53% found this document useful (19 votes)
49K views96 pages

GR 4 Afan Oromo

Uploaded by

Kisanet Abrha
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
53% found this document useful (19 votes)
49K views96 pages

GR 4 Afan Oromo

Uploaded by

Kisanet Abrha
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd

AFAAN OROMOO AKKA AFAAN LAMMAFFAATTI

KITAABA BARATTOOTAA
KUTAA 4FFAA

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4FFAA


Kitaaba Kanaaf Kunuunsa cimaa taasisi.
Kitaabni kun qabeenya mana barumsaa keetiiti. Qabeenyi mana barumsaakee ammoo keeti.
Kanaaf kunuunsuun gahee kee waan ta’eef qabxiilee armaan gadii hojiirra oolchi.

1. Yeroo fayyadamtu harkakee qulqulleeffadhu.

2. Qaama kitaabichaa kamirrattuu hinbarreessin.

3. Bakka jiidhaafi qulqullina hinqabne hinkaa’in.

4. Fuula kitaabichaa keessaa tokkollee hindachaasin.

5. Kitaabicha gaazexaa, waraqaa, laastikaafi wkf golgi.

6. Yeroo itti fayyadamtu akka hincinne eeggannoo godhiif.

7. Kitaaba keessa qalama, dabtaraafi kitaaba biroo hinkaa’in.

8. Kitaabicha yeroo hunda bakka qooraafi qulqullina qabu kaa’i.

9. Hiriyoota kee wajjin walharkatti hinqabinaa ykn walitti hindarbatinaa.

10. Yeroo dubbisuuf ykn irraa barreessuuf banattu garmalee gargar hinqabin.

11. Fuula kitaabaa tarsaasuun ykn fakkii kutanii keessaa baasuun dhorkaadha.

12. Yeroo namoota biraatiif ergiftullee of eeggannoon akka qaban akeekkachiisi.


AFAAN OROMOO AKKA AFAAN LAMMAFFAATTI
KITAABA BARATTOOTAA
KUTAA 4FFAA

GORSAAN: YUUNIVARSIITII BARNOOTAA KOTOBEE


QOPHEESSITOONNI

1. Jamaal Ganna Abduljaliil [MA]


2. Magarsaa Namoomsaa Alamuu [MA]
3. Masarat Badhaadhaa Kidaanee [ MA]

GULAALTOTA
1. Abdulqaadir Huseen Gishee (MA)
2. Tamasgeen Tuulii Alabee (MA)

To’ataa
BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA
FINFINNEE BARA, 2015
Baafata

QABIYYEE FUULA

Qabiyyee............................................................Fuula
BOQONNAA TOKKO: NAANNOO OFII IBSUU...........1

BOQONNAA LAMA: QILLEENSA BARAMAA........14

BOQONNAA SADII: BIQILOOTA...............................19

BOQONNAA AFUR: BINEENSOTA...........................26

BOQONNAA SHAN: HALLUUWWAN......................35

BOQONNAA JAHA: KUTAALEE QAAMA NAMAA..41

BOQONNAA TORBA: KALLATTIIWWAN................50

BOQONNAA SADDEET: HOJII..................................55

BOQONNAA SAGAL: MISEENSOTA MAATII........62

BOQONNAA KUDHAN: BITTAAFI GURGURTAA...70

BOQONNAA KUDHA TOKKO:MANAAFI ................

MEESHAALEE MANA KEESSAA.............................82

BOQONNAA KUDHA LAMA: YEROO...................87


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA TOKKO
NAANNOO OFII IBSUU

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu

Sagalee barsiisaan/tuun kee siif dubbisan dhaggeeffachuun irra


deebi’ii sagaleessi.

A B C D E F G

H I J K L M N

O P Q Q R S T

U V W X Y Z

Gocha Lama: Dhaggeeffachuu


A. Gaaffiilee armaan gadii Deebii Afaaniin barsiisaa/tuu keetti
himi.
1. Faaruu faarfattee beektaa?
2. Mee faaruu beektu keessaa tokko hiriyoota keetiif faarsi.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 1


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

B. Faaruu barsiisaan/tuun qajeelcha barsiisotaa irraa siif dubbisan


erga dhaggeeffatteen booda, gaaffilee armaan gadii deebisi!
1. Faaruun kun waa’ee maalii ibsa?
2. Wantoota naannoo keetti argaman keessaa faaruun kan ibsame maal
fa’a?
3. Faaruun dhaggeeffatte sarara meeqa qaba?
4. Faayidaan manaa maali?
[Link] sagalee walfakkaataniin xumuraman adda baasii himi.
D. Jechoota armaan gadii keessaa sagaleewwan hir’atan afaaniin
barsiisaa/tuu keetti himi.
Fkn: A_a Ala
Baal_ Baala
a) A_uu
b) B_na
c) Ha_ka
d) Qu_a
e) _ama
E. Qubeewwan sanduuqa keessa jiran walitti fiduun jechoota ijaari.

b u n a buna
m a n a
n a m a
a r b a
m a l a

2 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Lama: Dubbisuufi Barreessuu

Gocha Tokko: Dubbisuu


A. Sagalee gabaabaafi dheeraa gabatee keessa jiran dubbisi.

Sagalee gabaabaa Sagalee dheeraa


a aa
e ee
i ii
o oo
u uu

B. Sagaleewwan walmakanii jiran dubbisi.

B R

N W
K D S

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 3


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

C. Sagaleewwan armaan gadii walitti makuun jechoota ijaari.

Fkn: Na + ma = nama

A. Ha + ra = _____
B. Ma + na = _____
C. La + fa = _____
D. Qu + ba = _____
E. Ba + ra = _____

Gocha Lama: Barreessuu

A. Jechoota armaan gadii sagaleetti addaan qooqqodii barreessi.

Fkn: Gamoo Ga-moo


Bulbulaa Bul-bu-la
a. Qaama __________
b. Boolee __________
c. Adurree __________
d. Faaruu __________
e. Baabura __________

4 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

B. Jechoota roga ‘A’ jala jiran fakkii isaanii roga ‘B’ jala jiraniin
walitti firoomsi.
‘A’ ‘B’

1. Eelee A.

2. Minjaala B.

3. Teessoo C.

4. Jabanaa D.

5. Gamoo E.

6. Siree F.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 5


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

C. Maqaa fakkiilee armaan gadii jechaan barreessi.

Fkn: Mana

1. .

2. .

3. .

4. .

5. .

6. .

6 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Oduu Durii
Kan Ormaa Barbaachatti Kan Bobaa Jalaa Buute
Guyyaa tokko Jeedala tokkotu tuqaa boolla keessaa baafattee, afaanitti
qabattee fiigdi turte. Dhokattee nyaachuu barbaadde. Kanaaf, laga tokko
ce’uun dirqama itti ta’e.

Laga ce’aa osoo jirtuu gaaddidduu ofii bishaan keessatti argitee, jeedala
biraa tuqaa guddaa qabattee ishee ilaalaa jirtu itti fakkaate.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 7


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Jeedala tuqaa guddaa qabatte kan argite seetee irraa fudhachuuf kan ofii
afaanii buuftee, utaaltee bishaan seente. Erga bishaanichatti seentee
booda, jeedala tuqaa qabatte sana argachuu hindandeenye. Gowwoomuu
ishee bartee kanuma ofii san fudhachuuf bishaan keessaa yoo baatu,
isuma sanuu Cululleen jalaa buttee samii keessa balaliitu argitee, samii
ilaaltee hafte jedhama.

A. Gaaffilee armaan gadii oduu durii irratti hudaa’uun kan sirrii


ta’e ‘Dhugaa’kan sirrii hintaane immoo ‘Soba’jechuun deebisi.
1. Jeedalli laga keessatti kan argite fakii ishee ture.
2. Laga keessa jeedalti tuqaa afaanitti qabatte biroo jirti turte.
3. Culuulleen tuqaa jeedala afaanii fudhattee balaliite.
B. Gaaffilee armaan gadii oduu durii armaan olii irratti hundaa’uun
deebii gabaabaa afaniin kenni.
1. Oduu durii kanarraa maal hubatte?
2. Oduun durii dubbistan nama bashannansiisa moo nama gaddisiisa.

8 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] 1- 10tti jiran jechaan barreessi.


Fkn: 1 ---Tokko
2 ----Lama
a. 3 _____ e. 7 _______

b. 4 _____ f. 8 _______

c. 5 _____ g. 9 _______
d. 6 _____ h. 10 _______

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gocha Tokko. Fayyadama Jechootaa


A. Fakkiilee armaan gadii ilaaluun waanta irraa hubatte barsiisaa/
tuu keessanitti himaa.

1.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 9


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

2.

3.

4.

10 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

5.
[Link] gaaffilee armaan gadii afaaniin barsiisaa/stuu keetti himi.
1. Wantoonni naannoo keetti argaman maal fa’i?
2. Wantoota mooraa mana barumsaa kee keessatti argaman himi.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 11


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

C. Fakkii kutaalee qaama namaa agarsiisu lakkoofsa ilaaluun himi.

3
1 2
5
6
4
7 8

9
15

10
11

12

13
14

12 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

D. Gochoota fakkiilee armaan gadii ilaaluun himoota salphaa ijaari.

Fkn: Sareen dutaa jira.

a. .

b. .

c. .

d. .

e. .

E. Haala fakkeenya siif kennameen jechoota koornayaa agarsiisan


barreessi.
Dhiiraaf Dubaraaf
Fiige Fiigde
1. Dhufe 1. .
2. Kenne 2. .
3. Dubbate 3. .
Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 13
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA LAMA:
QILLEENSA BARAMAA

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


A. Jechoota armaan gadii irra deebi’ii sagaleessi.
a. a-du-rree
b. sa-rar-tuu
c. xi-yyaa-ra
d. ki-taa-ba
e. u-taa-luu

Gocha Lama: Dubbachuu


A. Jechoota walitti makamaniifi adda qoodaman irra deebi’ii
waami
a. Adurree a-du-rree
b. Sarartuu sa-rar-tuu
c. Xiyyaara xi-yyaa-ra
d. Kitaaba ki-taa-ba
e. Utaaluu u-taa-luu

14 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

B. Jechoota sagalee gabaabaafi dheeraa qaban sagaleessi.


1. Lafa Laafaa
2. Laga Laagaa
3. Bona Boonaa
4. Fixe Fiixee
5. Ana Aanaa

Baranoo Lama: Dubbisuufi Barreessuu

Gocha Tokko: Dubbisuu


1. Qilleensi naannoo keessanii ho’aadha moo qorraadha? Hiriyyoota
keetti himi.

Qilleensa Baramaa
Qilleensi baramaan iddoo saditti qoodama. Isaanis, Baddaa, Gammoojjiifi
Badda-dareedha. Qilleensi baddaa niqorra. Qilleensi gammoojjii immoo
niho’a. Badda-dareen qilleensa giddu galeessa qaba.

[Link] armaan gadii dubbisa irratti hundaa’uun qubee deebii


sirrii qabatee jiru filadhu
1. Qilleensa ho’aa kan qabu kami?
[Link] B. Badda-daree C. Baddaa
2. Qilleensa qorraa kan qabu kami?
A. Baddaa B. Badda-daree C. Gammoojjii

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 15


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Barreessuu

B. Jechoota armaan gadii sagaleetti qoqqoodii barreessi.

Fkn. laga---------------- la-ga


1. laafaa
2. eelee
3. daakuu
4. naafa
5. faana

C. Lakkoofsota 11- 20tti jiran jechaan barreessi

a. 11 e. 16 .
b. 12 f. 17 .
c. 13 g. 18 .
d. 14 h. 19 .
e. 15 i. 20 .

16 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gocha Tokko: Fayyadama JechootaaWaqtiilee/Tibbawwan


Waqtileen bakka afuritti qoodamu. Isaanis: Birraa, Bonaa, Arfaasaafi
Ganna. Waqtiin birraa ji’oota Fulbaana, Onkololeessafi Sadaasaa
haammata. Muddee, Amajjiifi Gurraandhalli waqtii bonaa yommuu
ta’an, Bitooteessa, Eblaafi Caamsaan waqtii Arfaasaati. Waxabajjii,
Adooleessaafi Hagayyi waqtii gannaati.

[Link]’oota waqtiilee keessatti argaman guuti.


Birraa Bona Arfaasaa Ganna
Fulbaana Muddee Bitootessa Waxabajjii

B. Dubbisa dubbiste irratti hundaa’uun gaaffilee siif dhiyaate


afaaniin deebsi.
1. Waqtileen waggaa keessa jiran meeqa?
2. Waqtii tokko keessa ji’oota meeqatu jira?
3. Waggaa tokko keessa ji’oota meeqatu argama?
[Link] qeenxee armaan gaditti siif kenname danoomsii
barreessi?
Fkn: nama namoota
1. Kitaaba _______________.
2. Hoolaa _______________.
3. Mana _______________.
4. Barataa _______________.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 17


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Caasluga


[Link] armaan gadii erga barreessiteen booda irra deddeebiin
dubbisi.
1. Keenboon deeme.
2. Bishaan dhugde.
3. Essaa dhufte?
4. Konkolaataa qabna
5. Firaanol barattuudha.

[Link] hima keessaa hir’atan guuti.


Fkn: _________ nyaatte. Muuzii nyaatte.
1. Barumsa _____________.
2. ____________ daawwate.
3. Barattoonni ______ taphatu.
4. Obbolaa meeqa _____________.

18 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA SADII :
BIQILOOTA

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 19


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link], barsiisaan/stuun keessan qajeelcha barsiisotaa irraa


akaakuu kuduraa isiniif dubbisan dhaggeeffadhaa.
[Link] erga dhaggeeffattanii booda kuduraalee biroo beektan
barsiisaa/stuu keessanitti himaa.
[Link] barsiisaan/stuun kee siif dubbisan dhaggeeffadhu.
a. Qullubbii kukkute.
b. Pappaayaa nyaatte.
c . Raafuu mure.
[Link] kennameen hima ijaari.
1. Kaarota
2. Salaaxaa
3. Raafuu
4. Timaatima

20 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha lama: Dubbachuu


Barii Ganama
Ciree keenya nyaannee dabtara qabannee
Hiriyoota waliin daandii qaxxaamurree
Mana barumsaa gaaf seenuu eegallee
Bilbilamee jennaan tartiibaan hiriirree
Alaabaa fannifne faaruudhaan dabaallee
Gara daree galuun ABCD … jennee
Daandii beekumsaarra guyyaa san dhaabbannee.
E. Faaruu faarfatte irratti hundaa’uun deebii sirrii kenni.
1. Jechoota sagalee walfakkaataan xumuraman himaa.
2. Faruu kana keessaa jechoota sagalee dheeraafi gabaabaa qaban
adda baasuun himaa
3. Faaruun kun bo’oo meeqa qaba?
4. Faaruu farfattan irraa maal hubattan?
F. Jechoota faaruu keessaa bahan hiika isaaniin walitti firoomsi.
A B
[Link] a. bu’uura
2. jalqaba b. barii
3. ganama c. dandeetti
4. hundee [Link]
5. galuu e. seenuu

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 21


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Lama: Dubbisuufi Barreessuu

Gocha Tokko: Dubbisuu


[Link] armaan gadii ilaaluun waan hubatte hiriyaa keetti himi.

a. Fakkiin tokkoffaa maal ibsa?


b. Fakkiin lammaffaa maal ibsa?
c. Fakkiin sadaffaa maal ibsa?
d. Ayyaanota kabajju barsiisaa/stuu keetti himi.

22 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Barreessuu

A. Lakkoofsota 21 - 30 jechaan barreessi.


a. 21 Digdamii tokko f. 26 .
b. 22 g. 27 .
c. 23 h. 28 .
d. 24 i. 29 .
e. 25 j. 30 .

B. Jechoota waliin deeman galchuun hima guutuu taasisi.


Fkn: Ilkaan . Ilkaan buqqifatte.
[Link] .
B. . qabde.
C. Imimmaan .
[Link] .

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 23


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Sadii:

Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gocha Tokko: Fayyadama Jechootaa

Kuduraafi Fuduraa
Kuduraafi fuduraa dhaabuun itti fayyadamuun fayyaa namaa eeguuf
nigargaara. Kuduraafi fuduraan fayyaa namaaf faayidaa kanneen qaba.
Guddinaafi ijaarsa qaamaatiif ni oola. Dhukkubaaf akka hinsaaxilamne
nama taasisa. Kanaaf, yeroo hundaa kuduraafi fuduraa soorachuun
barbaachisaadha.

[Link] irratti hundaa’uun gaaffilee armaan gadiitif deebii


kenni.
1. Kuduraafi fuduraa maaliif sooranna?
2. Dubbisa kana irraa maal hubatte?

24 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] armaan gadii haala gaafatamteen guuti.

Kaarotii

Raafuu Appilii

Kuduraa

Fuduraa

Gocha Lama: Caasluga


[Link] fakkeenya siif kennameen fuduraa jalattuun hima
barreessi.
Fkn: 1. Ani paappaayaa nan jaalladha.
2. Isin burtukaana jaallattu.
3. Ani __________ jaalladha.
4. Nuti __________ jaallanna.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 25


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA AFUR:
BINEENSOTA

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu:

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


[Link] barsiisaan/stuun kee si ajajan dhaggeeffachuun
raawwadhu.

1. Obsinaan taa’i.

2. Iftuu olka’i.

26 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

3. Umar deemi.

4. Toltuu fiigi.

5. Anaatolii utaali.
Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 27
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Dubbachuu

B. Jechoota armaan gadii sagalee olkaasuun dubbisi.


a. Bulbulaa
b. Baabura
c. Konkolaataa
d. Barataa
e. Bilisummaa
f. Walabummaa

[Link] armaan olitti tarreeffaman keessaa kan sagalee sadii fi


sagalee afur qaban adda baasuun barreessi.

Fak: Sagalee sadi kan qabu Sagalee afur kan qabu


1. Bulbulaa 1. Konkolaataa
2. ________ 2. ___________.
3. ________ 3. ___________.

28 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] gosa nyaata aadaa fakkii isaa waliin walitti firoomsuun


dubbisi.

‘A’ ‘B’

1. cuukkoo

2. Marqaa

3. Caccabsaa

4. Finiina

5. Hancootee

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 29


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Lama: Dubbisuufi Barreessuu

Gocha Tokko: Dubbisuu

[Link] 31 – 40 jiran haala dubbisuun barreessi.


Fkn: a. 31 soddomii tokko f. 36 _______.
b. 32 _______ g. 37 _______.
c. 33 _______ h. 38 _______.
d. 34 _______ i. 39 _______.
e. 35 _______ j. 40 _______.

B. Jechoota armaan gadii sagalee olkaasuun dubbisi.


1. Nama 3. Marga
2. Mana 4. Qaama

C. Himoota armaan gadii sagalee olkaasuun dubbisi.


1. Mana ijaare.
2. Biqiltuu dhaabe.
3. Bishaan waraabe.
4. Hoolaa qale.

[Link] armaan gadii keessaa jecha hir’ate guutuun hima


barreessi dubbisi.
Fkn: Obboleettiin koo _____ dhugde.
Obboleettiin koo buna dhugde.

30 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)
a. Inni ciree _________.
b. Qalama diimaa _________ .
c. Isheen fuula ________.

Gocha Lama: Barreessuu

[Link] gabatee keessatti siif kennaman gargaaramuun jechoota


sagalee gabaabaa qaban barreessaa.
k u n a
n g m d
f r b l

Fak: arba
a. _______ b. ___________ c. _________ d. _________.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 31


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gocha Tokko:Fayyadama Jechoota

[Link] armaan gadiif deebii isaa barsiisaa/tuu keetti himi.


1. Maqaa bineensotaa beektaa?
2. Mee kan beektu keessaa maqaa dhahi.

B. Fakkiilee bineensota armaan gaditti ilaaluun maqaa waami.

Bineensota
Bineensonni bosona keessa jiraatu. Nyaata isaaniis achuma bosona
keessaa argatu. Hawwata turiizimiifi madda galiitiifis faayidaa guddaa
qabu. Kanaan alattis, tajaajila nyaatatiif kan oolan jiru. Kanaaf, hundi
keenya bu’aa isaanii kana hubannee kunuunsa taasisuufii qabna.

32 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

A. Gaaffilee armaan gadii dubbisa irratti hundaa’ii kan sirrii ta’e


‘Dhugaa’ ta’uu baannaan ‘Soba’ jedhii deebisi.
1. Bineensotni bosona keessa jiraatu.
2. Bineensotni faayidaa gara garaa qabu.
3. Sareen bineensota wajjiin bosona keessa jiraatti

B. Jechoota dubbisa keessaa bahan hiika isaanii waliin walitti


firoomsi.
‘A’ ‘B’
1. Faayidaa A. Soorata
2. Nyaata B. Bu’aa
3. Daggala C. Marti
4. Hundi D. Bosona
5. Achumatti E. Iddoma sanatti

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 33


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)
[Link] armaan gadii keessatti maqaa bineensotaa guuti.
CHAARTII MAQAA BINEENSOTAA AGARSIISU.
geengoon galuu qabaata

Gocha Lama: Caasluga


[Link] fakkenya isiniif kennamuutiin hima ijaari.
Fkn: Deeme Eebbisaan deeme.
1. Dhufte ____________
2. Nyaate ____________
3. Bite ____________
4. Dhugan ___________

34 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA SHAN :
HALLUUWWAN

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu:

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


[Link] faaruu keessaa bahaniif afaaniin deebii kenni.

Gocha Lama: Dubbachuu


B. Fakkii armaan gaditti ilaaltu irraa waan hubatte himi.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 35


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] kenname bu’uura godhachuudhaan walii walii


keessan wal baraa.
Kookeet: Ani Kookeet Roobsanin jedhama. Ati hoo?
Naafileet: Ani immoo Naafileeti Abdiin jedhama. Haati koo immoo
Boontuu Abdiisaa jedhamti. Haati kee hoo?
Kookeet: 
Maqaan haadha koo Jiineet Kumsaa jedhamtin. Maqaan
obboleessa keefi obboleettii kee hoo eenyu?
Naafileet: Obboleessi koo Beenol jedhama. Obboleettiin koo immoo
Naanaati jedhamti. Kan kee hoo?

36 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] maqaa abbaafi haadha kee ittiin barreeffamu barreessuun


waami.
Fkn: Maqaan abbaa Kookeet R-o-o-b-s-a-n
Abbaa -------------------------------
Haadha -----------------------------

Barannoo Lama: DubbisuuFi Barreessuu

Gocha Tokko: Dubbisuu

[Link] roga ‘A’ jalatti dhiyaataniif jechoota roga ‘B’ jalatti


dhiyaatan waliin walitti firoomsi
A B
1. W A. Hora
2. E B. Odaa
3. H C. Finfinnee
4. O D. Egeree
5. F E. Waadaa

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 37


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Barreessuu

[Link] maatii keetii barreessi.


1. Maqaa abbaa .
2. Maqaa haadhaa .
3. Maqaa obboleessaa .
4. Maqaa obboleettii .

B. Lakkoofsota 41-50 jiran jechaan barreessi.


Fkn: a. 41 afurtamii tokko f. 46 .
b. 42 g. 47 .
c. 43 h. 48 .
d. 44 i. 49 .
e. 45 j. 50 .

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaa Fi Caaslugaa

Gocha Tokko: Fayyadama Jechootaa


• Waantota daree keessatti argaman garaa garaa halluuwwan isaanii
tarreessi.
[Link] dubbisa keessaa bahaniif deebii afaaniin kennaa.
1. Uffatni ati uffattee jirtu halluu akkamii qaba?
2. Kan hiriyyaa kee hoo?

38 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] halluuwwan armaan gadii fakkiilee ilaaluun walitti


firoomsi.

A B
1. Adii A.

2. Diimaa B.

3. Keelloo C.

4. Cuquliisa D.

5. Gurraacha E.

6. Magariisa F.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 39


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Caasluga


[Link] Gabatee keessa jiran fayyadamuun gaalee ijaari.

1 Daraaraa Adii

2 Sangaa Gurraacha

3 Xaafii Diimaa

4. Samii Keelloo

5 Konkolaataa Cuquliisa

Fkn. Daraaraa keelloo


1..................................
2..................................
3..................................
4..................................
D. Gosa halluu jaallattuu himaan barreessi.
Fkn. Ani konkolaataa adii nan jaalladha.
1. -------------------------------------------------------------
2. -------------------------------------------------------------
3. -------------------------------------------------------------

40 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA JAHA:
KUTAALEE QAAMA NAMAA

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


A. Nagaa walgaafachuu

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 41


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Yeroo Nagaa gaafataa Nagaa gaafatamaa


Nagaa!
Ganama Akkam bulte? Ati nagaadhaa?
Nagaa!
Guyyaa Akkam oolte? Ati nagaadhaa?
Haaluma gabatee armaan olii keessatti ibsameen lama lama
ta’uudhaan nagaa walgaafadhaa.
1. Ganama hiriyyaa kee maal jettee nagaa gaafatta?
2. Guyyaa hiriyyaa keetiin yoo wal argite maal jettee nagaa gaafatta?

Gocha Lama: Dubbachuu


Muuxannoo dhuunfaafi waliinii
[Link] armaan gadii keessaa naannoo keenyatti muuxannoo
waliiniifi dhuunfaan hojjetaman ilaaluun himi.

42 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 43


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

44 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

B. Muuxannoo dhuunfaafi waliinii qabdan barsiisaa/stuu keessanitti


himaa.
Muuxannoo dhuunfaa Muuxannoo waliinii
Fakkeenyaaf, Faaruu alaabaa waliin
Yeroon mana barumsaatti argamuu faarsuu
___________________ ________________
___________________ ________________

Barannoo Lama: Barreessuufi Dubbisuu


Gocha Tokko:Dubbisuu Of ibsuu
[Link] fakkeenya siif kennameen waa’ee hiriyoota keetii
barreessuun dubbisi.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 45


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Ani Kenneeraan jedhama.


Abbaan koo Roobsan jedhama.
Harmeen koo Hawwii jedhamti.
Barattuu kutaa lamaati.
Abbaan koo Injiinara.
Harmeen immoo gara fuulduraa baradhee ogeessa xiinsammuu akkan
ta’u barbaaddi.

B. Qubeewwaniifi jechoota ka’umsa qubee sanaan barreeffamee


walitti firoomsi
A B
1. J a. Kophee
2. L b. Lama
3.K c. Maatii
4. N d. Naamusa
5. M e. Jaarsa
C. Jechoota armaan olitti walitti firoomsitan barreessii dubbisi.
Fkn: J = Jaarsa
A. L .
B. K .
C. N .
D. M .

46 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Barreessuu


A. Maqaa hiriyoota keefi kutaa isaanii barreessii barsiisaa/stuu keetti
agarsiisi.
B. Maqaa abbaafi haadha kee gahee hojii isaanii waliin barreessii
agarsiisi.

Fakkeenya: Firoomsaan jedhama.


Maqaan abbaa koo Fayyeeraa jedhama.
Maqaan harmee koo Obsinee jedhamti
Abbaan koo barsiisaadha.
Haati koo daldaltuudha.

C. Lakkoofsta 51- 60 jiran lakkaa’uun jechaan barreessi.


a. 51. Shantamii tokko f. 56. .
b. 52. Shantamii lama g. 57. .
c. 53. h. 58. .
d. 54. i. 59. .
e. 55. j. 60. .

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 47


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gocha Tokko: Fayyadama Jechootaa


[Link] qaamolee namaa lakkoofsaan jiran barreessi.

3
1 2
5
6
4
7 8

9
15

10
11

12

13
14

1……………… 9……………….
2……………… 10………………
3……………… 11………………
4……………… 12………………
5…………….... 13………………
6……………… 14………………
7……………… 15………….…...
8………………

48 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

B. Qaamolee keetiin maal hojjatta?


Fkn: 1. Luka kootiin nan deema.
2. Sammuu kootiin nan yaada.
1. Funyaan kootiin .
2. Ija kootiin .
3. Gurra kootiin .
4. Harka kootiin .
5. Arraba kootiin .

Gocha Lama: Caasluga


[Link] danuu ta’an gara qeenxeetti jijjiiri.
Fkn: Biyyoota------ Biyya
1. Firoota .
2. Manneen .
3. Haadholii .
4. Barattoota .
5. Barsiistota .
D. Jechoota walitti fiduun himoota ijaari.
Barattooni Naamusa Kore
Kennaan Muka Qabu
Jaarsi Namoota Araarsa

Fkn: Barattoonni naamusa qabu.


1. .
2. .

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 49


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA TORBA
KALLATTIIWWAN
Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu:

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


[Link] dubbii barsiisaan/barsiistuun kee siif dubbisan sirriitti
dhaggeeffadhu.

Gocha Lama: Dubbachuu


Naa’ol: guyyaa boqonnaakee akkamitti dabarsita?
Siifan: Ani guyyaa boqonnaakootti bakkeewwan bashannanaa deemunan
dabarsa.
Naa’ol: Bakki ati itti bashannantu eessa faadha?
Siifan: 
Paarkii tokkummaa, Inxooxxoo, Galma Aadaa Oromoofaa.
Atihoo?
Naa’ol: Ati baay’ee [Link] bashannanuuf waggaatti yeroo
lama qofatu naaf eeyyamama. Innis, yeroo xumura semisteera
tokkoffaafi semisteera lammaffaa raawwatutti manni barnootaa
bu’aa qabxii keenyaan walitti qabee waan nu geessuufi.

50 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Siifan: 
Carraan kun argamuun iyyuu baay’ee nama gammachiisa.
Gaariidha, barattoota qaxalee wajjiin deemuuniifi yeroo waliin
dabarsuun baay’ee namatti tola. Anis gara fuula duraatti barattoota
qaxalee wajjiin deemuuf jabaadhee qu’achuun qaba.
Naa’ol: Bayeessa, warra qabxii gaarii fidan waliin deemuuf jabaattee
dubbisuu qabda. Waan sitti ulfaatu yoo jiraate immoo na
gaafadhu siifan ibsaa.
Siifan: Tole, gorsakee nan fudhadha. Baay’ee galatoomi. Nagaa naaf
ta’i.
Naa’ol: Rakkoo hinqabu. Atis nagaan turi.
A. Fakkeenya siif dhiyaate irratti hundaa’uun hiriyyoota kee waliin
waliin dubbii dhiyeessi.

Gocha Sadii: Dubbisuu


[Link] armaan gaditti dhiyaatan sagalee olkaasuun dubbisi.

CH DH NY PH SH TS ZY

B. Qubeewwan kennamaniifi ka’umsa qubee jechootaa walitti


firoomsi.
A B
1. Ch Nyaata
2. Dh Tsahaay
3. Ny Shan
4. Ph Chaappaa
5. Sh Phaaphila
6. Ts Dhadhaa

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 51


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] siif kennaman hiika walfakkii isaaniitiin walitti


firoomsi.
A B
1. Lafa A. daandii
2. Mala B. bu’aa
3. Karaa C. dachee
4. Faayidaa D. aantee
5. Fira E. tooftaa

Gocha Afur: Barreessuu


[Link] armaan gadii kan qubee afur, shaniifi jaha irraa
ijaaraman dubbisuun barreessi.

Sa’a bishaan shan

Bara ulee rooba

Qalama aduu harka

Ji’a kophee mana

Qubee marga kofoo

B. Jechoota gabatee keessa jiran kan qubee afur, qubee shaniifi


jaha irraa ijaaraman barreessi.

Qubee afur Qubee shan Qubee jaha


------------------ ----------------------- --------------------
------------------ ----------------------- --------------------
------------------ ----------------------- --------------------
52 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] 61-70 jiran jechaan barreessi.


Fkn. a. 61----Jahatamii tokko f. 66---------------------------
a. 62-------------------------- g. 67---------------------------
b. 63--------------------------- h. 68---------------------------
c. 64--------------------------- i. 69---------------------------
d. 65--------------------------- j. 70---------------------------

[Link] armaan gadii fakkeenya godhachuun seenaa hiriyyoota


kee gaafadhuu barreessi.

Fkn. Maqaan obboleettii koo Waloo jedhamti. Barattuu kutaa


afuraffaati. Barumsa waan sirriitti hordoftuuf yeroo hunda
tokkoffaa baati.

________________________________________________________
________________________________________________________
_________________________

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gocha Tokko: Fayyadama Jechootaa

Kallattiiwwan
Kallattii agarsiisuuf jechoota kanneen fayyadamna. Isaanis, Kaaba,
Kibba, Bahaafi Lixa dha. Karaa biraa immoo, mirgaa, bitaa, fuulduraafi
duuba. Akkasumas, jalaafi irra kan jedhaman jechoota kallattii
agarsiisanidha.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 53


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Kaaba

Lixa Baha

Kibba

A. Gaaffilee armaan gadiif deebii afaaniin kenni.


1. Hiriyyoonni kee eessaan taa’anii jiru?
2. Gabateen gurraachaa isin irraa garamitti argama?
3. Barsiisaan/stuun keessan isin irraa garamitti argama?
[Link] armaan gadii faallaa isaaniitiin walitti firoomsi.
A B
1. Mirgaa A. ala
2. Irra B. bitaa
3. Keessa C. jala
4. Fuuldura D. dhiyoo
5. Fagoo E. booda

Gocha Lama: Caasluga

[Link] siif kenname irratti hundaa’uun bakka duwwaa guuti.

Fkn: A. Anaaf uffatni bitame.


B. Ati kottu.
A. Nuti _____________________________.
B. Isin ______________________________.

54 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA SADDEET
HOJII

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


[Link] barsiisaan/tuu kee qajeelcha barsiisotaa irraa siif dubbisan
dhaggeeffachuun hojiirra oolchi.

1. Haalli qilleensa guyyaa har’aa maal fakkaata?


2. Yeroo qilleensa ho’aa uffata akkamii uffanna? Yeroo qorraa hoo?

Gocha Lama: Dubbachuu


1. Maqaa qaamolee ala nafa namaa waami.
2. Qaamolee ala nafa kee qubaan tuqii maqaa waami.
3. Qajeelfama ittiin bulmaata mana barumsaa barsiisaa/tuun isiniif
dubbisan dhaggeeffachuun gochoota raawwachuu qabdaniifi
raawwachuu hinqabne adda baasuun hiriyoota keetti himi.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 55


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Lama: Dubbisuufi Barreessuu:

Gocha Tokko: Dubbisuu

A. Jechoota armaan gadii dubbisi


a. Chaampaa
b. Dhadhaa
c. Nyaara
d. Buuphaa
e. Shonkooraa
f. Televizyinii

[Link] roga ‘A’ jalatti argaman keessatti qubee dachaa jiran


roga ‘B’ jalaa waliin walitti firoomsi
‘A’ ‘B’
1. Chaampaa A. Zy
2. Dhadhaa B. Sh
3. Nyaara C. Ph
4. Buuphaa D. Ny
5. Shonkooraa E. Dh
6. Televizyinii F. Ch
C. Jechoota armaan gadii hiika sirrii isaa waliin walitti firoomsi
‘A’ ‘B’
1. Amala A. Nafa
2. Qaama B. Naamusa

56 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)
3. Dachee C. Killee
4. Buuphaa D. Lafa
5. Kijiba E. Kaachuu
6. Fiiguu F. Soba
[Link] armaan gadii hiika faallaa isaaniin walitti firoomii
‘A’ ‘B’
1. Taa’e A. Deeme
2. Dhufe B. Dhaabbate
3. Guyyaa C. Dhabe
4. Argate D. Halkan
5. Dhibame E. Hirdhuu
6. Guutuu F. Fayye

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 57


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Barreessuu


A. Jechoota qubee dachaa of keessaa qaban barreessi.
Fkn: Dh Dhibee
1. Sh .
2. Ny .
3. Ph .
4. Ch .
5. Zh .
B. Lakkoofsota 71- 80tti jiran jechaan barreessi.
Fkn. a. 71 Torbaatamii tokko f. 76 .
b.72 g. 77 .
c.73 h. 78 .
d.74 i. 79 .
e.75 j. 80 .
[Link] gabatee keessaa filachuun iddoo duwwaa guutii
barreessi .

Kubbaa Dhugaa Nyaataa Qaba Hojjattuu Deeme

Fkn: Bulloon konkolaataa ________. Bulloon konkolaataa qaba.


1. Barattoonni ______taphachaa jiru. .
2. Obsinaan ________ dhugaa jira. .
3. Faaxumaan ciree ______ jirti. .
4. Gishuun ________dha. .
5. Sanyiin mana barumssaa _____. .

58 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaa


Hojii

Namni hojii hojjetu kabajamaafi jaalatamaadha. Aadde Boontuun ganda


jiraatan keessatti dukkaana qinxaaboo adda addaa qabu. Amala gaarii
waan qabaniifi meeshaan barbaadan hunda ishee biraa waan argataniif,
hawaasni naannoo hunduu baayyee dinqisiifatuun. Kanarraa kan ka’e
dunkaana biroo dhiisanii kan isheetii meeshaa bitatu. Guyyaa tokko ollaa
ishii kan jiraattu aadde Saafayeen ilama ishii Morkataa qarshii dhibba
tokko itti kennitee gara dunkaana aadde Boontuu ergite. Morkataanis
qarshii 20 aannan liitira tokkoo, qarshii 30 sukkaara kiiloo tokkoo,
qarshii 15 dabtara tokkoofi qarshii 35 immoo zayita liitira tokko bitee
deebi’e.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 59


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

A. Dubbisa armaan olii irratti hundaa’uun gaaffilee armaan gadii


filadhuu deebisi.
1. Morkataan qarshii meeqa qabatee meeshaa bituuf deeme?
A. soddomii shan B. soddoma C. dhibba D. kudha shan
2. Olla aadde Boontuun kan jiraattu eenyu?
A. Aadde Saafayee B. Morkattuu C. Toltuu D. Biiftuu
3. Morkataan aadde Boontuuf maal ta’a?
A. obboleessa B. ilma C. abbaa D. fira
4. Morkataan qarshii 15n maal bitee dhufe?
A. zayita B. aannan C. sukkaara D. dabtara
5. Dinqisiifachuu jechuun maal jechuudha?
A. ajaa’ibsiifachuu B. jaallachuu C. jajuu D. a fi c’n deebiidha

B. Jechoota armaan gadii faallaa isaa waliin walitti firoomsi


‘A’ ‘B’
1. Dhiira A. Guddaa
2. Xiqqaa B. Dubara
3. Fuuldura C. Duuba
4. Gubbaa D. Laafaa
5. Jabaa E. Jala
6. Olee F. Gadee

60 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

C. Gaaffiilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.


1. Gabaadhaa meeshaaleen bitaman maal fa’i?
2. Meeshaaleen gabaa bitaman hunduu gatiin isaa walqixaa?
D. Hojiiwwan naannoo ati jirtutti hojjateman haala fakkeenya siif
kennameen tarreessi.
Fkn: Daldaluu
1. .
2. .
3. .
4. .
E. Jechoota gabatee keessaa filachuun iddoo duwwaa guutii.

Liitira Kuntaala Kiiloo Darzana

1. Morkataan dabtara _________ tokko bitate.


2. Sofumar aanan _______ tokko dhuge.
3. Toleeraan sukkaara ______ lama bitee dhufe.
4. Caaltuun xaafii ______ tokko galfatte.

F. Jechoota siif kennamaniin hima ijaari.


Fkn: Cimtuu Boontuun hojitti cimtuudha.
1. Guddaa
2. Furdaa
3. Barattuu

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 61


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA SAGAL :
MISEENSOTA MAATII

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu:

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


Kara Adeemaa Beela’e

Guyyaa tokko namichatu osoo karaa deemuu beela’ee asheeta baaqelaa


argee itti gore. Itti seenee asheeta baaqelaa qolaa wajjiin nyaachuu
jalqabe. Xiqqoo turee waan quufeef qola irraa baasee firii isaa nyaachuu
jalqabe. Baay’ee erga quufeen booda immoo, firii keessa jiru baasee
nyaachuu jalqabe.

62 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Haati qabiyyee baaqelaa sanaa dhokattee ilaalaa turte. Kana booda, kara
deema jettee waamuudhaan akka duraas osoo hintaane, akka boodaas
osoo hintaane akkuma gidduutti nyaadhu jetteen jedhama.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 63


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

A. Fakkii ilaalteefi seenaa dhageeffatte bu’uura godhachuudhaan


gaaffilee dhiyaataniif afaaniin deebii kenni.
1. Durdurii dhaggeeffattan irratti hundaa’uun namoota maqaa
dhahamaniifi fakkii walitti firoomsi.
2. Durdurii kana keessa namoota meeqatu jiru?
3. Kara deemaan beela’e sun maal nyaate?
4. Haati qabiyyee sun kara deemicha maal jettee gorsite?
5. Durdurii dhiyaate irraa maal baratte?

Gocha Lama: Dubbachuu

A. Fakkii olii irraa waan hubatte himi.


B. Lakkoofsota 81-90 jiran waami.

64 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)
Barannoo Lama: Dubbisuufi Barreessuu

Gocha Tokko: Dubbisuu


A. Jechoota geengoo keessatti argaman waliin qindeessuun
gaalee ijaaruun dubbisi.
Lukkuu

Foon Ittoo Kiikkii

Shiroo

Fkn. Ittoo lukkuu


1. .
2. .
3. .
[Link] geengoo keessa jiran walitti fiduun hima ijaari.

maatii
kabajuu

durdurii nanjaalladha kubbaa


nurra eegama taphachuu

uffata
seeraa
uffachuu

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 65


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Fkn: Maatii kabajuun nurraa eegama.


1. .
2. .
3. .

Gocha Lama: Barreessuu

A. Lakkoofsota 81-90 jiran jechootaan barreessuun dubbisi.


Fkn. a. 81----Saddeettamii tokko f. 86 .
b.82 g. 87 .
c.83 h. 88 .
d.84 i. 89 .
e.85 j. 90 .

[Link] hinxumuramiin hafan guutuu taasisuun barreessi.


Fkn: 1. Kennaan fiigicha . Kennaan fiigicha fiigde.
2. Kubbaa taphachuu .
3. Boontuun kitaaba .
4. Dubbisuu .
5. __________ nagammachiisa.

66 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] nyaata jaallattuufi hinjaallannee adda baasuun barreessi.


Gosa nyaatan jaalladhu Gosa nyaatan hinjaallanne
1. __________________ 1. ____________________.
2. __________________ 2. ____________________.
3. __________________ 3. ____________________.

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caaslugaa

Gocha Tokko: Fayyadama Jechootaa

Mana tokko keessa namoonni walitti dhufanii waliin jiraatan maatii


jedhamu. Isaanis haadha, abbaa, obboleessaafi obboleettiidha. Abbaafi
haati maatii geggeessuu keessatti itti gaafatamummaa walqixa qabu.
Ijoolleen immoo maatii isaanii kabajuudhaan sa’atii qu’annaafi barnoota
isaanii alatti waan humna isaanii maatii gargaaru. Maatii keessa jaalalliifi
waliif yaaduun jiraannaan maatiin gammachuu niqabaata.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 67


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

A. Dubbisa dhiyaate irratti hundaa’uun gaaffilee armaan gadiif


deebii afaaniin kenni.
1. Baay’inni maatii kee meeqa?
2. Maqaa abbaafi haadha kee himi.
3. Maatii kee maal maaliin gargaarta?

[Link] armaan gadii faallaa isaaniitiin walitti firoomsi.


A B
1. Haadha A. Abbaa
2. Obboleettii B. Jibba
3. Jaalala C. Obboleessa
4. Baay’ee D. Gaarii
5. Gadhee E. Muraasa
6. Gammachuu F. Gadda
C. Jechoota armaan gadii hiika isaaniin walitti firoomsi.

A B
1. Gaarii A. Kan waliin qu’atu
2. Hiriyyaa B. Waanta gaarii
3. Gargaaruu C. Tumsuu
4. Walqixxummaa D. Kan wal hincaalle

68 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Caasluga

Ani Dhufte
Nuti Dhufne
Ati Dhufe
Isin Dhuftan
Isaan Dhufan

[Link] isiniif kenname hordofuun hima ijaari.


Fkn. 1. Isheen dhufte.
2.__________________.
3. __________________.
4. __________________.
5. __________________.
B. Jechoota armaan gadii qeenxeen barraa’an danoomsi barreessi.
Qeenxee danuu
Fkn. Barataa barattoota

1. Dhiira .
2. Dubara .
3. Ijoollee .
4. Nama .

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 69


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA KUDHAN :
BITTAAFI GURGURTAA

Barannoo tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu

Gocha tokko: Dhaggeeffachuu

1.

2.

70 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

MANA BARUMSAA

3.

4.

5.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 71


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] barsiisaan/stuun keessan qajeelcha barsiisotaa irraa siif


dubbisan dhaggeeffachuun fakkiilee waliin walitti firoomsi.
B. Haaluma dhaggeeffatteen fakkiilee ilaaluun duraa duuba
isaanitiin qindeessi.

Gocha Lama:Dubbachuu

Gochaalee mana keessaafi mana barumsaa


[Link] armaan gaditti dhiyaatan ilaaluun guyyaa guyyaan
mana barumsaafi mana keetti kan hojjettu adda baasuun himi.

1. .

72 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

2.

3.

4.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 73


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

5.

6.

7.

74 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

8.

9.

10.
Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 75
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

MANA BARUMSAA

11.

12.

76 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

B. Har’a mana keetti maal maal akka hojjatte hiriyyoota keetti himi.
Barannoo Lama: Dubbisuufi Barreessuu

Gocha Tokko: Dubbisuu

[Link] armaan gadii dubbisi


1. Anaatoliin hojii manaa hojjette.
2. Ebbaan barataa qaxaleedha.
3. Fileetiin aannan dhugde.
[Link] irratti hundaa’i jechoota siif kennameen hima ijaari.
Fkn: Kubbaa- Ijoolleen kubbaa taphatu.
1. Muuzii .
2. Konkolaataa .
3. Damma .
C. Fakkilee ilaaluun hima ijaari

1.
Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 77
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

2.

3.

4.

78 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Gocha Lama: Barreessuu


A. Lakkoofsota 91 -100 jechaan barreessi
Fkn. a. 91----Sagaltamii tokko f. 96 .
b. 92 g. 97 .
c. 93 h. 98 .
d. 94 i. 99 .
e. 95 j. 100 .
B. Fakkiilee ilaaluun gaaffilee armaan gadii deebisi

Sigigaachoo Boonaa

Sooreettii Tolaa

Boontuu Barattoota

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 79


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Fkn: Ijoolleen maal taphachaa jiru? Ijoolleen sigigaachoo taphatu.


[Link] maal hojjechaa jira?
[Link] maal hojjechaa jirti?
3. Tolaan maal godhaa jira?
[Link] maal ilaalaa jirti?
[Link] eessa deemaa jiru?

Barannoo Sadi: Fayyadama Jechootaafi Seerluga

Gocha Tokko: Fayyadama Jechootaa


Bittaafi Gurgurtaa
Bittaafi gurgurtaan adeemsa namoota lamaafi lamaa ol gidduutti kan
raawwatamuudha. Naahiliin meeshaalee barnootaaf ishee barbaachisu
bitachuuf haadha ishee waliin ‘isteeshinarii’ deemte. Haaluma Kanaan
Naahiliin sarartuu, haqxuu, dabtarafi qubeessaa bittee galte.

[Link] irratti hundaa’uun deebisi


1. Naahiliin meeshaalee barnootaa bitachuuf eenyu waliin deemte?
2. Naahiliin meeshaalee barnootaa maalfaa bitatte?

[Link] armaan gadii hiika isaanitiin walitti firoomsi


A B
[Link] [Link]
[Link] [Link]
[Link] [Link]
[Link] d. Antee
[Link] e. Obboroo

80 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

C. Geengoo siif kenname guuti

Qubeessaa

Meeshaalee
barnootaa

Gocha Lama : Caasluga


[Link] armaan gadii danoomsuun barreessi.
Fkn: Daldalaa-----Daldaltoota
1. Teessoo __________
2. Haadha __________
3. Kutaa ______________

B. Fakkeenya irratti hundaa’uun himoota guutuu taasisi barreessi.


Fkn: Inni sarartuu bite.
1. Isheen bishaan ________.
2. Isaan mana jireenyaa_________.
3. Isin laaqana _____________.
4. Ati mana barumsaa ________.
5. Ani _____________dha.
Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 81
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA KUDHA TOKKO


Manaafi Meeshaalee Mana Keessaa

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu:

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


[Link] kee yommuu xumurtu maal ta’uu barbaadda ?
B. Barreeffama barsiisaan/tuu kee Siif dubbisan dhageeffachuun
gaaffilee kanatti aananii jiran deebisi.
1. Beekaan maal ta’uu barbaadaa?
2. Beektuu maal ta’uu barbaaddi?
3. Beekaan maaliif dooktara ta’uu barbaadee ?
4. Ati hoo maal ta’uu barbaadda?

Gocha Lama: Dubbachuu


A. Wantoota jaallattuufi hinjaallanne hiriyoota keetti himi.
¾ Wantoota Naatoliin jaallatu
- Biyya isaa jaallata
- Dubbisuu jaallata
- Hangafa kabajuu jaallata
¾ Wantoota Naatoliin hin jaallanne
- Sa’aa barnootaa barfachuu hinjaallatu
- Daree keessatti jeequu hinjaallatu
- Hiriyyotaan waldhabuu hinjaallatu

82 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Lama : Dubbisuufi Barreessuu

Gochaa Tokko : Dubbisuu

Laga Abbayaa
Ka’umsi laga Abbayyaa Itoophiyaadha. Yeroo baay’eef biyyee keenya
gabbataa gara biyya ollaa geessaa tureera. Yeroo ammaa kana hidhi laga
Abbayyaa irratti jalqabamee walakkaatii ol xumurameera. Hidhichi
yommuu xumuramu rakkoolee ifaa biyyaa keenyaa nifura. Kan biyya
keessaarra darbees biyyoota ollaafuu faayidaa nikenna.
A. Gaaffilee armaan gadii dubbisa irratti hundaa’uun deebisi.
1. Ka’umsi laga Abbayyaa eessadha?
2. Hidhi laga Abbayyaa yommuu xumuramu faayidaa maalii kenna?
[Link] armaan gadii hiika isaaniin walitti firoomsi.
‘A’ ‘ B’
1. Ka’umsa A. xumurame
2. Raawwatame B. jalqaba
3. Faayidaa C. dhiyeesse
4. Kenne D. bu’aa
5. Darbe E. ittifame
6. Hidha F. kute/cehe

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 83


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)
Gocha Lama: Barreessuu
[Link] armaan gadii haala gaafatamteen barreessuun deebisi.
1. Maqaa kee hanga akaakkayyuutti barreessi.
2. Kutaa meeqaa baratta?
3. Umriin kee meeqa?
4. Koornayaa kee barreessi.
5. Gosa barnootaa jaallattu barreessi
6. Gosa nyaataa jaallattu barreessi

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gocha Tokko: Fayyadama Jechootaa


A. Kutaalee mana keessaa geengoo isiniif kenname keessatti guuti

Kutaalee
Manaa
Mana
ciisichaa
84 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

B. Fakkiilee meeshaalee manaa armaan gaditti siif dhiyaate hubadhu

1.

2.

3.

4.
Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 85
Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

5.

[Link] armaan olii irratti hundaa’uun gaaffilee armaan gadiif


deebii kenni.
1. Meeshaalee mana fincaanii kanneen ta’an maalfaadha?
2. Meeshaalee gorduubaa kan jedhaman hoo?
3. Meeshaalee mana keessaa kan jedhaman tarreessi .

Gocha Lama: Caasluga


A. Jechoota koornayaa irratti hundaa’ee siif kenname guuti.
Fkn: Dhiiraaf Dubaraaf
Deeme---------------- deemte

1. Nyaate 1. _________.
2. Rafe 2. _________.
3. Fiige 3. _________.
4. Bite 4. _________.
5. Dhufe 5. _________.

86 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

BOQONNAA KUDHA-LAMA
YEROO

Barannoo Tokko: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu

Gocha Tokko: Dhaggeeffachuu


1. Yeroo boqonnaa keetii maal maal hojjechuun maatii kee gargaarta?
2. Fakkii armaan gadii ilaaluun maal hojjechaa akka jiran gareen
mari’achuun barsiisaa/stuu keessanitti himaa

A..

B.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 87


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

C.

D. .
3. Fakkiilee ilaaluun gochaalee raawwataman ibsi
Gocha Lama: Dubbachuu
Kee’ol Fayyeeraan [Link] kutaa [Link] tokko
abbaa koo waliin Paarkii Inxooxxoo daawwachhf deemne. Mooraa
Paarkii Inxooxxoo yeroo seennu taphoota adda addaa achi keessa
jiran akkan taphadhuuf naaf hiyyame. Anis, waan naaf heyyamameef
gammadeen tapha sigigaachoon taphadhe. Wantoonnii paarkii sana
keessa jirana baay’ee kan namatti toluufi kan nama gammachisuudha.
Anis baay’ee gammadaan abbaa koo waliin gara manaatti deebi’e.

88 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

[Link] dhiyaate erga dubbistee booda irra deebi’uu


afaaniin himi.
1. Iddoon deemtee daawwatte jiraa? Yoo jiraate waan daawwatte
hiriyoota keetti himi.
2. Mana firaa deemtee beektaa? Waan haaraa maal argite?

Barannoo Lama: Dubbisuufi Barreessu

Gocha Tokko: Dubbisuu

Geejjiba
Geejjibni iddoo tokko gara iddoo birootti sochii ittiin taasifamu keessaa
isa tokkodha. Geejjibni bakka lamatti qoodama. Isaanis: Geejjiba
aadaafi geejjiba [Link] aadaa kanneen jedhaman farda,
gaalaafi gaarii fa’a yoo ta’an. Geejjibni ammayyaa immoo konkolaataa,
baaburaafi xiyyaara faadha.

[Link] armaan gadii dubbisa irratti hundaa’uun Dhugaa


yookiin Soba jechuun deebisi
1 Geejjibni meeshaalee manaa keessaa isa tokko.
2. Fardi geejjiba aadaa keessaa tokko.
3. Konkolaataan geejjiba ammayyaati.
B. Jechoota saanduqa keessa jiran gargaaramuun hima hir’ate
guuti.
Baabura Doonii Xiyyaara

1. _________________bishaan irra deema.


2. _________________dachii irra deema.
3. _________________ samii irra balali’a.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 89


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

C. Gaaffilee armaan gadiif gareen ta’uun mari’adhaa.


1. Akaakuu geejjibaa keessaa kan ariitiin deemu kami?
2. Geejjiba aadaafi ammayyaa keessaa kam filatta?Maaliif?
3. Geejjibni isin itti gargaaramtan kami? Maaliif?

Gocha Lama: Barreessuu

A. Jechoota gabatee keessa jiru walitti fiduudhaan hima ijaari.

1 2 3
Borsumaan uffata cimaadha
Lookoon barataa miiccite
Faayoon Adaamaa kooti
Atinaaf barattuu deeme
Beekan hiriyyaa cimtuudha

Fkn: Borsumaan barataa cimaadha.


1. .
2. .
3. .
4. .

90 Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa


Afaan Oromoo (Akka Afaan 2ffaatti)

Barannoo Sadii: Fayyadama Jechootaafi Caasluga

Gilgaala Tokko: Fayyadama Jechootaa


Yerootti Fayyadamuu
Bariiteen barattuu cimtuudha. Yeroo ishee qoqqooddee itti gargaaramti.
Kanas, yeroo barnootaa, yeroo qu’annaafi yeroo taphaatti gargar qoodde
itti fayyadamti. Ganama sa’aa 2:00-9:00 nibaratti, Sa’aa 9:00-12:00
nitaphatti, galgala niqu’atti, sana booda nirafti. Sababa yeroo ishee
seeraan itti gargaaramtuuf naamusa gaarii qabdi. Barnoota isheenis
sadarkaa tokkoffaa baati.
[Link] irratti hundaa’uun deebii sirrii ta’e filadhu.
1. Bariiteen barattuu akkamiiti?
A. Cimtuu B. Laaftuu C. Giddu galeettii
2. Bariiteen sa’aa 2:00 hanga 9:00 yeroo ishee maaliiti?
A. Barnootaa B. Boqannaa C. Qu’annaa
3. Bariiteen yeroo ishee maal maal jettee addaan qoodde?
A. Yeroo barnootaa [Link] qu’annaa
C. Yeroo taphaa D. Hunda

Gilgaala Lama: Caasluga


[Link] irratti hundaa’uun hojjadhu.
Fkn: Bitte-------------- bite------------- bitan
1. Baratte ________ ________.
2. Taphatte ________ ________.
3. Dhugde ________ ________.
4. Qo’atte ________ ________.
5. Cimte ________ ________.

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4ffaa 91


AFAAN OROMOO AKKA AFAAN LAMMAFFAATTI
KITAABA BARATTOOTAA
KUTAA 4FFAA

Kitaaba Barattootaa Kutaa 4FFAA

You might also like