You are on page 1of 16

Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Maanuwaalii Barnoota Afaan Oromoo Barattoota Kutaa


1ffaa Dubbisuufi Barreessuu Dandeessisuuf Qophaa’e

Qopheessitoota:

1. Ballaxaa Billisaa

2. Masaay Abarraa

Gulaaltota:

1. Abdiisaa Gannatii

2. Kamaal Hundarraa

3. Baatirii Irreessoo

Hagayya, 2014

0
Finfinnee

1
Baafata

Qabiyyee Fuula

Baafata i

Kutaa 1ffaa 1

Qabiyyee Torbee 1ffaa: Qubeewwan gurguddaa A-D fi xixiqqaa a-d waamuu, boca isaanii adda
baasisuufi barreessuu 1

Qabiyyee Torbee 2ffaa: Qubeewwan gurguddaa E-H fi xixiqqaa e-h sagaleessuu, boca isaanii
adda baasuufi bocuu 2

Qabiyyee Torbee 3ffaa: Qubeewwan gurguddaa I-L fi xixiqqaa i-l sagaleessuu, boca isaanii adda
baasuufi bocuu 3

Qabiyyee Torbee 4ffaa: Qubeewwan gurguddaa M-P fi xixiqqaa m-p sagaleessuu, boca isaanii
adda baasuufi bocuu 4

Qabiyyee Torbee 5ffaa: Qubeewwan gurguddaa Q-U fi xixiqqaa q-u sagaleessuu, boca isaanii
adda baasuufi bocuu 5

Qabiyyee Torbee 6ffaa: Qubeewwan gurguddaa V-Z fi xixiqqaa v-z sagaleessuu, boca isaanii
adda baasuufi bocuu 6

Qabiyyee Torbee 7ffaa: Qubeewwan gurguddaa CH-ZY fi xixiqqaa ch-zy sagaleessuu, boca
isaanii adda baasuufi bocuu 7

i
Seensa
Dubbisuufi barreessuun barnoota keessatti dandeettiiwwan barbaachisoo ta’an
keessaa isaan ijoodha. Dandeettiiwwan kunniin milkaa’ina barnootaa ykn jiruufi jireenya
keessatti gahee olaanaa qabu. Kanaafuu, barattoonni akkamitti baratanii of danda’uun
dubbisuufi barreessuurratti milkaa’an kan jedhu gaaffii hunda keenyaati. Kanarraan kan
ka’e, yeroo ammaa kana dubbisuufi barreessuu kallattiidhumaan barsiisuun
xiyyeeffannoo barachuufi barsiisuu ta’aa dhufee jira. Kanaafuu, barsiisonni sadarkaa
tokkoffaa, keessumattuu kanneen kutaa 1-4 barsiisan adeemsa dandeettiiwwan
dubbisuufi barreessuu daa’immanii gabbisuu keessatti adda durummaan itti
gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uun hubatamuu qaba.

Yeroo dhiyoo asitti baroota darban, biyya keenya keessatti manneen barnootaa
sadarkaa tokkoffaa kutaalee garagaraa keessatti (1-4), dandeettii dubbisuufi
barreessuu daa’immanii ilaalchisee qorannoon (USAID 2010:20-21) gaggeeffame
agarsiisutti, barattoonni kutaa lammaffaa dubbisa ykn seenessa dhiyaateef keessa
jecha tokkollee dubbisuu hindandeenye 41.25 yoo ta’an, barattoota kutaa 3ffaa immoo
20.6% ta’uu mul’isa. Dabalataanis, hubannoon dubbisuu ilaalchisee qorannoodhumti
kun akka ibsutti, barattoonni kutaa lammaffaa 47%, barattoonni kutaa 3ffaa immoo
24.7% kan ta’an gonkumaa dubbisanii hubachuu akka hin dandeenye mul’isa. Bu’aa
qorannoon argarsiise kana irratti hundaa’uunis, Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota
kutaa 1-4 jiraniif meeshaa barnootaa dandeettii dubbisuufi barreessuu isaanii ittiin
fooyyeffatan qopheessee jira. Qabiyyeen meeshaa barnootaa kunis sagantaafi barnoota
idileetiin ala bara 2015, torbeewwan jalqabaa 6-7 jiran jidduutti akkaataa sadarkaalee
kutaa barnootaa isaaniitiin akka baratan ta’ee kan qophaa’edha.

Kanaafuu, meeshaan barnootaa kun kan qophaa’e qabiyyeewwan barnootaa kutaa 1-4tti
jiran irratti hundaa’ee miti. Haata’u malee, barattoota kanneen qubeerraa kaasee hanga
jechoota dubbisuufi barreessuu dandeessisuu qofarratti kan xiyyeeffatedha. Waan kana
ta’eef, barsiisonni gosa barnootaa kamiiyyuu barsiisan hundinuu waliin ta’uun (team
teaching) kaayyoo barnoota kanaa hubachuun milkaa’ina isaatiif, qabiyyeewwaniifi
tarsiimoolee kaa’aman hubachuudhaan hojiirra oolchuun murteessaadha.

ii
Kaayyoo Waliigalaa

 Barattoonni qubeewwan Afaan Oromoo niwaamu;

 Barattoonni qubeewwan Afaan Oromoo bocaafi sagalee isaanii adda baasu;

 Qubeewwan Afaan Oromoo nibocu;

 Sagalee jechoota keessatti argaman qoqqooduun nisagaleessu;

 Sagalee qoqqoodaman walitti makuun jecha nibarreessu;

 Jechoota dhiyaatan sagaleetti niqoqqoodu;

 Jechoota dhiyaatan dubbisaa irra deddeebi’anii hima nibarreessu;

Qajeelfama Waliigalaa

 Qabiyyeen kitaaba barattootaa idilee maanuwaalii barnoota Afaan Oromoo kutaa


1-4 dubbisuufi barreessuu dandeessisuuf qophaa’e kana erga barsiifamee booda
kan itti fufu ta’uu beekuu;

 Maanuwaalii barnoota Afaan Oromoo kana osoo barsiisuu hinjalqabin dura


akkaataa ittiin hojiirra oolu hubannoo uummachuu;

 Barsiisonni kutaa 1-4 barsiisan hundi haala qabatama mana barnootaa sanarratti
hundaa’uun waliin yookiin gareedhaan ta’anii akka barsiisuu qaban hubachuufi
akkaataa ibsaafi fakkeenya kennameen hojiirra oolchuu;

 Barsiisonni barattoota kutaa 2-4 barsiisan qubeewwan Afaan Oromoo


sagaleessuu, boca isaanii adda baasuufi bocuu danda’uu isaanii iyyaafachuun
deeggaruu (barattoota ciccimoo ta’an barattoota kanneen biroo akka deeggaran

iii
haala mijeessuu);

 Qabiyyeewwan torbee sanaaf kennaman hunda waytiilee barnootaatiif


qoqqooduun xiyyeeffannoodhaan shaakalchiisuu;

 Barsiisonni kutaa 2-4 barsiisan, barattoonni qubeewwan Afaan Oromoo


sagaleessuu, boca isaanii adda baasuufi bocuu danda’uu isaanii sirriitti
mirkaneessuun deeggaruu qabu.

iv
Kutaa 1ffaa
Qabiyyee Torbee 1ffaa: Qubeewwan gurguddaa A-D fi xixiqqaa a-d waamuu, boca isaanii
adda baasisuufi barreessuu

GBYXGQ: Qubeewwan gurguddaa A-D fi xixiqqaa a-d niwaamu; boca isaanii adda
nibaasu; akkasumas nibocu.

Tarsiimolee

Barsiisonni:

1. Moodeela ta’uun sagaleessuufi sagaleessisuu;

2. Meeshaalee qabatamoo naannootti argaman irratti hundaa’uun


shaakalchiisuu Fkn. A, mana citaa/godoo manaa; B- kalaa ijaa; C-
haamtuu qabannaan irraa cite; (Fakkeenyonni olitti dhiyaatan kun bakka
hundatti beekamuu dhiisuu danda’u waan ta’eef, meeshaalee barattoonni
naannoo isaaniitti beekuu danda’an fayyadamuun gaarii ta’a.

3. Boca qubee xixiqqaafi gurguddaa lafarratti, keenyan irratti, akka


barreessan akkasumas, kaartoonii, offaa, waraqaa, suphee, cirrachaafi
kkf irraa akka bocan taasisuu;

4. Haala qabannaa qubeessaa shaakalchiisuu;

5. Haala sochii harkaa qilleensarratti barreessuun shaakalchiisuu (yemmuu


qilleensarratti barreessuun shaakalchiifamu, barsiisonni gara gabatee
barnootaatti naanna’uudhaan ta’uu qaba).

6. Sararoota bu’uuraa fayyadamuudhaan qubeewwan bocuu shaakalchiisuu;

7. Qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa akka walitti firoomsan taasisuu;

Ibsa Haala Itti Fayyadama Tarsiimoowwan Kanneenii

5
 Guyyaa Wiixataa barsiisonni qubeewwan gurguddaa dhiyaatan (A-B) dura
sagaleessuun barattoonnis irra deddeebi’uun sagaleessuun akka shaakalan
haala mijeessuu;

o Itti aansuunis, boca qubeewwan kanneenii dura qilleensarratti


barreessuun erga shaakalchiisee booda gabatee gurraacharratti
barreessuu;

o Meeshaalee naannootti argaman irraa fayyadamuun qubeewwan bocuufi


barattoonnis lafarratti, keenyan irratti akka barreessuu yaalan gochuu;

o Dabalataanis suphee, cirracha, agadaa/offaa, fi kkf irraa akka bocan


hordofuufi deeggaruu;

 Guyyaa Kibxataa qubeewwan gurguddaa A fi B irra deebiin erga yaadachiiftee


booda, haaluma walfakkaatuun qubeewwan C fi D dhaafis tarsiimoowwan asiin
olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Roobii qubeewwan gurguddaa A-D irra deebiin yaadachiisuudhaan


qubeewwan xixiqqaa a fi b tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte fayyadamuun
shaakalchiisuu;

 Guyyaa Kamisaa qubeewwan gurguddaa A-D fi xixiqqaa a fi b irra deebiin


yaadachiisuudhaan, qubeewwan xixxiqqaa c fi d tarsiimoowwan asiin olitti
gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Jimaataa immoo, malleen kanneen akka kaardii lipsuu, tapha doominoofi
kkf fayyadamuun qubeewwan gurguddaa A-D fi xixiqqaa a-d walitti akka
firoomsan gochuun iyyaafachuufi deeggaruu;

Qabiyyee Torbee 2ffaa: Qubeewwan gurguddaa E-H fi xixiqqaa e-h sagaleessuu, boca
isaanii adda baasuufi bocuu

GBYXGQ: Qubeewwan gurguddaa E-H fi xixiqqaa e-h niwaamu; boca isaanii adda
nibaasu; akkasumas nibocu.

6
ffaa
Hub. Ibsa raawwii tarsiimoowwan asiin oliifi torbee 1 keessatti dhiyaatan bu’uura
ffaa
godhachuun, qabiyyee torbee 2 keessatti akka shaakalsiiftu kennaman hojiirra
oolchi.

Ibsa Haala Itti Fayyadama Tarsiimoowwan Kanneenii

 Guyyaa Wiixataa barsiisonni qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa A-D irra


deebiidhaan yaadachiisuudhaan qabiyyee guyyaa kanaa (E fi F) dura
sagaleessuun barattoonnis irra deddeebi’uun sagaleessuun akka shaakalan
haala mijeessuu;

o Itti aansuunis, boca qubeewwan kanneenii dura qilleensarratti


barreessuun erga shaakalchiisee booda gabatee gurraacharratti
barreessuu;

o Meeshaalee naannootti argaman irraa fayyadamuun qubeewwan bocuufi


barattoonnis lafarratti, keenyan irratti akka barreessuu yaalan gochuu;

o Dabalataanis suphee, cirracha, agadaa/offaa, fi kkf irraa akka bocan


hordofuufi deeggaruu;

 Guyyaa Kibxataa qubeewwan gurguddaa E fi F irra deebiin erga yaadachiiftee


booda, haaluma walfakkaatuun qubeewwan G fi H dhaafis tarsiimoowwan asiin
olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Roobii qubeewwan gurguddaa E-H irra deebiin yaadachiisuudhaan


qubeewwan xixiqqaa e fi f tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte fayyadamuun
shaakalchiisuu;

 Guyyaa Kamisaa qubeewwan gurguddaa E-H fi xixiqqaa e fi f irra deebiin


yaadachiisuudhaan, qubeewwan xixxiqqaa g fi h tarsiimoowwan asiin olitti
gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Jimaataa immoo, malleen kanneen akka kaardii lipsuu, tapha doominoofi
kkf fayyadamuun qubeewwan gurguddaa E-H fi xixiqqaa e-h walitti akka
firoomsan gochuun iyyaafachuu fi deeggaruu;
7
Qabiyyee Torbee 3ffaa: Qubeewwan gurguddaa I-L fi xixiqqaa i-l sagaleessuu, boca
isaanii adda baasuufi bocuu

GBYXGQ: Qubeewwan gurguddaa I-L fi xixiqqaa i-l niwaamu; boca isaanii adda nibaasu;
akkasumas nibocu.

Hub. Ibsa raawwii tarsiimoowwan asiin oliifi torbee 1ffaa keessatti dhiyaatan bu’uura
godhachuun, qabiyyee torbee 3ffaa keessatti akka shaakalsiiftu kennaman hojiirra
oolchi.

Ibsa Haala Itti Fayyadama Tarsiimoowwan Kanneenii

 Guyyaa Wiixataa barsiisonni qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa E fi H irra


deebiidhaan yaadachiisuudhaan, qabiyyee guyyaa kanaa (I fi J) dura sagaleessuun
barattoonnis irra deddeebi’uun sagaleessuun akka shaakalan haala mijeessuu;

o Itti aansuunis, boca qubeewwan kanneenii dura qilleensarratti


barreessuun erga shaakalchiisee booda gabatee gurraacharratti
barreessuu;

o Meeshaalee naannootti argaman irraa fayyadamuun qubeewwan bocuufi


barattoonnis lafarratti, keenyan irratti akka barreessuu yaalan gochuu;

o Dabalataanis suphee, cirracha, agadaa/offaa, fi kkf irraa akka bocan


hordofuufi deeggaruu;

 Guyyaa Kibxataa qubeewwan gurguddaa I fi J irra deebiin erga yaadachiiftee


booda, haaluma walfakkaatuun qubeewwan K fi L dhaafis tarsiimoowwan asiin
olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Roobii qubeewwan gurguddaa I-L irra deebiin yaadachiisuudhaan


qubeewwan xixiqqaa i fi j tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte fayyadamuun
shaakalchiisuu;

8
 Guyyaa Kamisaa qubeewwan gurguddaa I-J fi xixiqqaa i fi j irra deebiin
yaadachiisuudhaan, qubeewwan xixxiqqaa k fi l tarsiimoowwan asiin olitti
gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Jimaataa immoo, malleen kanneen akka kaardii lipsuu, tapha doominoofi
kkf fayyadamuun qubeewwan gurguddaa I-L fi xixiqqaa i-l walitti akka firoomsan
gochuun iyyaafachuu fi deeggaruu;

Qabiyyee Torbee 4ffaa: Qubeewwan gurguddaa M-P fi xixiqqaa m-p sagaleessuu, boca
isaanii adda baasuufi bocuu

GBYXGQ: Qubeewwan gurguddaa M-P fi xixiqqaa m-p niwaamu; boca isaanii adda
nibaasu; akkasumas nibocu.

Hub. Ibsa raawwii tarsiimoowwan asiin oliifi torbee 1ffaa keessatti dhiyaatan bu’uura
godhachuun, qabiyyee torbee 4ffaa keessatti akka shaakalsiiftu kennaman hojiirra
oolchi.

Ibsa Haala Itti Fayyadama Tarsiimoowwan Kanneenii

 Guyyaa Wiixataa barsiisonni qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa I fi L irra


deebiidhaan yaadachiisuudhaan qabiyyee guyyaa kanaa (M fi N) dura
sagaleessuun barattoonnis irra deddeebi’uun sagaleessuun akka shaakalan haala
mijeessuu;

o Itti aansuunis, boca qubeewwan kanneenii dura qilleensarratti

9
barreessuun erga shaakalchiisee booda gabatee gurraacharratti
barreessuu;

o Meeshaalee naannootti argaman irraa fayyadamuun qubeewwan bocuufi


barattoonnis lafarratti, keenyan irratti akka barreessuu yaalan gochuu;

o Dabalataanis suphee, cirracha, agadaa/offaa, fi kkf irraa akka bocan


hordofuufi deeggaruu;

 Guyyaa Kibxataa qubeewwan gurguddaa M fi N irra deebiin erga yaadachiiftee


booda, haaluma walfakkaatuun qubeewwan O fi P dhaafis tarsiimoowwan asiin
olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Roobii qubeewwan gurguddaa M-P irra deebiin yaadachiisuudhaan


qubeewwan xixiqqaa m fi n tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte fayyadamuun
shaakalchiisuu;

 Guyyaa Kamisaa qubeewwan gurguddaa M-P fi xixiqqaa m fi n irra deebiin


yaadachiisuudhaan, qubeewwan xixxiqqaa o fi p tarsiimoowwan asiin olitti
gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Jimaataa immoo, malleen kanneen akka kaardii lipsuu, tapha doominoofi
kkf fayyadamuun qubeewwan gurguddaa M-P fi xixiqqaa m-p walitti akka
firoomsan gochuun iyyaafachuu fi deeggaruu;

Qabiyyee Torbee 5ffaa: Qubeewwan gurguddaa Q-U fi xixiqqaa q-u sagaleessuu, boca
isaanii adda baasuufi bocuu

GBYXGQ: Qubeewwan gurguddaa Q-U fi xixiqqaa q-u niwaamu; boca isaanii adda
nibaasu; akkasumas nibocu.

Hub. Ibsa raawwii tarsiimoowwan asiin oliifi torbee 1ffaa keessatti dhiyaatan bu’uura
godhachuun, qabiyyee torbee 5ffaa keessatti akka shaakalsiiftu kennaman hojiirra
oolchi.

10
Ibsa Haala Itti Fayyadama Tarsiimoowwan Kanneenii

 Guyyaa Wiixataa barsiisonni qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa M fi P irra


deebiidhaan yaadachiisuudhaan qabiyyee guyyaa kanaa (Q, R fi S) dura
sagaleessuun barattoonnis irra deddeebi’uun sagaleessuun akka shaakalan haala
mijeessuu;

o Itti aansuunis, boca qubeewwan kanneenii dura qilleensarratti


barreessuun erga shaakalchiisee booda gabatee gurraacharratti
barreessuu;

o Meeshaalee naannootti argaman irraa fayyadamuun qubeewwan bocuufi


barattoonnis lafarratti, keenyan irratti akka barreessuu yaalan gochuu;

o Dabalataanis suphee, cirracha, agadaa/offaa, fi kkf irraa akka bocan


hordofuufi deeggaruu;

 Guyyaa Kibxataa qubeewwan gurguddaa Q, R fi S irra deebiin erga yaadachiiftee


booda, haaluma walfakkaatuun qubeewwan T fi U dhaafis tarsiimoowwan asiin
olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Roobii qubeewwan gurguddaa Q-U irra deebiin yaadachiisuudhaan


qubeewwan xixiqqaa q, r fi s tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte
fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Kamisaa qubeewwan gurguddaa Q-U fi xixiqqaa q, r fi s irra deebiin


yaadachiisuudhaan, qubeewwan xixxiqqaa t fi u tarsiimoowwan asiin olitti
gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Jimaataa immoo, malleen kanneen akka kaardii lipsuu, tapha doominoofi
kkf fayyadamuun qubeewwan gurguddaa Q-U fi xixiqqaa q-u walitti akka
firoomsan gochuun iyyaafachuu fi deeggaruu;

11
ffaa
Qabiyyee Torbee 6 : Qubeewwan gurguddaa V-Z fi xixiqqaa v-z sagaleessuu, boca
isaanii adda baasuufi bocuu

GBYXGQ: Qubeewwan gurguddaa V-Z fi xixiqqaa v-z niwaamu; boca isaanii adda
nibaasu; akkasumas nibocu.

Hub. Ibsa raawwii tarsiimoowwan asiin oliifi torbee 1ffaa keessatti dhiyaatan bu’uura
godhachuun, qabiyyee torbee 6ffaa keessatti akka shaakalsiiftu kennaman hojiirra
oolchi.

Ibsa Haala Itti Fayyadama Tarsiimoowwan Kanneenii

 Guyyaa Wiixataa barsiisonni qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa Q-U irra


deebiidhaan yaadachiisuudhaan qabiyyee guyyaa kanaa (V, W fi X) dura
sagaleessuun barattoonnis irra deddeebi’uun sagaleessuun akka shaakalan haala
mijeessuu;

o Itti aansuunis, boca qubeewwan kanneenii dura qilleensarratti


barreessuun erga shaakalchiisee booda gabatee gurraacharratti
barreessuu;

o Meeshaalee naannootti argaman irraa fayyadamuun qubeewwan bocuufi


barattoonnis lafarratti, keenyan irratti akka barreessuu yaalan gochuu;

o Dabalataanis suphee, cirracha, agadaa/offaa, fi kkf irraa akka bocan


hordofuufi deeggaruu;

 Guyyaa Kibxataa qubeewwan gurguddaa V, W fi X irra deebiin erga yaadachiiftee


booda, haaluma walfakkaatuun qubeewwan Y fi Z dhaafis tarsiimoowwan asiin
olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Roobii qubeewwan gurguddaa V-Z irra deebiin yaadachiisuudhaan


qubeewwan xixiqqaa v, w fi x tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte
fayyadamuun shaakalchiisuu;

12
 Guyyaa Kamisaa qubeewwan gurguddaa V-Z fi xixiqqaa v, w fi x irra deebiin
yaadachiisuudhaan, qubeewwan xixxiqqaa y fi z tarsiimoowwan asiin olitti
gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Jimaataa immoo, malleen kanneen akka kaardii lipsuu, tapha doominoofi
kkf fayyadamuun qubeewwan gurguddaa V-Z fi xixiqqaa v-z walitti akka
firoomsan gochuun iyyaafachuu fi deeggaruu;

Qabiyyee Torbee 7ffaa: Qubeewwan gurguddaa CH-ZY fi xixiqqaa ch-zy sagaleessuu,


boca isaanii adda baasuufi bocuu

GBYXGQ: Qubeewwan gurguddaa CH-ZY fi xixiqqaa ch-zy niwaamu; boca isaanii adda
nibaasu; akkasumas nibocu.

Hub. Ibsa raawwii tarsiimoowwan asiin oliifi torbee 1ffaa keessatti dhiyaatan bu’uura
godhachuun, qabiyyee torbee 2ffaa keessatti akka shaakalsiiftu kennaman hojiirra
oolchi.

Ibsa Haala Itti Fayyadama Tarsiimoowwan Kanneenii

 Guyyaa Wiixataa barsiisonni qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa V-Z irra deebiidhaan


yaadachiisuudhaan qabiyyee guyyaa kanaa (CH, DH, NY, PH) dura sagaleessuun
barattoonnis irra deddeebi’uun sagaleessuun akka shaakalan haala mijeessuu;

o Itti aansuunis, boca qubeewwan kanneenii dura qilleensarratti


barreessuun erga shaakalchiisee booda gabatee gurraacharratti
barreessuu;

o Meeshaalee naannootti argaman irraa fayyadamuun qubeewwan bocuufi


barattoonnis lafarratti, keenyan irratti akka barreessuu yaalan gochuu;

o Dabalataanis suphee, cirracha, agadaa/offaa, fi kkf irraa akka bocan


hordofuufi deeggaruu;

13
 Guyyaa Kibxataa qubeewwan gurguddaa CH, DH, NY, PH irra deebiin erga
yaadachiiftee booda, haaluma walfakkaatuun qubeewwan SH, TS, fi ZY dhaafis
tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Roobii qubeewwan gurguddaa CH-ZY irra deebiin yaadachiisuudhaan


qubeewwan xixiqqaa ch, dh, ny fi ph tarsiimoowwan asiin olitti gargaaramte
fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Kamisaa qubeewwan gurguddaa CH-ZY fi xixiqqaa ch, dh, ny fi ph irra


deebiin yaadachiisuudhaan, qubeewwan xixxiqqaa sh, ts fi zy tarsiimoowwan
asiin olitti gargaaramte fayyadamuun shaakalchiisuu;

 Guyyaa Jimaataa immoo, malleen kanneen akka kaardii lipsuu, tapha doominoofi
kkf fayyadamuun qubeewwan gurguddaa CH-ZY fi xixiqqaa sh-zy walitti akka
firoomsan gochuun iyyaafachuu fi deeggaruu;

14

You might also like