Professional Documents
Culture Documents
Guyyaa 08/02/2016
Himatoonni 1.Adde Zamanaayi Olaanaa teessoon Aanaa yaayyoo Ganda 01 2.Obbo Darajjee Olaanaa
teessoon Aanaa Buree Ganda 01
Himatamaan Obbo Kaasahun Olaanaa teessoon Aanaa Mattu Ganda Adallee Biisee
Giddu seenaan galmee armaan oli iirratti dhiyaate falmiin himatootaa fi himatamaa gidduutti
adeemsifamaa jiru mirga koo waan tuquuf murtiin ossoo hinkennamin dura gidduu seenee falmadha
jechuun kaan dhiyaate yemmuu ta’u,nutis mormii keenya akka armaan gaditti dhiyeeffanneera.
1. Gidduseenaan kun obboleessa keenya ta’uun kan hinaalamne yootaa’e iyyuu Qabeenyaa mana
jireenya toora Iffaa jelatti ibsame kan dhiyeeffanne kan abbaa fi haadha keenya akka taa’e beekamaadha
.Qabeenyaan kun kan abbaa fi haadhaa keenyaati beekna malee kan akka giddu seenaan jedhu kan
dhuunfaa isa miti .Qooddii qabeenya dhaala keessa akka itti bahu,hinqabu. Ragaan qabiyyee dhuunfaa
isaa akka ta’e mirkaneesus hinjiru. snormuudhaafis seeraan kan deggeramu miti..
2. Qabiyyee lafa Qonnaa jedhus heektara 2 (lama) daangaa tuqatee kan dhiyeeffates , nuti kan beeknu
lafa warra keenya ta’uu ,maqaa isaaniitiin gibirri kan itti kanfalaa turre ta’uu ragaan ibsau
hindhiyaanne ,amma kun hinjirreti immoo mormiin dhimma kana irraati dhiyeeffatu ragaummaa seera
hingabu waan ta’eef mormiin kun fadhatama kan qabu miti.
3. Giddu seenaan kan gidduu seenuu barbaadeef qabeenya lafa qonnaa fi ashaaklitii bunaa hadhaa fi
abbaa keenya sooruudhaaf (xooruuf) jechaa hjjetaafii kan ture malee ,kophaati qoodamee kan issf
kenname hinjiru.Innis akkuma nama tokkooti gqabiyyeef qabeenya hadha keenyaa fi abbaa keenya
qooddachuuf mirga qaba malee,isa ofii isaatii fedha ‘saatiin hojjetaafii ture ofii fudhatee isaa hafe
immoo nuwaliin qoodachuuf jedhu fudhatama hingabu.
kanaaf mormii kana kana dhiyeeffate badhaadhina hinmalle argachuuf jecha nuun
obboloota isaa miidhuuf yaade hojjetaa waan jiruuf mormiin isaa kufaa godhamee
giddu seenaan qooddachuu yoobaarbaade, isaa mirga osoo irratti osoo hinqabatin qabatee
nuwaliin qixxee qooddaachuu akka qabu akka itti nuuf murtaa’u nigaafanna.
Seerummaan :aafadhu
2. Ragaan barreeffamaa immoo waan dhiyaatee hinmirkanoofneef ,mormiin dhivaate rogummaa seera
hinqabu jedhamee itti murtaa’ee mormii giddu seenaan dhiyeettate kufaa ta’e akka murtaa’u
nigaafanna.
3, Sababii giddu seenaa kanaa baasii fi kisaaraan nurraa ga’e shallagamee itti murataa’ee akka nuuf
kanfalu akka itti nuuf murtaa’u igaafanna, Mormiin giddu seenaa irratti dhiyeeffane kun dhugaa fi sirrii
ta‘uvu bu'uura SHH Lakha 92(1) nimirkaneesina. 2 é @ ated’ 4 ani
Guyyaa — 15/04/2016
Mattuu Himattoonni:
Ijoon Himataa
Himannaa Qabiyyee fi Qabeenyaa Dhaalaa Walfalmitoonni Falmii Irratti Gaggeessaa Jirani Qabiiyyee
Ashaakiltii Bunaa Sangaa Lama Tahu Qabiyyee Dhuunffaa Kootii Osoo Tahee Jiruu Qabeenyaa Dhaalaa
Keessatti Makanii Waan Wal-Himachaa Jiraniif Falmii Keessaa Akka Naaf Bahuuf Irratti Bu’uura SDFHH
Keewwata 41 tiin Iyyata Giddu Seentummaa Dhiyeeffachuu Taha.
Tarree lyyataa
Akkuman Mata Duree Iyyata Kootii Irratti Dhiyeeffadhe Ani lyyattuun Haadha Warraa Himatamaa Obbo
Kaasaahun Ol’aanaa Yommuun Tahu Gaafa 23/12/2012 Keessa Akka
Aadaa Naannootti Himatamaa Kanaa Wajjin Gaa’eela Keenya Rawwannee Kan Turre Yommuu Tahu
Yeroo Gaa’eela Keenya Raawwannutti Akka Aadaa Naanoo Keenyaa tti Misirroo Abbaa Warraasheetti
Heerumtuuf Maatiin Abbaa Warraa Waan Isaan Qabanirraa Kennaa Adda Addaa
Kan Kennaniif Yommuu Tahu Anis Yeroon Himatamaa Kanaa Wajjin Yeroo Gaa’eela Keenya
Naannoo Addaa Kamisee Jedhamee Waamamutti Argamu Daangaan Isaa: Bahaan Boolla a »
Keenyaatti Kan Naaf Kennan Yommuu Tahu Anis Guyyaa Kennaan Kun Naaf Kennamee
Kaasee Hanga Ammaatti Ashaakiltii Bunaa Kanatti Kanan Fayyadamaa Jiru dha.
Haatahu Malee Himattoonni Ashaakiltiin Bunaa Kun Akka Waan Qabeenyaa Dhaalaa Tahetti Falmiitti
Irratti Wal Himataa Waan Jiraniif Ashaakiltiin Bunaa Yeroon Gaa’eela Koo
Raawwadhe Keessa Naaf Kenname Kun Falmii Dhaalaa Keessaa Akka naaf Bahuuf Iyyatakoo
Dhiyeeffadheen Jira.
1. Qabeenyaan Ashaakiltii Bunaa Sangaa Lama Tahu Aanaa Mattuu Ganda Adallee Bisee
Baasiif Kisaaraa Narra Gahe Himattoonni Akka Naaf Kaffalani Akka Itti Naaf Murtaahu Kabajaanan
Gaafadha.
lyyannaan Giddu Seentummaa Ani Dhiyeeffadhe Dhugaa Tahuu Bu’uura SDFHH Keewwata 92 tiin
Mallattoo Kootiin Nan Mirkaneessadha.
2.Obbo Darajjee Olaanaa teessoon Aanaa Buree Ganda 01 Himatamaan Obbo Kaasahun Olaanaa
teessoon Aanaa Mattuu Ganda Adallee Biisee
Gidduseentuun Adde Tsahaayinesh Takkaa teessoon Aanaa Mattuu Ganda Adallee Biisee Lakka Galmee
32228 |
1. Sababni isaas Qabiyyeen ashaakiltii bunaa kun kan duutuu haadha keenyaa fi abbaa keenya waan
ta’eef abbaan keenya kennaa kana ga’ee haadha keenya itti dabalee kennuuf seera waan hingabneef
skennaadhan naaf kennameera qabiyyee falmii keessa naaf haba’u kan jedhame fudhatama hinqabu.
2. Ragaa kennaati jedhamee waraqaaan dhiyaate gaafa 23/12/2012 barreeffame ,irratti kennitoota
- jedhamanii kan dhiyaatan keessa Adde Alemituu, Ayilee haadhas fira keenyas waan hintaaneef mirgaa
kennaa kana kennuu hin qabanu,
3. Waraqaan kennaa kunis waraqaa sobaan gophaa’e , giddu seentuu toftaan dhimma ishee hin laaletti
seentee falmuuf kallatti falmii keenya jallisuuf dhiyeeffate malee mirga dhimma kana keessa kan gabdu
miti. °
4, Ragaan kunis qaama dhimmi kun ilaalu biratti dhiyaate kan mirkanaa’e miti.
Kanaafuu :-sababiin giddu seentummaan dhiyaate kun ,sababii quubsaa fi amansiisaa waan hintaaneef
jbu’uura SDFHH.Lakka 41(2)tiin mirga isaanii tuqu ,tarreesuudhan,dhimmi kun na’ilaala sababii itti
jedhanu quubsaa kan ta’e dhiyeeffachuu qabdi .Hata’u malee, giddu seentuun sababiin isheen
dhiyeeffate fudhatama kan hingabne, ragaan barreeffamaa dhiyaates rogummaa seeraa fi dhugummaan
isaas kan nama shakkisiisu waan ta’eef giddu seentummaan dhiyaate kufaa godhamee akka bira
darbamu kabajaan nan
gaafadha
Seerummaan :aafadhu ; ' 1. Qabiyyee Ashaakiltii bunaa Daangaa tuqattee falmii keessa naaf haba’u
jettu, kan abba himaiootaati ! malee akka isheen jettu kan kennameef miti waan ta’eef gaaffiin giddu
seentummaa kun kufaa godhamee akka naaf murtaa’u nan gaafadha. 2. Ragaan qabiyyee cshaakiltii
bunaa daangaa tuqattee fayidaa kootu tuqama jettee, giddu seentummaa gaafachuf waraqaa ragaa
gaafa 23/12/2012 barreeffameen naaf kennameera jettu kun ragaa | sobaa,barreeffama haadhoo isaa
waliin hin mirkanoofne jedhamee kufaa godhamee akka itti naaf murteessu nan gaafadha. 3. Sababii
gaaffii Giddu Seentummaa kanaa baasii adda addaaf waan nasaaxilteef baasii fi kisaaraan itti naaf
murtaa’ee akka naaf kanfalchiisu nan gaafadha. ‘. Mormiin dhiyeeffadhe kun dhugaa fi sirrii ta’uu
bu’uura SDFHH Lakka 92(1) nan mirkaneessa 4: Yoer | net FF eee TOM
Guyyaa 24/04/2016
Himattoonni
Teessoo Aanaa Boree Magaalaa Buree Ganda 01 Himatamaan:Obbo Kaasawun Olaanaa Teessoo Aanaa
Mattuu Ganda Adallee Biisee Abukaatoo:Obbo Addisuu Abdiisaa
Giddu Seentuu:Aadde Tsaayinash Takkaa Teessoo Aanaa Mattuu Ganda Adallee Biisee Lakk Galmee
32228
Bw’uuruma kanaan abbaa kenya ituu lubbuun jiranu akka aadaa naannootti ilmi tokko yammuu fuudhu
argaa jedhamee maatiin kennaa addaddaa akka kennuu aadaa beekmaadha. Gosoota kennaa kana
keessaa tokko kan ta’e Argaa ykn buna dhugaatii jedhame kan kennamu bakka ragoolen jiranutti
barreeffamaan kennanii jiru.
Kennaan kun ashaakltii bunaa sangaa lama ta’u Aanaa Mattuu ganda Adallee Biisee bakka addaa
kamisee jedhamee waamamu daangaa kallattii bahaan boolla guddaa, lixaan ashaakltii buna obbo
Kaasawun Olaanaa (himatamaa), kaabaan muka ambabbeessaa fi
urgeessaa, kibbaan boolla xaddee, deqqoo fi ambabbeessa daanga’ee argamu kennaa godhanii
kennaniifii jiraachuu nan becka.
perenne, Kanaafuu Seerummaa ani kabajamaa mana murii kana gaafadhu 1. Ashaakltii bunaa sangaa
lama ta’u Aanaa Mattuu ganda Adallee Biisee bakka addaa kamisee jedhamee waamamu daangaa
kallattii bahaan boolla guddaa, lixaan ashaaklitii buna obbo Kaasawun Olaanaa (himatamaa), kaabaan
muka ambabbeessaa fi urgeessaa, kibbaan boolla xaddee, deqqoo fi ambabbeessa daanga’ee argamu
Argaa ykn kennaa godhanii kennaniifii jiraachuu nan beeka waan ta’eef falmii keessaa akka bahu
kabajaan gaafadha 2. Baasii fi kisaaraa narra gahe himattoonni akka naaf kaffalan akka itti naaf
murtaawu kabajaan gaafadha. Iyyanni giddu seentummaa dhiyaate dhugaa ta’uu fi kanan beeku ta’
uusaa tiif bu’uura SDFHH Keewwata 92 tiin mallattoo kootiin nan mirkaneessa. ( s* 7 , ov
Guyyaa 28/06/2016 Mana Murtii Aanaa Mattuutiif
Mattuu Himattoonni: 1™* Aadde Zamanaay Olaanaa, teessoon Magaalaa Yayyoo ganda 01.
Himatamaan: Obbo Kaasaahun Olaanaa, Teessoon Aanaa Mattuu, Ganda Adallee Bisee.
Yaada Bu’aa Waa"‘ira Lafaa Aanaa Mattuu Irraa Dhi aate Ilaalchisee Himattoota Irraa
Dhiyaate:
Falmii Hariiroo Hawaasaa dhimma qabiyyee fi qabeenya dhaalaa nu himattootaa fi himatamaa gidduutti
Lakk. galmee Mana Murtichaa 32228 ta’e irratti falmamaa jiru ilaalchisee kabajamaa Manni Murtichaa
ijoo qulqullaa’anii dhiyaachuu qaban qulqulleessee akka dhiyeessu Waajjira Lafaa aanaa Mattuu ajajuun
isaa ni beekama. Haaluma kanaanis Waajjirri Lafaa aanaa Mattuu xalayaa Lakk. BL.1/504/2015 gaafa
03/11/2015 barreeffameen bu’aa dhiyeessee jira. Hata’u malee bu’aan dhiyaate ajaja kenname waliin
kana wal hinsimanee fi haqa qabeessa waan hin taaneef nu himattoonni bu’aa dhiyaate ilaalchisee
yaada qabnu akka dhiyeeffannu bu’ uura Manni
1. Bu’uura irraa Waajjirri Lafaa bu’aadha jedhee kan dhiyeesse bu’uura ajaja kennameen ragaa
gabatamaa of biraa qabu bu’uureffatee otoo hin taane jecha namoota “jaarsoliidha” jedhee yaade qofa
akka fedhaa fi gaaffii himatamaatti dhagahuudhaan yaada namootaa bakkee irraa barreessuun kan
dhiyeesse waan ta’eef nu himattoonni bu’aa dhiyaate kana ni mormina, Manni Murtiis akka ragaatti
fudhatee xiinxaluu hin qabu jenna,
2. Otoodhuma bu’aan dhiyaate akka ragaatti xiinxalamuu gaba jedhamees Waaijirichi Bulchiinsaa fi Itti
Fayyadamaa qabiyyee lafaa irratti Seeraa fi Qajeelfama bahan hordofee bulchuuf aangeffamee kan jiru
ta’ee otoo jiruu, waliigalteen kennaa qabiyyee
lafaa irratti taasifamu ammoo barreeffamaan ta’uu akka qabuu fi qaama aangoo qabu
biratti galmaa’uu akka qabu Labsiin Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa Seera ifa
ta’een tumee bakka jirutti, qabiyyee fi qabeenyi falmiif sababa ta’e himatamaadhaaf kennamuun isaa
bu’uura kanaan mirkanaa’ee bakka hin _jirretti, Waajjirichi jecha namootaa qofa dhagahuudhaan
kennaan akka jirutti dhiyeessuun isaa hangam itti gaafatamummaa isaa akka dagate kan ibsu dha.
Kanaafuu bu’aa ragaa qabatamaa fi rogummaa qabu bu’uureffatee hin dhiyaanne kana kabajamaa
Manni Murtii kufaa akka nuuf godhu gaafanna,
3. Yaadni keenya olitti ibsanne akkuma jirutti ta’ee, bu’uura S/H/H/K/938(1)tiin dhaalchisaan tokko
dhalattoota isaa gara gadiitti lakkaawaman dhaala keessaa buqqisuun dhalattoota muraasa qofaaf
kennaa kennuus ta’e dhaamoo dhaamuu akka hin dandeenye, kennaan haala kanaan taasifames Seera
duratti fudhatama akka hin qabne ifatti tumamee jira waan ta’eef bu’aan qabiyyeen dhaalaa falmii kaase
himatamaadhaaf kennameera jechuun dhiyaate kufaadha akka nuuf jedhamu gaafanna,
4. Kennaan bu’uura Seeraatiin himatamaadhaaf kenname hin jiruyyuu malee, otoodhuma kennaan
taasifame jira jedhameellee, himatamaan bu’uura S/H/H/1065tiin qabiyyee fi qabeenya dhaalaa dursee
fudhate gara qabiyyee fi qabeenya dhaalaatti deebisuudhaaf dirqama qaba waan ta’eef bu’aan dhiyaate
fudhatama hin qabu,
5. Walumaagalatti ajajni kabajamaa Mana Murtii kanaan kenname, ijoon akka qulqullaa’uuf ajajame
ogummaa fi ragaa qabatamaa Waajjira Lafaa ijocha akka quiqulleessu ajajame biratti argamu bu’uura
godhachuudhaan qulqulaa’ee akka dhiyaatu kan ajajame ta’ee otoo jiruu, Waajjirri Lafaa aanaa Mattuu
garuu jaarsolii jecha isaanii dhagahuun yoo barbaachise kabajamaa Manni Murtii bu’uura Seeraatiin
waamee dhagahuu danda’uu fi duraanis kanneen garee falmitootaatiin dhiyaatan dhagahee jiru walitti
qabee dhagahuudhaan bu’aa inni dhiyeesse bu’aa rogummaa fi qulqullina hin qabne dha. Kennaan
raawwatamee jira jedhames kennaa faallaa Seeraa raawwatame waan ta’eef fudhatama hin qabu.
Kanaafuu kabajamaa Manni Murtichaa bu’aa Waaijjira Lafaa aanaa : Mattuu irraa dhimma kana
ilaalchisee dhiyaate guutummaan guutuutti kufaa gochuudhaan akka bira nuu darbu kabajaan gaafanna.
Maha Murtii Aanaa Mattuu tif Matus Higattoonnt: \, Aadde Zamanaa i Ol’aanaa Teessoon Aanaa
Yaayyoo Magaalaa Yaayyoo Ganda 01
Himatamaan — Obbo Kaasaahun Ol’aanaa Teessoon Anaa Mattuu Ganda Adallee Bisee Abukaatoon —
Addiisuu Abdiisaa
Giddu Seenaan — !. Obbo Caalii Ol’aanaa - Teessoon Aanaa Mattuu Ganda Adallee Bisee
2. Aadde Tsahaayinesh Takkaa — Teessoon Aanaa Mattuu Ganda Adallee Bisee kk. Galmee - 32228
Loon Dhimmaa Falmii Himannaa Qabiyyee fi Qabeenyaa Dhaalaa Mana Murtii kanatti Falmii Gaggeessaa
Jirru Irrattii Hundaahuudhaan Gabaasa waaijjirri Lafaa Aanaa Mattuu Xalayaa Lakk. BL.1/504/2015 Tahe
Irratti Gaafa 03/11/2015 Barraa‘ee Dhiyaate Irratti Yaada BarreefYamaa fi Komii Dhiyeeffachuu
Akkuman Olitti Ibse Falmii Qabiyyeef Qabeenyaa Dhaalaa Nuyi Walfalmitoota Gidduutti GaggeefYaamaa
Jiruun Kabajamsa Mana Murtii Kanaan Qabiyyeen Kun Akka Addaan Bahee Siriitti Quiqullaahuuf Ajaja
Gaafa 13 10/2015 Waajjira Lafaa Aanaa Mattuu tiif Barraa’cen:
1. Waajjirri Lafaa Aanaa Mattuus Bu'vura Ajaja Kennamectiin Bakka Qabiyyee Kana Irratti Argamee Kan
Quiqulleesse Yommuu Tahu Haatahu Malee Gabaasa Dhiyaate Kana Irraa Qabiyyee Lafa Qonnaa Tarree
Gabeasaa Lakk. Iffaa Irratti Lafa Qonnaa Karaa Gadii fi Karaa Olii Walitti Tiimaamaan Sangaa Jaha Tahu
Ashaakiltii Bunaa Tilmaamaan Sangaa
Himatamaadhaaf Lafa Inni Mana Irratti Ijaarratee Jiru fi Lafa Qonnaa Tilmaamaan Sangaa Sadii Kennanii
ji Bunaa fi Giraavilliyaa Himatamaan Irraa Dhaabee Itti Fayyadamaa Jiru Tilmaamaan Sangaa Afur Tahu
Kenniuufii Isaanii Quiquileessinee Jirra Jechuudhaan gabaasanii jiru.
ns
Haatahu Malee Gabaasa Kana Keessatti Dhugaan OsooNaaf Hin Qulqullaahin Hafe Keessaa Qabiyyee
Lafaa Karaa Gadii fi Karaa Olii Akkasumas Ashaakiltii Bunaa Sangaa Sadii Jedhamee Tarree Gabaasaa
Lakk. Iffaa Irratti Caqasame Kun Yeroo Abbaan Koo Lubbuudhaan Jiranittillee Bakka Ragoonni Jiranitti
Qabiyyeen Kanaan Dura Qabu Irratti Itti Dabalanii Kan Naaf Kennan Tahee Osoo Jiruu Qabiyyee Kana
Irrattis Ashaakiltii Abukaadoo Hundee Saddeet Kanan Dhaabbatee iti Fayyadamaa Jiru Ana Akka Taheef
Dhugaa Jiru Kanallee Ragoonni Ani Dhiyeeffadhe Haala Ifa Taheen Dhugaa Kan Naaf Bahan(Ragaa Naaf
Bahan) Tahee Osoo Jiruu Haatahu Malee Gabaasa Kana Keessatti Osoo Naaf Hin Haammatamin
Gabaasamee Jira. Kunimmoo Haqan Qabu Kan Na Jalaa Miidhuu Waan Taheef Irra Deebiidhaan Akka
Naaf Qulqullaahu Kabajaanan Gaafadha. lyyannaan Koo Dhugaa Tahuu Bu’uura SDFHH Keewwata 92 tiin
Mallattoo kootiin Nan Mirkaneessa.