Professional Documents
Culture Documents
Qabiyyee Fuula
10. Wantoota amanaa tokkoof akkuma inni Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa
Jechi ―Qulqulluu” jedhu jecha Gi’iizii irraa kan dhufe yommuu ta‘u, hiikni isaas:
―Qulqulleessuu, ulfeessuu, ol ol qabuu, qulleessuu, seecca‘uu, adda baasuu, Waaqayyoof
kennuu, qabeenya Waaqayyoo gochuu‖ jechuu yommuu ta‘u, jecha ―Qulqullaa’e‖ jedhuuf
kallattiidhaan ―eebbifame, galateeffame, adda baafame, filame, ulfaate, muudame, bilisa, gaarii
ta‘e‖ akka jechuu ti. Kanaaf ―Macaafa Qulqulluu‖ yommuu jennu, ―adda kan ta‘e, mudaa kan
hin qabne, qulqulluu, dogoggoraa fi hammeenya hundumaa irraa kan qullaa‘e, badhaadhummaa
Waaqayyo ofii isaa, qabeenya kan ta‘e‖ malee Macaafa nama dhuunfaa kamiiyyuu ykn amantaa
(religion) kamiiyyuu kan hin taane, macaafota hafuuraa fi biyya lafaa hunda irraa adda kan ta‘e,
Macaafa tokkicha dhimma hafuuraa fi foonii kamirrattuu aangoo murteessuu kan qabu‖ jechuu
keenya dha. Kanaafuu Macaafa Qulqulluu yommuu jennu ―Macaafa filatame”, Macaafa
addaa” jechuu keenya dha.
Yaadannoo: Qubee Gi‘iizii keessatti qubee ―Se‖ gosa lamatu jira (ሠ fi ሰ). Akkaataa galma
isaaniitti yommuu fayyadamaman hiika adda addaa kennu.
Fakkeenyaaf: Qeddese (ቀደሠ) = Galateeffate jechuu yommuu ta‘u, Qeddese (ቀደሰ)‘n immoo
―Adda baase” jechuu dha.
Fakkeenyaaf: ―Qulqullaa’aa‖ yommuu jedhu isaan gidduudhaa bahaatii ―kan adda baatan
ta’aa‖ jechuu dha (2Qor 6:17).
Sababiiwwan itti Macaafni Qulqulluu “Qulqulluu” jedhames:
1. Inni kenne Waaqayyo ofii isaatii Qulqulluu ta‘uu isaa
2. Macaafota adda addaa lakkoofsa hin qabne addunyaa kanarra jiran irraa macaafa baay‘ee
baay‘ee adda ta‘e waan ta‘ee fi kkf.
1.Macaafa Waaqayyo Waaqaa ti. Namootni baay‘een akka yaadanitti mirga abbaa
qabeenyummaa Macaafa Qulqulluu kan qabu Yihudoota ykn Kiristiyaanota otoo hin ta‘iin kan
Waaqayyo ofii isaa qofa ta‘uu isaa beekuun baay‘ee baay‘ee faayidaa qaba. Kana waan ta‘eef,
namni dhuunfaa kamiyyuus ta‘e, gareen amantaa /religion/ barreeffamaan kan taa‘e sagalee
Waaqayyoo irratti mirga dabaluu ykn hir‘isuu matumaa hin qabu (Isa 34:16, Fak 30:5).
2. Macaafni Qulqulluun ofii isaa sagalee Waaqayyoo jedhee of waama (Mar 7:13, Rom 10:17)
kana jechuunis sagalee Waaqayyoo ta‘uu isaa irraa kan ka‘e, Waaqayyos qajeelaa ykn dhugaa
ta‘uu isaatiin Macaafni isaa mudaa tokko illee kan hin qabne (innerant) fi raawwatee dogoggora
kan hin qabne (Infallible) dha jechuu dha (Fak 30:5, 2Phex 1:21, Yoh 10:35, Far 19:7).
3. Macaafni jireenya bara baraaf ta‘u humni fayyisuu Waaqayyoo (Wangeelli) kan ittiin mul‘atu
Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Rom 1:16). Addunyaa kana irratti miliyoona baay‘eetiin kan
lakkaa‘aman macaafotni amantaa (religion) yoo jiraatan iyyuu, ilmaan namootaa hundaaf kan
ta‘u sagalee misiraachoo (Wangeela) ifaa fi haala hin mamsiifneen macaafni tokkichi ibse
Macaafa Qulqulluu qofaa dha.
Yaadannoo: Duraa duuba mul‘achuu qabiyyee dhugaa Wangeelaa Macaafa Qulqulluu keessatti
qofa mul‘atanii:
1. Namni hunduu cubbamaa dha, namni qajeelaan tokko illee hin jiru
2. Namni seera Waaqayyoo eegee illee qajeelaa ta‘uu hin danda‘u
3. Beenyaan cubbuu du‘a dha
4.Yesuus Kiristoos murtii/firdii/ ilmaan namaa irratti murteeffamee ture mataa isaa irratti akka
raawwatu gochuudhaan iddoo bu’ummaadhaan du‘eera.
5. Yesuus Kiristoos iddoo/bakka/ isaa akka du‘eefii fi kana irraa kan ka‘es murtii jalaa miliquu
isaa mirkaneessuuf warra du’an keessaa akka ka‘e kan amanu amantiin isaa qajeelummaatti in
lakkaa‘amaaf
6. Namni Yesuus Kiristoosiin laphee isaa guutuu jireenya dhufuuf abdii godhate wabummaa
jireenya bara baraa waan argatuuf fayyina isaa hin dhabu gara teessoo adii guddaattis hin
dhiyaatu (Gosoota murtii 5‘n kan jedhu ilaali) kan jedhu dha.
Yaadannoo: Mootii gudduttiin Ingilizii kan turte Viiktooriyaan albuuda baay‘ee xiqqoo kan
qabdu Ingiliziin akkamitti yeroo tokkotti addunyaa hunda bituu akka dandeesse yommuu
dubbattu ―Icciitii guddaan Ingilizii Macaafa Qulqulluu dha‖ jettee turte. Sababiin isaas
uummanni Ingilizii hundi afaan dhaloota isaaniitiin Macaafa Qulqulluu akka dubbisan kan
taasifame waggaa 500 har‘aa irraa eegalee madda guddaa jijjiirama yaadaa fi teekinooloojii ta‘ee
ture.
6. Dhugummaan seenaa keessa isaa jiru caalaadhumatti immoo macaafa amantaa (religion) kam
irraa adda isa taasiseera. Namootni dhuunfaa isa keessa jiran, hojiilee gurguddoo Waaqayyoo fi
kkf dhugaa waan ta‘aniif nama kamiifiyyuu qajeelfama jireenya dhugaa fi qabatamaa kennuufii
danda‘eera. Kana irra darbees, waa‘ee jireenya gara fuula duraatti dhufuufis dhugumatti
ittigaafatamummaa kennuufii danda‘eera (Yoh 3:16).
7. Macaafni tokkichi kallattiidhaan yaada Waaqayyoo namootaaf ibsuu danda‘es isa dha. Kana
guutuu kan danda‘us macaafni amantaa (religion) addunyaa kana irra tasumaa hin jiran. Dhimma
kamiyyuu irratti fedhiiwwanii fi eeyyamni Waaqayyoo kallattiidhaan kan argaman Macaafa
Qulqulluu keessatti qofaa dha.
8. Yaadni ijoo Macaafa Qulqulluu inni ol aanaan /guddaan/ (grand theme) Gooftaa Yesuus qofaa
dha. Jalqabaa hanga dhuma Macaafichaatti namummaa fi eenyummaa guddaa inni mul‘isuu
barbaade Gooftaa Yesuus Kiristoos dha. Namni macaaficha dubbisee gara Yesuus yoo dhufuu
dhaabaate, Macaafa Qulqulluu qu‘achuun isaa galmaan hin ga‘amne jechuu dha (Yoh 5:39).
9. Jalqaba addunyaa, seenaa dabarsite, amma kan dabarsite, haala jiru, seenaa addunyaa gara
fuula duraatti dhufuuf jiru, dhuma addunyaa samii fi dachee haaraa dhufuuf jirtu macaafni
mul‘isuu danda‘es Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Efe 1:9).
Macaafni Qulqulluun barreeffamee xumuramuuf yeroon itti fudhate gara waggaa 1600 in ta‘a;
kana jechuunis kutaan Macaafa Qulqulluu kanneen gara jalqabaa (Macaafota seeraa)
barreeffamuu kan jalqabaman Dh.K.D naannoo 1400 – 1500 yommuu ta‘u, kutaan Macaafa
Qulqulluu inni gara booddee (Mul‘ata Yohaannis) kan inni barreeffame immoo bara araaraa 96 –
100tti jiru gidduutti ture. Haalli kun Macaafni Qulqulluun barreeffamee xumuramuuf bara
baay‘ee baay‘ee dheeraa kan itti fudhate ta‘uun isaa macaafa tokkicha isa taasiseera.
Bara callisaa
Macaafota Kakuu Moofaa Macaafota Kakuu Haaraa
Galaatiyaa Yohaannis
A. Kakuu Moofaa
Kakuu Moofaan barreeffamuu kan jalqabe Dh.K.D 1400 – 1500tti yeroo jiru gidduutti yommuu
ta‘u, raajii fi barreessaan Kakuu Moofaa inni dhumaa immoo Miilkiyaas ture. Miilkiyaas
macaafa raajii isaa kan barreesse Dh. K.D bara 425tti yommuu ta‘u raajii Miilkiyaas booddee
Waaqayyo raajii kamiiniyyuu ergaa isaa hin fidne; macaafas hin barreessifne ture. Waan kana
ta‘eefis Miilkiyaasii hanga dhufaatii Kiristoositti waggaan dhibba afur (400) ―Bara callisaa‖
jedhamee waamama.
Barri kun raajiin Miilkiyaas macaafa Kakuu Moofaa isa dhumaa barreessee erga xumuree
booddee hanga ka‘umsa Yohaannis cuuphaatti kan ture waggoota 400 kan agarsiisu dha; bara
kana keessatti Waaqayyo nama kamiifiyyuu raajii ykn macaafa gonkumaa hin kennine. Barri
kunis yeroo ce‘umsaa Kakuu Moofaa irraa gara Kakuu Haaraattii ture.
Yaadannoo:
2. Kakuu: Jechi ―Kakuu‖ jedhu, yaada waliigaaltee jedhu kan ibsu yommuu ta‘u Afaan
Giriikiitiin Kakuu gosa lamatu jiru. Isaanis ―Suunaatikee/sunatiche/‖ innis Kakuu gosoota wal
gitan lama gidduutti raawwatu yommuu ta‘u, ―Daayaatikee/Diatiche/‖ immoo Kakuu gosoota
wal hin gitne ykn wal qixa hin taane gidduutti taasifamu dha. Haata‘u malee, Kakuuwwan
Macaafa Qulqulluu Daayaatikee dha.
C. Kakuu Haaraa
Waaqayyo Macaafa Qulqulluu yaada Isaan guutuu ta‘e kana barreessisuuf namoota 40 gad hin
taanetti fayyadameera. Macaafota tokko tokko irratti barreessitoota tokkoo ol ta‘an
hirmaataniiru.
Fakkeenyaaf:
A. Macaafa Keessa Deebii Museen yoo barreesse iyyuu, kutaa isa dhumaa kan barreesse garuu
isa miti (Keess 34: 5 - 8).
B. Daawwitiin alatti Macaafa Faarfannaa irratti kan hirmaatan: Aasaaf (73), Ilmaan Qoraahi
(84), Hemaan (88), Etaan (89), Musee (90)
C. Solomooniin alatti Macaafa Fakkeenyaa irratti kan hirmaatan: Aguur (30), Lemu‘el (31)
D. Raajii Ermiyaas irratti kan hirmaatan, Baarook (36)
Dhimma Ajaa’ibsiisaa
Namootni Waaqayyo Macaafa Qulqulluu barreessisuuf itti fayyadame hundi barootaa fi haalota
baay‘ee baay‘ee wal irraa fagaate keessa jiraachaa kan turan, akkasumas sadarkaa jireenya garaa
garaa irra kan turanii fi sadarkaa beekumsaatiinis raawwatee garaa garummaa kan qaban turan.
Ta‘us hundi isaanii sababii gaggeessaa Hafuura Qulqulluutiin oofamaa/gaggeeffamaa/
barreessaniif Macaafa Qulqulluu yaadaa fi galma gosa tokko qabu barreessuu danda‘aniiru
(2Phex 1:21).
1. Garaagarummaa Baraa
Fakkeenyaaf: Barreessaa isa jalqabaa Musee fi barreessaa isa dhumaa Yohaannis gidduu
waggaa 1600 gad kan hin taane garaagarummaan baraa ture. Wal irraa fageenya baroota dheeraa
jarreen lamaan keessa jiraatan irraa kan ka‘e garaagarummaan ilaalchaa, aadaa, siyaasaa,
amantaa (religion) fi babal‘inni teekinooloojii yoo jiraates barreeffamni isaanii inni tokko isa
kaan wajjin kan wal simatani dha.
2. Sadarkaa Jireenyaa
Namoota sadarkaa jireenyaa gad aanaa irra turanitti fayyadameera.
Fakkeenyaaf: Amos – Horii horsiisuu fi harbuu dhaabuu (Amos 7:14)
Pheexiroosii fi Yohaannis – Qurxummii qabuu kan turan (Mat 4: 18 - 22)
Namoota sadarkaa jireenyaa ol aanaa irra turanittis fayyadameera.
Biraannaa (Purchment):
Meeshaan irra guddeessatti akka waraqaatti itti fayyadaman biraannaa ture. Biraannaan gogaa
beeladaa; re‘ee, hoolaa fi kkf irraa kan hojjetamu akka waraqaatti irratti barreessuuf kan gargaaru
dha. Macaafichi barreeffama bal‘aa kan qabatu yoo ta‘e biraannaawwan walitti qabsiisanii
hodhanii fiixee fi fiixee isaa irratti marata godhamu irratti maramu. Kutaan Macaafa Qulqulluu
baay‘een isaanii kan barreeffamanis biraannaa irratti ture.
Fakkeenyaaf: Maraawwan Musee 5‘nan (Pentateuch), raajii Isaayyaas fi kkf
Egaa Macaafni Qulqulluun amma harka keenya irratti akkuma arginu bifa ammayyaawaadhaan
iddoo tokkotti osoo hin bocamiin dura tokkoon tokkoo kutaa Macaafa Qulqulluu qofa qofaan kan
maraman turan. Namni dubbisuu barbaadu kamiyyuu maraa tokko qofaa fuudhee hiikee erga
dubbisee booddee maree kaa‘uun isarra jira.
Fakkeenyaaf: Gooftaan Yesuus mana sagadaa keesstti yommuu dubbisu Luq 4:16 – 20, Ibr
10:7, 2Xim 4:13
Dengel (Papyrus):
Biqiltuun dengel akkuma biraannaa barreeffamaaf hojii irra kan oole gosa waraqaa ture. Irra
caalaatti immoo ergaawwan qabiyyee xixiqqoo qabanii fi barreeffamootni kan barreeffaman
waraqaawwan biqiltuu dengel irraa qopheeffaman irratti ture.
Jechi ―Qenoonaa‖ jedhu jecha Giriikii irraa fudhatame waan ta‘eef hiikkaan isaas bara sanatti
ulee shomboqqoo irraa hojjetamee akka meetiraatti waan tokko safaruu ykn shallaguuf kan itti
fayyadaman ture. Safartuu Macaafa Qulqulluu yommuu jennu, Macaafota 66‘n Macaafa
qulqulluu keessa jiran bara sanatti macaafota Macaafota Hafuuraa fakkaatanii jiran irraa addaan
baasuuf gaggeessitootni Waldaaa Kiristiyaanaa fi beektonni Macaafa Qulqulluu (Scholars)
ulaagaalee isaan fayyadaman jechuu dha.
Waldaan Kiristiyaanaa gosaa fi baay‘ina Macaafichaa addaan baasuuf ulaagaalee adda addaa
fayyadamteetti.
1. Hafuura Waaqayyoo (Inspiration): Macaafichi gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin
barreeffamuu isaa, qabiyyee isaatiin, cimina isaatiin, ergaa isaatiin, faayidaa isaatiin fi kkf ragaa
argachuu (2Phex 1:21).
A. Dhuga-bahumsa/ragummaa/ keessaa: Macaaficha keessatti kan argaman waa‘ee
eenyummaa macaafichaa, waa‘ee eenyummaa barreessaa, ragaawwan ibsanii fi dhuga-bahumsa
Waaqayyoo fi raajotaa barbaaduu (Kes 31:24 – 26, Iya 1:8, Abo 3:4, Er 36, Nah 8:1 – 8, Dan
9:2, Zak 7:12, ergaawwan Phaawuloos hunda, 2Phex 3:15 fi kkf).
B. Dhuga-bahunsa/ragummaa/ Alaa: Qabiyyeen barreeffama isaa, dhiibbaa fi
dandeettiin jijjiiramuu isaa, guddummaa fi gadi fageenyi qabiyyee barnoota isaa; aangoon isaa
inni hin loognee fi kkf (Hafuura Waaqayyoo isa jedhu ilaali).
2. Dhuga-bahumsa Kakuu Haaraa (Apostolicity): Macaafotni ragaadhaaf Gooftaa
Yesuusii fi ergamoonni itti fayyadamanii fi beekamtii kennamaniif hundi fudhatamummaa
argataniiru.
3. Yihudoota Biratti Fudhatamummaa Isaan Qaban: Ulaagaawwan Macaafota
Kakuu Haaraadhaaf taa‘an akkuma jiranitti ta‘anii, irra guddeessatti garuu Macaafotni Kakuu
Moofaa kan kennaman Yihudootaaf ta‘uu isaatiin Macaafota isaan fudhatan hunda fudhachuun
dirqama dha. Haata‘u malee, isaaniif Waaqayyo kallattiidhaan kan kennee fi isaan biratti
fudhatama kan qaban har‘a Macaafa Qulqulluu keenya keessa kan jiran Macaafota 39 dha.
4. Dhiibbaa Dandeettii Hafuuraa (Recognition): Dhiibbaa jireenya Hafuuraa inni
fayyadamtoota irratti fidu waan gaarii fi faayidaa inni amanaaf tajaajila guutuu/hundaa/ (foon,
hafuuraa, lubbuu) kennu (2Mot 22:8 – 23:3, Nah 8).
Waldaan Kiristiyaanaa isheen jalqaba jalqabaa Macaafota waliin makamanii turan addaan
baasuudhaan iddoo afuritti (4tti) addaan isaan qooddeetti. Isaanis:
1. Walii-galtee kan qaban (Homologoumena): Isaan kunis amma baay‘inaan Macaafa
Qulqulluu keessa kan jiran dhuunfatu.
2. Walii-galtee kan hin qabne (Antilegomena): Qabiyyee isaaniitiin Macaafota
kanneen biroo irraa adda kan ta‘an.
3. Barreeffamoota Sobaa (Pseudepigrapha): (Macaafota sobaa isa jedhu ilaali).
Baay‘inni macaafota Macaafa Qulqulluu keessa jiran 66 yommuu ta‘an tokkummaa waldaa
kiristiyaanaa Ortodooksii fi Kaatoolikiitti immoo akka kutaa Macaafa Qulqulluutti taasifamanii
kan dabalaman barreeffamoota biroo dha. Gooftaan Yesuus macaafota kana irraa gonkumaa
caqasee kan hin beekne yommuu ta‘u, waldaalee Kiristiyaanaa armaan olitti caqafaman biratti
garuu fudhatama argataniiru. Macaafotni Sobaa (Deutrocanonicals) irra guddeessatti iddoo
gurguddoo lamatti kan qoodamani dha.
1. Appookiriifaa (Apocrypha)
2. Suudooppigiraafaa (Pseudepigrapha) jedhamuudhaan beekamu.
1. Appookiriifaa (Apocrypha): Dhoksaa ykn da‘oo jechuu dha. Tariis akka kutaa Macaafa
Qulqulluutti baay‘inaan waan hin mul‘annee fi ammas garuu moggaasni isaaniif kenname
eegamanii kan jiran ta‘uu isaanii dha. Macaafotni barreeffama dhoksaa 15 kan ta‘an yommuu
ta‘u, hundi isaanii kan barreeffaman karaa gama barreessitoota Yihudootaatiin dha. Barri itti
barreeffamanis Dh.K.D 200 hanga bara araaraa 100tti yeroo jiru keessatti dha. Barreeffamootni
warri duraa /jalqabaa/(Original) afaan Ibiraayisxii, Aremaayikii fi Giriikiidhaan kan
barreeffaman yommuu ta‘an, hanga har‘aattis afaan Giriikii, Laatiinii, Itiyoophiyaa, Gibxii,
Arabaa, Sooriyaa fi Armeeniyaatiin eegamanii jiru. Macaafotichi qabiyyee isaaniitiin iddoo 6tti
qoodamu. Dh.K.D 250tti Macaafa Qulqulluu Kakuu Moofaa gara Giriikiitti hiikame irratti yoo
hin galle illee, suuta suuta garuu garagalchoota gara biroo irratti tokko tokkoon dabalamaa kan
dhufan turan. Garuu, Macaafotni Kakuu Moofaa Yihudootaa Waaqayyo biraa isaaniif kenname
biratti raawwatee akka kutaa Macaafa Qulqulluutti taasifamee hin lakkaawamne.
Macaafni Qulqulluu Hafuura Waaqayyooti yommuu jennu, namoota Waaqayyo barreessisuuf itti
fayyadame gaggeessaa guutuu /dhugaa/ ta‘een akka barreessaniif taasisuu isaa agarsiisuudhaafi
dha. Hafuura Waaqayyoo (inspiration) jechi jedhu afaan Giriikiitiin ―Theopneustos‖ jedhamee
isa barreeffame yommuu ta‘u, hiikkaan isaas ―Waaqayyo hafuura baafate, hargane‖ akka
jechuu ti, kutaa Macaafa Qulqulluu kun keessatti barreeffame hiika garaa garaatiin kaa‘ameera
(2Xim 3:16).
―Macaafa Hafuura Waaqayyoo of keessaa qabu…‖ (Hiikkaa 1954)
―Macaafni Qulqulluu hundi gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame dha‖ (Hiikkaa
1980)
―Macaafotni Qulqulluu hundi Hafuura Waaqayyoo kan of keessaa qabani dha‖ (Hiikka waalta‘aa
haaraa /አ.መ.ት/)
―All scripture is given by inspiration of God‖ (KJV)
―Every part of scripture is God - breathed‖ (The Message)
Tooftaalee hiikkaa garaa garaan yoo taa‘es hundeen yaada ―Theopneustos‖ garuu
barreeffamootni Macaafa Qulqulluu hundi dhiibbaa Waaqayyoo fi hirmaannaa Waaqayyootiin
kan barreeffaman ta‘uu isaanii agarsiisuu dha. Kana irratti dabalataanis, sagaleen ―Macaafota
Hunda‖ jedhu hundi ―Graphe‖ kan jedhu yommuu ta‘u kunis Macaafota Macaafa Qulqulluu
keessa jiran qofa kan ibsu malee maxxansaawwan Hafuuraa kanneen biroo (kitaabota, barruulee)
fi kan kana fakkaataniif kan tajaajilu miti. Dhimma kana irratti yaada garaa garaa (theories) tu
jiru. Ilaalchota Waaqayyo Macaafa Qulqulluu barreessisuuf ykn Hafuura isaatti kan fayyadame
hammaa fi sadarkaa garaa garaa dha kan jedhan irratti yaada (theories) hirkatani dha.
Yihudootni barsiisota macaafotaa Macaafota Kakuu Moofaa 39‘n iddoo sadiitti isaan qoodu.
Qoqqodamsa kana Gooftaan ofii isaayyuu barumsa isaa keessatti itti fayyadameera. Yihudootni
qoqqoodamsa kana salphaatti ―ታናክ‖ jedhanii waamu. Kana jechuunis:
1. ታ = ተዉራት (Seerota)
2. ና = ነቢም (Raajota)
3. ክ = ኬቱቢም (Macaafota Faarfannaa) jechuu dha (Luq 24:44).
Beektotni sirna Hafuuraa immoo qabiyyee Macaafotichi of keessaa qaban irraa ka‘uun, Kakuu
Moofaa iddoo 4tti, Kakuu Haaraa iddoo 4tti hundeessaniiru.
Qoraahi, Musee,
Solomoon, Etaan
20 Fakkeenya Solomoon Dh.K.D. 971 – 931
21 Lallaba Solomoon Dh.K.D. 971 – 931
22 Weedduu Weeddotaa Solomoon Dh.K.D. 971 – 931
21
22 Pheexiroos isa 2ffaa Pheexiroos Bara araaraa 65 – 67
23 Yohaannis isa Duraa Yohaannis Bara araaraa 90 – 100
24 Yohaannis isa 2ffaa Yohaannis Bara araaraa 90 – 100
25 Yohaannis isa 3ffaa Yohaannis Bara araaraa 90 – 100
26 Yihudaa Bara araaraa 67 – 80
Yihudaa
(Obboleesa
Gooftaa)
Macaafa 27 Mul‘ata Yohaannis Bara araaraa 90 – 100
Raajii
Ergaawwan dubbisoota Macaafa Qulqulluu yaadota keessa isaanii jiranis hubachuudhaaf baay‘ee
baay‘ee ulfaatu jedhanii kan yaadan namootni baay‘een akka jiran beekamaa dha. Yaadni isaanii
kun immoo kutaa dubbisoota Macaafa Qulqulluu dubbisanii hubachuun baay‘ee salphaa akka
ta‘e dubbatu wajjin baay‘ee kan wal dhiitu ta‘ee argama.
Maartiin Luuter dhuunfaa keenyaan Macaafa Qulqulluu dubbisnee hubachuu akka dandeenyu
ergamoota warra gurguddoo Pheexiroos, Yohaannis fi Phaawuloos booddee hamma yeroo ifatti
dubbateetti namootni amantaa (religion) tokko tokko Macaafa Qulqulluu akka hin dubbifne kan
sodaachisan yoo itti cimes adabbii salphaa hanga du‘aatti kan adabsiisan akka ture seenaan
Waldaa Kiristiyaanaa bara giddu-galeessaa ragaa dha. Kunis sabichi Macaafa Qulqulluu irra
kadhata toshitootaa fi seenaa dhalootaa namootni amantaa (religion) beekumsa malee
barreessanii kaa‘an dubbisaa akka turan taasifamee ture. Kanaafuu Waldaan Kiristiyaanaa yeroo
Macaafa Qulqulluu irraa fagaattetti yeroo sanatti barri ture ―Bara dukkanaa guddaa Waldaa
Kiristiyaanaa‖jedhamuun isaa in mala ture.
Erga namootni Macaafa Qulqulluu harka isaaniirratti argachuu fi dubbisuu jalqabanii jalqabee
ifni beekumsa Wangeelaa guddaan sadarkaa guutummaa addunyaatti babal‘achuu isaa dhugaa
eenyuyyuu haaluu hin dandeenye akka ta‘e raawwateera. Ta‘us, Macaafa Qulqulluu haala ta‘uun
(qajeeltootti) kan qoqqoodan, qabiyyee fi gosa isaan beekuun Macaafichi jechuu kan barbaade
sirriitti hubachuu fi hubachiisuuf murteessaa yommuu ta‘u itti fufnee mata-dureen qo‘annus
Macaafa Qulqulluu haala salphaan akka hubannuu fi yeroo barsiifnu, yeroo lallabnu, yeroo
faarfannu sagalichatti yommuu jiraannu bifa Macaafichi jechuu barbaadeen akka goonu nu
gargaara.
4. 2. Macaafa Qulqulluu Haala Qajeeltoon /Sirriin/ Hubachuu fi Mul’isuu
―Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjataa qoratamee fudhatame kan waan isa
qaanessu hin qabne ta'iitii fuula Waaqaa duratti of dhiyeessuuf tattaafadhu‖(2Xim 2:15).
Jecha ―Sirrii ykn qajeeltoo‖ jedhu kana namni afaan Gi‘iiziif keessummaa ta‘e
―garraamummaa, gaarummaa, ba’eessummaa‖ jedhee hiikuu in danda‘a. Garuu, ergaa
Kaayyoo guddaan Macaafa Qulqulluu yaada Hafuuraa isa guddaa ta‘e ilmaan namootaaf
mul‘isuu dha. Haata‘u malee, namootni ergaa tokko hubachuuf daandii isaan danda‘an keessaa
tokko yaadicha karaa bifa fakkiitiin mul‘isuu dha. Kana irraa kan ka‘es, Macaafni Qulqulluu
fakkeettiidhaan (figurative language) fayyadamuudhaan addunyaa kana irraa macaafa dursaa
tokkicha ta‘uu danda‘eera. Namni Macaafa Qulqulluu xiyyeeffannaadhaan qo‘atu wantoota
fakkeenyawwan fakkeettiin kun mul‘isuu barbaadan hubachuudhaan hiika jecha jechaanii
(Literal meaning) irra hiika ergaa isaanii beekuun isa irra jira.
4. 6. Hiika Halluuwwanii
T/L Halluu Hiika
1 Adii Sababa jireenya Waaqayyo irraa hirmaanneef hojii qajeelummaa,
injifannoo fi mo‘acha mul‘atu
2 Diimaa Fakkeenya dhiigaa, furee argachuu fi wabummaa argachuu,
Fakkeenya bittaa, mo‘achuu, murtii kennuu, ijaa bahuu fi dheekkamsaa
3 Roozii /purple/ Qalama Badhaadhummaa, guutummaa (guutuu ta‘uu)
4 Gurraacha Qalama gaddaa, qalbii jijjiirrannaa, murtii, beela, barbadaa‘uu jireenyaa,
rakkina
5 Cuquliisa Gorsa, yaada, gocha,guutuu, jireenya Hafuura, qulqulluu Waaqayyo
biraa ta‘e,
6 Hamer /Boora/ Dhumaatii waraanaan, beelaan fi kkf kan raawwatamu
Namni Macaafa Qulqulluu qo‘achuu barbaadu hundi qajeelfamoota waliigalaa armaan gadii
jabeessee beekuun isa barbaachisa. Kaayyoon Macaafa Qulqulluu inni guddaan fedhii
dubbisaa guutuu osoo hin ta‘iin dhugaa fi daandii Waaqayyoo qofaa agarsiisuu akka ta‘e
beekuu;
Macaaficha akka barreeffametti dubbisuu dha malee balleessaa keenyaaf micciiruun, isa
barreeffame gararraa ba‘uun ykn sagalee isaa mariif dhiyeessuun fi kkf murtii Waaqayyoof
akka nama taasisu beekuun ni barbaachisa.
Gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin malee Macaafa Qulqulluu hiikuun waan hin danda‘amneef
dubbisaan Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaatti fudhachuudhaan Hafuura
Qulqulluu fudhachuu/argachuu/ qaba
Sagalicha erga qo‘atanii booddee jireenya ofii guyyaa guyyaa irratti gochaan agarsiisuu fi
shaakaluun ni barbaachisa.
Shaakala kiristiyaanummaa ani qabu keessaa kan ulfaatuu fi cina gaarii ani qabu isa kamii?
Dubbisa keessatti sagaleen abdii naaf kenname maalii?
G. Luqqisoota (Caqasoota) Qo’achuu (Memorization): Luqqisoota hamma sammuutti
qabannuu fi hamma dubbannutti irra deddeebi‘anii qo‘achuu.
H. Xiyyeeffannoodhaan Qo’achuu Macaafa Qulqulluu (Meditation): Yommuu dubbifnu,
yommuu qo‘annuu fi kkf ergaawwan arganne irratti callisaan irra deddeebi‘anii yaaduu fi
sagalicha wal fudhachiisuu (Far 1:2, Isa 1:8)
Yaadannoo: Namni Macaafa Qulqulluu qo‘achuu barbaadu hamma danda‘ametti kitaabota
qo‘annaadhaaf ragaa ta‘an qopheessuun isa irraa eegama.
Fakkeenyaaf: Macaafa Qulqulluu hiikkaa adda addaa, hiikaa jechoota Macaafa Qulqulluu,
ibsituuwwan (Commentaries) fi kkf.
Daawit Faasiil
L. B: 0917804407
L.S.P 76 Jimma
E– mail: niguye2004@yahoo.com
Raawwateera!!
ተፈፀመ!!
It is finished!!
Qopheessaan:
Daawit Faasil
Kan Hiike:
Ibsaa Bulii
1997, Jimma
Sillaasee jechi jedhu Afaan Oromootti ―Sadan-tokkummaa‖ hiika jedhu laata. Afaan Ingiliffaan
―Trinity kan jedhamu yeroo ta‘u kunis ‗Three-in unity‘ yookiin sadan tokkummaan kan jedhu
ibsa fooyya‘aa ta‘e laata. Jechi sadan-tokkummaa (sillaasee) jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti
tasumayyuu hin argamu. Haa ta‘u iyyuu malee barumsi yaadicha ibsu ni arganna.
Amantii Kiristiyaanaa irraa kan hafe amantaa addunyaa kana irraa kam iyyuu keessatti ―Qaama
Sadii kan Qaban Waaqa Tokko‖ barumsi jedhu hin argamu. Kunis barumsa isa guddaa
Kiristiyaanummaa amantaalee biroo irraa adda isa godhu dha.
Jechichi yeroo ibsamu Waaqayyo sadii qaama tokko jechuu utuu hin ta‘in; Waaqa tokko qaama
sadii jechuudha. Qaamonni sadummaan mul‘atan kunis ‗Abbaa‘,‘Ilma‘ fi ‗Hafuura Qulqulluu
dha‘ (Mat 28:19).
Qaamonni sadanuu amala waaqummaa wal-qixa ta‘e qabu. Jechuunis:
Qaamonni sadanuu wal-qixa:-
Bara baraan jiraachuutiin
Uumaa ta‘uutiin
Waan hunda beekuutiin (omniscient)
Yeroo /si‘a/ tokkotti bakka hundumaatti argamuu (omnipresence) fi kkf dhaan guutummaatti
wal qixxummaa qabu.
Karoora waaqummaa Waaqayyoo hundumaa keessatti tokkoon tokkoon qaama sadanii
hirmaannaa qabu. Akkasumas karoora tokko keessatti tokkoon tokkoon qaamaa ga‘ee mataa
isaanii kan ta‘e adda addaan qabu. Kana irratti hundaa‘uun:
Abbaa- Karoora kan baasu (the planner)
Ilma- Karoorichi kan ittiin galma ga‘u (agent)
Hafuura Qulqulluu- Karoorichi gara hojiitti akka dhufuuf humna kan itti godhu (Revealer)
Fkn 1
Abbaa – Biyya lafaa uumuu jaallate
Ilma-Abbaan karaa isaa biyya lafaa uume
Hafuura Qulqulluu – Hojicha raawwachiisaa ture.
Caqasoota (Xiqsoota) Ibr 1:1-2, Qol 1:15-17, Yoh 1:3, Uma 1:2
Amanaan tokko dursee hubachuu kan inni qabu yoo jiraate ―sillaasee‖ (sadan-tokkummaa) jechi
jedhu maqaa Waaqayyo ittiin waamamu akka hin taanee dha. Sillaasee (sadan-tokkummaa) jechi
jedhu mata duree barumsa waa‘ee ―Waaqayyo tokko qaamaan sadii‖ ti malee maqaa Waaqayyo
ittiin beekamu miti. Hiikni jecha sillaasee jedhuus sadan-tokkummaa jechuu akka ta‘e haa beeku
(quba haa qabaatu). Namni jecha sillaasee jedhu yeroo jalqabaatiif itti fayyadame geggeessaa
Waldaa Kiristiyaanaa kan ture ―Turturiyaan‖ ‗Terturian‘ (Dh.K.B 160-220) kan jedhamu dha.
Turtuliyaan bara isaa keessa kan ka‘an waa‘ee dhimma tokkummaa sadanummaa Waaqayyoo
irratti warra bitaa itti galee fi gaaffii warra kaasaniif, keessumaa immoo Piraagziyaas (Praxeas)
waantota ganuu ta‘anii fi qaama sadiin kan mul‘ate waaqa tokkicha ta‘uu isaa ibsuuf jecha
sadan-tokkummaa (trinity) jedhu yeroo jalqabaaf itti fayyadameera.
Barumsi sillaasee gara barumsa hundeetti akka guddatu kan godhe, Waldaa Kiristiyaanaa yeroo
garaa garaatti wal-gahii goote irratti ibsa amantii fi murtoo isheen dabarsaa turte dha. Yeroo
sanatti Waldaan Kiristiyaanaa hundumtuu wal-gahii akka gootuuf wantoota kakkaasan keessaa
dhimmoota bu‘uuraa sadiitu jiru.
Qopheessaan:
Daawwit Faasiil
Kan Hiike:
Ibsaa Bulii
2003/2011, Jimmaa
58 Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana
dubbateera (Isa 34:16)
1. Maqootaa fi Muudama (Maa’iragoota) (titles) Yesuus Kiristoos
Yesuus: - Jecha Girikii yeroo ta‘u, hiikni isaas fayyisaa jechuu dha. Afaan Ibrayisxiitiin
―Yeshuwah‖hiikni isaas Yaahiwween fayyisaa dha yookiin Waaqayyo fayyisaadha jechuudha.
Kiristoos: - Kan dibame, Kan filame jechuudha. Kunis kaayyoo fi hojii isaa hundumaa
galmaan ga‘uuf aboo (aangoo) qabaachuu isaa maqaa ibsu dha. Kiristoos maqummaa isaa irra
maa‘iraga (muudama) fi aboo isaa kan agarsiisu dha (Mat 16:16, HoE 2:36)
Amaanu’eel:- Waaqayyo fooniin mul‘achuu isaa fi uummaticha keessa jiraachaa akka ture kan
agarsiisu dha (Isa 7:14, Mat 1:23).
Ilma Waaqayyoo: - Ilma amala Waaqayyoo kan bara baraa, jechuunis Waaqa guutuu ta‘uu isaa
kan agarsiisu dha (Mat 16:16, Yoh 1:23)
Ilma namaa:-Fooniin mul‘achuu isaa, foonii fi dhiiga nu waliin kan hiratee fi nama guutuu
ta‘uu isaa moggaasa agarsiisu dha (Mar 10:45, Mat 26:64)
Gooftaa: - Jecha Girikii kan ―Kuuriyoos‖ hiikni isaas,‖ kan jiruu fi kan ture‖ jechuu dha.
Kunis maqaa ―Yaahiwwee‖ yeroo ta‘u, Macaafa Qulqulluu Afaan Girikii keessatti uumaa fi
uumama isaa mara kan nyaachisu maqaa Waaqaa ti (Yoh 13:13, HoE 2:36)
Barsiisaa: - Saba isaa Israa‘elii fi akkasumas ormoota hundumaa akka barsisiisuuf kan
Waaqayyo biraa ergame; barsiisaa ta‘uu isaa kan agarsiisudha (Yoh 3:2, Luq 229-32, Yoh 13:13)
Mootii: - Teessoo Daawwit irra kan taa‘u, mana Yaaqoob hundumaa irratti, Yerusaalem
Magaalaa mooticha isa guddaa irratti mo‘uuf aboo qabaachuu isaa maqaa agarsiisu dha.
(Mootummaa waggaa kumaa qayyabadhu) (Mat 2:1-11, 27:37)
Ilma Daawwit: - Waaqayyo Daawwitiif teessoo isaa irra bara baraan ilma taa‘u akka kaasuuf
abdii kenneeraaf; kanaaf Yihuudonni hunduu abdii kan godhatanii fi mootii isaaniis ta‘uu isaa
maqaa ibsu dha (Far 89:28-39, Mat 1:1, Mar 10:48)
Maqoota kanneen biraa
Bakkalcha barii-------------------------- Lak 24:17, Mul 22:16
Raajii isa guddaa-------------------------Kes 18:18, Mat 21:11
Dhagaa mataa golee---------------------Efe 2:20
Kattaa--------------------------------------Mat 16:16-18, 1Qor 10:4
Sagalee------------------------------------Yoh 1:1,14, 1Yoh 1:1, Mul 19:13
Addaam isa jalqabaa (Rom 5:18-19) Addaam isa gara boodaa (Kiristoos)
Hin abboomamne Guutummaatti abboomame
Irra daddarbaan isaa qajeelummaa Addaam isa Baay‘inni qajeelummaan isaa baay‘ina cubbuu
boodaa biratti baay‘ee baay‘ee xinnoodha. addaam isa duraa irra baay‘isee baay‘isee ni
caala.
Sababa kanaaf namoonni hundinuu ni du‘u Sababa kanaatiif namoonni bara baraan ni
moo‘u.
turan.
b. Bakka bu’ummaadhaan du’uu fi akkasumas aarsaa ta’uuf
Waaqni sababa hin duuneef foon isa du‘u uffachuun isa barbaachise (Yoh 1:14)
Karaa du‘a isaatiin taayitoolee (aboo) jiran diiguuf foonii fi dhiiga hirachuu isa barbaachise
(Ibr 2:15-17)
Kanaafis aarsaa Kakuu moofaa hundumaa bakka bu‘uudhaan dhiifamuu cubbuu guutuu ta‘e
argachiisuu akka danda‘uuf aarsaa ta‘uutu irra ture (Yoh 1:29, Ibr :22-28, Ibr10:1-18)
Kanaafis Yesuus Kiristoos kan du‘e sababa mataa isaatiif utuu hin ta‘iin sababa namootaatiif
waan ta‘eef du‘i isaa bakka bu’umsaan du’uu (Substitutionary death) jedhama.
c. Waaqayyoo fi Nama gidduutti giddu galeessa (angafa lubaa) ta’uudhaaf.
Inni Waaqa guutuu ta‘uu isaatiin Waaqayyo fuul-dura dhaabachuu kan danda‘uu fi nama
guutuu ta‘uu isaatiin amantoota dadhabbii isaanii keessatti isaan gargaaruu kan danda‘u
ta‘eera (1Xim 2:5).
Sababa namummaa isaatiif qoramee waan beekuuf (kan qorame waan ta‘eef) garaa nuuf
laafuu ni danda‘a (Ibr 2:18, Ibr 4:15-16).
Hojiilee Fayyisaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos namummaa isaatiin hojjetu
1. Foon (nama ) ta’uu isaa ( Incarnation)
Waaqayyo kan ta‘e Sagaleen foon ta‘uu (Yoh 1:14)
Waaqni foon uffatee mul‘ate (1Xim 3:16, 1Yoh 4:2)
Akka bifaa fi fakkeenya namaatti mul‘ate (Fil 2:6-8)
Waaqni hin mul'anne qaama argamu uffatee namoota gidduu buufate (Yoh1:14, Mat 1:23)
Cubbuu irraa kan hafe akkuma keenya nama ta‘e (Ibr 4:15)
Daawwit Faasil
L.Bil: 0917804407
L.S.P 63 Jimmaa
E-mail-besodiyah@gmail yookiin
niguye2004@yahoo.
Qopheessaan:
Daawit Faasiil
Kan Hiike:
Ibsaa Bulii
1999, Jimmaa
77 Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana
dubbateera (Isa 34:16)
1. Macaafni qulqulluun Hafuura Qulqulluu moggaasa garaa garaatiin waama.
Isaanis:-
- Hafuura (Mar 1:10, Gal 5:5, Mul 22:17)
Hufuurri qulqulluun qaama waaqaa dhaqna hafuura qabudha malee, qaama qabatamu kan
qaqqabatan hin qabu.
- Hafuura Qulqulluu (Isa 63:10-11, Luq 11:13, 1Tas 4:8)
Hafuuronni xuraa‘oon kan biraa jiraachuu isaanii kan ibsuu fi guutummaatti hafuura qajeelaa
fi qulqulluu ta‘uu isaa ibsa.
- Hafuura Waaqayyoo (Uma 1:2, Iyob 2:28, Rom 8:14, 1Qor 3:16,Isa 63:14)
Maqaa Waaqa yookiin Waaqayyo ta‘uu isaa ibsudha.
- Hafuura Abbaa (Mat 10:20)
Ijoollee Waaqayyoo (amantoota) keessa taa‘ee kan dubbatuu fi waa‘ee Gooftaa keenya
Yesuus Kiristoos dhugaa kan ba‘uudha.
- Hafuura Ilmaa (Gal 4:6)
Hafuura Yesuus abbaa koo jedhee ittiin kadhate yeroo ta‘u, amantoota keessas hafuuruma
Yesuus keessa ture kana mataasaatu jira.
- Hafuura Ilmummaa (Rom 8:15)
Hafuurri ilma (Yesuus) mataadhumti isaa amantoota keessa kan buufate yeroo ta‘u, akkuma
Yesuusitti amanaan Waaqayyo Abbaa koo jedhee ni waammata.
- Hafuura Yesuus Kiristoos (Fil 1:19)
Hafuura fayyina kennudha.
- Hafuura Kiristoos (1Phex 1:11)
Raajonni kakuu moofaa waa‘ee Masiihii ( Kiristoos) isa dhufuu baay‘isanii ni dubbatu turan.
Maqaan isaa Yesuus kan jedhame erga dhalatee booda akka ta‘es beekamaadha.
- Hafuura Gooftaa (2Qor 3:17)
Gooftaan Waldaa Kiristiyaanaa Kiristoosidha malee Musee miti. Kanaafuu amanaan
garbummaa seeraa jalaa walaba (bilisa) bahee, akka seera yookiin qajeelcha Hafuura
Qulqulluutti ni jiraata.
- Hafuura Dhugaa ( Yoh 14:17, 15:26, 1Yoh 5:6)
Gara beekumsaa fi dhugaa Waaqayyoo hundumaatti ni qajeelcha.
- Hafuura Jireenyaa (Rom 2:8)
Hafuura Qulqulluudhaan guutamuun irra deddeebi‘ee itti fufiinsaan bara jireenya amanaa
sanaa hundumaa kan raawwatamudha.
- Ergamoonni Hafuura Qulqulluudhaan guutaman ( HoE 2:4)
- Ba‘aa fi bal‘ina tajaajila Hojii Ergamootaa boqonnaa 2 irra jiru caalaatti hojii fi qorumsi
waan isaan mudateef shaakalli caalu isaan barbaachisa ture.
- Ergamoota si‘a lammaffadhaaf Hafuuraan guutaman (HoE 4:31)
- Isxifaanos nama Hafuura Qulqulluudhaan guutame ture (HoE 6:5)
Balaa du‘aa itti dhufe galataan fudhachuu fi diinota isaa eebbisuu akka danda‘uuf dabalataan
guutamuunii fi humni isa barbaachisa ture.
- Isxifaanosis Hafuura Qulqulluudhaan guutame (HoE 7:55)
- Amantoonni yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluudhaan akka guutaman abboomamaniiru
(Efe 5:18)
Humnaa fi jabina namaatiin hojii Waaqayyoo hojjechuun gonkumaa waan hin danda‘amneef,
akkasumas isa bukkee (cina) kan jiru Hafuura Qulqulluu biratti fudhatama sababa waan hin
arganneef amanaan yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluudhaan guutamuutu irra jira (Zak 4:6)
9. Hafuurri Qulqulluu utuu addaan hin kutiin amanaa ni gargaara
Fayyinaan dura
I. Gara fayyinaatti (jireenya bara baraatti) isa qajeelcha.
A. Yesuusiin amanuu dhiisuu isaatiif isa ceepha‘a (Yoh 16:8-11)
B. Karaa lammaffaa dhalachuutiin haaressa (Tit 3:5)
Erga fayyee booda
II. A. Humna cubbuutiin dhiibamuu jalaa ni ba‘a (Rom 8:2-8, Tit 2:12)
Hamma libsuu ijaatti humna cubbuu kan ta‘e seera jalaa bilisa ni ba‘a (1Qor 15:56, Rom 2:8)
Itti fufiinsaan, shaakala cubbuu dhiisuun qulqullummaa ni shaakala (Efe 6:17, Yoh 8:31)
(Qopheessaa irraa)
Daawwit Faasil
Lak.bilbilaa 0917804407
L.S.Posta 67 Jimmaa
E-mail niguye2004@yahoo.com
Hiikaan:
Ibsaa Bulii
1999, Jimmaa
Seexana: - Jecha Ibrootaa yeroo ta‘u hiikni isaas ―gufachiisaa‖, diina gufuu kaa‘u jechuu dha.
Diyaabilooos:-Jecha Girikii yeroo ta‘u hiikni isaas ―hadheessaa‖ jechuudha.
Maaliif Uumamee?
1. Waaqayyoon galateeffachuuf uumame (His 28:13)
2. Ulfina Waaqayyoo akka golguuf kan dibame /filame/ ture (His 28:14)
3. Bareedinni uumamaanis kan guutame ture (His 28:12)
Maaliif Kufee?
1. Bareedina isaa irraa kan ka‘e waan kooreef /of jajuun/ (His28:17)
2. Isa hundumaa gararraa jirutti of fakkeesse /ta‘uu/ barbaade (Isa 14:12)
Bu’aa Cubbuu Isaa
1. Hordoftoota isaa wajjin gara lafaatti gad darbatame (His 28:17)
2. Gara fuula duraatti gara boolla dukkanaa fi galaana ibiddaa keessatti ni darbatama
(Isa 14:15, Mat 25:41, 2Phex 2:4)
Uumamaa fi Kufaatii Namaa
Namni akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumame (Uma 1:26)
Waaqayyo biyyoo lafaa irraa nama tolche (Uma 2:7)
Namnis lubbuu jiraataa kan qabu ta‘e (Uma 2:7)
Naannoo isaa hundumaa akka bituuf uumame (Uma 1:26)
Iddoo dhaaba Eden akka eeguu fi akka tottolchuuf achi keessa isa kaa‘e (Uma 2:25)
Gargaartuu isaaf taatus isaaf uume (Uma 2:18-25)
Muka jireenya kennu irraa akka hin nyaanne isa abboome (Uma 2:16)
Kufaatii Namaa
Seexanni /bofni/ dubartittii gowwoomse (Uma 3:1-7, 1Xim 2:14)
Abbaan manaa ishees jecha haadha manaa isaa dhaga‘uu isaatiin irra daddarbe (Uma 3:6, 3:17)
Eenyuyyuu ofii isaa karaa kamiin illee fayyisuu waan hin dandeenyeef Waaqayyo ofii isaatii fala
ittiin nama fayyisu qopheesse.
Ilma isaa Fayyisaa akka ta‘uuf erge (1Yoh 4:14)
Waaqayyo dursee utuu ilma isaa hin ergiin dura kakuu moofaa keessatti waa‘ee fayyina isa
dhufuu fakkeenyaan ni agarsiisa ture.
Fakkeenya: - Addaam qullaa isaa dhoksachuuf /golgachuuf/ harka isaatiin baala hodhee of irra
buuse. Waaqayyo garuu dhoksaa /ichitii/ Addaam gogaa ofii isaatii qopheesseen dhokseef /
golgeef/. Innis fakkenya Yesuus ture (Uuma 3:2)
Dubartittii irraa kan dhalatu mataa bofichaa akka buruksu raajii dubbate (Uum 3:15)
Hoolaa aarsaa cubbuu ta‘ee Ijoollee Israa‘eliin fakkeenyaan barsiise.
Fakkeenya: - Kutaalee Macaafa kakuu moofaa keessatti iddoo dhibboota hedduu keessatti
fakkeenyaan fi gaaddiduudhaan ni argana. Waantonni kakuu moofaa keessatti mul‘atan
gaaddidduu yeroo ta‘an qaamni inni dhugaan garuu Kiristoosidha (Qol 2:16)
Fakkeenyaa fi Hiika Hoolaa Leewwota Boqonnaa 4 irraa
Namni tokko abboomota keessaa tokkoon ishee yoo irra darbe/cabse/ korommii/jiboota/,
hoolaa, reettii mudaa hin qabne qabatee dhiyaata. Harka isaa mataa horii fidee irra kaa‘uun
cubbuu isaa Waaqayyotti himuudhaan baachisa. Horii sanas ni qala. Lubichis dhiiga isaa
fuudhee godoo qulqullaa‘aa /Iddoo aarsaa/ duratti si‘a toorba ni facaasa.
Bara Kakuu Haaraatti Hiikaa Fakkeenya Kanaa
Hoolaan mudaa hin qabne Yesuus (Yoh 1:14, Ibr 7:26)
Gooftaa Yesuus ofii isaa gatii cubbuu keenyaa dhi‘eesse (Ibr 7:27, 10:12)
Cubbuu keenya hundumaa baate (1Phex 2:24, Isa 53:6,12)
Hoolaan Waaqayyoo cubbuu keenyaaf qalame /du‘e/ (1Qor 5:7, Mul 5:9)
C. Isa bood jireenya haaraadhaan deddeebi‘uutu isa irraa barbaachisa (Rom 6:8, 4:11)
Cuuphaa Gooftaa Yesuus irraa Baruu ni Dandeenya.
Yohaannis; cuuphaa qalbii jijjiirannaa ni cuupha ture (Mat 3:11). Namoonni hundinuus cubbuu
isaanii himachaa ni cuuphamu turan (Mat 3:5).
Yeroo sanatti Gooftaa Yesuus cuuphamuuf Galiilaadhaa (60mile = 96.560 64km) deemee
Yordaanosiin dhufe.
Irbaanni Gooftaa ayyaana Faasiikaa isa bara kakuu moofaa keessatti ture bakka bu‘uun waldaa
kiristiyaanaaf sirna kenname dha. Gaadidummaa ayyaana Faasiikaatiin bara kakuu moofaatti
haalonni amanaan irraa of eeggachuu qabu mul‘ifamaniiru.
Isaanis:
1. Raacitii irraa of-eeggachuu dhiisuun irbaata gooftaa irraa hirmaachuu /cabsachuu/ irraa
ni dhorka.
Bara kakuu moofaatti ayyaana Faasiikaa kabajuu kan barbaadan hundumtuu utuu ayyaanichi hin
ga‘iin dura guyyaa torbaaf (7) yookiin torban tokkoof raacitiin mana isaanii keessatti akka hin
argamne Waaqayyo akeekkachiisee ture (Ba‘u 12:14-20).
Bara kakuu haaraatti hiikaa raacitichaa:-
A. Barsiisa Dogoggoraa- Dogoggora xiqqoo /bicuu/ ishee kam irraa torban guutuu ofii kee
eeguun ni barbaachisa (Mat 16:6, 12, 1Yoh 4:1-3, 2Yoh:9, 2Xim 2:19). Yoo kana ta‘uu baate
raacitiin xinnoon ishee bukoo isa baay‘ee sana kan bukeessu waan ta‘eef dhugaa Waaqayyoo
irraa nu fageessuu fi Irbaata Gooftaa isa jaallatamaa irraa nu ittisuu danda‘a.
B. Rakkinoota amalaa kan baay’ee manca’aa ta’an yookiin cubbuuwwan mul’ataa ta’an:
Macaafni qulqulluun sanyiin dhala namaa hundi garaa garummaa malee cubbamoota akka ta‘an
ni ibsa. Kanaaf furmaata ta‘uufis Yesuus cubbamootaaf du‘eera. Amanaan tokko amanee erga
fayyee booda garuu dhimmoota baay‘ee mul‘atoo ta‘anii fi dhuga ba‘umsa jireenya isaa kanneen
balleesaniin yoo qabame raacitiin hammeenyaa kun ayyaana Faasiikaa akka hin kabajne / Irbaata
Gooftaa akka hin cabsanne/ ni godha (1Qor 5:13, 1Xim 5:24).
Furmaata:-Amantoonni Irbaata Gooftaa cabsachuu isaanii dura hafuura hubannaadhaan mataa
isaanii qoranii ilaaluu, dubbachuun, mataa isaanii irratti murteessuu fi dhiifama gaafachuutu
isaan irra jira. Dursinee ofii keenya irratti yoo murteessine Gooftaan nutti hin murteessu. Kana
boodas amanaan sun buddeenicha cabsachuu ni danda‘a (1Qor 11:27-32).
Firdii/murtoo/:- Suuraa obboleessi keenya yaadannoodhaaf nuuf kenne bakka hin malle irra yoo
keenye; yookiis fudhatama itti laachuu dhiisuudhaan yoo ganne kun kallatiidhumaan ulfinaa fi
jaalalli isaaf qabnu hir‘achuu isaa ibsa.
Sirna Gooftaan yaadannoof nuuf laate kana kan salphisu yookiin ulfina kennuu fi dhiiisuudhaan
akka nyaata /daabboo/ fi dhaadhii wayiniitti isa manatti nyaatuu fi dhuguutti (akka waan waa‘ee
Guyyaa jalqaba torbanii /Dilbata (Sunday)/ :- Buddeenicha cabsachuuf utuu walitti qabamnee
jirruu (HoE 20:7) Kiristiyaannonni warri yeroo jalqabaa torban torbaniin dilbata dilbata sirna
Irbaata Gooftaatiif walitti qabamu turan. Kanaafuu waldaa kiristiyaanaa sagalee Waaqayyoo
sodaadhaan abboomamtuuf irbaatni Gooftaa sirna jaallatamaa torban torbaniin godhamuudha.
Kadhannaa /Waaqeffannaa/ Sagalee dubbisuuu fi k.k.f. yeroo irbaata Gooftaatti
Yeroo irbaata Gooftaatti sirna Irbaata Gooftaa irratti waantonni biyya lafaa fi kan foonii
akkasumas dhimmoonni jireenyaa akka mata dureetti hin ka‘an. Warreen akkasii sagantaa mataa
isaanii qabu.Yeroo Irbaata Gooftaatti amantoonni hundinuu to‘annoo Hafuura Qulqulluu jala
ta‘uudhaan akka Hafuurri isaan qajeelchetti (gaggeessetti) du‘a Gooftaa, dhiphina, hojii
arsaarsuu isaa fi kan kana fakkaatan irratti faarfannoota, kadhannaa xiyyeeffate ni dhiyeessu.
Akkasumas kutaaleen macaafa qaulqulluu kanaa wajjin wal fakkaatoo ta‘an ni dubbifamu.
Achumaanis buddeenicha cabsachuun ni hiratu. Akkasumas dhaadhii wayinii sana ni dhugu.
Itti fufuudhaanis waaqeffannaa Abbaaf ta‘u karaa Yesuus ni dhiyeessu.
Yaadachiisa: Cuuphaas ta’e irbaatni Gooftaa fayyuuf kan kenname utuu hin ta’iin namoota
fayyan qofaaf sirnoota kennamani dha. Jireenya bara baraa wajjin tasuma walitti dhufeenya hin
qaban.Yesuus qofaatu fayyisaa dha.
Bu‘uura kanaan waggaa 2000 har‘aa ayyaanni Waaqayyoo kunis nama hojii seeraatiin qajeelaa
ta‘uu dadhabe kana fayyisuuf mul‘ateera. Ayyaanni kunis namoota hundumaa fayyisuu ni
danda‘a.Garuu namni fayyuu yoo barbaade ayyaana kana amantiidhaan fudhachuutu irra jira
(Tit 2:11).
Namni seera raawwachuudhaan utuu hin ta‘iin ayyaanicha amantiidhaan fudhachuu qofaan
fayya (Rom 3:28).
Yesuus ayyaanaa fi dhugaa guutamee dhufeera (Yoh 1:14)
Ayyaanni kun addunyaa hundumaa ni fayyisa (Tit 2:11)
Qopheessaan:
Daawit Faasiil
Kan Hiike:
Abdii Dingataa
Seera
1. Fuula Waaqayyootti qajeelaa ta‘uun hin danda‘amu (Iyo 4:17, 9:2, Rom 3:20)
2. Dhala namaa keessaa tokkollee qajeelaan hin jiru (Far 15:2-3)
3. Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin
jiru (Lal 7:20)
4. Cubbuu keenya mitiitii qajeelummaan keenya iyyuu akka moofaa xuraa‘ummaati (Isa 64:6)
5. Seerri waanjoo Abboonni saba Israa‘el baachuu hin dandeenye dha (HoE15:10)
6. Seera lallabuun amantoota dubbiidhaan wallaalchisuu fi garaa isaaniis raasuu dha (HoE 15:24)
7. Namni qajeelaan tokkollee hin jiru (Rom 3:10)
8. Nama kan ta‘e hundinuu wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti
qajeelaa hin ta‘u (Rom 3:20)
9. Seera eeguudhaan qajeelaan ta‘a jechuun of-jajuu qofaadha (Rom 3:27)
10. Foon kan uffate hundinuu wanta jaallatu dhiisee, wanta jibbu in godha (Rom 7:15-20)
11. Foon kan uffate keessa amalli cubbuu jira (Rom 7:20-25)
12. Seera eeguudhaan qajeelaa ta‘uun hin danda‘amu (Rom 9:30)
13. Qajeelummaan seera eeguudhaan yoo ta‘e ayyaanni ―Ayyaana‖ ta‘uunsaa in hafa (Rom 11:6)
14. Namni tasumaa ga‘umsa isaatiin qajeelummaa qabaachuu hin danda‘u (2Qor 3:5)
110 Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana
dubbateera (Isa 34:16)
15. Seerri tajaajilaa du‘aa fi firdii /murtii/ti (2Qor 3:7-9)
16. Seerichi golgaa Kiristoosiin dhoksu dha (2Qor 3:14-16)
17. Seera kan lallaban obboloota warra sobduu dha (Gal 2:4-5)
18. Seerri dhugaa wangeelaa ni morma (Gal 2:5, 14)
19. Seeraan jiraachuun of agarsiisuu yeroo ta‘u, tasuma namni foon uffate ittiin of qulqulleessu
hin danda‘u (Gal 2:12-16)
20. Qajeelummaan hojii dabalatee yoo ta‘e Kiristoos akkasumaan du‘e (Gal 2:21)
21. Hojiidhaan qajeeloota ta‘uu warri barbaadan abaarsa jala jiru (Gal 3:10)
22. Seerri amantii wajjin qooda hin qabu (Gal 3:12)
23. Seerri jiraachisuu hin danda‘u (Gal 3:21)
24. Kristiyaanonni adabduu isa ta‘e seera jala hin jiran (Gal 3:23-29, 3:23-29)
25. Abboommii seeraatiin warri jiraatan ilmaan ishee garbittii kan Aggaar waan ta‘aniif hin
dhaalan (Gal 4:21-31)
26. Karaa seeraa qajeelota ta‘uu warri barbaadan, Kiristoosiin of irraa kutaniiru, ayyaana
Waaqayyoo irraas kufaniiru (Gal 5:4)
27. Fayyinni kennaa Waaqayyooti malee gochaa ofii keenyaatiin kan argannu miti (Efe 2:8-10)
28. Seera jalaa duunee, seerattiis hiikamneerra (Rom 7:1-6)
5.1. Dhugaa Wangeelaa (Efe 2:8)
Bu’aa
Ayyaana + Amantii = Jireenya bara baraa (Rom 3:22)
Ayyaana + Amantii = Hojii gaarii (Tit 2:11-13)
Ayyaana + Amantii = Waaqayyoon fakkaachuu (Tit 2:11-13)
5.2. Wangeela Biraa (Addaa) (– (Galatianism) – (Gal 1:6)
Bu’aa
Hojii + Amantii = Jireenya bara baraa
Hojii + Dhama‘a foonii = Hojii qajeelummaa gaarii (Celibacy) (1Xim 1:1-5)
Foon ofii miidhuu/gidirsuu=Waaqayyoon fakkaachuu (Hermitism) (Qol 2:16-23)
Wangeela addaa kana Waldaa Kiristiyaanaa keessatti kan barsiisanii fi kan fudhatan yoo
jiraatan:
1. Kan dogoggoranii fi waan dubbatan warra hin beekne dha (1Xim 1:6-7)
2. Barumsi isaanii kan akkasumaanii ti (1Xim 1:7)
Kan Hiike:
Ibsaa Bulii
2002, Jimma
Macaafa Qulqulluu keessatti jechi ―dhalachuu ykn ilmummaa‖ jedhu amala maatii hirachuu
fi tokkummaa guutuu ta‘e agarsiisa. Haa ta‘u iyyuu malee sirna dhalachuu namaaf nama
gidduu jiru irraa guutummaatti adda kan ta‘ee dha.
Fkn. Yesuus ilma Waaqayyooti yeroo jennu, Waaqayyoo wajjin tokkumaa kan qabu amala isaas
kan hirate jechuudha.
Amanaan lammaffaa kan inni dhalate karaa Bishaanii fi Hafuuraatiin (Efe 3:5)
Bishaan kunis gosa lama qaba
A. Bishaan dhaabbataa (Kuufamaa) => Dubbii Waaqayyoo (Macaafa Qulqulluu) jechuudha
(Efe. 5:26, Yoh 15:3, Bau 30:17-21)
B. Bishaan yaa‘u (lola‘u) => Fakkeenya Hafuura Qulqulluuti (Yoh. 7:37-39, Yoh. 4:14)
Dubbii Waaqayyoo (wageela) irraa Lammaffaa kan dhalateedha (1Phex 1:23,Yaq 1: 18)
Hafuura qulqulluu irraa dhalateera (Efe. 1:13)
Sababa Hafuura Qulqulluu irraa dhalateef hafuurri isaa inni du‘aa ture Waaqayyoo wajjin
tokkummaa uumuu danda‘eera.
Addaamis erga iddoo dhaaba Eden keessaa baafamee booda akka bifa isaatti (ulfinni
Waaqayyoo kan itti hir‘ate) fi akka fakkeenya isaatti (amala cubbamaa kan qaban) godhee
ilmaan isaa dhalche (Uma 5:3)
Isa booda yeroo jalqabaatiif qomoo foon uffate keessaa Gooftaan Yesuus Kiristoos ―Ana
kan arge Abbaa arge‖ jedhe. Inni qofti bifa (ulfina) Waaqayyoo fi fakkeenya (amala) isaa
akka agarsiisu dubbate.
Sababiin isaas isa qofatu ulfina (bifa) Waaqayyoo kan mul‘isuu fi akkasumas amalaan kan
fakkaatu ture (Ibr 1:3)
118 Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana
dubbateera (Isa 34:16)
Waaqayyo Duraan dursee amala isaa isa waan hundumaa beekuutiin (Omniscience) Addaam
bifaa fi fakkeenya isaa akka gatu beeka ture.
Kanaaf Gooftaan Yesuus Kiristoos Bifa (ulfina) isaa kan ibsu, kan mul‘isuu fi fakkeenya amala
isaa akka ta‘u duraan dursee murteesse.
Kanaafis Yesuus Kiristoosiin qofa akka fayyisaa isaatti kan amanu hundi bifa ilma isaa akka
fakkaatanii fi bifa biraa isa badee fi bifa hafuuraa deebisanii akka argataniif Addaam utuu hin
uumamiin duraan dursee murteesse( Rom 8:29)
Sababii kanaatiif amanaan tokko yeroo lammaffaa dhalatee ka‘ee bifa (ulfina) kana
fakkaachuudhaaf ulfinaa gara ulfinaatti darba (2Qor 3:18)
3. Barbaacha /faana/ Kiristoos (Steps) kan hordofudha.
Gooftaa duukaa bu‘uuf duraan dursanii isa qofa ilaaluun barbaachisaadha (Ibr 3:1)
Ifa sagalee Waaqayyootiin barbaachicha itti fufee kan adeemuu dha (1Phex 2:21)
Hoolonni Gooftaa (amantoonni dhugaan) sagalee isaa dhaga‘aa isa duukaa adeemudha
(Yoh.10:27)
Gooftaa qofa ilaalaa fiigicha jireenyaa obsaan fiiguun ga‘ee amantootaa fi mirga isaaniiti
(Ibr12:2)
4. Kiristoos wajjin kan fannifame dha.
Namummaan cubbuu (Namummaa inni moofaan) akka badduu baafamuuf (Rom 6:6)
Ana kan jedhu (self) jiraataa akka hin taaneef (Gal. 2:20)
Biyya lafaa kana irra kan jiru wajjin hariiroo akka hin uumneef (Gal.6:14)
Biyya lafaa kana irra kan jiru (1Yoh 2:15-16)
A. Hawwii foonii (Disordered Bodily desires) (NJB)
B. Hawwa ijaa (Disordered desires of the eye) (NJB)
C. Jireenyaan kooruu (the boasting of what he/she has) (NIV)
Yaadachiisa. Amanaa tokkoon foon kee fannisi jedhamee itti hin himamu, garuu akka
fannifamee fi fannicha, Ameen jedhee akka fudhatu hubachiisuun gaarii dha.
Wanta biyya lafaa irraa utuu hin ta‘iin wanta olii akka barbaaduuf du‘aa kaafameera
(Qol.3:1)
8. Kiristoos wajjin mirga Waaqayyoo kan taa’e dha
Waaqayyo karaa ayyaana isaa arjummaa isaa agarsiisuuf Kiristoos wajjin mirga isaa
teessiseera (Efe. 2:6-7)
Sababni isaas eenyummaan amanaa tokkoo guutummaatti Kiristoos keessa dhokateera (Qol.
3:3)
Namni mirga Waaqayyoo taa‘e wanta biyya lafaa akka wanta xinnootti ilaala (Qol. 3:1- 4)
Namni taa‘e nama hojiin fayyinaa isaaf xumurame dha. Dhaabachuun garuu ammayyuu
dhiifamuu akka hin arganne agarsiisa (Ibr.10:11-12)
Namni waaqa keessa taa‘e qabeenya waaqa keessaa hundumaan kan eebbifameedha
(Efe. 1:3)
9. Yeroo Gooftaan Yesuus ulfinaan mul’atutti isa wajjin ulfinaan kan mul’atu
dha (Qol 3:4)
Yeroon ammaa kun yeroo ulfaachuu utuu hin ta‘in yeroo boo‘ichaa fi yeroo ciniinsuu ti
(Yoh 16:20-22)
Amma yeroo itti maqaa balleeffamuuti (Luq 6:22-23, Yoh 16:1-4)
Waldaan Kiristiyaanaa biyya lafaa kanatti ulfinaa fi fudhatama hin qabdu (Yoh 17:14)
Sababni isaa amma yeroo itti fannoo baannu malee yeroo itti ulfaannu miti (Luq 14:27)
Yeroo Gooftaan Yesuus mootummaa isaa mul‘isuuf dhufutti amanaan uffata adii uffatee isaa
wajjin ni mul‘ata (Mul 19:7-16, Qol 3.4)
10. Kiristoos wajjin waggaa kuma kan moo’u dha
Waldaan Kiristiyaanaa erga ol butamtee waggaa torba (7) booda Gooftaa Yesuus Kiristoos
deebi‘ee qulqulloota wajjin gara biyya lafaa ni dhufa (Mul.19:7-16)
Kiristoos Diinota isaa hunda erga ijaa bahee booda mootummaa isaa waggaa kumaa tokkoof
lafa irratti ni hundeessa (Mul. 20:1-)
Waldaan Kiristiyaanaa (mootittiin) kaadhimni hoolichaa lafaa ol-gubbaa ta‘uudhaan
Kiristoos mootichaa wajjin waggaa kuma tokkoof ni mooti (Mul.20:4-6, Far.45)
Dhugaa kana irra yoo dhaabanne (amanamne) isa wajjin mo‘uuf jirra (2Xim.2:11)
Du‘aa ka‘uu isa jalqabaatti kan ka‘an hundinuu ni mo‘u (Mul.20:6)
Daawit Faasiil
Kan Hiike:
Taammiraat Tafarraa
2004, Jimmaa
1Qor 10:32
Namni Macaafa Qulqulluu dubbisu tokko walakkaan macaafichaa qabiyyeedhaan waa‟ee saba
tokkoo, jechuun Israa‟elootaa, akka ta‟e hubachuuf kan isa rakkisu hin ta‟u. Itti dabalatees namni
kun sabni Israa‟eel akeekaa fi maree Waaqayyoo keessaa iddoo adda ta‟e akka isaan qaban ni
hubata. Sanyii fi qomoo namaattii adda ba‟anii kakuu Yaahiwwee keessa akka galan
taasifamaniiru, innis abdii isaaniif qofa ta‟e kan saba biraa hin ilaallanne kenneeraaf. Seenaa fi
raajii kakuu moofaa keessatti kan dubbatame seenaa Yihudootaa qofa.
Sabni warri kaan kan ibsaman walitti dhufeenya isaan saba Israa‟elii wajjin qabaniin kan
ibsamedha. Kakuu isa darbe keessatti osoo sabni Israa‟el kan abboomamanii fi kan amanaman
ta‟anii, guddummaan lafa irraa, badhaadhummaa fi aangoon lafa irraa akka isaaniif kennamu
kakuun isaaniif galamee ture. Yoo abboomamuu fi amanamuu dhaabaatan garuu daarii lafaa gar
tokkoo hamma gara kaaniitti saba hundumaa gidduu akka tamsa‟an (Kes 28:64) ibsameera.
Abdiin Masiihichaa inni eebba gosa namoota lafaa hundumaaf ta‟u akka dhaloota fooniittis
qomoo isaanii keessaa akka dhufu kan himamee ture.
Namni Macaafa Qulqulluu dubbisu qorannoo isaa yeroo itti fufu qaama baay‟inaan ibsamte kan
biraa ni argata, isheenis Waldaa Kiristiyaanaa kan Waaqayyoo jedhamtee waamamteetti. Qaamni
kunis Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya adda ta‟e qabdi, akkuma Israa‟elis abdii ishee qofaaf
ta‟e Waaqayyoo irraa fudhatteetti. Wal fakkeenyi isheen Israa‟elii wajjin qabdu isuma kanaan
ga‟ee garaa garummaan guddaa isaan gidduu jiru itti fufa.
Qaamni kun kan ijaaramte fooniin sanyii Abrahaam warra ta‟an qofaan utuu hin ta‟iin ishee
keessatti adda addummaan Yihudii fi saba Waaqayyoo warra hin ta‟iin gidduu jiru hafeera.
Walitti dhufeenyi kun kakuu irratti qofa kan hundaa‟e utuu hin ta‟iin lammaffaa dhalachuu isa
Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa fi akka gooftaatti fudhachuudhaan argamuun malee.
Waldaan abboomamuudhaan guddummaa fi badhaadhummaa lafa irraa argachuuf utuu hin
“Anis dhagaa hin sochoone kana irratti Waldaa koo nan ijaara” jedhe (Mat 16:18)
“ijaareera” yookiis “ijaaraan jira” utuu hin ta‟in “nan ijaara” jedha.
Itti fufees Ef 3:5-10 keessatti waldaan kun dhaloota kakuu moofaaa keessa turan biratti
dhoksaa akka turte ni dubbata. Namootni tokko tokko garuu dogoggoraan Addaamii fi
namootni kakuu moofaa waldaa kana keessa akka jiranitti dubbatu; kun garuu dogoggora dha.
Akka macaafa qulqulluutti guyyaan dhalootaa Waldaa Kiristiyaanaa hojii ergamootaa
boqonnaa 2 keessatti (Hafuurri Qulqulluun yeroo gad bu‟e) akka ta‟ee fi biyya lafaa irraa kan
isheen raawwattee ol butamtu immoo ergaa gara warra Tasalonqee boqonnaa afur keessatti
ibsamee jira.
Kan biraan immoo qomoo Israa‟elis ta‟e Waldaa Kiristiyaanaa irraa adda kan ta‟e saba
waaqayyoo kan hin ta‟in waa‟een isaanii Macaafa Qulqulluu kee ssatti baay‟inaan hin ta‟in
malee ibsameera.
Macaafa Qulqulluu keessatti qomoo sadan kana dubbisa kanaa gadiitti argaman keessaa
argachuu ni dandeenya.
Yihudoota Warra saba Waaqayyoo hin ta‟in Waldaa Kiristiyaanaa
Rom 9:4-5 Efe 2:11-12 Efe 1:22-23
Yoh 4:22 Efe 4:17-18 Efe 5:29-33
Rom 3:1-2 Mar 7:27-28 1Phe 2:9
1. Waamichaan
Amma bara ayyaanaa keeessa jirru kanatti Yihudiis ta‘e saba waaqayyoo kan hin ta‘in,
fayyinni, lammaffaa dhalachuudhaan (Yoh 3:3-16)fi waldaa waaqayyoo (Ef 1:22-23) ishee
dhagna tokko taate (1Qor 12:13) keessatti dabalamuudhaan amantii gooftaa Yesuus irratti
qaban irratti qofa kan hundaa‘e ta‘uun isaa waan nama shakkisiisu miti.
Waldaa keessatti adda addummaan Yihudii fi saba waaqayyoo hin ta‘in gidduu jiru ni hafa
( 1Qor 12:13, Gal 3:28, Efe 2:14, Efe 2:11)
Isin amma illee saba Waaqayyoo utuu hin ta‘iin dura (1Qor 12:2) jechi jedhu kan nu
agarsiisu dhaloota isaaniitiin namootni Yihudootni yookiis saba waaqayyoo warri hin ta‘in
gara waldaa kanaa yommuu dhufan garaa garummaan isaan gidduu jiru badee lamaanuu
karaa Kristoosiin uumama haaraa kan ta‘an Kristiyaanota qofa akka ta‘anidha.
Garaa garummaan Israa‘elii fi waldaa waaqayyoo gidduu jiru qajeelfama amala gaarii
isaaniif kennameenis ni mul‘ata. Kanneen armaan gadiitti barreeffaman wal bira qabii ilaali.
Karaa raajotaas haala gara fuula duraa Israa‟elii fi waldaa kan dubbatame garaa garummaa
nama dinqisiisudha. Waldaan guutummaa guutuutti lafa irraa gara waaqaatti kan fudhatamtu
yoo ta‟u, Israa‟el garuu badhaadhummaa lafa irraa baay‟ee gud daa ta‟e, aangoonis ni
eeeggataan. Mee kanatti fufee kan jiru ilaali.
Waa’ee Waldaa Kristiyaanaatiif
Mana abbaa koo keesssa iddoon jireenyaa baay‟eetu jira; utuu inni hin jiru ta‟ee, isinitti
nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuu dhaaf nan adeema yommuun dhaqee
iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi‟ee
dhufeetan gara ofii kootti isin fudhadha (Yoh 14:2-3)
Nuyi warri gaafa gooftaan deebi‟ee dhufu utuu hin du‟in jirru, warra obbaafatan dura
hin buunu, sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in
dhaga‟ama, malakatni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan
waaqa irraa gad in bu‟a; warri Kristoositti amananii du‟an dura in kaa famu. Kana
booddee nuyi warri utuu hin du‟in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti
gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol hin butamna; ergasii yeroo hundumaa
gooftaa bira in jiraatna (1Tas 4:15-17)
Nuyi garuu nama biyya waaqa irraati “Gooftaan keeny a fayyisaan keenya Yesuus
Michoota koo! Nuyi amma ijoollee Waaqayyooti; isa booddee immoo maal ta‟uuf akka
jirru mul‟ataa miti. Haa ta‟u iyyuu malee, yommuu i nni mul‟atu inni akka jirutti isa
arguuf waan jirruuf akka isaa akka taanu beekna (1Yoh 3:2)
Namni du‟aa ka‟uu isa duraa kana keessaa qooda qabu attam gammada attamis
waaqayyoof kan qulqullaa‟edha! Duuni lammaffaan warra akkasii irratti humna hin
qabu; isaanis luboota waaqayyoo, luboota Kristoos ta‟anii, isaa wajjin waggaa kuma
tokkoof mo‟uuf jiru (Mul 20:6)
Waa’ee Israa’eliif
Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesuus jedhii moggaasi! Inni
guddaa in ta‟a ilma abbaas jedhamee in waamama, waaqayyo gooftaanis teessoo
abaabilii isaa Daawwit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo‟a, barri
mootummaa isaas dhuma hin qabu (Luq 1:31-33)
o Abdii torba warra Maariyaamiif kennaman kana keessaa warri jalqabaa shanan
raawwatamaniiru. Warri hafan lamaan immoo hin raawwataman jechuuf
akkamitti dandeenyaree?
Simoon, waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin ta‟in keessaa, saba ofii isaatii
godhachuu dhaaf akka dhimme nutti himeera. Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti
kanaa wajjin walii gala.
o “Isa kana booddee nan deebi‟a, mana Daawwit isa jig es deebisee nan ijaara…
(HoE 15:14-16)
Egaa, waaqayyo saba isaa gateeraaree? Matumaa kun ta‟uu hin danda‟u. Ani ofii kootii
nama Israa‟el, sanyii Abrahaam gosa Beniyaam keessaa tokko … egaa, gufachuun
isaanii akka kufanii hafaniif moo ree? Matumaa kun ta‟uu hin danda‟u; garuu irra
Guddina waldaa kiristaanaa duubatti harkisuu, ergama ishee waliin makuu, akkasumas
wantoota hafuuraa ishee jalaa balleessuu keessatti qooda sababootni kan biraa hundi walitti
ida‟amanii qaban caalaatti isheedhaaf amala Yihudii yookiis bakka Israa‟el buusanii
fudhachuun miidhaa isa caalu irraan ga‟ee jira.
2004, Jimmaa
Amanaan sababa kamiin iyyuu cubbuu yoo hojjete of irratti muruudhaan qalbii jijjiirratee gara
Waaqayyootti deebi‘uudhaan dhiifama argachuu ni danda‘a; kana gochuudhaa yoo baate
garuu waaqayyo akka fedha isaa fi akkaataa hojii isaatiin dhagna isaa irratti akkasumas
faayidaawwan biyya lafaa keessa jiraniinis isa adabuu ni danda‘a.
Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta‘ee, waaqayyo nutti hin faradu ture.
Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin
faradamnetti, gooftichi akkasitti adabee nu qajeelcha (1Qor 11:31-32)
Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta‘u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf
hin adabne immoo isa kamiree? (Ibr 12:7)
Kanatti fufee kan jirus dubbisi:(1Phe 4:17, 1Qor 5:5, 2Sam 7:14-15, 2Sam 12:13-14, 1Xim
1:20)
2. Firdii hojii amantootaa irratti faradamu
Yeroo: yommuu Kristoos deebi‘ee dhufu.
Bakka: waaqa irratti
Bu’aa: gatii (badhaasa)/gonfoo fudhachuu yookiiis fudhachuu dhabuu (ofii isaatii
garuu in oola)
Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus, isa irraa fagaannus, gooftaa biratti
fudhatamoo akka taanuuf in dhimmina. Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti
utuu jiruu gaariis ta‘e hamaas ta‘e, akkuma hojjete tti waan isaaf ta‘u akka argatuuf,
nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kristoos duratti dhi‘aachuuf jirra (2Qor 5:9-10)
Ati garuu maaliif obboleessa keetti faraddaree? Yookiis ati maaliif obboleessa kee
ceephaata ree? Hundumti keenya barcuma firdii waaqayyoo duratti dhi‘aachuuf jirra
(Rom 14:10)
Kutaan macaafa qulqulluu armaan olitti caqasaman lamaanuu waa‘ee amantootaa qofa akka
ta‘e ifaadha.
Kutaa dubbisaa isa jalqabaa (2Qor 5:9-10) keessatti Phaawuloos waa‘ee keenyaaf kan inni
barreesse haala lamaan keessaa isa tokko keessa akka jirruttidha innis: dhagna keenya keessa
jiraachuu yookiis dhagna keenya irraa fagaannee gooftaa wajjin jiraachuudha. Jechoota
akkasii kana immoo namoota hin amaniniif fayyadamuun hin danda‘amu. Iddoo (haala)
lamaanuu keessatti jechuunis dhagna keenya keessa jiraannees yookiis isa irraa yoo fagaannes
gooftaa gammachiisuuf in dhimmina.
Kutaa dubbisaa isa lammataa (Rom 14:10) keessatti immoo jechootni ―nuti‖, ―obboleessa‖
jedhan kutaan dubbisaa kun amantootaaf qofa ta‘uu isaa nu hubachiisa. Hafuurri qulqulluun
warra fayyanii fi warra hin fayyin matumaa akkasitti waliin hin rukutu.
Kutaan dubbisaa inni kanatti aanee jiru immoo akkaataa firdiin hojii amantootaa irratti
fardamu itti raawwatamu nutti argisiisa:
Isuma dur kaa‘ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa‘uu hin danda‘u; hundeen dur
kaa‘ame sunis Yesuus Kristoos. Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-
jabeessaan, yookiis, mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara. Hojiin
namaa adduma addaan maal akka ta‘e, ibiddi qoree in mul‘isa. Hojiin namicha isa irratti
ijaaree, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii (badhaasa) isaa in fudhata. Hojiin
namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta‘u iyyuu malee ofii isaatii
akka nama ibidda keessaa ba‘etti in oola (1Qor 3:11 -15)
Kutaaleen dubbisaa armaan gaditti jiran immoo yeroo firdiin kun itti raawwatu nuuf ibsu.
Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommuus adduma
Faradama
Firdichi lafa irrattidha Macaafonnis ni banamu
Macaafonni hin banaman
Kutaalee sadiitu jiru (hoolota, Yeroon isaa erga Kristoos waggota
re‘oota fi obboloota) kuma tokko mo‘ee booda
Yeroon isaa yommuu Kristoos deebi‘ee
dhufu
2002, Jimmaa