You are on page 1of 21

Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw

JIREENYA
BARA BARAA

Amanaan dhugaa tokko dadhabbii


ykn dogongora isaatiin jireenya bara
baraa dhabuu danda’aa laata?

Wabiin jireenya bara baraa argachuu


keenyaa hoo eenyu?

Qoph.
Pr. Miliyoon Shifarraaw

Bara araaraa 2015

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw
Jireenya bara baraa
Jireenya ykn fayyina keenyaan
walqabatee dhugaawwan
beekkamuu qaban:-
1. Jireenyichi ykn Fayyinni arganne kuni kennaa tolaa nama hin malleef kennamu ta’uu isaati.
2. Jireenyichi ykn Fayyinni arganne kun kan bara baraa ti malee kontiraata yeroodhan
murtaa’e akka hin taanedha! [rom 6:23, yoh 3:16, 5:24, 6:47]
3. Kiristoos faana jiraatoo ta’uu keenya beekudha [qol 2:13, efe 2:4-5]
4. Jireenya bara baraa kan arganne waan amanneef malee waan cubbuu dhiifnef akka hin ta’in
adda baafachuudha.
5. Araara isaa isa guddaadhan, du’aa ka’iisa Yesuus Kiristoosiin lammatuma dhalachuun
keenya iyyuu dhaala hin banne, kan hin xuroofne ykn kan hin jijjiiramnetti akka galluuf ta’uu
isaa beekudha [1Phex 1:3-4]
6. Jireenyichi ykn Fayyinni arganne kuni kennaa tolaa nama hin malleef kennamu ta’uu isaati.
Jireenyichi bara baraa inni nuti arganne kun, kan nuti eegnu ykn eeggannu utuu hin ta’in isa
ofii isaatiif nu eegu ofii isaa Kiristoos akka ta’e beekudha!

Baldhinaan immoo akka armaan gadiitti yaa ilaallu:-


1. Jireenyichi ykn Fayyinni arganne kuni kennaa tolaa nama hin
malleef kennamu ta’uu isaati.

Duraan dursee Kennaa tolaa jechuun:-


 Kan gatiin tokko illee itti hin baafamin jechuudha.
 Kan abbichi kenne sun deebi’ee nama kenneef sana irraa
hin fudhanne jechuudha.
Nama hin malleef kan jedhu immoo:- Akka gochaa fi hojii keenyatin
kannuuf malu jireenya utuu hin ta’in du’a ture jechuudha! Wangeellis
kanuma dhugaa nuuf ba’a.

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon [rom 6:23] “beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a ...” waan jedhuuf,
Shifarraaw
“...kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus wajjiin tola nuuf kennamu garuu jireenya bara
baraati” [rom 6:23]

“Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; innis immoo kennaa


Waaqayyooti malee gochaa ofii keessanii miti; hojiidhanis miti, namni tokko illee akka
ittiin of hin jajne!” [efe 2:8-9]
Waaqayyo garuu isa nuuf hin malle jireenya bara baraa toluma nuuf
kenne.
2. Jireenyichi ykn Fayyinni arganne kun kan bara baraa ti malee
kontiraata yeroodhan murtaa’e akka hin taanedha!
[rom 6:23, yoh 3:16, 5:24, 6:47]

Bu’urri barsiisa macaafa kakuu haaraa Fayyinni nama tokkoo kan


tajaajilu bara baraaf malee hanga namni tokko cubbuu hojjetu ykn
dogongora uumutti qofa akka hin taane hubachiisudha [yoh 3:36, 5:24]
Kanaan wal qabatee dhugaan beekkamuu qabu Kiristoos utuu fannoo
irra jiruu nuuf du’uudhan fayyinni ykn jireenyi bara baraa inni nuuf
kenne kun dogongorreetis ta’ee, dadhabbii keenyaan, beeknetis ta’ee
utuu hin beekin yoo cubbuu hojjenne kan badiisa bara baraatiif
nusaaxilu akka hin taanedha!

Sababni isaas:-
1. Nuti sanyii bara baraan hin banne irraa dhalachuu keenya
[1phex 1:23]
2. Dogongora uumnufis ta’ee cubbuu hojjennuuf Waaqayyo biraa
nama nuuf dhaabbatu qabaachuu keenya [1Yoh 2:1]

Kutaawwan macaafa qulqulluu jireenyichi arganne kun kan bara baraa ta’uu nutti himan:-

 [Yoh 3:36] “Namni ilma Waaqayyootti amanu jireenya bara baraa qaba …”

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw  [Rom 6:23] “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a kennaa Waaqayyoo inni Kiristoos
Yesuus wajjiin tola nuuf kennamu garuu jireenya bara baraati”

 [Yoh 5:24] “Dhuguma dhuguman isinitti hima, dubbii dhaga’ee isa ana ergetti kan
amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a keessaa gara jireenyaatti darbe malee,
gara firdii hin dhaqu!”

 [Yoh 6:47] “Dhuguma dhuguman isinitti hima, namni amanu jireenya bara baraa
qaba!”

 [1Yoh 5:13] “Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa
qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe”
Kan bara baraa jechuun immoo Daangaa kan hin qabnee fi
yeroodhan kan hin murtoofne jechuudha!

Namni tokko jireenya bara baraa kan dhabuu fi kan badu yoo cubbuu
hojjetee fi dadhabe utuu hin ta’in gaafa amanee hafuura qulqulluu irraa
lammata dhalachuu baate qofaadha! [1yoh 2:19]
Sababni isaas cubbuu fi dadhabbiin amantootaa guyyaadhaa guyyaatti
yaada garaa geeddarannaadhan kan haarawoomudha waan ta’eef.
[far 51:9-12]
3. Kiristoos faana jiraatoo ta’uu keenya beekudha
[qol 2:13, efe 2:4-5]

 Jiraataa jechuun immoo gabaabumatti kan hin duune ykn


kan hin banne jechuudha.

“Araarri Waaqayyoo garuu baay’ee waan ta’eef jaalala isaa isa guddaa sanaan nujaalate;
nuyi irra daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du’oota taanee utuma jirruu, inni warra
Kiristoos wajjiin jiraatan nugodhate!” [efe 2:4-5]

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
“...Waaqayyo akka isin Kiristoos faana jiraatoo taatan isin godheera; irra daddarbaa keenya
Miliyoon
Shifarraaw
hundumaas nuuf dhiiseera!” [qol 2:13]
4. Jireenya bara baraa kan arganne waan amanneef malee waan
cubbuu dhiifnef akka hin ta’in adda baafachuudha.

Cubbuu dhiisuun bu’aa ykn amala nama amanee jireenya bara


baraa argateeti malee adeemsa namni tokko fayyuudhaf ykn
jireenya bara baraa akka hin dhabneef godhu muti!

Nutis cubbuu kan dhiifne ykn kan hin hojjenneef:-

 Amanuudhaf utuu hin ta’in waan amanneef!


 Fayyuudhaf utuu hin ta’in waan fayyineef!
 Qajeelota ta’uudhaf utuu hin ta’in waan qajeelota taaneefi.
 Cubbuu hojii keenya kan idilee kan hin godhanneef
Eenyummaa isa haaraa amma arganne kana wajjiin waan hin
adeemnef.

Wabii jireenya bara baraa isa arganne irratti yeroo baay’ee


mormiin ka’u:-
 Barsiifni kuni namootni jireenya bara baraa waan hin dhabneef
akka barbaadan akka ta’aniif eyyama kenna kan jedhuu fi
 Cubbuutti qabamanii jiraachuu danda’u kan jedhuudha!
Dhugaan beekkamuu qabu garuu namni tokko Kiristoos Yesuusitti
amanuudhan erga furamee booda jireenya, jireenya isa argate sana
madaalu jiraata ykn qajeelummaa isa argate sana shaakalaa jiraata malee
cubbuu shaakalaa tasumaa hin jiraatu!

Walumaa galatti macaafni qulqulluun:-


 Bu’uurri fayyina keenyaa yaali fi tattaaffii keenya utuu hin ta’in du’a
Kiristoos Yesuus akka ta’e nu barsiisa!

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
“Isa ana ergetti kan amanu” dhugaan jedhu Waaqayyo akka hin sobnee fi yaada isaas akka
Miliyoon
Shifarraaw
hin jijjiirre kan ibsuudha! [yoh 5:24]
 Kiristoos Yesuusitti amanuudhan qofa akka ta’e dhugaa nuuf ba’a
[efe 2:5 & 8, yoh 14:6, hoe 4:12].

 Kan fayyines immoo battaluma Kiristoos Yesuusitti amanne


sanatti. Fayyuu keenyaafis immoo wabii guddaa qabna, wabiin
kunis immoo jaalala guddaa fi gadi fagoo Waaqayyo nuuf qabu
sanaadha. [Efe 2:4 – 5, Rom 5:6-11, Tit 3:3-7]
Garuu namni tokko fayyina amantiidhan arganna, erga jedhee
booddee hamma dhumaatti dhaabbachuudhaf immoo hojii
hojjechuutu nurra jira utuu jedhee kuni faallaa dhugaa
wangeelaa ykn macaafa qulqulluu ta’uudha [gal 3:1-3].

Fayyina keenya dadhabbii fi yaalii keenyaan argachuu hin dandeenyu,


Kanaaf dadhabbii fi yaalii keenyaan hamma dhumaattis itti fufsiisuu ykn
dhaabuu hin dandeenyu!
Amantiidhan erga fayyinee, fayyinni keenya hamma dhumaatti
kan itti fufuu fi wabii kan argatu amantiidhan qofa!

5. Araara isaa isa guddaadhan, du’aa ka’iisa Yesuus Kiristoosiin


lammatuma dhalachuun keenya iyyuu dhaala hin banne, kan
hin xuroofne ykn kan hin jijjiiramnetti akka galluuf ta’uu isaa
beekudha [1Phex 1:3-4]
Dhaala jiraataa kana bira ga’uudhafis ta’ee hamma galma nuuf
yaadame bira geenyutti kan eeggamnus isuma karaa amantii
nuffayyise ayyaana Waaqayyoo sanaan!
[1Qor 1:8]

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon “Guyyicha gooftaa keenya Yesuus Kiristoos sanatti akka isin warra yakka hin qabne
Shifarraaw
taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti isin in cimsa”

6. Jireenyichi bara baraa inni nuti arganne kun, kan nuti eegnu
ykn eeggannu utuu hin ta’in isa ofii isaatiif nu eegu ofii isaa
Kiristoos akka ta’e beekuu!
“Isin warra karaa amantiitin hanga fayyina bara dhumaatti muldhachuuf
qophaa’e sanaatti humna Waaqayyootiin eegamtaniidha!” [1Phex 1:2-5]

“… nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesuus Kiristoos keessas in jiraanna; Waaqayyoo
inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana” [1Yoh 5:20]

“Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara
baraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namni ilma Waaqayyo qabu jireenyicha qaba!”
[1Yoh 5:11-12]

“Anaaf Kiristoos Jireenya kooti …” [Filiph 1:21]


 [Yoh 14:6] “Yesuus deebisee, “karichi, dhugaan, jireenyis ana
anaan yoo ta’e malee eenyu illee gara abbaa hin dhaqu”

 [Yoh 10:9] “Balbalichi ana, inni anaan ol galu in fayya”

 [Yoh 1:4] “Jireenyichi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa


ture”

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw

Sababoota gurguddoo amanaan dhugaa


tokko fayyina ykn jireenya bara baraa hin
dhabneef:-

Dhugaan hunduma dura hubachuuf beekuu qabnu, Fayyina keenya hamma


dhumaatti itti fufsiisuus ta’ee akka nuti jireenyicha hin dhabne gochuu kan
danda’u Waaqayyo qofa akka ta’eedha!

1. Gatii cubbuu keenyaa Kiristoos kanfaluu isaati fi dhiifama


argachuu keenya!
“Isin dur hamaa yaaduu keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina Waaqayyoos
taatanii turtan, amma garuu Waaqayyo du’a namummaa ilma isaatiin isin araarsee,
warra mudaa hin qabne, warra balleessaa hin qabnes godhee, of dura isin
dhaabbachiiseera!” [Qola 1:21-22]

{Rom 4:7-8} ‘‘Warri seera irra daddarbuun isaanii dhiifameef, warri cubbuun isaanii akka
deebi’ee hin argamne godhameef haa gammadan! Namni gooftichi cubbuu isaa itti hin
lakkofne haa gammadu’’ jedhe; Araarri dhugaa isa kana!
{Rome 6:23, R/Isa 53:5, Qola 1:13-14}

2. Harka Waaqayyooti!
Amannee furii kan arganne hundumti keenya mootummaa isaa keessaa
eenyumtuu akka nuyi hin fudhanne jabeessee kan nu qabe harka
Waaqayyooti. [yoh 10:28-29]

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon 3. Jaalala Waaqayyooti!
Shifarraaw
Eenyumtuu harka isaatii akka nuhin baafne kan nugodhe jaalala gadi
fagoo Waaqayyo nuuf qabuudha. [rom 8:31-39]
Kutaan kun gaafii afur gurguddaa gaafachuudhan eenyumtuu jaalala
Waaqayyoo irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye dhugaa nuuf
ba’a!
1. Waaqayyo gara keenya erga ta’ee eenyutu nurratti ka’a
jennaree?
2. Warra Waaqayyo foo’ate eenyutu hadheessaree?
3. Eenyutu itti faradaree?
4. Eenyutu Jaalala Kiristoositti gargar nubaasaree?
Sababni isaas Yesuus Kiristoos jaalala guddaa isa nuuf qabu irraa
kan ka’e warra gara isaatti dhufan ofirraa waan hin ariinefi

“Abbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo hin dhufa, isa gara koo dhufus ani of
irraa hin ari’u” [yoh 6:37]

4. Buddeenicha isa irraa nyaanne irraa kan ka’eedha!


Buddeenni nuti irraa nyaanne buddeena jireenyaati.
[yoh 6:35, 48 – 51]
Namni buddeena kana irraa nyaatu kuni immoo:-
 Bara baraan hin beela’u! [Lakk. 35]
 Bara baraan jiraata ykn hin du’u! [Lakk. 50-51]

Buddeenicha nyaachuu jechuun immoo gabaabumatti Kiristoos Yesuusitti amanuu


jechuudha!

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon 5. Sanyii hin banne irraa dhalachuu keenya!
Shifarraaw

[1Phex 1:23-25]
Sagalichi jiraataan irraa dhalanne kuni eenyu?
Sanyii hin banne irraa dhugaan jedhu kuni immoo Addaam isa lammaffaa fi duuti isa hin
dandeenye fi barabaraan jiraatu irraa lammata dhalachuu keenya kan agarsiisudha!

Sagalichi jiraataan lammata uumama haaraa ta’uudhan irraa dhalanne kuni Addaam isa
lammaffaa ykn Kiristoos akka ta’e immoo sagaleen Waaqayyoo kutaa garagaraa irratti
dhugaa nuuf ba’a!
[Yaq 1:18, Tit 3:5, Yoh 1:1-13, 8:41, Efe 2:10]

Lakk-24 “Namni foon uffate hundinuu akka margaati, ulfinni isaa hundinuus akka daraaraa
margaati; margichi hin coolliga, daraaraan isaas in harca’a”

Namni foon uffate hundi kan badu akka ta’e erga dubbatee
booddee akkas jedha:-
Lakk-25 “dubbiin gooftichaa garuu hafee barabaraan in jiraata in jedha; dubbiin kuni immoo
misiraachoo isa isinitti himameedha”
Dhugaa guddaan nuti as keessaa argannu:-
Dubbiin gooftichaa erga hafee barabaraan kan jiraatu ta’ee nutis dubbii
jiraataa hafee barabaraan jiraatu kana irraa waan dhalanneef isumaa
wajjiniin hafnee bara baraan jiraanna!
Duutis nu hin argatu jechuudha!

Wabii jireenya bara baraa ykn baduu dhiisuu keenya irratti mormiin yeroo baay’ee ka’u,
fayyinni yaalii fi humna ofii keenyaatiin akka itti fufu amanuudha.
Kuni immoo ayyaanan fayyuu dhugaa jedhuuni fi jireenyichi kennaa tolaa ta’uu isaatiin wal
hin baatu ykn wal faallessa!
 Sababni isaa nuti kan fayyine gaarummaa keenyaan utuu hin ta’in,
gaarummaa Kiristoosiin waan ta’eef [rom 4:3-8].

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw
 Fayyina keenya itti fufsiisuuf ykn akka hin banneef seera musee
eeguu ykn hojjechuu qabna jechuun:-

1. Ayyaana Waaqayyoo gatii dhabsiisudha!


[gal 2:21, rom 11:6]
2. Jireenyicha isa gatii tokko malee tola nuuf kenname hojii
keenyaan argachuudhaaf yaalii gochuudha. [efe 2:8]
3. Duuti Kiristoos Yesuus cubbuu keenyaaf kafaltii gahaa miti
jechuudha. [rom 5:8, 15, 12-21, 1qor 15:3, 2qor 5:21].
4. Hafuuraan jalqabanii fooniin xumuruudha [gal 3:1-11]
5. Humna fayyisuu Waaqayyoo shakkuudha ykn amanuu
dadhabuudha [yoh 3:18; luq 23:39-43]

Warroota bitaa fi mirga Kiristoos Yesuusitti fannifaman keessaa saamtichi inni tokko
shakkuu isaatiin yoo itti faradamu, saamtichi inni lammaffaan garuu dhamaatii tokko malee
amanuu isaatiin qofa battaluma sanatti carraa jireenya bara baraatti galuu argate!

6. Hamma dhumaatti kan nu eegu ofii isaa waaqayyo


ta’uu isaati!
“Guyyicha gooftaa keenya Yesuus Kiristoos sanatti akka isin warra yakka hin qabne
taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti isin in cimsa!

Waaqayyo inni gara tokkummaa ilma isaa Yesuus Kiristoos gooftaa keenyaatti isin waame,
amanamaadha!” {1Qor 1:8-9}

“Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu; yeroo
dhufa gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis
fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu!”

Inni isin waame amanamaa waan ta’eef, kana in godha! {1Tas 5:23-24}

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw

Kanaaf kana jechuun amanaan tokko akka


barbaadetti jiraachuu danda’a, jireenyas hin dhabu
jechuudhaa laata?
Deebiin macaafni qulqulluun gaafii kanaaf kennu:-
1. Amanaan dhugaa akka barbaadetti jiraachuu hin danda’u kan
jedhuudha!
Sababni isaas:-
 Seerri jireenyaa inni karaa Kiristoos Yesuus jireenya kennu
keessa isaa jira waan ta’eef!
Karaa biraatiin (luugama qabna jechuudha)
2. Amantoonni uumama haaradha kan jedhuudha [2qor 5:17].
3. Amantoonni meeshaa ulfina qabeessa iji hojii hafuuraa irraan
muldhatuudha kan jedhuudha [gal 5:19-21].
4. Amantoonni dhugaa cubbuu akka waan gaaritti ilaalanii ykn hojii
keenya jedhanii keessa hin jiraatan kan jedhuudha [1yoh 3:6-9].
Sababni isaas:-
 Waaqayyotti qabamanii waan jiraataniif.
 Mucaa Waaqayyoo waan ta’aniif.
 Sanyii Waaqayyoo waan ta’aniif.

5. Nuyi warra ayyaanichi nuuf haa baay’atu jedhee cubbuu keessa


jiraatu miti [rom 6:1-2].
Sababni isaas:-

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon  Eenyummaan haaraan inni Kiristoosiin arganne kuni nuuf hin
Shifarraaw
eeyyamu waan ta’eef.

6. Nuti warri cubbuudhaf duune si’achi cubbuutti qabamnee jiraachuu


hin dandeenyu [rom 6:6-7, 11]
“Egaa warri jiraatan si’achi isa isaaniif jedhee du’ee, du’aa kaafameef
malee, ofii isaanitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du’eera”
[2qor 5:15]
Cubbuun kan jiraatu dhugaa isa waamamneef dhiifnee ofiif jiraachuu
gaafa jalqabnuudha!

Kanaaf wabii bara baraan jiraachuu qabna jechuun eeyyama cubbuu qabna jechuu miti;
Jaalalli Waaqayyoo warroota Kiristoos Yesuusitti amananiif wabii bara baraan jiraachuu
isaaniti.

Kennaa fayyinaa isa gati jabeessa kana beekuu fi hubachuun immoo cubbuudhaf eyyama
kennuu wajjiin tasumaa walitti dhufeenya hin qabu!

[Roomeen 6:14]
Dhugaa akka nuti ayyaana Waaqayyoo jala waan jirruuf
cubbuutti qabamnee jiraachuu akka hin dandeenye nutti
himuudha!

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw

Bara baraan jiraachuu keenyaaf namoonni shakkii qabanii


fi baduu dandeenya warrootni jedhan luqqisiin isaan itti
gargaaraman!
Akkuma walii galaatti luqqisiiwwan namni amanee jireenya bara baraa
argate tokko, yoo cubbuu hojjete jireenya bara baraa in dhaba ergaa
jedhu of keessaa qaban kan fakkaatan macaafa qulqulluu keessa jiru:-
Luqqisiiwwan kuni garuu dhugaa kan ta’an yoo luqqisiiwwan
bara baraan jiraachuu keenyaaf sababni guddaan “Amantii nuti
isa Waaqayyoo abbaan erge Kiristoos Yesuusitti amanuu keenya”
akka ta’e dubbatan yoo Macaafa Qulqulluu keessaa haqamanii
balleeffamaniidha.

Fakkeenyaaf kutaawwan Macaafa qulqulluu keessaa erga takkaa


amannee jireenya bara baraa argannee booddee dadhabbii keenyaan
jireenya bara baraa hin dhabna ergaa jedhu of keessaa qaban kan
fakkaatan:-

1. [Mat 24:13] “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya”


Dhugaan kuni akka waan bara waldaa kiristiyaanaa keessa ta’uutti yoo
namootni lallaban iyyuu, dhugichi garuu bara waldaa kiristiyaanaa utuu
hin ta’in Gooftan Yesuus Kiristoos yihudoota bara rakkinaa sana billaa fi
ajjeechaa warroota diinota Waaqayyoo ta’anii irraa akka hafan
muldhisuudhaf kan galeedha. Isaaniis gidiraa isaanitti dhufu keessatti
dhaabbachuun isaanii amantoota dhugaa ta’uu isaanii waan agarsiisuuf!

2. [Hiz 33:8-9] “Ani nama jal’aadhan, ati yaa nama jal’aa! Ati dhugumaan hin duuta
yommuun jedhu, ati immoo inni jal’aan sun karaa isaa irraa akka deebi’uuf of hin
eeggachiiftu yoo ta’e inni jal’aan sun yakka isaatiin in du’a; ani immoo dhiiga isaa
harka isaa keessaa nan barbaada; ati garuu isa jal’aa sana karaa isaa irraa akka

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon deebi’uuf utuma of eeggachiiftuu, inni isa irraa deebi’uu yoo dhiise, inni yakka isaatiin
Shifarraaw
in du’a; ati garuu of in oolchita”
Kutaa kana irratti raajichi akeekkachiisaa kan jiru saba Israa’eelini;
kutaan kuni kan dubbatu waa’ee amantoota kakuu haaraa miti, lubbuu
isaanii akka dhabanis miti kan dubbatu. Amantootni garuu jireenya bara
baraa akka hin dhabneefis ta’uu baatu, warra hin fayyiniif dhugaa ba’uun
isaanii barbaachisaadha. Ta’us garuu dhugaa kana kan ittiin
mirkaneeffatan macaafa raajicha hizqeel miti.

3. [1Xim 4:1-2] “Bara boodeetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaafi barsiisa


hafuurota hamootaa duukaa bu’anii, garagalan; hafuurri qulqulluun keessaa baasee in
dubbata; warri sobduun, of hin argineen, yaadni garaa isaanii diimnaan gubamee
milikkita seexanaa godhate kun, jara kana wallaalchisanii garagalchaniiru”
Kutaan kuni mataan isaa kan dubbatu waa’ee barsiisota dogongoraa fi
hin fayyinee dubbata. Keessumattuu jecha amantaa ykn hayimaanot
jedhu kana yoo hubanne amantaa waldichaa kiristiyaanaa agarsiisa
malee amantaa dhuunfaa akka bakka hin buune hubachuu dandeenya.
Sababni isaas barsiisonni dogongoraa amantoota waan hin ta’iniif.

4. [2phex 2:1-22]
Barsiisonni dogongoraa kutaa kana irratti dhahaman kun immoo
faayidaadhan kan bitaman malee warroota hin fayyin akka ta’an kutaan
kuni nutti agarsiisa. Sababni bu’uraa isaan “Saroota” jedhamaniifis
keessa isaanii irra darbee gubbaan isaanii xuraa’afi cigaasisaa akka ta’e
nu’eera!
Luqqisiin macaafa qulqulluu baay’een jireenya geggeessitoota waldaa fi
barsiisota hafuuraa hin fayyinii fi hin jijjiiramin irraa kan ka’e fayyinni
wabii jireenya bara baraa akka hin qabne faallaa isaa dubbatu! Akka
ragaattis kutaan macaafa qulqulluu eeramu:-

[Mat 13:1-8] Sanyiin faca’u sun jireenya nama hundumaa keessatti ija yoo
godhatu; kanaafuu namoonni fayyinaaf dhihaatan hundumtuu jireenya

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
bara baraa qabaachuu
Miliyoon hin danda’u ijannoo jedhu qabaatu!
Shifarraaw
[1qor 15:1-2, ibr 3:6]

[Yoh 15:6] Irratti namoonni tokko tokko immoo damee jirmicha irraa
murame gatame sana, kuni mallattoo nama mootummaa Waaqayyoo
keessaa baafamee gatamuu godhanii fudhatu. Kutaan kuni garuu Waa’ee
ija godhachuu malee, tasumaa waa’ee fayyinaa kan dubbatu miti.
Dameen ija godhachuu dhiisuu isaatiin muramee gatame sun
jalqabumayyuu Kiristoosiin waan hin ta’iniif. Isuma dhugumaa
Kiristoosiin ta’anii ija godhachuu dhiisuun immoo hin danda’amu!
Ka’umsi yaada kanaa Wangeelaa Yohaannis boqonnaa 1 lakk. 11 irraa
jalqaba:-

“Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne”
[Yoh 1:11]

Kiristoos ani mukicha wayniiti yoo jedhu maal jechuu


barbaadeti?

Isin dameewwan kooti jechuun hoo maal jechuudha?

Anatti qabadhaa jiraadhaa jechuun hoo?

Anatti qabattanii yoo jiraattan ija godhattu jechuun hoo


maal jechuudha?

Hunduma dura gaafiwwan kun deebii argachuu qabu!


Kallattiidhan ergaan kun nuun warroota azaabota kan ilaallatu utuu hin
ta’in, warroota hidda dhaloota Kiristoos irraa argaman Israa’eelotaan
kan ilaallattuudha. Sabni Israa’eel sabni kakuu kun Kiristoos jalqaba
isaanii ykn immoo jirma isaanii yoo ta’u, isaan immoo dameewwan
isaati. Dhalootaan jechuudha.

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Amma Kiristoos jarreen kanaan maal jechaa jira yoo jenne, kan jechaa
Miliyoon
Shifarraaw
jiru isin dameewwan koo ani immoo jirma keessan ta’uun koo shakkii
hin qabu, garuu ija godhachuu ykn fayyuu yoo barbaaddan, anatti
amanaa jechaanii jira, yoo anatti amantan jireenya bara baraa qabaattu
ykn ija godhattu, yoo anatti amanuu baattan garuu muramtanii abiddatti
gattamtu, kana jechuun isinitti faradama jechuu isaati malee dhimma
namoota amananii jireenya bara baraa dhabuuf jiranii miti dubachaa kan
jiru!
Egaa Wangeela Yohaannis boqonnaa tokko irraa jalqabee Kiristoos karaa
ifa ta’een isaanitti of beeksisaa jira, isaan garuu tasumaa isa simachuu
hin dandeenye, hin barbaannes, sababni isaas isaan Kiristoos kan eegan
karaa biraatiin waan ta’eef. Isaan tasumaa mooraa loonii sanumayyuu
magaala tuffatamtuu Naazireet keessatti in dhalata jedhanii hin yaanne,
kanaaf isa amanuun isaanitti gaara dhiibuu ta’e. kanaaf Kiristoos isaanitti
of beeksisuudhaa karaa gara garaatiin yoo dhama’u argina!

5. [Ibr 6:1-8]
Kutaa kana yeroo baay’ee namoonni, akka waan amantoonni fayyina
isaanii dhabanii fi kufaniitti kaasanii dubbatu; ilaalchi kuni garuu yaada
walii gala macaafa ibrootaa wajjiin kan hin adeemnedha. Ergichumti kun
mataan isaa ganaa Kiristoosiin utuu hin ta’in, yihuudota waan fayyan itti
fakkaate gadii fageenyaan yeroo akeekkachiisudha [ibr 6:1-3]!

[Ibr 2:1-3, 3:7-13, 6:4-8, 10:26-31]


 Kennaawwan kana fakkaatan kuni ifni wangeelaa Kiristoos karaa
alaatiin ifeefii jira.
 Wangeela ykn Sagalee fayyinaa isa waaqa irraa kana karaa alaa
qammasaniiru ykn dhandhaammataniiru!
 Kennaawwan hafuura qulqulluu irraa karaa alaa hirmaattota
ta’aniiru.

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Haata’u malee garuu carraa kana keessa utuu jiranuu fayyina Kiristoosiin
Miliyoon
Shifarraaw
argamu didanii gara seeraa fi sirna Yihudootaa isa du’aatti garagalan.
Namoonni akkasii kun immoo abdii homaatuu hin qaban. Waaqayyo
waan hundumaa kenneefi utuma jiruu isaan garuu filannoo dhuma
isaanitiin hirmaattota eebba hafuura qulqulluu akka hin taane of irratti
cufaniiru. Karaawwan fayyinaa olitti ka’an kun sadeenuu isaaniif
banamanii utuma jiranuu isaan garuu Yesuusiin gananii salphina
bakkeetiif dabarsanii isa kennan [ibr 6:6].
Gabaabumatti kutaan macaafa kanaa kan dubbatu, amantoota utuu hin
ta’in naannoo amantootaa irra marmaarudhaan namoota waa’ee
kiristiyaanummaa qu’atanii, ofii isaanitiif garuu amananii hin fayyinii
dubbata. Namoota akkasiitiif Waaqayyo du’a bara baraatiin alatti homaa
qopheessufi hin danda’u.

6. [Gal 5:4]
Kutaan kun immoo, waa’ee qajeelaa ta’uu dubbata! Kana jechuun
jireenya ayyaanaa isa ol jedhaa irra gara jireenya seeraa isa gadi aanaatti
deebi’uu isaanii kan agarsiisudha malee, waa’ee jireenya bara baraa irraa
gara du’a bara baraatti darbuu kan agarsiisu miti!

Nuti al tokkicha Kiristoosiin amannee waan fayyineef gara


firdiitti hin dhaqnu ykn nutti hin faradamu!
Sababni isaas al tokkicha Kiristoos Yesuusin fayyisaa lubbuu
keenyaa godhannee simanneerra!
[Yoh 5:24] “Dhuguma dhuguman isinitti hima, dubbii dhaga’ee isa ana
ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a keessaa gara
jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin dhaqu!”

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
[Yoh 3:18] “Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin
Miliyoon
Shifarraaw
amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif,
ammuma iyyuu itti faradameera”
[Rom 8:1-2] “Egaa amma firdiin, warra Kiristoos Yesuusitti qabamanii
jiraataniitti faradamu tokko illee hin jiru; seerri hafuuraa inni karaa
Kiristoos Yesuus nama jiraachisu, seera cubbuu isa du’atti nama geessu
jalaa si baasera”
Kutaawwan sadeen kana hunduma irrattuu sababa nutti hin
faradamneef ifa godhee dubbata:-
Kutaawwan sadan kana irratti sababni jalqabaa amanuudha!
1. [Yoh 5:24] inni jalqabaa amanuu yoo ta’u, lammaffaan immoo du’a
keessaa gara jireenyaatti darbuu keenya!
2. [Yoh 3:18] Tokkicha maqaa ilma Waaqayyootti amanuudha!
3. [Rom 8:1-2] Kiristoositti amanuun isa jalqabaa yoo ta’u, lammaffaan
immoo, seerri hafuuraa inni karaa Kiristoos Yesuus nama
jiraachisu, seera cubbuu isa du’atti nama geessu jalaa nu baasuu
isaati!
Kan nutti hin faradamne eenyummaa keenya irraa kan ka’e utuu
hin ta’in, Kiristoos Yesuusitti amannee firdii bara baraa jalaa ba’uu
keenyan!

Durumaan durseyyuu firdiin inni nama irratti faradamu sababa


maalitiin?

Sababa cubbuutiin!
Akkuma walii galaatti kutaawwan kun beenyaan nama cubbuu
hojjetuu du’a akka ta’e gadi fageenyaan nutti himu!
Rom 1:32, 5:12, 6:16, 21, 23, Uma 2:17, Fkn 10:16, Hiz 18:4

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Sababa cubbuu keenyaatiin akka nutti hin faradamneef Waaqayyo
Miliyoon
Shifarraaw
maal godhe?

{2Qor 5:21} “Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka
argannutti, nuuf jedhee cubbamaa [cubbuu] isa godheera”

{1Phex 2:24} “Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu
keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba’e; madaa’uu isaatiin isin in fayyifamtan”

{1Yoh 3:5} “Kiristoos cubbuu balleessudhaaf akka muldhate in beektu, inni garuu cubbuu hin
qabu”

{1Qor 1:30} “Kiristoos Yesuusitti jiraachun keessan isumaan ta’e; Waaqayyo Kiristoosin
ogummaa keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in
furamna”

{Rom 8:3} “Sababii nama foonitiif seerri hojii isaa hojjechuu dadhabe, Waaqayyo ilma ofii
isaatii ergee, cubbuu isa nama foonii keessatti farade; ilmi isaa kun foon isa namni
cubbamaan uffatu uffatee cubbuu balleessuu dhufe”

Cubbuu balleesse jechuun maal jechuudha?


Utuu ofii isaatii cubbuu tokko illee hin qabaatin bakka keenya cubbuu
ta’ee adabamuudhan ykn ofitti farachiisudhaan warroota isatti amanan
hunduma sababa cubbuu isaanitiin duuti akka isaanitti hin faradamne
godhe jechuudha!
Kiristoos akkamittiin hojii Seexanaa isa ta’e cubbuu balleesse?

 Namootni kan isaa ta’an cubbuun hojii keenya jedhanii itti qabamanii jiraachuu
dhiisanii qajeelummaa fi qulqullummaa isaanii isa ta’e Kiristoosiin uffatanii akka
jiraatan gochuudhan!
 Ergamni Seexanaa inni guddaan ilmi namaa cubbuu hojjetee gara du’a bara
baraatti akka dhaqu gochuudha. Kiristoos immoo wanta ykn gatii cubbuun nama
irraa barbaadu kafalee, akka namni amane tokko sababa cubbuutiin gara du’a
bara baraatti hin dhufne gochuudhan [Rom 6:23].

Pr. Miliyoon Shifarraaw


Jireenya bara baraa

Pr.
Miliyoon
Shifarraaw

Gabaabumatti Waaqayyo sababbii cubbuu keenyaatiif akka nutti


hin faradamneef jecha ilma isaa isa tokkicha isa cubbuu tokko
illee hin qabne bakka keenya cubbuu godhee al tokkicha itti
faradeera!

Kanaafis duuti sababa cubbuu keenyatin gara keenya dhufu gatii


isaa du’a waan argateef; nuufi duuti kana booddee walii galtee
homaatuu hin qabnu!

Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; du’a kanaaf immoo


Kiristoos deebii ta’eera ykn deebii kenneefi jira!

Cubbuu keenya isa umrii guutuutti faradameera!


Nuti jireenya bara baraa arganneerra!
bara baraanis hin bannu!

Pr. Miliyoon Shifarraaw

You might also like