Professional Documents
Culture Documents
FJQ Kutaa 2
FJQ Kutaa 2
KUTAA 2
Qopheessitoota:
Fayyisaa Tarrafuu(M.Ed.)
Habtaamuu Siyyum(Msc)
Mabraatuu Charuu(Msc)
Gulaaltota
Lataa Taaddasaa (M.Ed.)
Yittaagasuu Dammaqee (MSc.)
Madaaltota:
Birhaanuu Dabalaa (M.Ed.)
Isaayaas Tafarraa (MSc.)
Mulaatuu Guddisaa (M.Ed)
Giraafiksiifi Fakkibsaa
Solomoon Alamaayyoo Guutamaa (MA)
Baafata
BOQONNAA TOKKO......................................................................................1
DANDEETTII SOCHIIWWAN BU’UURAA..............................................1
1.1.Dandeettiiwwan sochii bu’uraa bakkaabakkatti socho’uun
dalagamu......................................................................................................2
1.2 Sochii qaamaa bakka tokko dhaabbachuundalagaman......................8
1.3 Dandeettii sochii qaamaa meeshaaleettii fayyadamuun dalaguu...12
BOQONNAA LAMA......................................................................................20
SOCHII TARTIIBAWAA............................................................................20
2.1. Sochii Qaamaa Tartiibawaa Idilee walmakaa..................................21
2.2. Dandeettii sochii rukuttaa waliin jijjiiramaa deemu.....................25
BOQONNAA SADII.....................................................................................28
HAWAASUMMAAFI CURRISA BARACHUU.........................................28
3.1 Taphootaafi Sochiilee keessatti Dandeettii of Beekuu
Dagaagsan..................................................................................................29
3.2 Taphootaafi Sochiilee keessatti hubannoo hawaasummaa
guddisan....................................................................................................32
3.3 Taphootaafi Sochiilee keessatti walitti dhufeenya dagaagfachuu..34
BOQONNAA AFUR......................................................................................38
GA’UMSA QAAMAA......................................................................................38
4.1 Sochiilee dalaga onneefi sombaa.........................................................39
4.2 Humnummaa Maashaa..............................................................................42
4.3 Dadacha’iinsa............................................................................................46
4.4 Si’aayina.....................................................................................................49
BOQONNAA SHAN.....................................................................................53
QIRIIPHAA...................................................................................................53
iii KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
BOQONNAA TOKKO
DANDEETTII SOCHIIWWAN BU’UURAA
Seensa
Gocha 1.1
1. Dandeettii sochii bakkaa bakkatti socho’uun
dalagamu maal fa’i?
Akkaataa Shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Sarara eeguun dhabbachuu
• Dirree balaa hingeessifne filachuu
• Ajaja barsiisaan lama lama ta’uun gara duubaatti
deemuu
• Irra dedeebi’uun shaakaluu
Akkaataa Shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Harka bitaafi mirgaa gara cinaatti diriirsuun
dhaabbachuu.
• Faana miilaatiin mirgaafi bitaatti mucuccachuun
deemuu.
• Ariitii dabaluun irra deddeebiin dalaguu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Qajeelaan dhaabachuu.
• Miila tokko gara fuulduraatti geessinee miila isa tokko
immoo fidnee sirrii miila isa fuuldura turee qubachiisuu.
• Yeroo utaaluuf qophoofnu jilba keenya sirriitti dabsuu.
• Yeroo qubannu barruu miilaa gara fuulduraatiin
qubachuu.
• Harka faallaa miilaa raasuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Gufachiistuu dubatti sarara ofii eegachuun
fagachuun dhabachuu
• Sarara boodatti miila tokkoon jilbiinfachuun isa
biroo quba miilaan lafa tuquu.
• Harka lamaaniin sarararra qixa gateettiin lafa
qabachuu.
• Ajaja kennamu dhaggeeffachuun fiigicha
fageenya meetira 50-60 gufachiiftuu irra
darbuun fiiguu.
• Irra deddeebiin dalaguu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Gareen dhaabbachuu.
• Miila jilbatti dabsuun utaaluun sarara keessa
quphanuu
• Gabatee keessatti miilli yoo baname harka
lamaan walitti cufama
• Sochii harkaaf miila falla gochuun itti fufa
• Irra deddeebii 3-4 yoo caaluu baate gaaridha.
Gocha 1.2
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Bakka dhaabbatanitti miila mirgaa jilbatti
dabsuun lafarraa olkaasanii gara ciqilee harka
9 KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
bitaatti olgeessuu.
• Miila bitaa immoo gara ciqilee harka mirgaatti
olgeessuu.
• Irra deddeebii 4-5 ta’u dalaguu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
Gocha 1.3
1. Taphoota naannoo keetii keessaa kan meeshaatti
fayyadamuun taphattu himi.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Bakka ka’umsaa irratti kubbaa harakaan
qabachuu.
• Kubbaa kallattii gara garaatti mataa olitti
harka lamaan darbachaan qabachuu.
• Marsaa itti aanutti kubbaa harka tokkoon
darbachuun qabachuu hojjechuu.
• Irra dedeebi’uun shaakaluu
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Tooraan /tarreen dhaabbachuu.
• Mudhiirraa gadi jechuun jilbatti dabsuun kubbaa
fuulduratti lafatti buusaa deemuu.
• Ijaan kubbaa osoo hinilaalin kubbaa lafatti
rukutuun to’achuun deemuu
• irra deddeebiin shaakaluu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Bakka ka’umsaa irratti kubbaa miilaa waliin
dhaabbachuu.
• Bakka dhabbannerratti kubbaa miilaa dhiituun
walii kennuu.
• Meeshaa malee kubbaa oofuun dabarsuu.
15 KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
d.Kubbaa Dhiituu
Kubbaa lafarra oofuun sochii miilan kubbaa
qabatanii lafarra konkolaachisaa gara barbachisaa
ta’etti hiri’aadhaf dhiituun dabarsuudha.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Tooraan dhaabbachuu.
• Mudhiirraa gadi jechuun jilbatti dabsuun kubbaa
fuulduratti oofuu.
• Ijaan kubbaa to’achuun irra deddeebiin shaakaluu.
e. Sochii walmakaa
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Kubbaa qabachuun dhaabbachuu.
• Bakkabdhabbatanitti kubbaan sochii hojjechuu
17 KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
Cuunfaa Boqonnaa
Dandeettiin sochiiwwan bu’uuraa dandeettii
caasaaleen qaamaatti fayyadamuun socho’aman
ta’ee bakka tokko dhaabbachuun,bakka tokko
irraa gara biraatti socho’uun meeshaa fi meeshaan
ala kan dalagamuudha.Fakkeenyaaf deemsa, fiigicha,
utaalcha, kubbaa waliif dabarsuu fi kan kana
fakkataniidha.
KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2 18
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
Gilgaala Boqonnaa
I. Gaaffilee asiin gadii sirrii yoo ta’e dhugaa sirrii
yoo hintaanemmoo soba jechuun deebisi.
BOQONNAA LAMA
SOCHII TARTIIBAWAA
Bu’aalee barachuu boqonnichaa
Boqonnaa kana barattee erga xumurtee booda:
• Sochii qaamaa tartiibawaa rukuttaalee waliin wal
simsiista.
• Jijjiirama mallattoo rukuttaa kennamuutiin
adeemsa sochii qaamaa garaagaraa adda ni baafata.
• Rukuttaa gargaaramuun dandeettii qindoomina
kutaa qaama waliigalaa nigabbifatta.
Seensa
Fayyaafjabeenya qaamaa rukuttaa sochii qaamaa
waliin hariiroo guddaa niqabaatu. Kunis sochiilee
qaamaa rukuttaa waliin deemu dalaguun nidanda’ama.
Boqonnaa kana keessatti sochiilee dandeettii rukutaa
walmakaa jijjiiramaa deemuufi sochii qaamaa suuta
jijjiiramaa deemuu nibaratta.
Gocha 2.1
1. Sochiin qaamaa tartiibawaa idilee walmakaan
maali?
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Barattoonni garee gareetiin dhaabbachuu..
• Bakka dhaabbatanitti miila sosochoosuun harka
bifa walfakkaatuun walitti rukutuun.
• Ariitii sochii miilaafi harkaa dhaabbataadha
deemuun shaakaluu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
Ceesisa
Ispoortii ispoortii ispoortii
Ispoortiin guddinaaf
Ispoortiin fayyinaaf
Ispoortiin qabeenyaaf
i. Ol utaaluun yaa’insaan rukuttaa harkaa
waliin socha’uu
Olutaaluun harka walitti rukutuun sochii bakka
dhaabbatanii jiran irraa akka barbaachisummaa
isaatti yaa’insaan sagalee /rukuttaa waliin walitti
mijatee rukutamuudha.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabbachuu.
• Tokko yommuu jedhamu, miila gargar butuun
harka gara cinatti diriirsuu.
• Lama yommuu jedhamu, lafarraa olutaaluufi
mataa olitti harka lamaan walitti rukutuu.
• Sadi yommuu jedhamu, gara duraatti naanna’uun
harka mataa olitti walitti rukutuu.
• Afur yommuu jedhamu, gara boodaatti naanna’uun
harka mataa olitti walitti rukutuu.
• Suuta ariitii dabalaa deemuun shaakaluu.
• Irra deddeebiin hojjechuu.
23 KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabbachuu.
• Miila lamaan xiqqoo gargar butuun harka qixa
qomaatti fiduu.
• Gara bitaafi mirgaatti xiqqoo utaalaa suuta
suutaan ariitii dabalaa deemuu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabbachuu.
• Sochii beekamaa tokko filachuu.
• Rukuttaa eeguun miila sochoosuu.
• Harka lamaan gara cinaatti diriirsuu walfaana
raasuun sochoosuu.
• Suuta suuta ariitii dabalaa deemuun shaakaluu.
Cuunfaa Boqonnaa
Sochii qaamaa tartiibawaa idilee walmakaa jechuun
dandeettii kutaalee qaama garaagaraa sagalee/
rukkutaa muuziqaa waliin qindeessuun sochii qaamaa
sadarkaa gara gara keessatti jijiiramaa deemu
dalaguu danda’uudha. Dandeettii sochii rukuttaa
suuta jijjiiramaa deemu immoo dandeettii kutaalee
qaamaa riitimii (rukuttaa) garaagaraa waliin
qindeessuun dalagaman suuta suuta dabalaa deemuu
danda’uudha.
Gilgaala Boqonnaa
I. Gaaffilee asiin gadii yoo sirrii ta’e Dhugaa
yoo sirrii hintaane immoo Soba jechuun
deebisi.
1. Sochiin qaamaa rukuttaa waliin hojjechuun
sochii keessatti hamilee guddaa namaa kenna.
A) Dhaabbachuu C) Taa’uu
B) Harka walitti rukutuu D) Darbachuu
BOQONNAA SADII
Seensa
Dagaaginni hawaasummaafi currisaa sochii qaamaatiin
kan argamaniidha. Faayidaan taphoota gareen
dalagamanii walitti dhufeenya barattoota gidduutti
uumuufi currisa dagaagsa waan ta’aniif taphoota
keessatti hirmaachuun barbaachisaadha.
Gocha 3.1
1. Dandeettiin ofbeekuu maali?
A.Of Madaaluu
Of madaaluun dandeettifi dadhabina ofii adda
baasuun beekuudha. Cimina qabnu jajjabeessuufi
hanqina qabnu foyyeefachuun of madaaluun
barbaachisaadha. Sochiileen of madaaluu dagaagsan
sochii kan akka kubbaa dhiituu, rukutuufi kan kana
fakkaataniidha.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Kubbaa ofdura taasisuun miila kubbaa hindhiitne
cina gochuu.
• Mudhii oliin xiqqoo gadijechuun ijaan kubbaa
ilaaluun miila keessoon dhiituu.
• Irra dedeebi’uun shaakaluu
Kubbaa dhiituu
b. Of jajjabeessuu
Rakkinni yoo nuqunname harka kennu yokaan dafinnee
abdii kutuu dhiisnee hojii biroof of qophee’uudha.
Fakkeenyaaf tapha geengoo keessatti utaaluu
yemmu taphanu yoo dogoggorre osoo abdii hinkutiin
irra dedeeb’uun shaakaluu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Iddoo ka’umsaatti argamuu.
• Abbaa geengoo tokkoo keessa miila lamaan
boqochiisuun harki lamaan gadi bu’uu.
• Abbaa geengoo lamaa keessa tokkoo tokkoo
miilaa boqochiisuun harka lamaan qixa
gateettiitiin banuu.
• Baayina utaalchaa 4-5 ta’u irra deddeebiin
dalaguu.
• Qaama qabbaneeffachuun xumuruu.
Gocha 3.2
1. Taphaafi sochiileen hubannoo walitti
dhufeenyaa hawaasummaa guddisan maal fa’i?
• Barataafi barattuu
Dhiirafi dubartoota
Gocha 3.3
Cuunfaa boqonnaa
Namni dandeettiin ofiifi dadhabina ofii beeka yoo
ta’e, miira ofii to’achuun gara qajeeltootti dhufuu
danda’a. Kanaaf immoo sochiilee qaamaa hubannoo
hawaasummaafi dandeettii walitti dhufeenyaa
gabbifachuudha jaalalaan waliin jiraachuf
nifayyada. Sabaafi sablammiin biyya keenyaa
aadaa , amantaa, eenyumaa gara garaa qabu. Aadaa
saba biroo akka kan ofiitti kabajuun hawaasumma
aadaa garaa garaa cimsuun barbaachisaafi
murteessaadha.
Gilgaala Boqonnaa
I. Gaaffii asiin gadii sirrii yoo ta’e Dhugaa yoo
sirrii hintaane immoo Soba jechuun deebisi.
BOQONNAA AFUR
GA’UMSA QAAMAA
Bu’aalee barachuu boqonnichaa
Boqonnaa kana barattee erga xumurtee booda;
• Sochii ga’umsa qaamaa dagaagsan nihubatta.
• Sochii qaamaa umurii waliin deeman dalaguun
ga’umsa qaamaa nidagaagfatta.
• Sochii qaamaa adda addaa keessatti hirmaachuuf
ilaalcha gaarii ni agarsiista.
Seensa
Sochii keessatti ga’umsa qaamaa waliigalaa
qabaachuun bu’aa hojii irratti iddoo guddaa qaba.
Kanaaf, daa’imman irraa eegallee sochiilee ga’umsa
qaamaa adda addaa keessatti hirmaachuun bu’aa ol
aanaa qaba. Boqonnaa kana keessatti kan barattan
sochii qaamaa humnummaa dalagaa onneef sombaa,
sochii qaamaa humnummaa maashaa, dadacha’iinsaafi
si’aa’ina kan barattan ta’a.
Gocha 4.1
1. Sochiilee dalagaa onneefi sombaa dagaagsan himi.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Funyoo qabachuun dhaabbii sirrii dhaabachuu.
• Miila lamaaniin ol-utaaluun funyoo ofirra
naannessanii miila lamaan jala sirriitti dabarsuu.
• Irra deddeebii 3-4 utaaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Harka gadi buusuun dhaabbii sirrii dhaabbachuu.
• Miila lamaan wal-qixxeessuun miila tokko lafarraa
ol-kaasuu.
• Tartiiba eeguun miila isa hafe ol-kaasuu.
• Saffisa ol ka’iinsa jilbaa dabaluun irra deddeebii
shaakaluu.
• Qaama qabbaneessuun xumuruu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabbachuu.
• Miila lamaan koomee irraa ol kaasuun deebisuu.
• Miila tokko koomee irraa ol kaasuun deebisuu.
• Gara mirgaafi bitaatti deemuufi irra deddeebiin
shaakaluu.
• Saffisa isaa dabalaa deemuun irra deddeebi’uun
shaakaluu.
• Qaama qabbaneessuun xumuruu.
41 KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabbachuu.
• Harka lamaan cinatti diriirsuun bar’uu harkaa
dabareen gara lafaafi samiitti qabuu.
• Harka saffisaan dafanii dafanii walbira
qaxxaamursuun dalaguu.
• Ariitii isaa dabalaa deemuun daqiiqaa 1-2 tursuun
hojjechuu.
• Irra deddeebiin si’a 5-7 dalaguu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Miila lamaan gargar banuun dhaabbachuu.
• Harka mirgaan gulubii/koronyoo miila bitaa
tuquufi harka bitaa gara samiitti ol-kaasuu.
• Harka wal-jijjiiruun irra deddeebiin dalaguu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
.
Harka wal-bira dabarsuun miila tuquu
Akkaataa shaakalaa
4.3 Dadacha’iinsa
Ga’umsa barachuu yoo xiqqaate barattoonni
gonfachuu qaban
Mata-duree kana barattee erga xumurtee booda:
• Maalummaa dadacha’iinsaa nihimta.
• Akkaataa sochiilee dadacha’iinsaa hojjette ni
agarsiista.
• Dandeettii shaakala sochiilee dadacha’iinsaa
gonfatte nidinqisiifatta.
Gocha 4.3
1. Dadacha’iinsi maal?
2. Sochiilee dadacha’iinsa dagaagsan himi.
Akkaataa shaakalaa
faana ol-kaasuu.
• Suuta jechuun mudhiirraa gara mirgaafi bitaatti
dabsuu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Miila lamaan diriirsuufi harka cinaacha qaamaatti
buusuun dugdaan lafarra ciisuu.
• Miila lamaan suuta lafarraa ol-kaasuun diriirsuun
sekoondii 2-3 tursuu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2 48
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
4.4 si’aayina
Ga’umsa barachuu yoo xiqqaate barattoonni
gonfachuu qaban
Mata-duree kana barattee erga xumurtee booda:
• Maalummaa sochii si’aayinaa nihimta.
• Akkaataa sochiilee si’aayinaa hojjettee ni
agarsiista.
• Dandeettii si’aayinaa gonfatte nidinqisiifatta.
Gocha 4.4
3. Si’aayinni maal?
Akkaataa shaakala
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Iddoo dhaabbiitti argamuu.
• Halluu bifa garaa garaa geengoodhaan kaa’uu.
• Ajaja barsiisaa/tuu sirriitti dhaggeeffachuu.
• Ajaji yemmuu kennamu fiiguun maqaa halluu
waamame sanaa ariitiin tuquu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Cuunfaa Boqonnaa
Ga’umsi qaamaa dandeettii sochii tokko dadhabbii
malee dalaguu danda’uu jechuudha. Namni ga’umsa
qaaamaa qabu fayya gaarii qabaata. Dalaga onneefi
sombaa jechuun dandeettii onneefi sombi dalaga
isaanii dalaguu danda’uuti. Humnummaan maashaa
dandeettii maashaan keenya sochii tokko dalagaa
turuudha. Dadacha’iinsi dandeettii qaamni bakka
buusaa qaamaatti socho’uu danda’uu dha.
Gilgaala Boqonnaa
BOQONNAA SHAN
QIRIIPHAA
Bu’aalee barachuu boqonnichaa
Boqonnaa kana barattee erga xumurtee booda;
• Sochiilee qiriiphaa bu’uuraa nihubatta.
• Sochiilee qiriiphaa bu’uuraatti nibashannanta.
• Sochiilee qiriiphaa bu’uuraa hojjettee ni
agarsiista.
Seensa
Qiriiphaan sochii ispoortii meeshaaleefi meeshaa
malee dalagamuudha. Qiriiphaan meeshaa,
meeshaalee akka afata, muka dalgee, saanduqafi
kan kana fakkaatanitti fayyadamuun kan dalagamu
yommuu ta’u, qiriiphaa meeshaa malee immoo meeshaa
osoo hinfayyadamin kan dalagamuudha.
Boqonnaa kana keessatti sochii qiriiphaa bu’uuraa
sasalphaa, barbachisumaafi dalagaa sochii qaama murta’aa
fi qiriiphaa bu’uuraa kan barattan ta’a.
Gocha 5.1
1. Qiriiphaa sasalphaan maal?
Qiriiphaa sasalphaan sochiilee bifa salphaatiin
meeshaa fi meeshaa malee dalagmuudha
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Iddoo dhaabbii sirriitti argamuu.
• Harka qixa qomaatti banuun jilba gadi dabsuu.
• Olutaaluun deebi’anii miila lamaan qubachuu.
• Dhaabbii duraatti deebi’uu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akaattaa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Muka yookaan meeshaa walfakkaataa irratti
harka gara ciinaatti diriirsanii dhaabbachuu.
• Madaala qaamaa eeggachuun minjaala irratti
hamma fiixee deemuuf yaaluu.
• Of-eeggannoodhaan irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akkaataa shaakalaa
Gocha 5.2
1. Sochiilee qaama murtaa’aa jechuun maal
jechudha?
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabbachuu.
• Madaala qaamaa eeguun harkaan hiriyaa waliin
59 KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
wal-qabachuu.
• Dabaree dabareen harka dabsuun wal dhiibuu.
• Of-eeggannoodhaan irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabachuu.
• Ol-utaaluun harkaan ulee baal–tokkee qabachuu.
• Qaama mudhii gadii suuta gara fuuldurattifi
duubatti raasuu.
KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2 60
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
C. Ol harkifamuu (pull-up)
Sochiin ol harkifamuu qaama kenyaa didirrirsuufi
jabenyaa maashaa harka fi gatteettif kan fayadudha.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Ulee bal‑tokkee walakkaatti siquun sirriitti
dhaabachuu.
• Ol-utaaluun harka lamaan bal tokkee qabachuu.
• Qaama ol haarkisufi deebisuu.
• Harkaan gadhisanii miila lamaan lafa qubachu.
• Irra deddeebi’uun hojjechuu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Fakkii ol harkifamuu
D. Deemsaafi guluffii
Sochiin deemsaafi guluffii sochii deemsaa irraa gara
guluffiitti ce’amuudha.
KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2 62
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Bakka dhaabbii irraa qophaa’uun deemsa meetira
20-25 booda sochii gulufuu dalaguu.
• Haaluma kanaan sochii deemsa-guluffii-deemsa-
guluffii dalaguu.
• Irra deddeebi’uun shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Dhaabbii sirrii dhaabachuu.
• Miila lamaan qixa gateettiitti gargar banuu.
• Harka gara duubaatti qabuun jilba fuulduratti
dabsuu.
• Bakka dhaabbatan irraa ol utaaluun jilba gara
qomaatti fiduun deebisanii quachuu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Iddoo dhaabbiitti argamuu.
• Bakka dhaabbiitti harka gara duubaatti qabuun
jilbatti dabsuu.
• Bakka dhaabbatanirraa ol-utaaluun miila gara
fuulduraatti diriirsuun harkaan quba miilaa tuquu.
• Irra deddeebiin shaakaluu.
• Xumura irratti qaama qabbaneeffachuu.
Gocha 5.3
1. Qiriiphaan maal?
A. Afatarra fiiguu
Afatarra fiiguun sochii qiriiphaa afatarratti
socha’uun dalagamu.
Akkaataa shaakalaa
• Qaama ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Iddootti argamuu.
• Madaala qaamaa eeguun shaffaxaafi gara
fuulduraatti fiiguu.
KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2 66
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
Akkaataa shaakalaa
• Qaama sirriitti ho’ifachuufi diddiriirsuu.
• Hiriiraan afata irra dhaabbachuu.
• Afata diriiraarra taa’uufi ka’uu.
• Irra deddeebiin dalaguu.
• Qaama qabbaneessuun xumuruu.
Cuunfaa Boqonnaa
Qiriiphaan sochii qaamaa keessaa tokko ta’ee
meeshaafi meeshaa malee kan dalagamuudha.
Qiriiphaan sasalphaan sochiilee meeshaa malee
dalagamaniidha.
Gilgaala Boqonnaa
BOQONNAA JA’A
Seensa
Shubbisi aadaa sirba naannoo tokkoo bifa aadaatiin
qaama sochoosuudhaan dalagamuudha. Taphoonni
aadaa taphoota meeshaalee naannootti fayyadamuun
taphatanii aadaafi muuxannoo naannichaa ittiin
calaqqisiisaniidha.
Gocha 6.1
1. Shubbisni aadaa maal akka ta’e himi?
Gocha 6.2
1. Shubbisa aadaa aanaa keessa jiraattu keessatti
beekamu qorachuun dareef dhiyeessi.
KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2 72
BARNOOTA FAYYAAFI JABEENYA QAAMAA
Gocha 6.3
1. Taphoota aadaa aanaa keetti beekamoo ta’an
taphachuun agarsiisi.
Taphoonni aadaa taphoota eenyummaafi aadaa
saba tokkoo kan ittiin ibsamuudha. Fakkeenyaaf,
wal’aansoo, korboo, saddeeqa taphachuufi kan kana
fakkaataniidha.
Fakkeenyaaf:
Cuunfaa boqonnaa
Shubbisi aadaa sochii sirba gosa adda addaa kan
hammatu ta’ee kabaja, beekamtiifi duudhaa saba
tokkoo kennuuf ga’ee olaanaa qaba. Taphoonni aadaa
taphoota eenyummaafi aadaa saba tokkoo kan ittiin
ibsamuudha.
Gilgaala boqonnaa
I. Gaaffilee asiin gadii yoo sirri ta’e Dhugaa yoo
sirrii hintaane Soba jechuun deebisi.
1. Shubbisi aadaa barattootaaf fayyummaa
qaamaa nikenna.
2. Taphoonni aadaa sochii ispoortii aadaa
calaqqisiisuuf hingargaaran.
II. Gaaffilee asiin gadiif deebii sirrii filadhu.
1. Kanneen asiin gadii keessaa faayidaa shubbisa
aadaa kan ta’e kami?
A) Walitti dhufeenya cimsuu
B) Eenyummaa ofii calaqqisiisuuf
C) Beekamtii argachuuf
D) Hunduu deebiidha
III. Gaaffii asiin gadiif deebii gabaabaa kenni.
1. Taphoota aadaa aanaa keetti taphatamu lama
barreessi.
KITAABA BARATTOOTAA KUTAA 2 76