You are on page 1of 33

Piroojaktii

Industiraalaayzeeshinii
Baadiyyaa
Guraandhala, 2015
Qabiyyee
Seensa
Boqonnaa Tokkoffaa – Industirii
Baadiyyaa
• Hiikoo IB
• Amaloota IB
• Faayidaa IB
• Muuxannoo Biyyoota Addunyaa
Qabiyyee…….
Boqonnaa Lammaffaa – Piroojaktii IB
• Barbaachisummaa PIB
• Kaayyoo PIB
• Galmoota Gurguddoo PIB
• Daangaa Hojii PIB
• Hojiilee Hojjataman
• Tooftaalee Raawwii
• Gosoota Industirii PIB
• Qaamolee Qooda Fudhattoota fi Gahee Hojii Isaanii
• Gurmaa’iinsa Garee Hojii PIB
• Fookaal Parsanoota fi Gahee Hojii Isaanii
Boqonnaa Tokkoffaa
Industirii Baadiyyaa
1. Industiraalaayzeeshinii
Baadiyyaa
Maalummaa IB (Definition of RI)
Hiikoon maalummaa ID’n baadiyyaa maloota adda addaatiin
ibsamuu ni danda’a. Industiriiwwan sadarkaa xixiqqaa fi
giddugaleessa argamni isaanii magaalota gurguddoo hin taane
fi baadiyyaa bu’uura taasifatan akkasumas, irra jireessaan
galtee naannawaa fayyadaman industirii baadiyyaa jedhamanii
waamamu.
Amaloota industirii baadiyyaa,
• Maddi Galtee isaanii irra jireessaan baadiyyaa fi
naannawaa baadiyyaa ni ta’a,
• Irra jireessaan teekinolojiiwwan sasalphoo fi
maashinoota biyya keessaa fayyadamu
• Kaappitaala xiqqaan ni hundaa’u
• Beekkumsa naannawaatti argamuun hogganamuu ni
danda’u
Industiraalaayzeeshinii Baadiyyaa
Faayidaalee Industirii Baadiyyaa
• Qonna ni ammayyeessuu,
• Sharafa alaa ni argamsiisu,
• Qaala’iinsa gabaa ni tasgabbeessuu,
• Jiruuf jireenya hawaasa baadiyyaa ni
ammayyeesssu akkasumas, hawaasa aadaa
hojii gaarii qabu ni uumu,
• Industiriiwwan gurguddoof galtee ni
dhiheessu,
• Madda galii mootummaa ta’uun diinagdee
ni utubu,
• Magaalonni xixiqqoon akka guddatan ni
Industiraalaayzeeshinii Baadiyyaa……
Faayidaalee Industirii Baadiyyaa
• Qoodinsi diinagdee haqa qabeessi akka jiraatu
ni taasisuu,
• Goodansa hawaasa baadiyyaa gara magaalaatti
godhamu ni hir’isu,
• Hawaasni baadiyyaa qabeenya qabu irratti
hundaa’uun gara badhaadhinaatti akka ce’u ni
taasisuu,
• Qaawwaan diinagdee daldala al-ergee fi alaa-galoo
gidduu jiru akka xiqqaatu ni taasisa,
Gosoota Industirii Baadiyyaa
1. Industirii Agiroo-piroosasiingii (Nyaataa fi Dhugaatii)
 Qindeessa dammaa fi gagaa
 Oomisha daakuu Boqqoolloo fi qamadii
 Oomisha istarchii moosee fi kaasaavaa
 Oomisha paastaa, mokoronii fi buskutaa
 Qindeessa shaayee
 Oomisha dhugaatii lallaafaa
 Oomisha bu’aalee bosonaa (Mukaa)
 Oomisha zayita nyaataa (Avokaadoo)
 Qindeessa fuduraa fi kuduraa (Processing and
Preservation)
 Qindeessa nyaataa horii
 Oomisha xaa’oo uumamaa fi kanneen biroo
Gosoota………
2. Industirii Oomisha Galteewwan Qonnaa
 Oomisha paampiiwwanii
 Oomisha meeshaalee qonnaa fooyya’oo
 Oomisha gaagura ammayyaawaa (Both modern and
intermediate beehives)
 Oomisha meeshaalee qindeessa dammaa fi gagaa
 Oomisha meeshaalee midhaan sassaabanii fi
dhahanii (Manualy powered harvesting equipments)
 Oomisha teekinolojiiwwan sassaabbii humna
qilleensaa (Wind energy collecting)
 Oomisha meeshaalee qindeessa fuduraa fi muduraa
 Fi kanneen biroo
Gosoota………….
3. Industirii Biroo
 Oomisha saamunaa fi diitarjantii
 Oomisha bu’aalee pilaastikaa
 Oomisha dibataalee fuulaa fi rifeensaa
 Oomisha mismaara
 Oomisha PP bag
 Oomisha dungoo
 Oomisha bu’aalee waraqaa
 Oomisha huccuu fi bu’aalee gogaa
Industiriiwwan Dursi Kennamuuf
Duraa duubni hundeeffama industiriiwwanii haalota qabatamoo ijoo
ta’an sadii irratti bu’uura taasifachuun kan hojiirra oolu ta’a.
1. Poteenshaala fi carraa baadiyyaaleen qaban
2. Tarsiimoo industirii Itiyoophiyaa fi naannoo keenyaa
3. Karoora addaa misoomsitoonni qopheeffatan
Industiriin agroo-piroosasiingii damee industirii dursi kennamuuf
akka ta’e tarsiimoon industirii biyya keenyaa ni akeeka.
Naannawaan baadiyyaa damee diinagdee qonnaa irratti kan
hundaa’e fi industiriiwwan agroopiroosasiingiitiif galtee ta’uun isaa
akka carraa isa jalqabaa waan ta’eef akkasumas qonna bifa aadaatiin
hoogganamaa jiru kan ammayyeessu fi gatii bu’aalee qonnaa
dabaluun fayyadamummaan hawaasa baadiyyaa akka dabalu waan
taasisuuf industirii agroopiroosasiingiitiif dursi kennamee kan
hojjatamu ta’a.
Industiriiwwan Dursi Kennamuuf……
Industiriiwwan damee industirii agroopiroosasiingii
waliin wal deeggaran fi wal sooran, jechuunis walitti
hidhamiinsa olee fi dalgee (Horizontal and vertical
integration) uumuudhaan galteewwan oomishaa
kanneen akka haguuggiiwwan oomishaa dhiheessan fi
meeshaalee oomishaa dhiheessan ammoo sadarkaa
lammaffaa irratti dursi kennameefii akka
hundeeffaman ni taasifama.
Kanneen biroo ammoo, industiriiwwan meeshaalee
ijaarsaa fi meeshaalee dhumatoo hawaasni baadiyyaa
guyyaa guyyaa itti fayyadamu ammoo sadarkaa itti
aanutti dursi akka kennamuuf karoorri qabamee jira.
Muuxannoo Biyyoota
Adduunyaa
• Case of India
• Case of China
BOQONNAA
LAMMAFFAA
PIROOJAKTII
INDUSTIRII BAADIYYAA
Barbaachisummaa Piroojaktii
Industiraalaayzeeshinii Baadiyyaa
Diinagdeen Godina/naannoo akkasumas biyya keenyaa
waggoottan dheeraaf damee qonnaa irratti kan hirkataa ta’ee
tureera ammas, utubaa cimaa ta’ee itti fufee jira. Baroottan
dhufanittis ol’aantummaan diinagdee keenya akka utubu ni
eegama. Gama biraatiin ammoo, uummanni keenya
dhibbeentaa 85 ol jireenyi isaa baadiyyaa ta’uu fi lakkoofsi
uummataa saffisa guddaan dabalaa akka jiru ni beekama.
Dameen qonnaa kophaa isaatti uummata lakkoofsi saffisaan
guddataa jiruuf carraa hojii uumee, wabii jireenyaa ta’uu hin
danda’u. Kanaaf, dameen industirii fi tajaajilaa naannoo
baadiyyaatti akka babal’atan gochuun lammiileen hojii akka
argatan, godaansa hawaasni baadiyyaa gara magaalotaatti
taasisuu akka hir’atu fi hiyyummaa xiqqeessuuf
naannawaan baadiyyaa industiriiwwaniin walitti madaqaa
Kaayyoo PIB

Kaayyoon piroojaktii misooma industirii baadiyyaa,


industiriiwwan naannawaa baadiyyaa GIABtti akka
babal’atan taasisuudhaan, jiruuf jireenyi hawaasa
baadiyyaa akka fooyya’u fi gara ammayyummaatti
akka ce’u, hojii dhabdummaan akka hir’atu,
akkasumas maddi galii mootummaa akka bal’atu
taasisuudha.
Galmoota Gurguddoo PIB
Galma 1: Industiriiwwan baadiyyaa 100 akka
hundeeffaman taasisuu.

Galma 2 : Hawaasa baadiyyaa 25,000’f Carraan Hojii


dhaabbii akka uumamu taasisuu.

Galma 3 : Oomisha Waliigala Biyyoolessaa (GDP)


dhibbeentaa 2.5’niin dabaluu, qooda industirii
maanufaakchariingii
dhibbeentaa 12.6 irraa gara 15.1 ’tti guddisuu.
Daangaa PIB
PIB baadiyyaa Oromiyaa jechuunis, aanaalee
irratti qofa kan xiyyeeffatu ta’a.
PIB marsaa jalqabaa kun waggoottan shanan as
adeemaniif bara 2015 hanga 2019’tti kan
hojiirra oolu ta’a.
PIB damee industirii maanufaakchariingii qofa
irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
PIB industiriiwwan sadarkaa xixiqqaa fi akka
barbaachisummaa isaatti kanneen giddugaleessa
ta’en irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Hojiilee Hojjataman Bara 2015
• Poteenshaala baadiyyaa GIAB bu’uura taasisuun
dameewwan hojii sadarkaa industiriitiin hojjatamu
danda’aniif piroofaayiloonni piroojaktii ni qophaa’u,
• Piroofaayiloota qopheeffaman irratti hojiin piroomooshinii
fi beeksisaa ni hojjatama,
• Misoomsitoonni piroojaktii industirii baadiyyaa irratti
hirmaatan ni filamu,
• Dhiheessiin lafa invastiamantii bifa adda ta’een ni mijata,
• Dhiheessiin faayinaansii fi liqii haala adda ta’een ni
mijata,
• Bu’uuraaleen misoomaa karoora adda ta’een ni guutamu,
Tooftaalee Raawwii
• Gareen piroojaktii industirii baadiyyaa dameewwan sadarkaa
biirootti argaman hundarraa walitti dhufe akka gurmaa’u ni ta’a,
• Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teekinolojii Adaamaa piroofaayiloota
piroojaktiiwwanii akka qopheessu ni taasifama,
• Piroofaayiloota qophaa’an bu’uura taasisuun hojiin piroomooshinii
fi beeksisaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti bifa fooramii,
sosochii fi miidiyaalee hawaasaatiin akka hojjatamu ni ta’a,
• Waldaaleen gamtaa naannoo Keenya keessatti argaman hundi yoo
xiqqaate industirii baadiyyaa tokko akka hundeessan ni taasifama,
• Qonnaan bultoonni adda duree ta’an dhuunfaadhaan ykn
gurmiidhaan industirii baadiyyaa akka hundeessan ni taasifama,
• IMX’leen ce’an akkaataa hojii hojjataa jiraniitiin ykn akkaataa
karoora qabaniin industirii baadiyyaa akka hundeessan ni taasifama,
Tooftaalee Raawwii
• Qonnaan bultoota hayyama invastimantii fudhatan irratti
xiyyeeffannoo kennanii hojjachuun misooma industirii baadiyyaa
keessatti akka hirmaatan ni taasifama.
• Lafti invastimantii misooma industirii baadiyyaa, bal’inni isaa
hanga kaaree meetira 2,500 ta’e misoomsitootaaf akka dhihaatu ni
ta’a,
– Boordiin invastimantii, Biiroon/Waajjiri Invastimantii fi
Industirii fi Biiroon/Waajjiri Lafa
Oromiyaa/Godina/Magaalaa/Aanaa haala adda ta’een lafti
invastimantii piroojaktii industirii baadiyyaatiif akka qophaa’u
ni taasisu,
• Haalota dhiheessii faayinaansii fi bu’uuraalee misoomaatiin wal
qabatan ilaalchisee dhaabbilee sadarkaa sadarkaan jiran waliin
karoorri qindoominaa ni qophaa’a. Raawwiin karoora
qindoominaas hoggansa ol’aanootiin yeroo yeroon ni
gamaggamama.
– Dhaabbata dhiheessii humna ibsaa Oromiyaa/Godina
Gosoota Industirii PIB
Gosoonni hojii industirii ulaagaalee barbaachisoo ta’an
giddu gala taasisuun kan filataman yoo ta’u, ulaagaaleen
muraasni armaan gaditti ibsamanii jiru.
• Dameewwan hojii diinadgee naannoo/Godina keenyaa
irratti jijjiirama bu’uura ni fidu jedhaman,
•Dameewwan hojii sharafa biyya alaa argamsiisuu
danda’an,
•Dameewwan hojii carraa hojii bal’aa uumuu danda’an,
•Dameewwan hojii oomishaalee biyya alaatii galan bakka
buusuu danda’an,
•Dameewwan hojii irra jireessaan galtee biyya keessaa
fayyadaman,
Gosoota………
•Dameewwan hojii bu’aalee qonnaa irratti soona dabaluu
danda’an,
•Dameewwan hojii ce’uumsa teekinolojii fidu danda’an,
•Dameewwan hojii adeemsa oomishaa fi teekinolojii
sasalphoo fayyadaman,
•Dameewwan hojii bu’a qabeessa ta’an,
•Dameewwan hojii gabaa keessatti hir’ina dhiheessii qaban,
•Dameewwan hojii hawaasa bal’aa gara badhaadhinaatti
ceesisuu ni danda’u jedhamanii yaadaman fi ulaagaalee wal
fakkaatoo biroo bu’uura godhachuun dameewwan hojii
filatamanii jiru.
QAAMOLEE QOODA
FUDHATTOOTA
Hojiirra oolmaa piroojaktii misooma industirii
baadiyyaa karoorfame keessatti hirmaannaan
qaamolee qooda fudhattootaa murteessaadha.
Hojiileen qindoomina seekataraalee biro
barbaadan akkaataa karoora waloo
qophaa’uutiin raawwatamaa kan deeman
ta’ee, akka barbaachisummaa isaatti qaamolee
qooda fudhattoota sadarkaa feederaalaatti
argaman waliinis akkaataan karoora
qindoominaatiin hojjachuun danda’amu irratti
Qaamolee Qooda Fudhattoota….
1. Abbaa Taayitaa Misooma
Intarpiraayizootaa Itoophiyaa
2. Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa
3. Ministeera Industirii Fi Dhaabbilee Itti
Waamamtootaa
4. Ministeera Daldala Fi Walitti Hidhamiinsa
Qaxanaa/godina
5. Chamber of Commerce
6. Biiroo Waldaa Hojii Gamtaa
Qaamolee Qooda Fudhattoota….
8. Biiroo Qonnaa Oromiyaa/GIAB
9. Biiroo Lafaa Oromiyaa/GIAB
10. Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa/GIAB
11. Biiroo Hawaasummaa Oromiyaa/GIAB
12. Dhaabbata Dhiheessii Humna Ibsaa Oromiyaa/D/GIAB
13. Dhaabbata Dhiheessii Meeshaalee Kaappitaalaa
Oromiyaa/GIAB
14. Baankii Siinqee
15. Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa
16. Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa/GIAB
GURMAA’IINSA GAREE
HOJII PIB
Piroojaktiin industirii baadiyyaa sadarkaa wixinee
yaadaa jalqaba ture irraa kaasee hanga baajatni
barbaachisu ramadamutti, akkasumas sadarkaa
amma irratti argamu dabalatee abbummaan
raawwataa fi hordofaa kan ture daayrektoreetii
misooma industirii maanufaakchariingiiti. Haa ta’u
malee, bal’ina hojii fi barbaachisummaa
dameewwan hojii biro irraan kan ka’e, humna
namaa dabalamee gurmaa’iinsi cimaan hojiilee
raawwatu, caasaa gadii deeggaru fi hordofu
uumamuun barbaachisaa ta’a. Haaluma kanaan,
GAREE SADARKAA BIIROO
1. Boontuu Tashoomaa-----------------W/Q
2. Lammaa (Simannaa)------------------Iddoo Hojii
3. Siyyum Moosisaa------------------Dhimmoota
Piroomooshinii fi Faayinaansii
4. Yaareed Taaddasaa----------------Dhimmoota
Teekinolojii fi Teekinikaa
5. Bazzaabbih Isheetuu-------------Dhimmoota
Teekinolojii fi Teekinikaa
6. Azeeb Makuraa--------------------Gabaa Al-ergee
7. Abdii Tasammaa-------------------Galteewwan
Oomishaa
8. Maqdas Hailu-----------------------Ijaarsa Dandeettii
Gurmaa’iinsa Kilaastarootaa

Galma gahiinsa karoora PIB’tiif akka


gargaaru, godinaalee keenya kilaastaroota
sadiin akka gurmaa’an taasisuun, ogeessonni
naannoo itti dhiheenyaan hordoffii fi
deeggarsa akka taasisan karoorfame jira.
Kilaastara Kibba Lixaa (Jimma)
Kilaastara Giddu galeessaa fi Bahaa
(Adaamaa)
Kilaastara Kibbaa (Shaashamannee)
Gurmaa’iinsa Sadarkaa Godinaa fi Aanaa

PIB baadiyyaa yeroodhaaf sadarkaa garee


piroojaktiin haa gurmaa’u malee, gara waajjira
piroojaktiitti ol guddatee akka gurmaa’u
wixineen karooraa qophaa’ee jira.
Bara 2015’tti sadarkaa godinaalee fi aanaaleetti
fookaal parsanootaan kan hordofamu ta’a.
Haaluma kanaan, PIB sadarkaa godinaatti nama
tokko akkasumas sadarkaa aanaatti fookaal
parsanii tokkoon kan hordofamu ta’a.
Fookaal Parsanoota fi Gahee Hojii Isaanii
 Karoora PIB sadarkaa naannoo/Godinatti qophaa’e
ka’uumsa godhachuun akkaataa godinaa/magaalaa fi
aanaa isaaniitiin ni karoorfatu.
Hojiirra oolmaa karoora PIB ol’aantummaan ni
raawwatu, ni hordofu, qaama sadarkaa sadarkaan jiruuf
ni gabaasu.
Carraalee fi poteenshaalota sadarkaa godinaa/magaalaa
fi aanaatti argamu ilaalchisee ragaalee ni sassaabu, ni
qindeessu, qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsu.
Haala argama industiriiwwan baadiyyaa ilaalchisee
ragaa ni sassaabu, ni qindeessu, qaama dhimmi ilaaluuf
ni dabarsu.
Fookaal Parsanoota…………
Qaamolee hojii PIB walqabatan hojjachuuf
bobba’an hundaaf haala hojii ni mijeessu, ragaalee
fi odeeffannoo ni kennu.
Misoomsitoota IB hundeessuu ni danda’u
jedhaman adda ni baafatu, missoma IB keessatti
akka hirmaatanis hojii hubannoo uumuu fi
odeeffaannoo kennuu ni hojjatu.
Akka barbaachisummaa isaatti kallattiiwwan hojii
kennaman bu’uura taasisuun hojiilee ni raawwatu.

You might also like