You are on page 1of 5

Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Hiddaaseetti Qormaata Moodela Fiiziksii Kutaa 8ffaa Barattoota

Afaan Oromootiin Barataniif Qophaa’e.


Waxabajjii 2013
I. Himoota armaan gadii keessaa kan sirrii ta’e Dhugaa kan sirrii hin taane immoo Soba jechuun
bakka deebiif dhiyaate qofa irratti barreessi.
1) Dalagaan dalageeffame Kan jedhamu humni kallattii parpandikulaarii ta’een qaxxaamura wajjin
yoo jiraatedha.
2) Yuunitii waaltawaan anniisaa fi dalagaa Juulii(J) dha.
3) Anniisaan qaama tokkoo hamma dalagaa qaamichi dalaguun safarama.
4) Aangoo, Anniisaa fi dalagaan qaamolee fiizikaalaa kal dhabee ta’ai dha.
5) Dandeettiin dalagaa dalaguu qaama tokkoo aangoo jedhama.
6) Anniisaan qaamni tokko sababa argama birqabaa isaatiin hojjaa murtaa’e lafarraa olka’iinsa
ta’eirratti aragamu anniisaa kuufamaa harkisa lafaa qabaata.
7) Akaakuuwwan maashinoota sasalphaa keessaa tokko kompiitera dha.
8) Seerri gitaa’ummaa anniisaa jijjiiramuu anniisaa anniisaa ibsa.
9) Maashiniin meeshaa dalagaa bifa salphaa ta’een dalaguuf nu gargaaru dha.
10) Yuunitii waaltawaan aangoo safaruuf fayyadu J.s dha.
II. Gaaffiiwwan armaan gadii filannoowwan afran dhiyaatan keessaa qubee deebii sirrii qabate
filachuunbakka deebiif dhiyaate qofa irratti barreessi.
1) Yuunitoota armaan gadii keessaa kan adda ta’e isa kami?
A. J.s
B. J/s
C. N.m
D. Deebii hin qabu
2) Bilookii mukaa hanga 9kg qabu tokko humna 81N ta’een boqonnaa irraa kaasuun fageenya 18m
yeroo 9s keessatti yoo adeemsise dalagaa, anniisaa fi aangoo qaama kanaan dalageeffaman
walduraa duubaan hammam ta’u? (g=10m/s2 fayyadami)
A. 1,458J, 1,458J fi 162W
B. 1,458J, 36J fi 162W
C. 36J, 1,458J fi 162W
D. 0J, 36J fi 162W
3) Motorri elektirikii aangoon isaa 6,000KW ta’e tokko bishaan 2,000L gadi fageenya 30m irraa yoo
olbaase, yeroo yuunitii itti fudhate hammam ta’a?
A. 0.01s
B. 0.1s
C. 0.001s
D. 100s
4) 1J/s jechuun______________________ jechuu dha.
A. Waattii
B. Niiwutonii
C. Juulii
D. Aangoo Fardaa
5) Jijjiirraa anniisaa aangoo haayidiroo elektirikii hidha laga Abbaayaa
______________gara_________________tti dha. Baakki duwwaan kunniin walduraa duubaan…
A. Makaanikaalaa, Elektirikaalaa
B. Elektirikaalaa, makaanikaalaa
C. Kuufamaa, sochii
Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Hiddaaseetti Qormaata Moodela Fiiziksii Kutaa 8ffaa Barattoota
Afaan Oromootiin Barataniif Qophaa’e.
Waxabajjii 2013
D. Sochii, kuufamaa
III. Qubee deebii sirrii qabate filachuun barreessi. Qabxii 10%
6) Dhiibbaan baaroomeetira Meerkurii hojjaa 760mm irratti 101,000Pa yookiin 1atm dha. Hojjaa
walfakkaatu irratti dhiibbaan baaroomeetira bishaanii irratti dalagaa’u meeqa ta’a? (Rukkinni
bishaanii=1000kg/m3, rukkinni Meerkurii=13600kg/m3, g=10m/s2)
A. 7600Pa
B. 76Pa
C. 101,000Pa
D. .76Pa
7) Hiikkaa teempireecharaa ilaalchisee himoota armaan gadii keessaa sirrii kan ta’e isa kami?
A. Teempireecharri safara anniisaa sochii giddugaleessaa molokiyuulotaati.
B. Teempireecharri safara hoo’inaa fi qorrina qaamoleeti.
C. Meeshaa teermoomeetira jedhamuun safarama.
D. Hundinuu deebii dha
8) Karaalee daddarbuu anniisaa hoo’aa keessaa Kan maateeriyaala/baattoo hin barbaachifne isa
kam keessatti dha?
A. Koonveekshinii
B. Madana
C. Tuqaatii
D. Hundinuu deebii dha
9) Hammi anniisaa hoo’aa teempireechara qaama hanga 1kg qabu tokkoo 1°C’n olkaasuuf
barbaachisuu maal jedhamee beekamaa?
A. Hamma hoo’aa addaa
B. Dandeettii hoo’aa addaa
C. Kaaloorii
D. Deebii hin qabu
10) Yuunitii waaltawaan dandeettii hoo’aa addaa __________________ dha.
A. Kiiloogiraama-keelviiniitti Juulii.
B. Kiiloogiraama-digirii Seelshiyeesiitti Juulii.
C. A fi B’n deebii dha.
D. Hunduu deebii dha.
11) Dandeettiin hoo’aa addaa sibiila Aluminiyemii Cal=900J/kg°C dha. Aluminiyemii hangi isaa hin
beekamne’m’ teempireecharaa isaa 56°C irraa gara 60°C’tti ol guddisuuf anniisaa hoo’aa 3,600J
yoo ofitti fudhate gatiin ‘m’ meeqa ta’a?
A. 0.133kg
B. 1kg
C. 13.3kg
D. 4kg
12) Chaarjiin dimshaashaa 900C ta’e dabarsoo elektirikii keessa yeroo daqiiqaa 3’f yaa'ee jira.
Dabarsoon kun ittisa ittisoo 60Ohm yoo ta’e Voolteejii fi kaarentiin elektirikii walduraa duubaan
hammam ta’u?
A. 60V, 2A
B. 300V, 5A
C. 5A, 300V
Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Hiddaaseetti Qormaata Moodela Fiiziksii Kutaa 8ffaa Barattoota
Afaan Oromootiin Barataniif Qophaa’e.
Waxabajjii 2013
D. 2A, 60V
13) Ammeetiraan kaarentii elektirikii safaruuf daandii elektirikii keessatti ammeetirii fi ittisoo
daandii sirriin walquunnamsiisuun Kan barbaachiu maaliif dha?
A. Ammeetiriin kaarentii elektirikiibaay’ee xiqqaa ta’e qofa waan safaruuf.
B. Ammeetiriin kaarentii elektirikii baay’ee guddaa ta’e waan safaruuf
C. Ittisoon daandii elektirikii keessatti daandii sirrii qofaan waan walquunnamsiifamuuf
D. Deebiin hin kennamne
14) Ittisoon baandiiwwan isaa koodii halluu magariisa, gurraacha, keelloo fi burtukaana ta’an ittisa
hammamii qabaata?( Magariisa 5, Gurraacha 0, keelloo 4 fi Burtukaana 3)
A. 5.0Kohm+-3%
B. 500Kohm+-3%
C. 5.0Mohm+-5%
D. 5,400Kohm+-3%
15) Koodii halluu ittisoo baandiiwwan afurii keessatti baandiin dandeettii ittisoo agarsiisu isa
kamidha?
A. Baandii 1ffaa
B. Baandii 2ffaa
C. Baandii 4ffaa
D. Baandii 3ffaa
16) Dandeettiin hoo’aa addaa bishaanii 4.2kJ/kgK dha. Anniisaan hoo’aa bishaan hanga 6kg ta’e
teempireechara 273K irraa 373K’tti ol kaasuuf barbaachisuu hammam?
17) Daandii elektirikii armaan gadii keessatt ittisoon ittisa 4ohm qabu daandii sirriin ammeetirii
waliin walquunnamee jira. Voolteejiin caalmaa kuufamaa baatiri daddarbuu i kanaa 30V yoo ta’e
dubbisni ammeetirichaa hammam ta’a?
18) Damee Fiiziksii ta’ee kan akkaataa uumama, amaloota ifaa daddarbuu ifaa fi annii
19)
IV. Himoota armaan gadii keessaa sirrii kan ta’e Dhugaa sirrii kan hin taane immoo Soba jechuun
iddoo deebii dhiyaate irratti barreessi. Qabxii 5%
1) Himni walqixaa ibsama herregaa mallattoo”=”tiin walqabani dha.
2) Firaakshiniin waamaan isaa waamsisaa irra guddaa ta’e firaakshinii sirrii hin ta’in jedhama.
3) Jijjiiramaan mallattoo gatii hin beekamne qabudha.
4) Furmaatni hima walcaalmaa lakkoofsa jijjiiramaa hima walcaalmaa bakka bu'uun himicha
dhugoomsu dha.
5) Himni lakkoofsa, jijjiiramaa, ykn lakkoofsaa fi jijjiiramaa mallattoo adda addaa (qooyyaboota,
haammattuu, kkf) tiin walitti qabaman of keessaa qabu ibsama aljebraa jedhama.
V. Himoota roga’A’ jalatti tarreeffaman hiikkaa isaanii roga’B’ jalatti tarreeffaman waliin walitti
firoomsuun qubee deebii sirrii qabate bakka deebiif dhiyaate irratti barreessi. Qabx 10%
‘A’_’B’
6) Firaakshinii sirrii A) 4_1/3
7) Firaakshinii sirrii hin ta’in B) 3/8
8) Waamsisaa C) b
9) Waamamaa D) a
10) Firaakshinii makaa E) 9/5
Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Hiddaaseetti Qormaata Moodela Fiiziksii Kutaa 8ffaa Barattoota
Afaan Oromootiin Barataniif Qophaa’e.
Waxabajjii 2013
VI. Gaaffilee armaan gadii filannoowwan afran dhiyaatan keessaa qubee deebii sirrii qabate
filachuun barreessi. Qabxii 10%

Gaaffiiwwan 11-13tti jiran ibsama armaan gadii irratti hundaa’u.

i. 49/53, 23/12, 35/23, 64/43


ii. 12/23, 75/123, 81/87, 101/234
iii. 4_3/7, 6_5/11, 8_8/9
iv. 889/999, 11/5
11) Tuuta firaakshinii armaan gadii keessaa tuuta firaakshinii sirrii kan ta’e isa kami?
A. i fi ii
B. i fi iii
C. i fi iv
D. ii fi iv
12) Firaakshinoota armaan olii keessaa firaakshinii makaan isa kami?
A. i
B. ii
C. iii
D. iv
13) Firaakshinii sirrii kan hin ta’in kamidha?
A. iii
B. ii
C. ii fi iii
D. B fi C’n deebii dha
14) Hima herregaa 4+3x=38 ilaalchisee kan sirrii ta’e isa kami?
A. Hima walcaalmaa ti.
B. Hima walqixaati.
C. A fi B’n deebii dha.
D. Deebiin hin kennamne.
15) Himni 12+4x>56 jedhu hima herregaa kami dha?
A. Hima walqixaati.
B. Hima walcaalmaa ti.
C. A fi B’n deebii dha
D. Hundinuu deebii dha
Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Hiddaaseetti Qormaata Moodela Fiiziksii Kutaa 8ffaa Barattoota
Afaan Oromootiin Barataniif Qophaa’e.
Waxabajjii 2013

You might also like