You are on page 1of 67

SEENSA

Akka Naannoo Oromiyaatti Immaamata fi Tarsiimoo Misooma Qonnaa fi Baadiyaa bahe hojii irra olchuun
guddina diinagdee ariifachisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf sochii taasifamaa jiru keessatti sanyii
filatamaa omishtummaa guddisuu dhiyeessuun qonnaan bultoota itti fayyadamaa godhuun baayyee
barbaachisaa dha.

Kaayyoo kana galmaan gahuuf qaama hojii sanyii filatamaa baay’inaan omishee, qopheessee dhiyeessuun
gahee taphatu hundeessuun barbaachiisaa ta’ee waan argameef labsii. Lakk. 108/2000n Mootummaan
Naannoo Oromiyaa ISFO hundeesseera.

Erga hundeefamee eegalee intarpiraayiziin sanyii filatamaa gosa midhaan fi akaakuu sanyii adda addaa haala
xinqeesaan, baayina, qulqullina fi yeroo maamilli barbaaduuti dhiyeessuuf hojii sanyii baayisuu fi
qopheessuu keessa galee hojjechaa jira. .
…. ITTI FUFE
 Haa ta’uu malee yeroo ammaa barbaachiisummaan fedhii qulqullina fi yeroon dhiyeessii sanyii
filatamaa haala malee waan dabalaa dhufeef, dorgoomitootinnii naannoo fi biyya keessa jiran filannoo
fi baayinnaa dhiyeessii babalisaa waan dhufaniif akkasumas haallii fedhii maamilaa yeroo gara
yeerootti haala tilmaamuu hin dandeenneen jijjiramaa waan deemaa waan jiruuf fi Mootummaanis
Karoora Guddinaa fi Traanniformishiin milkeessuuf itti fayyadama sanyii filatamaaf bakka guddaa
kennee waan jiruuf adeemsa baayisa, qopheessa fi dhiyeessaa sanyii fi teeknolojii kanaan dura tureen
fedhii guddaa fi amala adda addaa qabaatee dhiyaachaa jiru deebisuun ulifaataa dha.
 Yaada kanneen bu’uurefachuun adeemsicha sakkata’anii ilaaluun fedhii maamila guutuu rakkoo
maamillii qabuu hiikuu fi gaaffii isaa haalaa mija’aa ta’een deebisuun KGT milkeessuu irraatti
xiyyeeffachuun adeemsa hojii, baasii xiqqeessu, qulqullinna mirkaneessuu fi oomishitummaa guddisuu
diriirsuun barbaachiisaa ta’eera.

 Kanaaf immoo kenninsa tajaajila dhiyeessii sanyii fi teeknolojii sanyiin wal-qabate jiru haala maamillii
barbaadeen si’a’inaan, yeroon, qulqulinaan fi gatii dorgomaa ta\een dhiyeessuu adeemsa haraa
diriirsuuf qorannoon JBAH adeemsisuun barbaachisaa ta’ee argameera
KAAYYOO QORANNOO (OBJECTIVE)
ISFOn
 Ergama sanyii filatamaa oomishuu, qopheessuu fi raabsuu;
 Teknolojii sanyiin wal-qabatan burqisiisuun faayidaa irra
oolchuu gahumsaan ba’uuf
 Maamiloota fi qooda fudhatoota bira humna guutuu fi bu’a
qabeessummaa mirkanneessuun dhaqqabuuf
 Kenna tajaajilaa maamila giddu galleessaa tasifate dirrirsuuf
adeemsa hojii haraa uumuun barbaachise.
DAANGAA QORANNOO (SCOPE)
 Adeemsii hojii haraawaan kun fedhii/gaffii/rakkoo maamilaa sanyii
filatamaan walqabatani gidu galleessa gochuun
 Akaakuu sanyii filatamaa adda addaa sadarka hadhoo, bu’uura duraa
fi bu’uuraa giddu-galleessa qorannoo qonnaa biyya keessa jiraan irraa
fudhuun baay’isee qopheessuun gurguruu
 Haala barbaachiiseen biyya alaatii galchuun madaqisee, baay’isee
qopheessuun sanyii mirkanna’ee maamilaa fi itti fayyadamtoota
sanyiif kallattiin gurguruu
 Akkasumaas hojiiwwan hanga itti quufinsa maamilaa
mirkanneefachuuf hojjetaman hunda qabata.
TOOFTAA QORANNOO(METHODOLOGY)
 Fedhii maamiltoota fi qooda fudhattootaa hubachuun irratti xiyyeeffachuu
 Carraalee kaayyoo hiixataa galmaan ga’uuf gargaaran karaa hundaan
xinxaluun
 Waa’ee qorannoo JBAH ilaalchisee kitaboolee fi manowalota adda addaa
xinxaluu fi akka galteetti fayyadamuu
 Hojii koree JBAHtiin hojjeetame qaama manajimeentiif dhiyeessuun yaada
dhiyaate akka cicataatti (input) fayyadamuun kkf
 Dhaabbilee hojii wal-fakkaatu irratti hirmaatanii JBAH adeemsisan irraa
muxxaanno gaarii fudhachuun
 Yaadota koree JBAH dhiyaatan gadi fageenyaan xinxaluun yaada
waliigalaa walitti fiduun
HANQINAALEE (LIMITATIONS)
 Haala qabatamaa hojii intarpiraayiziichaa irra kan ka’ee kanaan dura
hojiin tokkoo yeroo fi baasii inni fudhatu ifaan galma’ee ta’uu dhabuu
 Yaa’insa hojii ijaarame keessaatti adeemsi hojii baayisaa, qophii fi
gurgurtaa sanyii uumamaan yeroo dheeraa kan fudhatuu waan ta’eef
maamila deebii atattamaa barbaaduuf deebii kennuuf rakkisaa ta’uu
danda’a.
 Bu’aa qabeessuummaa fi walitti dhufeenya Adeemsa hojii Ijoo fi
deegarsaa gidduu jiru kan hin agarsiifne ta’uu
 Kutannoo qaama hundaa kan gaafatu ta’uu.
BU’AA QORANNOO KANA IRRAA EEGAMU (EXPECTED
OUTCOME)
Adeemsaalee hojii haarawaa:
 Maamilaaf dursa kennan,

 Qaama raawwatuuf salphaa ta’an,

 Yeroo gabaabaa keessaatti baasii xiqqaadhaan hojii baay’ee fi qulqullina qabu


hojjechisuu danda’anii fi
 Itti quufinsa maamilaa mirkanneessanii intarpiraaziichaas ta’ee hojjettoota isaa
bu’aa qabeessa gochuu danda’an bocuu/diriirsuu
Adeemsi/Yaa’insi hojii hanga ammaa jiru
dhimmoota eeraman kana hangam guuta?
JIREENYA RISAA (GARA BARBAADETTI BALALI’UU)
NYAATA BARAADDACHUU
JIREENYA RISAA (MANA IJAARRACHUU FI ILAMAAN
NYAACHISUU)
JIREENYA RISAA (EAGLE)….
ADEEMSA HOJII HAARAA UUMUUF
(‘REENGINEER’GOCHUUF) MAAL-MAALTU
ILAALAME?

1.1 Maamila adeemisota hojiitiin adda baafachuu (who is process customer?)


1.2 Maamilli bu’aa adeemsoota hojii irraa maal eega/barbaada (omisha/tajaajila
maammiillii bu’aa olaanaa itti argatuu)?
1.3 Bu’aan dhuma irratti adeemsota hojii irraa eegamu maali dha?
1.4 Adeemsota hanga ammaa jiraniin maaliif fedhii maamilaa guutamuu dhabe ykn
rakkoon adeemsotaa maal ture?
1.5. Maamilli keenya kallattumaan qonnaan bulaa/horsiisee bulaa jechuu
dandeenyaa? kan jedhamanii fi kkf ilaaluun,xiinxaluun fi hubannoo waliigalaa
uumuun gara yaadamoo duranii (old assumption) caccabsuu fi adeemsa haaraa
uumuutti adeemameera.
YAA’INSA HOJII UUMAMAA SANYII BAAYISUU HANGA MAAMILA BIRA GAHUTTI JIRU

Maamiloota Adeemsa Hojii kanaa


 Qonnaan bulaa/horsiisee bulaa gurmaa’an ( Waldaa, yuuniyeenii ykn
feedereeshinii)
 Q/Bulaa/horsiisee bulaa dhuunfaa qonna xixxiqqaa irratti hirmaatan (Warreen
dhuunfaan socho’an)
 Abbootii qabeenyaa qonna babal’aa irratti bobba’an (Investor farmers).

 Maamiloonnii asii olitti taa’an qaamota kallattiin sanyii keenya fayyadamanii fi


omishinnii keenya ykn tajaajilli keenyaa bu’aa eegan argamsiisuuf yoo baatee
komii kan dhiyeessani dha.
 Maamiloonni lakkofsa 1ffaa fi 2ffaa jala jiran %90 ol qabatu.

 Adeemsi hojii kun fedhii maamiltoota sanyii dhiyaatuu bal’inaan fayyadaman


giddu galeessa godhatee xiyyeeffannaa guddaan diriiree jira
1.

BU’AALEE DHUMA IRRATTI (EXPECTED OUTCOMES) MAAMILOOTAA FI QOODA FUDHATOOTAAN EEGGAMAN

Maamilli sanyii keenya irraa maal barbaada?(Customer’s requirement at out put


level)
Gaaffii sanyii argachuuf dhiyeessee yeroo gabaabaa keessatti argachuu (guyyaa facaasaa
dura torbaan lama)
Qulqullina (dhaloota, biqilaa fi bifaan) barbaaduun argachuu. Kun qulqulina dhalootaa
omishtummaan wal-qabata.
Bakka barbaadutti (Lafa qonnaa isaa irraa fageenyaa kiloometra 10 gadi) fi haala
xinqeessaatiin argachuu (sanyii qileensa naannoo isaatiin wali-simu). Yaani bu’uraa
fedhii maamilaa haala quubsaa ta’een deebisuudhaaf adeemsichi hojii kun sanyii baayisuu
, qopha’uu fi gurgurtaa raawwachuu bakka walitti dhiheenya qabu ta’ee akkasumas bakki
maamilli sanyii fudhatee itti oomishulee kan dhiheenyatti argamu ta’uu qaba.
Gatii dorgomaa fi humna maamillii bittaaf qabu fi bu’aa bahii hambisu yaada keessa
galchee kan qophaahee dhihaate barbaada.
……ITTI FUFEE
 Akaakuu barbaaduun argachuu:-jechuun sanyii filatamaa omishtummaa guddaa
kennu kan xinqeesaatti kan madaqu, dhibee fi ilbiisota damdamatu dhiheessuudha.
 Gorsa ogummaa (Technical advice) itti fayadama sanyii fi galtee sanyii wajin
walqabatee kan jiru cimsee bu’aa sanyii irraa argamu akka guddatu barbaada
 Tajaajila sanyii qulquleessuu fi qotiinsaa haala saffina, gatii dorgomaa ta’ee fi
qulqulina qabuun argachuu barbaada.
2.2.Bu’aa dhumaa argamu (outcome)
 Itti fayadamni sanyii ni dabala

 Oomishtumaan maamilaa fi waliigala biyyattii ni dabala

 Maamili keenya qabeenya ni horata

 Maamilli keenya nuwaliin tura

 ISFOn maqaa gaarii ni horata(good oraganizational image)

 Bu’aa qabeessummaa fi itti fufinsa ISFO ni mirkanaaha


YAADAMOOWWAAN MOOFAA HAMBISUU FI HAARAWWAA BURQISIISUUU
Akkuma beekamu adeemsa hojii moofaa keessaa bahamee adeemsa haarawaa bocuutti seenuuf:
 Rakkinaalee adeemsicha duraa keessa jiran tokkoon tokkoon isaanii gadifageenyaan xiinxalanii
adda baasuun
 Rakkoolee adda bahaniif seerota, dambiiwwan fi barmaatilee sababaa ta’an ykn gumaachan
gadii fageenyaan qoratanuun adda baasuu
 Yaadamoo seeroota/barmaatilee kanneeniif bu’uura ta’an hubachuun ka’umsa isaanii waliin
wal-qabsiisuun
 Yaadamoo durii ykn moofaa yeroo itti uumame sanati haallii fi teeknolojiin yeroo sana jiru kan
yeroo ammaa wajjiin tokko ta’uu dhiisuu danda’a.

Yaadamoo durii beekuun cinattii haallii yeroo yaadamich itti uumame maal akka ta’e
gadifageenyaan beekuun sababa quubsaa yaadamoo durii itti cabuu mijeessuuf ni gargaara.
Haala kanaan yaadamoo moofaan erga hubatamee booda teknolojii yeroo amma jiruu fi
fuldurattii dhufuu danda’uu fi sadarka akkaataa fedhii maamilaa beekuun deebii yeroon
barbaadu kennuuf haala dandeessisuu jijjiruun dirqama ta’a.
… ITTI FUFEE
Yaadamoowwan adeemsa hojii moofaaf bu’ura ta’an dhugaa fi soba ta’uu isaanii
beekuun, kan itti fufuu fi cabuu qaban adda baasanii hubachuun dhimma
xiyyeeffanna guddaa gaafatuu dha. Erga yaadamoowan moofaa ta’an cabanii
booda yaadamoowan haaraa kan seerota haaraa baasuuf gargaaran hojii adeemsa
haaraatiif bu’uura ta’an burqisiisuun baayee murteessa dha.

Yaadamoon haaroftii adeemsa haaraa kan teeknolojii hammayyaa ta’e


fayyadamee bu’aa maamilaa ol’aanaa galmeessuu danda’u diriirsuuf mala tokko
dha.

Kanaafuu, gabatee asii gaditti dhiyaate keessatti rakkoowwan adeemsa durii,


seerota fi barmaatileen rakkoowaniin wal-qabatan, yaadamoowwan durii fi
yaadamoo haaraan bakka isaanii bu’an dhihaatanii jiru.
ADEEMSA HOJII DURAA (AS-IS) KEESSATTI RAKKOOWWAN MUL’ATAN, SEEROTA, DAMBII FI
BARMAATILEE RAKKOO KANAAF GUMAACHAN, YAADAMOO ADEEMSA DURAANII (OLD
ASSUMPTIONS),YAADAMOO ADEEMSA DURAANII HAMBISUU( FALSIFYING THE OLD ASSUMPTIONS) FI
YAADAMOO HAARAA ADEEMSA HAARAWWAA (NEW ASSUMPTIONS
Rakkoowwan mul’atan seerota, dambii fi yaadamoo adeemsa duraanii yaadamoo adeemsa yaadamoo
barmaatilee rakkoo (Old assumptions) duraanii hambisuu adeemsa
kanaaf gumaachan (Falsifying the Old haarawwaa (New
assumptions) assumptions)

Fedhii/gaafii/rakkoon  Fedhiin karaa biiroo  Rakkoof deebii kennuun ykn  Fedhii maamilaa malee Rakkoo/ fedhii
dhihaatu yeroo isaa kan qonnaa tiin qofa hubatanii ka’uun bu’uura hojii oomisha dhiyeessuun maamilaa dursanii
hin eeganne,haalawwan sasaabamee kammiyyuu ta’uu hubachuu daandii itti deeman beekuun bu’ura
jiran gidugaleessa kan dhihaachuu qaba dhabuu wallaaluu dha. hojii keenyaa
hin godhannee fi ibsa jedhanii eegachuu  Walitii dhufeenyi tajaajila kenna  Fedhii walii beekuun ta’uu qaba
gahaa kan hin qabne  Gaheen keenya fi fudhataa gidduu jiru kan amala tajaajila gaarii kennuuf
ta’uu oomishanii fi fedhii isaanii wal-barsiisu miti bu’uura
dhiheessuu qofa  Hojimaanni ture tajaajila/  Ragaan bu’ura
jedhanii fudhachuu oomisha fudhataaf odeeffannootti
xiyyeefannaan kennameef laafaa
ta’uu
 Qabinsaa fi itti- fayyadama ragaa
maamilaan wal-qabate jirachuu
dhabuu
….ITTI FUFE
 Sanyii gosaa fi akaakuu  Barmaatilee raabsaan  Sanyiin oomishame  Fedhii ofii irraati  Gostii fi akkaakuun
adda addaa, baayi’na, sanyii karaa yuuneenii fi hunduu maamila biratti hunda’ani oomishuun Sanyii oomishamuu
qulqullina fi yeroon waldaalee qofa ta’uu fudhatama qaba jedhanii fedhii maamila hin fedhii maamilaa kan
iddoo barbaadamutti isaa yaaduu.. deebisu. bu’ureefate ta’uu qaba
dhiheessuu dadhabuu  Barmaatileen fedhiin  Hojiimaatni ture  Sanyii maamilaaf bu’aa  Hojiin raawwatamu kan
ykn maamilaa qaama tajaajiila/ oomisha buusuu qofatu maamilaaf bu’aa fidu
 Raabsaan sanyii hammi birootiin dhihaatu qofa fudhataa irratii omishamuu qaba ta’uu qaba
qophaahe yeroon eegachuu fi xiyeeffannaan kennamef  Sanyii maamilaan
raawwachuu dhabuu sassaabamuu isaa laafaa ta’u barbaadamuu omishuun
 Sirni jiru fedhii  Hojii gahumsaan itti fufiinsa omishaatiif
maamilaa adda baasuun raawwachuu qofa fedhii murteessaadha
beekuu fi fedhii sun maamilaa deebisa  Tajaajilaa fayyadamaa
guutamuu mirkaneessuu jedhanii yaduu. irratti xiyyeeffate
kan hin deeggare ta’uu kennuun
isaa barbaachisaadha.
 Dub-deebii maamilaa  Hojiin raawwatamu
funaanuu aadaa kamuu kan bu’aa
godhachuun jiraachuu bu’ureefate ta’uu qaba
dhibuu
…ITTI FUFE
Sanyii oomishuu, Hojiin kamiyyuu bakka  Baay’ina oomishaa  Hojii qoqqooduu fi Tartiibni hojii yaa’insa
calleessuun, geejibuu fi isaa fi tartiiba isaa eegee argamee beekuu fi wal itti dabarsuun itti uumamaa eegatee nama
qopheessuu al-tokkoo fi raawwachuu qaba kan walitti dabarsuun gaafatamummaa bakka ykn garee adeemsa hojii
bakka tokkotti akkasumas jedhu waan jiruuf barbaachisaadha dhabsiisa, yeroo fi keessa jiruun calqabaa
wal-cinaa raawwachuu jedhanii yaaduu qabeenya akka hanga dhumaatti wal cinaa
dhabuu  Hojii itti aanuuf qophii qisaasamu taasisa. raawwachuu qaba
gochuu  Adeemsa hojii sanyii Hojiiwwaan wal-fakkatanii
barbaachisaadha baayisuu, qopheessuu fi ogeesaa/garee tokkoon
jedhanii yaaduu fi dhiyeessuu wali- hojeechuu danda’amu
 Calleessuuf haala cinaa gaggeessuun ni bakka tokkootti
mijeessuu jedhanii danda’ama rawwachuun baasii
yaaduu  Hojii bakka tokkotti xiqeesuu fi yeroo
 Hojiin qoqqoodamee fiduun jalqabaa hanga gabaabisuun maamilaaf
akkaataa oggummaa dhumaa beekuun bu’aa guddaa akka buusu
isaatiin yoo raawwate dhuma irratti akka gochuu
qulquluu, dogongora xiyyeefatamu fi
irraa bilisaa fi bu’aa dogongorri akka
qabeessa jedhanii hir’atu godha
yaaduu
…ITTI FUFE
Sanyii oomishuu fi Hojiin oggummaa Tokkoon tokkoon hojii  Hojii wal fakkatu Tartiibni hojii yaa’insa
qopheessuun qaama adda giddugaleessa godhatee oggeessa adda addaa ogummaadhaan bakka uumamaa eegatee nama
addaatiin raawwatamuun caasseffamuu barbaada jedhanii yaaduu adda addaati qooduun ykn garee adeemsa hojii
(Specialization) yeroo (Each task needs specialist kaayyoon waliigalaa keessa jiruun calqabaa
dheeraa akka fudhatu to do the work) xiyyeeffanaa akka hanga dhumaatti wal cinaa
taasiseera Hojiin oggummaan dhabu taasisuudhaan raawwachuu qaba
bittinaahuun itti wal-eeguu dagaagsa
gaafatamummaa dabarsa  Hojiin hundi
jedhanii yaaduu ogummaa addaa hin
barbaadu
 Hojiin adeenmsa hojii
tokko jela jiru bakkee
adda addatti
bibitana’un itti
gaafatamuumma
balleessee,
xiyyeeffannaa hir’isa
…ITTI FUFE
 Bakki  Barmaatilee fi  Itti  Maamilaaf deebii  Maamilli tajaajila
odeeffannoo qajeelfamoota jiran gaafatamummaa sirriin tajaajila bakka tokkotti
jiruu fi adeemsi akka dabarsuu yeroo, bakkaa fi yeroo gabaabaa
iddoo dheeratan gochuu  Adeemsi yaa’insa haala gahumsa keessatti
gurgurtaan  Fedhii maamilaa hojii keessa jiru qabuun kennuudha. argachuu qaba
itti deebisuuf itti siriidha jedhanii  Odeeffannoo  Haala maamilli
raawwatu gafatamumaa yaaduu guutuu ta’e madda odeeffannoo
garagara fudhachuu irra wal-  Hoggansi tokko irraa bittaa itti argatu
ta’uu eeguun waan sadarkaa dhiheessuun bakka tokko
barameef sadarkaan jiran iftoomina, ta’uu qaba
dursanii beekuu amanammummaa
qabu kan jedhu fi itti
yaanni jiraachuu gaafatamummaa
isaa mirkaneessa
KAAYYOO DIRIIRAA YKN HIIXATAA (STRETCHED
OBJECTIVE)

Kaayyoo hiixataa jechuun haala Garaagarummaa fedhii fi dhiyeessii jiddu jiru


cufuuf qabeenya, humna maallaqaa fi dandeettii qabnu hunda cuunfanii itti
fayyadamuun rakkoo/fedhii/gaaffii maamila adeemsichaa bira gahuun deebii
kennuuf galma/safartuu taa’u dha.
Kana jechuun fedhii fi hawwiin maamiltootaa fi qooda fudhatoota adeemsa kanaa
ka’umsa/bu’ura kaayyoo hiixataatti

Yaadamoo haarawaa burqisiisuun mataan isaa fedhii maamila irrati kan


xiyyeeffate, hojiin akkataa ya’insa uumamaa isaatiin nama/garee tokkoon
jalqabaa hanga xumuraatti rawwachuu,
Gurgurtaa fi odeeffannoo sanyii bakka tokkooti argachuu
Tajaajila kallattiin maamilaaf kennuu fi kkf waan ta’eef ka’umsaa fi argamsisa
kayyoo hiixataa adeemsa kanaa bocuudhaaf itti fayadamneera.
….ITTI FUFEE

Kaayyoo hiixataa adeemsichaa diriirsuuf muuxannoo gaarii adeemsota walfakaatan


Manneen hojii kanneen akka Dhaabbata Sanyii Filatamaa Itoophiyaa fi Dhaabbata
Misooma Qonnaa Baalee irraa fudhachuun akka madda ragaatti dabalataan
fayadamneera.

Kana malees raawwii hojii muxxannoo gaarii mana keenyaa (ISFO) ilaalchisee kallati
qulqulinaan oomishaa sanyii gurgurtaaf dhiyaachaa ture keessaa % 90 giddu
galleessaan %92 irra jira, yeroon dhiyyeessuu ilaalchisee kanaan dura akka facaasaan
egaleen ture. Bakka barbaadamuutti dhiyeessuu ilaalchisee muxxannoon gariin jiru
kallatiidhaan aanaalee lama keessaati raabsuun maamilli tajaajila argatetti gammachuu
gudda qabaachuu mirkaneessuun bu’aa guddaan argameera.

Akka waliigalaatti kaayyoo hiixxataan adeemsa hojii kanaa kan qophaahe fedhii
maamilaa fi qooda fudhatootaa/dhimamtoota, yaadamoo moofaa cabanii haaraan bakka
bu’an, muxxannoo gaggaarii adeemsota wali-fakkaatanii bakka biraatti argamanii fi
waajira keenyaa bu’uurefachuu dhaan.
KAAYYOO HIIXATAA KAA’UUF FEDHII FI HAWWII MAAMILAA
FI DHIMMAMTOOTAA JIRU MADALUU FI TARTIIBEESSUU
Fedhiin maamilaa haala adda addaatiin garaagarummaa guddaa qaba. Kanaaf
maamila keenya akka tokkoon ilaaluun tajaajila sirrii ta’e kennuu irratti dhiibbaa
qaba.

Maamilaaf deebii quubsaa ta’e kennuuf amala maamila keenyaa adda baafnee
beekuun barbaachisaa dha.

Kana qofa osoo hin taanee fedhii adda bahe kana tartiibaan kaa’uun fedhiiwwan
murteessaa ta’an irratti xiyyeeffachuun akaataa barbaachisumaa isaattiin ykn
duraa duubaan maamilaaf deebiin kennama.

Kanaafuu, qorannoo kana keessatti yaadonnii fi fedhiin maamilaa gadi-


fageenyaan ilaalamee akaataa ulaagaalee asiigaditti taa’aniin tartiibaaan taa’anii
jiru.
YAADA KA’UMSAA QABXII FEDHII FI HAWWIIN ITTIIN MADALAMU

Kallatii (factors) ittiin madalamu


1. Fedhii fi hawwii irraa deedebi’ame ka’uu
2. Fedhii fi hawwii fedhii fi hawwii biroo argamsisuu
3. Fedhii fi hawwii dhimmamtootaan ka’uu
4. Fedhii fi hawwii argamee mana hojichaa itti fufsiisu

Qabxiin madallii kenamuuf 1-5 yoo ta’u


 4.5 - 5 jechuun :- daraan ol- aanaa

 3.5 – 4.4 jechuun:- ol aanaa

 2.5- 3.4 jechuun :- g/galeessa

 1.5 – 2.4 jechuun:- gad-aanaa

 1-1.4 jechuun:- Bay’ee gad-aanaa


…. ITTI FUFEE
Fedhii fi Fedhii fi Fedhii fi Fedhii fi hawwii Qabxii
Fedhii fi hawwii hawwii irra hawwii fedhii fi hawwii argamee mana G/Galeessaa
maamilaa dedeebi’ame hawwii biroo dhimmamtoota hojichaa itti
e ka’u argamsisu an ka’u fufsiisu
Qulqullina (physical 5 5 5 5 5
purity, Sadarkaa
Biqilaa fi genetical
purity)
Iddoo barbaadamutti 4.4 4.2 4.2 4 4.2
Baayina sanyii filatamaa 4 4.2 4.5 4.4 4.275
dhiyaachuu qabu
Yeroon itti sanyiin 5 5 5 5 5
dhiyaatu
Tajaajila gurgurtaan 4.2 4.4 3.8 4.8 4.3
sanyii fi tajajaajilaa itti
kennamu
Tooftaa qabxiin asi olitti madalamen miseensootin koree JBAH 5 bakka jiranitii qabxiin
Gatii dorgomaa ta’e 4.35 4.4 4.2 4.2 4.29
dhunfadhaankalatiiwwan ta’anif kenname giddu galeessaaf hirame kan ta’e ta’u isa.
IBSA GARAAGARUMMAA (GAP) FEDHII FI DHIYEESSII GIDDUU JIRU, BU’AA EEGAMU
(DESIRED OUTCOME) FI KAAYYOO DIRIIRAA (STRETCH OBJECTIVE)
Fedhii Sadarkaa ‘ISFO’n Garaagarum
Maamilaa/Qooda Maamilaa/Qooda amma irra jiru maa fedhii fi Bu’aa egamuu Kaayyoo hixataa (Stretch
fudhatoota fudhatoota dhiyeessii (desired outcome) objective)
gidduu jiru

 Q/bulaa ykn Sanyii yeroon Baay’ina sanyii  Itti fayadamni oomishaa kan bara 2003
H/bulaa, qulqullinaan, fayyadamtootaan %62 sanyii nI kun 67,000 fi kan bara
 Waajjiralee baay’inaan, gatii barbaadamanii mirkanaaha, 2004 Kun. 58,977
qonnaa sadarkaa madalawaan fi iddoo dhiyeessuu  Oomishtumaan waliigalatti kun. 125,977
adda addaa, barbaadamutti akka ilaalchisee %38 ni dabala, walakkeessaadhaan kun.
 Qonna babaldhaa dhiyaatu barbaadu  Maamili keenya 62,988 ture wagaa
Mootummaa fi Fedhii maamilaa %29 qabeenya ni wagaadhaan %33
dhuunfaa, guutamuu qabu horata, dabaluun; xumura bara
 Miti- Mootumma keessaa gosaan ykn  Maamili keenya sadan dhufanitti gara
 Maamilaa/Qooda akkaakuun %71 qofa nufaana tura, kun.148, 188
fudhattoota, kan dhiyaate ta’uu  Maqaa gaariin ni Oomishuudhaan
 Waldalee fi horatama(ISFOn dhiheessiin dachaadhaan
Fedhii maamilaa %15
yuuniyeenii ), akka dabalu taasisuudha.
keessaa yeroon %85
Q/bulaa  Itti fufinsi ISFO
qofa kan dhiyaate
ni mirkanaaha
ta’uu
 Q/bulaa ykn H/bulaa, Sanyii yeroon Waliigala sanyii Sanyii dhihaate Itti fayadamni  Waliigala sanyii
 Waajjiralee qonnaa qulqullinaan, oomishnee gurgurtaaf keessaa %90 sanyii ni oomishame keessaa yoo
mirkanaaha,
sadarkaa adda addaa, baay’inaan, gatii dhihaate keessaa %90 sadarkaan biqilaa xiqaate %90 sadarkaan
Oomishtumaa
 Qonna babaldhaa madalawaan fi sadarkaan biqilaa %85- %90 gadi, physical n ni dabala, Biqilli isaa% 90 oli ta’uu,
Mootummaa fi iddoo %90ti, physical purity purity %97 gadi fi Maamili sadarkaan physical purity
dhuunfaa, barbaadamutti % 97 genetical purity genetical purity %95 keenya % 98 oli fi genetical
 Miti- Mootumma akka dhiyaatu %95 kan dhiyaate ta’uu gadi ta’u isaa mul’isa qabeenya ni purity %96 oli akka ta’u
 Maamilaa/Qooda barbaadu isaa horata, hojetamuu qaba.Kunis
fudhattoota, Maamili dacha sagaliin( 9 times)
keenya
 Waldalee fi kan guddate ta’uu
nufaana tura,
yuuniyeenii Q/bulaa Maqaa agarsiisa.
gaariin ni
horatama(ISF
On),
Fedhii maamilaa Itti fufinsi  Waggoottan sadan
gatiin.Humna qonnaan ISFO ni dhufutti Fedhii maamilaa
bulaa gidugaleessa ta’ee mirkanaaha gutuuf osoo yeroon
kan Mootummaan facaasaa hin gahiin turban
murteessu ta’a lama dursinee
dhaqqabsiisuu ta’ee
akataa fedhiin dabalee
bakka buusaa deemuu
---ITTI FUFE
Maamilaa/Qooda Fedhii Sadarkaa Garaagarum Bu’aa egamuu Kaayyoo hixataa
fudhatoota Maamilaa ‘ISFO’n amma maa fedhii fi (desired (Stretch objective)
/Qooda irra jiru dhiyeessii outcome)
fudhatoot gidduu jiru
a
 Q/bulaa ykn Tataajila Guyyaa lama Guyyaa tokkoo  Maamila  Kanaan dura maamila
H/bulaa, si’aa’ina fi sa’a shanii tajaajila keessumsiisuuf guyyaa
 Waajjiralee qonnaa qabu nurraa argatee tokkoo hamga lamaatti kan
sadarkaa adda argachuu itti quufe fudhataa ture gara sa’atii
addaa,  Itti fufinsi lamaatti fooyyessuun
 Qonna babaldhaa maamilaa maamilli tajaajila saffisaa
Mootummaa fi argame akka argatu ni godhama.
dhunfaa, (Customer  Sa’aatii hojii qofa kan ture
 Miti- Mootumma retention) guyyaatti sa’a 12 fi
 Maamilaa/Qooda torbanitti guyyaa torba
fudhatoota, tajaajila kennuu
 Waldalee fi
yuuniyeenii
Q/bulaa
YAADA HAARAWWAA BURQISIISUU FI ADEEMSAA HOJII HAARAA DIRIIRSUU
Adeemsa hojiiwwan haarawwa diriirsuu fi yaada haarawwaa burqisiisuuf qabxiileewwan
armaan gadii akka qajeltoowwan fayyadamuun barbaachisaa waan ta’eef qorannoowan
kana keessatti haamatamaniiru
1. Hojiiwwan walfakkaatanii bakka adda addaatti hojjatamaa turan bakka tokkotti kan fide
ta’uu
2. Hojiiwwan haala bu’aa bu’uureffateen gurmmeessuu
3. Itti fayadamtootni sanyii sirna iddoo tokkotti tajaajila itti argatan diriirsuu
4. Adeemsota hojii gurguddaa jiran akkaataa yaa’insa uumama isaaniitiin yaa’uu akka
danda’an gochuu
5. Ragaan jalaa ol akka yaa’uu godhuu (maamila irra ka’uun)
6 Ragaan madda irraa yeroo tokko fudhachuudhaan ykn sassaabuudhaan itti fufinsaan
fayyadamuu
YAADA HAARAWWAA BURQISIISUU FI ADEEMSAA HOJII HAARAA DIRIIRSUU

Yaada haarawwaa burqisiisuuf fedhii fi hawwii maamilaa fi dhimmamtootaa,


kaayyoo hiixataa, yaadamoo caban (Broken assumption) fi qajeeltoowwan
jijiirama bu’ura adeemsa hojii gidugaleessa gochuun akka armaan gadiitti
dhihaateera

Yaada qabxii asii olitti dhiyaate irratti hunda’udhan yommu adeemsi harawaan
bocaamu dhimmonni armaan gadi lama xiyyeefannoo fi hubannoo barbaadu

1. Raabsa ykn gurgurtaa sanyii jechuun oomishni sanyii maamilaa bira gahee
kanfalitti itti raawwate jechuudha. Fedhiin kun adeemsa hojii ijoo tokkooffaa
keessatti guuttama.
…. ITTI FUFEE
2. Itti quufinsa maamilaa fi itti fayadama sanyii mirkaneessuu:-Sanyiin bitame
qonnaan bulaa/maamila birattii faca’ee kunuunsii barbaachisaa ta’e sadarkaa adda
addattii taasifamee fi omishinni gaarii maamilaaf aragmee bu’aa sanyiitti akka
gammaduu ykn quufuu mirkaneessuu dha.
Fedhiin kun adeemsa hojii lammaffaa keessatti guuttama.
Sanyii amallii adda isa godhu tokko akka tajaajila ykn meeshaa ykn omisha biraa
yeroo maamilaa fi tajaajila kennaan walqunnaman sanatti bu’aa isaa madaaluu
dadhabuu dha.
Bu’aan sanyii kan madaalamuu omisha tokko boodaa dha.
Kanaaf hanga maamillii sanyii bittaan harkaa isaa keessa galfatee facaasee omisha
gaarii irraa argatutti itti quufinsa maamilaa mirkaneessuun hin danda’amuu.
Yeroo sanyii fudhatamee fi yeroo bu’aan isaa argamu gidduu yeroo dheeraan waan
jiiruuf dhimmonnii adda addaa bu’aa eeggamu irratti dhiibbaa fiduu danda’u.
Yaada kana bu’uurefachuun hojii gurgurtaa booda maamila wajjin hojjetamu
haguma kan duraa ulfaataa fi barbaachisaa dha.
….ITTI FUFE
 Raabsa ykn gurgurtaa sanyii maamila bira gahee gurgurta kallattiin itti adeemame
keessatti yuuneenii fi waldaan maamila ta’uu danda’uu? Qaamoliin kun Maamila, qooda
fudhatoota ykn dorgomitootaa ta’uu ni danda’u.
 Sanyii kallattiin dhiyaate keessatti bakka bu’oota gurgurtaa (agro-dealers) maamila
keenya moo qaama keenya? Hojiin bakka bu’oota gurgurtaa (agro-dealer) gatii nu
dhiyeessinuun qonnaan bulaaf kan dhiyeessuu waan ta’eef qaamaa keenya ta’ee
komishiinnii gurgurtaa argachaa kan raawwatuu waan ta’eef akka qaamaa alaatti ilaaluun
hin danda’amu.

Haala raabsa sanyii keessatti;


 Fakkeenyaaf, qonnaan bulaa waldaa fi yuuneenii keessatti fayadamuu fi qonnaan bulaa
kallattiin “agro-dealer” irraa fayyadame isa kamitu baasiin isaa xiqqaata? ‘Agrodealers’
yeroo tokko qofa komishiinii kan argatu fi tajaajila gorsaa kennuuf ogummaa kan qabu
waan ta’eef baasii xiqqaan sanyii gurgurtaaf dhiyeessuu danda’a.
 Kamtu nuuf maamiladha jennee yaadna? Kan ‘agro-dealer’ fayyadamuu dha.
FILANNOOWWAN SANYII RABSUU KEESSATTI JIRAN (DISTRIBUTION ALTERNATIVES)
Raabsa sanyii karaa yuuneenii fi waldaa yoo ta’e rakkoowwan mul’atan
 Wal-harkaa fuudhinsi ni baayata (ISFO-Yuuneenii-Waldaa-qonnaan bulaa). Keessattuu yeeroon
eeggannaa (waiting time) baayyee guddaa ta’a. naannoo kaayyoo tokkootti qinda’uun ul-faataa
dha.
 Adeemsi wal-xaxaan ni baayata (baasiin fi haalli kennaa tajaajilaa garaagarummaa qabaata kana
malees deddeebiin, yeroon araarisaa ni baayata)
 Daldaalli sanyii seeraan alaa carraa ykn qaawwa argata (fakkeesanii dhiyeessuu, maqaa fi meeshaa
ISFO fayyadamuun).
 Rakkoon raabsaa fi baayisaa giddu jiru abbaa dhaba/itti gaafatamummaa mirkaneessuun ulfaataa
ta’a.
 fuuca duudhaalee raabsa sanyii gidduutti rakkoo uumamuuf itti gaafatamuummaa hin mirkaneessu

 Kalatiin maamili gorsa ogummaa qaama sanyii dhiheessuu hin argatu


…ITTI FUFEE

Raabsi sanyii kallattiin yoo ta’e hoo?


 Baasiin addaa dabalamuu: baasii geejibaa sanyii qulqulluu gara buufata gurgurtaa
sanyii geesuu, kiraa mana kuusaa fi komishiinii bakka bu’aa(‘agro dealers’) qofa ta’a
 Mana kuusaa yeroon qopheefachuu fi yeroo turmaata sanyii keessatti eeggumsa gaafata

 Sanyii mana kuusaa gaarii dhabuun badiif saaxilamuu, yeroo dhan yemmuu raabsamuu
baate gara mana kuusaa giddu galeessatti deebisuuf baasii dabalataa gaafata akasumas,
ilbiisotaan tuqamuu danda’a.
 Qaama hubannoo qonnaa fi wa’ee sanyii beekuu argachuu fi qopheessuu gaafata

 Haala xinqeessaa hunda keessatti hojjechuu gaafata

 Fedhii maamilaa qulqullinnaan dursanii beekuu fi yeroo yeroon mirkaneeffachaa


deemuu gaafata.
….ITTI FUFEE
Yoo qaamni amma fedhii sassaabee dhiyeessuu jiraachuu baate hoo?
 ISFOn dursee fedhii maamilaa itti dhiheenyaan qorachuu qaba
 Amala maamilaa dursanii adda baasanii beekuu gaafata

 Raabsa fi gurgurtaa kallatiin raawwachuu gaafata

 Humna, maamilatti ittiin dhihaatchuu dandeenyu bal’inaan gaafata

 Maamilaa wajjin walitti dhiyeenyaan hojjechuu gaafata.


OOMISHNI SANYII ADEEMSA HOJII KANA AKKAMIITTI MAAMILA BIRA
GAHEE ITTI FAYYADAMUMAA MIRKANEESSA?
A. Hojiiwan adeemsa hojii kana dhuma irratti hojjetamuu fi maamilaan wali-
qunnamu: Hojii gurgurtaa sanyii fi dubi-deebii dha.
 Gurgurtaa raawwachuu jechuun dhiyeenyattii walqunamtii maamila wajjiin
uumuu fi maamilli oomisha ykn tajaajila adeemsicha irraa eeggamu argatuu dha.
Yeroo kanatti maamilli dub-deebii bifa sanyii (physical purity) irraa ka’uun
kennuu danda’a: aruu bu’aa sanyii yeroo sanatti arguu waan hin dandeenyeef
dubi-deebii sirrii ta’e argachuuf facaasaa tokko (One season) eeguu dirqama ta’a.
Adeemsa kana keessatti sanyii qulqulla’ee gurguruu birattii laaboratoriin tajaajila
qorannoo qulqullina sanyii, sanyii qulquleessuu fi meeshaalee sanyii baayisuuf
oolan kaffaltiin kiraa kennuu ni danda’ama
… ITTI FUFEE
B. Gurgurtaa/ raabsa sanyii dura hojiin hojetamuu qabu: sanyii qulqulluu gara
buufata gurgurtaa sanyiitti geejibuudha
1. Sanyii qulqulluu geejibuun maaliif barbaachise?
 Bakka fi haala barbaadamuun maamilli akka argatuuf haala mijeessuu
(Accessability)
 Baasii Maamilaa ni xiqqeessa (deddeebbii xiqqeessa, yeroo qusata)

 Maamillii haala/odeeffannoo sanyii dhiyeenyatti fi guutuudhaan ni argata

 Sanyii dhiyaatetti yemmuu quufuu baate komii battalumatti dhiheessuu ykn


bittaa dhiisee deemuuf carraa qaba.
 Hojiin kun kan barbaachisu sanyiin kallattiin bakka fayadamtoota sanyiitti kan
gurguramu yoo ta’e dha.
…. ITTI FUFEE
C. Hojiin geejjiba sanyii qulqulluu dura hojetamuu qabu: sanyii qopheessuu dha
 Qopheessuu jechuun: qulquleessuu, haala fedhii fi humna bittaa maamilaatiin
odeeffannoo barbaachisu waliin qopheessuu dha ( packaging and packing)
 Kan sanyii ta’uu fi hin taane adda baasuu dha.

D. Hojii Sanyii qopheessuun dura hojjetamuu qabu maal dha? Sanyii dheedhii
geejibsiisuu dha.
 Hojiin kun ija maamilaatiin yomuu ilaalamu bu’aan/value/ isaaf dabalu hin jiru).
Akkasumas hojiin kun yeroo kan dheeresuu fi fedhii maamilaa kan hin
bu’ureefatne waan ta’eef adeemsa keessaa baasuun .fala biraa barbaaduu gaafata.
 Sanyii Kontraataan baayate bituu. Hojiin Kun sanyii omishtootaan
waliigalteen omishame tokko gara abbummaa sanyii ta’utti jijjiramu waan ta’eef
adeemsa kana keessatti raawwachuun dirqama.
…. ITTI FUFEE
E. Hojii qophii sanyii dheedhii bituu fi geejjibuu dura hojetamuu qabu: Sanyii Omishuu
1. Sanyii oomishuu jechuun hojii lafa qotinsaa hanga sasaabiitti jiru hunda haamata. Hojii
xixxiqaan omishtummaa fi qulqullinna sanyii mirkaneessuuf hojjetamu baayyee dha. Haa
ta’u malee maamilaaf kan bu’aa dabalu sanyii omishamee sadarkaa to’annoo qulqullinaa
darbee gara qophitti seenedha.

2. Sanyii kontraatan qaama biroo wajjiin baayatu qulqullinna eeggatee akka omishamuuf
qaamota walii-galtee keessa jiraniif leenjii fi hubannoo sadarkaa adda addatti ni kennama.
Hojiin kun haala maamilaaf bu’aa dabaluu danda’uun hojjetamuu qaba.
F. Hojiin sanyii oomishuu dura hojjetamuu qabu:- Fedhii, gaaffii ykn rakkoo maamilaa
beekuufi deebii kennuuf qophii taasisuudha.
Hojiin kun rakkoo maamilaa hiikuu fi xiyyeeffannoo maamilaaf kennuuf sadarkaa baayyee
murteessaa dha. Hojjiin adeemsa kanaa kan hunda’uu fedhii maamilaa ergamaa keenyaan
walitti hidhamee irratti kan xiyyeeffatuu dha.Fedhiin maamilaa sanyii irratti kan xiyyeefatu
yoo ta’e gara sanyii baayisuutti ceha.Yomuu akaakuu sanyii irratti kan xiyyeefate ta’e moo
sanyii maddisiisuu ykn madaqsuun deebii kan argatu ta’a.
YAADA HAARAWWAA YAA’INSA HOJII UUMUUF BURQE GAHUMSA QORANNOOTIIN
ILAALUU FI ISA BAAYEE FOOYA’AA TA’E FILACHUU (CONDUCTING FITNESS
ASSESEMENT AND SELECTING THE BEST)
Akkaataa yaada haarawwaa armaan olitti burqeen yaa’insa hojii baayee fooya’aa
ta’e filachuuf ulaagaalee kanneen akka:-
1. Wal-simnsa ergamaa fi mul’ata mana hojii waliin qaban ilaaluun
2. Fedhii ykn tajaajila maamilaa kan giddugaleessa godhate
3. Baasii daran xiqeessuu danda’uu isaa
4. Jijjiirama bu’uraa fiduu Danda’uu isaa
5. Irra dedeebii hambisiisuu isaa
6. Kayyoo hiixataa kan galmaan ga’u ta’ee kana irraati hunda’uun filatameera.
FILANNOO 1FFAA
1. Fedhiin/rakkoo/ gaaffii Sanyii fudhatame ykn gaafatame (Maamila biratti)
2. Sanyii haarawwaa madaqsuu ykn burqisiisuu (Adeemsa keessaa)
3. Fedhii/rakkoo/gaaffii xinxaluu,adda baasuu fi hubannoo cimsuu (Adeemsa
keessaatti)
4. Sanyii Oomishuu (Adeemsa keessaatti)
5. Sanyii qopheessuu (Adeemsa keessaatti)
6. Sanyii Gurguruu fi walqunamtii maamilaa wajjin uumuu (Adeemsa keessaatti)
7. Sanyiin gurguramee kaffaltii raawwate (Maamila biratti)
8. Itti quufnsaa fi dub-deebii maamilaa (Maamila biratti)
….. ITTI FUFE
Filannoo 2ffaa fi 3ffaa
1. Fedhiin/rakkoo/ gaaffii Sanyii fudhatame ykn gaafatame (Maamila biratti)
2. Sanyii haarawwaa madaqsuu ykn burqisiisuu (Adeemsa keessaa)
3. Fedhii/rakkoo/gaaffii xinxaluu,adda baasuu fi hubannoo cimsuu (Adeemsa
keessaatti)
4. Sanyii Oomishuu (Adeemsa keessaatti)
5. Sanyii dheedhii geejibuu(Adeemsa keessaatti)
6. Sanyii qopheessuu
7. Sanyii qulqulluu gara mana kussaa buufata gurgurtaatti geejibuu (Adeemsa keessaa)
8. Sanyii Gurguruu fi walqunamtii qonnaan bulaa wajin uumuu
9. Sanyii gurguramee kafaltii raawwate (Maamila biratti)
10. Itti quufnsaa fi dub-deebii maamilaa (Maamila biratti)
----- ITTI FUFE
Hubachiisa:-
Yaa’insi 2ffaa fi 3ffaan tokkuma ta’anii garaagarummaan jiru kan yaa’insa 3ffaa lafa
kontiraataa fi sanyii biyya alaatii galu waan dabalatuuf ‘version’ tokko dabalameera.

Maappiilee adeemsa hojii ijoo Baayisa, qophii fi gurgurtaa sanyii (Core process one)
Yaa’insa hojii haarawwaa akkataa ulaagalee adda addaa jijjirama bu’ura adeemsa hopjii
bocuuf kaawwaman gidugaleessa taasifachuun qophaahan qaama raawwatuuf ta’eed kan
birootiif deegarsa kennuuf akasumsi hubannoo ifa ta’e haala kennuu danda’uun maappiin
adeemsotaa filannoowwan waliin haala armaan gadiitti dhihaataniiru
Raawwataa (case manager) Garee oggeessotaa dhaabi (case team)
Fedhiin/rakkoo
Sanyii fudhatame Fedhii /rakkoo xinxaluu fi
ykn beekame hubannoo cimsuu

Sanyii haara
maddisiisu/madaqisuu

Maamilii Jira
sanyii argatee Sanyiin
barbaadamu
m/ kuusaa
Hin jiru

Eeyyan
Hojiin ulfaata Fedhii dhiyaatee xinxaluu
fi xaxamaa
Miti dhaa?

Sanyii Omishuu

Sanyii Omishuu

Sanyiin
gurguuramee fi Sanyii Qopheessuu
duub-deebi Sanyii Qopheessuu
kenname
AMALA, CIMINA FI HANQINA YAA’INSA HOJII ADEEMSICHAA
Filannoo 1ffaa
1. Amala
 Hojiin kutaa adda addaatti bibitinaahaa ture adeemsa tokko jalatti sassaabamee jira

 Itti gaafatamumaa fi aangessuun mirkaneesseera

 Hojiin tokko jalqabaa hanga dhumaa eenyuun akka hojjetamu adda baheera

 Hojiin tokko osoo hin bibitinaahiin tartiiba uumamaa isa eegee raawwachuu isaa

 Ilaalchi hojiin tokko nama tokkoon qofaan hojjetama jedhu cabuu isaa

 Hojiin akkaataa ulfina fi salphina isaatiin adda bahee jira.

 Haala maamilli deebii iddoo tokkotti argatu uumameera

 Deddeebii sanyii dheedhii gara M/kuusaatti geejibuu hambisuu


---- ITTI FUFE
2. Cimina
 Fedhii maamilaa irraa ka’uu isaa.

 hojiin bibittinaahee ture bakka tokkotti dhufuun gurmaa’uu isaa

 Yaa’insi hojii adeemsichaa gabaabaa fi salphaa ta’uu

 Adeemsichi hojii maamilaaf bu’aa buusu irratti kan xiyyeefatu ta’uu isaa

 Hojii walitti dabarsuu fi eeggattummaa hambisuu isaa

 Adeemisichi baasii dabalataa sanyii dheedhii geejibuuf bahu hambisuu

 Sanyiin fedhii maamilaatiin waan oomishamuuf mana kuussaa buluun baasii dabalataa
fi kisaaraa ture ni hambisa
 Yeroon kenninsa tajaajilaa waan gababatuuf itti quufnsa maamilaa ni mirkanneessa

 Sababii walitti dabarsa sanyiitiin qulqulina irratti dhiibbaa gahaa ture ni hambisa

 Haala maamilli sanyii dhiheenyatti argatu ni mirkaneessa


---- ITTI FUFE
3. Hanqinaalee
 Oomishni sanyii uumama waliin waan walqabatuuf adeemsi haarawaa kun fedhii
maamilaa yeroo gabaabaa keessatti kan hin deebifne ta’uu isaa
 Yaa’insa hojii kana keessatti namni tokko(Case manager) jalqabaa hanga xumuraatti
deebii maamilaaf yeroo tokkotti kennuun ulfaataa ta’uu isaa
 Yaa’insa kana keessatti sanyii dheedhii fi qulqulluu geejibuu hafuun qabatamaan raawwii
irratti rakkisaa ta’uu isaa
Fedhiin/rakkoo Raawwataa (case manager) Garee oggeessotaa dhaabi (case team)
Sanyii fudhatame
ykn beekame Fedhii /rakkoo xinxaluu fi
hubannoo cimsuu

Sanyii haara
maddisisu/madaqisuuasuu

Jira
Maamilii sanyii Sanyiin
argatee barbaadamu m/
kuusaa
Hin jiru
Eeyen
Hojiin ulfaata fi
xaxamaa dhaa?
Fedhii dhiyaatee xinxaluu

Miti
Sanyii Omishuu Sanyii Omishuu

Sanyii dheedhi geejibuu Sanyii dheedhi geejibuu

Sanyii Qopheessuu Sanyii Qopheessuu


Sanyiin
gurguuramee fi
duub-deebi Sanyii qulqulluu geejibuu Sanyii qulqulluu geejibuu
kenname
AMALA, CIMINA FI HANQINA YAA’INSA HOJII ADEEMSICHAA
Filannoo 2ffaa
1. Amala
 Hojiin kutaa adda addaatti bibitinaahaa ture adeemsa tokko jalatti sasaabamee jira
 Itti gaafatamumaa fi aangessuun mirkaneeseera

 Hojiin tokko jalqabaa hanga dhumaa eenyuun akka hojetamu adda baheera

 Hojiin tokko osoo hin bibitanaahiin tartiiba uumamaa isaa eegee raawwachuu isaa

 Ilaalchi hojiin tokko nama tokkoon qofaan hojetama jedhu cabuu isaa

 Hojiin akkaataa ulfina isaatiin adda bahee jira.

 Haala maamili deebii iddoo tokkotti argattu uumameera

 Akka yaa’insa kanaati sanyii dheedhii fi qulqulluu geejjibuun keessaati hamatamuu isaa
---- ITTI FUFE
2 Cimina
 Fedhii maamilaa irraa ka’uu isaa.

 hojiin bibittinaahee ture bakka tokkotti dhufuun kurfaahuu isaa

 Yaa’insi hojii adeemsichaa gabaabaa ta’uu

 Adeemsichi hojii maamilaaf bu’aa buusu irratti kan xiyyeefatu ta’uu isaa

 Hojii walitti dabarsuu fi eeggattummaa hambisuu isaa

 Sanyiin fedhii maamilaatiin waan oomishamuuf mana kuussaa buluun baasii dabalataa
fi kisaaraa ture ni hambisa
 Yeroon kenninsa tajaajilaa waan gababatuuf itti quufnsa maamilaa ni mirkanneessa

 Sababii walitti dabarsa sanyiitiin qulqulina irratti dhiibbaa gahaa ture ni hambisa

 Haala maamili sanyii dhiheenyatti argatu ni mirkaneessa


--- ITTI FUFE
3. Hanqinalee
 Oomishni sanyii uumama waliin waan walqabatuuf adeemsi haarawwaa kun fedhii
maamilaa yeroo gabaabaa keessatti kan hin deebifne ta’uu isaa
 Yaa’insa hojii kana keessatti namni tokko(Case manager) jalqabaa hanga xumuraatti
deebii maamilaaf yeroo tokkotti kennuun ulfaataa ta’uu isaa
 Yaa’insi baasii dabalataa Sanyii dheedhii fi qulqulluu geejibuuf bahu qabachuu isaa

 Yaa’insi filannoo kanaa kan 1ffaa wal-biraati yoo ilaalamu maamilaaf deebii kennuuf
sababa Sanyii dheedhii fi qulqulluu geejibuuf dheeraachuu isaa
Raawwataa (case manager) Garee oggeessotaa dhaabi (case Garee yeroo(virtual team)
Fedhiin/rakkoo Fedhii /rakkoo xinxaluu fi team)
Sanyii fudhatame hubannoo cimsuu
ykn beekame
Sanyii haara
maddisiisu/madaqisuu

Jira
Maamilii sanyii Sanyiin
argatee barbaadamu m/
kuusaa

Hin jiru
Eeye
Hojiin ulfaata fi Fedhii dhiyaatee xinxaluu
xaxamaa dhaa?
Eeye
Miti Dandeetii qaama
Sanyii Omishuu kontiraatan baay'isu addaan
Kontirataani?
baasuu fi waligaltee
Miti malateesuu
Sanyii dheedhi geejibuu Sanyii Omishuu

Leenjii fi hubannoo
Sanyii Qopheessuu Sanyii dheedhi geejibuu kennu
Sanyiin
gurguuramee fi
duub-deebi Sanyii dheedhi bituu
kenname Sanyii qulqulluu geejibuu Sanyii Qopheessuu

Sanyii qulqulluu geejibuu Sanyii dheedhi geejibuu


IBSA JECHOOTAA YKN YAADOOTA MAPPII YA’INSA HOJII HAARAA KEESSAA

Yaa’iinsa hojii haarawwa uumamee keessatti maappiin agarsifamee haala qaama


biroof akka ifa ta’utti ibsa (description) yaa’insa hojiichaa gabaabinaan kaa’uun
barbaachisaadha. Haaluma kanaan jechoota ykn gaaleewwan yaa’insa hojii
mappii keessa jiraniif akkataa armaan gaditti ibsi gabaaban taasifamee jira
1. Fedhii/rakkoon/gaaffiin Sanyii fudhatame ykn gaafatame
Kana jechuun maamilaa bira deemuun fedhii gaaffii ykn rakkoo isaa
gadifageenyaan qorachuun hubannoo gahaa ta’ee ykn argachuu dha. Rakkoo
bu’aa adeemsicha hojii yeroo maamillii fayyadamuu ilaaluun ija maamilaatiin
hubannoo argachuun furmaataa kennuuf qophii ta’uu dha. Bu’aan hubbannoo
kanaa gaffii, rakkoo ykn feddhii isaatiif deebii qubsaa ta’e kennuuf akka galtee
hojiitti dhimma dhiyatu dha. Fedhiin ykn rakkoon ykn gaaffiin iddoo kanaa bifa
lamaan ta’uu ni danda’a.
…. ITTI FUFEE
Innis :
A. Kallaatidhaan maamillii fedhii ykn furmata batalummaati barbaadu. Haali akkas kun
kan uummaamuu danda’uu maamillii yeroo facaasaa sanyii bittachuuf ykn yeroo rakkoon
sanyiin wal-qabate isaa qunamee jiruuf furmata akka kenamuuf barbaaduudha.

B. Deebii Fedhii/rakkoo yeroo dheeraa keessaati kenamu


kana jechuun gaaffii/rakkoo/fedhii sanyii fi sanyiin walqabatan yeroo dheeraa keessaatti deebii
argachuu kan qabu yoo ta’e tajaajila kenaan bakka maamilaa ta’uun fi haala duub-deebii
maamilaa fi dhimaamtoota irraa ragaadhaan dhihaate bu’ureefachuun kallaattii fedhii yeroo
dheeraa deebisuu danda’u argisisuu, fi xinxala haala keessaa fi alaa jiru sirritti adda baasuu fi
hiika kenuun akka galteetti faayyadamuu dha. Keessattuu fedhiin maamilaa akaakuu sanyii
naannoo isaatiin wal-simuu yemmuu barbaaduu deebiin kennamu yeroo dheeraa kan fudhatuu
ta’uu danda’a. Deebiin kunis sadarkaa lamaan kan raawwatu ta’eejalqaba akaakuu sanyii fedhii
deebisu argachuu yoo ta’u itti aanee sanyii baayisuun dhiyeessuu dha. Fedhii maamilaa guutuu
ta’e deebisuu keessatti lamaanuu walitti qindaahanii raawachuu waan qabaniif qaama birootin
kan dhiyaatu taanaan (wal-qunnamitti fi waliigalteen jiraachuu qaba) ykn keessa madda
taanaan karoora keessa galchuun qopha’uu qaba.
….. ITTI FUFEE
2. Fedhii/rakkoon adda baasuu, xinxaluu fi hubannoo umuu
Kana jechuun haala gaaffii ykn fedhii ykn rakkoo dhiyyate ykn funaaname
bu’ureefachuun fedhiin maamila yeroo dheeraa fi gabaabaatti deebi’ii argachuu
dandanda’uun furmaata rakkoof kennamuu qabuu akkaataa ulifinnaa fi salphina
hojiitiinadda baasuun deebii keennuuf bakka abbummaa itti argatu ta’a. Hojiin
kunis akkaataa ulifinnaa fi salphinna isaatiin sadarkaa dhunfaa ykn gareetiin kan
raawwatuu ta’a.
3. Sanyiin mana kuusaa jiraa?
Kana jechuun, maamilaaf deebii yeroo gabaabaa keessatti kennuuf sanyiin
barbaadamu mana kuusaa keessaa jiraachuu fi dhabuu ykn furmaannii yeroo
gabaabaa ykn dheeraa keessattii deebii itti kennuudhaaf haallii mija’aan jiraachuu
fi dhabuu adda baasanii hubachuun murtee keeennuu dhaaf.
Gaaffii armaan olii kanaaf sanyii ‘jira’ yoo ta’ee batalummaatii maamila barbaadeef
sanyiin baasii ta’ee ni kenama. Yoo sanyii mana kuusaa ‘hin jiru’ ta’ee fala biroon
deebii akka argatu taasifama.
…. ITTI FUFEE
4. Hojiin ulfaataa fi xaxamaa dhaa ?
Sanyiin mana kuusaa akka hin jire yoo mirkanaahe fallii isaa haala ulfinnaa fi salphina
hojiitiin deebii akka argatu taasifama. Hojiin salphaa yoo ta’e jalqabaa hanga dhumaa
raawwataa tokkoon akka raawwatu ta’a. Kana ta’uu baannaan garee ogummaa gara
garaa qabaniin raawwata ta’eegareen kun dhaabbiidhan ykn akkaataa
barbaachisuummaa hojiitiin yeroof ta’uu danda’a.

5. Kontirataanii ykn biyya alaatii?


Sanyiin gaafatame kun vershinii garee keessaati deebii argata. Sanyiin gaafiin itti
dhihaate kontiraataan ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa adda baasuun deebiin itti
kennama..‘Miti’ yoo ta’e lafa ISFO irraati oomishama. ‘Eeyyee’ yoo ta’e immoo gara
qaamoolee adda addaa waliin baayisamuun ykn biyyaa alaatii galchuun deemuu itti
kennuutti deemama.. Hojiin kun lafa keenya irratti taanaan garee dhaabiitiin,kan
biyya alaatii galchinu ykn kontiraataan baayifnu taanaan garee yerootiin kan hojetamu
ta’a.
…. ITTI FUFEE
6. Sanyii oomishuu
Sanyii oomishuu jechuun haal-duree adda addaa guutuu irraa kaasee hanga sassabbii
sanyiitti kan of-keessatti qabatu ta’ee nama tokkoon ykn gareen akkaataa ulfinnaa fi
salphina isaatiin walicinaa kan raawwaatuu dha.

Kana jechuun akkaataa oggummaatiin tartiiba hojiiwwanii eeguun kanneen akka


bakka filuu,qophii lafaa, facaasaa,kunuunsaa fi eegumsa , sabsii, calleessaa sanyii fi
sanyii dheedhii madaaluu kan of-keessatti qabatu ta’’a.

7. Dandeettii qaama kontiraatan sanyii baay'isu adda baasuu, waligaltee


mallatteesuu fi hubannoo uumuu
Sanyiin oomishamu kontorataan kan baayyatuu waan ta’eef garee yeroo (virtual team)
qaamoolee sanyii baayisuu danda’an haala ulagalee barbaachisuun adda baasuu fi
walii galtee rawwachuu, leenjii fi hubbannoo gaha ta’ee yeroowwan murteessaa
ta’anitti kennuu fi itti fufiinsaan hordoffii fi deegarsa kennuu dha.
… ITTI FUFEE
8. Sanyii dheedhi bituu
Sanyiin kontraatann erga omishamee boodaa qaama omishe irraa haala walii galteettiin sanyii
ulaagaa guute gatii irraati walii galameen irraa fudhachuu fi kanfalittii raawwachuu dha.

9. Sanyii dheedhi geejjibuu


Sanyii bakka adda addaatti omishamettii gara mana kuusaa yerooti ykn dhabbataati fidu
jechaa dha. Hojii kun ija maamilaatiin bu’aa qabeessa miti.Kanaafuu, gara fuula duraati
bakka sanyiin omishametti mana kuusaa fi mashinaa sanyii qulqulleessuu qopheessuun kan
adeemsa keessa haqamu ta’uu qaba.

10. Sanyii Qopheessuu


Kana jechuun sanyii ulaagaa ykn sadarka sanyii tokkoof barbaachisu qabate haala maamilli
barbaaduun mashina sanyii qopheessuun yeroon fi qulqulinaan, soruun/qulqulleessuun
odeeffannoo barbaachisu waliin saamsanii (packaging and packing) gurgurtaaf qophii
godhuu dha.
…. ITTI FUFEE
11. Sanyii qulqulluu geejibuu
Kana jechuun sanyii haala maamilli barbaaduun qopha’e tokkoo akka maamilli yeroo fi bakka
dhiyyeenya barbaaduu irraatti (bakka buufata gurgurtaa sanyii yerootti ykn dhabbataatti)
geejjibuu dha. Hojiin sanyii qulqulluu geejjibuun kan rawwatu yeroo kallattiidhaan qaamni
oomishe ofii isaa ykn bakka bu’aa (agro-dealer) isaan maamilati gurguruu dha.

12. Sanyiin gurguuramee /maamilli deebii argate


Kana jechuun maamilli fedhii/rakkoon/gaffii kanaan dura dhiyaateef omisha ykn tajaajilaa
bu’aa isaa kennuun deebii argachuu mirkaneessa. Hojii kun kan raawwtu maamila biratti ta’ee
kan xummuramuu maamillii sanyii ykn deebii argateef kanfalitti yoo raawwatee dha.

13. Dub-deebii fudhatame


Kana jechuun maamilli sanyii fi tajaajila keenya fudhate faayida irra erga olchee booda yaada
sanyii ykn taajajila keenya irratti qabu bakka yaadni itti funaanamu ykn fudhatamee hubannoo
gabissuun gara fuula duraatti akka galteetti hojii keessaattii itti faayyadamuuf kan ooludha,.
AMALA, CIMINA FI HANQINA YAA’INSA HOJII ADEEMSICHAA
Filannoo 3ffaa
1. Amala
 Hojiin wal-fakkaatu adeemsa tokko jalatti sasaabamee jira

 Itti gaafatamumaa fi aangessuun haala mirkaneessuun gurma’eera

 Hojiin tokko jalqabaa hanga dhumaa eenyuun akka hojetamu adda baheera

 Hojiin tokko tartiiba uumamaa isaa eegee taa’eera

 Ilaalchi hojiin(task) tokko nama ykn ogessa tokkoon qofa hojjetama jedhu cabsee jira.

 Hojiin akkaataa ulfina fi xaxaminsa isaatiin adda bahee jira.

 Haala maamilli iddoo tokkotti deebii itti argattu uumameera

 Sanyii dheedhii fi qulqulluu geejjibuu of-keessaatti haamatee jira.

 Vershinii garee ogeessota yeroo(virtual team) of-keessatti qabatee jirasanyii

 Kontorataan baayisuu fi biyya alaatii galchuu of-keessatti haamateera


----ITTI FUFE
2. Cimina
 Fedhii/rakkoo/gaaffii maamilaa irraa ka’uu isaa.

 Hojiin wal-fakkatuu bakka tokkotti dhufuun gurmaa’uu isaa

 Yaa’insi adeemsa hojichaa gabaabaa fi salphaa ta’uu

 Adeemsichi hojii bu’aa maamilaa irratti kan xiyyeefatu ta’uu isaa

 Hojii walitti dabarsuu fi eeggattummaa hambisuu isaa

 Fedhii maamilaa bu’ureffatee waan oomishuuf sanyii mana kuusaa bulu hanbisuun baasii
dabalataa fi kisaaraa ni xiqqeessuu danda’uu isaa
 Yeroon kenninsa tajaajilaa waan gababatuuf itti quufnsa maamilaa ni mirkanneessuu
danda’uu isaa
 Maamilli sanyii dhiheenyatti akka argatu haala mijeessuu isaa
------ ITTI FUFE
3. Hanqinaalee
 Yaa’insa hojii kana keessatti namni tokko(Case manager) jalqabaa hanga xumuraatti
deebii maamilaaf yeroo tokkotti kennuun ulfaataa ta’uu isaa
 Yaa’insi kun baasii dabalataa Sanyii dheedhii fi qulqulluu geejibuuf bahu qabachuu isaa

 Yaa’insi maamilaaf deebii kenamu sababa Sanyii dheedhii fi qulqulluu geejibuuf


dheeraachuu isaa
 Garee oggeesoota yeroo(virtual team) sababa kontoorataan sanyii baayisuu/biyya alaatii
galchuutiin waan uummamuuf baasii dabalataa saaxiluu fi yeroo dheereesuu isaa
 Leenjii fi hubannoo qaama sanyii kontorataan baayisuuf kennuun baasii dabalataa kan
gaafata ta’uu
 Qaama sanyii kontiraatan baay’isu dandeetti cimsuun fi kutannoo uumuun ulfataa ta’uu

 Sababii walitti dabarsa sanyiitiin qulqulina irratti dhiibbaa gahuuf carran ni baldhataa
 External & Internal Interface BPR According to procedure\Interface.docx
Galatoomaa!!!

You might also like