You are on page 1of 68

Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

BU’UURA IRRAA JIJJIIRAMUU


(TRANSFORMATION FROM THE GRASS ROOT)

KRISTIYAANUMMAA ISA DHUGAA BEEKUU BIRA GA’UU


(REACHING OUT TO KNOW TRUE CHRISTIANITY)

LALISAA WAAQJIRAA RAGGAASAA

i
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

JIJJIIRAMA BU’UURA IRRAA

(TRANSFORMATION FROM THE GRASS ROOT) 2021

2013

Kitaaba kana akka wabiitti itti fayyadamuu irraan kan hafe eyyama barreessaa malee
guutummaattis ta’e walakkaa isaa baay’isuun akkasumas miidiyaan dabarsuun fuula
Waaqaa duratti nama gaafachiisa.

Copyright 2021, by Lelisa Wakjira Regassa (BSc. Nurse, MPH Candidate)

All rights reserved.

Except using as reference, reproduction and transmission of any text in whole or in part
of this book without the written consent by the author is punishable in front of God.

Jimma, Ethiopia

2013 A.L.H

+251916186060

ii
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Seenaa Barreessichaa
Obbo Lalisaa Waaqjiraa Raggaasaa kan dhalatanii guddatan godina Wallagga Lixaa
Aanaa Ayiraa ganda Jaarsoo Abayyaniitti yommuu ta’u, ogummaa fayyaatiin (Nursing)
digirii jalqabaa isaanii Yuunivarsitii Walaayittaa Sooddootii bara 2010 A.L.A tti kan
fudhatanii fi Digirii 2ffaa isaanii muummee Fayyaa Hawaasaa waliigalaan (General
MPH) Yuunivarsitii jimmaa irraa bara 2022 fudhataniiru. Akkasumas barumsa
wangeelaa Dippiloomaadhaan Emmaus Bible Correspondense (EBC) bara 2020
A.L.A tti fudhataniiru. Sertifikeetii adda addaas karaa barumsa online argataniiru.
Yeroo ammaa kanas dhaabbata miti mootummaa Koomishinii Misoomaa fi Dagaagina
Hawaasummaatti projektii Fayyaa Walhormaata Dargaggootaa magaalaa jimmaatti
argamu keessaa hojjechaa jiru.

iii
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Galata
Duraan dursee Waaqayyoo abbaa ogummaan guutuu Isa na cina dhaabbatee yeroon
dadhabutti na jajjabeessaa ture nan galateeffadha. Gargaarsa Waaqayyootti aanuu
baatus yeroosaanii kennanii gorsaa fi kadhannaadhaan na cina dhaabbachuun kitaabi
kun akka hawaasa koo bira ga’u kan godhan maanguddoota WWW Makaana Yesuus
Limmuu Gannat; akkasumas maanguddoota WWW Makaana Yesuus Bossaa Kittoo
kan magaalaa Jimmaa keessatti argamtu hedduun galateeffadha. Dabalataan Luba
Dabalaa Biqilaa fi Obbo Dhaabaa Ittaanaa kitaaba kana yeroo isaanii isa gati-
jabeessa naaf kennanii gorsaa fi yaadota ijoo ta’an sirreessuun na cina waan
dhaabbataniif hedduun galateeffadha. Akkasumas tajaajilaa WWW Makaana Yesuus
Limmuu Gannat Obbo Muluqan Gabree kadhannaa, gorsaa fi yaada dabalataan kan
na utube hedduun galateeffadha. Itti aansuun gargaartuu koo kan taate Aadde
Ayyaantuu Tolasaa na cina dhaabbattee na jajjabeessuu fi naaf kadhachuun akkan
kitaaba kana barreessee xumuru kan goote osoon hin galateeffatin hin darbu.Xumura
irratti hiriyoonni koo maqaa hin dha’amin yaadaan na cina dhaabbatan, akkasumas
mana maxxansaa ASEER yeroo isaanii kennuun na deggeranii kitaaabi kun akka
kanatti akka bareedee hawaasa bira ga’u kan godhaniif galanni koo guddaadha.

iv
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

KENNA
Yaadannoon kitaaba kanaa Waldoota Krisriyaanaa biyya keessaa fi biyyaa alaa jiran,
Kristiyaanota biyya lafaa kana irra jiran garuu dhugaan jireenyaa hingalleef,
Kristiyaanota biyya Etiyoophiyaa lakkoofsaan 2,109, 0000 ol ta’an ( Report on
International Religious Freedom: Ethiopia, 2019 G.C) ta’aniif dhugaa jireenya akka
hubataniif, Dargaggoota umurii dargaggummaa keessa jiraatanii dhugaan jireenyaa hin
galleefiif, Kristiyaanota jireenya amantii isaaniitti booddee deebi’aniif, Hojjettoota
wangeelaa qorannoo macaafa qulqulluu barsiisaniif, akkasumas namoota Kristoosiin
fayisaa lubbuu isaanii godhatanii hin fudhatin jiraniif akka dubbisaniif kan ooludha.

v
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Table of Contents
Seenaa Barreessaa Kittaaba Kanaa.......................................................................................................iii
Galata....................................................................................................................................................iv
KENNA.................................................................................................................................................v
SEENSA................................................................................................................................................1
BOQONNAA 1: JIJJIIRAMA JECHUUN MAAL JECHUUDHA? (WHAT IS
TRANSFORMATION?).......................................................................................................................5
1.1. Jijjiirama Dhugaa................................................................................................................6
1.2. Kristiyaana sobee waan jijjiirame of fakkeessu................................................................7
1.3. Jijjiirama irra Keessaa........................................................................................................8
1.4. Maaliif Jijjiiramni Barbaachise?........................................................................................8
1.5. Jijjiirama Jireenya Kiristaanummaa...............................................................................10
1.6. Jijjiirama Hafuuraa..........................................................................................................11
1.7. Jijjiiramaaf Wanneen Barbaachisan (Contents needed for Transformation)..............13
BOQONNAA LAMA: JIJJIIRAMA BU’UURAA KARAA WANGEELAA....................................13
2.1. ITTI GAAFATAMUMMAA HIRKATAA (DEPENDENT RESPONSIBILITY)........15
2.2. Diinonota jijjiiramaa gurguddaa afran (The Four enemy of Transformation)............15
2.2.1. Bakka Mijataa Barbaaduu............................................................................................15
2.2.2. Abdii Dhabuu (Hopelessness)....................................................................................18
2.2.3. Daandii salphaa filachuu (Choosing the Easy Way)................................................18
2.2.4. Sodaa (Fear)...............................................................................................................19
2.3. Barbaadanii of Argachuu (Self Determination)..............................................................20
2.4. Jijjiiramuuf Yeroo Keenyatti Fayyadamuu (Redeem Your Time At Hand) (Efesoon
5:16) 21
2.5. Wantoota Jijjiirama Hubaa 9Miidhaa) Jiran..................................................................21
2.5.2. Guyyoota Beelli Hammaatedha................................................................................22
2.5.3. Guyyoota Jibbi Hammaatedha.................................................................................25
2.5.4. Guyyoota Siyaasi Addunyaa Itti Hammaateedha....................................................26
2.5.5. Guyyoota Teknooloojiin itti Babal’atee Baayyeen ittiin Badanii fi Baay’een
immoo ittiin Guddatanidha.......................................................................................................26
2.5.6. Yeroo itti Araadi Garaagaraa Nama ittiin Garboomfatedha.................................26
2.5.7. DHUKKUBOONNI QORICHA HIN QABNE BAAY’ACHAA DHUFAN..........26
2.5.8. Bara Raajonni Sobduun Baballatan.........................................................................27
vi
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

BOQONNAA SADII: GA’EE MUL’ATAA JIJJIIRAMA KEESSATTI.....................................27


BOQONNAA AFUR: GA’EE OGUMMAA IJJIIRAMA KEESSATTI......................................28
BOQONNAA SHAN: EENYUMMAA KIRISTIYAANA TOKKOO...........................................30
6.2. Jireenya Gammachuu Qabaachuuf Maal Fa’itu Barbaachisu?.........................................32
BOQONNAA JAHA: JIJJIIRAMAA FI MILKAA’INA...............................................................32
6.2. HAFUURA QULQULLUU....................................................................................................36
6.3. HUMNA HAFUURA QULQULLUU....................................................................................36
6.4. FIRII HAFUURA QULQULLUU (Galaatiyaa 5:22-23)......................................................37
BOQONNAA TORBA: DU’ANII KAN BIRAAF IFUU................................................................41
7.1. SANYII DUUTEE BIYYEE KEESSAA BAATU...........................................................41
7.2. FAKKEENYA SHAAMAA..............................................................................................42
7.3. FAKKEENYA KASALAA................................................................................................43
7.4. Jijjiirama Nama hin Jijjiirre (Selfish Transformation)........................................................43
7.5. Fakkeenya Allaattii ofii Du’ee Loltuu Du’a Oolchee...........................................................43
7.6. Nama Duuti Isaa Jalaa Hatame...........................................................................................44
7.7. Kristiyaana Ta’uuf dhugaawwan bu’uuraa nu gargaaran...................................................46
7.7.1. Waaqayyo si jaallata; kaaafis jirenyakeef karoora dinqisiisaa qaba.........................46
7.7.4. Kristiyaana Ta’uu kee Mirkaneeffachuu.................................................................47
7.7.4.1. Sagalee Waaqayyoo.................................................................................................47
BOQONNAA 10: BARSIISOTA SOBOO.......................................................................................47
Wabii...................................................................................................................................................54

vii
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

SEENSA
Sagaleen Waaqayyoo akkana jedha; “Nuyi cuuphamuudhaan du’a isaatti isatti
dabalmnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kristoos humna abbaa isa ulfina-qabeessaan
warra du’an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna.”
jedha. (Rom.6:4) “Isaa wajjin awwaalamneerra”, “jireenya haaraatti in
jiraanna” kan jedhu jijjiirama hafuuraa haaraa isa dura hin qabaatin qabaachuu, kun
immoo foon keenya isa qormaata biyya lafaa nutti fidu akka uffataatti of irraa
baasnee awwaaluu, jireenya haaraa Kristoosii wajjin jalqabuu, nama foon isaaf
yaadu, akka fooniitti yaadu, qalbii waan lafarraatti hidhamu hundumaa gatuu fi
ganuu dhaan adeemsa duraan hin baramin jalqabuudha. 1Phe 3:18-20 tti dubbiin
Waaqayyoo akka jedhutti Yesuus garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii
yommuu ture hojii gurguddaa dhuga-ba’umsa amantii, hidhaa seexanaattii namoota
hiikuu fi warra osoo dubbii waaqayyoo hin dhaga’in du’anitti wangeela dhugaa
lallabuu irra ture. Har’as yeroo fooniin awwaalamnee hafuuraan jiraannu hojii
akkanaa hojjenna. Akka Richard Peace kitaaba isaa “Spiritual Transformation; Taking
on the Character of Christ” jedhutti; “Bu’uura irraa jijjiiramuu jechuun; hordoffii
deemsa keenya karaa jireenya Yesuus jiraate hordofuu fi jiraachuu akkasumas
akkaataa jireenya moofaa isa dur keessa turre irraa gara jireenya haaraatti (fakkaattii
Yesuus) tti dhufuuti. Akka Kristiyaana tokkootti galmi keenya fakkaattii Yesuus
uffachuudha. Jireenya moofaa akka itti dur jiraataa turre of irraa baasnee gara
jireenya Kristoosiin ta’uutti of fiduudha”. Jijjiiramni kun al tokkoon dhufuu dhiisuu
danda’a.

 Kristiyaanummaan Kristoosidha.
 Kristiyaanummaan jireenya guyyaa guyyaa keessatti Kristoosiin
calaqqisiisuudha. (Gal. 5:16)
 Kristiyaanummaan jiraatanii hojiidhaan mul’isuudha. (Mat 7:16)
 Kristiyaanummaan namaaf jiraachuudha. (To be a man of value). (Mat
25:40)
 Kristiyaanummaan foon ofii ganuun hafuura qulqulluuf jiraachuudha. (Filiph
3:4)

Yeroo baay’ee Kristiyaanummaan namoota hedduu biratti akka amantii ykn akka
waraqaa eenyummaa qofatti ilaalama. Amantootni tokko tokko waan torban

1
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

torbaniin mana sagadaa deemaniif qofa kan fayyan itti fakkaachuu danda’a.
Kristiyaana jedhamee kan Waaqa dhiisee nama dhokatee alkoolii nama
macheessu dhoksaatti dhugus hin dhibu. Yeroo dhiyoo asittis magaalota
gurguddoo akka Finfinneetti tajaajiltootni waldaa kristiyaanaa tokko tokko
messhaalee lallaafaa itti dhuganiin biiraa ajajatanii dhuguu jalqabaniiru.
Kristiyaanonni maqaa “tajaajilaa” jedhamuun faayidaa mataa isaaniif olii gadi
fiigaa nama gowwoomsaa oolan, akkasumas qarshii sassaabbachuun mana
isaanii gabbisaa oolan manni haa lakkaa’u! (2Xim 3:5)

“Kanaafis namni kan Kristoos yoo ta’e uumama haaraadha; inni moofaan darbe,
kunoo inni haaraan dhufeera.” 2Qor 5:17

“Bakka Hafuurri Qulqulluun hin jirre Kristiyaanummaa dhugaan hin jiru; kun
sammuu keessan keessatti haa barreeffamu; akka hin dagatamnes. Hafuurri
qulqulluun hin jiru taanaan Kristiyaanummaa dhugaan hin jiru. Hafuura
qulqulluu keessa keetii qabaachuun dirqama; akkasumas Kristoosiin barabaraan
fayyuu yoo barbaadde, Waaqayyo abbaa kee isa si jaallatu siif ta’uun isaa, Yesuus
Kristoos Waaqakee isati eeggattu siif ta’uun isaa, Hafuurri Qulqulluun Waaqa
siif kadhatu ta’uun isaa beekuun dirqama, yoo ta’uu baate akka waan hin jirreetti
( hin dhalanneetti) of lakkaa’i.” J.C. Ryle

Y
esuus Waaqa guutuu, Nama guutuus ta’ee utuu jiruu wanni inni sodaate,
yeroo deebi’ee dhufu lafa irratti namoota irraa amantii argachuudha.
(Luq. 18: 8). Yeroon kun yeroo gooftaan keenya Yesuus Kristoos
deebi’ee dhufuu jala ga’e waan ta’eef isa Yesuus nuuf yaadda’e sana yeroo
itti gadi teenyee ilaalludha jedheen yaada. Akkamitti akka deddeebinus yeroo
itti ofii keenya gamaaggamuu qabnudha. (2Phe 3:10-12). Erga isaaf
jiraachuu filatnee, fafakkeessuu fi waldaas yaaddessuu hin qabnu.

Warri wangeela dhaallu kun mootummaa Waaqayyoo isa waaqarraa as biyya


lafaa irratti ittiin jiraachuu fi addunyaaf ifaaf soogidda ta’uudhaan (ifa isa
baattuu ibsaa irra kaa’amu fi soogidda isa mi’aa of keessaa qabu) akkasumas
erga fedhiidhaan Yesuusiif of laannee isa gammachiisuun galma keenya isa
xumuraa ta’uu qaba. Biyya lafaa kana irra amantii gosa 6,000 oltu jiru. Kana
keessaa immoo Kristiyaanummaan akaakuu 500 ol qaba. Akaakuwwan
Kristiyaanummaa 500 keessaa akka Mat. 24:40 tti amantiin tokko qofti akka

2
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

addunyaaf furmaata ta’u argina. Kristiyaanonni Kristoosiin jiraachuu caalaa


jireenya mataasaanii duukaa yeroo itti fiigan keessa jirra. Seexannis qotee,
facaasee, haramee haamuuf ykn baratee eebbifamuuf hin ko’oommatu.
Hojiin Seexanaa hatuudha (2Xim 2:17-18). Nama namaan lubbuu baasuu,
amantii hatuun amantii irraa namaa galagalchuu, warra shakkan nu
gochuudha. Faallaa kanaa immoo Yesuus akka nuti amantii isatti qabaannu
(nama amantii taanu) barbaada. Fakkeenyaaf qoramuu Yesuus (Mat 4:1-11)
yoo ilaalle;

1. Soomii Yesuus soomaa ture keessatti bakka inni dadhabee beela’etti (dhagaan
akka budeena ta’u) Yesuusiin argate….kana jechuun Seexanni karaa dadhabina
keenyaa barbaadee ittiin nu seena.
2. Waan caafamee jiru dabsuudhaan akka nuti itti fayyadamnee amantii
busheessinu nu godha. (Hiikkoo fi itti fayyadama amantii nurkaa gata) (Fittee
guutuu mana qulqullummaa irraa akka Inni gadi of darbatu) (1Xim. 4:3)
3. Mootummaa lafarraa (Mootummaa foonii fi dukkanaa) fi calaqqisa biyya lafaa
ishee bor badduun Yesuusiin gowwoomsuu barbaade. (Seexanaaf yoo saganne;
Qabeenya lafarraan beekamoo taana, ni duroomna, Maqaa guddaa arganna).
Egaa lolli Kristiyaanaa bara kanaa kana keessaa ala hin ba’u. Kristiyaanni
bu’uura irraa hin jijjiiramne qorumsa armaan olii kanaan akkuma salphaatti
kufu.
“Waan tokko hin jaallanne yoo ta’e jijjiiri; jijjiiruu hin dandeessu yoo ta’e immoo
ilaalcha wantichaaf qabdu jijjiiri!” (Maya Angelou). Jijjiiruun nun dhibu;
jijjiiramuun garuu gatii nama baasisa. Jijjiiramuuf wanti nuti jalqabatti jijjiiruu
qabnu yaadaa fi qalbii isa bakkeen hin mul’annedha.
“Addunyaa kana irraa gantummaan Waaqayyoo inni guddaan yeroo har’aa
Kristiyaanota afaan isaaniitiin Waldaa keessatti Yesuusiin beeksisanii garuummoo
deddeebii isaaniitiin bakkee jiraatanii Yesuusiin ganan dha. Kun waan warri hin
amanne ilaalanii amanuun rakkisaadha jechuun fudhatanidha.” (Brennan Manning)
Addunyaa kana irratti wantoota raawwataman keessaa gadhees ta’u gaarii, bakki
isaan itti kuufamanii jiran sammuu namaa keessattidha.
Room 12:2 irratti “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu’inaa!
Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf yaada garaa keessanii

3
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e waan


isa duratti fudhatamaa ta’e waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuudha” jedha.

Yaada Garaa Keenyaa Haaromfachuun akkuma Phaawuloos jedhe amantii Yesuus


keessatti qabnu keessatti bakka ga’a. (2Qor 5:17): Jaalalii Waaqayyoo jalqaba
Wangeela keesatti yeroo inni akka fakkeenya isaatti dhiiraa fi dubartii uume,
eebbisee fi aboo eebba lafarratti fiduu kenneef. Haa ta’uyyuu malee cubbuutti
kufuun immoo gatii baafamu guddaa fudhatee dhufe. (S.Uum 3:16-19.)

Kufaatiin dhala namaan dura akki jirrenya keenyaa akka itti Waaqayyo akka jiraannuuf nu
uumee wajjin wal madaala ture. Yoh. 5:39 irratti Yesuus kristoos jiraachuu, du’uu fi
du’aa ka’uu isaatiin walitti dhufeenya namaaf nama, namaaf Waaqayyoon gidduu
jiru cabee ture sana deebisee suphe. Inni akka nuti jireenya keenya akkaataa
Waaqayyo jireenya sirriitti jalqabatti utuu kufaatii cubbuutti hin dhufinitti uumetti
qajeelfannee akka jiraannuuf nu waamee ture. Inni isa suphicha dha’e
Waaqayyodha; suphichi immoo nuyidha. Supheen isa suphee dha’u ta’uu hin
danda’u. (Isa.29:16)

4
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

BOQONNAA 1: JIJJIIRAMA JECHUUN MAAL JECHUUDHA?


(WHAT IS TRANSFORMATION?)
Jecha jijjiirama jedhuuf hiikoo garaagaraa namni itti kennuu ni danda’a. Jechi afaan
ingilizii “change” jedhuu fi “transformation” jedhu namoonni hedduun iddoo
garaagaraatti wal gegeeddaranii fayyadamu. As keessatti garuu “Change” jechi jedhu
kun jijjiirama karaa bakkeeti. Fakkeenyaaf teessuma tokko halluu tokko dibnee
deebinee immoo halluu kan biraan yoo bakka buusne, kun change of colour
(jijjiirama halluu qofa) ta’a jechuudha. Teessumi waan jijjiirame hin qabu ulfaatinni
isaa, boci isaa fi wanti inni irraa hojjetame waan jijjiirame hin qabu.
Akka hiikaan jechootaa “Mariyam Webster” jedhutti ‘jijjiirama’ jechuun
geeddarumsa guutummaatti ykn harka caalaan bifa (appearance) waan tokkoo irratti
mul’atu jedha. Kana jechuun garuu akka Kristiyaana tokkootti maal jechuudha?
Amala keenya gara kristoos fakkaachuutti jijjiiruu moo akka seeraaf imaammataatti
jiraachuudha?
Addunyaan kun yeroodhaa gara yerootti jijjiirama bakkeen mul’atu hedduu keessa
darbaa jirti. Isaan keessaa inni guddaan jijjiirama qilleensaati. Qilleensi addunyaa
kanaa dhala namaaf mijachuu irraa gara dhala namaafi uumama miidhuutti dhufeera.
Jijjiirama qilleensaa kanaaf immoo sababoota kan ta’an hedduudha. Kun akka
fakkeenyaatti haakaafaman iyyuu malee jijjiirama hafuuraa keesssattis namni tokko
jijjiirama guddina hafuura qulqulluu keessa gaafa darbu taatewwan garaagaraa
keessummeessa. Akka macaafota olitti luqqisiin isaanii ibsametti (2Qor. 3:18, Rom
12:2) yoo ilaalle jijjiiramni akka nuti yaadnu irraa guutummaatti garaagarummaa
qabaachuu danda’a.
Jijjiirama jechuun afaan Giriikiitti Metamorfoosisii (adeemsa jijjiirama guddina
qaamaa) jechuudha. (Ethmology: WordOrigins, https://membian.com/wrotds/ety
mology). Hiiki isaa immoo jijjiirama seenaa ykn jireenyaa hundeedhaan, qaamaan
ykn hammaan sadarkaa tokko irraa gara kan biraatti jechuudha. Jijjiramni akkasii isa
booddeetti hin deebinedha. Jijjiiramni meetaamoorfoosisii jijjiirama sadarkaa
guddinaa booddeetti hin deebinee fi gara fuulduraa qofatti suuta suuta jijjiiramaa
adeemudha. Mucaan har’a dhalatte tokko har’uma nyaata namni ga’eessi nyaatu hin
nyaattu. Suutuma suuta qaamaan, sammuudhaan fi bifaan guddachaa akkuma
deemtu waan cimaas soorataa dhufti. Kanaafidha Phaawuloos aannaniif lafee gargar
baasee kan dubbatu. (Ibroota 5:14)

5
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Jijjiiramni keessoo garuu jijjiirama traansfoormeshiniiti. Mee fakkeenya armaan


gadii haa ilaallu!

Ati Kristiyaana akka taate maaliin beekta?

Gaaffiin kun namoota tokko tokkoof salphaa fakkaatee itti argamuu danda’a;
namoota hedduuf garuu gaaffii cimaa fi itti yaadamuu qabudha. Maal keetu namoota
Kristiyaana hin taane irraa adda si baasa? yoo jedhamte maal deebista? Deebiin kee
Kristoositti amanuu kootiin jettee deebisuudhaan ta’uu danda’a. Haa ta’u malee
Kristoositti amanuu keetiin namoota Kristoositti hin amanne irraa wanti adda si
baasu qabatamaan yoo sirraa mul’ate qofadha. Kristiyaana ta’uun akka Kristoos
ta’anii argamuudha. Kristoos foon ofii mo’annee akka addunyaa buufachuu qabnu
nu barsiise. Akkuma Yesuus warra badan fi warra karaa irraa kaatan barbaacha
dhufe; nutis hojiin keenya harki caalaan warra badan barbaaduu irratti xiyyeeffachuu
akka qabudha. Walumaa galatti miseensa waldaa tokkoo taanee taa’uu qofaan
fayyuun ykn kristiyaana jedhamuun akka waa’ee nuuf hin baasne kutaan kun nu
barsiisa. (2Phex. 1:3-11)

1.1. Jijjiirama Dhugaa


1.1.1. Kristiyaana Ta’uun Jijjiirama Beekumsaa, Miiraa fi Fedhaa kan of Keessatti
Qabatedha.
1.1.2. Jijjiirama Beekumsaa
A) Kristaanummaan seenawwan dhugaa irratti kan bu’uureffame dha. (2Xim 3:16,
1Xim 4:3)
B) Iyyesuus Kristoos gurguddoota beekamoo biyya lafaa kan caaludha. (Mul 1:5)
C) Iyyesuus kristoos gara biyya lafaa kan dhufe waa’ee cubbuu keenyaaf fannoo irratti
du’ee jireenya bara baraa nuuf kennuufi. (Mar 8:31)
1.1.3. Jijjiirama Miiraa
A) Miira keenya to’achuun

Miirri keenya kan foonii gara of balleessuu fi gara uumama balleessuutti nu geessa.
Miirri Waaqayyo nuuf qabu immoo gara jireenyaatti nu geessa. (Yoh 11:35).

B) Jireenyi kristiyaanummaa amantiin kan jiraatamu malee humnaan akka hin


taane hubachuu kan of keessatti qabatedha. (Zak 4:6)

6
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

1.1.4. Jijjiirama Fedhaa


A) Dhugaaf abboomamuuf fedhii qabaachuu

“Namni fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaade, barsiifni kun Waaqayyo biraa ta’uu isaa
ykn of keessaa fuudhee dubbachuu koon ni hubattu” Yoh 7:17

“Yaa Waaqayyoo ko, fedhakee gochuun anatti in tola, seerri kees garaakoo keessa jira”nan
jedhe. Far. 40:8

B) Namoonni kristoosiif jireenya isaanii laachuuf sababiin isaan of hin eyyamne


beekuun. Isaan keessaa muraasni armaan gaditti kan mul’ifamanidha.
1 Tokko tokko Waaqayyo kaayyoo isaanii kan jalaa jijjiiruu fi gammachuu jireenya
isaanii akka waan jalaa fudhatuuf yaadanii ni sodaatu. Fkn Yoonaas ( Yon. 1:3)
2 Tokko tokko of tuulummaa beekumsaan ykn fedhiin mataa isaanii gufuu itti ta’a.
Fkn Saa’ol ( 1Sam. 15:10)
3 Tokko tokko qabeenyaa fi badhaadhummaa qaban hunda dhiisanii isa duukaa bu’uu
ni sodaatu... Mat 19:22
4 Namoonni tokko tokko Yesuusiin hojii isaa utuu arganii amanachuu ni dadhabu…
Yoh 12:37

C. Yakka fedhii keenyaan goonu irraa of qusachuu… Gal. 5:16-18

D) Sossobbii (Shelaa) seexanaaf mo’amuu dhiisuu…Yoh. 8:44

1.2. Kristiyaana sobee waan jijjiirame of fakkeessu


Bakkeen gaarii fakkaachuun, afaaniin gaarii dubbachuun, hidhiin kolfuun, afaaniin
gowwoomsuun, Waldaa deemuu qofaan Kristiyaana kan fakkaatan hedduudha.

Akkuma jechama durii keessatti adurreen nama waliin jiraachuuf maal gochuu akka
qabdu yaaddee murteessite sana; garuu immoo amala hantuura nyaachuu dhiisuu
dadhabuuisheetii. Innis akka namaatti uffachuu, akka namaatti deemuu, akkasumas
waan tokko shaakaltee xumurte. Egaa jijjiiramni maali? Jijjiiramni bu’uuraa waan
duraan amala hin taane keessoo ofiitti guddisne ajjeessuudha. Jijjiiramni bu’uuraa
foon ofiitti gatii kennuu dhiisuudha.

7
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

1.3. Jijjiirama irra Keessaa


Kristiyaanonni hedduun jijjiiramni maal akka ta’e osoo hin beekin seera eeguu
qofaan fayina jedhanii yaadu. Hafuura isaanii osoo hin jijjiirin foon isaanii jijjiiruu
barbaadu. Jaalala faayidaa irratti hundaa’e nama jaallatu. Hojii foonii gananii
isumatti immoo deebi’u (2 Phe. 2:22).

1.4. Maaliif Jijjiiramni Barbaachise?

Addunyaan kaleessa kan biraa, har’a kan biraa, boris kan biraati. Wanti iddoo isaatti
dhaabbatee hafu Waaqayyoon qofadha. (Yoh 1, 2, 3). Dorgommii amma biyyi lafaa
keessa jirtu karaa fooniis ta’u karaa hafuuraa akkaataa dur abbootiin keenya itti
dorgoman irraa garaagarummaa hedduu qaba.

Anumti amma Laptoptti fayyadameen yaada kana barreessaa jira. Waggoota 50’n
har’aa biyya kanatti laptop ijaan arguunuu raajii ture ta’a. Guyyaa dhaa guyyaatti
saayinsiin guddachaa jira. Maaf guddata hin jennu, karaa tokko wangeela
baballisuuf hedduu fayyada waan ta’eef. Garuu immoo “Nuti saffisa addunyaan kun
ittiin fiigaa jirtuun fiigaa jirraa?” jenne of gaafachuun barbaachisaadha.

Nuti fiigichi keenya nama buufachuudha. Qarriffaa bineensichaa keessaa nama


buusuutu bu’aa keenya. Kun kan ittiin galma ga’uu danda’u tokko yoo jijjiirama
bu’uura irraa madde qabaannedha. Yoo jijjiirama kana gonfanneerra ta’e lafarratti
jireenya milkaa’aa, waaqarratti immoo gonfoo badhaasaa sana arganna.

Iccitii seexanni ittiin addunyaa qabatee of jala galchee jiru keessaa tokko itti
fayyadama teknolojiiti. Nuti kiristiyaanonni iccitii kana dursinee itti bira ga’uu
qabna. Dhimmi facebook, telegram, imo, instagram, skypee, tilk tok fi kkf yaada
keenya hatee gara waan waaqatti hin tolle hojjechuutti nu gessaa jira taanaan
dhaabbanee of ilaaluun keenya barbaachisaadha.

Teknolojii kanaan dubbii Waaqayyoo yoo labsine cubbuu hin qabu, addunyaa arfii
du’aa jala jirtus gadadoo keessaa ittiin baasuun ni danda’ama. Akeeki iccitii
seexanichaa inni warren Illuminaantii (Bara 1776 A.L.A tti kan hundeeffame yoo
ta’u, Illuminantii jechuun “Kan ifeef, ogummaa namni biraa beekuu hin dandeenye,
akka beekuuf, sammuu adda ta’e, Seexanaan kan kennamu dha) jedhaman sirnoota
iccitii addaatiin socho’aa jiran yeroo ammaa teknoloojiwwan kanneenitti
fayyadamuun biyyoota hunda waliin ga’anii jiran.
8
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

1ffaa teknoloojiitti fayyadamu (kanneen olitti ibsaman)

2ffaa sirbaa fi muuziqaatti fayyadamu

3ffaa fiilmii garaagaraan nama bitu,

4ffaa taphootaa garaagaraan dargaggoota bitanii sa’atii dargaggeessi ittiin hojjetee


of geeddaru jalaa balleessu.

5ffaa Suusii garaagaraan nama booji’u (alkoolii, caatii, sigaaraa, qorichoota nama
dadammaqsan fi kkf)

Akka biyya keenyaatti hoo dargaggootni maal keessa jiru? Dhugaa dubbanna yoo
jenne yeroo ammaa kana dargaggoonni dhugaatii alkoolii heddumminaan
fayyadamaa hin jiranii? Sirbaa fi fiilmii fedhii isaanii kakaasu ilaalaa hin jiranii?
Suusii facebook fi kanneen biroon qabamanii yeroo isaanii gubaa hin jiranii? Caatii
(jimaa) qaamuu fi shiishaa xuuxuun yeroo isaanii egeree isaanii murteessu
balleessaa hin jiranii?

Duraan garuu dargaggoonni kun eessa turan? Maaltu immoo fidee tarkaanfii kana
keessa isaan buuse? Maatii akkamii keessaa dhalatan? Halli guddina isaanii
mucummaa irraa ka’ee akkam ture? Dubbii Waaqayyoo dhaga’aa guddatanii? fi kkf
deebii isaa waan qaamni tokko qofti deebisu hin fakkaatu.

Kana hunda kaasuun kan barbaachiseef jijjiiramni bu’uuraa keessumaa dargaggoota


keenyaaf murteessaa akka ta’e ibsuuf ture. Dargaggoota biyya kana nurkaa fuudhan
irratti xiyyeeffachuun (focus and invest) gochuun barbaachisaadha.

Yeroon keessa taa’ee kitaaba kana barreessaa jiru yeroo itti barataa hedduun
guutummaatti sababa COVID-19’f manatti galanii jiran ta’uu isaa irraa kana ka’e,
haalli dargaggoonni keenya irra jiran yaaddessaa ta’uu danda’a. Yoo yeroo isaanii
utuu hin dabarsin sirnaan itti hojjetan yeroon kun isaaniif carraa guddaadha. Ta’uu
baannaan waggaa tokko ykn lama booda gaabbii guddaa keessa lixuun isaanii waan
oolu miti.

Fakkeenyonni jijjiramoota armaan olii jijjiirama bakkeen ta’udha. Jijjiirama bu’uura


irraa osoo hin taane, kan booddee deebi’udha.

Jijjiirama bu’uura irraa afaan ingiliziin ‘’Transformation from the grass root’’ kan
jedhuun bakka buusuu yaaleera.

9
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Jijjiiramni kitaaba kana keessatti breeffame jijjiirama keessaa namaatii maddu, kan
yaada keessootiin walqabatuuf, kan booddee hin deebine (irreversible or permanent)
fi jijjiirama dhugaati.

Dhalli namaa guddina sadarkaa adda addaa keessa darba. Mucummaa,


daa’immummaa, ijoollummaa, dargaggummaa, ga’eessummaa fi jaarsummaajennee
qoqqooduu dandeenya. Jijjiiramni amalaa, bifa bakkeefi guddinni qaamaa dhala
namaas umurii namaatiin jijjiiramaa deema. Jijjiiramni dhalli namaadaandii guddina
qaamaa keessatti agarsiisu kun gara booddeetti hin deebi’u. Kanaaf jijjiirama
dhugaati jechuudha.

Dubbiin Waaqayyoo waa’ee jijjiirama dhugaa isa bu’uura irraa maddu waan hedduu
lafa kaa’eera. Osoo gara luqqisa dubbii Waaqayyootti hin darbin garuu seenaa akka
fakkeenyaatti ta’u tokko akka armaan gadiitti barreesseera.

Kutaalee Waa’e jijjiiramaa Wangeela keessatti ibsaman keessaa kanneen armaan


gadii haa ilaallu.

1. 2 Qor. 3:18 “Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nurraa
akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka
taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufeetti in diddiiramna.”
2. Rome 12:2 “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu’inaa! Jaalalli
Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii
haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e, waan isa
duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuudha.”
1.5. Jijjiirama Jireenya Kiristaanummaa
Yeroo Kristoosiin gara jireenya keenyaatti fudhachuuf kadhannu, yeroo sana
jijiiramaaf ta’uu isaa beekuu qabna. Kun lammaffaa dhalachuu jechuudha.
Jijjiiramni bu’uura irraa ta’uuf lammaffaa dhalachuu qabna. (Yoh 3:3)
Akkasumas guddachuuf yeroo hundumaa soorachuu qabna. Waan nyaataaf
barbaachisu daa’imni yerootti hin arganne ni quucarti. Daa’imni altokko quucartee
rakkoo quucarummaa keessaa hin baatu; yoo guddattees mucaan isheen godhattu
ulfaatina gadaanaa qabaatti.. Akkuma biyya lafaatti yoo ilaalleyyuu kun haala
hammaataa yeroo ammaa kana addunyaan ittiin rakkachaa jirudhas. Akkasuma
dubbichatti guddachuuf yeroo hundumaa dubbicha nyaachuu qabna. Dubbii
Waaqayyoo nyaachuuf dirqama torban torbaniin waldaatti deddeebi’uu osoo hin

10
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

taane macaafa qulqulluu yeroo yeroon manumatti irratti kadhannee qayyabachuun


sooramuu dandeenya. Dubbiin waaqayyoo (Yohannis 6:35) irratti akkuma dubbatu
“Ani buddeena jireenyaati” jedha. Hafuuratti quucaruunis akkasuma jijjiirama
bu’uuraa nu dhabsiisa. (2Qor. 3:18, Rom 8:29)

Jjjiirama Bu’uura Kanneen hin taane

Waan gaarii hojjechuu qofaan jijjiirameera jedhanii yaaduu (Efe2:8-9)

Amala gaarii qofa horachuun jijjiirameera jedhanii yaaduu (Mat 7:21-23)

Fakkeenya kana haa ilaallu; Haati mucaa hir’ina nyaataa qabduu fi fuulli ishee
hedduu huuqqate tokko sababa dibata fuulaa (cosmotics) dibattee huuqqina ishii
dhoksuu barbaaddeef rakkoo kana keessaa ba’uu hin dandeessu. Fuulli waan
geeddarame fakkaatus rakkoon ishee rakkoo keessaati malee rakkoo bakkeen
mul’atu miti. (Yo’eel 2:13) Nyaata madaalawaa nyaattu malee rakkoo kana irraa
furamuu hin dandeessu. Rakoon kristiyaanota yeroo ammaas rakkoo bakkeen dibata
dibachuun fakkeessuu yaaluuti. Rakkoon keenya amala tolfannee, waan gaarii
hojjennee kiristoosiin alaan fakkaachuu yaalla. Garuu baay’een keenya warra
hanqina nyaataa qabanidha. Keessi keenya hir’ina hafuura qulqulluu qaba yoo ta’e
nuti hinjijjiiramne.

Jijjiiramni bu’uura irraa (Genuine transformation) kana irraan addadha. Kiristoosiin


keessoo keenyatti akka nyaataa fi dhugaatii hafuuraatti yoo fudhanne qofa jijjiirama
keessoojijjiiramna. Akkuma nyaannu jireenya barabaraa sana keessa keenyatti
guddifachaa deemna. Nyaannu malee guddinnii fi jijjiiramni hin jiru waan ta’eef.
Jijjiiramni bu’uura sadarkaa sadarkaadhaan dhufa.

1.6. Jijjiirama Hafuuraa

Hojiin jijjiirama Kristiyaanummaa hojii jijjiirama dura hojjetamu osoo hin taane
erga jijjiiramnee jijjiiramicha keessa teenyee kan nuti hubannuudha. Kana jechuunis,
yaaliidhaan yookiis ciminaan osoo hin taane ayyaanuma isaatu akka jijjiiramnu
godha. (H.Er 9:36). Fakkeenyota Kristiyaanni jijjiirame hojjetu keessaa gurguddoon;

a) Maqaa isaa guyyaa hunda waamuudhaan…. “Yesuus, Yesuu, gooftaakoo sin


jaalladha.”

11
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Addunyaa kana irratti Seexanni kan hin jaallanne fi kan sodaatu inni guddaan nama
maqaa Yesuus waammatudha.Maqaan Yesuus humna guddaa of keessaa qaba.
(Filiph 2:9-11)

b) Faarfannaa hafuura qulqulluun guutame faarfachuu

Phaawuloosiif Siilaas yeroo mana hidhaa keessa turan faarfannaa hafuura


qulqulluun guutamanii erga faarfatanii booda hidhaan isaanii irraa cirame. (H. Erg
16:16)

c) Kadhannaa fi dubbisa wangeelaa

Kadhannaan humna guddaa of keessaa qaba (Mat 21:22). Sagalee Waaqayyoo


guyyaa guyyaan dubbifachuu shaakaluunis humna hafuura qulqulluu fi beekumsa
hedduu nuuf dabala.

d) Galata Waaqayyoof dhiyeessuu

Sababii dhalli namaa addunyaa kana irratti uumameef Waaqayyoon akka galata
argatuufi. Galataan moo’ichatu argama (Isay 12:4-5, Izra 3;11, Ef 5:19-20, Filiph
4:6-7)

e) Waaqayyoon jajachuu (Dan 2:23)


f) Wangeela dhugaa lallabuu (1 Qor 9:14, 2Xim 4:2)
g) Gooftaan Iyyesuus fayyisaa lubbuu keenyaa goonee fudhachuudhaa (Yoh 14:6)
h) Biyyi lafaa kun Kiristaanotaaf darabaa ta’uu hubachuuu (Qol 3:2)
i) Hafuura qulqulluu fudhachuudhaan biyya lafaa kana hojiisaa, hundumaa jelaa karaa
kiristoos du’uu amanachuu (1 Yoh 2:15-17)

Warren kun karaa ittiin jijjiiramni kiristaanummaa nama keessatti eegaluudha.

Namtichi Philip Yancey jedhamu akka ibsetti : “Fedhii hafuura qulqulluu akka
nama keessatti kaka’u yoo gochuu barbaanneefi dheebuu hafuura qulqulluu yoo
jireenya namoota addunyaa kanaa keessatti uumuu yaadne , nuti adeemsa
jijjiirama hafuuraa keessa darbuun dirqama nutti ta’a jedha.(H.Er 2:1). Nama
gaarii fakkaachuu ykn namoota gaggaarrii ta’uu yaaluu qofti nun ga’u jechuudha.
Isaayaas akkas jedha; “Qajeelummaan keenya hundinuus akka moofaa
xuraa’ummaa in ta’e” jedha. (Isa 64:6). Gaarummaan keenya jijjiiramaan booda
malee osoo hin jijjiiramin hojii gaarii qofa sababa hojjenneef mootummaa

12
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Waaqaatti galla miti. Addnyaa kana irras namoota gaggaarri fi jireenya gaarii
jiraatan garuu immoo amantii kiristoositti kan hin qabne danuutu jiru.

Garuu kun attamitti ta'uu danda’a? Akkamitti hafuuraan jijjiiramna? Hafuurri


qulqullun hammam na jijjiiruuf itti gaafatamaadha? An ofiikoo jijjiiruufoo
hammamin itti gaafatanmummaa qaba? Yeroo baay’ee amantoota gidduutti falmiin
ka’u ani ayyaanaanan fayye waan ta’eef altokko fayyeera kana booda yoon cubbuu
hojjedhes rakkoo hin qabu warra jedhanidha. Kun gonkumaa hin ta’u. An akkan
barbaade Waaqayyo naaf jira waan ta’eef (Just let go let God) jechuun nu hin baasu.
Jijjiiramuu koo irratti hojjechaan jiraa? Jijjiiramuuf hojii cimanii hojjechuu, of
qabuu, fedhakoo hojjechuu fi kkf hojjechuun of jijjiiruun waan hin taanedha. Kanaaf
dubbii Waaqayyoo luqqisa armaan gadii mee haa ilaallu

1.7. Jijjiiramaaf Wanneen Barbaachisan (Contents needed for Transformation)

Luqqisiwwan armaan gaditti ibsaman akkamitti akka bartoota kristoostoosiin akka


taanu kanneen nu barsiisandha. Akkamitti akka miseensa mootummaa Waaqayyoo
karaa Yesuus nuuf kenname tokkootti jiraanna?

 Matatewoos 5-7

 Qolaasaayis 3:1-17

 Galatiyaa 5:19-24

Walumaa galatti jijjiiramneerra yoo jenne dhugaa wangeelaa labsuu fi isa dhageenye
hojiidhaan agarsiisuu qabna. Amantiin hojii malee du’aadha waan ta’eef. (Yaq 2:20)
Kristiyaana ta’uu keenya yaadaan, adeemsaan, hojiidhaan, ilaalchaan, haasaa
keenyaan, gocha keenyaan, fakkeenya gaarii ta’uudhaan, barsiisa sirrii barsiisuun,
yaadaan tokko ta’uudhaan fooniif hawwa isaa ganuudhaan agarsiisuu qabna.
Kristiyaanummaan aarsaa kaffaluudhaan wal qabata. Kristiyaanummaan amantii
miti. Kristiyaanummaan sagalicha jiraachuudha.

BOQONNAA LAMA: JIJJIIRAMA BU’UURAA KARAA WANGEELAA


Nuti marti keenya ulaagaa seerota karaa macaafa qulqulluu barreeffame
guutuudhaaf hin dandeenye. Kanaaf maal gochuu qabna? Wangeelli abdii nutti horu
13
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

qabaa? Taatee fi jijjiiramni Yaada Garaa Namaan Wal Qabata. Kiristiyaanonni


hundi garaa haaraa qabu (Yoh 3:1-10). Kutaa kana keessatti Lammaffaa dhalachuun
eessaaf eessatti ibsamee jira? (Yoh3:3, 5 wal bira qabii ilaali).

Niqodimos kaawonsilii miseensa Yihuudotaa warra biyya bulchaniiti (W.Yohaannis


3:1) kana jechuun kakuu haaraa mara isaayyuu yaadatti beeka jechuudha. Kana qofa
miti, inni barsiisaa Israa’elotaati.(Yoh 3:10) kun kan mul’isu Niqoodmoos itti
gaafatamaa namoota qo’annaa macaafa qulqulluu (tewooloojii) barataniii Israa’el
keessa jiraniiti jechuudha. Kanaaf yeroo Yesuus bishaaniif hafuura qulqulluu wal
bira qabee Niqodimoositti himu innis sababiin inni bareef sababa duraan kakuu
moofaa keessatti beekuufidha (Yoh 3:10b).

Hisq 36:25-27 bakka itti waa’een bishaaniif hafuura qulqulluu dubbii kakuu haaraaf
dubbatame dha. Eenyutu yaada kana fudhataa jira? Waa’ee lammaffaa dhalachuuf
hammam walitti hidhatee jira?

Ati jijjiiramaaf ga’ee kee haammam taphachaa jirta? Akkasumas ga’een


Waaqayyoo hoo? Waa’ee lamaaffaa dhalachuu fi kakuu jiruu macaafa qulqulluu
keessatti iddoo garaa garaatti ni dubbata. (Efe 2:1-5, Erm 31:31-34). Dubbii
Iyyesuus gara oliitti dubbatee fi kan Macaafa Ermiyaas Raajichaa kana keessatti
barreeffaame walbira qabnee ilaaluun barbaachisaadha.

Yoh 3:8. Karaa itti qilleensi bubbisu akkamitti baruu dandeessu? Yeroo Iyesuus
“Hafuurattiis kan dhalate hundinuus akkuma kana” jedhe maal argachuu barbaadeeti
? Egaa Iyyesuus Kristoosis waa’ee lammaffaa dhalachuu kanaan qabee barsiisuu
barbaadeeti. Waaqayyo garaa foonii isa haaraa sana nuuf kenneera kanaaf hafuura
qulqulluuf akka fudhannetti itti jiraachuuf nu dandeessisa jechuudha. Abboommiin
inni qulqulluun sunis lapheee keenyarratti caafameera waan ta’eef nuti
ajajamoodha.. Qilleensa qilleensa’u ijaan hin arginu gocha isaa malee akkasuma
yeroo lammaffaa dhalannus jijjiirama keessa keenyatti ta’u ilaallee bu’aa isaa adda
baafanna jechuudha. Kun egaa waadaa jijjiirama bu’uuraa damee wangeelaati.
Lamaaffaa dhalanneera yoo ta’e amalli keenya inni keessaa fi alaas jijjiirameera.
Kunis namni kamuu aboon jijjiiramuu isaa keessoo isaatii kan burquudhaani. Kanaaf
keessoon jijjiiramnaan allis, yookaan gochaan ni jijjiirama.

14
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

2.1. ITTI GAAFATAMUMMAA HIRKATAA (DEPENDENT


RESPONSIBILITY)

Kutaa wangeelaa Rom12:2 fi 2, Qor 3:18 irratti jecha ‘of jijjiiraa’ jedhu arganna.

Of jijjiiraa kan jedhu afaan Ingliziin “be transformed” kan jedhu yommuu ta’u
kun sagalee ajajaati. Guyyaa jiraannu hundumaa keessatti of jijjiiraa jiraanna.
Jijjiiramni al tokkoon hin dhufu. gSadarkaa jijjiiramaa kana keessatti amantootni
booddeetti warra deebi’aan yookaan tiratoo miti.Akkamitti kutaa kana lamaan
dhimma kanaan walqabsiiftee ilaalta? Filiph 2:12, 13 fi Qol 1:29

Akka kitaabi ‘Geggessummaa Traansfoormeeshinaalii” jedhutti jjjiirama biyya


lafaa keessatti milkaa’uu akka nuti hin danadeeenye diinota jijjiiramaa sadii lafa
kaa’eera (Kitaaba Tracy fi Dr. Peter Cheek kan naamusa gegeessaa 12 (12
Disciplines of Leadership Excellence) akka ibsetti:

2.2. Diinonota jijjiiramaa gurguddaa afran (The Four enemy of


Transformation)

1. Bakkaa mijataa barbaaduu

2. Abdii dhabuu

3. Daandii salphaa filachuu fi

4. Sodaa dha

2.2.1. Bakka Mijataa Barbaaduu

Namoonni tokko tokko bakkuma jiranitti dhiibamaatuma dhiibbaa uumuu osoo


danda’anii bakka sanatti osoo jijjiirama hin fidin keessaa ba’uun bakka ofii isaaniitti
tolu (foon isaanii gammachiisu) barbbaduu deemu. Namoonni tokko tokko immoo
bakka isaanii (taayitaa fi teessuma) gdhiisuu jibbuun teessuma isaanii
dheereffachuuf ofis jijjiiruu, namoota biros jijjiiruu hin barbaadan. Waanuma duraan
gochaa turan itti fufanii hojjechuu fialatu. Jiiijjiiramni faayidaa isaanittif oolu illee
akka dhufuu qabu utuma beekanii bakka isaanii duraan mihjatee jiru gadi lakkisuu
hin fiilatan. Akkuma addunyaatti illee Kaampaaniwwan hedduun mobaayilii fi
kaameraa oomishan bifa duraanii gadi lakkisuu jibbanii akkasitti bira darbamaniiru.

Bakka mijataa barbaaduun jireenya Kristiyaanummaa keessattihoo? Maal fakkaata?


15
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Akka dubbii macaafa qulqulluutti kanneen olitti kaa’aman kun maal nu barsiisu?

Kiristaanonni baayyeen bakka tokko qofa dhaabbachuun akkuma kaanneen biyya


lafaa sana jijjiiramni waan dhufu isaanitti fakkaata. Barumsa amantii guddachaa
adeemuun jijjiirama tokkodha. Jijjiiramni hafuuraa cimina amantii hundee gadi
fageeffachuuf gargaarudha waan ta’eef. Dubbii Waaqayyoo keessatti jijjiirama
ogummaa foonii cimaa qabu irraa gara jijjiirama hafuuraa cimaatti kan geeddarame
tokko Phaawuloos ture. Phaawuloos abbaa seeraa jalatti nama seera baratee
guddatedha. Beekaa foonii cimaa ture. Seera warra yihuudotaa nama cichee ittiin
hojjechuun uummata gidirsaa turedha. (Gal 2:20)

Deemaas jijjiirama foonii filatee gara fedhii fooniitti jijjiiramee jireenya hafuurasaa
waan moofesseef Tasaloonqee keessa bade (2Xim 4:10)

Niqoodimoos waa’een lammaffaa dhalachuu hin galleef ture. Iyyesuus jijjiirama


waa’ee hafuura qulqulluu hubachiise. Jijjiiramuudhaaf hubannaa qabaachuun
barbachisaadha. (Yoh 3:1-36)

Fariisonnii fi Saaduqoonni waa’ee jijjiiramaa hin barre turan. Seera qofaan jiraachuu
barbaadu. Keessa ba’aniiyyuu du’aa ka’uun hin jiru jedhu.

Namni tokko jijjiirameera jechuuf;

 Gooftaa Yesuusiin fayyisaa lubbuu isaa godhee amanee yoo fudhate

 Yoo ifnisaa namootaaf ifedha (Mat 5:16)

 Yoo soogidda ta’ee mi’aawedha…(Mat 5:13-16)

 Ijoollee Waaqayyoo gaafa jedhamudha (1 Yoh:3:2)

 Lolli isaa lola hafuuraa gaafa ta’edha. (Ef 6:10-13)

 Hafuura qulqulluudhaan gaafa gutamedha. (H. Er 1:8)

 Moofaa jireenya isaa duri gaafa ofirraa baasedha (Ef 4:22-24)

 Foon isaa garba biyya lafaa yoo gochuu dhiisedha. (Rom 12:1-21)

 Badi isaaf nama qalbii jijjiirate (Luq 15:7)

 Nama Waaqayyoon qoramee ilaalame (Far 66:8-12)

 Waaqayyo akka hin geeddaramne nama amanu (Raj. Milk 3:6)

16
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Dubbii Waaqayyoo keessatti (1Qor. 6:20) “Waaqayyo gatiidhaan isin bitate,


kanaaf guutummaa dhaqna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu
hojjedhaa!” jedha. Jijjiramni egaa gaafa nuti kan keenya ta’uu keenya dagannudha.
Bittaa meeshaalee biyya kanaa fakkeenya haa fudhannu, Dur durii biyya keenyattis
ta’uu biyyoota ollaatti gabaan gaafa deemamu qarshiin waan hin jirreef namni
meeshaa gabaa geessee meeshaadhaan geeddara. Waan manaa qabu geessee waan
hin qabne fudhatee gala. Waan ofii manaa hin qabneef fudhate jechuudha. Namnis
bara ulfinni namummaa hin jirre sana akka daldala garbaatti gurgurumaa ture.
Iyyesuus Kristoos qarshii soddomatti gurguramee nuun gurgurtaa daldala garbaa nu
oolche. Fannoo irratti fannimee du’ee du’a nu oolche. Daldala garbaa addnyaa
dhuunfate daldala cubbuu!!! Aangoo cubbuu nama ajjeesuu, daldala garbaa matta’aa
nyaachuu, daldala garbaa sobaan dhugaa ba’uu, dabrsanii wal kennuu, halalummaa,
hamii, jibba, hinaaffaa, weennoo fikkf nurraa cabse. Kanaaf nuti Yesuusiin
Yesuusiif Meeshaa geeddaramedha. Meeshaa mana Waaqayyoo kan hafuurri
qulqulluun itti fayyadamudhas. Meeshaa mana keessaa yoo fudhattan tokkoon
tokkoon isaanii hojii mataa mataa isaanii qabu.

Fakkeenyaaf; Jabanaan bunaa biredistii ta’uu hin danda’u, bircuqqoon bishaanii


siinii bunaa ta’ee nu hin tajaajilu. Akkaataan itti hojjetame waan ta’uu yaadameef
irratti kaayyeffateeti. Ati waan kaayyeffamteef irratti hundooftee dhalatte! Hojiin itti
bobbaatee jirtu kankeetii? Dhuguma amma wanni ati biyya lafaa keessatti hojjettee
jiraachaa jirtu nagaa gadi fagoo siif ni kennaa? Moo itti jeeqamaa hojjetta? Yeoo
ammaa kana bara faashiniin addunyaa dhuunfatedha. Kophee bareedaa brand
(maqaa, mallattoo ykn walitti dabalama isaanii meeshaalee ykn tajaajila nama
gurguru tokkoo ittiin adda baasan) ta’e tokko bitattee qarshii guddaas itti baafteetta
haa jennu. Kophee kan biraa immoo qarshii salphaan bittee qabda haa jennu. Egaa
kophee isa kamiin ammaa amma qulqullina isaa eegddaaf? Kamiin ammaa amma
qulqulleeffatta? Kamtu protokoolii kee siif eega? Kamtu hiriyaa kee keessatti ija si
guuchisa? Deebiin isaa beekamaadha. Kophee gatii guddaan bitamedha. Egaa
Waaqayyoo dhiiga isaa isa isa gati jabeessaa fi guddaadhaan nu bitate. (He is bought
us by his precieous blood). Nuti gatii dhiigaati. Wanti hamma dhiigaa gatii qabu
addunyaa kanarra hin jiru .Nuti ija Waaqayyooti. (K.D 32:10; Faar 17:8).Nuti
bareedina Waaqayyooti. Kanaaf dubbii Waaqayyoo keesatti Maat (5:3) Isin
soogidda biyya lafaati, Isin ifa biyya lafaati,…..kan jedhuuf.

17
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Garuu namoonni baay’een immoo gatii akka qaban ulfaatinni akka itti kennamee
jiru hin beekan. Madaallii biyya lafaa keessatti hojii tokkoof ulfaatinni itti kennama.
Hojii sana yoo raawwanne gatii hammamii akka fudhannu ni beekama jechuudha.
Ulfaatina guddaatu nutty kenname. Yeroo hundumaa gatii nutti ba’ee fi gatii ofii
qabnu wal bira qabnee ilaaluu irratti rakkoo mataa keenyaa qabaachuu dandeenya.
Waaqayyo na dagateera jenna. Ani nama namaan gadiitti jenna. Hundaan gadi ani
jenna. Nama fooniitiin of madaalla, amma garu yeroo akka nama fooniitti yaadnu
osoo hin taane hafuuraan waan hundumaa yeroo itti hubataa deemnu ta’uu qaba.

2.2.2. Abdii Dhabuu (Hopelessness)

Abdii dhabuun cubbuu isa guddaadha. Waaqayyo akka abdii keenya ta’e ganuu
jechuudha. Namni abdii hin qabne jireenya bushaa’aa kan bifa hin qabne jireenya
dadhabaa of booda ilaaluu fi komeen guute jiraata. Namni abdii qabummoo kan bor
lafa itti galu kan bira ga’uuf male of duraa qabu akka bira ga’us amantaa qabu, kan
haalli ammaa xumura otoo hin taane carraa jalqabaa haaraa ta’uu isaa beeku,
jireenya hamilee fi abdiin guute jiraata. Gaaffiin “Ammuma yoo of fudhanne maliif
jireenya hawaasa keessatti dhalanneef maatii keenya dhiisnee lafa hamma kana
kunnee biyya hambaa jiraanna?” yoo jenne tokkoon tokkoon keenya kanaaf deebii
mataa keenyaa qabna. Abdii jireenyaa, mullata keenya galmaan geessifachuuf
guddinaa fi birmaduu barbaacha as dhufne jechuun ni danda’ama. Garuu immoo
hawaasa keenya keessa jiraannu yoo fudhanne Abdii keenya gara booddeetti kan
gototudha. Kaan keenya abdii keenya suuta suutaan dadhabsiifneerra. Kaan keenya
abdiin keenya ammayyuu saafila. Kaan keenya jireenya gaabbii keessa galleerra.
Kaan keenya immoo qilleensa jabaa abdii keenyatti bubbisee nurkaa gatuu barbaadu
of irraa faccisaa abdii kutachuu garasitti mul’ata keenya ilaalaa warraaqna. Macaafni
qulqulluun waa’ee abdii, abdii dhabuu fi jireenya namoota abdii dhabanii iddoo
hedduutti kaasee waa hedduu nu barsiisa. Ibir 6:19 “Akka qofoon sibiilaa markaba
qabee dhaabu, nuyis abdii amanamummaadhaa fi cimaa lubbuu qabaatee
dhaabbatu qabna.” Jedha. Ati Obboleessakoo (obboleettii) har’a maalirra jirta?
Abdiin kee maalirra kaa’amee jira? Konkolaataa, gamoo, mana, firootakee ykn
Sadarkaa barnootaa qabdu irra abdiikee kaa’attee jirtaa? Yoo akkas ta’eef ati karaa
sirrii irra akka hin jirre beektee abdii kee Waaqayyo qofa irra kaa’achuu qabda.

18
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

2.2.3. Daandii salphaa filachuu (Choosing the Easy Way)

Nuti yeroo baay’ee humna keenya baasnee itti dadhabnee hojjechuu irratti rakkoo
mataa keenyaa qabna. Hinumaayyuu osoo hin dadhabin qarshiis ta’e faayidaa
garaagaraa akkamiin dhabe jennee falmina. Osoo hin hojjetin hiyyumaa faarsina.
Iccitiin hiyyummaa jabaatanii hojjechuu hafuudha. Hiyyummaa caalaa addunyaa
kana irraa wanti nama jibbisiisu hin jiru. Eenyummaan keenya hojii keenyaan
beekamuu qaba. Biyya kana keessatti yeroo baay’ee sabi tokko uumamaan saba
biraa caalee waan argamu namatti fakkaata.Kun gonkumaa yaada dogongoraati.
Sabni hojjetu, sabni hojii kabaju yoomuu ni guddata. Hojiin namuma waliin
uumame waan ta’eef (S. Uum 2:5). Biyya Afriikaa jedhamtu kana keessa namoonni
yeroo baay’ee daandii qaxxaamuraan guddachuu barbaada. Hatuu, sobaan dhugaa
ba’anii qarshii argachuu, ajjeesanii qarshii argachuu, konkolaataa hatanii sooromuu,
lafa hatanii nama irraa buqqisanii mana ijaarratanii guddachuu, matta’aa
nyaachuu,abbaa taayitaa gabbaranii iddoo fooyya’aa qabachuu, qarshii nyaatanii
beekamtii namaa kennuu fi kkf hundumtuu milkaa’inaaf daandii salphaa
filachuudha. Namni dafqee dafqa isaa nyaatu yeroo ammaa kana xiqqaateera.
Yihuudaan qarshiitti Yesuusiin gurgure. Maaliif? Guddinaaf daandii salphaa
filachuu isaati. Namni jireenya isaa keessatti itti gaafatamummaa (responsibility) fi
miidhaa itti dhufu (risk taker) fudhatee qormaata keessa darbee hin guddanne inni
daandii sirrii irra hin jiru. Addunyaa kana irratti namoonni geessifatan, kan maqaan
isaanii beekame yoo ilaalle jara rakkoo hammaataa keessa darbanidha. Gatii guddaa
warra kaffalee achi ga’edha. Hinumaayyuu warra duraan maatii hiyyeessa keessaa
dhalatanidha. Dura gadi buunu malee, dura mul’ata guddinaa keewwannu malee
salphaatti guddina hawwuun hin dandaa’amu.

2.2.4. Sodaa (Fear)

Sodaan gufuu taateewwan milkaa’ina dhabuu hundumaati

Borofi sa’atiitti 90km fiiga. Qeerransi immoo sa’atiitti 50km fiiga. Haa ta’u malee
borofi yeroo baayyee harka qeerransaa maaliif bu’ee nyaatama? Yoo jenne sababa
lama qaba. 1ffaa Borofi ani qeerransaa gadi dadhabaadha jedhee of yaada. 2ffaa
Yeroo qeerransi borofa duukaa fiigu borofi irra deddeebi’uun osoo fiigee harkaa
ba’uuf yaaluu gara fuulduraa qofa ilaalee osoo fiiguu qabuu booddee isaa sababa
mimillatuuf dadhabaa deemee harka qeerransaatti of kenna. Dhalli namaas

19
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

akkasuma jechuudha. Carrawwan nuuf dhufan baayyee sababa sodaatiif of jala


dabarsinee warren itti gaafatamummaa fudhatan (risk takers) dhaaf laanna. Kanaaf
sodaa keessaa baanee dandeettii keenyatti amannee milkaa’ina bira haa geenyu!

2.3. Barbaadanii of Argachuu (Self Determination)

Jireenya addunyaa kanaa irratti jiraatamu keessaa inni guddaan itti raajeffattu yoo
jiraate namni persentii baayyee guddaa ta’e nama barbaadee of hin argannedha.
Kennaa ganamaa jechuunis isa kanaan wal qabata. Wanta maatiin ijoolledhaaf
gochuu qaban inni kan biraan akka mucaan eenyummaa mataa isaatii qabu
amanuudhaan eenyummaa isaatiin of ta’ee akka isaanii wajjin jiraatuuf
gargaaruudha. Xiyyeeffannaan dhuunfaa (Personal consideration) dhimmoota
hedduu wajjin wal tuqa. Mammaaksi inni “mucaan waan nyaatee dhugu, waan
uffatuu fi bakka rafu argannaan ni ga’a jedhu dogongoradha. Fedhiwwan bu’uuraa
kun guutamuun kan barbaachisu ta’uun isaa akkuma jirutti ta’ee, ijoolleen
xiyyeeffannaa dhuunfaa isaaniitiin akka eenyummaa isaaniitti keessumsiifamuu
qabu. Akka biyya lafaa yoo ta’eef warren adiin daa’ima isaanii ganamaan kennaa
isaanii irratti hojjechiisaa guddisu. Sirbas yoo ta’e, hojii fiilmii, akkasumas
ogummaa harkaas ta’e barumsa biyya lafaa irratti ganamaan ijoollee irratti hojjetanii
kennaa ganamaa isaanii adda baasuuf. Kennaa ganamaa yeroo jennu garuu
Waaqayyo hafuura sirbaa fi hafuura biyya lafaa nu keessa kaa’e miti. Addunyaa
kana irraa namoonni bebbeekamoo hammi ta’e barbaadanii of argataniiru.
Fakkeenyaaf Biilii Graam fi Benihiin lallaboo fi raajii beekamoo kiruuseedii irratti
Waaqayyo raajii gurguddaa ittiin hojjetudha. Dr. Maayels Manroo Barreessaa,
gorsaa fi lallabaa beekamaa addunyaa kanaa ture. Pastor Chris Oyakihiloom
akkasuma raajii fi lallabaa beekamaadha. Hedduun keenya barbaadanee of argachuu
irratti ammallee hojii guddaatu nu irraa eegama. Wangeela keessatti namoonni
bakka isaaniif hin malle dhaabbatan hedduu turan. Fakkeenyaaf Simoon Pheexroos
fi Indiriyas qarqara galaanaatti qurxummii qabu turan. Qurxummii qabuun hojii
isaanii isa xumuraa hin taane (Mat 4:19). Qurxummii qabuu qoftis milkaa’ana
isaaniif ga’aa hin turre. Hojii keenyatti Yesuusiin ida’annee yoo deemne milkaa’ina
hafuuraa fi foonii arganna. Har’as namoonni hedduun Yesuusiin jireenya isaaniitti
osoo hin dabalatin qofaa isaanii fiiguun milkaa’ina malee hafu. Iyyesuus gaafa gara
isaanii dhaqe kennaa isaanii barbaadanii akka argatan godheef. Iyyesuus dhaqee
hojii itti jijjiire. “Isin kana booda nama kan walitti qabdan in taatu”
20
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

jedheen. Kun xuqaa barbaachisaadha. Bakka oolmaa keenyaa isa ganamaa barree
itti hojjechuu irratti hedduun keenya of ilaaluu qabna. Dubbiin Waaqayyoo hafuurri
tokko kennaan garaagara jedha (1Qor 12:4). Waldaa Kiristiyaanaa amma jirtu
keessatti miseensota waldaa yeroo ilaallu kennaa waliitti hinaafuutu jira. Kennaan
koo kan hiriyaa kootii ta’uu dhiisuu danda’a. An kankoo adda baafachuuf hafuura
qulqulluu waliin haasa’uun qaba. Akkuma dubbichi haffuurri qulqulluun
barsiisaadha jedhu kennaan keenya maal akka ta’e inni nu barsiisa. Kennaan kee
lallabuudhaa? Lallabakee hanga aadunyaan sibarbaaddutti lallabi lubbuu ittiin
deebisi. Kennaan kee Seexana baasuudhaa? Kennaa kanatti guddadhu. Gorsuudhaa?
Adda baafadhu! Barsiisuudhaa? Itti jabaadhu! Kitaaba barreessuudhaa? Ittiin
guddadhu.

2.4. Jijjiiramuuf Yeroo Keenyatti Fayyadamuu (Redeem Your Time At Hand)


(Efesoon 5:16)

Qabeenyi wal qixa dhala namaatiif kenname yeroodha. Akki itti fayyadama keenyaa
garuu sababoota hedduudhaan garaagarummaa qaba. Guyyaan dhihee bari’u
tokkoon tokkoon isaa nuuf carraa qalbii jijjiirrachuu, carraa guyyichatti hojjechuu fi
carraa hiriyoota keenya gadadoo keessa jiran itti gargaaruu fudhatee dhufa.
Akkasumaan sababa malee dhihee hin bari’u. Humni jijjiiramaa yeroo keenya osoo
hin dabarsin itti hojjechuu keessa jira.

2.5. Wantoota Jijjiirama Hubaa 9Miidhaa) Jiran

Efe 5:16 irratti …"guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif"… jedha.
Guyyoota kana guyyoota gadhee maaltu godhe?

Yeroo itti dubbiin kun Waaqa biraa ergame yeroo kanneen armaan gaditti
barreeffaman kun dhalatan ykn uumaman miti. Garuu Waaqayyo dursee waa
dubbata waan ta’eef guyyoonni gadheen sun kunoo bara keessa jirruttis
mul’ataniiru.

2.5.1. GUYYOOTA WARAANNI HAMMAATE

21
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Dhangala’aan addunyaa kana irraatti gatii baasanii bituun hin dandamne dhiiga qofa.
Akkuma beekamu dhiigi dhala namaa gartuu 4 qaba. Dhalli namaa kamiyyuu gartee
dhiiga 4 keessaa dirqama garee isa tokkooti. Kanaaf egaa sanyii kankootu caala
jennee sanyii biraa tuffachuu kan hin dandeenyef. Maatii tokko keessatti iyyuu garee
dhiigaa afran argachuu dandeenya erga ta’ee akkamitti wal qoqqooddaan sanyii
dhufe yoo jenne gaaffii deebii hin arganne ta’uutti deema. Bilisummaa amantiif
dhiigi isaanii kan dhangala’e dhiiga gatii jabduuti. Pheexroos bilisummaa amantiif
gadi fannifamee dhiigee du’e. Isxifaanos dhagaadhaan rukutamee dhiigee du’e.
Yesuus sababa cubbuu keenyaaf fannifamee dhiigee du’e. Humni dhiigaa
bilisummaadha. Humni dhiigaa keenyuan diinummaa diiga. Dhiigichi sanyii dhala
namaa kamiiniyyuu tokko godhe. Yihuudii yookaas Giriikii wanti jedhamu hin jiru.
(Efeson 2:8). Dhugumatti jijjiiramneerra jechuuf kana amanuun dirqama nutti
ta’a.Yeroo ammaa kana akkuma beekamu biyyoonni hedduun waraana geggeessuuf
wal gaareffachaa jiru. Ameerikaan Iraanii wajjin, Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa
wajjin, Israa’eliif Iraan akkasumas biyyoonni hedduun wal waraanuuf wal
gaareffatu. Dacheen nuti irra jiraannu yeroo adda addaatitti ibidda lubbuu namaa
akka qoraanii bobeessee ajjeesu gurguddoo lamas keessummeessuun ishee ni
yaadatama. Waraanni addunyaa 1ffaan waggaa 4 fi ji’a 3 fi guyyaa 2 itti fudhate.
Qabeenyi adda waraanaa kana irratti bade doolaara biiliyoona dhibba lamaaf saddeet
(208$) (Doolaara Biiliyoona 208$:- Garrgaartota irraa doolaara 147, Humna giddu-
galeessaa irraa Doolaara61)tilmaamame.(Calculation:1913GC USD). Namoonni
tilmaamaan miiliyoona 38 (38 Million) oliitu miidhame. Waraanni addunyaa 2ffaas
namoota miliyoona 80 olii miidhee badii doolaara triiliyoona tokko ($1Trillion) oli
hubeera. (Calculation: 1945GC USD). Garuu kun marti fedha Waaqayyoo turee?
Lakki fedha Waaqayyoo hinturre. Akka biyya keenya Itiyoophiyaattis yoo ilaalle
yeroo ammaa kana lolli keessaa bakka hedduutti geggeeffamaa jira. Lubbuun
namoota kumaatamaa darbeera. Balaa nam tolchee kanaan daa’imman kichuu fi
dubartootni akkasumas hiyyeessonni nyaata dhabuun dhuman lakkoofsaan hedduu
dha. Dhiigi dhangala’aa jiru fi reeffi bakkeetti bineensi nyaatu waan yeroo ammaa
biyyi keenya keessa jirtudha. Tapha siyaasaa lubbuu warra qulqullootaa galaafachaa
jiruuf Waaqayyoon haa kadhannuun dhaamsa kooti.

2.5.2. Guyyoota Beelli Hammaatedha.


22
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Sababii waraanni fi balaanuumamaa fi balaan nam tolchee addunyaa kana irratti


heddummatanii beellis heddummateera. Akka Addunyaatti namoonni miiliyoonni
dhibba lamaaf soddomii sagal (239 million people) gargaarsa namummaa barbaadaa
jiru. Akka Afrikaatti namoonni miiliyoonni dhibbi tokko (100 million people) wabii
midhaan nyaataa hin qaban. Akka Itiyoophiyaatti namoonni miiliyoonni shaniif
walakkaan (5.5 million people) wabii midhaan nyaataa hin qaban. Sababii
teknolojiin guddateef aarri konkolaataa keessaa ba’u seera uumamaa jeeqaa jira.
Bokkaan takkaa roobee hin beekne roobuu jalqabeera. Hobonboleettiin manneen
hedduu hojiin ala godhee nama bakkeetti hambiseera. Bara kana keessa abiddi
bosonaa Amerikaa Koloraadoo keessatti ka’e qabeenya doolaara miiliyoona 543
(543million dollar) tti tilmaamamu mancaaseera.
(www.rmiia.org/catastrophes_and_statistics/Wildfire.asp)

Uumama danuu fixees haala qilleensaa geeddareera. Kunis karaa biraa beela cimaa
akka fidu beekamaadha. Beelli hafuuraa immoo akkasuma rakkoo hammaataa yeroo
ammaa kanadha. Dhalooti kun wal makaadha. Beelli hafuuraa Waaqayyo irraa
galagaluudha. Dhalooti kun waan foon isaa gammachiisu filatee kan hafuura isaa
gammachiisu dhiiseera. Dhugaatii nama macheessu irratti yeroo fi kale isaa fixee,
taphoota garaa garaa waaqessuu fi yoo kilabii ta’es kan inni deggere yoo mo’ame
hamma hagabuu buluutti nama ga’utu jira. Kun Waaqa kan biraa waaqessuudha.
Beelli kun gosa lachuu (kan foonii fi kan hafuuraa) ti.

Goga Hafuuraa (Spiritual Dryness)

A) Amantiitti booddee deebi’uu (Ibr 6:4-6). Amantii irraa booddee deebi’uun


hojii altokkotti raawwatamu miti. Namarrattis hedduu hin beekamu. Of irratti hin
barre taanaan suuta suuta waan raawwatamaa deemudha. Kanaaf yeroo hundumaa
iddoo Kenya dhaabbannee jiraachuuf amantiin keenyatti jiraachuu of madaalaa
deemuun barbaachisaadha. Luqqisiin kun warreen Kristiyaanummaa irraa booddee
deebi’aniif ergaa ijoodha. “4. Warri ga’an yoo galagalan immoo, attamitti isaan
deebisuun dandaa’amree? Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqarraa
miyeeffataniiru; hafuura qulqulluuttii hirmaataniiru. 5. Gaarummaan dubbii
Waaqayyoof humni bara isa dhufuuf jiruu isaanitti dhagaa’ameera. 6. Warri
akkasii kun amantii irraa garagallaan, deebi’anii yaada garaa isaanii
geeddarachuudhaaf haareffamuu hin danda’an; isaan ofuma isaaniitii ilma
Waaqayyoo deebisanii fannisaniiru, mul’inattis isa tuffachiisaniiru.
23
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

B) Qo’annaa macaafa qulqulluu irraa fagaachuu. (2Xim 2:15)

Macaafi qulqulluun akka namaatti qooqa qabaatee nutti hin haasa’u. Nutu dubbisee
haasofsiisa. Hundeen amantii keenyaa Yesuus Kristoos haa ta’uyyuu malee
akkamitti Yesuusiin beekuu bira akka geenyu qo’annaa macaafa qulqulluun arganna.
Karaa biraa immoo warreen hin amanne (Gooftaa Iyyesuusiin fayisaa lubbuu isaanii
godhanii kan hin fudhanne) gara Yesuusiin beekuutti fiduudhaaf beekumsa macaafa
qulqulluu yoo qabaannedha.

C) Kadhannaa irraa fagaachuu (1 Tas 5:16-18, Luq 18:1, 6:12)

Kadhannaa jechuun Waaqayyoo wajjin dudubbachuu jechuudha. Tajaajila


keenya guyyaa guyyaa keessatti milkaa’inni tajaajilaa kadhannaadhaan bakka
ga’a. Kadhannaan karaa biraa seexanatti karaa cufuudha. Seexanni nama
kadhataa qoree hin danda’u. Iccitiin milkaa’ina tajaajila keenyaa kadhannaadha.
Kanaaf namni kadhannaa irraa fagaate haaluma salphaadhaan biyya lafaaf harka
kenna.

D) Soomuu

Soomiin karaa Saayinsii fi Karaa hafuuraa faayidaa mataa isaa qaba. Karaa
saayinsii yoo fudhanne namni darbee darbee soomu fayyummaa geejjiba dhiiga
isaa qaama keessatti godhamuu madaalawaa taasisuuf fayyada. Karaa hafuuraa
immoo yoo fudhanne namni fedhii foon isaatii guuttachuu dhiisuudhaan foon
isaatti hir’isuudhaan fedhii hafuura qulqulluu akka guutuuf fayyada. Soomiin
milkaa’ina tajaajila hafuura keenyaa keessatti iddoo guddaa qaba. Namni hin
soomne yeroo hundumaa foon isaa gammachiisa.

E) Waan qabnu irraa kennuu dadhabuu

Kennaan Waaqayyoon biratti xiqqoo hin qabdu. Kan kennu Waaqayyo irraa
liqeeffata jedhamee akkuma caafame Waaqayyo sababa dhabaa ta’eef kennina
miti. Yeroo bay’ee gaaffiin akkasii waan ka’uuf kan kenninuuf tajaajila guddina
mana Waaqayyoof, hiyyeessotaa fi tajaajiltoota mana Waaqayyoo ittiin
sooruudhaafidha. Namni gaafa kana gochuu dhiise manni isaa abaaramaa deema.

F) Karaa sirrii namatti fakkaatu garuu jal’aa ta’e filachuu (Fakk 14:12)

Dargaggoonni sirbaan, caatii qaamuun, sigaaraa xuuxuun, alkoolii dhuguun


waan dandeettii itti fakkaatee manca’aa jiru. Akkaataan uffannaa fi dubbannaa
24
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

isaanniillee warra adii irraa galagalchuun itti fayyadamaa jiru. Kun osoo hin
ga’in haadhaa fi abbaa isaaniif hin ajajaman. Kun waanuma dhiyeenya kana
uumamaa jirudha. Egaa gara kamitti deemaa jirra? Hundumtuu yeroo itti
dhaabbannee of ilaaluu qabnudha.

G) Fedhiin fooniif ajajamuu (Rom 8:38-39)

Foonni keenya naga’e jechuu hin beeku. Kanaaf isaaf bitamuun jireenyicha
dhabuudha. Har’a akka addunyaatti qormaata guddaa kan ta’e foon ofii
dhaggeeffachuudha. Foonni keenya immoo afaan hedduu dubbata. Akkaataa
gaaffii isaatiin waan barbaachisu guutuufiif jennee boolla meeqa qotaa oolla!!
Yoo barbaachisaa ta’emmoo isumaaf jenneeyyuu nama ajjeesuun jira. Foonni
caalamuu hin jaallatu. Foonni hinaafaadha. Kanaaf gurri keenya gara isaa
dhaggeeffachuu hin qabu. Utuma inni gaaffii hedduu nuuf dhiyeessuu didnee
bira darbuun barbaachisaadha.

B) Beela Foonii (Waan Lafarraa qofa beela’uu)

A) Qabeenya horachuunn hafuuratti milkaa’uu miti (Luq 12:15)…. “Sassata


hundumaattiis of eeggadhaa!” jedha. Qabeenyi keenya ittiin jireenya lafarraa qofaaf
kan nuuf kennamedha. Innumtuu hamma qaba. Dorgommiin addunyaa yeroo ammaa
qabeenyaan wal dorgomuu fi beekamtii horachuudha. Kun immoo jireenya
barabaraatti nu galchuu osoo hin taane keessaa nubaasa.

B) Horii (Birrii) jaallachuu (Ibr 13:5, 1 Xim 6:9-10). Akkuma dubbiin Waaqayyoo
jedhu birriin hundee wanti hamaan irraa maddudha jedha. Birriin jireenya fooniitiif
madaalawaatti akka jiraannuuf kan nuf kennamedha. Baayinni birrii du’a nu hin
oolchu, jireenya abdachiifametti nu hin galchu, Kanaaf birriin nurratti gooftaa ta’uu
irra nuti isarratti gooftaa taanee birricha hiyyeesotaa fi kanneen dhiphina keessa
jiran ittiin tajaajillee akka dabarsinu Waaqayyo nurraa barbaada.

2.5.3. Guyyoota Jibbi Hammaatedha

Kan Obboleessa isaa jibbe hamma ajjeesedha. (1Yoh 3:15). Bara jibbi hammaate
keessa jirra. Obboleessi obboleessa isaa yeroo ajjeesu keessa jirra. Abbaan ilma, ilmi
obboleettii, Obboleettiin haadha, yeroo itti ajjeesaa jirudha. Hinaaffaan Abeeliif

25
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

qaayin akkasumatti jalqabe. Hinaaffaan jibba dhala. Jibbi ajjeechaa dhala. Kan
ajjeese mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu.

2.5.4. Guyyoota Siyaasi Addunyaa Itti Hammaateedha.

Adda addummaan ilaalchaa, sanyii ofii mankaraaressuun, sanyii kootu caala


jechuun, keessumaa akka biyya keenyaatti dhiibbaan siyaasaa yeroo ammaa kana
keessa jirruu hedduu hammaataadha. Biyyoota Afrikaa muraasa keessatti gosi sanyii
adda addaa wal waraanuun sanyiin namaa kan addaan cite hedduudha. Sababa
siyaasa bor geeddaramuuf sanyiin namaa cita.

2.5.5. Guyyoota Teknooloojiin itti Babal’atee Baayyeen ittiin Badanii fi Baay’een


immoo ittiin Guddatanidha.

Teknolojiin addunyaa weeraree jiru kun waa hedduu fudhatee as ba’eera. Baayyeen
namaa teknolojii kanaan ergaa hedduu dabarfachaa jira. Teknolojiin miira foonii
namaa kakaasanii cubbuu fooniitti nama kuffisan waan addunyaan ittiin ijoollee
dargaggootaa fixaa jirudha. Gareen Illuminati jedhaman (kan ifeef jechuudha).
teknolojii kanatti fayyadamanii muuziqaadhaan dargaggoota macheessaa jiru. Ejjaa
fi ajjechaadhaan mul’achaa jiru.Baayina namota addunyaa xiqqeessinee addunyaa
hafte kana harka keenya keessa galchina jedhu. Qarshii kennanii nama
gowwoomsuun kan isaanii godhatu. Gareen kun samuu illee jabaa qabu. Warra
dandeettii qaban barbaadanii ofitti dabalatu

2.5.6. Yeroo itti Araadi Garaagaraa Nama ittiin Garboomfatedha.

Araadota garaa garaatu yeroo kana nama barateef hin baraanne macheessaa jira.
Araadi nama barateef hin baranne hin qoodu. Sanyii fi amantii hin qoodu. Araadi
kun dhugaatii qofa miti. Araadi gosooti hedduun haa jiraatan malee kan
olaantummaan mul’atu dhugaatii fi facebook fi teknoloojii garaagaraati.

2.5.7. DHUKKUBOONNI QORICHA HIN QABNE BAAY’ACHAA DHUFAN


26
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Dhukkubooti hedduun faca’anii jiran kan guutummaatti qoricha hin qabne


hedduudha. Fakkeenyaaf Kaanserii, HIV, Covid -19, Eboolaa fi kkf qoricha kan
dhaban dhukkuboota hedduutu faca’ee jira. Kun jireenya dhala namaaf
yaaddessaadha.

2.5.8. Bara Raajonni Sobduun Baballatan

Bara lallabi daldala nama dhuunfaa ta’e keessa jirra. Bara hundumtuu church
mataasaa fi hordoftoota mataasaa horachaa jiru, bara raajiinii fi rakkoon wal hin
arganne, bara fedhii namaa raajan, wangeelli rakase, bara amantiin bushaa’e keessa
jirra.

BOQONNAA SADII: GA’EE MUL’ATAA JIJJIIRAMA KEESSATTI

Mul’ata jechuun waan amma keessa jiran dhiisanii waan hin argamne fuulduratti
ijaan arguudha. Mul’ata jechuun hamma iji keenya arguu olitti fageessinee arguu
jchuudha. (Myles Munroe, 2003 G.C). Mul’ati bakka ga’uuf karoorfatan tokko
ilaalaa deemuudha. Joobirri humna sirriitti ilaalu guddaa qaba Hanga maayilii shanii
(5) tti fageessee ilaaluu danda’a. Joobirrigamtaadhaan hin balali’u. Qofaa isaa of
hoogganee deema. Humna qilleensa cimaa (hurricane) keessa galuun qilleensaan ol
fagaatee rakkina gararraatti ol ba’a. Kanaaf simbirroota hundumaa keessaa mootii
simbirrootaa jedhama. (https://www.allaboutvision.com). Humni mul’ataa humna
rakkoo furuuf nugargaaruu fi akkasumas akkamitti rakkoo akka mo’annu tooftaa
nuti uummannudha. Church nuti amma keessatti waaqessinu kun firii mul’ataati.
Mul’ati warren uumamaan ilaalcha keenya kan daangessan bira oldarbuun arga.
Hundumti keenya mul’ata garaagaraa qabaachuu dandeenya ta’a. Fakkeenyaaf
Mul’ataan “Yoo doonii hojjechuu barbaadde akka namoonni muka guuranii siif
hojjetaniif hin kadhatin, galaana kana gama yommuu ce’an wantoota baayyee
mimiidhagoo ta’an akka isaan arguuf jiran itti himii amansiisi, sana booda
markabicha siif hojjetu” Carl Jung.

Roobert Wuudriif baroota prezidaantii dhaabbata oomisha kookakollaa turetti (1923-


1955) mul’anni isaa bakka namni jiraatu hundumaatti dhugaatii kana qaqqabsiisuu
ture.Dhaabbanni dhugaatii kun dhugaatiwwan 400 oomisha. Waggaatti galii
doolaarra US biiliyoona 1.5 argata.(The Cocacolla Company, n.d). Injifannoon
hammas ga’u kun ija mul’ata Roobert ittiin ilaale sanaaf har’ammoo warri bakka
27
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

isaa bu’an mul’aticha irratti hojjechuu isaaniiti. Dubartii jaamaan tokko yommuu
deessu mucaa ofii isheetii arguu hin dandeenye deessi. Kanaafuu utuu hin argin
deessii? jedhanii yommuu gaaffii isheedhaaf dhiyeessan akkas jettee deebiste,
“Jaamummaan utuu ija qabanii mul’ata dhabuudha” jettee deebifte. Akkasuma
jijjiiramni sirriin mul’ata keessaati. Isa keessa isaa namni gaafa jiraachuu jalqabe
jijjiirama dhugaatti dhufa.

BOQONNAA AFUR: GA’EE OGUMMAA IJJIIRAMA KEESSATTI

‘Kiristoos Yesuusitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta’e; Waaqayyo


Kristoosiin ogummaa keenya nuuf godhe. 1Qor.1:30). Dubbiin kun hubannaa
guddaadhaan yoo hiikkanne barumsa hedduu of keessaa qaba.

Ogummaan hojiin agarsiisuu jechuudha. Namni jalqabatti waa’ee beekumsaa


sammuudhaa qabaata. (Knowledge is an iformation). Biyya lafaa kana irratti yeroo
baay’ee informeshiniin humna jedhma (information is power). Waldaa
Kristiyaanaa keessatti yeroo hundumaa ni barsiifama, ni lallabama, ni gorfama.
Waan walfakkaataatu irra deddeebi’ama. Kun deemee deemee yoo hojiitti hin
hiikamne ta’e gara amantaa dhabuu fi biyya lafaatti makamuu fida. Waa’ee
wangeelaa qofa sammuu keessaa qabaachuun gara of ajjeesuutti nama fiduu
danda’a. Dubbii Waaqayyoo keessatti kan dhageessantu isinitti farada malee ana
miti jedha. (Yoh 12:47). Waan dhageenye hojiitti jijjiiruun dirqama ta’a jechuudha.
fi 2ffaa irratti Hubannaan (Understanding) barbaachisaadha. (Understanding is
comprehension). Liidiyaan qalbii banamaa waan qabduuf barsiisa gooftaa
Yesuusiin dhaggeeffattee hubatte. (H.Erg 16:14). 3ffaa irratti Ogummaadha.
Ogummaan immoo hojiirra oolchuudha. (Wisdom is application). Ogummaan
keenya Kristoosidha jechuuf Yesuus eenyu ykn jireenya akkamii jiraachaa akka
ture, jireenya isaa irraa maal akka barannu Wangeelota arfan keessatti lafa
kaa’ameera. Kan dhaga’an sagalee Waaqayyooti. Hubachuun yoo
dhaggeeffannedha. Ogummaan isa hubanne hoojiirra oolchuudha.

28
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

K
Sagalee (The Word of God) n
Waaqayyo ni w
dubbata o
l
e
d
g
Dhaggeeffachuu (Listenig the Word)
Waaqayyo e
Namatti
dubbata

Hubachuu (Understanding is comprehension


Qalbii
dhaggeeffatu
qabaachuu

Ogummaa (Wisdom is
application)

Jireenya Yesuus jiraachaa ture kanaa gaditti hamma tokko haa ilaallu;

1. Jireenyi Kristoos gidiraa keessatti obsaan guutuudha.

2. Gad jechuu hanga miilla bartootaa dhiquutti ga’eera.

3. Jireenyi isaa rakkina dura kadhachuudhaan guutuudha.

4. Raajii yeroo hojjetu of hin mul’isu

5. Hinaaffaa mana qulqullummaa qaba.

6. Dhoksaa mootummaa Waaqayyoo fakkeenyaan barsiisa.

7. Ofitti amanamummaa qaba.

8. Waa’ee mootummaa Waaqayyoo qofa lallaba, barsiisa.

9. Gaarraamiidha, oo’a qabeessa.

10. Mul’ata jireenyaa isa fuulduraa dubbata.

11. Waan raawwatamu qofa dubbata


29
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

12. Yeroo isaa akkasumaan hin balleessu

13. Rukuttaa (dha’icha) isa irra ga’eef warra rukutaniif Waaqayyoon araara kadhateef

14. Yesuusiin jaallachuun itti gaafatamummaa lubbuu fudhachuu akka ta’e barsiise
(jaalalli tolaa hin jiru)

Ogummaan keenya har’a yoo ilaalamu egaa kanneen armaan olii keessatti ilaalamuu
qaba. Barumsaan guddannee, dandeettii dhuunfaatiin guddannee, teknooloojiin
guddannee ani ogummaan qaba yoo jenne Waaqayyo ogummaa akkasii lafatti akka
dabalee fi ogummaa biyya lafaa keessaa hamminni akka argamuu, ogummaan
lafarraa kunis lubbuu baraaruu osoo hin ta’in lubbuu balleessuutti akka nama oofu
wangeela keessatti barreeffameera. Ogummaan humna hafuurari qulqulluun ittiin nu
keessatti hojjetudha. Ogummaan hafuura qulqulluu of keessaa hin qabne ogummaa
dhugaa miti.

BOQONNAA SHAN: EENYUMMAA KIRISTIYAANA TOKKOO

Eenyummaa jechuun maal jechuudha? Eenyummaan namni tokko nama biraa irraa
dandeettii, amala, beekumsa, sanyii fi kennaa keessa isaa jiruun kan nama biraa irraa
addaan isa baasu jechuudha.

5.1. EENMMAA ISA BAKKEE

Daandii xiyyaaraas ta’e kan konkolaataa akkasumas hoteela buluudhaaf waraqaa


eenyummaa gaafatamna. Kun egaa jiraataa taanee hawaasa murtaa’aa keessa hamma
jiraanutti jiraataa seera qabeessummaa keenyaa kan mirkaneessu waraqaa
eenyummaati. Namni maqaa, bifa, furdina,qallina dheerina, gabaabina fi kktaniin
nama biraa irraa addaan ba’a.

5.2. EENYUMMAA ISA KEESSAA

Namni kan madaalamu eenyummaa namaa isa sirrii kan keessa namaatii madduun
(Efe 1:3-14, 1Sam 16:7) isaanis; (warra qulqullaa’an, mudaa kan hin qabne, ilmaan
Waaqayyoo warra ta’an, warra furman, warra dhiifamuu cubbuu argatan, warra
fo’aman, qabdii hafuura qulqulluu warra fudhatan). Maqaa gaarii, bareedinni,
30
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

qallinii fi kkf immoo kan bakkeen mul’atudha. (Mat 23:27). Jijjiiramni bu’uuraaf
kan barbaachisu eenyummaa namaa keessaa madda. Eenyummaa keessatti gaaffii
“An eenyu?” jedhu of gaafatta. Eenyummaan akkaataa ittiin Waaqayyo nu ilaaludha.
Macaafa qulqulluu keessaa eenyummaadhaan kan badhaadhe Ergaa gara Efe 1:3-14
tti jirudha. “… ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf (Efe 1:5). Efesoon
4:22-24 tti “Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, isa
kajeellaa nama gowwoomsuun manca’e of keessaa baasaa” jedha. Nuti
eenyummaa Waaqayyoo qabna (S. Uum 1:27). Akkasumas H. Erg 17:28 irratti “…
nuyi immoo sanyii isaati” jedha. Sanyummaan keenya Waaqayyodha
jechuudha. Sanyiin bakka lamatti qoodamuu danda’a. 1ffaan Sanyii dhaalaa fi
2ffaan immoo Sanyii hafuuraa dha. Sanyii dhaalaa jechuun isa nuti abbaaf haadha
keenyarraa dhiigaan argannudha. Dhiiga cubbuun isa argannudha. Sanyii hafuuraa
jechuun immoo isa Yesuus dhiiga qulqulluu cubbuu hin qabne nuuf fannoo irratti
lolaasee ittiin nu bitate jechuudha. Sanyummaan keenya kan dhiiga cubbuu hin
qabneeti jechuudha.

5.3. Jireenya Akkamiitti hiikkatte?

Hiika biyyi lafaa jireenyaaf laatu akkasumas dhugaan hiikkoo jecha kana ibsu maal
akka ta’an ilaalla.

Hiika biyyi lafaa jireenyaaf kennu

Afaan ingiliziitiin “life” –The state that follows birth, and then survive, and
precedes death.” Kana jechuun turtii dhaloota boodaa, du’a duraa ykn turtii
dhalootaaf du’a gidduu jirutti hiiku. Hiika kanarraa wanti hubannu hubannoon biyyi
lafaa jireenyaaf laatu kan daangeffame ta’uu isaati.Kana jechuun jireenyi kun
daangaa dhalootaaf du’a gidduu ta’uu isaati.

Garuu dhugaan isaa kanarra baay’ee darba. Yoh 3;36 “Namni ilma Waaqayyootti
amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu
jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu irratti hafa malee.” Jireenya bara
baraa Yoh 11:25 “Du’aa ka’uun JIREENYIS ana; namni anatti amanu yoo du’e
iyyuu in jiraata.” Sagalee kana keessatti jireenyi du’a garasitti iyyuu akka jirudha.
Jireenyi namummaa fooniitiin jireenya namummaa hafuuraatiif qophaa’uudha.
Kutaa oliitti yoo deebine “ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya
hin argatu” jedha. Filannoon sadii akka hin jirredha.
31
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Mana Waqayyoo keessatti filannoo lama qofatu jira. Jireenyaa fi du’a dha.
Lamaaniifuu garuu dirqamni hin jiru, fedhii abbaati malee. Jireenyi kun garuu
ogummaa gadi fagootiin yoo hiikkatan malee osoo jiranii du’aa ta’uunis jira waan
ta’eef jireenya isa foonii ilaalaa deemna taanaan har’as karaa gadhiisaa jirra
jechuudha. Jiraatti du’uu fi du’aniiyyuu jiraachuu gidduu garaagarummaa jiru
beekuun barbaachisaadha.

6.2. Jireenya Gammachuu Qabaachuuf Maal Fa’itu Barbaachisu?

Namoonni tokko tokko gammachuu argachuuf wanneen armaan gadii jechuu


danda’u

 “yeroon gaa’ela qabadhuuf ijoollee qabaadhu gammachuu nan argadha” jedhu

 “Yeroon mana dhuunfaa kootii qabaadhu gammachuu nan qabaadha”

 “Yoon hojii kana argadhe gammachuu nan qabaadha”

 “Yoon…gammachuu nan qabaadha”…..

Wanneen armaan olii sitti dhagaa’amanii beekuu?, Galma barbaanne tokko irra
yommuu geenyu gammachuu barbaannu argachuu dandeenya ta’a, garuu
gammachuun inni dhugaan boris hamma lafarra jiraannutti nu keessaa hin banne,
yeroo rakkinni nu quunnamus keessa keenyaa baduu hin dandeenye, haala irratti kan
hin hundoofne gammachuu Yesuusii wajjin jiraachuuti.

Gammachuun Afaan Ingiliziitiin bakka lamatti hiikamuu danda’a. 1. “Happiness” fi


2. “Enjoyment” kan jennudha. Happiness kan jedhu gammachuu addunyaa kana
irratti qabaachuun argamudha. Mana viillaa, konkolaataa dhuunfaa, Hoogganaa
kaampaanii cimaa, beekamtii, barnootaa fi kkf of keessaa qaba. Wanneen kana yoo
guuttatan qofa gammachuu qabaatu, kunis gammachuu irra keessaati.

Inni lammaffaan Enjoyment kan jennu yommuu ta’u, qabaachuuf dhabuu irratti hin
hundaa’u. Gammachuun kun fayina lubbuun walqabata. Jijjiirama keessa ofiitii
ba’uu fi qabeenya ijaan hin argamne irratti hundaa’a. Gammachuu dhugaa
qabaachuun duwwaa irra dhaabbatanii gammaduudha.

BOQONNAA JAHA: JIJJIIRAMAA FI MILKAA’INA

32
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Jireenya guyyaa guyyaan jiraannu keessatti akkaataan deddeebii keenyaa namoota


gargaaruu, namootaaf garaa laafuu, namoota jaallachuu keenya hojiin agarsiisuu,
hiyyeessotaaf waan qabnu irraa kennuufii, warreen sagalee dhabaniif falmuu ykn
sagalee ta’uufii, waumaa galatti amantii keenya hojiin agarsiisuu caalaa milkaa’inni
akka hin jirre sagaleen waaqayyoo ni dubbata. Al tokko tokko jireenya guyyaa
guyyaa keessatti wanti taajjabnu yoo jiraate; isa namoonni hidhii waliif xuuxanidha.
Hidhii waliif xuuxuu (empathy) caalaatti nama gaddinuuf sana qaamaan argannee
waan qabnurraa gargaaruu (sympathy) tu hedduu caala. Kana jechuun milkaa’ina
keenya keessaa namni biraan fayyadamuu qabaachuutu irra jiraata. Walumaa galatti
namootaaf jiraachuu baruu!!! 1 Tajaajilaa Gaarii Ta’uu

“Namni tajaajilaa gaarii ta’uu hin barbaanne geggeessaa gaarii ta’uu hin danda’u.”-
Plato

Akka lakkoofsa addunyaatti bara 1970-1977 Dh. K.B keessa namni kitaabota
“Geggeessummaa tajaajiltummaa irratti hundaa’e” jedhan barreessuudhaan nu
beeksisaa ture Robert Greenleaf nama jedhamu ture. Yaadasaa kana gabaabaatti
yommuu nuuf ibsu, yaadni geggeessummaa tajaajiltummaa irratti hundaa’e
qabaachuu kunfedhii namni tokko hawaasa koo tajaajiluun qaba jedhu irraa
maddedha nuun jedha. (leadership, northouse, p. 220).Kanaafuu, lapheen
tajaajiltummaa laphee geggeessaa jijjiiramaa tokko qabaachuu qabudha.
Geggeessitoonni traansfoormeeshinaalii hundumtuu miira tajaajiltummaa qabu yoo
jenne hin dogongorru. Iyyesuus Kristoos maaliif gadi jedhee miilla bartoota isaatii
dhiqe? (Yoh 13:1-17). 1ffaa Guddaa ta’anii argamuuf dura gadi jechuun hedduu
barbaachisaa akka ta’e mul’isuufi. 2ffaa Dh. K. D Fariisonnii fi Saaduqoonni
olaantummaa mana Waaqayyoo keessatti qabaachaa turuu, fooniin of gurguddisuu,
nutu caalaa fi kkf hedduu calaqqisaa ture. Yesuus yaada kana cabsee walqixxummaa
sanyii namaa agarsiisuuf Waaqa ta’ee utuma jiruu gadi jedhee miilla bartootaa
dhiqe. Yohannis qulqulluun garuu Yesuusiin “kophee miilla isaatiiyyuu gadi jedhee
nama hiiku miti an” jedhee ture. Yesuus hammam Yohannis cuuphaa irra ulfaataa fi
kabajamaa akka ta’e mul’isuufidha. Geggeessaa jijjiiramaa yoo jennu yoo qabannaa
waldaa isaa, miseensa waldaa qaree baasuu, haadha hiyyeessaa gargaaruu, waldaan
hojii hafuuraan beekamtii akka argattu gochuu, yaada nama hundumaa kabajuu,
walqixxummaa nama hundumaa eeguu fi kkf ilaaluu yoo danda’edha. Walumaagala
geggeessaan dhiibbaa hin uumne geggeessaa jijjiiramaa miti.
33
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

6.1. Amaloota geggeessaa ‘miira tajaajilummaa qabu’ 10’n

1. Namoota dhaggeeffachuu

2. Rakkoo namootaa irraa hirmaachuu

3. Namoota wal’aanuu

4. Haalota hubachuu

5. Namoota amansiisuu

6. Kaayyoo olaanaa irratti xiyyeeffachuu

7. Fageessanii ilaaluu

8. Abbaa adaraa ta’uu

9. Guddina Miseensa waldaaf dhaabbachuu

10. Waldaa ijaaruu

Albert Ayinstayin akka jedhutti “Try not to become a man of success, but be rather
a man of value” jedha. Akka dubbii Waaqayyootti milkaa’inni maali? Nama gatii
qabu ta’uunoo? Eenyu fa’itu milkaa’ee garuu jireenyicha dhabe? Eenyu fa’itu nama
gatii guddaa baase ta’e? Milkaa’uumoo gatii qabaachuutu dursa?

Egaa milkaa’ina jechuun akka hiikkoo addunyaatti fedhii ykn kaayyoo barbaadan
tokko bakkaan ga’uu jechuudha. Kaayyoon keenya mana ijaarrachuu ta’ee yoo
ijaarranne milkoofneerra. Kaayyoon keenya konkolaataa bitachuu ta’ee bitanneerra
yoo ta’e milkoofneerra. Barumsa PhD barbaannee yoo baranneerra ta’e
milkoofneerra jechuudha.

Milkaa’inni jireenya lafarraa haawwa isaa fi fedhii foon keenyaan walqabata.


(Fulfillment of materials…materialism). Nama gatii qabu ta’uun garuu addunyaaf
hiika ykn furmaata rakkoo ta’uudha. Namni gatii qabu osoo milkaa’ina dhugaa bira
hin ga’in wanneen hojjechuu qabu akka namummaa namaa tokkotti yaaduun waan
isarraa barbaadamu yoo raawwatedha.

Addunyaan kun rakkoo addda addaan guutteetti. Yeroo ammaa kana addunyaan
nama furmaata rakkoo barbaaddi moo nama milkaa’inaa barbaaddi? Deebiin isaa
salphaatti nama furmaataa barbaaddi. Nama furmaataa ta’uun inni qabu isa hin
qabne bira dhaabbachuu, wal utubuu, tokkummaatti amanuu, jaalala gubaa waliiif

34
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

qabaachuu, keessumaa hiyyeessotaa fi warra dhugaan isaanii jallateef falmuu,


akkasumas mootummaa Waaqayyoof namoota qopheessuu of keessaa qaba. Dubbii
Waaqayyoo keessatti sooressichi sun yeroo Gooftaa Yesuusiin qoruuf gaaffii isa
gaafatetti abboommii kurnanis ta’e nama akka ofiitti jaallachuus ta’e waan
hundumaa raawwadheera jedheen!!

Yesuusiin fuulduratti guutuu godhee of ilaalee ture. Qormaata waan 100 deebisu itti
fakkaatee ture. Garuu hir’uu tokko qaba ture. Innis hiyyeessota gargaaraa hin
turre.Qarshiis ni jaallata ture. Abboommiin Yesuus gaaf tokko bartootaan jedhe sun
isa biratti hin raawwatamne ture. Innis isa “namni kootii lama qabu isa tokko
hiyyeessaaf haa kennu!” jedhu ture. Namichi Yesuusiin qoruu dhufes qormaata kana
ofumasaatiiyyuu kufee deeme. “Qabeenya kee gurgurii warra hiyyeessotaaf kenni
Waaqarratti badhaadhina in argattaa!” jedheen. Namichi garuu kana gochuuf
eyyamamaa hin taane. (Mar 10: 17-31).

Bara rakkisaa keessa jirru kana yoo fudhanne bara itti namni kophummaa baay’isu,
jaalalli obbolummaa hin jirre, bara “biizii biizii” (Yeroo qooddachuu dhiisanii
hojiitu natti baay’ate jechuu) bara maatii fi ijoolleen mana keessaa wal hin dubbisne,
bara teknolojiin nama bite, bara namni dhuunfaa kophaa fiigee injifatu, bara birriin
namummaa caale, bara malaammaltummaan dagaage…bara rakkisaa fi bara namatti
hin tolle kana keessatti uumaa keenya yaadachuun murteessaadha.

Egaa walumaa galatti yeroo itti silaa jaal’atamuu fi kabajamuu kan qabu,
Waaqayyoon ta’uu qabu, kanas immoo wal jaallachuudhaan mirkaneessuu qabnu,
namni garuu qarshii, horii fi faayidaa caalchifatee obboleessa ofii isaa gurguruu fi
jibbuudha. Isa kan Waaqayyoo egaa isnimaafan dhiisa.

Jijjiiramni dhugan gammachuu isa keessaan dhufudha erga jennee jireenyi


milkaa’ina qabu immoo kan akkamiiti? Iy 1:8 irratti “Karaankee siif in qajeela,
wanti ati gootus wal siif qixxaata.” jedha

o Solomoon ogummaatti fayyadamee hagam milkaa’ina argatee ture?

o Phaawuloos karaawwan kamfaa milkaa’inatti dhufe?

o Milkaa’inni kee akkamitti itti fufuu danda’a?

Milkaa’inni akka biyya lafaatti waan abju’atan ykn waan kaayyeffatan bira
ga’uudha. Milkaa’inni hafuuraa garuu jijjiiramuudha. Namummaa fooniin yaaduu
35
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

irraa deebi’anii wangeela keessatti of ilaaluudha. Niqodimoos fi Naatnaa’el


lammaffaa dhalatanii milkaa’ina argatan. (Yoh 1:48-50, 3:4)).

Phaawuloos altokkicha hafuurri qulqulluun itti mul’atee jireenyi isaa jijjiirame.


Hafuura qulqulluu argatee milkaa’e ergasiis booddee hin deebine. Loox biyyichaa
yommuu ba’etti sodomiif gamoraan ibidda boba’uun yommuu dhuman sodaa
Waaqayyoo waan qabuuf galagalee booddee isaa hin ilaalle. Warri galagalanii
booddee isaanii hin ilaalle warri fuuldura qofatti adeeman ni milkaa’u. Milkaa’uun
Waqqayyoon dhaga’uudha.

Simoon Pheexroos fi Yohannis yeroo qurxummii qabuutti rakkachaa turan sana


Yesuus abboomnaan dhaga’an. Akka inni itti himetti dhaga’anii fudhatanii hojiirra
oolchan. Dhaga’anii hojiirra oolchuun milkaa’ina jireenyaati.

6.2. HAFUURA QULQULLUU

Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojiirra jirudha. (Miik 3:8, Luq 1:35)

Kitaaba qulqulluu keessatti jechi ‘hafuura’jedhu jecha afaan Ibiroota ‘ruu’aah’ fi


jecha afaan Giriikii ‘piniwuumaa’ jedhamu irraa kan hiikamedha. Hafuurri
wangeela keessatti bakka garaagaraatti hiikkoo garaagaraa qabaachuu danda’a

o Hafuura namni baafatu (Anb 2:19, Mul 13:15

o Qilleensa (Uum 8:1, Yoh 3:8

o Humna jireenyaa umama jiraatoo ta’an jireenya akka qabaatan taasisuu-Iyo 34:14,
15

o Waaqayyoo fi maleekota dabalatee qaamota hafuuraa –(1 Mot 22:21, Yoh 4:24

Amaloonni haffuraa garaagarummaa qabaatanis wanti walfakkeessu garuu dhiibbaa


isaan geessisaniin arguu ni dandeenya. Hafuurri Waaqayyoo ija fooniin kan hin
argamneefi “akkuma qilleensaa kan hin argamne, harkaan kan hin qaqqabamnee fi
humna kan qabudha.” (An Expository Dictionary of New Testament Words, by W.
E. Vine). Kana malees hafuurri qulqulluun Kitaaba Qulqulluu keessatti “harka” ykn
“quba” Waaqayyoo akka ta’etti ibsama. (Faarfannaa8:3, 19:1; Luqaas11:20;
Maatewoos 12:28).

36
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

6.3. HUMNA HAFUURA QULQULLUU

Humna hafuura qulqulluu osoo hin ilaalin dura hafuurri qulqulluun eenyudhaa?

Waa’ee eenyummaa hafuura qulqulluu yaada dogoggoraa hedduutu jiru. Kaan


hafuurri qulqulluun humna hafuuraa akka ta’etti yaadu. Kaan immoo Hafuurri
qulqulluun Waaqayyo warra Kiriatoosiinhordofaniif kan kennu humna dhuunfaa
akka ta’etti hubatu. Macaafni qulqulluun waa’ee eenyummaa Hafuura Qulqulluu
maal jedhaa? Salphaatti Macaafni Qulqulluun Hafuurri Qulqulluun eenyummaa
waaqayyummaa akka qabu, sammuu mataa isaa kan qabu, miiraa fi fedha mataa isaa
kan qabu, akka ta’etti nutti hima. S. Uum 1:26 irratti ‘kottaa! Akka bifa keenyaatti,
akka fakkaattii keenyaattis nama in uumnaa!” jedha.Eenyuun waame Waaqayyo?
Deebiin isaa Hafuura qulqulluu fi Iyyesuus Kiristoosidha. Kanaaf Hafuurri
Qulqulluun qaama of danda’e tokkodha, Hafuuri Qulqulluun Waaqadha. (Mat 3:16-
17). Dhugaan Hafuuri Qulqulluun Waaqayyo ta’uu isaa caaffata qulqullaa’oo
baay’ee keessatti ifatti mul’ateera, (H. Er 5:3-4,13:2, 15:28, 16:6, Yoh 14:26, 2 Qor
1:21-22). Peexifiroos yommuu inni Anaaniyaasiin yeroo inni Hafuura Qulqulluu
maaliif akka sobe isatti himame ‘ati namoota sobde miti garuu Waaqayyoon sobde
malee’ ittiin jedhame.(H.Erg 5:3-4). Hafuura qulqulluu irratti sobuun Waaqayyo
irratti sobuu ta’uu isaatiif hima ifa ta’edha.

 Hafuurri Qulqulluun Waaqayyodha. (Faarsaa 139:7-8, 2Qor. 3:18)

 Amala hunda beeka. (1 Qorontoos 2:10-11)

 Ni yaada ni beekas (1 Qorontoos 2:10)

 Ni gadda. (Efesoon 4:30)

 Nuuf kadhata. (Roma 8:26-27)

 Akka fedhii isaatti murtoo taasisa. (1Qorontoos 12:7-11)

 Jajjabessaa fi gorsaadha (Yohannis 14:16, 26; 15:26)

6.4. FIRII HAFUURA QULQULLUU (Galaatiyaa 5:22-23)

1. Jaalala

2. Gammachuu

3. Nagaa

37
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

4. Obsa

5. Gaarummaa

6. Arjummaa

7. Amanamummaa

8. Gaarraamummaa

9. Of dhowwuudhas

Egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru!!!!

6.5. Diinota Hafuuratti akka Nuti Firii hin Godhanne Taasisan (Qolaasaayis
3:5, 8)

1. Halalummaa

2. Xuraa’ummaa

3. Kajeellaa Foonii

4. Hawwa Hamaa

5. Sassata (Waaqayyolii Tolfaman Waaqessuutti Lakkaa’ama)

6. Dheekkamsa

7. Aarii

8. Hammina

9. Maqaa Walii Balleessuu

10. Dubbii Nama Yeellaasisu Dubbachuu

11. Soba

Tarkaanfii jijjiiramaa kan gufachiisan wanneen gurguddoo armaan oliiti jechuun ni


dandaa’ama. Seerri addunyaas yoo ta’e kanneen olitti ibsaman hundumaan akka
mormudha. Kun immoo seerri maccaafa qulqulluu seera addunyaan ittiin bulaa
jirtuuf bu’uura jechuudha.

Mamni maaliif hata? Maaliif ajjeesa?, maaliif jibba? Maaliif hinaafa? Maaliif of
ajjeesa? Maaliif maraatummaatti gala? Maaliif dhugee machaa’a? Maaliif saama?
Yoo jenne namoota gaafanne hundumtuu deebii isatti fakkaate nuuf deebisuu

38
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

danda’a. Garuu dhoksaa dhugaan gaaffiwwan armaan oliitiif deebii ta’u inni
guddaan daandii dhugaa gadhiisuudha. Namni jalqaba orbiitii (sarara) dhugaa
(Waaqayyoon beekuu) irraa ce’e kamiyyuu gochawwan armaan oliitti kufuu
danda’a.

Luqqisawwan armaan gadii haa ilaallu

o Mat 4:17 “Yeroo sanaa jalqabee Yesuus, “Mootummaan Waaqaa waan


dhiyaateef Yaada Garaa Keessanii Geeddaradhaa!” jedhee labsuutti ka’e. Kan
baay’ee nama dhibu Yesuus osoo gara Waaqaatti ol hin fudhatamin iyyuu
mootummaan waaqaa dhiyaateera jedhaa ture. Lammaffaan immoo Yaada Garaa
Ofii Geeddarachuu jechuun maal jechuudha? Yaada garaa ofii geeddarachuu
jechuun geeddaramuu jechuudha. Geeddaramuun as keessatti duuka bu’ummaadha.
Lammaffaa dhalachuudha. Mootummaan Waaqayyoo dhiyaachuu kan amannu dursa
yoo geeddaramne (lammaffaa dhalannedha).

o H. Erg. 2:38 “Pheexroos immoo “Yaada garaa keessanii geeddaradhaa; cubbuun


keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesuus
Kiristoositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluutti cuuphamaa; kennaa
hafuura qulqulluus in fudhattu.”

o Kutaa Macaafaa 2 Tim 3;16 akka jedhutti “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu


geggeesaa hafuura qulqulluutiin caafame;barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf,
qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.”

o Tit 3:5 “Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta’in, akka
araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura
qulqulluutiinis nu fayyise.”

o Rom 12:1 “Ammas yaa obbolootako, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan


keessan qulqullaa’aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’utti, aarsaa
jiraatu gootanii akka isa dhiheessitan isin nan gorsa.; akkasittis hafuuraan
Waaqayyoof in sagaddu.”

o Yoh 17:17 “Dubbiinkee dhugaadha, dhugichaan isaan qulqulleessi!”

o 1 Qor. 1:2 “gara waldaa Waaqayyoo isa mandara Qoronxos jiruu gara warra
karaa Kiristoos Yesuus qulqulleeffamanii, warra iddoo garaagaraatii maqaa

39
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Ysuus Kiristoos goofta hunduma keenyaa waamamtan hundumaa wajjin,


qulqulloota ta’uudhaaf waamamaniitti kana caafuu kooti.”

o 1 John 1;9 “Cubbuu keenya yoo isatti himanne inni amanamaaf qajeelaa waan
ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.”

o 2 Tessalonq 3:5 “Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqayyo ittiin nama
jaallateetti, gara obsa Kristoos argisiiseettis haa qajeelchu!”

1 Qor 1:10 “Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii
galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka
qophooftan malee, isin gidduutti gargar ba’uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa
keenya Yesuus Kristoosiin isinan gorsa.”

7.5. BU’AA HAFUURA QULQULLUU

Kristiyaanonni hafuura qulqulluun geggeeffamu. Akkuma fedha keenyaatti jiraanna


miti. Akka qabdiitti kan qabannee jirru hafuura qulqulluudha. Karaa Kristoos
hafuura qulqulluu arganneerra. Inni gaafa ol fudhatamuf ka’e sana hafuura qulqulluu
nuuf dhiisee (bakka bu’aa isaa) deeme. Roma 5:6 “Nuyi amma illee of-dadhaboo
taanee utuu jirruu yeroon yaadame yommuu ga’etti Kiristoos warra akkuma
keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf du’e.”

Kutaa kana

Rom 12:1-2 “Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii


namummaan keessan qulqullaa’aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka
ta’utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhiheessitan isin nan gorsa; akkasittis
hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.”

Yohann 1:12-13 “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif
aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananidha. Isaan kun
Waaqayyoottii dhalatan malee, dhiigattii yookiis fedha fooniittii yookiis fedha
dhiiraattii hin dhalanne.”

Daniel 12:2 “Warra obbaafatanii garaa lafaa keessa rafan keessaas baay’een
dammaqanii, kaan jireenya bara baraaf, kaanis yeelloo jibbisiisaa barabaraaf in
ka’u.”

40
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

2 Qor 10:5 “Waanuma ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf dura dhaabatu


hundumaa diignee, YAADA NAMOOTAA KIRISTOOSIIF abboomsisuudhaaf in
boojina.”

Galatia 5:22 “Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa,
gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, gaarraamummaa dha; of
dhowwuudhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.”

Ef 4:24 “Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti,


fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!”

Gal 5:16 Ani garuu “Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin
raawwatinaa” nan jedha.

Hebr 4:12 “Dubbiin Waaqayyoo jiraataadha, humna hojjetus of keessaa qaba,


billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi
dhuka gargar in baasa, Yaadaa Fi Akeeka Garaa Namaas qoree faraduudhaaf in
danda’a.”

Yoh 13:35 “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin
bartoota koo taatan in beeku.”

Qol 3:16 “Dubbiin Kiristoos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu;
ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas. Qooqa garaa garaatiin,
faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii
Waaqayyoof faarfadhaa!”

BOQONNAA TORBA: DU’ANII KAN BIRAAF IFUU

7.1. SANYII DUUTEE BIYYEE KEESSAA BAATU

Namni jireenya isaa kennu jireenya isa booddee in argata; namni jireenya isaa
mararsiifatu garuu jireenyi isaa irraa in fudhatama. Jijjiiramni dursanii of
ajjeesuudhaan eegala. Yeroon kana jedhu of fannisuuu, bishaanitti of darbachuu,
rasaasaan of rukutuu ykn summii dhuguudhaan miti. Of ajjeesuun garuu foon ofii
qabuu, hafuura qulqulluun guutamuu foon ofii kiristoosii wajjin fannisuu jechuudha.
Iyyesuus Kristoos waa’ee of tuulummaa foonii bartootatti yeroo dubbatu “dhuguma
dhuguman isiniin jedha akka ijoollee kanaa yoo taatan malee mootummaa
Waaqayyoo dhaaluu hin dandeessan!” jedha (Maatewoos 18:3). Foonni keenya
41
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

gufuu mootummaa Waaqayyooti. Akkasuma Yesuus fakkeenyaan bartootatti waa’ee


biqiltuu yommuu dubbatu sanyiin yoo lafa keessatti du’e malee biqiltuun lafa
keessaa ol ba’uu akka hin dandeenye dubbata (Yoh. 12:24). Dura du’ee jireenya kan
biraa kenna. Dubbiin kun du’aa ka’uu wajjinis wal fakkaata. Sanyiin du’ee bifti isaa
(fooniin duuna) fi wanti lafa keessaa ba’u (du’aa ka’uun keenya) bifaanis ta’e
hammaan garagara. Sanyiin tokkotu du’ee hafa kan inni kennu garuu sanyii
hedduudha. Nutillee yoo foon keenya ajjeesne lubbuu hedduu buufachuu dandeenya.
Foonni keenya hawwii biyya lafaa, kajeellaa, jibbaa fi weennootti nu oofa. Iyyesuus
Kristoos yeroo fannoo irratti ol ba’e kaayyoon inni ol ba’eef inni guddaan foon isa
nu rakkisu kanaan ol ba’e. Foon keenya kanatu ol baasee fannootti cinqaare. Lamuu
foonni keenya gaafa Iyyesuus fannoo irratti ol ba’etu nurraa fannifame (Gara warra
Galaatiyaa 5:24). Har’a garuu foon gaafa sana fannifamee du’etu namoonni of
keessatti lubbuu itti horanii ittiiin rakkatu. Yeroo ammaa kanas addunyaan hawwii
foonii isa hamaatti dabarfamtee laatamaa jirti. Rakkoon sodomii fi gamoraa har’as
addunyaa hedduutti babal’ateera. Addunyaan dargaggoota hawwii sirbaa, fiilmii fi
fedhii saalqunnamtii daangaa hin qabneen butattee itti fayyadamaa jirti.
Dorgommiin har’a addunyaa irra jiru hundumtuu dorgommii hafuuraa osoo hin
taane dorgommii foonii qofa ta’aa jira. Raajonni sobduunis hafuura fakkeessuun
yaada fooniitiin fedhii namaa raajaa jiru. Egaa foon ofii ajjeesuun waa hedduu ofitti
hir’isaniiti. Beelaaf dheebuu, qabaachuu fi dhabuu, gidirfamuu fi ari’atamuu hedduu
ofitti qabataniiti. Gatii hedduu kaffallee garuummoo gatii humnaa olii osoo hin taane
gatii Yesuus kaffalee gaditti waan nurraa eegamu baasnee jireenya arganna.

7.2. FAKKEENYA SHAAMAA

Shaamaan waa lama irraa tolfamte. Bakkee ishee fi kirrii keessaati. Shaamaa
jechuun ofii gubatanii namaaf ibsuu jechuutti hiikam faaa. Shaamaan kirriin keessaa
bakkee shaamaa waliin waliigaltee ifa naaaf laatti. Kirriinis bakkeen shaamaas
gubachaa, hir’ataa ifa nuuf kenna. Iyyesuus bartootaan “isin ifa biyya lafaati” jedhe.
Kana jechuun egaa akkuma olitti ibsamuuf yaalame ifa tokko kennuuf waa
gubachuu qabaadha. Isin ifa biyya laffaati erga nuun jedhamee foonni keenya gadi
dhumaa hafuurri keenyammoo gabbachaa yoo deemedha. Waa lama walfaana
jaallachuun mana Waaqayyoo keessatti hin dandaa’amu. Foon keenya
gammachiisaa Waaqayyoonis gammachiisuun hin dandaa’amu. Akkuma dubbiin
Waaqayyoo jedhu Hojjetaan tokko gooftaa lamaaf ajajamuu hin danda’u kan jedhu
42
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

caafamee jira. Ibsaa elektriikii yoo fudhannes bishaannii fi taarbaayinniin wal


argatee sibiilli walitti rigamuun ifti uumama. Shaamaan tokko erga qabsiifamee
wanneen godhamuu qaban keessaa inni guddaanqilleensa guddaa jalaa dhoksuudha.
Qilleensi itti danatee jennaan shaamaan umurii hin qabdu. Akkasuma namni
addunyaaf ibsu tokko ifti isaa akka turu yoo barbaade wanneen ifa isaa balleessuu
barbaadan kan akka fedhii biyya lafaa fi hiriyaa hin taane irraa fagaachuu qaba.
Akuma beekaan tokko jedhe karaa fagoo osoo deemtuu sarewwan daandii irraa sitti
duran hundumaatti dhagaa guuraa hin deemin kan jedhu dubbatee ture. Dubbiin kun
dhugaadha. Saree daandii irra darbanii darbanii taa’uun iyyanii deemsa keenya
booddee hambisuu fi kaayyoo keenya nudagachiisuu barbaadan hundumaatti dhagaa
guurra taanaan bakka baaneef sana hin geenyu. Keessa keenyaa fi ala keenya
dhaggeeffachuu dhiifnee hafuura qulqulluu qofa yoo dhaggeeffanne bakka yaadame
sana ni geenya.

7.3. FAKKEENYA KASALAA

Kasala jechuun muka yeroo lama gubatu jechuudha. Kasalli gubataa mukaa haa ta’u
malee yeroo lammaffaa gubatee dhala namaa tajaajila. Gubannaa 2ffaa irratti dha
kan kasalli nama fayyadu. Gubannaa 2ffaan hanga daaraa ta’uutti isa deemudha.
Dhalli namaas yoo fudhanne nuti Kristiyaanonni si’a meeqa qoramnee ifa namaaf
ta’aa jirra? Dhugumatti gubannaa yeroo tokkoo qofa arginee abdii kutannamoo
yeroo lamaaf isaa ol gubannee addunyaa buufataa jirra? Warqees yoo fudhanne
abiddaan qorameeti jaallatame. Sibiillis gubateeti boci itti qaramee, morodamee
ba’ee barbaadamaa ta’a. Nuti ijoolleen mootummaa Waaqaa jedhamnee jirru
hammam qoramsa dandeenya? Inni nu dandeessisu hafuurri qulqulluun nu keessa
jira taanaan salphaadha.

7.4. Jijjiirama Nama hin Jijjiirre (Selfish Transformation)

Dubartiin Tess Christian jedhamtu tokko umuriin ishee waggaa 50 yoo ta’u, umuurii
ishee waggaa 10 irraa kaastee kolfitee hin beektu. Sababni isaa immoo fuulli ishee
akka hin suntuurreef ture, daa’ima gaafa deessu illee hin kofine. Namni foon isaa
kanaaf hamma kana of eeggannoo kennee jiraata. Fuulli ishee yoo susuntuure namni
kaan dulloomte akka ishee hin jenneef ishee gargaara ta’a. Namni uumamaan dafww
dulloomuu fi du’uu hin jaallatu. Foon qaama keenyaaf hamma kana itti dhimminee

43
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

yoo kunuunsa gooneef lubbuu keenya ishee barabaraaf immoo hammam bakka itti
kenninee kunuunsuu yaalla?

7.5. Fakkeenya Allaattii ofii Du’ee Loltuu Du’a Oolchee

Loltuu tokkotu lafa onaa aduun isaa baay’ee gubu keessa adeema. Namni kun utuma
adeemuu bishaaniifi wanti inni qabatee ba’e harkaa dhume. Ammas utuma adeemuu
dheebotees, beela’es. Erga abdii kutatee booda gaara tokko argee jala taa’uuf
murteesse. Yommuu gaara kana jala ga’u bishaan xiqqoo gadi ‘xaph xaph’ jettu
argee gammadee qodaa bishaan isaa fuudhee qeenfachuu jalqabe. Otuu kuufachaa
jiruu, allaattiin tokko huursaa dhufee harkaa rukutee dhangalaase. Ammas namni
kun qodaa sana fuudhee aarii guddaatiin bishaan kuufachuu eegale. Ammas
Allaattichi huursaa dhufee harkaa rukutee dhangalaase. Loltuun kun baay’ee waan
aareef sadaffaa irratti harka tokkoon cuuphee /Aalbee/ karaa lamaan qarame qabatee,
harka tokkoon qodaa bishaanii qabatee qeenfachuu jalqabe. Allaattichi akkuma
amala isaa harkaa rukutuuf yeroo dhufu cuuphee sanatti diramee du’e.

Loltichi gaara sana yaabee burqaa bishaanichaa ilaaluu barbaade. Yommuu gaaricha
yaabbatu wantichi burqaa bishaanii otuu hin taane, mar’ataa summii nama ajjeesu
qabu tokkotu arraba isaa gadi baasee coccophsaa ture. Loltuun kun achi dhaabbatee
waa’ee allaattichaa yaadee boo’uu jalqabe. Allaattichi du’a isa oolchee, ofii du’e
isaan du’a oolche du’uu hin qabu ture. Gadi bu’ees Allaatticha boo’ee awwaale.
Wanti hundumtuu yaada Waaqayyoon ala ta’uu hin danda’u.

Dubbii kanarraa maal barra?

1. Wanti si miidhuuf waan dhufe fakkaatu hundi simiidhuuf osoo hin ta’in kan si
fayyadus jira.

2. Iyyesuus kristoos yommuu biyya lafaa dhufe summii hadhaa’aa sana akka nuti hin
dhugne godhee ofiisaatii dhugee du’uun summii du’a bara baraa keessaa nu baafate
(Akkuma Allaattii sanaa waraanameera, summiis dhugeera)

7.6. Nama Duuti Isaa Jalaa Hatame

Yeroo tokko tajaajilaa tokkotu tajaajilaaf gara biyya fagoo deemuuf namoota kaan
waliin konkolaataa yaabee deemsa jalqaba. Deemsa erga jalqabanii booda karaa
irratti yeroon laaqanaa geenyaan, namoonni waliin deeman hunduu laaqanaaf
konkolaataa irraa bu’an. Tajaajilaan sunis akkuma warra kaanii mana nyaataa

44
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

deemuun erga nyaata nyaatee booda, kaffaluuf boorsaa qarshii isaa yeroo barbaadu
boorsaa kiisii isaa dhaba. Hatamuu isaa yeroo baru, Abbaa mana nyaataa sanaan
waan isarra ga’e itti himuun, Magaalaa jiru sana fira nama beeku waan jiruuf,
qarshii fidee akka isaaf kaffaluuf walii galani. Qarshii nyaata nyaate sana erga
kaffaleefii booda gara konkolaataa yeroo deemu konkolaataan sun edaa eegee eegee
waan irra ga’e waan hin beekneef gatee deema.

Tajaajilaan sun qarshii isaas hatamee; konkolaataanis isa gatee deemuu isaan
baayyee gadda, “Kun qorumsadha. Yaa seexanaa qaana’i. Ana yoo ta’e tajaajila
irraa hin hafu” jedhee erga abdii kutannaa keessa galeen booda konkolaataa biraa
yaabee deemsa jalqaba. Karaa irrattis konkolaataa galagalee hallayyaa guddaa
keessa galee guddaa keessa gale tokko arga. Kan konkolaataa sana keessa turan
hunduu du’aniiru. Baayyee gadduun konkolaataa irraa bu’uun konkolaataa sana
ilaaluuf gara isaa yeroo deemu, Konkolaataa jalqaba yaabee isa gatee deeme ta’uu
hubata. Baay’ee dinqisiifachuun “Edaa kan nagatee deeme waan gaariifi” jechaa
namoota sanaaf gaddaa, Waaqayyoon galateeffachaa deemsa isaa itti fufe.

Bakka tajaajila isaa ga’ee waan isaaf ta’e hundaaf torbee tokkoof achumatti
Waaqayyoon galateeffachaa fi Wangeela dhuga-bahaa ture gara mana isaatti yeroo
deebi’u, dallaa mana isaa keessatti dunkaana dhaabate arga. “maaltu uumamee?!”
jedhee isaan gaafate. Isaanis “ Si’ikaa” jedhanii. Innis”ihii akkamiin animmaa kunoo
jira” jedha. Maatiin isaa yeroo nagaa ta’uu isaa dhaga’an, amanuu dadhabanii
boo’aa dhufanii itti maraman. Gaddis gammachuutti jijjiirame. Tajaajilaan, maatiin
isaa, Ollaan isaa tasgabbaa’uun waan uumame hunda waliin odeessani. Edaa yeroo
konkolaataan sun galagalu balaan isaan isaa cimaa waan ta’eef, namoota du’an
qaamaan adda baasuun waan waan hin dandaa’amneef kiisii namoota du’anii
poolisiin sakatta’uun waraqaa eenyummaa isaanii adda baasuu yeroo eegalu,
boorsaan tajaajilaa sanaa hattuu isa du’ee keessaa arga. Poolisiinis waraqaa
eenyummaa sana ilaaluun maatii tajaajilaa sanatti gadda kana hima.

Maatiin tajaajilaa sanaas bakka awwaalcha haaraa waldaa kristiyaanaa qophaa’e


tokkotti isa awwaalu. Edaa tataajailaadha jedhamee kan awwaalame, hattuudha.
Namni hunduu yeroo kana dhaga’u ni ajaa’ibsiifatani.Mucaan tajaajilaa sanaas,
“Bakka awwaalcha haaraatti kan awwaalame hattuudha. Awwaalchakee irratti
hattuun hin awwaalamu. Haa ba’u “yeroo jettu, tajaajilaan sun immoo waan dinqii
dubbate . “Hin ta’u, hattuu sana nan jaalladha. Du’a koo kan fudhate, du’a koo kan
45
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

hate abbaa oolmaa kooti. Inni boorsaa koo hate laaqanaaf qarshii kaffalu barbaaduuf
utuu hin deemne ta’ee, konkolaataan nagatee hin deemu ture. Anis naman du’un
ture. Hin tuqinaa” isaaniin jedhe. Fedha Waaqayyoo yoo ta’e edaa duutis ni
hatamaa?

Fakkeenya kanarraa wanti nuti barannu, du’a keenya kan hatee fannoo irratti hojii
keenya nuuf hojjete Iyyesuus kristoosidha. Dhugaan jiru Kristoos mana isaa nu
keessatti ijaarratee jira garuu, nuti mana isa nukeessa jiru sana keessa jirraa isa
jedhudha? Manni dhokataan tokko keessa keenyatti ijaaramee jiraachuu isaa
hubachuun dursa barbaachisaa ta’a. Manichi immoo mana hafuura qulqulluuti.
Hundumti keenya mana ganama keessaa baanee galgala itti deebinu akka
dhuunfaattis akka maatiittis qabna. Mana keenya keessa wanneen jireenyaaf nu
barbaachisan akkaataa barbaachisummaa isaaniitti bitannee keessatti kuufanneerra.
Jarreen kuufanne kun nyaata guyyaa guyyaa foonni keenya akka hinduuneef
nufayyadan mijeeffannee akka ittiin jiraannuufidha. Akksuma immoo manni keessa
keenya jiru kan hin mullanne immoo jireenya hafuuraatiif kan tolu meeshaalee
hedduutu keessa isaa jira. Nuti garuu mana kana keessa keenyatti barbaaddannee itti
ol galuu qabnaan dhaamsa kooti. Baayyeen keenya mana keessa keenyaa kanaan ala
jiraataa jirra yoo ta’e of jijjiiruu qabna.

7.7. Kristiyaana Ta’uuf dhugaawwan bu’uuraa nu gargaaran

7.7.1. Waaqayyo si jaallata; kaaafis jirenyakeef karoora dinqisiisaa qaba.

A) “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilmasaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun
immoo isatti kan amanu HUNDINUU jireenya barabaraa akka qabaatuuf malee akka
baduuf miti!” Yoh 3:16

B) “…Ani garuu hoolotni JIREENYA haa qabaataniif irraa hafaas haa qabaataniifin
dhufe” Yoh 10;10 Namni garuu jireenya irraa hafaa kana hin shaakalu sababni isaa;

7.7.2. Namni cubbamaa fi Waaqayyo irraa kan adda ba’edha. Kanaaf jaalala
Waaqayyoo fi karoora isaa dinqisiisaa inni jireenya isaaf qabu beekuu hin
danda’u.

1. “ Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera;” Rom 3:23

2. “Beenyaan ykn gatiin nama cubbuu hojjetuu du’a. (hafuuraan Waaqayyo irraa
addaan ba’uu/ Rom 6:23

46
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Haa ta’u malee rakkina kanaaf furmaatni jira. Furmaatni isaas;

7.7.3. Iyyesuus Kristoos karaa isa tokkicha nama gara Waaqayyootti geessudha. Yoh
14:6). (Inni waa’ee keenyaaf du’eera. Karaa isaa Waaqayyoon beekuu fi kaayyoo
isaa isa din qisiisaa jireenya keenyaaf qabu shaakaluu ni dandeessa. “Waaqayyo
garuu, utuma nuti cubbamoota taanee jirruu kristoos nuu du’uu isaatiin hammam
akka nu jaallate ni agarsiisa. “Rom 3:8

7.7.4. Kristiyaana Ta’uu kee Mirkaneeffachuu

Kristiyaana ta’uu Keenya akkamiin mirkaneeffannaa? Keessumaa jaarraa 21ffaa


bara amantiin bushaa’e, bara amantiin hadhaa’e, bara amantiin rakase kana keessa
jirra. Keessumaa immoo b ara raajonni fedhii nama dhuunfaa raajan, bara raajii
sobduun danate bara tajaajilli qarshii ta’e keessa jirra. Kristiyaana sirrii ta’uu keenya
kan ittiin mirkaneeffann karaa lamadha.

 Sagalee Waaqayyoo fi

 Dhuga ba’umsa hafuurri qulqulluun keessa keenyatti himuun

7.7.4.1. Sagalee Waaqayyoo

Kristiyaana ta’uu keenya kan mirkaneessu isa miirri keenya nutti himu osoo hin
ta’in dhugaa isa abdiin sagalee Waaqayyoo nu hubachiisuuni. Kristiyaanummaan
Waaqayyoo fi amanamummaa sagalee isaa irratti kan hundeeffame amantii irra
jiraachuu gaafata.

Sagalee Waaqayoon kan mirkaneeffamanii fi amantii kristaanummaan eebbawwan


argaman;

A) Jireenya bara baraa

“Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi
bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namni ilma Waaqayyoo qabaatu
jireenyicha qaba; Namni ilma Waaqayyoo hin qabne; jireenyicha hin qabu.” 1Yoh 5:
11-13

B) Ijoollee Waaqayyoo ta’uuf aboo qabaachuu

C) “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif
kenne.” Yoh 1:12

47
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

D) Dhiifamuu cubbuu argachuu. Qol 1:14

E) Deemsa jireenya keenyaa mirkaneeffachuu

BOQONNAA 10: BARSIISOTA SOBOO

Ergaan koo raajotaa fi barsiisota soboo bara kanaa bira akka naaf ga’u nan fedha.
Akka carraa kitaaba kana dubbisuudhaanis ta’e kan dubbisanii isaanitti himan irraa
ergaa waa’ee raajotaa fi barsiisota soboo bara kanaa dhaga’anii akka daandii isaanii
sirreeffataniif mata-duree kana itti dabaleera. Haala bara har’aa kana yoo ilaalle
Kristiyaanonni barsiisa wangeela isa dhugaa dhiisanii raajii ykn mul’ata barbaacha
oliif gadi deemu. Amanttota kan jedhamanis akka warra hin amannee dinqii fi waan
bakkeen mul’atan ilaaluuf raajota barbaacha oliif gadi labu. Raajota eenyummaan
isaanii hin beekamne afeeranii waan fedha isaanii akka itti raajamu gochisiisu.
Raajonni fedha namaa raajanis heddummataniiru. Barsiisonni bara kanaas hafuura
qulqulluun osoo hin geggeeffamin wangeela hiikkoo garaagaraa itti baasuun
amantoota daandii irraa jal’isaa jiru. Raajonniii fi barsiisonni soboon korojoo isaanii
ittiin furdifachuuf fedha namaa namatti lallabu (raaju).

Waldaan Kristiyaanaa bara kanaas amantoota ishee hordofuu, guddisuu, barsiisuu,


gorsuu fi karaa sirrii irratti guddisuu ilaalchisee hanqina mataa ishee qabdi. Dhimma
kana ilaalchisee Phaawuloos jara Galaatiyaa fi Qolaasaayis waan akeekkachiise qaba
ture. (Gal. 1:6, Qol. 2:20, 1Xim 1:3). Gooftaa Yesuusis dhimma kana ilaalchisee
akeekkachiisa kennee ture (Mat. 7:15). Haala gaddisiisaadhaan amantii sobaa
namoonni hordofanii jireenya barabaraatti galuuf yaadanis jiru. Laurence J. Peter
kan jedhamu yeroo tokko akkas jedhe; “Akkuma mana gaaraajii dhaquun
konkolaataa nama hin goone, mana amanta (church) dhaquun qofti kristiyaana nama
hin taasisu” jedha.

 Namoonni baay’een bara ammaa kana barsiisota sobaa wangeelaan da’atanii


barsiisan duukaa bu’u, ykn immoo ajaja Waaqarraa kenname fudhachuu diduudhaan
yaada mataasaanii duukaa bu’u. (biblereasons.com/fake-christians/)

 Namoonni hedduun maqaa kristaanummaa fudhachuun church deemuun qofti


jireenya waaqarraatti nagalcha jechuun abdii sobaa abdatu.

48
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

 Namoonni hedduun osoo gaa’ela hin geggeeffatin wal quunnmtii saalaa gochuun
kilabii deemuun abdii jireenyaa kan hawwan jiru. Jarreen kun Kristiyaanota
sanbataa qofadha. Isaan kun waa’ee Kristoosiin dhimma hin qaban. Kana yeroo
jennu Kristiyaanonni mudaa hin qaban jechuu keenyaa? Miti. Kristiyaanonni kufuus
danda’u. Garuu guddinnii fi bilchinni jireenya namoota dhugaan deddeebi’anii
keessa jira.

 Seexanni namoota dubbii wangeelaa jallisanii lallabanii fi raajota sobaatti


fayyadamuun kristiyaanota karaa irraa kaachisuun kiyyoo qopheesseefitti galfachaa
jira. (1Mot. 22:22; H.Erg 20:28-30; 2 Qor. 11:13-15; Ef. 4:14; 2Xim. 3:4-6; Ti.
1:11’ 12; 2Phex. 2:18-19; Raj Erm. 23:13)

 Amaloota Raajota (Barsiisota) Soboo Keessaa Muraasa

1. Barsisonni Soboon Warra Nama Gammachiisuuf deemanidha (Gal. 1:10;


1Tas. 2:1-4). Isaan kun akka gurra namaatti toluuf malee lubbuu booji’anii
jireenya barabaraaf qopheessuuf hin barsiisan. Isay. 30:10 irratti “Isaan warra
ilaaltuudhaan, “Hin ilaaliinaa! “warra mul’ata arganiinis, “Wanta qajeelaa nuuf
hin arginaa, wanta nutti toluufi wanta nutti fakkaatu duwwaa nutti himaa!”
jedha. Barri keessa jirru kunis kanarraa garaagarummaa hin qabu.

2. Barsiisonni soboon waan xuraa’aa uummata Kristoositti darbatu (Ser. Lakk


16:3). Qoorahi, Daataanii fi Abiiraam, akkasumas namoonni 250 waldaa
geggeessuuf waldaa keessaa fo’aman Musee irratti ka’anii “Isin amma dubbii
baay’iftaniittu!” ittiin jedhanii irratti ka’an. 2 Qor. 10:10

3. Raajonni (Barsiisonni) soboon yaada mataa isaanii fi yada garaa isaaniitiin


socho’u (R. Erm. 14:14-15; R. Erm. 23:21,25,32, 29:31; Hisq. 13:2,6

 Raajonni bara ammaas akkuma raajota Isreaa’e bara kakuu moofaa sana
yaada mataa isaanii keessaa fuudhanii dubbachuun garaa isaanii bal’ifachaa
jiru. Amaloota raajota sobduu keessaa inni tokko dheekkamsi osoo iniinaa
jiruu biyyi nagaadha jedhu. Utuu beelli bu’aa jiruu ‘bara quufaati’ jedhu.

 Furmaanni kanaa inni sirriin garuu fayyinaaf Iyyesuus Kristoositti


amanuu qofadha.

4. Barsiisonni soboon Seera irra daddarbuu fi Wangeela waan biraa irra oolchu.

49
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Barsiisonni soboon egaa seerota macaafa qulqulluu isa guddaa irra tarkaanfatanii
fedhii foonii isa kan namaa gammachiisuuf yaada foonii raaju.

BOQONNAA 11: HAFUURATTI GUDDACHUU DARGAGGOOTAA


(YOUTH SPIRITUAL GROWTH)

Jireenya hafuuraa keessatti guddinni yeroo baay’ee akka salphaatti waan dhufu
miti; sababni isaa, guddinni hafuuraa gooftaa biraa dhufa waan ta’eef.
Guddinni hafuuraa warra Yesuusiin hordofaniif carraa fi afeerraa dha. Yeroo
baay’ee waa’ee akkamitti akka guddinni hafuuraa dhufu yaadnu, jalqabarratti
kan gara sammuu kenyaa dhufu waa’ee amala manasagadaa deemuu, kadhannaa,
wangeela dubbisuu, yeroo qofaatti qabaachuu fi deemsa geejjibaati. Wanneen
kun barbaachisoo haa ta’aniyyuu malee karaa inni sirriin jireenya keenya yaada
hafuura qulqulluun walitti hiinee deemuu nu barbaachisa. Dargaggoonni akka
biyya keenyaatti yoo ilaalle parsantaaa sossomii sadii (33%) ta’u jedhamee
tilmaamama. Kana jechuun yeroo karaa deemnu, yeroo konkolaataa keessa
teeny, yeroo mana sagadaa deemnuu fi kkf namoota arginu sadii keessaa namni
tokko dargaggeessa jechuudha. Kana irraa kan hubannu egaa biyyi keenya
humna nama oomishuutiin badhaatee jirti jechuudha. Haa ta’u malee garuu
dargaggoota kana sirnaan qabuu yoo dhiifne deebi’anii biyyaafis yaaddoo uumu.
Dargaggoonni akkuma humna oomishu ta’an, akkasumas immoo waan
barbaadan hin argatan yoo ta’e humna mancaasus ni ta’u. Kunis akkamitti ta’a
yoo jenne yeroo dargaggummaa hormooniin oomishamu kan dhiphinaa fi
gammachuu dargaggootaa to’atu hamma barbaadamuu gadi ta’uu fi hamma
barbadamuu ol ta’uun rakkoo isaan irraan ga’a waan ta’eef. Hormoniwwan
kunneen;

1. Hoormoonii Indoorfiinii jedhamu: - Dhiphina hojii fi dhukkubbii namatti


dhaga’amu keessatti hir’isuuf nu gargaara. (Primarily helps one deal with
stress and reduce feelings of pain).

50
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

2. Hoormoonii Seerootooniinii jedhamu:- Gammachuu kan namaa kennuu fi


fedhii namaa kan to’atu dha. (Serotonin Mood stabiliser – wellbeing,
happiness).

3. Hoormoonii Dooppaamiinii jedhamu: - Sirna badhaasaa sammuun keenya


nuuf kennu (yeroo waan gaarii hojjennu) keesatti nu gargaara. (Dopamine
pleasure-Motivational role in brain's reward system).

4. Hoormoonii Oksiitoosiinii kan jedhamu:- Yeroo baay’ee dubartoonni yeroo


da’an bifa marfeen kan kennamuu fi jaalalaa fi amanamummaa keessatti kan
nu fayyadudha. (Oxytocin Bonding – Love and trust). Dargaggoonni karaa
biyyaa ni barbaadamu. Karaa hawaasummaa fi baratanii biyya guddisuu
keessattis ni barbaadamu. Keessumaa humna oomishu waan ta’aniif
daldalanii qarshii argachuu fi waan haaraa uumuu keessattillee shoorri isaan
qaban olaanaadha. Kunneen hoormooniiwwan dargaggoota qofaaf kenname
osoo hin taane; Waaqayyo dhala namaa gaafa uume Hoormooniwwan
gurguddoo fi murteessoo ta’an kanneen wajjin nu uumeera. Dargaggoonni
garuu xiyyeeffannoon isaan gochuu qaban yeroo dargaggummaa
hoormooniiwwan kunneen haala dhiibbaa keessaa fi alaa irratti hundaa’uun
bay’ee ol ka’uu ykn gadi bu’uu waan dandaa’aniif of eeggannoo gochuun
barbaachisaa ta’a. Baay’ee yoo olka’an ykn baay’ee yoo gadi bu’an hanga
maraatummaatti nama geessuu danda’u waan ta’eef. Dhiibbawwan alaaf
keessaan dargaggoota quunnamuu danda’an akka armaan gadiitti kaa’uu ni
dandeenya.

1. Dhiibbaa keessaa

Dargaggoonni dhiibbaa fiduu fi dhiibbaa isaan irra ga’uunis gaaga’amuun


beekamu. Dhiibbawwwan kanneen keessaa tokko dhiibbaa karaa keessaa
isaan irra ga’udha. Dargaggoonni yaada milkaa’inaati kan isaan sammuutti
yaadan. Kanaaf waan hundumaa dogongora maleen hojjechuu barbaada
jedhu. Yeroo akka isaan yaadan ta’uufii didu dhiphinaa fi aariidhaan
guutamu. Dargaggoonni humnaa ol yaaduu, dhiphina, hirriba dhabuu, of
jibbuu, abdii kutachuu, maatii wajjin waldhabuudhaan jeeqamuu, kaayyoo
barbaadan bira ga’uu dadhabuu fi kkf keessatti dhiibbaan keessaan irra ga’uu
danda’a. Dubbii Waaqayyoo keessatti 2Qor 1:9 irratti “Akka waan firdiin

51
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

du’aa nutti faradameetti, nutti dhagaa’amee ture; garuu nuyi,


Waaqayyo isa warra du’an kaasu duwwaa malee, ofii keenya
akka hin amananneef kun ta’e” jedha. Dubbii baay’ee nama
ijaarudha!! Abdii kutachuu fi dhiphachuun ijoollee Waaqayyoo irratti aboo
akka hin qabne as irraa ilaaluun ni dandaa’ama. Dhiibbaan keessaa
dargaggoonni qaban kan yeroo baay’ee hin dubbatamnee fi garaatti qabatanii
deemanidha.

Kanaafuu yeroo dhiibbaan akkasii nurra ga’u Waaqayyo isa dukkana


keessatti argu kadhannee karaa isaa qofa furmaata argachuun bartee keenya
nuuf ta’uu qaba. 1Qor 10:13 irratti “Qoramni namatti dhufee hin beekne
isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan
gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana
keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif
in kenna.” jedha. Dubbiin waaqayyoo dhugaadha. Luqqisii kana keessatti
waaqayyo hormoniwwan olitti ibsaman fayyadamnee akka nuti qoramsa
kana dandeenyu godheera.

2. Dhiibbaa alaa: - Dhiibbaa alaa jechuun rakkowwan dargaggoota irra ga’an alaan
kan mul’atu jechuudha. Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u dhiibbaa hiriyaati.
Amala dargaggootaa adda kan godhu inni tokko gurmuudhaan deemuu isaaniiti.
Dargaggoonni umurii isaaniin walqabatee qofaa jiraachuun itti cima. Itti
dabalataan yeroon isaan keessa jiran kun yeroo iccitii walii isaanii waliin
mari’atanii fi walitti himatanidha. Dubbiin Waaqayyoo S. Ba’uu 23:2 irratti
“Wanta hamaa hojjechuudhaan tuuta duukaa hin bu’in, lafa yaa’iitti tuuta bira gortee
dhugaa hin jal’isin!” jedha. Akkasumas 1 Qor. 15:33 irratti “Hin gowwoominaa!
Hiriyaa gadheen amala gaarii in mancaasa” jedha. Dargaggoonni wangeela sagalee
Waaqayyoo addunyaa kanaan ga’uuf abdii guddaan kan itti kennamedha. Kana
hojjechuuf immoo dhiibbaa alaan isaan irra ga’u kana dandamatanii deemaa turan
gootonni wangeelaa hedduudha. Akka fakkeenyaatti yoo kaasne; Phaawuloos, Isxifaanos,
Yohaannis, Yoseef, Daani’eel, Musee, Daawwit fi kkf hedduu kaasuu dandeenya. Isaan
ibsaman kana yoo ilaalle rakkoo hedduu wangeelaaf jedhanii dabarsaniiru. Akka yeroo
ammaa kana teknolojiin, konkolaataan, daandiin fi misoomaaleen bu’uuraa bakka hin
jirretti jireenya isaanii aarsaa gochuun fiigicha isaanii milkaa’inaan xumuraniiru. M.
Lallabaa 11:9 irratti “Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa keetti gammadi! Bara

52
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

dargaggummaa keettis garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti
adeemi, wanta ijikee argu duukaas bu’i! Garuu Waaqayyo wanta kana hundumaaf
gara firdiitti akka si dhiheessu beeki!” Kutaa kana keessaa wanti ilaallu
dargaggoonni gara yaadi isaanii itti geessu (Id) deemuu fedhuu fi wanta iji isaanii
argu duukaas bu’uu fedhu. Akka beektotni jedhanitti sammuu namaa keessa
jireenya keenya keessatti murtee akka nuti dabarsinuuf kan nu gargaaran gosa
sadiitu jiru. Isaanis: - 1. Id, 2. Superego fi 3. Ego kan jedhamanidha. Id kan
jedhamu dhalli namaa gammadee akka jiraatu, waan fedhasaa duukaa akka bu’u,
akka fedhetti murtee akka fudhatuu fi gola gammachuuti. Superego kan jedhamu
immoo Id kanaan kan mormudha. Super ego’n kun akka seerri jedhutti malee akka
mataan keenya nu ajajutti deemuu hin qabnu, balaa qaba waan ta’eef jedhee Id
morma. Kanaaf immoo araarsaa kan ta’e Ego jedhama. Ego’n giddu-galeessatti
murtee kennuuf nu fayyada. Hfuurri Qulqulluun kennaa godhamee nuuf laatame
guyyaa guyyaan karaa isa sirrii (Ego) ta’e nutti agarsiisa. Kanaaf inni gorsaadha,
qajeelchaadha.

JAARSA ARAARAA AJJEESAN!


BARREESSAAN: LALISAA WAAQJIRAA
“Sagalichi” “Nama” uume
Inni tokkummaan lafa uume
Uumaa uumamaa name
Waaqaaf lafa abboome
“Sagaleen” foon ta’e
Uumaan nama ta’e
Karaa waaqaa dhufee
nama keessaa ba’e
Innii abbaa hin qabuu
abbaa foonii hin qabuu
Dhala namaa fayisuuf
waan hin taane hin qabuu
Inni abbaa hin qabuu
Ittiin waamamuuf illee

53
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Sanyii namaa mitii


Garee tokko hin fillee
Seera uumama namaa
kan dhaloota cubbuu
Cabsee dhalateera
Seera fooniif lubbuu
Cubbuu adabuuf jedhee
Karaa foonii dhufe
Maxxannee nurraa ciree
Daandii gaddaa cufee
………………………………………………………………………….
Bishaan danfee hin qabbanoofne
Dafqa dhiigaan makaa
Midhaan sanyiif olkaawwame
Yesuustu baate cubbuu isa walmakaa
Ganduma isaatti jibbamee gaafa dubbiin dhufu
Garbummaa hin furamne jara sammuun gufuu
Warruma isa beekantu daandii itti cufu
Achii jalqabe egaaa eebbi abaarsa quufuu
……………………………………………….
Dhiphina golgootaa guyyaan gaafa sani
Waaqatu achi ilaale hin qorame foonni
Seerri beektotaa kan falfalaafi falaasamaa
Guyyaa sana cabe yeroo balaafamaa
Seenaa of haaressu baraa hamma baraanii
Foonnii fi bu’aan foonii gaafas kaffalanii
Yesuusiin fuudhanii fannoot cinqaaranii
…………………………………………………
Foonni inwargame foonni in wawwaate
Cubbuun in qabame iyyees in maraatee
Qancarummaa cubbuu gadadoo fi abaarsaa
Foonni yoom namaaf hile yoom ta’e gargaarsaa
Dhala namaa nyaatee du’uuf ilkaan qaree

54
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Cubbuun foon butuchee silas nyaatee baree


Foonni utuu mormuu lubbuun keessaa ba’ee
Cubbuun maalitti qubata hundeen jalaaa du’ee
…………………………………………………….
Duuti in du’e arfiin nama hidduu
Lubbuu meeqa nyaatee garaan isaan gadduu
Seeliin duutee duutu bakki isheen badduu
………………………………………………
Waanan jedhu hin qabuu imimmaan buusuu malee
Waanan jedhus hin dhabuu injifannoon galee
Hoolaa araaraa abboomamuun beekamu
Cubbuu keenyaafis akkas kabalamu
Joonja’ee ofwallaaluu lafti ittiin maru
Dhaabachuu dadhabee dhiphatee ilkaan qaru
………………………………………………………………………………………

Arguu nan saalfadhe isarratti cubbuukoo


Guddaadha jedhee hin yaadne baayinni abaarsakoo
Hammanas jedhee hin raagne cubbuun abbootakoo
YESUUS …..YESUUS…YESUUS,,,
Ati maal balleessitee maaluma yakkikee??
Cubbuun sirranjiruu akkamiin gadditee?
Guyyaan gaafa sanaa maalumaan bariitee??
……………………………………………………………………………………
Anaafuu reef galaa dhukkubbiin caba lafee
Cubbuu ofirratti ajjeeftee anatu irraa hafee
Innichi nutti hime si’i mitii karaa?
Olii nagaa kenne nagaa isa waaraa?
Jechaa walgaafachaa golgootatti yaa’u
Dhiiga qulqullichaa jigsanii irra yaa’u
………………………………………………………………………………………
Dhukkubbii kee hin himanne ati hoolaa araaraa
Hafuurri ati laattu Foon garbummaa caalaa

55
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Ciniinnattee baattee amala cubbuu dhaalaa


Ana isa dadhabaa salphoo akka baalaa
Maalan beekan ture sammuunis wallaalaa
Dukkanaa nabaafte kee akkamittan haalaa

Gooftaa daddarbataa gaara golgootaatti


Gooftummaa isaa hin barre kunis waan hoodaati
Jirma jiidhaa ulfaatu isa baachisanii
Carraa dubbachuullee takkaa dhowwatanii
Nama gumaa godhan maqaa balleessanii
Takka ni kuffisu takka itti tufuu
Gooftaa Waaqaaf Lafaaf hin qabani safuu!!!
………………………………………………………………………………………
Gaarri inni itti hindafqine eessuma jiraree?
Jawwee na hordofu isat nabaraare
Amma akkan furame an shakkii qabaaree?
Gooftaa lamaaf bitamuun ni dandaa’amaaree?
………………………………………………………………………………………
Maayinni dhugaa dabsuun guyyaa dukkaneessuun?
Oolmaa gooftaa keenyaa akkasiin balleessuun?
Murtii hidda hin qabneen seenaa baballeessuun?
Sababa hin eegmne kuusanii barreessuun?
………………………………………………………………………………………
Biyyi lafaa edaa akkuma argaa koo jibba!
Lubbuu koo baasuuf bulee ka'ee sirba
Foon keetu dhiphate afaantu si cufame
Maal jettee dubbatta qalbiit sibutame
………………………………………………………………………………………
Imimmaan koo yaa'ee teessoo kee haaqaqqabu
Mogoleenkoo morgaankoo barakoo haa dadhabuu
Sibira naaf haa ga'u kulkullikoo lapheen
Boo'ichikoo kuni waa'ee dhugaa kee dabee
…………………………………………………..

56
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Hirribakee dhabdee isa naaf kadhattee


Gaaratti olbaatee seenaa kee hojjette
Boqonnaa naaaf laatte dhiiga kee lolaaftee *2
…………………………………………………
Kudhaama koo borii waraqaa eenyummeessaa
Jirma koo abbaakoo situ nabilisoomsaaa
Ati galaan gudunfadhedha galaa bara beelaa
Ati sanyiin ol kaa'adhedha kitaabicha seeraa
………………………………………………………………………………………
Mootiin roomaa hin beeku isas garaa nyaataa
Hunduu keessa isaatti cuubee jibbaa baataa
Tarkaanfii fudhachuuf oliigadi kaataa
………………………………………………………………………………………
Akkasitti kunoo JAARSA ARAARAA ajjeesani
Waan qabanii reebaniifis isaanoo hin beekani
Reebuu qofa miti itti tuttufanii
Itti tufuu qofa miti fannoo abaarsaatti dhiibanii olbaasani
Fannisuu qofa miti hadhooftuu obaasanii
Du'aa ka'as jedhanii garaatti hin yaadanii
Qalbii isaniitiin daran raata'aniii
Qaraani'oo golgootaatti oluma yaa'anii
Anjabaadha jechaa miiraan machaa'anii
Kitaabicha dhiigaa kitaabicha seenaa irra ijaajjanii
Hoolaa mudaa hin qabne yeelloof saaxilani
………………………………………………………………………………………
Dhiiga isaatu achitti bishaan raaree ta'e
Akka dhibaayyuutti irrangadee yaa'e
Namummaa cubbuutiif akka namaa ta'e
Ilmaa abaarsaa ta'ee fannoott rarra'e
LIQII KOOTU ANA IRRAA BA’E
………………………………………………………………………………………
Dhukkubbii keenya baatte cabdee caba lafee
Dhaqni kee hin burkutaa'e isa kamtu hafe

57
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Imimmaankee suni seenaa ta'ee hafe


Argama koo har’aaf bu’uura naaf ta’ee
………………………………………………………………………………………
Yesuus ijaaraa gamooti gamoo kan jaalalaa
Beekaa gootee dhaabdee ana isa wallaalaa
Saggoo hunda danda'u dha ati danda'aa haalaa
Naaf salphifte ba'aa koo salphateera akka baalaa
………………………………………………………………………………………
Mukatti olsibaasanii isayyuu hattuu gidduu
Si fannisanii hin dhiisnee miillakee sana hidduu
Yoom kanaan hafe sitti tufanii ijaan argaakee jibbuu
Midhaan waagii taate hunduu sirra sirbu
………………………………………………………………………………………
Dhiphinakee gaafasiin har'a imimmaaan cobsa
Jabaachuun dadhabe nadhowwata obsa
Garajabbinni namaa hamilee kee doomsa
Garuu du’atti cichuunkee ejjennoo koo cimsa
………………………………………………………………………………………

Natti gaaffii ta'a akkamittan jedhaa


Sirraa garmaamaniim akka gaafa cidhaa
Humna fixatanii si reebuu akka bofaa
Guyyattii gaafa sanaa guyyaa taate qofaa
....................................................................................................................................
Guyyaa addaan ba'uu guyyaa dukkanaa'e,
Namnuu arguuf baayyee suukannaa'ee
Fuula isaatu bade danuuu saakachaa'e
Gaafa duuti du'e, cubbuun gadi taa'e
………………………………………………………………………………………
………………
Iddoo ati duutetti yakkamaatu fayyee
Dhiigichi lola'e nufayyade baayyee
Kan na dhibu garuu kan lapheenkoo itti cabe

58
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Sijaallannaan bartootaa eessatti si biraa hafe????????


………………………………………………………………………………………
Akka fooniitti yaadnee baayyee siif gaddinee
Deebineemmoo teenyee waa tokko yaadannee
Utuummoo du'uu baattee obbaafachuu baattee
Utuu gaafa sana hirmii keenya nyaattee
Silaa garbummaan hafnaa dhaala keenyat hafaa
Bineensatu nu nyaataa ba’ee guyyaa saafaa
Dhaala argachuuf inni dhaala kennu du'uunsaa dirqama,
Utuuti du'uu baatte dhaalli eessaa,argama?
……………………………………………………………………………………
Adeemsa waggaa sadii garraf dacha buutee
Bayyee dadhabdeettaa onaa dhukkeen guute
Beelasaa dheebuusaa hundumaa dandeessee
Olfuutee lafaa kaaste kan cubbuun balleesse
Deemsikee kaleessaa cubbamaaf owwaatte
Alagaaf ormatti onneedhaan dhiyaatte
Qoqqooddaa sanyii kan bifaaf afaanii
Nu keessaa kukkuttee ilaalcha duraanii
………………………………………………………………………………………
Fannifamuun seenaa mitii seera isa bor cabuu
Keessa kootii cophxaa fannoo dhiiga qabu
Lafee kootti cophe dhiigikee kaleessaa
Qubikoo hamma dhiigutti waa’eekeen barreessaa
Ayyaanan argadhe hundattin odeessaa
Hirriba koo dhabeen ofiikoo murteessaa
Halkan rafnee bullus ganam barii kaanaa
Nagaa araarasaa baannaa maannaa ayyaanasaa nyaannaa
Maaltu nurra ga’ee qoramsa isa kam aadnaa
Maal rakkannee beeknaa yaaddoo isa kam yaadnaa
………………………………………………………………………………………
Karaan kan YOONAAS anaanoo nan baasuu
Karaan Bala’aam anaanoo nan baasuu

59
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

Karaan Deemaas suni anaaanoo nan baasuu


Karaan Saa’ol suni anaanoo nan baasuu
Sittan kooluu gala Waaqa ijaa baasu
………………………………………………………………………………………
Waadaan galaa kunoo akkan siif jiraadhu
Gooftummaa keetti akkan harka laadhu
Dudduubakoo sana yoomiyyuu hin mil’adhu
Jireenya kaleessaa har’aa bor hin jiraadhu
Siqofaafi gadjedhee kanan jilbeenfadhu

Wabii

https://membian.com/wrotds/ety mology)

Reading the bible for transformation – renewing our minds, 1st draft, Limuru, Kenya,
11 July 2009

www.BibleStudyLessons.com How Many Ways to Salvation?

Spiritual transformation bible study; 01/02/2017

The spiritual man, Volume I by Watchman Nee, 2008 E.C

Report on International Religious Freedom: Ethiopia 2019 GC.

https://membian.com/wrotds/etymology

Spiritual Transformation; Taking on the Character of Christ by Richard Peace,


October 2016

Report on International Religious Freedom: Ethiopia, Report 2019 G.C

60
Barreessaan Lalisaa Waaqjiraa (BSc, MPH)

61

You might also like