You are on page 1of 8

BIIROO BARNOOTA BUL.

MAGAALAA
FINFINNEETTI
Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 2ffaa kan Semisteera 2ffaa
BARANNOO 1FFAA

Boqonnaa 12 :Joobira

 Kaayyoo barannoo :-

Barannoo kana booda


 Maalummaa Joobiraa ni ibsitu.

 Gocha inni umurii dheereffachuuf godhu ni himtu.

 Hiika galumsa jechaa ni tilmaamtu


Gaaffilee Shaakalaa
1.Joobirri maal akka ta'e ni beektuu?
2. Iccitiin dheerina umurii isaahoo maali jettanii yaaddu?
DUBBISA
Joobirri gosa allaattiiti.Innis umuriin isaa hanga waggaa 70 jiraata.Waggaa 40 yeroo ga'u
huuruufi qeensi isaa dacha'uun soorata qabuu didu.kanaaf innis kattaatti galuun rigatee
of haaressa.Adeemsi kunis guyyaa 150 itti fudhata.
Gaaffiilee Madaallii

1.Keeyyata 1ffaa bo'oo 1ffaa irratti jechi "Innis" jedhu maal bakka bu'a?

A.Umurii B.Joobira C. kattaa

2.Qaamolee Joobiraa keessaa kan haara'u kami?

3.Hiikni jecha kattaa jedhuu maali?

A. Dhagaa guddaa B.Boolla C. muka


Deebii

1. B

2. Huuruu fi Qeensa

3. A
Hojii Manaa

Hiika Sirrii Jechoota Kanaa Gadii Barreessaa.

1. Mala

2. Soorata

3. Baatii
Deebii Gaaffii Hojii Manaa

1. Tooftaa , Fala

2. Nyaata

3. Ji'a

You might also like