You are on page 1of 38

YENNAA XOOMII AFURTAMA WOGGAA “A”

Yennaan tuni yennaa nu’uuf toltuu fi yennaa fayyinna


dhaggannuu iteeti (Qor. 2º 6, 2)

Yennaan tuni maaniif nu’u tolti?:


a) DUBBII WAAQAA caalchinnee caqasiisaaf
b) KADHAA caalchinnee godhiisaaf
c) HUJII ARAARAA hujiisaaf:
+ Qarqaarsa obboleeyyaanitiif
+ Dhugeeffannoo huji’iin mudhisiisaaf
d) JAALALLOO YESUUSII faannoo gubba’atti ilaaliisaaf
e) CUBBUU hujiisa lakkisiisaa fi araara galiisaaf
f) QIDDAASEE qoodamiisaaf

Kana yoo hunyee GARA WAAQA HIN-DEEBINA, KRISTOOSI


woliin TOKKO iteena.

XOOMIIN jechuun maan jechu’u? Xoomiin jechuun:

1) BEESSISA HIIKAMIISAA: Hafuurri nafa


keenna akeeka.
2) BEESSISA QOODAMIISAA:
obboleeyyaan ka hin-qanne woliin
3) BEESSISA ADDI’II: Waaqatti addii
godhanna; lubbuun teenna isaan
foorfatti, isalle’een jirti.
4) BEESSISA DHUGEEFFANNO’OO: ani
ha Waaqaati.
5) BEESSISA TOKKUMMAA: ka
dhugeeffatanu woliin Kristoosi hordofa.

1
Dubbisa 1º. Dubbisa 2º. Wongeela
Sadarkaa Seena
Fayyinnaa
K. Dad. 2, 7-9; Room. 5, 12-19 Mat. 4, 1-11
SANBATA 1º 3, 1-7 Gara garummaa Qoratama
Burqituu: Dada’aa Cubbuu/Ayyaana Yesuusii
fi Cubbu’uu
Kit. Dad. 12, 1-4 Xim. 2ª. 1, 8-10 Mat. 17, 1-9
SANBATA 2º Abrahaami: Waaqi nu’u waama Jijjiirama
Waamicha Waaqaa nu’u issa Yesuusii
Kit. Seer. Bay. Room. 5, 1-2. 5-8 Yoh. 4, 5-42
SANBATA 3º 17, 3-7 Jaalalloo Waaqaa Nadhiin
Muusee: Bisaan onnee teenna Saamariyaa
Rassu’uu keessa
Kit. Saam. 1º. Efes. 5, 8-14 Yoh. 9, 1-41
SANBATA 4º 16, 1.4.6-7.10-13
Daawitii fi Kristoosi nu’u Ballicha
Mootummaa: issa Fayyifame
Filatamuu Daawitii
Kit. Seer. Bay. Room. 8, 8-11 Yoh. 11, 1-41
37, 12-14
SANBATA 5º Gogeessa Hafuuraan ka Alazaari
Mortoole’ee: le’uu jireenna
Hafuurri Waaqaa
dhaggata
lubbuu hin-haaressa

GUYYAA MATOOMA

“Karaa gara Waaqa deebisiisa”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Kit. Iyo’eelii 2, 12-18


Gorsi Morticha Iyo’eelii: “Onnee teessani tarsaasa’aa” jedha.
Hiikiisa: Mortichi Iyo’eeli yennaa dubbii tana dubbatee qorophiisi
biyya Isra’eelii galtee midhaan duuchii nyaattee kolbaan belottellee
gungunte; mana kadha’aa keessa aseraati Waaqaaf dhikeessiisaaf hin-

2
jiru; ka hin-dhugeeffannee ka higa yennaa sani dhugeeffatanee itti
kollane, tuffatanelle’e. Morka kanaaf gaaffii tana mataa ifii gaafatane:
“Waaqa biratti yoo dhugeeffannee woyyaa moti? Yennaa akkasi
yaadatanee Mortichi Iyo’eeli maqaa Waaqaatiin dubbate. Innille:
a) Addii hiyyeeyyole’ee jajjabeessiisaa fi
b) Dhugeeffannoo Kolbaa haaressiisaa fi
c) Duuchiinuu gara Waaqa dhuga’aa akka deebi’anuu gorse.
Dubbiin Mortichi dubbatee ta Waaqaati malee ta isaatii moti. Goottaan
akka Abbaa ossuu fi hafuu jedhu, ijoollee ifii akka hin-bannee
barbaada. Jaalalloo isaa guutaa akka beekanuu wodhaana.
Wonni kuni “ARAARA GALIISA” yokiin “GARA WAAQA DEEBI’IISA” iteeti.
Inni afaan callaan hin-dubbatu; dhugeeffannoo teenna huji’iin
akka mudhinnuu nu’u gorsa. ARAARRI keenna maan? Akka araara
gallee attam mudhinna?:
+ Onnee tarsaasiisa malee uffana calla’aa moti.
+ “Gara Waaqa deebi’a’aa” jechuun:
1) Waaqa dharaa lakkisiisa = Seexana mormatiisa.
Waaqi dharaa keenna eennufa’aa? meeqa?
2) Waaqa dhugaa dhugeeffatiisa. Inni ka jaalalloo
ite’ee fi ka hafuu jedhu. Cubbuu fi dhugeeffatamiisa
dhabiisa jaalalloo isaa hin-balleessanu. Waaqi
jaalallo’o kanaaf jaallatiisa lakkisiisa hin-dande’u.
Kolbaan yennaa gara Waaqa deebituu maan jetti?: Kadhaa tokko gooti;
sunille: “GOOTTAA KEENNA, KOLBAA TEETIIF HAFUU JEDHI”
jettee kadhatti. Kana godhiisaan Kolbaan:
a) Akka cubbuu hujjee dhugaa-baati
b) Waaqi jaalalloo ifiitiin yennaa duuchii nama duuchii hafuu
akka jedhiisa barbaaduu mudhitti.
Yesuusi yennaa waan xoomii barsiisuu dubbii Morticha Iyo’eeli tanaa
fudhata (Mt. 6, 16s)
Yennaa gara Waaqa deebinuu: ONNEE GUUTA’AAN
deebi’iisa barbaachisa. Kana jechuun: “Lammeessoo cubbuu sani
hujiisa hin-barbaannu” jechu’u.
Gara Waaqa maaf deebina?:

3
1) Morkille WAAQI:
a) ka hafuu jedhuu fi
b) ka ariifatee hin-mufannee fi
c) jaalallo’o. Yesuusi akkana jedha: “Kadhadha’aa hin-
kennamaaf... dhodhowa’aa isiniif hin-banama...” (Mt. 7, 7)
2) Morkille NAMI:
a) Duuchii ijjumaa hin-badu
b) Isa keessa waan hosee tokko tokko dhaggatiisa
dandeennuuf waan hosee sani fayyisiisa barbaachisa.
3) Morkille KOLBAAN DUUCHIIN:
a) nu’u tuffatanii fi
b) Waaqa tuffatani: ‘kolbaa ifii fayyisiisa dhabe” jedhani.
Jaalalli Waaqaa cubbuu hin-caalti. Ulfinni isaa hin-badu; mataa
ifiitiinuu ulfinna ifii eega. Waaqille onnee kolba’aa dhaggee rakkoo
gara gammada jijjiira. Kana akka godhu ammoo:
 ARAARRI galiisa keenna DHUGAA akka ite’ee barbaachisa
 ADDIIN teennalle ha hin-mamannee ite’iisa isii barbaachisa.

2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Qor. 2ª. 5, 20-6, 2


“Waaqa woliin araarama’aa”
Hiikiisa: Phaawuloosi “ERGANTU” Goottaa Kristoosii akka ite’ee fi
Kolbaan Kristiyaana Waaqa woliin akka araarantu akka gorsuu nu’utti
mudhisa. Waaqi karaa Phaawuloositiin gorsa (2, 13)
Iciitiin tuni guddo’o. Ka dhugeeffatu callaa waan “ergantichi”
“Akeettichi” “Qeesiin” jedhanuu akka Dubbii Waaqaa akka iteetuu
fudhata. “Jaarsoliin” Mana Kadha’aa duuchiin “Qarqaartolee”
(Qoodantoolee) hujii Waaqaa ite’ani. Isaan duuchiin maqaa Waaqaatiin
Kolbaa Kristiyaanatiif hujii Waaqaa hujani.
Ergantichi kuni (Qoodantichi hujii Waaqaa kuni) jaalalloo Waaqaatii fi
jaalalloo obboleeyyaan isaatiif jedhaa nama tokko tokko fayyisiisaaf
(Kristoositti akka dhugeeffatanu) waan duuchii lakkisiisa murata. Phaawuloosi
akka Waaqa woliin araaramanuu itti kadhata. Innille = karaa
Kristoositiin Waaqa woliin araaramiisa akka dande’anuu hin-beeka.
Kristoosi callaatti cubbuu gara ayyaana jijiiriisa dande’a. Yesuusi

4
callaa “yennaa toltuu” yokiin “yennaa fayyinnaa” mudhisiisa dande’a;
nu’uuf kenniisa dande’a. Yennaan toltu tuni ka Dubbii Waaqaa
caqasuu fi ka ayyaana Waaqaa fudhatiisa barbaaduu hin-mudhatti.
WAAQI yennaa duuchii HAFUU JEDHA
NAMI yennaa duuchii ONNEE IFII baniisa isa barbaachisa.
HAFUU JEDHIISI WAAQAA AMMA yennaa XOOMII tana haa fudhannuu!

3.- Wongeela: Mt. 6, 1-6. 16-18


“Kennansaa fi kadhaa, xoomiille’e”
Hiikiisa: Foorri 6’aan kuni waan “Araaratiif” nu’utti hima.
ARAARRI kuni jechuun:
a) Le’ii teenna ilaallee
b) Wongeelarraa akka itti murruu jechu’u.
Waamicha Waaqaa beennee “DEEBII” akka kenninuu nu’u
barbaachisa. Inni “bartoota dhuga’aatii fi hose’ee” Ilma Isaa akka
iteenuu barbaada.
Matewoosi:
 “Namooti akka isin ilaalanuu waan tokko hin-godhina’aa”
jedheeruun duuba
 “Hujii sadii” bartooti Yesuusii akka hujanuu itti hima. Hujii
sadii sani waan ulfinna Waaqaatii fi waan ulfinna
obboleeyyaan isaani akka hujanuu isaan barbaachisa.
Akkasi godhiisaan araarri bartoota Yesuusii:
1) Waaqa galatoonfata
2) Addii “Badhaasa” Waaqaa fudhatiisa ite’a
3) Qarqaarsa obboleeyyaan ite’a.
Hujiin hoseen sadiin tuni, tana:
1) KENNANSA (Mezuwati). Fakkeenna Xoobiitii haa fudhannuu! Ifii
ammoo Yesuusi waan “kennansa” callaa adoo hin-ite’in kennansa
kana attam akka godhiisa akka nu’u barbaachisuu hin-barsisa.
2) KADHAA: dhossa’aan godhiisaaf... Yesuusi akkasi godhee
kadhate. Halkan... yennaa duuchii.
3) XOOMII: gammadaan godhiisa:
a) Waaqi nu’u beeka

5
b) Isa woliin tokkumma dhagganna
c) Inni callaa nu’u kanfala
Manni Kristiyaana keenna yennaa Xoomii tana keessa:
 Dubbii Waaqaa onnee lattu’uu fi ta dhuga’aa akka caqannuu
 Yesuusi akka hordonnuu
 Qabeenya keenna obboleeyyaan teenna woliin akka
qoodannuu nu’u barsisa.

SANBATA TOKKEESSO’OO

“Goottaa keetiif gadi jedhi”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Kit. Dad. 2, 7-9; 3, 1-7


“Dada’aa fi Cubbuu matoomaa”
Hiikiisa: Fakkii lamaa dhaggina:
1) Addee Gammadaa : muka adda addaa... midhaan duuchii...
Waaqi nama dadee akka gammaduu waan duuchii isaaf
kenne. Nami yennaa addee gammada jiruu Waaqarraa waan
duuchii fudhata; isaa ajajama; bifaa fi fakkeenna isaatiin
dadamee Waaqummaa Waaqa woliin qoode.
2) Cubbuu.Nami waan sani duuchii balleesse. Qorannoo fi
jigiisa, muraa Waaqaalle dhaggina. Lamaanuu (Dhiiraa fi
nadhiin) le’ii ifii Waaqa malee morka guutiisa barbaadaneef
hin-jigani; cubbuu hujani. CUBBUUN ISAANI:
a) Waaqa malee le’iisa barbaadani
b) Waan baddu’uu fi hosee mataa ifiitiin abbaa murtii
ite’iisa barbaadani
c) “Abbaa le’ii ifiitii fi Abbaa le’ii nama dhibi’ii
ite’iisa barbaadani.
Waaqa woliin jiraatiisa didatani. Waaqi akka hin-jirree laakkowani.

2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Room: 5, 12-19


“Cubbuun addee fakkantee ayyaanni achi caalchisee fakkaneera”
Hiikiisa: Phaawuloosi maan jedha?:

6
a) Kolbaan duuchiin ka isaani akeekuu hin-qaddu. Namichi
matooma (Addaami = Biyyeerra dadame) cubbuu yennaa hujee
bifaa fi fakkeenna Waaqaa ifii balleesse (Kit. Dad. 1, 26-28)
tokkumma nama dhibii woliin qabulle diige (Kit. Dad. 3, 1-24)
Yennaa sani jalqabee tokkumma namooti qabanuu = ha
dadhabinna isaaniiti. Namooti le’ii Waaqaa ka matooma
isaaniif kennantee le’iisa hin-dande’anu.
b) Kristoosiin (Addaami Haareya) ammoo Kolbaan duuchiin ka
isaani akeeku hin-dhaggani. Karaa dhufiisaa fi du’iisa
isaatiin cubbuu teenna balleessee gara Waaqa nu’u deebiise.
Kristoosi = akeekicha Kolbaa fayyifantee ite’a.
Morkille:
1) Inni namaa fi Waaqa ite’a
2) Isaan Waaqi nama ite’a
3) Fayyisa tokkochaa fi ka nama duuchi’ii ite’a.
c) Phaawuloosi waan “TOKKUMMA” keenna dubbata.
1) Matooma Addaami woliin qanna = tokkummaan
suni cubbaaleyyii nu’u godhe (ajajamiisa didanne)
2) Amma Yesuusi woliin qanna = tokkummaan kuni
fayyaleeyyii nu’u godha (ajajamiisa Kristoosii)
Kristoosi cubbu’uu fi du’arraa nu’u hiikee qulqulluummaa Waaqaa
nu’uuf kenne.

3.- Wongeela: Mt. 4, 1-11


“Yesuusi Hafuuraan gara gammoojjii akeekame”
Hiikiisa:
 Yesuusi Hafuuraan akeekame; Seexanni isa hin-akeeku.
Kanaaf qorannoon tuni karoora Waaqa keessaa gatii qaba.
Yesuusi Seexanaan akka qoratamuu ka barbaachisu. Ka isa
hordofanulle Seexanaan akka qoratamanuu ka barbaachisu.
Yesuusille yoo injifatee ka isa hordofanulle Seexana
injifatiisa dande’ani.
 Qorannoon sadiin = daabboo fi baasa, hunna ilaalani.
Kolbaan Isra’eelii qorannoo sadii tana gammoojjii keessa

7
dhaggane (Kit. Seer. Deebii k. 8, 2-20) Kristiyaanoti duri qorannoo
sani dhaggatane (Huj. Haw. 5, 1-11; 8, 9-18; 8, 18-25) kanaaf
qorannoon tuni hadha teenna iteeti.
Qorannoo: - ta qabeenya qabatiisaaf
- ta baasa kadhatiisaaf
- ta hunna qabatiisaaf (Waaqa dharaa gadi jedhiisaaf)
Karaa sadiin kanaan Seexanni Gumii Kristiyaana balleessa. Seexanni
le’ii teenna keessa addee Yesuusii fudhatiisa barbaada. Yesuusi
ammoo Seexana injifata. “Qulqulluummaa duuchii guutiisaaf dhufe”
jechuun “Cubbuu duuchii balleessiisa” jechu’u.
Yesuusi FEDHA WAAQAA morka GUUTUUF qorannoo duuchii injifata.
Seexanni FEDHA NAMAA akka guutuu barbaada. Inni ammoo
“waawwoo” jedha. Injifannoon ta matooma tuni waan injifannoo dhibii
(le’ii Yesuusi keessa duuchi’ii) fakkeenna iteeti. Injifannoon muumme’ee:
ka’iisa Yesuusii iteeti.

YAADOTA GUGGURDOO

1) Yennaan QORANNO’OO yennaa Hafuura Waaqaa


iteeti. Yennaa sani Waaqi nu’u hin-lakkisu; nu’uulle hin-
issa... nu’u jabeessa.
2) Qorannoon... le’ii teenna keessa akka Waaqi hin-jirre akka
laakkonnuu nu’u gooti. Yennaa Waaqa lakkinnuu
“Garboolee” iteena! Morkille Waaqi “Hiikansa” keenna
barbaada malee garboolee akka iteenuu hin-barbaadu.

SANBATA LAMMEESSO’OO

“Waamicha Kristiyaana”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Kit. Dad. 12, 1-4


“Waamicha Abrahaamii”
Hiikiisa: Abrahaami, dhugeeffanno’oon, Abbaa keenna ite’a. Inni
dhugeeffattoota duuchi’iif fakkeenna ite’a. Abrahaami: ariifatee

8
DUBBII WAAQAA CAQASA. Inni womaa hin-dubbatu. Waaqi maan
jedhee isa gaafata?:
a) “Biyya teeti lakkisii ideemi” (Lak. 1) Waaqi hin-ajaja.
Yennaa nu’u ajaju ammoo morka NU’U WOLIIN seena
fayyinnaa hujiisa barbaadu malee hojjuu hujiisa hin-
barbaadu. Kitaabi Qulqulluun: “Abrahaami ideeme” jedha.
b) Waaqi ajajeeruun duuba dubbii sadii kakata:
1) “Si’iif Kolbaa guddoo godha”
2) “Maqaa keeti guddaa godha”
3) “Si’i hin-eebbisa” jedha. Waaqille waan kakatu
duuchii hin-guuta (Hoseyi 11, 9; Kit. Laak. 23, 19 ilaali)
Wonni kuni dhaabinna dhugeeffannoo teenna iteeti.
c) “Abrahaami ideeme”. Waaqi ka waan duuchii hojjuu
godhiisa dande’uu nama dirqansisiisa hin-barbaadu. Amma
ammoo karoora fayyinnaa ifii nama woliin hujiisa waan
barbaaduuf isa waama, deebii akka kennuu hin-eega.
Morka kanaaf nuutille Abrahaami haa ilaalluu!:
+ Yennaa Waaqi adoo hin-beekin isa waamu
+ Yennaa Abrahaami waan Waaqi kakatuu caqasuu fi fudhatu
+ Yennaa fedha Waaqaa guutiisa ka’u.

2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Xim. 2º. 1, 8-10


“Waaqi nu’u waama”
Hiikiisa: Phaawuloosi: “Hunna Waaqi si’iif kenneen Wongeelaaf ana
woliin rakkoo fudhadhu” jedha. Waaqi Ximotewoosi waame (nu’uulle
waama) kanaaf Ximotewoosi Wongeela akka odeessuu fi dhugeeffannoo
ifiitiif akka rakatuu hunna ka kennuu Waaqa. Inni karaa Kristoositiin
ka nu’u fayyisuu ite’a.
Yennaa Xoomii ulfeessinee le’ii teennaa fi dhugeeffannoo
teenna wolta akka qannu baratiisa nu’u barbaachisa. Waaqi nu’u
duuchii waama, deebii akka kenninuu eega.

9
3.- Wongeela: Mt. 17, 1-9
“Fuulli Yesuusii – Fuula Waaqaa”
Hiikiisa:
 Mudhatiisi ulfinna Kristoosii kuni waan tokko barsisiisa
barbaada; sunille: Waaqi, karaa Yesuus Kristoositiin,
eennu akka ite’ee barsisiisa barbaada. Karaa Yesuus
Kristoositiin KAROORA FAYYINNAA ifii GUUTIISA
barbaada. Yesuusi Waaqummaa ifii bartootaaf mudhisa.
 Muusee fi Eliyaasi = waan Seeratii fi Mortoole’ee
qaasiisani. Seerrii fi Mortooleen duuchiin waan Yesuusitiif
dhugaa-bayane. Isaan Yesuusiin muummo’ani. Lamaanuu
“Yennaan Mesihi’ii akka dhuttee” dhugaa-bayani. Yesuusi
Mesihii Mortooleen akka dhufu dubbatane akka ite’uu
dhugaa-bayani.
 Pheexroosi: “Goottaa kiyya, asi tee’isi nu’uuf hose’e”
jedha. Waan gammada callaa yaadata malee waan rakkoo
yaadatiisa didata. Adoo hin-caqasin dubbata... matooma
ammoo caqasiisa barbaachisa, achiin duuba “deebii”
kenniisa dande’ama.
 Dubbiin Waaqaa hin-dhage’anti (3, 17) “Isa caqasa’aa” jetti.
Morticha ka nami duuchiin caqasiisa isaan barbaachisuu
ite’a (Kit. Seer. Deeb. Kes. 18, 15) Bartooti addii ifii duuchii
Yesuusitti akka godhatanuu fi isa callaa akka hordofanuu
hin-waamamani. Yoo isa dhage’anee gara addee Yesuusi
ideemu adoo hin-mamin, adoo asi achi hin-gorin hin-
ideemani. Caqasaneeranuun duuba “deebii” kennani.
Deebii matooma kennanuu: “Waaqaaf gadi jedhani”
Deebii lammeessoo kenniisa isaan barbaachisuu:
a) Karoora Yesuusii jijjiiriisa wodhaaniisa lakkisiisa
b) Yesuusi hordofiisa = higa faanno’oo
Yesuusi calla’atti isaan woliin hafa. Kanaaf isaan Yesuusi
HORDOFANI. Eessa?:
- addee inni ideemu

10
- karaa inni filu... morkille Yesuusi calla’aan seerrii fi
Mortooleen hin-muummo’ani; inni callaan beessisa
jaalalloo Abba’aa ite’a.
 Yesuusille: “eennulle’etti hin-himina’aa” jedhe. Maaf?
Morkille:
a) Yennaan suni yennaa caqasiisaa fi alalfatiisa
b) Yennaa Yesuusi woliin le’iisaa fi isa beekiisa iteete.
c) Yennaa dhibii isa beekaneeranuun duuba, isaaf
dhugaa-bayiisa dande’ani. Yennaa sani waan
dhage’ane duuchii hin-odeessani. Yennaa sani
Waamicha isaani karaa mataa ifii dabarsane
kenniisatiin dhugaa-hin-bayani. Bartooti waan kana
duuchii Yesuusi ka’eeruun duuba hin-guutani:
ideemani – odeessani – dhugaa-bayani – Yesuus
Kristoosiif mataa ifii dabarsanee kennani.

YAADOTA GUGGURDOO

1) Rakkoo teenna “jijjiiriisa” nu’u barbaachisa.


- Yoo “FAANNOO” teenna gammadaan fudhanne
- Waan Wongeelatiif jedhaa yoo lubbuu teenna
dabarsine kenniisaaf murre
- Goottaan “qooda” gammada isaa akka fudhannuu
nu’u kakata. Yesuusi rakkoo teenna gara gammada
jijjiiriisa barbaada.
2) Tarba Gubba’atti.
Addee “qommi’ii” – addee kadha’aa.
Yennaa kadhatiisaaf “dinqa” keessa isheennuu achi Waaqa
woliin dubbanna – isa caqanna – isa beenna. Yennaa sani
“hin-jijjiiranna” = Waaqi nu’u issa
Waaqi nu’uun calalaqa. Hunni jaalalloo isaa nu’u woliin
waan jirtuuf namaa fi ollaa keenna duuchii jijiiriisa
dandeenna.

11
SANBATA SADEESSO’OO

“Bisaanii fi Hafuuraan dadanneerra”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Kit. Seer. Bay . 17, 3-7


“Bisaan akka unnuu nu’uuf kenni”
Hiikiisa: Kolbaan Isra’eelii gammoojjii keessatti qoratante:
+ Bisaan hin-qabanu
+ Gungumane
Muusee irra callaa adoo hin-ite’in Waaqa irra gungumani.
Bisaan kuni: unii namaa ite’a; adoo hin-unin nami hin-du’a.
Bisaan kunille: fakkeenna ayyaana Waaqaa ite’a. Adoo
Ayyaanni Waaqaa hin-jiratin waan hosee tokko godhiisa hin-
dande’amu. Nami le’iisaaf miila ifii lafa tana irraa miidhessee ijjatiisa
isa barbaachisa. Ka dhugeeffatu ammoo miila ifii lafa tana irraa adoo
hin-ite’in dhugeeffannoo ifii irraa ijjatiisa isa barbaachisa.
Kanaaf rakkoon tuni maan? Eessa jirti?: Rakkoon tuni ta
bisaanitii moti. Rakkoon tuni ta Waaqi le’ii teenna keessatti dubbii
caaltu yoo ite’ee beekiisaaf = DHUGEEFFANNOO jechu’u.
Bisaan kuni (dhugeeffannoon) = dheebu teenna adoo hin-ite’in
ONNEE TEENNA FAYYISA.
Kolbaan Isra’eelii KARAA GUBBAA jirti. Asi keessa gaaffiin
lamaan jirti:
1) Kolbaan Isra’eelii gara eessa ideenti? Gara achi
ge’iisaaf maan gooti?
2) Waaqi, ka isaan waame, ka Gibtsirraa isaan baase,
waan kakatee hin-guuta? Waan kana akka beennuu
inni beessisa tokko hin-kennu? Kana jechuun,
“Waaqi nu’u wodhakkaa jiraa mo’o hin-jiru?
Waaqi deebii kenna = Bisaan rassuurraa baasa. Kanaaf WAAQA
QORATIISA, nu’u wodhakkaa akka jiruu ilaaliisa, yennaa duuchii
dhugeeffannoo woliin jira. Inni akka nu’u woliin jiruu beessisoota
hedduu nu’uuf kenna amma ammoo ka dhugeeffatuu isaan dhagga, ka
hin-dhugeeffannee isaan dhaggiisa hin-dande’u.

12
Rassuun bisaan ba’erraa = KRISTOOSI ite’a (Qor. 2º. 10, 4)
Qorannoo dheebu’uu fi gungunsuu injifatiisa nu’u barbaachisa, haa
kadhannuu, haa ossinuu!

2.- Dubbisa lammeesso’oo: Room. 5, 1-2. 5-8


“Jaalalli Waaqaa onnee teenna keessatti naqame”
Hiikiisa: Phaawuloosi dubbii tana barsisiisa barbaada. “Nuuti
dhugeeffanno’oon qulqullummaa waan dhagganeef Waaqa woliin
nageyaan jirra”. Dhugeeffannoon akka barannoo Mana Barumsaa
keessa barsisanuu barsisiisa hin-dande’anne. Dhugeeffannoon =
kennansa iteeti.
Yennaa nama dhugeeffachisiisa barbaannuu “dhugeeffannoo”
teenna “soda’aa fi rorommisaan” akka kennansa isaaniif hin-kennina.
Dirqansiisi ijjumaa hin-jiru.
NAMI = cubbicha ite’a
Waaqa woliin tokkumma hin-qabu
Amma ammoo Waaqi karaa faannoo Yesuusitiin
nama Waaqa woliin araarse
Kanaaf NAMI amma Waaqa woliin nageyaan jira.
Fayyinna dhaggatiisa jechuun:
a) Cubbuu lakkisee Waaqa woliin TOKKUMMA qabatiisa
b) Faannoon Yesuusii akka nu’u qulqulleessiisa dandeettuu
dhugeeffatiisa
c) Waaqi, karaa dabarsee kenniisa Kristoositiin, “lansa” namaa
akka ite’ee beekiisa.
Ka dhugeeffatuu kana beekiisaan gammadiisa dande’a.
+ Mataa ifiitii fi Waaqa woliin nageyaan jira
+ Jaalalli Waaqaa isa guutti: Kristoosi nu’u, cubbaaleyyii ka
iteene, jaallateera.
Kanaaf kristiyaanni ADDII GODHATA. Yesuusi
NAMA FAYYISIISAAF dhufe. Ka dhugeeffatuu Kristoosi
fakkaata. Hujii Kristoosi hujee hin-huja:
 Faannoo ifii ba’ata
 Obboleeyyaan isaa qarqaara

13
 Rakkatole’ee fi dhibamoolee woliin rakkoo qoodama
 Le’ii hosee akka le’anuu huja.

3.- Wongeela: Yoh. 4, 5-42


“Bisaan Jireennaa bara baraati”
Hiikiisa: Yesuusi barannoo barsisiisa barbaaduu ka nama duuchi’ii
iteeti. Kanaaf nama gargarii hin-baasu; nyaaphaa fi lansa hin-jedhu.
Gara Samariyaa ideemaa isaan barsiisa. Yesuusii fi nadhiin Samariyaa
dheebotaneerani.
a) Bollaa Yaa’iqoobii bira tee’aneerani. Waaqi biyya lafaa
tana gubba’atti hin-mudhata; addee nuuti jirru, addee
ideennuu nu’u bira jira. Akka isa dhagginuu godha.
Yesuusi nadhiin woliin dubbata: hin-gaafata, hin-deebisa.
Nadhiin akka barbaadduu godha, dhugaa akka beettuu isii
akeeka. Nadhiinille Yesuusi fudhatti, nama dhibiille hin-
dhugeeffachitti.
b) Yesuusi “bisaan jireennaa” kenniisa barbaada. Bisaan
inni kennu:
+ ka jireenna bara baraa kennuu ite’a
+ kennansa Waaqaa ite’a
+ bisaan kuni = Waaqa ite’a
+ bisaan kunille = Yesuusi ite’a
c) Nadhiin Samariyaa: matooma waan bisaan dheebuu
keenna baasu callaa yaadatti. Lana lanaa ammoo “hiikansa”
dhibii yaadiisa jalqaddi. Ka isii woliin dubbatuu Morticha
akka ite’ee hin-beetti (waan isiin gootee beekeera)
d) Yesuusi maan barsiisa?:
- Nami Waaqa beekiisa yoo barbaadee Yesuusitti
dhugeeffatiisa isa barbaachisa.
- Addeen inni “kadhatu”, “gadi jedhu” ijjumaa gatii
hin-qaddu.
- Waaqi = Hafuura ite’a kanaaf “Hafuuraa fi
dhuga’aan” isa ulfeessiisa barbaachisa.

14
- Waaqi = burqituu jireennaa ite’a kanaaf waan inni
jaallatuu nama keessa hin-burqisiisa (isa attam akka gadi
jedhiisa barbaachisuu hin-burqisiisa) “Dhuga’aan” jechuun
DHUGEEFFATAMIISA jechu’u. Waaqi,
Kristoosiin, waan Yerussaalemitii fi Garizim
gubba’atti isaan barbaadanee guuteera.
e) Yesuusi eennu akka ite’ee isi’iitti mudhisa: “Ani, ka si’iitti
dubbadhu, isa” jedha. Kanaaf
 Sagaleen Yesuusii: fedha Waaqaa guutiisa iteeti. Karaa
saniin gara jireenna bara baraa galiisa dandeenna.
 Yennaan “muraa” geetteerti. Muraan “amma” kennama.
 Tokko tokko hin-facaasani, tokko tokko ammoo hin-
haamani. Manni Kristiyaana akkasi huja: hin-facaasa –
hin-dhugeeffachisa – hin-haama.
 Dhugeeffannoon attam burqiti?: Yennaa Yesuusi
beennu, yennaa isa woliin dubbannu, yennaa kadhannu..
 Yesuusi akka “fayyisa biyya lafaa ite’uu” beekama.
Nadhiin adoo Yesuusi woliin dubbattuu KARAA IFII ijjatte; Yesuusi
isi’iif: Ayihuudicha ka karaa ideemu tokko - Goottaa tokko -
Morticha tokko – Mesihii - Fayyisa biyya lafaa... ite’a.
Nadhiin Samariyaa gara Waaqa deebitee Yesuusitti dhugeeffatte.
Dhugeeffatteertuun duuba worra Samariyaa dhugeeffachitte.
Dhugeeffannoon isaani ammoo dubbii nadhiin dubbatte irra adoo hin-
ite’in dubbii isarraa caqasane irra dhaabatte.

YAADOTA GUGGURDOO

1) Yesuusi hin-dheebota: “Bisaan anaaf kenni” nu’uun jedha. Nuuti


hooree? Maan barbaanna?:
+ tokkumma Waaqa woliin
+ burqituu kennansoota duuchi’ii
+ Waaqa beekiisaa fi Hafuuraa fi dhuga’aan ka ulfeeffamu.
2) Wongeela odeessiisa. Inni nu’u jijjiira; “Adoo kennansa Waaqaa
beette jiraattee...

15
3) Yesuusi “Dalleya” duuchii diiga: nyaaphummaa, sanyii, gargarii
bayiisa, kkf... Dhugeeffannoon teenna nama wodhakkaa gargarii
baasiisa hin-dandeettu, yoo gargarii baachee ka dhuga’aatii moti.

SANBATA ARFEESSO’OO

“Dukkanarraa gara ifaa”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Saam. 1º. 16, 1.4.6-7.10-13


“Goottaan onnee ilaala”
Hiikiisa: Waaqi Daawiti fila. Kolbaa ifii hin-lakkisu, isii akeeka. Ka
dhugeeffatuu yennaa duuchii Waaqi le’ii isa keessaa akka hujuu fi
waan ini yaadatuu fi huju akka isa akeekuu beekiisa isa barbaachisa.
Mortichi Saamu’eeli jidduu galeessa kolba’aa fi Waaqaa hin-
jira. Inni waan Waaqi ajajuu hin-caqasa, hin-guutalle’e.
 Kolbaan Waaqaa yennaa duuchii Mortoolee (ka fedha Waaqaa
beekuu fi dabarsu- hiiku) hin-qaddi. Waan kana duuchii Kitaaba
Qulqulluu keessatti hin-dhaggina; Mana Kadha’aalle
akkasuma. Yennaa waan kana deenuu dhugeeffannoon
teenna hin-baddi. Waaqarraa fi Wongeelarraa hin-fagaanna.
 Waaqi Daawiti akka bulchaa ite’uu file. WAAQI ONNEE
ILAALA. Beekkumsii fi hunni, durummaa fi ulfinni
teennalle isaaf hin-barbaachisu; caalchisee dadhabbii
teennaa fi hiyyuummaa teenna barbaada. Phaawuloosi:
“Waaqi beekkolee fokkisisiisaaf gowwummaa file... “ jedha
(Qor. 1º. 1, 27-29)

2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Efes. 5, 8-14


“Kristoosi si’i issa”
Hiikiisa: Phaawuloosi yennaa le’ii kristiyaanatii fi le’ii namoota
dhugeeffatanee wol-dorgonsisuu:
Le’iin kristiyaanaa = ifa
Le’iin ka hin-dhugeeffanne = dukkana iteeti jedha.

16
Ka dhugeeffatanuu “Hujii dukkanaa, hujii ta gatii hin-qanne, hujiisa
hin-dande’anu. Hujii sani duuchii tuffatiisa isaan barbaachisa”.
Phaawuloosi akkuma Yesuusi (Mt. 12, 32): cubbuu Hafuura
Qulqulluurraa hujuu [dhugeeffatiisa didaatiisa, fayyinna nu’u hin-
barbaachisu jedhiisa] hafuu hin-jedhantu) jedhuu hin-gorsa.
Wonni kuni = “addee dukkanti jirtuu wonni duuchiin cubbu’u”
jedhiisaa moti
Wonni kuni = “addee ifi jiruu wonni duuchiin ifa” jedhiisaa
moti.
Amma ammoo yennaa hedduu nami dukkana keessa jiranuu cubbuu
akka “waan hosee iteetee” hin-mudhisani. Ifa keessa ka jiranu ammoo
cubbuu akka hosee hin-dhaggani.
Phaawuloosi: “Duri dukkana keessa turtane amma ammoo ifa
iteetani” jedha. Inn akka “CUUPHAA” keenna yaadannuu nu’u gorsa.
Yennaa cuuphannee:
a) Nafa dullacha baafannee nafa haareya uffanne (Ef. 4, 20-24)
b) Nama haareya iteenee Kristoosi beekiisa jalqanne, mataa
keennalle beekiisa jalqanne.
Yennaa Dubbii Waaqaa fudhannu, yennaa waan Yesuusi nu’u mudhise
duuchii fudhannuu yennaa sani mataa keenna hin-beenna (Yoh. 17, 3)
Yesuusi eennu akka ite’ee beekiisaaf yennaa Xoomii tana
keessa wodhaanna; fuula isaa – barannoo isaa – ajaja isaa... baratiisa
dandeenna.
Yesuusi: “Ani ifa biyya lafaati” jedhe. Ka dhugeeffatu:
“Gootta’aan” ifa ite’a = ifi ifii Yesuusirraa fudhata. Ifi kuni matooma
le’ii teenna: hujii teenna, yaada keenna... akka issuu barbaachisa.
Achiin duuba le’ii nama dhibii issa. Isaan duuchiin Waaqaan
yaadatiisaa fi hujiisa, ifa Wongeelaatiin lammeessoo yaadatiisaa fi
hujiisa, waan ulfinna Waaqaatii fi waan hossumma obboleeyaaniif hin-
hujani. Morkille wonni Waaqa gammachisuu obboleeyyaaniif waan
hosee godha.

17
3.- Wongeela: Yoh. 9, 1-41
“Ani ifa biyya lafaati”
Hiikiisa: Yesuusi dubbii tana yennaa jedhee ballicha fayyise. Ka waan
jedhu guutuu inni dhugaamessa ite’a. Ka du’a jireennaan injifatu,
dukkanalle ifaan injifata (Yoh. 8, 12)
Dubbiin Yesuusii tuni:
a) eennummaa isaa mudhitti (“Ani ifa biyya lafaati”)
b) waamicha keennalle mudhitti (“Ka ana hordofuu dukkana
keessa hin-ideemu, ifa jireennaa hin-dhaggata”)
“Ifa jireennaa” jechuun:
1) Ifa = jireenna
2) Ifa = jireenna ka kennu
3) Ifa = gara jireenna ka akeeku
Ifi = kennansa = ka isa kennu Waaqa.
Jireenna = ka nami fudhatu = Nami kennansa Waaqaa fudhata.
Yoh. 9, 1-41 = Yesuusi eennuuf ifa ite’a? Maaf? Inni ballichaaf
ila callaa hin-banu, ka dhugeeffannoo fudhatiisa barbaadanuu isii hin-
kennaaf.
Seena kana keessa Yesuusi – ballichi – worri isaa – Feerisawuyaanoti
jirani.Yesuusi ifa ite’a. Ifi addee jiruu “muraa” kenna (Laak. 39)
Dhugeeffannoon addee jirtu ka hin-dhugeeffannellee hin-jirani (Laak. 40-
41) Yesuusi:
a) Balloolle’eef (cubbaaleyyii) ifa: dhugeeffannoo, fayyinna
fidiisaaf dhufe
b) Dukkana (Dhugeeffatiisa dhabiisa, muraa) ka ila qabanu
(Feerisawuyaanota) fidiisaaf dhufe. Isaanille waan kana duuchii
beekane (Laak. 40)
Ballichi hin-dhugeeffata, inni ka ila isaa baneef onnee ifii hin-bana.
Feerisawuyaanoti isa ari’ani, innille ammoo Yesuusirraa akka
fhudatamee hin-beeka. Yesuusi qorsaa fi Goottaa jireennaa, ifalle isaaf
ite’a. Dhugumaan akka hosee ilaaliisaaf ila nafaa callaa adoo hin-ite’in
ila dhugeeffanno’oo barbaachisa. Nuuti attam dhaggina? Balloolee
iteena?

18
YAADOTA GUGGURDOO

1) Akkuma Waaqi dhagguu dhaggiisa (Ef. 3, 18-19) Ifa


dhossiisa hin-dandeennu.
2) Waaqi ka nama duuchi’ii ite’a. “Keenna” calla’aa moti.
Ka tuffatamanee fi ka “diida” jiranuu file.
3) Akka hin-dhagginee attam beekiisa dandeenna?
Dhugeeffannoon akka harka diriirfame kadhatu tokkoo
iteeti. “Ani hin-dhugeeffadha ammoo dhugeeffannoo tiyya
fakkansi” jedhaa kadhadha.

SANBATA SHANEESSO’OO

“Du’arraa gara jireenna”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Hisq. 37, 12-14


“Hafuura kiyya isin keessa hin-galcha”
Hiikiisa: Yennaa Mortichi Hisqi’eeli dubbii tana dubbatee Kolbaan
Isra’eelii garbummaa keessa jirti. Dubbiin tuni Waaqi akka isaan
hiikiisaa fi fayyisa dande’uu hin-mudhatti. Waaqi kana godhiisa akka
dande’uu Mortichi Hisqi’eeli fakkeenna hirreensi banamee fi duwwaa
mudhatanuun itti hima. Waaqi “tariisa” haareya kolbaa ifii woliin
godha. Isaan hin-hiika, gara biyya ifiitii fi ta kolba’aa isaan deebisa.
Inni Waaqa ite’a, Waaqa ka du’oota kaasuu ite’a (Qor. 2º. 1, 9)
Tariisa haareya kana Ilma ifii Kristoosi woliin godha,
nu’uulle’eef hin-godha (Qor. 1º. 15, 20-22)
Waaqi ka injifatuu ite’a. Inni cubbu’uu fi du’a hin-injifata.
Jireenna haareya hin-kenna. “Ani Hafuura kiyya isiniif kenna, isin hin-
leetani”. Waaqi nu’u jijjiiriisa dande’a; akka leenuu hin-barbaada
kanaaf yennaa Xoomii tana keessa gara isa haa deebinuu! Cubbuurraa
akka nu’u baasuu haa kadhannuu!

19
2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Room. 8, 8-11
“Hafuurri Kristoosii isin keessa le’a”
Hiikiisa: Ka adoo le’u du’a callaa eegatuu hin-jira
Ka adoo le’u du’a injifatiisa addii godhatulle hin-jira (8, 8-11)
Phaawuloosi:
a) “Ka fedha foonitiin le’u yokiin ka fedha foonitiin
jala le’uu hin-jira”
b) “Ka fedha Hafuuratiin le’uu hin-jiralle’e” jedha.
Wonni lamaan kuni wol-lolani. Lolli kuni nu’u keessa hin-jira. Lolli
kuni: 1) Lola donnummaa fi jaalalloo woliin
2 2) Seexanaa fi Waaqa woliin
3) Dukkanaa fi ifa woliin ite’a.
Lolli kuni higa duunu asi nu’u keessa jira. Yesuusille rakkatee lole:
+ yennaa Seexanaan qoratame (Luq. 4, 1-13)
+ higa yennaa du’u (Luq. 22, 1-33)
Ka dhugeeffatuu lola kana loliisaaf hin-waamama. Injifannoon isaa
kakatanteertiif. Yesuusille injifate. Hafuurri Qulqulluun nu’u woliin
lola. Injifannoo nu’uuf kenna.
Phaawuloosi akkana jedha:
a) Seerri Hafuuraa ana hiikera (8, 2)
b) Hafuurri Waaqaa isin keessa le’a (8, 9.11)
c) Ka Yesuusi du’arraa kaasee jireenna isiniif kenna (8, 11)
Hafuuraan le’iisa jechuun:
1) Akka Wongeela le’iisa
2) Nama duuchii jaallatiisa
3) Nama duuchii woliin rakkoo fi gammada qoodamiisa
4) Nageya barbaadiisa
5) Mataa ifii dabarsee kenniisa
Kristiyaanni eennuu?: ka Kristoosi fakkaatu. Kristoosi akka fakkaatu
ka godhuu eennuu? Hafuura Qulqulluu. Phaawuloosi maan jedha?:
“Ani Kristoosi woliin fannifameera...” (Gal. 2, 20) “Jireenna kana
dhugeeffanno’oon le’a...” (Fil. 1, 21; Room. 8, 2)

20
3.- Wongeela: Yoh. 11, 1-45
“Ka’iisii fi jireenni ana”
Hiikiisa: Yesuusi waan dubbatuu hin-guuta. Dubbii tana yennaa
Alazaari du’arraa kaasee guute. Kanaaf Yesuusi wonni jedhu waan
guutuuf dhugumaan jirennii fi ka’iisi ite’a.
 Karaan Alazaarii karaa Yesuusiitii fi karaa keenna ite’a.
Karaan suni maan?:
+ Jireenna gara du’a
+ Du’arraa gara jireenna bara baraa.
Duuti teennalle: “Faasikaa” “Tariisa” dhugaa iteeti.
 Ka’iisi Alazaarii fakkeenna “CUUPHAA” kristiyaanotaa
ite’a. Inni karaa jijjiiramiisa mataa ifiitiin du’arraa gara
jireenna gale. Ka dhugeeffatuu kara sani hin-ideema:
Yesuusi isaaf “issa” – “hiika” – Kristoosi akka fakkaatuu
godha”. Le’iin kristiyaanaa le’ii muxannoo
dhugeeffanno’ootii fi addi’ii, jaalallo’oo iteeti.
 Ka “karra dhokkatte dhaggee” isii hin-bita. Ammalle karra
sani nama dhibi’iif hin-dabarsa: duuchiin karaa sani akka
itti qoodanuu godha. “Akka dhugeeffattanuu fi akka
jireenna dhaggattanuu waan kana barreesseera” (Yoh. 20, 31)
Yohaannisi yennaa “BAASA” kana barreessuu maan barsisiisa
barbaada?: Bartooti Yesuusii, ka dhugeeffatanu, Yesuusi woliin
TOKKO ite’ani; Duutille cufaa isaan gargarii baasiisa hin-dandeettu.
Kana jechuun = ka dhugeeffatanuu ijjumaa hin-du’anu.
Baasi ka’iisa Alazaarii baasa hunna dhugeeffanno’oo hin-
mudhisa. Ka dhugeeffatuu yennaa tana (AMMA) jalqabee jireenna bara
baraa qaba. Jireenna kana fudhiisaaf higa yennaa muumme’ee eegiisa
isa hin-barbaachisu (Laak. 24) Addeen Yesuusi jiruu fi addeen
dhugeeffanno’oo “yennaa muumme’ee” iteeti, isiin akka dhuttuu
eegiisa nu’u hin-barbaachisu.

21
YAADOTA GUGGURDOO

1) Adoo karaa “Xoomii” gubbaa ideennuu odeessiisa


fayyinna kana hin-dhaggina. Waaqi nu’u woliin jira, nu’u
fayyisa. Cubbuu teenna balleessa; Hafuura ifii nu’uuf
kenna; rakkoo teenna addii adoo hin-kutatin akka eegannuu
nu’u jajjabeessa.
2) Yesuusi Goottaa du’aatii fi jireennaa ite’a.
3) Kadhaan teenna kadhaa Yesuusii woliin yoo goonee
waan duuchii godhiisa dandeetti (Yoh. 11, 2)
4) Qorsi du’aa dhugeeffannoo ite’a (11, 25-26. 40)
5) Hafuurri Waaqaa nu’u wodhakkaa hin-jira – hin-huja.
6) “Ka anatti dhugeeffatuu ijjumaa hin-du’u” (Yoh. 1º. 4, 9-10)

SANBATA MEEXXI’II

“Maqaa Gootta’aatiin ka dhufu ka eebbifame”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo:(Is. 50, 4-7


“Goottaan Waaqi ana qarqaara”
Hiikiisa:
 Waamicha barataa: ka dubbatuu barata ite’a. Inni guyyaa
guyya’aan dubbii Waaqaa baratiisaaf gurra ifii bana.
Guyyaa guyyaalle’een hin-dubbata; worra dadhabaneef
dubbii Waaqaa hin-dabarsa. Barataan kunille hin-dadhaba
kanaaf ganama duuchii hunna dhaggatiisaaf dubbii Waaqaa
caqasa.Waamichi Waaqaa salpha’aa moti! Ka waamamuu
rakkoo guddoo fudhata.
 Addii godhata (v.5-9): ka waamamuu adoo rakkatu addii
godhatee waamicha sani guutiisaaf hin-qopho’a. Namichi
kuni adoo rakkatu akka Waaqi isa lakkisee fi isarraa
fagaatee hin-yaadatu. Waaqi isa bira akka jiru addii
godhata. Inni rakkoo akka fudhatu fedha Waaqaa akka ite’u
beeka kanaaf rakkoo fudhata. Rakkoo fudhatiisaaf “Fuula

22
ifii akka cabbii godheera” jechuu = ergaa ifii guutiisaaf
yaada muratee jechu’u. Karaa Waaqi isa mudhise
ideensiisaaf murateera; irra goriisa hin-fedhu. Yesuusi
qarqaarticha Waaqaa ite’eera. Fedha Waaqaa guutiisaaf
guddoo rakkate.

2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Fil. 2, 6-11


“Morka kanaaf Waaqi isa ulfeesse”
Hiikiisa: Phaawuloosi, Yesuusi akka nama ite’ee fi rakkatee du’e,
du’arraa akka ka’e, nu’utti hima. Innille fakkeenna kristiyaanota
duuchi’ii ite’eera. Faarsi kuni qooda lamaa qaba:
+ Diqqeenna Yesuusii: Waaqummaa mataa ifii diqeessee nama
ite’e. Karaan Yesuusii karaa Addaamiitiin wol-qixo’ee hin-jiru.
Addaamii ajaja Waaqaa hin-ajajanne. Akkuma Waaqa
ite’iisa barbaadee due’.
Yesuusi yennaa duuchii Waaqa ajajame. Qarqaarticha
Waaqaa ite’ee ulfeeffame.
+ Ulfeeffamiisa Yesuusii:
Addaamii mataa ifiitiin ulfeeffamiisa barbaade.
Yesuusi Waaqaan ulfeeffama.
Kanaaf Yesuusi “GOOTTAA” ite’a. Goottummaan isaa
dadaa duuchii gubba’atti ulfeeffanti. Kristiyaanni: ka Yesuusi
“Goottaa kiyya” jedhaa ulfeessu. Yesuusi “Goottaa” keenna
akka ite’ee hunna teennaan hin-mudhinna. Yennaa fedha isaa
hunyuu isa “fakkaanna”.

3.- Wongeela: Marq. 14, 1-15, 47


“Fayyinni dhufu kunooti”
Hiikiisa: Marqoosi afaan Barximewoosii ballicha keessatti dubbii
Yesuusi “Ilma Daawitiiti” jettuu ke’eera. Ballichi Yesuusi beeka! Kana
jechuun Yesuusi beekiisaaf ilti teenna hin-toltu; Yesuusi eennu akka
ite’ee ila teenna adoo hin-ite’in onnee teennaan beekiisa nu’u
barbaachisa. Baratichi Yesuusii faannoo dura yennaa dhaabatuu

23
Yesuusi eennu akka ite’ee beekiisa dande’a. Inni “Bulchaa
Ayihuudotaa” akka ite’ee achirratti beeka.
Qaabbiin rakkoo fi du’a Yesuusii wonni hoseen waan badduu
akka injfattu nu’utti mudhisa. Nama hafuu jedhiisaan seena isaani hin-
jijjiirti. Jijjiiramiisa nu’u barbaachisa.
Yesuusi “Goottaa” keenna akka ite’ee dhugeeffatiisa jechuun
isa hordofiisa jechu’u. Inni jaalallo’oon nu’u hin-bulcha. Ayyaana kana
yennaa ulfeessinuu maan ulfeessina? Gammadaan isa ulfeessiisa
dandeenna?: Eeti, morkille Yesuusi gula ideemiisa yoo dhanne, barata
isaa ite’iisa yoo dhanne, higa faannoo isaa dhugeeffatamiisaan ge’iisa
yoo dhanne, higa le’ii teenna dabarsine kenninu asi womaa ulfeessiisa
hin-dandeennu. Gammadiisalle hin-dandeennu.

AYYAANA KAMISA QULQULLU’UU

“Akka ani isiniif godhe, isinille akka gootanuu beessisa isiniif kenne”
Dubbiin Waaqaa ta hadha dhageennuu “Qiddaaseen” nuuti yennaa
duuchii goonu maan akka iteetee nu’u beessitti.
Qiddaaseen:
1) Qaabbii du’aa fi ka’iisa Yesuusii iteeti;
2) Ulfeessa ayaana Faasika’aa iteeti

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Kit. Seer. Bay. 12, 1-8. 11-14

Qaabbii “tariisa” Waaqaa kolbaa Isra’eelii keessa yennaa garbummaa


Gibtsi’ii keessa jirtu iteeti. Kolbaan Isra’eelii yennaa Waaqi isaan
wodhakkaa tare, garbummaarraa lakkisanee gara bilisummaa
qaxamurane. Garbummaarraa baatee biyya bilisumma’aa keessa
qulqulluumma’aa fi diriirumma’aan hin-le’ani.
Baasi kuni hujii Waaqaa callaa ite’a. Waaqi kuni yennaa
duuchii nama woliin jira. Kolbaan Waaqaa, dubbii isaa fudhattee
woggaa wogga’aan “qaabbii” tariisa Waaqaa godhattee hin-ijaaranti.
Harka du’a keessa baasane, kakuu haareya Waaqaa le’iisaan, kolbaan

24
haareya iteeti. Nuuti kolbaa Waaqaa iteenee fayyinna isaa nama
duuchii odeessiisaaf waamanneerra.

2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Qor. 1º. 11, 23-26


Dubbiin tuni kristiyaanoti “Qaabbii” tariisa Yesuusii akka
godhanuu hin-qaasitti. Inni du’arraa ka’eera; tariisi kuni haareya ite’a;
kakuu haareya iteeti; Yesuusi lubbuu ifii dabarsee kenne.
Dubbiin “fudhadha’aa nyaadha’aa” jettuu akkuma Yesuusi
godhe akka goonuu nu’utti hinti. Yennaa Qiddaasee goonu, yennaa
Qurbaani fudhannu, adoo jiruu teenna hin-jijjiirin fudhatiisa hin-
dandeennu.
Foonii fi dhiiga Kristoosii fudhannee obboleeyyaan teenna
dedhiisa yokiin tuffatiisa hin-dandeennu. Qurbaaniin beessisa jaalalloo
Yesuusii ha higa bara baraa iteeti. Ka Qurbaani fudhatu, ka Qiddaasee
qoodamu, akkuma Yesuusi lubbuu ifii waan obboleeyyaan isaatiif
dabarse kennee innille akkasuma godhiisa akka qopho’ee mudhisa.

3.- Wongeela: Yoh. 13, 1-15


Miila dhiqatiisa jechuun mataa ifii diqeessiisaa fi nama
qarqaariisa jechu’u.
 Diqeessiisa = Ani nama dhibii hin-caalu, Namooti duuchiin
ana caalani. Isaan garbonsiisa ana hin-barbaachisu.
 Nama qarqaariisa = waan mataa kiyya callaa hin-yaadadhu;
woliin hunya; tokkumma’aan leeena.

AYYAANA JIMAATA FANNIFAMIISA

“Bulchaa Ayihuudotaa nageya”

1.- Dubbisa Tokkeesso’oo: Is. 52, 13-53, 12


Dubbiin tuni iciiti rakkoo Yesuusii keenna nu’u galchiti.
Inni qarqaartichi akka kichuu lafa gammoojjii keessaa lata; inni lafa
du’oota keessatti jiraata ite’a. Inni nama hin-fakkaatu; nama woliin le’a
ifii ammoo rakkoo inni fudhatee akka yakkaa muraa Waaqaatii fi akka

25
nama dhibee nama dabarsu waan laakkowamee hin-tuffatama. Inni
adoo hin-moromin, adoo hin-gungumin, akkuma hooleen qalamiisaaf
oofamu, mataa ifii woreegamisaaf dabarfamee kennama.
Adoo garbichi kuni du’uu le’iin isaa du’a keessa hin-dumattu.
Du’arraa hin-ka’a; ka’eeruun duubatti ifa dhagga! Yennaa ka’uu nama
duuchii gara isaa harkisa.
Qarqaartichi kuni Kristoosi ite’a.

2.- Dubbisa Lammeesso’oo: Ibraaw. 4, 14-16.; 5, 7-9


Hiikiisa: Waaqi dubbii ifii keessa hin-jira, hin-hujalle’e. Dubbii ifiitiin
waan duuchii dade. Kolbaan Isra’eelii baasa inni godhee hin-qaabatani.
Kanaaf Dubbiin Waaqaa hunna qaddi; isiitti dhugeeffatiisa
dandeenna. Dubbiin Waaqalle higa onnee namaa isheentee isii
qorqorti.. Kanaaf Waaqi murtii namaa duuchii ite’a. Kristiyaanni
Waaqatti dhugeeffatee yennaa rakkatuu Waaqi onnee isaa waan beekee
fi hujii guddoo godhiisa waan dande’eef isa akka qarqaaruu hin-beeka.
Yesuusille qeesicha guddaa ite’a. Kanaaf kristiyaanni adoo hin-
sodaatin akka ossuu isa barbaachisa. Yesuusi Waaqa adoo ite’eeruu
nama yennaa ite’e waan rakkateef amma adoo Waaqa bira tee’uu
nu’uuf jedhee kadhata. Inni rakkoo fudhate, qorannoo duuchii
qoratame, cubbuu malee akkuma keenna waan ite’eef nu’u beekee
nu’uuf kadhata.
Kristiyaanni gara teessoo Waaqaa dhiifama fudhatiisaaf
dhikaatiisa dande’a. Isa bira dhiifamaa fi hunna hin-fudhata.
– Dhiifama = cubbuu teennaa fi
– Hunna = qorannoo duuchii injifatiisaaf.
Kristiyaannille morka Waaqa woliin tokkumma qabuuf Yesuusi
galatoonfatiisa isa barbaachisa. Karaa Kristoositiin Waaqa woliin
nageya qanna (Room. 5, 1-2) ayyaana isaalle karaa isaatiin fudhatiisa
dandeenna. Yesuusi “Riqicha” namaa fi Waaqaa wolta fidu waan
ite’eef karaa isaatiin gara Waaqaa dhikaatiisa dandeenna.

Dubbii tana keessa wonni dhaggiisa dandeennu:

26
a) kadhaa Yesuusii = inni yennaa rakkatee Abbaan isaa du’a
isarraa akka fageessu yokiin rakkoo du’aa keessaa akka
baasuu kadhate
b) injifannoo dhuga’aa = injifannoon suni maan?:
+ du’a dhooggiisafii moti
+ du’a akka fedha Waaqaa fudhatiisaaf.
Wonni Yesuusi barbaade maan?:
- nyaaphota ifii balleessiisafii moti
- halcha’aa fi yaada onnee ifii keessa injifatiisaaf;
sunille: rakkoo fi du’arraa baqatiisaaf. Morka rakkoo
sani injifateef Waaqi isa caqasee ulfeesse.
Rakko’oo fi fedha Waaqaa akka fudhannuu kadhatiisa nu’u
barbaachisa. Ajajamiisaaf rakkoo fudhatiisa nu’u barbaachisa. Yesuusi
“Ilma” ajajamee ite’e. Fakkeenna isaa haa fudhannuu!

3.- Wongeela: Yoh. 18, 1-19, 42


Hiikiisa: Yohaannisi karaa faannoo Yesuusii akka hordonnu nu’u
qarqaara. Yesuusi: “Ani yennaa lafa tanarraa oli fudhamuu kolbaa
duuchii gara kiyya harkisa” (Yoh. 12, 32) waan jedheef karaan suni karaa
gara teessoo ulfinna isaa geessuu ite’a.
Jalqabiisi karaa faanno’oo yennaa Yesuusi qabamuu ite’a;
achiin duuba Yesuusi qeesolee gugurdoo duratti qoratama; Pheexroosi
isa mormata; Philaaxoosi dura dhaabatee wolta dubbata; fannisiisaa fi
du’iisa higa lansooleen isaa reeffa fudhatanuu dhaggina. Karaa kana
keessa karaa mudhatiisa Waaqaa dhaggina. Sunille:
+ Yesuusi fedha ifiitiin ka isa barbaadanuuf dabarsee hin-kenna;
+ Eennu akka ite’ee (bulchaa fi ilma Waaqaa) mudhisa;
+ ka isa hordofanuuf Hafuura ifii hin-kenna;
+ ka higa rakkoo isa hordofanee onnee isaani keessa hin-tura.
Karaa kanaan iciitiin jaalalloo Waaqaa karaa isaatiin namootaaf ta
kennantee hin-guutanti.
a) Waaqa woliin araaramiisa. Nama woliin araaramiisa. Fayyinni
Waaqaa gammada keenna ite’a. Fayyinni Waaqaa addii teenna
hin-badhisa.

27
b) Dukkanti fakkeenna waan baddu’uu iteeti. Kristoosi cubbuu
teennaaf du’eera.
c) Fedhi Waaqaa = nama fayyisiisaaf = karaa du’a Ilma isaatiin
guutame. Burqituun dhiifamaa faannoorraa hin-burqiti. Kanaaf
“rakkoon Yesuusii” ta EEBBIFANTE jennee hin-waanna.
d) Cadhi jennee faannoo Yesuusii haa ilaalluu! Haa kadhannuu!
Faannoo teenna haa ilaalluu! Adoo faannoo (rakkoo) teenna
ba’annuu Yesuusi ha jiraata ite’ee haa ba’annuu! Inni jireenna,
jireenna guutaa, kenniisa barbaada.
e) Yesuusi: “Ka ana hordofiisa barbaaduu ‘faannoo ifii’ ba’atee
ana gula ideemu” jedha. Nuuti hordotoolee isaa haa iteenuu!

SANBATA DIQQAA: QOPHEEFFATA FAASIKA’AA

Beessisa afuri qanna:


1) IFA: Yesuusi ifa ite’a.
2) DUBBII WAAQAA: Yesuusi dubbii xumuraa ha Waaqaa
ite’a.
3) BISAAN: Yesuusi dheebu baasuu fi haaressu.
4) QURBAANI: Yesuusi sagalee jireennaa ite’a.
Kopheenni Faasikaa kuni iciiti Yesuusitti nu’u isheensiisa. Yesuusi ka
ka’ee fi jiraata ka ite’ee fuula namummaa Abba’aa ka mudhisee nu’u
beessisa.
Gammada guuta’aa fi addii guuta’aan ka nu’u miju akka ite’ee
nu’u dhageessiisa. Qopheenni kuni hidda addii teennatii fi jireenna
kristiyaanummaa teenna ite’a. Ka Yesuusi hordofuu isa woliin torbaan
tana keessa qoodanticha rakkoo isaa ka ite’ee amma gammada ayyaana
kanaa fudhatiisa dande’a.
Yennaa xoomii afurtama keessa waan cubbuu teenna
yaadanneerra; cubbuun teenna nu’u ulfaattee addii teenna nu’u
kutachitteerti; amma ammoo yennaa Ayyaana Faasikaa ulfeessinuu
addiin teenna hin-guutanti; cubbuu teenna injifatiisa akka dandeennu
hin-beenna, ifi Waaqaa rakkoo fi dhibee, dukkanaa fi gaaddisa le’ii
teenna keessa jirtu injifatiisa akka dande’u hin-dhugeeffanna. Waaqi

28
waan sani duuchii injifatiisaaf nu’u qarqaara. Waan kana beennee addii
teennaa fi dhugeeffanoo teenna jabannee akka mudhinnuu (odeessinu)
hin-wodhaanna.

QOODA TOKKEESSO’OO:Liturgiyaa Ifaa


Ibiddi dukkana keessa gabbifame fakkeenna:
a) Hafuuraa fi o’a Waaqaa
b) Hunna jireenna isaa
c) Jaalalloo namaa ta le’ii teenna o’ittu ite’a.
Shamaan gabbifame ka kolbaa akeekuu fakkeenna kolbaan
kristiyaanaa Yesuusi, ifa biyya lafaa ka ite’e, hordottuu ite’a.
Shamaan yennaa gabbifamu adoo ifuu hin-dhumata. Inni
fakkeenna Yesuusii ite’a:
- Yesuusi yennaa rakkatee, yennaa mataa ifii dabarse
kennee nu’u fayyise,
- Kristiyaanni ifa biyya lafaa ite’iisaaf rakkatiisaa fi
mataa ifii dabarse kenniisa isa barbaachisa. Afaan
callaa adoo hin-ite’in le’ii teennaan ifa biyya lafaa
ite’iisa nu’u barbaachisa.

QOODA LAMMEESSO’OO: Liturgiyaa Dubbii Waaqaa


Dubbiin seena iteetee Yesuusi fudhatiisaaf karaa hin-qopheessiti.
Dubbiin yennaa dadaan jalqaddee jirti. Waaqi yennaa waan duuchii
dadee nama bifaa fi fakkeenna ifiitiin dade. Nami isa woliin akka le’uu
barbaade. Dubbiin Waaqaa karaa bilisumma’aa fi ijaariisa gumii
namaa hin-akeetti. Gumiin namaa suni karaa elo’ootii fi barbaarsatiin,
karaa wollaalchaa fi araara galiisatiin gumii Waaqaa iteeti. Wongeelli
Marqoosii, ka du’ee du’oota wodhakkaa akka hin-barbaannee nu’u
gorsa. Inni jireenna waan ite’eef seena jireenna keenna keessaa akka
barbaannuu nu’u gorsa.

1) Dubbisa Tokkeesso’oo: Kit. Dada’aa: 1, 1-2,2


Hiikiisa: Seenaan yennaa Waaqi hujii dadaa hujee jalqabeera. Adoo
Waaqi dadiisa hin-jalqabiniin duratti lattii fi ol-gubbaan ta bifa hin-

29
qannee fi ona turte. Dadiisa jechuun ona sani miidhessiisaa fi hujii
adda addaa duuchiifuu tokko tokkoofuu kenniisa jechu’u. Wonni
duuchiin hujii ifii guuttee hosee iteeti.Waaqi waan duuchii nama jala
ke’e. Namille bifaa fi fakkeenna Waaqaa waan ite’eef ha Waaqaa ite’e.
Namichi seena dada’aa barreessee sayiinsii beekee hin-jiru.
Namichi seena dad’aa barreessee akka seena nuuti hadha
hinnuu himiisa hin-barbaanne.
Namichi seena dada’aa barreessee dhugaa Waaqaa barsisiisa
barbaade.
Wonni barsisiisa barbaadu:
a) Waaqa waan duuchii akka dade,
b) Wonni duuchiin gara Waaqaa akka ideemanu
c) Yookam gara Waaqaa akka ge’anu?: yennaa duuchii
ammaa fi gara duraalle higa yennaan jirtu.
Wonni dadamee maan iteeti?:
+ Waaqaa moti = gadi jedhiisa isaaniif hin-barbaachisu
+ Ha Waaqaati kanaaf wonni duuchiin ulfinna qaddi.
Worri Isra’eelii yennaa qidaamee ulfeessanee “Yennaa Waaqaa”
torbaan torbaaniin ulfeessani. Akkana godhiisaan Waaqa dadee fi
fayyisee ulfeessani; adoo ulfeessanuu akka Waaqi waan duuchii dadee
fi guutee qaabatani. Yennaa dadaa duuchii akkasi ilaalanuu karaa ifii
issanee dhugeeffatane. Karaa sani yoo ideemanee gara guutummaa
guuta’aan ge’anee Waaqaan foorfatani. Ka Waaqarraa lafa tana
ilaalanuu waan kana duuchii beekani. Nami ammoo waan hosee ite’e
kana duuchii, karaa cubbu’uutiin balleesse.

2) Dubbisa Lammeesso’oo: Kit. Dada’aa: 22, 1-18


Hiikiisa: Waaqi yennaa nami cubbuu hujee waan duuchii balleessiisa
fedhe. Waaqi Abrahaami waamee: innille nama Waaqi kakatetii fi
nama eebbaati. Innille yennaa dulloomee ilma tokko uumate. Yisahaaqi
fakkeenna keenna ite’a. Inni “Ilma jaallatamee” ite’a. Abrahaami
fakkeenna nama dhugeeffatuu ite’a. Inni ka ajajamee ite’a. Nami
Waaqa duratti akka Abrahaami ite’iisa isa barbaachisa.
Seena Yisahaaqi keessa waan kana ilaalla:

30
+ Qoratamiisa dhugeeffannoo Abrahaamii; ajajamiisi isaa addii
inni qabuu mudhisa;
+ namaa hin-jibbama, - Sanyii kenniisaaf kakate, - Lafaa fi
eebba fudhatiisa.
Inni abbaa kolbaa guddoo ka isa godhu, Yisahaaqi, ka inni uumate,
adoo hin-ite’in ka karaa addi’ii fi dhugeeffannoo isaatiin dhalanuu
ite’a. Innille ilma kakatamee ite’a. Abrahaami kolba Waaqaa lafa tana
gubba’atti dada. Kolbaan tuni gara biyya Gibtsi akeekantee achitti
guddatte.

3) Dubbisa Sadeesso’oo: Kit. Seera Bay. 14, 15-15, 1


Hiikiisa: “Qaxaamuriisa Abbaayaa Diima’aa”
Waaqi kolbaa Isra’eelii garbummaarra base. Kolbaan bilisummaa
dhaggatte. Waaqi hunnameessa ite’ee karaa Muuse’eetiin kolbaa ifii
fayyisa.
Kolbaan Isra’eelii Kolbaa Waaqaa iteeti: isiin dhaggite,
dhugeeffatte, baasa Waaqaa ulfeessite. Waaqi kolbaa Isra’eelii
garbummaarraa baase; akkuma yennaa sani ammalle Waaqi Kolbaa ifii
hin-fayyisa. Gara bilisummaa hin-baasa. Kanaaf Kolbaan Isra’eelii
yennaa duuchii baasa kana hin-qaabatani – hin-ulfeessiti.
Kolbaan Isra’eelii yennaa sani dadante; yennaa sani dhugeeffatte;
yennaa sani ta hiikante akka iteetee beette; bilisummaa ifii ulfeessiisaaf
qophootteerti; lammeessoo garboolee akka hin-iteenee Waaqi
garboolee akka iteetu waan hin-jaallanneef hunna loliisa fudhatte.
Higanaa achi Kolbaan Isra’eelii kolbaa bilisumma’aan leetuu iteeti.
Waaqaan wol-dhaggiisaaf karaa gubbaa waan jirtuuf gammadaan hin-
faarsiti.

4) Dubbisa Arfeesso’oo: Kit. Is. 54, 5-14


Hiikiisa: Seenaan Kolbaa Isra’eelii seena keenna fakkaata. Kolbaan
suni yennaa tokko tokko gammadee Waaqatti dhugeeffatte; yennaa
tokko tokko ammoo rakkattee hin-dhugeeffanne; yennaa tokko tokko
Waaqa ajajamane, yennaa dhibii ammoo isa hin-ajajanne.

31
Waaqi yennaa hedduu ossiisa dhabe ammoo morka Kolbaa
Isra’eelii dadee fi morka isii jaallateef Kolbaa sani akka ilma ifii
godhee isaarraa fagaatiisa hin-dandeenne. Akkuma ilma ifii godhee isii
jaallate.
Karaa Morticha Isayaasitiin: “Dhiirsi keeti dadaa keeti ite’e,
fayyisaan keeti qulqullicha Isra’eelii ite’a, yennaa diqqiyyoo si’i
lakkisee ifii ammoo jaalalloo guddo’oo si’i fudhadha” jedha. Waaqi
Kolbaa Isra’eelii woliin kakuu galeera, kakuun suni araaraa fi nageya
gubba’atti waan dhaabatteef ijjumaa diigamiisa hin-dande’anne. Waaqi
jaalala waan ite’eef kolbaa ifii lakkisiisa hin-jaallatu.
Isayaasi: “Waaqi dhiirsa kolbaa Isra’eelii ite’a” jedha. Kolbaa
Isra’eelii keessa nadhiin maseenti heddu’uu jira: Saaraa, Raqeeli,
Hanna... hunna jaalalloo Waaqaatiin ammoo isaan ijoollee dhaggatane.
Kanaaf amma adoo ijoollee Isra’eelii ijoollee nadhiin lakkifante iteetuu
ijoollee nadhiin dhiirsa qadduu hin-caalani. Akkasi ite’iisaaf Isra’eeli
dhugeeffannoo Raqeelii, Saaraa, Hannalle qabatiisa isii barbaachisa.
Magaalli Yerussaalemi ijoollee tana yennaa uumatuu guddaa
ite’a. Dhiirsi isaa Waaqa waan ite’eef waan tokkolle hin-sodaatu.
Dhiirsi isaa, ka isa uumatee fi dade, qulqullichaa fi fayyisa ite’a.
Kolbaan Isra’eelii yennaa rakkattu, ila ifii gara duuba deebittee seena
Nohii fi Muusee hin-qaabatti; baasa Waaqi godhe duuchii qaabattee
muraa yennaa diqqiyyoo callaa akka turuu fi dhiifamii fi jaalaltiin
ammoo higa bara baraa akka turtuu hin-beetti.
Yennaa Kolbaan Isra’eelii biyya Gibtsii garbonsitee Waaqi Muusee
wamee garbummaarraa isii baase. Yennaa Mortichi Isaayaasi dubbatuu
Kolbaan Isra’eelii garbummaa Babiloniyaarraa baafante. Garbummaa
duuchiin tarteerti – baddeerti: kakuun nageyaa Waaqaa ammoo higa
bara baraa turti. Tarbooti tacho’iisa dandeetti; dubbiin Waaqaatii fi
jaalalloon isaa ammoo akka rassuu hin-munyuunnee hin-turti.
Isayaasi Kolbaa Isra’eelii jajjabeessa. Rakkoon adoo jirtuu
Waaqille hin-jira. Rakkoo duuchii hin-balleessa, kolbaalle hin-guddisa.
Dhiirsa Isra’eelii waan ite’eef Isra’eeli waan tokkolle sodaatiisa isii
hin-barbaachisu.

32
5) Dubbisa Shaneesso’oo: Kit. Is. 55, 1-11
Hiikiisa: Waaqi jaalalloo ifii baasa yennaa duri huje keessa callaa
mudhisiisa hin-jaallatu, inni jaalalloo ifii baasa gara dura huju keessalle
hin-mudhisa.
Akkana jedha: “Isin ka dheebottanee gara kiyya ko’a’aa, qarshii
adoo hin-qabatin bisaanii fi aanani, daadhii woyini’ii bita’aa. Isin
woliin kakuu haareya hin-godha”. Waaqi kolbaa ifii hin-jaallata.
Tolummaa (adoo hin-kanfalchisin) jaalalloo ifii kenna. Jaalalloon
“akkasuma” kennanti. Kanaaf ka jaallatamu “akkasuma” nama dhibii
jaallata. Yaadi isaa akkuma yaada namaa hin-ite’u.
Mortichi Isayaasi Waaqa akka barbaannuu nu’u gorsa. Isa
barbaadiisaaf “dheebotiisa” nu’u barbaachisa”. Dheebotiisa jechuun:
“Waaqa akka nu’u barbaachisuu beekiisa” jechu’u.
HiyyeeyyoleeWaaqaa ite’iisa jechu’u (Anawim)
Jilli Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkeenna jaalalloo Waaqaa
ite’a. Waaqi yennaa nama woliin kakuu galiisa barbaadee kakuu sani
karaa woreegaatii fi nyaataatiin godhe. Fakf:
- garbummaa Gibtsirraa yennaa isaan baase,
- seera tarba Sinaa kenne,
- jila beekkumsaa Waaqaa fi Isra’eeli woliin godhe,
- jila kakuu haareya yenna godhe (Qurbaani)
- jila muumme’ee Mootummaa Waaqaa keessatti.
Gara jila sani galiisaaf maan barbaachisa?: “caqasiisa” (Yoh. 4, 5, 42).
Morkille burqituun jireennaa Dubbii Waaqaa keessa jirti. Isiin:
+ ajaja,
+ kakuu,
+ nama iteete.
Ka gurra caqasu qabanuu hin-le’ani. Jireenna guutaa - jireenna bara
baraa! Jireenna guutaa kana le’iisaaf kakuu haareyaa fi bara baraa
godhiisa nu’u barbaachisa.
Yennaa sani kolbaan duuchiin gara karaa Waaqaa hin-deebi’ani.
Araara hin-galani; karaa Waaqaa gubbaa hin-ideemani; jireenna
hin-fudhatani. “Kara’aa fi dhugaan jireennille, ana” Waaqi maan
jedha?: “Anatti dhugeeffadha’aa; dubbiin tiyya waan jeettuu hin-guutti;

33
wonni isiin jettuu dhugaa iteeti. Akkuma bokkeenni lafa lachisisuu
Dubbiin tiyya akkasuma, waan barbaaddee hin-guutti”.
Dubbiin Waaqaa = karoora isaa iteeti. Karoorri isaa = nama
fayyisiisa ite’a. Karoorri suni = karaa Yesuus Kristoositin, dubbii isaa
ka ite’e, guutame. Qurbaaniin = “Dubbii” ol-gubbaarraa buutee fi ta
Waaqaarraa buutee fi karaa woreegaatii fi nyaataatiin ka qulqullummaa
fi jaalalloo, Waaqa barbaadanuuf kennante.

6) Dubbisa Ja’eesso’oo: Kit. Bar. 3, 9-15. 32-4, 4


Hiikiisa: Mortichi Baruuki Kolbaan Isra’eelii gara Waaqaa akka
deebi’anuu itti hima. Seerri burqituu jireennaa akka ite’uu jedha.
Waaqi = seeraa fi beekkumsa ite’a;
Yesuusi = nama ite’ee karaa Hafuura Qulqullu’uutiin
beekkumsa guutaa Abba’aa fi jireenna guutaa kenniisaaf dhufe.
Morka Kolbaan Isra’eelii seera ulfeessiisa didataneef Waaqi magaala
Yerussaalemi akka diiganuu fi kolbaan boojantee gara Babiloniyaa
akka geeffantuu eeyyame.
Mortichi Baruuki akkana jedha: “Seera waan cassitaneef
akkuma worri seera hin-qannee duutaneertani; adoo seera ulfeessitane
jirattanee ammoo yennaa duuchii hin-letaniiyyu”. Ede’eelle:
“Beekkumsii fi diriirummaan ka ifaa fi nageya, woggaa dheertuu ka
kennuu eessa jira?” jedhaa mataa ifii gaafata. Deebii yennaa kennuu:
“Waaqaan jira” jedha.
 Inni beekkumsa guutaa qaba
 Inni ka waan duuchii dadee ite’a
 Inni kolbaa Isra’eeliitiif beekkumsa sani kenneera.
Mortichi Baruuki seerri Isra’eelii beekkumsa guutaa’aa fi karaa gara
Waaqaa geessu nama duuchi’iif akka ite’uu barbaadeera. Karaa’aa fi
seerri kuni = Yesuusi ite’a.
Beekkumsi guutaan worra Isra’eeliitiif = Seera Muuse’ee ite’e;
beekkumsi guutaan nu’uuf = Seera Yesuusii ite’a. Seera jaalallo’o.

7) Dubbisa Torbeesso’oo: Kit. Hisq. 36, 16-28

34
Hiikiisa: Waaqi morka Isra’eeli cubbuu hujeef guddoo naya. Hisqi’eeli
Kolbaa Isra’eelii woliin Babiloniyaa keessa ture. Kolbaan Isra’eelii
Waaqa akka tuffattee fi seera isaa akka cassitee hin-beeka. Ammoo
Waaqi isaan lakkisiisa hin-jaallatu; jaalalloo ifii lammeessoo
mudhisiisa akka barbaaduu isaanitti hima (v. 24-28)
Waaqi karoora haareya qaba. Lammeessoo Kolbaa Isra’eelii
dadiisa barbaada. Kolbaan biyya lafaarraa fudhatante – qulqulleeffante
– onneen haaretti isi’iif hin-kennanti – Hafuurri isii gubba’atti
afuufamee akka fedha Waaqaa le’iisa akka dandeettuu godhanti –
achiin duuba isiin biyya kennamiisaaf kakatante keessa leeti – ha
Waaqaa iteeti. (Wonna kana duuchii Ayyaanni Pheenxeeqostee nu’u qaasisa)

8) Dubbisa Saddeeteesso’oo: Erg. Room. 6, 3-11


Hiikiisa: Phaawuloosi: “wonni Yesuusiif ite’ee nu’ulle’eef hin-iteeti”
jedha.
a) Karaa cuupha’aatiin Kristoosi woliin cuuphaanneerra – isa
woliin gara jireenna haareyaa hin-kaana.
b) Garboolee cubbu’uu le’iisa nu’u hin-barbaachisu.
Kristiyaanni du’a bara baraa akka dhagguu waamame hin-jiru.
Kristiyaanni yennaa du’uu le’ii bara baraa akka fudhatuu waamama.

9) Wongeela: Mt. 28, 1-10


Hiikiisa: “Ka’eera”
Ka’iisa Yesuusii ka dhaggee ijjjuma namuu hin-jiru. Matewoosi higa
dande’ee ka’iisi Yesuusii akka ite’ee himiisa wodhaana.
Ka dhugeeffatu morka awwaala duwwaa dhagguuf hin-
dhugeeffatu. Ka dhugeeffatu morka Yesuusi isatti mudhatuuf
dhugeeffata.
Yesuusi du’a injifatee ka’e. Yesuusi Naazaretii – ka fannifame
– ka du’e – KA’EERA. Dubartooti oduu tana Hawaariyootaaf
ODEESSIISA isaan barbaachisa (12, 49; 25, 40) GAMMADIISA nu’u
barbaachisa. Morkille ka’iisa Yesuus Kristoositiin hunni jireennaa ta
garbummaa shamisarraa nu’u baatuu fi ta nama bilisonsitu le’ii teenna
keessaa ke’anteerti.

35
AYYAANA FAASIKA’AA

“Yesuusi du’arraa ka’eera”

1) Dubbisa Tokkeesso’oo: Huj. Haw. 10, 34. 37-43


“Jijjiiramiisa Korneliwoosii”
Hiikiisa: Pheexroosi worra Waaqa hin-beenneef (Korneliwoosiif)
“KERIGMA” = waan du’iisaa fi ka’iisa Yesuus Kristoosii hin-odeessa.
Wongeelli nama duuchi’iif odeeffama. Nami tokkolle isarraa hin-
ari’amu.
Waaqi:
a) Yesuusi Hafuura Qulqullu’uun dibe,
b) Yesuusi hunna Hafuuraatiin waan hosee godhe;Yesuusi
dubbii inni odeesse caalaa HUJII inni hujeen eennu akka
ite’ee mudhise,
c) Yesuusi du’arraa kaase,
d) Yesuusi abbaa muraa du’ootaatii fi jiraattolee akka ite’uu
godhe,
e) karaa Yesuusitiin cubbuu nama duuchii hafuu jedha.

2) Dubbisa Lammeesso’oo: Erg. Qol. 3, 1-4


“Wongeelli nama gargarii hin-baasu”
Hiikiisa: Kristiyaanoti karaa cuupha’aatiin Kristoosi woliin
ka’aneerani. Gara jireenna haareyaa dhalataneerani, kanaaf jireenna
haareyaan le’ani.
Kristiyaanoti Kristoosi woliin ka’anee addee Kristoosi jiru
(dhossa’aan) jiratani; ulfinni isaani, akkuma ulfinna Kristoosii, guyyaa
muummee hin-mudhata. Higa yennaa sani ulfinna isaani karaa hujii
diriirumma’aa fi jaalallo’ootiin akka mudhisanuu isaan barbaachisa.

Yokiinii Erg. Qor. 1º. 5, 6-8


Hiikiisa: Phaawuloosi fakkeenna buko’oo aadaa Ayihuudaatiin
fudhatee barannoo Faasika’aa kristiyaanotaaf barsisa. Ayihuudoti
ayyaana Faasika’aa ulfeessiisaaf daabboo bukoo hin-qanneen

36
nyaatanee ulfeessane. Kanaaf ayyaanni Faasika’aa adoo hin-ge’in
daabboo bukoo qaddu mana keessa jirtu barbaadanee gatane.
Phaawuloosi aadaa tana fudhatee fakkeenna godhe. Kristiyaanoti
morka Yesuusi woliin ka’aneef “waan badduu” duuchii isaanirraa
gatanee “waan hosee” duuchii akka uffatanuu (hujanu) gorsa.
Kristiyaanoti adoo aadaa Faasika’aa ulfeessanu, diida ifii callaa adoo
hin-ite’in, ifii keessa, onnee ifii, yaada ifii, akka jijjiiranuu isaan
barbaachisa. Namoota haareya ite’iisa isaan barbaachisa.

3) Wongeela: Yoh. 20, 1-9


“Awwaala duwwaa fi ka’iisa Yesuusii”
Hiikiisa: Dhugeeffannoon bartoota durii, ka’iisa Yesuusitiin dhagga
isaatiin dhaabatti. Ka isa hin-dhagginee dhugaa-baya ka isaan
dhagganerraa dhugeeffatane. Nuutille akkasuma Yesuusitti
dhugeeffanna (Hin-dhaggine ammoo ka dhagganee dhugaa-bayanerraa hin-
dhuggeeffanna)
Yohaannisi karaa dhugeeffannoo Maariyaami Magdalawiitii
nu’utti hima. Akkasi ite’e:
+ Maariyaami Magdalawiitii hojjuu gara awwaalaa ideentee
yennaa awwaalli akka isaan godhane lakkisane akka hin-jirre dhaggitee
rifatte.
+ Pheexroosi awwaala dhagga ammoo womaa hin-jedhu.
+ Yohaannisi dhaggee hin-dhuggeeffata.
Yohaannisi kana jedha: Yesuusitti dhugeeffatiisaaf isa ilaaliisa hin-
barbaachisu. Ani adoo isa hin-dhaggin (Awwaala duwwaa callaa dhagge)
dhugeeffadheera. Nuutille amma adoo hin-dhaggin hin-dhugeeffanna.

37
HIIKANSA DUBBII WAAQAA

YENNAA XOOMII AFURTAMAATII

FI

TORBAAN QULQULLITTI

KAN

WOGGAA “A”

38

You might also like