You are on page 1of 12

Seeraa fi Ayyaana (Law Vs Grace)

 Isin seera jalatti qabamtanii kan jiraattan utuu hin ta‘in, ayyaana Waaqayyoo jala
waan jiraattaniif cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu‖ (Roomee 6:14).
1. Seerri Maalii?
Qoqqoodama Seeraa

Seera

Seera Uumamaa (God's Seera Musee (Mosaic


law) law)

Hin diigamne hin


jijjiiramnes Seera Amantii Seera
Abboommii
# Macaafa seera uumamaa (Religious kurnan Hawaasummaa
keessatti baay'inaan argamu. laws) (The Ten (Social Law)
FKn – - Baay‘inaan Commandments) Baay‘inaan
Seera
#Qoodamiinsa ifaa fi - Yaada cuunfaa Seera
dukkanaa Ba‘uu fi Seera Keessa deebii
seerota lamaanii
Leewootaa ti.
#Biqiluu biqilootaa Keessatti
Keessatti argamu
# Ciniinsuu dhaan da‘uu argamu Ba‘u 20:1-17
dubartootaa
# Fedhiin dubartootaa gara
abbaa manaa isaanii ta'uu

OMM,JIT,JIMMA 1
Seera Musee
 Seera Musee ―Seera hojii‖ jennee moggasuu dandeenya (Rom 3:20, 27-28, Gal
2:16)
 Sababni isaa akka ayyaanaa amantii qofaan kan argamu osoo hin taane seericha
guutummaatti raawwachuu kan nama gaafatu dha (Gal 3:10).
 Seerri Musee ―Abboommii‖ jedhamees ni waamama (Rom 7:9-11).
 Seerri inni diigames seera museeti malee seera uumamaa miti.

 ―Karaa tokko seerri inni duraa sun dadhabbii isaatiif, waa‘ee utuu hin baasin hafuu
isaatiifis diigameera‖ (Ibr 7:18).
2. Garaagarummaa Seeraa fi Ayyaanaa
Seeraa fi Ayyaanni Macaafa Qulqulluu keessatti akkaataa garaa garaatiin jiru, ibsa wal
faallessuunis ibsamaniiru/caafamaniiru.
Seera Ayyaana
Karaa Musee kennamee ture Karaa Yesuus Kristoos argame (Yoh 1:17)
Waanjoo Israa‘eloonnii fi Abboonni isaanii Waanjoo salphaa (Birmadummaa Kristiyaanaa)
baachuu hin dandeenye dha. (Mat 11:28-30, Gal 5:1)
Dubbii wallaalchisuu fi yaada nama raasu Nagaa kenna (Rom 5:1-2)
(HoE 15:24)
Qajeelummaa namaa barbaada (Rom 10:3) Qajeelummaa Waaqayyoo ti (Rom 3:21)
Qajeelummaa hojiidhaan argamu Qajeelummaa amantiidhaan argamuu dha.
(Rom 9:30-33) (Rom 3:22)
Seera isa moofaa dur caafame (Rom 7:6) Jireenya hafuuraa isa haaraa (Rom 7:6)
Seera cubbuu isa du‘atti nama geessu Seera hafuuraa isa nama jiraachisu (Rom 8:2)
(Rom 8:2)
Cubbuu yaadachiisa (Ibr 10:1-14) Waaqayyoof nu qulqulleessa (Ibr 10:10)
Hojiirra kan hin oolchine oo‘a malee ajjeefama Nama waan xuraa‘aatti lakkaa‘uuf adaba
(Ibr 10:28) isa irra hammaatu hammamiitu isaaf mala
(10:28-31)

OMM,JIT,JIMMA 2
Seera Ayyaana
Seera isa du‘a murteessu (2Qor 3:7) Seera hafuuraa isa qajeelaa nama godhu (2Qor 3:7)
Firdii du‘aaf kan hojjetu (2Qor 3:9) Qajeelaa kan nama godhu (2Qor 3:9)
Yeroodhumaaf kan jiraate (2Qor 3:11) Itti fufee kan jiraatu (2Qor 3:11)
Ulfina qabeessa ture (2Qor 3:10-11) Caalaa ulfina kan qabu (2Qor 3:10-11
Adabduu/guddifruu/ (Gal 3:23) Kristoos (Amantii) (Gal 3:23)
Kan dubartii ishee Garbittii (Aggaar) Kan ishee birmaduu (Saaraa) (Gal 4:21)
Gufuu fannoo Kristoos (Gal 5:11) Dubbii fannoo (1Qor 1:18)
Itti dhama‘uun kan arganu (Efe 2:8) Kennaa Waaqayyoo (Efe 2:8)
Dhagna qabaa harka namaa (Efe 2:11) Dhagna qabaa harkaan hin hojjetamne isa
Kristoos dhagna qabu (Qol 2:11)
Kristoosiin kan beekanitti akka miidhaatti Kristoosiin beekuu (Efe 3:4-9)
kan ilaalamu (Efe 3:4-9)
Wanta nurratti caafamee ture, isa nutti hin Fannoo (Qol 2:14)
tolle (Qol 2:14)
Gaaddidduu (Qol 2:16-17) Kristoos (Qol 2:16-17)
Hafuura dadhabaa fi of hin dandeenye (Gal Kristoosii wajjin fannifamuu (Qol 2:20)
4:9 -11), (Qol 2:21)
Warra Waaqayyo malee jiraataniif kan Warra Yesuusitti amanan hundumaaf kan ta‘e
kenname (1Xim 1:8-11) (Rom 3:24)
Bara Museetti kan kenname Isa durii durii jalqabee karaa Kristoos
Yesuus nuuf kenname (2Xim 1:9-11) (Tit 1:1-3)
Ergamootaan kan dubbatame (Ibr 2:2) Isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate (Ibr
2:3)
Kan dadhabu, kan waa‘ee hin baasnes Gara Waaqayyootti dhihaachuuf abdii isa caalu
(Ibr 7:18) (Ibr 7:19)
Hir‘ina kan qabuu fi kan caalame (Ibr Hir‘ina kan hin qabnee fi haaraa (Ibr 8:6-8)
8:7)
Gaaddidduu wanta gaarii isa dhufuuf Wanta gaarii (Ibr 10:1)
jiruu (Ibr 10:1)

OMM,JIT,JIMMA 3
Namni maal akka ta’u ibsa Waaqayyoo Eenyu akka ta’ee ibsa

Dinqii du’aan mul’ate Dinqii Jireenyaan mul’ate

Nama cubbamaarraa qajeeluummaa Qajeeluummaa namaaf kenna


barbaada
Gidduu gala nama :-Waaqayyoof Gidduu gala Kristoos :- waan Waaqayyoo siif hojeete
maal hojjechuuu akka qabduu
Qajeelaa kan taatu qajeelaa Qajeelaa kan taatuu Qajeelaati yoo ammanteedha
yoohojjetteedha
Xiyyeeffannaansaa waan ati Xiyyeeffannaansaa waan Kristoos hojeetedha
hojjechuu qabduu

3. Seerri Maaliif Kenname?


 Namni eegu yoo jiraate jireenyatti akka jiraatuuf (Lew 18:5, Hisq 20:10, 21,Rom 10:5, Gal
3:12)
 Irradaddarbaa namaa baay‘isuuf gidduu lixe (Rom 5:20)
 Cubbuun maal akka ta‘e nama hubachiiisa.(Rom 3:20,7:7) Cubbuun xixiqqootti ilaalaman
gatiin isaanii walfakkaataadha (abaarsaa fi du‘a)
 Hamma Kiristoos dhufutti guddistuu saba Israa‘el ture (Gal 3:24)
 Hamma hiddi inni abdichi gara isaa ilaallu dhufutti, irra daddarbaan maal akka ta‘e
mul‘isuudhaaf dabala ta‘ee kenname (Gal 3:19)
 Bara kanatti wangeelaan kan mormaniif kan hojjetame dha (1Xim 1:6-11)
 Namni seera eeguu yeroo dadhabu karaa fayyinaa kan biraa akka barbaaduuf (Rom 7:14-
25) 4. Namni Maaliif Seera Eeguudhaan Tasa (Matumaa) Fayyuu hin
Danda’uu?
Sababoota:
A. Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafame hundumaa gochuutti qabamee hin
jiraanne abaaramaa dha (Gal 3:10)

OMM,JIT,JIMMA 4
B. Namni tokko seera keessaa warra kaan hundumaa eegee tokko yoo cabse akka waan
hunduma isaanii cabseetti yakki itti murama (Yaq 2:10)
Namoonni Qabxii Yeroo Kennan
Nama Hamma Seera inni eegee Qabxii Waliigala
1 0/100 NG (0) Baay‘ee Cubbamaa
2 25/100 25 Nama akkasumaanii(ordinary person)
3 50/100 50 Qajeelaa
4 75/100 75 Baay‘ee qajeelaa
5 100/100 100 Baay‘ee baay‘ee qajeelaa
Namoonni yeroo nama madaalan, nama wal bira qabuudhaan madaalu

Namoonni Qabxii Yeroo Kennan


Nama Hamma Seera inni eegee Qabxii Waliigala
1 0/100 0 F (Cubbamaa)
2 25/100 0 F (Cubbamaa)
3 50/100 0 F (Cubbamaa)
4 75/100 0 F (Cubbamaa)
5 100/100 0 F (Cubbamaa)
Macaafni Qulqulluun qajeelummaa Namaa Kan maadaalu fuula Waaqayyootti malee
nama wal bira qabuun miti.
Namni ―(fuula Waaqayyootti)‖ qajeelaa ta‘uu hin danda‘u (Iyo 4:17)
 Madaallii kanaan yeroo namni ilaalamu, ―hundumtuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyoos itti
hir‘ateera‖ kan jedhu ta‘a (Rom 3:23)
C. Kana ta‘uyyuu seerichi kan kenname saba Israa‘eliif qofa ture (Rom 9:4)

5. Namni Kamiyyuu Seera Raawwachuu fi Qajeelaas ittiin ta’uu hin Danda’u.

1. Fuula Waaqayyootti qajeelaa ta‘uun hin danda‘amu (Iyo 4:17, 9:2, Rom 3:20)

OMM,JIT,JIMMA 5
2. Dhala namaa keessaa tokkollee qajeelaan hin jiru (Far 15:2-3)
3. Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin
jiru (Lal 7:20)
4. Cubbuu keenya mitiitii qajeelummaan keenya iyyuu akka moofaa xuraa‘ummaati (Isa 64:6)
5. Seerri waanjoo Abboonni saba Israa‘el baachuu hin dandeenye dha (HoE15:10)
6. Seera lallabuun amantoota dubbiidhaan wallaalchisuu fi garaa isaaniis raasuu dha (HoE
15:24)
7. Namni qajeelaan tokkollee hin jiru (Rom 3:10)
8. Nama kan ta‘e hundinuu wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti
qajeelaa hin ta‘u (Rom 3:20)
9. Seera eeguudhaan qajeelaan ta‘a jechuun of-jajuu qofaadha (Rom 3:27)
10. Foon kan uffate hundinuu wanta jaallatu dhiisee, wanta jibbu in godha (Rom 7:15-20)
11. Foon kan uffate keessa amalli cubbuu jira (Rom 7:20-25)
12. Seera eeguudhaan qajeelaa ta‘uun hin danda‘amu (Rom 9:30)
13. Qajeelummaan seera eeguudhaan yoo ta‘e ayyaanni ―Ayyaana‖ ta‘uunsaa in hafa (Rom 11:6)
14. Namni tasumaa ga‘umsa isaatiin qajeelummaa qabaachuu hin danda‘u (2Qor 3:5)
15. Seerri tajaajilaa du‘aa fi firdii /murtii/ti (2Qor 3:7-9)
16. Seerichi golgaa Kiristoosiin dhoksu dha (2Qor 3:14-16)
17. Seera kan lallaban obboloota warra sobduu dha (Gal 2:4-5)
18. Seerri dhugaa wangeelaa ni morma (Gal 2:5, 14)
19. Seeraan jiraachuun of agarsiisuu yeroo ta‘u, tasuma namni foon uffate ittiin of qulqulleessu
hin danda‘u (Gal 2:12-16)
20. Qajeelummaan hojii dabalatee yoo ta‘e Kiristoos akkasumaan du‘e (Gal 2:21)
21. Hojiidhaan qajeeloota ta‘uu warri barbaadan abaarsa jala jiru (Gal 3:10)
22. Seerri amantii wajjin qooda hin qabu (Gal 3:12)
23. Seerri jiraachisuu hin danda‘u (Gal 3:21)
24. Kristiyaanonni adabduu isa ta‘e seera jala hin jiran (Gal 3:23-29, 3:23-29)
25. Abboommii seeraatiin warri jiraatan ilmaan ishee garbittii kan Aggaar waan ta‘aniif hin
dhaalan (Gal 4:21-31)

OMM,JIT,JIMMA 6
26. Karaa seeraa qajeelota ta‘uu warri barbaadan, Kiristoosiin of irraa kutaniiru, ayyaana
Waaqayyoo irraas kufaniiru (Gal 5:4)
27. Fayyinni kennaa Waaqayyooti malee gochaa ofii keenyaatiin kan argannu miti (Efe 2:8-10)
28. Seera jalaa duunee, seerattiis hiikamneerra (Rom 7:1-6)
5.1. Dhugaa Wangeelaa (Efe 2:8)
Bu’aa
 Ayyaana + Amantii = Jireenya bara baraa (Rom 3:22)
 Ayyaana + Amantii = Hojii gaarii (Tit 2:11-13)
 Ayyaana + Amantii = Waaqayyoon fakkaachuu (Tit 2:11-13)
5.2. Wangeela Biraa (Addaa) (– (Galatianism) – (Gal 1:6)
Bu’aa
 Hojii + Amantii = Jireenya bara baraa
 Hojii + Dhama‘a foonii = Hojii qajeelummaa gaarii (Celibacy) (1Xim 1:1-5)
 Foon ofii miidhuu/gidirsuu=Waaqayyoon fakkaachuu (Hermitism) (Qol 2:16-23)
Wangeela addaa kana Waldaa Kiristiyaanaa keessatti kan barsiisanii fi kan fudhatan yoo
jiraatan:
1. Kan dogoggoranii fi waan dubbatan warra hin beekne dha (1Xim 1:6-7)
2. Barumsi isaanii kan akkasumaanii ti (1Xim 1:7)
3. Waaqayyoon kan qoran, garaa namaa kan raasanii fi kan wallaalchisanii dha (HoE 15:10, 24,
Gal 5:11)
4. Abaarsa jala jiru (Gal 1:6-9)
5. Dhoksaatti karaa malee kan lixan obboloota sobduudha (Gal 2:4)
6. Warra of argiisaniidha (Gal 2:13, 1Xim 4:1-2)
7. Warra of jajaniidha (Rom 3:27, Efe 2:10)
6. Ayyaana Waaqayyoo isa Nama Hundumaaf Fayyina Kennu (Tit 2:11).
6.1. Ayyaana jechuun maal jechuudha?
 Ayyaana jechuun kennaa tolaa nama hin malleef kennamuu dha (Rom 3:23)
 Ayyaanni dadhabbii fi dhama‘insa namaan kan argamu osoo hin taane, Waaqayyo karaa
ilma isaa Yesuus Kristoos namni akka ittiin fayyuuf qopheesse dha (Rom 4:4)

OMM,JIT,JIMMA 7
 Karaa isa tokkicha Waaqayyo inni baay‘ee qulqulluu fi qajeelaan, nama isa baay‘ee
cubbamaatti dhihaatu dha.
 Ayyaanni cubbuu biyya lafaa irratti ta‘u hundumaa kan caalu amanuu qofaanis kan argamu,
jireenya bara baraa kan kennu hojii Waaqayyo karaa fayyinaa godhee qopheesse dha (Rom
5:15-21).
 Ayyaanni waan gaarii hojjechuu keenyaan kan argannu ykn waan gadhee hojjechuu
keenyaan kan dhabnu osoo hin ta‘iin Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa keenyaatti yeroo
amannu qofa kan nuuf kennamu waan ta‘eef, tasa akka waan hojii keenyaan fayyineetti of
hin jajnu (Rom 9:10-18)
 Namni fuula Waaqayyoo isa qulqulluu kanaatti cubbamaa akka ta‘e beekee, jireenya bara
baraa amantiidhaan tola fudhachuu ni danda‘a.
6.2. Namni Qajeelaa kan ta’u Ayyaana Amantiidhaan Fudhachuu Qofaani
1. Israa‘eloonni (Ergamoota dabalatee) kan fayyan ayyaana qofaani (HoE 15:11)
2. Karaan namni ittiin qajeelaa ta‘u Waaqayyo biraa mul‘ateera, innis Kristoos Yesuusitti
amanuu qofaadhaan namni Waaqayyo duratti qajeelaa ta‘a (Rom 3:21-22)
3. Isa karaa Yesuus Kiristoos tola nuuf kenname, akkasumatti ayyaana Waaqayyoootiin
fayyineerra (Rom 3:24)
4. Namni karaa seeraa osoo hin ta‘iin, amantiin qajeelaa ta‘a (Rom 3:27-29)
5. Kan fayyine tola malee beenyaa/gatii/ hojii Waaqayyo biraa qabaannee miti (Rom 4:4)
6. Waaqayyo hojii malee (Ayyaanaan) qajeelummaa nuuf lakkaa‘eera (Rom 4:5-8)
7. Namni gooftichi cubbuu isaa itti hin lakkoofne haa gammadu (Rom 4:6-8)
8. Hojiidhaan mul‘achuun ayyaanaan fayyuu keenyaaf mallattoo dha malee, karaa fayyinaa
keenya miti (Rom 4:9-12)
9. Amantiin keenya qajeelummaaa ta‘ee kan nuuf lakkaa‘amu utuu nuyi waan tokko hin
hojjetiini (Rom 4:11)
10. Amantiin qajeelummaa ta‘ee kan lakkaa‘ameef Abrahamiif qofa osoo hin taane nuufisi (Rom
4:23-25)
11. Fayyinni keenya amantiidhaan waan ta‘eef nagaa qabaachuun nuuf in ta‘a (Rom 5:12)
12. Ayyaanni Waaqayyo nuuf kenne karaa ilma isaa waan dhufeef, cubbuu fi abaarsa karaa

OMM,JIT,JIMMA 8
Addaam dhuferra baay‘ee caala (Rom 5:12-21)
13. Qajeelota ta‘uu kan dandeenyu, ajajamuu nama tokkoo (Yesuus) qofaani (Rom 5:18 21)
14. Namni amane ayyaanaa gadi malee, seeraa gadi waan hin taaneef cubbuun isa hin bitu (Rom
6:14)
15. Murtiin warra Kristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti murteeffamu tokko illee hin jiru (Rom
8:1)
16. Seera cubbuu isa du‘atti nama geessu jalaa baaneerra (Rom 8:2)
17. Kan nu qulqulleessu ofuma isaa Waaqayyo dha (Rom 8:30)
18. Qajeelaa gochuun kennaa Waaqayyooti malee waan hojjennee ykn dhamaanee argannu miti
(Rom 9:10-13)
19. Araarri nama fedheef ykn dhama‘eef miti (Rom 9:14-18)
20. Amantiidhaan qajeelaa ta‘uun ni danda‘ama; garuu karaa seeraa tasa hin danda‘amu (Rom
9:30)
21. Nama amanu hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaaf Kristoos seera iddoodhaan ga‘e
/raawwateera/ (Rom 10:4).
22. Fayyinni kan argamu Yesuus Gooftaa akka ta‘e afaan keenyaan yoo beeksifne, garaa
keenyattis yoo amanne dha (Rom 10:8-10).
23. Israa‘el keessaa kan fo‘aman amantiidhaan malee karaa seeraa miti (Rom 11:5-6).
24. Israa‘el kan irraa caccabaniif amantii dhabina isaaniif (Rom 11:20).
25. Araarri ajajamuu diduun wanta fidee dha (Rom 11:30-36).
26. Waamamuun keenya karaa ayyaana Kristoosi (Gal 1:6).
27. Wangeela Kristoosiin ala kan lallaban abaaramoo dha (Gal 1:6-9).
28. Fayyuun keenya ayyaanaan erga ta‘ee lallabdootni seeraa birmadummaa keenya akka mulqan
hin eeyyamnu (Gal 2:2-3).
29. Dhugaan wangeelaa akka eegamuuf namoonni gurguddoon gara seeraatti jal‘atan
ceepha‘amuu qabu (Gal 2:11-12).
30. Namni tokko illee Yesuus Kristositti amanuudhaan malee wanta seerri isa irraa barbaadu
gochuudhaan fuula Waaqayyootti qajeelaa ta‘uu hin danda‘u (Gal 2:16).
31. Ayyaana Waaqayyoo gatii dhabsiisuu hin qabnu (Gal 2:21).

OMM,JIT,JIMMA 9
32. Namni qajeelaa ta‘uun karaa seeraa utuu ta‘ee, Kristoos akkasumaan du‘e (Gal 2:21).
33. Hafuura qulqulluu fudhachuun keenya, milikkitootaa fi dinqii arguun keenya wangeela
amanuudhaan malee seera eeguudhaan miti (Gal 3:1-5).
34. Amantiidhaan qajeelota kan ta‘an ijoollee Abrahaami (Gal 3: 6-9).
35. Namni amantiidhaan fuula Waaqayyootti qajeelaa ta‘e jireenya dhugaa in argata (Gal 3:11).
36. Abdiin Yesuus Kristoositti amanuudhaan akka argamuuf kenname (Rom 3:21-22).
37. Barsiisonni seeraa fi barumsicha kan fudhatan gara bakkeetti ni gatamu; ilmaan ishee
birmaduu garuu ni dhaalu (Gal 4: 21-31).
38. Waanjoo seeraa jalaa birmaduu baaneerra (Gal 4:8-11, 5:1).
39. Karaa Hafuura qulqulluu abdii qajeelotatti lakkaa‘amuu amantii keessaa eeggachaa jirra (Gal
5:5).
40. Dhugaa kana irraa kan wallaalchisan, firdii /murtii/ isaa ni fudhatu (HoE 15:24, Gal 5:9-11).
41. Kan fo‘amne hojii gaarii keenya irratti kan hundaa‘e osoo hin ta‘iin addunyaan utuu hin
uumamiinidha. Kanaaf Ayyaanni isaa akkasumaan kan nuuf kenname malee qajeelummaa
keenyaan kan arganne miti (Efe 1:4-6, 2:1-5).
42. Ayyaanni isaa amantii qofaan nu fayyiseera kanaaf of hin jajnu (Efe 2:8-10).
43. Dhama‘insa keenyaan osoo hin ta‘iin ayyaana isaatiin qajeelota taaneerra (Tit 3:3-7).
44. Kunis nama hunduma biratti yoo beekamuu baate badiisa in fida (HoE 14:38,43).

7. Hojiidhaan kan Mul’atu Amantii isa Dhugaa


Jabina Ayyaanaa:- Lammaffaa kan dhalatan ijoolleen Waaqayyoo hundinuu kan beekan
dhugaan tokko jira. Ayyaanni kun nama cubbamaa tokko jireenya bara baraa kenneefii,
akkaataa dinqisiisaa ta‘een jijjiirama jireenyaa namuma sanarratti fida.

Hojii Ayyaanaa
1. Nama cubbamaa firdii/murtii/ jalaa baasa
2. Waaqayyo malee jiraachuu fi kajeellaa biyya lafaa nu gansiisa.
3. Inni mul‘atu Yesuus Kristoos hamma mul‘atutti; of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo
taanee akka jiraannuuf gorsee gara gaariitti nu deebisa (Tit 2:11-14).

OMM,JIT,JIMMA 10
 Fayyinni namaa ayyaanaan ta‘uyyuu amantiin inni sirriin amantii afaaniin dubbatamu irra
darbee, waan ayyaanni waaqayyoo jireenya nama sanaa kessatti hojjeetu ilaaluu dhaan argama.
 Phaawuloos fayyinni ayyaana qofaan akka ta‘e erga itti himee booddee, ― . . . birmadummaan
keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!‖ jedhee isaan akeekkachiise (Gal 5:13).
 Namni ayyaanaan fayye garba qulqullummaati malee garba cubbuu miti (Rom 6:15 19).
 Birmadummaa keenya kan ittiin hamaa hojjetanii dhoksan gochuu hin qabnu (1Phex 2:16).
 Ayyaanichi Waaqayyo malee jiraachuu fi kajeellaa biyya lafaa nu gansiisa waan ta‘eef,
amanaan hojiidhaan mul‘isuutti dandeettii ayyaanicha biraa argateera.
 Ani amantii qaba‖ kan jedhu hojii gaarii isa ittiin amantii isaa argisiisu yoo hin qabne, amantii
qabaachuu nama kanaa mirka neessuu hin dandeenyu (Yaq 2:14).
 Amantiin du‘aan hojii gaariidhaan hin argamu (Yaq 2:17).
 Amantii dhaan fuula waaqayyoo duratti qajeelaa kan ta‘e. nama duratti hojii gaarii dhaan
mul‘ata (Yaq 2:18).
 Hafuuronni hamoonni ayyaanaan waan hin fayyiniif hojii gaarii hin qaban (Yaq 2:19).
 Amantiin hojii gaariidhaan fiixaan in baafama (yaq 2:21-22).
 Hojii gaariin qajeelota ta‘uu keenyaaf ragaadha malee, qajeelota ta‘uu dhaaf waan hojjennu
miti (Yaq 2:23).
 Amantiin qofaa isaa hojii gaarii malee mul‘atee hin beeku (Yaq 2:24-26).

 Qopheessaan: Gartuu Wangeelaa Sosochii misiyoonummaa


Oneesmoos/SMO/
Edited by : Abdi Teferi
E-mail: abditeferihope.ath@gmail.com
Lb. 0935076162
OMM,JIT,JIMMA

OMM,JIT,JIMMA 11

You might also like