You are on page 1of 42

LEENJII QAJEELFAMA HORDOFFII

FI TOO’ANNOO PIROJEEKTOOTA
KONISTIRAAKSHINII (LAKK
6/2012)
Leenjii Qajeelfama Hordoffii Fi Too’annoo Pirojeektoota Konistiraakshinii
Irratti Waldaalee IMX Hojii Ijaarsa Irratti Bobba’aniif Abbaa Taayitaa
Konistraakshinii Godina Hararge lixaatiin Qophaa’e
Magaalaa Ciro

Hagayya, 17-2014
BAAFATA /OUTLINE/
KUTAA TOKKO
TUMAALEE WALIIGALAA
KUTAA LAMA
HORDOFFII FI TO’ANNOO PIROJEEKTOTA IJAARSAA
KUTAA SADII
NAGEENYUMMAA FI FAYYUMMAA INDUSTIRII KONISTIRAAKSHINII
KUTAA AFUR
SIRNA RAAWWII KAFFALTII
KUTAA SHAN
AJAJA JIJJIIRRAA HOJIIWWANII FI GAAFFII DABALATAA
KUTAA JAHA
DAANGAA YEROO HOJIIWWAN IJAARSAA
KUTAA TORBA
WALDIDDAA
KUTAA SADDEET
WALHARKAA FUUDHINSA PIROJEKTII
KUTAA SAGAL
TUMAALEE ADDA ADDAA
SEENSA
Industiriin Konistiraakshinii Naannicha keessatti
gaggeeffaman karaa qulqullina qabuun, yeroo qabamee fi
haala waliigalteetiin akka raawwatamuu danda’u,
rakkoolee fi hudhaalee bulchiinsa gaarii, hojimaata
badaa, hanqina naamusaa fi gocha malaanmaltummaa
guddina industirichaa irratti gufuu ta’aa jiru maqsuuf,
sirna hordoffii fi too’annoo cimaa, iftoominaa fi itti-
gaafatamummaa qabu diriirsuun barbaachisaa ta’ee waan
argameef;
KUTAA TOKKO
TUMAALEE WALIIGALAA

Mata Duree Gabaabaa


 Qajeelfamni kun “Qajeelfama Hordoffii fi Too’annoo Pirojeektota Konistiraakshinii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 6/2012’’ jedhamee waamamuu ni danda'a.
Hiika
 Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama kana
keessatti:
Ibsa Koornayaa
 Qajeelfama kana keessatti jechi koornayaa dhiiraatiin ibsame kan dubartiis ni dabalata.
Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun, Pirojektootaa Konistiraakshinii, Abbootii Pirojektii, Kontiraaktaroota,
Gorsitoota, Ogeessota, dhiyeessitootaa fi oomishtoota Galteewwan Konistiraakshinii,
Laabratoriiwwan Konistiraakshinii fi Maashinaroota konistiraakshinii Naannicha keessatti
bobba’an irratti raawwatiinsa ni qabaata.
KUTAA LAMA
HORDOFFII FI TO’ANNOO PIROJEEKTOTA IJAARSAA

Hojimaata Hordoffii fi To’annoo Abbaan Taayitaa, Abbaan


Pirojektii, Gorsaa fi Kontiraaktarri hordofuu qabu
 Gorsaa fi kontiraaktarri hojiiwwan konistiraakshinii seerota,
sadarkaaalee, istaandaardotaa fi koodota sektara konistiraakshinii,
naamusa ogummaa hordofuudhaan, fedhii ummataa fi Abbaa Pirojektii
haala eegsisuun dirqama bu’uura waliigaltichaatiin raawwachuu qaba.
 Kontiraaktarri, gorsaa fi ogeessi hordoffii pirojektichaa yeroo adeemsa
ijaarsaas ta’e, xumura ijaarsichaatiin booda, rakkoolee sababa hir’ina
qulqullina ijaarsaatiin uumamaniif seeraan kan itti gaafataman ta’a.
 Pirojektoota Ijaarsaa irratti Abbaan taaytichaa hordoffii fi to’annoo
sagantaa murtaa’aa fi sadarkaalee ijaarsaa murtaa’aa ta’an irratti ni
gaggeessa.
ITTI FUFA….
 Abbaan Taayitaa yeroo to’annaa hojii ijaarsaa rakkoo qulqullinaa, harkifannaa hojii,
fi gatii darbaa kaffalame ‘cost overrun’ hojii keessatti mul’atan sirrefama
barbaachisu akka taasifamu Abbaa pirojeektii, Gorsaa, fi kontiraaktaraf ajaja ni
kenna raawwii isaas ni hordofa.
 Uummatni naannoo ijaarsaa galma ga’insa pirjeektichaaf
 Rakkoo kabachiisa daanga hiikuu,
 Galteewwan ijaarsaa naannootti argaman ijaarsa pirojeektii sanaaf akka oolan ni
deeggara,
 Komii fi yaada galtee yeroo ijaarsaa pirojeektichaan wal qabatee mul’atu Abbaa
taayitaaf ni dhiyeessa
 Pirojeekticha ni eega, ni deeggara, ni kunuunsa, akkasumas tumsa barbaachisaa ta’e
ni taasisa.
 Waldiddaa hawaasa fi qaama pirojeektii gaggeessu giddutti uumamu mariin ni hiiku.
 Haala to’annoo dizaayinii fi ijaarsaa ‘Design Build’ ilaalchisee akkaataa ‘FIDIC NEW YELLOW BOOK 1999’ giddu galeessa
godhacuun kan raawwatu ta’a.
ITTI FUFA…..
 Guyyaa hojichii jalqabu irraa eegalee yeroo to’annoon gaggeefamu
waliigaltee ijaarsaa, sagantaa hojii waliigala pirojeektichaa ‘Master
Schedule’, humna namaa akkaataa waliigaltee irra jiruun ragaalee
isaanii waliin, dizaayinii fi galmeen to’ataa jiraachuu qaba
 Abbaan taaytaa qulqullina galteewwan ijaarsaan wal qabatee
qorannoo saamuda yeroo yeroon galteewwan adda addaa irratti
taasifamu ni mirkaneeffata, bakka shakkii qabutti saamudni
fudhatamee qorannoon akka gaggeefamu ni taasisa, raawwii isaas ni
hordofa.
 Akkaataa diizaayinii, ispesifikeeshinii, qulqulinaa, raawwii fi
sagantaa hojii qabameen hojichi gaggeefama jiraachuu yeroo
barbaachisaa ta’etti ogeessaa Abbaa taayitaan hordoffii fi to’annoon
Kan taasifamu ta’a
ITTI FUFA…
 Xumura hojii mobilizashinii irratti meeshaaleen,
maashinarii, humni namaa fi wantootni
barbaachisoon waliigaltee keessatti tuqaman akkaata
sagantaa qabamee fi yeroon bakka hojii galuu isaanii
ogeessaa abbaa taayitaan mirkanaa’uu qaba.
 Akkaataa diizaayinii, ispesifikeeshinii, qulqulinaa,
raawwii fi sagantaa hojii qabameen hojichi
gaggeefamaa jiraachuu yeroo barbaachisaa ta’etti,
ogeessa Abbaa taayitaa sadarkaa sadarkaan jiruun
ilaalamuu qaba
SIRNA HORDOFFII FI TO’ANNOO, DIRQAMAA FI ITTI
GAAFATAMUMMAA GORSAA (SUPERVISOR).

 Hojiiwwan kontiraaktaraan hojjetaman akkaataa


waliigalteetiin, dizaayinii fi ispesifikeeshiniin raawwatamuu
isaa ni to’ata, ni mirkaneeffata.
 Kanfaltii hojiiwwanii kontiraaktaraan gaafataman
mirkaneessuun Abbaa pirojeektiif ni dhiyeessa.
 Dizaayinii fi ispesifikeeshinii irraatti gama kontiraaktaraan
waantoota iftoomina barbaadan irratti gaaffii dhiyaatuuf
simatee ibsa barbaachisaa ta’ee ni kenna.
 Yeroo keessaa deebii dizaayinii fooya’insa wantoota
barbaadan irrattii jijjiirama mul’atan kaa’uun ibsa waliin
Abbaa pirojeektiif ni beeksisa.
ITTI FUFA…

 Gorsaan waliigaltee mallattaa’e fooyyessuuf aangoo hin qabu.


 Sagantaa nageenyummaa fi fayyummaa ‘safety plan’ iddoo hojii
qopheessuun iddoo hojii mijataa jiraachuu isaa ni hordofa.
 Haala waliigalteetiin tooftaan hojii, qulqullinni galteewwan ijaarsaa,
humna namaa ogummaa qabu, fi sadarkaa hojii hojjetame ni
mirkaneessa.
 Waltajjiin idilee Abbaa pirojeektii, Kontiraaktaraa fi Gorsaa bakka
hojiitti akka gaggeefamu ni godha.
ITTI FUFA…
 Yaadota armaan gadii galmee to’ataa irratti ni galmeessa
- Tartiiba hojii fi guyyaa itti raawwatamu
- Haalaa fi qulqullina ijaarsaa
- Jijjiirama hojii fi gatii pirojeekticha irratti dhufu
- Taateewwan hojii ijaarsaa mudachuu danda’an
- Harkifannaa hojii fi sababootaa isaa
- Ajaja hojii kontiraaktaraaf ni kenna
 Gabaasa hojii kan ji’aa, kurmaanaa, fi kan waggaa Abbaa
pirojeektiif yeroo isaa eeguun dhiyeessa.
 Hojii qulqullina hin qabnee fi galteewwan ijaarsaa ispeesifikeeshinii
waliigaltee irra taa’e kan hin guutne kufaa ni taasisa rawwii isaa ni
hordofa.
SIRNA HORDOFFII FI TO’ANNOO,
DIRQAMAA FI ITTI
GAAFATAMUMMAA
KONTIRAAKTARAA.

 Dizaayinii fi ispeesifikeeshinii hojichaa hubachuun hojiitti jijjiiruun


pirojeekticha ni dhugoomsa.
 Sagantaa hordoffii qulqullinaa ‘quality control plan’ qopheessuun sirna
to’annoo fi Qorannoo hojiiwwanii hojiirra ni oolcha.
 Sagantaa nageenyummaa fi fayyummaa ‘safety plan’ iddoo hojii
qopheessuun iddoo hojii mijataa ni uuma
 Galteewwan ijaarsaa istaandaardii fi ispesifikeeshinii waliigaltee
keessatti kaa’ame guutan dhiyeessuu qaba.
 Sagantaa fi tooftaa raawwii qopheessuun gorsaaf dhiyeessuu qaba.
 Hanga wal harkaa fuudhiinsi piroojeektii raawwatutti qulqullina hojii
eegsisuun rakkoon akka irra hin geenyeef eegumsa gahaa gochuuf
dirqama qaba.
ITTI FUFA…
 Galmee to’ataa qopheessuun iddoo hojii kaa’uu qaba.
 Hojiin hojjetame qulqullina yoo hin qabaanne baasii mataa isaatiin irra
deebi’ee ni hojjata.
 Yeroo xumura Ijaarsawwan Elektiroo mekanikaalaa yaalii duraa irratti
manuwaaliin hojii fi suphaa ‘operation and maintenance manuals’,
akkasumas hiiktuuwwan ‘tool kit’ dhiyeessuu qaba.
 Gataawwan fi balfawwan ‘cart away’ adda addaa iddoo hojii kaasuun
bakka rakkoo tokkollee hin uumnee fi gataaf qophaa’eetti yeroon gatuu
qaba.
 Iddoowwan galteewwan ijaarsaa itti omishaman ‘Borrow site & quarry
site’ xumura hojiin booda haala rakkoo hawaasummaa fi naannoo hin
uumneen akkaataa duuraan tureetii ‘rehablitation’ deebi’ee
sirreefamuu qaba.
KUTAA SADII
NAGEENYUMMAA FI FAYYUMMAA
INDUSTIRII KONISTIRAAKSHINII
Fayyummaa hojjattootaa
 Namni rakkina sammuu akka qabu beekame hojii ijaarsaa irratti
ramadamuu hin qabu.
 Eeenyu iyyuu namni ijaarsa hojechiisu, hordofu ykn hojjetaan nageenya
fi fayyaa namoota irratti balaa geessisuu haala danda’uun dhugaati nama
macheessu dhugee yoo argame gara hojiiitti galuu hin qabu.
 Hojjetaan kam iyyuu iddoo hojii irratti nageenya fi fayyaa isaa eeguuf
meeshaalee kennameef haala gaariin qabachuu fi itti fayyadamuu qaba.
 Hojjechiisaan nageenyaa fi fayyaa hojjetoota eegsisuu kan danda’an
meeshaalee ittisaa fi uffata akka argatan ni taasisa hojii irra oolmaa isaa
ni mirkaneefata.
NAGEENYA NAANNOO IJAARSAA
 Hojjechiisaan iddoowwan hojii nageenya fi fayyaa hojjetoota akkasumas
naannoo fi hawaasa irratti balaa akka hin uumne taasisuu qaba.
 Hojjechiisaan seeronni nageenya naannoo hojii ijaarsaa hojii irra ooluu isaanii
yeroo yerootti mirkaneefachuu qaba.
 Iddoon hojii balfa irraa kan qulqulaa’ee ta’uu irra jiraata.
 Iddoon hojii kamiyyuu hojjetoota dhiiraa fi dubartoota mana dhiqannaa yeroo
fi iddoo qulqullina itti eeggachuu danda’an mijeessuu qaba.
 Iddoo hojii bishaan dhugaatii qaama dhimmi isaa ilaalun eeyyama kan
argatee fi fayyaa namaaf mijataa kan ta’e bishaan dhugaatii qabaachuu qaba.
 Iddoo hojii irratti kan argaman balaa abiddaa fi dhukkubaaf kan saaxilan balfa
gogaa yeroodhaan gatamuu qabu.
 Karaa uumannii irra deemuu irra kan tuulaman meeshaaleen ijaarsaa
bulchiinsa magaalaa irraa eeyyamni yoo kennameef malee tuuluun hin
danda’amu.
FUDHANNAA TARKAANFII OF-EEGGANNAA DURAA FI ITTISA BALAA

 Tajaajiloonni bu’uura misoomaa naannoo ijaarsaatti argaman


tajaajiila kennuu irraa gufachuu hin qaban.
 Naannoo ijaarsaatti meeshaaleen kukkufanii, balfawwaan,
keemiikaalootni balaafamoo ta’an dhabamuu qabu.
 Iddoo ijaarsa gamootti namaa fi horii irratti hubaatiin akka hin
qaqabne dawoon jiraachuu qaba.
 Olba’iinssi ‘scaffolding’ kamiyyuu bu’uura ‘ESEN-14 clause
4.6’ irratti hundaa’uun ulfaatina baachuu danda’uun
diizaayiinii ta’ee qophaa’uu qaba.
 Olba’iinsi hojjachiisaadhaan ykn hojjatootaa to’annoo guyyaa
guyyaatiin hordoffiin taasiifamuufii qaba.
ITTI FUFA…

 Masalaaliiwwan mukaa jabina fi sababii tajaajiila kennaniin


dhiibbaa isaan irra ga’uu baachuu akka danda’aan ta’anii
hojjatamuu qabu.
 Gamoon gar-tokkeen yeeroo diigamu qaamooleen ijaarsaa
walqabataa ta’an of-eeggannoo isaa gorsaan yoo
mirkaneeseen alatti gutuumman guutuutti utubamuu qaba.
 Hojjataan hojii ijaarsaa ykn diigiichaa balaa irraa ittisuu kan
danda’an meeshaa of-eeggannoo mataa, harkaa fi miilaa
fayyadamuu qaba.
 Haalli qilleensaa nageenya hojjataa balaa irra buusuu danda’u
yoo mudate hojiin ijaarsaa yeroo sanaaf dhaabbachuu qaba.
ITTI FUFA…
 Hojii qotiinsaa osoo hin jalqabamiin dura haalootni
armaan gadii mirkanaa’uu qabu
- Haalli uumama lafaa ogeessaa sirrii ta’een xiinxalamee
beekamuu qaba.
- Hojii qotiinsaa gamoowwan naannoo irratti, daandiiwwanii fi
bu’uura misoomaa biroo kan hin hubne ta’uu isaa mirkanaa’uu
qaba.
- Yeroo qotiinsaa; sarara bishaanii,sarara balfaa, sarara
eleektiiriikaa fi bilbilaa irratti balaan akka hin qaqqabne
mirkaneefachuu qaba.
- Lafoo deemtonnii fi konkolaatoonni boolla qotame keessa akka
hin seenne dawoo, dallaa fi beeksiisoota of-eeggannoo dhaabachuu
qabu.
ITTI FUFA…
 Iddoo hojii qotiinsaa irraa hanga meetra lamaatti baargamoowwan
argaman,dhakaa fi meeshaaleen biroo hojiin qotiinsaa osoo hin jalqabamiin
dura ka’uu qabu.
 Hojiin fanjii dhukaasuu yeroo raawwatamu qaamotni to’attoota fanjii
hordofii barbaachisaa ta’ee gochuu qabu
 Hojjetaan hojii ijaarsaa irratti bobba’e hundinuu uffata balaa irraa nama
baraaru, hucuu ijaarsaaf gargaaru armaan gaditti ibsame fayyadamuu qaba.
- koffiyaa ‘helmet’ keewwachuu qabu.
- Kophee hojii ‘safety shoes’ fayyadamuu qabu.
- Uffata hojii keewwachuu qabu.
 Namnni daawwannaaf iddoo ijaarsaa yommuu deemu koffiyaa Mataa
(helmet) keewwachuu qabu.
WAA’EE GARGAARSA DURAA
KENNUU.

 Gargaarsa duraa iddoo ijaarsi gaggeefamu irratti


kutaan, meeshaaleen gargaarsa duraa kontiraaktaraan
gurmaa’uu qaba.
 Iddoo hojiitti hojetaa irratti yoo balaan gahe ykn
miidhaan qaqqabe unka Waajjira Dhimma Hojjetaa fi
Hawaasummaan qophaa’e irratti galmeesuu fi ibsa
galmicha gara qaama ilaaluutti dabarsuuf
kontiraakteri dirqama qaba.
 Kontiraakterri iddoo hojii irratti hojjetaa dhukkuba
cimaan ykn balaan miidhame gara mana yaalaa
geessuuf itti gaafatamummaa qaba.
KUTAA AFUR
SIRNA RAAWWII KAFFALTII

Sirna raawwii kaffaltii sadarkaa sadarkaan jiranii


 Gorsaan gaaffii kaffaltii kontiraaktaricha irraa dhiyaateef,
xiinxaluudhaan sirrummaa isaa mirkaneeffatee guyyoota hojii 7
keessaatti abbaa pirojektichaatiif dhiyeessuu qaba.
 Abbaan pirojeektichaas gaaffii kaffaltii gorsichaan ilaalamee
dhiyaateef, xiinxaluudhaan, guyyoota hojii 2 keessatti Abbaa
taayitaaf dhiyeessuu qaba.
 Abbaan taayitaa, gaffii kaffaltii Abbootii pirojektootaa irraa
dhiyaatuuf, xiinxaluudhaan, guyyoota hojii 5 keessatti
mirkaneessuun Abbaa pirojektichaatiif deebisuu qaba.
 Abbaan pirojektiis guyyoota hojii 2 keessatti qamaa kaffaltii
raawwatuuf dabarsuu qaba.
ITTI FUFA…
 Qaamni kaffaltii raawwatus, gaaffiin kaffaltii Abbaa taayitaan
mirkanaa’e akkuma dhiyaateen guyyoota hojii 5 keessatti kaffaltii
raawwachuu qaba.
 Abbaan taayitaa, gaaffiin kaffaltichaa sirrummaa yookin seer-
qabeessummaa kan hin qabne yookin hojiin raawwatame hir’ina
qulqullinaa kan qabu yookin haala waliigaltichaatiin kan hin
raawwatamiin ta’uusaa yoo mirkaneeffate, kaffaltichi akka hin
raawwatamne fi sirreeffamni barbaachisu hundi akka taasifamu
ajajuu ni danda’a.
 Abbaan taayitaa sanadni kaffaltii yookiin gabaasni raawwii hojii
Abbootii pirojektotaa irraa dhiyaateef, sobaan kan qophaa’e ta’uusaa
yoo mirkaneeffate, qaamota dhimmi ilaallatu irratti tarkaanfiin
bulchiinsaa fi seeraa akka fudhatamu ni taasisa.
KANFALTII KONTIRAAKTERAA

Kaffaltii duraa
 Waliigalteen hojii ijaarsaa erga mallatteeffamee booda kaffaltii duraa
dhala irraa bilisa ta’e hojii mobilayizeeshinii fi deggersa sochii
maallaqaaf kan oolu gatii waliigala pirojeektichaa keessaa hanga
%30 erga kontiraakterri wabii kabachiisa kanfaltii dura dhiyeessee
booda kan gad lakkifamuuf ta’ee hojii dabalataa pirojeektii kanaan
wal qabatee uumamuuf garuu kanfaltiin duraa kan hin jirre ta’a.
Kaffaltii marsaa ‘interim payment’
 Akkaataa yeroo kaffaltii waliigaltee irra kaa’ameen hojiiwwan
hojjetaman buu’ura godhachuun kontiraaktarri gabaasa raawwii hojii
fi sanada kaffaltii gorsaaf dhiyeessuun kan mirkanaa’u ta’ee,
kaffaltiin marsaa tokkotti gaafatamu waliigala hojii irraa %5 gadii
ta’uu hin qabu.
ITTI FUFA…
Ragaalee gaaffii mirkaneessa kaffaltiin marsaa‘interm payment’ wal qabatee
dhiyaachuu qabu
 Safara raawwii hojii ‘Take off sheet of measurement’
 Gabatee wal – madaallii karooraa fi raawwii hojii ‘Comparision table of quantity’
 Gabaasa raawwii hojii ‘Progress report’
 Yoo pirojeektichi yeroo qabameef keessatti hin xumuramiin dabalata yeroo mirkanaa’e,
sagantaa hojii haaraa, wabummaa kaffaltii duraa ‘advance guarantee bond’ kan haarome,
‘performance guarantee bond’ kan haarome dhiyaachuu qaba.
 Sanada hojii garaagarummaa‘variation work’ fi hojii dabalataa‘suplimentary work’yoo
qabaate sadarkaa itti mirkanaa’uu qabutti mirkanaa’e dhiyaachuu qaba.
 Akkaataa waliigaltee irra taa’een waraabbiin bu’aa qorannoo galteewwan ijaarsaa
dhiyaachuu qaba.
 Waraabbiin wixinee sanada kanfaltii sadiifi fuula tokkoon tokkoon kaffaltii dhiyaate
kontiraaktaraan, gorsaan, fi abbaa pirojeektiin kan mallataa’ee fi ‘softcopy’ isaa
dhiyaachuu qaba.
KAFFALTII XUMURAA

 Kaffaltiin xumuraa akkaataa waliigalteetiin hojichi sadarkaa gahaa ta’een


raawwatamuun isaa erga mirkanaa’een booda kontiraaktarri ragoolee barbaachisaa
ta’anii fi sanda kaffaltii raawwii hojii gorsaaf dhiyeessuun erga mirkanaa’ee booda
Abbaa pirojeektii fi Abbaa taayitaaf dhiyaatee mirkanaa’uun kan raawwatu ta’a.
Ragaalee gaaffii mirkaneessa kaffaltii xumuraa‘final payment certificate’ wal qabatee
dhiyaachuu qabu
 Fakkii ijaarsaa sadarkaa irra jirutti ‘As - built drawing’
 Ragaa wal-harkaa fuudhinsa duraa
 Waraabbii wixinee sanada kaffaltii xumuraa sadii fi fuula tokkoon tokkoon kaffaltii
dhiyaate Kontiraaktaraan, Gorsaan, fi Abbaa pirojeektiin kan malataa’ee fi ‘soft
copy’ isaa dhiyaachuu qaba.
 Gabaasa xumuramuu hojii ‘Completion report’
 Waraabbii galmee too’ataa ‘site book’
 Wabii kabachiisa raawwii hojii yeroo suphaa ‘Performance bond for defect liability
period’
KAFFALTII RITEENSHINII
 Wal-harkaa fuudhinsa xumuraan booda walakkaan qarshiin riteenshinii
Gorsaa fi qamoolee dhimmi ilaaluun mirkanaa’uun Kontiraaktaraaf kan
gadi-lakkifamu ta’a. Yeroo ragaan wal-harkaa fuudhinsaa walakkaa
ijaarsaaf kan kenname ta’e qarshii riteenshinii walakkaan hamma hojii
sanaa qofa kontiraaktaraaf kan kanfalamu ta’a. Kun akkuma jirutti ta’ee,
dhuma yeroo ‘defect liability period’ irratti hangi qarshii riteenshinii
hafee Gorsaa fi qaamoolee dhimmi ilaaluun erga mirkanaa’een booda
Kontiraaktaraaf kan kaffalamu ta’a.
Ragaaleegaaffii mirkaneessa kaffaltii ‘retention’ wal qabatee
dhiyaachuu qabu
 Sanada wal-harkaa fuudhinsa xumuraa ‘Final acceptance certificate’
 Waraabbii wixinee sanada kanfaltii riteenshinii sadii fi fuula tokkoon
tokkoon kaffaltii dhiyaate Kontiraaktaraan, Gorsaan, fi Abbaa
pirojeektiin kan mallataa’ee fi ‘soft copy’ isaa dhiyaachuu qaba.
KAFFALTII HOJII IJAARSA ADDAAN
CITEE ‘PAYMENT UP ON
TERMINATION’
 Waliigaltee hojii ijaarsaa sababoota bu’uura ta’aniin gama Abbaa pirojeektii ykn
Kontiraakteraan uumaman ilaalchisee kaffaltiiwwan addaan citu irratti dhiyaatan
akkaataa sanada waliigaltee keessatti taa’een kan raawwatu ta’a.
Addaan kutiinsa hojii ijaarsa hin xumuramne irratti qaamolee argamuu qaban:-
- Gorsaa
- Abbaa pirojeektii
- Kontiraaktara
- Biiroo /Waajjira maallaqaa fi walta’insa diinagdee nama tokko
- Waajjira koominkeeshinii irraa ogeessa kaameraa
- Waajjira Haqaa irraa ogeessa seeraa tokko
- Bakka bu’aa uummataa
Gabaasni raawwii hojii ooditii qindaa’e fi qaboon yaa’ii addaan cituu hojii ijaarsaa
yeroon Abbaa taayitaaf ergamuu qaba.
KAFFALTII GORSAA

 Kaffaltiin hojii supparviszyinii gorsaa akkaataa


waliigalteetiin marsaa marsaadhaan kan
kanfalamu ta’a.
Ragaalee gaaffii mirkaneessa kaffaltii gorsaan
wal qabatee dhiyaachuu qabu
- Gabaasa hojii hojjetamee
- Atteendaansii humna namaa
- Sanada kaffaltii
KUTAA SHAN
AJAJA JIJJIIRRAA HOJIIWWANII FI GAAFFII
DABALATAA

Haala Raawwii Ajaja Jijjiirraa Hojiiwwanii fi Gaaffii


Dabalata Hojii Ijaarsaa
 Pirojektiin ijaarsaa gatii waliigaltee irratti kaa’ameen
raawwatamuu qaba.
 Sababoota adda addaatiin fedhaa fi itti fayyadamummaa Abbaa
pirojeektii kan guddisan ta’ee ajaja jijjiirraa yookiin dabalata
hojii ijaarsaa tilmaama gatii waliigalaa waliigaltichaa irratti
hanga % 10 hordofsiisu, Gorsaan yookin ogeessi mirkaneesse,
Abbaa taaytichaaf osoo hin dhiyeessin Abbaan Pirojeektii ofii
isaatiin raawwachuu ni danda’a. Haala raawwii isaa Abbaa
taayitaaf yeroon beeksisuu qaba.
ITTI FUFA…

 Abbaan Pirojeektii ajaja jijjiirraa hojii ijaarsaa tilmaama gatii


waliigalaa waliigaltichaa irratti % 10 hanga % 30 hordofsiisu
Abbaa taayitaaf dhiyeessee hayyamsiisuu qaba.
 Abbaan Pirojeektii dabalata hojii ijaarsaa tilmaama gatii
waliigalaa waliigaltichaa irratti % 10 hanga % 25 hordofsiisu
Abbaa taayitaaf dhiyeessee hayyamsiisuu qaba.
 Jijjiirraa fi dabalatni hojii kennaman amalaa fi haala wal
fakkaataa yoo qabaatan akkaataa gatii waliigaltee keessa jiruun
raawwachuu qaba.
 Jijjiirraa fi dabalatni hojii kennaman amalaa fi haala wal fakkaataa
yoo hin qabu ta’e akkaataa gabaa yeroo giddu galeessa godhateen
gorsaa fi kontiraaktarri gatii irratti waliigaluun murteessuu qabu.
ITTI FUFA…
 Gorsaa fi Kontiraaktarri gatii murteessuu irratti yoo walii galuu
dhaban haala gabaa yeroo irratti hundaa’ee Gorsaadhaan kan
murtaa’u hojiirra ni oola.
 Abbaan Pirojeektii ajaja jijjiirraa hojii ijaarsaa tilmaama gatii
waliigalaa waliigaltichaa % 30 ol hordofsiisu Abbaa taayitaaf
dhiyaatee murtoo addaatiin Biiroo Maallaqaa fi Walta’insa
Diinagdee ykn Mana Maree sadarkaa sadarkaan jiruun kan
hayyamamu ta’a.
 Abbaan Pirojeektii ajaja dabalata hojii ijaarsaa tilmaama gatii
waliigalaa waliigaltichaa % 25 ol hordofsiisu Abbaa taayitaaf
dhiyaatee murtoo addaatiin Biiroo Maallaqaa fi Walta’insa
Diinagdee ykn Mana Maree sadarkaa sadarkaan jiruun kan
hayyamamu ta’a.
KUTAA JAHA
DAANGAA YEROO HOJIIWWAN IJAARSAA

Daangaa Yeroo Xumura Hojiiwwan


Ijaarsaa
 Pirojektiin hojii ijaarsaa kamiyyuu daangaa yeroo
waliigaltee irratti caqasame keessatti xumuramuu
qaba.
 Daangaa yeroo xumura hojii ijaarsaa waliigaltee
irra taa’een alatti dabalatni yeroo kennamu hundi
erga waliigalamee booda murtoon Abbaa taayitaaf
dhiyaachuu qaba.
ITTI FUFA…
 Daangaa yeroo xumura hojii ijaarsaa waliigaltee irra taa’een
alatti sababootni dabalata yeroo kennisisan.
• - Haala qillensaa ulfaataa ta’eefi akka biyyaatti beekamu ta’ee
akkasumas raga galmaa’e yerootti dhiyaate.
• - Danqaa nam-tolchee kan Kontiraaktaraan dursa tilmaamamuu hin
dandeenye fi yerootti kan galmaa’ee dhiyaate.
• - Fooyya’insa hojiin wal qabatee hojii dabalataa Kontiraaktaraaf
kennameef
• - Ajajoota bulchiinsaa guyyaa xumura hojii jijjiiruu danda’an kan
rakkoo Kontiraaktaraa hin taane
• - Abbaan piroojeektii akkaataa waliigaltee irra taa’een dirqama isaa
bahuu dhabuu
• - Taateewwan humnaa ol ta’an ‘force majeure’
ITTI FUFA…
 Kontiraaktarri sababoota harkifachuu hojichaa guyyoota 15 keessatti
barreeffamaan gorsaa beeksisuu qaba.
 Gorsaan gaaffii dabalata yeroo dhiyaateef simachuudhaan xinxaalee
Abbaa pirojektiitif dhiyeesuun, abbaan pirojektii mirkaneessisuun
guyyoota 21 keessatti Kontiraaktara barreefamaan beeksisuun murtoo
isaa Abbaa taayitaatiif dhiyeessuu qaba.
 Kontiraaktarri harkifannaa hojii isa qunname yoo beeksisuu baate
dabalatni yeroo kennamu hin jiru.
 Kontiraaktarri barreefamaan deebii yoo hin kennineef ta’e akka
dabalatni yeroo gaafatame sun fudhatama argateetti ilaalama.
 Dhimmootni dabalata yeroon wal qabatee dhiyaatu kanneen armaan
olitti ibsaman akkuma eegamanitti ta’ee dabalataan sanada waliigaltee
keessatti kan ibsaman hojiirra kan oolan ta’a.
KUTAA TORBA
WALDIDDAA

Sirna Furmaata Wal-diddaa


 Waldiddaan gosa kamiyyuu uumamu, Abbaan Pirojektii
barreeffamaan hojiin ijaarsaa fi Gorsaa akka dhaabatu ajaju
malee, Kontiraaktarri hojii ijaarsaa akkasumas Gorsaan hojii
gorsummaa isaa itti fufuu qaba.
 Abbaan Pirojektii, Gorsaa fi Kontiraaktarri waldiddaa isaan
gidduutti uumame qaama sadaffaaf osoo hin dhiyeessiin dura,
waldiddaa uumame mariidhaan hiikuuf carraaquu qabu.
 Waldiddaa uumame mariidhaan yoo hiikachuu baate, Abbaan
taayitaa akkaataa waldiddaan kun ittiin furmaata argatu haala ni
mijeessa.
KUTAA SADDEET
WALHARKAA FUUDHINSA PIROJEKTII

Sirna Walharkaa Fuudhinsa Pirojeektii Ijaarsaa


 Abbaan Pirojektii, hojiin ijaarsaa xumuramee
walharkaa fuudhinsa isaa Abbaa taayitaatti dhiyeessee
mirkaneessu malee itti fayyadamuu hin danda’u.
 Abbaan pirojektichaa haala qabatamaa pirojektichaatiin
ijaarsa gar-tokkeen isaa xumurametti gargaaramuuf
haalli dirqisiisu yoo isa mudate, dhimmicha Abbaa
taayitaa beeksisuudhaan mirkaneessisee, walharkaa
fuudhinsa gar-tokkee-yeroo taasisuudhaan itti
fayyadamuu ni danda’a.
ITTI FUFA…
 Wal-harkaa fuudhinsa gar-tokkee ijaarsaan wal qabatee dhimmoota
ilaalamuu qaban
- Abbaan pirojeektii itti fayyadama ijaarsa gar-tokkee xumurame sanaaf
gaaffii seera qabeessa ta’e barreefaman Abbaa taayitaaf dhiyeefachuu
qaba.
- Abbaan pirojeektii wal-harkaa fuudhinsa booda dogongora raawwii
ijaarsaa fi rakkoo ga’uumsa ogeessaan umamuun ala rakkoolee ijaarsa
sana irratti mul’ataniif itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’a.
- Abbaan pirojeektii gaaffii wal-harkaa fuudhinsa gar-tokkee yommuu
dhiyeessu ijarsa gar-tokkee xumurame sanatti fayadamuun isaa hojii
ijaarsaa itti aanuu keessatti rakkoo tokkollee kan hin uumne ta’uu qaba.
- Ijaarsi wal harkaa fuudhinsa gar-tokkeef dhiyaatu akkaataa waliigaltee
irra taa’een xumuramuu qaba.
ITTI FUFA…
Gamoo mootummaas ta’ee miti-mootummaa darbii tokkoo ol qaban Abbaan
pirojeektii darbii muraasa xumuruun wal-harkaa fuudhinsa gar-tokkeen itti
fayadamuu yoo barbaadan, qabxiileen armaan gadii xiyyeeffannaan ilaalamuu
qabu.
 Kutaan wal-harkaa fuudhinsa gar-tokkee akkaataa waliigalteen xumurame
sun of danda’ee tajaajila kan kennu ta’uun Abbaa taayitaan mirkanaa’uu
qaba
 Hayyama itti fayyadamaa gar-tokkee ijaarsa xumurameef argachuuf ijaarsi
hafe bakkuma jirutti dhaabachuu qaba.
 Hojiin ijaarsaa darbiiwwan hafanii, guyyaa ijaarsi dhaabbatee kaasee
waggoota itti aanan 3 keessatti itti fufuu qaba.
 Abbaan pirojeektii gar-tokkee itti fayyadamaa ture irratti ijaarsa hafe itti
fufuu yoo barbaade hayyama itti fayyadamaa harka isaa jiru Abbaa taayitaaf
deebisuudhaan hayyama itti fufiinsa ijaarsaa mirkanaa’e fudhachuu qaba.
ITTI FUFA…
 Abbaan pirojektii wal-harkaa fuudhinsa raawwachuu
yoo barbaade guyyaa 15 n dursee ragaalee armaan
gadi jiran Abbaa taayitaaf dhiyeessuu qaba.
 Abbaan taayitaas qaamota wal-harkaa fuudhinsa
raawwatan waliin ta’uun wal-harkaa fuudhinsa
sadarkaa duraa irratti argamuun xiinxala gaggeessee
ni mirkaneessa.
- Xalayaa gaaffii wal harkaa fuudhiinsa
- Fakkii ijaarsaa sadarkaa irra jirutti ‘As built drawing’
dhiyaachuu qaba
ITTI FUFA…
 Qaamooleen wal-harkaa fuudhinsa pirojektii irratti hirmaatan kan armaan
gadii ta’u
- Abbaa pirojeektii
- Gorsaa
- Kontiraaktara
- Abbaa taayitaa
- Biiroo maallaqaa fi walta’insa diinagdee nama tokko
- Bakka bu’aa uummataa naannoo pirojeektii
 Abbaan pirojeektichaa,ji’a tokko (1) keessatti, sirni wal-harkaa fuudhinsaa
seer-qabeessa ta’e raawwatamuu isaa kan ibsu, gabaasa waliigala raawwii
hojii, koppii sanada fakkii ‘as built drawing’ fi ragaalee pirojeektichaa ‘hard
copy &soft copy’ waliin qindeessuudhaan Abbaa taayitaaf
dhiyeessuunkaffaltiin riteenshinii ‘retention’ akka gadhifamu taasisuu qaba.
KUTAA SAGAL
TUMAALEE ADDA ADDAA

Dirqama deggarsaa
 
Qaamni mootummaa, miti-mootummaa fi uummatni pirojeektii
hojii ijaarsaa naannoo Oroomiyaa keessatti gaggeefamun wal-
qabatee qajeelfama kana hojii irra oolchuuf dirqama qabu.
Qajeelfama fooyyeessuu
Abbaan Taayitaa Konistraakshinii Oromiiyaa yeroo
barbaachiisaa ta’etti qajeelfamiicha ni fooyyeessa.
GALATOOMAA!

You might also like