You are on page 1of 11

Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

YEROON SUN JALA GA’EERA!


Yeroon sun jala ga’eera, hirribaa kan itti dammaqnu, fayyinni amma nutti dhihateera, yeroo itti amannee irra kan caalu. Kanaafis
kottaa hojii dukkanaa of keessaa baafnee in ganna, miya ifaas in uffannaa.Rom13:11Jechoonni Kun dhufaatii yesuus kiristoos
kan eeggatan saba humna addaatiin kan kakaasaniidha. Addunyaan keenya waan bor ta’u wallaaluu irraan kan ka’e yemmuutti
naasuu cimaan liqimfamtu ijoolleen waaqayyoo yericha beeku. Namni ademsa guutuu addunyaa godhu karoorawwan adeemsaa
fi kaartaa qabateee deema.innis kutaalee adeemsaa kamiin akka xumuree fi buufatalee kam akka isa hafan gaarii godhee beeka.
Wantoota salphaa fi xiqqaa fakkaatan hundumaaa of eggannoon waan hordofuuf guutuummaa adeemsa isaa sirritti
xumura””Dhiphina Bara Booddeef Qophaa’uu, Fuula 9.Ijoolleen waaqayyoos gara galma isaanii isa dinqisiisaa fi isa
xumuraatti adeemsa gochaa jiraniif baay’ee gaarii kanta’e kaartaa macaafaaqulqulluu fi sirrii kan ta’e qajeelfama
adeemsaakaka’umsa hafuuraa ka barreeffaman sagalee raajii qabu. ibid dhiphina bara booddeef qophaa’uu,fuula 9
Raajii daani’eelii fi xumura baraa
Mee macaafa Daan.2 (lama) guutuu haa dubbifnu. Abjuu Nebukadnezaar Daan. 2:1-24
1 Mataa fakkeenyichaa Warqee Mootummaa Baabiloon Bara 606-538

2 Qomaafi irree isaa Meetii Mootummaa Meedoniif Fares Bara 538-331


3 Mudhiifi garaa isaa Sibiila diimaa Mootummaa Giriik Bara 331-168tti

4 Jilbaafi hojjaa isaa Sibiila Mootummaa Roomaa Bara 168-476tti


5 Qubeetii faana isaa Sibiilaafi suphee Mootummaa Gargar Hirame Bara 476amma bara har’aatti

6 Dhagaa isa garaa -------------------- Mootummaa Yesuus Isa Bara


dhufe Baraa
Kaayyoon boqonnaa kanaa tartiiba seenaa addunyaa ergaa ibsee booda waa’ee mootummaa yesuus isa bara baraa dubbata. Mul
21:5 Dan.7=8, 27 Isay 66=22 Kunoo ani dafee nan dhufa, kan dammaqu galateeffamaa dha.Mul 16=15, 22=11, 12
 Mataa warqichaa kan ta’e, m/baabiloon dh.k.d.bara 606-538tti ka tureedha. Fakkeenyi qoma isaa inni meetiin, m/meedonii fi
faares yemmuu ta’u innis Dh.K.D Bara 539-331 kan tureedha.
 Mudhii fi garaa isaa inni sibiila diimaatti fakkeeffamu Mootummaa Giriik Dh.K.D 331-168ttikan tureedha.
 Jilbii fi hojjaan fakkeenyichaa Mootummaa Roomaa isa waaqa hin beekne Dh.K.D 168-Dh. K.B.476ttitureedha.
 Qubeettiin miila fakkeenyichaa inni sibiilafi supheetti fakkeeffameu mootummaa gargar hiramee yeroo taa’u innis bara 476-
hamma seenaan bara har’aatti kan jiruu dha. Kan hubatamuu qabukaartaa deemsaa deemsa saba waaqayyoo gargaaru
keessaa kun tokkoodha.Kanatti fufee kan jiru, bara mootummaa kana booddees waaqni waaqa mootummaa tokko ni kaasa,
innis mootummaa bara baraati, Dan. 2=45 harki utuu hin tuqin dhagaan gaaaraa konkolaatee fakkicha hurreessu kun
kiristoos yesuusiidha. Abdii saba waaqaa isa eebbifamaa dha (Titos 2; 13).Isa Alfaa Fi Omega Ta’ee Dha. (Mul 1:1-3)
bakkalcha barii sana, urjii bariisisu (Mul 22:16) mootummaa isaan duraa dabalatee mootonni shaman kun kan saba waaqaa
miidhaa turan ta’uun isaanii beekamaa dha. Haa ta’u malee maccfni qulqulluun abdiin saba waaqayyoo amanamaa akka ta’e
raga guuttuu nuuf kenna. Kanaafuu fakkiin kun daakamanii qilleensa irra tamsaa’uun kan agarsiisu, gaaf tokko ho’a fuula
yesuusiin waanti hundinuu baqanii akkadhuman mul’isa. Har’a waantisaba waaqaa duratti gaara ta’anii mul’atan hundinuu
gaaf tokko niboqu fuula isaanii duraa. Kanaaf inni dhufu sun hamma dhufutti obsaan kadhachuun nurra jira . (2 Phex 3:9,
10; Mul 15:12)Kanaafuu abdii kan qabu hundinuu ofii isaa ni qulleessa abdichi qulqulluu akkuma ta’e (1yoh 3:3). Abdii
qabdanitti gammadaa, rakkina obsaa, waaqayyoon kadhachuuttis cimuun barbaachisaadha.
Daani’eel boqonnaa torba bineensota arfan
Bineensota Arfan Raajii Daani’eel Boq 7keessatti Argamanii Fi Maalummaa Isaanii
Lakk Bineensa Mootummaa kamiin akka inni bakka bu’u Caaffata qulqulluu keessaa eessatti akka argamu
1 Leenca baabiloon Daani’eel 7:4
2 Amaaketa (baa’udaa) Meedoniifi fares Daaani’eel 7:5
3 Qeeransa Giriik Daani’eel 7:6
4 Bineensa baay’ee Roomaa Daani’el 7:7,8
sodaachisaa
Daani’eel 7 keessatti mootummaa arfan dabaree dhaan addunyaa bitanii fi yeroo firdii sakata’uu ilma waaqayyoo argina
(Daan .7:9, 10). Daani’eel 2 keessatti mootummaa baabiloon inni fakkeenya warqee ture Daan 7keessatti ammo leeencatti
fakkeeffama. Daan 2 keessatti Qomnii fi Hirreenisaa inni Meedonii fi Faaresinbakka bu’u Daan 7 keessatti Amaaketa
(Baa’udaatti)fakkeeffameera. Daan 2 keessatti mudhii fi garaan isaa kan ibsu mootummaa giriik Daan 7keessatti
Qeeransatti,Daan 2keessatti Hojjaa fi Jilbiisaa inni mootummaa paagaan roomaa ( roomaa amantiimaleessa ykn
haramaneewwii inni ture Daan. 7. Keessatti bineensa nama sodaachisu bakka bu’a. Daan. 2 keessatti qubeetiin miilla isaa inni
mootummaa roomaa gargar hirmaanne mul’isu, Daan 7keessatti gaanfa xiqqaatti fakkeeffameera. Daan 2 keessatti mootummaa

1
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

hoolichaa inni dhagaa gaaraa irraa foxxoqee dhufee isaa hurreessee Daani 7keessatti jaaraa barootaa (daanyaa) murtii dhaaf
ta’etti fakkeeffamuu isaa hubadhu.
1. Leenca =Baabiloon=Aboo=Ol Aantummaa, Moo’cha
2. Baa’udaa=Meedonii Fi Peershiyaa=Amaloota Amaaketaa
3. Qeeransa=Giriik=Amala Aarii =Tarkaanfii Hadha’aa
4. Bineensa NamaSodaachisu=Roomaa= Fakkenya Hin Qabu.
5. Gaafa Xiqqaa= Phaaphaasii Roomaa= Arrabsuu, Qulqulloota Loluu, Baraa Fi Seera waaqayyoo jijjiiruu yaaluu.
Jechoota dheedhii hubatamuu qaban
Daani;eel 7:1-8 bineensota arfan, Mul 17:bineensa nadhittii baatu, Mul’ata 13:1-10 bineensa galaana keessaa ba’e,
Mul .13:11-18 bineensa gaanfa lamaa

1 Mataa Aboo
2 Galaana Saba
3 Gaanfa Human
4 Bineensa Mootii ykn mootummaa garajabeessa
5 Cirracha Galaana phaaximoo
6 Qilleensa Beela,lola, ari’annaa, waarana
Mataa turban daani’ee 7 fi mul 13 bineensa jalqabaa moototaa humnaan saba waaqaa garboomsaa turannii dha.Mataa
torbaDaani’eel 71, Gibxi (Misir) 2. Asoor 3. Baabiloon 4. Meedoniif Fares 5. Giriik 6. PaagaanRoomaa Amantii
Maleessa) 7. Phaaphaasii Roomaa
Gaanfota kurnan daani’el 7 fi mul’ata 13
1. Italia 2. Jarman 3. Ingliz 4. Faransaay 5. Heerul 6. Astrogoot 7. Vandals 8. Suuzerland 9. Speen
10. Portugal
Baabiloon ykn baabel
Iddoo 3tti Qoodnee Haa Ilaallu.
Baabiloon Durii (Daan4:10) Baabiloon Hafuuraa (Mul 13:1-10), Baabiloon Jabanaa Ykn Ammayyaa (Mul 17:1-)Baabiloon qaama
roomaa fi protestaantota kufaniidha. Kanaafuu gaanfonni kurnan Dan 7fi Mul 13 keessa jiran biyyoota awurooppaa kurnan roomaa
gargar horamte ta’uun phaphaasichaaf human ta’aniidha. Garuu gaanfonni sadii akkuma gaanfa xiqqaan buqqifaman, biyyoonni sadii
roomaa gananiiru. Isanis, Vandals Heerul Fi Astrogoot. Haa hubannu gaanfonni kurnan Mul 17 bineensa isa nadhittii baatu irra jiran kun
addunyaa ishee har’a qaxanaa (corporation) kudhanitti hiramtuu dha. Kanaafuu baabiloon guddittiin baabiloon jabanaa ykn hammayyaa
ishee tokkummaa protestaantota kufaniin utubamtu har’aati. Sababii raajii macaafa kanaa kan dubbisu, kan dhaga’u, isa isa keessatti
caafames kan eegu galateeffamaa dha barichi dhihaateerawoo (Mul 1:1-3). Daani’eel 8 keessatti mootummoota afurii(4) fi
qulleeffamuu mana qulqullummaa argina. 1. Korbeessa Hoolaa –M/ Meedonii Fi Fares 2. Korbeessa Reettii-M/ Giriik, 3. Gaanfa
Korbeessa Reettii –Alexsaandar Guddicha, 4. Gaanfota Arfan Jalaan Biqilan –Jeneraalota Ggiriik5.Gaanfa Xiqqaa –M/ Roomaa Fi
Phaaphaasii Dha. Kana booda qulleeffamuu mana qulqullummaa isa samii argina. Amallee dabaree yesuus Daani’eel 8 gabatee armaan
gadii xiinxaluu yaalla.
Daani’eel 2 Daani’eel 7 Daani’eel 8 Hiika Isaa
Warqee Leenca --------------------------- Baabiloon
Meetii Baa’udaa(Amaaketa) Korbeessa Hoolaa Meedonii Fi Fares
Sibiila Diimaa Qeeransa Korbeessa Reettii Giriik
Sibiila Bineensa Sodaachisu Gaanfa Isa Gidduu Roomaa
Sibiilaa Fi Suphee Gaanfa Xiqqaa Gaanfa Xiqqaa Phaaphaasii
Dhagaa Konkolaatu Qorannaa Murtee Qulqullqaa’uu Mana Mootummaa Kiristoos
Qulqullummaa
Boqonnaa sadan Daani’eel keessaa qorannaa gabatee armaan olii kanaan hubannaa dhaan ilaalli.
Raagaa Raajii Boqonnaawwan Kanaa Haa Ilaallu.
“Ka’umsaa fi kufaatii mootummaa macaafota Daani’eelfi Mul’ata Yohaannis kana keessa waa barachuu nu barbaachisa.Ulfinni
lafaa fi seera maleeyyummaan akkamitti akka mancaa’an. Baabiloon ulfina isaa guutuun addunyaa har’aa kana kan fakkaatu ni
kufe. Humnii fi guddummaan saba yeroosiitti barabaraan waan dhaabbatee hafu fakkaatu akkamitti akka manca’e akka daraaraa
fi fixeensa margaa (Yaq 1:10). Mootummoonni Meedoniifi Fares ,Giriik Fi Roomaadafanii badan. Kan dhaabbatee hafe isa
jabaa hundee waaqayyooqofa (2Xim2:19). Kan hin darbine kaayyoo fi amala waaqaa fi ibsa isaa qofaa dha. Qajeelfamni isaas
waan addunyaan beekuu qabduu dha. “Prophets and Kings, Page 548Mootummoonni jajjaboon addunyaa tokko godhanii
bulchan raajicha daani’eelitti mul’ifaman akka bineensota gurguddaa galaana keessaa ba’anitti yemmuu qilleensonni waaqaa
arfan galaana guddicha irratti walitti bu’an.Daani’eel 7:2;Mul 1 7keessatti argaman waaqa bishaan saba baay’ee akka bakka
bu’uibseera. Afaanota baay’ee, ormoota baay’ee akka ta’e (Mul 17:15). Qilleensi waaqaa arfan sunis warri galaana irratti walitti
bu’an sochii mootummootaa, weeraraa fi hafuura waraanaa ittiin aangootti ba’an mul’isa. GC (Dhama’iinsa Guddaa Fuula

2
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

439)“Ifaa fi wal-fakkaatina Daan 2 fi 7 kanaan mootummoonni arfan Daan 7mootummoota arfan Daani’eel 2akka ta’an
hubachuun ni dandaa’ama. Akkuma kana duraa dubummaa fi turtii mootummoota kana booda mootummaan hin badne kan
waaqayyoo akka hundaa’u, warri kaanis akka darban ni hubatama.”PL(principle of life, 199). Garuu ijaaramni mootummaa
waaqaa inni guutuunii fi ulfina qabeessikun hin raawwatamu hamma deebi’ee dhufuu yesuusitti. “Mootummaanii fi aangoon,
guddinni mootummaas qulqulloota abbaatiin kennama. Isaanis mootummaa haaraa isaaniif qophaa’e ni dhaalu. Biyyi lafaa utuu
hin hundeeffamin dura ( Daani’eel 7:27;Maat 24;34; Mul 21:1-4).Kiristoos aangoo isaa deebifatee baraan ni moo’a.
MB(Mount of Bleesing /GaaraEebbaa, Fuula 159).“Karaa milikkiteeffadhu yommuu adeemtu, karaa irra millikkitni jirus
ilaalikan irra baate. Guutummaa barootaa keessatti maalfaa akka raawwataman. Mootummoonni arfan kun har’a eessa jiru?
Karaa milikkitteeffadhu isa guddaa mallattoowwan raajii guutummaan deemsa akka raawwatame.”PL( principle of life fuula
201)
Daani’eel 8irratti qorannaan keenya mata duree dhugaa lageen lamaatiin itti fufa.
Dhugaa lageen lamaanii the end time (Daani’eel 11:40-45), Daani’eel 8:2 fi
Daani’eel 10: 4Saba waaqayyoo dura waanta qabatamoo lamatu jira.
1.Xumura seenaa addunyaa kanarratti ulfina saba waaqayyoo eeggatu.
2.Hmnootni gantootaa, mormitootni dhugaa yeroo xumuraa kanatti ari’atama isaan saba waaqayyoo irraan ga’anii dha.
“Ulfinni samiitiif dur- kanture seenaa ari’annaa wajjin yeroo wal-makatu lafattii kanarra kan jiraatan sabni waaqayyoo
shaakala isaan qaban irratti yaada kennuun hin dandaa’amu.”9T14“Daani’eel gooftaa biraa kan fudhate ifni keessumattuu
guyyoota gara xumuraa kanaaf kan kennamanii dha. Qaamman bishaanii gurguddoo lamaan ULAAYI FI HIDEEQEL biratti
kan inni arge mul’atni amma adeemsa xumuraa rratti argama. Raajii achi keessatti dubbatames yeroo dhihootti xumurama.
TM112fi113 Laga ulaayi Daani’eel 8:2Mul’atni daangaa laga ulaayi mul’ata daani’eel saddettitti . Kunisdaani’eel 8:14 irratti
akkuma barreeffame bara 1844 kan jalqabame qulleeffamuu mana qulqullummaa agarsiisa. Kunis amma adeemsa xumuraarra
kan tajaajila.
 Ulaayi gara galaanatti yaa’ee dhaabbata.
 Haaluma wal fakkaatuun kiristoos mana qulqullummaa samii kutaaa qulqulluu qulqullootaa keessatti gochaa kan
jiru tajaajilli akka raawwatuuf adeemsi wangeelaa bara baraas hojii saa dhaaba. Cufamuun balbala araaraas yeroo
kana ta’a. ( Daani’eel 12:1)Mul’atni biraan amma adeemsa irra jiru mul’ata daani’eel daangaa sagal hideeqeetti
arge(Daani’eel 10:4) keessumattuuDaani’eel 11 lakkoofsota ja’an gara xumuraa (Daani’eel11:40-45).Hideeqel gara
galaanatti yaa’ee adeemsa isaa dhaaba. Haaluma wal fakkaatuun mootiin kaabaa gara xumuraatti yeroo xumuraatti dhufu
homtinuu isa hin gargaaru ( Daani’eel 11:45). Seenaan Daani’eel boqonnaa 11 as irratti xumurama. Yaa’aaan hundinuu
gara galaanaatti yaa’u.
 Lallaba 1:7 lageen kun lamaan gara galaanaatti yaa’u.
 Lageen kunii fi galaanonni kun fakkeenyoota.
 Laga ulaayi- gara galaana Biliilleetti yaa’a, (Mul 15:1-4). Kun kan agarsiisu bineensicha, mallattoo bineensichaa fi
lakkofsa maqaa isaa kan moo’atan qulqulloonni waaqaa faaruu galataa lafa itti dhiheessan fakkeenya wal-ga’ii tsiyoonii
dha.
 Hideeqel- ammo gara galaana ibiddaatti yaa’a (Mul 19:20). Kun kan agarsiisu jawwichi, bineensichii fi raajonni
sobduunii fi duuka buutotni isaanii wajjin yemmuu dhufaastii kiristoos akka du’aanii fi reeffi isaanii bineensa
caakkaatii fi allaattotaaf nyaata akka ta’u agarsiisa.
Gara galaana ibiddaatti galuun isaa kan sanyii namaa yeroon araaraa daangaa isaa irra akka darbee fi qulqulloonnii fi
cubbamoonni bara baraan adda ba’uu isaanii kan agarsiisu ergaa of keessaa qaba. Oo! Daangaa waan barabaraa fi waan yeroo
addaan qooduurra dhaabatee abbaan murtii qajeelaan sun sagaleesaa ol kaasuun “ baay’ee guyya’e “ jedhee yeroo dubbatu
boo’ichi guyyaa sanaa afaan maaliitiiin ibsama? Inni ball’aan balballi samii yeroo hundumaaf banamee ergamootni waaqarraas
gara-laafummaan gaafatanii akkasumas afeeraniiru. Kan dheebote hundinuu haa dhufu, kan jaallate bishaan jirenyaa haa dhugu (
Mul 22: 17). Har’a sagaleesaa yeroo dhageessan garaa keessan hin jabeessinaa!!! Garuu xiqqoo turaan labsiitu dhufa. (In
heavenly place fuula 362) cimdii lama kan ta’an seenaan kanaa mul’ata boqonnaa 14 keessatti ergaa ergamoota sadaniitiin
hubatamaniiru.
Kaayyoo ergaa ergamoota sadanii.
 Adeemsa wangeela bara baraa mana qulqullummaa samii keessatti adeemsifamaa jiruyeroo murtee wajjin saba wal barsiisuu
qofaa hin taane, yeroo xumuraa kanatti ergaa kanaan kan mormu human diinaa addaan baasee kaa’a.
“Kutaaleen macaaqulqulluu hundumtuu walitti qabamanii kan xumuraman macaafa mul’ataa keessatti. Xumutrri macaafa raajii
daani’eelis akkuma kana.Daani’eelii fi mul’atni inni tokko raajii yeroo ta’u inni kaan mul’ata. Tokko mallattoodhaan kan cufame
yoo ta’u, tokko immoo akka hin cufamne godhameera. Mallattoodhaan macaafa raajii daani’eel. Ergichis daani’eeliin akkana
jedhee abboome, “ati yaa daani’eel dubbicha dhoksi, mallattoos itti godhi hamma bara dhumichaatti, daani’eel 12:4,”(acts of
apostle fuula 585).
 Laga Efraaxiis( Mul’ata 16:12)
 Laga Bishaan Jireenyaa( Mul’ata 22:1-5)

3
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

Inni gogu lagni efraaxiis yemmuu dhufa kiristoos isa lamaffaatti gati dhabeessi waaqeffannaan baabiloon kassaruu isaa kan
agarsiisuu dha.
Lagni bishaan jireenyaa“wangeela bara baraafudhatan jechuunis tajaajila kiristoos mana qulqullummaa samii keessatti
raawwachaa jiru hafuuraan kan amanamanii fi kan itti dhimma ba’aa jiran gatii isaanitti gammaduuf jiran irraa hafaa kan ta’an
bishaan jireenyaaa agarsiisa.”har’a amanamummaa bishaan jireenyaatti dhugne isa xuraa’ee ffi isa alaaa’e laga efraaxisitti warra
dhugaan waamnee gara burqaa tola yesuusitti isaan fidu qabna. Har’a lageenkun lamaan seenaa ulaayii fi hideeqel maal nu
gargaaruu? Macaafni daani’eel fi mul’ataa sirritti yoo hubatamaan amantootni shaakala amantii adda ta’e ittiin argatu/ qabaatu. “
( The Faith I Live By, Fuula 345)“Gidduu keenyatti inni dhugaan dadammaqinni amantii wantoota nu barbaachisan keessaa isa
olaanaa dha.kana fedhuun/ barbaaduun hojii keenya jalqabaa ta’uu qaba. (1SM Fuula 121)
“Macaafni yemmuu banamu labsiitu labsama. Si’achi deebi’ee barri akkahin taane ( Mul 10:6).Amma maccfni daan kan cufame
miti. Kiristoos biraa gara daan kan dhufe mul’atni lafa irra kan jiraatan hunda qaqqaba. Sabni waaqayyoos gara dhumaatti
beekumsi hin baay’ata raajii jedhuuf qixa’aanii dhaabbatu.” (2SM105)“ waaqayyo saba isaan kan qopheessaa jiru baayyachuun
beekumsa phaaphaasichaa fi sanbata isaa isa sobaa ilaalchisee beekumsa ijoolleen waaqayyooqabaachuu qaban agarsiisa.
“daan.11:40-45 mootiin kaabaa sun phaaphaasii waan ta’eeef.”
Waanti Nuyi Beekuu Qabnu Maali?
“Waaqayyo raajii dhaan dursanii kan raawwatamaa turan hundumaa duraa duubaan akka raawwatamaniif fuuldurattis kan
raawwatamuu fi jiran taateewwan raajii wal- duraa duubaan kaa’eera.raajiin waaqayyoo daani’eel iddoosaa dhaabbata,
yohaannis akkasuma. Mul’ata yohaannis keessatti kan ibsame leencichi yihudaa (Mul5:4, 5)qorattoota raajiitii fi dhoksaa
macaafa daani’eelii fi mul’ata baneeraaf.kanaafuu daani’eel iddoosaa dhaabachaa jira.
Hamma ammaatti fuula keeny duratti raawwatamuuf kan jiran beekuu kan qabnu waaqayyo mu’ataan kan ibse taateewwan
kabajamoo fi gurguddoo ta’an ergaan kun of keessaa qaba. 2SM16:9 Abboommonni waaqayyo guutuu guutummaatti abdii of
keessaa qabu.” Nuyi taateewwan beekuu akka qabnu yeroo nu abboomu, taatewwan kunis beekamanii hubatamnaan abdiin waan
kennameef kan dubbisu galateeffamaadha. Daani’eel dabareedhaan kan fudhate dhugaa yeroo inniitti nama hundumaaf hiruu
dhufeera. Kanaafuu dura kan akkasaatti ta’ee kan hin beekne barri gidiraas dhihaateera. Daani’eel ka kenname ifni yeroo itti
guutummaaa biyya lafaa ga’u waaqayyo baay’ee kan isaannif hojjete namootni ifa kanaan yoo deddeebi’an gara xumura seenaa
addunyaa kanaatti ammama dhiyaachaa deemna kiristoosii fi dhimma kiristoosiin ilaallatu irratti beekuma raajii caafameetiin
baay’ee itti dabalaa adeemu. (SDA Bible Com. Vol 4PP 1174)“Macaafni raajii Daani’eelii fi mul’anni qo’annaa fi xiixala addaa
nu gaafata.” (Education 191). Macaafni raajii daani’eelii fi mul’ata yohaannis qorachuudhaaf seenota achi keessa jiran beekuufis
fedha guddaatu jira.”(Evanglism363).
Seenaa laga hideeqel bal’inaan
Daani’eel 11:40 irratti barri booddee bara 1798tti eegala. Barri 1798 taateewwan gurguddoo sadiin (3) hubatamuu qaba.1.
Xumura guyyaa 1260 2. Seenaa madaa’uu bineensichaa (du’a phaaphaasii roomaa isa xumuraa) 3. Kan hoolaa gaanfa lamaa
(ameerikaan akka mootummaatti dhaabbamu)
 Mootii kaabaa : Hiika duriitiin mootummaa baabiloon ammaa yemmuu ta’u, hafuuraan immoo fakkeenya waldaa
Kaatolokii Roomaati.
 Mootii kibbaa: Hiika duriitiin mootummaa Misir yemmuu ta’u, akka hafuuraatti garuu Misir jechuun biyyoota
waaqayyo hin jiru jechuu dhaan saayinsii Darwin hordofan bakka bu’a. Isaanis, biyya Faransaay, tokkummaa Sooveet
fa’i.
Konkolaatota, abboota fardeenii fi bidiruu baay’een= qabeenya dinagdeen guddate Ameerikaa fi roomaan sooveetiin balleessuuf
fayyadamanii dha (Daani’eel11;40,41). Kunis Bara 1991 tokkummaan Sooveet kufe. Biyya ulfina qabeessa: Hiika duriitiin
kutaa biyya Filippeensi keessaa teessoo israa’el yeroo ta’u, hiika hafuuraatiin biyya ulfina qabeettii Ameerikaa dha. Eedom,
Mo’aabii fi Amoon= Hiika duriitiin firoota israa’el yemmuu ta’an, akka hafuuraatti garuu labsii ergaa ergamoota sadaniitiin
amananii dha.
Raajii Daani’eel 11:42
 Gibx ykn Misir =guutummaa biyya lafaa lafaati.
 Misir hafuuraa= biyyoota sooshaaliizimii hordofanii dha.
Raajii Daani’eel 11:43 Liiibiyaa fi Kuush
 Liibiyaa = fakkeenya biyyoota dinagdeen booddeetti hafaniiti.
 Kuush = fakkeenya biyyoota duroomaniiti.
Raajii Daani’eel 11:44
 Baha biiftuu = fakkeenya yesuus kiristoos
 Oduu baha biiftuu = lallaba kiristoosiif lallabamu ibsa.
 Gara bitaa = lallaba ergaa ergamoota sadaniitiin wal dhabdee humnoota sadan gidduutti ta’u. Isaanis bineensicha,
jawwichaa fi raajicha sobaa bakka bu’u.
Obboloota ko goonftaan tokko taanee akka hojjennuuf nu waama. Daani’eel akkuma godhe fedha keenya hojiisaarra godhachuu
nurraa fedha. Macaafni raajii daani’eel fi mul’atni yohaannis wal bira qabnee qorachuu dhaan eebba gurguddaa fudhachuu

4
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

qabna. Daani’eel raajii qoratee hiika isaanii beekuufis, fedha qabaatee ifa samiitiif soomee kadhate. Ulfinni waaqayyos
hammainni baachuu danda’uun olitti ibsameef. Nuunis hanganuma ifa waaqaa nu barbaachisa. Waaqayyo ergaa of eeggachiisaa
isa xumuraa akka labsinuuf nu waameera. Xiyyeeffannaan saba waaqayyoo gara oduu fi yaada akkasumaatti akka goruuf
kallattii baay’ee dha sagaleen dhaga’ama.malakataaf sagalee addaa kennuu barbaachisa. Waan fuula keenya dura jiru walakkaa
illee hin hubatin jirra. Macaafonni daani’eelii fi mul’atni yohaannis kadhata garaatiin qoratamnaan balaa yeroo dhumaa keessa
jiran jalaa ba’uuf haala fooyya’aa ta’een beekuma qabaachuuf fuula keenya dura hojii jiruuf akka qophoofnu nu godha.
Kiristoosii wajjin walii galuu dhaan daandii inni barbaadu irra hojjechuuf qophaa’uu qabna. (R&H guraandhala 9,1897).
 Iyya xiqqaa =guungummii mana adveentistii har’aa keessatti.
 Iyya guddaa = mootummoonnii fi macci lafaa kan dhaga’an jechuu dha.
Plan of salvation (karoorafayyinaan kanmorman = bineensicha, jawwichaa fi raajicha sobaa dha. Mormituu naahimiyaa =
geershem arabicha, xoobiyaa fi sanbalaxitu ijaarsa mana ququllummaan mormaa ture. 2 Saamu’eel 8:1 (Mormitoota
Daawwit) Naah 4:1 (Mormitoota Naah). Maat 27:1 (Mormitoota Yesuus Kiristoos) Mul’ata 26: 13(Mormitoota Waldaa
Xumuraa)2Seenaa Baraa :Humnootni sadan mormii ijaarsa mana qulqullummaaf ga’an isaan hin godhu. Har’as immoo mormii
dhugaa rratti ka’uuf humnootni sadan seenaa isaan hin xumursiisu. Human 4ffaa yoo dabalatn malee, innis mootummaa
Ameerikaa ti. Bara 1798 raa madaa’uu bineensichaatu raawwatamate. Gochi kun phaaphaasi Roomaa Generaala Faransaayi
Naappooliyoo jedhamuun yeroo qabamee hidhame raawwate. Bara 1929 madaa bineensichaatu fayye (Mul’ata
13:15).Raawwatama kanaa fi gocha kana kan nuuf mirkaneessu vaatikaan magaalaan xixiqqoon phaaphaasota Roomaaf
kennamuu dhaani.
Madaa bineensichaa: Aangoo amantii hogganuu dhabuu phaaphaasiiti.
Fayyuu madaa bineensichaa = Aangootti deebi’uu mootummaa phaaphaasii.
Mul’ata 13:1 Cirrachichi = Kutaa biyya israa’el- odola phaaximoo
Galaana = Ardii Awurooppaa ti. Akkasumas uummata hedduminaan jiraatuu dha.
Jawwichi nadhittii dheekkamee kan hafan sanyii isheetiin loluu dhaqe abboommii waaqayyoo kan eeganuu dhugaa yesuus
kiristoos kan qabanuu (Mul 12:17).
Waldaa Haftuu Kanaaf Lola Dura Ishee Jiru
1. Waldaa kakuu moofaa: “walda dhaala waaqayyootti mandara harkisaa ijaare. Biyya lafaa jallinaan guute kana keessaa kan
inni qabu. Miidhamni waldaa isaa kan irra ga’uu isaa kana irra ga’u isa irra akka ga’etti ilaalama dhiiga ilma isaa
tokkichaatiin sanyii namaa cubbuu jalaa kan bite. Jalqabaa kaasee namoonni amanamoon waldaa biyya lafaa irratti
hundeessan. Baroota hundumaatti waaqayyo ilaaltuu ykn eegdota qaba dhaloota keessa jiran keessatti dhugaa isaa ol qabuuf
kan fedhan.qulqulloonni kun ergaa akeekkachiisaa kennaniiiru, yemmuu kan waaqayyoo mi’a lolaa akka hidhataniif
waaman. Kan biroonis itti aananii (fufanii) hojiicha fuudhan. Waaqayyos dhuga ba’umsa kana gara kakuu walitti dhufeenya
isaa fi saba isaa gidduu jiruutti fide. Waldaa lafa irra jirtu kanas ishee samii wajjin tokko godhe. Kanaafuu balbaloonni
gaanamis waldaa isaa irratti jabaachuu hin danda’an.”AA/Acts of Apostles, Fuula11).
Sagada (Waaqeffannaa) Bara Abbootaa)
Waadaa Fayyidaa Akkamiitu Edenitti Kennamee Ture? Uumama 3:15
Addaamii fi maatiin isaa erga jannata keessaa ari’amanii booda iddoo kam fa’itti waaqaaf sagadaa turan? Dirreen jannataas erga
namni iddoo gammachuu kanaa ba’anii booda akkasumaan hafte. Sanyiin nama kufee kunis bara dheeraaf abdachiifaman gara
mana isaanii jalqabaatti utuu hin deebi’inergamootaan akka eegaman. Iddoo kanaa kaaseeti addaamii fi maatiin isaa waaqayyoof
sagaduutti Kan dhufan. Iddoo kanattii dha kakuu abboomamuu isaanii kan haareffatan seera isaa irra daddarbanii jannata
dhaban. (Pp/Patriach&Prophets, Fuula62).
Abrahaamis Bakka Deemu Hundaatti Maal Faa Ijaaraa Turee?
“Abraham michuun waaqayyoofakkeenya ulfina qabeessa kaa’eera. Innis jireenya kadhataa ture. Iddoo itti dunkaana isaa
buqqifatee adeemu hundaatti iddoo aarsaa ijaara ture. Maqaa aarsaa ganamaa fi galgalaa jedhuunis ni waama ture. Dunkaanni
isaa yeroo inni achii ka’u iddoon aarsaa Kun ni hafa ture. Waggoottan itti aananitis warri kana’aan isa irraa qajeelfama fudhatan
gara iddowwan aarsaa karaa keessaa isa tokko yommuu dhufa, iddoon Kun ni beekama ture duraan eenyu akka achi ture.
Kanaafuu yommuu dunkaana buqifatu hundumaa iddooaarsaa isaa, achitti in dhiisa ture. Achittis waaqayyoof sagadamaa ture.”
(PP/ patriarchs and prophets, page 128). Abboonni akka nutty agarsiisanitti aarsaan Kun eenyuuf dhihaataa ture? Hojii
ergamootaa 10:43. Yesuus dubbatee ture dubbii waaqayyootiin Kan morman hundinuu akka isaan mormaa jiran. Fuulota
caaffata qulqulla’aakamirratti, seenaas yoo ta’e (raajii), sagaleenkakuu moofaa ulfina ilma waaqayyootiin kanguutee dha. Kana
irraan kanka’es ijaaramni saba yihudaa, guutummaan haala jiruu fi jireenya yihudotaa raajii wangeela calaqqisaa ture. Raajiin
macaafa qulqulluu hudinuu kiristoosiin nu agarsiisu turan (HOE1043). Abdii addaamiif kennamee kaasee, tooraa fi tarkaanfilee
fayyisaa keenyaatiif karaa banaa ture. Kunoo urjiin jaallatamaan beetaliheem, akka wantoota fuldurattiif karaa haranitti adeemsa
dhoksaa kanaaf aarsaan dhihaatukam irratti duuti yesuus mul’achaa ture. Duumessoota garaagaraatiin tolli isaa ol ka’a ture.
Malakatoota (fiingeewwan) afuufaman hundaan maqaan isaa dhageessifamaa ture. Iddoo callaqqisaa sana dhoksaa iddoo
qulqulluu qulqullootaa keessa ulfina isaatu ture. “DA/Desire of ages, page 211).
Waldaa Lafa Duwwaa (Onaa) Irratti (Keessatti) Hojii Hergamootaa737, 38

5
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

Kana booddees museen siinaa lafa duwwaa dhaa gara gubbaatti olwaamame. Waaqayyoon akka arguufkophaa isaas gaara
siinaatti ol ba’e gara duumessaa isa mallattoo mul’ina waaqayyoo ta’ettis dhihaate. Israa’el yemmuu sana booda gara walitti
dhufeenya gadi fagootti gara saba waaqaaf addaan ba’uutti dhufan. Akka waadaa waaqayyoottis ijaaraman mootummaa
waaqayyoo jalatti museenis gaara gubbaadhaa gara waldaa ijoollee israa’elitti gadi bu’e. Jaaarsolii israa’eliniis waammate.
Kakuu ergaa addaa isaanitti himuudhaaf deebiin isaaniis waanta waaqayyo nutty dubbatu hundumaa ni goona, kan jedhu ture.
Kanaadha kakuu gadi fagoo isaan waaqa wajjin galan. Waaqayyoonis akka geggeessaa isaanitti fudhachuun aangoo waaqaatii fi
miira fooyya’aa qabaachuuf gaafataman”(PP/Patriachs and prophets, fuula303)1Qor10:4; nah 918
“Amalli bulchiinsa israa’el gara caalu amala qindoomina guutuu qabuu toora qabeessummaa isaatii beekamaa ture. Qajeelcha
waaqayyoos utuu wal irraa hin citin itti fufiinsaan qindoomina hojii waaqayyoohundumaa keessatti mul;ataa ture. Waaqayyo
giddu galeessa aangoo fi bulchiinsa israa’el ture. Birmadummaa israa’el hundumaa keessatti museenis dibata waaqaatiin
geggeessaa har’aa bor isaan dura dhaabbatu ture. Seera waaqaatiin isaan qajeelchuuf maqaa waaqayyootti jaarsolii gosoota
israa’el 12’n keessaas mariin Nama 70 fo’ame Musee gargaaruuf walii gala Saba isiraa’el hundumaa irratti. Kana booda
luboonni filamanman qulqullummaa keessatti waaqayyoon Kan tajaajilan. Angafooni firdiis gosoota hundumaa ni bulchu turan.
Kana jalattis angafoonnio shantamaa, kudhanii fi geggessitoonnio addaaddaa amaleeffataman dirqama addaati” (PP Fuula
374). S.lakk. 21:7-9; yohaannis 3:14, 15“Bofni sibiila diimaa inni fannifame sun israa’eliin barumsa barbaachisaa ni barsiisa
tue. Madaa bofaan hiddamuu isaanii irraa of fayyisuu hin dandaa’an turan. Waaqayyo qofatu isaan fayyisa ture. Fayyinni waaqaa
isaaniif qopheesseef amantii agarsiisuun yoo isaan irraa barbaadamellee jiraachuudhaaf gara boficha isa fannifamee ilaaluu qabu.
Bofcha keessa wanti tokko akka hin jirre beeku turan. Garuu bofichi fakkeenya kiristoos ture. Barbaachisummaan amantiis
fayyidaa yesuus laatu keessatti gara yaada saaniitti dhihaata ture. Waaqayyos amma isaanii barsiisuu barbaadee arsaan isaanii
mataan isaa human akka hin qabne boficha sibiila diimaa sana caalmaa garuu yaada isaanii gara kiristoositti ni qajeelcha ture.
Aarsaa cubbuuf dhihaatu isa guddaa.(pp)
Kiristoos Kakuu Moofaa Keessatti
 Uumaa waan hundumaa (Yoh1:1-3;Qol1:16;17)
 Bara baraankan jiraatu (Nah 9:6;Ibr1:3)
 Boojuu jalaa kanfuru (Nah9:11)
 Seera barabaraa kan kennu (Nah9:14;15)
 Maannaa fi bishaannkan keene (Nah9:15)
 Hoolaa waaqayyoo (Isay53:6;7;Yoh1:29)
 Barreessitoota kakuu lamaaniin kandubbate (1 Phex1:10,11; Uuma5’6; Erm23:6)
“Mul’ata kana hunduma keessatti humni addaa inni mul’ate ulfinni waaqayyoo karaa kiristoos yesuus calaqqisiiifame. Yeroo
yesuus qaamaanmul’ate qofaa utuu hin taane, baroota kufaatii hamaa fi abdiin furamuu galame keessa. Waaqayyo abbaan
kiristoos keessa ture.ardii kanas haaressee gara ofii isaatti deebisuuf (2Qor 5:19).Kiristoos hundee figiddu galeessa aarsaa
dhihaatuu ture bara abbootaas, bara yihuudotaas. Maatiin keenya jalqabaa (addaamii fi hewaan ) cubbuutti erga kufanii asitti
walitti dhufeenyi kallattii namaa fi waaqa gidduu hin ture. Abbaanis ardii kufte kana dabarsee harka kiristoositti kenne. Karaa
hojii giddu-galeessummaa yesuus namni akka furamuuf. Walitti dhufeenya samii fi sanyii nama hundinuu karaa yesuus qofa.
Innis ilma waaqaa isa maatii warra jalqabaa sanaaf waadaa (kakuu)furamuu laatee dha. Isa mataa isaatti kan abbaa ------akka
addaam, nohii, abrahaam,yisihaaq,yaa’iqoobii fi musetti kan of mul’ise,wangeela irraa kan hubatame.Isaanis, fayyuu namaa
ilaalaniiru. Karaa bakka bu’aa sanyii namaa sana. Qulqulloonni kakuu moofaa keessa turan kun fayyisaa keeny isa foon ulfatee
gara lafaa dhufuuf jiru kanaa wajjin wal-arganiiru. Kaan isaaniis kiristoosii fi ergamoota isaa wajjin dubbataniiru. (PP366).
Wangeela Kakuu Moofaa Keessatti
1. Phaawuloos wangeelli isaan sanatti lallabameera kan jedhu eenyuu fa’i? Ibroota 4:2
2. Wangeelli maaliif israa’eloota darban hin buufne? Ibroota 4:2
3. Wangeelli phaawuloos ibrootatti lallabu kun wangeela kamiidha? Roomee 1:16
4. Karaa wangeela kanaa maaltu mul’ate? Roomee 1:17
5. Tolli waaqayyoos karaa wangeela kanaa mul’ifame. Wangeella kakuumoofaa fi kakuu haaraa wal-bira qabii ilaali.
Waldaa Kakuu Haaraa Keessatti
“Jaarraa ari’annaa keessatti wal dhabdee fi baroota dukkanaa keessatti waaqayyo waldaa isaa kunuuunsee qusatee argeera.
Wanti hundinuu akka inni akee ketti raawwataman. Innis waldaa isaa hin dhiifne kana hundumaaf jedhee. Garuu akkaataa
raajonni dubbatanitti waanti hundinuu raawwataman. Wantootni dhufan hundinuus akkaataa raajonni hafuuraan geggeeffamanii
dubbataniin ture. Kaayyoo isaa hundumaatu bakka ga’e. seerri isaas teessoo isaa waliin ol qabame. Humni hamootaas isa
balleessuu hin dandeenye. Dhugaan waaqaayyoon dubbatame waaaqayyoon eegame. Mormitoota isaa irrattis sagalee moo’ichaa
dhageessise. Bara dukkanaa’ummaa hafuuraa keessa illee waldaan waaqaa biyya gaara gubbaatti dhaabame taatee mul’atte.
Baroota gara barootaatti karaa dhaloota milkaa’anii(moo’atanii) inni qulqulluun dookteriiniin samii warra isa qabataniin
mullifameera.”(AA11-12) Mat 16:18; 18:17; Mar3:14-18.
Tarkaanfii jalqabaa fudhatamuudhaaf hundeeffamuun waldaa kiristaanaa kiritoos biyya lafaa kana irraa yemmuu ol ba’ebakka
bu’oota isaa lafairratti dhiise. Mana qulqullummaa israa’el isa baasii guddaan ijaarame utuu hin taane, fayyisaan keenya bartoota

6
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

isaa gara bakkeewwan ofii isaa filatetti geggeessaa sammuu isaanii shaakala dhoksaa sana milkaa’ina fide wajjin gaareen
mimmiidhagoo fi qarqara galaanotaatti leenjifate. Yesuus bartoota isaa waamee gara biyya lafaatti isaan erguu dhaaf dhuga
baatota godhe. Waan arganii fi waan dhaga’an waa’ee isaa akka dubbataniif., waajjirri hojii isaanii sanyii namaa kan ta’an
hundinuu kan itti waamaman iddoo baay’ee barbaachisaa ta’e lafa duwwaa ture. Sadarkaa lammaffaatti immoo yesuus ciina
taa’anii barachuu dha. Hojjetoota waaqayyoo wajjin hojjetan ta’uuqabu lubbuu olchuudhaaf biyyaa lafaas Akkuma kakuu
moofaa keessati abboonni gosoota esiraa’el kudhaa lamaan bakka bakka bu’oota esira’eel turan.bartoonni kudhalamaanis
bakka bu’oota waldaa kakuu haaraa ta’aani dhaabbatu.( DA/Desire of age )
Hundeffamuu Waldaa KiristanaaMaati 16:16-18; Efs 2:20; 1Qor 3:12
“Dhagaa kanaairratti jedhee yesuus, waldaakiristiyaanaa koo nan ijaaraa jedhe yesuus. Fuula waaqayyoo abbaa duraatti jiraattota
samii fi kan ijatti hin mul’aanne hojjettota balbala sii’ol duratti kiristoos waldaa isaa dhagaa jiraataa irraatti hundeesse.dhagaan
kun isa mataa isaati. Qaama isaa nuuf jedhee kan cabeefi madaa’e. Waldaa kiristaanaa hundee kan airratti ijaaramte balbaloonni
gaanam itti hin jabaatu.” DA 413/ 1Phexros 2:4-8
“Bartootni yesuus bu’uura sirrii (dhugaa) irratti hundeeffaman. Kattaa barootaa irratti. Biyya lafaa keessaa dhufanii hundee kana
irra dhaabamab. Hojii isaaniis kan wal irraa hin citne jabaa ture diina kiristoosiin mormuu irratti. Hindee jibamaa fi soba
akkasumas kan wallaalummaa fi dukkanaatiin warra ijaaraman mormuudhaaf waamaman. Baayyonni akka ijaartota waldaa
kiristaanaatti ibsaman kun warroota bara Naahimiyaafaa waliin wal fakkaatu. Waa’ee isaaniitiif caafamee kan jiru isaan
gimbicha ijaaran,isaan gimbicha marsanii dhaabbatan, isaan hundumtuu harki isaan hojichatti ni dadhaba ture. Warri kaanis
waraana ni qabaatu turan.”( AA596)
‘Mataan nama hundumaa kiristoosi(1 Qor 11:3). Waaqayyo inni waan hundumaa miilla yesuus jala kaa’e ofii isaa mataa waan
hundumaa godhee of kenne. Waldaa kiristaanaatiif ( Efsoon 1:22).Waldaan kiristaanaa kiristoos irratti ijaaramteetti. Ni
abboomamtiifis. Human namaatiinis hin diigamtu, human namaas hin amanattu.” (DA, 414) Mat 23:9
Nadhittii Mul’ata Boqonnaa 12
Nadheen qulqullooftuu fakkeenya waldaa dhugaa, nadheen ejjituun fakkeenya waldaa sobaa. 2 Qor11:2; Hisqel 23: 2-4;
Mul’ata 17:3-6
“Sababoota ifaa ta’an kanaan nadhittii qulqullooftuun fakkenya kana keessatti waldaa dhugaa bakka buuti. Aduun iddoo kanatti
ifaa fi ulfina wangeela jabana dheeraa lakkoofsisee dha. Jiini fakkeenya kakuu moofaa fi seera waaqayyootti ( Daani’eel
12:3).Faarsaa 113:105; 165. Akkuma jiini aduu irraa ergifattee halkan ibsitu, kakuu moofaan gaaddidduu waanta dhufuu ibsa
ture. Kanaafuu jabanni kakuu moofaa gaaddidduu fi ibsa wantoota har’aati. 12nuu gonfoon urjootaas sirrii dhumatti bartoota
yesuus agarsiisu. Jawween guddaan diimaan kan agarsiisu sadarkaa jalqabaatti seexana. Achumaanis kan inni ittiin hojjetu (Mul
12:4,5)” (The Propecies Of Daniel And Revelation )“Samii bakka itti bartichi yohaannis wantoota kana ilaalee ture. Wantootni
kun akka waan isaan samii irratti raawwataniitti hin fudhannu taateewwan kun kan raawwataman lafa irratti waan ta’eefi.
Mul’anni kun isa bartuu yohaannis dura kan darbe akka aduu, ji’aa fi urjootatti akka isaan samiirratti argamanitti kan nu
dubbannu.” Prophecies of Daniel and revelation, fuula 549
Mul’ata boqonnaa 12 bakka sadiitti hirree ilaaluu qabna.
1. Kutaa jalqabaa 12:7-9 Lola samii irratti ta’e.
2. Kutaa 2ffaa 12:1-6 lola waldaa kiristanaa fi seexanaa
3. Kutaa 3ffaa 12:17lola isa nadhittii irratti geggeeffame.
Kutaa Tokkoffaa
Waaqarratti lolli ta’ee mikaa’ellii fi ergamoonni isaa jawwichaan lolanii, jawwichis lolee ergasiis, iddoon isaaf hin argamne,
jawwichi gatamee ergamoonni isaas isaa wajjin. Mul 12:7-9“Seexanni mormii isaaa jalqaba irratti ergamoota waaqaa (urjoota)
harka sadaffaa harkisee. Waaqayyo abbaafi ilma isaa dhiisanii isa duukaa goran. Abbaan mormii jalqabaa saanaa wajjinis tokko
ta’an” (3T115)“Urjoonni waaqa harkifamuun kun sirriidhumatti shakki tokko malee yaada Mul’ata 12:7-9irratti xiyyeeffata.
Boqonnaa kan keessatti kun raga dha urjootni waaqaa harki sadaffaan kun macca ergamoota samii akka ta’an warra seexana isaa
wajjin tokko ta’an, mormii isa jalqaba bittaa samii irratti inni geggeesse irratti warra isaa wajjin yommuu inni gatame duukaa
gataman.” (Prophecy of Daniel and Revelation).
Nadhitiinis ulfooftee, ni iyyitis turte. Ciniinuunis ishee qabeera, nidhiphattis tute da’uu dhaaf. Mul’ata 12:2.
LOLOA LAFA IRRATTI GEGGEEFFAME (MUL 12:1-6)
“Ragaan mucaa ilmaa kana ilaallatu jaawwichi liqimsuu balleessuu kan barbaadu waan tokko qofa nutty mullisa lafa kana irratti
mul’atee kan ture gooftaa keenya yesuus kiristoos gara teessoo waaqayyotti kan ol fudhatame gara mirga waaqaayyoos kan ta’e
namni biraan hin jiru. Garuu aango yesuus kana hundumaa guutee argameera (Efesoon 1:20,21, Ibroota 8:21).Namni biraan
aangoo kana fudhate hin jiru waaqayyo biraa ormoota ulee sibiilaatiin abboomuudhaaf kiristoos malee. Garuu kiristoos hojii
kanaaf moosifameera” Ibid 551 Faarsaa 2:7-9.
Jawwichis Nadhitii Dura Dhaabate, Ergaa Isheen Deessee Mucaa Ishee Liqimsuudhaaf
“Toorri raajii iddoo bu’ee kun keessatti jalqabu mul’ata boqonnaa 12 keessatti jawwichi yemmuu inni kiristoosiin dhalachuuu
isaa irratti isa balleessuudhaaf jedhe. Jawwichi seexana jechuu dandeenya isa karaa Heroodisiin yesuusiin ajjeessuuf isa sochooe.
Garuu angafoonni bakka bu’oota seexanaa nkiristoosiif duuka buutota isaa irratti lola geggeessaniiru jaarraa jalqabaa keessa.

7
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

Yeroo kana paagaan roomaa (roomaa amantii malleessattu ) ture amantii dhiibbaa kan fide. Kana wwichis sadarkaa jalqabaa
irratti kan seexana bakka bu’u, sadarkaa lammaffaa irratti immoo iddo bu’ee Roomaa amanti maleessa (paagaan Roomaa) kan
agarsiisu.” (GC/ Great controversy, fuula 438).
Qajeelfamni macaafa qulqulluu irratti nuuf laatameen guyyaan yeroo raajittiin waaqaa bakka bu’a(Hisqeel 4:6; seera
lakk.14:34). (Prophecies of Daniel and Revelation, Fuula144).
 Daanieel 1:7,25 bara tokko bara lama walakkaa baraa
 Mul’ata 11:3 waggaa sadii fi walakkaa
 Mul’ata 12:6 guyyaa kuma tokko fi dhibba lamaa fi jaatama(1260)
 Mul’ata 13:5 ji’a afurtamii lama (42)
“Waldaan gara lafa onaatti (duwwaatti) baqatte yeroo humni phaaphaasii hundee kjabeeffatee dhaabate bara 538tti. Dubbii
waaqayyoo micciruudhaan tajaajila ergamootaatiin itti fufe yeroo dheeraa bara dukkanaa waggaa 1260 (538-1798)” prophecies
of Daniel and revelation, fuula 553.
Laftis nadhittii gargaaree, afaan isaas jawwich afaan isaa keessa kan buufate laga liqmse. Sochiin protestaantota jaarraa 16ffaa
hojii isaa jalqabe. Waaqayyoo Maartin Luuteriin kaase akka amala phaaphaasotaa isa dhokataa mormee saaxiluuf. Humnoota
phaaphaasii isa ol aantummaa dhaan sammuu uummataa dukkaneesses cabsuuf. Luuteris 95 mormii phaaphaasota Roomaa
waldaa Witenbargitti maxxanse.
Achumaanis prootestantonni lafa haaraa lixa awurooppaa fi ardii haaraa ameeriaa argatan. Ardiin haaraanis ameericaan lagaa
liqimsee jawwichis lafaan isaa keessa kan buufate laga liqimse labsii phaaphaasii. Kana laftis nadhittii gargaaree jechuun
hamma har’aatti gargaarsi isaa itti fufee jira. Akkuma hafuurri hara’umsaatii fi bilisummaan amantii mirkaneeffamaa jiru biyya
uummata addunyaa hogganaa jirtu ameerikaadhaan.
 Lafa- ardii ameerikaa
 Bishaan – labsii phaaphasii
 Liqimsuu – mormuu
 Nadhittii – waldaa ishee ari’atamaa jirtu. (prophecies Daniel and revelation)
Jawwichi Nadhitii Dheekkame Kan Hafan Sanyii Isheetiinis Loluu Dhaqe,Abboommii Waaqayyoo Kan Eeganuu Dhugaa
Yesuus Kiristoos Kan Qabanuu (Mul’ata 12:17)
Fuulduratti yeroo dhihootti arguuf jirra jechoonni kun utuu raawwatamanii yeroo prootestaantonni biyya lafaa fi phaaphaasichaa
wajjin walii galani abboommii waaqayyoo warra eegan irrattti lola kaasna. Afuurri tokkichi yeroo darban keessa phaaphaasota
geggeesse sun protestantotas ni kakaasa hojii wal fakkaataa akka raawwataniif warra waaqayyoof amanamanii barbaadan irratti
(2 ximootewoos 3:12; 5T fuula 449; mul’ata 14:153).“Har’a hambaan waaqayyoo maqaa isaa ulfeessuuf jiru, ergaa of
eeggachiisaa isa xumuraa labsuudhaaf, cidha hoolichaattis namoota afeeruudhaan. Kana isaan yaadaa fi fedha waaqayyoo
raawwatanis bakka bu’oota dhugaa ta’uudhaan.”(3T,Fuula 153).

Haftuun maali? Waldaa haftuu jechuun maal jechuu dha?


“Hambaa, haftuu (small fragmentation). Waldaa haftuu jechuun waldaa yeroo xumuraa kanaaf lafa irra jirtuu dha. Jechi kan
guutummaa macaafa qulqulluu keessatti itti dhimma ba’ameera kutaa waan tokko irraa hafe hin jiru.” (Principle of life, fuula
395).
1. Saba Hafaatti Dubbadhu 1mootota 12:23
2. Mana Yeroobiyaatti Warra Mhafan 1mootota 14:10
3. Mana Yihudaatii Kan Hafe 2mootota 9:30
4. Yerusaalem Keessaa Kan Hafan 2 Mootota 1931
5. Ambaa Dhaaltotaaf Jedhee 2 Mootota 21:14
6. Hafaa Obboloota Isaanii Iziraa3:8
7. Duraa Miliquuf Hafaa Nuu Hambisi Iziraa 3:8
8. Utuu Waaqayyo Hafaa Nuu Hambisuu Baatee Isaayyaas 1:3
9. Mana Yihudaatti Kan Fayyes Isaayyaas 37:31,32
10. Hafaa Saba Isaa Golguuf Isaayyaas 11:11
“Jechihaftuu jedhu macaafa qulqullu keessatti yeroo 82 dhimma itti ba’ameera. Baay’eensaa miira wal fakkaatuun akkuma kana
olitti caqafame. Kutaa hafe yookaan saba hafe waamuuf fayyade.” Principle Of Life, Fuula 396“Sochii adveentistii jalqabaa
keessattis maqaan kun beekamaa dhufe akka waldaa haftuutti kitaabni (Early Writing) jalqabaamaxxanfames dhaabbata kana
yeroo 12 ol haftuu jedhee kaa’a. Saba xumuraa seenaa addunyaa kanaa irra jirtuuf waaqayyos kanaaf akka ishee qopheessaa jitu
mul’isuuf.” (Principle of life, fuula 396)Wangeela waldaa haftuun kun dhiheessitu baroota seenaa abboota keessatti kan
dhiyaataa tureedha. Seerri waaqayyoo bara baraan jiraataa (Faarsaa19:7-9;119:142). Waldaan haftuun ergaa adda ba’umsaa
afur qabdi.
1. Abboommota waaqayyoo guutummaatti eeguu (Mul’ata 14:12; 12:17)
2. Hafuura raajii qabaachuu (mul’ata 12:17;19:10)

8
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

3. Ergaan ishee yeroo sirritti lallabama (fakkeenyaaf guyyaa 2300( daani’eel 8:14)).
4. Ergaa wangeela bara baraati (mul 14:6; maat 24:14).
Keessummaa abboommiin waaqayyoof dhugaan yesuus walfaana dhihaatu waldaa haftuu kanaan. Tokko isa kaan malee dhugaa
walfakkataadha. (principle of life, fuula 396).
Abboommiin waaqayyoof dhugaan yesuus tokko ta’aniiru. Isaanis sirriitti biyya lafaatiif dhihaachuu qabu. 8T, 117
Haftuu: -
 Dhugaa wajjin hafuu
 Amantii wajjin hafuu
 Gantummaa irraa hafuu
 Dukkanaa’ummaa irraa hafuu
 Ari’atamuu irraa hafuu
 Dhugaa barabaraa wajjin hafuu
“Waaqayyo dura jiraachuudhaaf mallataa’uu akka qaban baayyoonni akka hin hubatin ani argeera yeroo dhiphinaa keessatti.
Warren mallattoo waaqa jiraataa jiran, yeroo muddamaa sana keessas eegamuuf jiran murtii fakkeenya yesuusiin guutummaatti
calaqisiisuu qabu.” (Early Writing, Fuula 71) Maat25:10;Mul 7:13-17; Mul 15:2,3“Sabni hambaa waaqayyoo saba jijjiiramee
ta’uu qabu. Firii dhugaa dhihatu kun lubbuu jijjiiramuu fi qulqulla’uudhaan muul’achuu qaba. Sochii kana keessatti humni
haffura waaqayyoo nutti dhaga’amuu qaba. Kun dhugaa dinqisiisaa fi ergaa addaati kan isa fudhatanis kana jechuun sagaleen
kun iyya guddaadhaan labsamuu qaba jechuudha. Nuti dhugaa qabaachuutu nurra jira garaa amantii dhaan waaqayyootti yeroo
hidhamu ergaan bakka yaadame akka ga’uuf, barbaachisummaan isaas guddataa akka deemuuf hanga yeroo xumuraatti.” 9T,
154“Warri hafaa waaqayyoo ta’an mo’uudhaaf jiru dhiiiga hoolichaatiin, dubbii dhugaa isaatiinis. Namoonni baay’ee moo’icha
eeggatu dhiiga hoolichaa qofatti utuu ga’ee isaan irra barbaaddamu hin gumaachin. Waaqayyo human dubbannaa nuuf kennuu
isaatiin araraa qabeessa akka ta’e ni argeera. Arraba nuuf kenneera, fayyidaa inni kennuuf itti gaafatamna. Arraba keenyaan
waaqayyoon ulfeessuu qabna. Dhugaa amanamummaandubbachuudhaan, araaraa isaatiifis bitamuu dhamuudhaan, dubbii isa
waa’ee yesuusiif dhugaa baanuunis moo’icha gonfachuudhaaf. Dhiiga hoolichaatiinis.”(Early Writings, Fuula 114)
“Hambaan waaqayyoo waan biyya lafaa wajjin walitti isaan hidhu irraa adda of baasu. Waaqayyo isa waaqaa fi lafa uumefis
sagadu (Mul 14:7).Waan hundumaatti firii ta’uudhaan kaabbaa araara waaqayyoo ta’anii adduunyaa dura dhaabatu. Abboommii
waaqayyoo isa barbaachisaa sanaaf abboomamuu isaaniis ergamoota waaqayyof namoota duratti isaaniin beeksisa, akka saba
abboommii waaqayyoo eeguufi amantii yesuus qabutti. (Pk/Prophets and Kings, Fuula 299).
Bara Mootittii Asteeritti (Prophets and Kings, Fuula 598-606)
“Hamaanis mordekaay kufee akka isaaf hin sagadne yommuu arge dheekkamsi isa keessa guute.” Aster 3:1-8Bara mootummaa
qiiros keessa saba boojuu 50,000tti dhihaataniif carraa labsii biyyatti kennameefii ture. Warra kumaatama dhibbaan lakkkaa’aman
guutummaa qorroo faaris keessa bittimmaa’anii jiran waliin yoo wal bira qabaman isaan kun hambaa xiqqoo dha. Isiraa’eloonni
baay’een biyya boojuutti hafuu filatan. Qooda isaanitti deebi’anii dallaa yerusaalem ijaaran mandaraafi mana abbootii isaanii.
Waggoonni dhufanii darban. Yeroo labsiin lammaffaa ba’u carraan akkuma yeroo jalqabaa ture. Daariyoos biyya fares ni bulcha
ture. Kana waaqyyo araaraa fi carraa kana biraa saba isaatiif qopheesse yihudoota af biyya fares keessatti gara harka waaqa
abbootii isaanitti akka deebi’aniif. Waaqayyo goftaanargeera rakkina fuula isaanii dura jiru bara mootummaa artashaastaati.
Ahashaweroos macaafa Asteer keessatti akkuma agrginu. Akan qofa miti Zekaariyaas raajichi ni dubbate intalli Tsihoon intala
Baabiloon biraa balaliitee akka galtu (Zek2:6-9).Hamma bara sanaatti karoora waaqayyoo ture sabni isaa biyyoota garaagaraa
keessatti bibittamaa’anii turuudhaan maqaa isaa ormoota gidduutti akka ol qabaniif gochuun. Baroota boojuu hanga kana dheeratu
keessa waaqayyo sabna isaaf carraa addaa kennaafii tureera biyya boojuu kana akka ba’an. Baay’onni ergaa ba’umsaa kana
dhaga’uuf barachuuf fedha qabu turan. Baayyonni immoo carraa fayyinaa argataniiru haala rakkisaa kana keessatti (Hisqel17:&2,
23) Prophetsand Kings, Fuula 598Warra hafuurri waaqayyoo isaan kakaaseedha labsii Qiirosiin deebi’aniikan galan
(Izara1:5)waaqayyos fedhii (jaalala) isaanii biyya boojuutti hafuu filatan hin dirqisiifne. Lakkoofsi isaanii baayyeedha. Labsii
qiirosiin dhaga’uudhaaf kan of hin eyyamne yommuu zekkaariyaas raajichi intalli Tsihoon intala Baabiloon biraa akka balaliituuf
yommuu akkeekkachiisu kan didan.
Yeroo dheeraa booda haalli mootummaa Faares jijjiiramaa dhufe. Daariyoos inni labsii baasaa ture mootummaa Artashaastaatiin
mo’ame. Warra bara daariyoos ifni bara raajii zakkaariyaas isaan akeekkachiisuu didaniidha bara muddamaafi gidiraa bara giiftii
asteerii wajjin fuulaaf fuulatti du’aa wajjin kan walitti dhufan. Carraan isaaniif kennametti fayyadamuu waan didaniif amma
du’a wajjin walitti dhufan. Hamaan ilmi madaataa sanyii hagaagichaa gooftummaa fi aboo guddaa argatte mootummaa Faares
keessatti. Seexanni yeroo kana karoora hojii waaqayyoo addaan kutuuf baayyee dhama’e. Hamaanis Moodekayiin fannisiisuuf
qophaa’e. mardekaayi waan hamminaan hamaan irratti hojjete hin qabu gadi jedhee hin sagadne malee. Ija hamaan duratti
uffatamaa ta’e mardekaayi duwwaa irra harka isaa kaa’uun sanyii mardekaayi itti himaniiru inni Hiyuudii akka ta’e( Asteer 3:6-
8).Mul’ata 12:17 sanyii nadhittii yaada jedhu ilaali. Guyyaan sabni waaqayyoo itti baleeffamtu buufata mukaatiin adda baafame.
Labsii mootummaan medonifi fares gara hin galu ( Prophets and Kings, Fuula 599).Garuu karoorrii fi malli diinotaa ni
mo’ame human waaqayyoo isa saba isaa gidduutti moo’uun karoora waaqayyoo qopheesseen aster yihuudittiin waaqayyoon kan
sodaattu giiftii taatee moosifamte.mootummaan meedoniifi fares keessatti mardekaayi fira dhihoo aster ture. Sanyii isaanii

9
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

oolfachuufis mootichatti iyyatan asteeris mootichatti dhiyaachuu murteessitee akka gidduu seentuutti. Eessaa dhufte Asteer
giiftii jedhee mootichi Ahaasaweros (Asteer 4:14)Asteer badii qomoo ishee kana habisuun dirqama ishee akka ta’e yoo
hubatteyyuu, isheenis mardekaayi yaalii isaan godhan bu’aa akka hin qabne beekuu yoo waaqayyo isaan dura bu’uu baate
(Asteer 4:16; 8:14-17; 10:3) Prophets and Kings, Fuula 602-605.Shaakkalli qormaataa bara mootittii Asteeritti saba
waaqayyoo qunname kun baruma sana qofaan hin daangeffamne. Yohaannis abbaan mul’ataa gara xumura baraa ilaaluun akka
jedha(Mul’ata 12:17). Har’a biyya lafaa keenya kana irra kan jiraatan hundinuu kun raawwatamuu isaa arguuf jiru. Hafuurri
jaarrota darban keessa waldaa dhugaa ari’achaa ture sun gara fuul-duraatti hojii wal-fakkaataa akka raawwataniif namoota ni
kakaasa. Wallaansoo xumuraa kanaafis qopheen barbaachisaan ammuma xumurama. “P&K, Page 605,606Labsiin bara xumuraa
kanaa hambaa waaqayyoo irratti ba’uuf jiru ka…Asteer yihuudota irra labsamee wajjin wal fakkaata. Har’a diinonni waldaa
dhugaa kanaa gartee xiqqoo sanbata wangeela ergaa akkuma mardekaayi balbala duratti arguuf jiru. Amanamummaan saba
waaqayyoo seera isaaf qaban warra seera waaqayyoo irra ejjetaniif dheekamsa guyyaa guyyaati.
 Asteer fakkeenya waldaa haftuu
 Mardekaayi fakkeenya kiristoos isa waldaa isaa guddifachaa jiruu
 Hamaan gaaddidduu seexanaa fi amala phaaphaasiitu bifa hamaan keessa jira
 Ahaasweros fakkeenya hoolaa gaanfa lamaati(mul 13:11-)
 Durbooni aster dura mana heeggayyitti ol seenan dhaabbattoota adventistii guyyaa torbaffaa dura hojii wangeelaaf hamma
socho’aa turan asteer duraa maqaniidha. Isaaniis: - amantii luuteraan, amantii kalvaanistii, amantii meetodistii.
Waasheet giiftiin fakkeenya ibroota warra darbaniti. Waaqayyo ulfina isaanii moototaa fi ormoota lafaa hundumaatti kan
mul’isuu barbaadan, kan of qabaan. Asteeris bara dhumaa kanatti bakka waasheet bu’udhaan simboo midhagummaa hafuraan
kan garaa moototaa harkisuuf jirtuudha. Haa hubannu dirqaamni asteer maal akka ta’e (Isay.62:1-3; Aster 4:13, 14).

W aldaan haftuun kun yeroo dhiyootti labsii wal fakkataa bara asteer ture sanaan fuulaa fuulaatti walitti baati. Nuti raajii
caafame hubachuudhaan addunyaan keenyaa maalitti akka deema jirtu beekuu qabna. Labsiin dilbataas qormaata
madallii yeroo xumuraa sanatti saba waaqayootiif dhihaatuudha. Samii filachuun lafa mararfachuun keenyas amala
har’a qabnuun nurra mul’achaa jira. Mee akka saba dhunfaa waaqayyootti of haa madaallu dhabbannaa keenya. (yaada
barreessa).
XUMURA LOLICHAA
Taateewwan kun hundinuu mootummaa waggaa kuma tokkotiif karaa banu (Titos 2:13).
 Abdii eebifamaa
“Kiristoosii fi seexana giddutti kan geggeffamaa ture lolli ni xumurame. Cubbuuni fi cubbamoonnis lamuu hin argaman.
Guutummaan hawaa (entire universe) ni qullaa’a. Isa warra hundumaa uumee fi fure bira ifnii fi jireenyi ni lola’u akka bishaan
talilaa. Atoomii xiqqoo fi addunyaa guddoon (bal’an) kun wanti mul’atuu fi waanti hin mul’ane dhowwaa tokko malee jalalla
waaqayyoo guutummatti ibsuuf jiru.”(Gc/Great controversy, fuula 678).Macaafa qulqulluu keessatti dhaalli garba waqayyoo
biyya (Ibroota 11:14-). Tikseen waaqa irraa sunis hoolotaa isaa gara burqaa jireenyaatti geessa. Mukti jireenyaa ji’a ji’aan ija
godhata (Mul’ata 22:1-3; 14,15).“Qilleensi samii keessaas falamni hin jiru. Boo’ichisachitti hin ta’u. waaqa haaraa fi lafa
haaraa dha.Yerusaalem lafa kabajamtuu fi ulfina waaqayyoo ibsituu dha.”(GC/Great controversy, fuula….).
 Qulqulloonni abba lafa dhaalu (Daani’eel 7:18, 27)
 Mootummaan hin badne sun ni hundoofti (Daani’eel 2:44)
 Dirree bal’aas saba waaqaa ni argatti (Zakkaariyas 14:2-4)
 Yerusaalemis waaqa irraa gadi buuti(mul’ata 21:1-3)
 Cubbuuniifi cubbamoonni bofa ta’u (milkiyaas 4:1-4)

WAAQAYYOO HAFURA YAADA KEENYAA HAA KAASU!

“AMEEN!”

10
Ergaa Raajii Daani’eeliifi Mul’ata

11

You might also like