You are on page 1of 1

Hiikaa Waldaa Kiristaanaa

Waldaan Kiristaanaa eenyu?

Kan jedhu deebisuuf jalqaba “Waldaa Kiristaanaa” kakuu Haaraa keessatti ilaaluun barbaachisaa dha.
Kana immoo hubachuuf jalqaba kakuu moofaa keesatti bakka itti tuqame: Kes deb 9:10, 10:4, 23:2-3,
1Mot, Izra 10:1, Neh 8:2, Erm 44:15, His 17:17, 27:27 kkf Kutaawwan kakun moofaa kana keessatti
waldaa yaada akkana jedhu qabdi turte: Walga’ii, tokkummaa. Akkataa kakuu Haaraatti immoo Hoe
19:32-39, 1Qor 1:2, Mul 1-3 kakuu haaraa keessatti egaan walitti qabame amantootaa hiika jedhu
qabaata. Walitti qabamin kunis abbaa qaba Mat 16:18, kunis dubbii Yesuus Kiristoos. Egaan waldaa
Kiristaanaa walitti qabama, biro irraa adda kan godhu eenyummaa ishee, amala ishee, kaayyoo walitti
qabama ishee fi kkf.

Walumaagalatti waldaa Kiristaanaa jechuun fayyisummaa gooftaa Yesuus Kiristoositti amanuun


Waaqayyoon waaqessuuf, tajaajiluuf, sagalee Waaqayyoo waliin dubbisuuf fi kkf kan carraaqan yaada
Waaqayyoo kan raawwatan walitti qabama amantootaa jechuu dha.

Kanaan walqabsiisnee ilaaluu kan qabnu waldaan Kiristaanaa kakuu haaraa keessatti haalaan dubbii
garaagaraan waamamteetti. Fakkeenyaaf Qonnaa 1Qor 5:9, mana qulqulluummaa 1Qor 3:16, Ijaarsa Efe
2:22, 1Qor 3:9, Qaama 1Qor 12:12 fi kattaa jiraataa 1phex 2:4. Kanneen keessaa sadii fudhannee haa
ilaallu.

You might also like