You are on page 1of 5

Wanti Taabota Bataskaana Ortodooksii Tewaahidoo Itiyoophiyaarratti barreeffame maalidha?

Jedhamtanii osoo gaafatamtan deebiin keessan maalidha? deebii keessaniin "Abboommii kurnanidhaaa''
jettu taanaan dogoggortaniittu. Mee gara deebiisaa isa sirriitti utuu hin ce'in dura waa'ee Taabotaa waa
muraasa haa ilaallu. Yeroo baay’ee yemmuu waa’ee barbaachisummaa taabotaa irratti ibsa kennamuun
iddoo bal'aa kan fudhatu ,xiqsiiwwan Kakuu moofaa wabeeffachuun waan ta'eef, gaaffiin waa'ee
Taabotaaf ka'u akka hin dhaabanne waan godhe fakkaata.

Kanaaf barreeffamni gabaabaa kana keessatti adeemsa <Waa Bu'ura Irraa> jedhutti utuu hin fayyadamin
waa'ee taabota kakuu haaraa qofaa wajjin ilaalla. [Yeroo baay’ee hubannoo nuti waa’ee taabota kakuu
haaraa irratti baay’ee gadi bu’aa waan ta’eef]

Jalqaba gaaffii “Kakuu haaraatti Taabotni maaliif barbaachisa?” jedhu deebisuuf, Gooftaan keenya
saa'atii dhumaa kamisa galgala yemmuu Iccitii Qurbaanaa barsiisetti maal akkanni godhe haa yaadannu.
Gooftaan keenya gaafa duuka bu'oonni walitti qabamanitti <<Utuu nyaachaa jiranii, Iyyesuusis buddeena
fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, "Fudhadhaa nyaadhaa, kun foon koo ti!" jedhe.
Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee, "Hundumti keessan kanarraa dhugaa!
Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifama cubbuu namoota baay'eetiif
dhangala'a.>> jedhe (Mat.26:26)

Duraan dursee Gooftaan keenya kan <<Foon koo kan nyaate, dhiiga koos kan dhuge jireenya barabaraa
qaba>> jedhee Iccitii Qurbaanaaa barumsaan hundeessetu amma immoo hojiin isaan barsiise. (Yoh.6:56)
Bartoonni isaas erga Gooftaan olba'een booda Wangeela barsiisaa, <<Biddeenicha cabsachuutis jabaachaa
turani>> (HoE.2:42) Qulqulluun Phaawuloosis "Isan Gooftaa harkaa fudhadhe, animmoo isiniif
kenneera>> jechuun akkamitti akka Foonsaaf dhiigasaa fudhachuu akka qabnus <Osoo isaaf hin ta’iin
kan Fooniif dhiiga Gooftaa fudhatu gatii adabsiisaatu irra jira> jechuunis sirna Qurbaanaa kaa'eera.
(1Qor.11:23-30)

Haa hubannu! Kiristaanni Fooniif dhiigi Kiristoos kennamuusaatti amanu tokko Fooniif Dhiigni
kabajamaan kun akkuma isa manaa bakka addaa addaatti , teessumuma abbaa fedheerratti dhiyaachuu
danda'a jedhanii yaaduun baay'ee itti ulfaata. Kanaaf Bataskaanni amma barri ari'atamuu ishee ga'ee barri

1
wareegamtootaa darbutti Sirna Mana Qulqullummaa yeroo gara yerootti fooyya'aa dhufeen, aarsaa kakuu
haaraa sana kabajaan aarsaa gootee amantootaaf kennuu dandeesseetti.

Bara Oriitii dhiigni Hoolaaf Reettii aarsaa ta'aa ture sanatti illee , qofaatti Qodaan aarsaa guddaa
qophaa'ee, Qodaan aarsichaas qulqulleeffamee, bakka godoo walargiinsaa namni itti seenuu hin
dandeenye keessa kabajaan ta'aa ture. Aaroniif Ijoolleen Aaron godittii (Dunkaana) sana tajaajilan illee,
uffata addaa uffatanii, dhiiga hoolichaa gaanfa qodaa aarsaa sanaa dibanii, sirnicha raawwataa turani.

Egaan erga Aarsaa hoolaaf reettiif kabajaan ammi kun kennameetii, isa akka hoolaa waa'ee cubbuu
keenyaaf hoolaa Waaqayyoo dhiyaate, akka Angafa lubaattis harkasaa Qaraaniyoorratti diriirsee, kan
aarsaa ta'eefi foon koos ho'aa nyaadhaa jedhee kan nuuf kenne, Fooniif Dhiigi Iyyesuus Kiristoos Aarsaa
ta'ee qodaanni irratti dhiyaatu ammam ulfina qabeessadha laata?

Bataskaanni Ortodooksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa Taabotni isheen <Qodaa Aarsaa> jettu bocaanis,
tajaajilaanis, kabajaanis Kan Waaqayyo Oriitiitti Taabota Museetti kennee wajjin tokko miti. Taabonni
duraanii, Luboota kakuu moofaan kan baatamu yoo ta'u, inni ammaa garuu, gabatee boca tsilaatii qabudha.
Taabota Bataskaanni moggaasa garaagaraan waamti:- Taabota kakuu haaraa, Tsillaatii, Qodaa aarsaa
jettee.

“Taabota kakuu Jecha isaa” kan jedhameefis, waa'ee kakuu duraanii Waaqayyo Isiraa'elotaa wajjin
taasise utuu hin ta'iin waa'ee isa <<Foon koo kan nyaatu dhiigakoos kan dhugu jireenya barabaraa
qaba>> jedhamee kennamee fi <<Waa'ee haqama cubbuu baay'oliif dhiigakoo kakuu haaraaf
dhangala'udha>> jedhamee kakuu haaraa kennameedha. (Mat.26:26-30) Taabota kakuu haaraa kan
jedhamu waa'ee Kakuu haaraa foonsaaf dhiigasaan, nuuf kennamedha. Kan inni Taabota jedhameefis
Waan Waaqayyo gargaarsa isaan irra buluu fi Qaama Foonsaaf dhiigasaan teessoo inni irratti mul'atu
waan ta'eefidha.

Kan inni Tsillaatii jedhameef waan abboommiiwwan kurnan irratti barreeffameef miti. Waan gundunfaa
seera hundumaa kan ta'e Maqaan kabajamaa Fayyisaa Addunyaa Iyyesuus Kiristoos <<Aalfaa
Oomeegaa>> jedhu irratti barreeffameefidha. (Madda:-ሥርዓተ ቤተ ክርስቲያን /ሊቀ ካህናትክንፈ ገብርኤል
አልታዬ/ ፣ የኢትዮጵያ ቤተ ክርስቲያን ታሪክ , ብፁዕ አቡነ ጎርጎርዮስ/)

Namoonni tokko tokko <<Taabonni Mana Kiristaanaa Itiyoophiyaa, isa Oriitii wajjin wal hin
fakkaatu!>> jedhanii falmii guddaa labsuun isaanii baay’ee nama dhiba. Oduun mataa hin qabne takka
<Isheen oriitiidha>> takka immoo <<Maaliif akka Oriitii hin taane>> jedhu waan isaa namaa hin galu.

Warri kaan immoo, "Isin baay'attanii biyyicha keessa yommuu guuttan, namni waa'ee sanduuqa kakuu
Waaqayyoo dubbatu, namni waa'ee isaa yaadatu, kan isa barbaadus hin jiru; inni deebi'ee hin hojjetamu.”
Jecha jedhu irraa ka’uun Taabotni amma jiru hin baarbaachisu jechuudhaaf namoonni ka'umsa
godhachuuf yaalan jiru. (Erm 3: 16). Jechi kun garuu, Taabota Oriitii Israa'elonni Taabota kakuu
jedhaniisaan waaman akka isaaniin tajaajiluu dhaabee fi akka Waaqayyo uummatasaa wajjin kakuu
haaraa galu kan nama hubachiisudha.

2
Taabotni amma itti tajaajilamaa jirru kun akka Taabota isa duraanii utuu hin ta'iin "Kun dhiigakoo kakuu
haaraaf dhangala'udha'' jedhee kan inni dhiigaaf foonsaa kakuu haaraaf kennee fi Taabota kakuu haaraa
dhiigasaa irratti fudhannudha. Eeyyeen, Taabota isa duraanii Isiraa'elonni hin barbaadani, Taabota kakuu
abboommiiwwan kurnan irratti caafaman kanaan booddee hojiirra hin oolan. Kakuu haaraa nuun qabnu
Kakuu haaraa Maqaa Kiristoosiin waamamnudha. Kan inni isa Oriitii hin fakkaanneeefis amma kakuu
haaraa irra waan jirruu fi tajaajilli Taabotichaas adda waan ta'eefidha.

Kan Taabonni kakuu haaraa isa kakuu moofaa caalaa baay'ateefis, Fooniif dhiigni Kiristoos inni
hundumaa qaqqabuu qabu waan aarsaa irratti ta'uufidha. Manni qorichaas kan baay'atuuf Warri qorichi
isaan barbaachisu baay'ee waan ta'aniif mitiiree? kan Taaboti baay'ateef aarsaan Taaboticharratti dhiyaatu
waa'ee cubbuu namoota baay’eef kan dhangala'u, isa malees jireenya hin qabdan kan jedhamne, cubbuu
hundumaarraa kan qulqulleessu kan jedhame, foonsaaf dhiignisaa waan nu barbaachisuufidha.

Kanas, Eebbifamoon Abune Gorgooriyoos akkas jechuun ibsu:- <<Tsillaatiin inni oriitii, Kan Waaqayyo
duumessaan golgamee Museef Aaroniin ittiin haasofsiisu; Isiraa'elota qofaaf Teessoo inni gargaarsa isaan
irratti mul'atu ture. Kun garuu, (Taabonni kakuu haaraa) Kan Fooniif dhiigni Kiristoos irratti diiyaatu,
Gooftaan keenyas Foon koo kan nyaate dhiiga koo kan dhuge jireenya barabaraa qaba, warra amaneenis
foon koo nyaadhaa dhiiga koos dhugaa jedhee aarsaa dhiifamaa inni irratti waamudha. Kan kabajniif
sagadni godhamuufis kanaafidha.>> (የኢትዮጵያ ቤተ ክርስቲያን ታሪክ ገጽ 109).

Inni biraan kan nama dhibu, gama sirna Taabotaan Abune Gorgooriyoos kan Giriikotaa Andimisiyoonii
wajjin kan keenya akka wal fakkaatu barreessuu isaanii yoo ta'u, warri Giriikotaas yemmuu waa'ee
Andimisiyooniin ibasanitti Taabota Itiyoophiyaa wajjin kan isaanii akka walfakkaatu barreessuu
isaaniidha. Akka bu'uura sirna Bataskaanaa Itiyoophiyaatti kan Tabotawwan irratti barreeffame Maqaa
Fayyisaa addunyaa Kiristoos <<Aalfaafi Oomeegaa>> jedhudha. Maqaa kanaa wajjin Taabota
hundumaarratti immoo caqasa kanatti aanee jirutu barreeffameera ‹‹ከመ ለስሙ ለኢየሱስ ክርስቶስ ይስግድ
ኲሉ ብርክ ዘበሰማያት ወዘበምድር›› " Kanaanis Warri Bantii Waaqaa Keessa Jiran, Warri Lafa Irraa,
Warri Lafa Jala Jiranis Hundinuu Ulfina Maqaa Iyyesuusiif Akka Jilbeenfataniif" (Filp 2: 10)
Namni Taabota duratti sagadu maaliif akka sagadu caqasni kun nu hubachiisa. Sababni isaas, <<Jilbi
hundumtuu Maqaa Iyyesuusiif sagaduu>> waan qabuufidha. Namni Fooni kiristoos cabee, dhiignisaa
cobee akka kennamu amanu Gabatee aarsaa kana duratti sodaadhaan Kiristoosiif in sagada. Namni
Foonsaaf dhiigasaan <<Akkuma yaadannoo wayiidha>> jedhu garuu, akkanni Qodaa aarsaa duratti
sagaduuf kabajuuf hin eegnu. Nuti ijoollee Bataskaana ishee kakuu haaraa , Taabotarratti Maqaa Iyyesuus
Kiristoosiin kabajaan barreessitee waan taaneef Waaqayyoon nii galateeffanna.

Kan biraan, maqaa Taabonni ittiin waamamu “Taabota Aarsaa” kan jedhu yoo ta'u, Waa'ee aarsaa
kanaas Qulqulluun Phaawuloos "Nuyi iddoo aarsaa warri godoo /dunkaana/ sana keessa hojjetan irraa
nyaachuun hin kennaminiif qabna. " jechuun waa'ee aarsaa isa kakuu haaraa nutti hima. (Ibr 13: 10)

Aarsaan kun isa Ijoolleen Aaron warri Godoo oriitii tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne sana , nuuf
Kiristaanotaaf Taabota Aarsaa (Christian Alter) Foonsaaf dhiigasaa irraa nyaannu nuuf kennameera.
Akkuma Raajichi dubbate warri mana Isiraa'eel "Kana booddee hin barbaadani, Taabota kakuus jedhanii

3
hin waamani'' Nuuf ijoollee kakuu haaraaf garuu, Kakuu Foonsaaf dhiigasaa inni nuuf kennee waan ta'eef,
kan barabaraadha.

Waa'ee tajaajila Taabotaa isa kakuu haaraa gaafa dubbannu wantoota mormitoonni irra deddeebiin kaasan
keeessa tokko <<Bataskaana Itiyoophiyaa qofaatu taabota qaba>> jechuun yaalii qofaatti baasanii
rukutuudha. Keessumattuu Bataskaana Gibxiin akka fakkeenyaatti fudhachuun, <<Warri Gibxii Taabota
hin qabani>> kan jedhu ammaa ammaa dhaga'aama. Dhimma kanarratti nuyi deebii kennuu irra; deebii
warra Gibxiin kaa'utu nuu salphaata.

Warri Gibx Meeshaalee Qulqulluu Bataskaana Ortodooksii Itiyoophiyaa wajjin walsimaa ta'e lama qabdi.
Inni tokko Tsillaatii Aarsaa (gabatee) /Alter Board/ yoo ta'u, inni lammataa immoo, Taabota /Ark/dha
Barreessaan beekamoon Bataskaanittii luba Taadiroos Maalaatii jedhaman Kitaaba isaanii, ‹‹Church The
House of God›› jedhu irratti Waa'ee hojimaata qodaa aarsaa (Alter Board) yemmuu dubbatan <<Qodaa
aarsaa kanarratti fannoo tokko ykn baay'eetu irratti kaafama; Aalfaaf Oomeegaa jedhamee irratti
barreeffama; kanaan boodas Far.86:1 irra kan jiru, Hundeewwan ishee qulqulleeffamoodha kan jedhutu
Faarfannaa Daawwit irraa irratti barreeffama>> jedhanii, hojimaata isaas gaafa dubbatan <<Bataskaanni
Gibx waa'ee hoj-maata Taabotaa seera tumamee jiru hin qabdu; amma jaarraa afraffaatti garuu, Mukarraa
hojjetamaa ture. Dhagaaf dhagaa gat-jabeessa irraas bocamuu danda'a>> Erga kana jedhanii booda
immoo achumaan Waa'ee Taabota Bataskaana Itiyoophiyaas gaafa dubbatan <<Qodaan aarsaa mukarraa
hojjetamu amma har’aatti Bataskaana Itiyoophiyaa keessatti tajaajila kennuusaa itti fufeera>> (Wooden
Alters continue in use in the Ethiopian Church at the present time) jedhanii gudunfu.

Kun waa'ee Qodaa aarsaa malee, waa'ee Taabotaa hin dubbatu. Waa'ee Taabotaa immoo barreessaamti
kun, Marsiiriitii Ofiishiyaalii Bataskaanittii irratti barreeffama kana gadii, olka'aaniiru.

‹‹In the middle of the Alter, there is a wooden box, called in Coptic 'pitotc' which means 'a seat' or 'a
throne', and is used as a Chalice-Stand. Usually it is cubicle in shape, about thirty centimeters high and
twenty-five centimeters wide, the top is closed with high flaps. The beautiful carving is inlaid with ebony
and ivory and is decorated with four small icons. It can be only the Lord in the last supper, St Mary,
Archangel Michael, St. Mark and then the patron Saints. It is called 'the Throne' for it represents the
presence of the Crucified Lord. Its name also corresponds to the 'Ark of the Old Testament', for it
contained the Tablets of Law written with the finger of God to declare God's covenant with man. The new
Ark now contains the true Blood of Christ, as the New covenant, that fulfills the Law and the prophets.››

(<<Saanduqi mukaa qodaa aarsaa sana gidduu taa'u, kan jiru yoo ta'u kunis koptiin biratti Tiitoot
jedhamee kan hojjetamudha, hiikni isaas <Manbarii/Teessoo> jechuudha. Xoofoon kan inni taa'u
kanarradha. Bocni isaa geengoo yoo ta'u Seentimeetira 13/14dha. Irri keessisaa huccuun uwwifama.
Halluuwwan adiif gurraachaan kan faayame yoo ta'u, fakkiiwwan afuris naanna'aa isaa ka'aamu.
Fakkiiwwan sunis fakkii Gooftaa keenyaa gaafa kamisaa, kan Giiftii keenyaa, Kan Qulqulluu Mikaa'eliifi
kan Qulqulluu gaafa sana yaadatamuudha. Kan inni <Teessoo> jedhamee waamamuufis Gooftaan inni
fannifame gargaarsa ayyaanasaan akka irra buufatu yaaduurraan kan ka'eenidha. Moggaasi kunis
<Taabota kakuu Moofaa> wajjin walfakkaata. Taabonni sun kakuu Waaqayyo, uummatasaa wajjiin walii
gale kakuu irratti barreeffameefi Tsillaatii seeraa kan qabu ture. Taabonni haaraa amma jiru garuu, dhiiga
Kiristoos isa dhugaa kan qabatu yoo ta'u, Kiristoosis kan Seeraaf Raajota nuuf raawwatee Seera isa

4
haaraa nuuf kennedha.>>. Ibsi kunis ibsa Phaaphaasiin keenya Abune Gorgooriyoos waa'ee Taabota
Bataskaana keenyaa, kennanii wajjin garaagarummaa tokkoyyuu hin qabu.

Kana ilaaluumaaf kaasne malee, Taabotichi naanna'uu dhiisuusaa fi sirna isaan adda dda malee, Taabota
Bataskaanni Itiyoophiyaa qodaa aarsaadha jettee, dibata Meerooniin kabajjuufi meeshaalee qulqullaa'oo
Manbariirra (Teessoorra) ta'an, Manneen Bataskaanaa Orentiyaalii hundumaa bira jira.

Bara amma jirru kanatti, namoota dhugummaa Fooniif dhiiga Kiristoosiin hin amannee wajjin Waa'ee
barbaachisummaa qodaa aarsaa haasa'uuf yemmuu yeroon qisaasa'u argina. <Kiristaanota> Taabota
maqaan Kiristoos irratti barreeffameen <Waaq-harkee> jedhan ilaallee aja'ibsiifanna. <<Waaqni
tolfamaan>>, <<Jilbi hundumtuu maqaa Iyyesuus Kiristoosiif haa sagadu>> jedhamee irratti barreeffame
eessa jira? Waaqni tolfamaa <<Aalfaafi Oomeegaa>> jedhamus jiraa? Taabonni wangeelli irra taa'u,
Foonsaaf dhiigasa irratti caccabu, dibata Meerooniin kabajame, akkamitti Waaqa tolfamaa jedhamee
waamama? Taaboti Maqaa sillaaseen, “Abbaan Tokkichi Qulqulluudha, Ilmi Tokkichis
Qulqulluudha, Hafuurri Qulqulluun Tokkichis Qulqulluudha (Ahaaduu Aab qiddus, Ahaaduu Waldi
qiddus, Ahaaduu Wi'iitu Menfes qiddus) jedhamee irratti sirni galatoo raawwatu waaqeffannaa ormaadha
jedhanii ija jabaachuun akkam nama naasisa.

Warri tokko tokko Taabotichi humna hin qabu jedhanii odeessisuuf <Taaboti hatamee gurgurameera>
jechuu yaalu. Taabonni inni maqaan Kiristoos irratti barreeffame haa hafuutii, Kiristoosumtuu qarshii
soddomaan gurguramee, Litoosxiraatii amma qaraaniyootti itti tufamee, tumamee, lafarra harkifamee, hin
fannifamneeree? Ulfinni isaaf haa ta'uutii kabaja hin qabu jedhamuu danda'aaree? Kan <<Taabota
baasnee agarsiisna>> jedhanii dhaadachaa warri waan Bataskaana salphisan se'an, Bataskaana Taabotaan
Waaqayyoon waaqessituun taabota waaqessiti jechuun dirqiimaan waan isheen hin jenne jetteetti jedhanii
didan gaafa arginu gadduurraan kan hafe maal jechuu dandeenya? Kan Bataskaanni Taabota golgituuf
waa'ee kabajaa Fooniif dhiiga kiristoosiif jetteeti malee, waan ifatti itti leeyyaatu qabaatteef miti.

Yoo mul'ates kan argamu, Maqaa Kiristoos Fayyisaa Addunyaa, maqaa qulquuloota isaatiidha.
Bataskaanni Gooftaan ishee addababba'iitti (Tulluu) qullaasaa fannifamuusaatti hin qaanofne, Taabota
maqaansaa irratti barreeffameen hin qaanoftu !

Barreessaa: Dn Heenook Haayilee, Amajjii 10, B.A.2009

Kan hiike:-Dn Taammiraat G-Maariyaam

Qindeessaan: Dn Lammeesaa Tashoomee

Galanni Waaqayyoof Haa ta’u! Ameen!

You might also like