You are on page 1of 37

KOORSIILLEE 6 BAKKA TOKKOTTI

1
KOORSII - 1

KARAA FAYYINAA (SISTOLOGY)

FAYYINA: Qaamaan, Lubbuudhaan, Yaadaan, Akkasumas jireenya hawaasummaatiin nagaa


ta‟uu jechuu dha.Namni bu‟aa hojii harka Waaqayyooti.Kunis si‟a 17 Macaafa Qulqulluu
keessatti barreeffamee argama.

1.1 Namni Maaliif Uumame?

1. Fakkaattii Waaqayyoo argamsiisuudhaaf. Uma 1:26


2. Bakka bu‟aa isaa ta‟uudhaa, bituu fi bulchuu irratti. Uma 1:28
3. Gammachuudhaan dhaaba Eden keessa akka jiraatuuf. Uma 2:8
4. Waaqayyo qofaaf akka bitamuuf, sagaduuf, tajaajiluuf. Ba‟uu 3:12,7:16. Waaqayyoof
bitamuu kan jedhu si‟a 243 barraa‟ee argama.
5. Waaqayyo waan nu jaalateef. Yoh 3:16 jechi jaalala jedhu si‟s 691 barraa‟ee argama.
Kunis jecha furtuu Macaafa Qulqulluu akka inni ta‟e argisiisa. Maqaan furtuun garuu
Iyyesuusi dha.

1.2 Maaliif Waa’ee Namaa Qo’achuun Barbaachise?

Wantooota baay‟eedhaaf barbaachisa:

1. Namni eenyu akka ture, maal akka ta‟ee fi maal akka ta‟u hubachuu fi hubachiisuuf.
2. Karaa jireenyaa sirrii irra jiraachuu fi dhabuu isaa addaan baasuudhaaf.
3. Addunyaa kanarratti angoo isaa mul‟isuudhaaf.
4. Namni hundinuu kabajamaa ta‟uu isaa beeksisuudhaaf.
5. Waaqayyo hariiroo godhachuu kan barbaadu nama qofa ta‟uu hubachiisuudhaaf.
6. Ilmi namaa walii wajjiinii fi Gooftaa wajjiin akkamitti jiraachuu akka qabu ibsuudhaaf.
7. Wangeela saba hundaaf lallabuudhaaf.

1.2.1 Walitti Dhufeenya Namaa Fi Waaqayyoo

Isa kufaatii duraa karaa lamaan ilaaluu dandeenya.

2
1. Fuulaa fuulatti wal argu turan. Uma 2:15-17, 3:9
2. Hiriyyummaa yookiin firummaa qabu. Namni fakkaattii waaqayyootiin waan uumameef
Waaqayyo wajjiin firooma qaba.

Amalli Waqayyoo bakka lamatti qoodama.

1. Amalaawwan daddarban (Waaqayyoorraa namatti): fakkeenyaaf: jaalala, obsa,


beekumsa, bulchiinsa, filachuu, waa uumuu (lubbuu malee) fi kkf.
2. Amalaawwan hin daddarbine ( kan namaan hin dhaalamne): Fakkeenyaaf: waan hunda
danda‟uu, bakka hundatti yeroo tokkoon argamuu, lubbuu uumuu fi qulqullummaa
guutuu.

1.2.2 Namni Akkamiin Waaqarraa Adda Ba’e?

Fedhii isaa gochuudhaan.

Adeemsa kufaatii

Dhaga‟uu Ilaaluu Hawwuu Murteessuu Gochuu

Waan biraa ofii isaa afaaniin gochaan

1.2.3 Bu’aa Kufaatii Namaa

1. Iji isaanii ni baname. Agartuu kamtu baname? Kan ittiin hir‟ina isaanii argan. Uma 3:7
2. Qullaa ta‟uu isaanii baran. Uma 3:7
 Ni saalfatan, ni sodaatan. Uma 3:10-11
 Uffanni ulfinaa isaan irraa baafame. Uma 3:11
 Baala muranii ofitti haguuggatan. Uma 3:7
3. Ifaajee isaaniitiin akka of sooran ta‟e. Uma 3:16
4. Dhipninnii fi rakkinni akka baay‟atu ta‟e. Uma 3:16
5. Ardiin guutuun ni abaaramte. Qorees ni baste. Uma 3:17
6. Uumama gidduutti diinummaatu jalaqabe. Keessattuu bafaa fi nama gidduutti. Uma 3:11
7. Balleessaa isaaniitiif kan biraa sababeeffachuutu dhufe. Uma 3:11-13

3
8. Dadhabbiitu dhufe. Uma 3:17
9. Seexanni yeroo jalqabaatiif karoora isaa fiixaan baafate. Uma 3:4-6
10. Dhaaba Eeden keessaa ari‟atame. Uma 3:24
11. Yeroo jalqabaatiif ilmi namaa uumaa isaa gaddisiise. Kanaanis karoora barabaraan
Waaqayyo isaaf qabu dhabe. Uma 3:17 fi Uma 9:13
12. Akka itti hin deebineefis karra Eeden irra eegduun ni kaa‟ame. Uma 3:22-24
13. Du‟aan akka adabamus itti murtaa‟e. Uma 3:19
14. Cubbuu fi duuti gara ilma namaa hundumaatti dhaalaan akka darbu ta‟e.
1.3 Ilmi Namaa Dhumarratti Maal Ta’a?

Gabaabaadhumatti wanta lama keessaa tokko ta‟a.kunis akka yaada Waaqayyootti yoo
deddeebi‟e barabaraan mootummaa Waaqayyoo keessa jiraata. Yo akka yaada Waaqayyootti
deddeebi‟uu dhabaate garuu, barabaraaf abidda barabaraatti dabarfamee kennama.Namni abidda
barabaraatti galuu barbaade wanta tokko qofa hojjachuun isa gaha. Kunis: Cubbuu barbaade
tokko hojjachuu dha.

Namni mootummaa Waaqayyoo dhaaluu barbaadu garuu:

1. Dadhabaa ta‟uu isaa hubachuu. Luk 3:7


2. Namni kamiiyyuu akka du‟uu fi du‟aan boodas murtiin akka jiru hubachuu. Yoh 5:25
3. Lammata dhalachuu. Yoh 3:1-8
4. Cubbuurraa deebi‟uu fi deebi‟anii akka hin hojjanne irraa of eeguu. Isa 5:27, 7:10,16:18
5. Waaqayyoof ajajamuu. Uma 6:22, Dan 7:27, Rom 1:5, Yoh 15:10, Luk 11:28, Mat 3:15
5.1. Ajajni Waaqayyoo kunis maal fa‟i? Waaqayyoo fi nama hunda jaalachuu dha.Mar
12:30-31
5.2. Amanaan tokko ajaja kana guutuuf maal fa‟a godha?
5.2.1. Sagalee Waaqayyoo ni dubbisa. Isa 1:9
5.2.2. Yeroo hunda ni kadhata. Mat 5:7, 6:6, 26:36, 26:39
5.2.3. Obboleessa isaa hin jibbu. Mar 12:31
5.2.4. Waaqayyoo qofa waaqessa. Far (22):23, (56):5
5.2.5. Maatii isaatiif dursaa kenna. 1Xim 3:4
5.2.6. Humna guutuudhaan Waaqayyo tajaajila. Iya 24:15

4
5.2.7. Wanta isaa hunda Waaqayyoof kenna. Rom 12:1

1.4 Ramaddii Namaa

Nama bakka saditti ramadnee ilaaluu dandeenya.

1. Nama Uumamaa: nama Kiristoositti hin amanin jechuu dha. Kanas bakka saditti qoodna.
1.1. Waa‟ee Waaqayyoo kan hin dhageenye.
1.2. Waa‟ee Waaqayyoo dhaga‟ee kan callise.
1.3. Kiristiyaanummaa balleessuuf warra ka‟an. Kunis sababa sadiin:
1.3.1. Wallaalummaarraa kan ka‟e.
1.3.2. Jibbiinsarraa kan ka‟e.
1.3.3. Bu‟aa yookiin qarshii barbaaduurraa kan ka‟e.
2. Nama Foonii: garaa walakkaadhaan nama gooftaatti amane jechuudha. Namoota akkanaa
keessaatti wantoonni baay‟ee ni mul‟atu. Wantoota kanneenis amala bineensotaatti
fakkeessuudhaan ilaaluun ni danda‟ama.
2.1. Piikookii:of tuuluudhaan beekamti. Jireenya nama akkanaa keessas yeroo baay‟ee of
tuuluu fi of fakkeessuutu mul‟ata. Fak 21:2
2.2. Qamalee: fakkeessituu.
2.3. Booyyee:dhiqattee deebitee dhoqqee dibatti. Faallummaadhaan beekamti. Faallaa gara ati
itti dhiibdee deemti. Rom 6:12, Gal 5:1
2.4. Bofa:arraba qaramaadhaa fi summiidhaan beekama. Ya‟i 3:1-12
2.5. Gaararraa:of geeddaruu fi nama argan fakkaachuun beekama.
2.6. Naacha:tasa miidhaa geessisa.
2.7. Raacha:hamma dhootutti nyaatti. Nama dhaloota boriitiif hin yaanne mul‟isa.
2.8. Hantuuta: sanyii balleessiti.
2.9. Leenca:kan biraa ajjeesuun isaaf ulfina.
3. Nama Hafuuraa:nama sirriitti gooftaatti amanee Hafuura Qulqulluudhaan gaggeeffamu.
3.1. Kiristoos akka fayyisaa lubbuu isaatti kan fudhate.
3.2. Guyyaa hundumaa sagalee Waaqayyoo kan dubbisu.
3.3. Wanta isaaf galeef kan ajajamu.
3.3.1. Waaqayyoof 3.3.2. Maatiidhaaf

5
3.3.3. Waldaadhaaf
3.3.4. Nama hundaaf (hamma humni isaa danda‟e)
3.3.4.1. Jaalalaa fi fedhiidhaan 1Qor 13:1-13
3.3.4.2. Amanamummaadhaan 1Xim 3:9
3.3.4.3. Fakkeenya ta‟uu fi barsiisuudhaan. 1Xim 4:6, 2Xim 2:2, Tito 2:1-2

1.5 Kufaatii Keessaa Akkamitti Baana?

Maaliif waaqayyo Daawitiin “nama akka garaa koo” jedheen? Kunis tarkaanfii inni kufatii booda
fudhate irratti hundaa‟eeti. Kanaafuu tarkaanfiin nuuti fudhatuu qabnu:

1. Eenyummaa keenya sirriitti beekuu. Ciminaa fi dadhabina keenya gargar baafachuu.


2. Mataa keenyaan homaa gochuu akka hin dandeenye hubachuu. Zak 4:6
3. Waaqayyoon sirriitti beekuu.
3.1. Waaqayyo jalqabaa fi dhuma kan hin qabnee dha. Kes 6:4-5, Mar 12:29
3.2. Wanta hunda kan danda‟u. Uma 14:21
3.3. Jaalalaan kan guutame. Yoh 1:29-34, Far 23:1-5
3.4. Jecha isaatii fi yaada isaa kan hin geeddarre. Mat 5:18, Luk 24:44
3.5. Namni hundi jireenya barabaraa akka argatu kan barbaaduu dha. Yoh 3:16
3.6. Nama hundaaf qixa kan murteessu.
4. Cubbuu irraa deebi‟uu (Booyyee ta‟uu dhiisuu).
5. Cubbuu takkaa ittiin kufnetti deddeebi‟uu dhiisuu.
6. Namoota amantiin nu dursa waliin ooluu fi tajaajilaan of camaduu.
7. Wantoota gara badiitti nu geessanirraa of eeguu.
8. Yeroo hundaa sagalee waaqayyoo dubbisuu.
9. Yeroo hundaa kadhachuu.
10. Waan ofii keenyaa barbaannu nama birattiif hawwuu.
11. Waaqayyoo fi waadaa keenyaaf amanamuu. 1Xim 3:6
12. Guyyuma guyyaadhaan jireenya qulqullaa‟aa ta‟e shaakaluu. Ibr 12:14
13. Jireenya kiristinaa keessa wanti hundi (rakkinnis) akka jiru beekuu. 2Xim 3:12, Mat 5:11
14. Nama akka yaada Waaqayyootti jiraatuuf mootummaan Waaqayyootii fi badhaasni akka
qophaa‟ee jiru, kanas akka argatu amantiidhaan xiinxaluu. Mat 5:3-10

6
KOORSII- 2

MACAAFA QULQULLUU (BIBLE DOCTRINE)

Macaafnni Qulqulluun jecha Waaqayyoo yoo ta‟u Waaqayyoon qixatti angoo qaba. Yoh 1:1.
Sageleen kun wanta hunda kan uumee dha. Uma 1:3. Kanaafuu Macaafni Qulqulluun angoo kan
qabuu fi eebbisuu, jajjabeessuu, dhaabuu, buqqisuu, faraduu, salphisuu fi eenyummaa sirrii
namaas namatti himuu kan danda‟uu dha.

2.1 Ibsaawwan Macaafa Qulqulluu TokkoTokko

Walumaagalatti Macaafni Qulqulluun:

 Jireenya keenyaaf eebba barabaraa  Harka keenyaaf oogummaa


 Dogoggora keenyaaf sirreessaa  Miilla keenyaaf dhaabbii
 Sammuu keenyaaf beekumsa  Rakkoo keenyaaf mala
 Beela keenyaaf quufa  Gaaffii keenyaaf deebii quubsaa
 Dheebuu keenyaaf bishaan taliila  Karoora keenyaaf raawwii
 Ija keenyaaf ifa dukkana baqaqsu  Foon keenyaaf qabaa (ciniinnaa)
 Afaan keenyaaf mul‟ata haaraa  Fiigicha keenyaaf gonfoo
 Arrabba keenyaaf damma  Diina keenyaaf waraana
 Dadhabbii keenyaaf human  Ka‟umsa keenyaaf argamtii
 Kufaatii keenyaaf ka‟umsa (liiftii)  Dhuma keenyaaf wabii

Macaafa Qulqulluu kan barreessan namoota 40 ta‟u. Haa ta‟uu malee barreessaan Macaafa
Qulqulluu hafuura Waaqayyooti. Macaafni Qulqulluun haala lama of keessaa qaba:

1. Namummaa: ilmaan namootaatiin kan barraa‟e ta‟uu isaatiin.


2. Hafuurummaa: argamtii Waaqayyoo kan of keessaa qabu ta‟uu isaatiin.

Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan wantoota 3 keessa darbaniiti.Wantoonni kunniinis


tiyooloojii keessatti iddoo guddaa qabu.

1. Mul’ata (Revelation): kunis dhugaa fudhachuu yookiin wanta haguuggame ifatti baasuu
jechuu dha. Kunis bakka lamatti qoodama.

7
1.1.Mul’ata Waliigalaa (General Revelation):nama hundaaf yeroo tokkotti kana mul‟atu.
Mul‟anni yeroo hundaa Waaqayyoo irraa gara namaatti malee namarraa gara
Waaqayyoottii miti. Mul‟annis kan barbaachiseef Waaqayyoon akka beeknuuf.
Mul‟anni waliigalaa kun karaa sadiin mul‟ata:
1.1.1. Seenaadhaan (by history) 1.2.Uumama ilaaluun ( by nature)
1.1.2. Sammuu ilma namaatiin
(by human conscious)
1.3.Mul’ata addaa (special Revelation):mul‟anni kun nama tokkoof yookiin gartuu
tokkoof kennama. Kunis karaa lamaan darba.
1.3.1. Mul‟ata barreeffamaa
1.3.2. Mul‟ata afaaniin himamu

Mul‟anni kunis yeroo adda addaatti karaa adda addaatiin mul‟ateera. Fakkeenyaaf:

Sagaleedhaan: Abrihaamiif, Phaawuloosiif, Museedhaaf. Uma 3:8, Uma 12:1


Abjuudhaan: Saamu‟eeliif, Ermiyaasiif, Yoseefiif. Uma 37
Ergamootaan, Raajotaan: Loxiif, Maariyaamiif, Zakkaariyaasiif Yoh 1:18
Hafuura Qulqulluudhaan: warra karaa Kiristoos amananiif. 1 Phex 1:10-12
2. Waliin ta’iinsa Hafuura Qulqulluu (Inspiration): tajaajiltoonnii fi raajonni adeemsa
Macaafa Qulqulluu ittiin barreessan ibsa. 1 Phex 1:10-12
3. Hubannaa sagalee Waaqayyoo (Illumination): dhugaa mul‟ate sana Hafuura Qulqulluu
waliin ta‟uudhaan akkamitti akka hubata ibsa.

2.2 Seenaa Macaafa Qulqulluu

Yeroo jalqabaatiif Macaafni Qulqulluun kal‟ee dhagaa fi dhagaa irratti barraa‟e.Sana booda
Macaafa maramaa irratti barraa‟e.Macaafni Qulqulluun barraa‟ee dhumuudhaaf waggaa 1600 itti
fudhate. Kunis: Kakuun Moofaan waggaa 1100, gidduutti barri dukkanaa waggaa 400 fi Kakuun
Haaraan waggaa 100 itti fudhate. Macaafni Qulqulluun bifa kanaan lakkoofsi itti dabalamee
qindaa‟ee bakka tokkotti akka dhihaatuuf haalli inni keessa darbe:

1. Gargaarsa ayyaana Waaqayyootiin.


2. Barbaacha abboota amantiitiin.

8
3. Saayintistootaa fi arkiyooloojistootaan ( osoo hinbeekin).
4. Tasa namoota adda addaatiin. (Fakkeenyaaf tiksee hoolaa kan ta‟e namni biyya
Arabaatiin osoo hoolaa barbaduu holqa keessatti Macaafa Asteer irraa kan hafe hunda
argate.)

Macaafni Kakuu Moofaa kan ittiin barraa‟e Afaan Ibrootaatiin yoo ta‟u Kakuun Haaraan Afaan
Giriikiitiin barraa‟e. Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan hundi isaanii Israa‟eloota yoo
ta‟an Doktor Luqaas ( wangeela Luqaasii fi Hojii ergamootaa kan barreesse) qofatu nama
Giriikiiti. Bara 250 A.D irratti Macaani kakuu moofaa gara afaan Giriikiitti jijjiirame.Macaafni
kunis “Sabtuwaajant” jedhama.Warri hiikanis hayyoota Israa‟elii turan.

Ergasii bara 383 A.D irratti gara afaan Laatiniitti nama Jeeroon jedhamuun geeddarame. Kunis
hanga bara 1000 A.D tti waldaa kaatolikii keessa ture.Ergasii gara afaan Ingliziitti nama Joon
Wiikliif jedhamuu fi hayyoota isa wajjiin turan waliin hiikame. Sana booda bara 1456 tti
maashiniin barreeffamaa biyya Jarmaniitti hojjatame. Bara 1467 tti Macaafni Qulqulluunis afaan
Jarmaniitti jijjiirame.

Turtii baraatiin yoo ilaallu, Macaafni Kakuu Moofaa haala sadiin walitti funaanamee jira.

 Macaafota seeraa waggaa 400 B.C


 Macaafota raajotaa waggaa 200 B.C
 Barreeffamoota Adda Addaa waggaa 100 B.C

2.3 Madaalli Macaafa Qulqulluu (Canon)

Macaafni tokko akka sagalee Waaqayyootti fudhatamuuf Madaalliin inni keessa darbu Madaallii
Qaanoonaa jedhama.Kunis jecha Giriikiiti. Isaanis:

1. Waaqayyoon mul‟isuu danda‟uu isaa


2. Raga ayyaana Waaqayyoo qabaachuu
3. Abboota amantii duraaniitiin fudhata argachuu
4. Angoon barreessaa sanaa yeroo itti jiraate sanatti fudhatama argachuu
5. Kitaaba biraatiin walsimuu isaa.

9
Kanarratti hundaa‟uudhaan Macaafni Apokriifaa jedhamu fudhatama kana dhabeef:

1. Bara dukkanaa ( bara Waaqayyo itti callise) keessa waan barreeffameef


2. Israa‟eloota biratti waan hin fudhatamneef
3. Kaatolikoonnii fi Ortodooksonni hamma bara 1546 tti waan hin fudhanneef
4. Walii isaanii waan walfaallessuuf. Fakkeenyaaf Yih 1:1,11:1, Yoodiit 9:13

Macaafonni Apookiriifaa madaallii kana kufanii turan. Amantiin Pirootestaantii bara 1517 tti
Maartiin Luuteriin jalaqabame. Innis adeemsa isaanii irratti isaaniin mormaa ture. Kanarraa kan
ka‟e bara 1546 tti itti fayyadamuu eegalan. Sababni isaan itti fayyadamaniif:

 Barnoota isaanii dogoggara sanaaf raga baay‟ee akka isaaniif ta‟uuf.


 Maartiin Luuter wajjiin garaagarummaa isaanii baay‟isanii mul‟isuuf

2.4 Ramaddii Macaafa Qulqulluu

Bakka gurguddaa lamatti qoodama. Isaanis:

1. Macaafa Kakuu Moofaa


1.1. Kitaabota seeraa (5)
a. Seera Uumamaa d. Seera Lakkoofsaa
b. Seera Ba‟uu e. Seera Keessa Deebii
c. Seera Leewwotaa
1.2. Kitaabota Seenaa (12)
a. Macaafa Iyaasuu
b. Macaafa Abboota Firdii
c. Macaafa Ruuti
d. Macaafa Saamu‟eel isa duraa
e. Macaafa Saamu‟eel isa Lammataa
f. Macaafa moototaa isa Duraa
g. Macaafa Moototaa isa Lammataa
h. Macaafa Seenaa Baraa isa Duraa
i. Macaafa Seenaa Baraa isa Lammataa

10
j. Macaafa Izraa
k. Macaafa Nehemiyaa
l. Macaafa Asteer
1.3. Kitaabota Walaloo (5)
a. Macaafa Iyoob d. Macaafa Lallabaa
b. Macaafa Faarfannaa e. Macaafa Weedduu Weedduu
c. Macaafa Fakkeenyaa Caalu
1.4. Kitaabota Raajotaa
1.4.1. Kitaabota Raajota Gurguddoo (4)
a. Macaafa Raajicha Isaayaas c. Macaafa Raajicha Hisqi‟eel
b. Macaafa Raajicha Ermiyaas d. Macaafa Raajicha Daani‟eel
1.4.2. Kitaabota Raajota xixiqqoo (13)
a. Macaafa Faaruu Ermiyaas
b. Macaafa Raajicha Hoose‟i
c. Macaafa Raajicha Iyu‟eel
d. Macaafa Raajicha Amoos
e. Macaafa Raajicha Obaadiyaa
f. Macaafa Raajicha Yoonaas
g. Macaafa Raajicha Mikiyaas
h. Macaafa Raajicha Naahoom
i. Macaafa Raajicha Imbaaqoom
j. Macaafa Raajicha Sofaaniyaas
k. Macaafa Raajicha Haagee
l. Macaafa Raajicha Zakkaariyaas
m. Macaafa Raajicha Milkiyaas
2. Macaafa Kakuu Haaraa
2.1. Wangeelota (4)
a. Wangeela Matiyoos c. Wangeela Luqaas
b. Wangeela Maariqoos d. Wangeela Yohaannis
2.2. Kitaaba Seenaa (1) innis: Hojii Ergamootaa

11
2.3. Ergaa Ergamootaa (21)
a. Ergaa gara Warra Roomaa
b. Ergaa gara Warra Qorontoos isa jalqabaa
c. Ergaa gara Warra Qorontoos isa Lammaffaa
d. Ergaa gara Warra Galaatiyaa
e. Ergaa gara Warra Efeesoon
f. Ergaa gara Warra Filiphiisiyuus
g. Ergaa gara Warra Qolaasaayis
h. Ergaa gara Warra Teselonqee isa Duraa
i. Ergaa gara Warra Teselonqee isa Lammataa
j. Ergaa gara Ximootewoos isa Duraa
k. Ergaa gara Ximootewoos isa Lammataa
l. Ergaa gara Tiitoo
m. Ergaa gara Filimoonaa
n. Ergaa gara Warra Ibirootaa
o. Ergaa Pheexiroos isa Duraa
p. Ergaa Pheexiroos isa Lammataa
q. Ergaa Yaa‟iqoob
r. Ergaa Yohaannis isa Duraa
s. Ergaa Yohaannis isa Lammataa
t. Ergaa Yohaannis isa Sadaffaa
u. Ergaa Yihudaa
2.4. Macaafa Raajii
a. Mul‟ata Yohaannis

2.5 Baraa fi Barreessaa Kitaabota Macaafa Qulqulluu

Ragaalee adda addaa irratti hundaa‟uudhaan kitaabota Macaafa Qulqulluutiif barreessaan


isaaniitiif barri isaan itti barraa‟an ibsamuuf yaalamee jira. Haa ta‟uu male kitaabilee tokko
tokkoof iddoo ragaan quubsaan hin jirretti “ hin beekamu” jedhamee kaa‟ameera. Kanas haala
gabatee armaan gadiitiin ilaaluun ni danda‟ama.

12
Barreessaa Fi Bara Macaafota Kakuu Moofaa( Dh.K,D)
Lakk. Maqaa Macaafaa Nama Barreesse Bara Itti Barraa'e
1 Macaafa Seera Uumamaa Muusee 1450-1410
2 Macaafa Seera Ba‟uu Muusee 1450-1410
3 Macaafa Seera Leewwotaa Muusee 1450-1410
4 Macaafa Seera Lakkoofsaa Muusee 1450-1410
5 Macaafa Seera Keessa Deebii Muusee 1450
6 Macaafa Iyaasuu Iyaasuu 1400-1370
7 Macaafa Abboota Firdii Hin Beekamu 1050-1000
8 Macaafa Ruuti Hin Beekamu 1000
9 Macaafa Saamu‟eel Isa Duraa Saamu'eelii fi kanneen biroo 930
10 Macaafa Saamu‟eel Isa Lammataa Saamu'eelii fi kanneen biroo 930
11 Macaafa Moototaa Isa Duraa Ermiyaas 550
12 Macaafa Moototaa Isa Lammataa Ermiyaas 550
13 Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa Izraa 450-425
14 Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammataa Izraa 450-425
15 Macaafa Izraa Izraa 450-444
16 Macaafa Nehemiyaa Nehemiyaa 445-425
17 Macaafa Asteer Hin Beekamu 465
18 Macaafa Iyoob Hin Beekamu Hin Beekamu
19 Macaafa Faarfannaa Daawitii fi kanneen biroo Yeroo garagaraatti
20 Macaafa Fakkeenyaa Solomoonii fi kanneen biroo 950-700
21 Macaafa Lallabaa solomoon 935
22 Macaafa Weedduu Weedduu Caalu solomoon 965
23 Macaafa Raajicha Isaayaas Isaayaas 740-680
24 Macaafa Raajicha Ermiyaas Ermiyaas 627-585
25 Macaafa Raajicha Hisqi‟eel Hisqi'eel 592-570
26 Macaafa Raajicha Daani‟eel Daani'eel 537
27 Macaafa Faaruu Ermiyaas Ermiyaas 586-585
28 Macaafa Raajicha Hoose‟i Hoose'i 710
29 Macaafa Raajicha Iyu‟eel Iyu'eel 835
30 Macaafa Raajicha Amoos Amoos 755
31 Macaafa Raajicha Obaadiyaa Obaadiyaa 841 yookiin 586
32 Macaafa Raajicha Yoonaas Yoonaas 760
33 Macaafa Raajicha Mikiyaas Mikiyaas 700
34 Macaafa Raajicha Naahoom Naahoom 663-612
35 Macaafa Raajicha Imbaaqoom Imbaaqoom 606-604
36 Macaafa Raajicha Sofaaniyaas Sofaaniyaas 625
37 Macaafa Raajicha Haagee Haagee 520
38 Macaafa Raajicha Zakkaariyaas Zakkaariyaas 520-518
39 Macaafa Raajicha Milkiyaas Milkiyaas 450-400

13
Barreessaa Fi Bara Macaafota Kakuu Haaraaa( Dh.K,B)
Lakk. Maqaa Macaafaa Nama Barreesse Bara Itti Barraa'e

1 Wangeela Matiyoos Maatiyoos 50-60

2 Wangeela Maariqoos Maariqoos 50-60


3 Wangeela Luqaas Luqaas 60

4 Wangeela Yohaannis Yohaannis 85-90


5 Hojii Ergamootaa Luqaas 61

6 Ergaa Gara Warra Roomaa Phaawuloos 57-58


7 Ergaa Gara Warra Qorontoos Isa Jalqabaa Phaawuloos 55
8 Ergaa Gara Warra Qorontoos Isa Lammaffaa Phaawuloos 56

9 Ergaa Gara Warra Galaatiyaa Phaawuloos 49-55


10 Ergaa Gara Warra Efeesoon Phaawuloos 61
11 Ergaa Gara Warra Filiphiisiyuus Phaawuloos 63
12 Ergaa Gara Warra Qolaasaayis Phaawuloos 61
13 Ergaa Gara Warra Teselonqee Isa Duraa Phaawuloos 51
14 Ergaa Gara Warra Teselonqee Isa Lammataa Phaawuloos 51
15 Ergaa Gara Ximootewoos Isa Duraa Phaawuloos 63-66
16 Ergaa Gara Ximootewoos Isa Lammataa Phaawuloos 67
17 Ergaa Gara Tiitoo Phaawuloos 63-66
18 Ergaa Gara Filimoonaa Phaawuloos 63
19 Ergaa Gara Warra Ibirootaa Hin Beekamu 64-68

20 Ergaa Pheexiroos Isa Duraa Pheexiroos 63-64


21 Ergaa Pheexiroos Isa Lammataa Pheexiroos 66

22 Ergaa Yaa’iqoob Yaa'iqoob 45-50


23 Ergaa Yohaannis Isa Duraa Yohaannis 90

24 Ergaa Yohaannis Isa Lammataa Yohaannis 90


25 Ergaa Yohaannis Isa Sadaffaa Yohaannis 90

26 Ergaa Yihudaa Yihudaa 70-80

27 Mul’ata Yohaannis Yohaannis 90

14
KOORSII- 3

SADAN TOKKUMMAA (TRINITY)

Waa‟ee sadan tokkummaa ilaaluun duratti wantoota tokko tokko ilaaluutu nurra jiraata.Kuns
Waaqayyoon amanuu fi Waaqayyo beekuun maal akka inni ta‟e ilaalla.

3.1 Waaqayyotti Amanuu:

Amanuu: waan hin mul‟anne yookiin irra hin ga‟amne tokko akka waan mul‟atuutti fudhachuu
dha. Rom 8:1

Waaqayyo jiraataa barabaraa ta’uusaa maaliin hubanna?

Jiraachuu Waaqayyootiin wantoonni raga ta‟anii dhiyaatan:

1. Uumama (cosmo-logical argument):-


 Kunis uumama adda addaa ilaaluudhaan ka‟umsa akka qaban hubanna.
 Wanti ofii isaatiiyyuu jiraataa ta‟e tokko akka isaan uume hubanna. Uma 1:1 Far
19:1-6 Rom 1:19-20
2. Ragaa sammuu ilma Namaa (Moral Argument):-
 Dandeettii waa hojjachuu namaarraa ni hubanna.
 Amantii fedhuu sammuu ilma Namaa irraa ni hubanna
 Gaarii yaaduu ilma Namaa irraa ni hubanna
3. Ragaa baayoloojii (biological argument):-
 Wanti lubbuu qabu tokko wanta lubbuu qaburraa dhufe (pre-existent life theory)
 Waaqni jiraataan waan tureen waan jiraatu uumuu danda‟e.
4. Ragaa Seenaa (Historical argument):-
Seenaa kamiyyuu duuba Waaqayyotu jira. Kunis isatu jijjiira waan t‟eefidha. Mul
17:17
5. Ragaa Kiristoosaawaa (Christological argument):-
Luk 1:1 hanga 2:1
6. Ragaa Macaafa Qulqulluu (bibliological argument):-

15
1 Phex 2:10-12
7. Ragaa Namoota Waaqayyoo( argument of Man’s of God):-
Mar 16:10-16

3.2 Waaqayyoon Beekuu:

Waaqayyo beekuu kan dandeenyu karaa mul‟ataatiin qofa. Akkasumas namni tokko Waaqayyo
sirriitti beeka jechuu kan dandeenyu yoo xinnaate wantoota afur yo raawwate qofa. Isaan
kunniinis:-

a. Waaqayyoon yoo amane.


b. Yoo irra deebi‟ee dhalate.
c. Yoo Waaqayyoof ajajame.
d. Yoo jaalala Waaqayyootiin jiraate.

Namni wanta kana arfan hojiirra oolche akkamitti Waaqayyoon hubata? Kunis wantoota
Waaqayyo ittiin ifa itti ta‟e jechuu dha.Kanas Hundee Eenyummaa Waaqayyoo jennee bakka
afuritti qoodnee ilaalla.

A. HOJII WAAQAYYOO:-
Kunis wanta inni duri, ammaa fi ammaa achi hojjatu jechuu dha.
B. EENYUMAA WAAQAYYOO:-
Waaqayyo jiraataa barabaraati. Yoh 5:26, Ibr 11:6
Waaqayyo hafuura. lafee fi foon hin qabu. Luq 24:39, Rom 8:29
Eenyummaa ( personal being) qaba. Far 139:1-6, KesD 3:1-4
Waaqayyo ifa. Dukkanni, cubbuunii fi wanti dhokataan isa bira hin jiru. Ya‟i 1:17
Waaqayyo jaalala. 1 Yoh 4:8
Waaqayyo qulqulluu dha. 1 Phex 2:9
C. AMALA WAAQAYYOO:-
Kunis amalaawwan daddarbanii fi hin daddarbine jedhamee bakka lamatti
qoodama.
1. Amala daddarboo: kanas bakka lamatti qoodna:

16
1.1. Amala danda‟uu: Fkf; hubachuu, beekuu, oogummaa, waa uumuu,
hojjachuu fi kkf.
1.2. Amala naamusaa: Fkf; amanamummaa, obsa, jaalala, ooguu, iftoomina,
namaaf qooduu, arjummaa fi kkf.
2. Amala hin daddarbine: kanammoo bakka saditti qoodnee ilaalla
2.1. Of danda‟ee jiraachuu (self existence)
2.2. Kan hin murteeffamne ta‟uu (omnipresent)
2.3. Kan hin geeddaramne ta‟uu (unchangeable) i.e. “the most farthest and the
most nearest is God”.
D. MAQOOTA WAAQAYYOO:-
Kanas kakuu moofaa fi haaraa keessatti ilaaluu ni dandeenya.
a) Maqaa kakuu moofaa:Isa afaan keenyaan maqaa Waaqayyoo jennee waamnu afaan
Ibrootaatiin bakka 3 tti ramadamu.
a. Eeloohiim: Waaqa guddaa, human qabeessa jechuudha. Macaafa Qulqulluu keessatti
si‟a 2570 barraa‟ee argama. Kunis Macaafa kakuu moofaa afaan ibrootaatiin barraa‟e
keessatti. Kana keessa si‟a 2310 gooftaa isa sirriitiif yoo oolan, si‟a 260 waaqota
ormaatiif oolan (for gods). Maqaa kanaan walqabatee maqaawwan ka‟an ni jiru.
(1) Eelshaaday: Gooftaa hunda danda‟u
(2) Eel-alaam: gooftaa barabaraa
(3) Eel-rohii: Gooftaa arguu danda‟u
(4) Eel-eliyoon: Gooftaa kabajamaa, mootii
b. Yaahiwwee: Maqaan kun Macaafa Qulqulluu keessatti si‟a 5321 barraa‟ee yoo
argamu, hundinuu Waaqayyoo isa sirriidhaaf oolan. Hiikni isaas Waaqa firdii isa
sirrii kennu, Waaqa saba hundaa, Waaqa barabaraa (endless) jechuu dha. Warri
Ibrootaa dur maqaa kana hin dha‟an ( lamaan hafanitti fayyadamu malee). Maqaaleen
kanaan walqabatanii dha‟aman:
(1) Yaahiwwee- yiri‟ee: El ro‟ii kan jedhuun walqixa hiika qaba.
(2) Yaahiwwee-nisii: Waaqayyo kaayyoo kooti
(3) Yaahiwwee-shahloom: gooftaan nagaa keenya.
(4) Yaahiwwee-saaboot: Waaqayyo lolaa keenya

17
(5) Yaahiwwee-makaadoosh: Waaqayyo kan nu qulqulleessuu dha.
(6) Yaahiwwee-rooy: Waaqayyo tiksee keenya.
(7) Yaahiwwee-shaamaah: Waaqayyo asi jira.
c. Adoonay: Waaqayyo isa hunda danda‟u (Master owner lord) jechuu dha. Yeroo
baay‟ee maqaa Eeloohiim jedhu waliin ni ka‟a.
b) Maqaa kakuu haaraa:Isaan kunis bakka saditti qoodamu.
i) Tiwoos: Eeloohiim jechuu dha.
ii) Kuuriyoos: Adoonaay jechuu dha. Si‟a 717 barraa‟ee argama. Kana keessa si‟a 210
Wangeela Luqaas keessatti argama. Kunis sababii inni nama Giriik ta‟eef akkasumas
Macaafni Kakuu haaraa jalaqabaaf afaan Giriikiitiin waan barraa‟eef.
iii) Abbaa: si‟a 245 barraa‟ee argama. Kakuu moofaa keessattis si‟a 15 barraa‟ee argama.
Kanaafuu Maqaan Abbaa jedhu kun kan kakuu haaraa qafaa miti jechuu dha.

3.3 Sadan Tokkummaa (Trinity):

Waa‟een sadan tokkummaa gaaffii baay‟ee kaasaa kan turee fi ammas kaasaa kan jiruu dha.
Waa‟ee kanaas ifatti wanti kaa‟ame hin jiru.Kaayyoon barnoota kanaas barnoota dogoggoraa
irraa of eeguudhaaf hubannaa argachuu dha. Waa‟ee sadan tokkummaa kana gabaabumatti
hubachuun yoo rakkiselle haala armaam gadiitiin hubachuuf ilaalla:

KesD 6:4 “Yaa Israa‟e Waaqayyo waaqni kee tokko..”

18
Bara 250 A.D irratti jalqabaatiif kan kana barsiise nama Tertuuliyaa (Tunisia) jedhamuu dha.
Namni kun garuu rakkoo yaada qindeessuu (subordination) qaba ture. Kanaaf bara 270 A.D tti
namni Aariyoos jedhamu barumsa sobaa barsiisee ture. Knis “ Ilmi Abbaadhaan uumamee,
Hafuurri Qulqulluun Ilmaan uumame” kan jedhu dha. Kanarraa ka‟uudhaan bara 325 A.D tti
abbootiin amantii duraanii dura bi‟aa Atinaatiyoos (Giriik) jedhamuun durfamanii walga‟ii nama
381 of keessa qabu Eeshiyaa magaala Niqiyaatti taa‟an. Kunis walga’ii Niqiyaa jedhama.
Walga‟iin kunis hundee sadan tokkummaa kan buusee dha. Bara 481 A.D ttis walga’iin
Kaalqedoon Eeshiyaa Turki keessatti nama Awuqaaken jedhamuun mormuudhaaf abboota
amantii 630 ga‟aniin taa‟ame. Namni kunimmoo barumsa sobaa Ilmi namummaa tokko qofa
qaba jedhu barsiise.Isaan garuu Ilmi Namummaa fi Waaqummaalle akka qabu mirkaneessan.
Akkasumas sadan tokkummaa jechuun “ osoo tokkootuu sadii, otoo sadiituu tokko” jedhan.

19
Jalqabaaf jecha Suuloos jedhurraa dhufe.Kunis waa‟ee sadan tokkummaa ibsuudhaaf jecha
jalqabaaf Tertuuliyaa‟n itti fayyadameedha.

Waaqayyo Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu jedhamee waamama ( waamamu miti). Qaama sadi
qaba, amala fi irree Waaqummaatiin tokko jechuu dha. Qaama jechuun qaama bakka bakka jiru
jechuu osoo hin taane, ofii isaatii:

 Beekumsa guutuu
 Fedha guutuu fi
 Miira guutuu kan qabu jechuu dha.

Abbaan beekumsa, fedha fi miira guutuu akkuma qabu Ilmii fi Hafuurri Qulqulluunis ni qaba.

 Yoh 13:1: Ilmi beekumsa guutuu akka qabu


 Mat 8:2-3: Ilmi fedha guutuu akka qabu
 Yoh 11:35: Ilmi miira guutuu akka qabu
 1 Qor 2:1: Hafuurri Qulqulluun beekumsa guutuu akka qabu
 HOE 13:2: Hafuurri Qulqulluun fedha guutuu
 Efe 4:30: Hafuurri Qulqulluun miira guutuu akka qabu
 Ibr 1:2-3: Ilmi uuma ta‟uusaa
 Yoh 1:1-8: Ilmis Waaqayyo ta‟uusaa
 Far 104:3: Hafuurri Qulqulluun uumaa ta‟uusaa

Wantoota Waaqayyo sadi ta’uusaa ibsan:

20
a) Maqaaa isaatiin: Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu
Maqaan Abbaa jedhu si‟a 3909 barraa‟ee jira.
Maqaan Kiristoos jedhu si‟a 2257 barraa‟ee jira.
Maqaan Hafuura Qulqulluu jedhu si‟a 381 barraa‟ee jira.
b) Qaamaan: Abbaan, Ilmi, Hafuurri Qulqulluunis ofii isaatii beekumsa, fedhii fi miira qaba.
c) Hojiidhaan:
Hundisaanii hojii mataasaanii qabu.
Yeroo uumaa irratti jecha baasuun, ilmasaa erguun hojii Abbaa ture ( Father Era,
old testament)
Nama ta‟ee dhalachuun, fannoorratti du‟uun hojii ilmaa ture ( Son Era, 0-33A.D).
Barsiisuun, ilmaan ergamuun, nu jajjabeessuun hojii Hafuura Qulqulluuti ( Holy
Spirit Era, 33A.D-Present).

Wantoota Waaqayyo tokko ta’uuusaa ibsan:

1) Amala Gooftaatiin: amaloota gosa lameeniituu wal qixa qabu


2) Waaqummaa isaatii: wanta hunda ni danda‟a.

Akkasumas kutaa Macaafa Qulqulluu tokko tokko yoo ilaallu:

 Uma 1:26 “Koottaa akka bifa ….” Uma 1:27 “… uume jedha”.
 Uma 18;22 “ Waaqayyo abraamitti mul‟ate,… innis namoota sadi arge”.
 Mat 28:19 „maqaa keenya sadaniitiin cuuphaa‟ jedha
 Isa 6:6-8 “ eenyuun ergadha, eenyutu nuuf dhaqa”.

21
WAAQA ILMA:

 Ibr 7:3 abbaa fi haadha hin qabu, garuu barabaraaf jiraata.


 Isa 9:6 Waaqummaa isaa dubbata
 Ibr 5:5-6 “ ati ilma kooti..”
 Ibr 1:6 “ ergamoonniyyuu isaaf ni sagadu..”
 Ibr 1:2-3 ilmasaa kanaan waaqaa fi lafa uume
 1 Phex 3:22 ergamoonni harkasaa jala jiru

Qaamota sadan keessaas kan sirriitti waa‟ee sadan tokkummaa ibsu Waaqa Ilma dha. Innis
Waaqa guutuudhaa fi nama guutuu dha. Gal 4:6 „ Abbaan Hafuura Ilmaaf erge‟.

WAAQA HAFUURA QULQULLUU

 Uma 1:2,Far 104:3, Eyo 33;4, Far 33:6 aboo ittiin waa uumu qaba
 Efe 4:30 “isa guyyaa fayyinaa ittiin chaappeffamtan hin gaddisiisinaa”
 Yoh 14:26 Abbaa fi Ilmaaf ni abboomama.

22
 Abbaadhaan ergame
 Maqaa Ilmaatiin ergame
 Hojii ilmaa jajjabeessa
 Yoh 15:26 Abbaan Hafuura Ilmaaf erge
 Yoh 16:13-15 akkuma Ilmi sagalee Abbaa dubbatu Hafuurris sagalee Ilmaa dubbata
 Rom 8;26-27 nu gargaara, nuuf kadhata
 Fil 1;19 Hafuura Yesuusii jedhameera.

Qaama tokko gananii kan biraa waaqessuun fayyina namaaf hin kennu

 Yoh 8:42 “kan Abbaa jaalatu Ilmichas ni jaalata”


 Yoh 10:30 “ Ilmii fi Abbaan tokko”
 Yoh 14:7-9 “ Ilmi Abbaa keessa, Abbaanis Ilma keessa, kan Ilma arge Abbaas arge”
 Yoh 16:26-28 Abbaa biraa dhufee, achumattis deebi‟a
 Yeroo Ilmi gara biyya lafaatti dhufetti qaamonni sadanuu hirmaannaa godhaniiru.
 Ilmi ni dhufe
 Abbaan ni erge
 Hafuurri Qulqulluun ni golboobe
 Mat 3:16 Yeroo cuuphamuu isaattis sadanuu bifa garagaraatiin mul‟ataniiru.

Abbaan • sagaleedhaan

Ilmi • Fooniin

Hafuura Qulqulluun • Gugeedhaan

Waaqayyo Tokkicha:

KesD 6:4 “Yaa israa‟el dhaga‟I, waaqni kee isa tokko…”


Efe 4:4-6 “ Waaqni tokko, amantiin tokko…”
Rom 3:20 “ Waaqayyoo fi Abbaan waan hundumaa tokko…”

23
Isaan wal-keessa jiru walqixxeedhas

 Waliif dhugaa ba‟u


 Wal hin morman
 Angoo Waaqummaa walqixatti qabu

Sadan tokkummaan waliin hojjatu:

 Mat 12:28 hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoota baase


 Luk 4:18-19 Hafuurichi Ilmarra jira, Abbaan Ilma dibe, Abbaan Ilma erge
 Yoh 3:34-35 Ilmi isa Abbaan erge dubbata, Abbaan Hafuura kenne, Abbaan Ilma ni
jaalata, Abbaan waan hunda harka isaatti kenne.
 Yoh 14:16-17 Ilmi Abbaan Hafuura qulqulluu akka ergu kadhata
 Gal 4:6 Abbaan karaa Ilmasaa Hafuura Qulqulluu namootaaf erge.

24
KOORSII- 4

GOOFTAA YESUUSII FI TAJAAJILA ISAA (CHRISTOLOGY)

Waa‟ee gooftaa keenya Yesuusiitii fi tajaajila isaa (Christology) wangeelota arfan keessatti
ilaaluu ni dandeenya. Seenaa kanas guutumatti kan dubbatu isaan qofa. Wiirtuun wangeela kanaa
kan mul‟ate du‟aa fi ka‟umsa Yesuusiitiin booda. Jireenyi, barumsii fi tajaajilli isaas sirriitti asi
keessatti mul‟ateera. Tajaajilli Yesuusii kan jalqabe biyya Israa‟el (Palestine) keessatti.

Wangeelli maali?

 Wangeelli sagalee misraachooti. Rom 10:14. Karaa fayyinaati. Rom 11;16


 Tokko ta‟ee utuu jiruu karaa namoota baay‟eetiin kan darbee dha.
 Mana amantaatiif ergaa, barumsaa fi lallaba gahaa kan ta‟ee dha.

Wangeelota arfan:

Wangeela Maatiwoos kan barreesse Maatiwoos qaraxxuu ture. Mar 9:9


Wangeela Maariqoos Yohaannis kan jedhame ilma obboleessa barnaabaasiitu barreesse.
HOE 12:2, Qol 4:10.
Wangeela Luqaas nama baratee fi ogeessa fayyaa kan ta‟e Luqaas nama jedhamutu
barreesse. Seenaa namoota adda addaas sirriitti beeka. Nama Giriikiiti. Hojii ergamootaas
isatu barreesse. Phaawuloos waliinis hojjateera. Akkasumas gargaaraa Phaawuloosiitii fi
Barnaabaasii ture. HoE 12:25, Qol 4:14
Wangeela Yohaannis kan barreesse iddoo qurxummii qabuutii kan waamame, ilma
Zebdewoos, Yohaannisiidha. Haati isaa Saloomee jedhamti. Mat 27;56, Mar 15:41
Maatiwoos, Maariqoos fi Luqaas Wangeelota wal fakkaatan (synoptic Gospel) jedhamu.
Isa inni tokko tuqe kuunis tuqeera.
Yohaannis kan inni tuqe raajii gurguddoo 7 fi barumsa Gooftaa keenya Yesuusiiti.

Waangeeloti arfan eenyuuf barraa’an?

 Maatiwoos: Yihudootaaf
 Luqaas: Giriikotaaf ( warra Waaqayyoon hin beeknee dha)

25
 Maariqoos: Roomaanotaaf ( warra Waaqayyoon hin beeknee dha)
 Yohaannis: Namni inni barreeffameef hin beekamu. Saba hundaaf jedhamee
amanama.

Gooftaa fi Qomoo isaa

1. Ilma Waaqayyooti: duriiyyuu jira. Yoh 8:58


 Ilma Waaqayyoo kan hafuuraati. Ba‟uu 3:14
2. Qomoo lafaati: dubara irraa dhalachuu isaatiin. Luq 3:23
3. Qomoo mana amantaati: warra fedhii Waaqayyoo guutan wajjiin ture. Mar 3:30-35, Mat
12:50, Luq 8:8-21

Qophiilee Gooftaan Tajaajilaaf Godhe

A. Waggoota 30‟f qophii godhee jira. Luq 2:51-52, Luq 3:23. Qaamaanille, Hafuuraanille
guddachaa ture.
B. Ni cuuphame. Kunis qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf ture. Luq 3:21-22, Yoh 1:29
C. Ni qorame. Mat 4:11, Mar 1:12-13, Luq 4:1-13. Wantoota gurguddoo sadiin qorame.
 Nyaataan  Kabajaan
 Angoodhaan
D. Hordoftoota isaa filachuudhaaf ni kadhate. Achiimmoo Ergamoota jedhee maqaa itti
moggaase. Luq 6:12

Tajaajila gooftaa

Kanas imaloota inni taasiseen qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

1ffaa- Jalqaba jireenya isaa irratti:

 Luq 2:1-7, garaa hadha isaa keessatti.


 Naaziretii gara Yihudaa (beeteeliheem)

2ffaa- Waggaa jalqabaa irratti:

 Kunis waggaa 30‟n jalqabaa keessatti.

26
 Miilaan 12KM gara beetraabaatti deeme. Gammoojjii Beetraa keessattis ni some. Mat
3:13, Yoh 1:28. Beetraabaa dhufee Yohaannis muude. Yoh 1:38.
 Achiimmoo Qaanaa dhaqee bishaan daadhiitti jijjiire. Yoh 2:1-4
 Achii gara Qifrinaahoom
 Achii gara Iyerusaalem
 Achii gara Samaariyaa, mormiin waan itti ka‟eef. Yoh 2:13-17
 Achii gara Qaanaa
 Achii gara Naaziret

3ffaa- Yeroo itti beekkametti:

 Imala waggaa lamaffaa jedhamee beekama.


 Galiilaatti sirriitti beekkame.

4ffaa- Yeroo mormiin itti ka‟etti:

 Imala waggaa sadaffaa jedhamee beekama.


 Namoota 500‟f nyaata late. Mar 6:38-48
 Mucaa hin dhageenyee fi dubbanne fayyise. Mar 7:31-37

5ffaa-Yeroo xumuraarratti:

Beetraabaa
Peeraa Bitaaniyaa
yoh 11:46
luk18:15-17 yoh 12:3

Bitaaniyaa Efreem Iyaariyoos

6ffaa- guyyoota dhumaarratti:

 Imala guyyoota dhumaa jedhamee beekama. Iyyerusaalemii fi naanna‟a sana ture.

27
Barsiisa Gooftaa Yesuusii

Yeroo barsiisu fakkeenyaan barsiisa ture.Fakkeenyonni kunniin dhugaa Hafuura Qulqulluu


ibsuudhaaf gargaaru turan. Mat 13:3-8 irratti waa‟ee namticha midhaan facaasuu barsiisa ture.
Kanarraa wanti nuti hubannu fakkaanyaan gaafa dubbatu wantoota naannoo isaanii jiranii fi
isaan sirriitti beekan fudhachuu isaa argisiisa.

Fakkeenyi maaliif barbaachisa?

a. salphaatti yaadachuu fi sammuutti qabachuuf.


b. Wanta beeknurraa gara wanta hafuuraa nuuti hin beeknetti nu qajeelcha.
c. Yeroo duriitti barreeffamni baay‟inaan waan hin turreef, fakkeenyi immoo nama keessa
waan hin badneef.

Raajiiwwan Gooftaan Hojjate

Raajiiwwan gooftaan hojjate wantoota uumaman kana irratti ol‟aantummaa isaa kan ibsuu dha.
Raajiin Yesuus hojjatu kaayyoon isaa kan seexana yookiin biyya lafaatiin tokkoo miti.

Raajiin seexanaa:

 Angoo isaa namootarratti argisiisuuf hojjatama.


 Ijoollee Waaqayoo dogoggorsiisuuf hojjatama. Yoh 8:42, HOE 8:9-11

Raajiin namoonni Waaqayyo beekan hojjatan garuu:

 Malloowwan Hafuura Waaqayyoo dabarsuudhaaf hojjatamanii dha. Yoh 2:9


 Uumama irratti angoo qabu mul‟isuu isaa argisiisa. Mat 20:49
 Aboo dukkanaa irratti angoo qabaachuu isaa mul‟isa. Mar 9:18-26

Gooftaa fi kadhannaa isaa:Tajaajila Gaooftaa keessatti baay‟inaan mul‟ata. Kunis kadhannaa


dhuunfaa fi gamtaa jedhamee qoodama.

 Kadhannaan inni dhuunfaadhaan godhu: Ganama, Halkan qixxee, Galagala fi Hojii isaa
yeroo fixetti ture.

28
 Kadhannaa gamtaa: Dhugaa Hafuuraa akka hubataniif daa‟immaniif kadhataa ture,
Waldaadhaaf ni kadhata Yoh 17:1-5, Hordoftoota isaatiif ni kadhata, Dhiifamaaf ni
kadhata. Luq 23:41, Namoota duratti ni kadhata. Yoh 44:41

Gufuuwwan kadhannaa: wantoota lamatu jira. Mar 6:5-15

a) Irra deddeebii faayidaa hin qabne.


b) Kadhanaa na argaadhaaf kadhatamu.

Kadhannaa dhaga’amu:

a) Kadhannaa amanamummaadhaa fi amantiidhaan Gooftaatti abdannee kadhannu. Mat 7:7


b) Kadhannaa nuuti kiristoos keessa jiraannee kadhannu.

Hafuurri Qulqulluun maaliif nuu laatame?

1) Human yookiin anniisaa akka argannuuf. HoE 1:8


2) Nu gaggeessa. HoE 16:7
3) Gooftaa Yesuus nu keessatti kabaja kennee, yeroo kadhannu yaada isaa nu hubachiisa.
Yoh 14:16, Rom 8:26

Erga Gooftaan du‟ee booddee wantoota raawwataman

1. Injifannoowwan isaa. Luq 24, Mat 28, Mar 16, Yoh 20


2. Mul‟achuu isaa. Yeroo 10 mul‟ateera.
3. Gara samiitti ol fudhatamuu isaa. HoE 1:9-10. Sababa inni ol fudhatameef:
3.1. Warra isatti amananiif iddoo qopheessuudhaaf. Yoh 14:1-6
3.2. Ijoollee isaatiif kadhachuudhaaf. Ibr 7:25
3.3. Hafuura Qulqulluu erguudhaaf. Yoh 14:16
3.4. Warroota injifataniif badhaasa qopheessuudhaaf.

Walumaagalatti Kiristoosirraa jireenya booji‟ame baranna. Kana jechuunis:

Cubbuurraa kan du‟e fi amanamaa Tajaajila shakkii hin qabnee fi ifa ta‟e
Du‟a kiristoosiitiin walii galuudha. Abdiidhaan kan isa eeggatu.

29
KOORSII- 5

HIIKKAA MACAAFA QULQULLUU (HERMENEUTICS)

Hermeneetiksiin saayinsii waa‟ee hiikkaa macaafa qulqulluu qu‟atuu dha.

Macaafni Qulqulluun maali?

 Macaafni Qulqulluun mul‟ata gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin karaa namoota


Waaqayyoo kan barraa‟ee dha. Kunis barraa‟uudhaaf haalota armaan gadii kana keessa
kan darbee dha. (2 Phex 1:21)
 Revelation – mul‟ata fudhachuu
 Inspiration – barreessuu yookiin galmeessuu
 Illumination – hubachuu

Wantoota yeroo Macaafa Qulqulluu hiiknutti nurraa eegamu:

1. Haal – dureewwan hiikkaa Macaafa Qulqulluu ( pre- interpretation):


1.1.Mala ittiin hiikkaa isa sirrii argannu qopheeffachuu ( systematic strategy).
1.2. Haala hermeneetiksii irratti hundoofnee dhugaa sagalee Waaqayyoo isa mul‟ate
sana hubachuu. HUB: Warrootni barreessan iyyuu sirriitti hin hubanne.
2. Dhumarratti kan nurraa eegamu
 Sagalee Waaqayyootiif ajajamuu.

Faayidaa macaafa qulqulluu

a) Cubbuurraa nu eega.
b) Da‟oo (shelter) nuuf ta‟uudhaan nu gargaara.
c) Akka nyaataa fi bishaan guyyaa guyyaatti nu gargaara.
d) Ofii isaatiiyyuu jireenya. Wanti jiraate hundinuu sagalee Waaqayyoorraaa dhufe.
e) Onnee, sammuu fi qaama keenya guutumatti jijjiiruu ni danda‟a.
f) Burqaa waan hudaati ( except evil things).

30
Amala macaafa Qulqulluu

1. Macaafni Qulqulluu wantoota jireenya keenyaaf barabaachisan hundaa of keessa qaba.


Garuu ifatti ibsamuu dhiisuu danda‟a. kanaafuuMacaafni Qulqulluu madda Heeraa fi
Seeraa ( constitution) jechuu ni dandeenya.
2. Ofii isaatii guyyaa fi bara itti barraa‟e hin qabu.
3. Namoota 40 ta‟aniin barraa‟ulle walii waliisaa hin faallessu.
4. Barreessaan kitaaba tokko tokkoo barraa‟ee hin arginu.
5. Seenaalee garaagaraa kanneen Macaafa Qulqulluu keessatti barraa‟anii argaman jechoota
wal fakkaataniin iddoo garaagaraatti barraa‟anii hin arginu.
6. Yeroon, aadaan, ilaalchi fi barreessaan Macaafa Qulqulluu garaagara.

Madaallii Macaafa Qulqulluu:

1. Dandeettii Waaqayyoon mul‟isuu


2. Gargaarsa Hafuura Qulqulluu qabaachuu
3. Gahee isaatii fi fudhatama barreessichaa
4. Fudhatam barreessaanii fi wantoonni barreeffaman abbootii amantaa duraanii biratti
qaban.
5. Wal hubachuu fi wal simachuu barreessitootaa fi barreeffamoota garaagaraa.
6. Macaafa Kakuu Moofaatiin caqasamuu yookiin tuqamuu isaa.
7. Maadaallii Qaanoon kanaa fi kan kana fakkaatan hunda keessa darbuutu irra jiraata.

Macaafa qulqulluu hiikuu dura wantoota gochuu qabnu:

a) Wantoota xixiqqoo fakkaatan hunda xiinxaluun ilaaluu.


b) Wantoota hundumaa waan hafuuraa gachuurraa of qusachuu (avoiding algorism).
c) Tuqaa tokkolle itti dabaluu fi irraa hir‟isuurraa of eegachuu.
d) Wanta hunda nan beeka jedhanii boonuurraa of qusachuu.
e) Sagalee si‟a tokko baranne irra deebinee barachuun hin barbaachisa jechuurraa of eeguu.

Ilaalcha nuuti yeroo Macaafa Qulqulluu hiiknu qabaachuu qabnu:

31
1. Obsaa fi garaa bal‟inaan dubbisuu qabna.
2. Kadhachuudhaan dubbisuu.
3. Tasgabbaa‟uudhaan dubbisuu.
4. Akka Waaqayyo ofii isaatii nutty dubbachaa jirutti ilaaluu.
5. Wanta inni jedhuuf ajajamuudhaaf eeyyamaa ta‟uu.

Adeemsa hiikkaa Macaafa Qulqulluu

A. Ilaaluu ( Observation):- wanta ilaalaa jirru adda baafachuudha. Gaaffiin ijoon kutaa
kanaa “maal ilaalaa jira?” Kan jedhuu dha. Asi jalattis wantoonni nu ilaallu:
 Barreessaan eenyu?
 Eenyuuf barreesse?
 Gahee olaanaa kan taphatu eenyu?
 Deebiin dhaggeeffattootaa maal fakkaata?
 Ergaan ijoon maali?

Wantoota nuuti yeroo ilaaluu kana hordofuu qabnu:

 Of too‟achuu danda‟uu qabna.


 Wantoota xixiqqoo kamiiyyuu dhiisuu hin qabnu.
 Qalbii keenya sassaabbachuu.
 Yeroo hunda dubbisaan dura kadhachuu.
 Iddoo mijataa filachuu.
 Yeroo hunda Hafuura Qulqulluu affeeruudhaan isaan gaggeeffamanii dubbisuu.

32
Wantoota furtuu afran ilaaluu:

1. Yaada yookiin jecha furtuu ilaaluu.


2. Caasaa yookiin gosa barreeffamaa ilaaluu.
3. Miira haasa‟aa barreeffamicha keessatti mul‟atu ilaaluu.
4. Gosa hog-barruu (litrature) sanaa ilaaluu.kunis kanneen armaan gadii ta‟uu
danda‟a:
4.1. Hog-barruu seenaa: amalli isaas kan armaan gadii ti:
4.1.1. Wanta mootummaa Waaqayyootii fi mootummoota duraanii gidduu
jiru.
4.1.2. Dandeettii ergaa isaa dhaggeeffatoota keessa kaa‟uu qaba.
4.1.3. Yeroo baay‟ee mat-duree tokko qofa irratti haasa‟a. Fknf: Seera Uma,
Ba‟uu, Lew, …
4.2. Hog-barruu seeraa fi naamusaa: amalli kanaas:
4.2.1. Sadarkaa barreeffamaa kan eeguu dha.
4.2.2. Ergaa gad fagoo irratti kan hundaa‟ee dha.
4.2.3. Ergaawwan gaaffii kaasisan fa‟a of keessa qaba. Fkf: HoE, Mul, Rom,
Luq, …
4.3.Hog-barruu asoosamaa fi walaloo: amalli isaas:
4.3.1. Jechoonni isaa gaggabaaboo dha.
4.3.2. Ergaan isaas gad fagoo dha.
4.3.3. Barreessuuf kennaa addaa gaafata.
4.3.4. Yeroo baay‟ee sookoo fi sorgoo qaba.
4.3.5. Haala muuziqaa of keessa qaba.
4.3.6. Baay‟ee nama harkisuu danda‟a. Fknf: Far, Lal, Fak, …
4.4.Hog-barruu raajii: fknf Mul, kitaabota raajii hunda.
B. Hiikuu (Interpretation): Gaaffiin ijoon kutaa kanaa “maal jechuu dha?” Kan jedhuu
dha. Asi jalattis wantoonni nu ilaallu:
 Kaayyoon kutaa kanaa maal?
 Barreessaan kutaa kanaa akkamitti akka hiikamuuf barbaadee kutaa kana
barreesse?

33
 Kutaan kun kutaalee Macaafa Qulqulluu kanneen biro wajjiin wal sima moo
wal dhaaba? Akkamittis wal sima?
 Deebiin dhaggeeffattoota ( audience) yeroo sanaa maal ture?
 Nu keessatti miira akkamii uumeera?

Hiikkaa sadarkaa isaa eeggate hiikuuf dursinee maal beekuu qabna?

 Bara isaa
 Hariiroo Waaqayyoo fi namni waliin qabu
 Ilaalcha tiyooloojikaalawaa bara sanaa
 Barreessaan kitaabichaa eenyu? Barreessaa ijoon Hafuura Qulqulluu ta‟us
barreessitoonni namaa dha. 2 Phex 1:20-21. Yeroo barreessanitti Hafuurri
Qulqulluu aadaa fi beekumsa nama sanaa guutumattii balleessee waan itti hin
fayyadamneef hubachuutu nurra jiraata.

Seera hiikkaa: seera saditu jira. Isaanis:

1) Jecha jechaan hiikuu


2) Galumsaan hiikuu: kun baay‟ee fudhatamaa dha. Alaagorizimii irraa nu eega.
Fakkeenyaaf: “ilmoo harree kan gooftaan irra taa‟e sun ana jechuu”. Waan
hunda gara hafuuraatti jijjiiruun dogoggoraaf nama saaxila.
3) Jechoota okol-gonbisaa (metaphor) ilaaluun hiikuu:
 Nameessa: “gaarren si weeddisu”
 Ukukkubeessa: “ija koorraa roobni…”
 Waldorgomiisa: “kan akka Waaqayyoo hin jiru”
C. Hojiirra Oolchuu( application):wal simsiisuu jireenya jechuu dha. Gaaffiin ijoon “
maal gachuu qaba?” kan jedhuu dha. Adeemsa kana hojiirra oolchuuf:
1. Murteessuu
2. Wanta murteessineef sagantaa baafachuu
3. Bakkaa fi haala mijeeffachuu
4. Galma keenyarratti xiyyeeffachuu
5. Karaa kamiin ija qabeessa akka taanu beekuu
6. Wanta hunda caalaa Waaqayyoon gammachiisuudhaaf hojjachuu.

34
KOORSII- 6

BARSIISA SOBAA ( CULT)

Barumsa sobaa jechuun barumsa dhaugaatiin faallaa kan ta‟ee dha. Kanaafuu barumsa
dhugaa jechuun maal? Barumsa dhugaa jechuun dhugaa Macaafa Qulqulluutiin kan walii
galuu fi akka yaada jedhamuu barbaadameetti hiikatee itti kan buluu fi raga Hafuura
Qulqulluu kan qabuu dha.

Hiikkaa kiristiyaanonni barumsa sobaatiif kennan:

 Barumsa kiristiyaanonni itti walii galanii baratan irraa kan adda ta‟ee dha.
 Kitaaba kiristiyaanonni itti fayyadaman karaa biraatiin kan hiikanii dha.

Kanaafuu barumsi sobaa ( cult) hubannaa hundeessaa amantii sanaa irraa kan goree dha.
Kanaafuu isaan kana beekuudhaaf akkamitti amantaanii fi dugdi duubi isaanii hundee
barnoota Macaafa Qulqulluu irraa akka inni gore qoruu qabna. Akkaataa dhaabbii amantii
keenyaatti warren nuuti barnoota sobaa jalatti ramadnu:

 Naaziraawuyaan: “Yesuus foon hin uuffanne, foon keenya hamaadha, foon keenya
rakkisuu qabna, foonis nyaachuu hin qabnu, baala qofa nyaanna” jedhu.
 Musliimota: “ Yesuus nama qofa, inni hin duune, hin kaanes” jedhu.
 Waldaa ergamootaa: “sadan tokkummaan hin jiru, Yesuus qofa, cuuphaanis maqaa
Yesuusiitiin” jedhu.
 New Age Movement
 Nostism
 Johova witness
 Montanas fi Kkf.

Barnoonni sobaa yoom jalqabe?

Seenaa waldaa keessatti waggaa 325‟f waldaan ari‟atama keessa turte.Isaanis wangeela
lallabuu duwwaa irratti xiyyeeffatan.Kanaafuu muuxannoo barsiisuu hin qaban turan. Kana
jechuun barnoonni bu‟uuraa hanga bara kanaatti hin turre jechuudha.

35
Sana booda impaayerri roomaa ni dhufe. Namtichi Neeroo jedhamu abjuudhaan
Faannoodhaan utuu lolee moo‟atuu arge. Innis haala kanaan ni moo‟ate. Sana booda
ari‟atamuun ni hafe. Waldaanis tasgabbooftee barnoota kennuu eegalte.Barsiisni sobaas
yeroo kana jalqabe.

Barnoonni sobaa akkuma sadarkaan isaa xiqqaachaa adeemuun kanneen armaan gadiitti gad
bu‟uu danda‟a:

1. Heeresii (Heresy): isaan kun warra hubannaa dhabuudhaan macaafa qulqulluu faallaa
hiikanii dha. Fakkeenyaaf : Ortodooksii Itiyoophiyaa
2. Sektii ( sect): inni kun dogoggora namoonni waldaa keessatti sagalee Waaqayyoo
waan biraa jedhanii hiikanii dha. Sect is plagiarism. Nuuti namoota Macaafni
Qulqulluun itti barraa‟e kanneen jalqabaatii miti. Nuuf isaan gidduu garaagarummaa
yeroo, aadaa fi teessuma lafaatu jira. Fkf: „Yesuus ilma Waaqayyooti‟ kan jedhu isaan
biratti angoodhaan abbaadhaan qixa jechuu dha. Nubiratti garuu akkasii miti.
Kanaafuu sektiin hiikka Macaafa Qulqulluu galumsa malee jechuu dha.

Akkamitti sektii xiqqeessuu dandeenya?

Yeroo yeroo hunda irra deddeebinee raawwanna taanaan gara heeresiitti


guddata.Heeresiinis gara kaltiitti (cult) guddata. Kanaafuu:

 Ofii kee akka dhaggeeffataa (audience) jalqabaatti of hin laakka‟in.


 Sababa inni barreeffameef hubachuu
 Siyaasa, diinagdee, haalaa fi Hafuura yeroo barreeffamichi barraa‟uu hubachu.

Fakkeenyaaf: dubartoonni mataa haguuggachuu hin qabdu kan jedhu Maaliif ture? Deebii
kanaa argachuuf seenaa yeroo sanaa xiinxaluutu nurra jiraata. Kunis yeroo sanatti magaalaa
qorontoos keessa durboonni mataa hin haguugganne warra waaqa tolfamaa arxemiis
jedhamuuf of adda baasee magaalaa keessa naanna‟ee ejja gaggeessuudhaaf adda of baasan
qofa ture.Kanaaf isaan gaaffii Phaawuloosiif dhiheessinaa innimmoo deebii kana kenneef.

Kanarraa wanti nuuti hubannu “Macaafni Qulqulluun deebii gaaffiidhaan alaa ti”.Gaaffiin
isaa dhaggeeffattoota jalqabaa bira jira.Kanafuu isa kana yoo danda‟ame beekuu wayya.

36
Warren barnoota sobaa barsiisan barnoota waa‟ee fayyina keenyaa ilaalchisanirraa ka‟u.

Barnoota bu’uura fayyina keenyaa:

A. Sadan Tokkummaa (Trinity): kana irratti “ jechi sadan tokkummaa jedhu hin jiru,
namni itti fayyadamee beekus hin jiru” jedhu. Fknf: Musliima, Waldaa Ergamootaa
(Hawaariyaat), Johova witness.
B. Waa’ee Macaafa Qulqulluu: Macafni Qulqulluun akka sagalee Waaqayyoo hin
taanetti barsiisu. Fknf: Musliima, Judism, Mormoon( kan Mormoononni hiikan malee
jedhu).
C. Du’aa fi ka’uu Kiristoos: kiristoos hin duune, Rabbi human waan qabuuf fakkii isaa
nama biraatti uuffisee namni biraa bakkasaa du‟e” jedhu. Fknf: Musliimota. Garuu
yeroo inni du‟etti wantoonni Waaqummaa isaa ibsa:
 Lafti ni dukkanaa‟e
 Soochiin lafaa ni ta‟e
 Warroonni du‟an ni ka‟an
D. Du’aa fi ka’uu qulqullootaa: “Gaafa duunee kaanu qabeenya itti fayyadamnu
ammuma waliin awwaalamna” jedhu. Fknf: Judism, Johova witness,
E. Fayyina ofii mirkaneeffachuu (assurance of salivation): amantoota addunyaa
kanaa keessa harki 90 kanarratti dogoggoru. Fknf: Kaatolikii. Fayyinni adeemsa.
1. Justification: 100% hojii Waaqayyooti. Qulqullummaa nuuti kiristoositti
argachuudhaan gaafauma amanne arganne.
2. Sanctification: 100% hojii keenya. Jireenya guyyaa guyyaa keessatti adeemsa
nuuti kiristoosiin fakkaachuuf goonuu dha.
3. Glorification: 100% hojii Waaqayyoo ti. Qulqullummaa nuuti gaafa ol
fudhatamne argannu.
F. Deebi’ee dhufuu Kiristoos: yeroo fi haala deebi‟ee dhufuu Kiristoos irratti falmii
kaasu. Kanus inni kanaan dura dhufeere, yookiis inni dhufu sun ana jedhamuu kan of
ibsanis jiru. Fknf: Anti-christ.

37

You might also like