You are on page 1of 5

Waajjira Paartii Badhaadhina Godina H/Lixatti

Kallattii Hojii Kenname

Fulbaana 04/01/2016
Ciroo
Seensa

Ji’a fulbaanaa keessaa Ayyaanni ummataa fi amantaa hedduun akka kabajamuu ni


beekama. Ayyaanoota kana keessaa ayyaanni Irreechaa Fi Masqalaa isaan
gurguddoo dha. Ayyaanotni kunneen ayyaana amantaa fi ummataa ta’anii osoo
jiranii qaamni adda addaa gama siyaaasaan dorgomee moo’achuu dadhabee fi
moo’atamee ayyaanoota kanatti fayyadamuun badii geessisuudhaaf yeroo hunda
karoorfatanii akka hojjetan ni beekama. Bara kana immoo caalmaatti ayyaanotaa
kanaan jeequmsaa kaasuun badiii raawwachiif sochiin finxaaleyyii fi humnoota
badii biratti mul’atuu salphaa miti.

Kanaafuu, dhimmaa kana qolachuudhaan ayyaanota kana karaa dudhaa fi aadaa


isaanii eeggataniin nagaa fi tasgabbiin akka raawwatamaniif kallattiiwwan armaan
gadii waan kaawaamaniif harcaatii malee raawwachuun kaayyoo humnoota badii
fashaleessuun ayyaanotnii kun karaa nagaa fi tasgabbii qabuu fi addunyaa irratti
biyyaa keenyaa ol kaasee mul’isuu danda’uun kabajuu danda’uu qabna.

1. Ciminaa fi Hanqinaa

Ciminaa

 Haala qorachuudhaan dursaanii tarkaanfii fudhachuun akka jalqabbiitti gaarii


ta’uu
 Ummata mariisisuu fi ejjennoo qabsiisuuf deemsi jiruu gaarii ta’uu
 Hojii qindeessanii hojjechuuf yaaluu

Hanqinaa

 Diinnii hin galu jedhanii dagannaa keessaa galuu


 Kallattii kaa’amee hojii irra oolchuu dadhabuu
 Haala sirriitti xiinxalanii beekuu dhabuu
 Ammas waan lafarraa jiruu fi wanni gabaasaan jiru wal-fakkaachuu dhabuu fi
diinnii deebi’ee of ijaaraa kan jiru ta’uu
 Ariitii barbaachisuun hojii raawwachuu irratti harkifannaan jiraachuu
 Irreechii akka waan Finfinnee fi Arsadeettii kabajamuu qofaa godhanii
hojjechuu fi iddoo hundatti wal qixaa hojjechuu dhabuu
2. Kallattii Walii Galaa Kennaman
A. Hojii Nageenyaa
 Karoora ayyaana Irreechaa fi Masqalaa haala qabatamaa keessaaniin
qopheeffachuun gahee keessaan sirriitti bahachuu
 Marii gaggeeffamuu qaamaa dhibbaa geessisuu keessumattuu abbootii gadaa,
amantaa fi dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojjechuu
 Abbootii amantaa Ortoodoksii rakkoo qaban naannoo beeksiisuun to’annoo jala
oolchuu
 Caasaa siyaasaa fi nageenyaa ilaalchaa fi gochaan jiran xiinxaluun tarkaanfiii
sirreeffamaa fudhachuu
 Odeeffannoo gahaa wal jijjiiruu fi qindoominaan hojjechuu
 Manni maree nageenyaa yeroo yeroon qorachuu tarkaanfii sirreeffamaa
fudhachaa deemuu, koree oppirashinii hojiitti galchuu bu’aa qabeessa ta’uu
 Caasaa nageenyaaf ergamnii ifa ta’ee kennameefii isaan qorachaa deemuu
 Humnaa waloo ijaaruun nageenyaa naannoo isaa akka mirkaneessuu gochuu
 Haala qabatamaa lafa jiruu sirriitti adda baafachuudhaan hojii qabatamaatti
jijjiiruu
 Loojistikii fi seelii diinaa sakatta’uun sassaabaa deemuu, haala dhugaa irratti
hundaa’uun nama qabuu, manni maree kan mirkaneessee qofaa qabuu
 Iddoo diina irraa qulqulla’an dafanii ijaaranii hojjiitti galchuuu
 Humna siyaasaa, loojistikii, ololaaa fi hidhaannoo diinaa sakatta’uun tarkaanfii
irratti fudhachuu
 Humna kaabbaa amantaa uffatee rakkoo uumaa jiruu adda baasuun tarkaanfii
sirreeffamaa fudhachaa deemuu
 Humna jiruu sadarkaa jiruu hundi wal qindeessuu fi wal geessisuun itti
fayyadamuu
 Leenjii milishaa keessaatti rakkoo qulqullinaa waan qabuuf irra deebiin
xiyyeeffannaan qulqulleessuu
 Uffataa milishaa dhaabbata mootummaa irraa akka bitamuu kallattiin kaa’amee
hojii irra oolchuu
B. Hojiii siyaasaa
 Marii itti fufinsaan mariisisuudhaan ejjeennoo qbsiisuu
 Ummataa ijaarree naannoo isaa nageenyaa akka kabachiisuu gochuu
 Diinaa ummata keessaa socho’uu akka saaxilamuu gochuun tarkaanfii
sirreeffamaa fudhachuu
 Ilaalchaa caasaa keenyaa yeroo yeroon adda baasaa fi tarkaanfii fudhachaa
deemuu
 Kanneen ergama isaanii hin bahannee akkaataa badii isaaniitti tarkaanfii
fudhachaa deemuu
C. Irreecha fi Masqala ilaalchisee
 Karooraa haala qabatamaa ofiin qopheessuu
 Mariin nageenyaan akka kabajamuu, jaallummaa fi obbolummaan kan itti
jabaachaa deemuu fi madda dinagdee akka ta’uu hojjechuu
 Marii kutaa hawwaasaa akkaataa sagantaan kennameen raawwachaa deemuu
 Gochaa humnootni badii rawwachuu karoorfatanii hojjetaa jiran saaxilaa
deemuu
 Jawwisaan karaa adda addaa ummata oromoo kakaasuuf gocha jiruu
hubachiisuun yaada jawwisaa akka hirrawwannee gochuu
 Irreecha irratti nama mari’atee hubatee fi ijaaramee akka ta’uu gochuu
 Gahee isaa akkaataa ijaaramaatti akka bahatuu gochuu
 Dargaggootaa ijaaruun ergama isaanii akka bahatan gochuu
 Ijaaruun gahee bahachuu qabuu qabsiisuun raawwii isaa hordoofuu
 Bakkan jiruutti Irreeffadhaan kabajaa jedhaa ejjennoo akka qabatuu gochuu
 Koreewwan taatee raawwatan ijaaruun hojiitti galchuu
 Ummata ayyaana Irreechaa kabajuuf iddoo adda addaatii dhufuu simachuun
keessummeessuu(koree of danda’ee dhaabuun ittiin hojjechuu)
 Hojiiwwan kana milkeessuuf hoggansii sadarkaa tokkoo gadii bu’ee akka
deeggaruu bobbii gaggeessuu
 Rakkoo nageenyaa tokkoo malee ayyanotnii akka kabajamuu taasisuu
 Hojii miidiyaa kaayyoo keenyaa ol kaasee mul’isuu kaayyoo diinaa
fashaleessuu hojjechuu

Walumaa galaa hojii kana cinaatti hojiiwwan misoomaas hojjechaa deemuu fi


waan ganna kana hojjetamuu qabuu dursinee hojjechuu. Hojiiwwan hunda
galmaan gahuuf baajeta barbaachisaa waan ta’eef galii sassaabuu, carraa hojii
uumuun dargaggoo hojiitti galchuu fi tajaajila lammuummaa karoorfannee karaa
milka’insa qabuun raawwachuu.

Hojii miidiyaa sirriitti galmaan gahuudhaaf hoggansii fi miseensii dhimmaa kana


irratti akka hirmaatu gochuu. Dhimma kana gochuuf karoora gadi bu’ee hojii
qabatamaatti jijjiiruun barbaachisaa ta’a. hundi paagii paartii akka hordofuu
karooraan hojjechuu.

You might also like