You are on page 1of 11

Waajjiraa Daldalaa Godina

Tarreeffama Hojiiwwan Gurguddoo


Gamaggamma Kurmaana 1ffaa fi To’aannoo
Daldalaa seeran alaa qophaa’ee

Onkolooleessa,2016
fiichee

1. Seensa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gurguddoo karoora imala badhaadhinaa
keessatti qabaman milkeessuun jiruu fi jireenya uummata naannichaa fooyyessuuf
hojjechaa jira. Bu’uuruma kanaan Biiroon Daldala Oromiyaas aangoo fi gahee hojii isaaf
kenname irratti hundaa’uudhaan karoora bara 2016 baafatee erga hojiitti galee kurmaana
1ffaa gara xumuraarra ga’ee jira.
kanaaf cimina, hanqinaa fi rakkoolee hojii keessatti mul’atan adda baasuun furmaata
kennuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessun barbachiisa waan ta’ef, hojiiwwaan
kurmaana 1ffaa keessatti harca’aani hafan addan baasuuf jechaa magaaloota adda addaa
irra ogeessoota muxxannoo fi gahumsa qaban addan baasuun ogeessoota biiroo waliin
walitti hidhuun hojiin gamaggammaa kurmaana 1ffaa, hojii daldalaa seeran alaa fi
Kontoorobandii irratti xiyyeeffattu akkasumaas muxxannoo hojii akka wal jijjiraanif
Magaalootaa 3 fi Aanaalee 16 irratti xiyyeeffaannoo keenudhaan karoora adda
qophaa’ee jira;

1
Kanafuu,hojii bara 2016 karoora xiqii karoorfannee galmaan ga’uuf raawwiin kurmaana
1ffaa ergaa ilaalameen boodatti dirree irratti hojii to’aannoo daldala seeran alaa irrattii
bifa dulaatiin karoora yeroo gabaabaa ittin jijjiramaa argisiisuu dandeenyuu qopheessuun
barbachiisa waan ta’eef “TOR” kana qopheesinee jira. Kanafuu,aanaaleen fi Magaaloota
hundi akkaata Cheek listii “TOR” kanaattin hojii duulaa kanaaf xiyyeeffaanno kenuudhan
hojii keessa seenuun barbachiisadha.Kanaaf hojiwwaan hojjaattamu qaban haala armaan
gadiin qophaa’ee jira.
2. Kaayyoo
 Raawwiin hojiilee gurguddoo fi tarsiima’oo ta’an boqonnaa qophii irraa kaasee hanga
Kurmaana 1ffaatti hojjaattame maal-irra akka jiru fi lafa irratti qabatamaan raawwachaa
jiran ilaaluun ciminaalee, hanqinaalee fi rakkoolee jiran adda baasuun kallaattii hojii ka’uu
fi kan humna ol ta’e, yaada furmaataa waliin I/G/waajjira dhiyeessuun tarkaanfiin
sirreeffamaa akka fudhatamu taasisudha;
 Hojii daldalaa seeraan alaa to’achuun seera-qabeessummaa daldalaa mirkaneessun raawwi
kenna tajaajila galmeessaa fi heyyamaa fooyyessuu;
 Tarkanfii seera fudhachuu irrattii akka xiyyeeffaannoon hojeetamuu gochuu;
 Daldalaa seeran alaa gara seerattii akka debi’an gochuu;
 Ogeessoota gidduuttii miira garee uumuun galma barbaadamu bira ga’uu;
 Muxxannoo argamu danda’uu babal’isuu;
3. Galma
Hojiileen Karoora Bara 2016 keessatti karoorfaman akkaataa karoorfamaniin
daguugamanii akka raawwataman taasiisuu fi daldalaa seeran alaa gara seeratti deebisuun
fayyadamummaa uummataa mirkaneessuudha;
4. Uwwisa Deeggarsaa fi Hordoffii fi To’annoo Dhabbiilee Daldalaa
 Waajjiraalee Daldala Aanaalee 16 fi Bulchiinsa Magaalota 3 waliigala 19 kan
uwwisu ta’ee; sadarkaa garaa garaa irra jira irratti gaggeeffama.
5. Tooftaa Raawwii
1.1. Gamagammaa hojii kurmaana 1ffaa aanaa fi Magaalaa gaggeessuun,duubdeebiifi
kallaattii hojii kennu;
1.2. Garee ogeessota waajjira irraa walitti fiduun hundeessuu,
1.3. Garee ogeessota aanaa fi Magaalaa Muxxaannoo fi gahumsa qaban filachuun walitti
fiduun hundeessuu;
1.4. Gareewwan kana waljala fuudhuun bobbaasuu;
1.5. Gareen kun bakka deemuttii garee xixiqqoo Kutaa Magaalaa fi aanaa irratti of-jalattii
ogeessota walitti fiduun hundeessuun to’annoof kan bobbaasu ta’a;
1.6. Gareen olaanaa hundeessuun sochii garee xiqqaa guyya guyyaa ni deggeera,ni
hordoffaa,ni to’aataa,ni gabaasa;
1.7. Uunka qophaa’e irrattii gabaasa fi raga qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf guyya
guyyaan ni dabarsa;
1.8. Daldalaa seeran alaa argamaan hunda irratti tarkanfii bulchiinsa ni fudhata,tarkanfii
seera akka fudhatamu ni taasiisaa;
6. Hojiiwwan hojjetaman
6.1. Hojii Gamaggaammaa fi Horddooffii
6.1.1. Hojii Qophii Karooraa, Baajataa, Hordoffii fi Gamaggamaa
 Karoora hojii waggaa 10, 5, 3 fi kan bara 2016 qophaa ‘uu akkasumas kan garee fi hojjetaa
dhuunfaas qophaa’uu isaa ilaaluu;
 Gabaasni hojii kurmaanaa, ji’aa, torbaanii fi guyyaa guyyaa akkaataa uunka waajjira irraa
gad-bu’een (barbaadamuun ) dhiyaachaa jiraachuu isaa ilaaluu;

2
 Raawwii hojii manaajimantii mana hojii waliin yeroo yerootti ilaaluun, aanaaleef, kutaa
magaalaa fi wiirtuuleef duubdeebii kennaa deemuu;
6.1.2. Hojii Galmeessaa fi Heyyama Hojii Daldalaa
 Raawwii hojii galmeessa, heyyamaa fi haroomsa heyyama hojii daldalaa sadarkaa irra jiru
adda baasuu;
 Haqiinsa galmeessaa fi heyyama hojii daldalaa raawwatamee fi sabaaba haqiinsa
raawwatamee adda baasuu;
 Kenna galmeessaa fi heyyama tajaajila toorarraa (on-line) fi e-trade bara 2016tti
guutummaa guutuutti jalqabamuu isaa daawwachuu;
 Mana maree daldalaa fi waldaalee sekteraa hojii keessa galchuuf, deeggaruu fi hordofuu
irratti waan jiru ilaaluu;
6.1.3. Hojii Qorannoo fi Ijaarsa Dandetti Dhimma Daldalaa
Qorannoo bara 2014 fi 2015 raawwatamanii fi hojii irra oolan ilaaluu fi karooraa fi
qophii qorannoo bara 2016 maalfakkaata; (Ragaa waliin haa ilaalamu);
Eebbaa marsa 1ffaa fi Filannoo ykn qophiin leenjii marsa 2ffaa TMD fi leenjiin
“Enterpreneurship” kennuuf jiru maalfakkaata; bu’aan isa hoo akkamin ilaalama?
Hojii GMD haala kamiin raawwatamaa akka jiruu fi bu’aan argame maal faakkaataa;
6.1.4. Hojii Dhiyeessii Oomishaalee Al-Ergii Guddisuu
 Bittaa fi gurgurtaan oomishaalee qonna al-ergii (al-ergii bunaa, midhaani, jimaa,
kuduraa, muduraa,beeyladaa fi bu’aa beeyladaa fi kkf) giddu gala gabaa sadarkaa 1 ffaa
ykn bakka seeraan heyyamame keessatti qofa gaggeeffamaa jiraachuu;
 Dhiyeessitoota oomishaalee qonnaa maqaatiin adda baasanii beekuu fi irratti
karoorfachuu;
 Hordoffiin dhiyeessii oomishaalee qonnaa (buna, baala shayii, mi’eessituu, midhaan,
jimaa, kuduraa, muduraa, beeyiladaa fi bu’aa beeyiladaa) maal irra jira? Rakkoon yoo
jiraate sirriitti haa ibsamu;
6.1.5. Qaala’iinsa Gabaa tasgabbeessuuf, hojii walitti hidhamiinsa gabaa
Oomishaalee qonnaa fi industirii Raawwatame
 Walitti hidhamiinsi gabaa uunka sirrii ta’een waliigaltee walii mallatteessuun raawatamaa
jiraachuu isaa ilaaluu fi mirkaneeffachuu? (Gosa oomishaatiin)
 Walitti hidhamiinsi gabaa
 Midhaanii, jimaa, kuduraa fi muduraa; haala karooraa fi raawwii isaa maalirra akka jiruu
 Beeylada dhaabbii fi bu’aa beeyladaa; fi rakkoolee qunnaman adda bahee haa ibsamu;
 Al-ergii kuduraa, muduraa fi jimaa haalli waliigalaa jiru maal fakkaata?
 Hundeeffamaa fi sochii gabaa sanbataa (Sunday Market) magaalota, kutaa magaalaa fi
aanaalee irratti babal’isuu; akkasumas hojii qabatamaatti galchuu;
 Giddugala gala gabaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi giddu galoota (wiirtuulee aannanii, dammaa fi
kkf) hojii keessa galanii fi hin galle adda baasuu fi sababa hojii keessa galuu hin
dandeenyeef sirriitti haa ibsamu;
 Giddu galoota gabaa haaraa hundeessuu fi ijaaruu;
6.1.6. Hojii Inispeekshinii fi Regulaatorii Daldalaa fi Gabaa
 To’annoo dhaabbilee daldalaa fi warshaalee irratti gaggeessuun seera qabeessummaa
isaanii mirkaneessuu;
 Daldala seera qabeessaa fi seeraan alaa adda baasuu;
 daldala seeraan alaa tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuun gara seeraa qabeessaatti
fiduu;
 gosaa fi sababa daldalli seeraan itti baay’atu adda baasuu;

3
 To’annoo dhaabbilee boba’aa gatii mootummaan murteesseen gurguramaa jiraachuu
gaggeessuu;
 Sakatta’iinsa safartuu fi madaallii gaggeeffamee fi istiikara maxxanfame akkasumas rakkoo
kanaan walqabatee jiru adda baasuu;
 Keellawwan hojii keessa galanii jiranii fi rakkoo naannoo keellaa jiru adda baasuu;
 To’annoon daldala seeraan alaa fi kontorobaandii ilaalchisee:
 Akkamiin to’atamaa jira? Raawwiin isaa haala maalii irra jira ?
 Galii argame, kan herrega cufaa keessa jiruu fi kan murtee argatee mootummaaf galii ta’e
6.1.7. Hojii Eegumsa Mirga Fayyadamtootaa fi Dorgommii Daldalaa
Hubannoo hawaasa fayyadamaa fi daldalaaf kennamee fi jijjirama dhufe;
Komii dhiyaatee fi deebii argate adda baasuu; dhimma komeen irratti baay’atu adda baasuu;
Meeshaalee bu`uuraa hanga amma gadi bu’e sukkaara, zayita nyaataa fi boba’aa fi sirna
raabsaa isaa irratti hordoffii gaggeessuun qaama badii uume yoo jiraate, tarkaanfii
sirreeffamaa fudhatame;
Walitti hidhamiinsa gabaa oomishaalee industurii irratti hojiiwwan hojjetamanii fi bu’aa
argame;
Waldaalee mirga fayyadamtootaa ijaaramanii fi haala isaan irra jiran maalfaakkaata;
6.1.8. Hojii Tajaajila Odeeffannoo Gabaa fi Piromooshinii
Odeeffannoo gabaa midhaanii, beeyladaa, bu’aa beeyladaa fi industurii
akkaataa uunka sassaabbii odeeffannoo gabaatiin sassaabamuu isaa;
Odeeffannoon gabaa sassaabame xiinxaluu, kuus-daataa galchuu fi tamsaasuu;
Baay’ina wiirtuulee odeeffannoo jiranii fi kan hojii qabatamaa keessa jiran;
Mallattoo daldalaa (branding) iddoo oomishaa bu’uureffate oomishaalee
dinagdaawaa fi sharafa biyya alaa argamsiisan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu;
fi Kan qoratame, Kan mirkanaa’e fi adeemsa irra kan jiru adda baasuu;
6.1.9. Carraa Hojii Uumuu
 Carraa hojii yeroo fi dhaabbii irratti dhiiraa fi dubartii hojiitti galan;gosa hojii carraan
hojii irratti uumame adda baasuun gabaasuu;
6.1.10. Hojii Tola Ooltummaa fi Tajaajila Lammummaa
 Hirmaannaa hojjettootaa, daldaltootaa fi hawaasa hirmaachisuun hojii tola ooltummaa
raawwatame;Deeggarsaa akaakuu (kind) tilmaama qarshii; maallaqa calla fi mana
harka qalleeyyii ijaaruu, suphuu fi kkf tilmaama qarshiin;
6.2. Hojii Dirree Irratti Hojjaattamu
6.2.1. To’annoo mana mana dhabbiilee daldalaa irratti gaggeessuu
 To’aannoon geggeeffamu kun akkaata Istandeerdii to’aannoottin ulaa-ulaattii ta’ee hojii
daldalaa seeran alaa ta’an adda baasuun tarkanfii bulchiinsa fudhachuu fi tarkanfiin seera
akka fudhatamuu gochuu ta’aa. Kanafuu, hojiileen armaan gadii ni hojjetamu,
 Hojii daldalaa galmeesaa yk heyyama osoo hin qabaatiin hojjetu irratti tarkaanfii sirreessaa
fudhachuun akka heyyaama daldalaa baafatan taasisuu,
 Heyyamni hin haarofne akkaata seeraattii akka haareffamu taasisuu;
 Dhimmoota dorgommii daldalaa gufachiisan adda baasuu,gatii kan dabalan fi kan hin
maxxansinnee,naga’ee malee kan gurguran k.k.f adda baasuun tarkanfii fudhachuu;
 To’aannoo fi hordoffii dhabbaata boba’aa irraatti geggeessuu,kira sasabdumma fi hanna jiru
adda baasuun tarkanfii fudhachuu,(kan dhiyaatee fi kan gurguramee wal-simuu
mirakanneefachuu(odit gochuu),Bitta fi gurgurtaan Eleekitirooniksii qofan ta’uu adda
baasuu, Fayyadamtoota “Digoomaa” boba’aa irrattii sobaan kan fayyaadaman yoo jiratee
adda baasuun tarkanffii fudhachuu,
 Manneen kuusaa magaalaa sana keessaa jiru sakatta’uun tarkaanfii fudhachuu;

4
 Dhaabbilee daldalaa biraatti Sirna safartuu fi madaallii sirrii ta’uu isaa mirkaneessuu,gara
dijitalaatti akka jijjiran gochuu;
 Gabaan Sanbaata hundaa’uu isa, gatii gurgurrttaa madalaawaa ta’u,Oomishaaleen dhiyaatan
qulqullina qabachuu,oomshni dhiyaatii itti fufinsa qabachuu isa hordoffuu fi kallattii ka’uu;
 Qindoomina seekteraalee adda addaa waliin ciimsuun akka hojjaattamu taasiisuu;
(Keessattuu,Gibiraa,Tele,Qaamoolee seeraa fi.k.f)
 Waligalaa rakkoo dhabbataa daldalaa bira ga’amee bira seeran alumma jiru adda baasuun
tarkanfii bulchiinsa fudhachuun tarkanfiin seera akka fudhatamuu gochuun daldaltoonii
seeran alaa gara seerattii akka dhufan gochuun daldalaa seeran alaa xiqqeessuudhaf kan
hojjeetamuu ta’aa.
6.2.2. Bu’aa Eegamuu;
 Gamagammaa gaggeeffame irraa bakka hanqina hojii addan baasuun kallattiin hojii
Karoora fi gabaasni hojii kurmaanaa, ji’aa, torbaanii fi guyyaa guyyaan hojjaattama ture
qabataman lafa qabsiisuu;
 To’annoo dhaabbilee daldalaa fi warshaalee irratti gaggeessuun seera qabeessummaa
isaanii mirkaneessuun daldala seera qabeessaa fi seeraan alaa adda baasuun daldala
seeraan alaa tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuun gara seeraa qabeessaatti fiduu;
 Raawwii hojii galmeessa, heyyamaa fi haroomsa heyyama hojii daldalaa sadarkaa ammaa
irra jiru %35; raawwiin sadarkaa %80tti foyyeessuu
 Aanaalee fi Magaalootaf Muxxaannoo hojii dabarsuu fi muxxaannoo argamee qabatamaa
Aanaalee fi Magaalootaf isanitti deebisuun hojii irra olchuu;
7. Hordoffii fi deggeersa
Adeemsa deggersaa fi hordoffii, sadarkaa Aanaalee fi Magaalootaf ta’ee
 Sadarkaa waajjira
 Guyya guyyaan adeemsa to’annoo bilbilaan hordofuu,
 Hooggansi ol’aanaan qaamaan argamee hordofuu fi deggeruu,
 Gabaasa guyya guyyaan magaalicha irraa ergamu gamaagamuun tarkaanfii
sirreeffamaa fudhachaa adeemuu,
 Sadarkaa Aanaalee fi Magaalootaf
 Aanaaleen koree ijaaruun gara Sadarkaa aanaatti gadi buusuu;
 Hojii guyya guyyaa hordofuu, rakkoo mul’atuuf battalattii furmaata kennuu,
 Gabaasa guyya guyyaa waajjira dabarsuu.
8. Uunkaalee hojiirra oolan
Hojiif akka gargaaruutti yeroo to’annoon gaggeeffamuu Unkaalee armaan gadii itti
fayyadamuudha.

5
UDIR 01

Waajira Daldalaa
Uunkaa Cheek-listii hojii Inspeekishiini fi reegulaatoorii Hayyaamaa Boodaa alaa

1.Maqaa Dhabbaataa Daldalaa /Maqaa Daladaala fi teessoo


1.1 Maqaa Dhabbaataa Daldalaa/Maqaa Daladaala_____________________________
1.2 Lamuummaa Abba qabeenyaa/Hojii Geeggeessa dhabbaatichaa________________
1.3 Teessoo dhabbaatichaa Aana/Magaalaa ___________K/Mag _________Aanaa
_________,Gandaa_______
2.Haala Hayyaama Daldalaa dhabbaatichaa/Daldalichaa________________
2.1 Lakkoofsa Hayyaama Daldalaa_________________________________
2.2 Lakkoofsa kaffalaa gibiraa_____________________________________
2.3 Damee Hojii Daldalaa________________________________________
2.4Gosa Hojii Daldalaa itti boba’ee_________________________________
3.Qabiyyee abba qabeenyuummaa dhabbaatichaa/Daldaltichaa A)qaba________ B)Hin qabuu______
4. Dhabbaatichaa/Daldaltichii teessoo galmeesseetti argamaa A)Eyyee____B)Lakkii___
5.Dhabbaatichaa/Daldaltichii Hayyaama Daldalaa hareesseera?A)Eeyyee _____ B)Lakkii______
5.1Guyyaa ittii dhabbaatichaa/daldaltichii Hayyaama Daldalaa hareessee___________

6
6.Kan seeran hayyaamameefin alaa meeshaa gurguruu/tajjaajila kennu qabaa? A)qaba
B)Hinqabu__________
7. Haala qabinsa raga fi oddeeffaannoo dhabbaatichaa/Daldalichaa
7.1Omishaalee/meeshaalee/Tajaajila guguruuf nagahee ittin bitte kan ibsu qaba? A)qaba
B)Hinqabu__________
7.2Omishaalee/meeshaalee/Tajaajila guguruuf gatii gurgurtaa maxxansee jira? A)Eeyyee
B)Lakkii__________
7.3Omishaalee/meeshaalee/Tajaajila guguruuf nagahee gurgurtaa kennaa jira? A)Eeyyee
B)Lakkii__________
8.Waligalaa Hojii irrattii hanqinaalee argamaan:-
______________________________________________________________________________________
__________________________________________________________________________________
9.Yaada Inispeekteerootaa:-
______________________________________________________________________________________
__________________________________________________________________________________
10.Guyyaa itti Inspeekishiiniin Guyyaa________________Sa’aa__________________
11. Maqa fi Mallaattoo Inispeekteerootaa hojii Inspeekishiinii geggeessan:-
Maqa Mallaattoo
1._______________________________________________________
2________________________________________________________
3________________________________________________________
12.Yeroo hojiin inspeekishiinii geggeessamu abba qabeenya/Ittigafaatamaa/Baka bu’a dhabbbata Daldalaa
argame
Maqa Mallaattoo Guyyaa
1._______________________________________________________

Waajjira Daldalaa
Godina/Bulchiinsa magaala ________________ Aanaa ____________ Guyyaa--------
Lak Baayyina Baayyina daldaltootaa to’ataman Daldalaa seeran alaa irratti Kan seeratti
k daldaltoota tarkanfii fudhatamee deebi’an
waliigalaan Gosa Badii
to’atamaa Seera qabeessa Seeraan ala Tar.Bulchiinsa Tar.seeraa %n guddaa

To’attoota hojii to’annoo gaggeessanii fi tarkaanffi fudhatan

1. Maqaa ______________________ mallaattoo _______ Guyyaa _____


2. Maqaa ______________________ mallaattoo _______ Guyyaa ____

7
UDIR 02
Waajjiraa Daldalaa
Uunka Daldaltoota Seera Qabeessaa Irratti galmaa’an
Godina/Bulchiinsa Magaalaa: _____________________ Aanaa: ________________
Lakk Maqaa Dhaabbataa ykn Daldalaa Lakk Galm. Lakk Hey. Kaappitaala Bifa Hojii Damee Seera Qabeessumaa
Teessoo Daldalaa Daldalaa Daldaala hojii
Daldalaa Seera Seeran
Qabeess Ala
Ganda L.manaa

To’attoota hojii to’annoo gaggeessan


1. Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa _________________
2. Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa _________________

8
UDIR 03
Waajjiraa Daldalaa
Uunka Daldaltoota Seeraan ala ta’an Irratti Galmaa’an
Godina/Bulchiinsa Magaalaa: _____________________ Aanaa: ________________
Teessoo Lakk Galm. Lakk Hey. Kaappitaala Damee hojii Bifa badii
Lakk Maqaa Dhaabbataa ykn Daldalaa Ganda L/ manaa Daldalaa Daldalaa Daldalaa Sa’aatii

To’attoota hojii to’annoo gaggeessan

1. Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa _________________


2. Maqaa________________________Mallattoo__________Guyyaa_________________

9
UDIR 04
Waajira Daldalaa
Uunka To’annaa Daldaltootin badii adda addaa uumuun akka of-sirreessanif
waadaa itti galan
Guyyaa ____________

Ani ________________________ daldalaa teessoo koo Aanaa _____________ Magaalaa


______________ Ganda ______________ Lakk. manaa __________ keessatti damee
hojii daldalaa ____________________________ irratti bobba’ee osoon jiruu guyyaa
__________ Sa’atii ______ tti to’atoota Waajjiraa Daldala fi misooma Gabaa to’annoo
godhameen badii/wwan
1. __________________________________________________________
2. __________________________________________________________
3. __________________________________________________________
4. __________________________________________________________
5. __________________________________________________________
hojjedhee waanan argameef, badii/wwan kana guyyaa 15 keessatti sirreessuun hojii seera
qabeessa ta’e hojjechuuf waadaa kana mallatteessee jira. Badiwwan raawwadhe kana
guyyaa jedhame keessatti sirressee yoon argamuu baadhe akkaataa Labsiii Galmeessaa fi
heyyama hojii daldalaa lakk.686/2002 fi kan foyya’ee lakk 980/2008 keewwata 49 fi
Lakk. 7/2008 tin tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa kan natti fudhatamu ta’uu isaa
mallattoo kootiin mirkaneessee jira.
Maqaa _______________________ mallattoo ___________ guyyaa _________
To’attoota waadaa mallatteessisan
1. Maqaa_______________________ Mallaattoo _______ guyyaa _______
2. Maqaa_______________________ Mallaattoo _______ guyyaa _______

10
UDIR 05

Waajjiraa Daldalaa
Uunka daldaltoota seeraan ala ta’uun himannaan ittin dhiyaatu
Godina/Bulchiinsa Magaalaa: _____________________ Aanaa: ___________________
Bara Bajataa: ___________________ Ji’a: ___________________

Lak Maqaa Teessoo Bifa Yeroo badiin itti


k daldalaa/dhaabbata badii/wwan raawwatme
a himannaatti Magaal Gand L. raawwataman Guyya Sa’aati
dhiyaatu a a Mana a i
a

To’attoota ragaa qophessan


1. Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa ________________
2. Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa ________________

11

You might also like