You are on page 1of 15

BAAFATA

Lakk Fuula

1. Baafata …………………………………………………….…………………. 1
I. Cunfaa(Executive Summary) ……………..…………………………………….2
II. Seensa…………………………………………………………………………..3
III. Kaayyoo Gabaasichaa(Objective)……………………………………………...3
IV. Daangaa Odiitii(Coverage)……………………………………………………..3
V. Tooftaa Odiiti ……………………………………...……………………………3
1. Bulchinsa Faayinaansii,Bittaa fi Bulchinsa Qabeenya…………………………………..4

1.1 Bulchinsa baajataa fooyessuu...........................................................................................4


1.2 Bittaa...................................................................................................................................4
1.3 Bulchinsa Qabeenya Fooyessu..........................................................................................4
1.3.1 To’annoo itti fayyadama konkolataa fi boba’aa gageessuu……………………………..4
2. Hojii Misooma bosonaa fi Itti Fayadama Bosonaa.................................................................4
2.1 Itti Fayadama Bosonaa……………………………………………………….…………….5
3.Bulchinsa Humna Namaa.........................................................................................................5
4.Karooraa fi Gabaa…………………………………………………………………………….5
5.Dhimmoota akka hanqinaatti mul’atanii fi Tarkaanfii fudhatamuu qaban................................6
6.Argannoo Odiitii.........................................................................................................................9

1
I. Cunffaa (Executive Summary)
Hojiin Kurmaana 2ffaa Kana Keessati Hojataman keessa,Bulchinsa Finaansii ,Bittaa fi Bulchinsa
Qabeenya,Misooma Qabeenya Humna Namaa fi Ijaarsa dandeetti ,Industrii,Misooma Bosonaa fi Itti
Fayyadama Bosonaa Egumsa Bosonaa waluumaa galatti Hanqina jiruu fi cimina jiru addaan baasu fi
Tarkaan fii Sirreefamaa Kaahudha

2
II. Seensa

Oditara keessa jechuun Nama qaama kamirahu bilisa ta’e gaggeesitoota hojii dambii fi qajeelfamaan
kalattii hojii irrati gorsaa yaada galtee dhiheesuudha. akasumatti,Raawwiin hojii caalmatti akka
milkaahu gochuudha.
Kun akka milkaawu ogummaa fi dandeeti odiitara keessa cimsuun teknoloojii ammayyaa faana tarkaan
fachuun soda fi hanqina bulchinsaa jiru hordofuun hojiin milka’inaan akka itti fufu to’anno fi hordoffii
qajeelfama hojii fi dambbii ittin bulmaata sirnaan hojiirra olchuutu nurraa Eegama.
Adeemsa hojii kanaa kan tiiksuu fi itti gaafatamummaan kan raawwatu fi wantoota ijjo ijjoo irratti kan
bu’ureefate tahee murtii qajeelfama hojiitiif kan mijatuu qabaasa qulqullu fi sadarkaa isaa eegaten kan
dhihaatedha.

III. Kaayyoo Gabaasichaa(Objective)


Kaayoon gabaasa Odiitii keessa Akaataan sirna to’annoo fi hordofii raawwii mana hojii keessaa
qorannoo Oditiin ilaalamee qaama Olaanaa mana hojiitiif dhalayee akka ilaalamuu fi rakina mulatte
irratti tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatamu gochuuf.

IV. Daangaa Odiitii(Coverage)


Dameen Harargee haala bu’ura seera (hojmaata) qajeelfama dhaabbani keenya baaseen fayyadamanii
misooma bosonaa fi Itti fayyadama bosonaa ,Eegumsa bosonaa ,Faaynaansii , Bittaa fi Bulchinsa
qabeenya, bulchinsa misooma qabeenya human namaa fi Ijaarsa dandeetti akaata qajeelfama hojii fi
seeraatiin hojatamaa jiraachu isaa qulqulleesu.
V. Tooftaa Odiiti
Itti fayyadama bosonaa ,Eegumsaa fi Kunuunsa bosonaa fi industirii bakka hojiin jirutti deemuudhaan
ilaalle mirkaneessu fi hojii faaynaansii,bittaa fi bulchinsa qabeenyaa sanada (harshammee),Voucharii
xinxaaluu fi maallaqa calla fi sanduuqaa lakoofsaan mirkaneessu,bulchinsa human namaa faayila
hojatoota ilaaluu fi yaada galmee yaadaa irratti kenamme irraa funaanun ilaalee qulqullee fachuu fi Itti
quufinsa maammilaa foormii yaada maammilaa ittiin funaanan qopheessun gabaasni odiitii keessa kan
dhihaatu dha.

3
1. Bulchinsa Faayinaansii,Bittaa fi Bulchinsa Qabeenya
1.1 Bulchinsa baajataa fooyessuu
Xinxaala qabinsaa qabinsaa fi hojiirra olmaa baajata bara 2014 kurmaana 2ffaa bara 2014 gaggesudhaan
baajanni hojii irra olchuuf mirkana’e leejara to’anno baajata irraa koodiidhaan adda bahee galmahuu
isaa ilaallerra.
Baajanni qabame haala karooraatiin hojiirra oluu isaa fi baajanni mirkanahe leejara irratti gulanta
gulaantadhaan galmahee qabamuu isaa mirkana’era.
1.2 Bittaa
To’anno fi hordoffii bittaa ilaalchisee seeraa fii qajeelfama bittaa haarawa amma bahee jiruu irrati
hundahuun to’anno keessa cimsuun sirrummaa fi seera qabeessumaan bittaa gageefamaa jiraachuu isaa
hubachiisaa .
Meeshaaleen Sadarkaa dameetti bitamanii fi dhaabbatara bitamee dhufu kamiyyu qulqullinni isaa ni
hordofama akasumaas meeshaleen bitaman kamiyyuu parformaan funaanamee akasumati dorgommi
caalbaasiin malee kan bitamu akka hin jirre fi meeshaan bitaman galii ta’anii haala gaafiitiin galii tahuu
isaanii ni laalama ni mirkaneefama meeshaa bitaman hala ispeesifikeeshiniitin galii tahuu isaa tooftaan
itti to’atamuus ni jiraata.
Meeshaan bitama nagahee galii meeshaatin galii tahee ,nagahee baasii meeshaatin baasii taha.
Walumaa Galati bittaa ilaalchisee racoon kan hin jirre tahuu isaa ilaalleerra.

1.2 Bulchinsa Qabeenya.

1.2.1 To’annoo itti fayyadama konkolataa fi boba’aa gageessuu.


Hojii dhaabbatichaa galmaan gahuu kan dandeessiisu bu’awwanii fi deeggarsii barbachisaa ta’ee karaa
qind a’een keenama jirachuu isa,keenan tajaajila geejjiba qajeelfama dhaabbata kan hordofee ta’uu
isaa,Naannoo hojiitti balaan adda addaa qabeenya dhaabbaticha irra egamuu isaa kan dandeessisu off-
eegannoo godhamu isaa,konkolatoota hundaaf inshuransiin akka galamee jiru ilaalleerra.
konkolatooni geejji qabachu isaani,Uunkaan(bobba’a’iinsa konkoolata)gutaamu isaa,konkolaatoota
hundaaf kusaan ittin hordofamuu dhaabbachu isaa,konkolatooni hojii dhaabbaticha qoofaaf Oolu
isaani ,meeshaan jijjiraa konkolatootaf bittamuu hojii irra oluu isaa ilaalle mirkaneefaneerra.

1.2.3.Meeshaa Tajaajila hin kennine irratti yeroon akka maqfamu hordofuu irratti
Meeshaleen Tajaajila hin kenine jedhamee koreen lakooftee erga adda baafte booda dhaabbani
caalbaasii itti baasee akka gurguru Dameen gara dhaabbataatti Ergee booda dhaabbani gara dameetiin
qorannoon gatii gabaa akka gaggeessu waan godheef koreen qorannoo gabaa gatii omisha bu’a
bosonaatiif bobaate achumaan qorannoo maqsa meeshaa kanaas akka qorattuf bobbaatullee hanqina
yerootiif qorachuu hin dandeenye kan jettu gabaasa isaanii keessa qulqulleefachuu
dandeenyeera .haata’u malee Meeshaleen Tajaajila hin kenine kun yeroodhan maqfamuu waan qabuuf
koreen qorannoo gatii gabaa maqsa meeshaa kana yeroo gabaaba keessatti dhaabbattee qorannoo
gaggesitee Caalbaasiin itti bahee akka maqfamu gaafachaa gama keenyaan to’annoo fi horddoffii akka
goonu ibsuun barbaada.

4
2. Hojii Misooma bosonaa fi Itti Fayadama Bosonaa

Hojii misomaa Bosonaa kurmaana 2ffaa kana keessa hojatame haala hojimaatan raawwatamu isaa
qaaman dhaqnee qulquleesineerra.
 qophii biqiltuutif galteewwan kan akka biyyee;xaa’oo; cirrachaa fi sanyii akkasumas polutin
tubii sirnaan hojii irraa oluu isaa mirkaneesineerra .
 Qophii biqiltuu ilaalchisee Biqiltuun kan qophaa’uu karoora irratti hunda’ee ta’u
isaa,Distiriktii dindin , irratti Iddoo biqiltuun ittin qopha’uutii achuma mooraa warshaa keessa
waan taheef yeroo hojii madaala xawlaaf deemnetti ilaalle Haala gaarii irra jiraachuu isaa
ilaaleerra.

2.1 Itti Fayadama Bosonaa


Hojii itti fayyadama bosona haala hojimaatan hojjatamuu isaa qulquleefaneerra.
Gatiin gurgurtaa Oomisha warsha haala qorannoo gabaa dhaabbatichii mirkaneeseen ta’uu
isaa;gudeelchii dhaabbatan yeroo gurguramuu qajeelfamni gurgurtaa jirachuu isa fi haala
qajeelfamatiin raawwatamu isaa;gurgurtan kamiyuu beekssifni bahee wal-dargomiidhan ykn IMX
ulaagaa guutatteen raawwatamu isaa; bosoni dhaabbatan yeroo gurguramuu walii galtee abba bitaate
waajjin godhamuu fi akka qajeelfama dhaabbatichatin raawwatamuu isaa; hojjetamaa jirachuu isaa
qulqulleessineera.

3.Bulchinsa Humna Namaa


Hojii bulchinsaa human namaa ilaalchisee Sadarkaan guddinaa fi Qaxarriin Hojjatoota Haarawaa
haaluma danbii fi qajeelfama ramadii kanaaf bahe irratti hunda’ee hojjatamuu isaa qulquleesineerra.
Qalmeen hojjatootaa fi wal qunnamtii xaalayaadhaan qaama alaa wajjiin taasiifamu,kitaabotaa adda
adda labsii mootummaa,danbii fi qajeelfamoonni karaa sirri ta’een qabamu fi egamu isaani,ragaleen
hundiinu yeroo barbaadaman dafanii akka argaman tasifamanii karaa salphaa ta’een ka’amuu
isani,hojjeetoota hundaf kusaa dhunfa dhaabbachuu isaa ,kusaa hojjetootaf eegumsii fi egannoon cimaa
godhaamuu isaa,Sadark ka gudiina,Qaxarii,jijjiraa hojjetootaa dhaabbii irraatti raawwatamu haala wali
galtee gamtaa hojjetootattin ta’u isaa,murtoon murta’u fi bu’aan adda adda koree manajimantti dameef
kennamuu haala seera ittin bulmataa koree manajimantti hojii irraa olee irratti hunda’udhan kan
gaggeefame ta’u isaa mirkaneefaneerra.

5
4.Karooraa fi Gabaa
 Raawwii hojii gurgurta kurmaana 2ffaa haala qajeelfama irratti hunda’ee hojjatamuu isaa
qulqulleessineerra
 Qorannoon gabaa omisha bu’a bosonaa hojjatamu isaa,hojii iraa olinsa qorannoo gaggeeffame
hojiirra oluu isaa qulquleesineera,

 Gurgurtaan Omishaa calbaasiin raawwatamuu isaa ilaalleerra


 gurgurtaan raawwatamuu Nagahee gurgurtaa qarshii fi Nagahee Baasii Omishaa itti muramuu
isaa xinxaalleerra
 maallaqni gurgurtaa irraa walitti qabamu guyya guyyaadhan lakk.herreega baankii cufaa
dhaabbatichaatti galii ta’uu isaa qulqulleesineerra
 gatiin gurgurtaa Oomisha bosona fi bu’aan bosonaa ittin guurguramu gabaan qoratamuu isaa fi
manajimantii irratti dhiyaate murta’u isaa,qajeelfama gurgurtaa dhaabbatichi amma baaseen
hojatama jirachuu isaani mirkaneefaneerra.

6
5.Wal-amantaa Madaala Xawlaa Hojachuu
Wal-amantaa madaala xawlaa kan bara 2013 kan warshaa Daraarii fi Kaachik Kan hojanne yootahu
akkaata armaan gadii kanaan gabaasni dhihaateera.
5.1 Warshaa Daraar.
obbo Amadiin Daadhi qabaa oomishaa Distriktii Dindinitii Warshaa Daraar kan ta’e hojiin odiitii Wal
Amantaa Madaala xaawula Galii fi Baasii irratti hojjatame hir’ina 43.301 M3 (Metirkuubi Afurtamii
Sadi tuqaa Sadi duwwaa Tokko) Qarshiin 67,728.28(Kuma jahaatamii Torbaa fi dhibba Torbbaa fi
digdamii sadeet fi san.28/100) qofa fi caalmaan 11.571 M3(meetir kuubii Kudha Tokko fi tuqaa shan
Torbba tokko) Maalaqaan 45,828.71 (Kuma Afurtamii shanii fi dhibba Sadeetii fi digdamii sadeetii fi
san.71/100)qofa argame sirri ta’uu isaa mirkaneessa walamanta kana odiitaraaf mallateese kenneera.
Hubachiisa:-
Hujiin Olitti ibsame kun Sanada galii fii Baasii irratti Waan taheef Omisha Warshaa Daraar irraa
Damee shagariif Gurguramee Baasii hin tahin yeroo Inventory waxabajjii 30 bara 2013 lakaawwan
Irraa hirrisanii waan lakaawaniiff Baalaansiin keenya Omishni kun baasii tahee waan hindhuminiif jira
jedhee Agarsiisa Waan taheef xiqeenyaan(Hirrinaan) kan jedhu meetikuubiin 43.301 M3 Stookii keessa
kan jiruu ta’uu isaa mirkaneessa walamanta kana Omishni lafarra jira jedhamu kun Ilaalamu qaba waan
taheef hanqina yerootiif ilaaluu hindandeenye waan taheef yeroo Hojiif deemnu ilaalle qulquleefannee
kan isiiniif dhiheesinu taha.

5.2 Warshaa Kaachik


obbo Aadam Jamaalo qabaa oomishaa Distriktii Dindinitii Warshaa Kaachik kan ta’e hojiin odiitii Wal
amantaa omisha xaawula Sanada galii fii baasii irratti hojjatame hir’inaan 53.911M3 (Meetirkuubi
shantamii sadii fi Tuqaa Sagal tokko tokko) qofa fi maalaqaan qar.255,499.64(kuma dhibba lamaa fi
shantamii shanii fi dhibba afuriifi sagaltamii sagalii fi sant 64/100)qofa yoo ta’u caalmaan
69.021M3(meetir kuubii jahatamii Sagalii fi tuqaa duwwaa Lama tokko) qofa qarshiin
207,353.12(kuma dhibba lamaa fi kuma torbbaa fi dhibba sadii fi shantamii sadii fi sant.12/100)qofa
argame sirri ta’uu isaa mirkaneessa walamanta kana odiitaraaf mallateese kenneera.

 Itti fufuudhaan Wal-amantaa madaala xawlaa Warshaa Kaachik Adooleessa 1 bara 2013
Hanga Sadaasa 14 bara 2014 ti Hojaneen obbo Aadam Jamaalo qabaa oomishaa Distriktii
Dindinitii Warshaa Kaachik kan ta’e waliin hojii odiitii Wal amantaa omisha xaawula Sanada
galii fii baasii irratti hojjatameen Baalaansiin gara 2014 ti naanawe 470.136 m3 yootahu
Adooleessa 1/2013 hanga Sadaasa 14/2014 ti Galii tahe 261.014 m3 baalaansii naanawe Ida’u
galii Adooleessa 1/2013 hanga Sadaasa 14/2014 ti 731.150 m3 yootahu Baasiin Adooleessa
1/2013 hanga Sadaasa 14/2014 ti 352.421 m3 yootahu baalaansiin keenya Sadaasa 14/2014 ttii
378.729 m3 argame sirri ta’uu isaa mirkaneessa walamanta kana odiitaraaf mallateese kenneera.

7
6..Dhimmoota akka hanqinaatti mul’atanii fi Tarkaanfii fudhatamuu qaban

.6.1 Distiriktii dindin irratti Binkaardii Omisha Xawlaarratti sirnaan itti hojachuu irratti qaawni akka
jiru
Distiriktii dindin irratti Binkaardii Omisha Xawlaarratti sirnaan itti hojachuu irratti qaawni akka jiru fii
maali rakkoon keessan jennee yeroo gaafannu nu jalaa dhumtee gaafannee nuuf erguu hin dandeenye
kan jettu naaf dhiheessan kun immo baalaansii kee qixa sirrii taheen to’achuuf kan nama rakkisu waan
taheef qaamni waan kana dhiheessu hatatamaan akka erguuf yoo stoora damee keessa dhume
dhaabbatara akka dhufuuf kan jettu kallattii keenyee raawwii isaas kan hordofnu tahuu keenya isiniif
ibsa.
6.2 maammilli Oomisha bitate yeroo waligaltee keessatti kaafachuu irrati harkifachuu isaa.
Distiriktii gaara mullatta irratti Waldaan IMX bayaanii fi shariikoota isaa kan jedhu gudeelcha
bahargamoo 207 M3 gandda biiftuu irraa gaafa guyyaa 23/10/2013 bitatee guyyaa shan keessatti
distiriktiin qeebalchiisu osoo qabanii ji’a lama booda Xalayaa gaafa 21-12-2013 bareesseen abbaan
taaytaa Bosonaa fi Eegumsa naanno mukni kun achirraa yoo murame miidhaa fiduu danda’a waan
taheef waajjirri keenya Ugura ka’ee jira Xalayaa jettuu ilaalee taajabeera akkasumatti Gama distiriktii
keenyaatiin gaafuma guyaa 21-12-2013 Waldaa IMX bayaanii fi shariikoota isaa jettuf guyyaa sadi
keessatti akka kaafattan kan jettu ilaaleerra.
 Tarkaanfii fudhatamuu qaban
 Distiriktiin maamilli isaa seera mana hijichaaf akka abboomu gochuun duratti seera sana adda
baafatee akka beeku gochuu, erga beeksisee booda ittin akka hoganaman godhuu irratti ijjennoo
cimaa qabachuun seerri gurgurtaa omishaa waliin walqabatu hojii irra akka oolu taasisuu fi
waliigalteen mallatahe hojiirra akka oolu kabajanii kabachiisuuf ejjanno cimaa qabaachu feesisa
 Gama xalayaa Uguraa Abbaa taaytaa Bosonaa fi Eegumsa naanno irraa baroytee ilaalchisee
xalayicha qabatanii ta’uu osoo hin tahin Qaama dhimmi ilaaluuf gabaasanii tarkaanfii
sirreeffama barbaachisaa ta'e battalumatti fudhachuudha.

6.Argannoo Odiitii

1. Obbo Aliyyi muumme yeroo Raawwata mana kuusaa turetti Xinxala odiitara keesatiin Uffata

8
seera Bara 2007 hojatootaf Bitame Galii fi Basii tasifamen uffata seeraa bara 2007 isarrati
hirrate qarshii 45,646.57 ji’an mindaa isaarra kutaa kafalaa kan jiruu fi baalaansiin bara
2012 irraa gara bara 2013 ti as darbee 25,470.54 yoota’u kurmaana 3ffaa kana keessa deebi’i
kan tahe qar.1,050 yoo tahu baalaansiin gara kurmaana itti anutti kan darbe qar.22,320.54
tahu isaa ilaaleerra.
2. Obbo Addamu Shimallis Kompitara laptoopi irrati bade to’anno fi hordofii qabeenya odiitiin
gageefameen shalagiin kompitaraa qar.12,000 yoo ta’u baalansii bara 2012 irra gara bara
2013ti as darbe qar.8,719.45 yoo tahu kurmaana 3ffaa kana keessa deebi’i kan tahe
qar.1,728.33 yotahu baalansiin gara kurmaana itti anuuti darbe qar.3534.46 ta’u isaa ilaaleera.
3. Obbo Aliyyi Abrahim Yeroo kaasharii turetti hirrinni maalaqaa qar.11,418.45 yo tahu
baalansii bara 2012 irra gara bara 2013 as darbe qar.9,518.45 yotahu kurmaana 3ffaa kana
keessa deebi’i kan tahe qar 900 yo tahu baalansiin gara kurmaana itti anu darbe qar. 6,818.45
tahu isaa ilaallerra.

Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa bosonaa Oromiyaa


Gabaasa Hir’ina Maallaqaa fi Omishaa
Maqaa Damee Harargee
Gabaasa Ji’a Sadaasa 2014
Lakk Maqaa Hojataa Hir’ini Maallaqa deebi Kan Ji’a Baalaansii gara Maalaqa
. Maallaqaa/Qabeenyaa ta’uu qabu Sadaasa Ji’a itti anutti deebi’I tahuu
irratti argamee 30/10/2013 irraa bara 2014 naana’e hindandeenye
gara bara deebi’i ta’e sababiin
2014tti naana’e ibsamuu qaba
1 Aliyyi Abrahim 5,918 45 300 00 4,418 45
2 Aliyyi Muumme 21,270 54 350 00 19,520 54
Ida’ama 28,995 12 650 00 23,938 99
Lakk Maqaa Hojataa Maalaqni Argannoo
. Irratti Argamee Haarawa
1 Abdalla Yuyya 9,912 78 826 06 9,086 72
2 Ahmadiin Mohammed 4,112 00 1028 00 3084 00
3 Tashooma Kumalaa 2,623 75 2326 75 00 00
4 Yassuyye Nuurii 1,028 00 - 1,028 00
5 Jamaal Liyoon 367 50 - 367 50
6 Aliyyii Odaa 329 58 - 329 58
7 Addamu Shimallis 738 00 738 00 -
Ida’ama 18,814 61 4,918 81 13,895 72
5,568 81

Akaatuma Olitti Ibsame Kanaan

9
1.Obbo Aliyyi Muumme Hirrina maallaqaan kanfalaa kan jiru fi baalaansiin bara 2013
irra gara bara 2014ti as darbe 21,270.54 yoo ta’u Ji’a kana keessa deebi’i kan ta’e qar
350, yoota’u baalaansiin Ji’a itti Aanutti darbe qar.19,520.54 ta’u isaa ilaallerra.
2.Obbo Aliyyi Abrahim Hirrinna maallaqaa kanfalaa kan jiru fi baalaansiin bara 2013
irraa gara bara 2014 ti as darbbe qar.5,918.45 yoo ta’u Ji’a kana keessa deebi’i kan ta’e
qar.300 yoo ta’u baalaansiin gara Kurmaana itti aanutti as darbe qar.4418.45 ta’u isaa
ilaallerra.

Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa bosonaa Oromiyaa


Gabaasa Hir’ina Maallaqaa fi Omishaa
Maqaa Damee Harargee kan ji’a Onkololeessa 2014
Lakk. Maqaa Hojataa Hir’ini Maallaqa ji’a Baalaansii Maalaqa
Maallaqaa/Qabeenyaa deebi ta’uu Onkololeessa gara ji’a deebi’I tahuu
irratti argamee qabu 2014 deebi’i itti anutti hindandeenye
30/10/2013 ta’e naana’e sababiin
irraa gara ibsamuu qaba
bara 2014tti
naana’e
1 Aliyyi Abrahim 5,918 45 300 00 4,718 45
2 Aliyyi Muumme 21,270 54 350 00 19,870 54

Ida’ama 28,995 12 650 00 24,588 99


Akaatuma Olitti Ibsame Kanaan
1.Obbo Aliyyi Muumme Hirrina maallaqaan kanfalaa kan jiru fi baalaansiin bara 2013
irra gara bara 2014ti as darbe 21,270.54 yoo ta’u ji’a kana keessa deebi’i kan ta’e qar
350, yoota’u baalaansiin ji’a itti Aanutti darbe qar.19,870.54 ta’u isaa ilaallerra.
2.Obbo Aliyyi Abrahim Hirrinna maallaqaa kanfalaa kan jiru fi baalaansiin bara 2013
irraa gara bara 2014 ti as darbbe qar.5,918.45 yoo ta’u Ji’a kana keessa deebi’i kan ta’e
qar.300 yoo ta’u baalaansiin gara Ji’a itti aanutti as darbe qar.4718.45 ta’u isaa
ilaallerra.

10
Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa bosonaa Oromiyaa
Gabaasa Hir’ina Maallaqaa fi Omishaa
Maqaa Damee Harargee
Gabaasa Ji’a Sadaasa 2014
Lakk Maqaa Hojataa Hir’ini Maallaqa deebi Kan Ji’a Baalaansii gara Maalaqa
. Maallaqaa/Qabeenyaa ta’uu qabu Sadaasa Ji’a itti anutti deebi’I tahuu
irratti argamee 30/10/2013 irraa bara 2014 naana’e hindandeenye
gara bara deebi’i ta’e sababiin
2014tti naana’e ibsamuu qaba
1 Aliyyi Abrahim 5,918 45 300 00 4,418 45
2 Aliyyi Muumme 21,270 54 350 00 19,520 54
Ida’ama 28,995 12 650 00 23,938 99
Akaatuma Olitti Ibsame Kanaan
1.Obbo Aliyyi Muumme Hirrina maallaqaan kanfalaa kan jiru fi baalaansiin bara 2013
irra gara bara 2014ti as darbe 21,270.54 yoo ta’u Ji’a kana keessa deebi’i kan ta’e qar
350, yoota’u baalaansiin Ji’a itti Aanutti darbe qar.19,520.54 ta’u isaa ilaallerra.
2.Obbo Aliyyi Abrahim Hirrinna maallaqaa kanfalaa kan jiru fi baalaansiin bara 2013
irraa gara bara 2014 ti as darbbe qar.5,918.45 yoo ta’u Ji’a kana keessa deebi’i kan ta’e
qar.300 yoo ta’u baalaansiin gara Kurmaana itti aanutti as darbe qar.4418.45 ta’u isaa
ilaallerra.
Arganoo Haarawaan
Lakk Maqaa Hojataa Maalaqni Argannoo Kan Ji’a Baalaansii gara Maalaqa deebi’i
. Irratti Argamee Haarawa Sadaasa Ji’a itti anutti hindandeenye sa
bara 2014 naana’e ibsamuu qaba
deebi’i ta’e
1 Abdalla Yuyya 9,912 78 826 06 9,086 72
2 Ahmadiin Mohammed 4,112 00 1028 00 3084 00
3 Tashooma Kumalaa 2,326 75 2326 75 00 00
4 Yassuyye Nuurii 1,028 00 - 1,028 00 Gadhiiseera
5 Jamaal Liyoon 367 50 - 367 50 Ni dagatame malee ji’a dhufu
murama
6 Aliyyii Odaa 329 58 - 329 58 Ni dagatame malee ji’a dhufu
murama
7 Addamu Shimallis 738 00 738 00 -
Ida’ama 18,814 61 4,918 81 13,895 72

1.Obbo Abdallaa Yuuyya Distiriktii Dindin irraa Liqii mindaa Ji’a sadihii Bara 2010 keessa
Neetiidhaan Qarshii 9,912.78 Bank payment Voucheri 340907_tin Fudhatee Koodii Heregga biraatiin
Galma’e Dhokate Argannoo Oditii keessatiin Saqata’insa godhameen Osoo hin kafalin jiraachu isaa
irra gahamee Ji’a kanarra Eegalee Qarshii 826.06’tin Kafalee akka xumuru ta’eera
2.Obbo Ahmadiin Mohammed Dist/J/Muktaarirra Liqii mindaa Ji’a Tokko Bara 2012 keessa Qarshii
4,112 Bank Paymant Voucher No. 037383 kanaan fudhatee Osoo hin kafaliin Naanawaa Gara
biginiing bara 2014 dhufe odiiti keessatiin qulqula’eera Ji’a kanarra qarshii 1028’tiin muramee

11
Kaznatti akka deebi’u ta’eera
3.Obbo Tashooma Kumalaa Dameerra Liqii mindaa Ji’a sadii bara 2011 keessa qarshii 27,921 ,
Chek pv.No.037249’tiin fudhatee Ji’a kudha tokko kan falee kan ji’a tokko qarshiin 2,326.75 irratti
hafee baalaansiin gara 2014 ti naanahee osoo hin kafalamin jiraachu isaa Erga qulqullefanne booda
Ji’a kanarrati muramee kaznatti akka deebi’u ta’eera.
4.Obbo Yassuyye Nuurii Distiriktii Dindin irra Liqii mindaa ji’a tokko bara 2012 keessa neetiidhaan
qarshii 1028 Pv.No.340927’tiin fudhatee osoo hin kan falin Waajira gadhiisu isaa qulqullefaneerra.
5.Obbo Jamaal liyoon Liqii mindaa Ji’a sadii bara 2010 keessa neetiidhaan qar.4050
Chek.Pv.No.039792’tin fudhatee qarshiin 367.5 irratti hafee osoo hin kafalamin baalaansiin gara bara
2014ti naanawee jiraachu isaa qulquleesineerra ji’a itti Aanu muramee kaznatti akka deebi’u walii
galeerra.
6.Obbo Aliyyi Odaa Distiriktii Dindinirra Liqii mindaa ji’a tokko bara 2011 keessa Pv.No.308726’tiin
Qarshii 1,432.26 fudhatee baalaansiin irratti Hafe Qarshii 329.58 irratti hafe Osoo hin kafalin
baalaansii gara bara 2014ti naanawuu isaa ilaalleerra kuniis ji’a itti aanu muramee Kaznatti Akka
deebi’u Walii galleerra.
7.Obbo Addamu Shimallis Dist/G/Mulataatirra Garaagarumma Mindaa yeroo hojatan dogongoraan
qarshii 738 Caalmaan Yaachuu isaa Sakata’insa Oditii keessatiin godhameen waan arkameef ji.a kana
keessa akka deebisu ta’eera.
Arganoon haarawaan qarshii 18,814.61 yoo ta’u kan deebi’e 4,818.81 yoo ta’u kan duraati waliin
qarshiin ji’a kana keessa deebi’e qar.5,568.75 ta’u isaati.

12
13
14
15

You might also like