You are on page 1of 156

DIMIMMISA

Kuusaa Walaloo

Barreessaan: Waaqoo Dooyyoo Liiban

Kitaaba 1eessoo

Maxxansaa 1eessoo

Adoolessa, 2014/2022

Finfinnee, Oromiyaa
Mirgii Barreessaa Seeraa fi Safuulleen Eegamaadha!

Mirgii barreessaa seeraa fi safuulleen eegamaadha. Kitaaba kana raabsus ta'ee maxxansuu kana
danda'u barreessaaa qofa. Kanaafuu hayyama barreessaatiin alaatti qaamii kamuu fuudhee
maxxansuu fi raabsuun hin hayyamamu. Yoo godhee argame immoo seeraa fi aadaan itti
gaafatama. Garuu qaama hayyamameef irraa fuudhee dubbisee yaadaa fi qeeqa qabu karaa
teessoo barreessaatiin kennuu ni danda'u.

Teessoo Barreessaa

Fb: Josh Doyo,

Lakk: 0942487176

Email: Wakoledoyo@gmail.com

Telegram: Waaqoo Dooyyoo

Gulaaltotii/Warrii Laale.

Qola kitabichaa kana boce.

?
Baafata
Eenyummaa Barreessaa........................................................................................................................................................................... 3
Yaadannoo Kitaabichaa............................................................................................................................................................................ 4
Dhaamsa Barreessaa................................................................................................................................................................................. 5
Galata............................................................................................................................................................................................................... 8
Seensa........................................................................................................................................................................................................... 10
1. Dimimmisa............................................................................................................................................................................................. 11
2. Hameessa dharaa................................................................................................................................................................................ 18
3. Bara garagaltoo.................................................................................................................................................................................... 24
4. Ani maan sirraa eega?........................................................................................................................................................................ 28
5. Addunyaan duumensa....................................................................................................................................................................... 35
6. Haatii laaftuu hin qabdu................................................................................................................................................................... 41
7. Aadaa fi Dhugaa................................................................................................................................................................................... 45
8. Qeerroo fi Qarree................................................................................................................................................................................. 53
9. Haqa hin jallisinaa............................................................................................................................................................................... 56
10. Odeessituu........................................................................................................................................................................................... 59
11. Sammuu daarte................................................................................................................................................................................. 64
12. Qabeennaatti jabeenna................................................................................................................................................................... 68
13. Oromiyaa badhaatuu....................................................................................................................................................................... 72
14. Jaatani Alii Tandhuu........................................................................................................................................................................ 78
15. Gumaa................................................................................................................................................................................................... 87
16. Eela Goofe............................................................................................................................................................................................ 90
17. Hirba kaate.......................................................................................................................................................................................... 96
18. Dhugaa dhokaatte.......................................................................................................................................................................... 101
19. Mataa Gafarsaa................................................................................................................................................................................ 105
20. Amboo Diqqoo................................................................................................................................................................................. 108
21. Magaala jaalatamtuu..................................................................................................................................................................... 110
22. Nageellee Booranaa....................................................................................................................................................................... 114
23. Roomi Lamaffaa.............................................................................................................................................................................. 121
24. Odaa diimaa...................................................................................................................................................................................... 125
25. Baranaa fi Bara durii..................................................................................................................................................................... 130
26. Boorana.............................................................................................................................................................................................. 136
27. Jaarsa argaa dhageettii................................................................................................................................................................. 146
Eenyummaa Barreessaa
Barreessaan kitaaba dimimmisaa Waaqoo Dooyyoo Liiban kana dhalate Afrikaa bahaa Oromiyaa
gama kibbaa Godina Boorana Aanaa Areeroo reera dambii baateetti ji'a Addoolessa bara 1986
(1994 G.C). Abbaa isaa Dooyyoo Liiban fi Haadha isaa Dabboo Dooyyoo Liiban irraa dhalate.
Waaqoon haadha isaatiif ilma angafaati. Akkuma ijoollee Horsiisee bulaa kamiituu ilmoochoo
irraa jala qabee haga gu'eessa fooraatti nama yarsuma ture. Tikaa fi obaan warraa, ollaa fi reera
waan danda'u hundaan gargaaraa ture. Amala nama Waaqoo jalluu fi jarjarsuuni himani.
Ijoollumaanuu Waaqooni haafa guura jedhani, tuni aadaa nama ayyaana Arbaa dhalateeti.
Waaqoon tuffii hin jaalatu. Dhala namaa qooda nama ta'e qofaaf kabaja.

Gama barumsaatiin Waaqoon kutaa 1-5 mana barumsa sadarkaa 1ffaa Alloonaatti akka henna
Itoopiyaatti bara (1997_2001) barate, Bara (2002_2004) kutaa 6-8 mana barumsa miti-
mootummaa Addifeentistii Yaballoo barate, Bara (2005_2008) kutaa 9-12 mana barumsa
olaanaa Yaaballoo (mana barumsa Shalaqaa Jatan Alii barate), Bara (2009_2013) Digirii
tokkooffaa Yunveersiitii Arbaa Minciitti damee barnootaa Ji'oolojjiitin baratee, Ammajii 18,
2013 E.C eebbifame. Barumsa isaa keessalleetti Waaqoon barataa cimaa namaatti hirkaachuu hin
beennee fi ofitti amanamummaan hojjatuudha. Amma hojjataa waajira Misooma Albuuda Aanaa
Goomoleeti.
Yaadannoo Kitaabichaa
Jaarraa 21ffaa keessa teettee dhaloota kitaaba barreessu dhiisii kitaaba dubbisuu hin jaalanne
arguu caalaa wantii Nama gaddisiisaa hin jirtu. Kitaaba kana waannii ani barreesseef
dadhabdootii akka kiyyaa irraa barattee aadaa barreessuu fi dubbisuu akka gabbifattuuf. Kitaabii
kun qaabannoo Gootota Oromoo kanneni akka; Jaatanii Alii Tandhuu, Dabbasaa Guyyoo
Saffaroo, Abbaa Gadaa Boruu Guyyoo, Halakee Guyyoo Xuuyyee, Abduuba Naqataa Guyyoo,
Nadhii Gammadaa Waariyoo, Jaarsoo Waaqoo Qooxoo, Eebbisaa Addunyaa, Acaa Halakee
Waaqoo, Haccaaluu Hundeessaa Boonsaa, Daadhii Galaani Wadaajjoo, Kanuu Jiloo Kanuu,
Rooba Qaampharree, Konsoo Diidaa fi Abuyyaa kiyya Duuba Galgaloo Kasee ka ummurii isaa
kichuu suniin gadheeni fira fakkeettee galaafatteef yaadannoo naaf ha ta’uu.

Qeerroo fi Qarree Oromoo ta sirnaa namaa nyaataa Mootummoota Itoopiyaa mormuuf jechaa
wareegamani hundaaf. Barataa Adii Waaqoo dabalatee barattoota Oromoo ta Yunveersiitii
Naannoo Amaahara keessaatti wareegaman hundaaf. Wareegamtoota daangaa duula kubii
dhuuntii hundaaf. Wareegamtoota Nageellee Booranaa fi Mooyyaleef jedhamanii wareegamani
hundaaf. Abbaa Gadaa Oromoo Karayyuu Kadari Hawasi fi wareegamtoota Yaa'a Oromoo
karayyuu ta jiblaan Fantaalleeti rashanamtee hundaaf. Gootota Oromoo tana Lafaaf jedhanii
Oromiyaa irraatti lafee ofi cabsanii fi lubbuu ofi gumaachanii Waaqaa gadiitti nu tissaa turanii fi
tissaa jirani hundaaf. Qabsaa'ota Oromoo ta Oromiyaa bilisoomsuuf jechaa beelaa fi dheebuu
saaxilamanii lubbuu deebii hin qamne aarsaa nu godhaniif. Warra osoo dhugaaf fiiguu shiraa fi
finnii baraa karaa irraatti hanbiseef. Baqattoota Oromoo ta adoo Oromiyaan balloon jirtuu,
sababa nama bara wa'eelfateetiif jedhanii biyya irraa baqatanii du'aa fi gadaddoo adda addaatiif
saaxilamaniitiif. Wareegamtoota warra gumaa dhabeef. Namoota addunyaa tana irraatti dhugaaf
jedhee miidhame hundaaf yaaddannoo bara baraa naaf ha tahuu.

Dabalataan; Warra gurrii garaa qolcheef. Namoota dhara uffatan dhugaa dhossanii jireenna
dhaloota irraatti gufuu taaniif. Warra garaaf jedhee lafa lafeen goototaa itti cabxe gurguree galii
dhunfaatiif oolfateef. Adamsitoota warra faayidaa dhunfaatiif jedhee dhaloota adamsaniif.
Gantoota warra mana gumaa seenee gumaa ilmaan Oromoo nyaateef. Warra waan garaa malee
waan gurraa hin herrenneef. Warra dhara gula badee dhugaa hirraanfateef. Warra saama gula
badee sammuu hirraanfateef. Warra saamuu malee safuu hin beenneetti na yaaddeessee akka ofi
qaabataniif barreesse.
Dhaamsa Barreessaa
Jireenna kiyyaan wantii ani hawwuu fi jaaladhu hedduu mummee hin qamne yoo taateellee,
Artiin isa ijoodha. Dhaltii namaa hunduu dachee tanaaf keessummaadha. Keessummaan waan
dhufteef hojjattee yeroon galuu qabdi. Dursa waan dhufneef beekuu qamna. Yo beenne irraatti
hojjachuu qaamna. Ani hardha dandeettii keessa kiyya jirtu irraatti hojjadhee kunoo kitaaba
dimimmisaa dhalchuu danda’ee jira. Kitaabii kuni naaf ilma hangaafatii naan yaamaa. Kitaabii
kuni naaf isa jala qabaa waan ta'eef dogongora jiru hundaaf dhiifama naa godhaa, walumaan
sirreessinaa. Kitaabichii waan ati jaalatuu fi ka ati jibbituullee walqixxee ofi keessa qaba. Yoo
miira si yakkee malee si hin diddisuu obsaan dubbisi. Kitaabii maqaa hin dha'uu malee nama
hedduu muummee hin qamne tuqee ati keessa jirtaa? Kitaaba kana dubbiftee naaf akkana ta'a
jettee akka natti hin mufanne. Si jibbuuf adoo hin taanee dhugaatti na dhibeef barreessee.
Kitaabii kun naaf ka'umsa siif hoo? deebiin tantee silaa kaka'umsa ta'uu malte.

Hedduun keessan dandeettii wa barreessuu na caala akka qabdan ni beekaa. Garuu haalii isanti
toluu dhabee, yeroon isaniif guutuu dhabdee, akka isan yaada keessani qindiisitanii gurra
uummataatiin hin geenneef wantootii baayyeen akka gufuu ta'an ni beeka. Ammoo abdii kutuun
mallattoo yaruu waan taateef abdii hin kutinaa, waan Aadaa, Duudhaa, Safuu, Afaanii, Qabsoo fi
Wantoota Maaluummaa jireenya Uummata Oromoo ibsaa hundaa tuffii fi ifannoota tokko malee
akka dhaloota dhufuuf dabruu danda'uutti oli kaawaa. Guyyaan ni dhufaa barreessuu fi dubbisuu
hin tufatinaan dhaamsa kiyya.

Dimimmisa yoo jedhan nama Afaan Oromoo beeku hundaa akka sammuu teessan keessa
dukkantii dhuftu mamaa darree naa hin qabdu. Qajeeltootti dimimmisa jechuun dukkana barii
lafaa dura yokaan dhiya aduutiin boodaatti dhufte. Kana jechuun Aduun yoo dhiitu laftii
dukkana'uun duraatti ni dimimmimifti ykn laftii yoo bariitu guyya'uun duraatti ni dimimmifti
jechuu. Kana caalaa ammoo loqoda Afaan Oromoo sababeeffattan akka isan hiikaa kumaa fi
kitilaa itti kennuu dandeettan ni beeka, sun isiniif dhiisa.

Dimimmisii maqaa kitaaba kanaa ta'ee wa malee hin moggaane. Hanga ani beekutti jireenna
Oromiyaan amma hardhaatti keessaa dabarsiteen wal fakkaata jedhee waan amanuuf maqaa
kitaaba kana dimimmisa filadhe. Bara Moototii Itoopiyaa wal irraa fuutee akka itti toluuf hanga
toluufiitti biyya tana qircaa cirattee bitaa turte suni hundaa Oromiyaaf takkaa guyyaatee hin
beettu, yoo dimimmifte malee. Abbaan lafaa mirga dhabee dimimmisaatti hafe. Horsiisee bulaan
lafa saamamee, iddoo horsiisaa dhabee dimimmisa keessaatti hafe. Qotee bulaan lafa saamamee,
iddoo oomishaa dhabee dimimmisaatti hafe. Barataan barumsa dhabee, gaasii summiin faalamee
dimimmisa keessaatti hafe. Hayyootii mirga dhabdee, yakkaa malee hidhamtee, dimimmisa
keessaatti hafte. Goototii adamsamtee, jiblaan hundaa fiaxanii, achi buuteen dhabamte. Ilmaan
jalaa fiaxanii, Haatii Oromoota dhalte boo'icha qofa irratti hafte. Qabsoo addaan kunnee hin
beennuu, bu'aa buusuu dadhamnee malee. Yoo diinii alaa lafee nu cabsu, nu manaatti wal
dhu'anna. Akka yuuyyuu wal nyaataa, silaa akkamiin ifa garra? Bara kufaatii TPLF sullee ifa
eegaa turre. Yoom ifte ree? Akkuma baratte dimmimiftee haftee. Dimimmisii nu amma keessa
jirru ka ifii duubaan dhufu (Barraaqa) moo? ta dukkantii duubaan dhuftu (Galgala) waan jedhaa
waliin eegna. Kata'u malee dimimmisa keessa jiraachuun keennaa namuu hin mamsiiftu. Aabboo
Waaqa ati Keessaa nu baasi!

Galata
Qaraa fixee; Waaqa abbaa uumama hundaa ka samii utubaa malee dhisee, Lafa dhisaa malee
diriirsee, Dachee tana akka jireennaaf mijattu taasise, Addunyaa tana malaa fi marii nama malee,
waan maraa akka namaa hin galleetti bocee midhaassee dachee tana irraatti uumee, Sammuu
yaaddu naa kennee hojjii tana keessatti na milkeesse baga ati waaqa taate. Jiraatan bara baraan
jiraatu si qofaa ulfaadhu uumaa ko!

Itti aansoo; Waaqaa gadiitti nama hundaa oliitti Haadhaa tiyya Dabboo Dooyyoo Liiban fi
Abbaa kiyya Dooyyoo Liiban Diimaa kana na dhaltan Addunyaa dhibdittii tana na garsiiftan,
Akkasumasi ka waan qabdan fi waan dandeettan hundaanuu adoo haalaan hin jijjiraminuu na
bira dhaabbatan, ka adoo hin baratinuu na barsiiftanii addunyaa tana keessatti qooda na
fudhachiiftan, Ka adoo fedhii teessan hin guutatin tiyya naa guuttan, Riqicha taatanii na
ceesiftan, Ofi rakkattan bal'innaatti na baaftan, Ofi booruu dhuddan qulloo na obaaftan, Ofii
tufatamtan na kabachiiftan, Ofii gaddaa na gammachiiftan, Ofi boo'aa na kofalchiiftan, Oolmaa
teessan ibsuuf jechoonnii hunduu na jala diqqaatus callisuu hin danda’u. Hundaa oli jaalalaa fi
kabajii ani isin qabu daangaa hin qabu. Baga isin irraa dhaladhe, isiniin boona Aayyoo fi Aabboo
lubbuu naa bulaa!

Akkoo tiyya Haadha Aayyoo, Qabballee Galgaloo Kasee, Ati naa Akkoo qoofaniti Haadha taatee
na guddifte. Aayyoo irraa na fuutee harma Haadha tiyya hoosifte nallee hoosiftee na guddifte.
Kiyya jettee na fudhattee, kiyyaa jettee na yaamte. Hundaa caalaa kadhaan ati Waaqa naa
kadhattu, ka Waaqa adoo ani lubbuun jiruu, ijjoolle kiyyaa kiyyaa na hamphaarsisi jettu sun
yoomuu hin dagadhu. Waaqii ummurii tantee ummurii Arraanqessaa siif godhee Abaabbowwan
tantee si garsiisinna.

Ammallee; Hiriyyootaa fi Obboleeyyan tiyya ta hojii tana milkeessuu keessatti waan dandeettani
hundaan; Yaadaa fi Maallaqaan na bira dhaabbatan galatii keessan hangana jedhamee hin
himamu baayyee isin kabaja! Ulfaadhaa! hundaa keessan maqaa barreessuu yoo baadheellee,
Onnee tiyya keessaa barruu hin banne qabdu. Hamtuun isin hin argiini!?? Galata keessani ilma
gudeedaatti dhaamadhaa!

Akkasumas; Galatii jala qaba malee dhuma hin qamne Gulaaltota kitabaa Dimimmisa kanneen
akka; ? tiif naaf ha ta'uu. Dimimmisii dandii isan cirtaniif gula imalee sabaan ba'e. Isantuu yeroo
teessan aarsaa naa godhee karaa sirrii na qabsiisee Galatoomaa! Waaqii waan dansaa qofaan isin
qaabatinna! Dabalataani Namoottan sirna tuqaalee Afaan Oromoo sirreessuun kitaaba kana
keessatti yeroo teessan gubdanii na gargaaraa turtan; baayyisee isin galateeffadha!
Seensa
Kitaabii dimimmisa jedhu kun diqqaattusi ergaa qabatee isanii dhufe jira. Kitaabichii Seera
caphe, Safuu baddee, Aadaa waarte, Lubbuu lafaaf badde, Seenaa dhokate, Handhuraa waare,
Galata haadhaa male, Haqa miliqe, Finna dabe, Seenaa goota dedhamee, Qajeeluma lammeessoo
hundaa fi waan kkf. Dhugaa hawaasa keessa jirtu walaloon kibee utubee akka ija uummataatti
mullattuutti qabatee dhufee jira. Yoo argattanii dubbiftan akka keessaa wa hubattan shakkii
tokkollee hin qabu. Qola isaa laaltan hin tuffatinaa, Handhura isaa saaqaa dubbisaa, Itti yaadee
dhossaan keessa wahi isanii kaaye waan taateef.

Namnii hunduu dhugaaf dhalachuu isaa dagachuu hin qabu. Namnii ani sobaaf dhaladhe jedhu
yoo jiraate sitti dimimmifte malee namii sobaaf dhalate hin jirus hin jiraatus. Dhugaan ni
hadhoofti taatus ciniinnadhaa dubbisa.

Dhalootaatti dimimmisa keessa jiraaf na dhibdee barreesse. Nama dhara dhugaa fakkeessu, nama
dhaloota ija jaamse irraa adda baasee hin ilaalu. Midhaasu yoo dadhabdeellee yakkuuf hin
karoorfatin. Sobdee beekkamuu irraa dhugaan jibamuuf tattaaffii taasisi. Dhugaa hojjachuuf
wa'eelii baayyeen si hin barbaachisu, Waaqiinuu jira waan ta'eef. Atumtii deemsa kankee hin
dhaabin malee. Fakkeessitootii gurraaf adoo hin taanee garaaf jiraatti. Silaa si tahuu hin malle
malee.

Shiraan adoo hin taanee sirriitti hojjattee badhaafamu qabda. Sirnii gadaa hannaa fi saama nu hin
barsiifne nagaa fi jaalalaa malee. Gadaan ni guddisa malee hin ajjeesu. Gadaan ni ijjaaraa malee
hin diigu. Iddoon dhugaa fi dhiigii itti cophe hin goddus hin dedhamtus. Tanaatti dhibee nutti
tahee bara baraan nu kulkulaa jira.

Dubbisa Dansaa Isaniif Hawwa!

1. Dimimmisa
Burjaajii dhalootaa

Finna babbadicha
Dhugaa iddoo dhabde

Dhara dhugaa moote

Warra jaarsa hin qamne

Jaarsa gorsaaf hin yaamne...

Gosa gaaddisa hin qamne

Gaaddisa marii hin qamne

Iyyanna reebuu hin qamne

Jireenna dukkana keessaa

Yakka malee adabamuu(?)

Jireenna fakkeesitootaa

Jiruu harka dhaantootaa...

Kennaa galata hin qamne

Ijjeechaa haaloo hin qamne

Biyya daangaa hin qamne

Daangaa beekamtii hin qamne

Biyya waraana hin qamne

Waraana kabaja hin qamne...

Ilma handhuraa hin qamne


Handhuraa tissaa hin qamne

Badii barbaada hin qamne

Gumii jaamaan dura deemu

Ta bobbaa fi gala hin qamne

Warra garaa gula badee

Dhaloota hiyyoomse

Ka gurraaf iddoo hin qamne

Nama lafa nyaatu

Ka namaa hin lakkimne.

Madaa dandammii hin qamne

Ka waraansii dhiigaa hin qamne

Dhiigaa walii naasuu hin qamne

Gosa beekaa hin qamne

Beekaa dhageettii hin qamne

Gosa buusaa hin qamne

Miiloo qorqortii hin qamne

Goota siidaa hin qamne

Sidii naasuu hin qanne(qamne)

Dhaloota gorsaa hin qamne

Gorsaa dhageettii hin qamne...


Janna wantee hin qamne

Wantee yaraan duuluu(duuluun)

Wantee ittiin dheetan

Fardaa kooraa hin qamne

Daamaa goommaa harkisu

Hayyuu muraa hin qamne

Beekaa makkalii doorsisu

Garaa murtee hin qamne

Ka abbaafuu diinaa.

Gosa lafa hin qamne

Lafee naasuu hin qamne

Dubra gammee hin qamne

Qeerroo kurkursa hin qamne

Dhaltii aanani hin qamne(aannan/ aanan)

Korma gooba hin qamne...

Gumii gumaa hin qamne

Gumii marii hin qamne

Dorgomtoota kophaa
Misooma afaan qofaa

Daba dhossaa hin qamne

Gaafii deebii hin qamne

Hattuu adabbii hin qamne

Saamtuu badhaafamtuu

Kuni hunduumtuu naaf

Dimimmisa dhuma hin qamne.

Riqicha dukkanaa fi ifaa(riqqicha)

Haqqummaa lakkiftee(haqummaa)

Dukkanaaf loogdee

Gaafa qooddu haqaakoo

Milissitee haqqiikoo

Nama biraa hin soortuu

Infalmaadhaaf mirgakoo

Sodaa dukkanaa hin qabuu

Gufuun na dhooftuullee

Dhugaa waa'eelfadhaa

Yoomuu abdii hin kutuu

Gaafa tokko moo'uu hin ooluu.


Dimimmisa ganamaa

Yeroon kee gabaabaa

Diqiiqaa muraasaa(daqiiqaa)

Namii abdii hin kunne( namni mullata hin qabnee) osoo ta'e?

Haguma kana jala saamaa

Waaqaan gargaaramnaani

Milkaa'ee marmaaraa

Warrii obsa hin qamne

Eegeeni isaa gaabbii (Eegeen)

Jeeqamee maraataa. ( keeyyata kana irra deebi'ii laali. walqabannaa


yaadaa isaa ...

Dukkanaa fi ifaallee

Lachuu ni fakkaattaa

Miila kaayoof deemuu

Guyyaatee addaattaa

Akka aduutti iftaa

Miila kaayoo hin qamneef

Itti dukkanooftee

Adeemsaayyuu dhibdaa

Dukkana siphee roobaa


Isaatti fakkaattaa.

Biiftuu dimimmisaa

Moortuu deemsa balleessii

Hawwiikoo naaf milkeessii

Galchuma na bareechii

Oobjuukoo dhugoomsii

Oromiyaa irra naanna'ii

Sabakoo naaf tokkoomsii

Adoo lubbuun jiruu

Oromoo bilisoomte

Ijaani na garsiisi.

Gammachuu dhabuullee

Diinakoo garaa dhossee

Daandii nyaaphi cire

Deemsa kiyya irraa gorsee

Adoo waraanamee dhiiguu

Ciniinnadhee obsee

Duraatti tarkaanfadhaa

Diina kiyya marii dhossee.


Bakkalchii barii baanaani

Boruun Waaqaa diimannaan

Biiftuu baatii hin ooltuu

Koblee qaca'uu baadhus

Gaafa biiftuu ijaan argee

Akka ijoollee hamnuutti

Gammadee seequu hin oolu.

"Akka dhiiteetti hin haftuu ni bariitii"

Agayya 26, 2013 Yaaballoo, Doloolloo Hoolaa.

2. Hameessa dharaa
Dhara gaafa jennuu
Jechaanuu nuu galaa

Ka hirkoo tolfattee

Garii ilmaan namaa

Gantuu fi Yartuutti

Dhara gula badaa

Jaarsoo Waaqoo jedhee

"Dhara waa'elii nama".

Maaf barbaachise?

Bishaan hin qulloofne

Harkaan dhaantee borcuun

Maaliidhaaf dhamaatu?

Waan hin malle tolchuuf

Yeroo dhaaf malee

Silaa sobaa fi dhartii

Hin dagaagduu yoomuu

Lattee hin daraartuu

Baraani faarfamtuullee

Dhugaan hin madaaltuu.

Soba, dabaa, dhara


Warrii isin seentan

Faana teessan dhawate

Dhugaa irraa baqate

Takkaayyuu hin tolllee(tollee)

Waaqiilleen hin dhiisuu

Warra waadaa nyaate

"Hangafii ilmaan dharaa

Intaltii guddoon cubbuu".

Hameessii dharaa dhalus

Waatii hin qabuu ko'eessaa

Warrii dharaan bulu

Dureessilleen hiyyeessaa

Deemsii dhara kamuu

Yoomuu kaayoo dhabeessa.

Baraan wal taate malee

Silaa humna hin qabduu

Ilma namaatti hirkattee

Dhugaa yakka hin qamne

Gaaddisaatti himattuu
Akka waan dandeettuu(walgitiinsa)

Maaf dhugaa inaaftu?

Silaaftuu bara baraani

Dhartii hin jiraattuu.

Barattuu siif ta'eef

Addunyaa walti laaxxee

Akka hin malleef gootaa

Adoo shiraaf fiidduu

Guyyaa kee malee dootaa

Tana akkanaa beeki

Dirree dorgomii baanaani

Silaa dhugaa moo'aa.( wal unata)

Isin warrii dharaa

Cali nurraa jedhaa(calli)

Warrii garaa malee

Wantii gurraa hin dhimne

Warrii lafeen goototaa

Oobjuun dura hin dhufne

Taa nu daawadhaa (taa'aa nu daawwadhaa)


Numaatti lafa lafeen

Goottowwani teennaa (Gootowwan)

Irraatti burkutoofte (irratti)

Dhumnee bannaa malee

Tolaan namaa hin dhiifne.

Dudda walti gallee

Ilaalcha dhiphumaa (dhiphummaa)

Mallatoo garbummaa (mallattoo(

Yaada gosaa fi gosummaa

Qeerroon walii galtee

Boola hattootaa tinfuuf(Boolla)

Daandii saamtotaa cufuuf

Fakkeesitoota hadabuuf

Karra misoomaa banuuf

Qophii xummurree jirraa. bakka" qophii xummurree jirraa." Jettu kan


osoo jecha biraan bakka buufne hoo fakkeenyaaf: xiiqeeffannee kaanee jirraa yookaan kan
biraa....

Dadhabee seerannaa ( bakka kan hubachuu hin dandeenye mee laali.)

Cimneettin hojjannaa

Wali loluu lakkifnaa (wal )

Wal dhabdee hundaayyuu (-yyuu) kan irraa kuti. Sababnis wal unata sagalee dhowwa!
Mariidhaan furannaa

Suni kiyyaa biraatii (bakka kanas laali)

Kuni keennaa filannaa

Wallaalaa gorfannaa

Beekaa gula bullaa.

Nyaapha alaa hin sodaannuu

Qeerroo fi Qarree qamnaa

Nyaapha garaa warraa

Ofi irraa buqqisuuf

Dhiiroo walii gallaa

Shoora mataa keenyaa

Nuun hunduu taphannaa

Gadaa fi siyaasaa

Waliitti naquu irraa

Dhiiroo ofi qusannaa.

Vaarasii bilissummaa (Vaayirasii)

Farra diimokiraasii fi dhugaa (jecha dhugaa jedhu irraa kuti. Walqixummaa dhowwaa.

Mandhee hattootaa

Maxxantoota gosaa
Irraa addaan baanaa

Haqaaf wabii taanaa.

Nu Qeerroo fi Qarreen

Jaalalaaf bitamnaa

Beekaan hogganamnaa

Harka wal qabannaa

Uummata guddaa kana

Rakkoo fi dukkana keessaa

Gara ifaatti baafnaa.

Waan sobaa dubbattee lubbuu buluu mannaa, Waan dhugaa dubbattee yeroon iddoo dhugaa
dhaquu wayya.

Agayya 17, 2013 Yaballoo, Projektii.

3. Bara garagaltoo
Bara dhufee darbu
Bara golii hamaa

Bara waa'ela hattuu

Bara hundii gantuu

Baraa garagaltoo kana

Bara gadi deemaa kana.

Laftii nutti bontee

Margii hundii gogee

Barii nutti hammaatee

Cubbuun nutti koortee

Dhartii nurraatti boontee,

Dhugaan ciiftee boottee

Sobii nutti gabbatee

Haatii sobaa kofaltee

Dhugaan nutti haphattee

Aayyoo dhugaan boottee

Yartuun nurraatti boontee

Kormii keennaa tirree

Sangaan warraa goobee. (goobe.)

Beekaa hundaa jibbanii


Yaraa nurraatti faarsanii (nurratti)

Qaroo farrajanii

Ofi irraa baasanii

Gowwaa ulfeessanii

Nu dura dhaabanii

Keennaa badhaasanii (kennaa moo keennaa) hin hubanne)

Hamilee gowwaatiif

Harka dhadhaanani.

Haqa dabsanii, Cubbuu muranii

Haqii jibbaanii, Daba fiddaanii (haqqii jibbitanii)

Dhugaa diddaanii, Dhara bittanii

Irree qabdaniif, Nutti gamtanii

Baraatti keessaniif, Karaa cuftanii (baratti)

Sochii nu dhoortanii, Nu uggurtanii

Jirmaan dhaantanii, Nu qunqumtani. (qubee guddaa gidduu keessatti osoo


fayyadamuu baatte.

Diinaaf jettanii, Fira deetanii

Sabdooftanii, Saba gantanii

Garaaf jettanii, Gurraa deetanii


Walii galtanii, Shira xaxxanii

Hayyuu hiitanii, Janna fixxaanii

Oromiyaa, Qullaa dhiiftanii

Hin qaanoftanii, Nu qaanesitani. (qaanessitani) qubeen guguddaa gidduu keessatti fayyadamtu


kana akkam laalte?

Nu maan jennaa ree?

Waaqii abbaa uumamaa

Ka nu bararuu malee ( nuu haa baraaru malee)

Arraba soba irraa

Sobaan kakachuu irraa

Dhugaa fakkeessuu irraa

Olii fi gadi fiiganii

Beekaa fakkaachuu irraa.

Faayidaaf sobuu irraa

Sobaan badhaadhu irrraa (badhaadhuu irraa)

Haqa milisuu irraa (milissuu/ milqisuu)

Cubbuu murteessuu irraa

Haqiin miliquu irraa (haqni, haqii )

Miliqaan baduu irraa… ( miliqanii)


Dhara dubachuu irraa(dubbachuu)

Dhugaa fakkeessuu irraa

Fakkaanne buluu irraa( fakkaannee)

Namaan dhaalamuu irraa

Ofi dagachuu irraa

Harka dhaantota irraa

Namaaf ililchuu irraa

Ofi gadii qabuu irraa… (Of gad qabuu irraa)

Jala yaatota irraa

Gantuu fi Yartuu irraa

Hattuu fi Saamtuu irraa

Ayyaana laallattu irraa (laallattuu)

Waaqii ka nu bararuu. ( nu haa/kaa baraaru)

Dhugaan dhiiguu caalaa, Dharaan kobluutti na miidha.

Waxabajjii 14, 2013, Yaaballoo, Diida Garbii Guyyaa filannoo Xoopiyaa marsaa 6ffaa.
4. Ani maan sirraa eega?
Ani maaf sirraa eega?

Gaarummaa fi dansummaa (wal unata sagalee)

Akka waan si hin beennee

Abbaa keetuu beekaa

Isa garaaf jedhee

Lammii ofii gurguree

Sabaadhaan jibbame.

Haatii tee Wayyaanee

Ishee hannaa fi saamaa

Daangaa ceetee dhuftee

Qeerroodhaan qabamtee

Du’aan adabamte.

Akkoon tee Naafxanyaa( Nafxanyaa)

Ishee akka bulguu

Ilmaan nama qaltee

Dhiiga qeeffatte dhuddu. (qeeffattee)

Abbeeraan kee gantuu


Isa waadaa kalleessa

Ofiin jaare, diigu (Ofiin ijaare diiguu)

Dhala ofii mormatee

Orma jala fifiigu. (fiffiigu)

Ani maan sirra eega?

Akka waan si hin beennee

Maan beetta waan misoomaa

Yoo afaan taate malee

Jijjiiramii hin jiruu

Yoo saama taate malee

Wantii galee ka galtuu

Kankee sirraa dhabus

Handhuraa kiyya dhabee

Ta'uu hin danda'uu (taa'uu)

Yoo du’aan taate malee.

Ka'ee dhugaa dubbadhee

Rakkinna keessaa kiyyaa

Sabaa kiyyaatti himuu ree?

Qabsoo karaa nagaatiin


Obsaan falmee garsiifnaan

Jarrii sodaa na seetee (jarrii lubbuu sodaa seetee)

Nyaara natti guurteeka.

Qeerroo itti dammaqsee

Hari'ee biyyaa baasoo?

Akka jarii hin milkoomne(jarri )

Oromoo wal haasiftii

Gandaa kutaan qoqooddee

Amantaan adda baaftii

Tanaaf akkana taatii + (jedhee)

Falmee irraatti faalleessoo?

Midiyaa itti jaaree (miidiyaa itti ijaaree)

Iccitii warraa baasee

Gurra uummataa buusee

Akka warrii dhossaa dhabee

Ofumaa wal nyaatu

Hardhaa borii taasisoo?

Sabaaf jedhee qabsahee

Hojii dhunfaa dagadhee


Oromoota tokkomsoo? (Oromoo koo)

Dhugaaf jedhee dhaabbadhee

Dhara iddoo dhowwadhee

Gantootaan wal dhaboo?

Halkanii fi Guyyaa hojjadhee

Diinagdeen saba utubee

Iyyuu seenaa taasisoo?(hiyyuu)

Akka Jaatan Alii Tandhuu(Jaatanii)

Saba kiyyaaf dhaabbadhee

Haqaa qofaani hojjadhee (qofaan)

Ilmee dhaluu baadhus

Gurra dansaan boqodhee

Seenaa dabarfadhoo?

Mirgaa bitaa wal jaarree

Yaadaan walii gallee

Hojii gargarii qoodannee

Oromiyaa tiffannoo?

Irbuu sabaa jabeessee

Gadhee garaa bobeessoo? (Walgitiinsa)


Geerarsaan haqa himee

Akka Hacaaluu Hundeessaa

Gadhee mataa dhukkubsee

Yartuu rifachiisoo? (gantoota) sarara walqixa akka qabataniifidha.

Harka oli kaasee falmadhee (ol)

Hammeenna jara baasee (jaraa)

Addunyaa irraa beessisoo?

Karaa cufee ugguree

Akka Qeerroo fi Qarreetti

Diinagdee jalaa laamshessee

(Saamtuu) Harka kennachiisoo?

Alaa keessaa waltaanee

Akka Hayyoota Oromootti

Bahaa fi gala dhowwarroo?

Kutannoon irraa duulee (irratti)

Akka wellistoota Oromoo

Nyaataa dhugaatii dhorree

Miimoorrii baqachiifnoo?(miimoorii)
Ka'ee dhugaa Murteessee

Akka Gadaa Oromoo

Handhuraa abbaa galchee

Waan dabee qajeelchee

Waan du’eef adabee

Gumaa irraa sassaaboo?

Dhugaaf lubbuu gurguree

Akka Gootota Oromoo

Biyya dhiigaan tifadhee (tiffadhee)

Dhaloota dhaalchisoo?

Kaabaa kibbaa wal kaafnee

Bahaa dhihaa wal yaamnee

Akka baratoota Oromoo

Gamtaan qabsoo ceesifnoo?

Dhugaa irraatti falmannee

Gantuu irraa fagaannee

Biyyaan jaalatamnoo? (Akka barattoota Oromoo yoo jettu akka waan ofii
qaama san ta'iinii fakkaata.)

Falmee si deefadhoo?( Deeffadhoo)


Sittuu handhuuraa kiyyaa

Maqaa garbummaa haqee

Moggaasa habashootaa

Maqaa dhaloota keetii

Ganamaatin si yaamoo?

Nageellee Booranaa

Moggaasa Oromootaa.

Seenaan tura hin jibbuu

Xurii jibbaa malee

Yakkamtoota adabee

Adabbii barsiisaa

Gantoota hari'ee

Seenaa sii barreessoo?

Yartuu fi Gantuun ulaagaa maraatumaa hin guutan waan kutannoo hin qamneef.

Eblaa 9, 2012 Yaballoo, Diida Garbii, Du'a Hacaaluutiin booda.


5. Addunyaan duumensa (Duumensa)
Sitti himaa dhaga'i

Yoo gurraa qabaatte

Dhageettuu hubadhu

Yoo qalbii qabaatte

Dhiisi ofi hin sosobinii( sossobiinii)

Yeroon dhiisuu wayyaa

Adoo aduun jirtuu

Amma tolaan yo diddee

Borii lolaan gadhiiftaa

Yeroon dhiisii deemi

Adoo sitti hin dhiinee

Galgalii ka abbaatii

Uummatii si jibbee

Qaana'uuf deemtaa. Keeyyata olii kana sirritti ilaali.

Nurra turtee malee (nurraa)

Akkanaatti hin haftuu (akkanatti)

Guyyaan dhufaaa jiraa (dhufaa)

Gaafii dhugaan galtu

Kormii keenna moo'ee


Sahii keenna nuu dhalee

Hameessa keenna ilmannee

Sangaa keennaan qonnee

Calla keenna galfannu. (Callaa)

Handhuraa keenna deeffannee

Daangaa keenna sararree

Shikaalaa shiraa kaafnee

Dongoraa seeraan alaa

Shikaalaa dhugaa dhaamnee

Dongoraa Seeraa qabeessa

Barii beekaa keennaan bullu

Dhufuuf jiraa guyyaan.

Addunyaan duumensaa

Iddoo tokkoo hin teettuu

Buqqiftee saamuun hafee

Buqatee dheechuuf deemtaa (buqqaatee)

Sosobdee bulchuun hafee (sossobdee)

Sobattee buluuf deemtaa

Hidhaaf ajeechaan hafee (ajjeechaan)


Kana ijjeefteef hidhamtaa. /gaafatamtaa

Isantuu jedhee malee

Adiin gurraacha hin ta'uu

Haqaa jallatee malee (Haqaatti

Sangaan raada hin dhaluu

Risaatti fira fakkaatee

Simpira nyaatee malee...

Ilmaatti nutti hamaatee (ilmatti nutti hammaatee)

Warra keessa nu ba'ee

Ollaa ormaatti galee

Haadha ormaatii jedhee

Dhala ofii mormatee…(?)

Mucaa alagaatii jedhee

Obboleessa ofii ganee

Shororkeessa jedheenii

Maqaa isaa farajee (farrajee)

Jireenya isaa jibbee

Lubbuudhaan adabee
Fakkeenyii gaariin Hacee.

Hacaaluu ilma Hundeessaa

Falmataa mirga namaa

Barbaadaa daandii haqaa

Hayyuu oromootaa

Goota badhaasii maleeef

Waadaa kaleessa ganee

Hardha du’aan adabee.

Fedhii uummataa cabsee

Fedhii ofii guutatee

Seenaa addaa galmeessee

Misooma biyyaa balleessee

Waraanaan bakka buusee

Uummata walti balleessee

Manguddoo garaa hammeessee

Dargaggoo biyyaa bassee (baasee)?

Beettota hidhaatti guuree (beektota)

Humnaan oromoo cabsee. (Oromoo) qubguddeessa


Dhalootaattii hin tollee

Sirnii dhaalaa kuni

Maqaadhaf malee

Jijjiiramii hin jiruu

Sirnii goonfoon dhufee

Ani yoomuu hin amanuu

Sirna Naafxanyootaa (Nafxanyootaa)

Mootota Abbaa irree.

Ija dura na dhufaa

Gadaannisa kalee

Harkii Akaakowwanii

Ka jarii irraa mure

Ani yoomuu hin dagadhuu

Arma muraa Aayyolee (harma)

Iddoo seenaa Aanolee

Hardhaallee siidaan ragaa

Seenaa calii calanqoo.

Guyyaan eegadhaa malee

Guyyaa naaf mijjatuu


Kiyyaan eegadhaa malee

Isa naa falmatuu

Sirnaan eegadhaa malee

Isa sabaaf dhaabbatu

Sirna Gadaa Oromoo

Aadaa dhugaa dhaabbatu.

Hin oobjatin oobjuu sobaa

Nu gabrummaatti hafnaa

Oobjuu akkasii hin qamnuu

Tun dhuma dubbiitii

Hin beenneen ka bartuu

Akkanatti hin haftuu

Haatii gootowwani

Dacheen Oromiyaa

Hirkaattummaa baatee

Bilisoomuuf deemtii.

Sirnii Naafxanyaa fi Sirnii Wayyaanee, Oromoof wal hin muru ilkaan fardaa fi harreetii.

Eblaa 14, 2011 Magaala Arba Mincii, Haile Resort keessa.


6. Haatii laaftuu hin qabdu
Haadhatoo si jaalaa (si jaalladha.)

Uumama jiran hundaa

Sumaattuu naa caalaa

Lama sitti hin qabuu

Onnee irraa si jaalaa (Jaallaa,si jaalla, jaalladha)

Waaqa guddaan gadiitti

Maaltu haadha caala?

Jechii haadha jedhu

Eenyuu gaafii qaba (bakka kanas laali)

Hundaayyuu ifaadha

Si mamsiisaa laataa

Wantii lubbuu qabu

Hunduu haadha qabuu

Maqaan Haadhaa hedduu

Isaan jiran keessaa

Kami beetta laata?

Ammaa too, Deesseetoo


Harmeetoo, Aayyootoo

Eentuu si wallaala!

Haadha jechuun hundee

Kana ittiin dhaabbatan

Haadha jechuun jalqabaa

Kana irraa eegalani

Haadha jechuun maddaa

Kana irraa waraabani

Haadha jechuun gaaddisaa

Kana jalaatti foorfatin. (foorfatan)

Lubbuu qabeeyyiin martuu

Haadha qabuu beettuu

Ilmoon haadha malee

Ni bareeddu seetuu?

Sitti hin fakkaatin

Gonkumaa haadha malee

Ilmoon hin bareedduu.

Jabeessii harmee tee

Haatii laaftuu hin qabduu


Kabaji Aayyoo tee

Haatii hin tufatamtuu (tuffatamtuu)

Bareedin ilmee (bareedinnii)

Haadha wajiin talaa (wajjiin tolaa)

Hin jiru kana akka haadhaa

Hundaaf garaa laafuu (Hundaaf kan garaa laafu)

Laafaa jaba hin jettuu (yaraa jabaa

Xurii nafaa laaltee

Lafaatti hin darbattuu

Bareeddin laaltee (bareedinna)

Wal hin caalchifattuu

Kana akka keetii hin jiru


Naa bulii harmee too.

Yoomuu si jaaladhaa

Kana akka keetii hin jiruu (kan akka kee naaf ta'u hin jiruu)

Uumama garaa baattee (ji'a sagal garaatti baattee)

Deessee duddaa baattee (Deessees duddaatti baattee)

Dhadhaan nu dhidhiibdee

Supxee walti nu qabdee

Boca keenna midhaasitee

Namaa nu jijjiirtee (fulaa kana yaada biraan bakka buusi)


Aayyaa Aabbaa jettee

Afaan nu barsiiftee

Mana barumsa jala qabaa (jalqabaa)

Haadhaa ta nuu taate.

Ani maan jedhee hima

Harmeetoo waa’eekee

Ani himee hin fixuu

Silaaftuu marrootee

Waaqii ka dheeressuu

Aayyoo ummuriitee. (umriitee)

Olmaa tantee hundaa

Deessee naaf oolteertaa

Waan na barbaachisaa

Hundaa naaf gooteertaa

Adoo na hin jibbinuu (osoo na hin hifatiin)

Hardhaan na geetteertaa

Galatooma Deesseetoo! (Galatoom )

Naa bulii Aayyootoo!

Amma marroon tiyyaa. Wal unata sagalee?


Ammajii 17, 2013, Arbaa mincii yunversiti, Guyyaa jala bultii eebbaa.

7. Aadaa fi Dhugaa
Nutti hin callisinaa

Isan waliif lakkuu

Barii nuttu hammaatee (nutti)

Ijaan lafa hin garruu

Barbaada keessaniif

Halkan taa'aa bulaa

Cinaachaatti hin rafuu

Dhaabbataatti mugaa

Oobjuun tiyya cuftii

Waanuma Aadaa fi Dhugaa.

Adoo dhugaa arguu

Soba jechuuni na dhibdee

Maali mallii isaa?

Ittii dabalaamoo? (dabalamoo)? Walta'iinsa yaadaa?

Anaani duraattillee

Warrii dhugaaf falmee

Lubbuu ofii wareegee

Kumaa fi kitilaattii
Fulaa Dhugaa jiraa.

Gootata meeqa dhamne?

Isaan lafaaf jedhee (Isa)

Lafee ofii bobeesse

Isaan sabaaf jedhee (Isa )

Dhiiga ofii lolaasee

Kana sirraatti cichu

Sagalee ol kaasee

Walabummaa jedhee

Dhaloota siif iyyu.

Yaa dachee Oromiyaa

Karaatti hin hambisin (hanbisiin)

Dhugaa ilma waaqaa

Dhaloota kichuu kana

Isa dhugaaf falmu

Ka dabaa fi cubbuu

Ijaan arguu jibbuu.

Isani Aadaa fi Dhugaan


Guddoo wal fakkaattani

Isini lakkuu moo?(isin)

Ollaa wal godaantani?

Durii walii galtanii

Irree wal godhattanii

Dharaa, cubbuu fi dabaa

Iddoo dhowwattani

Hardha maaltii dhufee?

Ofii wal dhabdanii?

Ka adoo isan jirtanuu

Dhalootii dodoomee

Hundaa dharaaf kalchu. (wal unata sagalee)

Koottaa nu furaa mee

Rakkoon teenna lakkuu

Sobii irree baasee

Nu ugguraa jiraa

Maaf nutti calliftu?

Dhartii dachee dhaaltee

Barrisii nuu kootti

Nurraa hin turinii (turiinii)


Waluma titirfachaa

Faanaa tantee gula yaanaa

Dhugaa ilmoo waaqaa.

Barii kamuu nu miidhee

Dabii keenna guddaa

Oolmaa fi bultii hin qamnuu

Halkanii fi Guyyaa

Obsaan gargaaramtee

Maaf nurraa turtaa?

Hayyoota baayyee dhamnee

Warra daandii tee maqee (?) maqee- goree jechuumii ? Sarara isa olii hin faalleessuu?

Dhugaa jechuu qofaaf

Baayyee lubbuu dhabee.

Dhugaa maaf callifta?

Ka sobii si qeequuf

Dhalootii mul'ata dhabee

Hunduu sammuu deegee

Dubbachuu dadhabee

Yaadaan gara si beekaa


Takkaa abdii hin kunnee

Hardhaa bori dhufta jedhaa

Guyyaa cufaa si eegaa.

Gadaa fi Gadaammojjiini

Yaa'ii Gadaa sadeenii

Qaalluun Laduu shananii

Raabaa fi kuusii hundii

Jaarsaa fi Jaallabii

Hundeesitootii Gadaa

Gegeesitootii Aadaa (geggeesitootii)

Aadaa teenna jabeessa (jabeessaa)

Daandii Oromtichaa

Burqaa sirna Gadaa

Gaaddisa Caffee Odaa

Madda beekkumsaa

Galaana jannaa fi jabaa

Hortee warra kuushi

Ta mallattoon Odaa...

Jaalattuu Saba maraa


Hundaa hammattuutoo

Haadha saba guddaa

Sirnaa ittiin bulmaataa

Aadaa fi safuu qabdaa

Namuu hin darbituu

Dhugaaf iddoo qabdaa

Kamuu hin dabsituu

Barii sitii hammaatus

Mufattee hin haarinii (aarinii)

Guyyumaan eegadhuu

Haqiin te hin darbituu.

Yaa ilmaan namootaa (yaa ilmaan namaa)

Haala baraa laaltani

Dhugaa hin jallisinaa

Siyaasaaf jettanii

Aadaa hin lakkisinaa (lakkisiinaa)

Siyaasaa fi Aadaa

Walti hin fannisinaa

Waan bori hin jirreef

Seenaa hin jallisina.


Siyaasa jechuun sobaa

Sobaaf jettanii

Dhugaa Oromtichaa

Sirna Gadaa teennaa

Duudhaa isa ganamaa

Mallattoo eenyummaa

Nurraatti hin yarsinaa. (Nuratti )

Warrii Abbootiin Gadaa

Moottummaa bori kufuuf

Aadaa hin laafisinaa (laaffisiinaa)

Harka wal qabadhaa

Dhugaadhaaf hojjadha

Akka diimokiraasitti

Mootummaa mataa isaatuu

Uummataatti dhaabaa

Yo itti hin toliniillee

Uummatumaatti kaasaa.

Mootummaa jechuun Harree


Haga inni jiruu hundaa

Dudda isaa dhaachani

Yo inni lubbuun du'e

Alaatti gadi baasanii

Akkanaatti hubadhaa

Adoo kun kufeeyyuu

Harka keenna keessa jiraa

Nutti haaraa dhaabataa.

Dhimma siyaasaa kana

Warrumaa lakkisaa

Warra waan sobaa baree

Jara wal sobee buluu

Warra sobaa harka dhaanu

Sun nurraa lakkisaa

Hordoftootii Aadaa

Aadaa fi duudhaa teenna

Numaatii gabbisaa

UNESCO galmeessaa

Addunyaa mullisaa.

Sadaasa 27, 2010 Yunversitii Arba Mincii, Abaya compus.


8. Qeerroo fi Qarree
Yaa Qeerroo fi Qarree

Qaanqee bilissummaa

Warrii qabsiiftan

Daangaa Oromiyaa

Dhiigaan ijjaartan (ijaartan)

Warrii dukkana keessa

Nuuf jiraattani

Haqaa fi dhugaa Oromoo

Arguuf hawwitani

Warrii hamtuu uummataa

Ijaan jibbitan

Warrii harka qullaa

Haqaaf falmitan

Warrii sirna Wayyaanee

Nurraa kufiftaan (kuffiftan)

Warrii seenaa waaree

Diidaatti mulliftan...

Balfituun garbummaa (balaaleffattuun )


Jaalattuun walabbummaa

Akka amala keessan

Mirgaaf falmadhaa

Garbummaa darbadhaa

Saba ifaatti baasaa

Daandii dhugaa ciraa

Uummataatti garsiisaa.

Boolla garbummaa tinfaa

Biyyee irra deebisaa (irratti)

Harka wal qabadhaa

Moottummaa abbaa irree

Akka nurraatti latee

Idda hin dhaabanne

Nurraa kukuffisaa

Ifaatti nu baasaa.

Warrii dhaloota qubee

Quba wal qabaadhaa

Akka amala keessanii

Haqaaf falmadhaa
Diina dura dhaabbadhaa

Tokkummaan nuu falmaa

Hattootaa fi Gantoota

Irraatti xiyyeefadhaa

Akka Uummata hin miine

Dursa gorsa laadhaa

Yoo itti himnaan diddee

Tarkaanfi barsiisa

Irraatti fudhadhaa.

Qabeenyii Oromoon qabdu inni guddaan Qeerroo fi Qarreedha.

Amajjii 5, 2010 Yunversitii Arba Mincii, Abaya compus.


9. Haqa hin jallisinaa
Warroottan qaama haqaa

Akka maqaa keessanii

Uummataaf hojjadhaa

Gunboo irraa fagaadhaa (gubboo, matta'aa)

Kutannoo qabaadhaa

Dhugaaf wareegamaa

Birriin bitamtanii

Haqa hin jallisinaa

Uummataaf du'a malee

Uummata hin ajjeesinaa

Dhugaa kennaa malee

Kennaa hin kajeelinaa

Kutannoon murteessaa

Garaa hin abeebinaa.

Ilaalcha firummaa

Farra misoomaa fi jaalalaa

Amala ofituulummaa

Kennaa wayaa jalaa


Murtee dukkana keessaa

Ofi irraa darbadhaa

Dursa uummataaf laadhaa

Murtii dhugaa muraa

Soora sifaa nyaadhaa

Waan abaarsa hin qamne

Yoosani keessii keessanilleen

Boqqonnaa argattaa. (?)

Haqa jalliftanii

Dhugaa dabsitanii

Ofumaa keessaniin

Ofi hin aleelinaa

Murtii dabaa murtanii

Seenaa xureessitanii

Dhoqeetti hin laaqinaa

Iyyeessa boochitanii

Imimmaan buuftanii

Cubbuun hin raatinaa.

Hardha quuftanii jettanii(?)


Kakuu kaleessaa sun

Hardha hin dagatinaa

Ka akkasi jettani

Nutti kakattani

Yoo ani uummata

Wali irraa addaan baasee

Ija ijaani ilaale

Facaasu naa hin margini

Diqqaan na hin guddatini...

Gudeedii kiyyaayyuu

Biyyaattu hin darbiin

Jettan ofi abaartan

Harka oli qabattan

Waaqa ofi irratti yaamtan

Hardhas waaqi jiraa

Tallee hin dagatin

Ka waanuma hundaayyuu

Godhuuf irree qabu.

Dhugaa dhabuun nyaata dhabuu duraatti nama ajjeesuu baattus, caalatti nama miiti.

Muddee 7, 2010 Yunversitii Arba Mincii, Abaya campus.


10. Odeessituu
Yaa Nama odeessituu

Ka gurrii hin dhimne

Ofii gurra hin qabduu

Ka namaa xurreessuuf

Olii fi gadii fiigdu

Nama duuba deemtee

Maqaa nama nyaattu...

Maqaa nama balleessuuf

Hundaa jala ceetuu

Suni irraa wa buttee

Kanaattiin ka ceetuu

Gurrii si badee gartaa?

Maqaa silaa hin doonee

Lubbuun gubbaa jirtaa

Yoo bariitee dhiituu

Afaanii nama qabdaa

Birrii fudhatte moo?

Badhaasa jalaa qabdaa?


Oduu walti funaantee

Dharaa dhugaa gootee

Nama waltii naxxaa

Dhaabbadhuu ofi laalii(of)

Waani biyya tolchaa jirtu (waan)

Nu la siin gubannee

Waan qamnuu siin dhamnee

Sababa oduu teetii

Dubachuu dadhamnee(dubbachuu)

Dheeraa gabaabsitee

Dhugaa ukkaamsitee

Adiin gurraacha jettee

Nama shakkisiiftaa...

Waan hin jirree haasoftee

Namoota walti buuftaa

Manaa hanga biyyaatti

Waan ati diigde malee

Ka ati jaartee hin garree

Maatii addaan baaftee


Ollaa hin hanqannee

Reeraa hanga biyyaatti

Siin boqonnaa dhamnee

Cali nurraa jedhii (calli)

Ardiin siin diigamtee.

Yaa daldalaa oduu

Waan fuutu barbaaddaaf

Dursa gurra dhadhaabdaa

Waan gurra keessa si bu'ee

Addaan hin baaafattuu

Dhara moo dhugaa hin jettuu

Fuuteetin hutaaltaa...

Arrabii qara si qabaa

Hundaani ni waraantaa

Atiin obsa hin qabduu

Deemtettiin basaastaa

Deemii walaanadhu (wallaanadhu)

Suusii oduu qabdaa. (Araada )


Yo wa hin odeessini

Dandeettee wa raftaa?

Deemsii ke sussukhaa

Akka Saree funaanaa

Hin teettuu ni martaa

Akka dhaltii hirmaanaa.

Waan agartuu hin qabduu

Waan dhageettu hin dhabduu

Wantii ati haasoftuu

Tokko madda hin qabduu

Afaan banaa ooltaa

Waan dubbattu hin dhabdu

Biyyii siin diigamtee

Ati waan kana hin gartuu

Wantii dubbaattu martuu

Akkana se'ee malee

Tokko dhugaa hin qabduu.

Afaan ofii beekuuni

Waaqii qabeettiini
Nattiin si dhufiinnaa

Ta durii dabartee

Lama siin hin bannuu

Qorsa kankee na beekaa

Jaarsa sitti dubisee (dubbisee)

Mudaamuddii dha'ee

Biyya irraa si ijeessaa( ijjeesaa)

Ragaa si qindeessee

Seeraani si adabee(seeraan)

Hidhaa lafa jalaa

Qaallittii si galchaa.

Osoo akka hanqinnii namaa sitti mullatu, kankee sitti mullatee yoonaa jijjiiramtee jirta.

Ati waan dansaa qofa hojjattuullee Namootii waan kankee haasahuu hin dhiisanii oduuf gurra
hin kennini.

Gurraandhala 19, 2013 Waacillee.


11. Sammuu daarte
Warra dha'icha qabu

Ka dirrii dirmammuu

Eennummaa ofii dhiisee

Fakkaachuuf dirqamuu

Adoo Aadaa qabuu

Aadaa ofii dagatee

Ta ormaa jala fiigu

Fakkaattee jiraachuuf

Dhugaa adii lagattee

Waadaa sobaa seentee

Waaqaa jettee kakattee

Hardha maaf dagattee?

Haqa uummataa nyaatte?

Warra garaaf jiraatu

Jara ofi qofa fedhu

Warra garaaf jedhee

Oromummaa dedhu

Jara sobaaf jedhee


Dibbee dhaanee sirbuu

Ka adoo dhugaa arguu

Ijaan laaluu jibbu.

Yaa fakkaattota

Warrii sammuun daarte

Wantii isaniif dhaamu

Tanaa yoo jiraatte

Ofita'aa mulladhaa (ofta'aa)

Maxxantummaa dhiisaa

Ofita'aa dubbadha(ofta'aa)

Fakkaachuun safuudha

Iddoo hin mallee turuun

Gaaddisa kankee dhiiftee

Mana ormaa bubuluun. (bubbuluun)

Dhiisaamee fakkaachuu

Warra sobaan hakkaabsatu

Daandii dhugaa dhiisee

Eennummaa ofii dagatee

Namaan bakka bu'ee


Warra dhaloota miidhee

Garaaf jedhee du'u.

Maaliif fakkaannare?

Wanta nu hin laallanne

Silaa guddoo dansaa

Ani eenyuudha jennee

Adoo ofii gaafannee

Duudhaa Oromootaa

Isa ganamaa sun

Adootii qaabannee.

Nuuti oromoonnii (Oromoonni)

Fakkeessuu hin beennu (beeknu)

Fakkachuun hin beennu

Jala deemuu hin beennu

Faayidaaf jennee

Saba ganuu hin beennu

Saba jaaruu malee

Nama saamuu hin beennu

Namaa yaaduu malee


Aadaa hannaa hin qamnuu

Ta gargaarsaa malee.

Aadaa ormaa dhaaltan (dhaaltanii)

Arrabaan luftanii

Waan hin jedhamnee jettanii

Haqqii Sabaa nyaattanii

Gurraa lubbuu dootanii

Safuu cabsitanii

Duudhaa oromummaa

Ganamaa gattanii

Hardha qullaatti haftanii.

Akka Fardaa dhalattanii

Harree taatanii haftan

Adoo Leencaan isan beennuu

Gogaagaa Hoolaa uffatanii (Gogaa)

Geedalaan nyaatamtan

Galma baataniif hanqatanii

Karaa irraatti haftaan.

Beekaa ofi fakkeessuu irraa waan beettu barreessuttuu hojiidha.


Agayya 11, 2013 Yaballoo, projektii.

12. Qabeennaatti jabeenna


Maan gochuu danda’a?

Qabeennaa na moo’ee

Dhabaa na moo’atee

Atuu ni beettaanii

Iddoo ani sii qabu?

Ani si dheebodhaa

Akka bishaanitti

Ani sii beela’aa (si)

Akka midhaanitti

Hardha maalti argame?

Kana ati na dhiifteef. (tokkummaa yaada )

Eennuudhaaf na dhiifte?

Siin alaatti hin qabuu

Cirreettii onneekoo

Gonkumaa naa hin toluu

Jireenyii siin alaa.


Namaa si sobe moo?

Namaa si sosobee (sossobee)

Kana narraa fagaatteef

Kana garaa jabaatteef

Ni hirraanfattee moo?

Jaalalaan si bitee

Kana birriin hin garree

Kana turtee hin moofomne.

Ani si dhabuu hin fedhuu

Beeni deemi jaalletoo

Harkaa na qallatee

Beeni deemi kurfaatoo

Humnaa na hanqatee.

Hardha maanti dhufeef

Dansaa kuulaniitoo

Waadaan kalleessaa sun

Hardha dagatame

Homaan si hin jijjiiru

Jettee waadaa hin gallee


Hardha maan argatteef?

Dudda nattii galte.

Nan badee jalallee too(jaalallee)

Maan sirraa balleesse?

Maan sirraa hirdhise?

Yoo wallaalte malee

Mataan kootuu keetii.

Beeni nagaatti jaalleetoo

Maallaqaa na caalee (maallaqaatti)

Addunyaan fixeessaa (fixeensaa)

Maallaqaaf na gantee

Adaa lubbuun jirtuu

Waan hin garre hin qamne.

Beeni nagaan jiraadhu

Sii durii si beekaa

Yeroo wal jaalannu

Sii hardhaa si argee

Yeroo ati na gantu


Sii borii si eegaa

Eessa akka dhaqabdu.

Beeni nagaan jiraadhu

Qabeennaa jabeennaa

Kanaaf ani si dhabee

Ka na caalu argattee

Kanaaf na darbattee.

Qabeenyii duumessa

Jedhan san dagattee

Beeni ani si hin abaaruu

Ana si miseensaa (ani)

Si eebbisuu baadhus.

Sadasaa 12, 2012, Arbaa Mincii Yunveersiiti, Abaya Campus.


13. Oromiyaa badhaatuu
Nu sanyii kuushiiti

Hortee Saba bal'aa

Oromiyaan tiyya

Saba guuddoo balchaa(guddoo)

Arjaa garaa dansaa

Saba aadaan bulu

Ka ceeraa fokkoo qabu

Hortee saba guddaa

Ka Lafa balloo qabu

Saba Sirna Gadaa

Aadaa fi duudhaa qabu.

Saba haqaan bulu

Ka dhugaa hin jallifne

Saba dimokiratawaa(dimokiraatawaa)

Safuu fi Seera qabu

Saba jaalatamaa

Aadaa dansaa qabu

Duudhaa wal gargaarsaa


Buusaa gonofaa qabu

Saba gaafa tolaa

Namaaf dhangalaasu

Saba gaafa qoraa

Dubbii walii qabu

Saba gaafa lolaa

Diina harkaani qaqabu (qaqqabu)

Gosa amanamtuu

Ta hundaa hammattu.

Oromiyaa jechuun

Lafa Gadaa fi Gadaamojjii

Ta Raabaa fi Kuusaa

Lafa ijoollee kuuchu (kuuchuu)

Dachee Gaarrenii fi Gaallenii(?)

Ta Baddaa fi Gamoojjii

Lafa Golbaa fi Diidaa

Dachee Uummata balchaa

Ka hojiin isaa garee

Lafa misaa ta misoomaa

Labata Bunaa fi Dhadhaa (labata jechuun dhaloota jechuudha.) Kanaaf..jijjiiri.


Biyya hundaa badhaate

Albuuda Meettii Warqee

Biyya Dammaa fi Aananii

Dacheen Oromiyaa.

Magaallan gugurdoo

Finfinnee fi Dirree dhawaa

Magaallan jaalatamtuu

Adaammaa fi Moyyalee (Adaamaa)

Biyya Goottowwanii(gootowwaanii)

Wallaggaa fi Shawaa

Biyya argama Bunaa

Jimmaa Abbaa Jifaari

Qayee goota Warqituu

Walloo fi kamisee

Gosaa garaa dansaa

Hararii fi Karayyuu...

Biyya Waaqoo Guutuu

Qayee Arsii fi Baalee

Badhaatuu Albuudaa
Qayee Gujii Girjaa

Liiban hanga waasoo

Qayee Abbaa Liibee

Lafa hangaftichaa

Ta barii maandhomse

Nageellee Booranaa

Lafa Liiban fi Dirree

Biyya hamaan hin jirre

Dachee Borantichaa.(Boorantichaa)

Lafa Bosonaa fi Bosonuu

Dachee quufaa fi gabbinnaa

Ta waan namaa hin laalle

Biyya falmiin beekkamtu

Ta lafeeni ijaaramtee (lafeen)

Biyya dhiigaan utubamte.

Biyya ormaa jaalattu

Haadha Qeerroo fi Qarree

Ta Qaroo baayyattu

Biyya Hayyuu fi Beekaa


Ta waan beettu dubbattu

Harmee Jannaa fi Jabaa

Biyya seenaa jabaan qabdu.

Biyya Gootowwani

Eennu yaamee eennu dhiisa

Jaatan Alii Tandhuu

Dabasaa Guyyoo Saffaroo

Taddasaa Birruu Isheetuu

Halakhee Guyyoo Xuuyyee

Abduuba Naqataa Guyyoo

Nadhii Gammadaa Waariyoo

Bilisee Diidoo Duubaa

Abduubaa Abdii Odaa

Eebbisa Addunyaa

Acaa Halakhee Waaqoo

Haccaaluu Hundeessaa Boonsaa

Daadhii Galaani Wadaajjoo

Jaarsoo Waaqoo Qooxoo

Gootowwani Oromoo

Kumaa fi kitilaa
Kunuunsa keessaniin

Kunoo arma geettee

Dacheen Oromiyaa.

Biyya seenaa qabbeettii

Ta seenaan ijaaramte

Biqila gootota kalee

Idda falmatoota hardhaa

Daraaraa dhaloota borii

Biyya boriif abdii qabdu

Tana biyyitii teenna

Biyyitii irraatti doonu (irratti)

Dacheeni isiif doonu(Dacheen)

Oromiyaa badhaatuu

Bonaa fi Gannii quufaa.

Amma bilisoomnutti falmachuu hin dhiifnu, Toofta jijjiirraa malee.

Agayya 21, 2013 Yaballoo, Ollaa Diida Garbii.


14. Jaatani Alii Tandhuu
Seenaatti si faarsaa

Qaroo akka billaachaa

Jabaa akka dhakaachaa

Wa himaa akka raagaa

Garaa naasoo akka haadhaa.

Abbaa dhaloota qubee

Akkaa biiftuu bariitti

Dukkanaa nu iftee

Kompaasii nuuf taatee

Kallattii nuufi himtee

Waan fuula keenna dura

Akka raagaa nuu himtee

Wareega nuu taatee

Gorsaan nu ijaartee

Daddee walti nu qabdee

Faca'uu nu dhoortee

Gosa Wal barsiiftee

Biyyaatti nu dartee
Dorgomaa nu gootee

Maqaa nu yaamsifte.

Jaatoo jabaa gosaa

Jabaan hedduu jiraa

Eenti siin madalaa(madaala)

Sabaaf ofi gatte malee

Saba gantee hin beettu

Sabaaf Ija baaftaa malee

Ija itti baaftee hin beettu

Sabaaf dootee malee

Saba ajjeeftee hin beettu

Sabaaf hidhamtee malee

Saba ke hiitee hin beettu.

Gorsa laatteef malee

"Ilmee barsiifadhaa

Isanuu ilmee tiyyaa

Loon gurguradhaa

Birrii baankii keeyyadha(keeyyadhaa)

Egerii bonaa fixaa(bonatti)


Mana diraatti jaaradhaa"

Jettee nu dhaamattee

Faayidaa tantee deetee

Dursa teenna qaabattee

Hundaa irraa dedeemtee

Itti boottee dhaamatte.

Jaalataa saba hundaa

Gosaan adda hin baaftuu

Sidaamoo hanga saakuu

Walti qabdee bulchitaa

Arja Garaa dansaa

Faayidaa tantee dhiiftee

Ta uummataa dursitaa

Garaaf adoo hin taanee

Jaatoo gurraaf iyyitaa

Hamtuu uummataa keetii

Ijaa fi gurraan jibitaa(jibbitaa)

Seenaa kankee keessaatti

Gosa dagattee hin beettu

Halkanii Guyyaa tisitaa.(tissitaa)


Jaatoo Abbaa sabaa

Olmaa te himee hin fixuu

Waan qabnuu siif qabnaa

"Qaroon malkaa" jettee

Kana barate siin baree

"Dureessii malkaa" jettee

Kana duroome siin horee

"Jannii malkaa" jettee

Kana qaromee siin qoree

Lubbuun Aadaa dootii

Nagaan boqqodhuu Jaatoo

Boolla te booktii guuttuu

Jaatoo Abbaa malaa

Maqaan kee boollaa olii

Bara baraan dhalootii

Maqaa kankee dhawaa.

Jaatanii Alii Tandhuu

Eegii ati boqqottee

Sabii Kee gugatee


Akka Loon Leenca argee

Ginyaattiin ciisaa

Hundii wal qixxatee

Sabii Hayyuu dhabee

Walti gadi dachahee

Qoxxee qofaatti hafee.

Qaroo waawwessanii

Qara dodoomsanii

Janna goodhabsani

Qotaatti baasanii

Sooressa mittanii

Jilbaan deemsisanii

Hiyyeessa jibbanii

Akka ilmoo sareetti

Gamaatti hadarsanii...

Maxaqoo fidanii

Ollaa maxxasanii

Ilmaan ergamtootaa

Bulchaa nuu godhanii


Ilmaan gudeeda keetii

Shororkoota jedhanii

Maqaa Farrajani.

Qeerroo nyalchiisanii

Raasaatti galchanii

Aadaa teennaa butanii

Orma dhaalchisanii

Alaa nutti fidanii

Warra Afaan hin beenne

Nyaapha nu dhaansisani.

Dhugaa qoruun hafee

Sobaan buluun dhufee

Seeraa tumachuun hafee

Tumamnee dhaanamnee

Daangaa sararuun hafee

Diinotaan saamamnee

Tulaa baasuun hafee

Kana duriituu dhalamnee(dhaalmnee)

Seenaa hojjachuun hafee


Kana duriituu saamamne.

Lafee teenna cabsani

Naafumaatti hanbisanii

Lafa teenna saamanii

Onaa nu lakkisanii

Ardaa nu dhiibanii

Qotaa nu baasanii

Duwwaa nu lakkisanii

Booca haftee jijiirani(jijjiiranii)

Maqaa ormaa baasani.

Tissee maxxasanii

Ollaa nu galchanii

Tissaa hadamsanii

Horii adiyyoomsani

Barii nutti hammaatee

Hamaan nu wal gahee

Keenna duraa nu qabee(duratti)

Ormii nu dhodhoosee

Lafee nu cacabsee
Dhiiga nu lolaasee

Ilkaan nutti addessee(addeessee)

Hamaan nu koblatee.

Aabboo Jaatoo kiyyaa!

Eegii gaafa ati beettuu

Nu duraatti hin deemnii(?)

Achumaa wal marraa

Nagaan boqqodhi jaatoo(Jaatoo)qubee guddaa

Lubbuun deebii dhabdus

Ani si hin jibbaannee

Dootii tee naa mamaa

Jaatoo Abbaa haqaa

Boqodhu iddoo dhugaa.

Eee Aabboo Waaqa(Ee)

Ati nuuf birmadhu

Gadi nu miladhuu (milladhu)

Namii nuttii callisusi (callisuus)

Ati nuuf dubadhu(dubbadhu)

Ilma gudeedaa nuu kaasi


Mucaa sabaaf dhalatee

Ilma sabaaf jiraatee

Seenaa ol keeyyatee

Sabaaf jedhee du'u

Akka Jaatanii Alii Tandhuu.

Kana akka du'aa loogu addunyaa tana irra hin jiru.

Sadaasaa 21, 2014 Yaballo, projektii.


15. Gumaa
Gumaa ani si jibbee

Ati fallaa gumaataati(faallaa)

Tolaan hin argamtuu

Ila diimenna keessa

Kana atin argamtuu

Bu'aa lubbuu baddee

Kanaati gabbartuu. (kan ati)?

Lubbuu baddee galaa?

Maan wanni nu argannu?

Yoo nyaataa ni qamnaa

Duraanu waan bulluun

Yoo yaadaa wa dhiifnaa?

Du'aa keenna dhindhisuu.

Maan wanti nuu dartu?

Gumaa ani si jibbee

Gumaa ani si hin fudhuu(fuudhu)

Eegii Gootota Oromoo


Du'aati hin kaafnee

Eegii haaloo hin baafne.

Jibbaata na dhoortaa

Haaloo na baayyiftaa

Garaa na gugubdaa

Hirriiba na dhoortaa

Yaaddoo na baayyiftaa

Gammachuu na dhoortaa

Gaddaan na kuffiftaa

Nama irraa na baaftee

Kophaa na hanbiftaa.

Fudhee maan si godha?

Nyaadhee siin du'aa moo?

Dootii nama kiyyaa

Ta armaan duraatuu

Naraatii dhukkubdii(?)

Xiiqii na qabattee

Ijjeeftee namaakoo

Ofiitii jiraattee
Ajjeeftee dhalakoo.

Lubbuu nama qaalii

Naa baaftaa horiin?

Beeni na hin gowwoomsinii

Nutii waaqa malee

Namaaf hin gabbarruu

Lubbuu deebii hin qamneef

Qarshii hin fudhannuu.

Lubbuu horiin binnaani

Nu hiyyeeyyin barsee

Humna ofii dhaabattii(?)

Shirkaalumaan bannaa

Waaqa ati hamtuu oolchi

Abbaa murtii haqaa

Ka waan hundaa hangafaa

Abbaan dhugaa fi haqaa

Ka nu qamnu si qofaa.

Firii keenna Ka garaa guutatee nuuni lolu adoo hin taanee, ka garaa hidhatee nuuf lolu tahuu isaa
midhaasinee beenna.
Bittotteessa 4, 2013 Waacillee, du'a Abduuba Dabasoo ka hiriira Nageellee Boorana irraatti
Yaaballoo du'ee booda.

16. Eela Goofe


Eelii madda bishaan (bishaanii)

Ka uumamaan jiruu

Yokaan nama tolcheen

Eelii hameessa hin guunee(wal unata sagaleefi walqabannaa yaadaa)

Yoo kosee famalee(?) Yoo koseefaa malee

Hameessii maamula fedhaa (walqixummaa)

Yoo akka isaa malee (

Durii dullunkootuu

Tulaan iddoo qaba

Jiruun olii gadiif

Hardha eelii goofe

Haroo danbalaan bade.

Mirgisaan nurraa kosee

Mirgoo gabbinnii dhibee

Hameessi nurraa gu'ee

Tulaan goofa jedhanii

Iddoo balfaa godhanii


Xuraawwa itti gatani.

Galata tulaa sallanii

Durii dullunkootuu

Bishaan qulloo dhunnaa

Sunuu Bishaan maddaa

Hardha bara hammayyaa

Barii nutti hammaate (hammaatee)

Bishaan harootuu dhamnee

Waqxii bonaa hundaa(Waqtii)

Baqaaf saaxillamne.

Maddiiti hundii goddee

Bishaan Lafaa badanii

Namii hundii gofee(?)goofee moo gofee

Dhugaan Lafaa badee

Dhalootii hammaatee

"Toltuu hojjachuu didee"

Tolaani wa kennuu didee(Tolaan)

"Dhugaa dubbachuu didee"

Arraba qajeeluu didee


Arrabaan wal diree

Gamaatti wal fullaase.

Namii Jireenna walii jibbee

Hadamsee wal obbaasee(Adamsee)

Nyaapaan bakka wal buusee (nyaaphaan)

Diina fira tolfatee(walqixummaa sarara walaloo)

Haga dhiiga walii dhuguu

Aanaani Looni hin dhuguu (aannan Loonii)loqoda waan ta'eef rakkoo hinqabu garuu

Lubbuu baasuuf susa'ee (suusa'ee) hiika biraa qabaachuu mala aja'ee jechuus ta'a.

Suusii ba'uuf wal fixee(araada)

Yakka malee wal adabee

Jiblaan hidhaa wal guuree

Adamsee walti hammaatee

Hadhee biyyaa wal baasee.(baase.)

Bara akkami keessa jirra?

Ka maddii eelaa goge

Bara namii qaroo hin qamnee

Nama Arraba qaraa malee

"Ka dhaltii mirgisaa hin qamne"


"Bara mirgooni gabbinna hin qamne"

Ka jiraachuuf mirga hin qamne

Bara jannii lammiif hin lollee

Lammii ofii lolaa malee

Bara qaroon lammiif hin qorree

Lammiitti qoraa malee

Bara haaloo waliif hin baafne

Wali irraatti ba'uu malee.

Bara obboleessi hammaatee

Tiruu garaa ofii ganee

Ijjeechaaf dhara'ee (dharra'ee)

Labsii irraatti labsu(irratti)

Bara wal boochuu malee

Waliif boo'uun hafee

Barii nu keessa jiru(jirru)

Ka adoo aduun jirtuu

Guyyaan dukkanaa'e.

Bara faallaa kana


Ka abbaan ilma dhaale

Bara ilmii abbaa dhale

Maqaa isaatin yaame

Bara ceeraa fokkoon baddee

Sodaa namaatti fakkaatte

Bara kabajii badee

Yaruu namaatti fakkaate

Bara buraanburicha

Gara yaanu nu wallaalchise

Afaan nu qabachiise.

Bara yakka malee nu dhaanee

Dirra keenna daammesse

Bara onnee nu dhowwee

Nuu hundaa daafansee

Bara dhageettii nu dhowwee

Jiblaan nu daalleesse.

Hin quufne ani bara kana

Homaanu natti hin tollee

Bara wantii hundii goofaa


Yoo innii narraa hin gorree

Ani maaf isa irraa goraa?

Adoolessa 6, 2013 Yaballoo, Ollaa Mana Barumsa Abdii Borii.


17. Hirba kaate
Yaa ilmaan namootaa

Ani kullissaa jiraa

Maaf naa hin birmattan?

Namii nagaa qabuu

Malaa fayyaa hin iyyuu

Wa'iittuu na dhibeef

Gurraa quba keeyyadhee

Ta'ee arriifadhaa

Maaf na calliftan? Maaf natti calliftan

Jireennii bara hirba kaate

Yoo waaqii nannesse malee(naannesse)

Finnii bara hirba kaate

Yoo seerii nannesse malee(naanneesse)

Nyaatii bara hirba kaate

Yoo dhabii nannesse malee. (naanneesse

Hirba dooyaa hin qamne


Ka salfaa achuu hin geenne

Hirba abbaa duula hin qamne

Ka marii beedaa hin baane

Hirba mala hin qamnee

Ka maltuu achuu hin geenne

Hirba dannaba hin fuunee

Ka fuudhu hin nannesine(naanneesine)

Hirba waa'ela Wareeggatu.

Hirba bishaan hin qamne

Ka dhiiga walii dhuguu

Hirba haaloof duulu

Ka haaloo hin baafanne

Duula garaa warraa

Ka maatii qofa lolu

Qayee keessaa dacha'ee

Ijjollee boboochu (ijoollee)

Duula dhaltii fudhee(fuudhee)

Yabbii marrachiisu.

Duula didhaa duulee


Kaayoo dedhee galuu

Duula lakkofsaan baayyee

Ka daallee baayyatu

Duula marraasaa yaa'u

Ka marii hin qamne

Duula mo'amuu malee

Moo'etee hin beenne(moo'atee)

Duula lolchiisaan saamtuu

Ka malchiisaan hattuu

Kana duulii nu duulle.

Akkamti injifanna?

Akkamiin mirgaan galla?

Ofiiftuu wali hin beennuu

Akkamti waliin yaana?

Ofiiftuu wal hadhaa

Akkamti waliin haana?

“Adoo walii gallee

Silaa alaa galla”

Akkamti gurraan galla?

Amma saamtuun jirtu


Haga gadhee fi yartuun

Olla keessa nu jirtu

Amma gantuu fi sobduun

Lubbuun gubbaa jirtu.

Kanaaf mo'atamne

Jaraa nyaapa nu ta'ee(nyaapha nutti

Nyaapaaf nu jifee

Jaraa dhossaa teenna

Diina keennaatti himee

Dhalaatti firummaa dedhee

Diina keennatti firoomee

Diinaa hirree tahee

Nyaapa duraa nu qabee.(duraatti)

Firaatti nutti hammaatee

Nyaapa nutti yaamee

Diinii warra dhaabatteef

Ollaa keennaa capsee

Dhaabbiitti nu qaqabe (qaqqabe)

Waan isan nu gootaniif


Nyaapii nu qaqqalee.

Maan godhuu dandeenna

Baraa fallaa ta'ee

"Bishaanti dheebotee"

"Ibbiddaa dhaamotee"(ibiddaatti)

Gaangeettuu dorobee(dorrobe)

Dhalaaf eegamee

Sangaa goobaaf badee(?)

Kormaattuu marratee (kormattuu)

Nuttuu duubaa deemee

Dhaamsa abbaattuu

Ilmaan dagatamee

Sabaa wal galee (?) Walii galee

Garbummaatti amanee

Rakkoo tana hundaatti

Galaana gabrummaatti

Dhaloota darbatee

Hardha nu iyyisiisee.

Namii jiraatti si hin jaalannee, Yoo sitti du’eef bo'aa dhufu adoo beettee seeraan qabsisuu qabda.

Adoolessa 17, 2013 Yaballoo, Ollaa diiida garbii. (Yaaballoo)


18. Dhugaa dhokaatte
Ani irraa dubadhaa(dubbadhaa)

Waan dhokatee jiraa

Kana mulachuu male(mullachuu)

Waan dedhamee jiraa

Kana qaabannoo male (kan

Waan hidhamee jiraa

Kana hiikamuu male

Handhuraa waaree jiraa (waareetti jiraa)

Kana nuu galuu male(kan

Waan jibbaamee jiraa

Kana jaalalaa male (kan)

Waan abaramee jiraa

Kana faarfamuu male

Waan tufatamee jiraa (tuffatameetti)

Kana jajamuu male. (kan )

Ani injajaa hin jennee

Haqaa badee na dhibee

Silaa ni callissaa(callisaa)

Dhugaattuu na dhibaa
Ijaattu na argaa

Gurraa na dhagaa (dhagahaa)

Sammuu wa na yaadaa

Seenaatti na gaafataa

Sabaa na koommataa (sabaatti)

Tana hundaa na dhibaa

Akkamiin callisaa

Handhuraan Abbaa dhibaa

Hunda ta'uu baatuullee

Waa’ee lafa Booranaa

Diqqoo irraa tutuqaa.

Kutaalee gugurdoo

Lafa Xoopiyaa keessaa

Liibanii fi Dirree

Hangafa lafa Booranaa

Liibee irraa jala qabaa (jalqabaa)

Nageellee Booranaa

Gumii Eeldalloo, Dheekkaa

Odaa diimaa, Hulluuqqoo

Dhaddacha Taabdoyyeee
Dhaddacha warra abbii

Oddoo dooloo, Fiiltuu.

Dirree jidduu Lafaa

Areeroo Ardaa jilaa

Wacillee Fi Uudati(Udati

Borborii Fi Dhaasi

Guchii Fi Irdari

Mooyyalee Fi Caamuqii

Miyoo Fi hiddii lolaa

Meeggaa Fi Tulluu Fardaa

Dubuluqii Fi Eeliwaaqi (Dubluqii fi Eelwaaqi)(?)

Dilloo Fi Oboqi

Goomolee fi Suruphaa

Ardaa oobdaa Yaaballoo

Eeliwayyee Fi Taltallee)Eelwayyee)

Dachee uumaan nu badhaase

Handhuraa Boorana Guutuu.

Kutaa gama Keeniyaa

Ardaa Saakuu Waasoo


Solooloo fi Siyaalloo

Martuu lafa Booranaa

Ta Waaqii nu badhaase

Daangaan adda baanus

Maqaan keennaa tokkoo

Yoomuu hin jijijiirannuu (jijjiirannuu)

Walumaani bareennaa (walumaan

Nutii foonii fi dhiigaa

Yoomuu addaan hin baanu

Ijjoolleen Sabboo fi Goonaa

Guutuun Abbaa Liiban

Shira diinotaatiin

Addaan hin facaanuu

Quba wali qabaannaa (wal)

Dadhabaa tirfannaa

Wallaalaa gorfannaa

Rakkataa gargaarraa

Morkaa fi dhibbii dhiifnaa(dhiibbii)

Tokkuummaa cimsannaa(Tokkummaa)

Beekaa gula bullaa.

Onkololeessa 13, 2014, Yaaballoo, projekti.


19. Mataa Gafarsaa
Teessoo Raabaa fi Gadaa

Gegeesituu Aadaa

Kabachiiftuu daangaa

Haadha gootota qaqaalii

Badhaatu qabeenya uumamaa

Baddaaa Areeroo qabdaa

Teessoo Ardaa jilaa

Guutoo badhaasa qabdaa

Bonqooraa kubii dhuuntii

Uudatii fi waaccillee(Waacillee)

Hariirii fi Gaara urgoo

Dhidhiillee fi Gallaba

Algee roobahii madarii

Oobloo fi boobella teetii

Eentuu quba si qabaa

Aadaa fi dhugaa qabdaa.

Jaalatamtuu addunyaa

Kankee si yarate malee

Waaqaa yaruu hin qabduu


Yoomuu siif ani falmaa

Duraatti deemtaa malee

Shiraa diinotaatiin

Duubaatti hin deebitu.

Horsiiftuu beeladootaa

Sadeen Aanaan miyaanii

Loon, Gaalaa fi Re'ee

Kottee duudaa keessaa

Fardaa, Harreesi qabdaa (Harrees)

Bineensota bosonaa

Saalaa fuula gaarree

Gadamsa fi Harree Diidaa

Iddii fi Gugguuftoo

Hundaa badhaatee jirtaa

Boqota Raabaa fi Gadaa

Bultii odaa booranaa(Odaa Booranaa)

Iddoo dhaloota kiyyaa

Seenaa baayyee qabdaa

Yaa Alloonaa wayyuu

Eentuu si dagataa.
Fulaa nageenyii guute

Fuloo raabaa fi gadaan

Godaannaaf ulluuxu

Oomachoo fi xiilleen

Misoomaaf iyyitii

Fuuldowaa fi afuuraa

Kaffara dabalattee

Lafa Bishaan kuroo

Argama gaarreen

Gadamsoo fi Rasaa

Qayee argaa dhageettii

Dhaqabduu guyyaa rakkoo

Misoomii muladhuu

Yaa Areeroo Gooroo.

Ammajii 19, 2010 Areeroo, Alloonaa, Hara Qalluu.


20. Amboo Diqqoo
Daangaa Xoopiyaa kibbaa

Ollaa keeniyaa tiyyaa

Doofattuu gaara solooloo

Iddoo Qeerroon itti marge

Xireefattuu gabrummaa

Dheebottuu walabummaa

Hangafa dhaloota qubee

Goottumma tanteetiif(Gootummaa)

Addunyaa tana irraatti

Gurrii kankee dhufe.

Miyoo ardaa jilaa

Maqaan sii moggaasan

Amboo diqqoo ta'ee

Jabaadhuu ni mootaa

Warrii falmuu hin beenne

Sirraa kabaratuu (haa baratu)

Ati qabsoon tokkoffaa

Badhaasaatti siif male

Eebbuma sii qabaa


Moo'ii injiifadhu

Bilissummaa argi.

Lafa goomtuu

Goomaa iyyaafattu

Mandhee Oromootaa

Jaalattuu misoomaa

Safiftuu guddinnaa(?)

Hawwattuu Nama maraa

Hiddii lolaa jechuun

Mandhee jannaa fi jabaa

Kukufiftuu diinaa

Jabaadhuu nuuf loli

Garaan keenna hardhaallee

Si qofa irraa ciisaa (irra)

Miyoo Ardaa jilaa.

Iddoon dhiigii itti jige hin goddus hin dedhamtus!

Bittotteessa 16, 2008 Yaaballoo, Hustilii Shalaqaa Jaatanii Alii.


21. Magaala jaalatamtuu
Maan himee maan dhiisa?

Ani waa'ee mooyyalee

Badhaatuu waan maraa

Hammattuu akka haadhaa

Jaalattuu Saba maraa

Madda galii xoopiyaa

Nework Oromiyaa

Godina Boorana kibbaa.

Shirra sitti xaxee

Moottummaan wayyaanee

Gunboo sitti nyaatee

Haqa kankee balleessee

Alaabaa soomalee

Dabaan sirra dhaabee

Daba kana sii diduuf

Lubbuun gootota teennaa

Hedduu baayyee raatee

Kumii wareegamus

Kana akka Konsoo Duubaa


Jaarsoo Waaqoo Qooxoo

Rooba Qaanpharree faatii

Sodaa hin qabaatiin

Kumaatamaatti hafee

Jaallowwan isaanii

Abdii hin kutatiinii

Hamma ilmii Booranaa

Tokko gubbaa jiruu

Daanguma keetii citee

Qabeenya ormaa hin taane.

Magaala jaalatamtuu

Fiixee gaafa Afirkaa

Inaaffaa tanteetiif

Diinii sirraatti iyyaa

Tanaaf gurra hin laatin

Dadhabuu lakkisaa

Haalii nutti hammaatus

Finnii nutti yaratusi

Caamuqii fi Madheera

Lafa Gootowwani
Lubbuu wareeganii

Dhiigaan dabarsani

Nu dhalootii qubee

Tolaan namaa hin dhiifnu

Haarsaa barbaachisu

Hunda ni kaffallaa.

Qeerroon abdii sabaa

Lafa teenna tiffachuuf

Harka wal qabannaa

Bishaan bu'anittiin(bu'anitiin)

Qabbana hin dheetani

Mooyyalee gamii lachuu

Yokaani nuuf cittii

Yokaani cinnee bannaa

Malee hin rarraatuu

Niitii takkattii

Dhiirsa lamaa hin taatuu.

Ani waadaa siif gala

Lubbuun tiyya baanaan


Isii wal hanqatee

Dhalootaatti dhaamadhaa

Lubbuun too jiraannaani

Cichee sii falmadha

Lubbuun dhugaaf doote

Waan jirtu fakkaattii

Gootota siif du'an

Biyyeen Ka sablattuu

Karaa nuu saaqanii

Iddoo dhugaa jirtu

Nuttii akeekanii

Dhugaa baddee dhibeef

Lubbuu wareeganii

Ani dhugaatti abdadhaa

Guyyaa waaqii jedhee

Misoomtee mullattee

Mooyyale gubbaa martaa.

Lafa Gootii lubbuu gurguree daangaa nuu ballisee, Yaraan garaaf gurguree daangaa keenna
dhiphise.

Caamsaa 8, 2010 Yunversitii Arba Mincii, Abaya compus.


22. Nageellee Booranaa
Maqaan keetuu ragaa

Akka ati ta Boorana (Booranaa)

Teessoo Akaakuu kiyyaa

Quttuma Raabaa fi Gadaa

Ardaa yaa'a Booranaa

Ani falmuuf hin jennee

Nageellee Boorana

Dhugaan ta Booranaa.

Moottummaa Wayyaaneetti

Dhugaa jirtu micciiree

Nu ilmaan Abbaa tokkoo

Wal nu nyaachisuuf

Maqaa ke jijjiiree

Ati uumamaan teennaa

Dhugaa himee du'aa

Yoo uumaa hin taane

Nama maqaa ke jijjiiree

Nattuu sitti hin dhiifnee.


“Loon olla keennaa

Hundii isaan keennaa (isaanii)

Keessumaatti immoo

Ka moonaa teennaa keennaani”(?)

Malaa naani hin baanee(naan)

Naan duraattuu jirtii

Yaa ilmaan namootaa

Dhugaa hin ukkaamsinaa

Haqa hin jallisinaa

Seerii Nama dhiisuullee

Seenaan Nama hin dhiisuu.

Handhuraan rifeensa

Funyaan keessaa jedhanii

Kana ittiin mammaakan

Handhuraan Abbaa malee

Abbeeraa akka hin qamnee

Kana ittiin barsiisan

Hardha maanti dhufeef?

Nageellee Booranaa

Jechuun seeda taatee


Maqaa Kee jijjiiran?

Nageellee Booranaa

Barii dhufee darbuu

Tokko homaan sii hin dhufnee (walqixxummaa)

Wayyaanee eegalee

Hanga haftee jaraatti

Nu sobuu ni beekuu

Waggaa soddomaa oli

Sobamuun ga'eera

Hanga obsaa obsinee

Nageellee Booranaa

Namuu kadhaa hin qamnuu

Cichinee falmannaa.

Ijjoolleen sabboo goonaa (ijoollee)

Seenaa hin xureessinuu

Silaa barii faallaa

Dhugaa dhossaa muranii

Dhugaa jirtuu dubbannaan

Silaa lubbuu du'ani


Gurra du’uu biraatii

Lubbuu du’u nuuf wayyaa

Rakkoo Nageellee teenna

Shira hamaa kee jiraa(?)

Ka Yartuu wareeggate

Ka Gantuu wa’eelfatee

Adiin gurraacha jedhu.

Tarsiimoo Wayyaanee

Shiraaf nurraa baafte (nurraatti)

Nurraa diriirsanii (nurraatti)

Afaaniin nu sobaa

Nu si jira jedhanii

Waan Nageellee kaafnaan

Qaroo farajanii

Qeerroo rashananii

Gadaa sosobanii (sossobanii)

Janna takaalanii

Dureessa saamanii

Nu bittineessani

Nageellee booranaa(Booranaa)
Seenaa jallisanii

Boorana hanqisan.

Nageellee dhabuu hin qamnuu

Ka'ee iyyanna dabarsaa

Deemee Jaatootti ani himaa

Jaatan Aliitti himaa (Jaatanii)

Halakee Guyyootti iyyaa

Guyyoo Abbaa Saaraatti iyyaa

Gobbaa Allaa sii iyyaa

Dootii deebii dhabduullee

Jarrilleen ka dhaga'uu

Waan ati keessa jirtuu.

Nageellee Booranaaa

Hamaan si walga'ee

Akka ati hin guddanne

Lafa si maxxansee

Warra keessaa si baase

Ollaa si maxassee

Dirra kankee daarsee


Qullaa si hambisee

Warra keessaa si baasee

Raasaa si lakkisee.

Dhaala nu dabsanii

Handhuraa mursanii

Nageellee Booranaa

Ollaaf agaansanii

Dhaltii nu guusanii

Ilmee agaabsanii(agabsani)

Adoo hirmaanaa fiidduu

Dallaa itti jaaranii

Nageellee Booranaa

Dirree hanqisani

Ollaa maxassan. (?)

Gootota Qawween dhamnee

Qaroo shiraa dhamnee

Dureessa saamaan dhamnee

Dhugaa baraan dhamnee

Nama Lafaaf dhamnee


Lafa dabaan dhamnee

Lafa lafaa angafaa

Nageellee Booranaa

Dabaa cubbuun dhamne.

Akka dhiiteetti hin hiftuu (hin haftu)

Yoo bariyuu geettuu

Dukkantii injabaattii

Abdii hin kutatini(kutatiini)

Guyyaan dhufaa jiraa

Godina Boorana bahaa

Nageellee Booranaa

Gaafii ati jedhamtu.

Wayyaneen Nageelle Booranaa maqaa ka jijjiirteef jaalalaaf adoo hin taanee, lafee lafeen cabsuu
yaaddeeti, garuu cabxuu lafeen cabxii malee, badduu lubbuun baddi malee, Nageellee Booranaa
maqaan hin jijjiiramu.

Onkololeessa 10, 2012 Yaaballoo Guyyaa Gumii Gaayoo 71 eessoon teettee booda.
23. Roomi Lamaffaa
Moggaasii maqaa keetii

Hiikaa qabeessaadha

Ardaa Yaa bala’aa (Yaabal'aa)

Teessoo Raabaa Gadaa

Gaddisa Gumii Gaayoo

Mandhee qaroo fi jabaa

Galaana beektotaa.

Handhura Booranaa

Taatee adoo jirtuu

Maanyaa muruqoollee

Alaatti hin darbattuu

Hundaa ni simattaa

Dandeettuu waan maraa

Madda nagaa fi jaalalaa

Haadha Saba fi Sablammii

Hammattuu Saba hundaa

2nd roomi siin jedhaa

Warrii faranjootaa

Hardhas siif dharrawa.


Riqicha Ito-Keenyaa

Harka Wal qabsiiftu

Xoopiyaa fi Keenyaa

Fuula Wal barsiiftu

Quttumaan bareeddee

Haalii teessuma teetii

Nama dinqisiisaa

Gaarreeniin marfamtee

Karraa fuloo qabdaa

Misoomaatti sii malee

Yaaballoo marroo qabda.

Waaqaa yaruu hin qabduu

Tissaatti si yarateef

Dirrii kankee daaree

Adoo qabduu dhabdee

Biraa qullaatti haftee

Garaan ke beela'ee

Biraatii hagabdee

Qayeeni te ceekoftee
Dhabduu siin jedhan

Adoo dhaltee qabduu

Ko'eettii fakkaattee.

Burqaa bonaa gannaa

Haadha jannaa jabaa

Ati badhaasaa maltee

Baraa fallaa ta’eef(faallaa)

Waan si male dhabdee

Atin qullaatti haftee.

Ta kalee dabartee

Obsaan bira dabrii

Jiruun olii gadii

Waan tokko irra hin teettuu

Ta hardhaa ni garraa

Waan sii goonu dhamnuullee

Ba’aa dudda keetii

Ciniinnadhii obsii

Diina kee marii dhossii

Boriif nu eegadhuu
Nuu dhaloota qubee

Qeerroo fi Qarree qabdaa

Abdii hin kutatinii

Garaa laafeetti too

Akkanaatti hin haftuu

Fuula ke durii ifaa

Dhaltee lafa qabdaa.

Akka duttuun si hin nyaattuu sareen, Akka si marsiteen si hin saamtu gadheeni!

Ammajii 21, 2011 Yaaballoo, Dhakhaa Qakhee.


24. Odaa diimaa
Moggaasa maqaa odaa (Odaa)

Duraani eentuu beeka

Oromoota malee

Baraatti dubbii fidee

Dubbiitti faalla ta'ee (faallaa)

Ibiddaatti dhaamotee

Bishaanti dheebotee

Sangaatti lakkuu dhalee

Dhugaatti iddoo dhabee

Tanaaf odaan diimaan

Falmii keessa galee

Bariitee fi dhiitee

Namii qulqullichii

Sirraatti lubbuu dhabee

Akka dhugaan baddee

Lubbuun baddi malee

Nama Odaa diima tuqeetti (Diimaa)

Nagaan achii hin gallee.

Cicheetiin siif falmaa


Oofee sirraa galchaa

Hidhadhee siif lolaa

Miciiree siif qoraa(?)

Iyyee sii falmadhaa

Dhugaa qamnaa ni moonaa

Tanaaf shakkii hin qamnu.

Hangafa Lafa teenna maraa

Lalabduu Aadaa fi duudhaa

Burqaa Gootota qaqaalii

Galaana jannaa fi jabaa

Lubbuu qaalii siif dhabde

Gootowwan Booranaa

Abduuba Abdii Odaa

Shoobaa Gabaaboo Jiloo

Soraa Dheeraa Godaanaa

Salleessa kulannaa Boruu

Boruu Jorree Dabbasaa

Booree Biiqqolee Areeroo

Bonayyaa Diida Bakkaayyee

Kiyyaa Godaanaa Dabbasaa


Raacha Dabbasaa Jiloo

Shukuu Waaqoo Diimaa

Muddaa Halkanoo Liiban

Diqqaa Culluu Halakee

Hardhasi siif du'aa jirti

Gootowwan Abbaa Liiban.

Jal-qaba guutuu Abbaa Liiban

Liibee lafaa hangafaa

Qayee Liibaan Waataa

Teessoo Diidoo Gaawwale

Liibee teenna tiffachuuf

Qeerroon abdi sabaa

Harka wal qabannaa

Mirgaa keennaaf falmannaa.

Handhuraa Saba kiyyaa

Teessoo Abutturootaa

Kaleessa keessa na bulchi

Jedhaan nu kadhatanii

Hardha duraanuu tiyyaa


Jedhaniii falmatanii

Tana nama hin haaladhuu

Arjumaa teenna malee. (?)

Lafa seena qabeetti(seenaa)

Ta akka Oddoo luuqii

Galaana marootii kaasee

Dhadachaa Taabdootaa

Dhadachaa warra abbii

Oddoo Doolaa fiiltuu

Uudatii fi malkaa gubaa

Waan dubbadhuu hin qabuu

Nuttii sii wallaalee

Ormaatii si jifee.

Yaa Liiban fi Dirree

Nyaaphaan addaan baanus

Nu yaadaan wal biraa

Yoomuu addaan hin baanuu

Nu foon fi dhiigaa

Quba wal qabaannaa


Tokkummaa cimsannaa

Gaddaa fi gammachuullee

Walumaan qoodannaa

Dhiphuu fi ballinnaalleeni

Lammiitti lammiif dursaa

Harka wal qabannaa

Ilmaan Ayyaa tiyyaa.

Lafa dhabuun haadha dhabuu caalatti Nama miiti.

Bittotteessa 23, 2012 Areeroo, Magaala Alloonaa.


25. Baranaa fi Bara durii
Bara duri beekaa qamnaa

Beekaa gosa dura deemu

Ka akka Jaatoo Alii

Bara duri diqqaa qamnaa

Diqqaa guddaa kabajuu

Ergaa Jaarsaa fudhatee

Gara hojiitti jijjiiru.

Bara duri janna qamnaa

Janna sabaa lolu

Ka akka Abduuba Naqataa

Tokkocha teessoon dhaltee

Acaa Halakee Waaqoo

Gooticha Bulee Kuluu

Liiban Dabbasichaa

Bara duri qaroo qamnaa

Qaroo dubbii qoru

Ka akka Liiban Waataa

Gaafa durii Hayyuu qamnaa

Ka akka Halakee Guyyoo


Bara sun Wal dhageennaa

Aadaa fi Dhugaan bullaa.

Bara duri gaaddisa qamnaa

Gaaddisa Gumii Gaayoo

Gumii surichoo layee

Gaaddisa Gumii eeldalloo

Gumii siphira balali

Gaaddisa malaa marii

Bara sun dhossaa qamna

Dhossaa garaa warraa

Bara duri obsa qamnaa

Obsa abdii bori

Bara sun gorsaa qamnaa

Gorsaa gosa balloo

Ka akka Dabbasaa Guyyoo

Tanaaf walii gallaa.

Hardha barii hammaatee

Hundaa wal haasisee

Firummaan wal qoodee


Gosaani addaan bahee

Ila walti diimessee

Diinee walti nyaaphee

Dhalumaan wal jibbee

Hadhee wal balleesse

Warra keessaa wal baase

Jireenna wal jibbee

Dhiiga waliitiif dheebotee

Iddee wal qeefatee

Foon waliitiif dharra'ee

Qalatee wal nyaatee

Lolee wali ajjeese

Mirgaa wal hedatee

Rarragee wal qalee

Dhaadee wal dibatee

Kubdha walti qalee (Kubdha??)

Ragaa wal godhatee.

Barii nutti hammaatee

Beekaa wallaalchanii

Qaroo dodoomsanii
Hayyuu farajanii

Guddaa hin kabajani

Yaamanii arrabsani

Diqqaa hin guddisani

Lafaatti sadhabsani.

Dubbiin faalla taatee

Gowwaa nurraa faarsu

Gadhee leellisani

Gantuu harka dhaanuu

Saamtuu jajjabeessuu

Hattuu oli fuudhani

Adda duree jedhani

Addababahi irraatti

Ija uummataa duraatti

Badhaasaaf dhi'eessu.

Beekaa ijaan gussuu

Galma wali ga'ii keessaa (walga'ii)

Ofi irraa fageessu

Hayyuu sabii qabuu


Hattuu nutti fakkeessu

Quba itti qabanii

Nama qulqullicha

Maqaa isaa xureessu.

Maan barii akkanaa?

Barii gochaa fi maqaan

Isaa wal hin ginnee

Barii gaargaltichii

Hammeennaani guutame

Barii dhugaa balleesse

Adii gurrachesse.

Abbaan Loon agabee

Tisseen Loon quufee

Sangaan doogamsuu cehee

Korma moonaa baasee

Fardii dhaanee dhaqee

Harreen garmaamtee

Gaangeeni dorrobdee

Foolannootaan baddee
Barbaada gaafattee

Aanani Loon gurgurree

Ka Gaangee bitannee.

Ibiddii dhaamotee

Bishaan qanqaamate

Gara deemnuu wallallee

Adoo ija qamnuu

Agartaani nu dhibdee

Adoo gurra qamnuu

Dhageetti nu dhubdee.(dhibdee)

Gadii galoon bannee

Nutti hin callisin

Waaqa ati irree qabdaa

Guyyaa dhalootaatiif

Guyyaan du'aa teennaa

Nurraa walti duudee.

Seenaan seeraaniti kana jijjiiramuuf yokaan haaronfamuuf.

Caamsaa 13, 2013 Yaaballoo, projektii.


26. Boorana
Guutuu Abbaa Liiban

Warra Liibani Dirree

Ka Nageellee Booranaa

Warra saakuu waasoo

Ka Xoopiyaa keenyaa

Hangafa Oromootaa

Burqaa sirna Gadaa

Madda diimokraasii

Saba safuun bulu.

Argama Bineensotaa

Horsiiftuu beelladootaa

Sadiin Aanaan miyyaani

Re’ee, Gaalaa fi Looni

Kottee duudaa keessaa

Gaangee, Harree fi Fardaa

Kana hundumaa qabdaa.

Badhaatuu qabeenya uumamaa

Booqee, Baddaa sadeen


Tulaa saglaan keetii

Goofa, Layee, Weebi

Waaccillee, Irdari, Iigoo

Gaayoo, Aanolee, Dhaasi

Burqaa Bonaa fi Gannaa

Qabeenna addaa qabda.

Arjoomtuu waan maraa

Bishaan gaafatamnaani

Aanani namaa laattaa

Gocha arjummaa tana

Adduunyaan tuni martuu

Adaa sirraa bartee

Maqaa itti mogaaftee (moggaaftee)

Tola ooltummaa jettee

Hardha itti nu yaamte.

Maanti sirraa hanqate?

Gama karaa waaqaatiin

Hunda guutattee jirtaa

Lafatoo, lafeetoo
Lammii koo, sanyiikoo!

Hardha maan sitti hanqannaan

Adoo qabduu dhabdee

Biraatii hiyyoomtee

Adoo beettuu wallaltee

Biraatii gowwoomtee

Duraatti deemuun hafee

Duubatti deebitee

Iddoo sii hin mallee teette.

Sababii kana maali?

Maaltuu kana nu fidee?

Habaarsa qabnaa laataa?

Nu eebbisuu malee

Habaareetuu hin beennuu

Nu bal'inna malee

Rakkanneetuu hin beennuu.

Maal kun barii akkanaa?

Kana mogolee nu laaffisee


Kana jaalala nurraa fuudhee

Jibba nutti uffise.

Barii jallataan kun

Dhugaa dhabamsiisee

Cubbuu nu dubbisee

Wali irraatti nu kaasee

Addaan nu fageesse

Jabaa keenna laafisee

Qaroo keenna gowwoomse

Duubaatti nu deebisee

Oli ka'uu nu dhowwee

Jilbaan nu deemsise.

Kun barii bara akkam?

Kana waan garaa malee

Waan gurraa nu deesise

Kana akka Saree hammaattee

Waliitti nu ceesise.

Jabaan adamsamee
Beekaan qadhabsamee

Guddaan harrabsamee

Diqqaan qancarfamee

Sooressii mittamee

Qaroon jibbamee

Hundaatti wal qixateef

Guutuun Abbaa Liibee

Haga duri hanqatee

Waan maleef dhabee

Walti gadi dachahee.

Eee Aabboo Waaqa!

Tanaadha rakkoon teenna

Ta keessako gubdee

Irriiba na dhoortee

Ta namoota irraa

Kophaati na qooddee

Adoo nyaadhee dhuguu

Dirra na huqqifte

Kophaa na gungumsee

Ofiin na haasofsee.
Dacheen Abbaa Gadaa

Haasaakoo dhageessee

Laftii Boorantichaa

Ofiitti na yaamtee

Dura wa na gaafattee

Booda wa natti dhaamatte;

Akkana naani jettee (naan)

Gaafii na gaafattee

Ijoolle ilmaani koo(ijoollee ilmaan)

Adoo dhalee qabuu

Maaf na ceekesitan?

Adoo burqaa qabuu

Maaf na dheebessitan?

Narraatti yarattani

Maaf na eebessitan?

Kafanii naaf hin mallee?

Maaf na hin uuffiftan?

Yaa gurbaa ga'eessa


Atis maaf gungumta?

Lallabdee hin dubbattu?

Dubbii keessa keetii

Diidaatti hin baafattu?

Lubbuu sodaa jettee

Maaf ofi ukkaamsita?

Silaa dootii hin ooltuu

Narraatti awwaalamtaa.

Deemii naa kullisii

Diqqaa fi Guddaatti

Dhalaa fi kormaatti

Gadaa fi Seeraatti

Qeerroo fi Qarree hundaatti

Ni gartaa dhibee koo

Haaladhee hapadhee

Dhalaa hirriyyaa tiyyaa

Hundaayyuu hanqadhee

Daaraa hin dubbadhuu

Garaachayyuu hin bulu…


Deega Looniin sobani

Jiruun ani keessa jiru

Kalee argadhee jennaan

Hardha dhabdeetti jiraa

Maaloo me natti himaa?

Waan balleessee jira?

Warra keenna gudda kallee

Mishoo gadiin anumaa

Eentuu akka kiyya jira?

Cuftummaan naa oli.

Ani nama dhaleenii

Alloo daaraa dhaltee

Haadha Jaatoo dhalteetti

Deebisee isan dhale

Natti haaloo hin guunneef

Anin Jaatoo nyaadhee

Isan waan garaa malee

Waan gurraa deetanii

Narraa wal nyaattan?


Ta dabartee dabartee

Ta dhuftuu waliin eegnaa

Waan anin seeradhuu

Uffata qaraa dhabee

Qaama kiyya namii hin tuqiin

Mooyyalee fi Caamuqii

Nageellee gama Liiban

Tulaa Goofaa layee

Garaan na dhindhissaa

Jabeessaa na tissaa.

Nuttuu haadhaa fi ilmee

Tanaaf isan gorsaa

Wali hadhuu kana dhiisaa

Hamaatti isan koblaa

Beekaa gula bulaa

Wallaala gorfadhaa

Morkii wa balleessa

Wali danda’aa obsaa

Dhibee teenna tanaaf

Tokkummaa qorichaa.
Wantii Foon ofii nyaataa Waraabeessa qofa turte duraan.

Sadaasaa 17, 2010 Arba Mincii Si'ichaa Mana Immuu, Yeroo Booranii gosaan wal hadhaa ture
sun.
27. Jaarsa argaa dhageettii
Yaa goota koo

Goota gaafa xiiqii

Beekaa Guyyaa koraa

Qaroo guyyaa qoraa

Arjaa gaafa tolaa...

Hayyuu Saba guddaa

Abbaa Nama hundaa

Falmataa akka Qeerroo

Jajjabaa akka feerroo..

Gorsaa akka haadhaa

Lallabaa qoonqoo faayaa

Ittanaa akka Leencaa

Marraasaa akka Arbaa

Wa himaa akka raagaa..

Duraa deemaa saba guddaa

Gula deemaa daandii dhugaa

Morkataa gaafa xiiqii


Onnataa gaafa lolaa

Mammamaakaa gaafa qoraa.

Aabba Dabbasaa Guyyoo

Adoo sabaaf martuu

Nyaaphii maree si fudhee (fuudhe)

Naarobbii keenyaa keessaa

Sii irreechaa galtu

Adoo sabaaf fiidduu

Faana tantee lafa dhamnee... (lafaa)

Na badee dhiigaakoo (natti bade)

Adoo sabaaf dhiidduu

Copha dhiiga keeti dhamnee(keetii)

Ati meeti? Mormaakoo

Adoo nuuf mormituu

Jiruun te mormaa seente...

Ofii dahoo nuu taatee

Adoo sitti hirkannuu

Ija teenna duraa daatte


Si fuudhee finni dabaa

Madhaa maatii te irraa...

Si butee finnii jaraa

Boorana guutuu irraa

Si cabsee finnii cubbuu

Oromootaa duraa

Si dahee warrii baduu

Ija uummataa duraa.. .

Jaarsa jabaa biyyaa

Jabaa akka dhakaachaa

Si dhabaa takkaa hin seenee

Haga ofi biraa si dhabee

Oromoon sabii kankee

Guyyaa tokkoof si hin deene...

Barbaada keetii maraa

Quphanee takkaa hin teenne

Barbaadadhee si hin garree

Barbaadatti haftoo qaba


Dootee si hin awwalannee

Ani eessa galee rafa?

Iddoo ati keessa gortee

Dalayaatti qawa nu qaba

Lafaatti afaan nuu banaa

Si dhabee nu malatee

Hamaani quba nu qaba.

Badiin te tasa taate

Ani toohadhee si hin dhamne

Dootii te mama taatee

Awwaala ke fula hin garree

Dootee jiraattu hin beennuu

Nu buna ke hin dhawanne.

Lubbuun Aadaa dootii

Lubbuu akkanaan baate

Ta Dabasaa Guyyoo fi

Nadhii Gammadaa malee

Ani duraani takkaa hin garree.


Barbaaddduun ala jirtii(barbaadduun)

Haga ammaa nutti hin gallee

Labsannee awwalannaatti

Reefa kankee fula hin garree

Haga hardhaa boo'a jirraa

Imimmaani nurraa hin gonne.

Du'ee jibbaadhaa jedhee

Nama nu jajjabeesullee

Haga ammaa tokko hin garree

Aabba Dabbasaa Guyyoo

Dootii akkanaa tuni

Badii silaa sii hin malle.

Haaloo te jedhee duulee

Gumaa kankee si hin baafne

Siif jedhee namaan lolee

Takkaa namuu hin dhaanne

Ajjeechaa teetin shakkee

Namuu seeraani hin yaamne


Galmee Goototaa daree

Siidaa tokko siif hin dhaamne.

Akkamiin sirraa hafa?

Maan jedhee sirraa hafa?

Maan argee sirraa hafa?

Maanti obsee sirraa hafa?

Ummurii kiyya guutuu(umrii)

Ani boo'aa jiraadha.

Boo'a calleessa hin qamnee

Ani iyyaa jiraadha

Iyyanna reebuu hin qamne

Maan jedhee ofi jabeessa?

Badii barbaadaa hin qamnee

Badiin ati baddee

Du'a awwaala hin qamnee

Dootii ati doote.

Akka lakkofsa Faranjiitti(lakkoofsa)

Bara kuma lamaa fi kudha shanii


Gaafa ji'a sagalaffaa

Birraa diddamii torbaa

Guyyaan dukkanaahee

Halkanii nutti fakkaate

Gaaddisaatti nutti onee

Onaatti nu malate

Sabaatti Hayyuu dhabee

Gara deemu wallallee

Burjaajahee hafee.

Waan taanu wallallee

Boo'a qofa irraatti hafnee

Yoo doote nagaani boqodhuu

Hayyuu seenaani yaadatu

Jaarsa argaa fi dhageettii

Ka sabii hundii jaalatu

Aabba Dabbasaa Guyyoo!

Isani dhalootii qubee

Wa isanti dhaamadhaa

Lubbuu dootii hin ooltuu


Ta Gootaa miliqaa

Sidii nurraa fudhee

Waan goonu dhamnuullee

Siidaa ha dhaamnuuf

Aabba Dabbasaa Guyyoo

Gootummaa isaa himnee

Dhalootaa ha dhaalchimnuu.

Dootii dansaani hin jirtuu, Yoo jiraatte ta Nama seenaa gaarii qabuu qofa.

Waxabajjii 3, 2013 Yaballoo, Guyyaa jala bultii eebba Yunversiitii Booranaa.

Dubbisuu keessaniif Galatoomaa!!

Harkaa fayyaa argadhi Waaqolee akka kitaaba kee jalqabaatti akka dansaa barreessite.

Duuba mee waa kakkana ilaali

1. Qubee

2. Seera walaloo hunda gutatanii barreessuun rakkisaa ta'ullee garuu kanneen akka
walqixxummaa sararaafi wal unata sagalee kun murteessaadha.

3. Ergaa isaa: maan dhaamuu barbaade? Dubbisaan koo eennuudha kan jedhu laaluunis
barbaachiisaadha.

4. Irra deddeebii jechootaa, yaada walaloo tokko keessa jiru haga dandeettuun walaloo
biraa keessaa hanqisuu.

5. Walqabannaa yokaan walta'iinsa yaadaa akka keeyyataattiif bo'oottis lallaamu qaba.

Walgitiinsa yaadaas....
Kan jechuun koo kitaaboonni walaloo maxxanfamaa jiran rakkowwaan kan hin
qabduu miti. Warroottaan waloo gurguddoo ta'aniyyuu seeraa hunda hun guutatan.

Ammoo akka atin waan fooyyeefi boonsaa qabattee gad baatu fedha. Waloo akka Jaal
Jaarsoo Waaqoo Qooxoo walaloo kee amma irratti kan hafuu osoo hin taanee waan
duraanaa nu mudatu kan tilmaamu ta'uu qaba. Akeekii kee kan isaaniin wal fakkaata
waan ta'eef siin jedhe. Xiiqeeffataa akka Jaatanii Alii hedduu si dinqisiiffadha. Dhiiddoo
ati sabaa qabdu na dinqa. Waan Booranaa yokaan Godina kanaa nama barreessee hin
garre qabatii kee dansaadha. Ati yaa jalqabde immoo akka dansaa dhukkubsiitee
barreessuutu hafa. Akka jalqabaatti gaariidha. Jabaadhu. Yoo naaf mijate osoo wal
arginee haasofne dansaadha. Nama lamaan tokko taanee yaada wal jijjiiraa osoo haasofne
jedha.

You might also like