You are on page 1of 2

Qopheessaan:-Amba Muluna Hailu

+251961776752

ERGAMA WALDAA KIRISTIYAANAA!


Waldaan Kiristiyaanaa qaama Kristoos ishee fooniin biyya lafaa irra jirtuu yeroo
taatu guutummaa guutuutti ergama Kristoos isheetti kenne kan baa'attuudha!
" Inni, "Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela lallabaa!.
"
(Maarqos 16: 15)
Ergamni kun dhaloota hundumaatti Wangeela lallabuudha! Wangeela yeroo lallabdu
immoo sabaan, naannoon, soreessaa fi hiyyeessaan, amantaa fi siyaasaan utuu hin
qoodin uumama hundumaatti labsiti.
" Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma
baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira" isaaniin jedhe."
Ijoon Wangeela lallabuu inni guuddaan waan Kristoos abboome sana uumama
barsiisuudha. Dhaloota karaa irraa kaate kana fuulaa fuulatti itti dubbachuun
karaatti deebisuudha. Waldaan Wangeela gaafa lallabdu dhaloota Wangeelatti
sirreessuu qabdi malee Wangeela dhalootatti sirreessuu hin qabdu!
" Dukkanattii gara ifaatti, aangoo Seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa
deebi'aniif, ija isaanii in banta; anatti amanuudhaanis dhiifamuu cubbuu isaanii
argatanii, warra qulqulaa'an gidduuttis dhaala isaanii haa fudhataniif sin erga'
anaan jedhe. "
(Hojii Ergamootaa 26: 18)
Egaa yeroo kana dhaloonni dukkanaa gara ifaa, cubbuu gara jireenya qulqullummaatti
dhufuudhaan dhaala isaa fudhachuu dandaa'a!
" Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyo isa warra amantii qaban
hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Giriikotaa fayyisuu dha."
(Roomaa 1: 16)
Waldaan Kiristiyaanaa isheen qaama Kiristoos Wangeela saalfachaa dhalootatti
lallabuu hin qabdu, aboodhaan malee! Waldaan keenya har'aa baayyeen "WALDAA
FAKKEESSITUU QAAMA KRISTOOS" waan taateef cubbuu irratti duuluu irra maallaqa
sassaabbachuutti duulaa jirti! Geggeessitoonni waa'ee lubbuu utuu hin taane waa'ee
qoonqoof foolatu. Yeroo kanadha ergamni Waldaa inni dhugaan kan inni karaa maqu.
" Ammas hundumti keessan dhagna Kristos, adduma addaanis bu'aa dhagna isaatii ti. "
(1 Qorontos 12: 27)
Cubbuun har'a kan inni Waldaa keessatti hidda gadi fageeffateef Waldaatu MISEENSA
oomishaa jira malee, QAAMA oomishaa hin jirtu. Miseensi qaama miti waan ta'eef waan
Kristoositti tolu hin yaadu, yoo hojjetames dhimma isaa miti, qaamni garuu bu'aa
dhagna Kristoos waan ta'eef waanti Kristoositti hin tolle gaafa ulaa seenu hin
dhukkubsata.
" Isaanis yoo dhaga'uu dide waldaatti himi; waldaa iyyuu yoo dhaga'uu dide immoo,
sibiratti akka nama hin amaniniif, akka qaraxxuu hin amanamneetti haa lakkaa'amu."
(Maatewos 18: 17)
Waldaa Kristiyaaniitiif Kristoos aangoo dhumaa cubbuu irratti dubbachuu kenneefii
jira. Manni Murtii Olaanaa dhimma cubbuu irratti dubbatu Waldaadha! Sana bira kan
darbe namni gadi dhiisii taa'a. Aangoo kanatti fayyadamtee Waldaan cubbuu irratti
kan hin dubbanne firaa eenyutu dubbatamee? Waldaan har'aa Korma cubbuu bira
dhaabattee hojjetaa isa cubbuu irratti dubbate iddoo dhorkatti! Maddi kanaa hudhaa
baayyee irraa dhufa! Amantoota qarshii qaban, fira dhiigaa, hiriyaa geggeessaa
waldaa cubbuu waliin uruursiti. Yoo balleesse itti hin dubbattu, galii ishee fi
waliin jireenya hawwaasummaa irratti balaa waan qabuuf! Waldaa dhugaan garuu ergama
galii sassaabuu fi hawwassummaa cubbuu lellisu utuu hin taane ergama Wangeela
lallabuu qabdi.
Waldaan Kiristiyaanaa gaafa cubbuu uruursitee bira dabartu/waliin jiraattu waa
sadii fakkaatti:
➊ SAREE QAMALEE WALIIN JIRAATTU!
Sareen, tokkoffaa Qamalee Sooratti, lammaffaa qamalee midhaan irraa eegdi. Sareen
ergama ishee dagattee jennaan garuu soora ishee isa hangafaa dhiiftee soora Qamalee
isa hangafaa qamalee waliin sooratti. Qamalee matee ishee dhiiftee qamalee waliin
midhaan nyaatti jechuudha. Waldaan Kiristiyaanaas gaafa jallina/cubbuu Waldaa
keessatti ilaaltee calliftu soorata ishee isa hangafaa isa silaa jallina cabsitee
lubbuu jireenyaaf oomishuudhaan galaa olitti kuufattu dagattee lubbuu Seexana
waliin galaafatti/nyaatti! Lubbuun Seexanaaf soorata hangafaati. Egaa Waldaan
Seexana dhiiftee yeeroo Seexanuma waliin dhaloota nyaattu adeemsa soorataatu toora
gadi dhiisa. Waldaan akkasii ishee dhaamaatee midhaan maasii Waaqayyoo irraa
bineensa dachaaftu utuu hin taane, ishee waanuma argame bineensicha waliin
soorattee maasii Waaqayyoo duwwaa gootuudha!
➋ ADURREE HANTUUTA HIN NYAANNE!
Adurreen midhaan callaa akka hantuutaa hin nyaattu. Isheen hantuuta sooratti. Garuu
adurree dhibooftuu tokko tokko utuu hantuutni bira yaa'uu adamsitee nyaachuu
dhiiftee buddeena warra kadhatti. Kan guddatteef garuu hantuutaaf turte. Hantuutni
biraa midhaan nyaatee dhiisee dhimma ishee miti. Adurree dhibooftuu! Waldaan
Kiristiyaanaa akkasiis jirti. Anaan maaltu na dhibe, ani cubbuu irratti dubbadhee
nama waliin walitti hin bu'u abbaan akka barbaade haata'u kan jettu! Callisanii
miseensa kan waldaa keessatti lakkaa'atan, gaafa cubbuun ol galee dhaloota qullaa
godhu ergama isaanii dagatanii kan buddeena qofaaf marratan guutaniiru!
➌ QOTEE BULAA DHIBAA'AA!
Aramaan hundee midhaanii jalaa buqqa'e malee midhaan sun ija gaarii hin kennu.
Iddoo jabaan aramaa hundee midhaanii jalaa buqqisuudha. Sababni isaa yeroon hin
buqqa'u taanaan hundee jabeeffatee midhaanicha fudhatee waan buqqa'uuf. Qotee bulaa
dhibaa'aan tokko tokko aramaa iddoo wallaansoo hin qabnee buqqisee lafa wallaansoo
qabuu fi baayyee barbaachisaa bira darba. Cubbuun Waldaa keessaa yeroon hin
buqqaane hundee dhalootaa jalatti biqile sanaaf balaa guddaa baatee deema. Waldaan
Kiristiyaanaa baayyeenis har'a cubbuu isa karaa duraatti ija babaafti malee isa
dhokatee hundee dhalootaa nyaatutti bu'uu hin barbaaddu. Dhalootaa wajjin kunuunsaa
Waldaa keessatti guddifti. Cubbuu daandii maqe irratti dubbachuuf baayyee rommiti,
sodaa kanaanis dhaloota ibidda bara baraatiif galaa taasifti.
Waldoonni Kiristiyaanaa amala olitti eerame kana qaban Waldaa ishee dhibooftuu fi
ishee maallaqa handhuura godhattee sochootuudha!
WALDAAN ERGAMA ISHEE DAGATTE ADURREE HANTUUTA HOOSIFTU YKN SAREE QAMALEE
SOORTUUDHA!

You might also like