You are on page 1of 101

Leadstar College of Management and

Leadership

Waaqeffannaa Kiristaanaa

Koodii Koorsichaa / Course Code LTW-108

Undergraduate Department of Theological


Studies

1|Page
Qabiyye Fuula

Seensa..................................................................................................................................2
Waaqeffanna..................................................................................................................6
Baqonnaa Lama.................................................................................................................16
Maalummaa Waaqeffanna Dhugaa...........................................................................16
Boqonnaa Sadii..................................................................................................................27
Hariroo sadan Tokkummaa waaqaa fi waaqeffanna..............................................27
Boqonnaa Afur...................................................................................................................36
Faayidaa Waaqeffannaa fi walitti Qabama Amantootaa.........................................36
Boqonnaa Shan..................................................................................................................46
Wantoota Waaqeffanna Dhunfaaf fayyadan.............................................................46
Boqonnaa Ja’a....................................................................................................................61
Waaqeffannaan Akkaataa Adeemsa Jirenyaati........................................................61
Boqonnaa Torba.................................................................................................................69
Qajeelfama Sirna Waaqeffannaa...............................................................................69
Boqonnaa Saddeet.............................................................................................................76
Waaqeffanna keessatti Gahee Yeedaloo.............................................................................76
Boqonnaa Sagal.................................................................................................................83
Qooda Meeshaleen Yeedaloo Waaqeffannaa Keessatti Qaban................................83
Boqonnaa Kudhan.............................................................................................................92
Cubbuu-Gufuu Waaqeffannaa...................................................................................92
Boqonnaa Kudha Tokko..................................................................................................101
Hiika Waaqeffannaa Amantiiwwan Gurguddoo Addunyaa..................................101
Boqonnaa Kudha Lama....................................................................................................113
Goolaba Waa’ee Waaqeffannaa................................................................................113

2|Page
Seensa

Jireenya isaa dabalatee, waan gaariin dhalli namaa qabu martinuu kennaa
Waaqayyoo ti. Kennaawwan adda addaa Waaqayyo namaaf kenne keessaa inni
tokko nama akka fakkeenya isaatti uumuu dha (Uum 1:26). Kana qofa osoo
hintaane, kennaa inni guddaan Waaqayyo dhala namaaf kenne Tokkicha Ilma
isaa Yasuus Kiristoos dha. Dhalli namaa, Addaam namni jalqabaa sun, erga
cubbuutti kufee eegalee, dhala namaa gara jireenyaatti, gara ofii isaatti, gara
kaayyoo uumama isaatti deebisuuf Waaqayyo karaa adda addaa falaa akka ture
Macaafni Ququlluun dhugaa nuu ba’a.

Jalqaba irratti Addaamiin bakka isaa Jannata keessaa, dhaabee “Yaa Addaam
eessa jirata?” jechuudhaan sagalee jaalalaan waamuu isaa argina.

Lammaffaa, Addaam qullaa ta’uu isaa irraan kan ka’e baala marxifachuuf yaalli
yoo godhe iyyuu, yeroo isaa eegee baalichi gogee irraa harca’e. Yeroo kanatti
Waaqayyo bara booddee isuma harkaa dhufuuf isa jiru karaa Kiristoos Yasuus
Ayyaana Waagayyo- kan bakka bu’u gogaa beelladaa akka itti huwwise argina.
(Uum 3:27)

Sadaffaa, dhalli namaa eegee, kabajee akka ittiin jiraatuuf jecha Seera/
Abboommii kurnan kenne (Bau 20:1-18).

Haa ta’u malee, dhalli namaa, sabni inni fo’ate, seera eeguun gara isaatti
guutummaan deebinuu hin dandeenye. Geggeessitotni, Seerri (Abboommii
Kurnan), Lubootni fi Lewwotni, raajotni yeroo adda addaa keessa ka’aniis
Waaqayyoo fi nama gidduutti araara fiixa- ba’iinsa qabu fiduu hin dandeenye (Ib
9 ).

Kanaafuu, Waaqayyo Ilma isaa isa barabaraan isaa wajjin isa ture, Waaqa isa
ture, mudaa isa hin qabne, Yasuus Kiristoosiin waa’ee gafii cubbuu dhala namaaf
fannoo irratti akka adabamuuf, dhiiga gulgulluu sanaanis dhiqachuun dhalli
namaa gara kaayyoo uumama isaatti akka deebi’u taasise (Ib 1:1-3; Yoh 3:16, Yoh
1:1-14, 2Yoh 1:1-3).

Egaan gocha kennaa Waaqarraa isa ta’e Yasuusitti kan amane martinuu uumama
haaraa, kennaa lammaffaa dhalachuu nuuf kennameera. Kanneen karaa Yasuus

3|Page
lammata dhalachuun ijoollee Waaqayyoo ta’an kun kan ofii isaanii osoo hin
taane, qabeenya Waaqayyoo warra gatii dhiiga qulqulluun bitaman dha.

Waaqayyo fakkeenya isaan, kan uume, oolchuut, furuuf baraa dheeraadhaaf


yaalii adda addaa gochaa, yeroo isaatti tokkicha ilma isaa du’aa fannootti
kennauudhaan gatii ulfina qabeessa, kennaa waaqa irraan saba bite sana,
qabeenya isaa ta’e kana irraa maal eega laata? Sabni haala akkasiin bitame,
furame kun, furee isaa kana wajjin walitti dhufeenyi inni qabaachuu qabu walitti
dhufeenya attam ta’uu qaba laata?

Waaqayyo daddabalee, irra deddeebi’ee kan inni mootii Gibxii, Faari’oonitti


dubbachaa ture “Naan haa tajajilaniif saba koo gad dhiisi …” (Ba’u 5-9) kan
jedhu dha. Tajaajilli bifa adda addaan mul’ata yoo ta’e iyyuu, tajaajilaaf ka’umsa,
madda, raawwii, kaayyoo, sababa kan ta’e, waan ijoo tokko tu jira- innis
waaqeffannaa dha .

Akka ilaalcha kiristaanaatti waaqeffannaan,Waaqayyoof buluu dha. As irratti


waaqeffannaa isa guyyaa sanbataa waldaa dhaqanii sagantaalee jiran
hordofuudhaan isa booda gara manaatti galan qofa akka hin taane haa
hubatamu. Inni kun taatee mul’inatti kiristaanaa ta’uu keenya ittiin beeksifnuu
dha. Taatee mul’inatti geggeeffamu sana keessattis hafuura keenyaan, laphee
keenyaan karaa sagantaalee hafuuraa geggeeffama sana keessatti hafuura isa ta’e
Waagayyoo wajjin akka wal-arginu hafuurri keenya dhugaa nuu ba’a.

Waaqeffannaan tajaajilawwan bifa adda addaan guyyaa Sanbataa geggeeffaman


irra darba.Waaqeffannaan jireenya nama amanaa tokko keessatti haala namootni
biroon adda baasanii sirriitti hubatanii dhugaa ba’uu danda’aniin walitti
dhufeenya Waaqayyoo fi saba isaa gidduu jiruu kan agarsiisuu dha.

Waaqayyo haala adda ta’een saba isaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu
barbaada.Waagayyo ergamoota warra halkanii fi guyyaa utuu wal- irraa hin
kutin “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulgulluu!” (Isa 6:3) jechuun sagadaa fi
waaqeffannaa isaaf qaban mul’isaniin ala, as biyya lafaa kana irratti kan inni
qabu saba isaa, saba fo’ame, saba dhiiga Ilma isaan bitame dha.

Egaan fedhii Waaqayyoo fi eenyummaa /maalummaa saba isaa waliin qabnee


yeroo ilaalluu, waaqeffannaan guutummaa jireenya sabichaa kun ilaallatu ta’ee

4|Page
argina. Waaqeffannaan haala jiruu fi jireenya saba/nama tokkoo, kan nama
Waaqayyoo ilaallata. Kana jechuun fkn kadhannaan, galateeffachuun, eebbisuun,
jajachuun, nama biraaf kadhachuun, Macaafa Qulqulluu dubbisfanii itti
jiraachuun, hiyyeessotaaf kennuu , cuuphamuu fi kennaa Irbaata Qulqulluu itti
hirmaachuun, kkf.

Waaqeffaannaan haala addaan guutummaa jireenya keenyaan geggeeffamu


akkasii kun dhuunfaatti, gita maatiin, gartuu fi sadarkaa waldaatti akka
geggeeffamu dha.

Walumaa gala barumsi kun, guyyaa sanbataas ta’e guyyoottan biroo,


dhuuntaanis ta’e tokkummaan, deddeebii jireenyaa hundaanis ta’e, sagantaalee
waageffannaa waliiniif mijaa’an keessatti “Waaqeffannaa” namoota fuula
Waaqayyoo duratti dhiyaatan /jiran/ yeroo mara fuula isaa duratti mul’atan
hunda kan ilaallatu dha. Barattootni xumura barumsa kanaatti waaqeffannaan
maal akka ta’e, waa’ee waaqeffannaa barsiisa Macaafni Qulqulluun kennu,
waaqeffannaan kiristaanaa maal of- keessatti akka qabatu hubachuu ni danda’u.

Kaayyoo Dimshaashaa Barumsichaa

Barattoofni xumura barumsa kanaa irratti:

 Hiika Macaafni Qulqulluun waa’ee waaqeffannaa kennu ni hubatu .

 Maalummaa waaqeffannaa kiristaanaa hubannoo argatu .

 Waaqeffannaa kiristaanaa haala akkamiin akka dhiyaachuu qabu, adeemsi


shaakala jireenya kiristannotaa. Waaqeffannaan dhuunfaa fi
waaqeffannaan waliinii maal ta’uu akka qabu ibsuu danda’u

 Haalli waaqeffannaa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa akkam akka ta’e


ibsuu danda’u.

 Waaqeffannaa ilaalchisee Kallattii Kakuu Mootaa fi kakuu Haaraan ibsuu


danda’u.

 Waaqeffannaa Waaqayyo jaallatu waageffannaa attamii akka ta’e ni


hubatu, ibsuu danda’u.

5|Page
 Walitti dhufeenya waaqeffannaa fi Dubbii Sagalee Waaqayyoo addaan
baafatu.

Boqonnaa Tokko

Waaqeffanna

Kaayyoowwan barumsa kutaa kanaa:

 Waa’ee maalummaa waaqeffann caalmaatti barattootaaf ibsuu ta’a.


Kanaafuu:

o Basrattootni waaqeffannaa jechuun obboo mamanii jiraachuu akka


ta’e ni hubatu.

o Waaqeffannaan baayyina namootaa fi waca irratti kan hin


hundoofne ta’uu isaa, ni hubatu.

o Waliin ta’anii tokkummaan waaqeffachuun gaarummaa yoo


qabaate illee, duraandursa, waaqeffannaan kan dhuunfaan
geggeeffamu ta’uu isaa ni hubatu.

Qabxiiwwan Gurgaddoo:

 Waaqeffannaan Waaqayyo jaallatu waaqeffannaa attamii akka ta’e beekuu

 Hiika Macaafni Qulqulluun waa’ee waaqeffannaa kan kiristaanaa kennu


adda baafachuu

 Waaqeffannaa kan kiristaanaa akkamiin akka dhiyaatu hubachuu

1.1. Waaqeffannaa

Waaqeffannaan baayy’ina lakkoofsa namootaa irratti kan hundaa’u miti. Haa


ta’u malee, keessumaa yeroo si’anaa kana keessa, tajaajiltootni waldaa harki

6|Page
caalaan isaanii sirriitti waaqeffanne kan isaan jedhan namootni baayy’naan yeroo
isaan argaman, haalawwan wantoota dowwii fi bifa waaqeffannaa adda addaa
haaraa ta’an sagantaalee isaanii keessatti raawwataman ajaayibsiifachuudhaan,
jajachuu dha.

Waaqeffannaan kan inni of keessatti qabachuu qabu dubbii sagalee Waaqayyoof


abboomamuu, Waaqayyoo fi dubbii sagalee isaaf amanamuu, yaada Waaqayyoo
keessa jiraachuu, kkf,. Dubbiin dhugaa hubatamuu qabu tokko, waaqeffannaan
milkaa’ina qabaachuu kan inni danda’u akka yaada/ fedha Waaqayyootti
jiraachuun ta’uu isaa ti.

Akka yaada/ feedha Waaqayyootti ni jiraanna yoo ta’e, ilaalcha dogoggoraa isa
baayy’ina namootaa akka madda galitti fudhachuun irratti hojjetamaa jiru sana
irraa furamuu ni dandeenya.Waldooleen ykn namootni maqaa waldaan socho’aa
jiran martinuu waaqeffannaa Macaafa Qulqulluun ala ta’e irraa deebi’uun akka
dubbii sagalee Waaqayyootti waaqeffachuun gaarii ta’a. Maqaa waldaa fi bifa
waaqeffannaan saba Waaqayyoo oliit gad oofuu hin qaban.

Namni Waaqayyoon waaqeffachaa hin jiru yoo ta’e, waan biraa kan inni
waaqeffatu jira jechuu dha.Enyu illee waaqeffannaa malee jiraachuu hin danda’u.
Jarii biyya lafaa, beekumsa, qabeenya, waaqa tolfamaa, hafuurota hamoo, nama
kkf waageffata ta’a. Namni waanti inni waaqeffatu, jireenya isaa keessatti kan
inni iddoo olaanaa kennuuf dirqama ni jiraata.Sababiin isaas lubbuun namaa,
jireenyi namaa, hafuurri namaa waa, of – gattu qabaachuun dirama waan ta’eef
dha. Yaa name Waagayyoo at hoo? Maal waaqeffattaa ?

Eeyyee isaan kun martinu yeroodhaaf ni barbaachisu. Garuu waan ati beekuu
qabdu tokko isaan kun martinuu yeroo murtaa’e booda kan sirraa adda ba’an
dha.

Waaqayyo qofa barabaraan kan jiraatu. Yasuus qofa barabaraan kan jiraataa.
Garaa gad-deebi’aadhaan eenyummaa kee guutuun isa waaqeffadhu,kan
Waaqeffa muu qabu isa qofa.Inni Abboommii isa jalgabaa Waaqayyo dhala
namaaf kenne dha.

Waaqeffannaan bifa adda addaan geggeeffaman kun sadarkaa nama dhuunfaatti,


sadarkaa maatii itti, sadarkaa gareetti, yokkaan immoo, sadakaa waldaatti

7|Page
geggeffamuu danda’a. Egaan dimshaatti barumsi kun waaqeffannaa kan
kiristaanaa irratti kan xiyyeeffatu dha. Kanaafuu, barumsi kun “waaqeffannaa” fi
haala akkamiin waaqeffachuu akka qabdu irratti xiyyeeffachaa, qabiyyee
waaqeffannaa fi sirna waaqeffannaa amantootaa torbee torbeen geggeettamu fi
yaada Macaafni Qulquulluun kennu maal akka ta’e ibsa’a kan adeemu ta’a.

1.2. Waaqeeffannaan maal inni?

“Waaqeffannaan” dhala namaas ta’e uumamni kan biroon umamuu isaaniit


madda yookaan ka’umsa kan ta’e hubachuudhaan jireenya ofii keessatti iddoo
olaanaa isaaf kennuuni, human keenya guutuun, yaada keenya guutuunfi laphee
keenya guutuun isaaf bitamaa, inni kan itti gammadu raawwachaa, galataa fi
ulfina isaa dhiyeessuu dha .

Kanaafuu,waaqeeffannaan kiristaani geggeessu kanneen Waaqayyo nurraa


barbaadu hundaa isaaf kennuu / dhiyeessuu ta’a.

Waaqayyo isa barbaraan jiraatu kanaaf sagadaa, waaqeffachaa “Ati waan


hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan
jiraataniif, Gooftaa keenya ! Waaqa keenya! Giddina, ulfina aangoo, fudhachuun
siif ta’a” jechaa isaaf sagadna, isa waaqeffanna (Mul 4:11).Ummama kanneen
biroo wajjin taanee “Hoogubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra
taa’ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta’u” jechuun isaaf
sagadina, isa waaqeffanna.

Namni waaqeffamuu hin qabu. Kana malees, namni waantota harka isaan tolche
waaqa tolfamaa waaqeeffachuu hin qabu.Waaqayyo waaqa keenya uumaa
keenya, fayyisaa keenya, qulqulleessaa keenya isa ta’e,ulfina isaaf adda nu
baafate qofaatu waaqeffamuu qaba.

Kutaa Macaafa Qulqulluu Kakuu Moofaa keessatti waaqeffannaan “abodaah”


jedhamee waamama.“Abodaah” jechuun, hojjechuu, tajaajiluu jechuu ya’ee, jecha
kanatti irra guddaa kan fayyadaman “waaqayyoon tajaajiluu” kan agarsiisu
keessatti ture.

Waaqeffannaa haala adda ta’een geggeeffamu ibsuudhaaf jechi kun yeroo


baayyee “Ishtahawwah” “shahaa” yammuu ta’u, inni kunis hiikni isaa

8|Page
“gugguufuu” “qoomma’uu” yookaan immoo “sagaduu” mataan gad jechuu dha.
Jechi kun Macaafa Qulqulluu keessatti kan inni caqasame Uum. 18:2 “Abraam
keessummoota Sadan sanaaf sagade” kan jedhu yemmuu ta’u , booda irratti bifa
keessummaatun gara isaa kan dhufe Waaqayyoo akka ta’e, waaqayyon akka arge
hubateera.

Afaan Giriikii isa Kakuu Haaraan ittin barreeffame keessatti jechi kun
“puraaskunio” jedhama. Hundeen jecha kanaa “akkuma sareen yeroo gooftaan
is hee dhufu miilla isaa jalatti taatu, miilla Gooftaa jalatti of kennuu” jechuu dha .
Fuula mana murtii bulchiinsa mootummaa nugusaan geggeeffamanii duratti,
namoota “gooftolii” jedhaman miilla isaanii jalatti kufuu fi shaashara wayyaa
isaanii karaa bakkee dhungachuun dalaga amaleeffamaa ture.

Akkuma beekamu, yeroo ammaa kana akka yeroo durii sana miilla namaa jalatti
kufuun hafeera. Haa ta’u malee, Waaqayyoof bitamuu keenya kan ittiin
agarsiifnu mallattoon jiraachuu qaba.Nutis, Gooftaa keenya, Uumaa keenya,
fayisaa keenya, hundee keenna, xumura keenya mana galgalaa isa ta’e
Waaqayyoof bitamuu, ulfina isaaf kennuu keenya, agarsiisuu qabna. As keessatti,
waaqeffannaan garbicha nu hin taasisu. Gooftaa keenya isa jaalala addaa nuuf
qabu, nu jaallate sagada, galata, jaalalaa kan ittiin agarsiifnu dha.“Yaa Abbaa
keenyaa, waaqa irra kan jiraattu , maqaan kee haa qulqullaa’u…”jenne yeroo
kadhannu,Waaqayyoon jaallachuu fi isaa abboomamuu, akka abbaa keenyaatti
isa amanachuufi isa kabajuu baranna.

Waaqayyoon waaqeffachuu jechuun,kallattii kamiin iyyuu, yaada Waaqayyoo


simachuu fi raawwachuu jechuu dha. Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti
aadaa fi afaan adda addaa keessatti waaqeffannaa ilaalchise, jechoota isaan itti
fayyadaman yeroo ilaallu, waaqeffaanaan hiikni isaa ulfina kennuu, sodaachuu,
sagaduu, galatee glachuu fi tajaajilu kan jedhu ta’a. Goolabuudhaaf,
waaqeffannaan akkaataa nuti itti yaadnu, kan nuti filannuufi kayyeffannee kan
nuti dalagnu dha.

1.3. Waaqeffannaa isa Dhugaa

Waaqeffannaan dhugaa madaallii isaa kan eegu ta’ee, yaada keenya , laphee
keenya, fedha keenya, miira keenya, dubbii arraba keenyaa, human keenya,

9|Page
hawwii keenya, hundaa kan of-keessatti qabate ta’uu qaba. Jaalalaan, kaka’umsa
keessa keenyaa ta’een, yaada Waaqayyoo raawwachuu, yaadaan, jechaan,
sadarkaa maatii fi sadarkaa waldaatti, bakka jireenya keenyatti, bakka hojii
keenyaatti jireenya Waaqayyoon kabaju jiraachuu qabna.

Kanaafuu, waaqeffannaan kan Kiristaanaa namaafi Waaqayyo gidduutti walitti


dhufeenya akka jiraatuuf, itti yaadamee karooraan kan namni dhuunfaanis ta’e,
sadarkaa sabaatti, tokkummaan waldaa keessatti Sadan Tokkummaa Waaqaa
(Trini ty) carraan Inni ofiisaa itti ibsuu dha.

Gaaffiilee dubbisa kana irratti qophaa’an

Gaaffiilee Armaan Gadii Gabaabinaan Ibsi:

1. Waaqeffannaan maal fa’iin ibsama?

__________________________________________________________________
_________________________________________________________________

2. Waaqeffannaan waldaa kiristaanaa keessatti maa tiin ibsama?

_________________________________________________________________

3. Waaqayyoon maaliif waaqefanna?

__________________________________________________________________

Waaqeffannaan, deddeebii namni jireenya isaan fuula Waaqayyoo duratti itti


jiraatu dha jechuu dandeenya. Haa ta’u malee, waanti guddaan, hojii Waaqayyo
hojjetuu dha .

Waaqeffannaan,Waaqayyo dubbii sagalee isaa fi sirnoota namootatti ittiin


mul’achuuf karaa inni filatee dha. Namootni Waaqeffannaa keessatti waan
Waaqayyoof hojjetan ta’an irratti xiyyeeffatu yoo ta’e, inni kun waaqeffannaa
seera irratti hundaa’e dha. Tajaajila keessatti Waaqayyo kan inni nuuf hojjetu
irratti xiyyeeffachuun waaqeffannaa wangeela irratti hundaa’e dha. Uumamuun
keenya, jiraachuun keenya hunduu waaqayyoon dha .

10 | P a g e
Maaliif waaqeffanna ? Hunda irra kan caalu, cubbuu keenyaan Waaqayyo irraa,
jireenya irraa, adda baanee firdii barabaraa jala osoo jirruu, Waaqayyo karaa
Kiristoos nu fure.Kara Kiristoos ijoollee Waaqayyoo taaneerra.Maatii Waaqayyoo
waan taaneef, oolmaa inni nuuf ooleef Waaqayyoon waaqeffanna.

Nuti,cubbamoota akkasumaan, tola isaan, kennaa fayyinaa Waaqayyo irra


arganne dha. Waaqeffannaan kennaa nuuf kenname kanaaf Kiristoos keessa
ta’uudhaan Waaqeffannan karaa nuti waaqayyoof galata dhiyeessinu dha .

Qabxii Xiyyeeffannoo

 Dubbisas ta’e, keessatti Waan isiiniif hin galle yoo jiraate, irra deebi’aa
dubbisaa.

 Waantota hubattan haala akkamiin akka hojii irra oolchitan duraa


duubaan barreessaa

1.3. Waaqeffannaan Hojii/Dalaga dha

Kakuu Haaraa keessatti,afaan Giriikiin jechi litorjiyaa (leitourgia) jedhu, jechoota


lama irraa ijaarame. Isaanis leyitoos (leitos) saba jechuu yemmuu ta’u, ergon
jechuun immoo, hojii / dalaga jechuu dha . Walumaagala “hojii/ dalaga sabaa”
kan jedhuu dha.

Litargii (Liturgy) jechuun hiikni isaa, tajaajila/ hojii namootaaf hojjetamu/


dalagamu jechuudha . Egaan as iirratti kan nuti hubachuu qabnu, abbaan
hojechaa Waaqayyo ta’uu isaa ti. Kennaa isaatiin kan namoota tajaajilu
Waaqayyo tokkicha qofa.

Kanaafuu , literjiyaan tokkoon tokkoon amanaa, tokkummaadfhaan ulfina fi


soda Waaqayyoo keessa ta’uun fuula isaa duratti dhiyaachuu irraan kan ka’e,
sirna waaqeffannaa fuula waaqayyootti fudhatama qabu dha.Sadan Tokkummaa
Waaqaa (Trinity) waldaa kiristaanaa keessatti karaa Kiristoos of- mul’isa. Yeroo
namootni waaqeffannaaf walitti qabaman, Kiristoos karaa dubbii sagalee isaa,
biyya lafaa fayyisuuf ulfina isaan mul’ata.

Isa kana amanuudhaan, jireenya keenya guutummaa guututti isaatti


kennachuudhaan, lubbuu keenyan, qaama keenyan, laphee keenyaan isaaf

11 | P a g e
bitamuu qabna.Yeroo kun ta’u, jireenyi keenya guutummaan ni qulqullaa’a,
yeroo kana Waaqayyoof kan ta’u isaa dhiyeessuuf gahumsa qabaanna.
Kanaafuu, ulfina isaaf kennaa, gammachuu keessa keenyaa madden
waaqeffannaan isa tajaajiluuf eenyummaa keenyaan isaaf bitamuu qabna.
Guyyaa Sanbataa, waaqeffannaaf walitti qabamuns ta’e, guyyoottan hundaa
bakka itti bobbaane mara itti, Waaqayyoon waaqeffachaa jiraachuu qabna. Yeroo
akkas ta’u kana, waaqayyo biratti ni beekamna. Akkasuma namoota birattis ni
beekamna. Seexannis namota dhugaan Waaqayyoon waaqeffatan ta’uu keenya
adda baasee waan beekuuf, karaa kami iyyuu lolaan falmiin, gowwoomsaan, kkf
yoo yaale iyyuu, hojii isaa irratti injitannoon kan keenya ta’a. Akkasumas, Abbaa
keenya irraa aboo nuuf kennameen hojii isaa diiguudhaaf dandeettii (humna)
argannaa.

Hojii Manaa

1. Waantoota haaraa boqonnaa kana keessaa argattan barreessaa

2. Waaqeffannaa ilaalachisee waantota waldaa keenya kessa jiranii fi


waantota barumsa kana keessaa arganne garaagarummaa jiru tarreessaa.

Gaaffiilee boqonnaa tokko irratti hundaa’an

Gaaffiilee armaan gadiif filannoo sirrii ta’an filaa

1. Waaqeffannaa jechuun

a. Waaqayyoof abboomamuu

b. Waaqayyoo fi dubbii sagalee isaaf abboomamuu

c. Yaada/ fedha Waaqayyoo keessa jiraachuu

d. Hunduu deebii dha.

12 | P a g e
2. Namni Waaqayyoon hin waaqeffatu yoo ta’e, kan inni waaqeffattu waan
biraan jiraachuun isaa dirqama,

a. Dhugaa

b. Soba

c. Yeroo tokko dhugaa dha

d. Deebii hin qabu

3. Yaada Waaqayyoo akka nuti raawwannu kan nu taasisu

a. Sodaa du’aa

b. Jaalalli isaa waan nu dirqisiisuuf

c. Filannoo waan hin qabneef

d. Deebii hin qabu

4. Kanneen armaan gadii keessaa kan dhugaa hin taane isa kami?

a. Waaqeffannaan dirqama waan ta’uu qabu dha.

b. Waaqeffannaan hojii dha

c. Waaqeffannaan waliin kan geggeffamu dha

d. Deebii hin qabu

13 | P a g e
Baqonnaa Lama
Maalummaa Waaqeffanna Dhugaa

Kaayyoowwan gurguddoo barumsa boqonnaa kanaa:

 Amantiin jireenya hawaasummaa keessatti iddoo inni qabu hubannoo


kennuu .

 Namootni kaayyoon uumamuu isaanii inni guddaan Waaqayyoon


waaqessuuf akka ta’e agarsiisuu

 Waaqeffannaa inni dhugaan maal akka ta’e ibsuu.

Qabxiiwwan Gurguddoo

 Waaqeffannaan:

o Eenyummaa keenya Waaqayyoof bituu;

o Qulqullummaa isaatiin sammuu keenyaa dammaksu

o Dhugaa isaatiin samuu keenya sooruu

o Gaarummaa isaatiin yaada keenya guutuu

o Laphee keenya jaalala isaaf banuu

o Fedha keenya kaayyoo isaaf oolchuu /kennuu

 Waantoota waaqeffannaan of keessatti qabu haala salphaa ta’een waan


hundaa baruu dadhabuu

 Waaqeffannaa ilaalchisee qajeelfamootni gurguddoo ta’an bifa seeraan


dhagaa irratti barreeffamaniiru

2.1. Maalummaa Waaqeffannaa Dhugaa

14 | P a g e
Ammalli amantiin qabu namootni tokkummaa/ hidhattee akka qabaatan gochuu
dha.

Namootni tokkoo tokkoon isaanii,waantota isaanii ol jiru tokkotti hidhattee qabu.


Kallattiinis ta’e, al- kallattiin waantota sanaaf ni bitamuuf, ni kabajus. Haa ta’u
malee, waaqeffannaan inni dhugagn waaqeffannaa haafuuraan ta’e, laphee
namaa keessaa kan madde dha. Waaqeffannaa akkasiin, Waaqayyoon of- irratti
moosifna, isa jajannas .

Eenyummaa jireenya amala addamummaa irratti mo’ichaa argachuuf,


daawwaan isaa hafuuraa fi dhugaadhaan Waqayyoon waageffachuu shaakaluu,
itti guddachuu dha .

Phaaphaasiin maqaan isaanii Santerbeeriig jedhaman , daddamaqiinsi fi


haaromsi galma waaqeffannaa isaa dhugaa ti jedhu.Waldaa kiristaanaa
hojimaataa fi adeemsa ishee jijjiiruudhaan akka ishee irraa eegamutti akka
waaqeffattu taasisuuf maaliif dhamaanaa? Waaqayyo hojii isaaf akka inni nu
dadamaksu kan nuti kadhannuuf kaayyoon isaa, hojiin isaa namoota dhugaan
waaqeffatan waan dadamaksuuf dha.Namootni kaayyoon isaan itti uumamaniif
inni guddaan Waaqayyoon waaqeffachaa, isa wajjin hiriiroo gaarii qabaachaa
akka jiraatanif dha.

Waaqeffannaa maal akka ta’e,diddiriirsanii hiikuuf, baayyee ulfaataa dha,


baayyee gad-fagoo dhas.Maalummaan waageffannaa haala salphaa ta’een
barannee/ hubannee fixuu hin dandeenyu. Waageffannaan eenyummaa keenyaa
fi jireenya keenya hundaan kan hojjetamu, dha, adeemsa wal-irraa hin
cinnedhas.Kana malees, qabiyyee waaqeffannaa hiika isaa qabachuun ulfaataa
dha. Sababni isaas, waaqeffannaan adeemssi fi ka’umsi isaa ol Waaqayyo biraa
kan ta’e, hiriiroo isa uumee fi isa uumame, isa oolchee fi isa oole, isa fayyiseefi isa
fayye gidduu jiru of- keessatti waan qabatuuf dha.

Gaaffiilee:

1. Waaqeffannaan attamiin mul’ata?

2. Waaqeffannan inni dhugaa maal?

15 | P a g e
2.2 Waaqeffannaan Macaafa Qulqulluu Keessatti Akkamitti Ibsame?

Biyya lafaa keessatti bifa waaqeffannaa wal fakkaata, garuu immoo, qabiyyeen
adda addaa kan ta’an akka jiran beekamaa dha. Kan kirstaanotaa qabiyyeen isaa
adda.Waldaa kiristaanaa keessatti tajaajila kanneen akka tajaajilawwan guyyaa
sanbataa, kutaa faarfannaa fi sirnoota qulqulluu ta’an, kkf, akka jiran beekamaa
dha.Hafuurri Waaqayyoo sagantaalee guyyaa sanbataa fi sirnoota amantii
kanneen akka cuuphaa fi Irbaata Gooftaa kkf, akkasumas, karaa dubbii sagalee
isaan amantootni Waaqayyatti of kennuudhaan waaqeffannaa isaaf ta’u akka
geggessan dammaksa. Kana keessatti gaheen soortotaa fi durabutoota
sagantaalee waaqeffannaa inni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame sun
jireenya amantootaa keessatti, waldaa keessatti akka argamu taasisuu dha. Akkas
jechuunis, aarsaan galataa fi waaqeffannaa keessatti dhiyaatu, fuula Waaqayyoo
duratti akka simatamuuf garaa guutuudhaan cubbuudhaaf du’oo, Waaqayyoof
jiraattota ta’anii jireenya Waaqayyoof adda ba’e akka jiraataniif Saba bana
barsiisuu fi jajjabeessuu dha. Kanaafuu, jireenya qajeelummaan, araaraafi gad- of
deebisuudhaan abboomamuun jiraachuu qabna .

2.3. Seeraa fi Waaqeffannaa Kakuu Moofaa Keessatti

Seerri Waaqayyoo geggeessaa saba isaaf kenne kan inni eegalu waaqeffannaa
ilaalchisee ti.Namootni martinuu Waaqayyoon akka dubbii sagalee isaatti akka
isa waaqessan bifa abboommiitiin kennameera.

Abboommiin inni jalqabaa waaqeffamuu kan qabu Waaqayyo qofaa akka ta’e
dha.“Ani Waaqayyo, Gooftaa kee, isa mana garbummaa, biyya Gibxii keessaa si
baase dha.Waaqayyoolee kan biraa tokko illee, ana bukkeetti hin qabaatin” (Ba’u
20:2-3).Abboommi inni lammaffaa Waaqayyo akkamiin waaqeffamuu akka qabu
ibsuudhaan waaqeffannaa irratti kan xiyyeeffata dha.

Karaa biraa, Waaqayyoon akka waaqa tolfamaatti fakkii isaa kaafannee akka hin
waaqeffanne nu akeekkachiisa .

“Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaga irra jiruu, gad lafa irra jiruu,
ykn bishaan keessa jiruu hin tolfatinaa” (Ba’u 20:4)

16 | P a g e
Waaqayyo saba Isiraa’eel itti kan inni of- ibse karaa sagalee isaa ti malee, ani
kanan fakkaadha jechuun fakkii qaama bareedhaa qabuun hin turre. Kanaafuu,
akkas jechuun nu akeekkachiisa:

“Kanaafis, of- eeggadhaa! Isin gaafa Waaqayyoo ibidda gidduudhaa


isinitti dubbate sana bifa tokko illee hin argine; isin fakkaatti waan
tokkootiin bifa qirixame tolfachuudhaan karaa irraa akka hin kaanneef of-
eeggadhaa! Bifa waan tokko…” (Kees 4:15-16).

Ergamichi Phaawwloos namoota biyya Ateenaa yeroo barsiise:

“Egaa sanyii Waaqayyoo erga taanee, Waaqayyon akka yaada namaatti,


harka nama ogeessaatiin bifa isaa warqee irraa, ykn meetii irraa, ykn
dhagaa irraa, hojjetame fakkaata jennee yaaduun nuuf hin ta’u” (Erg
17:29); Faar 115:48) .

Waaqayyoon hojii harka namaatti fakkeessuuf yaaluun Gooftaa arrabsuu dha .

“Ani waaqayyo dha, maqaan koo isa kana; an ulfina koo kan biraaf hin
kennu, maqaa koo isan ittiin galateeffamus waaqyyolii tolfamaniif hin
dhiisu: (Isa 42:8)

Abboommiin lammaffaan kun bakka waaqeffannaa fi bifa waaqeffannaa kam


iyyuu hojiin ogummaa harka namaa akka jiraatu hin eyyemu. Egaan, bifa fakkiin
wanti nuti qopheessinu kam iyyuu, hangam bareechinee yoo qopheessine iyyuu,
fuula Waaqayyootti fudhatama hin qabu .

Dubbiin sagalee Waaqayyoo:

“Namni tokko iyyuu hin hubatu, namni tokko illees Waaqayyoon hin
barbaadu; hundinuu karaa Waaqayyoo irraa goraniiru”(Room 3:11).
Waaqayyo is uum aa ta’e dhiisanii uumama tajaajiluun amala dhalli
namaa qabu ta’eera, (kufaatii irraan kan ka’e jechuu dha).

Bakka biraatti immoo akkas jedha:

“Isaan dhugaa waa’ee Waaqayyoo sobatti jijjiiraniiru,Waaqayyo isa


hundaa uume dhiisanii uumamaaf sagadanii hojjetaniif” (Room 1:25).

17 | P a g e
Namni waa’ee karaa fayyinaa, sagalee Waaqayyoon ala bakka kamii iyyuu,
argachuu hin danda’u.Akkuma kana, waa’ee waaqeffannaa ilaalchisee, yaada
Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameen ala, hubannoo gahaa
argachuu hin danda’u .

Beekumsa waa’ee Waaqayyoo kiristaanotni qaban inni guddaan, dubbiin sagalee


Waaqayyoo seera amantii keenyaa fi jireenya keenya ta’uu isaa ti . Macaafni
Qulqulluun, fayyina keenya ilaalchisee, ogeeyyii nu taasisa (2 Xim 3:15-17) .

Kanaafuu, arbaachisummaa dubbii sagalee Waqqayyoo addaan baafachuudhaan,


laphee keenyaan, yaada garaa keenyaan, dubbii sagalee Waaqayyoof of-
qopheessuun murteessaa dha (Maar 4:4-9) .

Dubbii sagalee waaqayyoo keessatti Gooftaan saba isaaf sirna waaqeffannaa ofii
isaa yeroo inni kennuu argina.Gooftaan sabni isaa waaqeffannaan isatti
dhiyaachuun jireenya nagaa, eebba, boqonnaa mo’icha, galma qabu akka jiraatu
barbaada.

Dalagaalee

1. Waaqeffannaa duraan tureefi waaqeffannaa yeroo ammaa gidduu


garaagarummaa jiru maal fa’i?

2. Qajeelfamootni Macaafa Qulqulluu waaqeffannaa kabajuun sirriitti


Waaqayyoon waaqessuu dha. Kana jechuun maal jechuu dha?

2.4 Waaqeffannaa Mana Mulqullummaa Keessaatti Geggeeffamu

Akkuma duraan ilaaluuf yaalle, Keessa Deebii Boqonnaa 12 jalqabna isaas ta’e,
xumurrisaa waaqeffannaa kan warra ormootaa fakkaatu waaqeffanna bifa isaa
gad- dhiiseen kan mormuu dha. Giddu- galeessi Boqonnichaa, geggeessummaa
lubummaa leewotaa jalatti,sirni waaqeffannaa inni bakkeetti mul’atu
barbaachisaa ta’uu isaa ti. Bara Musee keessa manni qulqullummaa inni bakka
tokkoo, bakka bakka biraatti sosocho’aa ture sun mana qulqullummaa isa
dhaabbataa ta’e, sirna aarsaa Lewwotaaf kan karaa qulqulleessu dha.

Israa’eelotni, biyya Kana’aan injifatanii tasgabbaa’anii hanga


taa’anitti,Waaqeffannaaf karoorri iddoo dhaabbataa bakka hin ga’in ture. Sirni

18 | P a g e
waaqeffannaa hundinuu godoo qulqullaa’aa irraa eegalee hanga mana
qulqullummaatti kan geggeeffamaa ture mul’ata Waaqayyoo biraa dhufuun ture.

Waaqeffannaan godoo qulqullaa’aa waan Museen uume osoo hin taane, mula’ta
Waaqayyoo biraa gara isaa dhufeen kan hojjetame ture (Bahu 25:8-9;25;40;27:8;
Lak. 8:4; Erg 7:44; Ibr 8:5).

Saanduqa kakuu Waaqayyoo godoo qulqullaa’aa keessa taa’uu qabu . Inni kun
Waaqayyo isaan gidduu jiraachuuf mallatto ture.Kana malees, sabichii fi
Waaqayyo bakka itti wal- araan ture. Achi keessatti Leewwotin akkaa qajeelfama
Museef kannameetti kan isaan sirna aarsaa raawwatan (Ba’u 25:10-22; 29:42-46).

Isa booda, Daawwit Saanduqni kakuu gara Yerusaalem akka dhufu yeroo
qajeelfama dabarse sana hanqina of- eeggannoo irraan kan ka’e, Uzaan akkuma
meeshaalee kan biroo itti tudhatee, sanduqa kakuu sana harkaan tuqee dhayichi
isa irra gahe (1 Seen 13:9-10; 2 Sam 6:1-10).

Mootichi Daawwit dhayicha Uzaan irra gaheef gadda isaa ibsaa, ulfina
Waaqayyoo saanduqa kakuu sana irra jiru sodaa fi kabaja guddaan saanduqichi
gara mana Obed- Edoom akka dhaqu taasisee, kanaan manni Obed- Edoom
hunduu eebbifame (1 Seen 13:12-14).

Rakkoon as irratti isaan mudate, rakkoo saanduqa kakuu Waaqayyoo osoo hin
taane, Isiraa’el akkaataa seera Macaata Qulqulluu keessatti barreeffamee jiruutti
raawwachuu dhiisuu isaanii irraan kan ka’e ture. Kanaafuu, Daawwit Lewwotaa
fi Luboota waamuudhaan hojicha akka isaan geggeessan ramade (1 Seen 15:12-
13).

Haala kana irraa, barumsa guddaa arganna . “Waanti kun martinuu warra kaan
qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe; nuyi warri dhuma barichaa irra geenyeef
immoo barumsa akka nuu ta’uuf caafame (1Qor 10:11). Qajeelfamni kun bara
keenya kanas kan hojjetu dha (Ib 8:5; Ba’u 25:40)

Egaan nutis, akkaataa nuuf mijatuuti ija keenya duratti gaarii ta’ee, akka nutti
fakkaatetti osoo hin taane akkaataa seera Waaqayyo nuuf kenneetti isatti
dhiyaachuu, waaqeffachuu qabna .

19 | P a g e
Saanduqni kakkuuYerusalemitti erga deebi’ee booda, Daawwit , Leewwotaa fi
ogeeyyii muuziqaa dabalatee, hojii lubummaa gurmeesse (2 Seen 29:25).

Isa kana booda, Daawwit, Solomon ilma isaaf hojimaata karoora mana
qulqullummaa kan inni baaseef. (1 Seen 28:11-13:19)

As keessatti, waanti hunduu haala waaqefannaaf ta’uu danda’uun qajeelfama


Waaqayyo birra kenname ture .

Solomonis,akkuma mul’ata /qajeelfama karaa abbaasa Waaqayyo biraa isaaf


kennameetti mana qulqullummaa ijaare. Bara Somooon keessa, mootummaan
isaa badhaadhaa ta’e . Akkuma kana,Yerusaalem, Isiraa’eliif iddoo waaqeffannaa
ta’e.

Bara mootummaa Solomoon booda, mootummichi bakka lamatti qoodame .


Kana irraan kan ka’e, sabichi gara waaqotaa tolfamoo waaqeffachuu fi gara
Waqayyoon dhiisuutti mucucaate. Mootummaa inni gara kaabaa (Samaariyaan)
battaluma waaqeffanaa isa sirri ta’e irraa galagale

Waaqayyotti dudda galuu irraas, tasa deebi ‘uu hin dandeenye.Sabni


mootummaa Yihuudaa keessa jiru, Waaqayyoon waaqessuutti dabalee waaqolee
tolfamoo waaqessuutti yoo dufe iyyuu, yeroo adda addaa keessa haaromsi
geggeeffamaa ture.Seenaa isiraa’el keessatti waanti ijoo inni guddaan, jireenya
waaqeffannaa sabichaa fi akkaataa adeemsa waqeeffannaa isaanii akka
sirreeffataniif tarkaanfii sirreeffama Waaqayyo jireenya isaanii keessatti fudhate
hubachuu barbaachisa.

Gaaffiilee armaan gadii ibsa itti kennaa

1. Waaqeffannaa Kakuu Moofaa fi waaqefanna Kakuu Haraa yeroo ammaa


geggeeffamu gidduu garaagarummaan jiraa?

__________________________________________________________________

2. Waaqeffannaa kakuu moofa keessa turan keessaa waldaa yeroo ammaa


kanaaf ni fayyadu kan jettu sirna waaqeffannaa sadi(3) barreessi.

20 | P a g e
__________________________________________________________________

3. Waaqeffannaan nurraa eegamu kan attamii ta’uu qaba jettee yaadda?

__________________________________________________________________

Goolaba Kakuu Moofaa

Ilaalaalcha seenessa Kakuu Moofaa irraatti hundaa’uudhaan dimshaashaatti


akka armaan gadiitti kaa’uu dandeenya:

1. Waaqayyo qulqulluu fi ulfina isaaf kan hinaafu dha. Isaan ala /isatti
daballees maal illee, eenyuun illee akka waaqeffannu tasa hin barbaadu.

2. Waaqayyo sirna waaqeffannaa sirrii ta’e, isa biraa kan kenname tumee
kaa’eera. Kanaafuu, sirna Waaqayyo tumee kaa’e kanatti garguaramuun
akka ta’utti isa waaqeffachuu qabna.

3. Sirna waaqeffannaa Waaqayyo biraa kennameti dabaluun, jijjiiruun


dhorkaa dha; waldaa kiristaanaatis ta’e, namoota dhuunfaaf jechuu dha.

Haaromsa ilaalchisee, haaromsi dhugaan Kakuu Moosaa keessa ture kanneen


armaan gadii of keessatti qabata:

1. Cubbuu ofii himachuu fi yaada garaa jijjiirrachuu.

2. Dubbii sagalee Waaqayyoon haara’uu

3. Sirna waqqeffannaa Waaqayyoon hundaa’eef iddoo sirrii ta’e kennuu.

4. Dogoggoraa fi waaqeffannaa sirrii hin taane maqsuu.

Gaaffiilee Yaalii

Gaaffiilee armaan gadiif deebii sirrii ta’an filaa

1. Kakuu Moofaa keessatti haaromsi inni dhugaan maal fa’iin ibsama?

21 | P a g e
a. Cubbuu of himachuu fi yaada gaaraa jijjiirrachuu.

b. Gara dubbii sagalee Waaqayyootti deebi’uu C. Hunduu deebii


dha.

2. Eenyu illee sirna waaqeffannaa isa Maacaafa Qulqulluu keessatti


kennameen itti dabaluus ta’e, irraa hir’isuuf mirga hin qabu

a. Dhugaa b . Soba C. Deebiin hin kennamne

3. Abboommii inni lammaffaan kan inni dhorku waaqa isa dhugaa ta’e fakkii
ogummaa harka namaan fakkii isaa kaasuu yemmuu ta’u, kana jechuun

a. bareeche fakkii isaa yoon kaafne miidhaa hin qabu

b. Bareedaa yoo ta’e gaarii miti

c. Bareedes, fokkises inni kun dubbii Waaqayyoon ala

d. Deebiin isaa hin kennamne

4. Fakkii Gooftaaf ulfina addaa kennuufii qabna.

a. Dhugaa b. Sirrii miti

c. Yeroo tokko sirrii dha

d. deebiin isaa hin kennamne

5. Sirni waaqeffannaa kan inni geggeeffamu mul’ata Waaqayyo biraa


dhufeen bakki inni itti raawwatamu

a. Godoo qulqullaa’aa keessatti

b. Mana qulqullummatti

c. Laphee keenya keessatti

d. Hunduu deebii dha

22 | P a g e
Boqonnaa Sadii
Hariroo sadan Tokkummaa waaqaa fi waaqeffanna

Kaayyoon barumsa kutaa kanaa, barattoonni:

 Waaqeffannaan mana hafuurraan geggeeffamu keessatti dhiyaachuu akka


qabu akka hubataniif.

 Waaqayyoof adda ba’an qulqullaa’uun waaeffannaaf ta’uu isaa akka


hubataniif.

 Hiriiroo Sadan Tokkummaa Waaqaa (Trinity) fi waaqeffannaa gidduu jiru


ni hubatu

Qabxiiwwan Gurguddoo:

 Waaqayyo karaa hafuura isaa gidduu saba isaa ni jiraata (Efe 2:21-22)

 Waaqeffannaan karaa Yasuus Kiristoos fuula Waaqayyoo duratti aarsaa


haafuuraa simatama qabu dhiyyeessuu dha.

 Kakuu Haaraa keessatti waaqeffannaa jechuun wangeelatti amanuu, bara


jireenya keenya hundaa of- kennuun itti jiraachuu dha.

3.1 Waaqeffanna Mana Hafuuraa Keessatti Geggeeffamu

Ergamichi Pheexroos waa’ee Yasus Kirsistoos akkas jedhan Waaqayyo “mana


hafuuraa” haaraa Kiristoos isa “dhagaa golee” ta’ee ijaaraa jira (Efe 2:20;1Phex
2:4-5:9).“Dhaga jiraataan mana qulqullummaa” immoo,tokkummaa amantoota
gara Kiristoos dhufan dha . Waaqayyo hafuura isaatiin gidduu saba isaa jirata
(Efe 2:21-22).

Karaa isaaniis, ulfina isaa namoota kanneen birootti mul’sa . Akka “luboota
Waaqayyoof” adda ba’anii “akka seera Isiraa’eelf gaara Sinaatti kennametti” saba
isaaf adda ba’e, saba qulqullaa’oo ta’anii akka jiraataniif waamamaniiru. Haa ta’u
malee, kana gochuu kan isaan danda’an karaa Yasuus Kiristoos aarsaa hafuuraa

23 | P a g e
fuula Waaqayyoo duratti sitamatama qabu dhiyeessuu dhaan.Yesuus , tajaajila
lubummaa leewwotaa fi sirna aarsaa bakka bu’eera. Tajaajilawwan kun
qulqullummaa saba Waaqayyoofi tajaajila isaan Waaqayyoof kennan mijeessuuf
kan karoorfame dha.

3.2 Yasuus fi Saba Isaa

Waaqayyo ,karaa Ilma isaa, karaa Yasuus Kirsitoos, guutummaatti ofii isaa biyya
lafaatti ibse.Waaqeffannaan Kakuu Haaraa keessatti geggeeffamu keessatti,
Kiristoos inni giddu- galeessa. Yasuus Kirstoos samaayii fi lafa, namaa fi
waaqayyo gidduutti maallattoo araaraa ta’uudhaan araara kan buusee dha.
Kanaafuu,Yasuus biyya lafaa hundaaf giddu- galeessa fayyinaa fi giddu- galeessa
eebbaa ti.Kutaaleen Macaata Qulqulluu tokko tokko, Yasuus haala adda ta’een
mana qulqullummaa ta’uu isaa yeroo ibsan, kanneen biroo immoo, waantotni
mana qulqullumma keessatti geggeeffamaa turan martinuu karaa waldaa
kiristaanaan fiixa- ba’iinsa akka argatan ibsu. Kanaafuu, karaa Yasuusfi karaa
kiristaanotaa, karaa saba inni gara ofii isaati waamee, manni qulqullummaa inni
bakka bu’ee jiru maal akka ta’e, maalis akka agarsiisu hubachuu dandeenya.

3.3 Yasuusiin Waaqeffachuu fi Waaqayyo Abbaa Waaqeffachuu

Yasuus dubbii koo kan dhaga’u, Waaqayyo Abbaa dhaga’a, Waaqayyo Abbaa
kan dhaga’u, dubbii an dubbadhu ni dhaga’a jechuun barsiisan ture.

An gara Abbaa yoo deeme isinii wayya, anis Waaqayyoon kadhadha, Waaqayyo
Abbaan Hafuura Qulgulluu isiiniif erga jechuun Ergamoota jajjabeessaa ture.
Akkuma sagalee abdii inni kennetti du’uufi du’aa ka’uu Isaa gara Waaqayyo
Abbaatti ol ba’uu isaa irraan kan ka’e, Hafuurri Qulqulluun gad bu’ee, hiriiroon
jireenyaa haaraa Waaqayyo wajjin eegalame. Haaluma kanaan, karaa tajaajila
Ilma Isaa fi karaa tajaajila Hafuura Qulqulluu , Waaqayyo waaqeffanna dhugaa
ni simata. (Yoh , 4:23-26).

Kanaafuu, barsiisni waa’ee Sadan Tokkummaa Waaqa (Trinity) , giddu- galeessa


kiristaanotaa isa dhugaa ti.

24 | P a g e
As irratti qabxii ijoon hubatamuu qabu, tokkoo tokkoon Sadan- Tokkummaa
Waaqaa (Trinity), sirna waaqeffannaa Kakuu Haaraa hundeessuu keessatti gahee
guddaa qabaachuu argina.

Dalagalee

1. Barsiisni waa’ee Sadan- Tokkummaa Waaqaa, waaqeeffannaa kiristaanaa


isa dhugaaf giddu- galeessa ta’ee argama. Maaliif? Akkamitti?

2. Yaasuu Kiristoos waaqeffannaa Kakuu Haaraaf giddu galeessa, Maaliif?


Akkamiitti?

3.4 Kiristoos akka Aarsaafi akka Angafa lubaa Kakuu Haaraatti

Yaadni ijoo barsiisa Kakuu Haaraa, Kiristoos fannoo irratti waa’ee cubbuu dhala
namaaf du’uu isaa, aarsaa isa xumura ta’uu isaa yaadachiisuu; laphee cubbuun
xuraa’ee fi abboomamuu diduudhaan cufame isaaf gara abboomamuutti fiduuf
Waaqayyo wajjin walitti araarsuu dha.Kakuu Haaraa keessatti aarsaan kennamee
fi lubichi aarsaa dhiyeesse tokkumsa. Sababin isaas, Yasuus Waaqayyo
Abbaadhaaf, jireenya isaa guutummaan obboomamuun, du’a isaaan waa hundha
of – keessatti fudhachuun/ qabachuun waaqeffannaa mudaa hin qabne
Waaqayyoof waan dhiyeesseef dha .

Kiristaanumma kan adda isa taasisa barbaachisummaan du’a Yasuus Kiristoos


akkaataa hiika Faasikaa Irbaata isa xumuraa irratti Yasuus duuka- buutotaaf itti
dhiyeesse dha.Yasuus aarsaa ta’uu fi eenyummaa waagummaa isaatiin
Yihudotaaf karaa saaqe, ormootnis isaan faana tokkummaadhaan gara
Waaqayyootti akka dhiyaatan hojii araaraa hojjetee xumure. Kanaafuu, kanneen
isatti amanan martinuu,cubbuun isaanii akka dhiifameef mirkaneeffachuun
jireenya barabaraa akka argatan amanuu qabu.

Amanuu isaanii irraan kan ka’e, mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhufu


keessatti tokkummaa akka qabaatan amanuudhaan garaa guutuun of
kennuudhaan isa tajaajiluu qabu / qabna .

Dubbii ijoon nutii qalbeeffachuu qabnu tokko, Kakkuu Haaraa keessatti


waaqeffannaa jechuun wangeelatti amanuudhaan barsiisa wangeelli kennu

25 | P a g e
hunda garaa guutuun fudhatanii bara jireenya ofii hunda itti jiraachuu jechuu
dha. Akkasumas, hoolaa araaraa isa ta’e, Ilma Waaqayyoo Yasuus Kiristoos itti
amanuudhaan human Hafuura qulqulluun geggeeffamuudhaan isaaf jiraachuu
jechuu dha .

3.5. Waaqeffannaa fi Dubbii agalee Waaqayyoo

Misiraachoo wangeelaa namootatti himuun, namootni eenyummaa ofiisaanii


“aarsaa jiraatota” gochuudhaan Waaqayyoof akka of- dhiyeessan isaan gargaara
(Room 12:1; 15:15-16) .

Kiristaanotni haala akkasiin gara gooftaa dhufan kan tajaajila wangeelaa


keessatti qooda fudhachuun jireenya isaaniin guyyaa guyyaatti akka tajaajilchu
danda’aniif dubbii saglee Waaqayyoo barsiisuuf Macaatni Qulqulluun
qajeelfama bu’uuraa ti.

Waaqeffannaan akkaataa jireenya keeenya hundaa keessatti kan mul’atu dha.


Kara biraa, kiristaanooni hojii wangeelaa tumsuu irratti akka hirmaatan dubbiin
sagalee Waaqayoo ni abbooma.

Gaafiilee- Waraqaa addaa irratti yaalaa:

1. Kutaa kana keessatti waaqeffannaan haala attamiin ibsame?

2. Dubbiin sagalee Waaqayyoo waaqeffannaadhaaf qajeelfama akka ta’a dha.


Kana attamitti hubatte?

Yasuus fannoo irratti aarsaa ta’uudhaan mana qulqullummaa isa samii irra jiru
sana keessa seene.Bakka keenya bu’ee gatii cubbuu keenyaa mara nuuf baase.
Karaa isaa, karaan gara Waaqayyootti geessu nuuf baname . Kanaafuu, karaan
gara Waaqayyootti geessu kan biroon gonkumaa/ tasa hin jiru.Karaan gara
Waaqayootti geessu karaa Yasuus qofa (Yoh 14:6, Erg 4:12).

Sababa kanaaf dha kaayyoo fi galmi jireenya keenyaa martinuu kan gara fannoo
Kiristoos isa giddu- galeessa nuuf ta’e sana ta’uu kan qabu .Kiristoos iddoo inni
itti mo’ee; gara teessoo isaa ilaaluu, amantiin eeggachuu qabna.Isaa wajjiin walitti
dhufeenya keenya jabeeffachuu qabna. Galmi keenya isaa wajjiin tokkummaa
jiraataa ta’e sana hirmaachuun isa tajajlaa jiraachuu dha .

26 | P a g e
Yeroo nuti dhugaa kana simannu, dhugaan nuti simanne kun jaalala isaa irraan
kan ka’e, akka isa waaqeffannu, jireenya keenya guutummaan isaaf
abboomamaa, isa galateeffachaa, isaaf hojjechaa, isa jajachaa akka jiraannu nu
taasisa.

3.6 Macaafni Qulqulluu fi Barumsi Waa’ee Waaqayyoo Beekuu Waa’ee


Waaqeffannaa Maal Jedhu?

Waaqayyoon beekuu jechuun waan hundaa akka dubbii sagalee Waaqayyoo fi


akka yaada Waaqayyootti ilaaluu jechuu dha .

Waaqeffannaa kallatti Waaqayyoon beekuutti yeroo ilaalluu, bulchiinsa /


geggeessaa Waaqayyoo keessa ta’uudhaan, jireenya keenyaa maraan guyyaan
/yeroo hunda yaada Waaqayyoo keessa jiraachuu yaada Waaqayyootti
hirmaattuu ta’uu jechuu dha .tti ilaaluu jechuudha .

Kanaaf iyyuuti Ergamichi Phaawuloos “Nuiti kana booda du’a, du’aa ka’uu fi
ulfina Kiristoos keessatti hirmaattota mitii ree?” kan inni jedhe. Kiristoos wajjin
waan hundaa hirmaachuu jechuun isaa,Kiristoos keessa ta’uudhaan
cubbuudhaaf du’uu, tolla isaa Waaqayyoo wajjin akka inni nu jiraachisuuf
jechuu dha. Akkuma kana Abbaa Isaa isa ulfinaan jiru sana wajjin tokkummaan
akka nu jiraachisu jechuu dha.

Waaqayyo Abbaaf abboomamanii jiraachuun,waaqeffannaa keessatti


hirmaachuu jechuu dha. Kiristoos,Abbaasaaf jiraachuuf, cubbuudhaaf
raawwatee du’uudhaan ofii- isaa Waaqayyoof akka bichisiise, nutis, isa keessa
ta’uudhaan, cubbuudhaaf du’uudhaan Waaqayyoof jiraachuuf ofii keenya
bichisiisuu qabna (Room 6:10).

Waa’ee waaqeffannaa kallatti Macaafa Qulqulluun ilaaluu keessatti qabxiwwan


armaan gadii qalbeeffachuun gaarii ta’a:

 Waa’ee waaqeffannaa ilaalchisee jechootni afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii


ilaalcha dimshaashaa kanneen akka kakuu, aarsaa, nama hafuuraa ta’uu,
maqaa Waaqayyoo, jedhaman jechoota galataa mallattoo waaqeffannaa
Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman dha.

27 | P a g e
 Seenaan waaqeffannaa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa lamaanuu isaanii
keessatti, akkassumas sirna waaqeffannaa Isiraa’elotaa fi kiristaanotaa
kanneen akka Godoo qulqullummaa, mana qulqullummaa mana sagadaa,
akkasumas Kakuu Haaraa keessatti waaqeffannaan karaa Waaqayyo saba
isaa gidditti itti mul’atu ta’uun beekama .

 Dubbii sagalee isaa keessatti sakattaa raawwii qajeelfama waaqeffannaa


gochuu:

 Bakka kabajni ayyaanaa itti geggeeffamu faayyidaa isaanii fi ogummaa


waaqeffannaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’e sakattaa’anii ilaaluu.

 Shaakalli waaqeffannaa manneetii amantii kiristaanaa akkaata Macaafa


Qulqulluutti akka geggeeffaman bu’uura isaa tolchuu

Hojii Manaa:

Gaaffiilee Armaan gadii irratti ibsa gabaabaa barreessaa

1. Waaqeffannaa Kakuu Haara ilaalchisee sarara sadiyiin yaada gudunfaa


barreessi.

2. Dhufaatii Yasuus Kiristoos irraan kan ka’e, ilaalchaa waaqeffannaa Kakuu


Moofaa irratti jijjiirama attamitu dhufe?

Goolaba

Waaqeffannaan, akkuma Ergamichi Phaawuloos baliinaan ibse (Room 6:3-4) ,


Kiristoos wajjin hirmaattota ta’uu dha.Kanaanis, Kiristoos ulfina Abbaa isaan
du’oota keessaa akka ka’e, nutis jireenya haaraan adeemuu akka qabnu,
eenyummaa jireenya haara’e kanaanis waaqeffachuu akka qabnu nu jajjabeessa.

Gaaffiilee kutaa kana irratti hundaa’an;Gaaffiilee armaan gadiiif deebii


sirrii ta’an filaa:

28 | P a g e
1. “Dhagaa jiraataa” mana qulqullummaa maal agarsiisa?

a. Tokkummaa amantoota kanneen dhugaadhaan gara Kiristoos


dhufan

b. Kanneen gara waldaa kiristaanaa dhufan hundaa

c. Dhaga isa bakkee dhaa fudhanii mana qulqullummaa ittiin ijaaran.

d. Hunduu deebii dha

2. Yasuus tajaajila lubummaa leewotaa fi sirna aarsaa bakka bu’eera

a. soba b. Dhugaa

3. Tajaajilawwan leewwotaa saba Waaqayyoo

a. Waaqayyoof adda ba’uun maal akka ta’e barsiisuu

b. Tajaajilawwan Waaqayyoof kennan mijeessuuf kan karorfame dha

c. A fi b deebii ta’u

d. Deebiin hin kennamne

4. Gooftaa Yasuus gara biyya lafaa erga dhufee booda waaqeffannaan

a. du’a Kiristoos keessatti hirmaachu

b. du’aa ka’uu isaa keessatti hirmaachuu

c. ol-ba’uu isaa keessatti hirmaachuu

d. hunduu deebii dha

5. Hanga dhufaatii Yasuus Kiristooitti waaqeffannaan

a. Waaqayyoof abboomamuudhaan gadi jechuu/ qoomma’uu

b. Fuula Waaqayyoo duratti argamuuf dhiyaachuu

29 | P a g e
c. Aarsaa dhiyeessuu

d. a fi b deebii ta’u

Boqonnaa Afur
Faayidaa Waaqeffannaa fi walitti Qabama Amantootaa

Seensa

Waa’ee walitti qabamuu yoo ilaalle, namootni wal ga’ii adda addaaf walitti
qabamuu danda’u.Waaqeffannaa yookaan hojii hafuuraaf yeroo walitti qabamnu
garuu hiikaa fi faayidaa addaa qaba.Walitti qabama kiristaanotaa kan adda isa
tasisu dhugaatti Waaqayyoon waaqessuuf saba walitti qabaman hundaa
gidduutti Waaqayyo argamufi saba sana eebbisuu isaa ti.

Kaayyoo barumsa kutaa kanaa:

Barattootnii:

 Faayidaa waaqeffannaa fi walitti qabama amantootaa ni hubatu.

 Waaqeffannaa keessatti “ijaaramuu” jechuun maal akka ta’e, attamiin akka


ta’e ni beeku.

 Waaqeeffannaan wangeela keessatti maal akka ta’e ni hubatu.

Qabxiilee Gurguddoo

 Kakuu Haaraa keessatti iddoon adda ta’e, iddoo qulqullaa’aan kan


jedhamu hin jiru

 Waaqayyo laphee fi walitti qabama kiristaanotaa keessatti karaa dubbii


sagalee isaa fi karaa hojii Hafuura Qulqulluu haala adda ta’een ofii isaa
mul’ata

30 | P a g e
 Hojiin ijaaruu hojii Kiristoos fi hojii amantoota isaa ti.

4.1. Maalummaa fi Faayidaa Walitti Qabama Kiristaanotaa

Kakuu Moota keessatti, walitti qabamni saba Waaqayyoo sirni aarsaa geggeessuu
fi waaqeffannaan mana qulqullummaa qofa keessatti murtaa’aa akka ture
beekamaa dha. Sababiin isaas, Waaqayyo saba isaa gidduutti kan inni argamu
mana qulqullummaa keessatti waan tureef. Bara Kakuu Haaraa keessa garuu,
Waaqayyo kan argamu gamoon kan murtaa’e miti. Waaqayyo achi qofaatti
argama kan jedhamu hin jiru.Macaafa Qulqulluu keessaa kutaaleen adda addaa
keessatti akkuma ibsamee jiru, Waaqayyo laphee fi tokkumma Kiristaanotaa
keessatti karaa sagalee isaa fi karaa gocha Hafuurri Qulqulluu haala adda
addaan ofii isaa akka mul’isu dha.

4.2. Ijaaramuu Waldaa

Walitti qabamni Kiristaanotaa yeroo baayy’ee kaayyoon isaa ijaarsaaf, dhaqna


Kiristoos ijaaruuf dha (1 Seen 14; Efe 4:11-16; Ib 20:24-25).

Akka sagalee Waaqayyoo irratti barreeffamee jiruu fi kennaa Hatuurri


Qulqulluun nuuf kennetti karaa sagalee isaa walii walii keenya yoo barsiifine,
yoo wal- jajjabeessine, wal- tajaajiluu dandeenye, walitti qabama keenya keessatti
faarfannaan Waaqayyoon jajachuudhaan kadhachuudhaan ijaaramuun hojii
keenya, dhimma keenya. Haa ta’u malee, gochi kun sochii namaa qofaan kan
geggeeffamu miti.Yeroo kiristaanotni akkasitti wal- tajaajilan kana Waaqayyuo
gidduu isaaniitti argamee hojii isaa hojjechuudhaan jireenya isaanii ijaara. Yeroo
qamni Kiristoos tokko tokkoon isaanii gahee isaanii bahaan ni dadammaqu,
hidhannaa argatu.Haaluma kanaan, nuti kiristaanotni waan nu barbaachisu
Gooftaa harkaa fudhachuu fi ijaarsa waldaan kiristaanaa keessatti gahee keenya
bahuuf walitti qabamna.

4.3. Waaqeffannaa fi Ijaaramuu

Walitti qabamni ykn ijaaramuun keenya maaliif barbaachisee ?

Tokkoffaa, walitti qabamu waldaa kiristaanaa karaa tokko dhuma barichaa irratti
walitti qabamuu saba Waaqayyoo kan bakka bu’u dha. Walitti qabamni

31 | P a g e
kiristaanotaa kan inni ittiin mul’atu waaqeffannaa yookaan kadhannaa fi galata
Waaqayyoof dhiyeeffamuun dha.Akkasumas, walii walii keenya tajaajiluu
keessatti humna waaqummaa isaani mul’atua.Haala kanaan, waaqeffannaa fi
ijaaramuu gochawwan hojiin tokko bifa adda addaan mul’atu dha.

Lammaffaa, ijaaramuu waldaa kiristaanaa keessatti, hirmaachuuf guutummaatti


abboomamuuf keenyaa mallattoo waaqeffannaa Kakuu Haaraa ti .

Sadaffaa, kan nuti walitti qabamnu, wal- jajjabeessuuf, ulfina Waaqayyoo gara
keenya kan fidu jireenaa abboomamuu agarsiisuuf dha.Akkuma kana, biyya
lafaatti karoora jireenya fayyisuu isaa jiraachuuf dha.

Yaada kana as irratti gudunfuudhaaf Kakuu Haaraa keessatti waa’ee


Waaqeffannaa baruuf wangeelli furtuu guddaa dha. Mul’achuun Waaqayyoo
inni xumuraa Yasuu Kiristoos nama ta’uu isaa fi du’uu isaa, aarsaa ta’ee hojii
turuu/oolchuu isaan akka ta’e wangeelli ni labsa. Waaqeffannaan Kakuu Haara
Siinaa Gaara irratti kenname haala walitti dhufeenya qabuun karaa Waaqayyootti
itti dhiyaatan guutummaa guututti kan bakka ba’e dha. Barsiifni fi
amaleeffannaan Kakuu Moofaa keessa ture, guutummaa guututti hin badne.
Kakuu Haara keessatti caalmaatti haara’e.Waaqeffannaan hojii Masiihichaa akka
hubannuuf, Kakuu Haaraa keessatti ergaa wangeelaan Waaqayyo wajjin karaa
walitti firoomnu nuuf ta’e .

4.4. Dhuunfaa fi Tokkummaan Waaqeffachuu

Waaqeffannaa walitti qabama kiristaanotaa keessatti bilchinni jireenya hafuura


kan inni mul’atu maatii Waaqayyoo ta’uu keessatti waaqeffanna keessatti
hirmaachuuf fedha cimaa nuti qabnuun dha. Kanaafuu, walitti qabama keenya
keessatti galata qabannee gammachuun Waaqeffannaa keessatti hirmaachuuf,
carraa barbaannee itti fayyadamuu qabna .

Waaqeffannaa dhuunfaas ta’e, kan waliin hirmaannu keessatti “inni kun isa sana
irra caala” jechuudhaan wal- caalchisuu hin qabnu. Mana keenya keessattis,
lamaanuu isaanii geggeeffachuu qabna .

32 | P a g e
4.5. Waaqeffannaa Dhuunfaa fi Waaqeffannaa Sadarkaa Sabaa

Waaqeffannaa geggeeffachuu keessatti, tokkoo tokkoon keenya qaamota


Kiristoos irraa adda baanee dhuunfaan yoo waaqeffanne iyyuu, qaama
dhagnichaa- Kirstoos ta’uu keenya beekuu qabna.Garuu immoo, dhugaan
beekamuu qabu tokko qaamaan tokkummaa keessatti argamuu fi argamuu
dhiisuu osoo hin taane, hafuuraan tokkummaa qaamoota dhaqna Kiristoos
wajjin qabaachuu keenya hubachuu qabna.

Hafuurri keenya, namoota biroo qamoota dhaqna Kiristoos ta’an wajjin


tokkummaa qabaatee qaamaanis waltaana yoo taane eebba Waaqayyoo waliin
hirmaanna.Sababiin isaas, dubbiin sagalee Waaqayyoo obbolootni tokkummaan
yoo ta’an gaarii dha; Waaqayyo achitti eebba abboomeera waan jedhuuf (Faar
133:1-3).

As keessatti, qaamota dhaqna Kiristoos irraa adda ta’uun jireenya amantii,


jireenya hafuuraa keenya irratti miidhaa fida .

Haalli akkasii, osoo nuti ofi irratti hin beekin bultii bulliidhaan dhiibbaa nurraan
gaha.Kanaafuu, tokkummaa waldaa keessatti qabamuun, waaqeffannaa
tokkummaa keessatti hirmaannaa ho’aa qabaachuun murteessaa ta’a .

Maatii tokko keessa namootni adda addaa jiran eenyummaa isaanii qabatanii
maatii sana keessatti karaa hundaa akka haammataman, nutis ijoollee Abbaa
tokko, maatiwwan Waaqayyoo ti.Waaqayyo irraa waan ta’e hunda walii
fayyaduudhaaf tokkummaan waaqeffachuun barbaachisaa dha. Dhaqna
Kiristoos keessatti iddoo fi eenyummaa kan qabnu dha. Kan nuti amma taane,
jireenyi nuti amma qabnu kun hojii nuti hojjennuufi jireenya nuti jiraannu irra
kan caalu dha. Tokkoo tokkoon keenya maqaa keenyaan beekamna, rifeensi
mataa keenyaa lakkoofsaan ni beekamaa.

Nuti, namoota imimmaan keenya nurra haxaa’ame dha.Qaamni dhaqnaa tokko


yeroo inni rakkatu, qaamootni kanneen biroonis isa faana rakkatu. Nuti kan
Gooftaa kan taane, walii walii keenyaaf jaalalaan tokko akka taanuuf ijoollee
jaallatamoo, ijoollee Waaqayyoo ti.

33 | P a g e
Kana irraan kan ka’e, dhuunfaan of- kennuun keenya, waaqeffannaa nuti
dhuunfaan geggeeffannu, waaqeffannaa maatiiwwan Waaqayyoo keessatti
hidhamee jira.Dhiigni dhagna namaa keessa akkauma inni naanna’u, gara
seelota adda addaa fi qaamotaa dhaqnaa tokko tokkoo isaanii keessa gahee
nyaata akkuma geessuuf, nutis akkuma kana wal- soorra, wal- gargaarra. Keessa
bahee iyyuu, Waaqeffannaan nuti geggeeffannu Waaqeffannaa ijoollee
Waaqayyoo mara wajjin, kan ergamootaa wajjin wal- arga.

4.6. Waaqeffannaan Tokkummaa Waaqeffannaa Dhuunfaa Keenya Keessatti


Iddoo inni Qabu

Waaqeffannaa tokkummaa, waaqeffannaa dhuunfaa keenyaa keessatti attamiin


bu’a- qabeessa ta’a ?

Tajaajilawwan waaqeffannaa guyyaa sanbataa keessatti hirmaachuudhaan


caalmaatti karaa irraa faayidaa argannu karaan inni tokko tajaajila waaqeffannaa
isa xumuraa hirmaachuudhaan, kutaa nama ijaaru addaan baafachuun,
kutaaleen warri biroon maaliif akka nu hin fayyadne of-gaafachuudhaan dha.

Haala kana, gaaffiilee armaan gaditti harreeffamaniin dhugoomsuu dandeenya,

4.6.1. Gaaffiilee Gita Kanaan nu Qajeelchan.

 Sangantaa waageffannaa kana keessatti waa’ee yaada Waaqayyoo maal


baradhee?

 Achi keessaa maaltu laphee koo, yaada koo, hafuura koo taqee?

 Waa’ee qulqullummaa, jaalalli Waaqayyoo guddaa ta’uu isaa kan agrsiisu


maal?

 Maaltu amantii koo, miira koo kakaasee?

 Achi keessa gara Waaqayyootti kan nu butu maal an argadhee?

4.6.2. Sirna Waaqeflannaa fi Tartiiba isaa

34 | P a g e
Gaaffiilee as keessatti nu gargaaran

 Sirna waaqeffannaa sana irraa maal an baradhee?

 Erga ijoo guyyaa sanaa argadheeraa?

 Waa hundaa isaa wajjin wal- barree irraa waan haaraa jiru hubadheeraa?

 Waaqeffannaa guyyaa sanbataa sana irraa waan addaa argadhe hima


gabaabaan keewwadheeraa?

 Faarsaan turan waaqeffannaa sanaa wajjin ni adeemuu?

4.6.3. Bu’aa Waaqeffannaa

Gaaffiilee:

 Waaqeffannaa keessatti kan bareeduu fi kan nama ijaaru maal isaa ti?

 Sirnicha keessa kutaa isa kami caalmaatti dinqisiifadha?

 Haaraa natti ta’ee laphee koo kan tuqe, kan na gaddisiise, kan na
gammachiise jiraa?

 Waaqeffannaa sana keessaa kutaa kamtu ulfinaa Waaqayyoof qabuu,


kadhannaa, of- kennuu koo akka an ibsu kan na tasiise?

 Waaqeffannichi qorumsaa fi shakkii akka an mo’adhuuf na gargaaree raa?

 Haala adda ta’een na ijaaree raa?

 Haala adda ta’een jaalala Waaqayyoo dhannamadheera?

4.6.4. Waaqeeffannaa Sun Sirrii Ta’uu isaa/ Gaaffiilee Bu’uuraa

 Tajaajila waaqeffannaa sana keessatti hiraachuu koon maal ta’uu/


hojiechuu akka qabu hubadheeraa?

 Waaqeffannaan sun

o Waaqayyoon ilaalchisee

35 | P a g e
o Obbolottan ilaalchisee

o Namoota biroo ilaalchisee

maal akka an ta’u, maal akka hojjedhu na jajjabeessa?

4.6.5. Waaqeffannaa Guyyaa Sanbataaf Manatti Qophaa’uu

Waaqeffannaan dhuunfaa fi waliinii karaa isaan itti wal-argan inni biraan gaaffii
“ Ofii- keenya waaqeffannaadhaaf mana keenyatti attamitti of qopheessina?”kan
jedhu of-gaafachuun gaarii ta’a.

Waaqeffannaa ilaalchisee, akkuma sabichaa wajjin taanu, dursinee mana


keenyatti ta’uu qabna.Mana keenyatti fuula Waaqayyoo duratti dubbachuudhaan
waaqeffannaa keenya ibsuu qabna.Yeroo waaqeffannaa birmadummaa guutuu
keessa ta’uu qana.Waaqayyoo fi argamuu, Waaqayyoo irratti xiyyeeffachuu
qabna.Kanaafuu, waaqeffannaa wajjin ofii keenya firoomsuu
qabna.Waaqeffannaan afaan kennya, eenyummaa keenyaan ta’uu qaba.

Karaa biraa, tajaajila waaqeffannaa sanaaf kadhachuu fi kanneen tajaajilanis ta’e,


kanneen waaqeffatan, eebbi Waaqayyoo fi argamuu Hafuura Qulqulluun
lapheen, gurri namaa banamee dubbii Waaqayyoo dhaga’uu qabu .

Kadhannaan dhuunfaa waaqeffannaaf nama qopheessa. Waaqeffannaan


daangaa, iddoo fi yeroon kan murtaa’u mitti.Waldoolee tokkummaa adduunyaa
guutuu jiran faana kadhanna.Rakkoo keenya qofaa irratti xiyyeeffachuu hin
qabnu.Kadhannaan keenya waliin gara fuula Waaqayyoo adeema. Namoota
kanneen biroof kadhachuun sanyii facaasuu dha, akkuma kana Waaqayyo
namoota nuuf kadhatan nuuf kaasa, sanyichi ni biqila.Namoota biroof yeroo
kadhannu gara dirree haaraatti baana mul’atni keenya bal’achaa adeema.

Hojii Manaa

1. Yaadolee ilaalaa turre keessatti tokkummaa saba wajjin waaqeffattuu


madaali.__________________________________________________________
__________________________________________________________________

36 | P a g e
__________________________________________________________________
_____

2. Kakuu Haaraa keessatti giddu- galeess waaqeffannaa maal?

__________________________________________________________________
__________________________________________________________________

Gaaffiilee Kutaa Kana Irratti Hundaa’an

1. Amanaan tokko mucaa Waaqayyoo ta’uu isaaf ragaan isaa maal?

a. Amanuu isaa b .dubbii amanetti jiraachuu isaa

c. Qulqullootaa wajjin tokkummaa qabaachu

d. Deebii hin kennamne

2. Namni tokko Waaqayyoon waaqessuun isaa attamitti beekama?

a. Sagalicha dubbisuu b. Akka sagalichaatti jiraachuu

c. Tokkummatti hirmaachuu isaa d. Deebiin hin kennamne

3. Kaayyoon waaqeffannaa inni guddaan argama Waaqayyoo barbaaduu


dha

a. dhugaa b . Soba

4. Bilchinni jireenya hafuuraa keenya kan inni ittin beekamu maatiwwan


Waaqayyoo gidduutti waaqeffannaan hirmaachuuf fedhii cimaa nuti
qabnuun

a. Soba b .dhuga

5. Amantootaa wajjin waaqeffachuuf yeroo waliin ta’an

a. jireenya hafuuraa wal-irraa hirmaanna

b. Qaamaan tokko ta’u tu nutti dhaga’ama.

37 | P a g e
c. Argama Waaqayyoo

d. Hunduu deebiidha.

Boqonnaa Shan
Wantoota Waaqeffanna Dhunfaaf fayyadan

Kutaa Barumsa Kanaa Keessatti Barattootni:

 Yeroo gabii qabaachuun waaqeeffannaaf bu’aa inni qabu ni baratu

 Maalummaa kadhannaa ni hubatu

 Akkaataa waaqeffannaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti kenname


dhuunfaan ni shaakalu

Qabxiilee Gurguddoo:

 Yeroon gabii maal akka ta’ee fi akkamiin akka geggeeffamu barachuu

 Walitti dhufeenya waaqeffannaa fi kadhannaa hubachuu

 Akkaataa waaqeffannaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti kenname baruu

5.1. Waantota Waaqeffannaa Dhuunfaaf Fayyadan

5.1.1. Yeroo Gabii Fudhachuu

Yeroo gabii qofaa ofiitti qabaatanii dhuunfaatti shaakaluun waaqeffannaa


dhuunfaaf baayy’ee nama gargaara.Haala kanaan sagalee adda addaa fi waca
irraa adda ba’uun gabiidhaan waan Waaqayyoo nutti dubbatu dhaga’uu fi ofii
keenyaas Waaqayyotti dubbachuun baayy’ee barbaachisaa dha.

Yasuus Kiristoos, mana yookaan kutaa dhuunfaa qaofaatti hin qabu ture.
Kanaafuu, yeroo dhuunfaatti Waaqayyo wajjin ta’uu barbaaduuf jecha ganama

38 | P a g e
obboroo utuu duuka- buutotni hin ka’in, dursee qofaa isaa bakka Waaqayyo irra
dhaga’u, isa wajjin bakka waliin dubbatan deemaa ture.Yookaan immoo, gara
gaaraatti ol- ba’ee kadhachaa tura.Haala kana kutaa wangeelaa keessatti bakka
hedduutti argina. Akka fakkeenyaatti haala addaan kan inni yeroo dhuunfaa
Waaqayyo Abbaa wajjin qabaachaa ture qorumsa lafa gogaa keessa guyyaa
afurtamaa, Yarusaalem Geetasimaanii kadhannaa isaa isa xumuraa caqasuun ni
danda’ama.

Macaafa Fakkeenyaa keessatti “fedhiin jiraannaan, karaan jira” akkuma jedhu,


eessayyuu yoo jiraanne, hanqinni waantoota addaa yoo jiraate illee, dhuunfaan
yeroo qabii Gooffaa wajjin qabaachuu yoo barbaanne badaa waan nama rakkisu
hin ta’u.Inni guddaan nuti kanaaf keessa keenyaa kaka’umsa qabaannee of-
bituudhaaf feedhii qabaachuu dha.

Yasuus iyyuu, yeroo qabii Waaqayyoo wajjin qabaachuun barbaachisaa akka ta’e
beekee, itti amanee, itti fayyadamaa ture.Yeroo qabii dhuunfaatti Waaqayyo
wajjin qabaachuun fayyumma jireenya hafuuraaf barbaachisaa ta’uu isaa
kitaaboleen hafuuraa adda addaa jala- muranii ibsu.

Gabii qabaachuun waa dhaga’uudhaaf haal- duree dha . Akkuma beekamu,


kadhannaan Waaqayyotti dubbachuu fi Waaqayyo irraa dhaga’uu, Waaqayyo
wajjin waliin dudubbachuu dha .

5.1.2. Waa’ee Hafuuraan Dhaggeeffachuu Karaa Adda Addaa Afuur

a. Gurra ofii sagalewwan biroo irraa dhorkuu. Yeroo kadhannu dunuufannee


kan nuti kadhannu waantotni adda addaa ija keenyaan arginu akka nu hin
jeeqneef dha.Haa ta’u malee, dhaga’uu ilaalchisee gurri keenya akka ijaa ta’uu
hin danda’u. As irratti kan nuti gochuu qabnu bakka sagalee baayy’een jiru irraa
fagaachuu dhaan bakka gabii qabu filachuu dha . Isa kanaaf ture Gooftaa Yasuus
ganama obboroo bakka sagaleen kam iyyuu isa hin jeeqne gaara irratti ol ba’uun
kan inni kadhachaa ture.Yeroo biraa immoo sagaleen kam iyyuu yeroo isa hin
jeeqne halkan yeroo namootni rafan kadhachaa ture. Kanaafuu yeroo gabii
Goofaa wajjin qabaachuuf gurri keenya sagalee adda addaan bakka itti hin
jeeqamne yeroo fi iddoo mijatu filachuu qabna .

39 | P a g e
b. Laphee / Yaada keenyaan yeroo gabii qabaachuu.Gurra keenya sagalee adda
addaa irraa yoo fageessine iyyuu, laphee / yaada keenyaaf yeroo gabii argachuun
caalmaatti rakkisaa dha.Sababiin isaas waa hedduu yaadna, isaa kana irraa
immoo bilisa ta’uun baayy’ee rakkisa akka ta’e beekamaa dha.Garuu immoo,
waa tokko amannee murteeffachuu qabna. Gab- jennee Gooftaa irraa waan inni
nutti dubbatu yoo dhageenye qofa kan nuti waa hundaa irratti yaada isaa keessa
ta’uun mo’icha argachuu dandeenyu. Kanaafuu, gabiin taanee Gooftaa irraa waa
dhaga’uuf laphee keenya, yaada keenya , ofii keenya of- simachuudhaan gabii
qabaachuun bakka sagaleen nama jeequ hin jirre filannee, isa dura turuun gaarii
ta’a.Dubbiin sagalee waaqayyoo isa kana nu gorsa (Isa 30:15; Faar. 45:10).

C. Kadhanna yaada garaa (qalbii) geedarannaa.Yeroo fuula Waaqayyootti


dhiyaannu hundaa, qalbbii/yaada garaa jijjiirrannaan dhiyaachuu qabna.
Cubbamoota- qulqullaa’an waan taaneef, cubbuu keenyaaf qalbii jirjjiirrachuu
qabna . Kessumattuu waa’ee cubbuu keenyaa Hafuurri Qulqulluun adda baasee
kan nu ceepha’u yoo jiraate, qalbii jijjiirrannee haafuurri keenya yoo haara’e
malee, Gooftaatti dhiyachuu hin dandeenyu.Jireenyi keenya, hafuurri keenya
haara’ee, nagaa qabaatee waan Waaqayyo nutti dubbatu dhaga’uuf qophaa’uu
qabna.Sammuun keenyaa nagaa, lapheen keenyaan qabii qabaachuu qabna.
Kanaafuu, cubbuu adda ba’ee beeknuuf qalbii jijjiirranna, dhiisuu kan qabmu
dhiisuun, yookaanis cubbuu irra deebi’uu qabnu, irraa murteeffanee adda baana.

Qalbii (yaada garaa) jijjiirrannaan,Waaqayyoon dhaggeeffachuuf karaa nuuf cira.


Haala kanaan ta’uudhaan, jaalalleen keenya waan inni adda baasee nutti
dubbatu dhaga’uuf, fedhaan, jaalalaan, amantiin yeroo qabii qabannee isatti
dhiyaanna .

d. Gorsa Gaafachuu

Jireenya keenyaan qabii qabaannee, waan Waaqayyo nutti dubbatu addaan


baafnee akka hin simanne kan nu danqaan waantotni hedduun jiru. Haala
kamiin iyyuu Waaqayyo irraa waa dhageenyee ittin geggeeffamuun waan
filannoo hin qabne dha .

Waaqayyoo irraa waa dhaga’uuf kanneen nu gargaaran keessaa inni tokkoo fi


inni guddaan nama nu gorsu nama tokko qabaachuu dha. As irratti, namoota

40 | P a g e
dhimshaatti shaakala jireenyatti, amantiitti namoota guddatan, namoota
muuxannoo jireenyaa gabbataa qaban nu barbaachisu.Namootni akkasii
waantota jireenya keenya jeeqan, waantota nagaa keenya booressan, adda
baasanii hubatanii malaa fi fala furmaataa nu kennuu danda’u. Nuti hanqina
hubannaa irraan kan ka’e, waanuma salphaa akka waan guddaatti fudhannee
kanaan jireenyai keenya miidhamaa jira ta’a.“Waaqayyo karaa hedduu dubbata”
akkuma jedhame, Waaqayyo karaa namoota nu gorsaniis, yaada isaa nutti
dubbachuu danda’a .

Gorsaa gaariin, akka doktorii gaarii’ti . Keessa namaa tarsaasee seenuudhaan


naafuummaa jireenya hafuuraa keenya irraa sagalee isaa waaqeffannaa,
faarfannaa keessatti akka nuti Waaqayyoon hin dhageenye kan nu danqan bira
darbinee qabiin Waaqayyoon akka dhageenyu nu gargaaruu danda’u .

5.2. Qophii fi Karoora

Dhuunfaafis ta’e,maatiidhaaf iddoo waaqeffanaa qopheessuun barbaachisaa akka


ta’e beekamaa dha. As keessatti, waantota ijaan argaman qofa irratti hundoofnee
filachuun firii gaarii agarsiisuu dhiisuu danda’a .

Inni gudduun, jijjiirama barbaadame fiduu danda’u qophii keessa keenyaa ti


keessa jireenya keenya guutummaan qophii qabaachuun waaqeffannaaf baayyee
murteessaa dha .

Egaan, dhuunfaan yeroo gabii yeroo Waaqayyo qofaatti laphee namaatti, hafuura
namaatti, keessa namaatti dubbatu qabaachuuf inni tokko qophii fi karoora
qabaachuun barbaachisaa akka ta’e ilaalaa jirra .

Yeroo qabiin fuula Gooftaa duratti dhiyaachuu qabnu ilaalchisee, yeroo mijataa,
yeroo adda addaa filachuu ni dandeenya.

Fakkeenyaaf, ganama bariin, yeroo mijataa ta’uu danda’a . Sababii isaas, halkan
waan rafaa bulleef, sammuun keenyaas, haaraa ta’a, qaamni keenyas nagaa ta’uu
danda’a .Ganamni barriin, waa hundaaf yeroo humna haaraan, abdii haaraan kkf
kaanu dha.Ganamaan waaqeffannaan, jireenya gabiin Gooftaatti dhiyaachuun
bu’aa guddaa qaba.Waaqeffannaan fi kadhannaan ganama barii yeroo hundaa
baayy’ee gaarii akka ta’etti yaadama. Yeroon kun yeroo nuti guutummaa jireenya

41 | P a g e
keenyaa bifa haaraa ta’een Gooftaatti kennannu dha.Kadhannaa fi waaqeffannaa
ganamaa keessatti adeemsa keenya, oolmaa keenya, yeroo itti Gooftaatti
kennannu, yeroo humna itti hidhannee baanu, yeroo itti mul’ata kallatti addaa itti
fudhannu dha. Yeroon kun yeroo nutti humnoota hafuurota hammeenyaa,
guyyichaa kallattii adda addaan meeshaa badii isaanii yeroo nutti itti dhiignu,
sochii isaanii yeroo itti nuti hiinu dha. Yeroon kun yeroo itti eebba, nagaa,
milkaana, saba Waaqayyoo namoota hundaaf labsinu dha.

Yeroo qabii full-dura Gooffaatti qabaachuuf galgallis yeroo mijataa ta’uu


danda’a. Galgalli fuula Waaqayyo dura taanee waa’ee oolmaa jireenya keenyaa
sakattaanu dha. Yeroo dadhabbii, hanqina, cubbuu keenya hundaaf yaada garaa
keenya jijjiirranu dha. Yeroo kana aduus ta’e bokkaan, qorri guyyaa darbeera.
Wal’aansoo guyyichaa keessatti Gooftaan humnaafi gargaaraa nuuf ta’ee
darbineerra.

Yeroo miilla Abbaa keenyaa jala taanee, yaada garaa jijjirrachaan araara argannu
dha .

Kara biraa immoo, waa hundaaf fi eegumsa isaa keessa taanee guyyicha ooluuf
yeroo galataan dhiyaannu dha.

Egaan Gooftaatti amanachuudhaan isa Waaqeffanna. Kunis jabina amantii ofii


keenyaan oosoo hin taane, geggeessaa keenya isa ta’e Gooftaa keelnya Yasuus
Kiristoos abdachaa, isatti amachaa adeemna.

Akkuma joolleeni Isiraa’el biyya abdii sana dhaaluuf waa hedduu keessa bu’aa
bu’anii, galaana baayy’ee gad fageenya qaban ce’anii adeemaa turan, jireenya
amantii keenyaan waantootni hedduun nu mudachuun isaanii dirqama ta’a. Haa
ta’u malee, wantotni adda addaa wal’aansoo, mormii, danqaa, qorumsi karaa
jireenya amantii keenya keessatti nu mudata kun caalmaatti ija keenya Gooftaa
irra kaawwachuun mo’icha, injfannoo fi galataat kan nu qopheessan ta’uu isaan
hubannee, amantiin gara fuula duraatti, gara Gooftaatti, gara biyyaatti haaraa itti
adeemuu qabna.

Diinni keenya diyaabiloos, mala adda addaa fayyadamuun jireenyi amantii


keenyaa akka miidhamu gochuu irraa yeroo kam iyyuu hin boqotu. Yeroo kana
yaaliin isaa jireenya keenyaa dadhabbii, shakkii gungummii, kkf dhunfaanis ta’e,

42 | P a g e
sadarkaa maatiitti waaqeffannaa galgalaan Gooftaa wajjin akka nuti wal hin
arganne gochuu dha. Yeroo akkasii waa qalbeeffachuun gaarii ta’e. Jaalallee
keenyaa wajjin wal- arguuf , isatti boqachuuf, isaanii boqochuuf beellama akka
qabnu dagachuu hin qabnu . Nama jaallannufi nama kabjnu beellamnee akka
beellamicha hin cabsine beekamaa dha.

Waaqeffannaan qaama jireenya keenya akka ta’e dagatamu hin qabu. Haa ta’u
iyyuu malee, waaqeffannaan galgalaa, Yeroo Gooftaa wajjin itti wal argnu
beellama ulfina qabeessa, beellama kabajamuu qabu dha.

Kanaafuu, yeroo akkasii kana yaada dinaa, haala, miira keenya dhaggeeffachuu
osoo hin taane, dhaabbataa fi amanamaa isa ta’e dubbii sagalee Waaqayyoo fi
geggeessaa Hafuura Qulqulluu kabajuun Gooftaa wajjin wal- arguu qabna. Isa
wajjin battaluma wal-agarru, ba’aan keenya nurraa ka’ee bagonnaa arganna,
dadhabbiin nurraa sokkee humnaan guutamna, shakkiin nurraa sokkee
amantiitti jabaanna. Yeroo sana, iji keenya banamee Yerusaaleem ishee haaraa
amantiin argina, yeroo sana gammachuu Gooftaa keessa kaanee gara boqonnaa
keenyaa adeemna.

Gaaffiilee- Hojii manaa

Gaaffiilee armaan gadii ibsii barreessi

1. Waaqeffannaaf akkamii qophoofna?

2. Waaqeffannaa Macaafa Qulqulluu irratti hunda’e jechuun maal jechuu


dha?

5.3. Maalummaa, Bifaa Fi Qabiyyee Waaqeffannaa Akka Macaafa Qulqulluutti

Barreessitootni adda addaa waa’ee Waaqeffannaa hiikaa fi ibsa adda addaa


kennu. Waqeeffannaa kiristaanaaf (fi waldaa Kiristaanaaf) hojii isa guddaa fi
dirqama isaa ti. Waaqeffannaan jaalala Waaqayyoof qabnu kan ittiin ibsinu dha.
Wangeela babalisuu fi namoota du’a isa lammafaa irraa olchuun ala hojiiwwan
adda addaa waldaan kiristaanaa hojjettu martinu asuma biyya lafaa irratti kan
hafan dha. Waaqeffannaan garuu mootummaa Waaqayyoo keessattis itti fufa.

43 | P a g e
Haa ta’u malee, gochi Waaqayyo kaa’e/ hundeesse kun kaayyoon isaa eegamee
geggeeffamuu osoo qabuu, karaa irraa ce’aa jira. Kanaafuu, caalmaatti hiikaa fi
kaayyoo isaa hubannee itti gargaaruu akka dandeenyuuf kutaa kana keessatti
gabaabinaan ilaaluu yaalla.

5.4. Waaqeffannaan Macaafa Qulqulluu Keessatti Kenname Maal Agarsiisa?

Qabxiileen ijoo armaan gadii barumsa keenya yaada bu’uura akka qabaannuf nu
gargaara. Isaanis:-

Inni jalqabaa, waaqeffannaan waan Waaqayyo namaa kennuu dha. Adeemsa


Waaqeffaannaa keessa, isaa wajjin itti hirmaannaa. Waqqayyo irraa madda,
isaanis deebifnee kan dhiyeessinuu dha. Waaqeffannaan maddi isaa, kaayyoo
isaa fi akkaataa Macaafni Qulqulluun irraa dubbifnuu geggeeffamu hundaaf
sababni isaa waqqayyo ofii isaa ti.

Lammaffaa, Waaqeffannaan itti yaadamee kan geggeeffamu dha. waaqeffannaan


dhugaa kan inni geggeeffamu qabu dhugaa fi hafuuraan dha waaqayyoon
(Yahwee) duratti yeroo dhiyaannu sababa waaqeffanuuf beeknee hafuura itti
gaafatamummaan galata dhiyeessaa, fedha keenyaan Waaqeffannaa simatama
qabu waaqayyoof dhiyeessuu qabna.

Sadaffaa, waqqeffannaan Dubbii sagalee Waaqayyoo irratti hundaa’uu qaba.


Waaqeffannaan simatama qabu daangaa isaafi madaalliin isaa maal akka ta’e,
qorree akka ilaalluu dubbii sagalee isaa nuu kenneera.

Arfaffaa, waaqeffannaan wal- beekuufi walitti dhiyeenyaan kan geggeeffamu


ta’uu qaba. Waaqayyoon kan waaqeessuu qabnu ogummaafi mala kan ofii
keenyaan osoo hin taane, eenyummaa dhuunfaa keenyaan isaa waaqessu qabna.
Waaqeffannaan shaakala eenyummaa isa gad- fagoo irraa kan ta’e, tokkummaa
dhuunfaa keenyaan iddoo guddaa kan itti kennuu qabnu, Waaqayyoo itti
dhiyaachaa adeemuu kan itti shaakalluu dha.

Innixumuraa, waaqeffannaan gad- fageenya keessa keenyaa irraa kan madde,


garaa guutuun ta’uu qaba. Human keenya guutuudhaan, gutummaa jireenya
keenyaan, kara keenyaafi jireenya keenya guutummaan waageffannaatti
hirmaachuu qabna.

44 | P a g e
Kanaafuu, duraan dursee akkuma ibsame, umamni hunduu, keessumattuu,
sabni Waaqayyoo warii isaan furamman, furamuu isaaniif galatu galchuudhaaf
gocha raawwatamu dha. Waaqeffannaan haala hiika qabuun, kaayyoodhaan,
akka sagalee isaatti, akkasumas barabaraan waamicha Waaqqayyoo keessatti
hirmaachuun gocha raawwatamuu dha.

5.5. Ibsa Waa’ee Waaqeffannaa Akka Macaafa Qulququlluu Keessatti


Kennametti Uumama Hubachuu

As irratti barreessittootni adda addaa yaada isaan kaa’aan ilaaluun gaarii dha.
Haala kana qorachuu keessatti haala armaan gaditti gargaaramuun gaarii ta’a.

Waaqeffannaan dhimma Waaqayyoon barbaaddachuu ti. Jechi Ibrootni itti


gargaaraman “Baarbaaddachuu” fi “gaafachuu” jedhaman kun yeroo baayy’ee
jechoota Waaqeffannaa wajjin adeemuu dha. Dhuunfaan waa barbaaddachuu,
garaa guutuudhaan ariitiidhaan barbaaduu, kaka’umsaan garaa waan sanaatti
adeemuu agarsiisa. Jechi kun inni hojii irra oole barbaachi/ fedhiin Iziraa seera
Gooftaa baruufi ibsuuf dha. (Izi 7:10). Kunis seera isa barate sana raawwachuuf
aboomamuuf akka isa qopheesse, kanas waa’ee Waaqayyoo saba Isiraa’el akka
barsiise argina.

Akkuma Izi 4:2 keessatti cagasame, jechi kun yeroo tokko tokko “Waaqeffannaa”
agarsiisa. Kutaa kana keessatti waaqeffannaan isaanii, kan Waaqayyoof hin taane
waan ta’eef Zarubabel gaaffii, isaa ni akka morme argina. Kutaa biraa irratti
immoo (Izi 6:12) kanneen caqasaman, Waaqayyoon sirritti kanneen waaqeffatan
jedhamee barreeffameera. Kun kan inni agarsiisu “kanneen Waaqayyoon
barbaaddattan kun” jireenya shakkiin utuun hin taane, bilisummaa fi
gammachuun akka dhuf an argina.

Kanneen Waaqayyoon barbaaddan ni argu, ni gammadus, Waaqayyoon


barbaaddadhaa, jiraattotas ta’a, Faar (27):4) 69:32 Waaqayyoon waantokkon .

5.6. Waaqayyoof Ulfina Kennaa Abboomamaa Haala Addaan Waaqessuu

Kakuu Moofaa keessatti yeroon akkasii waaqeffannaa faayida- qabeesa- yaada


“Gooftaa sodaachuu” jedhu wajjin kan wal- simu dha. Kana jechuun

45 | P a g e
qulqullummaa fi humna isaa irraan kan ka’e Waaqayyoof ulfina kennuu,
sodaachuu jechuu dha.

Humna isaa isa guddaa Waaqayyoo Gibxi irratti fayyadame arganii Isiraa’e
lootni Gooftaa sodaatan (Ba’u 14:31). Kanaanis Gooftaatti amanan, garbicha
Waaqayyoo Museettis amanan. Haalli Waaqeffannaa astti arginu, sodaan asitti
arainu, Waaqayyoon sodaachuu isa sirrii dha. Hikni jecha kanaa, as keessattii
sabichi jaalala fi fedha isaan Waaqayyotti of- kennuu isaa argina. Sababiin isaas
inni sodatamaan sun Waaqayyo Waaqa isaanii waan taleef dha. Faar (86):1)….

Sabni kan Waaqayyoo ta’an haala adda ta’en Waaqayyoon waaqeffannaa jechi
kun jaalalan abboomuun tajaajiluu galata, of keessatti qabata (Kees 6:13; 10:20;
Faar 135:20).

5.7. Waaqeffannaa Akka Tajaajila Of Kennuutti

Tajaajila akkasii sanyii isa mootoof ni Gibxii Isiraa’eloota akka dirqamaatti isaan
irraa eeganii dha. Ba’u 5:18 “Dhaqaa hojjedhaa…” Haa ta’u malee, jecha kana
haala waaqeffannaa keessatti yoo itti fayyadamne, as keessatti waanti jedhamuu
barbaadame, waaqeffannaa Waaqayyoofi ta’uu qabu agarsiisa .

Jechi abboomamuu, bitamuu jedhaan tajaajiluu jedhu, waaqeffannaan wal-


qabsiifnee yoo ilaalle, hiikni isaa akkaataa amantootni Waaqayyoon itti
tatajaajiluu qaban kan agarsiisuu dha. “Yaa- Isiraa’eel, Waaqayyo Waanqni kee
kan inni sirraa barbaadu inni maal?” (Kes 10:12)

Yasuus Kirsitoos walitti dhufeenya waaqeffannaa fi tajaajila of – kennuu yeroo


ibse keessatti, Waaqayyo qofaaf addaan ba’anii isa tajaajiluun maal akka ta’e
ibseera (Maat 6:24)

5.8. Waaqeffannaan Akka Tajaajila Dhuunfaatti Yeroo Ilaalamu

As keessatti jechi kun haala adda ta’een yeroo hiikamu, “argamuu” yookaan
“tajaajiluu” kan jedhu ta’a. Jechi “bulchaa tokko … duratti argamuu” kan jedhu
ta’a. Akkasumas, waa’ee ergamootni Waaqayyoon tajaajilanii ibsa.

46 | P a g e
Kunis kan inni mul’ate uum 30:4 keessatti Yoseef gooftaa isaa duratti surraa
argachuu isaa, tajaajilaa dhuunfaa isaa ta’uu agarsiisa. Mana isaa hundaa irratti
muude;haadha manaa isaa irraa kan hafe, hundaa to’annoo isaatti jala oolche.
Farr (103):21. Akkuma Waaqeffanna Isiraa’elotaa, jechi kun yeroo baayy’ee kan
inni fayyadu Yaahiwwee tajaajiluuf Waaqeffanaa lubootaan geggeeffamu ibsa
(Keessa 10:8).Yeroo sana Gooftaan ………. adda baase.

Jechi akkasii kun yeroo baaytee Isiraa’el itti gaafatamummaa isheetti kenname
akka yaadattu. akka luboota filamaniitti of fudhachuun Waaqayyooni akka
tajajilan isbuuf kan itti fayyadamnu dha. Akkuma beekamu. lubootni
amanamummaan yoo hin tajaajilan ta’e. tajaajila sanaaf gahumsa hin qaban
jechuu dha. Yoo akkana ta’e immoo. tajaajila sana keessa akka ba’an ta’a (Lew
10:1-10).

Dimshaashumatti. haalli akkasii kun Waaqayyoon Waaqeffachuufis ta’e,


tajaagiluuf. Waaqayyoo ulaaqaaleen inni kaa’e keessatti waantoota fudhatama
qaban dha.

Fkn, lubootni tajaajila yeroo kennan, huffata addaa huffachuu qabu (Ba’u
28:25;35:19), Tajaajilli isaan kennan me’esnaalee Godoo qulqullummaa keessa
jiran hundaan dha.

Booda kana keessa immoo. mana Qulqullummaaf kallattii hundaan tajaajila


mudaa hin qabne ta’uu akka qaban dha (Lak. 1-50-54). Xumura irrattis, tajaajilli
isaanii umurii guutuu ta’uu isaa hubatnii of – kennuu qabu (8:23-26)

5.9. Waaqeffannaan Akka Garaa Gad- Deebi’aa Isa Dhugaatti Yeroo Ilaalamu

Mata duree biroo jalatti ilaaluuf akkuma yaalame, qoomma’uun / mata- gadi
qabachuun. baroottan Kakuu Moofaa keessatti karaa ittiin Waaqeffannaa ibsan
ta’ee ilaalamaa ture. Mataan gadi jedhanii sagaduun, ulfina kennuu, kabajuu
agarsiisa (Uum 18:2; 24:26).

Akkuma sagalichi ibsu, miira gad-of deebisuutiin, isa ol- jedhee jiru, isa olaanaa,
iddoo isaa fi sadarkaa isaa hubachuu sagadaan kabajuu agarsiisa.

47 | P a g e
Kunis kan inni raawwatu, namni haala adda ta’een dhuguma garaa gad-
deebi’aan Waaqayyoon waaqessuuf yeroo namni dhiyaatu dha. Aarsaan
Waaqayyoof dhiyaatu garaa gad- deebi’aa dha. (Faar 51:17; Iyo 22:29)

5.10. Kadhannaa Jilbeemfachuu Akka Waaqeffannaatti Yeroo Ilaalamu

Waaqeffannaan akkasii bara Kakuu Moofaa keessa haala addaan Waaqeffannaan


ittin ibsamu ta’ee baayy’ee hin beekamu yoo ta’e iyyuu, tarii haallii kun hundee
jechootaa afaan Armaaniyii keessa kan jiru wajjin walitti dhufeenya waan qabu
fakkaata (Dan 3). Kana wajjin haala wal- fakkaatuun, fuula ofii gad- deebisanii
waaqa tolfamaa warqee irraa hojjetameef qoomma’uun, sagaduun, dura isaatti
kufuun barbaachisaa akka ta’etti beekama (Dan 3:5-7; 10-12;14-18).

Fuula Waaqayyoo duratti hanga dhiyaannee jirrutti, qoomma’uudhaan, fuula


isaa duratti kufuudhaan, amanamuummaadhaan, bitamuun of kennuun, isa ol ol
qabuu, kabajuu, of- irratti moosisuu agarsiisa. Haallii akkasii Yihudotni itti
waaqeffatan kun Isaayyaas qofa keessatti argama (Isa. 44:15;17:19;46:6). Isa kana
akaataa galma issaatti yeroo ilaalluu, namootni kanneen waaqa tolfamaa
waaqeffatan waaqolii isaanii warra waa’ee hin baafne sanaaf attamitti akka isaan
sagadan attamiin gara isaaniitti akka kadhatan kan agarsiisuu dha.

Isaan kun hunduu kallattiidhaan Yaahiwwee (Waaqayyon) waaqessuu kan hin


agarsiifne yoo ta’e illee, ijoon yaada kanaa kan inni agarsiisu fi kan inni ibsu,
waaqeffannaa isa sirrii Waaqa isa dhugaaf dhiyaachuu qabu ta’uu akka qabuu
dha.

Asa kana irratti hundoofnee, gaaffii ijoo tokko dhiyeessuun gaarii ta’a. Innis,
namootni kun waaqeffanna waaqa isa dhugaaf dhiyaachuu qabu waaqolee
tolfamaaf akkas of- gad- deebisanii sagaduuf erga ta’ee, kanneen waaqa jiraataa
(Yaahiwwee) waaqeffachuf, isaaf sagaduuf, fuul- isaa duratti waaqeffannaa isa
gammachiisuu filachuuf hangam dhama’uu qabu ree?

5.11. Waaqeffachuun Gara Waaqayyootti Dhiyaachuu Dha

Jechootni Kakuu Mootaa keessatti ibsaman baayyien isaanii Waaqayyoo namatti


dhihoo akka ta’e fi Waaqaitti dhiyaachuun akka danda’amu, kanneen isa

48 | P a g e
waaqessan isaatti dhiyaachuutti akka gammadan ibsa. Kanaafuu, isatti akka
dhiyaataniif afeerraa godhaaf (Faar (34):5, 10; Isa 55:6-7).

Jechi “dhiyaadhaa” jedhu kun, “gara isaa dhufuu”, isaa wajjin adeemuu”
“dhiyaachuu”, “isatti butachuu” agarsiisa (Kess 4:7).

Gaaffiilee Boqonnicha irratti hundaa’an

Deebiiwwan sirrii ta’an fili

1. Waaqeffannaa jechuun yaadni isaa

a. Gara Waaqayyootti dhiyaachuu

b. Fuula isaa dura jilbeenfachuu

c. Fuula isaa duratti garaa gad- deebi’aa dhugaa agarsiisuu

d. Hunduu deebii dha

2. Waaqeffannaan sagaduun, kufuun, amanamuummaan bitamuun, of –


kennuun, moosisuun Waqayyoon waaqeffachuu agarsiisa

a. Dhugaa b. Soba

3. Kanneen Waaqayyoon barbaadan akkaataa isaan itti dhiyaachuu qaban

a. Shakkiidhaan b. Bilisummaa fi gamachuun

c. Sodaachaa d. Hunduu deebii dha

4. Waaqayyoon akka hin dhageenye kan nu taasisan

a. Sagalee adda addaa gurra keenyaan dhageenyu

b. Lapheen keenya gabii dhabuu

c. Laphee dhifama dhabuu

49 | P a g e
d. Hunduu deebii dha

5. Waaqeffannaan addaa kanneen Waaqayyoon waqessan irraa eegamu

a. Jaalala

b. Abboomamuun tajaajiluu

c. Galata d. ‘a’ qofa e,a,b,c

Boqonnaa Ja’a
Waaqeffannaan Akkaataa Adeemsa Jirenyaati

Seensa

Kutaa kana keessatti eenyummaa keenya isa bakkeetti mulatuu fi eenyummaa


keenya isa keessaa irraa waaqeffannaa madden sochiiwwan nuti agarsiifnuu fi
amala bakkeetti agarsiifnu ilaalla. Akkasumas, waaqeffannaan mallatoo jaalalaa
waan ta’eef, waaqeffannaa keessatti haala akkamiin akka of ibsinu ilaaluuf kan
yaallu ta’a.

Kaayyoo barumsichaa:

 Waaqayyoon waaqessuun, isa kabajuu fi isa sodaachuu wajjin kan


deemuu akka ta’e agarsiisuuf

 Waaqayyoon waaqessuun gammachuun, fedhaan, aboo isaaf


abboomamuu akka ta’e hubachiisuuf

 Waaqayyoon waaqessuun giddu- galeessa dhimma keenya hundaa akka


ta’e agarsiisuuf

Qabxiwwan Gurguddoo:

 Waaqeffannaan Kabaja guddaan abboomamuu dha

 Waaqeffannaan akkataa adeemsa jireenyaa ti

50 | P a g e
 Waaqeffannaan deebii Waaqayyoof kennuu qabnu kennuu dha.

6.1. Ibsa Waa’ee Waaqayyoo Ilaaluu

Kakuu Moofaa keessatti waaqeffannaan Waaqayyoon akka mootii guddaatti isa


diinqisiifachuu, kabajuu, isaaf abboomamuu jechuu dha . Kunis haala mul’achuu
danda’uun sochii qaama keenyaan yookaan immoo, kennaadhaan kan ibsamu
dha. As irratti, lapheen keenya gara kamitti akka duufee jiru kan beeku murtoon
isaa harka Waaqayyoo keessa jira. Gara Waaqayyootti dufuun jaalala
Waaqayyoof qabnu fi isaan tuqamuu, yookaan isa ajaayibsiisfachuu irra baayyee
kan caaluu dha.Kabajaan isa sodaachuun aboo isaatiif gammachuun, fedhaan
abboomamuu dha.

6.2. Waaqeffannaan Tajaajila

Karaa biraa, Waaqeffannaan Kakuu Mootaa keessatti akkaataa yaada namaa kan
agarsiisu miti. Namootni Waaqeffatan sun jireenya guyyaa guyyaatti jiraatan
keessatti jijjiirama amalaa akka fiduu danda’anii dhiibbaa akka fiduuf kan
karoorame dha.

Yaadni Waaqayyoon tajaajiluu jedhu kan inni hiika qabaatu, Waaqayyoo


hidhaawwan adda addaa irraa nu hiikuudhaan, bittaa gooftolii keenya nu bitaa
turan harkaa bilisa nu baasee gara ofiisaatti nu waamuu isaa yoo hubanne dha.
Waaqayyo waan barbaachisu hundaan badhaadhaa fi jaalalaan kan bitu dha.
Kana irraan kan ka’e, akka isaaf obboomamuun, akka isa tajaajillu, guufummaa
jireenya keenyaan akka amanamuuf barbaada.

Waaqefannaa Waaqayyo biratti simatama qabu dhiyeessuuf of- eggannaan


ilaalamuu kan qaban waan joo ta’an lama tu jiru. Isaanis: amanamummaadhaa fi
abboomamuu dha.

6.3. Waaqeffannaa Waaqayyoon Kabajuu dha

Waaqayyo eenyummaa fi amalli isaa ifa ta’uu isaa yemmuu ilaalluu, Waaqayyo
kan inni barbaadu sabni isaa soda fi kabajaan akka isa Waaqessan malee,
akkasumaan amaleeffannaan akka isaatti dhiyaatan, akka isa Waaqessan hin

51 | P a g e
barbaadu. Waaqayyo sasba isaa irraa fagaatee, kan mitti dhiyaanne ta’uu hin
barbaadu.

Yaadoleen ijoo ta’an kutaa kana keessatti dhiyaatan kallattiidhaan kan isaan
fudhataman Macaafa barreessaa maqaan isaanii David Peterson mata- dauree
“Ingaging with God” keessaati.

Inni qofaa isa kabajamuu fi sodaatamu Yaahiwween, yeroo waaqeffannaa gara


Godoo qulqullummaa yookaan manni qulqullummaa kan isaaf ta’u akkasumaan
miti.

Godoon qulqullummaa ykn manni Qulqullummaa bara jiraatu hundaa,


Waaqayyoo kabajuu fi sodaachuu agarsiisa yoo ta’e, Godoon qulqullummaa ykn
Manni qulqullummaa bara jiraatu hundaa hojjetamuu qaba jechuu dha.

Namni Waaqayyoon waaqessu isa kabajuu fi sodaachuu isaa kan ittiin agarsiisuu
inni jalqabaa, shaakalaa fi aadaa waan biroo waaqeffatan irraa adda ba’uu dha .
Namni akkasii kun fuula Waaqayyoo duratti immoo dhiyaachuu akka qabutti
dhiyaata. Namootni waaqolee biroo waaqeffatan bakka waaqeffannaa sana irraa
erga adda ba’anii booda, jireenyi isaanii bakka waaqeffannaa ture sun isaan
duukaa hin turu.Kanneen Yaahiwwee dhugaadhaan waaqeffatan garuu, akkana
miti.Waaqayyoon sodaachuu fi kabajuu isaa jireenya isaa fi deddeebii isaa,
waaqeffannaa isaan ibsa.Kana malees, karaa Waaqayyoo irra deemuudhaa fi
abboommmii isaa eeguudhaan waaqeffannaa isaa ibsa.

6.4. Waaqeffannaan Naamusa Hundaan Yaada Waalee Waaqayyoof Qabnu


Deebii Sirrii ta’e Kennuu dha

Waaqayyoon kan waaqeffatu dhala namaa qofa osoo hin taane, ergamootnis ni
waaqeffatu.

6.5. Sababoota afur Waaqeffannaan Waaqayyoof Deebii Kennuu Qabnu

a. Kakuu Moofaas ta’e, Kakuu Haaraa irra deddeebi’anii kan isaan


abbooman sabni isaa gammachuudhaan gara waaqeffannaatti akka
dhiyaata dha.

b. Waaqeffannaan deebii sirrii waan ta’eef- dha (1 seen 16:29)

52 | P a g e
c. Uumaa waan ta’eef dha

d. Waan nurraa barbaadamu jireenya keenyaan ibsuu waan qabnuuf


dha

Gaaffilee Armaan gadiitti deebii kenni

 Waaqeffannaan deebii Waaqayyoof dhiyeessuu qabnu kennuu dha


jechuun maal jechuudha

 Waaqayyo saba isaa irraa maal barbaada?

 Kakuu Moofaa keessatti iddoon qulqullaa’oo ta’an maaliif oolu turan?


Har’a woo?

6.6. Waaqeffaan Uumaa Keenya Waan Qabnu Hundaan,Gammachuu fi Laphee


Keenya Guutuun Waaqessuu dha

Waaqeffannaa keessatti barreedinaa fi surraa isaa dinqisiifachaa waaqeffanna .


Waaqeffannaa keessatti akkaataa dhiyeessa isaa dinqisiifachuun Waaqayyoo
wajjin akka wal- bira hin darbine of- eeggannaa gochuu qabna .

6.7. Waaqayyo Iddoo itti Kufnee Turree fi Bitamaafii Turre Jalaa Waan nu
Fureef Waaqeffannaan Galata Galchina

Haala biyya lafaa yeroo yeroon jijjiiramu keessatti, Waaqeyyo qabiyyee


waaqeffannaa hin jijjiiramne nuu kenne.Hojiin fannoo irratti nuuf hojjetame hojii
Waaqayyoo fi nama walitti fiduu, hojii gatiin cubbuu keenyaa dhiiga Yasuusiin
nu kaafalame, hojiin angoon cubbuu; angoon du’aa fi angoon si’ool mo’ame, hojii
galataa fi waaqeffannaa wal-irraa hin cinne gaafatu dha.

6.8. Waaqeffannaan Dhugaa Waaqayyoon / Yasuusiin giddu- galeessa kan


Godhate Ta’uu Qaba

Kakuu Haaraa keessatti giddu- galeessi Kiristoos dha.Waaqayyo yeroo hundaa


garaa keenya guutuudhaan akka isa Waaqeffannu barbaada.Waaqeffannaan
kiristaanotaa Kiristoosiin, Waaqayyoon giddu- glaeessa godhachuu dha.

53 | P a g e
Kaayyoon Waaqayyo Abbaa kanneen Abbaa fi ulfina kennan hundi Mucichas
akka kabajan dha. (John 5:23)

Abbaaf ulfinan kennaa Mucicha simachuu diduun barsiisa Macaafa Qulqulluun


kan wal- faallessu dha.

6.9. Waaqeffannaa Kiristaanaa Jajannaa irra Darbee Dalagaan Abboomamuun


ni Caala

Biyya lafaa kana keessatti, amantiin keenya gochaan hin mulatu yoo ta’e,
Waaqayyoo jajjachuun keenya qofaan ooftuulummaa, ykn fakkeessuu ta’a .
Kaanfuu, akkuma dubbannu sana taanee, argamuu qabna. Akkuma kan namni
waan dubbatu itti hin jiraatu yoo ta’e, jireenyi bitaa itti gala.Jireenya Waaqayyo
keessa hin jirre itt gaafatamummagan namatti hin dhaga’amnetti deena. (Room
2:13). Macaafn Qulqulluun maalummaa waaqeffannaa dhugaa ibse keessaa akka
fakkeenyaatti yai 1:27 ilaaluu gaarii ta’a….

Dalagalee

1. Waaqeffannaa ilaalchisee garaa garummaa fi tokkummaa Kakuu Moofaa fi


Kakuu kaasa gidduu jiru fuula tokko barreessi.

2. Waaqeffannaa Waaqayyoon giddu- galeessa godhate jechuun maal jechuu


dha?

6.10. Waaqeffannaan Jireenya Dhuunfaa Tokko Tokkoo Amanaa fi


Tokkummaa Amantootaan Mul’achuun Qaba

Waaqeffannaan akkaata adeemsa jireenyaa waan ta’eef, jireenya amanaa


dhuunfaa keessatti mu’achuu qaba.Akkasuma, immoo tokkummaa keenya
keessatti mul’achuu qaba.

Hojii Manaa

1. Yaada kutaa kanaa sirriitti hin hubanne yoo ta’e, irra deebi’aa dubbisaa

54 | P a g e
2. Kutaa kana keessaa waan hubattan fuula tokko irratti ibsaa

6.11. Waldaan Kiristaanaa Sirna Waaqeffannaa ishee akkaataa fakkeenya


kakuu Haaraa keessatti kennametti sirreeffachuu / geggeeffachuu qabdi

Inni kun, wal- ijaaruuf kennaawwan sirrii taa’an sirnaan itti gargaaramuu,
geggeessitota waldaa fi bulchaa biyyaaf bitamuu, abboomamaa, yeroo
waaqeffannaa waliinii amala sirrii ta’e ibsuu, hiyyessotaaf kennuu knf.

6.12. Waldaan Kiristaanaa Dubbii Waaqayyoo irratti Hundooftee Sirna


Waaqeffannaa Eeguuf Dhama’ina Guddaa Gochuu Qabdi

Waaqeffannaan Kakuu Haaraa keessa jiru isa Kakuu Moofaa keessaa irraa adda
yoo ta’e iyyuu, bita hedduun walitti dhufeenya qabu.Kana jechuun haala
waaqeffannaa Kaku Moofaa keessa ture ilaalcha Kakuu Haraan hubannee itti
gargaarmuu qabna jechuu dha.

Gaaffiilee Boqonnicha irratti Hundaa’an

Gaaffiilee armaan gadii dhugaa ykn soba jechuun deebisi

______ 1. Waaqeffannaan dhala namaa qofaaf haala addaan kan kennamedha.

______ 2. Waaqeffannaan kabaja guddaadhaan abboomamuu dha .

______ 3. Waaqeffannaan akkaataa adeemsa jireenyaa ti .

______ 4. Waaqeffannaan deebii Waaqayyoof ta’u kennuu dha

______ 5. Jireenya aboomamuu jiraachuun waaqeffannaan jiraachuu dha .

______ 6. Waaqeffannaan ijoollee abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan


manaa irraa du’e tumsuu, gargaaruu dha.

______ 7. Waaqeffannaan Waaqayyoon jajachuu dha

______ 8. Waaqeffannaan waa tokkoof garaaguutuun of kennuu dha.

55 | P a g e
______ 9. Waantootni waaqeffannaa dhuunfaa keessatti geggeeffaman
waaqeffanna tokkummaa keessatti geggeeffamuu qabu

______ 10. Waaqa isa bakka nuti itti kufnee jirru keessaa nu kaase, isa nu bite
jalaa nu furee fi waanti nuti deebifnu/ kenninu waaqeffannaa dha.

Boqonnaa Torba
Qajeelfama Sirna Waaqeffannaa

Kaayyoon kutaa barumsa kanaa, barattootni:

 Sagalichi waaqeffannaaf qajeelfama ta’uu isaa hubatu

 Hangam waan gaarii yoo itti fakkaate iyyuu, namni akka barbaadetti
Waaqayyoon waaqessa yoo ta’e, fudhatama akka hi qabne ni hubatu

 Bifni waaqeffannaa akka Macaafa Qulqulluun jedhu ta’uu akka qabu ni


hubatu.

Qabxiilee Gurguddo:

 Qajeelfamni waaqeffannaa inni sirriin isa Macaafa Qulqulluu keessatti


kenname dha

 Namni akka barbaadee fi karaa ofiisaa filate Waaqayyoon Qaqaessuu hin


danda’u

 Waaqayyoon kan waaqessinu akkaataa qajeelfama Macaafa Qulqulluu


keessatti kenname ta’uu qaba.

7.1. Raawwii Sirna Waaqeffannaa

Akkaataa raawwii waaqeffannaa isa ijaan argamu ykn sochii qaama keenyaa
ilaalchisee, sochii fi akkaataa adda addaan waaqeffachaa akka turan Macaafni
Qulqulluun ni ibsa. Fkn ,Sagaduun, dhaabbachuun, harka ol kaasuun,

56 | P a g e
jilbeemfachuun, kkf. Faar (95):6; (119) 120; Hisq 22:30; 1xim 2:8; Isa 45:23; Room
14:11; Fiilph 2:10)

Haa ta’u malee, Macaafi Qulqulluun kana ta’uu qaba jedhee waan ibse hin qabu .
Kanaafuu, waldooleen tokko tokko akka yaada saaniitti geggeessu, kanneen
biroon immoo, Macaafa Qulqulluu keessatti qajeelfamni waan hin kennamneef
akka aadaa saba sanaatti haala naamusa hin cabsineen ta’uu qaba kan jedhan
jiru. Ilaalchi kun lamaanuu bu’uura irra dhaabbatanii falman qabu. Isaan kun
lamaanuu haala madaallii isaa hin eegneen fudhatama argataniiru. Gaaffiilee fi
falmii akkasii “lola waaqeffannaa”jenna.

Karaa biraa immoo,amantootni warri durii akkamiin akka waaqessaa turan


ilaaluun, akka sanatti geggeeffachuun gaarii fakkaata. Fkn: Waaqayyoon fuula
isaa duratti sagade (Faar 95:6); Waaqayyoon fuul dura isaa dhaabbate (Faar
(119):120; Hisq 22:30); harka ol kaasuun (1xim 2:8); jilbeenfachuudhaan (Isa
(45):23; Room 14:11; Fiilp 2:10) .

Geggeessitootnitokko tokkoMacaafni Qulqulluun eenyuun waaqessuu akka


qabnu fi fedhii laphee keenya guutuudhaan hafuura isa dhugaa itti maxxanuu
qabnu qofa nuti hima . Garuu, haala attamiin ? Maal ?Gaaffii jedhuuf deebii hin
qabu. Kanaafuu,akkaataa nutti tolee fi gaarii nutti fakkaateitti Waaqayyoon
waaqessuuf mirga qabna. Akkuma konkolaataa bakka tokko gahuuf itti
fayyadamnu, akkasuma, waaqeffannaanis gara Waaqayyootti kan nu geessuu
dha.

Waaqayyo waan hundaa irratti Gooftaa fi Bulchaa dha . Inni immoo, gaarii dha.
Akkasumas,hundaafuu gaarii dha. Kanaafuu,sodaatamuu,jaallatamuu,
galateeffamuu,barbaadamuu, amanamuu qaba. Akkasuma, garaa keenya
guutuun, lubbuu keenya guutuun, human keenya guutuun, isa tajaajiluu qabna.
Akkaataan nuti isa itti waaqeffachuu qabnu immoo akaataa dogogora keessa nu
hin galchine, namootni amantii duraanii, kiristaanotni kanneen jalqabaa sun itti
waaqeffachaa turan ta’uu qaba.

Dalagaalee

1. Yaadni bu’uuraa kan hin hubatamne yoo jiraate, keessa deebi’aa dubbisaa

57 | P a g e
2. Caalmaatti hubachuuf kutaawwan Macaafa Qulqulluu kennaman ilaalaa

7.2. Qabiyyeewwan Waaqeffannaa Kanneen Gurguddoo ta’an

As irratti qabiyyeewwan gurguddoo maal fa’ii laata ?

Qabiyyeewwan gurguddoo kan jennu?

 Sodaa Waaqayyoo keessa ta’uun sagalee Waaqayyoo dubbisuu

 Barumsa sirriiti sagalee isaa dammaqinaan dhaqgeeffachuu

 Waa’ee amantii sirriitti hubachuu

 Gara abboomamuutti dhufuu

 Waagaayyoof kabaja/ ulfina kennuu

 Laphee keenya keessaa isaaf faarsuu

 Akkuma Gooffaa Yasuun seera isaa tumee kaa’e, cuuphamuu fi kennaa


Irbaata Gooftaatti hirmaachuu

Isaan kun qaama sirna amantii Waaqayyoon itti waaqeffannu dha. Isaan kanatti
dabalee, kadhachuun, yeroo adda addaa haala adda ta’een galata dhiyeessuu,
tokkummaan galateeffachuufis ta’e, waaqeffannaa keessatti hirmaachuun
barbaachisaa dha .

Dalagaalee

1. Bifni waaqeffannaa maal fakkaachuu qaba? Ragaa dhiyeessi

2. Qabiyyeewwan waaqeffannaa kanneen gurguddoo ta’an ibsi

7.3. Bifa Waaqeffannaa

Bifni waaqeffannaa maal ta’uu akka qabu karaa namootni haaromsa geggeessan
hubatan ta’uu qaba jennee murteessuu irraa of-qusachuu qabna. Sababiin isaas ,
dhugaan Waaqayyoo yeroo adda addaa namaa ifaa, namaa galaa, hubatamaa,
adeema waan ta’eef dha.

58 | P a g e
Namootni haaramsa geggeessan dhugaa isa hubatan sana irraa hin tochoonu
jechuu irraa, bifni waaqeffannaa maal takkaachuu akka qaba Macaafa Qulqulluu
irratti hundaa’uun yaalii taasisaniiru.

Fkn , Macaafa Qulqulluu keessatti akka rawwaanuuf dursi kan itti kennaman
faarfachuu, kadhachuu, Macaafa Qulqulluu dubbisuu, barsiisuu dha. Isaan kun
hundaa geggeessuu keessatti bifni isaan itti geggeeffaman dhuunfanis ta’e,
tikkummaan adda adda ta’uu danda’a, qabiyyee isaanii garuu jijjiiramuu hin
qabu.

7.4. Dhimmoota Waaqeffannaa Tokkummaaf Barbaachisan

Namootni maalummaa waaqeffannaa sirriitti hordofan kallattiidhaan Macaafa


Qulqulluu keessatti kan kenname akka ta’e ibsu .Tarii ka’amsi isaanii “Macaafa
Qulqulluu dubbisuu, Macaafa Qulqulluu lallabuu, akka Macaafa Qulqulluun
jedhutti kadhachuu, Macaafa qulqulluu faarfachuu fi Macaafa Qulqulluu
jiraachuu dha.

Kanaafuu, as irratti kan nu barbaachisan

1. Macaafa Qulqulluu ibsuu- lallabuu

2. Sagaleeha namootatti himuu

3. Yaadannoo kadhannaa sortummaa- yeroo kadhannaa jechawwan/dubbii /


sagalee Macaafa Qulqulluu itti gargaaramuu akka sagalichaatti, sagalicha
caqasaa Waaqayyoon kadhachuu.

4. Faarfannawwan hafuuraa

5. Sirnawwan (cuuphaa fi Irbaata Gooftaa) akkasumas muudamaa gita adda


addaa sagalicha keessatti ilaaluu.

6. Akkaataa huffannaa- akkaataa aadaa fi ilaalcha tokkumma saba


Waaqayyoofi sammuu fi miirri namaa hin miidhamnee ta’uu qaba.

Gaaffiilee Boqonnicha irratti hundaa’an

59 | P a g e
I. Gaaffiilee armaan gadii ibsi

1. Kutaa kana irraa waan baratte yaada dimshaa fuula tokko irratti
barreessi.

2. Tokkummaan waaqeffachuun dhuunfaan waaqeffachuu irraa


maaliin adda ba’a?

II. Gaaffiilee armaan gadiif deebiwwan sirrii ta’an filaa.

1. Filannoowwan armaan gadii keessaa kan sirrii hin taane isa kami?

a. Waaqeffannaan kan geggeeffamuu qabu haala sagalicha giddu-


galeessa godhateen ta’uu qaba.

b. Waaqeffannaan bifa adda ta’een dhiyaachuu qaba

c. Waaqeffannaan garaa guutuun raawwatamuu qaba

2. Waantotni waaqeffannaa tokkummaaf barbaachisan keessaa isaan


gar- tokkee dha

a. Macaafa Qulqulluu dubbisuu

b. Macaafa Qulqulluu lallabuui

c. Waaqeffannaan laphee guutuun geggeeffamuu qaba

d. Hunduu deebii dha.

3. Namootni kanneen akka gaariitti hordofan maalummaan


waaqeffannaa kallattidhaan Macaafa Qulquuluu irratti hundaa’e
ta’uu isaa hubatu

a. dhugaa b . soba

4. Kaayyoon waaqeffannaa tokkummaa

a. Wal- ijaaruu

b. Tokkummaa hafuuraaf
60 | P a g e
c. Waaqayyo wajjin wal- arguuf

d. Hunduu deebii dha

5. Waaqeffannaan kan ta’uu qabu:

a. Akkaataa nutti toletti

b. Akkaataa amaleeffannetti

c. Akka dubbii sagalee Waaqayyootti

d. Hunduu deebii dha .

Boqonnaa Saddeet

Waaqeffanna keessatti Gahee Yeedaloo

Seensa

Muuziqaan Waaqeffannaa keessatti iddoo guddaa qaba .

Kaayyoo barumsa kanaa:

 Yeedaloon Waaqeffannaa fi seenaa dhala namaa keessatti gahee inni qabu


agarsiisuu.

 Yeedaloon sochii saba tokkoo keessatti gahee inni qabu ibsuu

 Yeedaloo fi namoota yeedaloo

Qabxiilee Gurguddoo:

 Yeedaloon hin dhumu

 Maalis haa ta’u maal, sagaleen tokko tokkoon isaan Gaaffaaf ni


barbaachisa

61 | P a g e
8.1. Waaqeffanna Keessatti Gahee Yeedaloo

Yeedaloo jechuun maal jechuu dha ? Yeedaloo jechuun …. sagalee fi tooftaa


iyyaa, sagalee meeshaa faarfannaa ykn staayilii, akkaataa sagalee muuziqaa ti.
Yeedaloon ergamotni kumii fi kitilli utuu wal- irraa hin kutin Waaqayyoon kan
itti dinqisifatan , kennaa Waaqayyoo bayyee bareedaa fi dhuma kan hin qabne
dha (Qol 3:16).

Yeedaloon uumama keessatti iddoo guddaa qaba . Dhala namaa irra darbee
beelada illee ofitti kan harkisu fi karaa/afaan, ergaa ittiin dabarsan dha.Yeedalli
hafuura namaa keessatti dhiibbaa geggeessa.Yeroo baayyee namootni lolaa,
loltuu dura adeeman, namoota yeedala danda’an akka ta’etti beekama.
Yeedalli ,oonnee namaa kakaasa, yeroo inni… dhaga’amu, loltuun onnee
guutuudhaan kallattidhan lolatti seenu jedhama.

8.2. Yeedaloon Hojii Hafuuraaf Ooluu

Hojii dimshaashalt,i Waaqayyo Macaafa Qulqullu keessatti hojjete keessatti,


yedaloon baayyee barbaachisa ta’uun beekama. Dimshaati yeedalli dhala namaa
hundaaf Waaqayyo kan kenne, hojii Waaqayyoon waaqessuu keessatti meeshaa
baayy’ee barbaachisaa dha.Faarsaa Daawwitti bakka hedduutti (fkn 150)
keessatti, muuziqaan meeshaa kam iiyyuu yeedaloo Waaqayyoof akka
dhiyeessinu nu abbooma. Macaafotn Maku Moofaa, keessumattu, Macaafotni
ogummaa, Malaatotni raajotaa, yeedaloon akka dhiyaatan akkaataa barreeffama
isaanii irraa hubachuu dandeenya.

Kakuu Moofaa keessatti,caalmaatti namoota yeedaloo dhiyeessuun beekaman


Leewwota akka ta’an argina.

Hanaaniyaan, isa irratti muudamee barsiisaa ture . 1 Seen b: 31-45 keessatti


akkuma arginu, qomoo leewwii keessaa balballi sadii tokko tokkoon isaani
tajaajila yeedaloo mana qulqulluu keessatti geggeeffamu namoota dhiyeessuun
gumaacha qodhaniiru. Geggeessitootni faartannaa kan ta’an kanneen akka
Hemaan, Qaqa’at, Asaaf, Qagedson, Ettaam, qomooii Kameriri keessaa kan
argaman dha .

62 | P a g e
Kana malees, barreessaan Macaafa Seenaa Baraa, Mootichi Daawwiit ,meeshale
yeeladoo adda addaa faarfattoota akka ramadeera ibseera (2 Seen 29:25-26).
Akkasamas, Nehimiyaan (Neh 12:45-47) hojii leewwotaa haala gaariin
daddabalee barreessaa waan tureef, innumtu faarfattoota sana keessaa tokko
akka turetti yaadama. Kakuu Haaraa kutaa tokko tokko keessatti,fayyidaan
yeedaloo barreeffamee jira.

Phaawuloos fi Sillaas,yeedaloon Waaqayyoon galateeffachaa akka turan


barreeffamee jira (Erg 16:25).Kana mallees, Kakuu Haaraa kana keessa, waldaa
kiristaanaa keessatti tokkumma qulqullootaa fi hojii waaqeffannaa keessatti
meeshaa baayye’ee faayida- qabeessa akka ta’e ibsamee jira.

Yeedaloon seera mataa isaa qaba.Isaan kana keessaa hanga tokko akka
fakkeenyaatti caqasuuf, akkaataa sagalee itti kennan, dheerina, yeroo turtii,
saffisa, jabinaa fi laafina.Isaan kana ballinaan bifa leenjiin barachuu danda’ama.
Yeroo ammaa kana biyyoota guddatan keessatti sadarkaa barumsa olaanaatti
baallinaan kan kennamu ta’ee, biyya keenya keessas jalqabbii gaariin akka jiru
dha .

As irratti, yeedaloo ilaalchisee,yeroo ammaa kana daddabalamee waan ka’u


ilaaluun gaarii ta’a.Innis, garaagarummaa fi tokkumaa yeedaloo biyya lafaa fi
yeedaloo hafuuraa gidduu jiru dha. Waanti hubatamuu qabu tokko, yeedaloon
guutummaa guutuutti kan biyya lafaati jechuu hin dandeenyu.

Sababin isaas,akkuma ka’umsa keenya irratti caqasuuf yaalle, yeedaloon kenna


Waaqayyoo ti. Egaan yeedaloon kennaa Waaqayyoo ta’uu isaa erga hubanne,
Waaqayyo immoo, kan uume hunda gaarii waan ta’eef, yeedaloon kennaa
hafuuraa hojii gaariif uumame jechuu dandeenya.

Kanaafuu,faarfattootni faarfachuu isaanii dura, waa’ee yeedaloo sirriitti


hubachuudhaan faarfannaa Waaqayyoo akka itti waaqeffamuuf qopheessan
sirritti hojjechuu qabu.Yeedaloon guutummaa guutuutti kennaa Waaqayyoo
waan ta’eef yeedaloo Waaqayyoof akka ta’atti oolchuun qabna.

Dhalli namaa martinuu kennaa jireenya barbaraa karaa Yasuus kiristoos argatan
sana labsuudhaan, mootummaa isaa keessa ta’uudhaan, osoo walirraa hin kutin
barabaraan waaqeffachuuf waamamne. Yeedaloon Waaqayyoof dhiyaatu, ulfina

63 | P a g e
isaa, guddummaa isaa dinqisiifachuuf kan oolu ta’a.Faarfattootni burqaa
waraabamee hin dhumne keersaa yeedaloo jiraataa waraabbaachuun, ulfina
Waaqayyoo dhiyeessuu qabu.

Ergamootni yeedaloon isaan harkaa dhumee him beeku; fuula Waaqayyoo


duratti Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu! jechuun yeroo hundaa yeedaloodhaan
kabaja, galata, jajannaa isaaf dhiyeessuu .

8.3. Sagalee Uumaman nuu Kenname, Ittiin Dubbannu

Sagalee uumamaan nuuf kenname kanaan isa waaqessuu irra caalaa Waaqayyo
kanatti itti gammadu kan jennu hin jiru.Akkum beeknu, yeedaloon meeshaa
waaqeffannaa guddaa Waaqayyoon itti jajanuu, isaafis sagannu dha.

Kana malees, ergaa Waaqayyo laphee keenyatti dubbate, karaa itti dhiyeessinu
dha.Walitti dubbachuuf, mariyaachuuf, lallabuuf, barsiisuuf, dheekkamuuf,
ceephaa’uuf, gorsuuf, akkekkachiisuuf, jaalala/ jibba keenya ibsuuf, walumaa
galalatti waan laphee keenya keessatti yaadnu nama biraatti dubbachuun
ibsuudhaaf sagalee keenyatti gargaaramna. Akkuma kana yoo mi’aayes,
mi’aawuu dhisses, yeroo sagalee keenyatti gargaaramnee Waaqayyoof faarsaa
yeedaloon dhiyeessinu,haala qulqullina sagalee keenyaaf dhiphachuu hin qabnu.

Haalawwan armaan olitti caqasaman keesatti waan itti fayyadamnuuf, haala


sagalee keenya itti yaadnee hin beeknu yoo ta’e iyyuu, faarfachuu ykn yeedaloon
dhiyeessuu keessatti sagalee keenyaa itti yaaduu qabna .

Kanneen armaan gadii,sagaleewwan Waaqayyo biraa uumamaan nuu kennaman


sagaleewwan gosa adda addaa kana keesaa bakka tokko jira. Sagaleen nama
tokkoo, kan nama biraa irraa kan adda ta’ee fi kan gurra namaatti tolu yoo ta’e
iyyuu, sagaleen nuti Gooftaa ittiin faarfannu, jajannu, Waaqeffannu, isa biratti
fudhatamaa dha. Kanaafuu,sagaleen nuti uumamaan itti gargaaramnu
Waaqayyoon itti waaqeffachuuf gahaa dha.

Goolaba

64 | P a g e
Waaqeffannaan of-kennuu dha jechuun of- dhorkuun , of- qusachuun hin jiraatu
jechuu dha. Namni ofiisaa Waaqayyoof keennuu, of- itti kennuu yoo dide,
Waaqayyo dirqamaan of kenni hin jedhu .

Waaqayyo qaama keenya kanatti akka inni fayyadamuuf yoo eyyemneef, isa
kana irraa faayidaa guddaa kan argatu Waaqaqyyoo osoo hin taane,numa tu
baayy’ee fayyadamoo ta’a .Eenyummaan keenya isaaf hin oolu yoo ta’e, eebbi
guddaan nutti hir’ateera jechuu dha.

Yaadni bu’uuraa inni biroon immoo, waaqeffannaan kan geggeeffamu


Waaqayyoon dinqisiifachuu, jajachuu akka ta’e hubachuu dha. Barri keenya kun
waantotni hedduun waantootni dinqisiifaman, ajaayibsiifaman yeroo itti
uumaman dha. Telefoonni, Televiisheniin, Faaksii, Interneetii, walumaagala,
teeknologii ammaa kun yaada namaa ol- kan ta’an, kan dinqisiifaman dha.Haa
ta’u malee, qu’annoo fi argannoo saayinsii dinqisiifachuu irra, madda waan
gaarii hundaa, madda beekumsaa fi ogummaa isa ta’e Waaqayyoon
dinqisiifachuu qabna.

Egaa,waaqeffannaan isa uummaa ta’e, Waaqayyoon, Guddummaa isaa,


Gooffummaa isaa, jabinni, ulfina isaa yeroo jireenya keenyaa keessatti arginu,
hubannu sagada, jaalalaa fi kabajaa dhiyeessinu dha. Eenyummaa isaa
hubannaan,inni jalqabaa waaqeffamuun isaaf akka ta’u dha. Isa booda,
faarfannaan koo, galatni koo, kabajni, horiin koo, humni koo, waan an qabu
hundaa isaaf ta’uu qaba jenna.Waaqayyoof waan dhiyeessuu/ kennuu qabnu,
kennuu dhiisuun, yookaan immoo, irraa hir’isuun Waaqayyoon tuffachuu ta’a.
Waaqayyo biraa kan nuuf kennaman beekumsa keenya irra, dandeetti keenya,
yeroo keenya irra, akkasuma kanneen biroo kan nuuf kennaman irraa xinnoo
qofa kennuun, maddi kennaa sanaa eenyu akka ta’e hubachuu dadhabuu irraan
kan ka’e ta’a.Kan Waaqayyoo ofii keenyaaf osoo hin qusatin isaaf haa kenninu.
inni itti gammada ,itti ulfaata, nuti immoo, ni eebbifamna.

Yeedaloon kennaa Waaqayyo biraa namaaf kenname, meeshaa guduummaa tola,


Gooffummaa,jaalala isaaf waaqeffannaa keessatti galata Waaqayyoo ittiin
dhiyeessinu, hojii garaagara cituu hin qabne dha. Kutaa Kakuu Moofaa keessatti
garbootni Waaqayyoo,meeshaa faarfannaa ittiin Waaqayyoon jajachaa, sagada,
galata isaa ibsaa turn dha.Kakuu Haaraa keessattis, yeedaloon Waaqayyoon

65 | P a g e
waaqessa turaniiru.Waldaan kiristaanaa gahee yeedaloon waaqeffannaa keessatti
qabu hubachuudhaan ciminaan akka jajjabaatu gochuu qabdi. Keessumattuu,
kennaa kana waldaa keessatti eeguudhaan,namootni kanneen kennaa addaa
qaban jajjabeessuu, hunduu sagalee qabuun amantiin, hafuuraan Waaqayyoon
waagessuutti jabaachuu qabna.

I .Hojii Manaa

1. Yaada bu’uuraa as keessatti kenname sirriitti hin hubanne yoo ta’e, irra
deebi’aa dubbisaa.

2. Sagaleen waaqeffannaa keessatti gahee attamii qaba ? Eenyuuf?

3. Waa’ee yeedalaa maal hubattan? Fuula tokko irratti gabaabinaan ibsaa

II. Gaaffiilee armaan gadii dhugaa Ykn soba jechuun deebisaa

1. Yeedaloon kennaa Waaqayyoo Kakuu Moofaas ta’e, Kakuu Haaraa


Keessatti gargaaramnu dha.

2. Waaqayyoon waaqeessuuf sagaleen tokkoo tokko namaa (amanaa) gahaa


dha.

3. Muuzigaan Waaqayyoon waaqessuu keessatti meeshaa baayy’ee faayida-


qabeessa.

4. Macaafotni Kakuu Moofaa, keessumattuu Macaafotni ogummaa fi


Macaafotni raajii, baayy’een isaanii yeedaloon kan dhiyaatan dha.

5. Meeshaa muuziqaanis ta’e haala biroon yeedaloon Waaqayyoof akka


dhiyeessinu abboomamnerra.

6. Yeedaloon barabaraan kan jiraatu dha.

7. Yeedaloon yeroo lolaas ni fayyada.

8. Kakuu Moofaa keessatti jalqaba irratti kanneen yeedalootti fayyadamuun


Waaqayyoon waaqessan Leewwota akka ta’anitti beekama.

66 | P a g e
Boqonnaa Sagal
Qooda Meeshaleen Yeedaloo Waaqeffannaa Keessatti Qaban

Seensa

Yeedaloon shaakala jireenyaa dhala namaa hundaa keessatti dhiibbaa guddaa


fida . Beekamtiin yeedaloo kanneen waa’ee amantii baratan biratti bara dheeraa
kan lakkoofsise yemmuu ta’u, waa’ee isaa hubannoo argachuu irra kan caalu
eenyummaa keenyaaf ergaa kan qabu dha.Saba Macaafa Qulqulluutti amanuuf,
dhoksaawwan Waaqayyo keessa seenuu fi gammachuu achi keessa jiraachuu
isaa jiru dhaqanamannu gochuuf yeedaloon gahee guddaa xabata.

Kutaa kana keessatti, waaqeffannaa Isiraa’el fi waldoolee kanneen warra jalqabaa


sana keessatti gahee yeedaloon akka qabu,inni kun immoo, waaqeffannaa
waldaa yeroo ammaa kana irratti dhiibbaa inni uume fi akka barsiisa Macaafa
Qulqulluutti bu’uura akka ta’e hubanna.

Kaayyoo barumsa kutaa kanaa, barattootni:

 Tokkummaa fi gargarummaa meeshaalee yeedaloo fi faarffannaa yeroo


ammaa fi kan durraanii qaban akka adda baafatan gargaaru.

 Faarfannaan Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kiristaanota kanneen


jalqabaa birratti attam akka ture akka baraniif

Qabxiiwwan Gurguddoo:

 Meeshaaleen yeedaloo waaqeffannaa keessatti iddoo guddaa qabu

 Abbootiin hafuuraa/ amantii kanneen duraanii faayidaa meeshaaleen


faarafannaafi yeedaloo qaban hubatanii waaqeffannaa keessatti itt
gargaaramaa turan.

 Yeedaloon kennaa Waaqayyo dhala namaaf kenne dha

67 | P a g e
 Yeedaloon uumamuu dhala namaa dura kan ture dha.

9.1. Waaqeffannaa Isiraa’elotaa Keesatti Gahee Meeshaalee Yeedaloo

Raajotni Isiraa’el namoota yeedaloo danda’an turan . Yeroo biyya Gibxii bahan
sanatti maariyaam fi raajotni, dubartootni hundinuu dibbee isaanii fudhatanii
rakutaa, Waaqayyo mo’aa ta’uu isaa yeedaloon faarfachaa sabicha dura adeemaa
turan (Ba’u 15:20-21).Raajotni mana qulqullummaa yeroo gara Saa’ol dhufan
yeedaloon faarfachaa turan (1sam 10:5).Isaayyaas Waaqayyo warra isatti
amanatan olchuu isaaf yeroo galataan ba’e sana, gammachuu isaa kan inni ittiin
ibse yeedaloodhaan ture (Isa 26:1-6). Sabni Isiraa’el raajichi Hisqeel sagalee
baayyee gaarii ta’e akka qabu , meeshaa yeedaloon akka faarfatu ibsaniiru (Hisq.
33:32).

Mootichi Daawwit nama Waaqeffannaa keessatti yeedaloof iddoo kenne, nama


yeedaloon beekmaa ta’e, akkasumas immoo, nama lolatti beekamaa ture. Sirni
aarsaa gara Yerusalem itti jijjiiramuu isaan dura, yeroo saandaqi kakuu gara
Tsiyoonitti adeemaa ture, leewwotni meeshaa yeedaloon akka geggeessan
taasisee ture (1Seen- 15:16-24). Akkasumas, kanneen galata fi jajannaa yeedaloon
dhiyeessan sanaaf Asaaf dura bu’aa isaanii akka ta’uuf muude (1See.16:1-7).
Kanneen yeedaloo dhiyeessan sun, yeroo ayyaana waggaa yeroo adda addaa kan
faarfatan dha. Yeroo yeedaloon faarfannaa dhiyeessan akkuma yeroo manni
Qulqullummaa Solomoon ijaare eebbifame ta’e, Waaqeffannaa keessa yeroo
galan yaadaan fudhatamanii faarfachaa akka turan ibsamee jira (1 Seen 25:1-7; 2
Seen 5:11-14; Faarfannaan kun tarii “yeedaloo haaraa” Daawwit Faarsaa keessatti
tuqe ta’uu danda’a -33:3; 40:3;96:1;144:9;149:1).

Mana qulqullummaa keessatti yeedaloon akka “aarsaa galataa” itti aarsaa sanaa
wajjin akka kennatti kan dhiyaatu dha. Mootota Yihudaa jalatti, akkaataan
dhiyeessa yedaloo haaala sadarkaan isaa eegameen kan dhiyaatu ture. Mata-
duree, Faarsaa 55 dura bu’aa yeedaloo sanaa kan agarsiisuu yemmuu ta’u,
meeshaaleen adda addaa yeedaloo beekamaa ta’e baasanii akka faarfatan
qajeelfama kenname dha .

Yeedaloon faarfachuun kun akkaataa Isiraa’elotni fi Yihudotni waaqeffannaa itti


dhiyaeessan ta’eera.

68 | P a g e
Boojiidhaa erga deebi’anii booda, Iziraan leewoota 200 ol ta’an filuudhaan, mana
qulqullummaa keessa akka tajaajilan taasisseera (Iz. 8:18-20) . Seenaan jaarra isa
jalqabaa waalee Yihudotaa akka ibsutti, manni qulqulluummaa Herods yoo
xinnaatee xinnaate faarfattoota dhiira nama 12 of-keessatti kan qabatu ture.
Faartattotu kun umuriin isaanii 30-50 yemmuu ta’u, isaan kun waggaa 5
(Waggaa shaniif) leenjifamanii tajaajila kana irratti bobba’aa turan Isaan kun
meeshaalee yeedaloon/ taarfannaan tajaajilaa akka turan dha.

Bara Boojii Baabiloon booda, baayyeen isaanii bittimmaa’anii / bakka addaatti


fafaca’anii jiraachaa waan turaniif, waaqeffannaa mana qulqulluummaa
keessastti geggeeffamutti hirmaachuu hin danda’an turan.Kanaafuu, manneen
sagadaa kadhannaa fi sagalee Waaqayyoo qu’achuuf itti gargaaramaa turan.

Inni faarfafu faarfachaa, kutaa sagalichaa yeedaloo yeroo sanaan irra deddeebi’aa
jechuu dha.Fkn, muziiqaan kanneen akka muuziqaa Yihudota waaqeffannaa
kiristaanota kanneen jalqabaa irratti shaakala dhiibbaa fide ture .

Yeedaloon,Waaqeffannaa Isiraa’elotaa sagalee fi meeshaadhaan ture. Sochiiwwan


mana qulqullummaa keessa turan, sirna kabaja ayyaa waggaa keessatti Kakuu
Gooffaa wajjin qabaniif gumaacha godheera.Meeshaaleen yeedaloo dur turan
gostni isaanii akkuma meeshaalee yeroo ammaa kana jiranii ti . Kana jechuun:
kan (harkaan) rakutaman, kan afuufaman, kan kirrii jechuun qoodamuu
danda’u. Meeshaaleen yeedaloo gaanfa, traampeet, siymbaalis, harps fi leeras
kan jedhaman saanduq kakuu yeroo gaara Tsiyoonitti geggeeffame itti
fayyadamaa turan.Balinaan Faarfannaa keessa ilaaluu danda’ama. Isaan kun
martinuu karaa danda’amu hundaa, Waaqayyoon waaqessuuf kan gargaaran
dha. Kanaafuu, sabichi sagalee yeedaloowwanni yeroo dhaga’u , waaqeffannaaf
ta’uu isaa baranii walitti qabama turan (Faar (98):6)Yeedaloon Macaafa
Qulqulluu irratti hundaa’e amaloota heddu qaba.

9.2. Waaqeffannaa fi Yeedaloo Kakuu Haaraa

Sochiin waaqeffanaa kiristaanammaa yeroo sanaa yeedaloo haaraa ta’an hin


burqisiifne.

Akkuma beekamu, jireenyi waaqeffannaa waldooleen kanneen jalqabaa


faarfannaawwan adda addaa of keessatti qabata .

69 | P a g e
Kakuu Haaraa keessa, waa’ee meeshaalee waaqeffannaa bakka adda addaatti
barreeffamee jira . Seenaa Wangeelaa yeedaloo galataa isa jalqabaa afaan
ergamoota maca Waaqaa keessa dhiyeessa (Lug 2:19). Yasuus mana sagadaa
Naazretti itti yeroo barsise (Lug. 4:16-20) akkaataa amaleeffannaa yeroo sanaan
kan faarfate ta’uu danda’a. Waangeela keessatti inni galmaa’e Yasuus fi duuka-
buutotni kan isaan faarfatan Irbaata Gooftaa booda ta’uu danda’a (Mat 26:30;
Marq 14:26). Kana jechuun Kakuu Moofaa keesatti amaleeffannaan ture (Faar
113-118) yeroo ayyaana Faasikaa ni taarfaatama ture.

Sababiin isaas Faasikaan inni haaraan kun yeroo inni kabajame, Yasuus du’atti
dabarfamee kennamuuf yeroon isaa dhiyaatee ture. Luqaas kan inni barreesse
Phawuloes fi Silaas mana hidhaa keessatti faarfannaa yeroo isaan faarfatan lafti
tocho’uu isaa (Erg 16:25) ibse. Phaawuloos kiristaanota Efesoon fi Qolaasiyaas
faarsaa fi jechoofa filafamooniin Waaqayyoof galata akka dhiyeessan isaan
kadhate (Efe 5:1a; Qol 3:16). Akkasuma, waldaa Qoronxoosiin “Hunduu sagalee
faarsaa qaba” jedhe (1Qor 14:26) .

Muuziqaan haalawwan waaqeffanna kanneen biroo wajjin sonaan qindaayee


yeroo dhiyaatu miira namaa tuquu irra darbee yaada namaa fudhatee kan
sokkuu dha.

Luqaas, boqonnaa wangeela barreesse isa jalqabaa keessatti, yeedaloo baayy’ee


caqase.Isaan kana malee, faarfannaa Maariyaam (1:46-55), eebba ykn faarsaa
Zakaariyaas (1:67-79)fi faarsaa Simoon (2:29-32) caqaseera. Seenaan waa’ee
dhalachuu Yasuus namoota baayyeen yoo caqasame iyyuu, faarfannawwan kun
gara jalqabaatti waaqeffannaa kiristaanotaa irratti ni faarfatamu turan.
Phaawuloos, faarfannawwan biroo Efe . 5:14 irratti “Ati yaa nama raftuu
dammaqi” kan jedhu caqassera. Namootni waa’ee Waaqayyoon beekuu
(Theologians) as irratti yaadni isaan kennan, Ergawwan Phaawuloos knneen
biroon faarfannawwan kiristaanota kanneen duraanii irratti kan hundaa’an dha
jedhu.

Fkn. Filiph . 2:6-11; Qol. 1:15-20 fi 1 Xim 3:16 “kiristoosiin galateeffachuu irratti
kan hundaa’an dha” jedhu .Faarfannawwan kun kan isaan faarfatamaniif,
barnoota kiristaanaa deggeruu fi eenyummaa Masihummaa Yasuus ibsuuf ta’uu
danda’a. Yasuus yeroo inni Yarusaalem seena ture sabni sun faartannaa

70 | P a g e
Hoosaainaa faarfate (Mar 11:9).Inni kun Faarsaa 118:26 irratti kan hundaa’e yeroo
ta’u, kiristaanotaaf seena- qabeessa isa ta’e qaama Irbaata Gooftaa ta’eera.

Faatannaan Kakuu Haaraa Keessatti, guddina/ fiixee waaqeffannaa kiristaanaa fi


yeedaloo Mul’ata Yohaannis dha . Mul’ata Yohaannis keessatti, haalli yeedaloon
galata dhiyeessuu teessoo Waaqayyoo isa samii irra jiruu fi lafa irraa galata
dhiyaatu wajjin kan wal- argu,faarsaa samii fi lafa isaan keessa kan jiran hundaa
kan kabajuu (Mul. 4:11); ulfina Hoolichaaf ta’u kan labsu (5:9-10; 5:12); Abbaa fi
Ilma kan ol ol qabu (5:13;7:10;7:12); Waaqayyo injfannoo diinota saba isaa irratti
qabu kan isa gammachiisi (11:16;11:17-18;12:10-12;19:1-3;19:6-8) fi murtoo isaa
kan labsan dha (15:3-4;16:5-7).

Faarfannaan warri biroon immoo, maqaalaan amanamtuu hin qabne, waan


mo’amteef; inni qulqulloota hammeessu sun waan mo’ameef gammachuu
isaannii kan ittin ibsaan dha (18). Faarsaawwan galataa kun martinuu, raajii
Hisqeel irratti akkuma cagasame, geggeessummaa uumama arfan sanaan
raawwatamu dha. Jechootni faarfannichaa raajii Isaayyas keessaa kan fudhatame
ta’ee, akkuma mana qulqullummaa keessatti argame dha (Mul. 4:8).

Faarfannaan kun bal’natti yeroo ilaalamu, saba kuku kan ta’an jaarsolii, macca
waaq irraa, akkasumas, uumamni martinuun walitti faarfannaa farfatamu dha.
Tarii walaloon kun gara xumura jaarraa isa jalqabaa kessa waldaa kiristaanaa
keessatti waaqeffannaa geggeeffamaa ture kan calaqisiisu ta’a. Akkas yoo ta’e
immoo, macaafni Mul’ata Yoohaannis murtoo Waaqayyoo biyya lafaa irratti
raawwatamuuf jiru qofa kan agarsii osoo hin taane, guddina faarfannaa
waaqeffannaa kiristaanan ti .

Guddinni waaqeffannaa kiristaanaa Kakuu Haaraa, gahumsa qabiyyee yeedaloo


sirrii ta’an ibsee akka haraatti qiqixeessuuf miti .

As irratti, gaaffiin jiru tokko, “Shaakalli yeedaloo fi itti fayyadamm meeshaalee


yeedaloo Isiraa’alotaa, waldaa kiristaanaa Kakuu Haaraaf sadarkaan isaa fi
sirrummaan isaa hangam ta’a?” kan jedhu dha.

As irratti yaadni jiru, sagaleen Waaqayoo Ibrootni itti gargaaraman ammas


barsiisuufis ta’e, shaakalchiisuuf aboo waan qabuuf, (1 xim 3:16-17) muuziqaan
duraan, maqaa kan hin qabne sun aadaa waaqeffannaa fudhatamaa ta’uun itti

71 | P a g e
fufuu qaba kan jedhu dha.Dhugaan beekamuu qabu tokko, ragaaleen adda
addaa akka agarsiisanitti waldoolee adda addaa hundaa’aa jiran keessatti
muuziiqaan gahee guddaa xabachaa akka jiru dha.

9.3. Qooda Muuziiqaan Waaqeffannaa Keessatti Qabu

Muuziiqaan aadaa waaqeffannaan waaqota adda addaaf geggeeffaamu ,


tajaajilawwan fi waaqeffannaa kiristaanaan hundaa keessastti faayidaa guddaa
qaba. Muuziiqaan sirnoota amantii adda addaa, yeroo gammachuus ta’e yeroo
gaddaa miira ofii ibsuuf gahee guddaa qaba. Muuziiqaan yeroo waaqeffannaa
ofiisaa tii galma miti.

Muuziiqaan karaa wangeellii itti lallabamu kara tokko dha. Namootnis


kadhaannaan isaanii keessatti Waaqayyoof karaa isaan deebii kennan dha.
Bal’ifnne yoo ilaalle, waaqeffannaa kiristaanaa geggeessuudhaaf
muuziiqaan-------------------------------------------------------------danda’a kan jedhu
dha .

9.4. Yeedaloo fi Namoota Kennaa Yeedatoon Tajaajilan Qooda Isaan Waldaa


Keessatti Qaban

Muuziiqaan dhala nama shaakalchiisuufi bifa barbaadame qabsiisuuf humna


guddaa qaba.Muuziiqaan waaqeffannaa keessatti ta’e, hojii biroo keessatti yaada
gad fagoo yaaduudhaaf, haala jechaan ibsuu hin dandeenyeen humna miira
namaa daddammaksuu qaba. Muziiqaan waaqeffannaa kiristaanaa keessatti
akkuma humna guddaa qabu , akkasuma, miidhaas fiduu waan danda’uuf of-
eeggannoo fi itti yaadnuun kadhannaadhaan itti gargaaramuu qabna .

Kanneen kan Waaqayyoo ta’an isa Waaqeffachuuf akka ta’utti itti gargaaramuu
qabna ;waaqeffannaa addaan jaalalaan, abboomamuun tajaajilamuu, galata ittin
dhiyeessuun kkf.

Meeshaale muuziiqaa aadaa fi meeshaalee muuziiqaa jabanaatti gargaaramuu


ilaalchisee, ilaalcha adda addaa tu jiru. Kana duukaa dhiyeessi muuziiqaa adda
addaa akka jiran dha .Haa ta’u malee, waldootii fi tajaajiltootni garaagarummaan
jiraachuu isaanii irratti waliigaluu irra, yeroo baayy ‘ee adda addummaan jiran

72 | P a g e
bakkeetti mul’atanii argamu.As irratti haala kana attamitti ilaalta ? Ilaalcha jiru
kana sirreessuuf gaheen kee maal ta’uu danda’a ?

Yaada gudunfaa xiyyeeffachuu qabnu tokko, meeshaaleen muuziiqaa kamiyyuu,


sagalewwan adda addaa baasuu dhaan/ dhageessisuudhaan yeedaloo
barbaadameef bareedina fooyya’aa ta’e akka kennaniif waan ta’eef, meeshaaleen
yeedaloo martinuu tajaajila mal- qixa qabu .

Hojii Manaa

I. Gaaffiilee armaan gadiitti deebii kennaa

1. Barumsa kutaa kanaa keessaa waan hin hubatamne yoo jiraate, irra
deebi’aa dubbisaa.

2. Faayidaa muuziiqaan / yeeddoon waaqeffannaa keessatti qabu ilaalchisee


fuula tokko barreessi

3. Muuziiqa / yeedaloo biyya lafaa fi kan hafuuraa gidduu garaagarummaa


fi tokkummaan jiru maal fa’i?

4. Waaqayyoof waaqeffannaa fi yeedaloo dhiyeessuu keessatti maaltu nurraa


eegama jettee yaadda?

5. Waaqeffannaan yeeddoo keessatti attamiin ibsama?

6. Yeedaloon Waaqeffannaa keessatti faayidaan isaa maal?

II. Gaaffiilee armaan gadii dhugaa ykn soba jechuun deebisaa

1. Macaafni Mul’atni Yohaanis murtoo Waaqayyoo biyya lafaa irratti


raawwachuuf jiru qofa osoo hin taane, guddina yeedaloo waaqeffannaa
kiristaanaa ti .

2. Faarfannaan Kakuu Haaraa keesssatti guddina waaqeffannaa kiristaanaa


fi yeedaloo Mul’ata Yohannis dha.

73 | P a g e
3. Muuziiqaan jalqabbiin isaa Waaqayyoo biraa ti.

4. Faarfannaa ilaalchisee hanga danda’ametti muuziiqaan inni durii aadaa


ta’ee itti fufuu qaba .

5. Muuziiqaan waaqeffannaa kiristaanaa keessatti akkuma human guddaa


qabu, miidhaa uumuus waan danda’uuf, of-eeggannoon qabamuu qaba.

6. Meeshaaleen muuziiqaa sagalewwan adda addaa baasuudhaan yeedaloo


barbaachisee barreedina fooyy’aa ta’e akka kennamiif waan ta’eef,
meeshaaleen yeedaloo martinuu tajaajila wal-qixa qabu.Boqonnaa Kudhan

Cubbuu-Gufuu Waaqeffannaa

Seensa

Akkuma beekamu, hojii tokko karoorsaanii raawwii isaaf yeroo socho’an


keessatti, gufuuwwan adda addaa jiraachuu dhanda’u.Hojii hafuuraa
geggeessuu keessatti immoo, gufuuwwan kumii fi kitilli jiraachuu akka danda’an
kan nama shakkisiisu miti.

Hojii hafuuraa geggeessuu keessatti inni guddaa waageffannaa dha .


Waaqeffannaan karaa itti Waaqayyo wajjin wal agianu,karaa eenyummaa keenya
eenymmaa isaa duratti dhiyeessinu dha. Kanaafuu, yeroo waaqeffannaa
dhiyeessinu keessatti gufuuwwan adda addaa jiraachuu danda’u

Gufuwwan jiraachuu danda’an keessaa, hiriiroo nuti Waaqayyoo fi namoota


wajjin qabnu, cubbuudhaan mindhamuu danda’a .

Kutaa kana keessatti, waaqeffannaa keenya keessatti gufuun jiraachuu akka


danda’an beeknee, cubbuu irraa fagaachuun walitti dhufeenya Waaqayyoo fi
namoota wajjin qabnu dammaqnee eeggachuu akka qabnu kan ilaallu ta’a

Kaayyoon Barumsa kutaa kanaa barattootni:

 Kufaatiin maal akka ta’e fi gufuuewwan Waaqeffannaa maal akka ta’an


sirriitti ni hubatu

 Kufaatii fi firii isaa dhiibaa isaan waaqeffannaan qaban ni ibsu

74 | P a g e
 Dhallii namaa cubbuu irraan kan ka’e, waaqeffannaa Waaqayyoon gitu
dhiyeessuu akka dadhabe ni hubatu

 Gufuwwan waaqeffannaa fi amaloota isaanii adda baasami baru

Qabxiiwwan ijoo ta’an

 Dhalli namaa cubbuu irraan kan ka’e waaqeffannaa waaqayyoon gitu


dhiyeessuu hin dandeenye

 Cubbuun waaqeffannaati gutuu dha.

 Cubbuun hiriiroo nuti Waaqayyo wajjin qabnu waan nu jalaa balleessuuf


Waaqayyoon waaqeffachuun nutti ulfaata

10.1. Gufuuwwan Waaqeffanna

a. Cubbuu

 Maal nadhibee kana jechuun, Waaqayyoon beekuu dadhabuu laphe-


jabina, gurri ofii waan dhaga’uu gabu akka hin dhageenye dhorkuu, irraa
ittisuu (Ete 4:18)

 Dogoggora- dogoggoraa gochuu, sirnaa fi seera abboommii eeguu dhiisuu


(Ba’u 34:6)

 Xiyyeeffannaa kennuu dhiisu- waan tokko dalga hubachuu (Room 5:19; Ib


2:2-3)

b. Amala Cubbuu

Amalli Cubbuu biffa adda addaan kan mul’atu ta’ee isaan keessaa kanneen
armaan gadii warra ijoo ta’uu danda’u :

 Sarara darbuu- Inni kun akkaataa amantootni Kakuu Moofaa itti hubatan
dha. Sarara yoo darban ykn kallatti irra adeeman irraa yoo ce’an, akka

75 | P a g e
cubbuu hojjetan itti fudhatama. Gara murtoo dogoggoraatti isaan geessa,
namni itti karoorsee cubbuu akka hordofu taasisa.

 Amantii eeggachuu dhiisuu: inni kun Waaqayyoo irra caalchifnee waan


biraaf yaaduu jedhuudha.

 Irradaddarba- Inni kun dubbii Waaqayyoo cabsanii argamuu jechuu dha


(Rak 14:41). Namaaf sirrii waan ta’eef, sirrii kan hin taane jira, daangaan
amanaan keessa jiraachuu qabu jira.

 Murtoo qajeelaa kennuu dhisuu/ looguu, qajeelummaa raawwachuu


dadhabuu

 Fincila: Waan sirrii ta’e tokkoof (Waaqayyoof) jiraachuu diduu (Isa 1:2)

 Amanamummaa dhabuu- (Ib 6:6)

 Dhugaa jal’isuu- Luuter barreeffama isaa keessatti jecha kana yeroo


baayy’ee akka itti gargaarame dha. Innis “Waaqayyoon ilaaluu irra
faayidaafi jiraachuu jedha.

 Kaaduu / Gamuu- waan jira akka hin jirre gochuu (Kees. 7:25-26; 12:31;
Mul. 18:22)

Cubbuu fi amalli cubbuu duraan dursa Waaqayyo wajjin, isa booda immoo,
namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabnu kannu jalaa miidhuu dha . Yeroo
akkana ta’u, inni duraa ,gara Waaqayyootti dhiyaachuuf sammuun keenya
qulqulluu hin ta’u. Sammuun keenya qulqulluu miti taanaan immoo, fuul dura
Waaqayyootti dhiyaatanii waaqeffannaa keessa galuu hin dandeenyu .

Inni lammaffaan,walitti dhufeenya namaa wajjin qabnu nu jalaa balmiidha.


Kanaafuu,namoota wajjin walitti dhufeenya qabnu yoo sirreeffanne malee,
waaqeffannaan kennya fuula Waaqayyoo duratti fudhatama hin qabu.

10.2. Maddawwan Cubbuu

a. Amala Fincilaa

76 | P a g e
Dhalli namaa yeroo kufaatii irraa eegalee amala fincilaa tu keessa isaa jira . Kana
jechuun namni akka inni sagalee dubbii Waaqayyoo keessaa fincilu kan taasisu
keessa isaa dukkanaa fi hojii dukkanaa tu jira jechuu dha .

Cubbuutti kufuu irraan kan ka’e, haalli jireenya namaa jijjiirameera. Bifni
Waaqayyoo guufummaa guutuutti nama keessaa yoo hin banne ta’e iyyuu, bifni
isaa babbadeera. Kana irraan kan ka’e namni Waaqayyoon akka ta’utti
waaqessuuf humna dhabe.Haala wal- irraa hin cinneen Waaqayyo wajjin ta’uu
dadhabe.Sadarkaa Waaqayyo isa irra barbaaduun isa waaqessuus ta’e, isa irraas
hir’ate.

b. Maal Nadhibee

Maal na dhibeen waa tokko baruuf fedha dhabuu, waan nurraa barbaachisu
hojjechuuf fedha dhabuu dha. Amantiin nuti Waaqayyo irratti qabnu kan nu
jalaa balleessu , jireenya inni nurraa barbaadu jiraachuudhaan kan isaa akka nuti
hin taane, dhibaawummaan ykn guutummaa guutuutti of- kennuu dadhabuun
kanneen nuti raawwannu martinu maal nadhibee dha. Haalli akkasii kun,
Waaqayyo irratti amantiin nuti Waaqayyo irratti qabnu akka nuti hiratu,
akkasumas jireenya qulqullummaa akka nuti hin jiraanne gufuu nutti ta’a.
Kanaafuu, Waaqayyoon akka ta’utti waaqessuu hin dandeenyu .

Kana irraan kan ka’e, gammachuu waaqeffannaatti hirmaachuun hin dandeenyu,


nagaan keenya guutuu hin ta’u.Kadhannaan keenya gufuu godhata; Jireenya
sodaan guute jiraachuuf dirqamna.

10.3. Amala Cubbuu Hojjechuu

Ergaman Phaawuloos, Addam irraa inni eegale amalli cubbuu hojjechuu jireenya
dhala namaa hundaairratti dhiibbaa akka fide sirriitti ibseena… (Room 5:12)

Firiin cubbuu /dhiibbaan cubbuun fide kun, Waaqayyoon akka nu irraa


eegamutti akka hin waaqessineef gutuu nutti ta’eera.

Lakk18-19 abboomamuu diduun karaa Addaam akka dhufe ibsee,Yasuus


Kiristoosittikanneen amaman deebi’anii toloota akka ta’an.Karaa isaa Waaqayyo

77 | P a g e
biratti simatamummaa akka argatan ibsa. Amala Addaamummaa irraa deebinee,
amala nama haaraa ta’uu akka horannu fedha Waaqayyoo ti.

10.4. Firiwwan Cubbuu Keessaa Hanga Tokko:

 Boqonnaa nama dhabsiisa, hamaa nama taasisa (Uum 4:12; Isa 57;20-21).
Nagaa nama dhabsiisa, joortuu nama taasisa, namni gabiin Waaqayyoon
barbaaddachuu fi waaqessuu akka hin dandeenye nama taasisa.

 Hammina ykn jallina nama keessatti uuma (Erm 42:6; Amo 6:3)

 Jireenya keenya keessatti waan karaa isaa gadhiise, waan sirrii hin taane
akka jiru nutti dhaga’ama (Maat 5:21-22; Ya’I 2:10)

 Rakkina namatti fida (Faar (5):5; 6:8)

 Waan gaarii Waaqayyo biraa namaa ta’uu irraa hir’achuu

 Adabbii fi du’a waan nutti labsuuf waaqeffachuuf human dhabna.

10.5 Amala Cubbuun Qabu

 Cubbuun jechaan, yaadaa fi gochaan mul’ata

 Cubbuun waan sirrii ta’e hojjechuu dhiisuu dha

 Cubbuu kan hojjennu cubbamoota waan ta’aneef dha

 Cubbuun kufaatii dha (ulfina Waagayyoo irraa gad- bu’uu)

 Cubbuun fincilaa fi abboomamuu diduu dha.

 Cubbuun waan gaarii ta’e fudhachuuf fedhii dhabuu

 Cubbuun amala keenya jijjiira, bifa Waaqayyoo isa keessa keenya jiru
balleessa

 Cubbaan seera Waaqayyoo cabsa (Irra daddarba)

 Cubbuun seera isa jalqabaa morma

78 | P a g e
 Cubuun ejjuu ykn Waaqayyoon ala kan biroo waaqessuu dha.

Kana irraan kan ka’e,cubbuun Waaqayyo irraa, Waaqayyoon waaqessuu irraa,


fagaachaa deemna malee, W’aaqayyoon akka barbaaddannu, akka isa
waaqeffannu nu hin taasisuu.

10.6 Eenyummaan Addaamummaan Bade Karaa Kiristoos Lammata


Dhalachuun Jireenyaan Deebinee Argganne

Cubbuun dhala namaa keessa, dhiiga/ hidda namaa keessa galuu isaa irraan kan
ka’e, miidhaan uumame hedduu dha.Cubbuun sanyii namaa hunda to’annoo
isaa jala galche.Kanaafuu, eenyummaan keenya martinuu qajeelummaa dhabe.
Cubbuun nuti dhaalle kun immoo Waaqayyoon akka hin waaqeffanne nu
taasise.

Haala kana Daawwit yeroo dubbatu sirritti ibsa (Faar (51):5) ;kanaan yeroo inni
qalbii jijjiirratu argina.Cubbuun, waaqeffannaan keenya fuula- Waaqayyoo
duratti fudhatama akka hin arganne godhe.

As irratti cubbamoota ta’uu keenyaa irraan kan ka’e jireenya hafuuraa keenyaan
gaarummaan nutti hir’achuu isaa qofa osoo hin taane, hojii fi human Waaqayyoo
ittin gammachiifnu, humna gara Waaqayyootti dhiyaanne isa waaqeffachuus hin
dadhabne. Isa kana Phaawuloos yeroo dubbatu ibseera . (Room 8:8) Itti dabalees,
Gooftaa Yasuus waa’ee Mootummaa Waaqayyoof ija horachuu fi hojii isa
gammachiisu hojjechuu ilaalchisee “Ana malee homaa gochuu hin dandeessan”
(Yoh 15:5) jedhee dubbate .

Kanneen hin amanin,Waaqayyoon gammachiisuu hin danda’an. Sababiin isaas,


hojiin isaanii martinuu amantii Waaqayyo irratti qaban ykn jaalala isaaf qaban
irraa kan madde waan hin taaneef dha.“Amantii malee, Waaqayyoon
gammachiisuun hin danda’amu” (Ib 11:6). Phaawuloos waa’ee jireenya cubbuuf
garba ta’uu akkas jedha: “…” Efe 2:1-2.

Namootni kanneen hin amanne, hidhaa fi waanjoo jala waan jiraniif


Waaqayyoon waaqessuu hin danda’an . Gooffaa Yasuusitti amanee qalbii kan hin
jijjiirranne martinuu, cubbuu isaa wajjin jira waan ta’eef dha (Yoh 8:34). Akka
ilaalcha namaatti, namootni waan gaarii hojjetu jechuu ni danda’ama. Haala kana

79 | P a g e
raajichi Isaayyaas “ Tolli keenya akka moofaa abaarssa ti” jedha (Isa 64:6; Room
3:9-20).

Kanneen hin amanne waa’ee Waaqayyoo sirriitti hubachuu hin danda’an .Isaan
kun namoota biyya lafaa itti malee, namoota hafuuraa waan hin taaneef……
1Qor 2:14.Karaa biraa immoo, humna ofii keenyaan gara Waaqayyootti
dhiyaannee isa waaqeffachuu hin dandeenyu. Isa kana Gooftaa Yasuus sirritti
jala muree ibseera (Yoh 6:44) .

As irratti, gaaffii ijoon deebii gahaa barbaadu: “Fuula Waaqayyoo dura kan nu
dhaabuu danda’u jireenyi hafuuraa gaarummaa nurraa hin argamu yoo ta’e,
amma immoo, isa gaarii filachuu ni dandeenyaa woo?” Eeyyee kanneen
kiristoositti hin amannes filachuudhaaf ni danda’u .

Filannoo gaariin tokkoo fi tokko. Innis: isa gatii cubbuu dhala namaaf dhiiga isaa
qulqulluu fannoo irratti dhangalaasee hoolaa araaraa ta’uun Waaqayyoo fi nama
walitti araarse Yasuus Kiristoos dha. Inii yeroo hunda harka isaa bal’isee
cubbuun hin du’inaa kottaa jeha (Isa 65:1-2; His 18:32)

Kanaafuu, jireenya qalbii jijjiirranaan gara isaatti deebi’uun amma yeroon isaa (Ib
3:7-8;12:17; Ib 3:15).

Yeroo nuti qalbii jijjiirrannaa dhugaan gara Waaqayyootti deebinu, Hafuurri


Qulqulluun jireenla keenya keessa jiraachuu jalgaba (1Qor 3:16-17) . Hafuurri
Qulqulluun jireenya keenya keessa yeroo jiraatu, gara dhugaa, gara Waaqayyoon
waaqessutti nu qajeelcha (Yoh. 16:13-15) .

Hafuurri Qulqulluun jireenya keenya keessa yeroo jiraachuu jalqabu, ija jabinaan
cubbuu hojjechuu irraa deebinee, waaqeffannaa keenyatti kanneen gufuu ta’an
of- irraa maqsaa, irraa maqaa, amantii fi dubbii sagalee Waaqayyoon, humna
Hafuura Qulqulluutiin lolaa, mo’aa, guddaachaa adeemna.

Gaaffilee

I. Gaaffillee armaan gadii ibsuun deebii itti kennaa.

80 | P a g e
1. Cubbuun maal? Waaqeffannaa wajjin walitti dhufeenya attamii qaba?

2. Amalli cubbuu walitti dhufeenya Waaqayyo wajjin qabnu, namoota


wajjinis qabnu attamiin miidha?

3. Addam irraa cubbuu attamiin dhaalle?

4. Cubbuu attamiin mo’achuu dandeenya?

5. Cubbuu hanga hin hojjennetti hojii gaariin fayyuun ni danda’amaa?

II. Kanneen aramaan gadiit deebii sirrii ta’e fila

1. Humna ofii keenyaan gara Waaqayyootti dhiyaachuu fi waaqeffachuu hin


dandeenyu

a. dhugaa b. soba

2. Deebii sirriin isa kami?

a. Cubbuu kan hojjennuuf cubbamoota waan taaneef dha.


Kanaaf ,waaqeffachuu hin dandeenyu

b. Cubbuun kufaatii dha. Kanaafuu,waaqeffachuu hin dandeenyu

c. Cubbuun fincila fi abboomamuu diduu dha. Knaafuu,


waaqeffachuu hin dandeenyu

d. Hunduu deebii dha

3. Waaqeffannaa irraa kan nama ittisan keessaa inni guddaan cubbuu dha
Cubbuun karaa kam mul’ata?

a. Jechaan b .Yaadaan c. Gochaan d. Hunduu deebii dha.

4. Waaqeffannaan

a. Fedha ofii keenyaa qofaan hojjechuu

b. Fedha Hafuura Qulqulluun hojjechuu

81 | P a g e
c. Fedha keenyaa fi gargaarsa hafuura Qulqulluun hojjechuu

5. Kanneen armaan gadii keessaa gufuwwan waaqeffanna isa kan ta’a jettee
yaada?

a. Abboomamuu diduu

b. Jireenya qulqullumma dhabuu

c. Dubbii sagalee Waaqayyoo dhaga’u diduu

d. Hunduu deebii dha

Boqonnaa Kudha Tokko


Hiika Waaqeffannaa Amantiiwwan Gurguddoo Addunyaa

Seensa

Amantiiwwan garaagaraa, waaqeffannaa akkaataa isaan itti hubatan adda adda .


Hubannaan waa’ee waaqeffannaa isaan qaban akkaataa itti guddinaa fi amantii
irratti hundaa’ee jiru, akkasumas, yaada qajeelfama ykn kitaabolee amanti sana
irratti barreeffaman irratti hundaa’ee ta’a. Kutaa kana keessati hiika
waaqeffannaa amantiwwan gosa adda addaan kenname kan ilaallu ta’a.

Kaayyoo barumsa kutaa kanaa:

 Hiikni waaqeffannaa amantiiwwan gosa adda addaa birratti maal akka


ta’e beeksisuu.

 Eenyummaa isa waaqeffamuufi isa waaqessuu beeksisuu

 Amantiiwwan adda addaa ilaalcha isaan waa’ee amantii qaban wal- bira
qabanii ilaaluu

Qabxiiwwan ijoo ta’an:

82 | P a g e
1. Waaqeffannaa jechuun guyyaa guyyaatti jireenya jiraatan fi hojii hojjetan
dha.

2. Waaqeffannaan of- kennuu dha

3. Miirawwan keenya dhaggeeffachuu dhiifnee Hafuura Qulqulluu


dhaggeeffachuu

4. Miirawwan keenya Hafuura Qulqulluuf akka bitamu gochuu

11.1.Waaqeeffannaan Amantiiwwan biroo keessatti (maal fakkaata?)

a. Budihiizim

Duuka buutota amantii Badaha biratti amantiin ogummaa bifa adda addaa kan
guute dha. Isaan kunis: Guruu, yooggaa, mandaalaa, saankaa, yantra,
jedhamuun beekamu.Amantii Budahaa keessatti akka isaan yaadanitti Sha’oliin
fi yechantamiriitaa kanneen biyya lafaa irraa deebi’anii gara amantiitti debi’an
loluu jedhu. Maantraa, seera Shaayii Gaanaa, Kaakiraa kan jedhaman qajeelfama
fi ibsa waaqeffannaa duuka buutota amantii Budaha ti.

Duuka butoota amantii Budah keessatti baayy’ee barbaachisaa fi kutaa inni


guddaan waaqeffannaa isaaniif of- kennuu dha.Isaan kun, shaakalli hafuuraa
amantii Budahaaf dhagaa gat- jabeessa irra nuuf caala jedhu. Baayy’een isaanii
sirna waaqeffannaa kan isaan raawwatan jireenya hafuuraan galma galiinsa
argachuuf dha.Hordoftoota amantii kanaa biratti “Phunjaa” jechuun kabaja fi
waaqeeffannaa, akkasumaa, laphee keessaa maddee (yaadaan fudhatamuu)
waaqeffachuu dha.“phunjaan”sagaduudhaan, aaarsaa dhiyeessuu waa
dudubbachuudhan dha. Of –kennuun akkasii kun kan inni geggeeffamu guyyaa
guyyaatti ta’e, ganama ykn galgala, ytkn immoo ganamaa fi galgala, ykn yeroo
kabaja ayyana waliinii fi yeroo kabaja ayyaana mana qulqullummaa isaanii itti.

Yaadaan fudhatamuun amantii Budaha keessatti isa ijoo dha . Shaakalli akkasii
kun kan inni irratti xiyyeeffatu karaa itti of- dadamaksan karaa sadet keessaa
sadarkaa isa 3ffaa irratti. Yaadaan fudhatamuun gara of- baruu, gara sammuu fi
hafuura argachuutti nama dadamaksa jedhanii amanu.Amaleeffannaadhaan,
yaadaan fudhatamuun sammuu guutummaan, shaakala qaamaa uumuuf

83 | P a g e
Samataa jedhu (of- ol kaasanii dhaabuu fi teessisuu), akkasumas vaphaasiyaana
(sirriitti gara of keessaa ilaaluu) jehamuun amantii isaanii geggeessa. Hojiwwan
guyyaa guyyaatti geggeeffaman irraa of- qusatanii waan salphaa ta’e tokko irratti
xiyyeeffachuun sammuu ofii bananii achii fagootti dheeressuudhaan gahumsa
hafuura isa olaanaa bira gahuun ni danda’ama jedhu.Fkn. Yaadaan fudhatamuun
waan tokko gara hubachuutti, gara garummatti, gara nagaatti… nama geessa
jedhu.

b. Waaqeffannaa Kiristaanaa

Kiristaanota warra Anglikaan jedhaman of kennuun ykn amantiitti jabaachuun


guddina hafuuraa fi akkaataa Waaqayyo wajjin wal-argan barsiisuuf kadhannaa
fi shaakala dhuunfaa ti . Miseensota amantii kanaa biratti tokkummaan, shaakalli
dhuunfaan of- kennuun akkaataa filannoo abbaa fi walitti dhyeenya waldolee
wajjin qaban irratti hundaa’ee garaagarummaa qabu .

Of- kennuun ykn amantiitti jabaathuun Kaatolikii Roomaa sirna waaqeffannaa


isaa isa seera- qabeessa yoo ta’uu baate iyyuu, “hojii gara laafinaa isa bakkeetti
mul’atu” dha .Waldoolii isaanii keessatti of- kennuun ykn amantiitti jabaachuun,
qaama waaqeffannaa isaanii miti.Galmeen jechootaa Vaatikaan sirna
Waaqayyoon waaqessuuf walitti qabamuu jechuun hojii gaarii fi waaqeffannaa
dhaaf walitti qabamuu jechuu dhja jedhu.

Amantii kiristaanaa jechuun, sirni tajaajilawwan waldaa kiristaanaa kan inni of-
keessatti qabatu waaqeffannaa tokkummaan guyyaa Sanbataa ykn Sanbata duraa
qofa miti. Tajaajilawwan waldaa kiristaanaa jechuun dubbii sagalee Waaqayyoo
baruuf, wal- jajjabeessuuf, jiritaannotni tokkummaan walitti qabamuu
jechuudha.As keessatti “Waldaa Kiristaanaa”, “tajaajilawwan waldaa
kiristaanaa” yeroo jennu, jechootni kun kan isaan agarsiisan “tokkummaa
qulqullootaa”,” tokkummaa warra Gooftaa Yasuutti amananii” jechu akka ta’e
hubachuun gaarii dha.Waldaa kiristaanaa yeroo jennu, gamoo isa ijaaramee
bakkeetti mul’atu wajjin homaa walitti dhufeenya akka hin qabne qalbeeffachuun
gaarii taa.

Waaqeffannaan kiristaanaa kabajaa fi jajannaa laphee ofii keessaa Waaqayyoof


dhiyeessuu dha .

84 | P a g e
Kakuu Haaraa keessatti waaqeffannaan ibsuuf kan oolaan jechootni baayy’een
dhiyaataniiru.Jechii “proskunioo” jechu jecha Griikii yammuu ta’u, hiikni isaa
“waaqeffachuuf” jechuu dha. Inni kun immoo, Waaqayyoofis ta’e, Mootiidhaaf
gad- jedhanii qoomma’uu, uggumuu, mataan gad jechuun kabaja agarsiisuu
jechuu dha .

C. Jaallachuun Waaqeffannaa Wajjin Adeema

Kakuu Haaraa keessatti jechootni adda addaa hojii waaqeffannaaf oolaniiru .

Kaatoliikii Roomaa, Angiliikaan , Ortodoxiin Bahaa, Waaqayyoon jaallachuu fi


Afaan Giriikiin “Latriyaa” jedhamu Waaqayyoof qofa hojii irra ooleera.

Afaan Giriikiin jechi “duligaa” jedhu, “qulqulloota” qofaaf kabaja ibsuuf kan
oolu ture. Hiika jecha kanaa irra keessa isaa yeroo ilaalluu, waaqeffannaa ibsuuf
kan oolu fakkaata.Haa ta’u malee, hiikni jechoota kanaa akkaataa kaayyoo
isaanii fi fedhii ibsuu irratti hiikni isaanii adda adda ta’a.

Kiristaanotni warri protestaantiin sagada fi waaqeffannaa yaadannoo,


“qulqullootaaf” godhamu hin simatan .

Ibsawwan kan biroo keessatti “Waaqeffannaan” kabaja fi of- kennuu kan gaafatu
akka ta’etti beekama.

Toomaas Akkiwunoos namni jedhamu, isaan kana yeroo ibsuu: jaallachuu


“Laateriyaa” jedhu waa’ee Waaqayyoon beekuu duraanii keessatti kabajuu fi of-
kennuu, waan sanatti jabaachuu kan jedhu ta’ee, inni kunis gara Waaqayyoo
qofaatti kan dhiyaatu fi kan hojjetamu dha jedhu. Inni maallattoo bitamuu, itti
hirkachuu kan ibsu, gara uumaatti kan geggeeffamu, gooftummaa isaatiif iddoo
isaaf ta’u kennuufiin kan isaaf ta’u dha jechaan dabalanii ibsu.Kabajuun waa’ee
Waaqayyoon beekuu“duliyaa” jedhamuun inni beekame, kabajuun fi
(jaallachuun) kan isaan ibsan, mudaa malee kan dhalateef dha. Mudaa malee
jechuun beekamtii fi kabaja kennuu,iddoo addaa kennuu agarsiisa. Namni tokko
dorgommi mo”ee badhaassa yeroo inni fudhannu kabaja nama sanaaf jecha
yeroo keenya nama sanaaf akka odchinu, kanaanis kabaja nama sanaaf qabnu
akka agarsiifni beekamaa dha.Akkuma kana abbaa aboo tokko kabajuuf haallii
nuit kabaja keeyna ittiin agarsiifnu adda.

85 | P a g e
Kabajni nuti namootaaf kenninu, qabanu ,agarsiifnu, bu’aa hojii isaanii,
aboo ,qabeeyna ,umurii ,beekamtii isaanii irratti hundoofnee akka ta’u beekamaa
dha..

Kabaja Waaqayyof qabnu kam wajjin iyyuu waliin kan madaalamu miti.
Waaqayyoon eenyummaa isaa fi waan hundaa ol ta’ee waan nutti dhaga’amuuf
ni kabajna.

Jechi “waaqeffannaa” jedhu kabaja fi dinqisiifachuu of- keessatti qabata .

Isilaamummaa keessatti ,waaqeffannaan seera Allahn kenne, isa gammachiisuu fi


seera Isilaamummaa raawwachuuf waan hojjetamuu qabu hundaa hojjechuu
dha. Isilaamaaf waaqeffannaan utubaa shan irra kan dhaabbatee dha. Inni
guddaan “soolaat” dha. Kana jechuun, gocha sirna kadhannaa guyyaatti yeroo
shan kadhachuu dha.Kunis, akkaataa yaadannoo Mohaammad Asaad isa hiika
ergaa Quraanaa 51:56 irratti kenname dha jedhu.

Kanaafuu,uumamni kaayyoo keessa isaa jiraachuu Allah iddoo itti kennuu,


yaadni isaa kaayyoon isaa, maalis haa ta’u maal, jiraachuu isaaf dammaqinaan
eyyemuu dha. Yaadoleen isaan lamaan kana- jechuun fedha/ eyyemummaa fi
dammaqina jedhaman Quraanni “Waaqeffannaa” jedhee kan ibsuuf hiika gad-
fagoo of- keessatti qaba jedhu.

As irratti uumaan guutuu waan ta’eef, humni isaa humna barabaraa waan ta’eef,
fedha kam iyyuu irratti kan hundaa’e mit.i Kayyoon isa Waaqeffachuuf
kaka’umsa ofiisaan fedha isaa hubachuuf gara Allalitti akka dhiyaatu, namni
waaqeffatu sun guutummaa guutuutti ofiisaa akka kennu dha.

d. Amantii Yihuudotaa

Amantii Yihuudotaa keessatti Waaqayyoon waaqessuun “Auodaat Hashim


“jedhama.Amantii Yihuudotaa keessatti, yeroo waaqeffannaa inni guddaa fi
baayy’ee barbaachisaan, sirnawwan adda addaa yeroo itti geggeeffaman, yeroo
manni qulqullummaa itti hundaa’etti yeroo waliin ta’anii waaqeffatan, yeroo
kadhatan dha jhedhu.Haalli Waaqeffannaa kanneen biroonis akkaataa
barreeffamee jirutti geggeeffama.

86 | P a g e
Fkn: Faasikaa, kkf kannaan biroonis yeroo Yihuudotni waaqeffannaa keessatti
yaadaan fudhataman ykn yeroo isaan itti yaadan dha.Yihuudotni gochawwan
raawwatan hundaa waageffannaa ibsu jedhu.

Maddawwan adda addaa waa’ee amantii Yihuudotaa ibsan gochawwan guyyaa


guyyaan geggeeffaman martinuu yaadni isaa Waaqayyoon waaqessuudha
jedhu.Fkn: jireenya dhunfaa ofii geggeeffachuu fi hojii maatii tumsuuf hojjetamu
hunduu jechu dha.

Seerawwan Yihuudotaa boqonnaa 231 fakkeenya 3:6 “karaa kee hundaa keessatti
/irratti isa beeki (yaadadhu)” kan jedhu caqasuudhaan madda Macaafa
Qulqulluu taasisanii itti gargaaramu.Qu’annoo (Waaqeffannaa bilichaa beekumsa
sammuun geggeeffamu) waaqeffannaa haaraa bara kanaa irrtti hundaa’e
ilaalchisee, barreessitootni tokko tokko namootni yeroo ammaa kana gara
Waaqayyoo fi waaqeffannaaf iddoo hin kennineetti deemaa akka jiru yaaddoo
isaanii ibsu. Waaqeffannaa dhiisanii waantota haaraa jedhaman, garee ispoortii,
namoota bebbeekamoo,kkf, irratti yeroo fi laphee isaanii irra kaawwachaa,
dingisifachaa akka jiran argamaa jira.Toomaas kana irratti yaada gudunfaa yeroo
kaa’u, amantii fi waaqeffannaan sabichi waa’ee ofii isaaf iddoo guddaa itti
kennee, waa’ee ofiisaaf of- eeggannoo gochuu, ofii isaa waaqessuuf adeemsa inni
deemaa jiru dha jedhu .

Miiraan geggeeffamuun yeroo inni itti caalaa adeemu waaqeffannaa irratti


miidhaa geggeessuun hojii dogoggoraaf karaa bana .

Jechootn kanneen akka “Hafuura Qulqulluuf yeroo haa kenninu” ,“Waldaa haa
hundeessinu” jedhaman kun jechoota bara keeyna kana keessa amaleeffamaa
dhufan dha.

Macaafni Qulqulluun seenaa /fakkeenya namoota humna Waaqayyoo fi shaakala


isaa wajjin qabaniin guute dha. Akka fake enyaatti mul’achuu ulfina Waaqayyoo
irraan kan ka’e, lubootni yeroo tajaajiluu dadhaban ilaaluu ni danda’ama . (2 seen
5:13-14).

Inni kun bara sana qofa geggeeffamee kan hafe osoo hin taane, bara keenya kana
keessa iyyuu ulfinni Waaqayyoo saba isaa gidduutti mu’achaa jira. Dubbii ijoon

87 | P a g e
“Shaakala hafuuraa isa sirrii fi isa miira qofa irratti hundaa’e attamiin adda
baatanna ? “isa jedhu ta’uu qaba.

Yeroo Hafuurri Qulqulluun qofti dhugaan hojjetu yerichi inni yeroo kami laata ?

Waa hedduun yoo jiraatan iyyuu, lolli foonii fi hafuura gidduu jiru yeroo hunda
amanaa wajjin, amanaa keesa akka jiraatu, akka itti fufus, qalbeeffachuun gaarii
ta’a.Yeroo jireeyna keeyna ilaallu,isa kamtu mo ‘achaa jira? Isa kanaaf deebiin
gabaabbaadhumatti, gara nuti itti duufne, gara nuti gargaarru tum o”icha argata
laata ?

f. Foonni Faayidaa hin Qabu

Wallaansoon foonii fi hafuura gidduu kun eenya akka injifannaoo argatu kan
murteessuu haal jireenya haatuuraa kee, walitti dhufeenya ati Waaqayyo wajjin
qabdu dha. Garuu, haalla jireenya namootaa yeroo ilaalamu, yeroo ammaa kana
keessa namootni baayy’een fedhii jireeyna foon isaaniif yeroo itti
bitamanfakkaata. Waa baayy’ee keessatti kan isaan jiraatan miira isaaniin
geggeeffamaa akka ta’e dha.Yeroo waaqeffannaa illee, miira isaanii keessa ta’anii
gara waaqeffannaa dhufu.Fakkeenyaaf, faarfannaa baayy’een yaada Waaqayyoo
irratti hundaa’uu irra, miira irratti hundaa’anii argamu.Phaawuloos waa’ee
kanneen akkasi bal’inaan- ibseera. (1Qor 2:14)

Miiraan geggeeffamuun dhugaadhaan Waaqayyo wajjin akka wal hin argine


nama taasisa. Namni ykn waaqeffannaan Waaqayyo keessatti hin argamne
immoo, gara, kamitti akka nama geessu tilmaamuun nama hin dhibu .

g. Hafuura Qulqulluun Geggeeffamuu

Waaqeffannaan fedha lubbuu(foonii) ofii irratti hundaa’e, hafuura Waaqayyoon


geggeeffamee hafuura nama irratti kan hin hojjenne, firiin isaa miira ofiin
geggeeffamuu dha. Eenyummaan yaada fooniin geggeeffamu ofii midhaa akka
jiraatan nama taasisa, ofittummaa dha.

Miiraan deddeebiuun jireenya keenya irratti dhiibba fida. Miiaan deddebiuun


jireenya gowwoomsaa akka jiraatan taasisa. Shaakala ofii qofaan akka
geggeeffaman taasisa.

88 | P a g e
Yeroo akkasii kana jireenyi hafuuraan miidhamaa adeemu .

Dhaabbadhuu ti jireenyi kee Waaqayyo wajjin sirriitti wliigaluu isaa yaadi, qorii
ilaali.Sagaleen ati dhageessu Waaqa biraa ta’uusaa, miira kee keessatti kan
shaakalte, isa biraa ta’uu isaa mirkaneeffadhu.

Waaqayyo irraa kan ta’an ,geggeessaa Hafuura Qulqulluu keessa ta’anii, hafuura
Waaqayyoo isa nu keessa jiratuun adda baafataa adeemu.Phaawwloos ergaa
warra Roomaaf barreesse keessatti isa kana ibseera (Room 8:14).

Jireenya keenya keessatti sagalee Waaqayyoo gara keenya dhufu adda


baafachuuf Hafuura Qulqulluu keessa taanee, abboo (jireenya) mucummaan
deddeebi’uu qabna .

Inni kun immoo, shaaka amantii maalaalamuu hin dandamu, gara Waaqayyootti
maxxanuu, isaaf iddoo kennuun Hafuura Qulqulluuf buluun, sagalee
Waaqayyoon geggeeffamuun kan ta’u dha.

Kana jechuun nuti kiristaanota ykn amantoota waan taaneef miira hin qabnu
jechuu miti. Waaqayyo yeroo nu uume, miira akka qabaannu taasiseera.

Fkn . Argamuun Waaqayyoo yeroo nutti dhaga’amu miira keeynaan waan


tuqamnuuf boo’uu dhiisuu hin dandeenyu. Argama Waaqayyoo keessatti warri
kaan ni shubbisu, warri kaan ni kolfuu kkf. Inni kun gaarii dha.

Rakkoon kan uumamu miirawwan keenya to’annoo Hafuura Qulqulluu jala


galchuu irra, innumti akka inni nu geggeessuu yeroo nuti eyyemnuuf- dha.

Geggeessitootni tokko tokko, saba isaan dhaggeffatu sagalee muziqaan, ykn imm
oo, lallaba isaaniin gowwoomsuuf yaalu. Yeroo baayy’ee inni kun kan inni ta’uu
waan sabichi dhaga’uu jaallatu/ barbaadu itti dubbachuudhaan ta’a .

Waaqayyo karaa ofii isaa barbaade ofii isaa kan mul’isuu dha malee, dhiibbaa
ykn gowwoomsaa namaan hin hojjetu .

Gooffaan keenya Yasuus Kiristoos, keessa miira madaallii isaa eeggata ture .
Miirri isaas, hanga fiixeetti ba’ee yeroo of- mul’ise ture . Haa ta’u malee, miirri

89 | P a g e
isaa yeroo hunda fedha Waaqayyo Abbaaf kan bitame ture (Maat 21:12-14) Yoh
14:10.

Isa kana mucaa Waaqayyoo ta’uun fedhii fi miira keenya Waaqayyo Abbaaf akka
bitamu gochuun, bu’a- qabeessa ta’uun hafuuraanis ta’e kara jireenya fooniin nu
gargaara. As keessatti waan ilaalamuu qabu xiyyeeffannaan isaa nu irratti osoo
hin taane, Kiristoos nu keessa jiraachuu isaa ta’uu qaba .

Waaqayyo wajjin adeemuudhaan, isatti hirkanna, isa irratti of- ganna yoo ta’e
inni waan barbaachiisu hundaa gochuudhaan miira keenyaan geggeeffamuu irra
bilisa nu baasa.Waaqayyo hafuura isaan waan hundaa akka fedha isaatti akka
hojjennu nu gargaara.Waaqeffannaan mudaa hin qabneen Waaqayyoon
gammachiisu, waaqeffannaa geggeessaa hafuura Waaqayyoo keessatti raawwatu
dha.

Egaan, yaa nama Waaqayyoo amma jireenya miira/foon keetiin ykn hafuura
Waaqayyoon geggeeffamaa jiraachuu kee yeroo ati dhaabbattee of- ilaaltu dha.
Murtoowwan kee miirota kee irratti kan hundaa’an dhaa? Waaqeffannaan kee
dhugaa hafuuraa irratti kan hundaa’e dhaa?

Gaaffiilee

I. Gaaffiilee armaan gadii barreessuun deebii kennaa.

1. Yaadni isiin hin hubanne yoo jiraate, irra deebi’aa dubbisaa.

2. Jechi “Waaqeffannaa” jedhu kutaa kana keessatti attamiin ibsame?

3. Amantii Kaatoliikii keessatti waaqeffannaa attamiin ibsamaa?

4. Waaqeffannaa amantiiwwan biroo kataa kana keessatti hin caqamnee sirni


isaanii attam akka ta’e ibsaa.

5. Isiin Waaqeffannaa attamiin hubattan? Ibsaa barreessa.

6. Barumsa kutaa kanaa irraa waan hubattan yaadolee ijoo ta’an ibsaa.

90 | P a g e
II. Deebiwwan sirrii ta’an filaa

1. Ofiif iddoo guddaa kennuufiin, ofii kunuunusuun adeemsi of-


waagessuuf adeemamu

a. Yihuudummaa b. Hinduu c. Waaqeffannaa bara kanaa

d. Deebiin hin kennamne

2. Amantii fi waaqeffannaan adeemsa gara waaqeffannaa kan birootii nama


geessu dha jedhanii kan amanan

a. Waaqeffannaa bara kanaa

b. Hinduu

c. Yihuudummaa

d. Deebii hin qaba

3. Amantiin hundee waaqeffanna shan irra dhaabbate

a. Kiristaanummaa

b. Yihuudumma

c. Ortodoksii

d. Isilaamumma

4. Yeroo tokko tokko “waaqeffannaan” kabaja agarsiisa jechuun Maaram fi


qulqulloota jaalala ibsuuf kan itti gargaaraman

A.Amantoota Kaatoliikii C.Ortodoksii

B. Profestaantii D Deebii hin kennamne

5. Waldaan kiristaanaa tokkumma qulqulloota Goftaa Yasuutti amananii ti


malee, gamoo tokkummaan sun keessatti walitti qabamu miti kan jedhan

a. Hinduu b . Protestaantii

91 | P a g e
c. Kaatoliikii d . Deebiin hin kennamne

Boqonnaa Kudha Lama


Goolaba Waa’ee Waaqeffannaa

Seensa

Namootni adda addaa, waaqeffannaa isaanii karaa garaagaraa ibsu .


Waaqeffannaa isaanii karaa ittin ibsan keessaa hanga tokko tokko iyyuudhaan
miira isaanii ibsu; tokko tokko immoo, jilbeenfachuun ibsu; kan biroon immoo,
dhaabachuu/ ijaajjuudhaan ; tokko tokko immoo, sochii adda addaa
gochuudhaan; warri kaan immoo cal-jedhanni taa’uudhaan; kan biroon Macaafa
Qulqulluu dubbisuu fi kadhachuun ; warri biroon kadhannaa isaanii
barreessuudhaan ; warri biroon yeroo sana keessa waan gara yaada isaanii
keessa dhufu Waaqayyotti dubbachuun akkasumas, warri biroon immoo, afaan
haaraan dubbachuudhaan of ibsu.

Namoota tokko tokkoof, lallabni giddu- galeessa waaqeffannaa isaanii ti .


Kanneen biroof immoo, waaqeffannaa isaanii keessaa lallabni kutaa tokko qofa
akka ta’etti fudhatu .

Kaayyoo Barumsichaa

 Waaqeffannaf qophaa’uu jechuun maal akka ta’e barattootni akka


hubataniif

 Waaqeffannaa sirrii fi waaqeffannaan sirrii hin taane maal akka ta’e,


hubachisuu

 Waaqeffannaa dhugaan karaa attamii akka mul’atan ibsuu

Qabxilee Ijoo

 Waaqeffannaa miiraan geggeeffamuu fi waaqeffannaan dhugaa


garaagarummaa qabu.

92 | P a g e
 Miirawwan keenya to’anno hafuura Waaqayyoo jala galuu qabu

 Waaqeffannaaf qophaa’uun mallattoo waaqeffannaa dhugaa keessaa isa


tokko

 Waaqeffannaa keessatti inni guddaan guddina sagalee,guddina meeshaa


muuziiqaa, baayyina, gosa meeshaalee muuziiqaa, osoo hin taane, inni
guddaan argamuu Waaqayyoo addaan baafachuu dha .

1. Waaqeffannaaf Qophaa’uu

1.1. Waaqeffannaa sirrii dha kan jechisiisan maal fa’i?

Waaqeffannaa sirrii ykn sirrii hin taane kan jechisiisu akkaataa dhaabbii keenyaa;
faarfannaa keenya, harka, itti kaasuu, harka walitti rukutuu, harka dachaafatanii
dhaabbachuu miti. Yeroo dubartiin Samaariyaa waa’ee waaqeffannaa Gooftaa
gaafatte sana, Gooftaan waaqeffannaan inni dhugaan maal akka ta’e ibsuun
deebii kenneef (Maaf 4:23).

Waaqeffachuun “hafuuraan” dha .Kana jechuun, cal- jedhanii miiraan oofamuu


osoo hin taane, keessa hafuura keeynaa gara bakkeetti baaftee waaqeffatta jechuu
dha.

Waaqeffannaan “dhugaadhaan” dha.Kana jechuun Waaqa isa dhugaa sana


waaqeffatta malee, waaqa tolfamaa miti.Kanaafuu, jechoota keenya, yaada
keenya, namni tokko akka inni si diingisiifatuuf kaabbaa amantii huffachuuf
yaaluudhaan osoo hin taane, waaqeffannaa sirrii dhugaan waaqeffachuu dha.

Seenaa waaqeffannaa kiristanotaa keessatti waantota furtuu ta’an waantotni


gurguddoo fi barbaachisoon akka jira itti waliigalu.Isaanis:

1ffaa Galateeffachuu- Waaqayyoof kabaja fi ulfina jechootaa fi faarfannaa ykn


ugummaan,mataa gad qabachuudhaan kabaja ibsuu/ dhiyeessuu.

2ffaa Qalbii / yaada garaa ofii jijjiirrachuu- waaqeffannaa jechuun eenyummaa


Waaqayyoof beekamtii kennuu(Qulqulluu fi gaarii ta’uu isaa) jechuu dha.

93 | P a g e
Akkasumas, yeroo isa wajjin of- madaallu (qulqullummaa fi garummaa kan hin
qabne ta’uu keenya) cubbamtoota ta’uu keenya beeknee simmannee fudhannee
yaada garaa jijjiirrachuu jechuu dha. Balleesseera, akka cubbuu koof adabbii tu
naaf ta’a, amma garuu, dhiifaman si biraa barbaada, cubbuu koo irraa
galagaleera, itti hin deebi’u jechuun yaada garaa keenyaa jijjiirrannee kennaa
Waaqayyoo (araara isaa) fudhachuu dha.

3ffaa-Kadhammaa-waaqeffannaadhaan waan laphee keenya keessa jiru


kallattiidhaan Waagayyotti dubbanna (waantota nu barbaachisan fi
waantota namoota kanneen biroo barbaachisan);akkasumas, laphee
Waaqayyoo keessa waan jiru (fedhii isaa waa’ee jaalala fi waa’ee murtoo
dhugaa, waa’ee fayyina biyya lafaa). Inni kun yaada isaa wajjin walii
galuu of- keessatti qabata.

4ffaa- Dubbii sagalee Waaqayyoo dhaga’uu: kana jechuun sagalee isaa, isa
Qulqulluu sana dubbisuu, karaa faarfannaa fi karaa sagalee isaa, karaa
lallabaa fi waaqeffannaa, waantota ta’an hundaan waan inni nutti
dubbatu (jedhu) dhaggeeffachuu.

5ffaa Kiristoos aarsaa ta’uu isaa yaadachuu: Inni kun Irbaata Gooffaa isa
Qulqulluu sana fudhachuun kan mul’atu dha.

6ffaa Jaalala Waaqayyoof deebii kennuu waaqeffannaan sagantaalee waldaa


keessaa yeroo xumuraman kan xumuramu miti. Waaqeffannaa jechuun
guddummaa Waaqayyo yaadaa, tajaajilawwan nuuf godhaman yaadaa,
karaa isaaf itti abboomamnu fi kara isa kabajnu barbaadaa turban
guutuu laphee keenyaan isaa wajjin dabarsuu of- keessatti qabata.

1.2. Waaqeffannaa fi Moo Taajjaluuf

Waaqeffannaaf of hin qopheessine taanaan, taajjaluufii laata ? Yeroo baayy’ee/


namootni baayyeen waldaa kan adeeman, jireenya waaqeffannaa qabaatanii, of-
qopheessanii waaqeffachuuf gara waldaa adeemu jennee ammannaa laata?

94 | P a g e
Dubbii dhugaan kaayyoon waaqeffannaa isa kana ta’ee osoo jiruu, namootni
baayy’een gara waldaa (bakka Waaqeffannaa) kan adeeman ilaaluuf malee,
hirmaachuuf akka hin taane beekama.Xaabiisa spoortii ilaaluuf akkauma of
qopheessina jechuu dha. Gara dirree spoortii kan deemnuuf “nu bashannansiisa
nu daddamaksa, jechuudhaan kaayyeffatanii gara dirree dhqu.Walitti qabamni
sagantaa waaqeffannaa Sanbataa isa kana irraa baayyee akka hin faggaanne dha.

Yeroo gaarii akka nuuf ta’uu sagalee abdii dubbachaa ykn tilmaamaa gara
tokkummaa sana dhaqna.Ijoolleen keenyas, akkuma keenya sagalee abdii akka
eeggatan barbaanna. Faarfannaan sun yeedaloo isa an jaalladhuun sanaan akka
faarfatamun barbaada. Lallabaan, yeroo kennametti lallaba isaa raawwatee anis
jireenya ofii koo jiraachuun barbaada. Goofta Yasuus hafuura isaatiin
(hafuurummaa inni naaf ta’u) torban itti aanuu kana guutuu na fudhatee inni
adeemu, miirrii koo maal ta’uu akka qabu akka inni na barsiisuun abdadha.
Kana jechuun yeroo gara waldaa waageffannaaf adeemnu akkuma nama
dhukkuba ta’e tokkoirraa fayyuuf abdiin adeemu waa sammuutti qabannee, isa
argachuu, fuchuuf waan adeemamu fakkaata.

Karaa biraa namootni naannoo waldaa keessaa tajaajilluu waaqeffannaa isa


dhugaa irratti xiyyeffachuu irra, waa’ee sanaa, waa’ee kanaa keessumsiisuu,
hordofuu, kkf yaaduudhan sammuun keenya, yaadni keenya isatti qabama.

Tokkummaa sana wajjin wal-arguuf qophaa’uuf hojjechuu, waan barbaannu


sanaaf aarsaa baasuuf malee, Waaqayyo akkamiin akka jajannu kabajnu,
dinqisiifannu iddoo itti kenninee qophoofnaa laataa? Tarii tajaajilawwan keenya
hundaan, walitti qabamni keenya hangam barbaachisoo akka taane ol- kaasne of
agarsiisuufii laataa? Moo dhuguma keessa keenyaan qophoofnee Gooftaa
waaqessuuf alataa?

1.3. Waaqeffannaaf Akkamiin Qophaa’uu Qabna

Waaqeffannaan hojii ulfina qabeessa, karaa Waaqa jiraataa wajjin itti wal- arginu
waan ta’eef,xiyyeeffannaa itti laannee qaophii gahaan Gooftaa wajj’in wal- arguu
qabna. Waaqeffannaaf qophaa’uuf waantota barbaachiisoo ta’an hedduun ni jiru.

Isaan keessaa gurguddoo kan ta’an kanneen armaan gadii ta’u:

95 | P a g e
1. Simachuuf Qophaa’uu

Akka waldaa kiristaanaa/ akka amantootaatti yeroo hundaa yeroo waaqeffannaaf


qophoofnu, sagaleen isaa yeroo lallabamu, yeroo faarfatamu, Macaafa
Qulqulluun yeroo dubbifamu, yeroo qu’annu , Waaqayyo nutti
dubbata.Waaqayyo irraa dhaqa’uun waan baayy’ee guddaa fi waan ulfina-
qabeessa ta’e dha (Ba’u 19-20). Waaqayyoon eenyummaa isaan arguu,
guddummaa isaa fi qulqullummaa isaan guutomuu, argama isaa shaakaluu;
jaalala isaa fi araara isaa isa dangaa hin qabne; isa laphee keenya raasu sana
wajjin wal-arguu dha. Karaa Yasuus gara isaatti dhiyaachuudhaan simachuu ni
dandeenya (Ib 10:19-22). Amanachuun dursanii qophaa’uu waajjin wal-qixxee
miti. Mul’achuu Waaqayyoo dinqisiifachuu fi garaa gad- deebiaan simachuu
akka dandeessuuf akka inni si gargaaruuf kadhadhu.

2. Deebii Kennuufiif Qophaa’uu

Yeroo Waaqayyo ofii isaa nutti mulisu waantotni adda addaa jijjiiramuu jalqabu,
Waaqayyo wajjin wal- baruun gara deebii kennuutti nu geessa (Isa 6:8). Akka
taajjabduutti cal-jennee hirmaachuu osoo hin taane, lapheen keenya isa
waaqessuuf qophaa’u qaba. Sahabiin isaas keessa deebinee garummaa
guddummaa, qulqullummaa Waaqa keenyaa, araara isaa fi jaalala isaa argina
waan ta’eef dha.

Isa faarfanna, cubbuu keenya irraa qalbii jijjiirrama, sagalee isaa isa lallabamu ni
simanna Irbaata Gooftaa gammachuun hirmaanna, horii qabnu irraa
gammachuudhaan kennina, Waaqayyo keenya akka ta’e hubachuun, karaa
Kiristoos waannuuf godhame yaadachuun waan hundaaf gammachuu fi
jaalalaan deebii kennina.

3. Namoota Kanneen Biroo ijaaruf/ Qulqulleessuuf qQphaa’uu

Waaqeffannaan yeroo faarfannaan xummuramu, ykn yeroo lallabni raawwatu,


kan dhaabbatu miti. Nagaa wal- gaafachuun, wal- jajjabeessuun, wal- tajaajiluun,
kadhachuun, wal- kunuunsuun, wal- tisuun kkf kan itti futuu dha. Waaqayyo
akka dhaqnaa ijaaruut namootatti gargaarama (1 Qor 14:26).Walii keenya akka
wal- ijaarru wal bira nu kaa’e.Maarree anii fi ati yoo akkas goone ajaayibsiisaa
dha miti?Yeroo gara waldaa dhuftu akka Waaqayyo sitti gargaaramu itti yaaddee

96 | P a g e
dhuftaa? Attamitti qophooftee dhufta? Egaan, ammaan booda yeroo
waaqeffannaa dhaqxu, Waaqayyoo wajjin wal- arguuf, waanta inni sitti dubbatu
dhageessee hojii irra oolchuuf qophaa’i gammachuun, waaqeffannaa fi kabajaa
guddaan , laphee kee fi jireenya kee guutuun deebii isaaf kennuuf qophaa’i.

4. Gufuwwan Waaqeffannaa Maqsuu

Lapheen keenya cufamee Waaqayyoon waaqeffachuu irraa hin jaallanne of-


eeggannoo guddaa gochuu qabna. Yeroo waaqeffannaa waantootni adda addaa
gufuu akka nutti ta’an beekamaadha. Isaan keessaa kanneen akka sagalee
muuziiqaa guddaafi fakkiwwan, phootoo barreefama gosa adda addaa kanneen
yaada keenya hatan namoota footoo kaasan, sochiiwwan adda addaa huffannaa
kanneen aadaa saba sanaa keessatti simatama hin qabne, kkf.

Akkuma namni vidiyoo kaasu tokko haala addaan bareedina/sochii ta’e tokkoon
harkifamee yeroo murtaa’eef kaameeraa isaa irra tursu, xiyyeeffanniaan keenya
waantota kan biroo naannoo sana jiran osoo hin faane, Waaqayyo irra ta’uu qaba.
(Gal 3:1)

Saba Waaqayyoo, dandeettiwwan adda addaan ittiin dhalanneen, kennaawwan


inni nuu kenne hundaarra caalchifnee Waaqayyo isa hundaa uume
dinqisiifachuu qabna. Yeroo baayy’ee sagalee kiilolee faarfataa, sochii asiifi achii
faarfataa/ faarfattootaa, sagalee meeshaa muuziiqaafi muuziiqaa gosota adda
addaa, baacoo/ oduu / mudannoo lallaba ittiin ibsuuf gargaaramnu kkf adda
baafnee Gooftaa fi dubbii isaa irratti akka hin xiyyeeffanne gufuu nutti ta’u jenna
yoo ta’e isaan kana hanga danda’ametti magsuu qabna.

5. Amaleeffannaa Waan Gaarii Jaallachuu haa Qabaannu

Kutaa tokko keessa qofaa kee Gooftaa Yasuu Kiristoos wajjin jirta yoo ta’e, gara
isaatti, isaaf kan ta’u, keessa laphee keetii irraa maal waan burqusitti fakkaata?
Maal jetta? Maaltu sitti dhaga’ama? Gooftaaf deebii attamii laatta? Sagantaan
guyyaa sanaa attam akka ture itti dubbattaa? Waa’ee meeshaa muuziiqaa tii?
Hangam akka iyyitee/guddiftee/ ol- utaaltee/ dafqa xuruurfattee faarfattee dha?

Moo jireenya kee keessaa Waaqayyo inni eenyu akka ta’e, maal akka siif ta’e /siif
godhe waan jettu qabdaa? Bara keenya kana keessa faarfannaa fi faarfattoota

97 | P a g e
hedduutu burqaa jiru. Garuu, yeedaloo hafuuraa barichaa kanneen jennu kana
keessaa Dubbii Macaafa Qulqulluu fi yaada Waaqayyoon yeroo madaalaman
hangam isaaniitu madaallii kaasa laata? Lallabaanis ta’e faarfannaan waa’ee
Waaqayyoo keessa isaaniitii waan dhugaa baasanii dubbatan qabu moo, akkas
taata, lafa dhaalta… bor qarshii hammana, olbaata, ni guddatta… kanatu siif ta’a,
teessoo, manni, olaanaa si eegata (lafairratti)….

As irratti eenyuun illee ceepha’uuf akka hin taane haa hubatamu . Kaayyoon
barumsa kanaa Waaqayyoon akka beeknu, Waaqayyo jireenya keenya akka
dubbii sagalee isaatti, akka karoora isaatti, akka yaada isaatti, akka hojjetuuf
dha . Akkasuma immoo, kakuun Waaqayyoo jireenya keenya keessatti mulachuu
isaan seenaa jiraataa haa qabannuuf jecha .

Gara boodtti deebitee jireenya kee kaasatte mul’achaa isa ture amantii ulfina-
qabeessa sana akka yaadannootti hin ilaalin. Guyyaan tokko tokkoon isaa
dhugaa Waaqayyoo biyya lafaatti akka ibsituuf, ilaalcha haaraa ulfina
Waaqayyoo mul’isuun human Waaqayyoo keessa taate, lola amantii keessatti
mo’ichaan akka baatu fedha Waaqayyoo ti.

6. Kanneen Dhugaadhaan Waaqessan Ogummaa isaa ni Shaakalu

Namoota kallaqa adda qabaan akkaataa isaanitti dhiyeessan ajaayibsuudhaan


miira keenyaan waan gaariin yoo nutti dhaga’ame inni gahaa miti. Waaqeffataan
ogeessi waan arge/ dhaga’e sanatti ni gammada, ni eebbifama, ni jajjabaata.
Garuu immoo sana hundaa keessatti kennaa waan hundaa isa ta’e darbeeni
hubata.

 Namni dhugaatti waaqeffatu bubbee keessa ta’ee faarfachuu barata


jireenya bitaa namatti gulu keessa ta’ees Waaqayyon ni kadhata.

 Namni dhugaan waaqessu buddeen guyyaa guyyaaf sagalicha attamiin


akka itti gargaaramu beeka. Attamitti akka kadhatus beeka.

 Namni dhugaatti waaqeffatu sagalee muuziiqaa guddaan hin fudhatamu,


mul’achuu ulfina Waaqayyoon tuqamu malee, argamuu humna isaa
keessa, yaada (fedha) isaa keessa ta’uu malee.

98 | P a g e
Kana jechuun sirni waaqeffannaa akkaa ogummaa gariin keessatti mulate, sirna
ho’aan waaqeffannaa dhiyeessuun dogogoora ykn barbaachisaa miti jechuu miti .
Namni Waaqayyoon waaqessu isaan kanatti attamiin akka gargaaramu beeka .
Caalmaatti ulfina guutummaa Waaqayyoo arguuf, caalmaatti Gooftaatti
maxxanuuf , waaqeffata. Kabaja isaa agarsiisutti hirmaachuun isaaf ulfina, saba
isaaf immoo haaromsa, tarkaanfii adeemsa jireenya hafuuraa dabala.

C.S.LWS yeroo dubbatan isa an argee caala “Kitaaboleen ykn muuziiqaan


midhagina isaan qabaniif jennee yoo itti of-ganne, nu ganu, barreedinni karaa
isaanii dhufe malee, isaan keessa hin jiru; inni karaa isaanii dhufe kun immoo, ni
yaadama. Bareedinni isaan kanaa yaadannoo fakkii wantota nuti hawwaa turre
dha. Haa ta’u malee, isaa kana irratti dogoggorri yoo godhame, gara waaqa
tolfama (jibbisiisaa) itti jijjiiramu, lapheen namoota waaqeffatoota sanaa ni cabsu.
Egaan waantotni kun ofiisaanii homaa miti. Urgaa habaaboo nuti hin argannee,
yeedaloo nuti hin dhageenye, garu akkumatti iyyuu oduu biyya nuti ganaa hin
daawwatin jirru keessa dhaga’amu “jechuudhaan waaqeffannaa keessatti gara
Waaqayyoo gara isa madda nagaa, iddoo boqonnaafi burqaa gammachuu ta’etti
akka adeemnu jala- muranii ibsu.

Hojii Manaa

I. Barreessuun ibsaa

1. Guyyaa waaqeffannaa Sanbata fuula kee dura jiru Gooftaaf deebii


kennuuf maal gochuu qabda?

2. Waa’ee qophaa’uu maal hubatte?

3. Lapheen kee, gartuun kee, Waaqayyoon caalmaatti jaallachuu irra


waaqeffannaa warra jaallatan akka hin taaneef attamiin eegda?

Dandeettii kee guutummaa itti gargaaramuun waldaa keessa jirtu keessa


namootni jiran lapheen isaani akka oliifi gadi hin eqamne, Waaqayyo itti akka
maxxanan attamitti gargaaruu dandeessa?

II. Deebii Sirrii ta’an filaa

99 | P a g e
1. Namni dhugaatti waaqeffatu bubbee keessa ta’ee _______

a. faarfata b . Kolfa-------- c. deebiin hin kennamne

2. Namni dhugaan waaqeffatu buddeen guyyaa har’aaf ________

a. akkamin akka fayyadamu beeka b. akkamitti akka kadhatu

c. a fi b

3. Namni dhugaan waaqeffatu sagalee muuziqaa guddaan hin fudhatamu.


Isa irra

a. Ulfinni Waaqayyoo humnaan mul’achuuf tuqamu

b. Argama human isaa keessa ta’uu hawwuu

c. Fedha (yaada) isaa keessa ta’uu d. Hunduu deebii dha

4. Namni dhugaan waaqeffatu jireenya bitaa namatti galu keessa ta’ee ____.

a. galateeffata b . ni boo’a

c. ni iyya d. deebiin hin kennamne

5. Lapheen keenya Waaqayyo irra caalchisee waaqeffannaa jaallachuu irraa


eeguun ogummaa dha

a. Dhugaa b. isoba

6. Filannowwan armaan gadii keessaa kan gatii nama kaffalchiisu isa kami?

a. Namoota waldaa wajjin wal arguu

b. Hojii Waaqayyoo hojjechuuf qophaa’uu

c. Waaqayyoon wajjin wal- arguuf qophaa’uu d. Hunduu deebii dha

7. Kan sirrii ta’e kami?

a. Yeroo tokko tokko dhugaa barbaadhuu

100 | P a g e
b. Yeroo hundaa dhugaa barbaaduu c. a fi b

8. Guddina jireenya hafuuraa keenyaan kan adda baafachuu qabnu.

a. Dandeetti kennaa Hafuura Qulqulluu irraa

b. Argama Waaqayyoo miira irraa

c. Wanta akka dubbii sagalee Waaqayyoo fi fedha Waaqayyoo ta’e,


kan biroo irraa

d. Hunduu beebii dha

9. Wqaaqeffannaa keessatti waantotni ijoo fi baayy’ee barbaachisoo ta’an

a. Jaalala Waaqayyoof deebii kennuu

b. Dubbii Waaqayyoo dhaga’uu

c. Aarsaa ta’uun Kiristoos yaadachuu

d. Hunduu deebii dha

10. Waaqayyo wajjin wal-arguuf qophaa’uu jechuun

a. Sagalee isaa dhaga’anii hojii irra oolchuu

b. Laphee guutuun waaqeffachuu danda’uu

c. Qulqulloota hundaa wajjin tokkummaa uumuu

d. Hunduu deebiidha

101 | P a g e

You might also like