalle gara dhumaatti
waan tokko kaaseen xumuruu barbaada. Obbolootako, nuyi akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu
abdii eebbifamaa akka qabnu in beekna, abdii eebbifamaa kanas yeroo hundumaa qor-qalbii (yaada
garaa) keenya keessatti yaadaa jiraachuun wanta baay’ee barbaachisaadha. Biyya lafaa kana akka
waan buufata keessaniitti hin ilaaliinaa. Akkuma yommuu Xiyyaarri tokko dachee irraa ol ka’een
namoonni achi keessa jiran gadi yoo ilaalan addunyaan kuni xiqqaa ta’ee isaanitti mul’atu, biyyi
lafaa darabaa yeroo xiqqoo keessa jiraannu akka ta’e hubachuudhaan abdii keenya yaadaa haa
jiraannu. Xiyyaara keenya amanamaa isa ta’e gara Yesuusitti yaadni keenya yeroo hundumaa ol
haa ka’u.

Abdiin keenyi eebbifamaan, inni nuti jaallannu, inni nuti itti gammannu, gooftaa fi
fayyisaan keenya Yesuus Kristoos dafee in dhufa; nutis yommus isa wajjin ulfinaan ni
mul’anna. Ameen.

Tue,June 9, 2020 5
6

Mul. 22⁷ Inni dhufu sun, "Kunoo, ani dafee nan dhufa, namni dubbii macaafa kana keessatti raajii
dubbatame kana eegu attam haa gammadu!" jedhe. ²⁰ Inni wanta kana hundumaa dhugaa
baasises, "haa ta'u! Ani dafee nan dhufa" in jedha. Ameen! Kottu, gooftaa Yesus!

Obbolootako, beekumsa kaleessa qabdan irratti waan caalu waan dabalattaniif akkas isiniin
jedheen xumura. “Gooftaan nagaa ofii isaatii yeroo hundumaa, karaa hundumaan isiniif haa
kennu! Gooftaan hunduma keessan wajjin haa ta’u!” -2Tas 3:16

-Obboleessa keessan Miilkiyaas Immiruu Abdiisaa

Tue,June 9, 2020 6

You might also like