You are on page 1of 8

.

Amantaan Pirootestaantii amantaa reefu dhalateedha" warra jedhaniif deebii qindaa'aa " 
 #Kiristaanummaa, #Protestants , #95_Theses, #Soolaawwan_5n, #Haareffama (Reformation).
 Warri "Amantaan Pirootestaantii jaarraa 16ffaa keessa dhalate" jedhan warra Wangeelas
ta'ee seenaa hin hubanneedha ykn ammoo hiikkaa Kiristaanummaa, 'Protestant' fi
'Reformation' hin beeknedha. Jecha salphaadhaan jaarraa 16ffaa kan gaggeeffame
Haareffama(Reformation) dha malee Kiristaanummatu yoos dhalate jechuu miti. Hiikan
Haareffamaa "isa duraan ture, kan adeemsa keessa iddoo isaa gad-dhiisaa dhufe iddoo isaatti
deebisuu" jechuudha malee waan haaraa uumuu jechuu miti. Akkuma beeknu
Kiristaanummaan ifatti (mul'inatti) jaarraa 1ffaa keessa fooniin dhalachuu Kiristoosiin
bu'uureffame. Hundeessaan Kiristaanummaa Iyyesuus Kiristoos mataa isaati malee nama ykn
ergamaa Waaqarraa miti. Warra Kiristoosiin hordofantu "Kiristaanota" jedhame. Warri
'Kiristoositti amanan kunniin Kiristiyaanota' jedhamuu kan eegalan bara Ergamootaa ture.
 " Bartoonni jalqaba duraa Anxokiyaatti "Kristiyaanota" jedhamanii waamaman." (HoE 11: 26).
 Al-kallattiidhaan ammoo Kiristaanummaan duriirraa bara kakuu moofaa keessa waadaa
galamee waan tureef amantaa durumaa jalqabee ture, amantaa jalqabaati. Adaduma
Kiristaanonni addunyaa irratti baay'achaa dhufan barumsoonni sobaas baay'achuu jalqaban.
Kun ammoo seenaa Waldaa Kiristaanaa keessatti duula seexanni Wangeela balleessuuf
adeemsiseedha.
 "Bakka Waaqayyo Waldaa Kiristiyaanaa dhaabu hundatti seexanni ammoo #Chaappilii(waldaa
xiqqoo) dhaaba" akkuma jedhe Martin Luther. Kun dhugaadha, hammuma Wangeelli
babal'ataa bulu mormitoonnis barakachaa bulu. Wanti dhugaan mormituu sobaa hin dhabu ni
moo'ata malee. Kiristaanummaanis moo'achaa as gahe, moo'atee itti fufas. Kiristaanummaan
jalqaba tokkuma ture. Kaatolikii, Ortodoksii, Pirootestaantii wanti jedhamu hin turre.
Jehovah's Witness, Christian Science, Mormon,... jedhanii maqaa Kiristaanummaa tiin wal
qoqqooduun hin turre. Bu'aa barumsoota sobaatitu wal qoqqooduu akkasii fide. Bara 1054
Kiristaanummaan gargar caccabuu jalqabe. Kaatolikii fi Ortodoksii jedhamuunis yeroos eegale.
Sababii isaan adda bahaniif inni ijoon dhimma ol'aantummaa fi dheebuu taayitaa irratti ture.
Bu'aa biyya lafaaf jecha walii galuu waan dadhabaniif adda bahan. Sababiiwwan ijoo Shanan
tokkoon Kiristaanummaan bara 1054/1046 Ortodoksii fi Kaatolikiitti adda hirame. Isa yeroo
biraa haasofna. Garuu amantaawwan lamaan kun lachuun isaanii dogoggoroota isaanii ittuma
fufan. hanga har'aattis dogoggoroota isaanii ittuma dabalaa jiru malee hin dhiifne. Yeroo
ammaa kanas sadarkaa Kiristoosiin ganuu irra gahaniiru. Wangeela dhugaatiin yoo
madaalaman amma dhaabbileen anantaa Ortodoksii fi Kaatolikii kunniin Kiristaanota
jedhamuuf iyyuu ulaagaa Kiristaanummaa hin guutan.

 #Pirootestaantonni( Mormitoonni) eenyuree?


 Warroonni "Protestants" jedhaman gartuu barumsoota keessummaa ta'anii fi amala Waldaan
isheen jalqabaa hin
 qabne mormuudhaan gara karaa jalqabaatti deebi'uu filataniidha. Yaanni mormii Kunis
haareffama(Reformation) dhalche. Kanuma turetu haara'e malee amantaa haaraa duraan hin
turretu uumame jechuu miti. Afaan Ingiliffaatiin ' Protestants' jechuun #mormitoota
jechuudha. Mormitoonni kunniin warra barumsa sobaas ta'ee wanta faallaa dubbii
Waaqayyoo ta'e kamiinuu mormaniidha. Eeyyee, anis mormituudha.
 Mee maal fa'a akka isaan mormanii fi mormaa jiran haa ilaallu...
 Akkuman olitti kaase jaarraa 1ffaa booda kiristaanummaan inni jalqabaa barumsoota
sobaatiin weeraramuu eegale. Waldaan Kiristaanaa isheen jalqabaa hoolota ishee yeeyyotatti
dabarsitee laachuutti kaate. Garaagarummaaan barumsa Kiristaanummaa inni jaarraa 1ffaa
keessa turee fi kan jaarrota itti aananii babal'achaa dhufe. Xiyyeeffannoon abbootii amantaas
taayitaa barbaacha ta'aa dhufe. Dhaloonni dubbi Waaqayyoof bakka laachuu dhiise.
Keessumaa baroota addunyaan sirna 'Feudalism' tiin bulaa turte keessa wanti beekamaan
yeroo sanaa saamicha lafaa fi dheebuu aangoo ture. Wanti nama dinqu baroota sana Mootota
caalaayyuu aangoo guddaa kan qabu Qeesota ture. Qeesonni lafa kanarratti akka bakka
bu'oota Waaqayyootti ilaalamu, ni sodaatamus ture. Namni Qeesii tuqe nama Waaqayyootti
bu'eedha jedhu. Baras dhimma amantaas ta'ee kan biyyaa irratti murtoo isa dhumaa kan
kennu Phaaphaasii (Pope) ture. Namni Qeesii ykn Phaaphaasii dhaan morme nama
Waaqayyoon morme waan ta'eef araaramni hin godhamuuf ture. Dhimma Waldaa
Kiristaanaas kan murteessu dubbii Waaqayyoo osoo hin ta'in Phaaphaasii dhuma. Egaa
Sosochii hojii hamaa akkasii kana mormetu 'Protestantism' jedhame. Warra barumsoota sobaa
fi keessummaa kanneeniin dura dhaabatetu #Mormitoota (Protestants) jedhame. Waanuma
mormuun ta'u morman. Baga morman, anis mormituudha (I'm Protestant)!

 Haareffama (Reformation) dura namni baay'een hojii kamuu caalaa Qeesii fi Diyaaqonii ta'uu
filata ture. Sababni isaas Waldaan Kiristaanaa gibira guddaa sassaabdi ture. Horiin bifa kurnoo
fi gibiraatiin(in the form of Tithes and Taxes) sassaabamaa ture abbootii amantaa yeroo sanaa
dureessota godhee isaan teechise. Osoo jennuu yerooma dhiyoo keessayyuu baroota baay'ee
dhaaf gibira Itoophiyaa duraanii (Abiisiiniyaa) harka sadi keessaa harki tokko Waldaa
Ortodoksiitiif galaa akka ture seenaa dubbiftaniittuu? Hamma bara Axee Tewoodiroositti gibira
Abiisiiniyaa 33% kan ta'u Waldaa Ortodoksii yeroo sanaatitu qooddata ture jechuudha.
 Reformation duras Waldaan Kiristaanaa Wangeela lallabuu dhiiftee saamicha lafaa fi gibira
guddaa sassaabbachuutti kaate. Waldaan Kiristaanaa gola hattootaa fi man-kuusa qabeenyaa
taate. Warra hojii hamaa akkasiitiin mormantu #mormitoota (Protestants) jedhame. Eeyyee
baga morman. Anis mormituu dha!

 Barumsoonni sobaa gola Waldaa Kiristaanaa seenan. Wangeelli ayyaanaa moggaatti dhiifamee
doogimaa fi seerri iddoo qabate. Addumaan yeroo haareffamni dhoohuuf jedhu waldaan
Kaatolikii Roomaa keessuma baaftee kaardii ittiin cubbuu ofirraa dhiqaniifi Mootummaa
Waaqayyoo ittiin galan ( sale of indulgence) gurgurachaa turte. Karoorri isaanis ittiin
duroomuuf ture. duroomuuf karaa baay'een osoo jiruu Wangeela dawoo godhatanii daldala
eegalan. Wangeela Ayyaanaa gatii dhabsiisan. Kun seenaa Waldaa Kiristaanaa keessatti
baay'ee qaanessaadha. Egaa haareffamni kanaaf barbaachise. Warra hojii hamaa akkasii
mormantu Pirootestaantii(mormitoota) jedhame. Eeyyee baga morman. Har'as barumsa
sobaa kamuu ni mormina. Nuti mormitoota!
 Adeemsa keessa waldaan Kiristaanaa qooda mana kadhannaa ta'uu afooshaa mandaraa taate.
Qooda iddoo boqonnaa hiyyeessotaa ta'uu dirree mirgi namaa itti dhiitamu taate. Waldaa
Kiristaanaa keessa cunqursitootaaf barcumni dhaabate. Jaarraa baay'eedhaaf ulfinni
Waaqayyoos mana Kiristaanaa irraa sokke. Waaqayyo garuu guyyaa eegee warra hojii hamaa
mormanii ulfina isaa isa iddoo aarsaatii baqate iddootti deebisan Kaase. Jara ulfina
Waaqayyoo isa Waldaa Kiristaanaa irraa sokkeef quuqamee ka'etu
Pirootestaantii/mormitoota jedhame. Eeyyee baga morman. Anis mormituu dha!

 Jaarraa hedduuf dhaloonni gaaddidduu dukkanaa jala jiraate. Ka'i jedhamnaan ka'uu, taa'i
jedhamnaanis taa'uudha. Sababa gaafachuun hin danda'amu ture ( the Generation was
irrational). Baras Doogimaa qofatu hordofama. Doogimaan hin mormamu. Isa olii dhufe
dheedhiima isaa Ameen jettee liqimsuu malee sababa, miidhaa fi faayidaa isaas hin gaafattu.
Sababa gaafannaan in farrajamta, ni adabamta. Tokkummaa keessaa ari'amta. Egaa yeroo
haareffamaa(Reformation) dhaloota sababa gaafatutu ka'e. Dhaloota doofummaa fi hojii
dukkanaatiin mormantu pirootestaantota/mormitoota jedhame. wanti kunimmoo
argannoowwan Saayinsii hedduufis karaa saaqe. Reformation booda beekumsi daran
babal'ate. Seenaa guddinaa addunyaa keessatti 'Renaissance movement' inni jedhamus bu'aa
kanaati jechuun in danda'ama. 'Renaissance movement' jechuun bara barnoonni ammayyaa
daran dagaage jechuudha. Warri yaada haareffamaa (Reformation) fudhachuu didan garuu
cimsaniituma karaa jal'inaa ofii itti fufan. Ittumaayyuu karaarraa fagaachaa dhufanii hamma
Kiristoosiin ganuutti gahan. Fakkeenyaaf haalli Waldaa Ortodoksii jaarraa 11ffaa keessa turee fi
kan ammaayyuu garaagarummaa guddaa qaba. Akkuma ammaa kana barsiifni waldaa
Ortodoksii Itoophiyaa fi kan biyya biroos baay'ee wal gata. Barumsoonni keessummaa ta'anii fi
duraan hin turre baay'een gara mana amantaa kanaa seenaniiru. Kan Kaatolikiis akkasuma.
Pirootestaantonni kanafaa warra mormanii fi mormaa jiraniidhagaa. Wanti beekamuun itti
jiraatu kan biraammoo Luuteriin duras qabsoo Wangeelaa hadhaawaa kan qabsiisan
danuudha. Warri hamaa morman baay'eetu ka'e. Ta'us hin milkaa'in hafan. Warra Luuter
duraa keessaa qabsoon John Wycliffe taasise yoomuu in dagatamu. Itoophiyaa keessattis
Hayyuun Haaromsaa Abbaa Isxifaanos Gabramasqal faanti turaniiru. Ta'us warra yaada
haareffamaa kaasan baay'ee isaanii du'atu dursee itti murame. Waan nama dinqummoo inni
firdii du'aa murus Qeesii (Phaaphaasii) dhuma ture. Ilaalaakaa, aangoon Qeesotaa hammam
akka baaxee tuqee ture. Hamma du'a faraduutti Qeesonni aangoo qabu ture. Egaa
Pirootestaantota jechuun warra barsiisa sobaa isa Waldaa Kiristaanaa weeraree ture mormanii
gara Wangeela isa jalqabaatti deebi'an jechuudha malee amantaa haaraa jaarraa 16ffaa keessa
dhalate miti. Kiristaanni dhugaan har'as barumsoota sobaa ni morma. Eeyyee, anis
mormituudha (I am Protestant)!

 #HAAREFFAMNI_AKKAMITTI_DHOOHE?
 Gootichi Wangeelaa Martin Luther sodaa tokko malee Xalayaa mormii abbaa qabxiiwwan 95
(95 theses) balbala Waldaa Kaatolikii isa biyya Jarman, Wittenberg tti argamu irratti maxxanse.
Xalayaa abbaan qabxiiwwan 95 seena-qabeessi kun Originaliin isaa afaan Laatinii (Xaaliyaanii)
tiin barreeffame. Keessa keessaa qabxiiwwan ijoo ta'an qofa afaan Oromootti isiniif hiikuuf
yaaleera. Xalayichi mata duree isaarratti
#Disputatio_Pro_Declaration_Virtutis_Indulgentiarum jedha. Hiikni isaas, "Yaadota falmii
aangoo fi gahumsa Indaaljensii irratti (Disputation On The Power And Efficacy Of Indulgences)"
jechuudha.

 Mata duree Xalayichaa ifa gochuuf, Indaaljensiin barsiisa dogoggoraa baras Waldaan Kaatolikii
ittiin dhaloota karaarra kaachisaa turteedha. Indaaljensiin jecha Laatinii 'indulgentia/indulgeo'
jedhurraa kan dhufeedha. Indaaljensiin waa lama. 1ffaan, karaa ittiin guutumaan guutuutti
cubbuu ofirraa dhiqanii adabbii du'a booda dhufu oolaniidha(plenary Indulgences) jedhamee
amanama. Indaaljensii gosti 2ffaan ammoo karaa ittiin hamma tokko cubbuu ofirraa
hir'isaniidha(partial Indulgences). Barsiifni sobaa waa'ee Indeljensii kun Ergamootaaf
yaadannoo gochuu(purgatory), seerota jabeessanii eeguu,... fa'a of keessatti qabata.
Keessuma ba'anii Haareffama dura Kaatolikoonni Kaardii ittiin cubbuu dhiqatan fa'a
amantootatti gurgurachaa turan. Addumaan Luuterii fi warra isa duraa Haaromsaaf kan kaase
ijoon qabxii kana ture. Barsiifni Indaaljensii Kun fayyina Kiristoos Iyyesuusitti amanuudhaan
argamu ganuudha, Wangeela Ayyaanaattis bishaan naquudhaan karaa mataa ofiirra fiiguudha.
Wangeela badhaadhinaa butatanii fiigudha. Kanaafi kan Haaroomsi(Reformation)
barbaachiseef. Egaa qabxiiwwan 95n kunniin kallattii fi al-kallattiin Indaaljensii dhaan wal
qabatu.

 Xalayicha abbaan qabxii 95 kun akkas jedhee eegala... "Haa gahu gara warra qaamaan nu
waliin argamanii falmii adeemsisuu hin dandeenyee. jaalala dhugaaf qabnuu fi isammoo gara
ifaatti fiduuf fedhii qabnurraa kan madde himoonni armaan gadii kunniin gaggeessummaa
Kabajamaa barsiisaa Tiwoolojii isa gati jabeessa kan ta'e Maartiin Luuter jalatti Wittenberg tti
mari'ataman. Maqaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin. Ameen."

 Qabxiilee kanniin keessaa muraasni (A-Z);


o Warra du'aniif Yaadannoo gochuun(mortuary/ተዝካር) hiikkaa maalii qaba? nama
du'eef mitii warra takkaa bilisa ba'aniif( for the redeemed) iyyuu fayyina kadhachuun
iyyuu fayyina ofii shakkuu mitiiree?

o Phaaphaasonni kunniin lubbuun namaa du'a booda akka hin dhiphanneef akkas eega
dhimmaniifii maaliif hiyyeessota lubbuun jiran dararu?

o Qabeenyi phaaphaasotaa maaliif qabeenya dureessota kamuu caale? ammoo


qabeenyi isaanii kun kuufamee osoo taa'uu maaliif Charchiiwwan tokko tokko qarshii
amantoota hiyyeessotaatiin ijaaramu?
o Phaaphaasiin nama itti aaretti firdii muree nama barbaade ammoo bilisa gochuuf
eenyutu aangoo kenneef?

o Phaaphaasonni Qarshii caalaa fayyina lubbuuwwaniif maaliif dursa hin kennan?

o Fannoon akka fedha Phaaphaasotaatti ol kaafamee (guddifamee) bocamu kun Fannoo


Kiristoosiin wal qixa jechuun Waaqayyoon tuffachuudha, Waaqayyotti ga'isuudhas(this
is blasphemy).

o Barsiisonni warri barumsi sobaa akkasii uummata keessa akka faca'u barsiisan maaliif
seeratti hin dhiyaanne?

o Lallabni luugama hin qabne(unbridled preaching) akkasii warra barataniif iyyuu hin
galu. Amantoota kaanitti ammoo gaaffii guddaa uuma, bitaa itti galas.

o Warri lubbuun jiran qofti gaabbii galanii qalbii jijjiirrachuu akka danda'an macaafonni
waa'ee gaabbii barsiisan( Penitential
 Canons)ni dubbatu. Waa'ee warra du'anii garuu homaa hin jenne(erga du'anii carraan gaabbii
isaanii waan cufameef). Barsiisonni kun garuu faallaa wanta caafamee barsiisu.

o Hafuurri Qulqulluun arjaafi araara qabeessa malee akka Phaaphaasota kanaa


takkumaan du'a hin faradu.

o Warra du'aniif yaadannoo(purgatory) gochuun yaada yeroo phaaphaasiin rafu


abju'atu( ቅዠት) wajjiin wal fakkaata.

o Warri du'anii obbaafatan takkaa seerota jalaa du'aniiru waan ta'eef seeratti hiikamuuf
mirga qabu( seerri warra lubbuun jiran qofaaf hojjata).

o Warra du'aniif kadhannaafi yaadannoo gochuun sodaa abdii dhabuuti(horror of


despair).
o Wallaalonnii fi hamoonni (ignorant and wicked) Phaaphaasota warra du'oodhaaf
yaadannoon akka godhamu barsiisaniidha.

o Kiristaanni dhugaan du'us jiraatus abdii qaba, eebba Kiristoos keessaas ni hirmaata.
Kun ammoo Waaqayyoodhaan isaaf kenname malee xalayaa dhiifamaa(Indulgence)
dhaan miti.(xalayaa dhiifamaa jechuun 'kaardii Mootummaa Waaqayyoo ittiin galan'
jedhanii isa Phaaphaasonni gurgurachaa turan sanadha).

o Si'ooliifi adabbiin du'aa (hell and death penalty) Kiristaanonni jabaatanii Iyyesuusiin
duukaa bu'uutti akka ciman cimsanii nama gorsu.

o Kanaafis dhiphina baay'eedhaan Mootummaa Waaqaatti akka galamu beekaa.

o Yaadota falmii kanniin itti yaaduu diduun irree (humna)ofii qofa amantoota irratti
fayyadamuudha, yaadota kanneen sababoota kennuudhaan furuu diduun Waldaa
Kiristaanaa fi Phaaphaasota qullaatti dhiisanii diinota itti kofalchiisuudha, gammachuu
Kiristaanotaas sarbuudha.

o dhiifamni (pardon) akka yaadaafi sammuu Phaaphaasotaatti kan lallabamu eega ta'ee
himoota falmii kanniin furuuf akka isin qophii hin taane beekna, garuu dhugaadhaaf
dhugaa ba'uu hin dhiifnu.

o Osoo nagaan wayiituu hin jiraatin Raajota "nagaa nagaa" jedhanii lallaban kanniin
baqadhaa.

o "Fannoo Fannoo" jedhanii lallabu, garuu Fannoo inni dhugaan hin jiru.

o Gurra isaan dhaggeeffatu argannaan namoonni kunniin ammallee abjuu mataa isaanii
keessaa fuudhanii lallabuu
 ittuma fufu. Dhaloonni dammaqee barsiisa sobaa diduu (Protest gochuu) qaba.

o Namni faallaa Ergamootaatiin barsiisuufi dhugaadhaan mormu kamuu ciigga'amaa


(anathema)fi abaaramaadha.
o namni barsiisota sobaa fi warra barsiisa sobaa kana eeyyamaniin cimsee mormu garuu
eebbifamaadha.

o Furtuun Waldaa Kiristaanaatiif Karaa Kiristoos Iyyesuus kenname baay'ee gati


jabeessadha. jarri garuu wangeela gatii dhabsiisan.

o Waldaa Kiristaanaatiif wanta kamuu caalaatti bu'aa kan qabu Wangeela


Ayyaanaa(Fayyinaa) ti....

...95...
Gootichi Wangeelaa Martin Luther fi gartuun isaa qabxiiwwan falmii 95n kanniin yoo
guduunfan Soolaawwan Laatinii 5 jalatti
 ramadan. Soolaa jechuun #qofa jechuudha. Har'as barsiisa dabalataa (bonus doctrine) kamuu
mormuudhaan #Sola (qofa) jechuu danda'uu qabna.

 #Soolaawwan Laatiniii 5n kunniin gabaabinaan...


 Sola Scriptura ("by Scripture alone"): #Caaffata_Qulqulluu_qofatu fudhatama qaba,
#aangoo_olaanaas qaba.

 Sola Fide ("by faith alone"): #Amanuudhaan_qofa fayyama.

 Sola Gratia ("by grace alone"): Qajeelummaan karaa #Ayyaanaa_qofa argama.

 Solus Christus (through Christ alone): #Karaa_Kiristoos_qofatu karaa fayyinaati.

 Soli Deo Gloria ("glory to God alone"): #Ulfinniifi_Waaqeffamuun_Waaqayyo_qofaaf ta'a


yaada jedhu of keessaa qabu.

 Amma asii dubbifnaan ati nama fayyeedha yookan fayyuu barbaaddee jirta. Copy paste
gochuun dhorkaadha.
 Share waliif godhaa!
 Mormituu barumsa sobaa kan ta'e comment jalatti "Ani Mormituudha ( I'm Protestant)" haa
jedhu.
 Obboleessa keessan, mormituu barumsoota sobaa,
 ©Oliyaad Baraticha dha.
 University Finfinnee tti, School of Law irraa.

You might also like