You are on page 1of 150

MOOTUMMAA FEEDRALAWWAA DIMOOKRATAWWAA

RIPUBLIKA ITIYOOPHIYAATII
SEEKTARA BARNOOTAA FI LEENJII TEEKNIKAA FI OGUMMAA

• Sanada Raawwachiisa Guddina Sadarkaa, Filannoo fi Ramaddii


Hoggantoota Dhaabbilee, Leenjistootaa fi Instraaktaroota
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Sadarkaa
Biyyooleessaatti Fooya’ee Qophaa’ee Dhiyaate

Caamsaa/2010
Itiyoophiyaa: Finfinee
Seensa
• Kaayyoon waligalaa Tarsiimoo Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa, Biyya keenya keessatti
humna namaa gahumsa, kaka’umsaa fi dandeetti
kalaquu qabu horachuudhan hiyyummaa
dhabamsiisuu fi guddina Hawwaas-diinagdeedhaf
gumachaa taasiisuudha. Kuniis hojiirra ooluu kan
danda’u, fedhii seektaroota diinaggdee hundaa irratti
hundaa’uun Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa qulqullina ol’aanaa qabu kennudhan,
akkasumas teeknoolojiiwwan haaraa rakkoo hiikuu
danda’an waraabuun, fooyyeessuu fi kalaquudhan
gara Industriitti ceesisuun dorgommumaa oomishaa fi
tajaajila industrii keessumatuu, Intarpraayizoota
Maayikroo fi Xixxiqaa sadarkaa Adunyaatti akka
guddatu taasiisuudhan.
Itti..
• Hojjiiwwan ijoo armaan olitti caqafaman kana
raawwachuuf gahee murteessaa kan taphatu
leenjiistoota ta’uun isaanii amanamaadha. Kana
waan ta’eef Leenjistoonii fi Instaraktarooni leenjii
qulqullinaa fi gahumsa qabu kennuudhan itti
gaafatamummaa ogummaa isaanitii fi biyyaa bahuu
akka dnda’an sirna onnachistuu fi faayyidaalee
barbaachisoo ta’an, akkasumas guddina sadarkaa
itti fufinsa qabu drirsuun waan barbaachiseef,
qajeelfamni guddina sadarkaa Leenjistoota fi
Instraaktarootaa, akkasumas falannonii fi
ramaddiin hoggantoota dhaabbilee ittiin rawwatu
bara 2005 sadarkaa biyyoolessatti qopheessuun
gara hojjiitii galamuun isaa ni beekama.
Itti…
• Haata’u malee, qajeelfamicha hojiirra
oolchuu irratti hanqinaalee raawwii
keessatti mudatan jechuun, dorgommiin
guddina sadarkaa Hoggantoota dhaabbilee,
Leenjistootaa fi Instraaktarootaa dhaabbileef
qofa dhiffamuun isaa, uulaagaa dorgommii
guddina sadarkaa hoggantootaa of keessaa
kan hin qabne ta’uu isaa, Teeknoolojiiwwan
leenjistootaa fi Instraaktarootan
waraabaman, fooyya’anii fi kalaqaman yeroo
dorgoman istaadaardii cee’umsa teeknoolojii
bu’ura kan hin taasisne waan ta’aniif,
Itti…
Qajeelfama dandeetti barbaachisoo
Leenjistootaa fi Instraaktarootaa, Adoolessa
1/2008 irraa eeggalee hojiirra akka oolu
Lakk. xalayaa. ፐ/ሰ/ማ 8.51/ጠ48/1/19 gaafa
guyyaa 12/11/2008 Minsteera Misooma
Humna Namaa fi Pabliik Sarvisiin
barreeffamee gadi darbe bu’ura kan hin
godhane waan ta’eef, irra deebiidhaan
sanada guddina sadarkaa hojiirra ture
sakata’uu fi fooyyeessuun barbaachisaa
ta’ee argameera.
Itti…
• Kana waan ta’eef, humna namaa gahoome
dhiheessudhaan dorgomummaa Intarpraayizoota
Maayikiroo fi Xixxiqaa mirkaneessuun, bu’aa
qabatamaan Leenjistoonii fi Instraaktarooni,
akkasumas Hoggantooni dhaabbilee galmeessisan
yeroo yeroon gamaggamudhan haala sadarkaa
taa’een, Leenjisaa Jalqabaa, Gargaaraa Leenjisaa,
Leenjisaa, Leenjisaa Ol’aanaa, Instraaktara
Jalqabaa, Gargaaraa Instrakataraa, Instraaktara,
Instraaktara Ol’aanaa, Instraaktara Dursaa,
Instraaktara Haadhodhaan ramaduuf akka
danda’amu Guddini sadarkaa (Carrier Stracture)
taa.era.
Itti…
• Guddinni sadarkaa kun, ergama seektarich
gahumsaan bahuuf akka danda’amu, raawwiin
hojii leenjistootaa, Instraaktarootaa fi
Hoggantootaa gamaggamamee fayyadamtoota
guddina sadarkaa akka ta’anii fi itti
gaafatamummaa biyyaa itti kenname haala
barbaachisaa ta’een hojiirra akka oolchan
taasiisuf, bu’uura Labsii 954/2008 keewwata 43
keewwata xiqaa 3tiin aangoo Dambiiwwanii fi
qajeelfamoota hojimaataa qopheessuu fi
fooyyeessuuf Eejensii Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Feederaalatiif kennameen
qajeelfamni guddina sadarkaa kun foyya’ee akka
qophaa’u taasifameera.
Itti…
 Hojiirra oolmaa Qajeelfama Guddina Sadarkaa, Ergama
Seektarichaa milkeessuf sadarkaa dandeesisuun hogganuun
barbaachisaa waan ta’eef, safartuuleen madaallii raawwii
hojii istaandardii hojiiwwaan ijoo seektarichaa irraatti
hundaa’uun qophaa’ee hojiirra akka oolu ni taasifama.
Safartuuleen madaallii raawwii hojii kun, humna namaa
gahumsa qabu dhiyeesuu fi dorgomummaa Intarpraayizoota
Maayikiroo fi Xixxiqaa mirkaneessuun hoggantootaa fi
leenjistoota seektarichaa fayyadamtoota taasisuu irra darbee,
dabalata mindaa idilee, jijjiraa, rammaddii, hanqina
dandeettii irraa kan ka’e hojjiirra gaggeeffamuu taasiifamuu
fi tarkaaffii namuusaa fudhatamuuf ni tajaajila. Kanaafuu,
madaalliin gaggeeffamu qabxiilee ulaagaa gamaggama
raawwii hojii taa’an irratti hundaa’uunii fi bu’uura ragaalee
qabatamaa raawwii hojii agarsiisaniin itti
gaafatamummaadhan akka raawwatamu taasisuun ni
eegama.
1.1 Barbaachisummaa Guddina Sadarkaa

• Qajeelfamni Guddina Sadarkaa, filannoo fi


rammaddii Hoggantootaa, Instraaktarootaa
fi Leenjistootaa hojiirra oolchuuf akka
biyyoolessatti qophaa’e kun, sirna
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Bu’aa Irratti Xiyyeeffate hojjiirra oolchuun
galmoota qulfii Tarsimichaa milkeessuun
fayyadamuummaa uummataa
mirkaneessuuf gaheen Hoggantoota,
Instraaktarootaa fi Leenjistoota irraa
eegamu murteessaa waan ta’ee fi
Itti…
• qajeelfama Lakk. Xalayaa ሲሰሚ8/ጠ5/4/88
guyyaa 05/04/2005 mirkanaa’ee, hojiirraa
oolaa tureen, dorgommiin guddina sadarkaa
Hoggantoota dhaabbilee, Leenjistootaa fi
Instraaktarootaa dhaabbileef qofa dhiffame
waan ta’eef, uulaagaa dorgommii guddina
sadarkaa hoggantootaa of keessaa kan hin
qabne waan ta’eef, Teeknoolojiiwwan
leenjistootaa fi Instraaktarootan waraabaman,
fooyya’an/kalaqaman yeroo dorgoman
istaadaardii cee’umsa teeknoolojii bu’ura kan
godhatan waan hin taaneef,
Itti…
• Hojiin Teeknoolojii waraabuu fi foyyeessuu
leenjistoota sadrkaa “C” fi Instraaktaroota
sadarkaa “B”, koree sadarkaa Biiroo/Eejensii
Barootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Nannolee/Bulchiinsa Magaalotaatiin
gamaggamuun waan barbaachiseef, hojiin
Dizaayinii Teeknoolojii foyyeessuu fi qopheessuu
Instraaktaroota Ol’aanaa fi Dursaa sadarkaa “B”
fi Instraaktaroota sadarkaa “A” koree sadarkaa
Ejansii Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Feederaalatiin gamaggamuudhan kaayyoo
guddaa cee’umsa Teeknoolojii Seektarichaaf
kenname milkeessuun waan barbaachiseef,
Itti…
• akkasumas qajeelfama dandeetti barbaachisoo
Leenjistootaa fi Instraaktarootaa fooyyeesuuf
Minsteera Misooma Humna Namaa fi Pabliik
Sarvisii waliin ta’uun qophaa’ee Lakk xalayaa.
ፐ/ሰ/ማ 8.51/ጠ48/1/19 guyyaa 12/11/2008
barreeffamee gadi darbe bu’ura taasiisuun,
qajeelfamicha dandeetti barbaachisoo hojiirra
oolchuuf Sanadni raawwachiistuu guddina
sadarkaa Hoggantoota dhaabbilee,
Instraaktarotaa fi Leenjistootaa kun sadarkaa
biyyoolessaatti haala wal fakkaatuun hojiirra
akka oluuf foyya’ee qophaa’era.
Hiika
• Diinii jechuun gahumsi isaa madaallii gahumsa
ogummaatiin kan mirkanaa’ee, Imaammataa fi
Tarsiimoo Moottummaa hojiirraa oolchuuf kutannoo
kan qabu, Instraaktaroota sadarkaa “B” ykn “A”
Dhaabbilee Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
keessa jiran keessaa Biiroo/Eejensii Barnoota fi
Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Nannichaa/Bulchiinsa
Magaalaatiin dorgomee kan ramadamu, hogganaa
Dhaabbata Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
ol’aantumman hogganu jechuudha.
Itti…
• Itti Aanaa Diinii jechuun gahumsi isaa madaallii
gahumsa ogummaatiin kan mirkanaa’ee,
Imaammataa fi Tarsiimoo Moottummaa hojiirraa
oolchuuf kutannoo kan qabu, Instraaktaroota
sadarkaa “B” ykn “A” Dhaabbilee Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa keessaa ogummaalee leenjiin
bal’inaan irratti kennamaa jiru keessaa dorgomee
kan ramadamu, Adeemsa Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa bu’aa irratti xiyyeeffatee fi
Adeemsa Cee’umsa Teeknoolojii fi Tajaajila
Eeksteenshinii Industrii abbummaan kan
hoggananii fi sadarkaa Itti Aanaa Diiniitiin kan
ramadaman jechuudha.
Itti…
 Leenjisaa/Instraaktara Adda–Duree jechuun Tarsiimoo
fi sirna Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa bu’aa
irratti xiyyeeffate sriitti hubachuun offii isaatii fakeenya
ta’ee kanneen biroo akka isa duuka ta’an taasisuu kan
danda’ee fi hojiirra oolmaa isaatiif kutannodhan
hojjechuun Leenjisaa/Instraaktara bu’aa qabatamaa ta’e
galmeesisuu kan danda’e jechuudha.
 Annuwalaayizeeshiin/Ilevenaayizeeshiin jechuun
kaffaltti Hoggantoota dhaabbata Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa keessatti hoggansa irratti
ramadamaniif mindaa irratti dabalamee kaffalamuuf
jechuudha.
 Guddina Sadarkaa Jechuun jijjiirama mindaa
leenjistootaa fi Instraaktarootaa argamsiisuu kan
danda’u, sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa itti aanutti
jijjirama/cee’umsa taasifamu jechuudha.
Itti…
• Naannoo jechuun haala Heera Moottummaa
Feedraalawwaa Dimookraatawwaa Ripabliika
Itoophiyaa Keewwata 47/1/ tiin Naannummaan kan
beekaman ta’ee, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi
Dira Dawaa ni dabalata.
• Eejensii/Biiroo Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa jechuun Naannoleedhan ykn Bulchiinsaa
Maggaalotaatiin qaama beekamtii seera qabeessa ta’e
argatee hundeeffamee fi, Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa ol’aantumaadhan qindeessuu
fi hogganu jechuudha.
Itti…
 Dhaabbata jechuun Eejensii Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Feedraalawwaa,
Eejensii/Biiroo Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannoo/Bul, Magaalaa irraa beekamtii
argatee, ogummaalee Barnoota fi Leenjii Teeknikaa
fi ogummaa adda addaa fi Gulantaalee leenjii irratti
dhaabbata leenjifamtoota simatee leenjii kennuu fi
gahoomsu jechuu yoo ta’u, Poolii Teeknikoota,
Kolleejjotaa fi dhaabbilee kan hammatu ta’a.
Itti…
• Qindeestoota Seektaraa jechuun
Dhaabbilee Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
ogummaa keessatti ogummaalee wal
fakeenya qaban kan leenjiin irratti
kennamaa jiran, leenjii bu’aa irratti
xiyyeeffateen hogganuudhan karoora
qindoommina qopheessuun akka hojjetamu
leenjistootaa fi Instraaktaroota kan
qindeessan jechuudha.
Itti…
• Leenjiisaa jechuun ogummaalee Dhaabbata
Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
keessatti leenjiin irratti kennamuun
Gulantaa IV/V leenjii fudhatee kan xumuree
fi ogummaa itiin xumureen gulantaa I hnga
gulantaa IV/V gulantaa gulantaan
madaallamuun gahumsii isaa kan
mirkanaa’ee fi oggeessaa hojii leenjisuu fi
ghoomsuu irratt baba’e jechuudha.
Itti…
• Instraaktara jechuun ogummaalee Dhaabbata
Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
keessatti leenjiin irratti kennamuun
Yuunvarstii/Instityuutii beekamoo irraa Digrii
Duraa/Digirii lamaffaatiin barnoota kan xumure,
ogummaa itiin xumureen fi sadarkaa irratti
leenjisuun gulantaa I hnga gulantaa IV/V gulantaa
gulantaan madaallamuun gahumsii isaa kan
mirkanaa’ee fi oggeessaa hojii leenjisuu fi
ghoomsuu irratt baba’e jechuu yoo ta’u,
Hoggantoota dhaabbilees ni dabalata.
Itti…
• Qaamolee qooda fudhatoota jechuun Sina Barnoota
fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa keessatti gahee
ol’aanaa kan qaban, kan akka qamolee Moottummaa,
Dhaabbilee Misoomaa, Yunvarsitiiwwaan,
Instityutootaa Seektaroota fi Dhaabbilee Qarnoo, fi
Qo’anoo, akkasumas bakka bu’oota waldaalee
Hojiisisaa fi Hojjetaa fi kkf kan hammatu jechuudha.
• Hoggansa jechuun proofaayilii Leenjistootaa fi
Instraaktaroota kan qaban ta’ee, dhaabbata
Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
ol’aantumaadhan kan hogganan jechuu yoo ta’u,
Diinii/Daariktara/Hogganaa Dhaabbata, Itti Aantoota
Diinii/ Daariktara/Hogganaa Dhaabbata ni
hammata.
Itti…
 Hogganasa dhaabbataa sadarkaa jalqabaa jechuun
gahumsi isaa madaallii gahumsa ogummaatiin kan
mirkanaa’ee, Imaammataa fi Tarsiimoo Moottummaa
hojiirraa oolchuuf kutannoo kan qabu, Instraaktaroota
sadarkaa “B” Dhaabbilee Barnoota fi Leenjii Teeknikaa
fi Ogummaa keessa jiran, jechuuniis Instraaktara
Jalqabaa, Gargaaraa fi Instraaktara keessaa
Biiroo/Eejensii Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Nannichaa/Bulchiinsa Magaalaatiin
dorgomee kan ramadamu, Dhaabbata Barnoota fi
Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa ol’aantumman kan
hogganu jechuudha.
Itti…
• Hogganasa dhaabbataa sadarkaa Giddu galeessaa
jechuun gahumsi isaa madaallii gahumsa
ogummaatiin kan mirkanaa’ee, Imaammataa fi
Tarsiimoo Moottummaa hojiirraa oolchuuf kutannoo
kan qabu, Instraaktaroota sadarkaa “B” Dhaabbilee
Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa keessa
jiran, jechuuniis Instraaktara Ol’aanaa,
Instraaktara Dursaa fi Instraktara sadarkaa “A”
keessaa Biiroo/Eejensii Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Nannichaa/Bulchiinsa
Magaalaatiin dorgomee kan ramadamu, Dhaabbata
Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
ol’aantumman kan hogganu jechuudha.
Itti…
• Hogganasa dhaabbataa sadarkaa Ol’aanaa jechuun
gahumsi isaa madaallii gahumsa ogummaatiin kan
mirkanaa’ee, Imaammataa fi Tarsiimoo Moottummaa
hojiirraa oolchuuf kutannoo kan qabu, Instraaktaroota
sadarkaa “A” Dhaabbilee Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa keessa jiran, jechuuniis Instraaktara Ol’aanaa,
Instraaktara Dursaa fi Instraktara sadarkaa Haadhoo
keessaa Biiroo/Eejensii Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Nannichaa/Bulchiinsa Magaalaatiin dorgomee
kan ramadamu, Dhaabbata Barnoota fi Leenjii Teeknikaa
fi Ogummaa ol’aantumman kan hogganu jechuudha.
• Teeknoolojii jechuun adeemsa galtee tokko haala
salphaa ta’een gara omisha fi tajaajila gabaa irra ooluu
dand’utti jojjiruu jechuu yoo ta’u, kuniis:- “Techno ware,
Human ware, Info ware, Orga ware” kan hammatu
jechuudha.
Itti…
 Leenjii Walta’insaa jechuun dhaabbilee Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa fi Industriin waliin ta’uun leenjii
kennamu jechuudha.
 Yeroo turtii jechuun Leenjisaan/Instraaktarri, leenjiisummaa
jalqabaatiin, Gargaaraa leenjisummaatiin, Leenjisummaadhan,
Leenjisummaa Ol’aanaadhan, Instraaktara Jaliqabaatiin,
Gargaaraa Instraaktaratiin, Instraktaraan, Instraaktara
Ol’aanaadhan, Instraaktara Dursaatiin fi Instraaktara
Hadhootiin saarkaa sadarkaan yeroo itti turu yoo ta’u, haala
sadarkaa sadarkaan adda baheen kan ilaalamu ta’a.
 Waldaa Barsiisootaa jechuun Waldaa Oggeessota gosa
barnoota adda addaatiin baratanii dhaabbilee Barnootaa seera
barnoota Itiyoophiyaatiin bulan keessatti Barsiisota Olmaa
Daa’imanii, Barnoota Waliigalaa, Yunvarsitii keessatti
barsiisanii fi leenjistoota dhaabbilee Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa keessatti leenjisan kan hammate
jechuudha.
1.3 Dangaa Hojiirra oolmaa Sanadichaa

• Sanadni raawwachiistuu kun


Dhaabbilee Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogumma Mootummaa
sirna barnootaa fi leenjii bu’aa
irratti xiyyeeffate hojiirra oolchan
hunda keessatti, Leenjistoota,
Instraaktaroota fi Hoggantoota
tajaajilan hunda kan ilaalatudha.
1.4 Yeroo Sanadni kun hojii irra
itti oolu
• Sanadni raawwachiistuu kun
guyyaa qajeelfamni dandeetii
barbaachisoo mirkanaa’eraa
eegalee hojiirra kan oolu ta’a.
1.5 Proofaayilii Leenjistootaa fi Instraaktaroota
Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogumma.

1.5.1 Leenjisaa sadarkaa “C”


 Gulantaa IV ykn Gulantaa V niin leenjii isaa
kan xumuree fi ogummaa ittin xumureen
gulantaa I hnga gulantaa IV/V, gulantaa
gulantaan madaallamee gahumsi ogummaa
isaa kan mirkanaa’ee fi waraqaa ragaa
mirkaneessa gahumsa ogummaa gulantaa
gulantaan kan qabu;
 Leenjii mala leenjisuu fudhatee caasaa
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
seera qabeessa ta’erraa waraqaa ragaa
kenname kan qabu.
1.5.2 Instraaktara sadarkaa “B”
• Ogummaalee Barnootaa fi Leenjiin Teeknikaa fi
Ogummaa leenjiin itiin kennamuamuun
Yuunivarsiitii/Instiitiyuutii beekkamoo irraa digirii
duraatiin barnoota isaa kan xummure;
• Ogummaa Barnootaa fi Leenjii Teekiniikaa fi
Ogummaa itiin xumuree fi sadarkaa irratti
leenjisuun gulantaa I hnga gulantaa IV gulantaa
gulantaan madaallamuun gahumsii isaa kan
mirkanaa’ee fi waraqaa ragaa mirkanessa
gahumsa ogummaa gulantaa gulantaan kan qabu;
• Leenjii mala leenjisuu fudhatee caasaa Barnootaa
fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa seera qabeessa
ta’erraa waraqaa ragaa kenname kan qabu.
1.5.3 Instraaktara sadarkaa “A”

 Ogummaalee Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi


Ogummaa leenjiin itiin kennamuamuun
Yuunivarsiitii/Instiitiyuutii beekkamoo irraa digirii
lamaffaatiin barnoota isaa kan xummure;
 Ogummaa ittiin xumuree fi sadarkaa irratti
leenjisuun gulantaa I hanga gulantaa V gulantaa
gulantaan madaallamuun gahumsii isaa kan
mirkanaa’ee fi waraqaa ragaa mirkanessa
gahumsa ogummaa gulantaa gulantaan kan qabu;
 Leenjii mala leenjisuu fudhatee caasaa Barnootaa
fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa seera qabeessa
ta’erraa waraqaa ragaa kenname kan qabu.
1.6 Pirofaayilii Hoggantoota Dhaabbilee
Lenjii Teeknikaa fi Ogummaa

• Labsii lakkoofsa 954/2008 A.L.I


keewwata 2 keewwata xiqqaa 20
fi 21 irratti ifatti ibsameen
Pirofaayiliin Hoggantootaa fi
Leenjistoota Dhaabbilee Barnoota
Leenjii Teeknkaa fi Ogummaa:
1.6.1 Pirofaayilii Diinii/Daarektara/Hogganaa
Dhaabbata/

• Seektaroota xiyyeefannoo Dhaabbilee


BLTO keessatti leenjiin irratti kennamu
keessaa ogummaa tokkoon Pirofaayilii
leenjisummaa Inistiraaktara sadarkaa ‘B’
ykn Inistiraaktara sadarkaa ‘A’ kan
guutu,
• Turtii leenjisummaa keessatti raawwii
hojii ol’aanaa kan qabu;
Itti…
• Leenjiii hoggansaa Sirna BLTO bu’aa irratti
xiyyeefate hojiirra oolchuuf dandeessisu
sadarkaa Federaalaa ykn Naannootti
kenname kan fudhatanii fi caasaa BLTO
dhimmi isaa ilaalatu irraa waraqaa ragaa
kan argatan ykn leenjicha fudhachuudhaaf
fedhii kan qabu;
• Madaallii Mirkaneessa Gahuumsa Ogummaa
gulantaa gulantaadhan kan fudhatee fi
waraqaa ragaa mirkaneessa gahuumsa
ogummaa kan qabu
1.6.2 Pirofaayilii Itti Aantota Hoggantoota
Dhaabbilee Lenjii Teeknikaa fi Ogummaa

• Seektaroota xiyyeefannoo Dhaabbilee


BLTO keessatti leenjiin irratti kennamu
keessaa ogummaa tokkoon Pirofaayilii
leenjisummaa Inistiraaktara sadarkaa ‘B’
ykn Inistiraaktara sadarkaa ‘A’ kan
guutu;
• Turtii leenjisummaa keessatti raawwii
hojii ol’aanaa kan qabu
Itti…
• Leenjiii hoggansaa Sirna BLTO bu’aa irratti
xiyyeefate hojiirra oolchuuf dandeessisu
sadarkaa Federaalaa ykn Naannootti
kenname kan fudhatanii fi caasaa BLTO
dhimmi isaa ilaalatu irraa waraqaa ragaa
kan argatan ykn leenjicha fudhachuudhaaf
fedhii kan qabu
• Madaallii Mirkaneessa Gahuumsa
Ogummaa gulantaa gulantaadhan kan
fudhatee fi waraqaa ragaa mirkaneessa
gahuumsa ogummaa kan qabu
1.7. Filannoo fi Ramaddii Diinii fi
itti Aantoota Diinii Dhaabbilee
1.7.1 Qaama Filannoo fi Ramaddii Diinii fi Itti
Aantoota Diinii Dhaabbilee raawwatu
 Hoggantootni Dhaabbilee Leenjistoota Barnootaa
fi Leenjii Teeknikaa fi Ogumaa keessaa kan
dorgoman bu’ura ulaagaa filannoo sanada
raawwachiistuu kanaan yommuu ta’u koree
waldorgomsiistuu Sadarkaa Biiroo/Ejansii BLTO
Naannoo/Bul/Magaalaa tti hundaa’uun ykn
qaama bakka bu’iinsi seera qabeesa ta’e
kennameefiin raawwatamee hogganaa
Biiroo/Ejansii BLTO Naannoo/Bul/Magaalaatiif
dhiyaatee ni mirkanaa’a.
1.7.2. Ulaagaa filaannoo Diinii fi
Itti Aantota Diinii Dhaabbilee
 Immammataa fi Tarsiimoo Mootummaa hojiirra
oolchuuf kutannoo kan qabuu fi ilaalchaa fi
gocha kiraasassabdummaa irraa bilisa kan ta’ee
fi kiraasassabdota irratti ijjannoodhaan kan
qabsaa’u
 Hojii isaatiin adda duree ta’uun fakkeenyummaa
gaarii kan qabuu, ogummaa isaatiin
leenjifamtoota fi leenjistoota deeggarsa addaa
barbaadaniif deeggarsa taasisuun geesisuu fi
raawwiin isaanii akka foyyaa’u kan taasise
 Afaan hojii Naannichaa kan danda’u ta’uu qaba
1.7.3. Haala kenniinsa qabxii ulaagaa filaannoo Diinii
fi Itti Aantota Diinii Dhaabbilee

 Raawwii hojii ji’oota 18 -------- 30% keessaa


 Sadarkaa Barnootaa --------- 10%
Dorgomtoota sadarkaa barnoota adda addaa qaban
kunis digrii jalqabaa, digrii 2ffaa fi PhD yommuu waliin
dorgoman haalli kenniinsa qabxii digrii jalqabaatiif 8%,
digrii 2ffaatiif 9% fi PhD dhaaf 10% kan kennamu ta’a.
 Muuxannoo hojii--------- 10%
Diinii fi Itti Aanaa diiniitiif dorgomuuf tajaajilli inni
xiqqaan haala qabatamaa Naannoleetiin waggaa 2-5
ta’ee, tokkoon tokkoon dorgomaa muuxannoo hojii
waggaa 2-10 qabu 2%-10% kan argatu ta’a. Tajaajila
waggaa 10 fi isaa ol kan qabu 10% kan argatu ta’a.
Itti…
 Qormaata (Barreefamaa fi Qomaa)- 35%
 Hogganaa Biirootiin kan kennamu – 15%
Filannoo fi ramaddii Qindeesitoota sektaraa
leenjii dhaabbilee ilaalchisee dhaabbaticha
keessatti leenjistootaa fi Inistiraaktaroota
seektarichaa keessa jiran keessaa
dorgomanii kan ramadaman yommuu ta’u
ulaagaalee armaan gadii guutuu qabu.
1.8. Ulaagaa filannoo fi ramaddii
Qindeesitoota sektaraa Leenjii
 Raawwii hojii ji’oota 18 ---------- 30%
keessaa
 Sadarkaa Barnootaa ------------- 10%
Dorgomtoota sadarkaa barnoota adda
addaa qaban kunis digrii jalqabaa,
digrii 2ffaa fi PhD yommuu waliin
dorgoman haalli kenniinsa qabxii digrii
jalqabaatiif 8%, digrii 2ffaatiif 9% fi PhD
dhaaf 10% kan kennamu ta’a.
Itti…
 Muuxannoo hojii-------------- 10%
Qindeessaa seektara leenjiitiif dorgomuuf
tajaajilli inni xiqqaan waggaa 2 fi isaa ol ta’ee,
tokkoon tokkoon dorgomaaf muuxannoo hojii
kennamu akkaataa tajaajila isaatiin waggaa 2
hanga 10 kan qabu 2%-10% kan argatu ta’a.
Tajaajila waggaa 10 fi isaa ol kan qabu 10%
kan argatu ta’a.
 Qormaata (Barreefamaa fi Qomaa) --- 35%
 Koree Manajmantii Dhaabbatichaatiin kan
kennamu ----------- 15%
2.1. Leenjistootnii fi Inistiraaktaroonni Guddina
sadarkaatiif dhiyaachuuf ulaagaalee guutuu qaban
2.1.1. Leenjistootni sadarkaa ‘C’ guddina sadarkaatiif
dhiyaachuuf ulaagaalee guutuu qaban

T Sadarkaa
Ulaagaalee guutaamuu qaban
L dorgommii

Leenjisaa jalqabaatiin yoo xiqqaate waggaa 2 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee

Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa lamaa giddu galeessaan 75% fi isaa ol kan
qabu
Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma gahoomina
Leenjisaa
jalqabaa irraa madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e giddugaleessaan kan guutee
1 gara leenjisaa fi leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi
gargaaraatti intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.

Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii barbaadaniif


leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi tuutaa
gahuumsaa sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga gulantaa II)
irratti hundaa’ee leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa II)
TEI paakeejii afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa
isaanii madaallii gahuumsa ogummaatiin akka mirkaneeffatan
taasisuun qabeenya akka horatan kan taasise

Dizzaayinii qophaa’ee dhiyaatee irratti hundaa’uudhaan teknolojii bu’aa


qabeessa ta’e tokko 100% warabuun intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya
akka horatan kan taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan
leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama
itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee mallatteefame
irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun, leenjisaa industirii
keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun madaalchisee akka
gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan intarpiraayizii uumanii akka
bahan kan taasise.
Leenjisaa gargaaraa irraa gara leenjisaatti
Leenjisaa gargaaraatiin waggaa 2 hojii leenjisummaatiin kan tajaajile

Bu’aan madaallii raawwii hojii waggaa 2 giddugaleessaa 80% fi isaa ol kan ta’e

Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma gahoomina
madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e giddugaleessaan kan guutee fi
leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi
intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.
Leenjisaa
gargaaraa
2 Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii barbaadaniif
irraa gara
leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi tuutaa gahuumsaa
leenjisaatti
sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga gulantaa II) irratti hundaa’ee
leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee

Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa II) TEI paakeejii
afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii madaallii gahuumsa
ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya akka horatan kan taasise
Itti…
Dizzaayinii qophaa’ee dhiyaatee irratti hundaa’uudhaan teknolojii
bu’aa qabeessa ta’e lama 100% warabuun intarpiraayzootatti ceesisee
qabeenya akka horatan kan taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan
leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama
itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee
mallatteefame irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun,
leenjisaa industirii keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun
madaalchisee akka gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan
intarpiraayizii uumanii akka bahan kan taasise.
Leenjistoota sadarkaa jalqabaa sektara isaa keessa jiraniif deeggarsa
ogummaa itti fufiinsaan kan kennee fi kanaafis kutaa leenjii/seektara isaa
irraa beekamtii kan argate
Leenjisaa irraa gara leenjisaa ol’aanaatti
3 Leenjisaa Leenjisaadhaan waggaa 3 hojii leenjisummaatiin kan tajaajile
irraa gara
Bu’aan madaallii raawwii hojii waggaa 3 giddugaleessaa 85% fi isaa ol kan ta’e
leenjisaa
ol’aanaatti Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma

gahoomina madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e


giddugaleessaan kan guutee fi leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii
barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka
bahan kan taasise.

Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii


barbaadaniif leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi
tuutaa gahuumsaa sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga
gulantaa II) irratti hundaa’ee leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee

Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa II) TEI paakeejii
afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii madaallii
gahuumsa ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya akka horatan
kan taasise
Itti…
Dizzaayinii qophaa’ee dhiyaatee irratti hundaa’uudhaan teknolojii
bu’aa qabeessa ta’e sadi 100% warabuun intarpiraayzootatti ceesisee
qabeenya akka horatan kan taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan
leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin
gama itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee
mallatteefame irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun,
leenjisaa industirii keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun
madaalchisee akka gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan
intarpiraayizii uumanii akka bahan kan taasise.

Leenjistoota sadarkaa jalqabaa hanga leenjisaatti sektara isaa keessa


jiraniif deeggarsa ogummaa itti fufiinsaan kan kennee fi kanaafis kutaa
leenjii/ seektaraa isaa irraa beekamtii kan argate
2.1.2. Inistiraaktarootni Sadarkaa ‘B’ guddina
sadarkaatiif dhiyaachuuf ulaagaalee guutuu qaban
Sadarkaa
TL dorgom Ulaagaalee guutaamuu qaban
mii
Inistiraaktara jalqabaatiin waggaa 2 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee

Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa lamaa giddu galeessaan 80% fi isaa ol kan qabu
jalqabaa irraa gara Inistiraaktara

Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma gahoomina
madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e giddugaleessaan kan guutee fi
leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi
intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.

Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii barbaadaniif


leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi tuutaa gahuumsaa
gargaaraatti

sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga gulantaa IV) irratti hundaa’ee
leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee
1
Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa IV) TEI paakeejii
afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii madaallii gahuumsa
ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya akka horatan kan taasise
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti yoo xiqqaate teknolojii bu’aa qabeessa ta’e
lama dizzaayinii guutuu qopheessee 100% warabuun
intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya akka horatan kan taasise

Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan


leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama
itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee mallatteefame
irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun, leenjisaa industirii
keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun madaalchisee akka
gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan intarpiraayizii uumanii akka
bahan kan taasise.

Leenjistoota sadarkaa ‘C’ tiif yoo xiqqaate dizzayinii teknolojii tokko


qopheessee kennuudhaan deeggarsa ogummaa itti fufiinsaan kan kenne
kanaafis beekamtii dhaabbatichaan kan kennameef
Inistiraaktara gargaaraa irraa gara Inistiraaktaraatti
Inistiraaktara gargaaraatiin waggaa 2 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee

Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa lamaa giddu galeessaan 85% fi isaa ol kan qabu

Leenjistootaa fi Inistiraaktaroota jalqabaa seektara isaa keessatti argamaniif deeggarsa


itti fufiinsa qabu kan taasise
Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma gahoomina
ra gargaaraa irraa gara Inistiraaktaraatti

madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e giddugaleessaan kan guutee fi


leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi
intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.

Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii barbaadaniif


leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi tuutaa gahuumsaa
sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga gulantaa IV) irratti hundaa’ee
leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee
2 Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa IV) TEI paakeejii
afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii madaallii gahuumsa
ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya akka horatan kan taasise
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti yoo xiqqaate teknolojii bu’aa qabeessa ta’e
sadi dizzaayinii guutuu qopheessee 100% warabuun intarpiraayzootatti
ceesisee qabeenya akka horatan kan taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan
leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama
itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee mallatteefame
irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun, leenjisaa industirii
keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun madaalchisee akka
gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan intarpiraayizii uumanii akka
bahan kan taasise.

Leenjistoota sadarkaa ‘C’tiif seektara isaa keessatti argamaniif dizzaayinii


teknolojii qopheessee kennuu fi Inistiraaktaroota jalqabaatiif deeggarsa
ogummaa itti fufiinsaan kan kenne kanaafis beekamtii dhaabbatichaan kan
kennameef
Inistiraaktara irraa gara Inistiraaktara
Inistiraaktarummaadhaan waggaa 3 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee
ol’aanaatti
Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa sadii giddugaleessaan 90% fi isaa ol kan
qabu
Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma
gahoomina madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti taa’e giddugaleessaan kan
guutee fi leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu,
a irraa gara Inistiraaktara ol’aanaatti

qusachiisuu fi intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.

Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii


barbaadaniif leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi
tuutaa gahuumsaa sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga
gulantaa IV) irratti hundaa’ee leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee
Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa IV) TEI
3 paakeejii afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii
madaallii gahuumsa ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya
akka horatan kan taasise
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti yoo xiqqaate teknolojii bu’aa qabeessa ta’e
sadi dizzaayinii guutuu qopheessee 100% warabuun akkasumas
dizaayyinii guutuu teknolojii tokkoo foyyeessee hojjachuun
intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya akka horatan kan taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan
leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama
itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee mallatteefame
irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun, leenjisaa industirii
keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun madaalchisee akka
gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan intarpiraayizii uumanii akka
bahan kan taasise.
Leenjistoota sadarkaa ‘C’tiif yoo xiqqaate dizzaayinii teknolojii lama
qopheessee kennuu fi Inistiraaktaroota jalqabaa fi gargaaraa
Inistiraaktaraatiif deeggarsa ogummaa itti fufiinsaan kan kenne kanaafis
beekamtii dhaabbatichaan kan kennameef
Inistiraaktara ol’aanaa irraa gara Inistiraaktara Dursaatti

Inistiraaktara ol’aanaadhaan waggaa 4 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee

Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa afurii giddugaleessaan 90% fi isaa ol kan qabu

Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma gahoomina
madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti taa’e giddugaleessaan kan guutee fi
leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi
aanaa irraa gara Inistiraaktara Dursaatti

intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.

Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii barbaadaniif


leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi tuutaa
gahuumsaa sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga gulantaa IV)
irratti hundaa’ee leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee

Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa IV) TEI paakeejii
afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii madaallii
4
gahuumsa ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya akka horatan kan
taasise
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti yoo xiqqaate teknolojii bu’aa qabeessa ta’e
sadi dizzaayinii guutuu qopheessee 100% warabuun akkasumas
dizaayyinii guutuu teknolojii lama foyyeessee hojjachuun
intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya akka horatan kan taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan
leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama
itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee
mallatteefame irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun,
leenjisaa industirii keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun
madaalchisee akka gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan
intarpiraayizii uumanii akka bahan kan taasise.

Leenjistoota sadarkaa ‘C’tiif yoo xiqqaate dizzaayinii teknolojii sadi


qopheessee kennuu fi Inistiraaktarootaaiif deeggarsa ogummaa itti
fufiinsaan kan kenne kanaafis beekamtii dhaabbatichaan kan kennameef
2.1.3. Inistiraaktarootni Sadarkaa ‘A’ guddina
sadarkaatiif dhiyaachuuf ulaagaalee guutuu qaban
Sadarkaa
TL Ulaagaalee guutaamuu qaban
dorgommii
Inistiraaktarummaadhaan waggaa 3 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee
Inistiraaktara irraa gara Inistiraaktara ol’aanaatti

Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa sadi giddu galeessaan 90% fi isaa ol kan qabu

Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma gahoomina
madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e giddugaleessaan kan guutee fi
leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi
intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.
1 Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii barbaadaniif
leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi tuutaa gahuumsaa
sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga gulantaa V) irratti hundaa’ee
leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee
Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa V) TEI paakeejii afran
irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii madaallii gahuumsa
ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya akka horatan kan taasise
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti dizzaayinii teknolojii lamaa foyyeessuu fi teknolojicha
hojjachuun Intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya akka horatan kan taasise

Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan leenjii


walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama itti aanaa diiniitiin
hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee mallatteefame irratti hundaa’uudhaan
karoora leenjii qopheessuun, leenjisaa industirii keessaa filachuu, leenjifamtootaaf
leenjii kennuun madaalchisee akka gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan
intarpiraayizii uumanii akka bahan kan taasise.

Leenjistoota sadarkaa ‘C’ seektara isaa keessatti argamantiif yoo xiqqaate dizzayinii
teknolojii lama qopheessee kennuu fi Inistiraaktaroota sadarkaa ‘B’ tiif deeggarsa
ogummaa itti fufiinsaan kan kenne kanaafis beekamtii dhaabbatichaan kan kennameef
Inistiraaktara ol’aanaa irraa gara Inistiraaktara Dursaatti
Inistiraaktara ol’aanaadhaan waggaa 4 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee

Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa afur giddu galeessaan 95% fi isaa ol kan qabu

Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma gahoomina
madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e giddugaleessaan kan guutee fi
leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi
intarpiraayziidhaan gurmaa’anii akka bahan kan taasise.
l’aanaa irraa gara Inistiraaktara Dursaatti

Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii barbaadaniif


leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi tuutaa gahuumsaa
sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga gulantaa V) irratti hundaa’ee
leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee

Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa V) TEI paakeejii afran

2 irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii madaallii gahuumsa


ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya akka horatan kan taasise
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti dizzaayinii teknolojii sadi foyyeessuu fi
teknolojicha hojjachuun Intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya akka
horatan kan taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan leenjii
walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama itti aanaa
diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee mallatteefame irratti
hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun, leenjisaa industirii keessaa
filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun madaalchisee akka gahooman kan
taasisee fi gurmeessuudhaan intarpiraayizii uumanii akka bahan kan taasise.

Leenjistoota sadarkaa ‘C’ seektara isaa keessatti argamantiif yoo xiqqaate


dizzayinii teknolojii 3 qopheessee kennuu fi Inistiraaktaroota sadarkaa ‘B’ tiif
deeggarsa ogummaa itti fufiinsaan kan kenne kanaafis beekamtii
dhaabbatichaan kan kennameef
Inistiraaktara dursaa irraa gara
Inistiraaktara dursaatiin waggaa 4 hojii leenjisummaatiin kan tajaajilee

Inistiraaktara Hoodhotti
Bu’aa madaallii raawwii hojii waggaa afuri giddu galeessaan 95% fi isaa ol kan
qabu
Turtii isaa keessatti leenjifamtoota leenjise keessaa yoo xiqqaate galma
gahoomina madaallii gahuumsa akka biyyolessaatti barichaaf taa’e
giddugaleessaan kan guutee fi leenjifamtoota leenjii xumuran pirojektii
irraa gara Inistiraaktara Hoodhotti

barbaachisoo hojjachiisuu, qusachiisuu fi intarpiraayziidhaan gurmaa’anii


akka bahan kan taasise.
Karoora Kolleejjii irraa kennameef irratti hundaa’uun lammiilee hojii
barbaadaniif leenjii gaggabaaboo qorannoo fedhii gabaa hojii irratti hundaa’e fi
tuutaa gahuumsaa sadarkaa ogummaa keessaa filatame (gulantaa I hanga
gulantaa V) irratti hundaa’ee leenjisuun kan geesisee fi kan gurmeessee
Yeroo turtii isaa keessatti Intarpiraayzootaaf (gulantaa I-gulantaa V) TEI
paakeejii afran irratti karaa guutuu ta’een deeggaruun gahuumsa isaanii
3
madaallii gahuumsa ogummaatiin akka mirkaneeffatan taasisuun qabeenya
akka horatan kan taasise
Itti…
Yeroo turtii isaa keessatti dizzaayinii teknolojiiwwan bu’aa qabeessa
ta’an afurii foyyeessee oomishuun akkasumas teknolojii haaraa 2
kalaquun Intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya akka horatan kan
taasise
Leenjii walta’iinsaa akkaataa istaandaardiitiin jechuunis industiriiwwan
leenjii walta’iinsaa kennan filachuu, industiriiwwan filataman waliin gama
itti aanaa diiniitiin hubannoo uumamee fi sanada waliigaltee mallatteefame
irratti hundaa’uudhaan karoora leenjii qopheessuun, leenjisaa industirii
keessaa filachuu, leenjifamtootaaf leenjii kennuun madaalchisee akka
gahooman kan taasisee fi gurmeessuudhaan intarpiraayizii uumanii akka
bahan kan taasise.
Leenjistoota sadarkaa ‘C’ tiif yoo xiqqaate dizzayinii teknolojii sadi
qopheessee kennuudhaan akkasumas Inistiraaktaroota sadarkaa ‘B’ tiif
deeggarsa ogummaa itti fufiinsaan kan kenne kanaafis beekamtii
dhaabbatichaan kan kennameef
2.2. Hoggantootni dhaabbilee Barnoota fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa guddina sadarkaatiif
dhiyaachuuf ulaagaalee guutuu qaban

 Hammatni gahuumsaa fi yeroon turtii


tajaajila Hoggantoota fi leenjistootaa
seektara Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa akkuma eegameetti ta’ee
guddinni sadarkaa hoggantoota
dhaabbilee kan ilaalamu bu’ura ergama
seektarichaa Naannoo/Bul/Magaala irraa
lakkawamee kenname giddugaleessa
godhachuun gaggeessuu yoo ta’u
kanneen keessaa isaan gurguddoon:
2.2.1. Ulaagaa dorgommii guddina sadarkaa
hoggansa sadarkaa jalqabaa dhaabbilee

 Karoora Guddina Dhaabbatichaa(IDP)


qopheessuun kan hogganuu fi qabeenya
naannoo ka’uumsa godhachuun
ogummaalee filatamaniin ‘Center of
Excellence’ ta’uu isaa mirkaneessuun
karoora waggaa garee kenna leenjii fi TEI
fi cehuumsa teknolojii karaa hammateen
karoorsee, xinxaluun gadi buusuu,
hordofuu, geesisuu fi gamaggamuun
dhaabbaticha hogganuu irratti raawwiin
isaa ol’aanaa kan ta’e(80%).
Itti…
• Dhiyeessii humna namaa sadarkaa gadi-aanaa fi
giddugaleessaan gahoome mirkaneessuuf manneen
hojii seektaroota xiyyeefannoo hogganaan waliin
hariiroo hojii cimaa ta’e uumuun ulaa misoomaa
naannichaa giddugaleessa godhachuun karoorsee
haala gahoo simannaa leenjifamtootaa leenjii idilee,
leenjii walta’iinsaa waliin walitti hidhuu fi leenjii
gaggabaabaa sadarkaa ogummaa irraa ka’uun
meeshaalee qulqulina leenjii ittiin eegsisan akka
qophaa’an taasisuu, leenjii pirojektii irratti hundaa’e
kennuu, leenjifamtootni akka gurmaa’an fi akka
qusatan taasisuun qaxarrii fi intarpiraayzii uumuun
hojii waliin akka walitti hidhaman taasisuun
hogganuu. Haala ka’uumsa Karoora Naannoo irraa
kennameen raawwiin isaa ol’aanaa kan ta’e (80%).
Itti…
 Humna namaa Industirii keessatti hojii irratti bobba’e
jiru(Qonnaan bulaa/horsiisee bulaa dabalatee) karoora
Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Naannoo/Bul/Magaalaa irraa kenname giddugaleessa
godhachuun leenjicha hogganuu fi leenjifamtootni
gahuumsi isaanii mirkanaa’ee akka bahan hogganuu
irratti raawwii ol’aanaa kan galmessise.(80%)
 Dorgommummaa Intarpiraayzoota maaykiroo xixxiqqaa
mirkaneessuuf haala karoora Biiroo/Ejansii Barnootaa fi
Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa
irraa kennameen paakeejota afran giddugaleessa
godhachuun deeggarsa taasisuun gahuumsa sochostota
IMX akka mirkaneessuu fi qabeenya akka horataniif
hogganuu irratti raawwii ol’aanaa kan galmeesse (80%)
Itti…
 Humna biyya keessaa fi alaatti fayyadamuun
teknolojii 100% waraabuu, foyyeessuu fi kalaquu,
hojiiwwan qorannoo fi qu’annoo rakkoo hiikan
akkasumas adeemsa cehuumsa teknolojii akka
dhaabbataatti gahee qabuun sadarkaa
leenjisaa(leenjisaa jalqabaa, leenjisaa gargaaraa,
leenjisaa, leenjisaa ol’aanaa) fi sadarkaa
Inistiraaktaraa(Inistiraaktara jalqabaa, Inistiraaktara
gargaaraa, Inistiraaktara, Inistiraaktara ol’aanaa,
Inistiraaktara Dursaa fi Inistiraaktara haadhoo) haala
karoora Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa
fi Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa irraa
kennameef raawwachuu irratti raawwii ol’aanaa kan
galmeessise(80%).

Itti…
 Hojiiwwan dhimmoota waa’ee hundaa(cross cutting
issue) jechuunis hirmaannaa fi fayyadamummaa
dubartootaa, Ittisa fi to’annoo HIV/AIDS,
fayyadamummaa lammiilee fedhii addaa qabanii fi
hojii kunuunsa naannoo haala karoora
Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa irraa kenname
raawwiin isaa ol’aanaa kan ta’e(80%)
 Simannaa leenjifamtoota sagantaa idilee, leenjii
gaggabaaboo fedhii gabaa irratti hundaa’e fi TEI fi
Cehuumsa Teknolojii hojii komunikeeshiniitiin
ummataa kan deeggare akkasumas raawwiin isaa
ol’aanaa kan ta’e(80%)
2.2.2.Ulaagaa dorgommii guddina sadarkaa hoggansa
sadarkaa giddu-galeessaa dhaabbilee

 Karoora Guddina Dhaabbatichaa(IDP)


qopheessuun kan hogganuu fi qabeenya
naannoo ka’uumsa godhachuun
ogummaalee filatamaniin ‘Center of
Excellence’ ta’uu isaa mirkaneessuun
karoora waggaa garee kenna leenjii fi TEI
fi cehuumsa teknolojii karaa hammateen
karoorsee, xinxaluun gadi buusuu,
hordofuu, geesisuu fi gamaggamuun
dhaabbaticha hogganuu irratti raawwiin
isaa ol’aanaa kan ta’e(85%).
Itti…
• Dhiyeessii humna namaa sadarkaa gadi-aanaa fi
giddugaleessaan gahoome mirkaneessuuf manneen hojii
seektaroota xiyyeefannoo hogganaan waliin hariiroo hojii
cimaa ta’e uumuun ulaa misoomaa naannichaa
giddugaleessa godhachuun karoorsee haala gahoo
simannaa leenjifamtootaa leenjii idilee, leenjii walta’iinsaa
waliin walitti hidhuu fi leenjii gaggabaabaa sadarkaa
ogummaa irraa ka’uun meeshaalee qulqulina leenjii ittiin
eegsisan akka qophaa’an taasisuu, leenjii pirojektii irratti
hundaa’e kennuu, leenjifamtootni akka gurmaa’an fi
akka qusatan taasisuun qaxarrii fi intarpiraayzii
uumuun hojii waliin akka walitti hidhaman taasisuun
hogganuu. Haala ka’uumsa Karoora Naannoo irraa
kennameen raawwiin isaa ol’aanaa kan ta’e (85%).
Itti…
 Humna namaa Industirii keessatti hojii irratti
bobba’e jiru(Qonnaan bulaa/horsiisee bulaa
dabalatee) karoora Biiroo/Ejansii Barnootaa fi
Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Naannoo/Bul/Magaalaa irraa kenname
giddugaleessa godhachuun leenjicha hogganuu fi
leenjifamtootni gahuumsi isaanii mirkanaa’ee
akka bahan hogganuu irratti raawwii ol’aanaa
kan galmessise.(85%)
Itti…
• Dorgommummaa Intarpiraayzoota
maaykiroo xixxiqqaa mirkaneessuuf
haala karoora Biiroo/Ejansii Barnootaa fi
Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Naannoo/Bul/Magaalaa irraa kennameen
paakeejota afran giddugaleessa
godhachuun deeggarsa taasisuun
gahuumsa sochostota IMX akka
mirkaneessuu fi qabeenya akka horataniif
hogganuu irratti raawwii ol’aanaa kan
galmeesse (85%)
Itti…
 Humna biyya keessaa fi alaatti fayyadamuun
teknolojii 100% waraabuu, foyyeessuu fi kalaquu,
hojiiwwan qorannoo fi qu’annoo rakkoo hiikan
akkasumas ademsa cehuumsa teknolojii akka
dhaabbataatti gahee qabuun sadarkaa
leenjisaa(leenjisaa jalqabaa, leenjisaa gargaaraa,
leenjisaa, leenjisaa ol’aanaa) fi sadarkaa
Inistiraaktaraa(Inistiraaktara jalqabaa, Inistiraaktara
gargaaraa, Inistiraaktara, Inistiraaktara ol’aanaa,
Inistiraaktara Dursaa fi Inistiraaktara haadhoo)
haala karoora Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa
irraa kennameef raawwachuu irratti raawwii ol’aanaa
kan galmeessise(85%).
Itti…
 Hojiiwwan dhimmoota waa’ee hundaa(cross cutting
issue) jechuunis hirmaannaa fi fayyadamummaa
dubartootaa, Ittisa fi to’annoo HIV/AIDS,
fayyadamummaa lammiilee fedhii addaa qabanii fi
hojii kunuunsa naannoo haala karoora
Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa irraa kenname
raawwiin isaa ol’aanaa kan ta’e(85%)
 Simannaa leenjifamtoota sagantaa idilee, leenjii
gaggabaaboo fedhii gabaa irratti hundaa’e fi TEI fi
Cehuumsa Teknolojii hojii komunikeeshiniitiin
ummataa kan deeggare akkasumas raawwiin isaa
ol’aanaa kan ta’e(85%)
2.2.3. Ulaagaa dorgommii guddina sadarkaa
hoggansa sadarkaa ol’aanaa dhaabbilee

 Karoora Guddina Dhaabbatichaa(IDP)


qopheessuun kan hogganuu fi qabeenya
naannoo ka’uumsa godhachuun
ogummaalee filatamaniin ‘Center of
Excellence’ ta’uu isaa mirkaneessuun
karoora waggaa garee kenna leenjii fi TEI
fi cehuumsa teknolojii karaa hammateen
karoorsee, xinxaluun gadi buusuu,
hordofuu, geesisuu fi gamaggamuun
dhaabbaticha hogganuu irratti raawwiin
isaa ol’aanaa kan ta’e(90%).
Itt…
• Dhiyeessii humna namaa sadarkaa gadi-aanaa fi
giddugaleessaan gahoome mirkaneessuuf manneen
hojii seektaroota xiyyeefannoo hogganaan waliin
hariiroo hojii cimaa ta’e uumuun ulaa misoomaa
naannichaa giddugaleessa godhachuun karoorsee
haala gahoo simannaa leenjifamtootaa leenjii idilee,
leenjii walta’iinsaa waliin walitti hidhuu fi leenjii
gaggabaabaa sadarkaa ogummaa irraa ka’uun
meeshaalee qulqulina leenjii ittiin eegsisan akka
qophaa’an taasisuu, leenjii pirojektii irratti hundaa’e
kennuu, leenjifamtootni akka gurmaa’an fi akka
qusatan taasisuun qaxarrii fi intarpiraayzii uumuun
hojii waliin akka walitti hidhaman taasisuun
hogganuu. Haala ka’uumsa Karoora Naannoo irraa
kennameen raawwiin isaa ol’aanaa kan ta’e (90%).
Itti…
 Humna namaa Industirii keessatti hojii irratti bobba’e
jiru(Qonnaan bulaa/horsiisee bulaa dabalatee) karoora
Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa irraa kenname
giddugaleessa godhachuun leenjicha hogganuu fi
leenjifamtootni gahuumsi isaanii mirkanaa’ee akka
bahan hogganuu irratti raawwii ol’aanaa kan
galmessise.(90%)
 Dorgommummaa Intarpiraayzoota maaykiroo xixxiqqaa
mirkaneessuuf haala karoora Biiroo/Ejansii Barnootaa
fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa
irraa kennameen paakeejota afran giddugaleessa
godhachuun deeggarsa taasisuun gahuumsa sochostota
IMX akka mirkaneessuu fi qabeenya akka horataniif
hogganuu irratti raawwii ol’aanaa kan galmeesse (90%)
Itti…
• Humna biyya keessaa fi alaatti fayyadamuun
teknolojii 100% waraabuu, foyyeessuu fi kalaquu,
hojiiwwan qorannoo fi qu’annoo rakkoo hiikan
akkasumas ademsa cehuumsa teknolojii akka
dhaabbataatti gahee qabuun sadarkaa
leenjisaa(leenjisaa jalqabaa, leenjisaa gargaaraa,
leenjisaa, leenjisaa ol’aanaa) fi sadarkaa
Inistiraaktaraa(Inistiraaktara jalqabaa, Inistiraaktara
gargaaraa, Inistiraaktara, Inistiraaktara ol’aanaa,
Inistiraaktara Dursaa fi Inistiraaktara haadhoo)
haala karoora Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa
irraa kennameef raawwachuu irratti raawwii
ol’aanaa kan galmeessise(85%).
Itti…
 Hojiiwwan dhimmoota waa’ee hundaa(cross cutting
issue) jechuunis hirmaannaa fi fayyadamummaa
dubartootaa, Ittisa fi to’annoo HIV/AIDS,
fayyadamummaa lammiilee fedhii addaa qabanii fi
hojii kunuunsa naannoo haala karoora
Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannoo/Bul/Magaalaa irraa kenname
raawwiin isaa ol’aanaa kan ta’e(90%)
 Simannaa leenjifamtoota sagantaa idilee, leenjii
gaggabaaboo fedhii gabaa irratti hundaa’e fi TEI fi
Cehuumsa Teknolojii hojii komunikeeshiniitiin
ummataa kan deeggare akkasumas raawwiin isaa
ol’aanaa kan ta’e (90%)
Itti…
• Kana waan ta’eef ulaagaalee madaallii
diinii armaan olitti ibsaman 2.2.1, 2.2.2 fi
2.2.3 bu’aalee raawwii safartuulee
waliigalaa garee lamaanii yommuu ta’u itti
Aantota Diinii lamaaniifuu akkaataa
amala hojii isaaniitiin hojiiwwan
gurguddoo armaan olitti ibsaman fi haala
seektara walitti hidhamiinsa qabaniin
Naannoo/Bul/Magaalaa/Godiina/Aanaa
irraa hojiiwwan dabalataa kennamaniin
kan madaalaman ta’a.
2.3. Haala raawwii Guddinii Sadarkaa Diinii fi Itti Aantota Diinii

 Diinii fi Itti Aantootni Diinii haala ‘Carrier Structure’


guddina Sadarkaa Inistiraaktarootaa fi Leenjisootaa
irra qaqqaban mindaa argamsiisuuf hoggantootni
dhaabbilee guddina sadarkaatiif dorgomuuf
ulaagaalee guutanii yoo argaman bu’ura ‘Carrier
Structure’ guddina sadarka Inistiraaktarootaatiin
gara sadarkaa itti aanutti ni guddatu.
 Diinii, Itti Aantota Diinii fi Qindeessitootni seektara
Leenjii dhaabbilee miseensa koree guddina sadarkaa
ta’anii guddinich kan isaan ilaallatu yoo ta’e koree
keessaa bahanii miseensota koree hafaniin guddinni
sadarkaa isaanii akka ilaalamu ni taasifama.
2.4. Adeemsa kenniinsa Mindaa/Kanfaltii Guddina
Sadarkaa Inistiraaktarootaa fi Leenjistootaa

Adeemsi kenniinsa Mindaa/kanfaltii


Guddina Sadarkaa Inistiraaktarootaa fi
Leenjistootaa gosa sadi yoo ta’u
isaanis:
• Guddinni irraa olee(Vertical Carrier)
sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa itti
aanutti kan kennamu, turtii yeroo turtii
sadarkichaaf taa’ee fi bu’aalee raawwii
hojii argaman irratti hundaa’uudhaan
kan raawwatamu ta’a.
Itti…
A. Amajjii 1-Waxabajjii 30 gidduuttii
leenjistootni fi Inistiraaktaroonni
haaraa qaxaraman ykn guddina
sadarkaatiin sadarkaa 2 fi isaa ol kan
argatan ykn naamusaan sadarkaa irraa
kan gadi bu’an dabalata mindaa
idilee /dabalata kanfaltii guddina
sadarkaa/ kan argatan Adoolessa 1
irraa kaasee ta’a.
Itti…
B. Adoolessa 1-Muddee 30 gidduuttii leenjistootni fi
Inistiraaktaroonni haaraa qaxaraman ykn guddina
sadarkaatiin sadarkaa 2 fi isaa ol kan argatan ykn
naamusaan sadarkaa irraa kan gadi bu’an dabalata
mindaa idilee/dabalata kanfaltii guddina sadarkaa/
kan argatan Amajjii 1 irraa kaasee ta’a.
• Guddinni dabalata mindaa dalgee (Horizontal
Carrier) kan kennamu qajeelfama gara fuula
duraa bahuun hanga bakka hin buunetti waggaa
waggaadhaan kan ilaalamu yoo ta’u akka biyyaatti
hojjattoota Mootummaa hundaaf yommuu
eeyyamamu hojiirra kan oolu ta’a.
2.4.3. Haala kenniinsa dabalata
mindaa foyyaa’iinsa Barnootaa
 Caasaa Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa dhimmi ilaalatu waliin
waligaltee qaama seeraatiin mirkanaa’e
qabatee dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo
biyyaa keessaa beekamtii qaban fi
Inistitiyuutii Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaa
akkasumas biyya alaatti leenjistoota
barnoota isaanii foyyeefatanii deebi’aniif
akkaataa gabatee armaan gaditti
ibsameen kan raawwatu ta’a.
Foyya’iinsa barnootaan dura Foyya’iinsa barnootaan booda
TL Ibsa
sadarkaa irraa ture sadarkaa haaraa irraa qaqqabu

1 Leenjisaa jalqabaa sadarkaa ‘C’ Inistiraaktara jalqabaa sadarkaa


‘B’

2 Gargaaraa Leenjisaa sadarkaa Inistiraaktara jalqabaa sadarkaa


Haala fedhii fi karoora
‘C’ ‘B’
dhaabbataatiin gara
3 Leenjisaa sadarkaa ‘C’ Gargaaraa Inistiraaktara sadarkaa
dhaabbata barnoota
‘B’
Ol’aanootti ergamanii
4 Leenjisaa Ol’aanaa Sadarkaa ‘C’ Inistiraaktara sadarkaa ‘B’ barnoota isaanii
foyyeessuun yommuu
5 Inistiraaktara jalqabaa sadarkaa Inistiraaktara sadarkaa ‘A’
deebi’an sadarkaa irraa
‘B’
eegamuun gahuumsa
6 Gargaaraa Inistiraaktara Inistiraaktara sadarkaa ‘A’ isaanii Madaallii
sadarkaa ‘B’ Gahuumsa
7 Inistiraaktara sadarkaa ‘B’ Inistiraaktara sadarkaa ‘A’ Ogummaatiin
mirkaneefachuun irraa
8 Inistiraaktara Ol’aanaa sadarkaa Inistiraaktara Ol’aanaa sadarkaa
eegama.
‘B’ ‘A’

9 Inistiraaktara Dursaa sadarkaa Inistiraaktara Dursaa sadarkaa ‘A’


‘B’
Itti…
 Foyya’iinsa barnootaa dhuunfaadhaan argame
yoo ta’e ogummaa fi sadarkaa ittiin leenji’an
ogummaalee Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa waliin kallaattiidhaan walitti
dhufeenya kan qabuu, ogummich kan
barbaardamu yoo ta’e fi ogummaa barnoota
foyyeefataniin kan leenjisan yoo ta’e, ogummaa
barnoota foyyeefataniin gahuumsa isaanii kan
mirkaneefatan yoo ta’ee fi kanas
Biiroon/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannootiin yoo mirkanaa’e akkaataa
gabatee armaan olitti fayyadamaa ta’u.
2.5. Sirna raawwii guddinna sadarkaa,
sadarkaa sadarkaadhaan
• Guddinni Sadarkaa Inistiraaktarootaa fi Leenjistootaa
sadarkaa dhaabbataatti koreen guddina sadarkaa
hundaa’ee Inistiraaktarootaa fi Leenjistoota guddina
sadarkaatiif dhiyaatan raawwiin guddina sadarkaa
isaanii hojiirra kan oolu leenjiin bu’aa irratti xiyyeefate
akkasumas adeemsa cehuumsa teknolojii jechun
teknolojiiwwan waraabaman, foyya’anii fi haaraa
kalaqaman manajmantiin dhaabbatichaa karaa itti
gaafatamummaa qabuun ilaalee fi gamaggamee boordii
dhaabbatichaatiin mirkaneessuun koree sadarkaa
Biiroo/Ejansii Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Naannoo/Bul/Magaalaa fi biyyoolessatti dhaabbateen
ilaalamee yoo mirkanaa’edha.
Itti…
• Guddinni sadarkaa hoggantoota dhaabbilee
hojiirra kan oolu manajmantiin
dhaabbatichaa karaa itti gaafatamummaa
qabun gamaggamee boordiidhaan ilalamee
Biiroof dhiyaatee yoo mirkanaa’edha. Kun
akka jirutti ta’ee Biiroon BLTO akkasumas
Ejansiin BLTO Federaalaa hojmaata taa’e
giddugaleessa godhachuun hojiin waraabbii
teknolojii foyyeesuu fi kalaqa haaraa
ilaalchisee itti gaafatamummaa isaaniif
kennameen raawwatu.
2.6. Miseensota Koree Guddina Sadarkaa
Inistiraaktarootaa fi Leenjistootaa sadarkaa
dhaabbataa
1. Itti Aanaa Diinii dhaabbataa damee leenjii bu’aa irratti
xiyyeefatee -------- walitti qabaa
2. Itti Aanaa Diinii dhaabbataa damee TEI fi Cehuumsa
Teknolojii----------- miseensa
3. Qindeessaa Sektaraa leenjisich keessatti argamu
------------ miseensa
4. Dura bu’aa waldaa barsiisotaa dhaabbatichaa -------------
miseensa
5. Dursaa garee Misooma qabeenya humna namaa …….
barreessaa
6. Garee misooma qabeenya humna namaa irraa ogeessa
tokko ………. miseensa
7. Itti gaafatamaa dhimma koorniyaa waldaa barsiisotaa
…….. miseensa
2.6.1. Gahee hojii fi itti gaafatamummaa koree
guddina sadarkaa Inistiraaktarootaa fi leenjistootaa

 Inistiraaktarootaa fi Leenjistoota bara bajataa keessa


guddina sadarkaatiif dhiyaatan guddina sadarkaatiif
dhiyaachuu isaaniitiin dura ragaalee qabatamaa
ulaagaalee guddinaa sadarkaa irratti hundaa’ee qophaa’e
karaa Itti Aantoota Diinii fi Garee Misooma Qabeenya
humna namaatiin qindaa’ee koreedhaaf ni dhiyaata.
 Qindeessaa garee/Gareen Misooma Qabeenya humna
namaa dhaabbatichaa Inistiraaktaroota fi Leenjistoota
bara baraan guddina sadarkaatiif dhiyaatan maqaadhaan
adda baasuun karaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa
qabun beeksisa maxxansuun ni beeksisa, koreedhaaf ni
dhiyeessa, Inistiraaktarootaa fi Leenjistoota sababa
hojiitiin naannoo sanatti hin argamne yoo jiraatan ragaan
isaanii karaa garee Misooma Qabeenya Humna Namaa
koreedhaaf ni dhiyaata.
Itti…
 Ragaalee guddina sadarkaa
Inistiraaktarootaa fi Leenjistootaa
qindeessitoota seektaraa/ Gareen
Misooma Qabeenya humna namaa
dhaabbatichaa dhiyaate amanamummaa
isaa ni mirkaneessa
 Koreen guddina sadarkaa qaboo yaa’ii
qabachuun Inistiraaktarootaa fi Leenjistoota
ulaagaalee guddina sadarkaatiif sadarkaa
sadarkaan taa’e guutan qulqulleessuun
ragaa barbaachisaa waliin manajmantii
dhabbatichaatiif ni dabarsaa.
Itti…
• Manajmantiin dhaabbatichaa ragaa
guddina sadarkaa koree irraa dhiyaateef
karaa itti gaafatamummaa qabuun erga
qulqulleessee fi gamaggameen booda
boordiif dhiyeessuun mirkaneessisuun
gara Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo fi Ejansii
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Federaalaaf ergamee koree ijaarameen
gamaggamamee akka mirkanaa’u ni
taasisa.
Itti…
• Teeknolojiiwwan waraabamanii fi foyyaa’an koree
sadarkaa Naannootti beekamtii kennutti osoo hin
dhiyaatin dura qindeessaan garee TEI fi Cehuumsa
Teknolojii Waajjira BLTO
Godiinaa/Bul/Magaalaa/Dhaabbataa karaa
hirmaachisee fi itti gaafatamummaa dhimmoota
gurguddoo armaan gaditti tarreefaman dursanii hojii
qulqulleessuu raawwachuun irraa eegama.
– Teknolojich ulaa misoomaa naannoo irraa ka’uun
qaaccessi dirii sonaa kan qophaa’ef ta’uu isaa
mirkaneefachuu
– Teknolojii qophaa’e ilaaluudhaan gosaan adda baasuu
(Technoware, Orgaware, Infoware & humanware)
– Teknolojiin qophaa’e qulqulinaa fi omishtummaa dabaluu
fi carraa hojii uumuu irratti gahee inni qabu
Itti…
 Akkaataa sadarkaa leenjisaatti gabatee 2.1
Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni guddina
sadarkaatti dhiyaachuudhaaf ulaagaalee guutuu
qaban sanada guutuu jehchuunis leenjii idilee
pirojektii irratti hundaa’e, leenjii gaggabaaboo, leenjii
walta’iinsaa industirii fi dhaabbata keessatti
kennuudhaan kan geessisee fi hojiidhaan kan walitti
hidhe ta’uu isaa sanadni agarsiisu dhiyaachuu qaba.
 Teknolojiin hojjatame humni omishtummaa isaa
sakkata’uun, humna guututti fayyadamuu fi
teeknolojicha intarpiraayzoota baay’istootatti cehuun
hojii irra ooluu isaa mirkaneefachuun gara
Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannootti ni ergama.
2.7. Koree kenna Beekamtii Teknolojii Inistiraaktarootaa fi
Leenjistootaa Sadarkaa Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo

2.7.1 Gurmaa’insa Koree kenna Bekamtii


sadarkaa Naannoo
1. Dursaa Garee TEI fi CT Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa
fi Ogummaa Naannoo ……………… walitti qabaa
2. Dursaa Garee Misooma Hoggansa Dhaabbilee Leenjii fi Leenjistootaa
Biiroo/Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo ...
Barreessaa
3. Dursaa Garee Misooma Leenjifamtootaa Biiroo/Ejansii Barnootaa fi
Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Naannoo ………………. Miseensa
4. Hogganaa Ejansii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Naannoo …
Miseensa
5. Bakka bu’aa Daarektoreetii Qorannoo fi Qu’annoo Yunvarsiitii
ogummaadhaan … Miseensa
6. Bakka bu’aa ogeessa Industirii Naannichaa ogummaadhaan …
Miseensa
7. Bakka bu’aa Waldaa Barsiisota Naannoo ……….. Miseensa
Itti…
4. Dursaa Garee ramaddii Sadarkaa
ogummaa fi Madaallii Mirkaneessa gahumsa
Ogummaa Ejansii Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaa ………….
Miseensa
5. Bakka bu’aa ogeessa Industirii
ogummaadhaan …… Miseensa
6. Bakkaa bu’aa Dhaabbata Barnoota
Ol’aanoo ogummaadhaan ……… Miseensa
7. Bakka bu’aa Waldaa Barsiisota
Itiyoophiyaa ……Miseensa
2.7.2. Gahee hojii fi itti gaafatamummaa koree
Gahee hojii koree kenna beekamtii sadarkaa
Naannoo
 Koreen kenna beekamtii sadarkaa
Naannootti hundaa’e, sanada Boordii
dhaabbataatiin qulqullaa’ee fi
gamaggamamee ergame ka’uumsa
godhachuun teknolojiiwwan sanada
guutuu qaban addaan ni baasa;
 Teknolojichi ulaa misoommaa naannoo
irraa ka’uun qaaccessi dirii sonaa kan
qophaa’eef ta’uu;
Itti…
 Iddoo hojii leenjisaatti argamuun
qulqulina teknolojii qophaa’ee ni
madaalu(qulqulinaa fi omishtummaa,
carraa hojii uumuu, baasii hir’isuu,
yeroo qusachuu fi baay’ina isaa)
 Humni omishtummaa Teknolojichaa
sakkata’amee, karaa guutuun
fayyadamuu fi intarpiraayzoota
baay’istootaatti cehuu fi hojiirra ooluu
danda’uu isaa mirkaneefachuu
Itti…
 Teknolojiin warabamee fi foyya’e bu’ura
istaandaardii cehumsa teknolojiitiin ta’uu
isaa madaaluu,
 Leenjiin idilee Pirojektii irratti kan
hundaa’e ta’uu isaa fi leenjii gaggabaaboo
fedhii gabaa irratti hundaa’e hojii
barbaaddotaaf sadarkaa ogummaa irraa
ka’uun leenjii walta’iinsaatiin deeggaruun
leenjifamtoota geesisuu fi hojii wajjin
walitti hidhuu.
Itti…
• Koreen iddoo hojii dhaabbilee
filatamaniitti argamuun adeemsota
hojii hunda irratti hojiiwwan
hojjataman gamaggamuun murtee
guddina sadarkaa Inistiraaktarootaa fi
Leenjistootaa hogganaa Biiroo/Ejansii
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Naannoo/Bul/magaalaatiin
mirkaneessisuun qaamota sadarkaa
sadarkaan jiran ni beeksisa.
2.8. Gahee hojii koree sadarkaa
Federaalaatti beekamtii kennu
2.8.1. Gurmaa’insa Koree sadarkaa
biyyoolessaatti beekamtii kennu

1. Dursaa Garee TEI fi CT Ejansii Barnootaa fi


Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaa
………………………. walitti qabaa
2. Dursaa Garee Misooma Leenjistootaa Ejansii
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Federaalaa ………. Barreessaa
3. Dursaa Garee Misooma Leenjifamtootaa
Ejansii Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa Federaalaa ………….. Miseensa
2.8.2. Gahee hojii fi itti gaafatamummaa koree
kenna beekamtii Inistiraaktarootaa sadarkaa
biyyoolessaa

 Ragaaleen teknolojii Sadarkaa naannootti karaa


itti gaafatamummaa qabuun erga hojiiwwan
dursanii qulqulleessuu erga raawwatameen booda
teknolojiiwwan beekamtiif dhiyaatan, kan
foyya’an, haaraa kalaqamanii fi hojiiwwan
qorannoo fi qu’annoo rakkoo hiikan koree
madaallii sadarkaa biyyoolessaatti gurmaa’e
sanada guutuu teknolojii gadi-fageenyaan ni
gamaggama.
 Teknolojiin foyyaa’ee fi haaraa kalaqame sanada
guutu qabaachu isaa mirkaneefachuu; qabiyyee fi
amala teknolojii foyya’ee fi haaraa kalaqamee
adda baasuun gamaggamuu fi mirkaneessuu;
Itti…
 Teknolojiiwwan foyya’anii fi kalaqaman humni
omishtummaa isaa sakkata’amee karaa guutuun
fayyadamuu fi teknolojichi intarpiraayzoota
baay’istootatti cehuu isaa, hojiirra ooluu
danda’uu isaa mirkaneefachuu fi gahee carraa
hojii uumuu keessatti qabu mirkaneefachuu.
 Mirga abbaa qabeenyummaa kalaqa sammuu
(Patent) teknolojiiwwan foyya’anii fi haaraa
kalaqamani akka argatan qaama dhimmi
ilaallatu beeksisu.
 Bu’ura istaandaardii cehuumsa teknolojii
qophaa’een teknolojiiwwan foyya’anii fi haaraa
kalaqaman madaaluu,
Itti…
 Leenjiin idilee Pirojektii irratti hundaa’ee kennamuu isaa
fi leenjii gaggabaaboo fedhii gabaa irratti hundaa’e hojii
barbaaddotaaf sadarkaa ogummaa irraa ka’uun leenjii
walta’iinsaatiin deeggaruun leenjifamtoota geesisuu fi
hojii wajjin walitti hidhuu.
 Hojiiwwan adeemsota hojii lamaan armaan olitti
tarreefaman qaamaan dhaabbatatti argamuun
gamaggamuu fi mirkaneessuun Biiroo/Ejansii Barnootaa
fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa sadarkaa
naannoo/Bul/Magaalaa ni beeksisa. Biiroo/Ejansii
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
naannoos/Bul/Magaalaas murtee guddina sadarkaa
Inistiraaktaroota ol’aanaa sadarkaa ‘B’, Inistiraaktara
Dursaa fi Inistiraaktaroota sadarkaa ‘A’ koree beekamtii
sadarkaa Federaalaatti hundaa’een mirkanaa’e hoggansa
dhaabbiileetiif ni dabarsa.
2.9. Adeemsa iyyannoo fi komiin
itti dhiyaatu
 Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni
raawwii guddina sadarkaa sadarkaa
sadarkaan jiru irratti komii yoo
qabaatan iyyaannoo isaanii akkaataa
dhiyeefannoo komii hojimaata siivil
sarviisiitiin qaamolee sadarkaa
sadarkaadhaan dhimmi isaa ilaallatuuf
dhiyaatee ragaa qabatamaa irratti
hundaa’uun murtee akka argatu ni
taasifama.
A. Yeroo komiin itti dhiyaatu
ilaalchisee:
• Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni komii
qaban dhimmicha Diinii dhaabbatichaatti
dhiyeessuun guyyaa murteen kenname irraa
jalqabee guyyoota hojii kudhan keessatti
iyyannoo isaanii koree komii qulqulleesituu
dhaabbatichaatiif dhiyyeessuun irraa eegama.
• Sababa rakkoo humna ol ta’een yeroo armaan
olitti ibsame keessatti iyyata komii
dhiyeefachuu kan hin dandeenye yoo ta’e,
rakkichi hikkaatee guyyaa hojii 10 keessatti
iyyannoo komii dhiyeefachuu ni danda’a.
B. Komii qulqulleessuu ilaalchisee:

Koree Komii dhageefatu


 Iyyata komiitii fi ragaalee qabatamaa ta’an qorachuun;
 Qaamolee dhimmichi ilaallatu hunda dubbisuun;
 Seerota, Dambiiwwan, qajeelfamootaa fi hojimaatilee
jiran xinxaluun komii dhiyaate ni qulqulleessa.
 Gabaasa bu’aa qorannoo fi yaada murtee komii
dhiyaatee guyyaoota hojii kudhan keessatti diinii
dhaabbatichaatiif dhiyeessuun ni murtesisa. Turtii
yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti diiniin
dhaabbatichaa murtee koree mirkaneessuun ykn
sababa quubsaa yoo qabaate murtee addaa kennuu
ykn koreen dhimmicha akka qulqulleessuu taasisuu ni
danda’a.
Itti…
• Iyyannoon dhiyaate rakkoo raawwii bulchiinsaa kan
qabu ta’e yoo argame, Inistiraaktaroonnii fi
leenjistootni komii kaasan Itti Aanaan diinii damee
leenjii bu’aa irratti xiyyeefatee dhaabbatichaa
komiiwwan dhiyaatan qindeessuun karaa sadarkaa
isaa eeggateen guyyoota hojii kudhan keessatti
Biiroo Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Naannoo jiruuf dhiyeessuun irraa eegama. Biiroon
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
Naannoo iyyannoon komii dhiyaateef seerota,
danbiiwwan, qajeelfamootaa fi hojimaata jiran
xinxaluun komii dhiyaateef yeroo ji’a tokkoo hin
guunne keessatti ni qulqulleessa murtees ni kenna.
2.10. Haalota adda addaa

• Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni gita hojii leenjisummaa


irraa fedhii isaaniitiin gara Biiroo/Waajjira/Ejansii/
Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa ramadamanii yoo
hojjatan madaalliin raawwii hojii sadarkaa kanaan kennamu
hojiiwwan dhaabbata keessatti raawwataman waliin kan wal
hin fakkaane waan ta’eef madaalliin raawwii hojii isaanii
dorgommii guddina sadarkaatiif hin qabamuuf.
• Tokkoon tokkoon guddinni sadarkaa Inistiraaktarootaa fi
Leenjistootaa yeroo turtii mataa isaa kan qabu waan ta’eef,
Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni sadarkaa qaqqabanitti
yeroo turtii isaanii osoo hin guutiin sababoota adda addaatiin
hojii idilee isaanii irraa adda bahanii turanii yoo deebi’an
deemuu isaaniitiin dura sadarkaa irra turanitti deebi’anii
yeroo turtii isaanii eeguudhaan madaalamanii fayyadamtoota
guddina sadarkaa ni ta’a.
Itti…
 Inistiraaktaroonni fi leenjistootni sababa rakkoo
fayyaatiin hojii leenjisummaatiin itti fufuu kan hin
dandeenye yoo ta’e, kunis boordii hakimootaatiin
yoo mirkanaa’e Biiroo/Waajjira/Ejansii/ Barnootaa
fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaatiif dhiyaatee gita
hojii biroo yoo qabaate dhaabbidhaan ykn
yeroodhaaf jijjiramanii akka hojjatan gochuu ni
danda’a. Kana bood guddinni sadarkaas kan
ilaalamuuf dhukkuba isaanii irraa foyya’anii gara
gita hojii leenjisummaa ykn Inistiraaktarummaatti
deebi’uun yoo ramadamanii fi yeroo turtii guddinni
sadarkaa barbaadu yoo gutan fayyadamaa guddina
sadarkaa ni ta’u.
Itti…
 Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni fedhii isaaniitiin
mana hojii kan birootti yoo jijjiramanii fi yeroo turtii
murtaa’e booda gara hojii leenjisummaatti deebi’uuf
gaaffii yoo dhiyeessan ogummaan ittiin leenji’an
dhaabbaticha keessatti leenjiin kan ittiin knnamaa jiru
yoo ta’ee fi hanqinni leenjisaa ogummichaan yoo jiraate
yeroo hojiirra turanitti leenjiin kennaa turan bu’aa
qabeessa ta’uun isaa qulqullaa’ee fi bajanni jiraachuun
isaa mirkanaa’ee gara hojiitti deebi’anii ramadamuu ni
danda’u. Yommuu deebi’anis ogummaa fi sadarkaa
duraan irra turanitti kan deebi’an ta’a. Hata’u malee
jijjiiramni sadarkaa barnootaa kan jiru yoo ta’e
tajaajilli duraanii fi sadarkaan ogummaa waliin
xinxalamee sadarkaa isa gitutti kan ramadamu ta’a.
Itti…
 Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni adeemsa guddina
sadarkaa sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa itti
aanutti cehuuf taasifamu keessatti dorgommiin
guddina sadarkaa marsaa jalqaba teknolojii
waraabuun foyyeessuu fi hojiiwwan kalaqa haaraa yoo
ta’e fi dorgommi kan hin dabarre yoo ta’e dorgommii
yeroo lammaffaatiif dhiyaachuuf bu’aa madaallii
raawwii hojii marsaa lamaa waggaa tokko itti aanu
dabalatee fi leenjii idilee, leenjii gaggabaaboo fedhii
gabaa hojii irratti hundaa’e, leenjii walta’iinsaa
akkasumas qulqulinaa fi gahuumsa deeggarsa
intarpiraayzootaaf kennamu mirkaneessuuf madaallii
gahuumsa ogummaa sadarkaa sadarkaadhaaan
kennuu fi gahuumsa sochoostotaa yoo mirkaneesse
sadarkaa jiru irratti yeroo tokko qofa kan dorgomu ta’a.
Itti…
Gara sadarkaa itti aanutti yoo darbe guddina
sadarkaa itti aanuuf kan dhiyaatan guddinicha
guyyaa argatan irraa jalqabee yeroo turtii
barbaachisoo eeguun ta’a. Kunis adeemsa guddina
sadarkaa Inistiraaktarootaa fi Leenjistootaa
keessatti yeroo tokko qofaaf carraa kennamuudha.
Dabalataanis sadarkaalee jiran keessa tokko qofa
irratti carraa kennamu ta’ee sadarkaa kan biro
irratti irra deebiidhaan carraa kana fayyadamaa
ta’uu hin danda’an. Haalli akkanaa kun yommuu
qunnamu yeroo turtii isaanii eeggatanii madaallii
gahuumsa ogummaa sadarkaa sadarkaan
dhiyeessuun guddina sadarkaaf kan dhiyaatan ta’a.
Itti…
• Dorgomanii yoo darbuu baate sadarkaa irra
jirutti yeroo turtii kennameef eegee
dhiyaachuu danda’a jechuudha. Kunis
madaallii gahuumsa ogummaa madaalaa
dursaa industirii keessaa horachuun
leenjistootaa, Inistiraaktarootaa fi hoggansi
sadarkaa sadarkaan gahuumsi isa akka
mirkanaa’u taasisuun kanaafis wiirtuleen
mirkaneessa gahuumsa ogummaa sadarkaa
sadarkaan jiran hojicha ol’aantummaan
akka hogganan irraa eegama.
Itti…
 Guddinni sadarkaa hoggantoota,
Inistiraaktarootaa fi Leenjistootaaf kennamu
naannolee hojiidhaaf rakkisoo ta’an keessatti
ogeessota harkisuu fi dadamaqsuuf kanfaltii
durgoo fi faayidaalee biroo waliin walitti
dhufeenya hin qabaatu.
 Kenniinsi guddina sadarkaa Inistiraaktarootaa fi
leenjistootaa dorgommii leenjistootaa fi
Inistiraaktaroota gidduutti taasifamuun osoo hin
ta’iin safartuu istaandaardii ulaagaa taa’een kan
madaalamanii fi safartuu istaandaardii taa’e kan
guutan yoo ta’e adeemsa guddinaaf itti
dhiyaatanidha.
Itti…
 Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni guddina sadarkaatiif
kan dorgoman guyyaa qaxaraman irraa kaasee yeroo turtii
isaanii yoo guutan ta’ee, dorgommiin guddina sadarkaa
kan gaggeefamu waggaa waggaadhaan ji’a Adoolessaa fi
Amajjii keessatti. Dhaabbilee hunda keessatti yeroon
argannaa xumura madaallii fi guddina sadarkaa Adoolessa
1 hanga Muddee 30 fi Amajjii 1 hanga Waxabajjii 30tti yoo
ta’u Inistiraaktaroonnii fi Leenjistootni sadarkaa qaqqaban
irratti haala yeroo turtii isaaniitiin ta’a.
 Murteewwan dhimmoota naamusa wajjin walqabatanii
kennaman akkaataa danbii bulchiinsa hojjattoota
mootummaatiin kan raawwatamu ta’a.
 Ragaan mirkaneessa gahuumsa ogummaatiif kenname
kan tajaajilu sadarkaa leenjisummaa turtii guddinni
sadarkaa gaafatu qofaaf ta’a.
Itti…
 Dhaabbilee Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa qorannoo fedhii gabaa hojii irratti
hundaa’uun leenjii gulantaa I-II akkasumas
lammiilee hojiilee barbaaddotaaf leenjii
kennuu, geesisuu fi hojiitti galchuuf kan
deeggaran leenjisaa Ol’aanaa sadarkaa ‘C’ tiin
kan hogganamu ta’u.
 Inistiraaktarootaa fi Leenjistootni guddina
sadarkaatiif dhiyaatan tajaajilli isaaniif
qabamu.dhaabbata mootummaa keessatti
hojii leenjisummaatiin yeroo itti hojjatan
qofadha.
Itti…
• Muxaannoon hojii dhaabilee dhuunfaa,
mti-mootummaa ykn Biiroo/waajjira
hojjachuun argame dorgommii guddina
sadarkaa dhaabbata keessatti
gaggeefamuuf hin qabamu. Akkasumas
sababoota adda addaatiin hojii idilee irraa
adda bahee ykn barnootaa fi leenjiidhaaf
jedhamee ji’a sadii oliif eeyyamni yoo
kenname turtii guddina sadarkaatiif hin
qabamu. Hata’u malee lakkoofsa 2.10.14
armaan olitti ibsame eeyyama dawuumsaa
hin ilaallatu.
Itti…
 Inistiraaktarri ykn Leenjisaan tokko guddina
sadarkaatiif dhiyaatee yoo darbee fi mindaan
duraan kanfalamuuf mindaa ka’uumsaa sadarkaa
irratti dorgomuun waliin walqixa ykn isaa ol yoo
ta’e sadarkaa tokko karaa dalgee(horizontal) kan
dabalamuuf ta’a.
 Qajeelfama biraatiin yoo eeyyamam malee
guddinni sadarkaa dalgee fi irraa olee yeroo
tokkotti kennamuu hin danda’u.
 Yeroo filannoo Diinii fi itti Aantota diinii
dubartoota gahuumsa qaban gara itti
gaafatamummaatti fiduun dhimma xiyyeefannoon
kennamuufii qabuudha.
Itti…
 Ragaa barnootaa biyya alaatii argame ilaalchisee
falmisiisaa ta’ee yoo argame qaama beekamtii kennuun
mirkanaa’uun tilmaamni baheefii yoo dhiyaate hojiirra
ni oola.
 Filatamtootni Waldaa barsiisotaa sadarkaa sadarkaan
jiran akkuma Inistiraaktara ykn leenjisaa kamiyyuu
fayyadamtoota guddina sadarkaa kan ta’an yoo ta’u,
yeroo guutuu fi deeddeebiidhaan waldicha keessatti
tajaajilan kan ittiin madaalaman hoggansa
waldichaatiin qophaa’ee unka madaallii Ministeera
Barnootaa irraa dhiyaateen ta’ee, bu’aan madaallii
raawwii hojii waajjira waldichaatiin guutamee qabxii
sadarkichaaf kaa’ame yoo guutan fayyadamtoota
guddana sadarkaa ni ta’u.
Miltoo 1: Ulaagaa Madaallii Raawwii Hojii
Inistiraaktarootaa/Leenjiistoota Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa
Safartuu Karooraa Raawwii

Ulfaatina raawwii hojii 100% keessaa


Raaww
Hojii ii

Qulqullina

Qulqullina
Baay’ina

Baay’ina
Lak wwaa Tareeffama Hojiiwwan Ijoo Bu’aa eggamuu fi safartuu karoor

Baasii

Baasii
Yeroo

Yeroo
n Ijoo a irraa
100%n

Gumii Adda durootaa; galmoota taa’an sadarkaa


ol’aanadhaan raawwachuun, miseensota garee
misoomaa itti fufinsaan geesisuudhan sadarkaa
isaanii guddisuun raawwii dhaabbatichaa
Adda dureewwaan sagantaa
1 sadarkaa ol’aanatii guddisuu kan danda’ee fi
jijjiiramichaa hogganuu
1.1. yaadota haaraa burqisiisuudhan istaandardii ta’e 4
aayyaa Teeknoolojii ykn Immaataa fi Sirna Diriirsuu

danda’an Garee Misoomaatiin


fooyyeessuu kan danda’e (%n)
uumuu

1:5 ykn garee misoomaa Galmootaa fi hojiiwwan 1:5 dhaan akkasumas


leenjistoota raawwii sadarkaa garee misoomatiin ta’aan sadarkaa ol’aanattti
ol’aanaa/ fooyya’aa ta’e kan raawwate, 1:5 fi garee misoomaa sadarkaa
1.2 galmeesisuu danda’aniin akka ol’aanatti raawwachuu danda’een gurmaa’uu 3
gurmaa’u taasisuu isaa kan mirkanesse (%n)

Leenjiifamaa 1:5 fi garee Leenjifamaa 1:5 fi garee misoomatiin gurmaa’ee


misoomaatiin gurmeessuun bu’a qabeessummaa leenjii fi deegarsa
qaama karoorichaa taasisuu fi kennamuuf irratti gahee isaa bahuudhan karoora
Itti…
Walitti hidhaminsa Humna Bu’a qabbeesummaa Leenjisaa bu’a
Misooma sadanii uumuudhan qabeessumma leenjifamtootaa fi
jijjirama dhabbataa Intarpraayizii Maaykiroo Xixxiqqaa
mirkaneessu dorgomomummaa isanii mirkanessaniin
1.4 mirkanaa’e, bu’a qabeessummaa hoggansaa 4
bu’a qabeesumma leenjisaa fi dame
uumataatiin mirkanaa’e (%n)

Maalumma fi faayyida Sadarkaa Ogumma Industrii fi


Sadarkaa Ogummaa irratti Leenjiifamtootaan wal barsisuu, sadarkaa
2.1 leenjiifamaa fi Industriif abbumaan Industrii irra gahe 2
hubannoo waligalaa uumuun (%n)
walingahuu
Haala karoora Qindoominaa Oggessota Industrii keessaa gahooman
Seektaroota Xiyyeeffannoo Mdaallaa Dursaa ta’anii hojitti galan. (%n)
2.2. waliin qaphaa’een oggeessota 2
Industrii adda bahan keessaa
Madaalaa horachuu
Seektara Xiyyeeffannoo irratti Deegarsa guutuu kennameen Leenjistoota
leenjistoota sadarkaa “C” horatamanii fi bu’a qabeessa ta’an (C-
gahumsa qaban, Industrii fi flooding)
Dhabbata keessaatti horachuu  Madaalamanii kan gahooman, mala
3.1 fi guutuu leenjisummaa fi sandoota sirinicha 2
irratti kan gahoomanii fi leenjistoota
leenjii bu’aa irratti xiyyeeffate
milkeessuuf ilaalchaan qophii ta’an
(%n)

Seektara xiyyeeffanoo irratti Leenjistoota Seektara xiyyeeffanoo irratti


leenjistoota Industrii keessa gahumsi isaanii mirkana’ee fi Industrii
3.2 gahumsa qaban sadarkaa keessatti horataman (%n) 1
sadarkaan horachuu
Itti…
Leenjii Proojeektii irratti Leenjiin kennamu Proojeektii
hundaa’e kennuun irratti akka hundaa’uu
dandeetti leenjiifamtootaa taasiisuun leenjiifamaan leenjii
ijaaruu isaa yoo xumuru teeknoolojii
gabaa keessatti dorgomaa isa
taasiisuu danda’u 100%
3.3. 6
waraabuun gabaa irratti
dorgomaa ta’ee, leenjifamaa
omisha biyya alaatti galu bakka
buusuu danda’uu uumamee fi
proojeektii qophaa’e irratti
gahome (%n)
Ijaarsa Dandeetti Dhaabbilee (Leenjii Walta’insaa)

Meeshaalee sirna leenjii Meeshaalee sina leenjii qulqullina


qulqullina isaa eege (TTLM, isaa eegee gutuumaan guutuutti
3.4 Session Plan, TRB, Progress qopheessee hojitti kan gale 3
Chart) qopheessuun hojiirra (meeshaalee leenjii guutuu hin
oolchuu taaneef qabxiin hin kennamu)
Madallii itti fufinsaan tokkoon
tokkoon tuuta gahumsaa irratti
Madaallii itti fufinsa qabu
3.5. kennamee fi bu’aan galmaa’e ija 2
gaggeessuu
bu’aa madaallii gahumsa
ogumma biyyoolessaatiin
Deegarsa Leenjifamtoota
fedhii adaa qabanii fi
leenjifamtoota durbaatiif
taasisuu, akksumas
eegumsa naannoo, farra HIV-
AIDS fi dhimmoota biro
3 xiyyeeffannoo barbaadan
irratti hirmaanaa taasiisuu
Itti…
Oggeeyyota Industrii Baay’ina Oggeeyyota Industrii
gahoomsuu fi leenjii mala deegarsa argachuun
3.7 leenjisuu kennuun leenjii wal gahoomanii fi mali 2
ta’insaatiif qopheessu leenjisumma kennameef leenii
wal ta’insaatiif qophaa’an (%n)
Industriiwwaniif deegarsa Deegarsa kennameen baay’ina
3.8. taasisuun leenjii wal ta’insaatiif Industriiwwan leenjii wal 2
mijataa gochuu ta’insaatiif mijataa ta’an (%n)
Bu’uura sanada sirina leenjii wal Haala sanada sirina leenjii wal
ta’insaatiin:- ta’insaatiin leenjii walta’insaa
 Industriiwwan leenjii wal hojiirraa oolchuun
njifamtootaa fi Ijaarsa Dandeetti Dhaabbilee (Leenjii

ta’insaa kennuu dnda’an leenjifamtoota gahoomanii fi


adda baasuu; teeknoolojiiwwan 100%
 Industriiwwan adda bahan waraabaman
waliin waliigaltee uumuu;
 Industriiwwan waligalteen
uumame waliin karoora
leenjii qindoominaan
qopheesuu, leenjii kennuu fi
gahumsa leenjifamtootaa
madaallii gahumsaatiin
Walta’insaa)

mirkaneessuu fi raawwii
3.9. leenjii wal ta’insichaa fi bu’a 5
argame waliin
gamaaggamuun kolleejii fi
Industrii leenjii
walta’insichaa kenneef
beeksisuu
Itti…
3.10 Leenjiifamtoota leenjii isaanii xumuran, Leenjifamtoota madaalliidhan gahooman (%n)
madaallii dhaabbata keessaa
(Institutional Assessment) sadarkaa isaa
eegate akka madalamanii fi madaallii
2
3 mirkaneessa gahumsa ogummatiif
qophaa’an taasiisuu

3.11 Leenjifamtoota leenjii isaanii xumuran, Leenjifamtoota leenjii isaanii xumuran keessa
madaallii gahumsa ogummaatiin madaallamanii gahumsi isaani mirkanaa’e (%n)
madalchisuun gahumsa isaanii 6
mirkaneessu
3.12 Leenjifamtoota leenjii isaanii xumuran gara Leenjiifamtoota leenjii isaanii xumuran keessa kan
hojiitti akka galaniif gurmeessuu (hojitti gurmaa’anii hojiitti galan (%n)
galchuu) 4

3.13 Lammilee hojii barbaaddota ta’an fedhii Lammiilee leenjiin booda madaallamanii gahumsii
gabaa irratti hundaa’uu sadarkaa isaanii mirkanaa’ee hojiitti galan (%n)
ogummaa keessa tuuta gahumsaa
filataman irratti leenjii gaggabaaboo leenjii
wal ta’insaatiin deeggarameen gahoomsuu 3
fi madaalchisuun gara hojiitti galchuu

3.14 Sirina hojiimaata kaayiznii diriirsuun Hojiimaata kaayiznii hojiirraa oolchuun yaadota
jijjirama dhaabbataa mirkaneessuu haaraa burqsiisuun jijjirama dhaabbataa galmaa’ee fi 2
raayyaa misoomaa ijaarame (%n)
3.15 Tooftaalee galii keessoo argamsiisan Omishaa biyya alaa bakka bu’uu danda’an
uumuun dhaabbaticha fayyadamaa omishamanii fi tajaajila kennamaniin dandeetti
taasiisu dhaabbataa ijjaarameen qabeenya horatame (%n) 3

1.16 Maashinoota leenjii humna guutuudhan Maashiinoota humna guutuudhan hojiirra oolaniin
hojiira akka olan taasisuun cee’umsa teeknoolojiiwwan cee’an, leenjiiwwan proojektii irratti
teeknolojiitiif, leenjii proojeektii irratti hundaa’een kennamanii fi baayi’an waldaalee
hundaa’ee fi waldaalee intarpraayizoota Intarpraayizoota Myikiroo Xixxiqqaa maashinootan
maayikiroo xixxiqaa deegaruuf oolchuun fayyadamuudhan qabeeny horatan (%n)
oomisha biyyaa alaatti galuu danda’u
bakka buusuudhan humna maashinootaa 4
duguganii itti fayyadamuudhan itti
fayyadama qabeenyaa guddisuu
Itti…
Sosoostoota Intarpraayizoota Baay’ina
Maayikiroo Xixxiqqaa haala Intarpraayizoota
sadarkaa irra jiraniin sadarkaa Maaykiroo Xixxiqqaa
ogumma irra ka’uudhan qawwa deegarsa guutuu
4.1. ogumma isaanii adda baasuun kennameefiin dorgomaa 10
deegars guutuu ta’e kennuudhan ta’uun fi qabeenya
dorgomummaa isaanii guddisuu horachuudhan sadarkaa
irra gara sadarkaatii
cee’an.
a Industrii Eksiteenshnii fi cee’umsa Teeknoolojii

Bu’uura qaawwa ogummaa adda Deegarsa kennameen


baheen sadarkaa ogummaa irraa baay’ina sochoostootaa
ka’uun paakeejoota deegarsaa gahumsi isaanii
4.2. Afran irratti hundaa’uun humna madalliidhan mirkanaa’e 10
sochoostota Intarpraayizoota
Maaykiroo Xixxiqqaa ijaaruu

Haala qaawwa adda baheen Teeknoolojiiwwaan


teeknoolojiiwwaan omishaa fi omishaa fi omishaawwaa
omishaawwaa bu’a qabeesa ta’an bu’a qabeessumaan
Qajeelfama dandeetti barbaachisoo isaanii 100%
4 leenjistootaa irratti hundaa’uun sakata’amee fi
akkaataa sadarkaa leenjistootatiin mirkanaa’ee cee’uu
filuu fi qopheessuun waldaalee isaanitiin qabeenya
Intarpraayizoota Maaykiroo horatame
Xixxiqqaatti ceesiisuu

4.3 10
Yaadachiisa

 Leenjistoonii fi Instraaktarooni fayyadamaa guddina


sadarkaa ta’uuf uulagalee guutachuu qaban keessaa
madaalliin raawwii hojii tokko yoo ta’e illee safartuun isaa
garuu nannoo irraa gara naannotti, akkasumas dhaabbata
gara dhaabbataatti bal’inaan garaagarummaa kan qabuu fi
raawwii hojiilee gurgoddoo bu’ura kan hin taasifine waan
ta’eef, hojiirraa oolmaa isaa irratti qaawwii ni mul’ata.
Haaluma kanaan, safartuun raawwii hojii leenjistoota akka
biyyoolessatti haala wal fakkatuun qophaa’ee miltoo 1ffaa
irra kan kaa’ame yoo ta’u, madaalliin
leenjistootaa/instraaktarootaa bu’aa irratti xiyyeeffate
karoora waggaa kollejichaa irraa lakkawwame kan
kennmuuf yoo ta’u hojiiwwan miltoo 1 irra taa’an kan
qabatu ta’a. Bu’aan madaallii raawwii hojii
leenjistootaa/instraaktaroota haluma kanaan kan
guutamu ta’a.
Itti…
 Leenjifamtoota leenjii idileetiin leenjise keessaa yoo xiqqate galma
akka biyyaatti madalliin gahoomsuuf barichaaf qabame giddu
galaan/”average” guutuu kan danda’ee fi lammilee hojii
barbaadaniif leenjii gaggabaaboo fedhii gabaa irratti hundaa’e
tuuta gahumsaa sadarkaa ogummaa keessa filataman irratti
leenjiisee madaalchisuun gahumsi isaani akka mirkanaa’u kan
taasiisee fi yeroo turtii isaa keessatti haala paakejoota deegarsaa
TEI afraniin karaa guutuu ta’een deegaruu fi gahumsi isaani
madaalliin akka mirkanaa’uu taasisuun qabeenya akka horatan
kan godhe, qaacessa dirii sonaa seektara xiyyeeffannoo irratti
hundaa’e irraa ka’uun teeknoolojiwwaan bu’a qabeessumaan isaa
mirkanaa’ee rakkoo hikuu danda’uun isaanii adda bahe
waaraabuun Intarpiraayizii Maayikroo Xixxiqqaatti ceesisuun
qabeenya akka horatan taasiisuun yeroo turtii isaanii keessatti
hojiilee leenjistoota/instraktarootaf haala BSCn lakkaawwamani
kennamuuf yoo ta’u bu’aan galmeesisan koree sadarkaa
sadarkaan ta’een yoo mirkanaa’e kan raawwatamu ta’a.
Miiltoo 2- Istaandaardii Qulqulinni Leenjii Walta’iinsaa ittiin safaramu
Measuring Standards in Preparation, Implementation and Evaluation
phases to measure Quality Cooperative Training
Boqonnaa qophii /The preparation phase (35%)
T Hojiiwwan hojjataman Ragaalee barbaachisoo
L Items to be done Required evidence

Iddoowwan leenjiin walta’iinsaa itti kennamu Iddoowwan leenjii walta’iinsaa


1
sakkata’uu leenjistootaan sakata’aman

Inispecting cooperative training sites Inspected site by experts/trainers

Industiriiwwan/Intarpiraayzoota leenjii walta’iinsaaf Industiriiwwan/Intarpiraayzoota leenjii

2 adda bahan walta’iinsaatiif filataman

Identifying surrounding industries/enterpreises Selected industries/enterpreises

appropriate to program we are going to train appropriate to program

Dhimmamtootaaf leenjii walta’iinsaa


Dhimmamtootaaf leenjii walta’iinsaa irratti irratti hubannoon uumameef(yoom,
3 hubannoo uumuu eessa)
Create TVET-Industry partinership and aware about Partinership awareness created/Number
cooperative training for partiners and stackholders of companies attended and participants
list (when/where)
Itti…
Sagantaa leenjii adda baheen leenjii walta’iinsaa Karoora leenjii walta’iinsaa qophaa’ee
kennuuf waliigaltee sagantaa raawwii waliif fi waligaltee mallataa’e
mallateessuu Identified training program for

4 Identifying occupations in Industry for cooperative cooperative training & signed

training & signing of memorandum of understanding agreement.


(MoU) attached with joint action plan that address
training program.

Leenjisaa industirii keessaa gahoome


Industiriiwwan/Intarpiraayzoonni qaawwa ogummaa
Competent Industry trainer
qaban adda baasuun guutuun madaalchisuu.
5
Assessing & capacitating industry experts and TVET
trainers by fulfilling their skill gap.

Leenjistoota Leenjii mala


Leenjisaa industirii keessaa gahoomeef leenjii mala
leenjisummaa fudhatan
leenjisummaa kennuu
6 Trainers who have taken training
Conduct Methodology Training for competent
methodology
industry expert
Boqonnaa Raawwii/Implementation phase (50%)

TL Hojiiwwan hojjataman Ragaalee barbaachisoo


Items to be done Required evidence

1 Qindeessitoota leenjii walta’iinsaa fi Leenjistoota industirii leenjii


leenjistoota industirii gahooman ramaduu walta’iinsaa kennuuf ramadaman
Assigning training coordinators and Assigned trainers
competent trainers

2 Karoora leenjii walta’iinsaa qopheessuu Karoora leenjii qophaa’e


Developing training plan Developed training plan

3 Leenjifamtoota gulantaa fi ogummaadhaan Leenjifamtoota gulantaa fi


ramaduu ogummaan filataman
Assigning trainees by level and occupation Assigned trainees by level and
occupation
Itti…
4 Leenjicha tuuta gahuumsaatiin kennuu(UC) Tuuta gahuumsa leenjiin
Conduct training as per unit of competency irratti kenname
Covered unit of
competency(UC)
5 Gara tuuta gahuumsaa itti aanutti osoo hin cehiin Bu’aa madaallii kenname
tuutaalee gahuumsaa leenjiin irratti kenname Assessement result
madaalliidhaan mirkaneessuu
Conducting assessement as per unit of
competency before proceeding to the succeeding
unit of competency

6 Madaallii gahuumsa ogummaa kennuu Bu’aa madaallii kenname


Occupational assessement Assessement result
Boqonnaa deeggarsaa fi hordoffii/The
Monitoring and evaluation phase (15%)
T Hojiiwwan hojjataman Ragaalee barbaachisoo
L Items to be done Required evidence
1. Leenjich sgantaa baheen Leenjicha kallattii yeroo, baasii fi
kennamaa jiraachuu isaa qulqulina isaatiin to’achuu
hordofuu Monitoring schedule/ monitoring
Monitoring the training progress frequency/ results/ decision
2 Xinxala bu’aa leenjii Bu’aa Leenjii walta’iinsaa
walta’iinsaa gaggeessuu xinxaalame
Analyze the result Analyzed result
3 Sirreefama barbaachisaa Sirreefama taasifame
taasisuu Correction made
Make correction as required
5 Gabaas qopheessuu/gochuu Gabaasa barreefamaan dhiyaate
Reporting Compiled written report
Qulqulinaa fi qaqqabummaa leenjii walta’iinsaa kenname
safaruu
Measuring standerds to measure the quality and coverage of
cooperative training
TL Hojiiwwan hojjataman Ragaalee barbaachisoo
Items to be done Required evidence

Sagantaalee leenjii leenjii walta’iinsaatiin


Sagantaa leenjii hunda leenjii walta’iinsaatiin
uwwifaman
uwwisuu
1. Number of training programs covered in
All training programs arranged/delivered in
cooperative training in relation availbale
cooperative training modality
programs

Ogummaa hundaa fi leenjiiwwan al-idilee Baay’ina leenjifamtoota leenjii walta’iinsaa


qaama leenjii walta’iinsaa taasisuu irratti hirmaatan
2
All occupational levels including non-formal Number of trained trainees
training conducted in cooperative training

Leenjifamtoota sagantaa leenjii irratti


Leenjifamtoota hunda leenjii walta’iinsaa
harcaatii malee hirmaatan
irratti hirmaachisuu
3 Number of trainees regularly following
All trainees participate in cooperative
cooperative training inrelation to available
training
trainees
Itti…
70% leenjichaa qaama leenjii gocha
70% leenjichaa gochaa irratti kan
irratti xiyyeefate/leenjii
xiyyefate taasisuu
walta’iinsaa taasisuu
4 Most of training training hours is
At least 3 days/week or 70% of the
covered in practical
total training hour
training/cooperative training

Tuutaaleen gahuumsaa sagantaa


leenjichaa keessa jiran hunda 70%
Leenjicha tuuta gahuumsatiin(UC)
qaama leenjii gocha irratti
kennuu
5 xiyyeefatee taasisuu
Conduct training as per unit of
All unit of competency in each
competencies
program must be covered in
practical training
Miiltoo – 3 Istaandaardii fi Cheekliistii Teknolojii
100% waraabuu, Sakkata’uu fi ceesisuu

T Hojiiwwan Ragaalee barbaachisoo


l gurguddoo
Karoora qindoomina seektaroota waliin qophaa’een
Ulaa misoomaa hogganamuun ulaa misooma naannoo keessatti fedhiin
naannichaa fi teknolojii jiraachuu hubachiisuun yaada furmaataa irratti
1. galmoota waliigaltee irraa kan qaqqabamee fi teknolojii qaawwa guutu
seektarichaa adda qaaccessa dirii sonaatiin adda baasuuf seektaroota
baasuu qindoominaa waliin karoora kan qopheesse.

Karoora qindoomina seektaroota waliin qophaa’een


hogganamuun maanuwaalii hojimaata qaacceessa dirii sonaa
hordofuun maappiingii qopheessuu kutaalee teknolojii
2 Qaaccessa dirii
afran(technoware, humanware, infoware, orgaware)tiin adda
sonaa raawwachuu
baasuun seektaroota waliin walii galteerra gahuu adeemsa
barbaacha teknolojii keessatti dhimmamtoota kan
hirmaachise
Itti…
Kutaalee teknolojii afran (technoware, humanware, infoware,
orgaware)tiin adda bahan bu’aa qabeessummaa kallattii
diinagdee, teeknikaa fi naannootiin xiinxalamee(omishtummaa,
Teknolojii foyyee qabu gatii, qulqullinaa fi humna namaa bal’inaan fayyadamuu)
3
filachuu giddugaleessa godhachuun teknolojii filatame ogeessota
sektarichaatiin qeeqsisuun waliigaltee taasisuun teknolojii kan
filatee fi waraabuuf kan karoorse.

Sanada guutuu qaaccessa dirii sonaa guutuu kan qophesse,


teknolojicha adda baase bu’a qabeessummaa isaa mirkanaa’ee
filatamuu isaa sanada kan qabuu fi qaamoleen teknolojichaa
tokkoon tokkoon (detail drawing, diamention) tokkoon tokkoon
Sanada guutuu teknolojii isaa sirnaan kan ibse, meeshaalee dheedhii gosaan, gatii fi
4
qopheessuu baay’inaan kan ibse; meeshaalee dheedhiin gabaa irraa
gargamuu isaanii kan mirkaneefatee fiteknolojicha oomishuuf
teknolojii barbaachisu kan filate, teknolojicha/pirojakticha
waraabuuf qaamolee deeggartootaa irraa baajata kan mijeesse.
Itti…
Bu’ura qaamolee teknolojii qophaa’ee dirowingii (detail
drawing) tiin tooftaa oomishaa qaamolee tokkoo tokkoo
Tooftaa omisha teknolojii isaatiif maanuwaalii raawwatiinsaa qopheessuudhaan
maanuwaalii raawwatiinsaa qaamolee dhimmi ilaallatu(Ogummichatti dhiyeenya
5 qopheessuu(Manufacturing kan qaban)niif dhiyeessuun eerga madaalchiseen bood
process and implementing foyya’iinsa barbaachisoo kan taasise akkasumas
manual) dhimmamtoota hirmaachisuun teknolojicha waraabuuf
kan karoorse.

Qaamolee teknolojii qophaa’ee dirowingii (detail


Bu’ura sanada guutuu teknolojii drawing) safartuu (diamention) kan hordofee fi
qophaa’e tooftaa oomishaa fi meeshaalee dheedhii ibsaman sirnaan fayyadamee
maanuwaalii raawwatiinsaatiin dhimmamtoota hirmaachisuun, qisaasayina qabeenyaa
6
fakkaattoo oomishuu hir’isuun qaamolee teknolojii oomishuun walitti
(Manufacturing process and qabsiisuu(assembling) irrattis qaawwaa kan hin qabnee
implementing manual) fi fakkaattoo oomishuu kan danda’e.
Itti…
Ogeeyyii adda addaatiin iddoo adda
Sakkata’iinsa addaatti sakata’iinsa fakkaattoo
omishtummaa taasiseen omishtummaan isaa teknolojii
7
fakkaattoo gaggeessuu orijinaala waliin 100% kan wal simate.
(Functionality test)

Teknolojii Intarpiraayzoota xixxiiqqaa fi


Teknolojii sakata’amee giddugaleessatti ceesisuun qabeenya
bu’aa qabeessummaan dabalataa horachiisuu yoo ta’e
8
isaa mirkanaa’e
ceesisuu
Itti…
 Seektaroota xiyyeefannoo giddugaleessa
godhachuun technolojiiwwan bu’aa qabeessa
qaaccessa dirii sonaatiin adda abahan gosoota
teknolojii afran (technoware, humanware,
infoware, orgaware)tiin waraabuun
intarpiraayzootatti ceesisee qabeenya akka
horatan taasisuu bu’ura miiltoo 3 fi 4tiin
cheekliistii fi istaandaardii cehuumsa teknolojiitiin
sadarkaa Biiroo BLTO fi Ejansii BLTO Federaalaatti
koree ijaarameen bu’aan isaa mirkanaa’uu qaba.
Miiltoo 4- Haala qabeenyi sababa paakeejii deeggarsa TEI
kennameen intarpiraayzoonni horatan itti safaramu
4.1. Unka hojiirra oolmaa Kaayzaniitiin qabeenyi
horatame ittiin safaramu

Raawwii booda bu’aa argame

Gatii tokkoo maallaqaan

Bu’aan maallaqaan yoo


Raawwii dura/

% dabaluu/
garummaa
ka’uumsa

safaramu

hir’isuu
Gara
Safartu
Ibsa
u

Karee
Iddoo hojii argame(Fkn) 50 70 20 3 60 28
meetira
Qisaasayina deemsaa hir’ate Meetira
Iddoo hojii dabalataan Karee
argame meetira
Humnaa ol Kuufamarraa
Itti…
Adeemsa
oomishaa/tajaajil Sakan
aa hir’isuun dii
yeroo qusatame
Omishtummaa
dabaluun galii Hanga

argame oomish/tajaajila Lak.


guddate

Yeroo jijjiirraa fi Sakan


sirreefamaa dii

Baasii mana Qarshi


Nageenya iddoo
yaalaa hir’ate i
hojii foyyeessuun
balaa hir’ate Hojii irraa
Lak.
hafiinsa hir’ate
Itti…
Meeshaalee dhabamsiifaman irraa galii
Lak.
argame(kiiloo, Liitira)

Galii meeshaalee dhabamsiifaman


irraa argame(Kiiloo, Litira… ) yeroo
tokko qofaaf

Fedhii fi kaka’uumsa dhabuun haftee


Lak.
hojjataa hir’ate

Itti fayyadama humna maashinii


%dhaan
sa’aatiidhaan

Meeshaalee dheedhii fi harkaa


Sa’aat
barbaaduuf yeroo hir’ate
Kan biro
Ida’ama waliigalaa
4.2. Unka Teknolojii Omishaa ceheen qabeenya
horatame ittiin safaramu (Teknolojii
Oomishaa)/Product Technology/

Baay’ina Tokko
oomishamee gurguruun Bu’aa
TL Maqaa Teknolojii Safartuu
gurgurame bu’aa waliigalaa
lakkoofsaan argame

Ida’ama
4.3. Unka Teknolojii Omishaawaa ceheen
qabeenya horatame ittiin safaramu (Teknolojii
Oomishaawaa)/Production Technology

Raawwiin Garaa Bu’aa


Haala Bu’aa
Hojiiwwan Intarpiraayzii Safartu booda ga tokkorr
TL raawwii waliig
keessatti raawwataman u bu’aa rumm aa
dura ture alaa
argame aa argame

1. Humna oomisha Guyyaa/


turban/ ji’a/ waggaa

2 Qulqulina oomishaa
dabale
3 Dabaluu qulqulina
oomishaatiin baay’ina
maamilaa dabale
4

Ida’ama
4.4. Unka ijaarsa gahuumsa teeknikaatiin
qabeenya horatame ittiin safaramu

Haala Raawwiin Garaa Bu’aa


Bu’aa
Hojiiwwan Intarpiraayzii Safart raawwii booda ga tokko
TL waliig
keessatti raawwataman uu dura bu’aa rumm irraa
alaa
ture argame aa argame
1. Gahuumsa hojjataa irraa ka’uun
saffisa hojii dabale(fkn) saanduqa
dhaabbii hojjachuuf yeroo Sa’aat
40 30 10 -- 187
barbaachisu(hojjataan tokko ii
guyyaatti sa’aatii 8:00 hojjatee
qarshii 150 yoo kaffalameef)
1. Dabaluu qulqulina oomishaatiin
baay’ina maamilaa dabale,
Lak.
gurgurtaa oomishaa
dabale(ji’aan)
1. Hojimaata oomishaalee haaraa
irratti gahuumsa dabaleen Lak.
qabeenya argame

Ida’ama
4.5. Unka Ijaarsa Gahuumsa Iniarpirinarshiippiitiin
qabeenya argame ittiin safaramu
Bu’aa Bu’aa
Haala Bu’aa
Hojiiwwan Intarpiraayzii keessatti Safartu leenjiin Garaaga tokko
TL leenjiin waliigal
raawwataman u booda rummaa irraa
dura ture aa
argame argame
1 Hojii beeksisaa hojjatame bu’ura
godhachuun maamila dabaleen Lak.
gurgurtaa dabale

2 Deeggarsa babal’ina karoora daldalaa


argameen hanga gurgurtaa oomishaa Lak.
dabale

3 Yaada daldalaa haaraa burqisiifamuu


isaatiin hojii uumameen qabeenya Lak.
horatame

3 Iddoo oomishaa qofatti omishuu irra


iddoo oomishaa kireefachuun
Lak.
gurgurtaa gaggeefameen gurgurtaa
dabale

Ida’ama
Itti…
 Paakejiiwwan deeggarsaa afran
giddugaleessa godhachuun
intarpiraayzoota xixxiqqaa fi
giddugaleessa karaa guutuu ta’een
deeggaruun gahuumsa isaanii
madaallii gahuumsa ogummaatiin
akka mirkaneefatan taasisuun
qabeenya akka horatan taasisuun
bu’ura cheekliistii miiltoo 4ffaatiin
bu’aan isaa mirkanaa’uu qaba.
Yaadachiisa:

 Qabxiiloo armaan olitti unka keessatti


tarreefaman lakkaa’uun hojiirra
oolchuun raawwii fi raawwachiistuu
karooraa taasisuu fi dabalataanis
qabxiilee biroo haala qabatamaa
naannichaa fi bulchiinsa
magaalichaatiin hammatamuu akka
qaban itti yaadamuun irra jiraata.
! !
a a
o m
a t o
a l
G

You might also like