You are on page 1of 17

MANA BARUMSA NAAFYAAD

YAADANNOO BARNOOTA SAAYINSII NAANNOO KUTAA 4ffaa. Seemisteera 2 ffaa

 Mata dureewwan dubbifamuu qaban

BOQONNAA SADI

3.1 Maalummaa Biyyaa

3.2 Argama Itoophiyaa

3.3 Teessuma lafa Itoophiyaa

3.4 Qaamman bishaana’oo Itoophiyaa

3.5 Bineeladoota Itoophiyaa

3.6 Baay’ina Ummata Itoophiyaa

3.7 Sochiiwwan Dinagdee Itoophiyaa

BOQONNAA AFUR

4.1 Dabareewwan seenaa Itoophiyaa

4.2 Maatii Afaanota Itoophiyaa

4.3 Gootota Itoophiyaa

4.4 Sonawwan Haawaasummaa

 Barattoota yaadannoo gabaabaa kanaan ,mata dureewwan ijoo irratti waan


xiyyeeffatamuuf, kitaaba keessaniin cinatti , yaadannoo gabaabaa kana sirriitti dubbisaa.
BOQONNAA SADI.
BIYYA KEENYA

3.1 MAALUMAA BIYYAA

Biyyii :-Qaama ykn Kutaa lafa addunyaatti.

Ulaagaleen qaama dachee biyyaa jechiisisan :-

 Dangaa murtaawa qabaachuu .


 Ummanni dhaabbatan irraa jiraatu.
 Saboota has-dinaagdee qoodatan qabaachu.
 Motummaa Fi alaabaa Mata ofii qabaachu.
 Birmaadummaa Mata ofii qabaachuu.

Akka addunyaatti ulaagaalee kana guutuun biyyaa kan jedhaman yeroo ammaa biyyoita 206
ol tahantu jiru.

Magaalan guddoon Itoophiyaa Finfinnee jedhamti.

FINFINNEEN:-
 Teessoo motummaa naannoo Oromiyaati.
 Teessoo motummaa Feederalaa Itoophiyati.
 Teessoo dhaabbataa Gamtaa Afrikaati.

3.2 ARGAMA ITOOPHIYAA

Argama jechuun Bakka wanti tokkoo itti argamudha. Argama Itoophiyaa jechuun Bakka
Itoophiyaan Kartaa siyaasaa addunyaa fi Afrikaa irratti argamtuu kan agarsiisudha.

Argama Itoophiyaa Karaa laman ibsuu ni dandeenya.

Isaanis:- argama birqaba fi argama astiroonomii jedhamu.

ARGAMA BIRQABA ITOOPHIYAA;-Argamni birqaba argama Bakka ykn biyyaa tokko wanta
dhiheenya isaa jiru wajjiin walbira qabun ibsudha.

Argama birqaba ibsuuf wantootni barbaachisan

1. Kallaattiwwan hangaafoota 3. Iddoo ka'umsaa


2. Kallaattiwwan xixxiqqoo 4. Kaartaa Fi giloobii

Biyyoota Itoophiyaa dangeessan

 Bahan-jibuutii * Kaaba dhihaa-Sudaan


 Kibbaan-keeniyaa
 Kibbaa bahan-soomaaliyaa
 Kibbaa dhihaan -sudaan kibbaatu daangeessa
Itoophiyaa Daangaa dheeraa soomaliyaa waliinii fi Daangaa gabaabaa immoo jibuutii waliin
qabdi.

Magaala gurguddoo biyyoota ollaa Itoophiyaa

 Sudaan-kartuum * Soomaaliyaa-Maqaadishoo
 Sudaan kibbaa-jubaa * Jibuuti- Jibuuti
 Keeniyaa-Naayiroobi * Ertira-Asmaara

Hariiroo Biyyoota ollaa walii jiran

 Hariiroo daldala
 Nageenya mirkaanessu
 Yeroo rakkoo walgargaaru
 Qabeenyaa umaama waliin fayyadamu
 Hawaasumaa waliin qoodachuu

ARGAMA ASTIROONOOMII;- Argama sarara yaada dalgee fi gadeetii fayyadama.yuunitota


Akkaa digiirii,daqiiqaa fi seekondii fayyadama.Argama dhugaa jedhama

Argama Astiroonomiin Itoophiyaan 3° hanga 15° kaabaa fi 33° Hanga 48° baha jiddutti
argamti. 3.3 TEESSUMA LAFA ITOOPHIYAA

Teessuma lafa jechuun akkaata argama teessuma lafa jechuudha.

Teessumni lafa Itoophiyaa iddoo gurguddoo sadiiti qoodamaa.

Isaaniis :-

 Lafa olka'oo
 Lafa Dare
 Sulula jedhamu

LAFA OLKA'OO:-Teessuma lafa sirrii Galaana irraa ol meetira 1000 ol qabudha.

Teessumni lafa olka'oo amaloota ittiin beekkamu Qaba:-

 Qilleensa hoo'a jidduu galeessa jiidhaa qabaa.


 Qotiinsa roobaf mijaawaadha
 Heddumina ummaata guddaa qaba.

Lafti olka'oon diriiraan pilaatoo jedhama.

LAFA DAKEE:-Teessuma lafa sirrii galaana irraa ol meetira 1000 gadi qabudha.

Amalootni lafti Dakee ittiin beekamu;-

 Qilleensa baayee hoo'aa fi gogaa qaba


 Heddumina ummaata xiqqoo qaba
 Qonnaa jalliisiitiin beekama

Lafti dhooqaa diriiraan lafa Dakee jedhama.

SULULA;-sululli qaama teessuma lafa Itoophiyaa isaa biraati .

Sululli qiinxaaman Itoophiyaa qaama sulula qiinxaama guddaa baha Afrikati

Sulullii qiinxamaan baha Afrika Kun ardii Eeshiyaa biyyaa Siriyaati kaase hanga ardii Afrikaa
biyyaa Moozaambikiitti fullaa'ee argama

Sululli qinxamaan baha kun Itoophiyaa baha fi dhihaatti iddoo lamatti qooda.

Sulullii kun naannoo Affaaritti baay’ee bal'aadha,naannoo Oromiyaatti gidduu galeessa yoo
tahunaannoo ummaattoota kibbaatti immoo baay’ee dhiphaadha.kanaafuu daana qaruura fakkaatu
qaba.

Garreen Itoophiyaa beekamoon kanneen jedhaman keessa muraasni

 Gaara siidii (3988m)-Tigraayitti argama


 Gaara Ambalagee (3290m)-Tigraayitti argama
 Gaara Asiimbaa (3248m)-Tigraayitti argama
 Gaara Raasdaajan (4620m)-Amaaraatti argama
 Gaara guna (4231m)-Amaaraatti argama
 Gaara Ababa Yooseef (4199m)-Amaaraatti argama
 Gaara Abuyee meeda (4000m)-Amaaraatti argama
 Gaara chooqee (4234m)-Amaaraatti argamu
 Gaara Tulluu Diimtuu (4371m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Tulluu Walal (3200m)-Oromiyaatti argama
 Gzaraa guraagee (3721m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Maami Guddoo (3344m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Gugee (4200)-uummaattoota kibbaatti argama
 Gaara Kaakka (4189m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Cilaaloo (4136m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Baddaa (1139m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Baatuu (4307m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Mullata (3381m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Jabal xiixaa (3122m)-Oromiyaatti argama
 Gaara Diiloo (3600m)-Ummaattoota kibbaatti argama
 Gaara Garambaa (3400m)-Ummaattoota kibbaatti argama

3.4 QAAMMAN BISHAANA’OO ITOOPHIYAA

 Bishaan qaama dachee addunyaa keessaa, %75 uwwisee argama.Itoophiyaan qabeenya


bishaaniitiin Afrikaa keessaa lammaaffaa yoo taatu,tokkoffaan koongoo kinshaashaa dha.
 Itoophiyaan muummee bishaan baha Afrikaa jedhamuun beekamti. Sababni isaas, lafa
olka’oo Itoophiyaa irraa kallattii hundaan bishaan gara biyyoota ollaatti yaa’a.
bishaanii Itoophiyaa iddoo lamatti qoodama. Isaanis :-

a) Harawwanii fi
b) Laggeen jedhamu.

A) LAGGEEN ITOOPHIYAA

Sulullan laggeen keessa yaa’an humna bishaaniitiin uumamu.Laggeen gurguddoon Itoophiyaa


haala kanaan uumaman kanneen gara alaatti yaa’anii fi biyya keessatti hafan baay’ee qabdi.

Laggeen kunniin kallattii itti yaa’a irratti hundaa’uun bakka saditti qoodamu. Isaanis:-

i) Laggeen kallattii kaaba dhihaatti yaa’an

ii)Laggeen kallattii kibba bahaatti yaa’an.

iii)Laggeen sulula qiinxamaatti yaa’an.

I)Laggeen Kallattii Kaaba Dhihaatti Yaa’an.

Laggeen kallattii kanatti yaa’an ,sirna yaa’insa kaaba dhihaa jedhamu.

Fakkeenyaaf Takkazee,Abbayaa,Baaroo,fi itti yaatuu isaanii.


Laggeen kunniin biyyee fi bishaan Itoophiyaa alatti geessu.
Fakkeenyaaf suudaanii fi Ijipti/ misraatti geessu.

II)LAGGEEN KALLATTI KIBBA BAHAATTI YAA’AN

Laggeen kallatti kanatti yaa’an sirna yaa’insa kibba bahaa jedhamu.

Laggeen sirna yaa’insaa kana hordofan:- Waabee shabalee, Gannaalee,Daawwaa fi itti yaatuu
isaanii.

III)LAGGEEN SULULA QIINXAMAATTI YAA’AN

Laggeen sulula qiinxamatti yaa’an sirna yaa’insa keessaa jedhamuu beekamu.Laggeen sululua
qiinxamaa keessatti yaa’an kanneen akka:- Hawaas, Gibee, fi itti yaatuu isaanii.

Faayidaa laggeen kana

1.Humna ibsaa maddisiisuu: laggeen akka Gibee,Takkazee,Hawaas fi Abbayaa fa’a.

2.Qonna jallisiitiif : Hawaas

3. Qurxummii horsiisuu

4. Geejjibaaf

5. Tajaajila daangaa uumamaaf

6. Bashannanaaf fi kkf
B) HARAAWWAN ITOOPHIYAA

Harri qaama bishaanii kallattii hundaanuu qaama dacheetiin marsamee argamuudha.Maddi


guddaan haroowwanii,laggeen yoo tahu, roobnis madda tahuu ni danda’a.

Haraawwan Itoophiyaa argama isaanii irratti hundaa’uun iddoo lamatti qoodamu.


Isaanis:- Hara lafa olka’oo fi Harawwan Sulula qiinxamaa jedhamu.

 Haraawwan lafa olka’oo kanneen jedhaman, Xaanaa,Wancii,Hayqi,Ashangee fa’a.


 Haraawwan sulula qiinxamaa keessatti argaman ,Laangannoo,Shaallaa, Abijaataa,
Hawaasaa,Caamoo,Abbayaa fi Danbal fa’a.

Akaakuu Maqaa haraa Bal’ina(km2) Gadi fageenya(m) Bakka argamaa


Xaanaa 3600 9
Lafa
Ashangee 20 25
olka’oo
Hayqi 35 23
Haraawwan

Wancii -- ---

Danbal 434 4
Shaallaa 409 266
Laangannoo 230 46
Sulula
Abijaataa 205 14 qiinxamaa
Hawaasaa 129 10

Abbayaa 1150 13
uumamaa

Caamoo 551 10

Haraawwan Qooqaa 205 9


nam-tolchee Lafa dakee
Fincaa’aa ___ __
Gilgal gibe __ __
Malkaa __ __
waakkanna
3.5 BINEELADOOTA ITOOPHIYAA QOFA KEESSATTI ARGAMAN

Bineeladoonni Itoophiyaa qofa keessatti argaman torbadha. Isaanis:-

1.Waaliyaa ayibeeksii( paarkii gaarreen kaabaa keeessatti argama.

2.Niyaalaa ykn Gadamsa baddaa (gaarreen arsii fi baalee keessatti argama.

3.Jaldeessa Daabee ykn Cilaadaa(Shawaa fi gaarreen kaabaa keessatti argama.

4.Jeedala Diimtuu( paarkii gaarreen baalee fi gaarreen kaabaa keessatti argama.)

5.Qorkee(paarkii hawaas,Maagoofi Oomoo keessatti argama.)

6.Borofa( miniliki bush buck) ( Shawaa fi gaarreen baaleetti argama.)

7.Hardiidoo( Walloo,Affaarii fi somaalee keessatti argama.)

3.7 SOCHIIWWAN DIINAGDEE ITOOPHIYAA

Sochiiwwan diinagdee jechuun,tooftaalee dhalli namaa oomisha oomishuun ,tamsaasuun


waljijjiiruuf itti fayyadamuudha.Dhalli namaa sochiiwwan diinagdee adda addaa irraa qabeenya
horata.

Isaaniis:- Qonna, industirii,turizimii, daldala, geejjiba fi teeknooloojii fa’a.

QONNA: Qonni sochiiwwan diinagdee biyya keenyaa keessaa isa guddaadha.Qonni uummata
Itoophiyaa 84%f carraa hojii uumeera.

Qonni madda galiitiif sharafa alaa guddaa akka argatuuf Itoophiyaa gargaaree jira.
Fknf Buna,saliixaa,gogaa,kale fi foon alaatti erguudha. Qonni madda mi’a dheedhii warshaati.

Fknf jibriin warshaa huccuuf ,midhaan zeeytaa warshaa zeeytaaf fi dibataaf ,gogaa fi
kalleen warshaa kopheetiif.

Qonni madda oomisha midhaan nyaataati. Fknf Qamadii, Xaafii, garbuu, boqqoolloo fi kkf .

Qonni gosoota gurguddoo saditti qoodama Isaanis :- A) Qotiinsa

B) Loon horsiisuu C. Qonna walmakaa


Loon horsiisuun Itoophiyaan Afrikaa keessaa tokkoffaa yoo taatuu Addunyaa irraa
kurnaffaadha.Gosaa fi qulqulinaan horsiisuun Oromiyaan naannoolee jiran keessaa naannoo jalqabaati.
Itoophiyaan lafa qotuun sanyii midhaan adda addaa oomishuun beekkamti.kunis Karaa laman
gaggeeffama.Isaanis mala qotiinsaa Aadaa fi ammaayyaa jedhamu.Gosti fi baayinni midhaan
oomishamu haala qilleensaan garaagarumma qaba kamaal jechuun oomishni haala qilleensa
baddaa,baddaa daree fi gammoojii keessaatti oomishamu gosa fi baayinaan garaagarummaa qaba
jechuudha.

B. INDUSTIRII

Industirii jechuun dhaabbata meeshaalee dheedhii adda addaa fayyadamuun gara oomisha
gatii fi qulqullinni isaa fooyya’etti jijjiiree oomishuudha.Industiriin adda addaa akkuma mi’oota adda
addaa oomishu,mi’oota dheedhii garaa garaatti fayyadama.

Fknf :- Warshaan gogaa, gogaa fi kallee fayyadama.

Industiriin beekumsaa fi teeknooloojii fayyadamu irratti hundaa’uun bakka gurguddoo lamatti


qoodama. Isaanis

i) Industirii godoo fi
ii) Industirii ammayyaa jedhama

I)INDUSTIRII GODOO: Hojiiwwan ogummaa harkaa ganda keessatti hojjataman of keessatti


hammata. Fakkeenyaaf

Suphee dhahuu hojii muka Sibiila tumuu

Gogaa duuguu uffata dhahuu fi kkf

Induustiriin godoo:-

 Humna namaatiin socho’a


 Ogummaa hojii kanaa maatii ykn hawaasa irraa baratama.
 Hojii eegaluuf maallaqa xiqqaa barbaada.
 Hawaasa hunda biratti argama.
 Bu’uura induustirii ammayyaati.
II)INDUUSTIRII AMMAYYAA: Akaakuu induustirii beekumsaa fi teeknooloojii ammayyaatti
fayyadamuudha. Induustiriin ammayyaa iddoo lamatti qqodama.

Isaaniis:-A) Induustirii ammayyaa sasalphaa fi

B) Induustirii ammayyaa gurguddoo jedhama

A) INDUUSTIRII AMMAYYAA SASALPHAA:- Gosa induustirii meeshaalee dhumatoo


oomishuudha.Baay’inaan bu’aalee qonnaa akka mi’a dheedhiitti fayyadama.Lakkoofsaan induustirii
gurguddoo ni caalu.

Fakkeenya warshaa sasalphaa

 Warshaa nyaataa * Warshaa huccuu


 Induustirii dhugaatii * Warshaa gogaa fi kophe

B)INDUUSTIRII AMMAYYAA GURGUDDOO:- Gosa induustirii meeshaalee yeroo dheeraa tajaajilan


oomishuudha. Albuudota akka mi’a dheedhiitti fayyadama.

Akaakuu Meeshaalee oomishan Bakka itti argaman


induustirii
Induustirii sibiilaa Haamtuu,doomaa Finfinnee aqaaqii
akaafaa,gasoo,ujummoo
bishaanii, mismaara,qorqoorroo
fi sibiila ijaarsaa.
Induustirii qaamaa Qaama maashinootaa fi Adaamaa,Maqalee, Mojoo fi
maashinootaa fi konkolaataa Finfinnee aqaaqii
konkolaataa
Warshaa simmintoo Simmintoo Oromiyaa( mugar,darbaa,incinnii,m
ojo) Tigraay( mosooboo)
Amaara(dajan) fi dirree dawaa
keessatti argama.

C/ TURIZIMII:- Turizimiin sochii bakka tokko bakka biraa deemuun wantoota nama
hawwatan daawwachuu fi bashannanuuti.Turizimiin industirii aara hin qabne jedhamuun
beekama.Itoophiyaan bakkeewwan uumamaa fi hambaalee seenaa turistoota hawwatan baay’ee
qabdi.Kanneen uumamaa ,paarkii biyyoolessaa , teessuma lafaa bineensota, allaattiwwan, bishaan
lafa jalaa burqu,fincaa’aa,bosona, laggeenii fi haraawwan fa’a.Kanneen hambaalee seenaa tahan
siidaa aksum, bataskaanaa laallibalaateessuma lafa koonsoo,sulula hawaas gara gadiifi kkf.
D/ DALDALA :- Daldalli adeemsa mi’oota wal jijjiiruuti.Daldalli adeemsa fedhii hawaasa gama
meeshaalee wal jijjiiruutiin guutuuti.

Daldalli bakka lamatti qoodama.

Isaniis:- Daldala biyya keessaa fi

Daldala biyya alaa

 Daldala biyya keessaa:-Daldalli kun daldala daangaa biyyootaa hin ceeneedha.Daldala


baadiyaa fi magaalaa, magaalaa fi magaalaa, baadiyaa fi baadiyaa jidduutti gaggeeffamuudha.
Waljijjiirraa mi’ootaa biyya keessatti raawwatamuudha.
 Daldala biyya alaa:- Daldala daangaa biyyootaa qaxxamuree gaggeeffamuudha.
Fakkeenyaaf biyyi keenya buna,saliixa, abaaboo, foon gara alaatti erguun boba’aa ,konkolaataa,
keemikaala gara biyyaatti galchi

BOQONNAA 4
NAANNOO HAWAASUMMAA KEENYA

4.1 DABAREEWWAN SEENAA fi AADAA ITOOPHIYAA

Hambaawwan aadaa fi qarooma uummata tokkoo dhaloota itti aanutti darbu marti dabaree
seenaa jedhama.Afaan ,amantii,miidhagina uumamaa muuziqa faaruu fi meeshaaleen adda addaa
fakkeenya dabareewwan seenaati.

Dabareewwan seenaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beekkamanii fi bakka itti argaman


gabatee agarsiis

Lakk.. Dabareewwan seenaa Bakka itti argaman


1 Siidaa Aksum Naannoo Tigraay( Aksum)
2 Bataskaana laallibalaa Naannoo Amaaraa( Laallibala)
3 Masaraa Faasil Naannoo Amaaraa(Gondar) .
4 Gaarreen kaabaa Naannoo Amaaraa(Gondar kaabaa)
5 Dallaa Harar( jogol) Naannoo Harar
6 Teessuma lafa koonsoo Naannoo Ummattoota kibbaa
7 Sulula hawaas gara gadii Naannoo Affaar
8 Sulula Oomoo gara gadii Naannoo uummattoota kibbaa
9 Dhagaa Xiyyaa Naannoo uummaattoota kibbaa( guraagee)
1 Bosona kafaa Naannoo uummattoota kibbaa( kafaa)
0
1 Bosona yaayyoo Naannoo Oromiyaa (Iluu abbaa boor)
1
Dabareewwan seenaa Itoophiyaa sadarkaa biyyaatti beekkamanii fi bakka itti argaman.

Lakk. Dabareewwan seenaa Bakka itti argaman


1 Dirree sheek Huseen Naannoo oromiyaa (baalee)
2 Gaarreen Baalee Naannoo oromiyaa( baalee)
3 Holqa soof omar Naannoo oromiyaa( baalee)
4 Masaraa Abbaa Jifaar Naannoo orimiyaa( Jimma)
5 Masgiida Najjaashii Naannoo Tigraay

Barbaachisummaa dabareewwan seenaa

1.Madda ragaawwan barnoota durii tahuun ni tajaajila.

2. Daawwattoota keessaa fi alaa ni hawwata

3. Madda galii tahuun guddina biyya tumsa

4.Biyya sadarkaa addunyaatti ni beeksisa.

DABAREEWWAN AADAA

Aadaan muuxannoo ,duudhaa,ogummaa, dandeettii fi meeshaalee uummanni tokko adeemsa


jiruu fi jireenyaa hawaasummaa keeessatti yeroo dheeraaf kuufateedha.Aadaan saba tokkoof
mallattoo eenyummaati.

Ibsitoota aadaa

 Afaan Sirna gaddaa fi gammachuu


 Barreeffamoota Haala qophii fi dhiheessa nyaataa
 Dhahaa Sirna fuudhaa fi heerumaa
 Shubbisa Sirna uffannaa
 Muuziqaa Amantii

MAATII AFAANOTA ITOOPHIYAA

Maatiin afaanota Itoophiyaa horteewwan gurguddoo afur irraa madda


Isaanis:- Maatii Kuushitik Maatii Naayilootik fi

Maatii Oomootik Maatii Seemeetik


4.3

GOOTOTA ITOOPHIYAA

Gootota kan jedhaman namoota ogummaa isaaniitiin dameewwan hojii adda addaa keessatti
hirmaachuun biyya isaanii hawaasa addunyaa biratti beeksisaniidha.

Itoophiyaan goota hedduu dameewwan akka muuziqaa, ispoortii.,og-barruu,saayinsii fi

teeknoloojii , kunuunsa naannoo fi ittisa biyyaan beekkaman hedduu qabdi.

Kuushitik Oomootik Naayilootik Seemeetik


Ogumm Ittisa biyyaa Og-barruu Ispoortii Muuziqaa Saayinsii fi Fakkii
Oromoo
aa ,agawoo , Aarrii, Hamar, Maajjii Mee’eenii,maasaangoo Amaaraa,Tigreeteeknolooji
Geedi’oo, Hadiyyaa, Shakkichoo
J/Abdiisaa Aagaa, Oosmoos Nasiib, Mursiim,Biqilaa,
Abbabaa zilmaamoo Yaareed,
Argoobbaa
Xilaahuun Akliiluu fwarqi
KambaataaJ/ TaaddasaaMoochaa,Shinaashaa
SH/ Muhaammad Turkaan,Mazanjar,
Maammoo Waldee, Guraagee
Gassasaa, Ali Birraa, Lammaa, Taklee
Fakkeenya namootaa

sidaamaa Birruu,Baalchaa Yeem,Daawuroo


Rashaad Anyuwaak
MOhaammad Silxee,
Halloo fi hararii Pro. Gabbisaa
Daawwee,
Abbaa
Burjii Affaar Nabsoo, Abdullee,Aaddiis
Walaayitaa Kadiir,Isheetuu
Nuweer,kunaamaa Buzunesh Ejjataa,
beekamoo

J/ Waaqoo Alammaayyoo, Turaa, Miruus yifxar, Baqqalaa,


Koonsoo,Erbooree, Gidichoo,Kooriyaa Gumuuz fi buumee
Guutuu, Tsaggaayee Faaxumaa Roobaa
Daasanacha GaamooG/madiin,
Balaay Zallaqaa fi goofaa
Sumaalee fiQilxuu,Garasuu Maammoo
Baayisoo Dhuukii wudineeh

SONAWWAN HAWAASUMMAA

Sonawwan hawaasummaa naamusa walitti dhufeenya hariiroo hawaasummaa


qajeelchudha.Sonawwan hawaasummaa hawaasa naannoo, mana barumsaa fi jireenya dhuunfaa
irraa baratama.
Sonawwan hawaasummaa kanneen jedhaman:-

Haqummaa nageenya

Amanamummaa Yeroo kabajuu

Namummaa waldanda’uu

Walqixxummaa Dirqama ofii bahuu

Heeraa fi seeraan buluu itti gaafatamummaa

Jaalala biyyaa

Qajeelfamoota bulchiinsa gaarii

Iftoomina Icciitii biyyaa eeguu

Itti gaafatamummaa Fakkeenya gaarii ta’uu

Olaantummaa seeraa Hojii kabajuu

Amanamummaa

Aangootti seeraan fayyadamuu

Faaydaa uummataa dursuu

Dhaabbileen bulchiinsaa yookiin hawaasummaa sadarkaa aanaa fi godinaatti


waajjira ,sadarkaa naannootti biiroo fi sadarkaa federaalaatti immoo ministeera jedhamu.

Gaaffiilee shaakalaa barnoota saayiinsii naannoo Kutaa 4ffaa

Ajaja 1.Himoota armaan gadii yoo sirrii tahe, Dhugaa,yoo sirrii hin taanee immoo, soba jedhii
deebisi.

1. Itoophiyaan Kaaba keeniyaatti argamti.


2. Aadaan mallattoo eenyummaa saba tokkooti.
3. Dhaabbileen bulchiinsa ykn hawaasumma sadarkaa naannootti ministeeraa jedhamu.
4. Itoophiyaa mummee bishaan baha Afrikaa jedhamti.
5. Argamni astiroonoomii argama dhugaa jedhama.
6. Oomishni midhaan biyyaa keenyaa haala qilleensa irraatti hundaa'un garaagarummaa abaa.

Ajaja 2.saboota "A"jalatti tarreeffaman maatii "B" jalatti tarreeffamaniin walitti firoomsi.
"A" “ B”

1. Sidaama a) maatii kuushitik


2. Hamar b) Maatii Naaylootik
3. Zilmamoo c) Maatii Seemeetik
4. Argobba d) Maatii Oomootik
5. Amaara
6. Nuweer
7. Shinaasha
8. Kambaata
9. Baayisoo
10. Anyu'ak

Ajaja3.Qubee deebii sirrii qabaate Filadhu

1.Finfinneen

a) Teessoo Motumma Naannoo Oromiyaati


b) Teessoo Motummaa feederaalati
c) Teessoo dhaabbata gamta Afrikaati
d) Hundaa

2.Argama birqaba ibsuf kan hin barbaachifne kami?

a) Kallaattiwwan
b) Sararaa yaada
c) Kartaa
d) Bakka ka'umsa

3.Magaalan guddoo sudaan kibbaa maal jedhamti

a) Kartum
b) Jimaa
c) Maqaadishoo
d) Naayiroobi

4.Biyyootni ollaa wali hariiroo akkami qabu?

a) Nageenyaa wali eeguu


b) Hariiroo daldalaa
c) Qabeenyaa umaamaa walin fayyadamu
d) Hundaa

5.Biyyii kibbaan Itoophiyaa dangeessitu tami?

a) Keeniyaa
b) Sudaan
c) Sudan Kibba
d) Jibuuti

6.Itoophiyaan dangaa gabaaba biyyaa tam walin qabdi?

a) Sudan
b) Keeniya
c) Jibuuti
d) Soomaaliyaa

7.Teessumni lafa sirrii galaana irraa ol meetira 1000 ol qabu maal jedhama?

a) Lafa olka'oo
b) Lafa dakee
c) Sululaa
d) Hundaa

8.Amala lafa olka'oo kan tahe kamilaa?

a) Heddumina ummaata guddaa Qabsoo


b) Heddumina ummata xiqqaa abaa
c) Qilleensa baayee hoo'aa fi gogaa qaba
d) Deebii hin qabu

9. Gaarreen armaan gadii keessaa kamtu naannoo Oromiyaatti argama?

a) Gaara Siidii
b) Gaara Chooqee
c) Gaara Baatuu
d) Gaara Diiloo

10.Teessuma lafa Itoophiyaa keessa bal'inaan sadaffaan kami?

a) Sululaa
b) Lafa olka'oo
c) Lafa dakee
d) Deebii hin qabu

11.Dheerinni Gaara Raas Dajaan meetira meeqa?

a) 4371m
b) 4620m
c) 4307m
d) 6420m
12.Sulullii qiinxaaman naannoo Affaaritti____

a) Baayee bal'aadha
b) Gidduu galeessaa
c) Baayee dhiphaadha
d) Boca qaruura qaba

13.Qabeenyaan bishaanitti Itoophiyaa Afrikaa keessaa meeqaaffadha?

a) Tokkoffaa
b) Lamaffaa
c) Kurnaffaa
d) Hin beekkamtu

14.Harrii gadfageenya guddaa fi balinaa guddaa qabu walduraa dubaan kam tahe?

a) Xaanaa,shaalaa
b) Shaalaa,xaanaa
c) Abbaay,xaanaa
d) Abbaay,shaalaa

15.Sochiin diinagdee biyya keenyaa namoota baay’eef carraa hojii uume kami?

a) daldala b) turizimii

c) industirii d) geejjiba

16.Loon horsiisuun Itoophiyaan Afrikaa keessaa sadarkaa meeqaffaadha?

a) 1ffaa b) 2ffaa C) 10ffaa d) 4ffaa

17. Fakkeenya warshaa sasalphaa kan ta’e kami?

a) suphee dhahuu b) industirii sibiilaa

c) warshaa nyaataa d) warshaa simmintoo

18. Gosti industirii kaappitaala guddaa barbaadu kami?

a) industirii godoo b) industirii gurguddaa

c) industirii sasalphaa

19. Bosonni yaayyoo godina kamitti argama?

a) Arsii b) Jimma

c) Iluu Abbaa Booraa d) Gujii


20.Dabareewwan seenaa addunyaa armaan gadii keessa tokko kan uumamaati.

a) Siidaa Aksum b) Gamoo Faasil

c) Teessuma lafa Koonsoo d) Dallaa Harar

Gaaffilee armaan gadiitiif deebii gabaabaa kenni.

1) Gootota Itoophiyaa ittisa biyyaatiin beekkaman sadi barreessi.


2) Sonawwan hawaasummaa keessa yoo xiqqaate shan barreessi.
3) Maatii afaanota Itoophiyaa hortee meeqa qaba? Isaanis hoo?
4) Dabareewwan seenaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beekkaman tarreessi.
5) Bineeladoota biyya keenya qofa keessatti argaman tarreessi.
6) Laggeen sirna yaa’insa kaaba dhihaa hordofan tarreeessi.
7) Haraawwan nam-tolchee Itoophiyaa tarreessi.
8) Fakkeenya warshaalee ammayyaa gurguddaa lama barreessi.
9) Fakkeenya industirii ammayyaa sasalphaa tarreeessi.

10)Teessuma lafa Itoophiyaa sadeen tarreessi.

You might also like