You are on page 1of 6

Stay home stay safe

Barnnoota Herreegaa kuta 3ffaa

Qopheessan B/saa Hirphaa Didhaa

Barannoo-1

Lakkoofsota hundaa Hamma 10,000tti.

1.1 keessa Deebii Mana lakkoofsota Hundaa.

0, 1, 2, 3, 4,……. Lakkoofsota Hundaa jedhamu.

Lakkoofsota hundaa barreessuuf diijiitoota 10 fayyadamna. Isaanis lakkoofsota hundaa 0 hanga 9


jiraniidha.

0, 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8,fi 9 diijiitoota lakkoofsota hundaa jedhamu.

 Lakkoofsoni abbaa diijiitii tokkoo jedhaman lakkoofsota hundaa 0 hanga 9 jiraniidha.


Lakkoofsonni kunniin mana tokkee qofa qabu.
 Lakkoofsonni abbaa diijiitii lamaa jedhaman lakkoofsota hundaa 10 hanga 99 jiraniidha.
Isaanis mana tokkee fi mana kudhanii qofa qabu.

Fkn 1; lakkoofsota kanneen gabatee mana lakkoofsaatiin barreessi.

a. 6 b. 9 c.43 d.67 e. 99
Furmaata;
Mana kudhanii Mana tokkee
a 6
b 9
c 4 3
d 6 7
e 9 9

Be brave
Stay home stay safe

 lakkoofsonni abbaa diijiitii sadii jedhaman lakkoofsota hundaa 100 hanga 999 jiraniidha.
Isaanis: mana tokkee, mana kudhanii fi mana dhibbaa qofa qabu.

Fkn 2; lakkoofsota kanneen gabatee mana lakkoofsaatiin barreessi.

A. 69 B. 215 C. 84 D. 906 E. 766

Furmaata;

Mana dhibbaa Mana kudhanii Mana tokkee


a 6 9
b 2 1 5
c 8 4
d 9 0 6
e 7 6 6

 Lakkoofsonni abbaa diijiitii afurii jedhaman lakkoofsota hundaa 1,000 hanga 9,999
jiraniidha.
Isaanis; mana tokkee, mana kudhanii, mana dhibbaa fi mana kumaa qofa qabu.

Be brave
Stay home stay safe

Fkn 3; lakkoofsota kanneen gabatee mana lakkoofsaatiin barreessi.


a. 8,463 b. 457 c. 1,004 d. 3,972 e. 5,488
Furmaata;
Mana kumaa Mana dhibbaa Mana kudhanii Mana tokkee
a 8 4 6 3
b 4 5 7
c 1 0 0 4
d 3 9 7 2
e 5 4 8 8

Fkn 4; lakkoofsota armaan gadii keessatti gatii bakka 8 ibsi.

A. 4,823 b. 6,580 c. 8,104 d. 268

Furmaata: A. lakkoofsa hundaa 4,823 keessatti gatiin bakka 8 mana dhibbaati.

B. lakkoofsa hundaa 6,580 keessatti gatiin bakka 8 mana kudhaniiti.


C. Lakkoofsa hunda 8,104 keessatti gatiin bakka 8 mana kumaati.
D. Lakkoofsa hundaa 268 keessatti gatiin bakka 8 mana tokkeeti.

Be brave
Stay home stay safe

1.2 Baay’attoota 10, 100 fi 1,000


 Baay’attoota 10

Lakkoofsa hundaa tokko 10 baay’isuu jechuun lakkoofsicha barreessanii gara mirgaatiin zeeroo
tokko barreessuu jechuudha.

Kanaafuu, manni tokkee baay’attoota 10 zeeroo ta’a jechuudha.

Fkn 5: a. 3× 10 = 30 d.634× 10 = 6,340

b.23× 10 = 230 e. 970× 10 = 9,700

c. 49× 10 = 490

Fkn 6: lakkoofsota armaan gadii keessaa baay’ataa 10 kan ta’e adda baasi.

a. 6,847 b. 250 c. 3,941 d. 4,520 e,1,500

Furmaata: a. 6,847 baay’ataa 10 miti. Sababni isaa manni tokkee isaa zeeroo miti.

b. 250 baay’ataa 10 ti. Sababni isaa manni tokkee isaa zeeroo dha.
c. 3,941 baay’ataa 10 miti. Sababni isaa manni tokkee isaa zeeroo miti.
d. 4,520 baay’ataa 10 ti. Sababni isaa manni tokkee isaa zeeroo dha.
e. 1,500 baay’ataa 10 ti. Sababni isaa manni tokkee isaa zeeroo dha.

Be brave
Stay home stay safe

 Baay’attoota 100

Lakkoofsota hundaa 100 baay’isuu jechuun, lakkoofsicha barreessun gara mirgaatiin zeeroo
lama barreessuu jechuudha.

Kanaafuu diijiitoonni lamaan Xumuraa baay’attoota 100 zeeroo dha.

Fkn 7: a. 6× 100 = 600 d. 81× 100 = 8,100

b.13× 100 = 1,300 e. 5× 100 = 500

c. 27× 100 = 2,700

fkn 8: lakkoofsota armaan gadii keessaa baay’attoota 100 kan ta’an adda baasi.

a. 6,600 b. 9,050 c. 1,700 d.4,000 e. 3,627

Furmaata: a. 6,600 baay’ataa 100 ti. Sababni isaa diijitoonni xumuraa lamaan zeeroo waan
ta’aniif.

b. 9,050 baay’ataa 100 miti. Sababni isaa diijitoonni xumuraa lamaan zeeroo miti.
c. 1,700 baay’ataa 100 ti. Sababni isaa diijitoonni xumuraa lamaan zeeroo waan ta’aniif.
d. 4,000 baay’ataa 100 ti. Sababni isaa diijitoonni xumuraa lamaan zeeroo waan ta’aniif.
e. 3,627 baay’ataa 100 miti. Sababni isaa diijitoonni xumuraa lamaan zeeroo miti.

Be brave
Stay home stay safe

 Baay’attoota 1,000

Lakkoofsota hundaa tokko 1,000 baay’isuu jechuun lakkoofsicha barreessuun gara mirgaatiin
zeeroo sadii barreessuu jechuudha.

Kannafuu diijiitoonni sadan xumuraa baay’ata zeeroo dha.

Fkn 9: a. 6× 1,000 = 6,000 d. 10× 1,000 = 10,000

a. 7× 1,000 = 7,000
b. 9× 1,000 = 9,000

Fkn 10: lakkoofsota armaan gadii keessaa baay’attoota 1,000 kan ta’an adda baasi.

A. 4,300 B. 5,000 C. 4,100 D. 9,000

Furmaata: a. 4,300 baay’ataa 1,000 mti. Sababni isaa diijitoonni sadaan xumuraa zeeroo miti.

b. 5,000 baay’ata 1,000 ti. Sababni isaa diijitooni sadan xumuraa zeeroo dha.
c. 4,100 baay’ataa 1,000 miti. Sababni isaa diijitoonni sadaan xumuraa zeeroo miti.
d. 9,000 baay’ata 1,000 ti. Sababni isaa diijitooni sadan xumuraa zeeroo dha.

Be brave

You might also like