You are on page 1of 4

Walitti Dhefeenya Adeemsa Bittaa fi Gorgurtaa

- Meeshaaleen industiriin orga oomishamanii booda namni itti fayyadamu


bakka fedhiin jirutti rabsamuu qabu. Namoonni meeshaalee industirii
bakka oomishamanii garafedhiin jirutti raabsan daldaltoota jedhamu.
Hawaasni meeshaalee industirii kana fayyadaman fi daldaltoonni kan
walitti dhufan gabaa jedhama.
- Adeemsi isaanii walitti dhufan kun immoo walitti dhufeenya bittaa fi
gurgurtaa jedhama.
- Qotee bultoonni oomisha qonnan gurguruun,meeshaalee industirii
bitatanii itti fayyadamu. Daldaltoonnis meeshaalee gurguranii qarshii
argatu. Daldaltoonni fi abbootiin industiriis midhaan nyaataa gabaa
irraa bitatu.

Naannoo keenya (oromiyaa)

Argama Oromiyaa

- Argama jechuun:- iddoo biyyi, naannoo ykn gandii tokko itti argamu
jechuudha.

Argama bir-qabaa oromiyaa

- Argama bir-qabaa jechuun argama bakka tokko waan isa cinaa (moggaa)
jiruun walbira qabanii ibsuun argama bir-qabaa jedhama. Fkn:
Naannoolee Itoophiyaa keessa jiran oromiyaa haala isaan itti
daangeessan ibsu dandeenya.
- Oromiyaa karaa kaabaa mootummaa naannoo Affaarfi Amaaraa karaa
kibbaa biyya keeniyaa, karaa bahaa mootummaa naannoo Sumaalee,
karaa dhihaa biyya Sudaan kibbaa, mootummaa naannoo benishaangul
Gumuuziifi mootummaa naannoo Gaambeellaa karaa Kibba dhihaan
mootummaa naannoo Saba, sab-lammootafi Ummattoota kibbaan
daangeffamtee argamti
Haala teessuma lafa gurguddoo oromiyaa

- Haalli teessuma lafa oromiyaa walfakkaataa miti. Teessumni lafa


oromiyaa garreen walqabatoo, pilaatoowwan, sululaa fi lafa dakee of
keessaa qaba.
- Lafti oromiyaa baay’een lafa baddaa fi badda dareetti akkasumaas bakka
muraasa olka’insa gad aanaa meetira 500 gadii ta’e qaba.

Gabatee 4-1 haala olka’insa lafa oromiyaa argisiisu

Lakk Olka’insa lafaa Teessuma Lafa Baldhina


(M) Km2 %
1 3000 ol Tulluwwan fi gaarreen 4923 1.4
walqabatoo
2 1000 -3000 Pilaattoowwan 297646 84.1
3 500 – 1000 Lafee dakee 47589 13.5
4 500 gadi Lafa gammoojjii 3532 1.0
Ida’ama 353690 100
Teessumni lafaoromiyaa bakka gurguddoo 3tti qoodama.

a) Lafa olka’aa fi ciisaa (dakaa) karaa bahaa:- naannoon kun sulula


qinxamaa guddaa irraa gara bahaatti argama. Nannoo kanatti gaarreen
walqabatoon baay’inaan argamu. Naannoon kun olka’insa meetira 500
gadii hanga meetira 4377 itti kan qabuudha.
Gaarreen gurguddoo karaa Bahaa

Lakk Tulluwwan bekamoo Olka’insa meetiraan Godina keessatti


argamu
1 Tulluu Diimtuu 4377 Baalee
2 Tulluu Baatuu 4307 Baalee
3 Kaakkaa 4245 Arsii
4 Boddaa 4170 Arsii
5 Cilaalo 4139 Arsii
6 Honqooloo 3850 Arsii
7 Guuguu 3625 Arsii
8 Gaaramuldhata 3405 Harargee bahaa
9 Jabal Xiixaa 3311 Harargee bahaa

Naannoo kanaatti laggeen akka waabee shabalee, Gannaalee, Dawaa, asi


keessatti argamu.

b) Lafa Sululaa:- sululli qinxalaa guddaan oromiyaa bakka 2tti kutee darba.
Godinaaleen sululli kun keessaa darbu keessa godinaa shawaa bahaa,
harargee bahaa filixaa Arsii fi Arsii Lixaa,Gujii fi Booranni isaan tokko.
c) Lafa olka’aa fi ciisaa karaa dhihaa:- naannoo kun sululaa qinxamaa
guddaa irraa gara dhihaati hanga biyya Sudaan kibbaatti diriiree argama.
Godinaalee akka shawaa kaabaa fi lixaa, shawaa bahaa fi shawaa kibbaa
liixaa, wallaggaa bahaa filixaa, Horoo guduruu fi qeellam wallaggaa
godina Aaddaa nannoo Finfinnee,Jimmaa fi illu Abbaa Booraa naannoo
kana keessatti argamu.

Naannoo kanaati laggeen akka Abbaayyaa, baaroo, Gibee, Daabbus, Angar,


Dhidhaassaa fa’atu argamu.
Garraan gurguddoo karaa dhihaa

Lakk Garreen beekamo Olka’insa Godina keesatti argamu


meetraan
1 Asxaa dafaa 3609 Shawaa kibba lixaa
2 Calalaqa 3571 Shawaa kaabaa
3 Gaarapuddaa 3544 Shawaa kabbaa
4 Dhaamataa 3391 G/Addaa naannoo Finfinnee
5 Wariit 3387 Shawaa lixaa
6 Foo’ataa 3314 Shawaa lixaa
7 Inxooxxoo 3211 G/Addaa naannoo Finfinnee
8 Erer 3099 Shawaa bahaa
9 Areertu 3078 Shawaa bahaa
10 Cuqqaala 2989 Shawaa bahaa
11 Waayyuu 3230 Horroo Guduruu wallaga
12 Maalguddoo 3390 Jimmaa
13 Tulluu walal 3302 Qellm wallagga
Yaayyuu - Illu Abbaa Booraa

Haalli teessuma lafa oromiyaa bu’aa ba’ii waan qabuuf haalli qilleensa
baramaa ishees gargarummaa qaba. Haaluma kanaan naannoon badda
qilleensa baramaa qorraa yommuu qabaatu badda-dareen immoo hoo’a giddu
galeessa qaba. Akkasumaas naannoolafa dakee qileensa baramaa hoo’aa
yommuu qabaatu naannoon fiixaawwan gaarranii immoo qorraa
diilallaa’aadha.

You might also like