You are on page 1of 10

Saturday of easter 1st week

Duubbi Waaqaa keessa hadha akkuma dhageenne barattoota


Yesuus Kristoosi waan ka’iisa Yesuusi adoo hin sodhatiin lallabiisa
jalqabanu. Dubbiisa tokkeesso keessa barattota waan ka’iisa calla
adoo hin ite’iin, hunnaa hafuura qulqulluutiin baasa guddo waan
godheefi, namooti duuchi gorsa isaan dhageiisa guddo barbaadane.
Marro kanaafi ferisawayanooti, qeesole fi akeettoole kolba
Yhudawyaanooti isaan rakkatiisa yokiin hidhiisa guddo soodatane.
Waan kanaafi Phexroosi fi Yohannisi kolba duuchi wodhakka akka
hosee wongeella barsisiisaa fi waan ka’iisa Kristoosi dhuga bayiisa
dande’ani. Akeettoole Yuhooti waan Yesuus Kristoosi dubbatiisa
akka lakkisanu yeenna gaafatane isaan maan deebiane? “Waaqaafi
yokiin isiniif hajajiisa akka barbaachisu tolu yoo ite’u mata ifii muriisa
dandeettani, nu’u waan dhagginee fi waan dhageenne chadisiisa hin
dandeennu” jedhane deebiane. Kanaafi nama Sinedroosi isaan
lakkisane bilisummaan huji hafuura isaan hordofiisa dande’ani.
Ammaalle Wongeelli keessa Magdalawiiti Mariyaami fi barattoole
Yesuusi magalaa Emmausirra yeenna deebi’ane Yesuusi
dhugumaan du’arra akka ka’e fi isa akka dhachaane hawariyootafi
yeenna dhuga bayane Phexroosi fi hawariyoota dhiibi waan hin
dhugeeffanne, Yesuus Kristoosi isaan wodhakka ifii mudhise guddo
akka isaan gorsane dhageennerra. Ammaalle isaan biyya lafa
duuchi wongeella lallabiisa fi nama barsisiisa akka deemanu
ajaajeera. Marro kanaafi Dubbii Waaqa hadha dhageenne duuchi ka
caalu waan wongeella dhuga bayiisa akka barbachisu un’u barsiisa.
Yenna tana keessa nuuti, barattoole Yesuusii fi dhaltoole
hawariyootaa waan iteneefi, dubbii fi hujii kennatiin, ammallee
fakkeenna hosee kennatiin nama wodhakka akka dhuga bayoota
jajjaabo mata keenna mudhisiisa nu barbaachisa. Ka’iisa Yesuus
Kristositiin jireenna hareya akka fudhanne marro dhugeeffanneefi,
nama duuchifi rakko ifii keessa ossiisa akka dande’anu fi addii
guddoo akka qaabanu hujiisa un barbaachisa. Qdaase tana keessa
guyya guyyan Yesuusi dhugeeffaanno teenna akka jaabeessu haa
kadhannu. Wongeella dhuga bayisaafi fedha hosee qaabatiisa akka
dandeennu Waaqi hafurra ifitiin nu’u qarqaaru fi un’u jaajjabeessu!
YENNAA FASIKAA SANBATA SADEESSO’OO

Sanbata sadeessoo tana keessatti Dubbii Waaqaa barumsa ka nu’uf keenna addii keenna
hareessiisa. Yesuus Kristoosi du’arra ka’eruun duubatti, dubbiisa tokkeesso akkuma nu’u
jedhe, muxannoon Yesuusi ka’ee fi qabatiisi Hafuuraa hawaariyoota guddoo jajjabeessani.
Yesuusi du’a akka injiifate dhugaa-bayoota waan ite’anuuf hin-sodaatanu, innille isaan
jajjabeessa. Akkuma dhageenne Qeesi Guddaan Sinedrin yokiin miseensa koree murti’ii
duratti waan dubbii lama isaan kasase: 1ssoo. ajaja isaaniif kennanee ajajamiisa didatanee
fi 2ssoo. akka miseensoti Sinedriin suni Yesuusi ijjeesanee waan odeessanuuf.
Pheexroosi: “Waaqa ajajamiisi nama ajajamiisarraa hin-caala” jedha. Hawaariyootille
Waaqa ajajamani, jeechuun waan inni nama duuchiifi karaa Yesuusitiin hujee hin-
odeessani, jeechuu. Qeesoole gugurdaa fi feerisawuyaanoti ammo Yesuusi tuffatane,
maqaa isaa adoo hin-tuqin “Namicha sani” jedhaa Yesuusi waamani; amma ammoo
“Namichi suni” hujii hosee akka hujee beekaneerani (Namooti Yerussaalemi keessatti jiranu
duuchiin waan isaatiif dubbatani). Isaan waan kana beekani. Kanaaf ulfeeffamiisi Yesuusii
isaaniif muraa yakkaa ite’eera. Ayihuudoti yennaa Yesuusi ijjeesanee, yakkaa fi wollaalcha
guddaa godhane. Waaqi ammoo karaa ka’iisa Yesuus Kristoositiin wollaalcha sani
miidhesse. Kolba Israelii Waaqi sunille: “Waaqa abbooti teenna” jedhane waamane. Kanaaf
akka Waaqa isaani yoo isa ulfeessanee waan Hawaariyoota odeessanuu fudhatiisa isaan
barbaachisa. Dhugumaan karaa ka’iisatiin Waaqi ilma ifii Yesuusi bulchaa fi akeekicha
kolbaa haareya godheera. Yesuusille Muusee haareya ite’a. Inni calla FAYYISA dhuga
ite’eera. Hawariooti maan jedhane? “Nuuti duuchiinuu waan kana dhugaa-bayoota iteena”
jedhaneen. Isaan waan dhagganee odeessani, ifii ammo morka odeessanuuf hin-rakkatani:
iteetu male, rakkoon suni gara gammada jijjiiranti. Wonni Yesuusi dubbatee hawariyootaaf
dhugaa iteete. Sunille: “hin-baqachifantani”, “ka eebbifantanee iteetani” fi “Yesuusi wol-
qixxo’aneerani”. Yeenna sani jalqabe dhuguman Wongeelli adoo rakkatanuu hin-facaafama.
Nuti yenna tana keessatti nama wodhakka fakkeenna hawariyootaa fudhanne, jireenna fi
hujii teennatiin Yesuus Kristoosi fi barumsa ka nu’ufi kenne higa hunna teenna dhuga
bayiisa nu barbaachisa. Akkasi yoo goonu ebba Waaqaa mana keenna keessa fi mana
kadhaa teenna keessatti akka galu hin beenna.
Wongeela Yohaannesi keessa ha’dha maan dhageenne? Yesuusi ammallee hawariootaaf
akka mudhate dhageennerra. Yeenna tana abbaayaa Tiberiyadoositti ite’e (kutaa Galiilaa
keessatti) Yesuusi mudhate. Guyya sani Hawaariyooti qurxummii halkan duuchii keessa
adoo wodhaananuu hin-qabanne. Yeenna sani namichi tokko qarqariisa dhaabatee:
“Xuruura achi gata’aa” jedheeruun duubatti qurxummii 153 qabatane. Matooma Yesuusi
barattootaf “kadhaticha” fakkaata. Ammoo inni, mataa ifiitiin, nyaata isaaniif qopheessa.
“Ana irraa cittanee womaa godhiisa hin-dandeettanu” dubbiin Yesuusi wongeelli Yohannesi
15,5 jettee dhuga’a. Adoo dubbii Yesuusiitti ajajamanuu midhaan buusiisa dande’ani.
Yennaa sani Hawaariyooti Yesuusi akka ka’ee fi isaan woliin akka jiruu fi waan isaanitiif
akka yaaduu hin-beekani. Inni isaan woliin jira fi isaan woliin hin-nyaata (Fakkeenna
Qurbaanii). Barattoota wodhakka yeenna mudhise Yesuusi Pheexroosifi huji takka kenne:
“hoolee tiyya bobbaasi” jedhe. Adoo hin du’in duratti Pheexroosi yeroo sadii Yesuusi akka
mormate hin qaabanna; asi yeroo sadii Yesuusi akka jaallatu akka kakate itti barbaachisa:
“Simoon Pheexroosi, worra kana irraa ana jaallatta ree?” jechuun inni ka Yesuusii onnee
guuta’aa fi yennaa duuchii ite’iisa isa barbaachisa jechu’u. Hujiin Pheexroosii maan?
Yesuusi woliin ijoollee xexeeramane ha Waaqaa akka raruu godhiisa. Inni woldaa
kristiyaana gubbaa angoo qaba, ammoo tissee tokkocha ka ite’uu Yesuusi calla’a. Addee
tokko Pheexroosi “Hoolotaa fi ilmoolee hoole’ee” hin-tissa fi hin-eega, addee dhibii ammoo
isaan “ka Yesuusii” ite’ani. Pheexroosi hujii tana attam godha? Kara addee Goottaan isa
waamuu, hega du’a ifii, ideemiisaan, Phexroosi huji Yesuus Kristoosi hin-fixa. Yesuusi
hoolee yokiin nama ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenne; Pheexroosi lubbuu ifii Goottaa ifiitiif
dabarse kenniisa isa barbaachisa. Morka kanaaf “Ana hordofi” jedhaa, Yesuusi isa ajaja.
Higa amma Yesuusi tissee ite’aa ture. Yennaa keenna ‘yennaa Mana Kadha’aa’ jedhama,
hoolee tissiisaaf (kolba kristiyaana akeekisaaf jeechu) dhaalan Pheexroosi ka ite’u liqe
phaphasichi huji kana hin huja. Marro kanaafi qiddaase tana keessa dhuguman onnee
tokkoon waan Liqe Phaphasiicha hareya keenna Fransiscoosi haa kadhannu. Waaqi kadha
teenna hafuura ifitiin guutu.

Boru ayyaana Ol bayiisa hin dhugeeffanna. Yesuusi, akkuma beenne, du’arra ka’een
duubatti higa guyya afurtaama barattoota isa’a woliin bule. Gara Abba Waaqa ol
bayeen duubatti ammoo, huji isa’a barattoota kuda lamani akka itti fuufane Kitaaba
Hujii hawarioota keessa hin-dubbinna. Addee duuchi wongeela lallabisaan, namoota
heedduu hordottoole Yesuusi ite’ane fi Mana khadaa haga biyya lafa yeenna sani ka
beekante guddisiisane. Hawarioota calla adoo hin’itein, yeenna sani kristiyaana
keessaatti tokko tokko wongeela lallabiisa jalqabane. HAdha duubbiisa tokkeesso
keessa akkuma dhageenne namichi tokko, Apolloosi ka jedhamu waan
dhugeeffanno nama barsiise. Kanaafi maan qaabatiisa un barbaachisa?
Kristiyaanooti duuchi Wongeela dhuga bayiisaa fi lallabiisa akka waamaamanu
Mana kadhaa teenna un’u ajaaja. Ammaallee wongeella keessa Yesuusi maan un’u
jedha? “Maqaa kiyyan waan khadaattanu duuchii Abbaan kiyyaa isiniif keenna”
jedheen. Garu onnee teennatiin yeenna tana keessa guddoo kadhatiisa nu
barbaachisa, kadha teenna duuchiifi ka caalu woreega qiddasee waan iteefi,
dhugumaan qiddase tana keessatti Waaqi ka barbaachisuufi waan hosee halcinu
duuchii akka un kennu wol kadhanna. Ammaalle guyya guyyaan nama duuchiifi
kristiyaana jaba akka iteenu huji hosee teennatiin dhuga bayiisa aka dadeennu
Waaqi hafuura ifitiin nu qarqaru.
Yennaa Fasikaa Sanbataa Arfeessoo “Sanbata tissee hose’ee”

Hujii Hawariyoota keessa hadha barumsa maan fudhatiisa dandeenna? Ka Wongeela


odeessanuu tissoolee ite’ani hin-baranna. Morka kanaaf isaan yennaa tokko tokko hin-
ulfeeffamani yennaa tokko tokko hin-rakkatani. Tisseen yoo jaalalloo qabatee ulfinnaa fi rakkoo
onnee laattu’uun hin-fudhata. Phaawuloosi nu’u barsisa. Hadha dubbii tana keessa Ayihuudoti
Wongeela fudhatiisa akka didatanuu hin-dhaggina. Kanaaf Phaawuloosi: “Isin dhage’iisa yoo
didattanee gara worra Waaqa hin-beenne ideennaa isaaniif Wongeela odeessina” jedha (Is. 49,
6; Luq. 4, 14-30) Amma, yennaa tana, worri Waaqa hin-beennee jireenna bara baraa akka
dhaggatanuu waamamaneerani. Midhaan Hafuura Qulqullu’uu: a) gammadaa fi b) nageya.
Dubbiisa 2ssoon, Yohaannisi addee nuuti ideennuu nu’utti hin-mudhisa. Yeenna
hawariyawicha Yohannesi barreesse, giddiicha Paxmoosi keessa, inni kristiyaanota ka rakkoo
guddoo keessa jiranuu jajjabeessiisa barbaada, Oojju’uun maan dhagga?:
Kolbaa laakkowaamiisa hin-dande’anne; addee duuchi’ii fi gosa duuchiille’e dhufane; Maan
godhani? dhaabatani (ka tee’ee ulfeessani, isa ajajamani); woyaa adii uffatani (fayyaneerani);
qola meexi’ii qabatani (injifataneerani); hin-faarsani: morka fayyinna dhagganeef
Worri akkana jiranu eennufa’a?:
1) ka rakkoo guddoo jalaa bayane (Dan. 12, 1; Mt. 24, 21; Ooj. Yoh. 3, 10)
2) ka rakkoo Yesuusii qoodamane (dhiiga hoolichatiin borcamane)
3) ka Yesuusi woliin du’a injifatane (misxiiri Faasika’aa)
4) tokkumma Waaqaa fudhatanee qabani (woyaa adii uffatane)
Hoolichi, tisseen hoseen Yesuusi jeechuu, rakkoo duuchii hin-balleessa. Kanaaf tisseen hoseen
kuni eessa nu’u geessa?: gara burqituu jireennaa. Badhaasi kristiyaanaa maan?: tokkumma
Waaqaa dhaggatiisa, Waaqa woliin le’iisa fi jireenna isaa qoodiisa.
Yennaa “addee teenna muumme’ee” yokiin “Badhaasi” keenna maan akka ite’uu beennu,
karaan keenna, adoo ulfaata ite’u, akka hin-gorree fi hin-lakkinnee nu’u jajjabeessa. Karaa sani
gubba’atti “Badhaasa” keenna hin-qopheessina... hin-fudhanna.
Wongeella keessa Hiikiisa: Waaqi tissee ite’a (Faar. Daaw. 23) Hujiin isaa ammoo akeettolee
gubbaa ke’anteerti. Isaan ammoo jaalalloo waan dhabaneef hujii tisse’ee balleessane. Kanaaf
Waaqi karaa morticha Hisqi’eelitiin (foor. 34, 27): “Tissee hosee hin-kaasa” jedhee dubbate.
Ayihuudoti: hoolee Yesuusii hin-iteene; waan kanaaf hin-dhugeeffatanu. Waaqi isaan
harkisee hin-jiru. Yesuusi hin-waama = ka dhugeeffatanuu isa dhage’anee isa hordofani. Hunni
biyya lafaa tuni takkatille hunna Waaqaa injifatiisa hin-dandeettu kanaaf dhugeeffattooti harka
Waaqaarraa hin-fagaatanu; achirraa ka isaan fudhatuu namuu hin-jiru. Harka Waaqaatti
nageyaan le’ani. Isaan kennansa Waaqi Yesuusiif kennee ite’ani; Waaqille isaan eega. Yesuusi
hoolee ifii hin-jaallata: lubbuu ifii isaaniif dabarsee kenna.
Kristiyaanoti: qorannoo Seexanaa hin-qoratamani yokiin hin-rakkatani, ammoo morka Yesuusi
isaan eeguuf waan tokkolle hin-sodaatanu; b). qoonqoo Yesuusii hin-dhage’ani.
Yeenna keenna keessa ammoo dhugumaan qonqoo Yesuusi akka ite’u attam beekiisa
dandeenna? Jeenne yoo gaafanne, Qoonqoon hedduun waan jirtuuf qoonqoo Yesuusi dhuga
beekiisaaf ifii eegatiisa nu’u barbaachisa. Kanaaf maan godhiisa qanna?
Baranno mana kristiyaana Katoliiki keenna ka nu’u keenne akka hose qaabatiisa nu
barbaachisa! Karaa ka’iisatiin Waaqi ilma ifii Yesuusi bulchaa fi akeekicha kolbaa haareya
godheera. Yesuusille Muusee haareya ite’a. Inni calla FAYYISA dhuga ite’eera. Hawariooti
maan jedhane? “Nuuti duuchiinuu waan kana dhugaa-bayoota iteena” jedhaneen. Isaan waan
dhagganee odeessani, ifii ammo morka odeessanuuf hin-rakkatani: iteetu male, rakkoon suni
gara gammada jijjiiranti. Wonni Yesuusi dubbatee hawariyootaaf dhugaa iteete. Yesuusi
akkuma jedhe: “hin-baqachifantani”, ammaallee “ka eebbifantanee iteetani”. Yeenna sani
jalqabe dhuguman Wongeelli adoo rakkatanuu hin-facaafama. Nuti yenna tana keessatti nama
wodhakka fakkeenna hawariyootaa fudhanne, jireenna fi hujii teennatiin Yesuus Kristoosi fi
barumsa ka nu’ufi kenne higa hunna teenna dhuga bayiisa nu barbaachisa. Akkasi yoo goonu
ebba Waaqaa mana keenna keessa fi mana kadhaa teenna keessatti akka galu hin beenna.
Qdaase tana keessa guyya guyyan Yesuusi dhugeeffaanno teenna akka jaabeessu haa
kadhannu. Wongeella dhuga bayisaafi fedha hosee qaabatiisa akka dandeennu Waaqi hafurra
ifitiin nu’u qarqaaru fi un’u jaajjabeessu!

Yeenna Faasika SANBATA SHANEESSO’OO - C

Kitaaba Hujii Hawariyoota’a keessaa maan dubbiinnerra? “Baratooti Yesuusii isa hordofanee
jaalallo’oon le’ani”. Phaawuloosi woldaa kristiyaana heedduu waan ijaareef waan isaanitiif
yaadata, isaan jajjabeessiisaaf yennaa yennaan isaan towataiisaafi ideeme. Magalaa adda
addaa keessa kristiyaanna hareyaa ka ite’anu, akkasi jedhane: “Gara Mootumma Waaqaa
galisaaf rakkoo guddo+o fudhatiisa nu’u barbaachisa”. Marro tanaafi Yesuusi hordofiisa ka
barbadane akka jabaatanuu dubbii lamaa gorse: 1. dhugeeffanno’oon akka dhaabatanu, 2.
Rakkoo yoo dhuufe fudhatiisa akka hin-sodaanne. Phawuloosi wongeella lallaabisaafi biyya
adda addaa deeme, ideemsa guggurdoo afuuri ideemera. Magalaa Anthookiya jalqabè ideemsa
tokkeessoo fixeeruun duubatti, hadha akkuma dhageenne Barnabaasi woliin ha dhiibi gara
Anthookiya deebi’e. Achin duuba Kristiyanoota duuchifi waan Waaqi isaan woliin godhee fi
balbala dhugeeffanno’oo ha worra Waaqa hin-beenne attam akka banee itti himane. Ammallee
kristiyanoota akka jaabaatanu mana kristiyaana duuchi keessa jarsoole fi akeettole filane. Huji
hafuura akka hosee hordofisa akka dande’anu isaan irratti kadhaa fi xoomi fixaaneeranuun
duuba harqa Waaqatiin isaan kennane. Seera kana higa amma hin hordofa. Kana irra ka’uun
higa yeenna sanii jalqabè manni kadhaa keenna jaaresolee filaatani. Kanaaf qiddasee tana
keessa mana kristiyaana katoliiki ka akeekanu duuchiifi haa kadhannu. Dubbiisa lammeessoon
baraticha Yohaannisi addii guddoo nu’uf kenna. Inni akka barreesse ojuu keessa maan
dhagge? “Ol gubba haareyya fi lafa hareyya dhaggee… qonqoon guddoon : kunoo, Waaqi
namoota wodhakka jira. Inni isaan wodhakka’atti mana ifii ijaara, isaan kolba isaa ite’ani; inni
Waaqa isaan ite’a” jedheen. Ammaallee “kunoo, ani waan duuchi hareya godha” jedheen. Ka
dhugeeffatuu waan kana yennaa dhage’uu hin-gammada, morkille addiin isaa hin-muummootti.
Waaqi waan duuchii haareya godhiisa akka dande’u beekee rakkoo keessa adoo jiru cufaa
addii hin-kutatu. Nuuti hoo ree? Doktrini katoliiki keenna akkuma nu’u barsiise, duubbi tana
waan guyyaa muummee, mootumma Waaqaa keessa kristiyanoota attam akka ite’anu nu’u
mudhiisa. Hordottoole jireenna Waaqaa waan iteenuufi, rakko duuchi injifanneen duubatti
dhugumaan Waaqi waan duuchi hareya akka godhu fi jireenna bara bara akka un’uf kennu hin-
dhugeeffanna.
Sadeessoon wongeella keessa hadha barumsa duuchi caalu dhageennerra. Akkuma
qaabannu, Yesuusi adoo ajaja haareya hin-kenniniin duratti Hawaariyoota ifiitiif miila dhiqe.
Beessisi kuni beessisa jaalalloo ite’a. Ammaallee ha’dha, Yesuusi adoo hin du’iin duratti,
barattoota ifii woliin te’e ajaja duuchi caalu ha dhiibi maan akka ite’u barsiise: “Ajaaja hareyya
isiniif keenna, wol jaalladha’aa; akkuma ani isin jaalladhe, akkuma sani wol jaallatiisa isin
barbaachisa. Yoo wol jaallattane namooti duuchinuu barattoota kiyyaa akka iteetanu hin
beekani” jedheen. Wongeela Matewoosi fora 22 keessatti ammallee, ferisawichi tokko ajaja
duuchi caalu kaam akka ite’e yeenna isa’a gaafate Yesuusi akkasi jedhe namoota gorse:
“Gootta Waaqa’a keeti onnee guutaan, lubbuu teeti guutaan,yaada keeti guta’aan jaaladhu.
Ajaji duuchi caaluu fi ha dura kana. Lammeessoolle kana fakkata: “Ollaa keeti akka mataa keeti
jaaladhu” ka jedhu. Saniif mortoole duuchin, ajajaa lamaan kanarraatti dhaabataneerani” jedhe
deebiseefi. Ifii ammoo yennaan jalaalloo ifii caalchitte Yesuusi mudhise yennaa faannoo
gubba’atti du’u. Inni yennaa du’uu gara ulfinna ol-gubba’aa gale. Kanaaf yennaan du’a Yesuusii
yennaa inni ulfeeffamu jedhiisa dandeenna. Yennaa sani Yesuusi guddinna jaalalloo ifii, ka
ABBAA ifiirraa fudhate, ka isaa ka ite’anuuf hin-kenna. Kana godhiisaan Waaqa woliin akka
le’anuu godhe. Abbaa ifiitii fi isa woliin tokko akka ite’anuu godha (Yoh. 17, 22)
Ulfinnii fi jaalaltiin tuni Hafuura guutummaa Yesuusirraa yennaa faannoo gubba’atti mudhattuu,
nuutillee fakkenna kana akka fudhannu ite’a. Kana duuchii beenneerruun duuba dubbii
Wongeela tana qaabatiisa yokiin alalfatiisa dandeenna. Yesuusi ha’dha maan nu’u barsiisa?
Ollaa keenna callaa adoo hin-ite’in nama duuchii jaallatiisa akka nu’u barbaachisu (Mt. 5, 44-
46). Yesuusi nu’uf fakkeenna keenne. Akka inni godhe, higa du’a keenna wol-jaallatiisa nu’u
barbaachisa. Guyya guyyaan woorra mana keenna, mana kadhaa teenna, laansa keenna
duuchi fi ammallee ka nuu rakkisane cufa Waaqarra onnee hareyya fudhatiisa akka dandeanu
hin kadhanna! Waaqi hafuura ifitiin un’u qarqaru fi nu’u jaajjabeessu.

Hujii Hawariyoota keessa hadha ammaallee barumsa hosee fudhatiisa


dandeenna. Ka Wongeela odeessanuu yennaa tokko tokko hin-ulfeeffamani,
yennaa dhiibi ammoo hin-rakkatani. Akkuma dhageenne, Phaawuloosi fi
Barnabaasi yeenna sani hunna hafuura ifitiin Dubbii Waaqa’a waan
lallabaneefi, mana heeddu hordottoole Yesuusi akka ite’anu godhane. Ifii
ammo Ayihuudoti, fakkaniisa kolba’a yeennaa dhaggane, hinaffa’aan
guutamane waan Phauloosii jedhe duuchi moromanee isa arrassane. Kanaaf
Phaawuloosi: “Isin dhage’iisa yoo didattanee gara worra Waaqa hin-beenne
ideennaa isaaniif Wongeela odeessina” jedhe. Yeenna sani jalqabè Oduu
Dansa biyya Israeeli keessa calla adoo hin ite’iin, hawariooti biyya adda
addaa ideemane namaa fi gosa duuchi wodhakka barsisiisa fi Mana
kristiyaanaa heeddu dhabaatane. Akkuma dhageenne magaalaa heeddu
keessa kristiyanoota hareya ka ite’anu gammadaa fi HAfuura Qulqullu’uun
guutamane.
Ammaallee Wongeella keessa akkuma dhageenne Yesuusi abba Waaqa’a
woliin tokkumma akka qabu mudhise. Filiphoosi isaaf yeenna gaafate
Yesuusi maan deebie? “Filiphoosi, ka ana dhaggee Abba dhageera, ani
abba’aan akka jiru, Abbaalle anaan akka jiru hin-dhugeeffattu?” jedheen.
Ammaallee maqa isatiin waan tokko yoo khadaanne, inni un’ufi akka godhe
nu’u jedhe. Marro kanaafi dhugeeffanno teenna jajjabeessisa un
barbaachisa. Ka dhugeeffatanu ka kadhate duuchi fudhatiisa dande’ani,
Yesuusi nu’uf jedha.
Yenna fasikaa tana keessa nuuti, barattoole Yesuusii fi dhaltoole
hawariyootaa waan iteneefi, dubbii fi hujii kennatiin, ammallee fakkeenna
hosee kennatiin nama wodhakka akka dhuga bayoota jajjaaboole mata
keenna mudhisiisa nu barbaachisa. Ka’iisa Yesuus Kristositiin jireenna
hareya akka fudhanne marro dhugeeffanneefi, nama duuchifi rakko ifii
keessa ossiisa akka dande’anu fi addii guddoo akka qaabanu hujiisa un
barbaachisa. Qdaase tana keessa guyya guyyan Yesuusi dhugeeffaanno
teenna akka jaabeessu haa kadhannu. Wongeella dhuga bayisaafi fedha
hosee qaabatiisa akka dandeennu Waaqi hafurra ifitiin nu’u qarqaaru fi un’u
jaajjabeessu!
Yeennaa Fasikaa sanbata 6sso C
“Nageya dhuga’aa haa barbaannuu”

Hawaariyootii fi kristiyaanooti duri, akkuma dhageenne, waan rakko Mana kadhaa


tokko tokko wol-mariatiisa, magaala Yerussaalemii keessa wolta dhachaane
teesumma akeettoole tokkeesso’oo godhani. Bilisumma’aa fi tokkummaan Mana
Kadha’aa mudhatteerti. Yeenna sani Ibraawuyaanotii fi worri Waaqa hin-beenne
Mana Kristiyaana keessaa woliin jirani. Yaadii fi aadaa isaani ammoo tokko hin-
iteene, kanaaf yennaa wolta makamanee moromiisa jalqabane. Isaan wodhakkaa:
Seerri Muuse’ee Ayihuudota adoo ulfeessanuu ka Ayihuudota hin-iteene akka
ulfeessanuu dirqamsiisa isaan barbaachisa mo’o yokiin hin-barbaachisu? Kristiyaana
ite’iisaaf seera Ayihuudotaa fudhatiisa barbaachisa mo’o hin-barbaachisu?
Haqanqabaa qabatiisa barbaachisa mo’o yokiin hin-barbaachisu? Dhugeeffannoon
kristiyaanaa ha nama duuchi’iitii fi addee duuchi’ii yoo iteetee aadaa gosa tokko
fudhatiisi dirqamaa? jedhaa wol-gaafatane. Wonni kuni kristiyaanota wodhakka’atti
moroma guddaa kaatte. Phaawuloosi ammo “Ka caalu Kristoosi yokiin seera
Musee?” jedhaa gaafata. Inni akkuma barsiise, karaan gara fayyinna geessuu
Kristoosi calla’a. Seerri gara Kristoosi akka nu’u akeekuu gatii qaba ammoo nu’u
fayyisiisa hin-dandeu. Moromaan tuni attam injifatante? Hawariya Yaa’iqoobi:
“Seera Muuse’ee keessaa waan tokko tokko callaa fudhanna malee, duuchii nama
worra Waaqa hin-beennerraa dhugeeffatane akka ulfeessanuu hin-barbaachisu”
jedhee mure.
Dubbiisa lammeessoon Yohaannisi kristiyaanota ka rakkatanu jajjabeessiisaaf waan
gara duraa isaaniif qopho’ee hin-mudhisa. Yerusaleemi haareya keessa galanee
Waaqa woliin le’ani. Waaqi Yerusaleemi haareya keessaa jira. Ulfinni isaa magaala
duuchii guuta. Ojuu isa’a keessa Yohaannisi beessisa heeddu dhagge; fakkeennaafi
hadha waan laak. 12 maan baranna? Dhugumaan moruun Kakuu Dullattii fi
Haareya guutanteerti. Kolbaan Isra’eeliitii gosa 12 ka itea’nuufi Hawaariyoota 12
irraa dhaabate Manni Kristiyaana jechuun nama duuchii jechu’u; kolbaa Waaqaa jechu’u.
Ammaallee Addeen Waaqi jiruu ifa iteeti. Addee sani keessa cubbuun hin-jirtu. Moruun
Isayaasii karaa Yesuusitiin guutanteerti (Is. 60, 19 = Yoh. 8, 12)
Wongeelli dhageenne keessa Hawaarichi tokko Yesuusiin: “Biyya lafaatti adoo
hin-ite’in, nu’u calla’atti mudhatiisa akka barbaaddu attam?” jedhee isa gaafate.
Yesuusille: “Waaqa beekiisaaf Yesuusi jaallatiisa barbaachisa, ammallee Yesuusi
jaallatiisaaf Dubbii isaadhage’iisaa fi guutiisa barbaachisa”, jedhe deebise. Yesuusi,
Abbaa Waaqa’a woliin, nu’u tokko godha; ammalle addee isaan lamaanuu jiranuu
Hafuurrille hin-jira. ABBAA – ILMA – HAFUURA qulquulluu fi KRISTIYAANOTA
“TOKKO” iteena, jeechuu. Ifii ammo Yesuusi akka mudhatuu,isa ajajamiisaa fi
jaalatiisa barbaachisa. Kanaaf inni ka dhugeeffatanutti mudhata malee, biyya lafaa
duuchi’ii moti. Ammaallee hadha Yesuusi hawariyootafi Hafuura qulquulluu akka
erge kakata. Hafuuri qulquulluu, kennansa Abba’aa ka karaa Yesuusitiin ergamu, ka
waan duuchii beessisuu ite’a. Hujiin Hafuuraa maan? barsisiisaa fi waan Yesuusi
dubbatee duuchii qaabachisiisa. Hafuurri Qulqulluun hujii Yesuusii fudhatee itti fufa.
Haga yennaa tana Mana Kristiyaana keessaa barsiisaan dhuuga tokko jira, Hafuura qulquulluu.
Kennansa 1ssoo Yesuusi nu’uf kenne ite’a; kennaansa 2ssoo ka nu’u kenne Nageya! Nageya
jechuun: guuta ite’iisa, Fayyaleessa ite’iisa, Durumma Qulqulluu qaabatiisa yokiin
Qulqullummaa argatiisa jeechuu. Nageenni kuni, akkuma wongeella keessa
dhageenne, kennaansa Kristoosi. Nageenni Kristoosi dhugumaan jireenna ite’a. Isa
guddoo nu’u barbaachisa. Kanaafi qiddaasee tanaan onne teenna keessa, mana
keenna fi worri teenna wodhakka, mana kadhaa keessa fi biyaa lafa duuchi
gubbaatti Yesus Kristoosi nageya ifii yeenna tana keessa keennisa akka dande’u
haa kadhannu!

AYYAANA OLI BAYIISAA


Wongelichi Luqaasi isheensa kitaaba hujii hawarioota keessa akkasi barreesse:
“Tewofiloosi kiyya, kitaaba kiyya ka kanaan dura keessatti waan Yesuusi matooman
jalqabee higa guyyaa hawariyoota karaa Hafuura Qulqullu’uutiin foyate ajajoota ifii
keenneen duubatti, gara ol-gubbaa fudhatamee waan inni godhee fi barsise duuchi
barreesseera” jedhe. Akkuma dhageenne Yesuusi gara ol-gubba adoo hin’bainin duratti
barattota ifiitiifi hafuura qulqulluun akka cuuphamanu addii keenne. Isaan Yesuusi
du’arra ka’een duubatti Yerusaleemi keessa adoo jiranu waan tokkolle hin hunynye,
morkille hunna waan hin qanneefi. Ammaallee hunna Hafuura qulquulluu haga
dhaggatanu asitti Yesuusi magaala keessa akka hin-baane ajajeera. Isaan ammoo
yeeroo muummee akka dhikatte isanitti fakkatti. Waan kanaafi hadha Duubbiisa
tokkeesso keessa akkuma dhageenne yeennaan mootumman Israeeli dhuttu beekiisa
barbadane. Isaan Yesuusiifi woonni gaafataneefi garbumma Roome jaala waan
turaneefi, waan garbumma jaala bayiisaan malee, mootumma Waaqaa mootumma
hafuura akka ite’u ijjuuma hin-yaanne. Kanaafi yeenna mootumma Israeeli dhuttu tanatti
‘yeennaan garbummarra baane bilisonnu’ jeedhane addatanuufi! Yesuusi ammoo gaffii
tanafi deebi hosee deebisera. Sunille “Ji’a yokiin woggaa Abbaan Goottummaa ifitiin
dhabe akka beettanuu isiniif hin kennanne, isini ammoo yeenna Hafuura qulquulluu
isinirra bu’uu hunna isaa hin-fudhattani”, jedheen. Garu ayyaanaa oli bayiisa maan nu’u
qaabachisa? Fayiisa keenna Yesuus Kristoosi du’arran haga ka’en duubatti lafa tana
gubbatti guyya afurtaama ture. Yeenna sani keessa barattoota ifitiifi baruumsa mummee
keenne. Achiin duuba gara ol gubba bayeera. Inni akkuma jedhe, ajaaja Waaqa’a
duuchi guute kae gara Abbaa ifi deebi’e. Ammaallee maan jedhe? “Gara biyya lafa
duuchi ideemaa, nama duuchilleefi wongeella odeessa”. Ifii ammoo, hujii tana barattoota
ifii callaafi adoo hin-ite’in, nu’ufi cufa dabarse keenne. Nu duuchinu Yesuusitti marro
dhugeeffanneefi, waan inni barsiise duuchi hin-gunna. Qesoolee, katekistoolee fi
jarsoole wolin attam wongeella odeessiisa dandeenna? Jeenne yoo wol gaafanne,
baraanno isa’a fudhanneen yeenna mara oduu nama adoo jirru huji hosee hujaa,
fakkenna hoseelle ite’aa, Wongeellaa hin-odeessina. Ifii ammoo nuuti lafoole waan
iteneefi huji tana attam goone gunna? Yesuusi gara ol gubbaa adoo hin-demiin duranu
nu’ufi addii guudda keenne, akkasi jedhe: “Ani haga guyya muummee isini woliin le’a”.
Le’i teenna keessa nu’uti qofu hin leenu. Nu’u woliin Waaqi akka jiru hin dhugeeffanna.
Ammaallee Yesuusi gara ol gubbaa adoo hin bayiin Hafuura qulquulluu Abba
Waaqaarra akka un’uf ergu kakate. Higanaa achi Yesuusi fooniin yokiin nafa isaatiin hin-
dhagginu; garu obboleeyyaan Wongeela odeessinu keessa isa hin-dhaggina. Hujiin
Hafuuraa maan? Yesuusi akkuma jedhe: huji isa’a barsisiisaa fi waan Yesuusi
dubbatee duuchii qaabachisiisa. Hafuurri Qulqulluun hujii Yesuusii fudhatee itti fufa.
Yesuusi higanaa achi karaa Hafuuratiin un’u wodhakka hin-jira. Dhugumaan Yesuusi
lammeessoo hin-mudhatu. Gara abba Waaqaa ideema. Amma karaa Hafuuratiin isa
dhaggina. Yesuusi yennaa ideemuu lafa tana gubba’atti jiratiisa hin-lakkisa ammoo
seenaan Hafuuraatii fi Mana Kristiyaanaa akka jalqabantuu godha. Karaa isaanitiin inni
hin-jira fi hin-huja. Waaqarraa yoo ilaallee Yesuusi akka hiddaa fi dhaaba dhuga’aa fi
muummee jireenna namootaa ite’a. Addee inni ideemee hin-ideenna; isa woliin higa
bara baraa hin-leena. Kennansa 1ssoo Yesuusi nu’uf kenne Hafuura Qulquulluu,
kennaansa 2ssoo - sanbata tarte akkuma dhageenne - Nageya ite’a! Nageya jechuun:
guuta ite’iisa, Fayyaleessa ite’iisa, Durumma Qulqulluu qaabatiisa yokiin Qulqullummaa
argatiisa jeechuu. Kanaafi qiddaasee tanaan onne teenna keessa, mana keenna fi worri
teenna wodhakka, mana kadhaa keessa fi biyaa lafa duuchi gubbaatti Yesus Kristoosi
nageya akka nu’uf keennu haa kadhannu! Waaqi HAfuura ifitiin kadha teenna
mummeessu!

Ayyaana Sadiinumma’aa fi tokkummaa Waaqaa


Sanbata kana keessa dhugeeffaanno teenna keessa misxiiri duuchi ka caalu huubatisaafi
wamanneerra. Waan Misxiri Sadinumma’a fi tokkummaa Waaqaa gubbaatti heedisa nu
barbaachisa jeechu. Hadha addatti yoo yaanne, qofu teenna Waaqi eennu akka iteu fi yaadisaa
fi bultuma isa hin-beennu. Ifii ammoo inni yeenna kaku dullatti jalqabe hega ha’dha Dubbi ifii
beessisiisa hin-lakkinne. Kaku dullaatti keessa kara mortooletiin isa male Waaqi dhibiin akka
hin-jirre beessiseera. Worri duri Waaqi bayya akka jiruufi; inni mata ifitiinu nu’ufi akka hin-
yaanne, isaan mata ifiitti yaadaneerani. Ifi ammoo kara mortoleetiin inni ijjuma diko akka jiru
dubbate beessise. Dhugumaan nami ka heedu calla adoo hin-ite’in, isaan akka jaallatulle
mudhiseera. Inni dhuugameessa waan iteefi, mata ifitinu nama akka towaate nama duuchi akka
jaallatu beessiseera. Yeenna sani kara Museetiin akkasi jeedati hasoe: “Waaqi ol gubbaafi,
lafalleetti Waaqi. Dhibiin akka hin-jirre nami duuchi beekkuti, onnee teessani kessatti yaada
kana qaba’dha” jedheen. Ammaallee Yesuusi ilma Waaqaa ka ite’e lafa tana gubbaatti yeenna
dhufe worra dhibamane fayisati, cubbaleyiifi hafu jedhati, balloota ila banaati, gurra ka dudane
akka dhage’anu tolcaati, ka afan dudane akka hasoanu godaati, nafoota deensisaati, ka du’ane
du’arran kaasaati… dubbi baasa tana dudi godaati jalaalti abba ifii mudhise. Achin duba mata
ifitinu guyya arbi faanno gubbaatti fannifame du’e luubbu ifii dabarse akka keenne torbaan
qulqulliitti keessa ulfeessineerra. Sanbata tate akkuma ilaalle, Gootta keenna Yesuus Kristoosi
gara ol gubba ba’en duubatti woorra dhugeeffattoota duuchiif hafuura qulquulluu erge. Inni
hunna Waaqaati, jalaala Waaqati jireenna keenna keessa addiin teenna yoo latte ka nu’u
jaajjabeessu isa; inni ifaafi beekumsa, nu’uti yoo dhaddanne ka forfaaccììsu isa, onnee teenna
keessa daafe mufiifi o’isi yoo jitìrate ka qabbaannessu isa. Kanaafi hadha ayyaana
Sadiinumma’aa fi tokkummaa Waaqaa kana hin ulfeessina. Isaani worra sadi ite’anu male,
ammoo Waaqa tokkocchaa fi ijjuuma wol qixxa akka ite’anu mana kristiyaana katoliiki keenna
hin barsisa. Qeesichi qiddaasee yeenna jalqabu nageyaa keennati akkana jedha: “Ayyaani
Gootta keenna Yesuus Kristoositifi, jaalallo abba Waaqatiifi, tokkummaan Hafuura qulquulluu
isini duuchi woliin jiraatu” jedha. Nutille yeenna kadhannu “Waaqa abba nu’u daade” jenneeti
ulfeessina; “Ilma Waaqalle ka nu’u hambure” jeenneti yaanna; ammallee “Hafuura qulquulluu
Waaqa nu’u jaabeessu” jenne yaanna. Nu’uti bari hirriba yeenna kaanu guyya hareya adoo hin-
jalqabiniin dura mallatto faannoo godaati maqa isaani qaabanna. Adoo hin-nyaatiin duranu,
adoo hin-rafiin duranu yeenna duuchi mallatto faannoo godaata isaan qaabanna. Waaqaafi
yeenna galata dhikeessisa jallannu akkana jeenna “Abbaafi ilmaafi hafuura qulquulluun galanni
ite’u” yeenna duuchi hega bara bara Amen. Nu’u isanirraan duunne, isanirrallee waan duudi
fudhaanne, amma jireenna keenna keessa adoo jirru isaan bennee ulfeessina, mummeerratti
gara isaani deebinee isaani woliin le’i bara bara jiranna.
Phauloosi worra Roome akkuma jedhe nu’u Waqatti marro dhugeeffannefi, kara dhugeeffaanno
teennatiin Waaqa woliin nageyaan jirra; karaa Gootta keenna Yesuus Kristoositiin gara Waaqa
abba keenna deebine, isa woliin negeyaan le’isa dandeenna. Cuubbu keenna ka balleesse Y.
Kristoosi, Waaqa abba woliin ka nu ararse isa, gara mootumma isa ta oli isheenisaafi
qoodantoole isaalle ite’isafi, biyya lafa tana guubba rakko fhudatiisa hin-dhaannu. Ifii ammoo
kara rakkootin ossuumma dhaggatisaafi fudhatiisa dandeenna; rakko keessa adoo jirru
ossuumma teenna mudhisiisa dandeenna.Ossummaan yoo leene jabeenna hin-dhagganna,
jabeennarralle addii hin-fudhanna. Addiin teenna ijjuma dhugaa, ka soddumoti maafi? Addii ka
un’uf keenne Yesuus Kristoosi, kanaafi maamisa hin-barbaachisu, addatiisa male. Addiin
dhugarratti marro dadaanteefi soba woliin tokkumma hin-qaddu. Maafi addii nu’u hin-soddu?
Jeenne yoo wol gaafanne, Addii ka nu’ufi keenne Waaqa abba keenna waan ite’efi. Nu’u marro
jaallatuufi nu’u soobiisa hin-dandeu. Abbaan mucha ifii soba? Yoo jallatte ijjuuma hin-sobu.
Waaqi abba arja keenna waan ite’ufi nageyaa fi jaalaalloo ifii calla nu’uf keennisa barbada male,
huji keenna fi fakkeenna keenna hosee akka ite’u inni yeenna duuchi nu’u gorsa. Marro kanaafi
hadha dhugumaan onee teennarra kadha teenna akka hosee akka dhikeessinu, Waaqi nu’u
eebbisu fi yeenna duuchi nu’u jaabeessu.

You might also like