You are on page 1of 6

KIRISTOOS ISA FANNIFAME IN LALLABNA

Bu'uura Babal'isuu wangeelaa


“Isin garuu hafuurri qulqulluun yemmuu isin irra bu'u,humna in godhattuu;Yerusaalemitti,
yihudaa hundumaatti,samaariyaatti,hamma handaara lafaatti dhuga baatuu koo in
taatu”isaaniin jedhe” Hoe 1:8

“Outside of the cross of Jesus Christ, there is no hope in this world. That cross and resurrection at the
core of the Gospel is the only hope for humanity. Wherever you go, ask God for wisdom on how to get
that Gospel in, even in the toughest situations of life. “
Ravi Zacharias

wangeela lallabuun hojii amanaa kamiiyyuu kan ta'uu qabuudha.


“Inni wangeelicha Namootatti akka lallabnuuf ,warra jiraniif warra du'an irratti aBbaa firdii ta'ee moosifamuu
isaas ,akka dhugaa baanuuf nu abboomeera”HOE 10 42
Lafa kana irra kaayyoo nuti jiraannuuf inni guddichi, kiristoosiin akka lallabnuu fi addunyaattii kanaaf ifa kka
taanuudha.gooftaan ifa nu godhee,dukkana kan keessaqtti akka ibsinuu godheera.kan keenya ibsuu qoofaadha.
Kan nuti lallbnu hojii waaqayyoo isa jajamaa isa inni karaa ilmasaa yesuus kiristoos ilmaan namaaf hojjeteedha.
Wangeela jechuun maal jechuudha?
Jechi “gospel “jedhu jecha afaan giriikii kan evangelion jedhamu irraa dhufe hiikkaan isaas “oduu
gaarii”jechuudha macaafa qulqulluu keenya keessatti si'a sagaltamaa ol barreeffamee argina. Akka
afaan giriikiitti evangeliso jechi jedhu immoo oduu gaarii kana himuu jechuudha.
“euangelizomai” jechuun immoo Ergamaa nagaa himu ,kan nagaa labsu jechuudha;kun kan mo'icha
gammachiisaa ta'e labsu,kan oduu mo'ichaa baatee adeemu jechuudha. Akkuma beekamu ergaan
gammachiisaan immoo namoota gaddaniif barabbaachisa,Wangeela jalqabaa kan lallabe
waaqayyoodha. Innis Uma 3:15 irratti waa'ee fayyisaa biyya lafaa sanaa Addamii fi Yohanitti yeroo
himeedha.Wangeelli oduu(information) isa jennu himuu osoon taane ,Labsii(proclamation)dha.macaafa
qulqulluu keessatti jechuunni hedduun dhimma itti ba'amaniiru ;
• Isaanis Lallabuu 1Qor 15:1
• Labsuu (proclaim) 1qor 9:14
• hojjechuu Rom 15:16
• Fudhachuu 2Qor 11:4
• Irraa goruu Gal 1:6
• Gatii kaffaluu fi hidhamuufii 1Qor 9:24
Kitaabni “Ensaayikoolooppidiyaa wikilif” jedhamu hiika akkanaa kennaaf:-
“ Handhuurri Ergaa wangeelaa waaqayyo namaaf karaa fayyinaa kennuuf ,ilma isaa addunyaaf kenne
Innis haarsaa cubbuu ta'ee fannoo irratti du'ee, du'a in jifatee,warra isatti fudhatan hundumaaf mo'icha
kana kenne,Wangeelli oduu gaariidha,sababni isaa kennaa waaqayyooti, kan namni yaalii mataa isaan
argatu miti”(Yoh 3:16; Rom 5:8–11; II Qor5:14–19; Tit 2:11–14).
Qabiyyeen wangeelaa:-
1. Ayyaanni waaqayyoo mula'achuu isaa ,innis kiristoosi.inni gara bityya lafaa dhufeesababii cubbuu
keenyaa fannoo irratti dhiphatee, du'eee,du'aa ka'ee warra isatti amanan hundaaf jireenya barabaraa ta'e
.Hoe 15:7 20:24 1Phex 4:17 1Qor 15 :13
KIRISTOOS ISA FANNIFAME IN LALLABNA

2. Namni kamuu ergaa olii kana qofaan akka fayyuu fi kanaan ala namni kara kamiinuu gara
waaqayyootti dhiyaachuu akka hin dandeenye lallabuudha.1Qor 15 :1-3, Rom 2:16,Gal 1:7

Kana kan beekuun nu barabbaachiseef wanta lallabnu sirriitti hin beeknu yoo ta'e dogongorawwan
armaan gadii fiduu dandeenya.
“ Nuyi garuu kiristoos isa fannifame in lallabna :kun immoo warra yihudootaatti gufuudha, warra
yihudoota hin ta'iinitti immoo gowwummaadha” 1Qor 1:23
Kanaaf kan namni ittiin fayyu wangeela fannoo kiristoosiini malee,dinqii gochuu,isaa, dhalachuu isaa,
dhukkubsataa fayyisuu isaa lallabuudhaan lubbuu haraan tokko hin fayyu.kanaaf phaawuloos Yesuus
kiristoos isa fannifame qofaan lallaba jedha,1Qor 2:2-4.
Yeroo hedduu jechi wangeela jedhu akkaataa kanaa gadii shananiin ibsameera.
1) Wangeela yesuus kiristoos(The gospel of Jesus Christ)
(Marq 1:1; 1 Qor. 9:12) fi Wangeela ilma isaa (Rom. 1:9).ibsoonni kun lamaan waa'ee misiraachoo
fayyianaa isa karaa namummaa fi hojii yesuus kiristoos dhufuu kan agarsiisaniidha;innis ilma
waaqayyoo isa barabaraa isa fooniin mul'ateeti.kan biraan immoo waa'ee adaba cubbuu jalaa ooluu,
aboo cubbuu jalaa ba'uu,lammata dhufee nu furuu kiristoos yesuus dubbachuudha.
(2) Wangeela ayyaana waaqayyoo(The gospel of the grace of God )
(Hoe 20:24) kan ibsuu fayyinni hojii gaarii kamiinuu osoon taane hojii kiristoos fannoo irratti
hojjeteen ta'uu kan ibsuudha.
(3) Wangeela mootummaa waaqayyoo(The gospel of the kingdom)
(Matt. 4:23; 9:35; 24:14) waa'ee mootummaa waaqayyoo isa inni karaa ilma isaa yesuus kiristoos
lafarratti hundeessuu dubbata.kana kan lallabe yohannis cuuphaa,gooftaa yesuusii fi ergamootatu gara
jalqabaa lallabe, wangeelli kun lallabamuu jalqabee addaan cituun wangeela ayyaanatu gidduu
seene.hara'a lallabuun kan keenya miti, gara fuulduraatti yeroo waldaan butamtu, isiraa'el keessaa kan
ka'antu lallaba.
(4)Wangeela Nagaa ( The gospel of peace )
(Eph. 6:15) Misirsschoon fayyinaa nagaa inni fidu,namaaf waaqa gidduutti nagaa buusee,nagaa
waaqayyootu nuufis ta'e,namaaf nama giduutti nagaa buuse,kunis karaa mo'icha kiristoosiin isa
ta'eedha. Kiristoos nagaa keenya. Efe 2:14 kun isa waldaa keessatti namoota amananiif
lallabamuudha,kana malees immoo waa'ee ulfina nu eegatuu ,yeroo lallabamu wangeela ulfinaa
jedhama.
KIRISTOOS ISA FANNIFAME IN LALLABNA

(5) Wangeela barabaraa(The eternal or everlasting gospel )


mul. 14:6 waa'ee uumamni hunduu waaqayyoof akka sagadu, isaaf abboomamu, isa ulfeessu ;sababni
isaa Firdiinisaa waan ga'ee fi,uumaa fi gooftaa waan hundumaa waan inni ta'eefi Fayyinaa lallabama
miti,kan lallabus ergamoota malee nama miti.
Wangeelli maal miti
a) waa'ee sooromuu ( badhaadhummaa kan lafa kana irra miti)
“Christ did not die to forgive sinners who go on treasuring anything above seeing and savoring God.
And people who would be happy in heaven if Christ were not there, will not be there. The gospel is not
a way to get people to heaven; it is a way to get people to God. It's a way of overcoming every obstacle
to everlasting joy in God. If we don't want God above all things, we have not been converted by the
gospel.”
― John Piper

Osoo wangeellii dhimma qabeenya lafa irraati ta'ee bartoonni addunyaa guutummaa irraatti
impaayera jabaa hundeessanii darbu turan,garuu isaan Qarshii walitti akka qabatan , ekkoonomiin
isaanii akkamiin akka guddatu barsiisuufis ta'e irratti hojjechuudhaaf kan yaale tokko malee hin jiru,
innis yihudaadha.macaafni ququlluun qarshii jaallachuu, qarshii of irraatti moosisuu ni
morma.Hara'a addunyaa kana irratti namoonni fi tajaajiltoonni gurguddoon wangeela
qabeenyaa(prosperity gospel)lallabaa jiru.”achi kkessaa hundi isaanii kan irraatti walii galan
qabeenyaa lafarraan eebbifamuun mallattoo ayyaanni waaqayyoo namaa baayyachuu isa alaan
mula'atuudha jedhanii amanu, barsiisus” yeroo ammaa waldootii kiristaanaa oromiyaa keessa jiraniifi
itoophiyaa keessa jiran hedduu keessatti gochi kun itti fufee jira.Sagalee kana ofirratti dubbadhuu,
fakkeenyaaf
Benny hinn namni jedhamu akkas jedha “iyyummaan si'ool keessaa baati, soorumni immoo jannata
keessaaa baati” jedha.
Cleflo Dollar immoo”qarshii malee, nagaa gammachuu, argachuun rakkisaadha jedha”
kana malees tajaajiltoonni nkanaan beekaman hedduudha.
Gara biyya keenyaatti yioo deebine ,koonfirensiin qophaa'u qarshii barbaaduuf malee lubbuu
barbaaduuf miti. Waldaan achumatti konfireensii qopheessitee kottaa jechaa jirti malee, baajeta
qabduun lubbuu barbaaduun hafaa dhufeera,kan qarshiin itti dhumu garuu kan fuula waaqayyootii
iddoon qabne gamoo ijaaruudha. Kanaaf cheephoo fudhachuu qabna .osoo nuti afaan oromoon wal
tajajiilluu, qomoon afaan kan dubbatu wangeelli waggaa 120 nu hrka ture ammayyuu garuu 18%
qofatu kiristoosiin beekee jira.innuu meeqatu wangeela dhugaa dhaga'e kan jedhu yaadchisaadha.
Mee waa'ee wangeela qabeenyaa sagaleen waaqayyoo maal jedha?
1.horii jaallachuun hundee wanti hamaan irraa madduudha jedha. 1 Xim 6:10
Horii jaallachuunhundee wanti hamaan hundinuu irraa latuudha;namoonni gar tokko yaada isaanii
horii argachuu irra ka'atanii ,amanticharraa badaniiru,waraansa baayyeedhaanis of waraananiiru”
horiin wanta baayyee barbaachisaadha,garuu kiristaanni tokko jaalala horiin yroo qabamu madaa
gurguddaa madaa'uu jalqaba. Tajaajiltoota meeqatu kanaan madaa'ee manatti galee jira. Kana
naannooma keenya ilaallee hubachuu dandeenya.
KIRISTOOS ISA FANNIFAME IN LALLABNA

2)nama waaqayyoo ta'uu waan bu'aa ittiin arga tan se'u


phaawuloos nama waaqayyoo ta'uusaatiin bu'aa namarraa ittiin argate nuuf hin barreessine ,garuu
reebamee dhiphatee, ajjeefamuuttiyyuu geeffamee,haarsaa ta'ees darbe malee
gaafa qalbiin namaa badu namoonni kiristaanummaa tooftaa nagadaa godhu,yoo namatti dhugaa
baa'anis wangeela jal'ate dubbatu,kotytu ni sooromtaa, dhukkubattii fayyitaa, biyya alaa
baata,sammuu keetu banamaa jechuudhaani.”namoonni warri qalbiin isaanii bade wal aarssuuunis
kana keessaa in dhufa;isaan immoo dhugaan waan irraa fudhatameef nama waaqayyoo ta'uun waan
ittiin bu'aa argatan se'u” 1Xim 6:5

3) kirisaannii sooromuuf akkuma nama kamiiyyuu hojjechuu qaba2Tas 3:8-12

4)kirisaanni sababii wangeelaaf irraan ala dhiphachuun isaaf hin kennamne ,garuu hojii isaa
irratti hundaa'ee iyyeessas sooressas ta'uu danda'a
kiristaanummaan iyyeessa naman godhu caalaattuu akka qabeeyyii taanuuf haala baayyee mijataa
qabna malee.Aboo guutuu qabna “yeroo hundumaa waan argattanii karaa hundumaa of dandeessanii
hojii gaariif iyyuu irraa kan isiniif hafu akka qabaattaniif ,Waaqayyo isa isin barbaachisu irra
caalchisee isiniif kennuuf in danda'a” akkuma caafame inni harka guutee warra dhabaniif in kenna
tolli isaas bara baraan jabaatee in dhaabata in jedhaa . Waan hundumaatti akka arjoomtaniif karaa
hundumaa isin in badhasa;.....” 2 Qor 9:8-11
5)kirisaanni akka gargaaru akka kennu dubbatameera, kunis ;waaqayyo akka nuti qabnu
,qabaachuu dandeenyu mirga guutuu nuuf kenneera, hojii keenyas nuuf in eebbisa, 2Qor 9:8-15 Ibr
13:4, 1Yoh 3:16-12 ,haala qabataaa keenyaan yoo iaalle qabeenyi biyya keenyaa harki caalaan isaa
harka hormootaa jira,kun immoo kallattii hedduun jireenya keenya irratti dhiibbaa fiduu danda'a haa
ta'u malee sagaleen waaqayyoo waa'ee qarshii fi soorummaa maal akka jedhu beekuun gaariidha.
Ammas horii keenya hojii gaaariif aakka oolchinu malee waaqayyo waanbiraadhaaf irra hafaa nuuf in
kennuu,kanaaf biyya kana keessatti qabeenya kan qabnus qabaachuuf kan jirrus hojii gaariiif, ulfina
kirsitoosiif akka nuu kenname beekkuu qabna.
Inni biroonimmoo tajaajiltoonni qarshiif jecha tajaajiluu hin qaban ,wakdaan kiristaanas kan isaaniif
ta'uu gad kennuufiinis gaarii miti,1Qor 9:11-12;kana hin ta'u taanaan wangeelatti danqaraa ta'u.
“Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannuu duwwaadhaaf kiristoosiin abdanna erga ta'ee
,namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'utu ta'a”1Qor 15:19

B) Wangeelli Akka namni Amala isaa jijjirratuuf kan itti lallabnu miti.

Kunis rakkoolee biyya keenya keessa jiran keessaa isa qabatamaadha .wangeellli kan ittiin nama safuu
hawaasaa keessaa ba'e ittiin sirreessuuf fayyadu qofa miti,wangeelli namatti lallabamu yoo namichi
amane eenyuummasaa jijjiruu danda'a malee.amala namaa qofa sirreessee namicha immoo kan
cubbuu isaa waliin dhiisu tarii mana hidhaa ykn wana waldhaansa sammuu ta'uu danda'a,wangeelli
guutummaa enyuummaa namaa fayyisuu danda'a .jalqabatti garuu kan inni lallabamuuf hafuurri
namootaa du'a jalaa akka ba'uuf
1) namni kan kiristoos ta'e uumama haaraadha.2Qor 5:17
KIRISTOOS ISA FANNIFAME IN LALLABNA

2) hojii waaqayyoo isa jajamaa akka labsinu godha, hojii dukkanaa fi mootummaa dukkanaa keessaa
nama baasa. Efe 2:8-10 1Phex 2:9
3) kiristaanni qajeelfama bulmaataa mootummaa lafarraa olta'ee seera kam gararraa jiraata ;kana
jechuun cabsee osoon taane ol ta'ee;wanta irraa barbaadamu gararraa ta'ee argama .sababani isaas
inni qajeelfama mootummaa waaqarraan jiraata waan ta'eefi. Seerri immoo nama dabaa hojjetuuf
tumame. ;warri wangeelaan safuu hawasaa(who preach social gospel) lallaban gara wangeela
biraatti akka ce'an phaawuloos ni dubbata, waa'ee seera dhagna qabaa ,nyaataa fi dhugaatii kkf.
Gal 1:6
Maaliif wangeela lallabuu fayyinaa lallabuu qabnaa?
• Ergama nuti lafa kana irra jirruuf waan ta'eef
mat 28:18-20
• Isaaf lafarra jiraanna waan ta'eef
2Qor 5:19
• Namoonni maatii waaqayyootti akka dabalamaniif
yoh 3:16-18 Rom 10 :14-17
• Waaqayyo akka ittiin ulfaatuuf ,
• Waaqayyo wangeela lallabnee namni fayyuu qofatti gammada osoon taane ,maqaan kiristoos
lallabamuutti gammada. Efe 5:17, hoe 7:54-56
tuqaalee yeroo wangeela lallabnu dagatamuu hin qabne
1) Namni hundinuu cubbamaa akka ta'e ,eenyuuyyuu qajeelaan akka hin jirreefi hojii mataasaan
eenyyuu fuula waaqayyootti fudhatamaa ta'uu akka hin dandeenye
Rom 3:10,233
2)gatiin cubbuu du'a akka ta'e
Rom 6:23 Rom 5:12
3) kiristoos qofaan cubbaan akka fayyu
Rom 3:24, Rom 8:1 Yoh 3:16-18
4)kana fudhachuu baannan du'a barabaraa akka du'an, dhiifamni tokkollee akka hin jirre jala murree
dubbachuu qabna.Yoh 3:36, Mat 25:31

3) Jireenyi bara baraa wanta gara fuulduraatti beellamamu miti


“Waaqayyo isa tokkicha ,isa dhugaa,Yesuus kiristoosin isa ati ergite beekuun isaanii jireenya
barabaraati” Yoh 17:3
Jireenyi barabaraa ,bara-baraan ,baroota lakkoofsan qabne jiraachuu ,lafa dhukkubni,yaaddoon ,sodaan
hin jirre jaraachuudha jennee qofa kan yaadnu yoo taane ,hiikni nuti laanneef ga'aa miti.Jireenyi
barabaraa baroota osoon taane,mana warqee osoon taane ,Yesuus kiristoosidha, namootaaf yeroo
dhugaa baanu yesuus jireenya,siif kenna jennee dubbachuu caalaa,”yesuus jireenya barabaraati”jennee
dubbachuu qabna .sababni isaa kiristoos ofii isaatii jireenya malee jireenya kan jedhamu wanna biraa
waan kennu hin jiru . Yohn 14:6”Karichi,dhugaan jireenyis ana”.yesuus karaan isinnitti agarsiisa
,jireenyan ,isiniif kenna hin jenne .An karaadha,dhugaadha,jireenya jedhe malee.kiristaanaaf jireenyi
barabaraa mana warqeetti galuu ,gamoo guddaa waaqarra jiru wa'iiti yoo ta'e;macaafni qulqulluunoo
waaqayyoon dhaaltu jedhaa;waaqayyo gamoo namni ijaaruu danda'u ,mana warqee solomoon ijaare
,fa'a kan kana hin caalle nu dhalchisa jechuudha ka? Kanaaf miti. Nuti ulfinuma waaqayyoorraa
hirmaanna. Rom 5:2;1 phex 1:4-5; 1Qor 2:9 ,nuti waanuma kiristoos argatu arganna.”Kiristoosii wajjin
erga dhiphannee ,isaa wajjin immoo ulfaachuudhaaf,waan kiristoos argatu hundumaas isaa wajjin in
arganna.”Rom 8:17.
KIRISTOOS ISA FANNIFAME IN LALLABNA

Macaafa mullataa keessatti warqeen kan bakka bu'u Ulfina waaqayyooti malee ,warqeema elementii
miti.Gatiin nuti ittiin furamne iyyuu warqee,meetii, wanta gati jabbeessa jennurra ni caala, kanaf kan
nu eeggatus kanaan oli. 1Phex 1:19
walumaa galatti jireenyi barabaraa isa nuti namootarraa dhageenye,amantaa garaagaraa keessatti kan
shaakalle baasuu qabna.Nuti warri amqanne jireenya barabaraa fulduratti eeggachaa jirra osoon taane
itti seennee jirra, jiraachaa jirra. Innis kiristoosi .”waaqayyo jireenya barabaraa nuuf kenne ;egaa
dhugaan isaa isa kana ;jireenyi barabaraa kunis ilamsaa keessatti argama” 1Yoh 5:11
“Nuyi isa dhugaa sna keessa ilmasaa isaa yesuus kiristoos keessas in jiraanna;Waaqayyo inni dhugaan
jireenyi barabaraas isa kana”1Yoh 5:20

PREPARED by Yonas .A
Email; ifajireenyaa97@gmail .com
Onesmos Missionary Movement, Jimma Focus.
PHONE :0934292659

You might also like